Skip to content

Komii Barattootaa Bu’aa Qormaata Bahumsaa irratti

Komii Barattoota Yuunivarsiitii Garaa Garaa qormaata bahumsaa ykn Exit Exam walakkeessa bara 2018 irratti

Mata duree keenya kana keessatti bu’aa qormaata bahumsaa ykn Exit Exam walakkeessa bara 2018 waliin wal qabatee komii barattoota Yuunivarsiitii garaa garaa ni ilaalla.

Komii barattoota qormaata bahumsaa ykn Exit Exam walakkeessa bara 2018 qoromanii

«Nuti barattoonni rakkoo nuti hin uumneen hamma kana rakkachuun keenya sirrii miti, akkaataan qormaanni kun itti soroorfame sirrummaa isaa irratti irra deebiin nuuf haa ilaalamu!» Barattoota

«Bu’aa dhadhabbii keenyaa osoo nutti hin himiin ni hafu sodaa jedhuun yaaddoo guddaa keessa jirra!»

Komii Barattoota Yuunivarsiitii garaa garaa Bu'aa Qormaata Bahumsaa irratti

Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam walakkeessa bara 2018 bu’aan isaa Bitootessa 3 bara 2018 ifoomuun isaa ni yaadatama. Bu’aan isaa ifoomus barattoonni qormaata kana Yuunivarsiitiiwwan garaa garaatti fudhatan bu’aa isaanii ilaaluu akka hin dandeenye fi bu’aa isaanii ilaaluuf yeroo yaalan ‘Disqualified’ deebiin jedhu akka isaan gahe ibsaniiru.

Kana hordofee barattoonni Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataatiif karaa online akkasumas qaamaan dhiyaatanii komii kan dhiyeessan yoo ta’u, garuu hanga ammaatti furmaata ykn deebii akka hin arganne dubbataniiru.

Rakkoon kun kan isaan mudate barattoonni Yuunivarsiitiiwwan garaa garaa jechuunis;

  • Yuunivarsiitii Finfinnee
  • Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee
  • Dabaarq
  • Maqdalaa Ambaa
  • Oromiyaa Isteet Yuunivarsiitii
  • Arbaa Miincii Kaampaasii Saawulaa
  • Inistiyuutii TVET Feederaalaa
  • Hawaasaa
  • Samaraa dabalatee Yuunivarsiitiiwwan sagalitti barattoonni qormaata bahumsaa ykn Exit Exam fudhatan irratti bu’aan isaanii rakkoo qabaachuu isaa ibsaniiru.

Barattoonni Eebbifamtoonni maal jedhan?

Barataan Yuunivarsiitii Dabaarq irraa yaada isaa kenne akkas jedheera;

«Bu’aan qormaata bahumsaa ykn Exit Exam gadhiifameera yeroo jedhamu, liinkii qabxii ittiin ilaalluun seennee yeroo ilaaluuf yaallu ‘Disqualified’ jedha.

Rakkoon isaa maali? jennee Yuunivarsiitii keenya yeroo gaafannu isaanis Tajaajila Qormaataaf komii dhiyeessuu isaanii nutti himan.

Rakkoo Atteendaansii dha jedhamee Atteendaansiin ergamee ture. Ta’us garuu kan barattoota muraasaa qofti sirraa’ee gadhiifameefiira. Kan biraa garuu hanga ammaatti hin gadhiifamne.

Barattoonni qormaanni isaanii sirraa’ee gadhiifameefis rakkoo soroorsuu qormaataa akka qabu dubbachaa jiru.

Keenya rakkoon barattoota Yuunivarsiitii Dabaarq kan adda ta’edha. Department Accounting irraa hanga ammaatti barataan tokkoyyuu bu’aa isaa hin ilaallanne.

Barattoota bu’aa isaanii ilaalan keessaas baay’een isaanii kan kufan ykn qabxii darbiinsaa kan hin fidne waan ta’aaniif, barattoonni kunneen ‘Disqualified’ kan taane barattoota darbinedha jedhanii yaadaa jiru.

Yuunivarsiitichi ‘Ni sirraa’a!’ jedha garuu hanga ammaatti nuuf hin sirroofne.

Nuti barattoonni rakkoo nuti hin uumneen hamma kana rakkachuun keenya sirrii miti akkaataan qormaanni kun itti soroorfame irra deebiin nuuf haa ilaalamu» jedheera

Yuunivarsiitii Arbaa Miincii Kaampaasii Saawulaa irraa yaada isaa kan kenne barataan Accounting fi Finance ammoo;

«Kana dura yeroo lama qoromeen ture. Bara kanas seeraa fi dambiiwwan Ministeerri Barnootaa kaa’e guutee yoon qoromeyyuu bu’aan yeroo gadhiifamu garuu ilaaluu hin dandeenye. Kanaanis darbuu fi kufuun keenya hin beekamne ykn hin murtoofne.

Yeroo qormaataatti seerota hunda guunnee qoromneerra, Atteendaansiis guunneerra. Komii keenyas karaa online dhiyeessineerra, garuu deebiin nuuf hin kennamne.

Kaampaasii Saawulaatti qofaa barattoonni 34-38 ta’aan bu’aa isaanii ilaaluu hin dandeenye.» jedhaniiru.

Barattoonni Yuunivarsiitii Finfinneetti qormaata bahumsaa ykn Exit Exam kana fudhatan ammoo, rakkoon kun kan mudate jijjiirraa iddoo qormaataa irraa akka ta’e kaasanii Yuunivarsiitii Finfinneetti qoromuuf guutanii «Hanqina iddoo qormaataa qabna» jechuun Kaampaasii 5 Kiiloo irraa gara Kaampaasii 6 Kiilootti akkasumas Kaampaasii 6 Kiiloo irraa gara Kaampaasii 5 Kiilootti jijjiiramuu isaanii dubbataniiru.

Rakkoon kun barattoota kumaan lakka’aaman kan mudate akka ta’es dubbataniiru.

Gidduu kana jechuunis guyyaa kaleessaa barattoonni 500 ta’aan mana hojii Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataatti qaamaan argamuun komii dhiyeeffachuuf deemanis, simannaan gaariin akka isaaniif hin taasifamne fi waraqaadhaan komii isaanii barreessanii akka ba’an taasifamuu isaanii dubbataniiru.

«Qaamoleen iddoo sana turan komii keenya afaaniin akka itti himnu carraa nuuf hin kennine. Akka waan nuti balleessineetti nu ilaalan» jechuun ibsaniiru.

«’Maqaa keessanii fi lakkoofsa bilbilaa keessan guutaa deemaa isiniif bilbillee isinitti himna’ nuun jedhan. Kuni garuu deebii quubsaa miti, sababni isaas barattoota hundaaf bilbiluu hin danda’aan» jechuun wanta isaan mudate hubachiisaniiru.

«’Dhuma irratti garuu’ karaa online komii kan dhiyeesse yoo jiraate fi ammas karaa waraqaa kana kan guute yoo jiraate bu’aa isaa ‘Disqualified’ taasisna’ nuun jedhaniiru» jechuunis komii isaanii ibsaniiru.

«Kana duras qormaata bahumsaa ykn Exit Exam turaniin rakkoowwan wal fakkaataa mudatanii osoo hin furamiin darbamaniiru. Komii keenyas callisanii bu’aa keenya osoo nutti hin himiin ni hafu kan jedhuun sodaa guddaa keessa jirra» jechuun ibsaniiru.

Manni hojii Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa rakkoowwan akka kanaa mudachuu isaanii ifatti ibsuu osoo qabuu, ibsuu dhiisuun isaa fi callisuun isaa barattootatti yaaddoo kan biraa akka ta’e kaasanii dhaabbatichi ofitti gaafatamummaa isaa fudhatee rakkoo kana ukkaamsee darbuu dhiisee furmaata hatattamaa kennuu qaba jedhuun gaafataniiru.

Dabalataan dubbisaa :- Barattoota waggaa sadaffaa ni tajaajilu kan jedhame maal irra gahe?

Dhimma kana irratti hanga ammaatti Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa deebii homaayyuu kan hin kennine yoo ta’u, gara fuulduraatti wanta haaraa jiru kan isin beeksisnu ta’a. Odeeffannoo haaraa argachuuf channel keenya Telegram join taasisaa!

10 thoughts on “Komii Barattootaa Bu’aa Qormaata Bahumsaa irratti”

  1. Qormaata bahinsaa ykn exit exam kan bara kana 2018ti requalified sababa malitif akkas jedha yeroo qormaata fudhanetti namosaa keenyaa egane fudhane ama ammati requalified jedha

  2. Ani barataa HARAR Health since college qormaata bahimsaa exit exam mid year 2018 akkaatuma inni ityi ilaalamee nuuf galuu didee eenyu beeeknee eenyu akka gaafannu wallaallee kaniin itti qorame dire dawa University ‘yeroo 2ffaa kiyya waanan qorameef yeroo tokko end year 2017 haramaayaa University waanan qorameef haaluma inni itti sororamee qaamni kam akka qormaata kana nuuf sorore nuuf galuu didee ‘kanaaf gara kamitti kallattii kamitti akka iyyannu wallaallee ‘hurkaan keenya dhadhaa abidda bu’e tahee HEALTH DEPARTMENT IRRAA

  3. Ani wallaga yunivarsiitiitii qorameen ture garru akkuma kana …disqualify….jedhe qormaataa seeraan hojjedheera ….garru irra deebii’ee osso nuuf ilaalamee gaariidha

  4. qormaata bahumsaan ykn Exit Exam ulaagaale barbaachisan hunda guutuun university jimma kan qorame yoo ta’u garuu sababa tokko maletti hanga ammatti bu’a qormaata kootii ilaaluu hin dandenye.yeron ilaaluf link gadi dhifame fayyadame seenu disqualified jedha irra deddebin karaa online komii dhihessen ture garuu hanga hammatti womti naaf debi’e hin jiru.

  5. Sababa ateendaansiif jechaa qormaanii Koo qualified na jalaa ta’e maaloo ilaalatuu naaf sirreessa kabajjanan isiin gafadha nagaa wajjiin

  6. Sababa ateendaansiif jechaa rizaaltiin ko qualified na jalaa te’e maaloo ilaalatuu naaf sirreessa kabajjanan isiin gafadha nagaa wajjiin.

  7. Sababa ateendaansiif jechaa rizaaltiin ko qualified na jalaa te’e maaloo ilaalatuu naaf sirreessa kabajjanan isiin gafadha nagaa wajjiin

  8. Sababa ateendaansiif jechaa rizaaltiin ko disqualified na jalaa ta’e maaloo ilaalatuu naaf sirreessa kabajjanan isiin gaafadha nagaa wajjiin.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *