Calalliin Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa akkamitti raawwatame?
Mata duree keenya guyyaa har’a keessatti odeeffannoo barattoota leenjii barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Barnootaa Kootabee irraa arganneen waa’ee ulaagaalee fi akkaataa calallii barattoota Leenjii Barsiisummaa ni ilaalla. Barattoonni kun koorsii akkamii yeroo hangamiif fudhatu? Akkasumas barattoonni kunneen erga leenjii kana fudhatan booda dirqama akkamii qabu? kan jedhan fi kanneen biroos daballee kan ilaallu ta’a.
Ulaagaalee Seensa Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa

Sadaasa bara 2018 Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa Jaha barattoota Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa barbaadan ulaagaalee garaa garaatiin galmeessaa turuun isaanii ni yaadatama.
Yeroo ammaa kanattis Yuunivarsiitiin akka Jimmaa, Kootabee, Finfinnee fi Baahir Daar maqaa barattoota fudhatanii baasaniiru. Yuunivarsiitiin Barnootaa Kootabee ammoo sirna baruu barsiisuu eegaleera.
Odeeffannoo karaa keessaa barattoota Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Barnootaa Kootabee irraa arganneen barattoonni akkamitti akka calalaman ni ilaalla.
Egaa akka hin odeeffannoo nuti arganneetti, Yuunivarsiitii Barnootaa Kootabeetti Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa kana fudhachuuf barattoonni Kuma 40 ol galma’aanii turan.
Isaan kana keessaa garuu Yuunivarsiitichi sagantaa idileetiin barattoota 2,389 accepted kan jedhe yoo ta’u, kanneen biroo ammoo sagantaa galgalaa fi waiting list kan jedhaman jiru. Walumaa galatti maqaa barattoota 3500 ol baheera.
Kana irrattis ibsa Yuunivarsiitichi akkaataa calallii isaa irratti kenneen wantoonni sadan armaan gadii dursi kennamee ilaalamaniiru;
- Gosa Barnootaa sana waliin department ittiin eebbifamtan wal fakkaachuu ykn walitti siquu
- Qabxii keessan kan Yuunivarsiitiitti galmeessistan (CGPA)
- Bu’aa qormaata bahumsaa
Egaa odeeffannoo arganneen barattoota kuma 40 ol ta’aan keessaa barattoonni kuma 3 ta’aan ulaagaalee armaan olii fi kanneen biroon filataman.
Barnoonni kun yeroo hangamii fudhatan? yoom xumurama? Qacarrii hoo?
Odeeffannoo barattoota Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Barnootaa Kootabeetti ramadaman irraa arganneen leenjiin Barsiisummaa Ministeera Barnootaa (Alternative Teaching Training Program – ATTP) kun walumaa galatti Seemisteera sadi fi Credit hour 41 qaba.
Leenjiin kun Seemisteera sadi kan qabu yoo ta’u. Seemisteera tokkotti koorsii shan kan fudhatan ta’a. Seemisteerri kun ji’oota sadi kan fudhatu yoo ta’u, erga seemisteerri xumurame booda ji’a tokkoof boqonnaan jira. Sana boodas seemisteerri itti aanu ni eegala. Bifa kanaan Seemisteera sadi walumaa galatti ji’oota sadi sadiin, ji’oota sagal ni baratu boqonnaa ammoo ji’oota sadi gidduu gidduutti walumaa galatti barnoonni ykn leenjiin kun ji’oota 12 ykn waggaa tokko kan fudhatu ta’a.
Kanaanis Yuunivarsiitiin Barnootaa Kootabee barattoota leenjii barsiisummaa Ministeera Barnootaa fudhataniif waamicha kan taasise fi galmee kan jalqabe Amajjii 13-22 bara 2018 yoo ta’u, barnoonni ammoo Gurraandhala 2 bara 2018 akka eegalu ibsee ture. Kana booda leenjitoonni ji’oota kudha lamaaf ni turu jechuudha. Kana jechuun leenjiin kun hanga Amajjii bara 2019 tti kan itti fufu ta’a.
Gama biraatiin kanaan wal qabsiisuun kan ibsame akkaataa qabxiin itti qabamu yoo ta’u. Kanaanis koorsiiwwan Seemisteera sadi kana keessatti fudhataman keessaa koorsiiwwan lama jechuunis Practicum fi Subject Area Method kan Seemisteera sadiif kennaman grade ykn qabxii “C” gadi fiduun hin danda’aamu. Akkasumas koorsii kanneen biroo “F” fiduun hin danda’aamu.
Galmeef maal maaltu barbaachisa? walii galteen barattoonni mallatteessan hoo maali?
Akkuma beekamu kana dura Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitiiwwan barsiisan kennan jaha keessaa barattoota kan simatee galmeessee barsiisaa jiru Yuunivarsiitii Barnootaa Kootabee dha. Kanaanis barattoonni yeroo ragaawwan barnootaa isaanii qabatanii galma’aan wantoonni isaan mallatteessan fi walii galteen akka ture nuuf ibsaniiru.
Walii galteen Ministeera Barnootaa fi Barattoota Leenjii kana fudhatan gidduutti mallatteeffame maal jedha?
Walii galteen kun Ministeera Barnootaatiin kan qophaa’e fi barattoota leenjii kana fudhatan fi Ministeera Barnootaa gidduutti kan mallateeffamudha. Barattoonni leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa kana fudhatan walii galtee kana mallatteessuu qabu.
Dabalataan dubbisaa :- Bu’aa Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Jimmaa
Walii galteen kunis qaamaa lama gidduutti kan gaggeeffamu yoo ta’u, qaama walii galtee kana dhiyeessu (Ministeera Barnootaa) fi kan walii galtee kana fudhatu barataa gidduutti.
Wantoonni ykn Dirqamni qaama walii galtee kana kenne ykn Ministeera Barnootaa irraa eegaman maal maalidha?
Qaamni walii galtee kana kennu ykn Ministeerri Barnootaa leenjitoota kanaaf wanta isa irraa eegamu ykn dirqama garaa garaa kan qabu yoo ta’u, isaanis;
• Baasii barnootaa :- barataa leenjii kana fudhatuuf baasii barnootaa walii galaa bara leenjii isaa kana isa barbaachisu guutummaa guutuutti haguuguu
• Tajaajila bu’uuraa :- yeroo leenjiitti nama leenjii kana fudhatuuf tajaajila iddoo bultii (Doormii) fi nyaataa dhiyeessuu
• Meeshaalee leenjii :- wantoota leenjii kanaaf barbaachisoo ta’aan akka guutaman mijeessuu.
Dirqama Barattoota Leenjii kana fudhatan irraa eegaman
Barattoonni Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa kana fudhatan bu’uura walii galtee kanaan maal maaltu irraa eegama kan jedhu yeroo ilaallu ammoo;
• Hordoffii Barnootaa :- barattoonni gosa barnootaa irratti ramadamaniin bu’uura sagantaa Yuunivarsiitichi baaseen fi bu’uura akkaadaamiitiin sirnaan fi naamusaan xumuruu.
• Dirqama tajaajilaa :- leenjii kana akkuma xumuraniin kutaa biyyattii mootummaa dhaan itti ramadaman kamittiyyuu waggoota walitti aanan lamaaf amanamummaan tajaajiluu.
• Naamusa Ogummaa :- baroota leenjiittis ta’e bara tajaajilaatti ogummaan barsiisummaa naamusa barbaadu fi seera siivil sarvisii kabajanii hojjechuu.
Kanneenii fi kanneen biroo yoo ta’aan kan
hafan ykn adabbii isaanii ammoo suuraa armaan gadii irraa ilaalaa!


Yeroo itti aanutti odeeffannoo haaraa dhimma kana irratti qabannee kan dhiyaannu ta’a, channel keenya Telegram Qubee Media follow taasisaa!


Universiitiin kotobee otoon qabxii qabuu na hambise Ani maths filadhe
When meeting start
I want to teaching
Qabxi baredan qaba erga qabxi ta,’ee malif Hefne dapr kiyya Geology geography jaltin apply godhe
ani educational planning and managment aau irraa eebbifame cgpa gaarii fi exit exam gaariin darbe.maqaan koo liistii keessatti bahee ture ergan biyya baadiyyaa koo baheee barnootaaf sinqii na barbaachisu hunda qabadhee dhufeen booda jia tokkoof sababa department dogongora naa dhufeef liistii keessatti sirreessuuf daddeebiaa ture sii sirreessina naaan jechaa boru koottu ioftaan koottu osuma jedhanioi jia tokko guutuu dhamae sana booda maqaa kee dogongorraan bahe edpm liistii keessa seenuu hin hinjiru naan jedhan dismiss sigoona jedhan.yaadaa kaa biyya jireenyi miaa kana keessa warra koo irraa financial baayeee fudhee ergan dhufee booda kun taun .jalqabuma maa liistii keessatti na baasu erga baasanii moo silaa jalqabuma dogongora naan jedhanii filannoo biraan barbaada ture hamma dandau yaalee nama gurratti na qicatu dhabe rakkoo pschologically fi financially guddaa narra gahe haqa koo labsachuun barbaada ana qofa osoo hin taane barattoota akka kootiitiifis wanti isaan akka saphaatti ilaalan nu ammoo baayee numiidhuu akka dandau akka hubatan barbaada .itti dabalee ministeera barnootaatiifis department edpm sadarkaa degreetiin ijoollee eebbifamte gara hojiitti hin bobbaafne yoo tae department kana sararkaa kanatti kennuun maa barbaachise waggaa 4 maa dhamaane ree .justice for edpm and related other students .galatoomaa
Baay’ee galatoomaa. Dursa yeroo calallii baastan accepted or selected taa’een confirm na gaafannaan confirm godheen ture. Amma garuu keessaa na haquudhaan link Jala maqaan kiyya hin jiru. Sababii isin keessaa na hambistaniif sababan private University graduate godheef yoo ta’ee, dhaabbaticha jaalladheen dhaqee achitti baradhe miti rakkadheen barumsa addaan kutuurra achi deemee barnoota kana itti fufe malee aniyyuu dura kan mootumnaa argadheen yeroo muraasas baradheen ture. Ta’us dhaabbata dhuunfaa kanaaf kan eyyama kana kennes mootumnaadha ture. HAR’A garuu kunoo ittiin hojiin ala nu gootanii leenjisi gabaabaas nu dhowwattanii akka fedha keessanii gootu. Mee irra deebi’aatii hojiin keessan kana ilaalaa. Nus lammiidhaaf ture utuu keenjinee qaxarambee barsiisnee. Isaan warri exit exam qabanis akkuma lammiif hojjetan. Ta’us fedha keenyaan ykn kufnee miti kan exit exam hin qabne. Bara exit exam’n dhufe sana duraan waan xunurreef akkas nurratti xiyyeeffatame malee.
Egaa gaariidha. Namni hammuma hojjete argata. Garuu utuu corruption DHIISANII wayya ture.