Barattoonni Waggaa sadaffaa erga xumuran booda «Waggaa Tokkoof!» ni tajaajilu kan jedhame maal irra gahe?
Ministeerri Barnootaa yeroo darbe barattoonni Yuunivarsiitii Waggaa sadaffaa erga xumuran booda waggaa tokko gara hawaasa isaan barsiiseetti deemuun ni barsiisu. Sana booda gara mooraatti deebi’uun ni eebbifamu jechuun isaa ni yaadatama.

Kanaan wal qabatee barattoonni Yuunivarsiitiiwwan hedduu hiriira mormii yaada kana mormu kaasaa turaniiru. Nutis yaada barattootaa kana isin biraan gahaa turreera. Garuu gaaffii barattoonni kaasan kanaaf Ministeerri Barnootaa deebii kamiyyuu hin kennine ture. Yeroo jalqabaatiif amma Ministeerri Barnootaa waa’ee kanaa dubbateera. Maal jedhe? murtoon kun akkam ta’a? guutummaa isaa dubbisaa!
Barattoonni Yuunivarsiitii “Waggaa tokkoof akka barsiisan” karoora dhiyaate irratti mariin taasifamuufi
• Bu’a qabeessummaa Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam irratti qorannoon taasifame yeroo dhiyootti ni ifooma jedhameera.
Barattoonni Yuunivarsiitii eebbifamuu isaaniitiin dura waggaa tokkoof akka barsiisaniif karoora qophaa’e irratti qaama dhimmi ilaallatu waliin mariin akka gaggeeffamu fi yaada akka kennan taasifamuuf ta’uu isaa Ministeerri Barnootaa ibseera.
Ministeera Barnootaatti, Ministeer Deetaan damee Misooma Barnoota Olaanoo Obbo Koraa Tushunee. Ministeerichi barattoonni Yuunivarsiitii eebbifamuu isaaniitiin dura waggaa tokkoof dursa akka barsiisan ykn akka tajaajilan hojimaata taasisu hojii irra oolchuuf karoora qabachuu isaa kana dura beeksisuu isaa yaadachiisaniiru.
Karoora kana irratti dhaabbilee barnoota olaanoo waliin mariin irratti taasifamuyyuu, naannolee, manneen barnootaa fi qaamolee nageenyaa waliin mariin akka hin taasifamne ibsaniiru.
Mootummaan karoorri kun hanga ammaatti hojii irra ni oola jedhee murtoo dabarsuu dhiisuun isaa fi. Barattoonni, maatiin barattootaa, barsiisonni fi bakka bu’oota uummataa dabalatee dhimmichi kallattiin kan isaan ilaallatu qaamoleen kanneen biroo, hojimaata kana irratti yaadni isaan qaban waan hin beekamneef torbeewwan itti aananitti mariin taasifamuu akka jalqabu beeksisaniiru.
Marii Yuunivarsiitiiwwan waliin taasifameen dhimmoota Loojistikii fi akkaadaamii waliin akkamitti wal simata gaaffii jedhu kaasuu irraan kan hafe, yaadichi hojii irra osoo oolee akka deeggaran ibsuu isaanii caqasaniiru.
Marii booda yaadichi Paarlaamaaf akka dhiyaatu fi dhaabbanni kan isaa ta’e hundaa’eefii seerri ni bahaaf jedhamee akka eegamu Obbo Koraa hubachiisaniiru. Ta’us yeroo marii kanatti barattoota dabalatee hawaasni barnootaa kanneen biroo karoora kana yoo hin barbaanne haalli itti hafuu danda’u akka jirus ibsaniiru.
Seerri karoorri kun ittiin hojii irra oolu akkamitti baha kan jedhu irratti sanadoonni qophaa’uu isaanii kan ibsan Obbo Koraan, bara bajataa 2018 filannoon waan gaggeeffamuuf hojii irra oolmaan karoorichaa bara itti aanu hojii irra ni oola jedhamee eegama jedhaniiru.
Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan Bitootessa 24 bara 2017 Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatiif gadi bu’uu bu’aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa sababoota isaanii irratti qorannoo dhiyaate irratti mariin yeroo taasifamu.
Karoora barattoota Yuunivarsiitii irratti qabame ifa taasisuun isaanii ni yaadatama. Hojimaanni «Sarvisii Yuunivarsiitii Itoophiyaa» jedhamu bara 2019 irraa kaasee hojii irra akka oolu karoorri kan qabame ta’uu isaa yeroo ibsanitti Piroofeesar Biraanuu Naggaan «Barataan waggaa afuritti eebbifamu, barnoota isaa waggaa sadaffaa akkuma xumureen gara hawaasa isa barsiiseetti deebi’ee waggaa tokkoof tajaajila barsiisuu kennee akka eebbifamu ni taasifama!» jedhanii dubbachuun isaanii ni yaadatama. Kunis yeroo ta’u baasiin bu’uuraa akka haguugamu ibsanii turan.
Hojimaanni kun barattootaaf mataa isaaniif hojii gochaan deeggarame akka ta’u fi caalaatti akka bilchaatan akka isaan taasisus dubbataniiru. Barattoonni ogummaa barsiisummaa gonfatanii achumaanis gara ogummaa barsiisummaatti akka deeman carraa uumuun, yeroodhaafis ta’u seektar barnootaa irratti baay’ina barsiisotaa hir’achaa jiru guddisuuf akka gargaarus ibsaniiru.
Dhiyeenya gamaggama barsiisummaa irratti taasifameen hanqinni barsiisotaa kuma 100 akka gahe beekamuu isaa kan ibsan Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan, hojimaanni kun hanqina barsiisummaa sadarkaa olaanaan jiru akka hir’atuuf gahee mataa isaa ni baha jedhaniiru.
Barnoota Indaastirii waliin walitti hidhuuf bal’inaan hojjetamaa akka jirus Ministeerichi dubbataniiru. Kana waliinis wal qabatee Yuunivarsiitiiwwan Baahir Daar, Maqalee, Jimmaa, Hawaasaa fi Finfinnee dabalatee wiirtuuwwan walitti hidhamiinsaa jaha hundaa’uu isaanii fi Indaastiriiwwan akkamiitu jira? maal maal irra oolu? kan jedhu adda baasuun barattoota waliin walitti hidhuuf irratti hojjetamaa jira jedhaniiru. Kunis barattoonni eebbifamanii hojii barbaaduuf bahuu isaaniin dura hojii akka argataniif carraa kan uumu dha jechuun Ministeer Deetaan Obbo Koraa dubbataniiru.
Gama biraatiin bu’a qabeessummaa Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam dhaabbilee barnoota olaanoo irratti qorannoon taasifamaa jiru yeroo dhiyootti ni ifooma jedhaniiru.
- Qormaatichi faayidaa maalii fide?
- Rakkoon mudate maali?
- Gara fuulduraatti hoo maaltu sirraa’uu qaba?
Odeeffannoowwaan kanneen sassaabamuu isaanii ibsaniiru. Keessattuu barattoonni kufan ykn qabxii darbiinsaa hin fidne eessatti akka argaman, maal akka hojjetan, maal akka yaadan beekuu fi bu’a qabeessa akka ta’aaniifis maaltu akka hojjetamuu qabu kan jedhu irratti murtee irra gahuuf kaayyoo qorannoo kanaa akka ta’e ibsaniiru.
Dabalataan dubbisaa :- Hiriira nagaa irratti barattoonni Yuunivarsiitii garaa garaa maal jedhan?
Barattoonni hedduun qormaata kana kufan ykn qabxii darbiinsaa akka hin finne, yeroo lamaa fi yeroo sadi qormaata kana akka qoroman yeroo taasifamu kallattiin jiru maal fakkaata kan jedhus ilaaluu fi adda baasuuf akka gargaarus dubbataniiru. Odeeffannoowwaan qorannoo kanaa sassaabamuu isaanii kan dubbatan Obbo Koraan Ji’a tokko ykn lama itti aanutti bu’aan irra gahame akka ibsamu dubbataniiru. Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf jecha barattoota Digirii tokkoffaan eebbifamaniif qormaanni bahumsaa ykn Exit Exam Waxabajjii bara 2015 irraa kaasee kennamaa akka jiru ragaan Ministeera Barnootaa ni ibsa.
Marii kana booda murtoo akkamiitu murta’a kan jedhu hordofnee kan isin biraan geenyu ta’a! Channel keenya Telegram QUBEE MEDIA join taasisaa!
Isin dhimma kana irratti yaada akkamii qabdu?


Injibara universiitii irraa department itaatitiksiin eebbifame.Amma immoo,mathematics /herreegaan leenji’uuun,barbaada