Deebii Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa komii Barattootaa irratti
Kana dura komii Barattootaa qormaata bahumsaa ykn Exit Exam walakkeessa bara 2018 ilaalchisee kaasan ilaalaa turre. Deebiin karaa Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa kenname kunooti.

«Barattoonni 11,785 rakkoo naamusaa isaan mudateera. Bu’aan ykn qabxiin barattoota 817 guutummaa guutuutti ‘Disqualified’ dha. Barattoonni sa’aatii qormaataa hin eegne 2,076 bu’aan isaanii Disqualified dha.» Dr. Isheetuu Kabbadaa
«Atteendaansiin isaanii sirnaan report osoo hin ta’iin qormaata qoromneerra kan jedhan barattoonni 9,561 jiru. Kan isaaniis yeroof qabameera. Sababa seeraa yeroo dhiyeessan bu’aan isaanii ni gadhiifama!»
Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam walakkeessa bara 2018 barattoota fudhatan keessaa barattoonni 11,700 ol ta’aan rakkoon naamusaa akka irratti argame Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa ibseera.
Barattoonni hedduun ammoo qabxii isaanii ilaaluuf yeroo yaalan “Disqualified” deebii jedhu argachaa kan jiran waan ta’eef, qaama dhimmi ilaallatuuf furmaata akka isaaniif kennuuf karaa Tikvah Ethiopiatti dhiyeenya kana gaaffii isaanii dhiyeessanii turan.
Barattoonni kunneen komii isaanii karaa waraqaa ykn qaamaan fi karaa online Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataatti dhiyeessanii kan turan ta’uyyuu furmaata akka hin arganne kan ibsan yoo ta’u. Dhimma kana irrattis komii isaanii qabatee Tikvah Ethiopia, kuni kan ta’e siistamni maal isin jalaa ta’eetu? jedhuun dhaabbaticha gaafateera.
Daarektarri olaanaan Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Dr. Isheetuu Kabbadaa «’Homaa wanti nu rakkise hin jiru ykn siistamni homaa hin taane’. Barattoonni ‘Disqualified’ ta’aan ‘Disqualified’ dha. Komii yoo qabaatan ammoo karaa online, kanneen dhiyoo jiran ammoo qaamaanis komii dhiyeeffachuu danda’u. Bu’uura komii isaan dhiyeessaniin deebii kennaa jirra» jedhaniiru.
Barattoonni bu’aa isaanii ilaaluuf yeroo jedhan ‘Disqualified’ kan isaaniin jedhu maalifi? jedhamee gaaffii isaaniif ka’eef. Walumaa galatti barattoonni 11,786 rakkoo naamusaa mudate caqasuun, ibsa itti aanee jiru kennaniiru.
Daarektarri olaanaan Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa maal jedhan?
«Tokkoffaa, walii galatti rakkoon naamusaa kan nu mudate barattoota 11,785 dha. Isaan kana keessaa yeroowwan garaa garaa, yeroo lama qoromuuf kan yaalan barattoonni 632 jiru.
Lammaffaa , barattoonni 817 yeroo qormaataatti wantoota hin eeyyamamne kanneen akka bilbilaa, sa’aatii simaartii fi ‘Axereeraa’ qabatanii seenuun, kutaa keessatti jeequun, Koompiitara irratti miidhaa geessisuun, nama biraaf qoromuuf yaalanii qormaata namoonni kennaa turan report isaan taasisaniiru.
Bu’aan barattoota 817 kanneenii guutummaa guutuutti Disqualified dha. Barattoonni kunneenis ofii isaanii ni beeku.
Sadaffaan, yeroo qormaataati, qormaata tokko yeroon itti jalqabanii fi xumuran jira. Barataan kamiyyuu sa’aatii qormaata sanaaf ramadame 25% fayyadamee kutaa qormaataa keessatti argamuu qaba. Yoo kana hin taane garuu alatti wal qunnamtiin kan biraa ni uumama jedhamee orientation kennameefiira.
Kanas kan hin guunne barattoonni 2076 jiru. Isaan kunis Disqualified dha.
Arfaffaan, barattoonni kutaa qormaataa itti ramadamanitti argamuu dhabuudha. Kutaatti argamuu dhabuun, Atteendaansii sirnaan guutuu dhabuun jira, Atteendaansiin isaanii sirnaan osoo report hin ta’iin qoromneerra kan jedhan barattoonni 9,561 jiru. Dhimmi isaanii yeroof qabameera.
Kana jechuun barattoonni tokko tokko iddoo itti ramadamanii ala sababa rakkoo fayyaatiin qoromanii ta’uu danda’a, haala addaatiin isaaniif eeyyamamee. Sababa itti iddoo biraatti qoroman seera qabeessa fi namni isaaniif eeyyame kan itti eeyyama laateef yeroo dhiyeessan qabxiin isaanii ni gadhiifama.
Dabalataan dubbisaa :- Komii Barattootaa Bu’aa Qormaata Bahumsaa irratti
Garuu, kutaa keessa seenee Atteendaansii osoo hin guutiin “Qoroomeera” yoo jedhe fudhatama waan hin qabneef. Atteendaansii irra sababa isaan hin jirre hanga hin dhiyeessinetti fi hanga hin qulqulloofnetti bu’aan isaanii guutummaa guutuutti ni haqama.
Kuni bara kana qofaa kan ta’e miti, seera haaraa bahe miti.
Ta’us garuu qaamni komiin qaba jedhu komii isaa dhiyeeffachuu danda’a» jedhaniiru.
Yuunivarsiitii Finfinneetti qoromuuf guutanii «Hanqina iddoo qormaataa qabna» jedhamanii Kaampaasii 5 kiiloo irraa gara Kaampaasii 6 Kiilootti, Kaampaasii 6 Kiiloo irraa gara Kaampaasii 5 Kiilootti jijjiiramuu isaanii barattoonni caqasan ammoo, sababni rakkoo isaan mudatee iddoo qormaataa jijjiiruu isaanii ta’uu ibsuun isaanii ni yaadatama.
Komii kanaaf deebii kana kennan Daarektarri olaanaan, yoo iddoo qormaataa jijjiiraniiru ta’e namni isaan jijjiire waan jiruuf fi iddoo itti qormaataa itti jijjiiramanittis atteendaansii guutaniiru yoo ta’e, mallattoon isaanii adda baafamee sirrii ta’uun isaa yoo mirkanaa’e bu’aan isaanii akka gadhiifamu ibsaniiru.
5 Kiilootti osoo eegamuu qormaataaf 6 Kiiloo barataan deeme yoo jiraate, 5 Kiiloo irratti qaamni aangoon kennameef barataa qormaata kana qoromu yeroo dhabu haftee jedhee report akka taasisu, «6 Kiilootti qaamni aangoon kennameef barataa qormaata fudhatu simatee waan mallatteessisuuf , kan isaan mallatteessan waan qabnuuf ni mirkaneessina.» jedhaniiru.
Dhimma kana irratti odeeffannoo haaraa akkuma gadhiifameen argachuuf channel keenya Telegram QUBEE MEDIA join taasisaa!


EUEE 10543517
Kan bara 2018ti resulti basuu didde
Komii Nuti Dhiyyeeffanne Nuuf Hin Deebine. Komii Qabnu irra deebi’een isiniif ibsa.
Ani Barattoota Tourism Management Bule Horaa University,ti
University keenya Tourism Management qofa Barsiisa kaan Garuu Tourism and Hotel Management barsiisa. Asirratti nuyi course Hotelaan Wal qabatu otoo hin baratiin Qormaata Bahinsaa fudhanne, Baay’ees itti miidhamne. Akkamitti Waanta hin Baratiiniin Madaalamna?. Deebiin nuuf kennitan maaf dhibe?
If I can see way exit exam link he says that pending. What is problem?
Qormanni Kun nu madaalu wanta nuyi akka dubbisnuuf qajeelfamneefi waanti qoramne wal hin argu madaalaa ilaala.
Kankollee disqualified jedha anillee sababa isaa hin barre garuu ulagaa guuteen qorameera kankollee akka naaf ilaaltaan.