Bu’aa Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Jimmaa
Bu’aa Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa kana dura ba’ee ture. Kan Yuunivarsiitii Jimmaa.

Barattoota kana dura Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Jimmaatti leenji’uuf galmooftaniif maqaan keessan ba’eera warri marsaa kana keessatti hammatamtan ykn warri darbitan. Maqaan namoota 3800 ol baheera department keessan waliin.
Yuunivarsiitichi barattoonni maqaan isaanii ba’e yeroo dhumaatiif barachuu isaanii akka mirkaneessan beeksiseera.
Kunis hanga Amajjii 7 bara 2018 tti qofaa kan turu yoo ta’u, karaa website isaanii seenuun akka mirkaneessitan.
Gama biraatiin barattoonni galmooftanii garuu maqaan keessan hin baane achi irraa bu’aa keessan ilaallachuu ni dandeessu kana jechuunis barattoota dabritaniif «Selected» kan hin darbineef ammoo «Not Selected» jechuun adda baasee bira.
Barattoota filataman «Selected» jedhaman itti aansee maal gochuu qabu?
Yuunivarsiitiin Jimmaa Barattoota Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa kana dura baaseen barattoota Yuunivarsiitii Jimmaatti leenji’uuf galma’aan maqaa isaanii kan darban yeroo ammaa kana baasee jira. Barattoonni maqaan isaanii bahe kunis leenjii kana fudhachuu isaaniif mirkaneeffannoo kan dhumaa akka barbaachisu Yuunivarsiitichi beeksiseera.
Dabalataan dubbisaa :- Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa
Barattoonni Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Jimmaatti leenji’uuf galmooftanii dabritaniif hanga Amajjii 7 bara 2018 (January 14 tti) qofaa mirkaneessuu (Confirm) taasisuu akka qabdan fi namni kana hin taasisne akka leenjii kana hin fudhanne ibsameera.
Barattoonni guca kana hin guunne ykn (Confirm) hin taasisne calallii marsaa dhumaatiif akka hin darbine Yuunivarsiitichi ifatti ibseera.
Akkaataa itti Guca Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Jimmaa kana Guuttan;
Jalqaba gara website Yuunivarsiitii Jimmaa armaan gadii bakka «Confirm Now» jedhu tuquun seentu. Bifa suuraa armaan gadiitiiin;

Erga gara website Jimma University Portal seentan booda Confirm Now tuqxan booda barreeffama isiniif fida. Barreeffamni sunis kan jedhu. Calalliin marsaa jalqabaa xumurameera. Maqaa barattoota calallii marsaa jalqabaa darbanii maqaa guutuu search taasisuun argachuu dandeessu.
Yoo calallii marsaa jalqabaatiif kan filatamtan ta’e fi leenjii kana fudhachuuf fedhii qabdu ta’e hirmaannaa keessan mirkaneessaa. Kana mirkaneessuuf ammoo step armaan gadii hordofaa!
Erga barreeffama armaan olii argitan booda «Start Searching» kan jedhu tuqxu sana booda page itti aanutti isin dabarsa.

Sana booda bifa suuraa armaan gadiitiiin «Search Your name» kan jedhu jalatti maqaa keessan guutuu barreessaa!


Erga maqaa keessan guutuu barreessitanii search taasistan booda yoo «Selected» taataniirtu ta’e bifa armaan gadiin odeeffannoo guutuu isiniif fida.

Erga bifa kanaan isiif fide booda kan sarara diimaan itti marfame «Confirm Participation» tuquun mirkaneessaa.
Barattoota Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Jimmaatti leenji’uuf galmooftanii maqaa keessan channel keenya Telegram irraa link kanaan seenuun ilaalaa!
Channel keenya QUBEE MEDIA join taasisaa! akkasumas Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa kan Yuunivarsiitiiwwan biroo ilaalaa!


When I press confirm participation you said does not match yours phone number
So what shall better?
If I am not confirmed participation for training program, can’t possible to attend so please guide me?
Leenjii barsiisummaa
Komii Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Jimmaa
Ani Department Economics eebbifamee. Guucni galmee kiyyaa fi file suuraan ani erge wal adda.file suuraan ergamee kan department Accounting and Finance jedha.kanaaf ammoo ulaagaa warra calaalii darbanii beekun barbaade.mee komii kiyya kana qaama dhimmi ilaalu biaan naaf gahaa!
Komii Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Jimmaa
Ani Department Economics eebbifamee. Guucni galmee kiyyaa fi file suuraan ani erge wal adda.file suuraan ergamee kan department Accounting and Finance jedha.kanaaf ammoo ulaagaa warra calaalii darbanii beekun barbaade.mee komii kiyya kana qaama dhimmi ilaalu biaan naaf gahaa!
Lenjin ji’a kam keessa eegala
List name
List namota calalamani darbani nu erga lenjin Yom eegala
OK thanks too I need list of student passed
Yoom waama darbeemmo maqaa warra darbaniis nuu ergaa akka kanan dura gadi dhiiftanitti maalo nu jeeqaa jira akkatti adda baafannu dhabne hin dabarreef hin darbinee keenya
Guyya waamus nu yaadachiisaa