Exit Exam | Qubee Online +

Deebii Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa
Deebii Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa komii Barattootaa irratti

Kana dura komii Barattootaa qormaata bahumsaa ykn Exit Exam walakkeessa bara 2018 ilaalchisee kaasan ilaalaa turre. Deebiin karaa Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa kenname kunooti.

«Barattoonni 11,785 rakkoo naamusaa isaan mudateera. Bu’aan ykn qabxiin barattoota 817 guutummaa guutuutti ‘Disqualified’ dha. Barattoonni sa’aatii qormaataa hin eegne 2,076 bu’aan isaanii Disqualified dha.» Dr. Isheetuu Kabbadaa

«Atteendaansiin isaanii sirnaan report osoo hin ta’iin qormaata qoromneerra kan jedhan barattoonni 9,561 jiru. Kan isaaniis yeroof qabameera. Sababa seeraa yeroo dhiyeessan bu’aan isaanii ni gadhiifama!»

Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam walakkeessa bara 2018 barattoota fudhatan keessaa barattoonni 11,700 ol ta’aan rakkoon naamusaa akka irratti argame Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa ibseera.

Barattoonni hedduun ammoo qabxii isaanii ilaaluuf yeroo yaalan “Disqualified” deebii jedhu argachaa kan jiran waan ta’eef, qaama dhimmi ilaallatuuf furmaata akka isaaniif kennuuf karaa Tikvah Ethiopiatti dhiyeenya kana gaaffii isaanii dhiyeessanii turan.

Barattoonni kunneen komii isaanii karaa waraqaa ykn qaamaan fi karaa online Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataatti dhiyeessanii kan turan ta’uyyuu furmaata akka hin arganne kan ibsan yoo ta’u. Dhimma kana irrattis komii isaanii qabatee Tikvah Ethiopia, kuni kan ta’e siistamni maal isin jalaa ta’eetu? jedhuun dhaabbaticha gaafateera.

Daarektarri olaanaan Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Dr. Isheetuu Kabbadaa «’Homaa wanti nu rakkise hin jiru ykn siistamni homaa hin taane’. Barattoonni ‘Disqualified’ ta’aan ‘Disqualified’ dha. Komii yoo qabaatan ammoo karaa online, kanneen dhiyoo jiran ammoo qaamaanis komii dhiyeeffachuu danda’u. Bu’uura komii isaan dhiyeessaniin deebii kennaa jirra» jedhaniiru.

Barattoonni bu’aa isaanii ilaaluuf yeroo jedhan ‘Disqualified’ kan isaaniin jedhu maalifi? jedhamee gaaffii isaaniif ka’eef. Walumaa galatti barattoonni 11,786 rakkoo naamusaa mudate caqasuun, ibsa itti aanee jiru kennaniiru.

Daarektarri olaanaan Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa maal jedhan?

«Tokkoffaa, walii galatti rakkoon naamusaa kan nu mudate barattoota 11,785 dha. Isaan kana keessaa yeroowwan garaa garaa, yeroo lama qoromuuf kan yaalan barattoonni 632 jiru.

Lammaffaa , barattoonni 817 yeroo qormaataatti wantoota hin eeyyamamne kanneen akka bilbilaa, sa’aatii simaartii fi ‘Axereeraa’ qabatanii seenuun, kutaa keessatti jeequun, Koompiitara irratti miidhaa geessisuun, nama biraaf qoromuuf yaalanii qormaata namoonni kennaa turan report isaan taasisaniiru.

Bu’aan barattoota 817 kanneenii guutummaa guutuutti Disqualified dha. Barattoonni kunneenis ofii isaanii ni beeku.

Sadaffaan, yeroo qormaataati, qormaata tokko yeroon itti jalqabanii fi xumuran jira. Barataan kamiyyuu sa’aatii qormaata sanaaf ramadame 25% fayyadamee kutaa qormaataa keessatti argamuu qaba. Yoo kana hin taane garuu alatti wal qunnamtiin kan biraa ni uumama jedhamee orientation kennameefiira.

Kanas kan hin guunne barattoonni 2076 jiru. Isaan kunis Disqualified dha.

Arfaffaan, barattoonni kutaa qormaataa itti ramadamanitti argamuu dhabuudha. Kutaatti argamuu dhabuun, Atteendaansii sirnaan guutuu dhabuun jira, Atteendaansiin isaanii sirnaan osoo report hin ta’iin qoromneerra kan jedhan barattoonni 9,561 jiru. Dhimmi isaanii yeroof qabameera.

Kana jechuun barattoonni tokko tokko iddoo itti ramadamanii ala sababa rakkoo fayyaatiin qoromanii ta’uu danda’a, haala addaatiin isaaniif eeyyamamee. Sababa itti iddoo biraatti qoroman seera qabeessa fi namni isaaniif eeyyame kan itti eeyyama laateef yeroo dhiyeessan qabxiin isaanii ni gadhiifama.

Dabalataan dubbisaa :- Komii Barattootaa Bu’aa Qormaata Bahumsaa irratti

Garuu, kutaa keessa seenee Atteendaansii osoo hin guutiin “Qoroomeera” yoo jedhe fudhatama waan hin qabneef. Atteendaansii irra sababa isaan hin jirre hanga hin dhiyeessinetti fi hanga hin qulqulloofnetti bu’aan isaanii guutummaa guutuutti ni haqama.

Kuni bara kana qofaa kan ta’e miti, seera haaraa bahe miti.

Ta’us garuu qaamni komiin qaba jedhu komii isaa dhiyeeffachuu danda’a» jedhaniiru.

Yuunivarsiitii Finfinneetti qoromuuf guutanii «Hanqina iddoo qormaataa qabna» jedhamanii Kaampaasii 5 kiiloo irraa gara Kaampaasii 6 Kiilootti, Kaampaasii 6 Kiiloo irraa gara Kaampaasii 5 Kiilootti jijjiiramuu isaanii barattoonni caqasan ammoo, sababni rakkoo isaan mudatee iddoo qormaataa jijjiiruu isaanii ta’uu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Komii kanaaf deebii kana kennan Daarektarri olaanaan, yoo iddoo qormaataa jijjiiraniiru ta’e namni isaan jijjiire waan jiruuf fi iddoo itti qormaataa itti jijjiiramanittis atteendaansii guutaniiru yoo ta’e, mallattoon isaanii adda baafamee sirrii ta’uun isaa yoo mirkanaa’e bu’aan isaanii akka gadhiifamu ibsaniiru.

5 Kiilootti osoo eegamuu qormaataaf 6 Kiiloo barataan deeme yoo jiraate, 5 Kiiloo irratti qaamni aangoon kennameef barataa qormaata kana qoromu yeroo dhabu haftee jedhee report akka taasisu, «6 Kiilootti qaamni aangoon kennameef barataa qormaata fudhatu simatee waan mallatteessisuuf , kan isaan mallatteessan waan qabnuuf ni mirkaneessina.» jedhaniiru.

Dhimma kana irratti odeeffannoo haaraa akkuma gadhiifameen argachuuf channel keenya Telegram QUBEE MEDIA join taasisaa!

The post Deebii Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa first appeared on Qubee Online +.

Komii Barattootaa Bu’aa Qormaata Bahumsaa irratti
Komii Barattoota Yuunivarsiitii Garaa Garaa qormaata bahumsaa ykn Exit Exam walakkeessa bara 2018 irratti

Mata duree keenya kana keessatti bu’aa qormaata bahumsaa ykn Exit Exam walakkeessa bara 2018 waliin wal qabatee komii barattoota Yuunivarsiitii garaa garaa ni ilaalla.

Komii barattoota qormaata bahumsaa ykn Exit Exam walakkeessa bara 2018 qoromanii

«Nuti barattoonni rakkoo nuti hin uumneen hamma kana rakkachuun keenya sirrii miti, akkaataan qormaanni kun itti soroorfame sirrummaa isaa irratti irra deebiin nuuf haa ilaalamu!» Barattoota

«Bu’aa dhadhabbii keenyaa osoo nutti hin himiin ni hafu sodaa jedhuun yaaddoo guddaa keessa jirra!»

Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam walakkeessa bara 2018 bu’aan isaa Bitootessa 3 bara 2018 ifoomuun isaa ni yaadatama. Bu’aan isaa ifoomus barattoonni qormaata kana Yuunivarsiitiiwwan garaa garaatti fudhatan bu’aa isaanii ilaaluu akka hin dandeenye fi bu’aa isaanii ilaaluuf yeroo yaalan ‘Disqualified’ deebiin jedhu akka isaan gahe ibsaniiru.

Kana hordofee barattoonni Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataatiif karaa online akkasumas qaamaan dhiyaatanii komii kan dhiyeessan yoo ta’u, garuu hanga ammaatti furmaata ykn deebii akka hin arganne dubbataniiru.

Rakkoon kun kan isaan mudate barattoonni Yuunivarsiitiiwwan garaa garaa jechuunis;

Yuunivarsiitii Finfinnee

Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee

Dabaarq

Maqdalaa Ambaa

Oromiyaa Isteet Yuunivarsiitii

Arbaa Miincii Kaampaasii Saawulaa

Inistiyuutii TVET Feederaalaa

Hawaasaa

Samaraa dabalatee Yuunivarsiitiiwwan sagalitti barattoonni qormaata bahumsaa ykn Exit Exam fudhatan irratti bu’aan isaanii rakkoo qabaachuu isaa ibsaniiru.

Barattoonni Eebbifamtoonni maal jedhan?

Barataan Yuunivarsiitii Dabaarq irraa yaada isaa kenne akkas jedheera;

«Bu’aan qormaata bahumsaa ykn Exit Exam gadhiifameera yeroo jedhamu, liinkii qabxii ittiin ilaalluun seennee yeroo ilaaluuf yaallu ‘Disqualified’ jedha.

Rakkoon isaa maali? jennee Yuunivarsiitii keenya yeroo gaafannu isaanis Tajaajila Qormaataaf komii dhiyeessuu isaanii nutti himan.

Rakkoo Atteendaansii dha jedhamee Atteendaansiin ergamee ture. Ta’us garuu kan barattoota muraasaa qofti sirraa’ee gadhiifameefiira. Kan biraa garuu hanga ammaatti hin gadhiifamne.

Barattoonni qormaanni isaanii sirraa’ee gadhiifameefis rakkoo soroorsuu qormaataa akka qabu dubbachaa jiru.

Keenya rakkoon barattoota Yuunivarsiitii Dabaarq kan adda ta’edha. Department Accounting irraa hanga ammaatti barataan tokkoyyuu bu’aa isaa hin ilaallanne.

Barattoota bu’aa isaanii ilaalan keessaas baay’een isaanii kan kufan ykn qabxii darbiinsaa kan hin fidne waan ta’aaniif, barattoonni kunneen ‘Disqualified’ kan taane barattoota darbinedha jedhanii yaadaa jiru.

Yuunivarsiitichi ‘Ni sirraa’a!’ jedha garuu hanga ammaatti nuuf hin sirroofne.

Nuti barattoonni rakkoo nuti hin uumneen hamma kana rakkachuun keenya sirrii miti akkaataan qormaanni kun itti soroorfame irra deebiin nuuf haa ilaalamu» jedheera

Yuunivarsiitii Arbaa Miincii Kaampaasii Saawulaa irraa yaada isaa kan kenne barataan Accounting fi Finance ammoo;

«Kana dura yeroo lama qoromeen ture. Bara kanas seeraa fi dambiiwwan Ministeerri Barnootaa kaa’e guutee yoon qoromeyyuu bu’aan yeroo gadhiifamu garuu ilaaluu hin dandeenye. Kanaanis darbuu fi kufuun keenya hin beekamne ykn hin murtoofne.

Yeroo qormaataatti seerota hunda guunnee qoromneerra, Atteendaansiis guunneerra. Komii keenyas karaa online dhiyeessineerra, garuu deebiin nuuf hin kennamne.

Kaampaasii Saawulaatti qofaa barattoonni 34-38 ta’aan bu’aa isaanii ilaaluu hin dandeenye.» jedhaniiru.

Barattoonni Yuunivarsiitii Finfinneetti qormaata bahumsaa ykn Exit Exam kana fudhatan ammoo, rakkoon kun kan mudate jijjiirraa iddoo qormaataa irraa akka ta’e kaasanii Yuunivarsiitii Finfinneetti qoromuuf guutanii «Hanqina iddoo qormaataa qabna» jechuun Kaampaasii 5 Kiiloo irraa gara Kaampaasii 6 Kiilootti akkasumas Kaampaasii 6 Kiiloo irraa gara Kaampaasii 5 Kiilootti jijjiiramuu isaanii dubbataniiru.

Rakkoon kun barattoota kumaan lakka’aaman kan mudate akka ta’es dubbataniiru.

Gidduu kana jechuunis guyyaa kaleessaa barattoonni 500 ta’aan mana hojii Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataatti qaamaan argamuun komii dhiyeeffachuuf deemanis, simannaan gaariin akka isaaniif hin taasifamne fi waraqaadhaan komii isaanii barreessanii akka ba’an taasifamuu isaanii dubbataniiru.

«Qaamoleen iddoo sana turan komii keenya afaaniin akka itti himnu carraa nuuf hin kennine. Akka waan nuti balleessineetti nu ilaalan» jechuun ibsaniiru.

«’Maqaa keessanii fi lakkoofsa bilbilaa keessan guutaa deemaa isiniif bilbillee isinitti himna’ nuun jedhan. Kuni garuu deebii quubsaa miti, sababni isaas barattoota hundaaf bilbiluu hin danda’aan» jechuun wanta isaan mudate hubachiisaniiru.

«’Dhuma irratti garuu’ karaa online komii kan dhiyeesse yoo jiraate fi ammas karaa waraqaa kana kan guute yoo jiraate bu’aa isaa ‘Disqualified’ taasisna’ nuun jedhaniiru» jechuunis komii isaanii ibsaniiru.

«Kana duras qormaata bahumsaa ykn Exit Exam turaniin rakkoowwan wal fakkaataa mudatanii osoo hin furamiin darbamaniiru. Komii keenyas callisanii bu’aa keenya osoo nutti hin himiin ni hafu kan jedhuun sodaa guddaa keessa jirra» jechuun ibsaniiru.

Manni hojii Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa rakkoowwan akka kanaa mudachuu isaanii ifatti ibsuu osoo qabuu, ibsuu dhiisuun isaa fi callisuun isaa barattootatti yaaddoo kan biraa akka ta’e kaasanii dhaabbatichi ofitti gaafatamummaa isaa fudhatee rakkoo kana ukkaamsee darbuu dhiisee furmaata hatattamaa kennuu qaba jedhuun gaafataniiru.

Dabalataan dubbisaa :- Barattoota waggaa sadaffaa ni tajaajilu kan jedhame maal irra gahe?

Dhimma kana irratti hanga ammaatti Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa deebii homaayyuu kan hin kennine yoo ta’u, gara fuulduraatti wanta haaraa jiru kan isin beeksisnu ta’a. Odeeffannoo haaraa argachuuf channel keenya Telegram join taasisaa!

The post Komii Barattootaa Bu’aa Qormaata Bahumsaa irratti first appeared on Qubee Online +.

Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam Ministeera Barnootaa
Qormaata Ba’umsaa ykn Exit Exam Amajjii Keessa Kennamuuf Ture Haqameeraa? Odeeffannoo Guutuu fi Haala Ammaa

Mata duree kana keessatti waa’ee Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam kan Ji’a Amajjii bara 2018 kennamu ni ilaalla.

Seensa: Yaaddoo Barattootaa fi Gaaffii Deebii Barbaadu

Yeroo ammaa kanatti barattoonni yuunivarsiitiiwwan adda addaa irraa eebbifamuuf qopha’aan, akkasumas warri kanaan dura eebbifamanii qormaata ba’umsaa (Exit Exam) eeggachaa jiran ykn barattoonni qormaata bahumsaa ykn Exit Exam irra deebiin fudhatan yaaddoo guddaa keessa jiru.

Keessattuu, qormaanni ba’umsaa ykn Exit Exam kan bara 2018 (A.L.I) ji’a Amajjii keessa kennama jedhamee abdiin eegamaa ture “haqameera” ykn “yeroon isaa dheereffameera” oduun jedhu miidiyaalee hawaasaa irratti babal’achuun isaa burjaajii guddaa uumeera.

Barattoonni baay’een gara miidiyaalee adda addaa, keessattuu gara Tikvah-Ethiopiatti iyyannoo ykn gaaffii dhiyeessuun, «Dhuguma qormaatichi ni dheeratamoo yeroo jedhametti ni kennama?» jechuun gaafachaa jiru.

Barruun kun deebii Ejensii Madaallii Qormaataa fi Barnootaa irraa kenname fi haala qophii qormaatichaa ballinaan xiinxala.

Deebii Ejensii Madaallii Qormaataa fi Barnootaa “Hin Dheeranne!” Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam irratti

Gaaffii barattoonni dheerachuu qormaatichaa irratti dhiyeessaniif deebii quubsaa argachuuf, Ejensiin Madaallii Qormaata fi Barnootaa (Educational Assessment and Examinations Service) ibsa kenneera. Akka hoogganaan olaanaan ejensichaa jedhanitti, oduun qormaatichi dheerachuu isaa dubbatamu dhara.

«Galmeen Jimaata darbe xumuramee utuu jiruu, akkamitti qormaatichi dheerata?» jechuun gaaffii gaafatametti deebii deebisaniiru. Ejensichi akka jedhutti, qormaatichi hin dheeranne, garuu guyyaan dhaabbataa (fixed date) Qormaanni Bahumsaa ykn Exit Exam kan Ji’a Amajjii bara 2018 itti kennamu hanga ammaatti ifatti hin ibsamne. Kunis kan ta’eef adeemsi qophii fi madaallii galmee erga xumuramee booda guyyaa sirrii ta’e beeksisuuf waan yaadameefidha.

Maaliif Guyyaan Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam Ifatti Hin Ibsamne?

Barattoonni baay’een, «Ji’a Amajjii keessa kennama jedhame malee guyyaan isaa maaliif hin beekamne?» jechuun komatu. Hooggantoonni ejensichaa sababa kanaa yeroo ibsan:

1. Madaallii Galmee: Galmeen dhiheenya xumurame. Erga galmeen xumuramee booda baay’ina barattootaa, gosoota barnootaa ykn department fi sagantaalee qormaanni irratti kennamu fi kanneen hin kennamne addaan baasuun hojii duraa ti.

2. Kaffaltii fi Adeemsa Bulchiinsaa: Dhaabbileen barnoota olaanoo (Yuunivarsiitiiwwan) tokko tokko kaffaltii fi dhimmoota biroo irratti yeroo dabalataa gaafachuu isaaniitiin, guyyaa muraasaaf yeroon kennameefii jira.

3. Qophii Teeknikaa: Qormaanni ba’umsaa akkaataa kanaan duraa onlaayiniin waan kennamuuf, qophiin meeshaalee fi interneetii iddoo hundatti mirkaneeffatamuu qaba.

Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam Yoom Kennamuuf Karoorfame?

Hanga ammaatti guyyaan murteessaan hin himamne. Ta’us, Ejensiin Madaallii Qormaataa fi Barnootaa akka mirkaneessetti, qormaatichi dhuma Amajjii ykn torban jalqabaa ji’a Gurraandhala 2018 (A.L.I) keessa ni kennama.

«Barattoonni nu eeggachaa jiru, nuyis qophii keenya xumurree jirra. Guyyaa dhaabbataa isaa dhiyeenyatti beeksifna,» jechuun ejensichi mirkaneesseera. Kun immoo barattootaaf abdii guddaa kan kennu yoo ta’u, qophii isaanii akka jabeessan carraa uuma.

Barbaachisummaa Qormaata Ba’umsaa ykn Exit Exam Itoophiyaa Keessatti

Qormaanni ba’umsaa barattoota eebbifaman hundaaf maaliif barbaachise? Sababoota gurguddoo sadii kaasuun ni danda’ama:

Qulqullina Barnootaa :- Barattoonni yuunivarsiitii irraa ba’an dandeettii barbaachisu qabaachuu isaanii mirkaneessuuf.

Waliin Gahiinsa Carraa Hojii :- Qajeelfama mootummaa haaraatiin, qormaata kana kan hin dabarre carraa hojii mootummaa fi dhuunfaa argachuuf ni rakkatu.

Madaallii Yuunivarsiitiiwwanii :- Yuunivarsiitiin tokko barattoota meeqa akka dabarse ilaaluun, sadarkaa barnootaa dhaabbichaa madaaluuf gargaara.

Gorsa Barattoota Qormaata Eeggachaa Jiraniif

Yeroo qormaatichi dhiyaachaa jiru kanatti, barattoonni baay’een yaaddoo (anxiety) keessa seenuun isaanii hin oolu. Haa ta’u malee, yeroo kanatti wanti gochuu qabdan:

Dabalataan dubbisaa :- Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa

Oduu Sobaa Irraa Of Qusadhaa: Miidiyaalee hawaasaa irratti oduu «Qormaatichi haqameera» ykn «Waggaa dhufutti darbeera» jedhan utuu hin mirkaneeffatiin hin amaniinaa. Odeeffannoo sirrii ta’e Ejensii qormaataa ykn Ministeera Barnootaa irraa hordofaa.

Qophii Jabeessaa: Guyyaan yoo dhiheera jedhamellee, kun barattootaaf carraa itti dubbisanii fi of qopheessanidha.

Dhimma Galmee Mirkaneeffadhaa: Galmeen keessan sirriitti xumuramee kaffaltiin kaffalamuu isaa dhaabbata keessan (Registrar) gaafachuun mirkaneeffadhaa.

Guduunfaa

Qormaanni ba’umsaa bara 2018 (A.L.I) ji’a Amajjii fi Gurraandhala gidduutti kennamuuf karoorfame hin haqamne. Ejensiin Madaallii fi Qormaata Barnootaa qophii isaa xumuraa akka jiruufi, barattoonni guyyaa murteessaan dhiyeenyatti akka beeksisu waadaa galeera.

Barattoonni hundi kutannoon akka dubbisanii fi qorumsa kanaaf of qopheessan dhaamsa keenya.

Isiniis yaada ykn gaaffii yoo qabaattan, nuuf barreessuu dandeessu.

Odeeffannoo haaraa dhimma kana irratti argachuuf Channel keenya WhatsApp follow taasisaa!

The post Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam Ministeera Barnootaa first appeared on Qubee Online +.

Qormaata Bahumsaa : Mirgaa fi Dirqama Barattootaa, Qajeelfama Ministeera Barnootaa
Ibsa Ministeera Barnootaa Qormaata Bahumsaa irratti

Barattoonni digirii jalqabaa kuma 190 ol ta’aan qormaata bahumsaa ni fudhatu – Ministeera Barnootaa

Qormaanni bahumsaa bara 2017 Waxabajjii 2 hanga 10 bara 2017 tti giddu gala qormaataa 87, Yuunivarsiitiiwwan 51 tti qophaa’e keessatti ni kennama.

Qormaaticha sagantaalee barnootaa 238’n barattoota kaadhimamtoota digirii jalqabaa 190,787 tiif karaa online kennuuf qophiin barbaachisaan xumuramuu isaa Dr. Eebbaa Miijanaa himaniiru.

Barattoonni 102,360 yeroo jalqabaatiif qormaata kana kan fudhatan yoo ta’u, barattoonni 88,422 ammoo irra deebiin qormaata bahumsaa kana ni fudhatu jedhameera.

Barattoonni qormaata kana fudhatan yeroo gara giddu gala qormaataatti deeman waraqaa eenyummaa Fayda ykn Digital ID qabachuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Bilbila harkaa, sa’aatii harkaa miimoorii qabu, waraqaa eenyummaa nama biraa, kaalkuleetarii hin eeyyamamne fi wantoota dhorkamoo kana fakkaatan qabatanii seenuun akka hin danda’aamne ibsameera.

Qormaata bahumsaa kana kennuuf hojii raawwachiistonni 4,017 akka hirmaatan ibsameera.

Wantoota Qormaata Bahumsaa irratti Barataa fi Barsiisaa irraa Eegaman

Guyyoota qormaata bahumsaa irratti Naamusaa fi Pirootookoolota jiraachuu qaban keessaa;

• Aanga’oota olaanoo Yuunivarsiitichaa isaaniif eeyyamameen ala, haala mijeessitoota guyyaa sanaaf achitti ramadamaniin ala, qormaata sana qoruuf barsiisota ramadamaniin ala qaamni kamiyyuu gara kutaa qormaataatti seenuun kan dhorkamedha.

• Qormaatichi karaa Online kan kennamu waan ta’eef ogeeyyiin Ayisiitii (ICT) naannoo kutaalee qormaataa taa’uu gargaarsa ni kennu.

• Qaamni nageenyaa gara kutaa qormaataatti kan isa galchu wanti dirqamsiisaan yoo mudateen ala hin seenu. Garuu wanti dirqamsiisaan yoo mudate sa’aatii kamittiyyuu seenuu ni danda’a.

• Aanga’oota Olaanoo Yuunivarsiitichaa dabalatee qaamni kamiyyuu karaa kamiiniyyuu ta’u Bilbila harkaa, Sa’aatii ismaartii, fi wantoota kana fakkaatan gara kutaa qormaataatti qabatee seenuun dhorkaadha.

• Ogeessonni Ayisiitii (ICT) tajaajila kutaa qormaataa keessatti kennaniif namoota Ministeera Barnootaa irraa ykn deeggarsa Aanga’oota olaanoo Yuunivarsiitichaa fi qajeelfama argachuu waan dabalatuuf haala addaatiin Yuunivarsiitichatti galmaa’ee kan qabamuu fi kan beekamu lakkoofsa kan qabu bilbila qabatanii akka seenan eeyyamamuufii danda’a.

• Sagantaawwan ykn diippartimantiiwwan tokko tokko irratti Kaalkuleetarii fiduun ykn fayyadamuun ni eeyyamama. Dabalataanis akkasuma diippartimantiiwwan tokko tokkoof irratti hojjechuuuf waraqaan adiin karaa Yuunivarsiitichaa eeyyamamuu danda’a. Kanas ta’ee garuu bilbilli, sa’aatiin smaartii, taableetiin fi wantoonni kana fakkaatan hin eeyyamaman. Kaalkuleetaroonni itti fayyadamanis hojii kaalkuleetarii qofaaf kan hojiirra oolan ta’uu isaanii of eeggannoo taasisuun barbaachisaa dha.

• Yeroo kamittiyyuu eeyyamni kan isaaniif kenname fi deeggarsa kennuuf kan ramadaman Ogeessota Ayisiitii dhaan ala koompiitara barataa qormaata sana fudhatuu tuquun kan dhorkamedha.

Akkaataa Kenniinsaa fi Qajeelfamoota Qormaata Bahumsaa

Dirqama Barattoota Qormaata kana Qoromanii

1. Kutaa qormaataatti daqiiqaa 30 dursanii ID qabatanii argamuu.

2. Qormaatichi erga jalqabe booda daqiiqaa 15 caalaa barfachuu dhiisuu!

3. Qormaatichi erga jalqabe booda daqiiqaa 30 dursa bahuu dhiisuu

4. Username fi Password waraqaa Adii irratti barreessanii qabachuu.

5. Iddoo barsiisonni qormaata sana qoran nama teessisan qofaa taa’uu

6. Koompiitara ofii qofaa banuu fi itti fayyadamuu.

7. Kutaa qormaataa keessatti haasa’uu dhiisuu fi bakkaa bakkatti socho’uu dhiisuu.

8. Koompiitara barataa cinaa jiru ilaaluu dhiisuu.

9. Kutaa qormaataa keessatti bilbila harkaa cufuu.

10. Waraqaa kamiyyuu gara kutaa qormaataatti qabatanii deemuu dhiisuu.

11. Karaa kamiinuu hatuu fi hachisiisuu irraa of eeggachuu fi irratti hirmaachuu dhiisuu.

12. Barsiisota qormaata sana qoran fi haala mijeessitootaaf ajajamuu.

Dirqama Barsiisota qormaata Bahumsaa Qoranii;

1. ID barattoota qormaata kana fudhatanii mirkaneessuun gara kutaa itti qoromaniitti galchuu.

2. Barattoota qormaata kana fudhatan akkaataa tartiiba maqaa isaatiin teessisuu.

3. Attendance barattootaa fudhachuu fi mallatteessisuu.

4. Kutaa qormaataa keessatti sagalee to’achuu.

5. Barattoonni bakkaa bakkatti akka hin sochoone to’achu.

6. Haala walii galaa qormaatichaa xiyyeeffannoo dhaan hordofuu.

7. Sababa dhukkubaatiin barattoonni yoo kutaadhaa bahuu barbaadan Suppar Vaayizara waliin dubbachuun isaan gargaaruu.

8. Barattoonni koompiitara barataa biraa cinaa isaanii jiru akka hin ilaalle to’achuu.

9. Barattoonni bilbila harkaa isaanii akka cufan taasisuu.

10. Barattoonni qormaatichi erga jalqabee daqiiqaa 30 dura akka hin baane taasisuu.

11. Barataa hatuu fi hachisiisuu yoo arge kutaa qormaataati ni baasa.

12. Erga qormaatichi jalqabee daqiiqaa 15 booda barataan dhufu akka hin seenne taasisa.

Walumaa galatti wantoota armaan olii kana barattoonni, barsiisonni qormaata kana fudhatan fi kennan guutuu akka qaban Ministeerri Barnootaa ibseera, barattoota qormaata bahumsaa kana fudhattaniif carraa gaarii jenna.

The post Qormaata Bahumsaa : Mirgaa fi Dirqama Barattootaa, Qajeelfama Ministeera Barnootaa first appeared on Qubee Online +.