Hiriira Nagaa Barattoota Yuunivarsiitii Garaa garaa Murtee Ministeera Barnootaa mormu
Hiriirri nagaa Barattoota Yuunivarsiitii garaa mormii murtee Ministeera Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa gidduu kanaa maal kan jedhudha. Barattoonni gaaffilee isaan kaasan maal maalidha. Guutummaa isaa dubbisaa!

Gaaffiin Barattoota Yuunivarsiitii Maalidha?
«Murteen kun fudhatama hin qabu!» – Barattoota Yuunivarsiitii garaa garaa
Barattoonni Yuunivarsiitii barnoota isaanii waggaa sadaffaa yeroo xumuran waggaa tokkoof tajaajila barsiisuu akka kennan. Hojimaanni dirqamsiisu bara barnootaa 2019 irraa kaasee hojii irra akka oolu Ministeera Barnootaa ibsuun isaa ni yaadatama.
Murtee Ministeera Barnootaa kanaan wal qabatee Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatiif dhiyaatanij dhimmicha kan ibsan. Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan «Tajaajilli garaa garaa Barsiisotaaf dhiyaatu fi Mindaan barsiisotaa gahaa waan hin taaneef. Hanqinni barsiisotaa mudateera, kunis sababa mudachuu hanqina barsiisotaati» jechuun hubachiisaniiru.
Kunis barsiisota haaraa bifa gahaa ta’een horachuuf rakkisaa akka ta’e ibsaniiru.
Kan furuufis barattoonni Yuunivarsiitii waggaa tokkoof tajaajila barsiisuu yeroo kennan, caalaatti jaalala ogummaa barsiisummaa horachuu akka danda’aanis ibsamuu isaa hordofee. Dhimmichi kan isaan ilaallatu barattoota Yuunivarsiitii biratti murteen kuni komii guddaa uumeera.
Guyyaa dhimmichi itti dhaga’aame irraa kaasee Yuunivarsiitiiwwan biyyattii iddoowwan garaa garaatti ijoo dubbii kan ta’e murteen kun. Yuunivarsiitiiwwan tokko tokkotti barattoonni Hiriira nagaa murtee kana mormu dhageessisuuf Hiriira taasisuu isaanii barattoonni nuuf ibsaniiru.
Barattoonni Yuunivarsiitiiwwan garaa garaa akka ibsanitti dhimma kana Miidiyaa irratti dhaga’uu isaanii irraan kan hafe. Yeroo ammaatti barattoonni Yuunivarsiitii waggaa sadaffaa hordofaa jiran waa’ee bara itti aanu. Tajaajila barsiisummaa kennuu isaanii irratti karaa Yuunivarsiitii isaanii wanti ibsame akka hin jirre ibsaniiru.
Barattoonni Yuunivarsiitiiwwan akka Yuunivarsiitii;
- Hawaasaa
- Baahir Daar
- Wallaggaa
- Amboo
- Dambi Doolloo
- Madda Walaabuu
- Walaayittaa Sooddoo
- Dirree Dawaa
- Dabra Birhaan
- Arbaa Miincii fi kanneen biroo.
Yaada kennaniin murtee kana yeroo dhaga’an kan rifatan ta’uu isaanii ibsuun murteen kun rakkisaa dha jedhaniiru.
Barattoonni Yuunivarsiitii yaada kennaniin «Dhimma kana irratti wanti qulqulla’aa nuti dhageenye hin jiru, akkamitti akka deemnu, tajaajila kana bifa kamiin akka kenninu wanti hanga beeknu hin jiru dhimmi kun bitaa nutti galeera» jedhaniiru.
Yuunivarsiitii garaa garaa irraa barattoonni yaada isaanii kennan yeroo itti murtee kana akka dhaga’aan itti taasifame, rakkoo nageenyaa kutaalee biyyattii iddoo garaa garaa jiru akkasumas turtii barnootaa isaanii waliin dhiyeessuun dhimmichi «Fudhatama Hin qabu» jechuun ibsaniiru.
Barattoonni Yuunivarsiitiiwwan garaa garaa dhimma Murtee Ministeera Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa kana irratti bal’inaan maal jedhan?
«Gidduu erga seenne booda kan nutti himame (yaadni kun kan dhufe, filannoo illee haala nuti itti ilaaluu hin dandeenye irratti murtee kana kan dhageenye waggaan tokko nuuf qoosaa miti.
Komii hedduu qabna, haala biyyattii jiru irraa kaasee naannoo irra deemtanii ni barsiistu wanti jedhamu kun fudhatama hin qabu haala nageenyi hin jirre keessa jirra.
Tajaajila Hawaasaaf kennuunis dirqama yoo kan jedhamu ta’e akka filannootti turtii keenya xumurree barnoota erga xumurre booda osoo ta’ee gaariidha. Dirqamaan waggaa sadaffaa irratti yoo jedhame, waggaa tokko guutuu iddoo biraa turree gara barnootaatti deebi’uufii? kuni ammoo hin ta’u.
Dhimma kana irratti wanti qulqulla’aa nuti dhageenye hin jiru akkamitti akka deemnu, tajaajila kana haala kamiin akka kenninu wanti nuti beeknu ykn wanti nuti dhageenye hin jiru dhimmi kun bitaa nutti ta’eera.
Fudhachuuf xiqqoo nutti ulfaateera, baachiin keenya jijjiiramoota hedduu kan argedha. Sagantaan Reemeediyaalii kan itti jalqabame dha. Waggoota shan fi jaha dura freshman koorsiin jalqabamee Digiriin waggaa sadi kan ture gara waggaa afuritti guddate. Amma ammoo tajaajila waggaa tokkoo erga waggaa sadaffaa xumurtaniin booda ni tajaajiltu jedhamaa jira, kuni itti dabalamee waggoota shaniifi jaha Yuunivarsiitii keessa turuuf deemna jechuudha.
Ministeera Barnootaa Itoophiyaa fi Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa
Addunyaa Barnootaa irraa fagaannee irra deebiin gara Addunyaa barnootaatti deebi’uu jechuun ulfaataa dha. Koorsiiwwan Diippaartimantii wal qabatanii kan deeman waan ta’eef waggaa tokko turree yeroo deebinu jireenya Yuunivarsiitii ulfaataa nutti taasisa.
Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam waan qabnuufis yeroo qo’annaa keenya kan nu jalaa dhiphisu waan ta’eef fudhachuuf nutti cimeera.
Tajaajila kana yoo kan fudhannu ta’eyyuu fakkeenyaaf barattoonni fayyaa Intarnishiippii ba’aa ta’us garuu waggaan itti eebbifaman achi hin siquu? nutis kan nutti tolu bifa wal fakkaataadhaani.
‘Ni barsiistu!’ yoo jedhame illee barattoonni isaan kam fi dandeettii akkamii kan qaban, sadarkaa kam irra kan jiran ni barsiisu kan jedhamu ifa miti.
Barattoonni Yuunivarsiitii hundi boqonnaa gannaatiif ji’a sadi Waxabajjii irraa kaasee hanga Hagayyaatti ni boqonna, ji’oota sadan kanneen tajaajilaa iddoowwan jedhamne hundatti tajaajillee waggaa itti aanutti gara barnoota keenyaatti deebi’uu barbaanna.
Erga xumurame booda barsiisaa yoo jedhamne tola ooltummaan baanee gammachuudhaan ni tajaajilla, garuu waggaa tokko achi siqee yoo ta’e afuura barnootaa keessaa baana
Har’a boru naaf eebbifamu jedhanii kan nu eegan maatiin keenya waggaan tokko dabalameera yeroo jedhaman abdiin isaanii gabaabbachaa dhufa, barattoonni Yuunivarsiitii baay’een ijoollee hiyyeessaa waan ta’aaniif maatii hiyyeessa irratti waggaa tokko dabaluu jechuun baay’ee ulfaataa dha.
Bifa kamiin gamaggamamee yaada kana irra akka ga’ame nuuf galuu baatuyyuu, murte kanaan nuti gammadoo miti, iddoon ramaddii keenyas yaaddessaadha!» jechuun ibsaniiru.
Dhimma kana irratti Ministeerri Barnootaa hanga ammaatti deebii kan hin kennine yoo ta’u, akkuma deebii kennaniin hordofnee kan isin biraan geenyu ta’a. Channel keenya Telegram QUBEE MEDIA join taasisuun odeeffannoo saffisaan argadhaa!


Badhobore
iLike to