Skip to content

Ibsa Ministeera Barnootaa fi Bu’aa Qormaata Kutaa 12ffaa

Ibsa Ministeera Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa Bu'aa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 ilaalchisee.

Ibsa Ministeera Barnootaa fi Bu’aa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa

 

Bu’aa Kutaa 12ffaa ilaalchisee Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan ibsa kennaniiru. Nutis mata duree kana keessatti ibsa guutuu Ministeera Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa fi waa’ee Bu’aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ni ilaalla.

 

Ibsa Ministeera Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa Bu'aa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 ilaalchisee.
Piroofeesar Biraanuu Naggaa
Photo Credit :- Tikvah Ethiopia

Bu’aa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara 2017 ilaalichisee ibsa Ministeerri Barnootaa kenne

 

Bara Barnootaa 2017 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kenname kan baroota darbanii sadan irraa bu’aan fooyya’aan kan itti galmaa’e fi barattoonni qabxiin hannaa fi nama irraa garagalchuun argamu kan hin jiraanne ta’uu isaa kan itti hubatan ta’uun barnoota isaanii irratti xiyyeeffachuu jalqabuu isaanii, akkasumas dhaloota hanna jibbu uumuuf hanga ammaatti tarkaanfiiwwan fudhatamaniin gama hundaan amanamummaa uumaa dhufuun isaa kan mul’atudha.

 

Bara 2017 tti adeemsa bulchiinsa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa irratti sirna barnootaa caalaatti ammaayyeessuun karaa online fi waraqaa dhaan qoruudhaaf qophii cimaa taasisuun qormaaticha bifa milkaa’ina qabuun giddu gala qormaataa hundatti Waxabajjii 23 hanga Adoolessa 8 bara 2017 tti qormaanni kennamuun isaa ni yaadatama.

 

Kanaanis bara barnootaa 2017 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa karaa online fi waraqaa dhaan kenname bu’aa isaa ilaalchisee akka armaan gadiitti bal’inaan dhiyaateera.

 

Odeeffannoo walii galaa ilaaluuf barattoota qormaataaf galma’aan ;

 

• Saayinsii Uumamaa barattoota 309,547

• Saayinsii Hawaasaa barattoota 299,041

• Ida’aama barattoota 608,588 keessaa barattoonni;

 

✓ Saayinsii Uumamaa barattoonni 297,540 (50.8%)

✓ Saayinsii Hawaasaa barattoonni 288,353 (49.2%)

✓ Walumaa galatti barattoonni 585,893 qormaata irra ta’aaniiru.

 

As irratti kan caqasaman keessaa;

 

• Saayinsii Hawaasaatiin barattoonni 60,700 fi

 

•Saayinsii Uumamaatiin barattoonni 73,907

 

• Walumaa galatti barattoonni 134,607 qormaata isaanii karaa online fudhatan.

 

Kanaanis bara 2017 walumaa galatti qormaata irra kan ta’aan keessaa 50% fi isaa ol qabxii darbiinsaa kan fidan;

 

✓ Saayinsii Uumamaa

✓ Saayinsii Hawaasaa

✓ Walumaa galatti barattoota 48,929 dha.

 

Kunis kan bara darbee irra fooyya’iinsa agarsiiseera.

 

Keessattuu kan baroota darbanii waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamu baay’inni barattoota qoromanii hir’achaa kan dhufe yoo ta’u, baay’inni barattoota qabxii darbiinsaa fidanii ammoo dabalaa dhufeera. Kunis sadarkaa sadarkaan hojimaata bulchiinsa hanna irraa bilisa taasisanii sirreessuuf tarkaanfii fudhatameen bu’aa gara fuulduraatti abdii kennudha.

 

Waggoota Darban Qajeelfama Qormaataa kan Cabsanii Barattoota Adabaman

 

Odeeffannoo Barattoota Qajeelfama Qormaataa Cabsanii Waggaa Waggaadhaan

 

Bara 2014

 

• Baay’inni barattoota Qajeelfama Qormaataa dhuunfaan cabsanii adabaman – 1,151

• Baay’inni barattoota Qajeelfama Qormaataa gareen cabsanii adabaman – 5,329

• Qormaata adda kutanii deemuun Qajeelfama Qormaataa kan Cabsanii adabaman -1,369

• Ida’aama – 7,849

 

Bara 2015

 

• Baay’inni barattoota Qajeelfama Qormaataa dhuunfaan cabsanii adabaman – 483

• Baay’inni barattoota Qajeelfama Qormaataa gareen cabsanii adabaman – 376

• Qormaata adda kutanii deemuun Qajeelfama Qormaataa kan Cabsanii adabaman – hin jiru

• Ida’aama – 859

 

Bara 2016

 

• Baay’inni barattoota Qajeelfama Qormaataa dhuunfaan cabsanii adabaman –  349

• Baay’inni barattoota Qajeelfama Qormaataa gareen cabsanii adabaman – hin jiru

• Qormaata adda kutanii deemuun Qajeelfama kan Cabsanii adabaman – hin jiru

• Ida’aama – 349

 

Bara 2017

 

• Baay’inni barattoota Qajeelfama Qormaataa dhuunfaan cabsanii adabaman –  120

• Baay’inni barattoota Qajeelfama Qormaataa gareen cabsanii adabaman – hin jiru

• Qormaata adda kutanii deemuun Qajeelfama Qormaataa kan Cabsanii adabaman – hin jiru

• Ida’aama – 120

 

Bara kana qabxiin qormaata kana irraa argame cabiinsa sirna barnootaa suphuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiranis adeemsaan bu’aa buusaa kan jiran ta’uu fi sirna bulchiinsa qormaataa irratti riifoormiin hojii irra oole daandii sirrii irra ta’uu isaa kan agarsiisudha. Keessattuu jijjiiramni ilaalchaa barattoota fi maatii barattootaa irratti mul’ate, tarkaanfiin fooyya’iinsaa leenjii barsiisotaa irratti taasifame, waggoota sadan darban Manneen Barnootaa barataa tokkoyyuu hin dabarsine irratti deeggarsa taasifameen, hojii barnoota dijitaalaa irratti hojjetameen akkasumas baajanni ramadamee barnoonni fooyya’iinsaa karooraan durfamee hojii irra oole isaan kana keessatti caqasama. Kanaanis bifa sirriin yoo hojjetame ofitti kan amanan, beekumsaa fi dandeettii kan qaban, bu’aa dhadhabbii isaanii qofaa argachuuf kan dhama’aan, naamusa gaarii kan qaban akkasumas biyya isaanii kan jaalatan dhaloota boru biyya kana ceesisan horachuu akka dandeenyu kan agarsiisu waan ta’eef hanga ammaatti deeggarsa taasisaa kan turtan hundaaf galata dhiyeessaa;

 

Barnoonni beekumsaa fi dandeettii qofaani dhaadannoo jedhuun, sirna bulchiinsa qormaataa hanna irraa bilisa taasisuuf hojii jalqabameen, sirni barnootaa sirrii fi qulqullina kan qabu hunda bira kan gahu taasisuuf hojiiwwan riifoormii barnootaa hojjetaman waliin cimsuun akka itti fufamu ibsameera.

 

Waggoota Darban Qabxii Giddu Galeessaa 50% fi isaa ol qabxii galmaa’e

 

Barattoota 50% fi isaa ol galmeessisan waggaa waggaadhaan

 

Bara 2014

 

Baay’ina Barattoota Qormaata fudhatanii

 

• Saayinsii Uumamaa – 339,642

• Saayinsii Hawaasaa – 556,878

• Ida’aama – 896,520

 

Barattoota 50% fi isaa ol fidan

 

✓ Saayinsii Uumamaa – 22,974 (6.8%)

✓ Saayinsii Hawaasaa – 7,060 (1.3%)

✓ Ida’aama – 30,034 (3.3%)

 

Bara 2015

 

Baay’ina Barattoota Qormaata fudhatanii

 

• Saayinsii Uumamaa – 356,536

• Saayinsii Hawaasaa – 488,221

• Ida’aama – 845,099

 

Barattoota 50% fi isaa ol fidan

 

✓ Saayinsii Uumamaa – 19,017 (5.3%)

✓ Saayinsii Hawaasaa – 8,250 (1.7%)

✓ Ida’aama – 27,267 (3.2%)

 

Bara 2016

 

Baay’ina Barattoota Qormaata fudhatanii

 

• Saayinsii Uumamaa – 321,536

• Saayinsii Hawaasaa – 353,287

• Ida’aama – 674,823

 

Barattoota 50% fi isaa ol fidan

 

✓ Saayinsii Uumamaa – 28,158 (8.8%)

✓ Saayinsii Hawaasaa – 8,251 (2.3%)

✓ Ida’aama – 36,409 (5.4%)

 

Bara 2017

 

Baay’ina Barattoota Qormaata fudhatanii

 

• Saayinsii Uumamaa – 297,528

• Saayinsii Hawaasaa – 288,254

• Ida’aama – 585,879

 

Barattoota 50% fi isaa ol fidan

 

✓ Saayinsii Uumamaa – 33,993 (11.4%)

✓ Saayinsii Hawaasaa – 14,936 (5.2%)

✓ Ida’aama – 48,929 (8.4%)

 

Akkuma beekamu qormaanni kun karaa online fi waraqaa dhaan bifa milka’aa ta’een kan kenname yoo ta’u, karaa online kan qoroman keessaa 21.7%, waraqaadhaan kan qoroman keessaa 4.4% qabxii darbiinsaa 50% fi isaa ol fidaniiru. Qabxiin barattoota karaa online qoroman galmeessisaniis akkaataa kenniinsa fi qulqullinaan fooyya’aa akka ta’e agarsiisa.

 

Qormaata Kutaa 12ffaa Karaa Online kenname fi Bu’aa Galmaa’e

 

Bara 2016

 

Qormaata Karaa Online

 

• Barattoota karaa online qormaata fudhatan – 29,686

• Baay’ina barattoota karaa online qoromanii darbanii 7,882 (26.6%)

 

Qormaata Waraqaa dhaan

 

• Baay’ina barattoota qormaata Waraqaa dhaan fudhatanii – 645,087

• Baay’ina barattoota waraqaa dhaan qoromanii darbanii – 28,527 (4.4%)

 

Bara 2017

 

Qormaata Karaa Online

 

• Barattoota karaa online qormaata fudhatan – 134,609

• Baay’ina barattoota karaa online qoromanii darbanii 29,233 (21.7%)

 

Qormaata Waraqaa dhaan

 

• Baay’ina barattoota qormaata Waraqaa dhaan fudhatanii – 451,273

• Baay’ina barattoota waraqaa dhaan qoromanii darbanii – 19,696 (4.4%)

 

Gama biraatiin bu’aan qormaata hanna irraa bilisa ta’ee kennamee naannolee fi bulchiinsota magaalaa hundatti bifa garaa garaan ta’uyyuu fooyya’iinsi qabxii irratti mul’ateera. Kunis tarkaanfii bulchiinsi qormaataa sadarkaa sadarkaan tarkaanfiiwwan riifoormii kun suuta suutaan jijjiirama fidaa akka deemu agarsiistuu ta’ee fudhatamuu danda’a.

 

Bu’aa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2017

 

Manneen Barnootaa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 qabxii olaanaa galmeessisan :-

 

Saayinsii Uumamaatiin 600 keessaa

 

– 591 (Dhiira) Mana Barnootaa Bultii Addaa Ifa Boruu Dodolaa irraa

– 579 (Shamarran) Mana Barnootaa Bisraate Gabri’eel Finfinnee irraa.

 

Qabxii olaanaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 kan fide barataa Kaaliid Bashir 591/600
Qabxii olaanaa bara qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa 591/600

 

Saayinsii Hawaasaatiin

 

– 562 (Dhiira) Mana Barnootaa Boarding Amboo

– 548 (Shamarran) Mana Barnootaa Saint Yooseef

 

Baay’ina Barattoota Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 darbanii

 

Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 barattoota fudhatan keessaa barattoonni 48,929 ykn 8.4% qabxiin darbiinsaa fiduu isaanii Ministeerri Barnootaa ibseera.

 

Isaan kana keessaas;

 

Dhiira – 30,451

Shamarran – 18,478

 

Manneen Barnootaa barattoonni isaanii 50% ol fidanii darban sadarkaa dhaan;

 

– Manneen Barnootaa Bultii Addaa – 87.1%

– Manneen Barnootaa Koominiitii Idil Addunyaa – 86.6%

– Manneen Barnootaa dhuunfaa – 51.6%

– Manneen Barnootaa Mootummaa Idilee – 5.6%

 

Gama biraatiin Manneen Barnootaa 1,249 barataa tokkoyyuu kan hin dabarsine ta’uu isaanii Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan ibsaniiru.

 

Kunis kan bara darbee waliin yeroo wal bira qabamee ilaalamu Manneen Barnootaa 114 dabalataan dabarsuun fooyya’insa agarsiiseera.

 

Barattoota isaanii guutummaa guutuutti kan dabarsan Manneen Barnootaa 50 qofaadha!

 

Naannoon fooyya’iinsi qabxii guddan itti mul’ate Naannoo Gaambeellaatti ta’uu kan ibsan Ministeerri Barnootaa, Naannoo kanatti bara darbe barattoonni 1.7% qofaa kan darban yoo ta’u, bara kana ammoo barattoonni 4.5% darbaniiru.

 

Magaalaan Finfinnee barattoota 14,623, Naannoon Oromiyaa barattoota 11,651 dabarsuun dursa qabataniiru.

 

Gama biraatiin ammoo, qabxii olaanaan kan galmaa’e gosa barnootaa Keemisitiriin yoo ta’u, qabxii gadi aanaan ammoo kan galmaa’e gosa barnootaa Aptiituudiidhaani.

 

Akkasumas sadarkaa biyyaatti barattoonni 2,384 qabxii 500 ol fidaniiru.

 

Magaalaa Finfinneetti qofaa barattoonni 888 qabxii 500 ol fiduun sadarkaa tokkoffaa qabataniiru.

 

Waa’ee Sagantaa Reemeediyaalii Ministeerri Barnootaa maal jedhe?

 

Bara 2018 Sagantaan Reemeediyaalii akka jiraatu Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan ibsaniiru.

 

«Qabxii seensa isaa kam bara darbee irra ol kaasuun Sagantaan Reemeediyaalii ni kennama!» jedhaniiru.

 

Read Also :- Ibsa Ministeera Barnootaa fi Cufamuu Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa

 

Barattoota hangamiitu Sagantaa Reemeediyaalii seenaa? kan jedhuufis Ministeerri Barnootaa «Hin murteessine!» jechuun deebii kennaniiru.

 

«Baay’ina barattoota bara kana carraan barnoota sagantaa reemeediyaalii kennamuufii hin murteessine! 40% – 50% gidduu haa ta’u kan jedhu marii irra jirra » jedhaniiru.

 

Kan bara darbee irra garuu qabxiin seensaa akka ol ka’u fi baay’inni barattoota seenaniis akka hir’atu ibsameera.

 

Qabxiin Barattoota kutaa 12ffaa yoom gadhiifama?

 

Ministeerri Barnootaa yeroo ykn guyyaa itti barattoonni qabxii isaanii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ilaaluu danda’aan ibsa isaa guyyaa har’a keessatti ibseera.

 

Kanaanis barattoonni kutaa 12ffaa bu’aa qormaata isaanii hanga Fulbaana 5 bara 2018 sa’aatii 6 tti akka gadhiifamu Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan ibsaniiru.

 

Barattoonni Qabxii isaanii karaa kam ilaallachuu danda’u?

 

Akkuma kana duraa barattoonni karaa website qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa ittiin gadhiifama armaan gadii irratti ilaaluu danda’u, bakka check results jedhu tuquun qabxii keessan ilaalladhaa!

 

Check Results

 

Odeeffannoo barnootaa fi waamicha Yuunivarsiitiiwwan garaa garaa karaa Telegram argachuuf channel keenya Qubee Media join taasisaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *