Skip to content

Ayyaana Fannoo Gooftaa Iyyesuus Kiristoos

Ayyaana Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos, Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa fi Kabaja Ayyaana Fannoo

Ayyaana Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

 

Ayyaana Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos, Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa fi Kabaja Ayyaana Fannoo
Ayyaana Fannoo

Seenaa Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Bara Seeraatti ykn yeroo seerri jirutti nama Fannoodhaan adabuun kan jalqabame bara Faarsotaa akka ta’e ni himama. Barreessaan seenaa beekamaan Giriikii Heerudutoos jedhamu akka ibsetti Mootiin Faars Daariyoos (522-446) namoota 3000 adabbii Fannoon ykn fannifamanii akka du’an taasiseera jechuun barreesseera. Warri Giriikii aadaa kana tarii warra Faars irraa fudhatanii ta’uu hin oolu itti fayyadamaniiru. Mootii Giriikii guddichi Aleeksaandar bulchiinsa isaa baldhisee guutummaa Kana’aan yeroo qabatetti magaalaa Xiiroositti namoota 2000 adabbii Fannoon ajjeesuun isaa barreeffameera.

Bara 267 Dhaloota Kiristoos dura Anxiyaakoos 4ffaan Yihudaa yeroo qabatu Amantaa isaaniif inaafanii Ayihuudota Waaqa tolfamaa Giriikii hin fudhanne adabbii fannifamuun adabuu isaa Yooseef ilmi Kooriyoon barreesseera. Ayihuudota biratti adabbiin Fannoo hojii irra kan oole kana booda. Mootummaan warra Hasmoonaawwii (Bara 167-137) Ayihuudii yeroo bitan Hangafni Lubootaa warra Saduqaanotaa Iyyaaniyoos warra Fariisotaa adabbii fannifamuun adabeera.

Warri Roomaa adabbii Fannoo kana Faarsii fi Giriikii irraa fudhachuun itti fayyadamaniiru.

Seera Oriitii keessatti «Namni kamiyyuu cubbuu du’aan isa geessisu yoo hojjete fi akka du’us yoo itti murteeffame, muka irratti yoo fannifame muka irratti kan fannifame Waaqayyo biratti kan abaarame waan ta’eef reenfi isaa muka irra akka hin bulle. Garuu Waaqayyo uumaan kee dhaala taasisee kan siif kenne lafa akka hin busheessine, guyyaa sanatti awwaali.» Seeraa Keessa Deebii. 21:22-23. Seerri jedhu barreeffameera. Ta’us garuu Israa’eeloonni seera dhagaadhaan rukutuu malee adabbii fannisanii ajjeessuu kan jalqaban bara 267 booda akka ta’e beekameera.

Akkaataa Seera warra Roomaatti namni adabbii Fannisanii du’u;

• Qabeenyi isaa ni dhaalama
• Uffanni isaa irraa baafama
• Mismaaraan ni rukutama
• Fannoo irratti fannifamu ni baata
• Yakki inni hojjete jedhe gubbaa isaatti ni barreeffama.

Gooftaan keenya Fannoo irratti maalif Fannifame?

1. Du’a akka diiguuf

Yihuudota biratti namni Fannoo irratti fannifamu kan abaarame ture. SKD. 21:22, Gal. 3:13. Gooftaan keenyas Addaam irratti, sababa Addaamiinis ijoollee namaa hunda irratti (Roomee. 5:12-14) du’a dhufee ture (Uma. 2:17) akka diiguuf balleessaa Addaam kan isaa taasisee Fannoo irratti du’e.

2. Jaalala isaa ibsuuf

Waaqayyo uumamtoota isaa hunda irraa adda baasee fi kabajee uumaa gaditti uumamtootaa olitti aangoo jiru namaaf kennee ture. Ta’us garuu ilmi namaa balleessaa hojjechuu isaatiin iddoo uumamtoonni hin seenne Si’ool seene. Kanaanis bineeldotaa gadi ta’e.

Waaqayyo jaalala ijoollee namaatiif qabu ibsuuf akka yakkamaatti lakka’aamee du’a yakkamtootaa fi cubbamootaaf ykn abaaramtootaaf qophaa’e du’e. Kanaanis ilmoo namaa kafaatii keessatti kufe irraa kaasuuf hangam akka nuuf jedhee gadi bu’e agarsiise.

3. Ogummaa warra Ogeeyyii Fashaleessuuf

Waaqayyo hojii dinqii ykn ajaa’ibaa isaa kan hojjetu karaa namoonni hin eegne fi karaa isaan hin yaadneen, karaa isaan wanta xiqqoo taasisanii tuffataniini. Israa’eel ceesisuuf Galaana Diimaa (Galaana Ertiraa) kan bane ulee Museetiini. SKD. 14:21. Israa’eeloota bofa hamaa nama hiddu irraa kan fayyise ykn kan oolche Bofa Naasa irraa hojjetameeni. (Ba’uu. 21:4-9), dhaloota isaa iccitii Foonummaa ittiin ibseen Dhaloota isaa kan raawwate Beetaliheem mooraa Loonii keessatti. Iccitii Cuuphaa isaa kan raawwate laga Yoordaanoositti.

4. Raajiin Dubbatame akka Raawwatuuf

Israa’eeloonni gara Kana’aanitti deemaa osoo jiranii daandii irratti Waaqayyo irratti mufachuu isaanii irraa kan ka’e Waaqayyo uummata kana irratti Bofa ajaje. Bofni sunis namoota hedduu hidde. Boodas hojii isaanii irraa gaabbanii gara Waaqayyootti yeroo deebi’an «Bofa Naasa irraa hojjedhuutii muka irratti fannisi, namoonni bofaan hiddaman hundi yeroo isa argan ni fayyu» jedhee Waaqayyo isa ajaje. Bofti Naasa irra hojjetame sunis dheekkamsa Israa’eeloota irratti dhufeef fayyina ta’e. Lakk. 21:1-9

Raajiin kuni fakkeenya dha. Bofti Naasa irraa hojjetame sun osoo homaa hin balleessiin waa’ee cubbuu uummanni sun hojjeteef fayyina isaaniif akkuma fannifame, Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis hojii inni hin hojjenneen, badii inni hin balleessineen waa’ee cubbuu ijoollee Addaamiif fannifame. Israa’eeloonni sababa badii isaaniif Bofti isaanitti dhufe Bofa Summii qabu yoo ta’u, kan isaan ittiin fayyan Bofti Naasa irraa hojjetame garuu qulqulluudha. Bofti Naasa irra hojjetame muka irratti akkuma fannifamee namootaaf fayyina ta’e, Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Fannoo irratti fannifamee ijoollee Addaam hundaaf fayyina ta’eera.

Gooftaan keenya Iyyesuus Bofti Naasa irraa hojjetame Musee dhaan muka irratti fannifame fakkeenya isaa akka ta’e yeroo barsiisu «Museen lafa onaa irratti Bofa Naasa irraa hojjetame akkuma fannise, akkasuma isatti kan amane hundi jireenya bara baraa akka qabaatu malee akka hin badneef ilmi namaa fannifamuu qaba!» Yoh. 3:14

Warri Amaaleeqaawotaa Israa’eeloota waliin yeroo wal waraanan Museen harka isaa yeroo diriirsu Israa’eeloonni ni injifatu ture, Museen harka isaa yeroo deebisu ammoo warri Amaaleeqaawotaa ni injifatu ture. Museen harka isaa diriirsee ooluun waan isa dhadhabsiiseef Aaroon fi Hoor harka isaa utuban. Ba’uu. 17:8-13. Kanaanis warri Israa’eel Amaaleeqaawota injifatan.

Kunis Amaaleeqaawonni fakkeenya Seexanaa, Museen ammoo fakkeenya Kiristoosidha, harki isaa diriirfaman ammoo fakkeenya Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Iyyesuus Kiristoos harki isaa Fannoo irratti diriiree Fannoodhaan Seexana akka injifate agarsiisa.

5. Araara Raawwachuuf

Warri Samii irraa fi warri lafa irraa wal lolanii, uummanni fi uummanni gar gar ba’aanii ni jiraatu ture. Warra Samii irraa fi warra lafa irraa walitti araarsuuf lafa irraa ol siqee Samii irraa gadi siqee fannifame. Kunis karaa isaatiin gara Samiitti akka seennu daandii banuu isaa yeroo missiraachoo himudha. Uummanni fi Ormoonni Wangeelaan tokko akka ta’aaniifis harka isaa gara bitaa fi gara mirgaatti diriirsee fannifame. Duuka Bu’ichi Qulqulluun Atinaateewoos waa’ee kanaa yeroo barsiisu «Gooftaan keenya harka isaa diriirsee fannifame, isa tokkoon uummata, isa biraatiin ammoo Ormoota akka dhiyeessuuf, tokkos akka isaan taasisuuuf»  jedha.

6. Ogummaa Diyaabiloos Diiguuf

Diyaabiloos Addaam fi Heewaan  muka balasiin injifatee Jannata keessaa isaan baasee ture. Ogummaa isaa kana diiguuf ilmi Abbaa, ilmi Maariyaam Iyyesuus Kiristoos muka irratti fannifamee.

Barnoota Bu’uuraa waa’ee Fannoo

 Jalqaba irratti waa’ee Fannoo kan barsiise Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha

Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa’ee isa hordofuu yeroo barsiisetti «Fannoo Baachuun» dirqama ta’uu isaa ibseera.

Maat. 10:37 «Fannoo kan hin baanne, kan na hin hordofnes anaaf ta’uun isarraa hin eegamu!»

Maat. 16:24 «Ana duukaa bu’uura kan barbaadu, ofii isaa haa ganu, Fannoo baatee na duukaa haa bu’u!» Marq. 8:34

Waa’ee namicha Fariisaawwii ijoollummaa koo irraa kaasee wantoota hunda eegeera jedhee Gooftaan keenya «Wanti tokko si hafeera dhaqiitii wanta qabdu hunda gurguruun hiyyeesotaaf kenni, galmee Samii irraa ni argatta. Fannoo baadhuutii na duukaa bu’i!» jedheen. Marq. 10:21.

Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa’ee duuka bu’aa isaa hanga dhumaatti ta’aanii isa duukaa bu’uutti yeroo barsiisetti sababa waa’ee Fannoo itti kaaseef qaba. Addunyaan kan ittiin fayye, Diyaabiloos kan ittiin injifatame waan ta’eef, gidiraa ; Wareegamummaa kan ibsu ta’uu isaatiin, gooftaan keenya nuuf jecha oolmaa taasise hunda ta’uu isaatiinidha. Kanaanis Kiristaanummaan Fannoo baatanii, Fannoo yaadachaa deemsa Fannoo irratti taasifamudha.

 Handhuura Lallaba Ergamootaati

Qulqulloonni Ergamoonni ka’umsaa fi ol ba’iinsa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo missiraachoo himanitti waa’ee Gooftaa keenya yeroo ibsan «Iyyesuus isa Fannifame» jedhu ture. Maat. 28:5. Kunis du’aa fi Diyaabiloos kan itti injifataman, Jannatni kan itti banamte, araarris kan itti raawwatame Fannoo irratti waan ta’eef Gooftaa keenyaan «Iyyesuus isa Fannifame» jedhanii isa waamaniiru.

Handhuura Lallaba Duuka Bu’ootaati

Duuka Bu’oonnis Ergamoota Qulqulloota irraa akkuma baratan waa’ee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo barsiisan waa’ee Fannoo isaa yaadaa ture.

• HDB 2:36 :- Egaa isin kan fannistan Iyyesuus Waaqayyo Gooftaas Kiristoosis akka taasise sabni Israa’eel hundi sirriitti haa beeku.

• 1 Qor. 1:23 :- Nuti garuu Kiristoos isa fannifame lallabna.

• 1. Qor. 2:2 :- Isin gidduu osoon jiruu Iyyesuus Kiristoosiin ala innis akka fannifame wanta biraa akkan hin barreef kutadheen ture.

4. Mallattoo ilma namaa dhufaatii lammaffaatti mul’atudha.

Gooftaan keenya Tulluu Ejersaa ykn Dabra Zayititti Duuka Bu’oota isaa waa’ee dhufaatii isaa lammaffaa yeroo barsiisu «Yeroo sanatti mallattoon ilma namaa Samii irratti ni mul’ata!»

jedheera. Maat. 24:30. Mallattoo ilma namaa kan jedhame «Iyyesuus isa Fannifame» jedhamee kan ittiin waamame Fannoo isaati. «Kan isa waraanan, kan isa fannisan, kan isatti murteessan hundi wayyoo! wayyoo! kan itti jedhanis mallattoon guddaan kun yeroo Samii irratti ibsamudha. Maat. 24:30.

Kan ittiin Boonamudha

«Ta’us garuu Addunyaan anaaf kan itti fannifame, anis Addunyaaf kanan itti fannifame Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin ala wanti ittiin boonu kan biraa anarraa haa fagaatu!» Gal. 6:14. Jechuun Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos akkuma dubbate Diyaabiloos kan itti injifatame, nutis gara kabaja keenya duriitti kan ittiin deebine waan ta’eef Fannoon kan ittiin boonnudha.

Humnadha

Fannoon lolli kan ittiin ajjeefamedha. Efe. 2:16. Diyaabiloosis daandii irraa kan itti dhorkamedha. Qol. 2:14. Kanaanis Seexanni Fannoo ni sodaata. Ittiin mo’atameera waan ta’eef. Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos uffanni isaa, Qulqulluun Pheexiroos gaaddidduun isaa, afuurota hamoo ni baasu, ni fageessu ture. Uffanni ykn gaaddidduun ofii isaanii humna qabaatanii osoo hin taane, Qulqullummaan lubbuu isaanii foon isaaniif, uffata isaaniif, gaaddidduu isaaniif ta’eetu. HDB. 5:15, 19:11. Fayyisaan Addunyaa Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis dhiiga isaatiin waa’ee Fannoo inni biteef humnadha. Kanaafidha Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos «Dubbiin Fannoo warra badaniif gowwummaa, nuti warra fayyinuuf garuu humnadha» kan jedhe. 1 Qor. 1:18.

Fannoon Barnootadha

Xiyya irraa akka oolaniif warra si sodaataniif mallattoo kenniteef Faar. 59:4 jechuudhaan Raajichi Daawwit dursee akkuma dubbate xiyya du’aa Diyaabiloos darbate irraa kan fayyine, har’as xiyya cubbuu darbatamu irraa kan ittiin oollu Fannoon mallattoo keenya dha.

Fannoo Goonfoo Lafarraati

Waaqni Samii irraa Waaqayyo Ilmi foon isaa kan itti mure, dhiiga isaa kan itti dhangalaase, Jannata kan ittiin bane, Diyaabiloos irratti kan ittiin murteesse, Addaam adabbii du’aa irraa kan ittiin oolche, lubbuun gara Mootummaa Waaqayyootti akka imaltuuf daandii kan ittiin bane teessoo isaati.

Kabaja Fannoo Mana Kiristaanaa Itoophiyaatti

Lolli namaa fi Waaqayyo gidduu ture kan ittiin diigame, namni nagaan jalaa fudhatamee ture isaaf deebi’ee Waaqayyo waliin kan itti araarame dha. «Inni nagaa keenya waan ta’eef, lamaanuu tokko kan taasise labsiidhaan kan hin himamnes, seera ajajaas cabsee keenyaa lolaa gidduu jiru foon isaatiin kan diige kunis lamaan keenya keessaa nama haaraa tokko ofii isaatii akka uumuuf nagaas akka taasisuuf, lolas Fannoo isaatiin ajjeesee isaan lamaan keenyayyuu qaama tokkoon Waaqayyo waliin akka araarsuufidha.» Efe. 2:14-17.

Fannoon obsaa fi hanga dhumaatti cimanii dhabbachuu nu barsiisa. Gooftaan keenya deemsa gara Fannootti taasiseen Ayihuudonni gidiraa hedduu isa irraan gahaniiru, isa arrabsaniiru, hancufa isaanii irratti tufaniiru, lafa irratti isa darbatanii isa harkisaniiru dhuma irrattis gara laafummaa tokko malee isa fannisaniiru. Kan nama gaddisiisu «Nan dheebodhe» yeroo isaaniin jedhetti illee du’uun isaa hin oolu jedhanii gara laafummaan xiqqoo illee osoo isaanitti hin dhaga’aamiin hadhooftuu isa obaasan. Gidiraa kana hunda keessatti garuu homaa isaaniin hin jenne, isaanitti hin dheekkamne, kuni hundi nuuf barumsadha. «Kan waamamtan kanaafidha waan ta’eef, Kiristoos ammoo daandii isaa akka hordoftaniif mallattoo isiniif dhiisee ; waa’ee keessaniif gidiraa fudhateera waan ta’eef. Innis cubbuu hin taasisne, dubbiin hamaanis afaan isaa keessaa hin dhaga’aamne, yeroo isa arrabsan deebisee isaan hin arrabsine, yeroo gidiraa fudhatus hin dhaadanne.» 1 Pheex. 2:21-23.

Manni Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Kitaaba Qulqulluutti kan amantu fi Tiwufiitii kan fudhattu waan taateef kanneen armaan olitti caqasaman bu’uura godhachuun karaalee garaa garaatiin Fannoo ni kabajji. Ijoolleen ishees eebba Fannoo akka argatan ni taasisti.

1. Fannoo Dhungachuun (በመሳለም)

Fannoo dhungachuun Fannoo irraa eebba qooddachuu fi jaalala Fannoof qabnu kan ittiin ibsinudha. Weedduu Weedduu Caalu. 1:2. Fannoo jaallachuu jechuunis Fannoo irratti kan du’e Fayyisaa Addunyaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos jaallachuu jechuudha.

2. Eebbifamuu

Fannoon humna qaba. Diinni keenya Diyaabiloos kan ittiin injifatame, balballi Si’ool cufamee balballi Jannataa kan itti baname, Gooftaan keenya foon isaa muree dhiiga isaa kan itti dhangalaase waan ta’eef wantoota hunda ni eebbisa.

Dursee bara seera laphee abbaan keenya Yaa’iqoob ijoollee Yooseef lamaan Efreem fi Minaasee yeroo eebbisu harka isaa bifa Fannootiin wal jala dabarsee ture. Uma. 48:12-14. Kunis fakkeenya bara boodaa Fannoon eebbifamuu ture. Har’as Kiristaanonni bara Kakuu Haaraa jirru wanta hunda Fannoo dhaan eebbifna.

3. Mallaatteeffachuu (ማማተብ)

Quba keenya lammaffaa diriirsinee quba keenya isa gidduu dachaasuun bifa Fannoo uumnee fuula fi qaama keenya guutuu ni mallatteeffanna. Qubni fakkeenya humna Waaqayyooti. Wangeela Maatewoos 12:28 irratti ani afuura Waaqayyootiin kan jedhe Wangeela Luqaas 11:20 irratti Ani quba Waaqayyootiin jedheera. Afuura Waaqayyoo yeroo jedhu humna Waaqayyoo jechuu isaati. Nutis Fannoodhaan yeroo mallatteeffannu humna Waaqayyootti amannee diina keenya Diyaabiloos ganuu keenya fi qaanessuu keenya dha.

4. Morma irratti hidhachuu

Fannoo morma irratti hidhachuun Amantii ani amane kanaaf, adaraa ani baadheefis morma koo nan kenna jechuudha. Gama biraatiin fakkeenya adaraa eeguuti. Mootichi Solomoon «Yaa mucaa koo ajaja abbaa kee eegi!, seera haadha kees hin dhiisiin! yeroo hunda laphee keetti qabadhu! morma keettis hidhadhu!» Fakk. 6:20-21 jechuun kan dubbate kana agarsiisuufi.

5. Ragaa Bahuun

Read Also :- Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Aragaawwii

Kiristaanotaaf mallattoon kan kennaman wantoota lamatu jiru, Fannoo fi Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam (Faar. 59:4, Isa. 7:14) kana waan ta’eefis Fannoon mallattoo bilisummaa keenya ittiin boonnu waan ta’eef gullilaatii Mana Kiristaanaa keenyatti, morma keenya irratti kabajaan ni keenya. Kanaanis kabaja Fannoo, fayyisummaa isaa fi ittiin boonuu keenya ragaa ni  baana.

6. Ayyaana Fannoo Kabajuun

Ayyaanota akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti bifa ho’aan kabajaman keessaa tokko Ayyaana Fannooti. Bu’uura Qannoonaa Ayyaanota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin Ayyaanni Fannoo yeroo lama ni kabajama. Inni jalqabaa Mootiittii Illeeniin (Bara 255-335) waggoota 200’f Ayihuudotaan iddoo itti awwaalame irraa akka ba’uuf lafa qotuun kan itti jalqabame Fulbaana 17 yoo ta’u, inni lammaffaa ammoo qotamee kan itti ba’e fi warra Faarsiin booji’amee mootii Room Hirqaaliin bara 628 gara Iyyerusaaleemitti kan itti deebi’e  Bitootessa 10 dha.

Barnoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo karaa Telegram argachuuf Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbi Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos hunda keenya irra haa bulu!

Madda :- Barruu Waldaa Qulqulloota «Hamar»

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *