Egereen Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dhuunfaa maal ta’a? Ministeera Barnootaa
Ministeera Barnootaa tiin waa’ee galmee irra deebii dhaabbilee barnoota olaanoo yeroo hedduu dubbatameera. Dhimma kana irratti kunoo bu’aa isaa fi maal irra akka jiru, gara fuulduraatti wanta ta’u akkasumas Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan maal jedhan kan jedhu kunoo qabannee dhiyaanneerra. Dubbisaa gaarii!
«Kana booda Biiroo tokkotti dhaabbata bananii nan barsiisa jechuun hin jiru!» Ministeera Barnootaa
«Osoo hin baratiin Diippiloomaa fi Digirii barataan kenninuuf kana booda jiraachuu hin qabu!»
Ministeerri Barnootaa Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa sirna hojimaataa qabsiisuuf riippoortii raawwii galmee irra deebii marsaa sadaffaa irratti dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa waliin iddoo Ministeerichi argamanitti marii kan taasise yoo ta’u, bu’aan galmee irra deebiis ifa ta’eera.
Hoji gaggeessituun kenniinsa eeyyamaa dhaabbilee barnoota olaanoo Aadde Hiwoot Asaffaa madaallii marsaa jalqabaa taasifameen dhaabbanni tokkoyyuu ulaagaa kan guutu dhabamuu isaa fi haala amma jiruun dhaabbileen hundi siistama keessaa haa ba’aan yoo jedhame qaamni barattoota simatu akka hin jirre waan yaadameef daangaan yeroo ka’amuu isaa ibsaniiru.
Waa’ee bu’aa isaa maal jedhan? Ministeera Barnootaa
«Bu’uura sirna bara darbe mirkanaa’eetiin sadarkaa biyyaatti hojii dhaabbilee barnoota olaanoo irra deebiin galmeessuu hojjenneerra. Kan eegne dhaabbilee 375 ta’uyyuu, 290 kan ta’aan galma’aaniiru.
Isaan kana keessaas Magaalaa Finfinneetti kan argaman dhaabbilee 290 qofaa adda baasnee dhaabbilee 75 filannee Kaampsiiwwan 212 fi sagantaalee 556 irratti gamaggama taasisneerra.
Kanaanis eeyyama kan qaban dhaabbilee 3, Kaampaasii 3 fi sagantaalee barnootaa 17 eeyyamni isaanii mirkanaa’eera. Haalaan kan mirkanaa’eef ykn ji’oota 12 keessatti wantoota guutuu qaban akka guutan kan taasifaman dhaabbilee 25, Kaampsiiwwan 37 fi sagantaalee 146 ni jiru, isaan kanaaf yeroon waggaa tokkoo kan kennameef wantoota bu’uuraa waan gutaniifi.
Kan biraa ammoo Ji’a 6 keessatti wantoota garmalee barbaachisoo ta’aan ariitiidhaan guutaa akka dhufan kan taasifaman dhaabbilee 62, Kaampsiiwwan 66 fi sagantaalee 256 dha.
Dabalataanis dhaabbileen 85, Kaampsiiwwan 254 fi sagantaalee 921 eeyyamni isaanii haqamee akka ba’aan taasifameera!» jedhaniiru.
Marii kana irratti haasaa kan taasisan Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan ulaagaalee galmee irra deebii dhaabbileen hin guunne kana booda itti fufuun ulfaataa akka isaanitti ta’u waggoota sadan darban dubbachaa turuu isaanii yaadachiisaniiru.
«Sadarkaa dhaabbilee barnoota olaanootti yoo hundooftan, cimtanii barnoota gaarii kennuuf kan dandeessan akka taatan ta’uu qaba. Biiroo tokkotti dhaabbata bananii nan barsiisa jechuun hin danda’aamu!» jechuun dubbataniiru.
Read Also :- Deebii Abbaa Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Itoophiyaa waa’ee dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dhuunfaa
«Ulaagaalee galmee irra deebii akka guuttan yeroo isinitti himamu dhaabbileen dhugaa isinitti hin fakkaanne, dhaabbileen nu jalaa hin cufaman, guyyoota muraasa booda nu gadhiisu jettanii yaadaa jirtu yoo ta’e hin dagatiinaa!» jedhaniiru.
«Hanga ammaatti dhaabbilee fooyya’uu hin dandeenye yeroo Ji’a 6 kennineeffiira. Yeroo kana keessatti yoo sirreessuu hin dandeenye garuu araara tokkoyyuu hin qabnu!» jedhaniiru.
«Lakkoofsi barattoota gara Yuunivarsiitii seenanii yeroo hir’achaa jirutti dhaabbileen dhuunfaa walitti qabamtanii dhaabbata qulqullina barnootaa guutu yoo bantan tarii keessa turuuf carraa qabdu. Yoo hin taane garuu siistama keessaa ni baatu!» jechuun itti dabalaniiru.
«Kana hunda yeroo taasisnu garuu koolleejjiiwwan dhuunfaa akka cufaman taasisuuf miti. Garuu osoo hin baratiin Diippiloomaa fi Digirii barataan kennamuuf kana booda akka hin jiraanneefi!» jedhaniiru.
Marii kana irratti hoji gaggeessaan Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa Itoophiyaa Obbo Tafarraa Gabayyoo dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa walitti qabamanii dhaabbata qulqullina barnootaa eeguun hojjetu akka hundeessaniif gama Ministeera Barnootaatiin maaltu hojjetamaa jira? gaaffii jedhu kaasaniiru
Gaaffii kanaaf deebii kan kennan Ministeerichis «Dhaabbileen akka walitti qabaman taasisuuf gama Ministeera Barnootaatiin wanti taasifamu hin jiru. Nuti akkasumattuu nutti ulfaateera. Dhaabbilee walitti qindeessuun haa hafuutii ofii keenyayyuu rakkoo keessa jirra!» jedhaniiru.
Itti dabaluunis «Wanta dandeenyu ni taasisna isiniin jechuun hin danda’u. Isin namoota biizinasiiti, gara Mootummaa yoo ilaaluu dhiistan gaariidha, isinumti mataa keessan namoonni walii galtan wal barbaaddanii wal faana yoo taatan wayya!» jechuun hubachiisaniiru.

«Kana booda dhaabbanni kamiyyuu barattoota achi keessa jiran, eenyu, yoom akka gale kan ibsu ashaaraa ijaa dabalatee odeeffannoo sirrii yoo kan hin galchine ta’e gonkumaa hin obsinu!» Ministeera Barnootaa
Ministeerri Barnootaa dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa hundi barattoota qaban, eenyummaa isaanii, yoom akka dhaabbata seenan kan ibsu ashaaraa ijaa dabalatee odeeffannoo sirrii gara mana hojii Ministeera Barnootaatti akka ergan ibsuyyuu hanga ammaatti akka hin galchine ibsame.
Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan hanga ammaatti akka galmeessisan itti himamee kan hin galmeessisne dhaabbileen barnoota olaanoo 25 ta’aan jiraachuu isaanii ibsaniiru.
Itti dabaluunis dhaabbileen kunneen sobaa kan turanidha kan jedhan yoo ta’u, odeeffannoo sirrii barattootaa galmeessisuu dhiisuun dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa qofaatti osoo hin taane rakkoon kun dhaabbilee barnoota olaanoo Mootummaattis jiraachuu isaa ibsaniiru.
Ministeerri Barnootaa bal’inaan maal jedhan?
«Sadarkaa biyyaatti qulqullina barnootaa dhugoomsuuf tattaaffiin taasifamaa jiru dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa qofaatti osoo hin taane hojimaata galmee irra deebiin dhaabbilee barnoota olaanoo Mootummaattis itti fufa.»
Sababni isaas qulqullinni barnootaa yeroo gadi bu’u qormaanni biyya irratti dhufu ifadha, akka kana duraatti dhaabbilee barnootaa osoo hin gaafatamiin yeroon itti darbaman xumurameera.
Amma Itoophiyaan qumaara akka waggoota 30 darbanii ijoollee ishee irratti taphachuu hin dandeessu. Waggoota 2000 duraa eegalee qarooma Aksuum qabna namoonni jennu amma tokkoon tokkoon keenya sirna barnootaa irratti maaltu nu tuqe yeroo itti jennudha.
Iji keenya osoo arguu callisnee karaalee nuti barreen ni deemna jennee biyya keenya hin balleessinu, biyya keenya sirreessuu qabna jechuudhaan hojjechaa jirra, biyyi kan sirrooftu dhaloota barsiisuuni, kanaafis kutannee kaaneerra.
Dhaabbileen barnootaa hundi odeeffannoo barattoota isaanii, eenyu yoom akka seene kan ibsu odeeffannoo sirrii akka galchan itti himameera. Hanga ammaatti kan hin galmeessisne dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa 25 ta’aan ni jiru.
Erga kana dubbanne booda odeeffannoo guutuu bara darbeetiin mana hojii Ministeeraatti dhaabbata hin galmeessisneef eeyyama hin kenninu jennee dhorkineerra, kunis itti fufa. Odeeffannoowwan sirrii karaa Ministeerichaa yoo ka’aaman barnoota isaanii sababa rakkootiin kan adda kutaniif yeroo barbaadanitti akka barataniif furmaata ni ta’a.
Kana booda garuu dhaabbanni barnootaa kamiyyuu barattoota inni qabu eenyu, yoom akka seene kan ibsu ashaaraa ijaa dabalatee odeeffannoo sirrii kan hin galchine yoo ta’e gonkumaa hin obsinu.
Bara darbe Manneen Barnootaa Finfinneetti argaman waliin waa’ee baajata nyaataa mariin yeroo taasifamu barataa tokkoon birrii 22 akka isaaniif ramadame yeroo itti himamu Manneen Barnootaa kunneen barataa tokkoof kan ramadame ni xiqqaata nuuf haa dabalamu gaaffii jedhu yeroo kaasan akka hin dabalamne isaanitti himnee turre.
Sana boodas Manneen Barnootaa Mootummaa odeeffannoo sirrii baay’ina barattoota qabanii akka nuuf ergan itti himnee turre. Baajanni xiqqaateera yeroo itti jedhan humni keenya waan hin eeyyamneef akka hin dabalamne waan itti himneef barattoota qabanii olitti gara barattoota kuma 251 kan ta’aan sobaan galmeessanii nuuf kennaniiru. Hanga ammaatti wal sobaa turre, odeeffannoowwan sirrii galmaa’uu dhiisuu isaaniitiin suuta suuta nu miidhaa jira, nuti yeroo callisnu waan nuti hin beekne itti fakkaata.
Yeroo ammaatti sababa tokkoonis ta’e kan biraatiin akka biyyaatti gara sadarkaa dandamachuu dandeenyuutti deemaa jirra. Magaalaa Finfinneetti kan argaman dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa irratti qofaa qorannoon taasifame itti aansee guutummaa biyyattiitti ni gaggeeffama» jedhaniiru.
Dhimma kanaa fi kanneen biroo irratti odeeffannoo haaraa argachuuf channel keenya Telegram QUBEE MEDIA join taasisaa!

