Yuunivarsiitii Finfinnee | Qubee Online +

Calallii, Dirqama Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa
Calalliin Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa akkamitti raawwatame?

Mata duree keenya guyyaa har’a keessatti odeeffannoo barattoota leenjii barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Barnootaa Kootabee irraa arganneen waa’ee ulaagaalee fi akkaataa calallii barattoota Leenjii Barsiisummaa ni ilaalla. Barattoonni kun koorsii akkamii yeroo hangamiif fudhatu? Akkasumas barattoonni kunneen erga leenjii kana fudhatan booda dirqama akkamii qabu? kan jedhan fi kanneen biroos daballee kan ilaallu ta’a.

Ulaagaalee Seensa Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa

Sadaasa bara 2018 Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa Jaha barattoota Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa barbaadan ulaagaalee garaa garaatiin galmeessaa turuun isaanii ni yaadatama.

Yeroo ammaa kanattis Yuunivarsiitiin akka Jimmaa, Kootabee, Finfinnee fi Baahir Daar maqaa barattoota fudhatanii baasaniiru. Yuunivarsiitiin Barnootaa Kootabee ammoo sirna baruu barsiisuu eegaleera.

Odeeffannoo karaa keessaa barattoota Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Barnootaa Kootabee irraa arganneen barattoonni akkamitti akka calalaman ni ilaalla.

Egaa akka hin odeeffannoo nuti arganneetti, Yuunivarsiitii Barnootaa Kootabeetti Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa kana fudhachuuf barattoonni Kuma 40 ol galma’aanii turan.

Isaan kana keessaa garuu Yuunivarsiitichi sagantaa idileetiin barattoota 2,389 accepted kan jedhe yoo ta’u, kanneen biroo ammoo sagantaa galgalaa fi waiting list kan jedhaman jiru. Walumaa galatti maqaa barattoota 3500 ol baheera.

Kana irrattis ibsa Yuunivarsiitichi akkaataa calallii isaa irratti kenneen wantoonni sadan armaan gadii dursi kennamee ilaalamaniiru;

Gosa Barnootaa sana waliin department ittiin eebbifamtan wal fakkaachuu ykn walitti siquu

Qabxii keessan kan Yuunivarsiitiitti galmeessistan (CGPA)

Bu’aa qormaata bahumsaa

Egaa odeeffannoo arganneen barattoota kuma 40 ol ta’aan keessaa barattoonni kuma 3 ta’aan ulaagaalee armaan olii fi kanneen biroon filataman.

Barnoonni kun yeroo hangamii fudhatan? yoom xumurama? Qacarrii hoo?

Odeeffannoo barattoota Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Barnootaa Kootabeetti ramadaman irraa arganneen leenjiin Barsiisummaa Ministeera Barnootaa (Alternative Teaching Training Program – ATTP) kun walumaa galatti Seemisteera sadi fi Credit hour 41 qaba.

Leenjiin kun Seemisteera sadi kan qabu yoo ta’u. Seemisteera tokkotti koorsii shan kan fudhatan ta’a. Seemisteerri kun ji’oota sadi kan fudhatu yoo ta’u, erga seemisteerri xumurame booda ji’a tokkoof boqonnaan jira. Sana boodas seemisteerri itti aanu ni eegala. Bifa kanaan Seemisteera sadi walumaa galatti ji’oota sadi sadiin, ji’oota sagal ni baratu boqonnaa ammoo ji’oota sadi gidduu gidduutti walumaa galatti barnoonni ykn leenjiin kun ji’oota 12 ykn waggaa tokko kan fudhatu ta’a.

Kanaanis Yuunivarsiitiin Barnootaa Kootabee barattoota leenjii barsiisummaa Ministeera Barnootaa fudhataniif waamicha kan taasise fi galmee kan jalqabe Amajjii 13-22 bara 2018 yoo ta’u, barnoonni ammoo Gurraandhala 2 bara 2018 akka eegalu ibsee ture. Kana booda leenjitoonni ji’oota kudha lamaaf ni turu jechuudha. Kana jechuun leenjiin kun hanga Amajjii bara 2019 tti kan itti fufu ta’a.

Gama biraatiin kanaan wal qabsiisuun kan ibsame akkaataa qabxiin itti qabamu yoo ta’u. Kanaanis koorsiiwwan Seemisteera sadi kana keessatti fudhataman keessaa koorsiiwwan lama jechuunis Practicum fi Subject Area Method kan Seemisteera sadiif kennaman grade ykn qabxii “C” gadi fiduun hin danda’aamu. Akkasumas koorsii kanneen biroo “F” fiduun hin danda’aamu.

Galmeef maal maaltu barbaachisa? walii galteen barattoonni mallatteessan hoo maali?

Akkuma beekamu kana dura Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitiiwwan barsiisan kennan jaha keessaa barattoota kan simatee galmeessee barsiisaa jiru Yuunivarsiitii Barnootaa Kootabee dha. Kanaanis barattoonni yeroo ragaawwan barnootaa isaanii qabatanii galma’aan wantoonni isaan mallatteessan fi walii galteen akka ture nuuf ibsaniiru.

Walii galteen Ministeera Barnootaa fi Barattoota Leenjii kana fudhatan gidduutti mallatteeffame maal jedha?

Walii galteen kun Ministeera Barnootaatiin kan qophaa’e fi barattoota leenjii kana fudhatan fi Ministeera Barnootaa gidduutti kan mallateeffamudha. Barattoonni leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa kana fudhatan walii galtee kana mallatteessuu qabu.

Dabalataan dubbisaa :- Bu’aa Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Jimmaa

Walii galteen kunis qaamaa lama gidduutti kan gaggeeffamu yoo ta’u, qaama walii galtee kana dhiyeessu (Ministeera Barnootaa) fi kan walii galtee kana fudhatu barataa gidduutti.

Wantoonni ykn Dirqamni qaama walii galtee kana kenne ykn Ministeera Barnootaa irraa eegaman maal maalidha?

Qaamni walii galtee kana kennu ykn Ministeerri Barnootaa leenjitoota kanaaf wanta isa irraa eegamu ykn dirqama garaa garaa kan qabu yoo ta’u, isaanis;

• Baasii barnootaa :- barataa leenjii kana fudhatuuf baasii barnootaa walii galaa bara leenjii isaa kana isa barbaachisu guutummaa guutuutti haguuguu

• Tajaajila bu’uuraa :- yeroo leenjiitti nama leenjii kana fudhatuuf tajaajila iddoo bultii (Doormii) fi nyaataa dhiyeessuu

• Meeshaalee leenjii :- wantoota leenjii kanaaf barbaachisoo ta’aan akka guutaman mijeessuu.

Dirqama Barattoota Leenjii kana fudhatan irraa eegaman

Barattoonni Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa kana fudhatan bu’uura walii galtee kanaan maal maaltu irraa eegama kan jedhu yeroo ilaallu ammoo;

• Hordoffii Barnootaa :- barattoonni gosa barnootaa irratti ramadamaniin bu’uura sagantaa Yuunivarsiitichi baaseen fi bu’uura akkaadaamiitiin sirnaan fi naamusaan xumuruu.

• Dirqama tajaajilaa :- leenjii kana akkuma xumuraniin kutaa biyyattii mootummaa dhaan itti ramadaman kamittiyyuu waggoota walitti aanan lamaaf amanamummaan tajaajiluu.

• Naamusa Ogummaa :- baroota leenjiittis ta’e bara tajaajilaatti ogummaan barsiisummaa naamusa barbaadu fi seera siivil sarvisii kabajanii hojjechuu.

Kanneenii fi kanneen biroo yoo ta’aan kan

hafan ykn adabbii isaanii ammoo suuraa armaan gadii irraa ilaalaa!

Yeroo itti aanutti odeeffannoo haaraa dhimma kana irratti qabannee kan dhiyaannu ta’a, channel keenya Telegram Qubee Media follow taasisaa!

The post Calallii, Dirqama Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa first appeared on Qubee Online +.

Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa akka Addunyaatti
Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa fi Addunyaa

Suuraa Yuunivarsiitii Gondar

Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa. Mata duree keenya har’a keessatti kan ilaallu waa’ee sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa akka Addunyaatti fi sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Addunyaa ta’a.

Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Addunyaa

Yuunivarsiitiin Harvaard sadarkaa 1ffaan dursaa jira.

Yuunivarsiitiin Keeppi Taawun Afriikaa irraa dursaa jira.

Yuunivarsiitiin Itoophiyaa 6 sadarkaa «Global 2000» keessa galaniiru.

Giddu galli Yuunivarsiitiiwwan Addunyaatiif sadarkaa baasu dhaabbilee barnootaa 21,462’f sadarkaa kan kenne yoo ta’u, isaan kana keessaas sadarkaa guddaa irra kan jiran «Global 2000» jalatti hammateera.

Giddu galli kun sadarkaa Addunyaatti madaaluuf qabxiilee daataa Miil. 74 iddoowwan gurguddoo afuritti qooduun gamaggameera. Isaanis;

Qulqullina barnootaa (25%)

Qacarrii (25%)

Qulqullina Faakaalitii (10%)

Raawwii qorannoo (40%) dha.

Yuunivarsiitiin beekamaan biyya Ameerikaa Yuunivarsiitiin Harvaard waggoota walitti aanan kudha afuriif sadarkaa tokkoffaan dursaa jira. Dhaabbanni Teeknooloojii Massachusetts fi Yuunivarsiitii Stanford sadarkaa lammaffaa fi sadaffaa qabataniiru. Yuunivarsiitiin Cambridge fi Yuunivarsiitiin Oxford ammoo sadarkaa arfaffaa fi shanaffaa irratti argamu.

Yuunivarsiitiin Piriistan, Yuunivarsiitiin Pennsylvania, Yuunivarsiitiin Kolombiyaa, Yuunivarsiitiin Yeel fi Yuunivarsiitiin Chicago sadarkaa Jahaffaa hanga kurnaffaa kan jiru kan qabatan yoo ta’u hundumtuu dhaabbilee dhuunfaa Ameerikaati.

Read Also :- Cuufamuu Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa

Gama biraatiin, Chaayinaan Yuunivarsiitiiwwan ishee 346 «Global 2000» keessa kan galchite yoo ta’u, Yuunivarsiitiiwwan hedduu Global 2000 keessa galchuun dursa irratti argamti.

Afriikaa irraa Yuunivarsiitiin Afriikaa Kibbaa Keeppi Taawun dursaa kan jiru yoo ta’u, Addunyaa irraa ammoo sadarkaa 271 irratti argama.

Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa

Yuunivarsiitiin Finfinnee Itoophiyaa irraa sadarkaa tokkoffaa irratti kan argamu yoo ta’u, akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 808 irratti argama.

Yuunivarsiitiin Gondar ammoo biyya keenya Itoophiyaa irraa sadarkaa lammaffaa fi akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1607 irratti argama.

Yuunivarsiitiin Jimmaa Itoophiyaa irraa sadarkaa sadaffaa, akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1701 irratti argama.

Yuunivarsiitiin Maqalee Itoophiyaa irraa sadarkaa arfaffaa akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1757 irratti argama.

Yuunivarsiitiin Baahir Daar Itoophiyaa irraa sadarkaa shanaffaa fi akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1803 irratti argama.

Yuunivarsiitiin Haramaayaa akka Itoophiyaatti sadarkaa jahaffaa fi akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1903 irratti argama.

Odeeffannoo barnootaa karaa Telegram argachuuf channel keenya Qubee Media join taasisaa!

The post Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa akka Addunyaatti first appeared on Qubee Online +.