Mana Kiristaanaa | Qubee Online +

Ayyaana Fannoo Iyyesuus Kiristoos fi Qulqulleettii Illeenii
Argamuu Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos fi Qulqulleettii Illeenii

Mata duree kana keessatti waa’ee seenaa argamuu fi baafamuu Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos, kabaja Ayyaana Fannoo fi Seenaa Qulqulleettii Illeenii fi ilma ishee mootii Qosxanxiiniyoos ni ilaalla.

Seenaa Qulqulleettii Illeenii

Qulqulleettii Illeenii biyyi dhaloota ishee, hiddi dhaloota ishee garami? Yoo jedhan Iyyerusaaleem irraa 5 K.m fagaattee kan argamtu Biitaaniyaatti bara 247 Dh.K.b dhalatte. Hiikni maqaa ishees “Bareedduu” jechuudha. Tokkos “Chibboo” “Daamotii”, ykn “Ibsaa” jechuudha.

Abbaan manaa Illeenii daldalaa Tarbiinoos jedhamu ture. Tarbiinoos nama biyya Armaniyaa yoo ta’u, Illeeniin garuu biyya Ayhuud irraa turte. Abbaan manaa ishee daldalaaf gara biyya fagoo yeroo deemu, namni akka ishee hin argineef, Aduun akka ishee hin rukunneef mana ijaareefii, hojjettuu baatee buute ishee gargaartu qacareefii inni ka’ee gara daldala isaatti deeme. Daldaltoonni gara biyya isaaniitti kan deebi’an waggoota sadi ykn afur turaniitu. Daldaltoonni kunneen walii walii isaaniitiin galaana irraa baanee, lafa ejjennee, dambalii irraa oollee akka baanetti niitiiwwan keenya nama biraa osoo hin bariin, nama biraatti osoo hin heerumiin osoo isaan arginee gaarii ture jechuun haasa’uu jalqaban. Yeroo kanatti Tarbiinoos “Ana illee baga Waaqayyo galaana fi dambalii irraa na oolchee lafa irra na eejjechiise malee, Haadha manaa koo nan amana, Kanaan ishee hin shakku!” jedhe.

Illeeniinis abbaan manaa ishee daldalaaf erga isheen adda ba’ee booda, waa’ee abbaa manaa ishee cimsitee kadhachuu fi yaaduun ala mana isheetii garamittiyyuu hin deemtu ture. Hiriyoota isaa keessaa tokko “Haati manaa kee ijoollee Heewaan irraa adda moo? Dubartoonni bakki yoo mijateef, kan isaan gargaaru yoo argatan maal amanamu?” jedheen. Tarbiinoosis gonkumaa wanta isin jettaniin walii hin galu! Haadha manaa koo hin shakku jedheen.

Hiriyaan isaas irra deebiin Tarbiinoos gaafate. Haati manaa kee eenyu waan caaltuufi deebii kana kan nuuf deebistu? amma ani deemee haadha manaa kee waliin na bartee, anis ishee baree, isheen na jaalattee, anis ishee jaaladhee yoon deebi’e maal adabamta? jedheen. Tarbiinoosis haadha manaa isaa amanee kana yoo taasiste, waggaa kana hunda kanan itti dhadhabe, kanan itti bahe, kanan itti bu’e qabeenya ani itti dhama’e hunda bu’aa isaa waliin akka kennuuf walii galanii gargar bahan.

Daldalaa sunis bu’uura walii galtee isaaniitiin gara mana Tarbiinoositti deemee namoota cinaa jiraniin haadha manaa Tarbiinoos waliin wal nu qunnamsiisaa jedhee gaafate. Ishee nama mitiitii Aduuniyyuu ishee argitee hin beektu jedhaniin. Innis hojjettuu ishee naaf waamaa jedheen. Ishee siif waamuu dandeenya jedhanii waamaniif. Illeeniidhaaf ergaa ergeef “Waa’ee kee dhaga’ee biyya fagoo irraa namni dhufe sin ilaala jedha” jedhiitii giiftii keetti himi jedhee hojjettuu sanatti hime. Hojjettuun sunis “Lakki hin ta’u” jettee deebisteef. Innis “Rakkoo hin qabu itti naaf himi” jedheen. Hojjettuun sunis seentee yeroo itti himtu ishee dhaga’uu didde. Yeroo kanattis hojjettuun sun deebitee “Obboleessa koo naaf hin taane” jetteen.

Daldalaan sunis hojjettuu sana irra deebiin erge “Qarshii hedduu siin kenna jedha” jedhiitii itti himi jedheen. Kanas galtee itti himte. Illeeniinis dubbii ishee kanaan ni gaddite. Ana haadha manaa Tarbiinoos qarshiidhaan gowwoomsaa jettee hojjettuu ishee rukutte, ni dhiigde. Dhiiga ishee facaasaa gara daldalaa sanaatti deebitee “Hin ta’u osoon siin jedhuu na rukuchiifte, ammas siif hin taane waan ta’eef deemi!” jetten. Daldalaan sunis akkamin ta’a jedhee karaa ykn tooftaa hojjettuu sana ittiin gowwoomsu yaadee “Qarshii kana siifan kenna, meeshaa Illeenii fi Tarbiinoos qofti beekan kan namni biraa hin beekne yoo jiraate akkuma ta’etti jedhiitii barbaadii naaf fidi!” jedheen. Isheenis “Kana siifin taasisa!” jetteen.

Hojjettuun sun waadaa galteef, “Illeenii fi Tarbiinoos qofti kan beekan Inquun giiftii kiyyaa jira, isa siin fida” jetteen. Daldalaa sanas ni gorsite “Magaalaa keessa naanna’iitii sagalee kee ol kaasuun; daldaltoonni dhufan, lafa irra ejjetan, jechaa labsi. Sana boodas deebi’i koottu!” jetteen. Innis akkuma gorfametti dhufaatii daldaltootaa magaalaa keessatti akkuma labseen maatiin daldaltootaa, daldaltoota sana simachuuf qophii dursaa taasisuu jalqaban. Hojjettuun sunis gara Illeeniitti seenuun “Giiftii koo daldaltoonni dhufan, lafa irra ejjetan jedhamee odeeffamaa jira, abbaan manaa keessan nagaadhaan waan dhufaniif qopha’aa! qaama keessanis dhiqadhaa! shittoos dibadhaa!” jetteen. Illeeniinis “Wanta kana hunda kana dura kan naaf taasisaa turte si’idha” jettee qaama ishee dhiqachuuf gara kutaa qaama itti dhiqattuutti seente.

Qaama ishee yeroo dhiqattu Inkuu isheef hidhee ture. Illeeniinis dhugaa itti fakkaatee qaama ishee yeroo dhiqattu Inquu morma ishee irraa irraanfattee seente. Hojjettuun ishees Inquu sana fuutee daldalaa sanaaf iddoo itti wal beellamanitti kenniteef. Daldalaan sunis karoorri isaa ni milkaa’eef. Wanta barbaadu ni argate. Wanti inni barbaadu waan isaaf milkaa’eef hojjettuu sanaaf waan isaaf fiddee kenniteef qarshii kenneefii gammadaa gara hiriyoota isaatti deeme. Tarbiinoosis “Akkam taatee dhufte?” jedheen. “Haadha manaa kee baree, isheenis na bartee, ishee jaalladhee isheenis na jaallatteen dhufe” jedheen. “Ni sobda malee isheen akkas hin taasistu ishee nan amana” jedheen Tarbiinoos. Daldalaan sunis “Nama gowwaa kana dubartii amanee…” jedhee itti qoosuu jalqabe, sana boodas Inquu ishee duraa fudhatee ture baasee itti agarsiisee “Kanaaf deebii maalii qabda? Inquun kun kan haadha manaa kee mitii?” jedhee kenneef. Tarbiinoosis ni rifate, waan dubbatus dhabe. Waan isaaf milkaa’eef malee osoo isaaf hin milkoofne ta’ee Inquu kana eessaa fida ture? jedhee nan qoradha hin jenne, nan injifatame jedhee bu’uura walii galtee isaaniitiin guyyuma sana qabeenya isaa hunda daldalaa sanaaf dabarsee kennee harka isaa duwwaa gaddaa gara manaatti gaddaa deeme.

Illeeniin abbaa manaa ishee yaaddee, amanamummaan isa eegaa kan turte, garuu gadda fi aarii Tarbiinoos hin baratamneen rifattee, “Yaa obboleessa koo maal taate? yeroo biraa hamma kana gargar baanee yeroo wal arginu mitiitii guyyoota muraasayyuu yeroo gargar baanee wal arginu wal yaadna. Amma garuu yeroo dhufte irraa kaasee gadditeerta” jettee isa gaafatte. “Dur yeroo baatee deebitu gammachuudhaan ture, hiriyoonni kee yeroo gammadan ati hin gammaddu? maal taate?” jetteen. Innis “Isaan yoo taphatan yoo gammadan qabeenya isaanii qabatanii deebi’aniitu. Ani garuu waggaa afur kanan itti dhadhabe qabeenya koo, galaana na jalaa seenee dambaliin nan jalaa balleesse. Maalifan hin gaddu? ani kanan hin gaddine eenyu haa gaddu?” jedheen.

Isheenis kan baratte waan taateef isa gorsuu jalqabde. “Waaqayyo kennee Waaqayyo fudhate!” jedha. “Kan arganne yoo nu dhorkate, kan hin argine nuuf kenna! ati baga nagaadhaan deebite malee qabeenyi oolee bulee ni dhufa!” jettee isa jajjabeessite. “Ati fira shantama, jahatama yoo qabaatte isaan irraa liqeeffattee, anis firoota shantama, jahatama yoo qabaadhe isaan irraa liqeeffadhee daldaltee, baatee, buutee akka durii keenya taanee jiraanna hin gaddiin!” jetteen.

Tarbiinoosis kan garaa isaa garaa isaatti qabatee, “Biyyan jiraadhetti qaana’ee, biyyan kennetti kadhadhee hin jiraadhu! gara biyya biraatti, gara biyya namni na hin beekneetti nan deema. Si’i namni hundi si jaallata, hunduu si kabaja, kan jaallatte waliin jiraadhu!” jedhee dubbiidhaan ishee tuqa. “Anis si waliinan deema, yeroo gammachuu keetti si waliinan ture, yeroo rakkoo keettis si waliinan sirraa adda hin ba’u! tokkummaa koo fi kee rakkoon adda hin baasu!” jetteen. Innis “Erga jaalattee gaariidha!” jedhee mana isaanii dhiisanii deeman. Hamma dheerina hojjaa isheetiin saanduqa hojjechiisee Gaalatti fe’ee deeman. Biyya isaaniitti, lafa irra miila isaaniin kan deeman caalaa Doonii ykn Bidiruu dhaan bishaan irra kan deeman waan caaluuf Bidiruu kireeffatee Bidiruu irra bahan. Walakkaa galaanaa yeroo gahan afuurri inaaffaa itti ka’e, iccitii qabatee tures ni baase “Obboleettii koo maali? maalif na gante? maalin si godhe? osoon si jaalladhuu kan na jibbite maal balleesseeni?” jedheen. Isheenis rifattee “Si’i Abbaa manaa koo akkamittan si jibba? sin jibbine, sin ganne! si ganee eenyu amanuuf? si’is jibbee eenyuun jaalachuuf?” jetten.

Yeroo kanattis Inquu daldalaan sun isatti kenne baasee itti agarsiisee “Kana eenyutu itti kenne?” jedheen. Wanta isa mudate hunda tokko tokkoon isheetti hime. Illeeniinis wanti isheen hin eegne waan ta’eef gadditee seenaa dhugaa wanta ta’e itti himte. “Kana si haa tajaajiltu jettee hojjettuun ati anaaf qacarte dhuftee natti himte. Hin ta’un jedheen, qaama koo yeroon dhiqadhu irraanfadhee seeneen ture. Isheen kaastee isaaf kennite yoo ta’e malee ani nama sana sirumayyuu hin argine!” jetteen. Tarbiinoos garuu kan isheen jettu hin amanne. “Yoo kana raawwattes ta’e hojiin kee si haa baasu!” jedhee kaasee Galaana keessatti ishee darbate. Dambaliin waliin ishee rukutaa karaa Baraanxiyaa gara qarqara galaanaatti ishee baase. Naannoo qarqara galaanaa sanatti bulchiinsi isaa kan Maksimiyaanoos Qeesaar ta’ee Lixa Room bulchaa kan ture Mootiin Baraanxiyaa Qunisxaa ykn Koonistaandiyoos jedhama ture.

Qurxummii kiyyeessuuf, bishaan daakuuf tokkos qaraxa sassaabuuf tokkos meeshaalee daldaltoota jalaa galaanni ykn dambaliin fudhate iddoo kanatti ni fida ture. Sanas kaasaa fayyadamaa waan turaniif bishaan qarqara bu’anii osoo jiranii argan, isaanis qarshii daldaltootaa dambaliin jalaa fudhate ta’uu danda’a jedhanii baasan. Garuu yeroo bananii ilaalan akka Aduutti kan iftu taate argan.

Yeroo kanattis bifa ishee irraa kan ka’e “Giiftii Kiristaanotaa Maariyaam” kan jedhamtu jirti si’idhaa? jedhanii ishee gaafatan. Isheenis “Ani rakkattuu guyyaan na gatedha, ani amma dhiqaa miila Maariyaamiiyyuu hin gahu!” jetteen. Isaanis ji’oota hedduuf ishee nyaachisaa ishee kunuunsaa turan. Ji’oota Jaha boodas Illeeniin ni ulfoofte. Bara 258 Dh.K.B  Qosxanxiiniyoos guddichi ni dhalate. Karaa abbaa isaa Quunisxaa Qosxanxiiniyoos jedhame.

Abbaan Qosxanxiiniyoos Aramaawwii yoo ta’u, haati isaa ammoo biyya Yihudaa irraati. Illeeniinis mucaa ishee kana barnoota Mana Kiristaanaa barsiisaa guddiste.  Ta’us garuu abbaan isaa Aramaawwii waan ta’eef cuuphaa daa’imummaa mucaan ishee hin cuuphamne.

Diyooqilixiyaanoos “Manneen Kiristaanaa haa cufaman Manneen Xaa’otii haa banaman!” jedhee labsii labsee ture. Kiristaanonnis bara kana qaamni isaanii mummuramee, dhiigni isaaniis baay’ee dhangala’e, Manneen Kiristaanaa ni gubaman, Kitaaboleen ni gubatan. Diyooqilixiyaanoos erga du’e booda Kiristaanonni Qosxanxiiniyoos murtii beekuu isaa, hiyyeessa eeguu isaa, dhaga’aanii siif ni bitamna, si bira dhufna nu gargaari yeroo jedhaniin sana argee ni gadda ture. Bara 312tti diina isaa Maksimiyaanoos waliin wal waraanuun injifate.

Yeroo kana boodas Waxabajjii 10 “Manneen Kiristaanaa haa ijaaraman, Manneen Xaa’otii haa diigaman” jedhee labsii labsiidhaan deebise. Manni Kiristaanaa baroota gidiraa fi godaansaa 300 ol booda boqonnaa kan itti argatte bara mootii Qosxanxiiniyoos guddichadha. Waggoota afurtamaaf iddoo afuritti qoodamtee bulaa kan turte Room Mootii Qosxanxiiniyoos jalatti iddoo tokkotti bulti ture. Gidiraa Kiristaanota irratti ta’aa ture ni hir’ise. Manni Kiristaanaas barnoota ishee akka barsiistu bilisummaa ni kenneef.

Bara Motummaa Qosxanxiiniyoos guddichatti wantoota taasifaman keessaa muraasni;

Bara 315 fi 316 tti seera ba’een Manni Kiristaanaa gibira irraa bilisadha.

Galii Mootummaa irraa Manni Kiristaanaa gahee murta’aa qabdi.

Guyyaan Dilbataa ykn Sanbataa guyyaa Ayyaanaa akka taatu.

Namni qabeenya koo Mana Kiristaanaatiifan kenna jedhu yoo jiraate akka danda’aamu, mirga dhaala dhaaluu qabdi.

Amantiin Kiristaanaa Amantaa biyyaalessaa akka taatu kan jedhanidha.

Qosxanxiiniyoos Mana Kiritsaanaatiif olmaa hedduu ooleera. Manni Kiristaanaas olmaa isaatiif isa yaadachaa jiraatti.

Qulqulleettii Illeenii fi Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Qulqulleettii Illeeniin Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos iddoo itti awwaalamee turee baasuuf bara 327 tti gara Iyyerusaaleem deemte. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Fannoo irratti fannifamee erga du’e booda, dhukkubsattoonni Fannoo isaatiin ni fayyu ture. Kiristoos jibbanii namoonni fannisan hojii dinqii Fannoon gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos hojjetu jibbanii iddoo kosiin itti gatamutti gatan. Waggoota hedduu booda kosiin uummanni magaalaa sanaa irratti gatu waan baay’ateef akka tulluu ta’ee lafti isaa ol ka’ee ture. Waggoota 300 oliif bakki isaa bakka itti kosiin gatamu ta’ee ture. Sababa kanaanis haati Mootii Qosxanxiiniyoos Qulqulleettii Illeeniin bara 327 tti gara Iyyerusaaleem deemteerti. Isheenis iddoo itti Fannoon gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos itti awwaalame yeroo gaafattu yeroo isaa baay’ee kan ture waan ta’eef nama isheetti himu hin arganne. Boodas jaarsi Kiraakoos jedhamu “Abbootiin keenya akka nutti himanitti taanaan tulluuwwan kanneen keessaa tokkodha, garuu isa kam akka ta’e hin beeku!” jedhee tulluuwwan ykn lafa ol ka’aa Iyyerusaaleem ala jiran itti agarsiise.

Isheenis Damaraa hojjechiiftee, Ixaana itti dabalchiiftee kadhannaa fi mihillaan taasifamee Fulbaana 16 ni ibsame. Aarri Damaraa gara samiitii ol ba’ee tulluu ykn lafa ol ka’aa Fannoon sun irra jiru irratti akka xiyya ykn sabbata waaqayyoo mul’ise.

Mootittii Illeeniinis mallattoo kanaan iddoo Fannoon Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos jiru beektee Fulbaana 17 lafa keessaa baasuuf lafa qochisiisuu jalqabde. Akka fedha Waaqayyoottis Bitootessa 10 xumuramee Fannoon gooftaas iddoo itti awwaalamee bahe. Yeroon Fannoon gooftaa keenyaa bahettis raajiiwwan hedduu taasiseera. Yeroo baafamettis fannoowwan ba’an sadan keessaa kan gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos isa kam akka ta’e adda baasuuf Fannoo isa tokko fidanii nama du’e irra ka’aan, hin kaasne. Isa lamaffaas akkasuma ammas hin kaane. Isa sadaffaa irra yeroo ka’aan garuu namni du’ee ture sun ni ka’e.

Yeroo sanattis Qulqulleettii Illeeniin Fannoon sun Fannoo gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ta’uu isaa bartee ni sagaddeef. Kiristaanonni hundis ni sagadaniif.

Qulqulleettii Illeeniinis Fannoo sana kabajaan qabatanii Golgotaatti Mana Qulqullummaa ijaarsistee achi ka’aame. Qulqulleettii Illeeniinis waggaa isaatti Caamsaa 9 bara 328 umurii ishee waggaa 80 tti ni boqotte. Ilmi ishee Qosxanxiiniyoos guddichi ammoo Caamsaa 22 bara 337 tti umurii isaa waggaa 54 tti aangoo erga qabatee ammoo waggaa 31 tti boqote. Hojii gaarii haati fi ilmi ishee hojjetaniinis Manni Kiristaanaa isaan yaadatti.

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyaa Qulqulleettii Illeeniin Fannoo baasisuuf lafa qochisiisuu itti eegale Fulbaana 16 waggaa waggaadhaan ni kabajama.

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Eebbi Qulqulleettii Illeenii hunda keenya irra haa bulu! Eebba Fannoo Waaqayyo nurra haa bulchu! Ameen!

The post Ayyaana Fannoo Iyyesuus Kiristoos fi Qulqulleettii Illeenii first appeared on Qubee Online +.

Dhaloota Gooftaa Iyyesuus December 25 moo Mudde 29?
Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Mata duree keenya kana keessatti waa’ee Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ni ilaalla. Akkasumas guyyaa sirriin Dhaloota Gooftaa yoomi December 25 kan warri lixaa jedhan moo Mudde 29 akka keenyaatti guutummaa isaa dubbisaa!

Guyyaan Dhalootaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 moo December 25 dha?

Manni Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaan maalif guyyaa Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 kabajji?

Warreen Lixaa hoo maalif dhaloota Gooftaa gaafa December 25 kabaju?

Yaadannoon dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yoom jalqabame?

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaan inni itti dhalate hoo ni beekamaa?

Guyyaan Ayyaanni Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos itti kabajamu. Ykn yaadatamu warra Lixaa biratti fi nu biratti ykn Mana Kiristaanaa keenyatti maalif gargar ta’e?

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaan inni itti dhalate Kitaaba Qulqulluu irratti. Kallattiidhaan ibsamuu dhiisuu isaatiin guyyaa isa sirrii inni itti dhalate argachuuf. Ykn beekuuf Seenaa hordofanii baay’ee kan dhadhaban hedduun ni jiru.

Kanarraa kan ka’es guyyaa dhaloota isaa ilaalchisee garaagarummaan guyyootaa uumamaniiru. Ta’us garuu hangamiyyuu Kitaabni Qulqulluun guyyaan isaa kanadha jedhee. Ifatti dubbachuu dhiisuyyuu wantoota agarsiistuu ta’aan tokko tokko garuu osoo hin caqasamiin hin darbamne.

Kanas hubachuudhaaf Wangeela Qulqulluu Luqaas Boqonnaa 1 lakk. 8-14 irratti kan barreeffame ilaaluun barbaachisaadha.

«Mootii Yihudaa bara Heeroodsitti kutaa Abiyaatii Luba Zakkaariyaas jedhamutu ture. Haati manaa isaas Qomoo warra Aroon irraa turte. Maqaan ishees Elsaabeet ture. ……. innis yeroo dabaree isaatti Waaqayyo fuulduratti tajaajiluuf gara Mana Qulqullummaatti seenee Uludhaaf Ixaanni isa gahe. Yeroo Ixaanaattis uummanni hundi ala dhaabbatanii ni kadhatu ture.

Ergamaan Waaqayyoos karaa mirga Aarsa Ixaanaa dhaabbatee itti muldhate. Zakkaariyaasis yeroo Ergamaa Waaqayyo argetti ni nahe, sodaanis itti dhufe.  Ergamichis akkas jedheen ‘Yaa Zakkaariyaas Kadhannaan kee dhaga’aameera waan ta’eef hin sodaatiin! Niitiin kee Elsaabeet ilma ni deessi maqaa isaas Yohaannis jettee ni moggaafti! gammachuus siif ni ta’a, dhalachuu isaatiinis baay’eewwan ni gammadu’» Luq. 1:5-, 8:14

Dubbisni Kutaa Kitaaba Qulqulluu kana keessatti argamu garmalee barbaachisaa kan ta’e qabatee ni arganna. Ta’us yaada kana sirriitti hubachuuf ykn argachuuf jechaa fi yaada Kitaabolee Qulqullaa’oo. Waliin firoomee ibsamuu fi hiikamuun isa barbaachisa waan ta’eef dubbicha of eeggannoo fi hubachuu dhaan hordofuun barbaachisaadha.

Agarsiistuu inni guddaan Ergamichi Qulqulluun Gabri’eel Zakkaariyaasiif waa’ee dhalachuu Yohaannis Cuuphaa. Guyyaa itti Missiraachoo himetti ykn guyyaan Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel Luba Zakkaariyaasitti.  Missiraachoo hime Ibroota biratti «በዓለ ሥርየት» ykn «Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet» jedhamee guyyaa itti kabajamaa ture ta’uu isaati.

Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet Ayyaanni jedhamu akka lakkaawwii Ibrootaatti. Ji’a isa torbaffaatti jechuunis «Taasriin» ykn «Onkoloolessa» guyyaa kurnaffaa irra kan oolu Ayyaana guddaa ture.

Ayyaanni kunis Seera Oriitiitiin «Ji’a torbaffaatti, Waaqayyo fuulduratti Cubbuu keessan hunda irraa ni qulqullooftu. Sanbata guddaas isiniif ta’a…….» jedhamee kan ajajame Ayyaana guddaa ture. Leeww. 16:29-30, 23:27, Lakk. 29:7-11.

Guyyaa Ayyaana kanatti Hangafni Lubootaa uffata Lubummaa Qulqulla’aa uffatee gara Maqdasiitti ni seenu.

Aarsaa Waaqayyo fuuldura jirutti Mukukkula Ibiddaa «የእሳት ፍህም» fidee Tsinaa ykn Ultuu Ixaanaa ni guuta. Duumessi aara isaas Dunkaana sana irratti kan jiru golga isaa akka uffisuuf Waaqayyo fuulduratti Ixaana sana Ibidda irra ni ka’a. Akkasumas Lubichi tajaajilaaf gara Mana Qulqullummaatti ykn gara Maqdasiitti yeroo seenutti jalqaba ofii isaatiif. Sana boodas uummata hundaaf kadhatee ykn dhiisisee hanga ba’utti Dunkaana sana keessatti kan biraa namni kamiyyuu hin jiraatu ture. Leeww. 16:17.

Egaa Zakkaariyaas gara Mana Qulqullummaatti yeroo seenetti. Taateewwan kunneen raawwatamuu isaanii Qulqulluun Luqaas Wangeela isaa keessatti ibseera. «Innis (Zakkaariyaas) Waaqayyo fuulduratti yeroo tajaajiluuf gara Mana Qulqullummaatti. Seenee carraan Ixaana uluu isa dhaqqabe.

Yeroo Ixaanaattis uummanni hundi ala dhaabbatanii ni kadhatu ture» jedha. Kanaafuu Zakkaariyaas gara Mana Qulqullummaatti guyyaan itti seene Sirni caqasame. Guyyaa itti raawwatamu guyyaa Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet yoo ta’u akka lakkaawwii Ibrootaatti Onkoloolessa guyyaa kurnaffaa irratti dha.

Kanaafuu Qulqulluun Luqaas guyyaa kana bifa addaatiin guyyaa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos.  Itti dhalateef ka’umsa seenaatiif dhagaa bu’uuraa ta’uu isaa caqasee ibseera jechuudha.

Guyyaan itti Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoo hime. Kunis Ayyaanni Dhiifamaa Ayihuudotaa guyyaa irra oole akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti. Onkoloolessa guyyaa kurnaffaa irratti ta’uu isaa Abbootii fi Beektonni Mana Kiristaanaa durii hedduun hiikoo irratti ibsanii ni arganna.

Fakkeenyaafis Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee fi Maar Yohaannis Wangeela Luqaas Boqonnaa 1 yeroo hiikan ibsa bal’aa ta’een ibsanii ni argina.

Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu Mana Kiristaanaa Itoophiyaas hiikoo Andimtaa Abbootii irraa dhufeen.  «Zakkaariyaas gara Mana Qulqullummaatti seene» kan jedhu irratti Seenaadhaan yeroo ibsan. «Addeessi Onkoloolessaa ‘sereq’ yeroo taasistetti guyyaa kudhanitti. Guyyaan isaas guyyaa Yooseef (Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet) dha. . walitti qabamanii ni kadhatu. ‘ወበይእቲ ዕለት አሕምምዋ ለነፍስክሙ’ ykn guyyaa sanatti ofii keessan gadi qabdu.» jedhanii hubachiisaniiru. (Hiikoo Wangeelaa :- Fuula 324).

Hanga kanaatti Zakkaariyaas Yohaannis akka argatu Missiraachoon hanga itti himametti Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet kan jedhamuun akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti Taasriin ykn Onkoloolessa guyyaa kudhan ta’uu isaatiif kan itti hubate karaa barumsawaa fi Kitaaba Qulqulluu argineerra.

Amma ammoo akkaataan lakkaawwii kun akkaataa lakkaawwii guyyaa Itoophiyaa waliin walitti dhufeenyi inni qabu akkam akka ta’eefi lakkaawwii Itoophiyaanotaatti yoom akka oolu haa ilaallu.

Akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti Ayyaanni Dhiifamaa kan oole akkaataa lakkaawwii Addeessaatti Onkoloolessa guyyaa kudhan waan tureef, kana gara akkaataa lakkaawwii Itoophiyaanotaatti deebisnee guyyaa isaa argachuuf gara lakkaawwii baraatti senuun dirqama ta’a. Ta’us garuu gara lakkaawwii guyyaa kanatti yeroo seennu guyyaa itti dhimmi qabaanne irra oolu qofa haa ilaallu.

Akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti Ji’i ykn Baatiin Taasriin ykn Onkoloolessi guyyaan kudhan akkaataa lakkaawwii Itoophiyaanotaatti kan oolu, ykn akka lakkaawwii Ibrootaatti Onkoloolessa guyyaa kudhan kan oolu akka lakkaawwii Itoophiyaanotaatti ammoo Fulbaana 27 ture. Kunis lakkaawwiin guyyaa Addeessaan lakka’aamu jijjiiramaa kan jiraatu waan ta’eef. Kana jechuunis akkaataa lakkaawwii Addeessaatti Onkoloolessa guyyaa kudhan kan ture Ayyaanni Serq akkaataa lakkaawwii Aduutti ammoo Fulbaana 27 ture jechuudha.

Kanaafuu guyyaa itti Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoo hime akka lakkoofsa Itoophiyaanonni Fulbaana 27 ta’ee arganna jechuudha. Lubni Zakkaariyaasis tajaajila isaa akkuma xumureen ykn raawwateen ykn Ayyaanni sun akkuma xumureen hoggasuma gara Mana isaatti gale, Yohaannis Cuuphaanis garaatti baatame. Wangeelli Qulqulluun «Yeroon tajaajila isaa yeroo raawwatame gara manaatti gale, haati manaa isaa Elsaabeetis ni ulfoofte.» jechuun ni hubachiisa.

Qulqulluun Yaareed kana bu’uura taasifachuu dhaan «ወእምድኅረ ክልዔ መዋዕል ፀንሠት ኤልሳቤጥ ብእሲቱ» ykn «Guyyaa lama boodas ni ulfoofte» jedheera. Kanaafuu Qulqulluun Yohaannis Cuuphaan kan garaatti baatame akka lakkaawwii Itoophiyaanotaatti Fulbaana 29 dha jechuudha.

Qulqulluu Yohaannis Cuuphaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif daandii kan qulqulleessu fi fuuldura isaa kan deemu ergamaa ta’uun isaa Raajotaan raajiin dubbatamee tureera. Isa. 40:3-5, Milk. 3:1.

Akka raajiin dubbatamettis Yohaannis guyyaa garaatti baatamuu isaa irraa kaasee daandii barbaadameen Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif daandii isaa qajeelchaa ergamaa fuuldura isaa deemu ta’ee argameera. Luq. 1:76-79.

Yohaannis Cuuphaan guyyaan inni itti garaatti baatame fi guyyaa inni itti dhalate armaan olitti akkuma ilaalle ka’umsaa fi bu’uura ta’ee ni argama jechuudha. Egaa walitti dhufeenyaa fi walitti hidhamuu seenaa kana irratti ykn bu’uura kanaatiin Elsaabeet ulfooftee ji’a jahaffaa isaatti Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoo kan hime Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri’eel gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti ergamuun «Ni ulfoofta! Ilmas ni deessa!» jechuudhaan fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoos akka garaatti baattuu fi akka deessu itti hime.

Kunis Yohaannis Cuuphaan guyyaa itti garaatti baatame jechuunis Fulbaana 29 irraa kaasee yeroo lakka’aamu ji’a jaha jechuun Bitootessa 29 (መጋቢት 29) ta’a.

Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti Missiraachoo yeroo himu «Dhabduu jedhamaa kan turte Elsaabeetiif kunoo ji’a jaha » jedhee kan dubbate guyyaa itti garaatti baatte kan agarsiisu mitii? Luq. 1:36-38. Kanaafuu guyyaa Bitootessa 29, jechi Foon kan itti ta’eefi gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessatti guyyaa itti garaatti baatamedha jechuudha.

Bitootessa 29 irraa kaasee dhiirri garaa haadha isaa guyyoonni inni itti turu Ji’a Sagaliifi guyyoota Shan (guyyoota 275) yeroo lakkoofnu Qaammee dabalatee guyyaan dhaloota isaa Mudde 29 irra oola jechuudha

Guyyaa Bitootessa 29 kan garaatti baatame Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Cubbuudhaan ala hojii namaa ykn hojii namummaa hunda raawwateera waan ta’eef Ji’a Sagaliifi guyyoota Shan gadameessa haadha isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessa turee Mudde 29 Beetaliheem Yihudaatti ni dhalate.

Kanaafis Manni Kiristaanaa Qulqulleettiin Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ragaawwan Tiwuufiitii fi Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu bu’uura godhachuun guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 kabaja guddaadhaan ni kabajji.

Kana waan ta’eefis Manni Kiristaanaa Itoophiyaa fi Manneen Kiristaanaa kanneen biroo guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 kan kabajan ragaa fi bu’uura irratti hundaa’uunidha malee akkasumaan miti.

Dhugaan isaa kana ta’ee osoo jiruu guyyaan Yaadannoo dhaloota kan warra Lixaa biratti maalif December 25 ta’e? Manni Kiristaanaa keenya maalif Mudde 29 kabajji? warreen Lixaa hoo guyyaa Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenyaa maalif December 25 kabaju?

Warreen Lixaa guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos maalif gaafa December 25 akka kabajan yaadonni, ilaalchonni fi sababoonni garaa garaa ni caqasamu. Isaan kana keessaas sababoonni caalaatti dhaga’aaman isaan armaan gadiiti;

Inni tokkoffaan :- Akkaataa lakkaawwii isaanii waliin walitti firoomsuuf kan taasifamedha kan jedhudha. Kunis Monokseen Roomee Diyoonaasiyoos Eksijas jedhame bara 525 tti kaka’umsa Phaaphaasii Vaatikaaniitiin lakkaawwii baraa haaraa qopheessee dhiyeesse. «Seenaa hordofee qorannoo ani taasiseen Kiristoos kan dhalate bara 1 dura waggaa torba dursee (Bara Addunyaa 5493) tti dha» yaada jedhu dhiyeesse. Bara Addunyaa Kiristaanummaa guutummaatti hojii irra oola kan ture 5025 irratti waggoota 7 dabalee Al tokkoon 5032 geessise.

Ta’us garuu herreegni lakkaawwii yaadaa kun dogoggora ture. Kanaafis Manneen Kiristaanaa warreen bahaa lakkaawwii baraa haaraa kuffisuun lakkaawwii baraa isa durii itti fayyadamuu isaanii itti fufan.

Lakkaawwiin baraa inni haaraan garuu Bara haaraa kan jijjiiruu Ji’a Amajjii irratti ta’e. Kanaafis Smsababni inni tokkichii fi inni guddaan Awuroppaatti Waqtiin ulfaataan jiidhinsaa ykn qorraa dhumaa kan jiruu fi ho’i Aduu dhufaa jiraachuu isaa ykn ho’i Aduu dhufaa kan itti deemu waan ta’eef Ji’a Amajjii kanatti ykn Qorri badaa kan deemuu fi ho’i Aduu dhufaa kan deemu Baatii Amajjiitti akka ta’e ni himama waan ta’eef, kana waan ta’eefis Ayyaana Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos jalqaba bara Haaraa wakiin tokko taasisuuf jedhanii guyyaa dhaloota Gooftaa December 25 taasisan kan jedhudha sababni inni tokkoffaan.

Yaadni inni kan biraa fi Beektota hedduu biratti kan amanamu ammoo December 25 sababni inni itti filatameef Awuroppaanonni Kiristaanummaa fudhachuu isaaniitiin dura kabajaa kan turan guyyaa Ayyaana Xaa’otii isaanitti argame kan jedhudha.

Roomaanonni Qeesaar Oreeliyaan (Bara 275) irraa kaasee guyyaa Waaqessummaa Ayyaana Yaadannoo «Aduu Jabduu» ykn «Sol Invictus” the Unconquered Sun» guyyaa kanatti ni kabaju ture.

December 25 guyyaa dhaloota Aduu jedhamee waamama waan tureef guyyaa kanattis guutummaa bulchiinsa Roomitti Sirna Ahizaabotaa fi Waaqessummaa Xaa’otii guddaadhaan ni kabajama ture. Boodarra garuu uummanni Kiristaanummaa fudhachaa yeroo deemu Waaqummaa uumamaa ykn Aduu Waaqessuu fi kabajuu irraa gara Aduu dhugaa (ፀሐየ ጽድቅ) ykn Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Waaqessuutti akka deebi’anii fi guyyaa Yaadannoo dhaloota isaas (kan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos) akka kabajaniif taasisuuf guyyaa kana filataniiru.

Yaadni ykn ilaalchi kun barreessitoota bara sana turaniin ilaalameera (W.P. Dawson, “Christmas: Its Origins and Associations,” London, 1902)

Waaqessummaa fi bartee Aduu keessattu guyyaa kanatti uummataaf taasifamaa kan ture akkaataan kabaja Ayyaana Xaa’otii barteen isaa baay’eewwan akka salphaatti gadhiisuu waan hin dandeenyeef guyyuma kanatti ykn guyyaa kana irratti Yaadannoo guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kabajuun warra dhadhaboo bartee Xaa’otii Waaqessuu irraa bilisa isaan baasuuf ni fayyada jedhanii yaaduudhaan kan taasisan ture.

Egaa akka lakkaawwii Mana Kiristaanaa Itoophiyaatti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga dhalatee kunoo gaafa Mudde 29 waggaa 2014 (kan bara kanaatiin) ni ta’a.

Maalif barri haaraan keenya Dhaloota Gooftaa booda hin jalqabu? Awuroppaanonni akkaataa lakkaawwii baraa Goorgooriyos kan hordofan yoo ta’u akkaataan lakkaawwii kun Bara Araaraa (የዓመተ ምሕረት መለወጫ) kan ittiin jijjiiran malee akka keenyaa walumaa galatti barri kan ittiin jijjiiramu miti. Barri haaraan keenya garuu Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos durayyuu kan itti fayyadamaa turredha.

Awuroppaanonni Bara Araaraa kan ittiin jijjiiran jedhaniyyuu garuu akka amala isaatti, akka waamama isaatti fi akka isaan barbaadanitti dhaloota Gooftaa keenyaan hin jalqabne (Dhaloota kan kabajan December 25, Barri haaraa isaanii garuu January 1 dha) Ayyaana Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akka lakkaawwii baraa isaaniitti erga kabajan booda, irra deebiin guyyaa saddeettaffaa isaatti jijjiirraa bara haaraa jedhanii kabaju.

Akkaataan lakkaawwii baraa Goorgooriyos kunis dhaloota Kiristoos irratti hundaa’uu dhiisuu isaa, amala biraa ykn Sirni nam-tolchee kan itti makame ta’uu isaa agarsiisa.

Osoo Kiristaanummaa bu’uura godhatee ka’e ta’ee guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ka’umsa taasifatee osoo ka’ee ture. Kana ta’uu dhiisuu isaatiin garuu ammas ta’u guyyaa dhaloota Gooftaa kophaatti kabajanii, irra deebiin ammoo torbee booda Ayyaana jijjiirraa bara haaraa kabaju.

Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa kan keenya garuu Seera laphee irraa barannee, Oriitii dhaan bu’uura Kitaabaa isaaf arginee Wangeelaanis isa jabeessinee qabannee kan jiraanne, baroota gurguddoo sadi kan darbee fi as kan gahedha. Jijjiirraa bara haaraa kan keenya (Fulbaana 1) jennee Aadaa biyya keenyaatiin kan kabajnu, Aduunyaan jiraachuu dhabuu irraa gara jiraachuu kan itti argameetti, ifni, yeroo, guyyaa, sa’aatiin kan itti uumaman ifaaf, yeroodhaaf, guyyaadhaaf, ji’aaf Waggaa dhaaf guyyaa durii kaasee bu’uura ta’edha.

Kana hunda argamsiisuuf Waaqayyo mataa isaa kan itti ibse, Addunyaa uumuudhaan guyyaa itti of ibsedha jenneetu kan kabajnu. Kanarraa kan ka’es Fulbaana 1 «ርእሰ ዐውደ ዓመት» ykn «Mataa jijjiirraa baraa» jennee waamna, kabajna.

Channel WhatsApp guddicha ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Dhaloota Gooftaa Iyyesuus December 25 moo Mudde 29? first appeared on Qubee Online +.

Ba’aataa Maariyaam Mana Qulqullummaa fi Dubroo Maariyaam
Ba’aataa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Maariyaam

Ayyaanota Yaadannoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ta’aanii akka Mana Kiristaanaa keenya.  Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kan kabajaman lakkofsaan 33 yoo ta’aan. Isaan kana keessaa ammoo Ayyaanota gurguddoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ta’aanii kan kabajaman shan (5) dha.

Isaan kana keessaa ykn Ayyaanota Yaadannoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33’n keessaa tokko kan ta’e. Mudde gaafa bultii 3 kan kabajamu gara Mana Qulqullummaatti seenuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ykn Ba’aataa Maariyaam dha. Nutis barreeffama keenya hardhaatiin waa’ee Ba’aataa Maariyaam ni ilaalla dubbisaa!

Gara Mana Qulqullummaatti seenuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii

Ayyaanota yaadannoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33’n keessaa tokko Baatii ykn ji’a Muddee keessa gaafa guyyaa Sadii (3). Kan kabajamu gara Mana Qulqullummaatti seenuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan ittiin yaadannu ykn «Be’aataa Le Maryam» jedhamee beekama.

Kana jechuunis jechichi jecha Gi’iizii yoo ta’u gara Mana Qulqullummaatti seenuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan ittiin yaadannu dha. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam haati ishee Qulqulleettii Haannaa fi Abbaan ishee ammoo Qulqulluun Iyyaaqeem jedhamu. Qulqulloonni kunneen lamaanis dhala dhabuudhaan yeroo hedduudhaaf turaniiru.

Turtii isaanii kanaanis fedhii Waaqayyoo gaafachuuf fuuldura Waaqayyootti deddeebi’u ture. Yeroo sanattis hawaasa keessatti dhala dhabuun akka waan badaatti ilaalamee morma kan gadi nama cabsu. Akkasumas Mana Waaqayyoottis Kiristaanota waliin walitti makamanii sirna Waaqeffannaa irratti akka hin hirmaanneef ulfaataa fi akka cubbuutti kan ilaalamu ture.

Ta’us garuu rakkoon hammi kuni hundi isaanirra gahuyyuu Jaalalli gidduu isaanii jiru garuu gonkumayyuu hin hirdhanne ture. Guyyaa tokkoyyuu Waaqayyo mufachiisanii hin beekan ture, abdiidhaan hojii Waaqayyoo eegu ture malee. Kadhannaan isaanii guyyaa guyyaadhaan kadhatanis mucaa nuuf kennitu deebisnee siif kennina kan jedhu ture. Waaqayyo gooftaanis Kadhannaa isaanii laphee irraa ta’eefi Wareega ykn Si’ilatii isaanii dhaga’ee dhala ykn mucaa ni kenneef.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis dhaloota Kiristoos dura bara 15 tti. Maatiiwwan Eebbifamoo yeroo dheeraaf dhala dhabanii turan Qulqulluu Iyyaaqeem fi Qulqulleettii Haannaa irra ni dhalatte.

Daa’imni kun ykn Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroodhaaf kan kennamte Kadhannaadhaan.  Abbaa fi haadha isheetiif ta’uyyuu dhumni isaa garuu Addaam fi ijoollee isaatiif, akkasumas uumama Addunyaa hundaaf kan kennamtedha.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Hagayya 7 garaatti baatamtee, Caamsaa 1 ni dhalatte. Akka aadaa ykn bartee Ibrootaatti «ልጅ ጡት የሚጥለው» erga dhalatee waggaa sadii booda ture waan tureef. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis bartee sanaan hanga waggaa sadiitti kunuunsaa fi eegumsa Ergamootaatiin mana Abbaa fi haadha isheetti turteerti.

Qulqullichi Daawwit Faaruu isaa  65:14 irratti «Yeroo rakkoo kootti Afaan kootiin kanan dubbadhe. Hidhiiwwan koo kan jedhan Wareega koos siif nan raawwachaa!» jedhee akkuma dubbate Qulqulluu Iyyaaqeem fi Qulqulleettii Haannaan Wareega ykn Si’ilatii isaanii waadaa galan raawwachuuf Waaqayyo irraa fudhatanii Waaqayyoof kennuuf gara Mana Qulqullummaatti deeman.

Kanaan dura Oriitii keessatti haati Raajicha Saamu’eel Haannaan akkuma taasiste jechuunis mucaa ishee Saamu’eel dahuu isheetiin dura dhala dhabuu isheetiin hunda gadi taatee tuffatamtee jiraatti waan turteef Waaqayyoof Wareega wareegamte ykn Si’ilatii godhatte, wareegni ishees Waaqayyo dhala akka isheef kennuufi mucaa Waaqayyo isheef kenne kanas Mana Waaqayyootiif kennuu ture.

Bu’uura Wareega ykn Si’ilatii isheetiinis ilma ishee Saamu’eel Mana Waaqayyootiif kenniteerti. 1 Sam. 1:22-28. Isaan kunis ykn Iyyaaqeem fi Haannaan Aduu dhugaa kan jedhame Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif akaakayyuu ta’uuf kan gahan Qulqulluu Iyyaaqeem fi Qulqulleettii Haannaan intala isaanii waggaa sadii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam gara mana Qulqullummaatti geessanii Hangafa Lubootaa Zakkaariyaasitti wareega isaanii wareeganii turan kennaniiru.

Lubichi Zakkaariyaasis waa’ee nyaataa fi dhugaatii ishee waan isa yaaddesseef gara Waaqayyootti yeroo agarsiisu Ergamoota kabajamoo Samii irraa keessaa tokko kan ta’e karaa Qulqulluu Faanu’eeliin akka sooramtuuf kan qophaa’e ta’uu isaatiin Nyaataa fi dhugaatii Samii qabatee dhufee kan ishee sooru ta’eera.

Waa’ee Ergamaa Qulqulluu Faanu’eel kanaa Qulqulluun Heenook yeroo ragaa bahu «Hangafoota Ergamootaa kabajamoo keessaa inni arfaffaa fi namoota jireenya bara bara dhaalaniif Abdii ta’uudhaaf namoota Gaabbii galan irratti Ergamaa muudamedha» Heenook. 10:8-15.

Ergamaan kun haadha Gooftaa isaa Dubroo Maariyaam sooruuf ykn haadha Gooftaa isaatiif sooraa ta’uuf Waaqayyo waan isa qopheesseef haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam tajaajilaa tureera.

Faaruu Daawwit irratti «ወኅብስተ መላእክቲሁ በልዑ አጓለ እመሕያው» ykn «Biddeen Ergamootaa ijoolleen namaa nyaatan» jedhamee akkuma barreeffame (Faaruu. 77:25) harka Ergamaa sanaatiin nyaata Samii Samii irraatti bilchaatee dhufe Habistii Samii, fi dhugaatii Xoofoo Samii irraa waraabameen soorachaa jiraatte, Nyaata Samii, Xoofoo ykn Tsiwwaa Samii irraa jedhamuun isaa garuu harka Ergamaa Samiitiin kan argame, gara olii irraa kan dhufeefi hojii Waaqummaatiin kan argame ta’uu isaatiini.

Oriitii dhaan uummanni Israa’eel Samii irraa Mannaan bu’eefii soorachaa turaniiru. Akkasumas Raajichi Eliyaas harka Ergamaa Qulqulluu Mikaa’eeliitiin nyaata nyaatee, innis humna ta’eefii guyyaa afurtama guutuu akka Tsoome Kitaaba Qulqulluu irratti barreeffameera. Ba’uu. 16:10-13, 1 Mot. 19:8-9.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis  Ergamoonni Waaqayyoo ishee tasgabbeessaa, soorummaa Ergamootaatiin eegamtee Qulqullummaa dhaan Mana Qulqullummaa jiraatteerti.

Taabotni isheen dhugaa Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Mana Qulqullummaa Taabonni keessa jirutti seente, Taabota jedhamuun haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan bara baraati «Waaqayyo Tsiyooniin filateera, Bultoo isaa akka taatuufis jaallateera waan ta’eef, kuni Bultoo koo bara baraati, ishee filadheera» Faaruu. 131:14. Taabonni kunis fakkeenyummaan ishee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiifidha.

Manni Qulqullummaa isheen durii keessa isheetti Qulqulleettii, achiinis golga isa lammaffaa booda ammoo Dunkaanni Qulqulleettii Qulqullootaa jedhamtu turte. Qulqulleettiin fakkeenya laphee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Qulqulleettiin Qulqullootaa ammoo fakkeenya Foonii fi lubbuu ishee, Taabonni sun ammoo keessa isheetti Warqeen kan haguugamte Taabonni Kakuu ishee keessas Mannaa kan qabdu, Masoobii Warqii fi kan laliste Uleen Aroon achi turan. Ibr. 9:3-4.

Akkasumas haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam keessaan, alaan, lubbuu isheetiin foon isheetiin Qulqulleettii dha, Warqeen Qulqulluu akkuma ta’e isheenis waa hundi ishee Qulqulleettii dha.

Akkasumas keessa isaatti Mannaa kan jedhame ilma ishee Fayyisaa Addunyaa Missiraachoo Ergamaa Qulqulluu Gabri’eeliitiin garaa isheetti baattee kan argamtu ta’uu isheetiin, akkasumas Uleen Aroon sun osoo ishee hin dhaabiin fi osoo bishaan hin obaasiin daraartee, firii buufattee akkuma argamte isheenis Dubrummaa dhaan, mallattoon Dubrummaa ishee osoo hin badiin Waaqayyo akka deessuuf fakkeenya.

Wantoota kana hundaanis Manni Qulqullummaan isheen durii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif fakkeenya. Taabonni dhugaa haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Mana Qulqullummaa dachee irra jirtu keessatti akkuma seente, ammas Mana Qulqullummaa Samii irraa Mootummaa Waaqayyoo jirti bara baraaf Bultoo isaa waan taateef. Faaruu. 131:13-14.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam nyaataa Samii irraa fi dhugaatii Samii irraa dhugaa Ergamootaaf isheef dhiyaatu soorachaa waggoota kudha kanaaf Mana Qulqullummaa keessa turteerti. Akkasumas mana Abbaa fi haadha isheetti waggaa sadi turteerti.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Ba’aataa Maariyaam Mana Qulqullummaa fi Dubroo Maariyaam first appeared on Qubee Online +.

Lakkaawwii Baraa Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii | Kutaa 3ffaa
Akkaataa Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti

Koorsii Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii irratti xiyyeeffatu, yeroo darbe kutaalee lamaan isiniif dhiyeessinee ture.  Amma ammoo kutaa sadaffaa qabannee dhiyaanneerra hanga dhumaatti dubbisaa hiryoota keessaniifis qoodaa!

Kutaa 3ffaa

Seensa :- Kabajamtoota maatiiwwan Waaqayyoo ijoollee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaa Waaqayyootiin akkam jirtuu? Akkuma beekamu Koorsii gabaabaa kana erga eegallee ykn jalqabnee kaasee kutaalee lama kan ilaalle yoo ta’u, kutaan itti aanu kutaan 3ffaa kunooti. Kana dura garuu kutaalee darban Kutaa 1ffaa fi Kutaa 2ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa!

Shallaggii Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii

6. Maxqi’ii (መጥቅዕ) Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii

Maxqi’ii jechuun (ደውል) ykn bilbila jechuudha. Maxqiin guyyaa inni irra oolu bu’uura godhachuun Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan guyyaa irra oolan irraa baafachuuf itti fayyadamna.

Maxqi’ii ykn bilbila argachuufis lakkoofsa Wanbarii ykn teessoo 19’n baay’isnee 30f hiruun

herreegna. Maxqi’ii ykn Dawool ykn bilbiladha, yeroo bilbilli bilbilamu barataan akkuma gara daree

isaatti walitti qabamu, Maxqi’iinis

Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan walitti qaba waan ta’eef.

Maxqi’ii ykn bilbila = Wanbarii ykn teessoo x 19 ÷ 30.

Bu’uura kanaatiin Maxqi’iin ykn bilbilli bara 2018 meeqa kan jedhuuf;

Maxqi’ii = 12×19 = 228 ta’a, kanas 30f hira 228÷30 = 7 ta’a. Hafteen isaa 18.

Kanaafuu Maxqi’ii ykn bilbilli kan bara 2018 = 18 dha.

Maxqi’iin 14 ol yoo ta’e Fulbaana, yoo 14 gadi ta’e ammoo Onkoloolessa keessa oola. 14

matumti isaa garuu Maxqi’ii hin ta’u. Maxqi’iin kunis ji’oota lama keessa qofa kan ooludha.

Ida’aamni Maxqi’ii fi Abaqtee walitti 30 ta’a.

7. Tawusaakii (ተውሳክ) daballii

Tawusaakii jechuun daballi jechuu yoo ta’u, guyyootii Ayyaanonni irra oolan baruuf Maxqi’ii waliin dabalamee kan lakka’aamudha.

Akkaataa lakkoofsa ykn lakkaawwii Tawusaakii lamatu jiru;

Tawusaakii ykn daballii guyyootaa fi

Tawusaakii ykn daballii Tsoomiiwwanii fi Ayyaanotaa

1.Tawusaakii ykn Daballii Guyyootaa

Tawusaakiin ykn daballiin kun Sanbata ykn Qidaamee irraa jalqaba. Daballii guyyootaa kana

argachuufis guyyaa itti Maxqi’iin oole borumtaa isaa iraa eegallee hanga guyyaa Nannaween

irra ooleetti ykn ooluutti yeroo lakkoofnu guyyaa 122 hanga 128 ta’a.

Borumtaa guyyaa Maxqi’iin irra oolee kaasee hanga guyyaa Nannaween ooleetti lakka’aa,

120’n isaa 30f hiraa haftee isaa ammoo qabachaa daballiin guyyootaa ni argama.

Maxqi’iin ykn bilbilli daballii guyyootaa ykn Tawusaakii guyyootaa waliin lakka’aamee Tsooma Nannawwee nuuf kenna.

Caalmaatti hubachuuf gabatee kanaa gadi jiru sirriitti dubbisaa.

Guyyaa ••• Baay’ina guyyoota 30’f yeroo hirru ••• Haftee

Sanbata ••• 128 ÷ 30 ••• 8

Dilbata ••• 127 ÷ 30 ••• 7

Wiixata ••• 126 ÷ 30 ••• 6

Kibxata ••• 125 ÷ 30 ••• 5

Roobii ••• 124 ÷ 30 ••• 4

Kamisa ••• 123 ÷ 30 ••• 3

Jimaata ••• 122 ÷ 30 ••• 2

Tawusaakii Guyyootaa

2. Tawusaakii ykn daballii Tsoomiiwwanii fi Ayyaanotaa

Bu’uurri daballii ykn Tawusaakii Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii Tsoomii Nannawee dha.

Read Also :- Guyyoota Yaadannoo Ayyaanota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Nannawee irraa jalqabnee hanga guyyaa Tsoomiin itti ooleettidha kan lakkoofnu.

Bu’uura kanaatiinis;

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma Guddaatti guyyaa 14

• Nannawee dhaa kaasee hanga Dabra Zayititti guyyaa 41

• Nannawee dhaa kaasee hanga Hoosaa’inaatti guyyaa 62

• Nannawee dhaa kaasee hanga Fannoo ykn Siqlatitti guyyaa 67

• Nannawee dhaa kaasee hanga Du’aa Ka’umsaatti guyyaa 69

• Nannawee dhaa kaasee hanga Rikbe Kaahinaatiitti guyyaa 93

• Nannawee dhaa kaasee hanga Ol ba’iinsaatti guyyaa 108

• Nannawee dhaa kaasee hanga guyyaa shantamaffaa ykn Paaraaqiliixoositti guyyaa 118

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma Duuka Bu’ootaatti guyyaa 119

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma fayyinaatti guyyaa 121 ta’a.

Kanaa olitti kan tarreessine

kana daballi isaanii argachuuf tokkoon tokkoon isaanii warreen 30 ol ta’an 30’f hirra, yoo 30

gadi ta’aan ammoo akkuma jiranitti fudhachuun haftee isaanii Maxqi’ii waliin walitti dabaluun

waggaa isaatti guyyaa irra oolu barra ykn beekna.

Gabaabinnaan gabatee kanaa gadii keessatti haa ilaallu.

Tawusaakii Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsoomii Guddaatti guyyoonni jiran guyyoota 14, yoo ta’aan lakkoofsi kun 30 gadi waan ta’eef kallattiidhaan fudhanna, kanaafuu hafteen isaa 14 dha.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Dabra Zayititti guyyoonni jiran guyyoota 41, kanaafuu lakkoofsi kun 30 ol waan ta’eef, 30’f ni hirra yeroo kanas hafteen isaa 11 ta’a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Hoosaa’inaatti guyyoonni jiran guyyoota 62 yoo ta’aan, kanas 30’f yeroo hirru hafteen isaa 2 ta’a. Kana jechuunis 62 yeroo 30’f jirru 2 gahee lama hafa waan ta’eef.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Fannifamuu Gooftaatti ykn Siqlatiitti guyyoonni jiran guyyoota 67 dha. Kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 7 ta’a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Du’aa Ka’umsa Gooftaatti guyyoonni jiran guyyoota 69 yoo ta’aan, lakkoofsa kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 9 ta’a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Rikbe Kaahinaatiitti guyyoonni jiran guyyoota 93 yoo ta’an, kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 3 ta’a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Ol ba’iinsa Gooftaatti guyyoonni jiran guyyoota 108 yoo ta’aan, kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 18 ta’a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Paaraqiliixoositti ykn hanga Ayyaana guyyaa Shantammaffaatti guyyoonni jiran guyyoota 118 yoo ta’aan kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 28 ta’a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma Duuka Bu’ootaatti guyyoonni jiran guyyoota 119 yoo ta’aan, kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 29 ta’a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma Fayyinaatti guyyoonni jiran guyyoota 121 yoo ta’aan kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 1 ta’a.

8. Nannawee ykn Tsoomii Nannawee : Bu’uura Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii

Bu’uurri Tsoomiiwwanii fi Ayyaanotaa Nannaweedha. Nannaween Tawusaakii ykn daballii

hin qabu. Ayyaanni Maxqi’ii ykn Bilbilli Fulbaana irratti yoo ta’e Nannaween Amajjii, yoo

Ayyaanni Maxqi’ii Onkoloolessa irratti oole ammoo Nannaween Gurraandhala irra oolti. Garuu

Ayyaanni Maxqi’ii Fulbaana irra oolee Tawusaakii guyyootaa waliin yeroo walitti ida’aamu yoo

30 ol ta’e sababa haftee isaatiin Tsoomni Nannawee Guraandhala irra ni oolti. Maxqi’iin ykn

bilbilli Tawusaakii ykn daballii walin ida’amee yoo 30 gadi ta’e matumti isaa lakkoofsi argame

Nannawee jedhama.

Shallaggiin isaas :- Nannawee = Maxqi’ii + Tawusaaki guyyotaa

Bifuma kanaan guyyaa itti Tsoomni Nannawee kan bara 2018 oolu haa hojjennu;

Nannaween = Maxqi’ii ykn bilbila + Tawusaakii guyyootaa ykn daballi guyyootaa

Maxqi’iin bara 2018, 18 dha.

Maxqi’iin kun ykn Fulbaana 18 kan bara 2018 ammoo guyyaan irra oolu Dilbata dha.

Kanaaf akkuma dura ilaalle Tawusaakiin ykn daballi ykn hafteen Dilbata ammoo 7 dha.

Kanaafuu;

Nannawee = Fulbaana 18+ Tawusaakii Dilbataa ta’a, kana jechuunis

Nannawee = 18 + 7 = 25.

Kanaafuu Tsoomni Nannawee kan bara 2018 Amajjii 25 seena jechuudha.

Tsoomni Nannawee kan bara 2018 Amajjii irra kan ooleef, Maxqi’iin ykn bilbilli isaa Fulbaana irra waan ooleefidha.

Kanaa ol hin ba’u kanaa gadi hin bu’uu kan jedhu haa ilaallu, Kana gidduu garaa garummaa guyyoota 35 tu jira. Kunis fakkeenya Kitaabolee Kakuu Haaraa 35 ti. Daangaa isaa kanas gabatee kanaa gadi jiru keessatti haa ilaallu;

Daangaa Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii

• Tsoomni Nannawee yeroo hunda Amajjii 17 fi Gurraandhala 21 gidduutti ta’a ykn oola

• Tsoomni guddaan yeroo hunda Gurraandhala 1 fi Bitootessa 5 gidduutti ta’a (kana jechuun Guyyaan seensa ykn jalqabbii Tsooma guddaa yoo dafee seene jedhame Gurraandhala 1 seena, yoo baay’ee turee seene jedhame ammoo Bitootessa 5 seena yeroo hunda guyyaan seensa Tsooma guddaa guyyoota kana gidduutti jechuudha)

• Dabra Zayit yeroo hunda Gurraandhala 28 fi Ebla 2 gidduu oola

• Hoosaa’inaan yeroo hunda Bitootessa 19 fi Ebla 23 gidduu oola

• Guyyaan Fannoon Gooftaa ykn Siqlatiin Bitootessa 24 fi Ebla 28 gidduu oola

• Guyyaan Du’aa Ka’umsa Gooftaa yeroo hunda Bitootessa 26 fi Ebla 30 gidduu oola

• Rikbe Kaahinaatiin yeroo hunda Ebla 20 fi Caamsaa 24 gidduu oola

• Ol ba’iinsi ykn Irget yeroo hunda Caamsaa 25 fi Waxabajjii 9 gidduu oola

• Paaraqiliixoos ykn Ayyaanni guyyaa Shantammaffaa yeroo hunda Caamsaa 15 fi Waxabajjii 19 gidduu oola

• Tsoomni Duuka Bu’ootaa yeroo hunda Caamsaa 16 fi Waxabajjii 20 gidduu oola

• Tsoomni Fayyinaa yeroo hunda Caamsaa 18 fi Waxabajjii 22 gidduu oola.

Hub :- Tarii armaan olitti barreeffamaan kan ilaalle kun isiniif galuu waan dhiisuuf Gabatee armaan olii irraa sirriitti dubbisaa!

Barnoota Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo karaa Telegram argachuuf Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Lakkaawwii Baraa Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii | Kutaa 3ffaa first appeared on Qubee Online +.

Lakkaawwii Baraa Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 2ffaa
Akkaataa Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti

Lakkaawwii baraa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo yeroo darbe kutaa tokkoffaan eegallee turre. Kutaan itti aanu kunooti.

Kutaa 2ffaa

Seensa :- Kabajamtoota maatiiwwan Waaqayyoo, ijoollee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam iddoo jiranitti nageenyi Waaqayyoo isiniif haa baay’atu jechaa, Koorsii kana kan eegalle guyyaa muraasa dura yoo ta’u yeroo darbe kutaa 1ffaa ilaalleerra. Kutaan itti aanu kutaan lammaffaan ammoo kunooti. Kutaa 1ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa!

Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti

Lakkaawwii Baraa Kutaa 2ffaa

Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan Bara Kakuu Haaraa akkaataa lakkaawwii ykn herreega Dimeexiroositti

Akkaataa bu’uura lakkaawwii baraatti herrega ayyaanotaa fi tsoomiiwwanii akkasumas kanneen biroo kan baroota darbanii, kan baroota nu fuuldura jiraniis hanga dhufaatii gooftaatti hojjennee baruu ni dandeenya. Akkaataa lakkaawwii kanaafis akka ifa nuuf ta’uuf kan bara 2018 irratti hundoofnee haa hojjennu.

1. Lakkaawwii Baraa Bara Addunyaa

Barri Addunyaa kun ida’ama bara Kakuu Moofaa fi Bara Kakuu Haaraati. Barri Kakuu Moofaa ykn Barri gidiraa bara Dhaloota Kiristoos dura ture yoo ta’u, waggoota 5,500 dha. Barri Kakuu Haaraa ykn barri araaraa ammoo dhaloota Kiristoosii kan jiru yoo ta’u amma 2018 irra jirra. Bu’uura kanaatiinis;

Bara Addunyaa = Bara Araaraa + Bara Gidiraa.

2018+5500 = 7518 Bara Addunyaa.

2. Wangeelaawwii isaa

Wangeelaawwii isaa ykn baricha eenyu akka ta’e baruuf ammoo Bara Addunyaa arganne sana Wangeelaawwiiwwan arfaniif (Maatewoos, Maarqoos, Luqaas, Yohaannis) hirra. Bu’uura kanaatiinis;

7518÷4 = 1879 ta’a haftee qaba.

Yoo hafteen isaa tokko (1) ta’e Bara Maatewoosidha.

Yoo hafteen isaa lama (2) ta’e bara Maarqoosidha.

Yoo hafteen isaa sadi (3) ta’e bara Luqaasidha.

Yoo hafteen isaa Zeeroo (0) ta’e ammoo bara Yohaannisidha.

Bu’uuruma kanaan 7518 yeroo afuriif hirru 1879 gahee tokko (2) irraa hafa, kanaafuu barri 2018 bara Maarqoosidha jechuudha. 1879 kun ammoo gahee Wangeelaawwii tokkooti.

3. Guyyaa jijjiirraa bara haaraa ykn guyyaa Fulbaanni tokko irra oolu. (መባቻ)

Kana argachuuf ammoo Bara Addunyaa (7518) irratti gahee Wangeelaawwii tokkoo (1879) erga idaane booda guyyoota torbaniif hirra.

Bu’uuruma kanaanis 7518+1879 = 9392 ta’a. Kanas torbaaf (7’f) hirra. 9397÷7 = 1342 haftee qaba.

Yoo hafteen isaa tokko (1) ta’e guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Kibxata ta’a.

Yoo hafteen isaa lama (2) ta’e guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Roobii ta’a.

Yoo hafteen isaa sadi (3) ta’e guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Kamisa ta’a.

Yoo hafteen isaa afur (4) ta’e guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Jimaata ta’a.

Yoo hafteen isaa shan (5) ta’e guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Sanbata ta’a.

Yoo hafteen isaa ja’a (6) ta’e guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Dilbata ta’a.

Yoo hafteen isaa Zeeroo (0) ta’e ykn yoo hafte dhabe guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Wiixata ta’a.

Kanaafuu bu’uura herreega kanaatiin 9397 yeroo 7’f hirru 1342 gaheetu haftee ammoo sadi (3) ta’a. Kanaaf akkuma dura ilaalle hafteen isaa yoo sadi (3) ta’e Fulbaanni 1 Kamisa irra oola jechuudha, bara 2018 tti.

4. Teessoo (ወንበር) Lakkaawwii Baraa

Kuni ammoo Bara Addunyaa waggaa 19’f hiruun, ykn erga hirame booda haftee isaa irraa waggaa tokko hir’isuun ykn hirdhisuun kan argamudha. Wanbar kan jedhamu kunis tokkoo (1) hanga 19tti kallattiidhaan kan deemu ulaagaa baraa lakkoofsa ta’edha. Tajaajilli isaas Abaqtee fi Maxqi’ii baasuuf kan gargaarudha. Waggaan 19ffaa kunis ykn waggaa 19ffaa kana irrattis Aduu fi Addeessi akka dibaabee fi namaatti gubbaa fi jala ta’uun yeroowwan muraasaaf ykn sa’aatiiwwan muraasaaf yeroo itti mul’atan ykn imalanidha. Akkaataan herreega isaas;

Bara Addunyaa ÷ 19 ti. Kunis ፦ 7518÷19 = 395 ta’a haftee qaba. Hafteen isaas kudha sadi (13) kanaaf Wanbarii ykn teessoo kana argachuuf tokko irraa hir’isna. Kunis 13-1=12 ta’a. Teessoon bara 2018 kudha lama ykn 12 jechuudha.

Beektonni Mana Kiristaanaa akka ibsanitti Wanbar ykn teessoo kana argachuuf haftee irraa tokko kan hir’isnu tokko baraaf kennuu keenya agarsiisa jedhu.

5. Abaqtee (አበቅቴ)

Abaqtee jechuun haftee baraa jechuudha. Kunis lakkaawwii Aduutiin waggaan tokko guyyoota 365, Addeessaan ammoo 354 dha. Garaagarummaan kanaas 11 dha (365-354=11)

Kunis haftee baraa ykn Abaqteedha. Abaqtee kana argachuufis Wanbar ykn teessoo 11’n baay’isnee yoo soddomaa ol dhufe haftee isaa yoo soddomaa gadi dhufe ammoo lakkoofsichumti argame mataan isaa Abaqteedha.

Abaqtee = Wanbar × 11÷30.

Bu’uuruma kanaatiin Abaqtee bara 2018 yeroo hojjennu;

Abaqtee = 12×11 = 132 ta’a. Kana yeroo soddomaaf (30) hirru ammoo :- 132÷30 = 4 ta’a haftee

qaba. Hafteen isaa 12 waan ta’eef Abaqteen bara 2018 = 12 ta’a jechuudha.

Faayidaan Abaqtee maali?

Faayidaan Abaqtee hirdhina ji’aa (ሕፀፅ ወርኅ) fi guyyaa waliin walitti ida’aamuun halkan

argamsiisa. Hir’ina ji’aa jechuunis Addeessaan Jiinni (Baatiin) tokko guyyaa 30, inni itti aanu ammoo 29

jechaa itti fufti. Hir’inni ji’oota lama lamaan mul’atu ykn jiru kunis (ሕፀፅ) jedhama.

Read Also :- Biddeen Ergamootaa Ijoolleen namaa nyaatan! – Hiikoo Sirna Qiddaasee

Bu’uura kanaatiinis;

Hir’inni Fulbaanaa fi Onkoloolessaa 1 dha.

Hir’inni Sadaasaa fi Muddee 2 dha.

Hir’inni Amajjii fi Gurraandhalaa 3 dha.

Hir’inni Bitootessaa fi Eeblaa 4 dha.

Hir’inni Caamsaa fi Waxabajjii 5 dha.

Hir’inni Adoolessaa, Hagayyaa fi Qaammee 6 dha.

Waggaa tokko keessatti walumaagalatti Hir’ina ykn (ሕፀፅ) 6tu argama. Kana jechuunis waggaa tokko keessatti ji’oonni jaha guutuu guyyoota, ji’oonni jahan hafan ammoo hir’uuwwan jedhamu.

Herreegni ittiin halkan argannus;

Halkan = Abaqtee + Hirina + Guyyaa

Akka barnoota lakkaawwii baraatti halkanis in lakka’aama.

Fakkeenyaaf halkan Fulbaana tokkoo kan Bara 2018 meeqa kan jedhuuf;

Abaqtee isaa 12, Hirinni isaa 1, guyyaan isaa ammoo Fulbaana tokkodha kanaaf yeroo herreegnu;

Halkan = 12+1+1 = 14 ta’a. 14 halkan ta’a jechuudha.

6. Maxqi’i (መጥቅዕ)

Maxqii jechuun (ደውል) ykn bilbila jechuudha. Maxqiin guyyaa inni irra oolu bu’uura godhachuun Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan guyyaa irra oolan irraa baafachuuf itti fayyadamna.

Maxqi’i ykn bilbila argachuufis lakkoofsa Wanbarii ykn teessoo 19’n baay’isnee 30f hiruun herreegna. Maxqi’ii ykn Dawool ykn bilbiladha, yeroo bilbilli bilbilamu barataan akkuma gara daree isaatti walitti qabamu, Maxqi’iinis Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan walitti qaba waan ta’eef.

Maxqi’i ykn bilbila = Wanbarii ykn teessoo x 19 + 30.

Bu’uura kanaatiin Maxqi’in ykn bilbilli bara 2018 meeqa kan jedhuuf;

Maxqi’ii = 12×19 = 228 ta’a kanas 30f hira 228+30 = 7 ta’a. Hafteen isaa 18.

Kanaafuu Maxqi’ii ykn bilbilli kan bara 2018 = 18 dha.

Maxqi’iin 14 ol yoo ta’e Fulbaana, yoo 14 gadi ta’e ammoo Onkoloolessa keessa oola. 14 matumti isaa garuu Maxqi’ii hin ta’u. Maxqi’iin kunis ji’oota lama keessa qofa kan ooludha.

Ida’amni Maxqi’ii fi Abaqtee walitti 30 ta’a.

Barnootaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo karaa Telegram hordofuuf join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Lakkaawwii Baraa Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 2ffaa first appeared on Qubee Online +.

Ayyaana Fannoo Gooftaa Iyyesuus Kiristoos
Ayyaana Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Ayyaana Fannoo

Seenaa Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Bara Seeraatti ykn yeroo seerri jirutti nama Fannoodhaan adabuun kan jalqabame bara Faarsotaa akka ta’e ni himama. Barreessaan seenaa beekamaan Giriikii Heerudutoos jedhamu akka ibsetti Mootiin Faars Daariyoos (522-446) namoota 3000 adabbii Fannoon ykn fannifamanii akka du’an taasiseera jechuun barreesseera. Warri Giriikii aadaa kana tarii warra Faars irraa fudhatanii ta’uu hin oolu itti fayyadamaniiru. Mootii Giriikii guddichi Aleeksaandar bulchiinsa isaa baldhisee guutummaa Kana’aan yeroo qabatetti magaalaa Xiiroositti namoota 2000 adabbii Fannoon ajjeesuun isaa barreeffameera.

Bara 267 Dhaloota Kiristoos dura Anxiyaakoos 4ffaan Yihudaa yeroo qabatu Amantaa isaaniif inaafanii Ayihuudota Waaqa tolfamaa Giriikii hin fudhanne adabbii fannifamuun adabuu isaa Yooseef ilmi Kooriyoon barreesseera. Ayihuudota biratti adabbiin Fannoo hojii irra kan oole kana booda. Mootummaan warra Hasmoonaawwii (Bara 167-137) Ayihuudii yeroo bitan Hangafni Lubootaa warra Saduqaanotaa Iyyaaniyoos warra Fariisotaa adabbii fannifamuun adabeera.

Warri Roomaa adabbii Fannoo kana Faarsii fi Giriikii irraa fudhachuun itti fayyadamaniiru.

Seera Oriitii keessatti «Namni kamiyyuu cubbuu du’aan isa geessisu yoo hojjete fi akka du’us yoo itti murteeffame, muka irratti yoo fannifame muka irratti kan fannifame Waaqayyo biratti kan abaarame waan ta’eef reenfi isaa muka irra akka hin bulle. Garuu Waaqayyo uumaan kee dhaala taasisee kan siif kenne lafa akka hin busheessine, guyyaa sanatti awwaali.» Seeraa Keessa Deebii. 21:22-23. Seerri jedhu barreeffameera. Ta’us garuu Israa’eeloonni seera dhagaadhaan rukutuu malee adabbii fannisanii ajjeessuu kan jalqaban bara 267 booda akka ta’e beekameera.

Akkaataa Seera warra Roomaatti namni adabbii Fannisanii du’u;

• Qabeenyi isaa ni dhaalama

• Uffanni isaa irraa baafama

• Mismaaraan ni rukutama

• Fannoo irratti fannifamu ni baata

• Yakki inni hojjete jedhe gubbaa isaatti ni barreeffama.

Gooftaan keenya Fannoo irratti maalif Fannifame?

1. Du’a akka diiguuf

Yihuudota biratti namni Fannoo irratti fannifamu kan abaarame ture. SKD. 21:22, Gal. 3:13. Gooftaan keenyas Addaam irratti, sababa Addaamiinis ijoollee namaa hunda irratti (Roomee. 5:12-14) du’a dhufee ture (Uma. 2:17) akka diiguuf balleessaa Addaam kan isaa taasisee Fannoo irratti du’e.

2. Jaalala isaa ibsuuf

Waaqayyo uumamtoota isaa hunda irraa adda baasee fi kabajee uumaa gaditti uumamtootaa olitti aangoo jiru namaaf kennee ture. Ta’us garuu ilmi namaa balleessaa hojjechuu isaatiin iddoo uumamtoonni hin seenne Si’ool seene. Kanaanis bineeldotaa gadi ta’e.

Waaqayyo jaalala ijoollee namaatiif qabu ibsuuf akka yakkamaatti lakka’aamee du’a yakkamtootaa fi cubbamootaaf ykn abaaramtootaaf qophaa’e du’e. Kanaanis ilmoo namaa kafaatii keessatti kufe irraa kaasuuf hangam akka nuuf jedhee gadi bu’e agarsiise.

3. Ogummaa warra Ogeeyyii Fashaleessuuf

Waaqayyo hojii dinqii ykn ajaa’ibaa isaa kan hojjetu karaa namoonni hin eegne fi karaa isaan hin yaadneen, karaa isaan wanta xiqqoo taasisanii tuffataniini. Israa’eel ceesisuuf Galaana Diimaa (Galaana Ertiraa) kan bane ulee Museetiini. SKD. 14:21. Israa’eeloota bofa hamaa nama hiddu irraa kan fayyise ykn kan oolche Bofa Naasa irraa hojjetameeni. (Ba’uu. 21:4-9), dhaloota isaa iccitii Foonummaa ittiin ibseen Dhaloota isaa kan raawwate Beetaliheem mooraa Loonii keessatti. Iccitii Cuuphaa isaa kan raawwate laga Yoordaanoositti.

4. Raajiin Dubbatame akka Raawwatuuf

Israa’eeloonni gara Kana’aanitti deemaa osoo jiranii daandii irratti Waaqayyo irratti mufachuu isaanii irraa kan ka’e Waaqayyo uummata kana irratti Bofa ajaje. Bofni sunis namoota hedduu hidde. Boodas hojii isaanii irraa gaabbanii gara Waaqayyootti yeroo deebi’an «Bofa Naasa irraa hojjedhuutii muka irratti fannisi, namoonni bofaan hiddaman hundi yeroo isa argan ni fayyu» jedhee Waaqayyo isa ajaje. Bofti Naasa irra hojjetame sunis dheekkamsa Israa’eeloota irratti dhufeef fayyina ta’e. Lakk. 21:1-9

Raajiin kuni fakkeenya dha. Bofti Naasa irraa hojjetame sun osoo homaa hin balleessiin waa’ee cubbuu uummanni sun hojjeteef fayyina isaaniif akkuma fannifame, Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis hojii inni hin hojjenneen, badii inni hin balleessineen waa’ee cubbuu ijoollee Addaamiif fannifame. Israa’eeloonni sababa badii isaaniif Bofti isaanitti dhufe Bofa Summii qabu yoo ta’u, kan isaan ittiin fayyan Bofti Naasa irraa hojjetame garuu qulqulluudha. Bofti Naasa irra hojjetame muka irratti akkuma fannifamee namootaaf fayyina ta’e, Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Fannoo irratti fannifamee ijoollee Addaam hundaaf fayyina ta’eera.

Gooftaan keenya Iyyesuus Bofti Naasa irraa hojjetame Musee dhaan muka irratti fannifame fakkeenya isaa akka ta’e yeroo barsiisu «Museen lafa onaa irratti Bofa Naasa irraa hojjetame akkuma fannise, akkasuma isatti kan amane hundi jireenya bara baraa akka qabaatu malee akka hin badneef ilmi namaa fannifamuu qaba!» Yoh. 3:14

Warri Amaaleeqaawotaa Israa’eeloota waliin yeroo wal waraanan Museen harka isaa yeroo diriirsu Israa’eeloonni ni injifatu ture, Museen harka isaa yeroo deebisu ammoo warri Amaaleeqaawotaa ni injifatu ture. Museen harka isaa diriirsee ooluun waan isa dhadhabsiiseef Aaroon fi Hoor harka isaa utuban. Ba’uu. 17:8-13. Kanaanis warri Israa’eel Amaaleeqaawota injifatan.

Kunis Amaaleeqaawonni fakkeenya Seexanaa, Museen ammoo fakkeenya Kiristoosidha, harki isaa diriirfaman ammoo fakkeenya Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Iyyesuus Kiristoos harki isaa Fannoo irratti diriiree Fannoodhaan Seexana akka injifate agarsiisa.

5. Araara Raawwachuuf

Warri Samii irraa fi warri lafa irraa wal lolanii, uummanni fi uummanni gar gar ba’aanii ni jiraatu ture. Warra Samii irraa fi warra lafa irraa walitti araarsuuf lafa irraa ol siqee Samii irraa gadi siqee fannifame. Kunis karaa isaatiin gara Samiitti akka seennu daandii banuu isaa yeroo missiraachoo himudha. Uummanni fi Ormoonni Wangeelaan tokko akka ta’aaniifis harka isaa gara bitaa fi gara mirgaatti diriirsee fannifame. Duuka Bu’ichi Qulqulluun Atinaateewoos waa’ee kanaa yeroo barsiisu «Gooftaan keenya harka isaa diriirsee fannifame, isa tokkoon uummata, isa biraatiin ammoo Ormoota akka dhiyeessuuf, tokkos akka isaan taasisuuuf»  jedha.

6. Ogummaa Diyaabiloos Diiguuf

Diyaabiloos Addaam fi Heewaan  muka balasiin injifatee Jannata keessaa isaan baasee ture. Ogummaa isaa kana diiguuf ilmi Abbaa, ilmi Maariyaam Iyyesuus Kiristoos muka irratti fannifamee.

Barnoota Bu’uuraa waa’ee Fannoo

Jalqaba irratti waa’ee Fannoo kan barsiise Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha

Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa’ee isa hordofuu yeroo barsiisetti «Fannoo Baachuun» dirqama ta’uu isaa ibseera.

Maat. 10:37 «Fannoo kan hin baanne, kan na hin hordofnes anaaf ta’uun isarraa hin eegamu!»

Maat. 16:24 «Ana duukaa bu’uura kan barbaadu, ofii isaa haa ganu, Fannoo baatee na duukaa haa bu’u!» Marq. 8:34

Waa’ee namicha Fariisaawwii ijoollummaa koo irraa kaasee wantoota hunda eegeera jedhee Gooftaan keenya «Wanti tokko si hafeera dhaqiitii wanta qabdu hunda gurguruun hiyyeesotaaf kenni, galmee Samii irraa ni argatta. Fannoo baadhuutii na duukaa bu’i!» jedheen. Marq. 10:21.

Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa’ee duuka bu’aa isaa hanga dhumaatti ta’aanii isa duukaa bu’uutti yeroo barsiisetti sababa waa’ee Fannoo itti kaaseef qaba. Addunyaan kan ittiin fayye, Diyaabiloos kan ittiin injifatame waan ta’eef, gidiraa ; Wareegamummaa kan ibsu ta’uu isaatiin, gooftaan keenya nuuf jecha oolmaa taasise hunda ta’uu isaatiinidha. Kanaanis Kiristaanummaan Fannoo baatanii, Fannoo yaadachaa deemsa Fannoo irratti taasifamudha.

Handhuura Lallaba Ergamootaati

Qulqulloonni Ergamoonni ka’umsaa fi ol ba’iinsa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo missiraachoo himanitti waa’ee Gooftaa keenya yeroo ibsan «Iyyesuus isa Fannifame» jedhu ture. Maat. 28:5. Kunis du’aa fi Diyaabiloos kan itti injifataman, Jannatni kan itti banamte, araarris kan itti raawwatame Fannoo irratti waan ta’eef Gooftaa keenyaan «Iyyesuus isa Fannifame» jedhanii isa waamaniiru.

Handhuura Lallaba Duuka Bu’ootaati

Duuka Bu’oonnis Ergamoota Qulqulloota irraa akkuma baratan waa’ee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo barsiisan waa’ee Fannoo isaa yaadaa ture.

• HDB 2:36 :- Egaa isin kan fannistan Iyyesuus Waaqayyo Gooftaas Kiristoosis akka taasise sabni Israa’eel hundi sirriitti haa beeku.

• 1 Qor. 1:23 :- Nuti garuu Kiristoos isa fannifame lallabna.

• 1. Qor. 2:2 :- Isin gidduu osoon jiruu Iyyesuus Kiristoosiin ala innis akka fannifame wanta biraa akkan hin barreef kutadheen ture.

4. Mallattoo ilma namaa dhufaatii lammaffaatti mul’atudha.

Gooftaan keenya Tulluu Ejersaa ykn Dabra Zayititti Duuka Bu’oota isaa waa’ee dhufaatii isaa lammaffaa yeroo barsiisu «Yeroo sanatti mallattoon ilma namaa Samii irratti ni mul’ata!»

jedheera. Maat. 24:30. Mallattoo ilma namaa kan jedhame «Iyyesuus isa Fannifame» jedhamee kan ittiin waamame Fannoo isaati. «Kan isa waraanan, kan isa fannisan, kan isatti murteessan hundi wayyoo! wayyoo! kan itti jedhanis mallattoon guddaan kun yeroo Samii irratti ibsamudha. Maat. 24:30.

Kan ittiin Boonamudha

«Ta’us garuu Addunyaan anaaf kan itti fannifame, anis Addunyaaf kanan itti fannifame Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin ala wanti ittiin boonu kan biraa anarraa haa fagaatu!» Gal. 6:14. Jechuun Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos akkuma dubbate Diyaabiloos kan itti injifatame, nutis gara kabaja keenya duriitti kan ittiin deebine waan ta’eef Fannoon kan ittiin boonnudha.

Humnadha

Fannoon lolli kan ittiin ajjeefamedha. Efe. 2:16. Diyaabiloosis daandii irraa kan itti dhorkamedha. Qol. 2:14. Kanaanis Seexanni Fannoo ni sodaata. Ittiin mo’atameera waan ta’eef. Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos uffanni isaa, Qulqulluun Pheexiroos gaaddidduun isaa, afuurota hamoo ni baasu, ni fageessu ture. Uffanni ykn gaaddidduun ofii isaanii humna qabaatanii osoo hin taane, Qulqullummaan lubbuu isaanii foon isaaniif, uffata isaaniif, gaaddidduu isaaniif ta’eetu. HDB. 5:15, 19:11. Fayyisaan Addunyaa Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis dhiiga isaatiin waa’ee Fannoo inni biteef humnadha. Kanaafidha Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos «Dubbiin Fannoo warra badaniif gowwummaa, nuti warra fayyinuuf garuu humnadha» kan jedhe. 1 Qor. 1:18.

Fannoon Barnootadha

Xiyya irraa akka oolaniif warra si sodaataniif mallattoo kenniteef Faar. 59:4 jechuudhaan Raajichi Daawwit dursee akkuma dubbate xiyya du’aa Diyaabiloos darbate irraa kan fayyine, har’as xiyya cubbuu darbatamu irraa kan ittiin oollu Fannoon mallattoo keenya dha.

Fannoo Goonfoo Lafarraati

Waaqni Samii irraa Waaqayyo Ilmi foon isaa kan itti mure, dhiiga isaa kan itti dhangalaase, Jannata kan ittiin bane, Diyaabiloos irratti kan ittiin murteesse, Addaam adabbii du’aa irraa kan ittiin oolche, lubbuun gara Mootummaa Waaqayyootti akka imaltuuf daandii kan ittiin bane teessoo isaati.

Kabaja Fannoo Mana Kiristaanaa Itoophiyaatti

Lolli namaa fi Waaqayyo gidduu ture kan ittiin diigame, namni nagaan jalaa fudhatamee ture isaaf deebi’ee Waaqayyo waliin kan itti araarame dha. «Inni nagaa keenya waan ta’eef, lamaanuu tokko kan taasise labsiidhaan kan hin himamnes, seera ajajaas cabsee keenyaa lolaa gidduu jiru foon isaatiin kan diige kunis lamaan keenya keessaa nama haaraa tokko ofii isaatii akka uumuuf nagaas akka taasisuuf, lolas Fannoo isaatiin ajjeesee isaan lamaan keenyayyuu qaama tokkoon Waaqayyo waliin akka araarsuufidha.» Efe. 2:14-17.

Fannoon obsaa fi hanga dhumaatti cimanii dhabbachuu nu barsiisa. Gooftaan keenya deemsa gara Fannootti taasiseen Ayihuudonni gidiraa hedduu isa irraan gahaniiru, isa arrabsaniiru, hancufa isaanii irratti tufaniiru, lafa irratti isa darbatanii isa harkisaniiru dhuma irrattis gara laafummaa tokko malee isa fannisaniiru. Kan nama gaddisiisu «Nan dheebodhe» yeroo isaaniin jedhetti illee du’uun isaa hin oolu jedhanii gara laafummaan xiqqoo illee osoo isaanitti hin dhaga’aamiin hadhooftuu isa obaasan. Gidiraa kana hunda keessatti garuu homaa isaaniin hin jenne, isaanitti hin dheekkamne, kuni hundi nuuf barumsadha. «Kan waamamtan kanaafidha waan ta’eef, Kiristoos ammoo daandii isaa akka hordoftaniif mallattoo isiniif dhiisee ; waa’ee keessaniif gidiraa fudhateera waan ta’eef. Innis cubbuu hin taasisne, dubbiin hamaanis afaan isaa keessaa hin dhaga’aamne, yeroo isa arrabsan deebisee isaan hin arrabsine, yeroo gidiraa fudhatus hin dhaadanne.» 1 Pheex. 2:21-23.

Manni Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Kitaaba Qulqulluutti kan amantu fi Tiwufiitii kan fudhattu waan taateef kanneen armaan olitti caqasaman bu’uura godhachuun karaalee garaa garaatiin Fannoo ni kabajji. Ijoolleen ishees eebba Fannoo akka argatan ni taasisti.

1. Fannoo Dhungachuun (በመሳለም)

Fannoo dhungachuun Fannoo irraa eebba qooddachuu fi jaalala Fannoof qabnu kan ittiin ibsinudha. Weedduu Weedduu Caalu. 1:2. Fannoo jaallachuu jechuunis Fannoo irratti kan du’e Fayyisaa Addunyaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos jaallachuu jechuudha.

2. Eebbifamuu

Fannoon humna qaba. Diinni keenya Diyaabiloos kan ittiin injifatame, balballi Si’ool cufamee balballi Jannataa kan itti baname, Gooftaan keenya foon isaa muree dhiiga isaa kan itti dhangalaase waan ta’eef wantoota hunda ni eebbisa.

Dursee bara seera laphee abbaan keenya Yaa’iqoob ijoollee Yooseef lamaan Efreem fi Minaasee yeroo eebbisu harka isaa bifa Fannootiin wal jala dabarsee ture. Uma. 48:12-14. Kunis fakkeenya bara boodaa Fannoon eebbifamuu ture. Har’as Kiristaanonni bara Kakuu Haaraa jirru wanta hunda Fannoo dhaan eebbifna.

3. Mallaatteeffachuu (ማማተብ)

Quba keenya lammaffaa diriirsinee quba keenya isa gidduu dachaasuun bifa Fannoo uumnee fuula fi qaama keenya guutuu ni mallatteeffanna. Qubni fakkeenya humna Waaqayyooti. Wangeela Maatewoos 12:28 irratti ani afuura Waaqayyootiin kan jedhe Wangeela Luqaas 11:20 irratti Ani quba Waaqayyootiin jedheera. Afuura Waaqayyoo yeroo jedhu humna Waaqayyoo jechuu isaati. Nutis Fannoodhaan yeroo mallatteeffannu humna Waaqayyootti amannee diina keenya Diyaabiloos ganuu keenya fi qaanessuu keenya dha.

4. Morma irratti hidhachuu

Fannoo morma irratti hidhachuun Amantii ani amane kanaaf, adaraa ani baadheefis morma koo nan kenna jechuudha. Gama biraatiin fakkeenya adaraa eeguuti. Mootichi Solomoon «Yaa mucaa koo ajaja abbaa kee eegi!, seera haadha kees hin dhiisiin! yeroo hunda laphee keetti qabadhu! morma keettis hidhadhu!» Fakk. 6:20-21 jechuun kan dubbate kana agarsiisuufi.

5. Ragaa Bahuun

Read Also :- Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Aragaawwii

Kiristaanotaaf mallattoon kan kennaman wantoota lamatu jiru, Fannoo fi Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam (Faar. 59:4, Isa. 7:14) kana waan ta’eefis Fannoon mallattoo bilisummaa keenya ittiin boonnu waan ta’eef gullilaatii Mana Kiristaanaa keenyatti, morma keenya irratti kabajaan ni keenya. Kanaanis kabaja Fannoo, fayyisummaa isaa fi ittiin boonuu keenya ragaa ni  baana.

6. Ayyaana Fannoo Kabajuun

Ayyaanota akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti bifa ho’aan kabajaman keessaa tokko Ayyaana Fannooti. Bu’uura Qannoonaa Ayyaanota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin Ayyaanni Fannoo yeroo lama ni kabajama. Inni jalqabaa Mootiittii Illeeniin (Bara 255-335) waggoota 200’f Ayihuudotaan iddoo itti awwaalame irraa akka ba’uuf lafa qotuun kan itti jalqabame Fulbaana 17 yoo ta’u, inni lammaffaa ammoo qotamee kan itti ba’e fi warra Faarsiin booji’amee mootii Room Hirqaaliin bara 628 gara Iyyerusaaleemitti kan itti deebi’e  Bitootessa 10 dha.

Barnoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo karaa Telegram argachuuf Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbi Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos hunda keenya irra haa bulu!

Madda :- Barruu Waldaa Qulqulloota «Hamar»

The post Ayyaana Fannoo Gooftaa Iyyesuus Kiristoos first appeared on Qubee Online +.

Lakkaawwii Baraa Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa
Akkaataa Lakkaawwii Baraa : Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti

Kutaa 1ffaa

Lakkaawwii Baraa (Abushaahir)

Seensa :- Baga nagaan dhuftan! guyyaa hardhaa mata duree haaraa qabannee kan dhiyaanne yoo ta’u, mata dureen Afuurawaa kunis «Akkaataa Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti» jedha. Mata duree kana keessatti waa’ee guyyoota Tsoomiiwwan dhaabbatoo hin taane irra oolanii baldhinaan kan ilaallu ta’a. Dubbisa gaarii!

Lakkaawwii Baraa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa

Abushaahir ykn Lakkoofsi Baraa maalidha?

Koorsii ykn barnoonni kun wanta Kiristaanota hundaaf barbaachisaa ta’edha waan ta’eef, hundi keessan dubbisaa share godhaa!

Lakkaawwii baraa ykn akkaataa lakkoofsa baraa kan jedhamu afaan Gi’iziitiin (ባሕረ ሓሳብ) afaan Arabiffaan ammoo Abushaakir kan jedhamu yoo ta’u afaan Amaariffaan ammoo (የዘመን አቆጣጠር) jedhama. Akkaataa lakkaawwii baraa kanas kan herreegee qopheesse Hangafa Phaaphaasii Iskindiriyaa 12ffaa kan ta’e Qulqulluu Dimeexiroosidha. Qulqulluun Dimeexiroos;

፨ Nannawween, seensi Tsooma guddaa, Tsoomni duuka bu’ootaa => Wiixata

፨ Dabra Zayit, Hoosaa’inaa, Du’aa ka’umsaafi ayyaanni guyyaa shantammaffaa ykn Paaraaqiliixoos ammoo => Dilbata

፨ Rikbe Kaahinaat fi tsoomni fayyinaa ammoo => Roobii

፨ Ol ba’iinsi gooftaa ykn Irgatiin ammoo => Kamisa

፨ Fannoon ykn Siqlatiin ammoo osoo => Jimaata ta’aanii yeroo hunda osoo kana irraa jijjiiramuu baatanii jedhee ni hawwa ture. Ergamaan Waaqayyo irraa ajajames dhufee «Kuni hundi yaadaan raawwataaree? yoo hojjatanidha malee, Subaa’ee gali!» jedheeniira. Qulqulluun Dimeexiroosiinis yeroo kadhannaa isaa tokkotti Yaa Abbaa keenyaa torba jedhi, guyyaa keessatti Subaa’ee torba, halkanii ammoo Subaa’ee 23 gali jedheeniira. Maalif isa guyyaa xiqqeesse ykn torba qofa taasise yoo jedhame guyyaa barsiisuudhaan, nama walitti araarsuudhaan oola waan ta’eef. Galgala garuu kana irraa bilisa waan ta’eef Subaa’ee isa galgalaa baay’ise. Subaa’ee guyyaa irraa Yaa Abbaa keenyaa 49 ni jedha 7×7=49. Kanas yeroo 30’f hiru haftee isaa ykn 19’n Maxqi’i durii jedheeniira. Kan halkanii irraa ammoo 23×7=161, yeroo 161 Yaa Abbaa keenyaa jedha. Kanas 30’f yeroo hiru haftee isaa ykn 11’n Abaqtee durii jedheeniira. Maxqi’iin guyyaaf, Abaqteen ammoo halkaniif tajaajilu.

Kana booda Qulqulluun Dimeexiroos guyyoonni tsoomiiwwanii fi ayyaanonni irra oolan kanaa ol hin ba’u, kanaa gadi hin bu’u kan jedhu ibsameefii Hangafoota Phaaphaasotaa Sooriyaa, Antsookiyaa, Room jiran sadaniif, arfaffaa ammoo Ephisqophoosii Iyyerusaaleemitti argamuuf barreessee ergeera. Isaanis simatanii ykn harkaa fuudhanii Duuka bu’oonni Didilisqiyaatti kan barsiisan waliin tokko ta’ee yeroo argan gammadanii fudhachuun akkaataa lakkoofsicha baraa barsiisaniiru.

Lakkaawwii Baraa kana Lubnis, Kiristiyaannis barachuu qaba. Kana yoo ta’e ykn yoo barate biyya isaatii booji’amee yoo biyya Ahizaabotaa deeme illee Ayyaana hin diigu, tsoomii hin shaaru, sababni isaas yeroo itti tsoomiin galu, guyyaa ayyaanni irra oolu barateera waan ta’eef. Lubni akkaataa lakkaawwii baraa kana hin baranne Luba jedhamuuf, Monokseen akkaataa lakkaawwii baraa kana hin baranne Monoksee jedhamuuf ni ulfaata.

Addunyaan erga uumamtee kaasee hanga dhaloota Kiristoositti barri jiru bara Kakuu Moofaa ykn bara gidiraa (ዓመተ ኩነኔ፣ ዓመተ ፍዳ) jedhama. Dhaloota Kiristoosii kaasee kan jiru ammoo bara Kakuu Haaraa ykn bara araaraa jedhama. Walumatti ammoo bara Addunyaa jedhama. Akkaataa lakkaawwii Dimeexiroositti lakkooftuun isaa wantoota torba qaba ture; isaanis.

፨ Lakkaawwii guyyaa

፨ Lakkaawwii ji’aa

፨ Lakkaawwii waggaa

፨ Lakkaawwii Abaqtee

፨ Lakkaawwii Aduu

፨ Lakkaawwii Mallattoo ykn Mahaatam

፨ Lakkaawwii Qamar

Baroota lakkaa’uudhaaf kan nu gargaaran Qamar, waggaa, ji’a, torbee, guyyaa, sa’aatii, daqiiqaa, sakandii dha. Afran Isaanii jechuunis Lakkaawwiin Qamarii, Lakkaawwiin Mahaatamii, Lakkaawwiin Aduu fi Lakkaawwiin Abaqtee waggaadhaan kan lakka’aamanidha. Waggaa kan jedhame aduudhaan guyyaa 365, Adeessaan ammoo guyyaa 354 dha.

Guyyaa kan jedhame sa’aatii 24 dha kanaanis deddeebi’aa jiraatu.

Naanna’iinsa ykn lakkaawwii guyyaa (ዐውደ ዕለት) :- guyyoota Dilbataa hanga Sanbataa jiran torbanidha. Isaanii kunis naanna’iinsa ji’aanii argamsiisuuf torba ta’aaniif deddeebi’aa jiraatu.

Read Also :- Ayyaanota Yaadannoo akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidootti

Naanna’iinsa ykn lakkaawwii ji’aa (ዐውደ ወርሃ) ፦ Aduudhaan yeroo hunda guyyaa 30 dha. Addeessaan garuu yeroo yeroo 30 yeroo yeroo ammoo 29 ta’a. Isaan kunis waggaa argamsiisudhaaf 30, 30’n deddeebi’aa jiraatu.

Naanna’iinsa ykn lakkaawwii waggaa (ዐውደ ዓመት) ፦ Aduudhaan guyyaa 365, Addeessaan guyyaa 354, Urjiidhaan ammoo guyyaa 364 dha.

Naanna’iinsa ykn lakkaawwii Abaqtee (ዐውደ አበቅቴ /ንዑስ ቀመር/ ፦ Waggaa 19 dha. Kunis waggaa 19’n deddeebi’ee dhufuu jechuudha.

Naanna’iinsa ykn lakkaawwii Aduu (ዐውደ ፀሐይ) ፦ Waggaa 28 dha. Naanna’iinsi Aduudhaanii tokko yeroo 19 yeroo deddeebi’u Qamarii guddaa tokko kenna. (28×19=532).

Naanna’iinsa ykn lakkaawwii Mallattoo ykn Mahaatam (ዐውደ መኅተም) ፦ Waggaa 76 dha. Kunis yeroo torbaan yeroi deddeebi’u Qamarii guddaa tokko ta’a. (76×7=532).

Naanna’iinsa ykn lakkaawwii Qamarii (ዐውደ ቀመር /ዐቢይ ቀመር/) ፦ kuni ammoo waggaa 532 dha.

Guduunfaa :- Akkaataan Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti ykn Abushaahir kutaa 1ffaan kana fakkaata. Kutaa itti 2ffaa yeroo itti aanutti ni ilaalla.

Barnoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa karaa Telegram argachuuf channel keenya Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Lakkaawwii Baraa Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.

Dubroo Maariyaam : Ol Ba’iinsa fi Kakuu Araaraa
Ol Ba’iinsa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Dubroo Maariyaam haati keenya Qulqulleettiin Amajjii 21 boqottee garuu Hagayya awwaalamte. Mata duree kana keessatti akka fedha Waaqayyootti waa’ee Tsoomii Filsataa, Du’aa Ka’umsa fi Ol ba’iinsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ni ilaalla. Isinis hanga dhumaatti dubbisaa, hiriyoota keessaniifis qoodaa!

«Duuti Amajjiitti Awwaalli Hagayyatti!»

Ol Ba’iinsa Dubroo Maariyaam

Waa’ee Tsoomii Filsataa Dubroo Maariyaam

Filsataa jechuun jecha Gi’izii «ፈለሰ» jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u iddoo tokkoo gara iddoo biraatti jijjiiruu, biyya keessa turan dhiisanii gara biyya biraatti godaanuu, deemuu jechuudha.

Tsoomii Filsataa yeroo jedhamus foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Geeteesemaanii irraa gara Jannataatti deemuu isaa boodas Jannata keessatti muka jireenyaa «ዕፀ ሕይወት» jala kan ture irraa ka’uu isaa agarsiisuuf kan dubbatamudha.

Seenaa fi Boqonnaa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam waggaa 64 Addunyaa kana irra jiraattee du’aan erga adda baate booda akka ilma ishee tokkicha gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos du’aa kaa’uun ishee fi ol Ba’uu ishee akka arganiif Duuka Bu’oonni Hagayya 1 irraa kaasee hanga 16 tti Tsoomii isaan tsoomanidha. Tsoomiin Filsataa Tsoomiiwwan gurguddoo Mana Kiristaanaa torban keessaa isa tokko ta’ee Qannoonaadhaan akka tsoomamu erga murteeffamee kaasee Kiristaanonni ni tsoomu.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam bara Addunyaa 5485 abbaa ishee Iyyaaqeem fi haadha ishee Haannaa irraa «Libaanoos irraa Misirroon ni baati!» jedhamee bu’uura raajii dubbatameefiin Hagayya 7 garaatti baatamte. Caamsaa 1 ammoo iddoo Libaanoos jedhamtutti akka dhalatte Seenaan Mana Kiristaanaa bal’inaan ni hubachiisa. Dubroon Maariyaam tsoomii fi kadhannaadhaan kan argamtedha, Qulqulleettii waan taateefis Bultoo Waaqayyoo taateerti.

Dubroon Maariyaam mana abbaa fi haadha isheetti waggaa sadi, Mana Qulqullummaatti waggaa kudha lama, fayyisaa Addunyaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos garaa isheetti baattee Ji’a sagal, ilma ishee gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waliin waggaa 33 fi Ji’a sadi, Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii bira waggaa 14 fi Ji’a sagal walumaa galatti waggaa 64 yeroo guuttu Amajjii 21 bara 49 dhaloota Kiristoos booda ykn Bara Araaraa Addunyaa kana irraa du’aan boqotte.

Raajiiwwan fi Fakkeenyota Maariyaam Kakuu Moofaa muraasa

Raajonni dursanii waa’ee boqonnaa fi ka’umsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam iccitiidhaan dubbataniiru. Raajichi Daawwit Faaruu isaatiin «Maaloo gara boqonnaa keetti ka’i! Ati fi Taabonni Mana Qulqullummaa kee!» jedheera. Faaruu 132:8. Yaa gooftaa koo gara amantootaaf boqonnaa itti kennitu gara Mootummaa Samiitti Taabota Mana Qulqullummaa kee Dubroo Maariyaam qabadhuu ka’i yeroo jedhudha. Kunis haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam akka ka’umsa ilma isheetti ka’uu ishee kan agarsiisudha. Taabota sababni inni jedheefis Bultoo isaa waan taateefi.

Mootichi Solomoonis «Yaa kaadhima koo ka’i! yaa miidhagina koo koottu kunoi Ganni darbe, Bokkaanis darbee deeme Abaaboowwan lafa irratti mul’atan. Yeroon yeedaloos ga’e …. jechi lafa irratti dhaga’ame. Balasiin ija godhachuu jalqabe, Wayiniin Abaaboo godhachuu jalqaban, foolii gaarii isaaniis kennan . Yaa kaadhima koo ka’i, yaa miidhagina koo koottu!» jechuun waa’ee Dubroo Maariyaam fakkeenyaan dubbateera. Weedduu Weedduu Caalu. 2:10-13.

Kaadhima isaa, miidhagina isaatiin ka’i! koottu jechaa waamaa kan ture Iyyesuus Kiristoos dha. Kan waamamtes Dubroo Maariyaam dha. Kunoo ganni darbe jechuun godaansaan, jibbiinsa Ayihuudotaa guyyaa guyyaanii irraa ilaalaa gidiraa mucaa ishee fi fannifamuu isaa Simi’oon Mana Qulqullummaatti akka dubbate lapheen ishee sayifii gaddaatiin kan itti waraaname ganni gidiraa ykn waqtiin gidiraa darbee dhukkubbiin Kiristoos, duuti isaa, Addunyaa kanaaf of kennuun isaa raawwatameera.

Ka’umsi isaa lafa irratti ibsameera, lallabameera jechuudha. Lafa irratti Abaaboon mul’ateera jechuun sagaleen Duuka Bu’ootaa lafa irratti iddoo hunda gaheera jechuudha. Raajichi Daawwit «Sagaleen isaanii lafa hundaatti, jechi isaaniis hanga qarqara Addunyaatti ba’e!» jedhee waa’ee Duuka Bu’ootaa kan dubbate waa’ee gidiraa fi godaansa Addunyaa irra jiruu yeroo ibsudha. Faaruu. 18:4.

Yeroon yeedaloos gahe kan jedhe yeroo gidiraati. Sululli garaa garaa midhaaniin uffifaman, gammachuu dhaan ni iyyu, ni faarfatus jedhameera. Faaruu. 65:13. Yeroon makaraa gahe kan jedhame makarri yeroo firii ta’uu isaatiin Kiristaanummaan firii godhateera jechuudha. Balasiin ija godhachuu jalqabe jechuun ammoo firii hojii gaarii osoo hin buufatiin namoonni turan hojii gaarii hojjechuu jalqabuu isaanii kan agarsiisudha. Dhuma irrattis Wayiniin Abaaboo godhataniiru, foolii gaarii isaanii kennaniiru akka jedhame guutummaa Addunyaatti Manneen Kiristaanaa Amantaa dhaan durii godhachuun, foolii gaarii hojii isaanii dhiyeessuu erga jalqaban booda haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ni boqotte.

Boqonnaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan ture Amajjii 21 tti Duuka Bu’oonni foon ishee boqochiisuuf gara iddoo awwaalaa Geeteesemaanii qabatanii yeroo deeman Ayihuudonni inaaffaan ka’aanii «Dur ilmi ishee guyyaa sadaffaatti du’aa ka’e, guyyaa Afurtammaffaatti ol ba’e. Irra deebiinis deebi’ee Addunyaa kana dabarsuuf ni dhufa. Jedhanii barsiisuun uummata fudhataniiru. Amma ammoo yoo callisnee dhiisne isheenis akka ilma ishee du’aa kaate, ol baate jedhanii barsiisuun nu jeequufi mitii? koottaa walitti qabamnee abiddaan ishee haa gubnu jedhanii waliin mari’atanii ba’aanii isaan keessaa Taawufaaniyaa namichi Ayihuudii filatamee deemee siree foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam baate ni qabe. Siree kana yeroo qabates ergamaan Waaqayyoo sayifii abiddaatiin harka isaa lamaan ni mure. Taawufaaniyaanis hojii isaatti gaabbee gara Dubroo Maariyaam waan kadhateef raajiidhaan harki isaa lamaan muramanii turan gara iddoo isaanii duriitti deebi’an.

Ergamaan Waaqayyoo foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Qulqulluu Yohaannis waliin gara iddoo gammachuun jiru gara Jannataatti Afuura Qulqulluun geesse. Gooftaanis foon Dubroo Maariyaam akka baastuuf lafa akka waamaniif Hangafoota Ergamootaa torban ni ajaje. Isaanis akka baatuuf Waaqayyo si ajajeera jedhaniin. Yeroo sanattis muka jireenyaa jalatti kan argamu iddoo awwaalaa irraa foon Dubroo Maariyaam ni ba’e. Gooftaan keenyas bara baraan kan ta’e gara Mootummaa Waaqayyootti Ergamoonni fi Wareegamtoonni akka isheef sagadaniif ol baase. Mootichi Daawwit «Uffata Warqii uffattee Mootittiin mirga kee ni dhaabbatti.» Faaruu. 44:9

Raajiiwwan fi Fakkeenyota

Wangeelaawwii Yohaannisis ishee irraa eebba fudhatee deebi’ee samii irraa bu’e. Duuka Bu’oonnis walitti qabamanii waa’ee foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo gaddan isaan arge. Innis akka arge, akka dhaga’e foon ishee kabaja guddaadhaan ol ba’uu isaa itti hime. Duuka Bu’oonnis waggaa guutuu turan. Jiinni Hagayyaa yeroo seenettis Qulqulluun Yohaannis akkas jedheen; Foon Dubroo Maariyaam ilaaluuf koottaa! subaa’ee lama tsoomuun haa kadhannu jedhe. Tsoomii fi kadhannaadhaan subaa’ee qabatan, Gooftaanis foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fidee waan isaaniif kenneef faarfannaa dhaan, Galatoo dhaan geessanii iddoo awwaalaa dursee qophaa’e Geeteesemaanii tti ishee awwaalan.

Sirni awwaala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo raawwatamu Duuka Bu’ootaa kudha lamaan keessaa tokko kan ta’e Duuka Bu’aan Qulqulluun Toomaas hin jiru ture waan ta’eef, biyya lallabaa isaa irraa duumessaan fe’amee gara Iyyerusaaleemitti yeroo dhufu haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo itti awwaalamte irraa guyyaa sadaffaatti akka ilma isheetti yeroo ol baatu ishee arge. Innis yeroo kana ka’umsa ishee Duuka Bu’oonni kanneen biroo arganii inni kan hin argine itti fakkaatee gadduudhaan «Jalqaba ka’umsa ilma kee amma ammoo ka’umsa kee osoon hin argiin hafe!» jedhee baay’ee gadde. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis isaan ala Duuka Bu’oonni kanneen biroo ka’umsa ishee akka hin argine itti himtee isa jajjabeessitee deemees Duuka Bu’ootatti wanta ta’e hunda akka itti himu isa ajajjee mallattoo akka isaaf ta’uuf uffata ishee irraa kuttee itti kennuun ol baate.

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Toomaas Iyyerusaaleem yeroo gahetti foon Dubroo Maariyaam ni awwaalle jedhanii itti himan innis «Duuti Amajjiitti Awwaalli Hagayyatti! akkamitti ta’a?» isaaniin jedhe. «Ati ka’umsa gooftaa shakkitee turte, ammas hin amantuu?» jedhanii dursummaa Qulqulluu Pheexiroosiin gara iddoo awwaala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti isa qabatanii deemanii awwaalli sun yeroo banamu foon ishee dhaban. Yeroo kanas ni rifatan. Innis «Na hin amantan jedheeni malee Dubroon Maariyaam kaatee ol baateerti!» jedhee wanta ta’e hunda itti hime. Ragaadhaafis uffata isheen kuttee itti kennite isaanitti agarsiise. Isaanis uffata kana eebbaaf adda kutanii hiratanii gara biyya lallabaa isaaniitti deeman.

Duuka Bu’oonnis ka’umsa kee Qulqulluun Toomaas argee nuti maalif nutti hafa jedhanii Hagayya 1 irraa kaasanii subaa’ee seenan. Dhuma subaa’ee kanaa irratti Hagayya kudha jahatti gooftaan keenya kadhannaa isaanii fudhatee teessoo ykn manbarii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin :- Qulqulluu Pheexiroos Luba, Qulqulluu Isxifaanoos Diyaaqonii Hangafa taasisee erga hunda isaanii qorrobsiise booda ol Ba’iinsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam isaanitti agarsiiseera.

Manni Kiristaanaa keenyas sirna ishee hundeessitee tsoomiiwwan gurguddoo torban keessaa tokko taasistee akka tsoomamu ni labsiti. Iccitii ajaa’ibaa Duuka Bu’oonni ilaalan kanas ka’umsaa fi ol ba’iinsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam arguuf fi eebba abbootii Duuka Bu’ootaa argachuuf ni tsoomama, subaa’een ni seenama.

Channel keenya Telegram Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbi fi Araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Dubroo Maariyaam : Ol Ba’iinsa fi Kakuu Araaraa first appeared on Qubee Online +.

Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 1ffaa – Seensa
Hiikoo Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Hiikoo Sirna Qiddaasee mata duree jedhuun koorsii Afuurawaa kana keessatti, waa’ee hiikoo Sirna Galatoo ykn Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo ni ilaalla. Isinis nu waliin turaa.

Kutaa 1ffaa

Hubachiisa :- Barreeffamni kun Afaan Amaariffaa irraa kan hiikame waan ta’eef, akkasumas jechoota Gi’iizii hedduu waan of keessaa qabuuf yeroo dubbistan wal bira qabdanii dubbisuun hubachuuf yaalaa!

Kutaa kana keessatti qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaallu;

Hiika Sirna Galatoo

Qoqqoodama Sirna Qiddaasee

Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe?

Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan

Kaayyoo guddaa Sirna Qiddaasee fi k.k.f dha. Dubbisaa!

Hiika Sirna Qiddaasee ykn Sirna Galatoo

Jechi «Sirna» ykn «ሥርዓት» jedhu ykn kana jechuun jecha Gi’iizii «ሠርዐ ሠራ» jedhu irraa kan dhufe dha. Hiikni jechichaas seera, dambii, hojimaata…, jechuudha.

Read Also :- Qulqulluu Luqaas, Wangeela Luqaas fi Hojii Duuka Bu’ootaa

Qiddaasee jechuun ammoo «Qulqulleesse, eebbise, galateeffate, qulleesse, foo’e, Waaqayyoof adda baasee kenne» kan jedhu irraa kan ba’e yoo ta’u, hiikni jechichaas :- eebbisuu, Qulqulleessuu, galateeffachuu jechuudha. Sirna Qiddaasee kan jedhus al tokkoon ykn walitti qabnee dubbisnee yeroo hiiknus sagantaa galateeffannaa, ykn sirna galateeffannaa kan jedhu ta’a.

Sirni Qiddaasee Sirna Kadhannaa Qurbaanaa ni jedhama.

Qoqqoodama Sirna Galatoo

Walumaa galatti sirni Qiddaasee (Sirni Kadhannaa Qurbaanaa) iddoo saditti qoodama;

Kutaan inni jalqabaa kutaa qophii Qiddaasee ykn Gibi’aate Menxolaa’it ykn Sir’aate Gibts jedhama. Kunis «O! ihuhiyee bezintu libbuna» ykn «Yaa obboleessa koo laphee walitti qabameen cimi! ykn dhaabbadhu!» kan jedhu irraa kaasee «Mi maxan zatti ilet girmit» ykn «Guyyaan kun hangam kan nama sodaachistudha!» hanga jedhuutti kan jirudha.

Kutaan Qiddaasee inni lammaffaan ammoo kutaa barumsa Wangeelaa, gorsaa fi galataa yoo ta’u, maqaa baramaadhaan sirna Qiddaasee jedhama. Yeroo Kutaa Sirna Qiddaasee kana keessatti Wangeela Qulqulluu irraa, Raajii Raajota Qulqullootaa irraa, Ergaawwan Duuka Bu’ootaa keessaa akkasumas Wangeelli Gooftaa Qulqulluun ni dubbifama, ni hiikama.

Kutaan inni sadaffaan ammoo Habistiin gara foon Waaqaatti, Wayiniin ammoo gara dhiiga Waaqummaatti kan itti jijjiiramu, yeroo Kadhannaa fi galataati. Keessattuu yeroo kadhannaa kanatti galata hunda keessaa galanni addaa filatame «Habena ni’ibber bezazi’ake Menfes Kidus» «Jireenya kee Amalummaa Afuura Qulqulluu ergitee, Habistii kana, Wayinii kana jijjiirtee, foon kee fi dhiiga kee taasistee si waliin tokko akka taanuuf tokko ta’uu nuuf kenni!» jedhee Lubichi yeroo galateeffatu, bu’iinsa Afuura Qulqulluu ta’a. Habistiin jijjiiramee Foon Waaqayyoo, Wayiniin jijjiiramee dhiiga Waaqayyoo ykn dhiiga Waaqummaa ta’a. Dimshaashumatti kutaan Kadhannaa Qiddaasee kun «Firee Qiddaasee» jedhamuun beekama. Kutaan ykn yeroon Kadhannaa kun kan itti gaggeeffamu akka Sirna Mana Kiristaanaa keenyaatti Qiddaaseewwan 14 qabna.

Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe?

Sirna Qiddaasee (Sirna Kadhannaa Qurbaanaa) kan hundeesse ykn jalqabe Hangafa Lubootaa Iyyesuus Kiristoosidha. Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa Kadhannaa Kamisaa galgala sirna Kakuu Moofaatiin Duuka Bu’oota waliin maaddii Ayyaana Faasikaa irra taa’ee, Duuka Bu’oota Isaatiin foon koo fi dhiigni koo kunooti jedhee Qulqulluu Foon isaa fi kabajamaa dhiiga isaa kenneefiira. Akkasis taasisaa jedhee Sirna Qiddaasee hundeesse. Sirnichas gochaan fi barumsaan isaan barsiiseera. Kadhannaa Qurbaanaas ni taasise (Maat. 26:26-28, Marq. 14:17-25, Luq. 22:14-38, Yoh. 6:56-59, 1 Qor. 11:23-26)

Kunis Sirni Qiddaasee yeroo jalqabaaf kan raawwate Bara Wangeelaa Mana Qulqullummaa kan ture mana nama Alaazaar jedhamutti ture.

Hardhas duraa duuba sirna Qiddaasee hardha gaggeessinuu kan walitti qabe Qulqulluu Baasiliyoos isa Qisaariyaati.

Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan

Sirna Qiddaasee jalqabaa irratti kan hirmaatan ykn sirna Qiddaasee jalqabaa kana kan asqaddasiisaniifi

kan qorroban Qulqulloota Duuka Bu’oota turan. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroon ykn sa’aatiin Kadhannaa Qurbaanaa yeroo gahetti Kadhannaa Qiddaasee raawwadhuuf Duuka Bu’oota kudha lamaan waliin maaddii irra taa’e. Luq. 22:14. Duuka bu’oonnis Sirna Qiddaasee hirmaatanii ykn asqaddasiisanii Qulqulluu Qurbaana erga fudhataniin booda ni galateeffatan. Erga galateeffatan, erga faarfatan booda gara Dabra Zayit ykn Tulluu Ejersaatti ba’an. (Maat. 26:30) Mana Kiristaanaa keenya ishee hardhaa keessattis Kadhannaa Qiddaaseetiif kan walitti qabamnu ykn Kadhannaa Qiddaaseetiif Mana Kiristaanaatti kan walitti qabamnu kanarraa kaaneetu waan ta’eef Kadhannaa Qurbaanaatiin isa galateeffanna, Foon kee Qulqulluu fi dhiiga kee kabajamaa nyaachuu fi dhuguuf arjummaa keetiin waan kanaaf nu qaqqabsiisteef jennees ni kabajna, ni galateeffanna.

Kanaafidha namoonni Foonii fi dhiiga isaatiif gahan yeroo foon isaa fi dhiiga isaa fudhatan «Isime hayal lante, ikut wesibbuh weleke sibhat le alem alem» ykn «Qulqulluu foon kee fi kabajamaa dhiiga kee nuuf kennitee jireenya bara baraa akja argannuuf, waan nuuf kenniteef ykn kan nuuf kennite ati jabaadha dha waan taateef, kabajamaa jedhamuun, galateeffamaa jedhamuun siif ni ta’a,» jennee kan faarfannuuf. Faaruun kunis yeroo sanatti Duuka bu’oonni Qulqulluu Qurbaana erga fudhatan booda faaruu akka isaan faarfataniiti.

Kaayyoo guddaa Sirnichaa

Soorri Aarsaa Oriitii raawwachuu isaa, bakka isaa ammoo sirni bara baraa Kakuu Haaraa Aarsaa Wangeelaa kan ta’e haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa kan dhalate, Qulqulluu Foon isaa fi kabajamaa dhiiga isaa arjummaa isaatiin kan isatti amananiifi akkasumas jireenya bara baraa kan hawwan hundaaf fudhadhaa jedhee kennuu isaa waliin Abbootii Duuka Bu’ootaatiif, Duuka Bu’oota isaaniitiif Sirnicha barsiisuu fi raawwachuufidha. 1 Qor. 1:25-26, Akkasis jedhee «Namni asii biddeen yoo nyaate bara baraaf ni jiraata, foon koo kan nyaatus, dhiiga koo kan dhugus jireenya bara baraa qaba» Yoh. 6:51-59.

Galanniifi ulfinni isaaf haa ta’uutii jireenyi bara baraa kan itti argamu Sirna Kadhannaa Qurbaanaa hirmaachuuf (Qiddaasee hirmaachuuf ykn Qiddaasee qadasiisuuf) gara Mana Kiristaanaatti yeroo deemnutti Duuka Bu’oota keessaa akka Duuka bu’a isa tokkootti ykn akka bartuu isa tokkotti Hangafni Lubootaa Iyyesuus Kiristoos akka nu filatee fi akka nu waame osoo hin dagatiin ykn osoo hin irraanfatiin «Mana Bultoo Waaqayyootti jiraachuun akkamitti akka nuuf ta’u ykn akkamitti akka siif ta’u akka beeknuuf ykn akkamitti akka beektuuf siin barreessa» 1 Xim. 3:15 jedhee Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos ilma ykn mucaa isaa Afuuraa Ximootewoos akkuma gorse, nutis akkuma kanatti Sirna Sirna Qiddaasee sanaa beeknee, Mana Waaqayyootti akkamitti jiraachuu akka qabnu ni baranna. Sirna malee kan deeman isaanitti dheekkaman jedheera waan ta’eef. 2 Tas. 5:14

Kutaa itti aanutti ykn Kutaa 2ffaa keessatti;

Qophii dursaa Sirna Galatoo hirmaachuuf deemuu keenyaan dura taasifnu

Qophii Sammuu ykn yaadaa taasisnu

Qophii Qulqullina Qaama keenyaa eeggachuun taasisna

Qophii Sirna Uffannaa Afuurawaa Eeguuf taasisnu fi k.k.f ni ilaalla! Link kana tuquun dubbisaa – Kutaa 2ffaa

Channel keenya Telegram Ortodoksii Tawaahidoo jedhu join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Itti fufa!

The post Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 1ffaa – Seensa first appeared on Qubee Online +.

Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 5ffaa
Hiikoo Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Kutaa 5ffaa

Sirna Qiddaasee akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidootti.  Mata duree kana keessatti waa’ee hiikoo sirna Galatoo ykn sirna Qiddaasee ilaalaa jirra.

Hub:- Hiikoo Sirna Qiddaasee Kutaalee darban osoo hin dubbisiin kutaa kanatti hin darbiinaa!

Hiikoo Sirna Qiddaasee

Hiikoo Sirna Qiddaasee Ortodoksii Tawaahidoo

Galatoo Galata hunda irra caalu ykn Galatoo galata hunda irra Kabajamaa ta’e

1. «አሐዱ» ykn «Tokko»

Akkuma beekamu keessas ta’e ala kan jiru hundi tokkummaa dhaan kan irratti hirmaatu galatoon galata hunda irra caalu, jalqaba galatoo kan ta’e galata kanadha:

Kunis;

Lubichi :-

«አሐዱ አብ ቅዱስ

አሐዱ ወልድ ቅዱስ

አሐዱ መንፈስ ቅዱስ ቅዱስ» ykn «Abbaan tokkichi Qulqulluudha

Ilmi tokkichi Qulqulluudha

Afuurri Qulqulluu tokkochis Qulqulluudha»

jedhee yeedaloodhaan dubbisa erga dhageessise booda

Uummannis :-

«በአማን አብ ቅዱስ

በአማን ወልድ ቅዱስ

በአማን ውእቱ መንፈስ ቅዱስ» ykn «Dhugumatti Abbaan tokkichi Qulqulluudha

Dhugumatti Ilmi tokkichi Qulqulluudha

Dhugumatti Afuurri Qulqulluus Qulqulludha!»

jechuudhaan Uumaa isaanii Waaqayyo tokkummaa fi sadummaa isaatiin isa galateeffatu, galateffachuunis isaanirraa eegama.

A). Hiikoo Galatoo kanaa

«አሐዱ አብ ቅዱስ» ykn «Abbaan tokkichi Qulqulluudha» jechuun :- maqaaadhaan, qaamaan, hojiidhaan Ilma fi Afuura Qulqulluu waliin adda kan ta’u, garuu Amalummaa dhaan, jireenyaan, aangoodhaan, bituudhaan tokko kan ta’u Abbaan kan Afuurri Qulqulluu irraa bahudha, Abbaa ilmaati jechuudha.

«አሐዱ ወልድ ቅዱስ» ykn «Ilmi tokkichi Qulqulluudha» jechuun ammoo :- maqaaadhaan, qaamaan, hojiidhaan Abbaa fi Afuura Qulqulluu waliin adda kan ta’u, garuu Amalummaa dhaan, jireenyaan, aangoodhaan, bituudhaan tokko kan ta’u ilmi kan dhalatedha jechuudha.

«አሐዱ መንፈስ ቅዱስ ቅዱስ» ykn «Afuurri Qulqulluu tokkochis Qulqulluudha» jechuun ammoo:- maqaaadhaan, qaamaan, hojiidhaan Abbaa fi Ilma waliin kan adda kan ta’u, garuu Amalummaa dhaan, jireenyaan, aangoodhaan, bituudhaan tokko kan ta’u Afuurri Qulqulluu kan Abbaa irraa bahudha jechuudha.

B). Hiikoo Galatoo kana irratti deebii Uummataa

Yeroo Galatoo kanattis namoonni Sirna Qiddaasee sana hirmaatan ykn Asqaddasan ykn uummanni;

«በአማን አብ ቅዱስ

በአማን ወልድ ቅዱስ

በአማን ውእቱ መንፈስ ቅዱስ» ykn

«Dhugumatti Abbaan tokkichi Qulqulluudha

Dhugumatti Ilmi tokkichi Qulqulluudha

Dhugumatti Afuurri Qulqulluus Qulqulludha!»

jedhanii jecha Galatoo Lubichaa fudhatanii, deebii deebisuun barbaachisaa waan ta’eef akkas jedhanii galateeffatu.

Hiikni Sagalichaas :- Qulqulluu fi kabajamaa, adda kan ta’u Abbaan dhugumatti Abbaadha, Qulqulluu fi kabajamaa, adda kan ta’u Ilmi dhugumatti kan dhalatedha, Qulqulluu fi kabajamaa, adda kan ta’u Afuurri Qulqulluu dhugumatti Abbaa irraa kan bahedha jechuudha.

Galatoo keenya kanaanis Raajichi Hizqi’eel fi Raajichi Isaayyaas kan isaan argan, teessoo isaatti marsanii, Teessoo isaa baatanii osoo adda hin kutiin Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu jedhanii Tokkummaa fi Sadummaa isaatiin kan isa galateeffatan Suraafeel fi Kiruubeel waan fakkaannuuf, galanni keenya galata isaanii, Ixaanni keenya Ixaana isaanii waliin Teessoo Sillaasee irra nuuf gaha. Isa. 6:3. Ergamoota Qulqulloota waliin akka Qulqulloota Ergamootaatti akka isa galateeffannuuf kan nu waame, kan nu filate Waaqayyoof galanni haa ta’u! Ameen!

Read Also :- Meeshaalee Qulqullaa’oo Kutaa 1ffaa

2. Labsii Diyaaqonootaa yeroo Sirna Qiddaasee

Diyaaqoniin uummanni ykn Asqaddashiin akka hin mukoofneef, kabajaa fi sodaadhaan ta’ee labsii Mootii Samii Kiristoos dabarsa.

Labsiiwwan kanneen keessaas isaan hangafoonni ykn isaa ijoon;

«ተንስኡ ለጸሎት»

«ጸልዩ በእንተ እገሌ»

«ስገዱ ለእግዚአብሔር» dha.

2.1. «ተንስኡ ለጸሎት» ykn « Kadhannaadhaaf ka’aa!»

Diyaaqoniin Kadhannaadhaaf ka’aa yeroo jedhu ykn labsii Kadhannaadhaaf ka’aa jedhu Diyaaqoniin yeroo labsu «እግዚኦ ተሰሃለነ» ykn «Maaloo nuuf dhiisi!» jennee Yeedaloodhaan ykn dubbisaan kennaa sana deebisuu qabna.

Kadhannaadhaaf ka’aa isa jalqabaa irratti ykn Jalqaba irratti «Kadhannaadhaaf ka’aa!» yeroo jedhamnu labsii sana dursinee sagadneerra yoo ta’e, akkasumas teenyee jirras yoo ta’e ka’uu keenya ykn akka kaanu agarsiisa.

Karaa isa lammaffaatiin ammoo Waaqayyo dagachuu ykn Irraanfachuu irraa gara Waaqayyo yaaduutti deebi’aa ykn laphee keessan gara Waaqayyo yaaduutti deebisaa, Waaqayyo galateeffachuuf laphee keessan kakaasaa jedhee ka’umsa laphee agarsiisa.

2.1.1. Hiikoo «እግዚኦ ተሰሃለነ» ykn «Maaloo nuuf dhiisi!» Sirna Qiddaasee irratti

Nutis Maaloo nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ ተሰሃለነ» yeroo jennu, Maaloo garaa laafi! nuuf dhiisi! jechuu keenya.

2.1.2. Hiikoo «ሰላም ለኩልኩሙ» ykn «Nagaan isiniif haa ta’u!»

Lubichis «Maaloo nuuf dhiisi!» jennee kadhannaa kadhanne sana hubatee bakka Gooftaa bu’ee ykn akka Gooftaatti «ሰላም ለኩልኩሙ» ykn «Nagaan isiniif haa ta’u!» Luq. 24:36 isin araarseera, akkam jirtu? jechuudhaan sagalee isaa nu dhageessisa.

2.1.3. «ምስለ መንፈስከ» ykn «Afuura kee waliin»

«Afuura kee waliin» jechuun akka jecha keetti nuuf haa ta’u, akka arjummaa keetti nuuf dhiisi jechuudhaan ifni Addunyaa Qulqulluun Phaawuloos «Faaruu fi faarsaadhaan, Qinee Afuurawaatiin walii walii keessan dudubbadhaa, Gooftaadhaaf laphee keessan irraa faarfadhaa» Efe. 5:19 waan nuun jedheef faaruudhaan uumaa keenya kennaa isaa fudhachuun fi deebisuun isa galateeffanna.

Bu’uurri Kadhannaa Qiddaasee eebbifamaa fi Kabajamaa kanaas Abbaa keenya Addaam, lubbuuwwan lubbuu isaatiin Si’ool keessatti turanii fi Gooftaa keenyadha.

Kadhannaadhaaf ni kaana jedhee kan dubbate Addamidha :- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos waggaan kuma 5 fi dhibbi 5 yeroo raawwatamu dhala dhala kee irraa dhaladheen si fayyisa kan jedheen qabatee lakka’aa tureera Addaam. Boodas guyyaa Jimaataatti Yaa Abbaa lubbuu koo harka keettin adaraa kenna yeroo jedhetti raajiin inni dubbate ni gahe, Subaa’een lakka’aames ni raawwate. Sin fayyisa naan jedhee ture ni hafee laata? jedhee osoo baasuu osoo buusuu;

Addaam Kadhannaadhaaf ka’aa jedhe.

Lubbuuwwanis Maaloo nuuf dhiisi! garaa nuuf laafi jedhan.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis qaama lubbuutiin bu’ee «Nagaan isiniif haa ta’u», isin araarse, akkam jirtu? jedheenii lubbuuwwan Si’ool jiraniif ifa Waaqummaa isaa ni ibseef.

Lubbuuwwanis «Afuura kee waliin» akka jecha keetti nuuf haa ta’u, akka dhiifama keetti nuuf dhiisi jedhanii bahaaniiru.

2.2. «ጸልዩ በእንተ እገሌ» ykn «Waa’ee Ebeluutiif Kadhadhaa!»

Waa’ee Ebeluutiif kadhadhaa kan jedhu labsii isa lammaffaati. Labsiin kun yeroo nuuf labsamu ykn yeroo nuuf darbu kan kadhannu waa’ee nageenyaa, waa’ee tokkummaa Waldaa keenyaa, waa’ee biyyaas, waa’ee Mana Kiristaanaas, waa’ee uummataas, waa’ee aanga’ootaa fi akkasumas waa’ee raayyaa isaas waa’ee namoota rakkataniis ….. ta’uu danda’a. Yeroo kanatti kennaan yoo hin jirre sammuu keenya keessatti ykn sagalee gadi qabuudhaan Kadhannaa «Yaa Abbaa keenyaa» jechuun nurraa eegama.

2.3. «ስገዱ ለእግዚአብሔር በፍርሃት» ykn «Waaqayyoof sodaadhaan sagadaa!»

Labsii inni sadaffaan kanadha. Laphee Waaqayyoo kan jedhame Qulqulluun Daawwit «Iddoo Qulqullummaa isaatti Waaqayyoof Sagadaa!» Faaruu. 28:2 jedhee akkuma faarfate, Nutis yeroo Diyaaqoniin Waaqayyoof sodaadhaan sagadaa, Waaqayyo sodaachuudhaan, kabajuudhaan, Waaqeffachuudhaan Waaqayyoof sagadaa jedhee yeroo Yeedaloodhaan labsii isaa dhageessisetti sagaduun nurraa eegama. Ta’us garuu si fuulduratti ni sagadna taa’uudhaan kan sagadne fakkaannee boqonnaa kan hawwinu sirrii ta’uu dhiisuu isaa hubachuu qabna ykn hubachuun barbaachisaadha. Sababni isaas uumaa keenya fuulduratti maal jennee waadaa akka galle haas yaadannu.

2.3.1 «ቅድሜከ እግዚኦ ንሰግድ ወንሴብሐከ» ykn «Maaloo fuuldura keetti siif sagadaa si galateeffanna, siif bitamna» jechuudhaan Waaqayyo fuulduratti waadaa galuu waliin kennaa isaas ni deebisna. Duuka bu’ichis «Samii fi lafa irratti, lafaa gadittis kan jiran hundi maqaa Iyyesuusiin akka jilbeeffataniif» nuun jedheera waan ta’eef. Filp. 2:10. Akkasumas Lubichi, Diyaaqoniin ajaja isaa yeroo dubbisan uummanni kufanii lafa dhungachuu qabu. (Sirna Qiddaasee)

Ta’us garuu Labsii Diyaaqonii hubachuu dhabuudhaan;

Kadhannaadhaaf ka’aa yeroo jedhamnu gara manaatti deemuuf qophaa’uun,

Nagaan isiiniif haa ta’u yeroo jedhamnu deebi’uuf deemsa jalqabuun sirrii miti.

Amantoonni ykn Kiristaanonni tokko tokko «Waaqayyoof sodaadhaan sagadaa» yeroo jedhamu, «Maaloo si fuulduratti ni sagadna» erga jenne booda teessoo qopheeffannee taa’uudhaan, dabalataanis kan sagadne fakkaannee boqonnaa kan hawwinu yoo jiraanne dogoggorreerra. Ajajichi kan nutti agarsiisu jilba keenya lafatti tuqsiisnee, adda keenyaan lafa tuqnee akka sagadnuuf malee akka teenyuuf ykn warri dhadhabdan boqonnaa fudhadhaa jechuu miti.

Ta’us garuu sababa dhukkubaan, dullumaan yoo ta’e akka qaamni isaanii isaaniif bitametti ni sagadu ykn haa sagadan.

2.3.2. Yeroo Sirna Qiddaasee yeroo meeqa sagadna?

Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti sagaduun kan nurraa eegamu yeroowwan afur (4) dha. Isaan kana keessaas Diyaaqoniin «Waaqayyoof sodaadhaan Sagadaa!» labsii jedhu kan itti lama qofa.

Sirna Qiddaasee irratti Yeroowwan nuti itti sagadnu;

Sirna Qiddaasee irratti ykn Qiddaasee isa jalqabaa irratti yeroo Lubni Kadhannaa Gaabbii nuuf kadhatu

Lammaffaa irratti Qiddaasee irratti Diyaaqoniin fuula isaa gara Lixaa ykn Dhihaatti deebisee «Waaqayyoof sodaadhaan Sagadaa!» jedhee yeroo nu ajaju.

Sadaffaa irratti Qiddaasee irratti yeroo Kadhannaa Gaabbii isa lammaffaa Diyaaqoniin namoonni dhaabbattan mataa keessan gadi qabaa sagadaa jedhee yeroo nu ajaju.

Yeroo Qulqulluu Qurbaanni raawwatamu ykn kennamu sagaduun barbaachisaadha.

Mataa gadi qabuun nagaa kennuu ykn mataa gadi qabuun harka fuudhuu

Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti mataa gadi qabuun eebba argachuu waliin nagaa kennuun barbaachisaadha. Yeroowwan nuti mataa keenya gadi itti qabnus yeroowwan beekamoodha;

Abbootiin Kadhannaa Qiddaasee gidduutti eebba rogaa 21 yeroo eebbisanitti mataa keenya gadi qabuun eebicha fudhachuu qabna. Kan hin baramnes yoo ta’e baruun nurraa eegama.

Diyaaqoniin «Gaabbii keessa ka jirtan mataa keessan gadi qabaa!» yeroo nuun jedhu ykn labsii akkas jedhu yeroo dhageessisu morma keenya cabsinee Kadhannaa Gaabbii sana fudhachuu qabna.

Diyaaqoniin nagaa Duuka Bu’ootootiin nagaa waliif kennaa jedhee labsii isaa yeroo dhageessisu Dubartoonni Dubartoota gama Dubartootaatiin, Dhiironni ammoo Dhiirota gama dhiirotaatiin hunduu akka Saala isaatti nagaa wal gaafachuu ykn nagaa waliif kennuun ni barbaachisa.

Sirna Qulqulluu Qurbaanaa yeroo deebi’u ykn Fooniifi dhiigni isaa yeroo deebi’u sorooranii nagaa kennuun ni barbaachisa.

«Oo! Silluus Qidduus» yeroo dubbifamu morma keenya cabsinee ykn mataa keenya gadi qabnee Kadhannaa sana of kennuun dhageeffachuu qabna malee ajaja ykn labsii Sagadaa jedhu osoo hin dhaga’iin sagaduun nurraa hin eegamu. Yeroo baay’ee yeroo kanatti kan sagadnu seeraan ala waan ta’eef sirraa’uu qaba.

Dhuma irratti yeroo gargar bahuuf jedhan Diyaaqoniin «አድንኑ አርእስቲክሙ ቅድመ እግዚአብሔር አምላክነ በእደ ግብሩ ካህን ከመይባርክሙ» ykn «Tajaajilaa isaa harka Lubichaatiin akka eebbifamtaniif mataa keessan gadi gadi qabaa!» jedhee yeroo ajajudha.

Sagada isa dhumaatiin Kadhannaa Qiddaasee irrattis haa ta’u yeroo kamittiyyuu xumura Kadhannaa keenyaa irratti sagadnee nagaa kenninee ykn harka fuunee Yaa Abbaa keenyaa jennee Kadhannaa guyyichaaf qabnu xumurra. Fitihaa Negest. 14:536.

3. Yeroo Qiddaaseetti Sirna Wangeelaa

Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti sodaadhaan, callisaan wal dhageeffachuudhaan, kennaa isaa fudhachaa Asqaddasuun nurraa eegama. Keessattuu jechi ykn Sagaleen Mootii Samii jechi Waaqayyoo yeroo dubbifamu hanga xumuramutti;

Sorooranii dhaabbachuun nurraa eegama

Dubbisicha callisaan dhageeffachuun nurraa eegama

Wangeelli erga dubbifame booda Barsiisaan Wangeelaa hiikoo isaa beeku hiikee ni barsiisa ykn ni dhageessisa. Fitihaa Negest. 12:486.

Kana boodas «ነአምን በቃለ ወንጌልከ ቅዱስ» ykn «Qulqulluu kan ta’e jecha Wangeela keetti ni amanna!» jechuudhaan harka fuudhuun haguuggii of irraa buusaa dhungachuun nurraa eegama. (Sirna Qiddaasee)

Wangeelli erga dubbifame booda hojii cinqiitiin yoo ta’een ala bahuun sirrii miti. (Sirna Qiddaasee)

Lubni Wangeela dubbisus fuula isaa gara Bahaatti deebisee dubbisuun isarraa eegama.

Dabalataanis karaa Telegram nu hordofaa Ortodoksii Tawaahidoo

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 5ffaa first appeared on Qubee Online +.