Skip to content

Lakkaawwii Baraa Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii | Kutaa 3ffaa

Lakkaawwii Baraa Guyyoota Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa akkaataa Shallaggii isaa.

Akkaataa Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti

Koorsii Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii irratti xiyyeeffatu, yeroo darbe kutaalee lamaan isiniif dhiyeessinee ture.  Amma ammoo kutaa sadaffaa qabannee dhiyaanneerra hanga dhumaatti dubbisaa hiryoota keessaniifis qoodaa!

Kutaa 3ffaa

Seensa :- Kabajamtoota maatiiwwan Waaqayyoo ijoollee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaa Waaqayyootiin akkam jirtuu? Akkuma beekamu Koorsii gabaabaa kana erga eegallee ykn jalqabnee kaasee kutaalee lama kan ilaalle yoo ta’u, kutaan itti aanu kutaan 3ffaa kunooti. Kana dura garuu kutaalee darban Kutaa 1ffaa fi Kutaa 2ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa!

 

Lakkaawwii Baraa Guyyoota Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa akkaataa Shallaggii isaa.
Shallaggii Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii

 

6. Maxqi’ii (መጥቅዕ) Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii

 

Maxqi’ii jechuun (ደውል) ykn bilbila jechuudha. Maxqiin guyyaa inni irra oolu bu’uura godhachuun Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan guyyaa irra oolan irraa baafachuuf itti fayyadamna.

 

Maxqi’ii ykn bilbila argachuufis lakkoofsa Wanbarii ykn teessoo 19’n baay’isnee 30f hiruun

herreegna. Maxqi’ii ykn Dawool ykn bilbiladha, yeroo bilbilli bilbilamu barataan akkuma gara daree

isaatti walitti qabamu, Maxqi’iinis

Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan walitti qaba waan ta’eef.

 

Maxqi’ii ykn bilbila = Wanbarii ykn teessoo x 19 ÷ 30.

Bu’uura kanaatiin Maxqi’iin ykn bilbilli bara 2018 meeqa kan jedhuuf;

 

Maxqi’ii = 12×19 = 228 ta’a, kanas 30f hira 228÷30 = 7 ta’a. Hafteen isaa 18.

 

Kanaafuu Maxqi’ii ykn bilbilli kan bara 2018 = 18 dha.

 

Maxqi’iin 14 ol yoo ta’e Fulbaana, yoo 14 gadi ta’e ammoo Onkoloolessa keessa oola. 14

matumti isaa garuu Maxqi’ii hin ta’u. Maxqi’iin kunis ji’oota lama keessa qofa kan ooludha.

 

Ida’aamni Maxqi’ii fi Abaqtee walitti 30 ta’a.

 

7. Tawusaakii (ተውሳክ) daballii

 

Tawusaakii jechuun daballi jechuu yoo ta’u, guyyootii Ayyaanonni irra oolan baruuf Maxqi’ii waliin dabalamee kan lakka’aamudha.

 

Akkaataa lakkoofsa ykn lakkaawwii Tawusaakii lamatu jiru;

 

Tawusaakii ykn daballii guyyootaa fi

Tawusaakii ykn daballii Tsoomiiwwanii fi Ayyaanotaa

 

1.Tawusaakii ykn Daballii Guyyootaa

 

Tawusaakiin ykn daballiin kun Sanbata ykn Qidaamee irraa jalqaba. Daballii guyyootaa kana

argachuufis guyyaa itti Maxqi’iin oole borumtaa isaa iraa eegallee hanga guyyaa Nannaween

irra ooleetti ykn ooluutti yeroo lakkoofnu guyyaa 122 hanga 128 ta’a.

 

Borumtaa guyyaa Maxqi’iin irra oolee kaasee hanga guyyaa Nannaween ooleetti lakka’aa,

120’n isaa 30f hiraa haftee isaa ammoo qabachaa daballiin guyyootaa ni argama.

 

Maxqi’iin ykn bilbilli daballii guyyootaa ykn Tawusaakii guyyootaa waliin lakka’aamee Tsooma Nannawwee nuuf kenna.

 

Caalmaatti hubachuuf gabatee kanaa gadi jiru sirriitti dubbisaa.

 

Guyyaa ••• Baay’ina guyyoota 30’f yeroo hirru ••• Haftee

 

Sanbata ••• 128 ÷ 30 ••• 8

Dilbata ••• 127 ÷ 30 ••• 7

Wiixata ••• 126 ÷ 30 ••• 6

Kibxata ••• 125 ÷ 30 ••• 5

Roobii ••• 124 ÷ 30 ••• 4

Kamisa ••• 123 ÷ 30 ••• 3

Jimaata ••• 122 ÷ 30 ••• 2

 

Lakkaawwii Baraa Guyyoota Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa akkaataa Shallaggii isaa.
Tawusaakii Guyyootaa

 

2. Tawusaakii ykn daballii Tsoomiiwwanii fi Ayyaanotaa

 

Bu’uurri daballii ykn Tawusaakii Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii Tsoomii Nannawee dha.

 

Read Also :- Guyyoota Yaadannoo Ayyaanota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

 

Nannawee irraa jalqabnee hanga guyyaa Tsoomiin itti ooleettidha kan lakkoofnu.

 

Bu’uura kanaatiinis;

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma Guddaatti guyyaa 14

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Dabra Zayititti guyyaa 41

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Hoosaa’inaatti guyyaa 62

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Fannoo ykn Siqlatitti guyyaa 67

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Du’aa Ka’umsaatti guyyaa 69

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Rikbe Kaahinaatiitti guyyaa 93

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Ol ba’iinsaatti guyyaa 108

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga guyyaa shantamaffaa ykn Paaraaqiliixoositti guyyaa 118

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma Duuka Bu’ootaatti guyyaa 119

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma fayyinaatti guyyaa 121 ta’a.

 

Kanaa olitti kan tarreessine

kana daballi isaanii argachuuf tokkoon tokkoon isaanii warreen 30 ol ta’an 30’f hirra, yoo 30

gadi ta’aan ammoo akkuma jiranitti fudhachuun haftee isaanii Maxqi’ii waliin walitti dabaluun

waggaa isaatti guyyaa irra oolu barra ykn beekna.

 

Gabaabinnaan gabatee kanaa gadii keessatti haa ilaallu.

 

Lakkaawwii Baraa Guyyoota Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa akkaataa Shallaggii isaa.
Tawusaakii Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsoomii Guddaatti guyyoonni jiran guyyoota 14, yoo ta’aan lakkoofsi kun 30 gadi waan ta’eef kallattiidhaan fudhanna, kanaafuu hafteen isaa 14 dha.

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Dabra Zayititti guyyoonni jiran guyyoota 41, kanaafuu lakkoofsi kun 30 ol waan ta’eef, 30’f ni hirra yeroo kanas hafteen isaa 11 ta’a.

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Hoosaa’inaatti guyyoonni jiran guyyoota 62 yoo ta’aan, kanas 30’f yeroo hirru hafteen isaa 2 ta’a. Kana jechuunis 62 yeroo 30’f jirru 2 gahee lama hafa waan ta’eef.

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Fannifamuu Gooftaatti ykn Siqlatiitti guyyoonni jiran guyyoota 67 dha. Kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 7 ta’a.

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Du’aa Ka’umsa Gooftaatti guyyoonni jiran guyyoota 69 yoo ta’aan, lakkoofsa kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 9 ta’a.

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Rikbe Kaahinaatiitti guyyoonni jiran guyyoota 93 yoo ta’an, kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 3 ta’a.

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Ol ba’iinsa Gooftaatti guyyoonni jiran guyyoota 108 yoo ta’aan, kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 18 ta’a.

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Paaraqiliixoositti ykn hanga Ayyaana guyyaa Shantammaffaatti guyyoonni jiran guyyoota 118 yoo ta’aan kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 28 ta’a.

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma Duuka Bu’ootaatti guyyoonni jiran guyyoota 119 yoo ta’aan, kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 29 ta’a.

 

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma Fayyinaatti guyyoonni jiran guyyoota 121 yoo ta’aan kanas yeroo 30’f hirru hafteen isaa 1 ta’a.

 

8. Nannawee ykn Tsoomii Nannawee : Bu’uura Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii

 

Bu’uurri Tsoomiiwwanii fi Ayyaanotaa Nannaweedha. Nannaween Tawusaakii ykn daballii

hin qabu. Ayyaanni Maxqi’ii ykn Bilbilli Fulbaana irratti yoo ta’e Nannaween Amajjii, yoo

Ayyaanni Maxqi’ii Onkoloolessa irratti oole ammoo Nannaween Gurraandhala irra oolti. Garuu

Ayyaanni Maxqi’ii Fulbaana irra oolee Tawusaakii guyyootaa waliin yeroo walitti ida’aamu yoo

30 ol ta’e sababa haftee isaatiin Tsoomni Nannawee Guraandhala irra ni oolti. Maxqi’iin ykn

bilbilli Tawusaakii ykn daballii walin ida’amee yoo 30 gadi ta’e matumti isaa lakkoofsi argame

Nannawee jedhama.

 

Shallaggiin isaas :- Nannawee = Maxqi’ii + Tawusaaki guyyotaa

 

Bifuma kanaan guyyaa itti Tsoomni Nannawee kan bara 2018 oolu haa hojjennu;

 

Nannaween = Maxqi’ii ykn bilbila + Tawusaakii guyyootaa ykn daballi guyyootaa

 

Maxqi’iin bara 2018, 18 dha.

 

Maxqi’iin kun ykn Fulbaana 18 kan bara 2018 ammoo guyyaan irra oolu Dilbata dha.

 

Kanaaf akkuma dura ilaalle Tawusaakiin ykn daballi ykn hafteen Dilbata ammoo 7 dha.

 

Kanaafuu;

 

Nannawee = Fulbaana 18+ Tawusaakii Dilbataa ta’a, kana jechuunis

 

Nannawee = 18 + 7 = 25.

 

Kanaafuu Tsoomni Nannawee kan bara 2018 Amajjii 25 seena jechuudha.

 

Tsoomni Nannawee kan bara 2018 Amajjii irra kan ooleef, Maxqi’iin ykn bilbilli isaa Fulbaana irra waan ooleefidha.

 

Kanaa ol hin ba’u kanaa gadi hin bu’uu kan jedhu haa ilaallu, Kana gidduu garaa garummaa guyyoota 35 tu jira. Kunis fakkeenya Kitaabolee Kakuu Haaraa 35 ti. Daangaa isaa kanas gabatee kanaa gadi jiru keessatti haa ilaallu;

 

Lakkaawwii Baraa Guyyoota Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa akkaataa Shallaggii isaa.
Daangaa Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii

 

• Tsoomni Nannawee yeroo hunda Amajjii 17 fi Gurraandhala 21 gidduutti ta’a ykn oola

 

• Tsoomni guddaan yeroo hunda Gurraandhala 1 fi Bitootessa 5 gidduutti ta’a (kana jechuun Guyyaan seensa ykn jalqabbii Tsooma guddaa yoo dafee seene jedhame Gurraandhala 1 seena, yoo baay’ee turee seene jedhame ammoo Bitootessa 5 seena yeroo hunda guyyaan seensa Tsooma guddaa guyyoota kana gidduutti jechuudha)

 

• Dabra Zayit yeroo hunda Gurraandhala 28 fi Ebla 2 gidduu oola

 

• Hoosaa’inaan yeroo hunda Bitootessa 19 fi Ebla 23 gidduu oola

 

• Guyyaan Fannoon Gooftaa ykn Siqlatiin Bitootessa 24 fi Ebla 28 gidduu oola

 

• Guyyaan Du’aa Ka’umsa Gooftaa yeroo hunda Bitootessa 26 fi Ebla 30 gidduu oola

 

• Rikbe Kaahinaatiin yeroo hunda Ebla 20 fi Caamsaa 24 gidduu oola

 

• Ol ba’iinsi ykn Irget yeroo hunda Caamsaa 25 fi Waxabajjii 9 gidduu oola

 

• Paaraqiliixoos ykn Ayyaanni guyyaa Shantammaffaa yeroo hunda Caamsaa 15 fi Waxabajjii 19 gidduu oola

 

• Tsoomni Duuka Bu’ootaa yeroo hunda Caamsaa 16 fi Waxabajjii 20 gidduu oola

 

• Tsoomni Fayyinaa yeroo hunda Caamsaa 18 fi Waxabajjii 22 gidduu oola.

 

Hub :- Tarii armaan olitti barreeffamaan kan ilaalle kun isiniif galuu waan dhiisuuf Gabatee armaan olii irraa sirriitti dubbisaa!

 

Barnoota Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo karaa Telegram argachuuf Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

 

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *