Skip to content

Bara Haaraa Itoophiyaa fi warra Awuroppaa

Sababa Garaa Garummaa Bara Haaraa Itoophiyaa fi Awuroppaa

Lakkaawwiin Baraa kan Itoophiyaanotaa fi kan warra Awuroppaa maalif gar gar ta’e? Itoophiyaan maalif waggaa torba kan warra Awuroppaa irraa duubatti hafte

Bara Haaraa Itoophiyaa fi warra Awuroppaa

Sirna uumamaa irraa ka’uun yoo lakkoofne marsaan guyyootaa ykn Dilbataa hanga Sanbataa. (Qidaameetti) guyyoonni jiran baay’inni isaa torba ta’uun wal nama hin gaafachiisu. Akkasumas guyyoonni kunneen torban Ji’aa fi Waggaa dhaaf bu’uura ta’uun isaaniis haqa jirudha. Kunis marsaan guyyootaa kun sirna uumamaa irraa eegalee maqaa fi shallaggii guyyoota torbaan ka’umsa ta’aanii argamu. Ba’uu. 20:9-10

Kanaafuu isaan armaan olitti guyyoota torbatti guyyoonni ramadaman kunneen. Torbee torbeen deddeebi’aa ji’oota kudha lamaan, waqtiiwwan arfan fi waggaa nuuf kennu jechuudha.

Sadarkaa lammaffaa irratti ammoo Baatiiwwan ykn Ji’oonni lakkaawwii aduudhaan guyyoota 30, 30 ta’aanii. Ji’oota 12 hordofanii maqaa isaaniitiin yeroo waamaman guyyaan shanii fi ruubii ammoo Qaammee jedhamtee waamamti. Ta’us garuu shallaggiin kun yeroo Nooh ijoollee isaa qabatee gara Dooniitti seene irraa kaasee ta’uun isaa nama hin shakkisiisu. Uma. 7:24, 8:1-3

Lakkaawwii Baraa Itoophiyaanotaa fi Awuroppaanotaa

Ilmi Nooh Kaam obboleewwan isaa waliin yeroo carraa buusetti Kaamiif carraadhaan Afriikaan waan isa gaheef. Inumaayyuu Baatiin itti seene (Fulbaanni) abaaboo fi magariisummaan faayamee yeroo itti mul’atu. Kanaan ala guyyaa fi halkan sa’aatii dhaan kan itti wal qixa ta’aan waqtii kanatti gara. Itoophiyaatti seenuu isaatiin carraan Inquu taate naaf baateerti. Yeroo jedhu «ዕንቁ ዕጣ ወጣሽልኝ» ykn «Carraan Inquu taate naaf baate» jechuun Waaqa isaa galateeffateera.

Kana booda ijoolleen ijoolleen Kaam Waaqayyo Israa’eeliif Baatiin bilisa itti baatan kun jalqaba waggaa isiniif haa ta’u. Akkuma isaaniin jedhe ijoolleen Kaamis Baatiin gara Itoophiyaatti itti seenan jalqaba waggaa yaadannoo Abbaa isaanii. Kaam nuuf haa ta’u jedhanii jalqaba waggaa haaraa taasisanii moggaasaniiru.

Kanaanis isaan dura lakkaawwiin baraa ykn lakkaawwiin guyyaa jira turee? gaaffiin jedhu yoo jiraate. Namni jalqabaa Addaam daba Diyaabiloosiin Waaqayyo uumaa isaa fi bakka jireenya isaa.  Jannata dhabee gara Addunyaa kanatti yeroo godaanetti balleessaa isaa amanee.  Waaqayyo waliin walitti araaramuuf murteessee gaabbii gale.

Guyyaan itti gaabbii seene osoo guyyaa 40 hin guutiin guyyaa 35ffaatti osoo Subaa’een isaa hin xumuramiin.  Seexanni ergamaa fakkaatee itti dhiyaatee Waaqayyo siif dhiiseera ba’i jedheen. Innis ni ba’e. Sana boodas aarsaa dhiyeesse. Ta’us garuu Gooftaan Addunyaan aarsaa keetiin miti kan fayyu, kunis ati ana ta’uu hin dandeessu.

Ani garuu si’i ta’uu nan danda’a erga jedheen booda bu’uura waadaa isaaf kenneetiin. Subaa’ee guyyootaa waggootaan, subaa’ee waggootaa awuda qamarii dhaan lakkaa’uu jalqabe. Lakkaawwii Addaam kan jedhame waggaa 532 dha. Garaa garummaan lakkaawwii baraa kan keenya fi kan warra Awuroppaa. Nuti Jannata keessaa yeroo itti godaanee kaasee kan qabannee lakkoofnu yoo ta’u. Isaan ammoo Jannata keessa kan ture waggaa torba dabalatee erga uumamee kaasee lakkaa’u.

Lakkaawwii kanas ijoollee isaatiif Seera Lapheetiin dhaloota hanga Noohitti. Jiraniif dabarsuu fakkeenyaaf yeroo fi sa’aatii armaan olitti caqasame irraa kaasee.  Uummanni bara durii turan bittinnaa’uu isaaniitiin dura itti fayyadamaa turanii. Boodarra kan dhiisan lakkaawwiin ture tokkoon tokkoon Ji’aa guyyoota 30, 30 n qoodamanii haalli itti fayyadamaa turan akka jiru Kitaabni Qulqulluu ni hubachiisa.

Kunis bishaan badiinsaa yeroo ta’etti Nooh Doonii yeroo seenu «Bishaanichi guyyaa 150 mo’e» jedha. Guyyoonni 159 kunneen yeroo guyyaa 30, 30’n ramadaman Ji’a 5 ta’uu isaanii agarsiisa. Uma. 7:11-13, 8:3-7. Egaa lakkaawwii Bara Addaam fi Bara Nooh kan jedhame uummanni kanneen birooyyuu Seerri Oriitii osoo hin barreeffamiin Seera Lapheen fayyadamaa hamma turan, booda garuu Falaasfonni fi Mootonni garaa garaa yeroo yeroon ka’aaniin dhiisaa yeroo deeman Itoophiyaanonni fi Gibtsoonni akkasumas Ortodoksoonni kanneen biroo kan durii jechuunis Seera Laphee irraa gara Seera Oriitiitti garagalchamee Kitaaba Qulqulluu irratti kan argamu hin gadhiifne.

Itoophiyaanonni kana bu’uura godhachuun Ji’oota kudha lamaan guyyoota 30, 30 tti lakkaa’uun haftee tokko malee jechuunis akka warra Awuroppaatti yeroo tokko tokko 31, yeroo biraa 30, osoo hin taasisiin guyyoota 30, 30 tti ramadanii Ji’oota 12 taasisuun ittiin hojjechaa turaniiru.

Jalqabbiin Bara Haaraa maalif Fulbaana ta’e?

Ji’a ykn Baatiin Fulbaanaa waa’ee guyyaa jijjiirraa bara haaraa ta’uu isaa. Fulbaanni jalqaba Baatii bara haaraa ta’uu isaatiin olitti Itoophiyaatti qofaa osoo hin taane Bara Foonummaa «ዘመነ ሥጋዌ» dura guutummaa Addunyaatti jalqaba Ji’aa fi waggaa ture. Kunis kan barame jalqaba Kakuu Moofaa kan fudhatan Bara Haaraa Ayihuudotaa fi Ayyaana Maxqi’iin bu’uurummaa isaatiin kan hammatame ta’uun isaa ni beekama.

Kanaan alattis Fulbaanni dhuma waqtii Gannaa fi jalqabbii Waqtii Birraa ta’uu isaatiin olitti guyyaa fi halkan isaa kan itti sirraa’u ykn dheerinni guyyaa fi halkanii sa’aatiin isaa wal qixa kan itti ta’udha. Kanaafuu kana jalqabbii ji’oota waggaa taasisanii moggaasaniiru. Kanaafuu lakkaawwii baraa kana bara durii kan bara Kakuu Moofaa barreeffame qabattee jiraachuu ishee agarsiisa.

Keessattuu waa’ee Bara Haaraa ykn Lakkaawwii Baraa warra Awuroppaa akkaataa lakkaawwii isaa kan jedhame jalqaba irratti kan hundaa’e Addunyaan kan itti fayyadamaa ture Kaalaandariin warra Eeshiyaa sirrii miti jechuun Juuliyaan kan jedhamu Awugusxoos Qeesaar dura naannoo Bara Addunyaa 46 kan ture mudhii isaa hidhatee ka’uun wal simuu dhabuu deemsa guyyootaa fi waqtiiwwanii sirreessuuf Astiroonoomarii Gibtsii kan ta’e lakkaawwii ykn shallaggii Sooniijaniis gara isaatti fiduun waggaa guyyoota 365 fi ji’oota 12 tti qoode.

Dabalataan dubbisaa :- Lakkaawwii Baraa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti 

Guyyoota shanan akka Gibtsootaa, akka Itoophiyaanotaa, akka Giriikotaa Qaammee waan hin baafneef Bitootessa fi Caamsaa, Adoolessa fi Onkoloolessa irratti akka dabalaman taasisuu isaatiin dabalataatti kan biraas fooyyessuun guyyaa waggaa afur keessatti yeroo tokko argamtu dabaluun guyyoota waggaa 366 akka ta’u taasise.

Kana booda kuni har’a guutummaa Awuroppaatti ka’umsa lakkaawwii Kiristaanummaa Durii jedhamee kan ittiin hojjetamu yoo ta’u, Kaalaandarii kana kan mormu Lubni Paanaayiras jedhamu akkaataa Lakkaawwii Baraa Gibtsootaa fi Kitaaba Qulqulluu waliin wal bira qabuun Bara Araaraa 412 tti lakkaawwii baraa haaraa baase.

Dhadhabbii hayyuu kanaatiin kan Bara Addunyaa kan dabee ture sirreessuuf lakkaawwii Juuliyaaniin Hagayya 29 Bara Addunyaa 5,493 jedhee ramade. Lakkaawwiin kun gara lakkaawwii Itoophiyaatti yeroo jijjiiramu Fulbaana 1 Bara Addunyaa 5493 ta’a. Haa ta’u malee faallaa Luba kanaa kan ta’e Lubni Iniyaanoos jedhamu jalqabbii Bara Addunyaa gara Bitootessa 25, Bara 5,492 tti erga geesse booda, Manni Kiristaanaa Gibtsii kan dursee caqasame lakkaawwii Paanaayiras fudhattee hojii irra oolchite.

Kanaafidha lakkaawwiin baraa kan warra Awuroppaa lakkaawwii Baraa kan Gibtsii fi kan Itoophiyaa garaa garummaa waggaa torba fi ji’ootaatiin kan caaluuf. Kunis Awuroppaanonni jalqabbii Bara Araaraa dhaloota gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos waliin walitti siqsuuf jecha mormii hedduu booda Amajjii 1 Bara Addunyaa 5,507 jechuun Kaalaandarii keessa yeroo galchan Itoophiyaanonni fi Gibtsoonni garuu Addaam waggaa torba Jannata keessa itti ture hir’isuun Fulbaana 1 Bara Addunyaa 5,500 jalqabbii bara haaraa taasisaniiru. Sababa kanaan lakkaawwiin baraa kan Itoophiyaa kan Awuroppaanotaa irraa waggaa torba fi ji’oota duubatti hafa.

Barumsa guddaa akka irraa argattan abdii qabna!

Channel keenya WhatsApp follow taasisaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *