Wal Dhabdee Ministeera Barnootaa fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dhuunfaa Qabxii Seensa Sagantaa Reemeediyaalii irratti
Hordoftoonni website keenya Qubee Online akkam jirtu? Baga nagaadhaan dhuftan! mata duree kana keessatti dhimma wal dhabdee Ministeera Barnootaa fi Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa gidduutti qabxii seensa sagantaa reemeediyaalii bara 2018 irratti ka’e fi yaada gama lamaaniinuu jiru kan ilaallu ta’a! hanga dhumaatti dubbisaa hiriyoota keessaniifis qoodaa!
Qabxii Seensa Sagantaa Reemeediyaalii fi Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa

Qabxii seensa Sagantaa Reemeediyaalii bara 2018 waliin wal qabatee dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa fi Ministeera Barnootaa gidduutti wal dhabdeen uumamuun isaa ibsame.
Dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa kunneen gaaffii «Dogoggora lakkoofsaa» yeroo kaasan, Ministeerri Barnootaa ammoo lakkoofsi kun «Affirmative action» kan ilaallatudha jedheera.
Qormaata jalqabaatiin qabxii seensa Yuunivarsiitii kan hin galmeessisne barattoonni kutaa 12ffaa carraa lammaffaa kan itti argatan «Sagantaa Reemeediyaalii» ykn «Qormaata Reemeediyaalii» qabxii bara kanaa irratti dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa fi Ministeera Barnootaa gidduutti wal dhabdeen uumamuu isaa Waldaan Dhaabbilee Barnoota, Tekinikaa fi Ogummaa Dhuunfaa Itoophiyaa ibseera.
Waldaan kun «Hangi lakkoofsa karaa Ministeera Barnootaa ka’aamee kan parsantii darbiinsaa waliin wal simuu dhabuun isaa rakkoo fideera!» jechuun komii yeroo dhiyeessu, Ministeerichi gama isaatiin lakkoofsichi kan sirraa’e ta’uu isaa ibseera.
Hoji gaggeessaan Waldaa Dhaabbilee Barnoota, Tekinikaa fi Ogummaa Dhuunfaa Itoophiyaa obbo Tafarraa Gabayyoo; Ministeerichi «Barnoota sagantaa reemeediyaalii hordofuuf barattoonni akka gosoota barnoota isaan qoromaniitti 33% fi isaa ol fiduu qabu!» beeksisa jedhu baasuun isaa yaadachiisaniiru.
Haa ta’u malee Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaatiin Dhiirotaaf kan ka’aame ykn qabxiin seensa Sagantaa Reemeediyaalii 216 yoo ta’u gara Parsantiitti yeroo jijjiiramu Parsantii 36 ykn 36% akka ta’u ibsanii, garaa garummaan parsantii fi lakkoofsa gidduu jiru rakkoo akka fide ibsaniiru.
Obbo Tafarraan, dhimmicha ilaalchisee 36% ta’uu isaa kan odeeffannoon agarsiisu dhaabbilee dhaaf karaa email ergamuu isaa ibsaniiru. «Ta’us garuu odeeffannoon kun ‘ifa miti!’ jedhamuun isaa, dogoggora odeeffannoo akka hin finne nu yaaddesseera» jechuunis itti dabalaniiru.
Dhimma kana ilaalchisee abbaa taayitaa olaanoo Ministeera Barnootaa deebii akka itti kennaniif kan gaafataman yoo ta’u, isaanis yeroo deebisan «Lakkoofsonni yeroo ifa taasifaman wantoonni sirraa’uu qaban akka jiran hubanneerra» kan jedhan yoo ta’u, ta’us garuu rakkoo akka hin uumneef kan jedhuun dhaabbileef torbee kana xalayaan sirreeffamaa akka barreeffamu dubbataniiru.
Itti dabaluunis «Kan ka’aame ‘33%’ lakkoofsi jedhu naannolee fi lammiilee ‘affirmative action’ kennamuuf qofaa qabxii tajaajiludha!» jedhaniiru.
Mootummaa dhaan baasiin isaanii haguugamee Yuunivarsiitiiwwan Mootummaatti kan baratan fi Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa seenanii barattoota barataniif garuu qabxiin seensa sagantaa reemeediyaalii 36% ykn ammoo dhiiraaf 216, Shamarraniif ammoo 204 dha jechuun hubachiisaniiru.
Naannolee guddachaa jiraniif akkasumas naannolee horsiisee bulaaf gosoota barnoota hundaan jechuunis Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaatiin saala lamaaniinuu qabxii seensa sagantaa reemeediyaalii 198 dha.
Read Also :- Ministeera Barnootaa fi Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa
Dabalataanis dhaga’uu kan hin dandeenye barattoota Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaatiif qabxiin seensa sagantaa reemeediyaalii 198 yoo ta’u, kanneen ijaan arguu hin dandeenyeef ammoo qabxiin seensa sagantaa reemeediyaalii Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaatiin 165 ta’ee murtaa’eera.
Qabxiin Seensa Sagantaa Reemeediyaalii Meeqadha?
Akkuma armaan olitti ibsine dhimma kana irratti kanaan dura Ministeerri Barnootaa 33% jedhee kana ture irratti rakkoon waan uumameef, amma Ministeerri Barnootaa ifatti dhaabbilee barnoota olaanootiif xalayaa ergeen ifa kan taasise yoo ta’u, walumaa galatti qabxiin seensa sagantaa reemeediyaalii bara 2018 akka armaan gadiiti;
➫ Barattoota Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaa Dhiirotaaf – 216
➫ Barattoota Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaa Shamarraniif – 204
➫ Naannolee guddachaa jiraniif fi naannolee horsiisee bultootaaf Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaa Dhiirotaaf akkasumas Shamarraniif – 198
➫ Kanneen dhaga’uu hin dandeenyeef Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaa – 198
➫ Kanneen ijaan arguu hin dandeenyeef Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaa – 165
Ramaddii Yuunivarsiitii Ministeera Barnootaa Barattoota Sagantaa Reemeediyaalii
Barattoonni qabxii seensa sagantaa reemeediyaalii bara 2018 fidan filannoo Yuunivarsiitii akkamitti fi yoom akkasumas karaa kam fi Yuunivarsiitiiwwan kam kam guutuu akka danda’aan Ministeerri Barnootaa kan ibse yoo ta’u, barattoonni filannoo Yuunivarsiitii isaanii Manneen Barnootaa isaaniitti karaa Barsiisota ramadamaniitiin hanga Onkoloolessa 12 bara 2018 tti sirreeffachuu akka danda’aan Ministeerri Barnootaa ibseera.
Gama biraatiin bara 2018 barattoota sagantaa reemeediyaalii Yuunivarsiitiiwwan hin fudhanne kan jiran ta’uu isaanii Ministeerri Barnootaa kan ibse yoo ta’u, Yuunivarsiitiiwwan kunneenis;
1. Yuunivarsiitii Finfinnee
2. Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee
3. Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa
4. Yuunivarsiitii Siiviil Sarvisii Itoophiyaa
5. Yuunivarsiitii Hawaasaa
6. Yuunivarsiitii Jimmaa
7. Yuunivarsiitii Barnootaa Kootabee dha.
Barattoonni filannoo Yuunivarsiitii isaan guutan karaa website kanaa mirkaneeffachuu kan danda’aan ta’uu Ministeerri Barnootaa ibseera. Check


I have 215.92 So how if approximately for remedial access point
I have 215.92 So how if approximately for remedial access point? My ID number 6762912
Ramaddin saganta remedial yoom ifooma dafaa nuuf ifoomsaa