Ramaddii Yuunivarsiitii | Qubee Online +

Ministeera Barnootaa Itoophiyaa fi Yuunivarsiitii Mootummaa
Ministeera Barnootaa fi Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa

Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa fi Ministeera Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa

«Yuunivarsiitiiwwan ulaagaalee jiran kan hin guunne yoo ta’e Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sadarkaa Lammaffaa taasifamu!» Ministeera Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa

«Adeemsi kun Yuunivarsiitiiwwan haaraa hojii ala taasisuu danda’a!» – Hayyoota Barnootaa

Photo Credit :- Ahadu Radio

Filannoo Yuunivarsiitii Barattoota Kutaa 12ffaa fi Egeree Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa

Waggoota arfan darbanitti siqaniif qormaanni seensa Yuunivarsiitii ykn qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa biyyattiin hordoftu (Barattoonni kutaa 12ffaa Yuunivarsiitiiwwan garaa garaatti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuu isaanii) baay’inni barattoota Yuunivarsiitii seenanii akka hir’atu taasiseera.

Dhiyeenya kana ammoo Ministeerri Barnootaa Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa waliin hojiiwwan ijoo bara barnootaa 2018 ilaalchisee sirna mallattoo taasiseera.

Ministeera Barnootaa kan ta’aan Piroofeesar Biraanuu Naggaan akka kana duraatti «Yuunivarsiitiin altokko banameera waan ta’eef kanumaan itti fufa!» hojimaanni jedhu akka hin jiraanne dubbataniiru.

Yuunivarsiitiiwwan barattoonni hin filannetti Mootummaan baajata qarshii Biiliyoonaan lakka’aaman baasuun sirrii hin ta’u.

Dhiyeenya kana ammoo Ministeerichi waggoota itti aananitti barattoonni Yuunivarsiitii filatanitti barachuu akka jalqaban ibsameera.

Dabalataanis, Yuunivarsiitiiwwan barattootaan filatamuu hin dandeenye tajaajiloota garaa garaatiif akka ooluu danda’aanis akeekkachiisaniiru.

Kanaan wal qabatee yaada isaanii Raadiyoo Ahaaduutiif kan kennan ogeessi ykn hayyuun Barnootaa Dr. Saamu’eel Asaffaan, hojimaanni akkasii kun biyyoota garaa garaatti kan baratame yoo ta’u biyyoota Ameerikaa fi Awuroppaatti hojimaanni wal fakkaataa akka jiru ibsaniiru.

Ta’us garuu hojimaata haaraa al tokkoon hojii irra oolchuun cimaa fi ulfaataa akka ta’e ibsaniiru. Barattoonni Yuunivarsiitii barbaadanitti fi gosa barnootaa barbaadan barachuu danda’uun isaanii garuu waan gaarii qaba jedhan.

Gama biraatiin ammoo hojimaanni kun Yuunivarsiitiiwwan haaraa qisaasessuun olitti hojii ala isaan taasisuu akka danda’us himaniiru.

Yuunivarsiitii Finfinneetti dura bu’aan gosa barnootaa Herreegaa Dr. Saamu’eel Asaffaan, adeemsi kun yoo xiqqaate waggoota 10 keessatti suuta suutaan hojii irra ooluu qaba ture jedhu.

Kana dura karaa Mootummaatiin ramaddiin kan isaaniif taasifamu gosoonni barnootaa (department) tokko tokko barattoota isaan filatan dhabuu danda’u jechuunis sodaa qaban ibsaniiru.

Waltajjii kana irratti Yuunivarsiitiiwwan ofii isaaniif jecha sirni baruu barsiisuu isaanii qulqullina akka qabaatu akka ta’uuf akka isaan irraa eegamu ka’eera.

Ministeera Barnootaa kan ta’aan Piroofeesar Biraanuu Naggaan kana dura Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa wantoota isaanirraa eegaman guutuu yoo hin dandeenye ofii isaanii gara Manneen Barnootaa Bultii Addaa sadarkaa lammaffaa guddaatti haalli itti jijjiiran jiraachuu akka danda’u ibsuun isaanii ni yaadatama.

Pireezidaantii fi gorsaan barnootaa Yuunivarsiitii Gondar duraanii Piroofeesar Mangashaa Adimaasuun «Yuunivarsiitiiwwan barattoota hanga barbaadan kan argatan taanaan murteen kun gaarii ta’a» jedhu.

Haala nageenya biyyattii amma jiru irraa ka’ee garuu barattoonni fi maatiin barattootaa Yuunivarsiitiiwwan isaanitti dhiyoo jiranitti barachuu filachuun isaanii akka hin oolle ni tilmaamu.

Ministeerri Barnootaa Mootummaa Feederaalaa Itoophiyaa kan isaan bulchu dhaabbileen barnoota olaanoo Mootummaa ykn Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa baay’inni isaanii 47 ol ta’eera.

Lakkoofsi kun Daandiin Qilleensa Itoophiyaa, Raayyaan Ittisaa Biyyaa fi Poolisiin Federaalaa Yuunivarsiitiiwwan hundeessan hin dabalatu.

Lakkoofsi Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa fi Dhuunfaa dabaluun daballii lakkoofsa barattootaa waliin dabaluun isaa kan ajaa’ibsiifatamu ta’uyyuu hanqina qulqullinaa qaba jedhamuun komii baay’een irratti ka’a.

Dhaabbileen kunneen lammiilee milka’aan fi ofii isaaniitti kan amanan horachuuf «Sirna barnoota isaanii beekumsa biyya keessaa biqile waliin wal simsiisuu qabu» falmiin jedhu ka’eera.

Hayyoonni lakkoofsa barattootaa fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irratti guddinni jiraatuyyuu bu’aan isaa Mootummaa fi lammiileef gammachiisaa miti jechuun komatu. Kuni ammoo «Leenjii fi barnoonni dhaabbileen kunneen kennan indaastirii kana waliin hangam kan wal simedha?» gaaffii jedhu kaasa.

Fooramii Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuma torbee darbee keessa taasifameen karoora bara barnootaatti hojiiwwan ijoo isaan raawwatan raawwii isaa hordofuuf, hanqinoota mudataniif deeggarsa barbaachisaa taasisuun fi wantoota isaan irraa eegamu akka ba’aan taasisuun akka isaanirraa eegamu ibsameera.

Dhaabbileen waa’ee barattoota isaanii fi haala walii galaa raawwii sirna barnootaa irratti odeeffannoo sirrii Ministeerichaaf yoo kan hin dhiyeessine ta’e, Pireezidaantota Yuunivarsiitii dabalatee aanga’oonni aangoo isaanii irraa akka kaafaman ibsameera.

Dhimma kana irratti yaada isaanii kan kennan Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Haramaayaa Jamaal Yesuuf, qabeenya murta’aa jiruun dhimmoota dursi kennamuufii qabuuf dursi kennamuun hojiiwwan akka hojjetaman ibsaniiru.

Read Also :- Ibsa Ministeera Barnootaa fi Bu’aa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa

Dabalataanis, baajata Yuunivarsiitiiwwanii ramadameen inveestimeentiiwwan humna raawwachiisuu hojjechuuf kan yaadame ta’uu isaa ibsameera.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Goondar Dr. Asiraat Atsedewayin Yuunivarsiitiiwwan ulaagaalee isaaniif ka’aman keessaa kan isaan hafan baay’ee dha jedhaniiru.

Ulaagaalee ka’aaman guutuuf raawwii amma jiru irraa kan fooyya’aa ta’e galmeessisuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Dhaabbileen qorannoo akka Yuunivarsiitii Goondar gama qorannoon kan isa hafan hojiiwwan hedduun jiraachuu isaanii kaasanii, kanas sirreessuuf akka hojjetan itti dabaluun ibsaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Maqalee Faanaa Hagoos gama isaaniitiin sababa waraana naannoo Tigiraay tureen wantoonni duubatti hafan jiraachuu isaanii ni yaadachiisu. Kanaanis Yuunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo irratti xiyyeeffannoo taasisee guddisuuf hojjechaa kan jiru ta’uu isaa ibsanii, itti aansee ammoo adeemsi ofiin of bulchuu akka jalqabu dubbataniiru.

Yuunivarsiitiiwwan hundi gara fuulduraatti yeroo gabaabaa keessatti sirna qulqullina barnootaa biyyattii mirkaneessuun akka madaalaman ibsameera.

Barsiisonni, barattoonni, eebbifamtoonni sadarkaa irra jiran fi odeeffannoo barbaachisoo kanneen biroo sirriitti dhiyeessuun Yuunivarsiitiiwwan irraa akka eegamu ibsameera. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii kana taasisuu hin dandeenye itti gaafatamaa akka ta’u yeroo fooramii kanatti ibsameera.

Odeeffannoo haaraa Barnootaan wal qabate ariitiin argachuuf Channel keenya Telegram QUBEE MEDIA join taasisaa!

The post Ministeera Barnootaa Itoophiyaa fi Yuunivarsiitii Mootummaa first appeared on Qubee Online +.