Kakuu Moofaa | Qubee Online +

Fakkeenya Gooftaa Iyyesuus Kiristoos Luba Malka Tsedeeq
Luba Malka Tsedeeq fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Fakkeenya Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan ta’e waa’ee Luba Malka Tsedeeq kutaa 1ffaa har’a ni ilaalla. Kutaa 2ffaa website keenya irra waan jiruuf dubbisaa!

Luba Malka Tsedeeq Kutaa 1ffaa

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge Boqonnaa 7:1-10 irratti «Mootiin Saaleem fi Luba Waaqayyo Gooftaa kan ta’e Malka Tsedeeq kunis Abrahaam Mootota injifatee yeroo deebi’u isa waliin wal argee isas ni eebbise, isaafis ammoo Abrahaam wanta hunda irraa Kurnoo kenneef.

Hiikni maqaa isaas ‘Mootii qajeelaa jalqabaa’ ti, booda ammoo Mootii Saaleem jechuun ammoo Mootii nagaa jechuudha. Abbaa fi haadha, lakkoofsa hidda ykn sanyiis hin qabu, jireenya ykn bara isaatiifis jalqabaa fi dhuma hin qabu, garuu ilma Waaqayyootiin fakkeeffamee bara baraaf Luba ta’ee jiraata….»

Qulqulluun Phaawuloos maalif isa caqase?

Hayyuu cimaa ykn hangafa warra Ayihuudotaa jedhamee kan beekamu miila Gamaaliyaal jala taa’ee kan barate Hayyuun Kakuu Moofaa Qulqulluun Phaawuloos magaalaa Damaasqootti waamamee, Seera Wangeelaa fudhatee, Seera Wangeelaatiin cimee dhaabbatee qomoo isaa Ibrootaaf ergaa dabarseen ykn ergaa isaa gara warra Ibrootaatti ergeen kanaafuu waamicha Samii irraa hirmaattoota kan taatan Qulqulloonni obboloonni, Duuka Bu’aa Amantaa keenyaa fi Hangafa Lubootaa Iyyesuus Kiristoos ilaalaa (Ibr. 3:1)

«ወብነ ሊቀ ካህናት ዐቢይ ኢየሱስ ክርስቶስ ወልደ እግዚአብሔር፤ ዘተለዓለ እምሰማያት» jechuunis «Egaa Samii irratti kan darbe Hangafni Lubootaa guddaan ilmi Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos waan nuuf jiruuf, cimnee Amantaa keenya haa eegnu. Cubbuudhaan ala wanta hundaan akka keenyaatti kan qoramedha malee, dhadhabbii keenyaan nuuf gadduun kan hin dandeenya le Hangafa Lubootaa hin qabnu» Ibr. 4:14 jedheeniira.

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos kana sababa malee isaaniif hin barreessine. Ibroonni «Gidiraa yoo simanne eenyutu duree nuuf ta’a?» akka hin jenneefi gara duubaatti akka hin harkifanneef gidiraa kan simate Iyyesuus Kiristoos duree taasifatanii, gidiraa fi rakkoo isaanirra gahu obsaa daandii Kiristaanummaa irra akka deemaniifi.

Akkasumas «Ayihuudummaa irraa gara Kiristaanummaatti yeroo deebinu eenyutu nu araarsa?» akka hin jenneef ammoo yeroo deebi’an, seera Wangeelaatti amananii yoo Cuuphaman, Fooniifi dhiiga isaa yoo fudhatan, Kiristoos araara du’a isaatiin al tokko Fannoo irratti kan raawwate ta’uu isaa sirriitti akka beekaniifi.

«Kanaafuu waamicha Samii irraa hirmaattoota kan taatan Qulqulloonni obboloonn, Duuka Bu’aa Amantaa keessanii fi Hangafa Lubootaa Iyyesuus Kiristoos ilaalaa!» Ibr. 3:1. Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa gara Ibrootaa kana irratti kan xiyyeeffate Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos hunda irra kan caalu ta’uu isaa ibsuufi.

Kanas kan hubachiisu ammoo wal bira qabduudhaani. Raajota irra waa’ee caaluu isaa dubbii isaanii fi dubbii isaa wal bira qabuun ni hubachiise. Saba booda ammoo Ergamoota irra akka caalu hubachiiseera. Amma ammoo Luboota irra akka caalu hubachiisuuf ni dhufa ykn gara hubachiisuutti ni dhufa. Luboota irra caaluu isaas yeroo hubachiisu sababoonni ijoon ;

1. Lubummaa isaatiin

2. Aarsaa isaatiin

3. Dunkaana Aarsaan itti dhiyaateen ta’uu isaa ni hubachiisa.

Waa’ee Lubummaa isaas Ibr. 5:1-10, 6:20, 7:1-28, 8:1-3 irratti hubachiiseera.

Lubummaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos fi Lubummaa Malka Tsedeeq

Lubummaan maalidha?

Lubummaan tajaajila yoo ta’u muudamuus, filatamuus ni agarsiisa. Kitaaba Qulqulluu keessattis Addaam irraa eegalee namoonni garaa garaa Lubummaa kanaan namootaanis ta’e Waaqayyo dhaan yeroo filataman nutti agarsiisa.

Hojiin Hangafa Lubootaa maal ture?

Oriitiidhaan hojiin Hangafa Lubootaa Mana Qulqullummaa bulchuu fi Luboota to’achuu, Shangoo irrattis duree ta’uu ture (1 Sam. 3:12, 2 Mot. 12:7, 22:4, Maat. 26:57-65) kanaan alattis Hangafni Lubootaa guyyaa dhiifamaatti waa’ee isaa fi waa’ee uummataaf kadhatee Aarsaa adda ta’e ni dhiyeessa.

Guyyaa kanattis waggaatti guyyaa tokko qofaa gara Qulqulleettii Qulqullootaatti seenee Taabota irratti aarsaa ni dhiyeessa. Seera Leewwotaa 16:34

Uummanni Israa’eel ji’a torbaffaatti, guyyaa kurnaffaattis (naannoo Onkoloolessa guyyaa kudhan) Cubbuu isaanii ni himatu ture. Hangafni Lubootaas uffata Lubummaa isaa baafatee (gadi of qabiinsaan) uffata kan biraa uffachuudhaan jalqaba ofii isaa fi Lubootaaf itti aansee ammoo uummataaf aarsaa ni dhiyeessa.

Malka Tsedeeq eenyudha?

«Abbaa fi haadha, hidda dhalootaas him qabu, bara isaatiifis jalqabaa fi xumura hin qabu, dhumni isaa garuu ilma Waaqayyootiin fakkeeffamee bara baraaf Luba ta’ee ni jiraata» Ibr. 7:3

Malka Tsedeeq Mootii Saaleem ture. Kunis Mootii nagaa jechuudha. Saaleem Heenoon qarqaratti kan argamu Magaalaa Malka Tsedeeqidha (Uma. 14:18, Yoh. 3:23). Malka Tsedeeq sababni inni itti Mootii nagaa itti jedhameef namoonni biyya isaa deemanii Mootii nuuf ta’i! yeroo jedhaniin inni ammoo Lafee ykn Ekeraa Addaam Golgootaa jiru eega waan tureef kan na eegsise dhiisee hin ta’u isaaniin jedheera.

Ta’us garuu wal lolanii gara isaatti yeroo dhufan isaan araarsa, yeroo wal mormanis dhugaa isaa ni murteessaaf ture. Kanarraa kan ka’es «ንጉሠ ሰላም ወጽድቅ» ykn Mootii nagaa fi qajeelaa jedhameera.

Malka Tsedeeqiif Abbaan isaa ebeluudha, haati isaa ammoo kanadha jedhamee hin dubbatameef. «ወአልቦ ጥንት ለመዋዕሊሁ ወኢማኀለቅ ለሕይወቱ» guyyaa kanatti dhalate, guyyaa kanatti ammoo boqote jedhamee Kitaaba Qulqulluu irratti kan barreeffame hin jiru.

Maali Kitaaba Sinkisaar irratti barreeffamee jira mitii hoo? yoo jettan Kitaaba Leewwotaa irratti waan hin barreeffamneefi. «በአምሳሊሁ ለወልደ እግዚአብሔር ይነብር ክህነቱ ለዝሉፉ» ykn «Lubummaan Malka Tsedeeq Lubummaa ilma Waaqayyootiif fakkeenyummaa isaatiin bara baraan cimee kan jiraatudha»

Abrahaam Kooloodoogoomr fi Mootota isa waliin turan waraanee injifatee yeroo deebi’etti fakkeenya isaa akka arguuf eeyyamameefii waan tureef Yordaanoos ce’ee gara Malka Tsedeeqitti deeme. Malka Tsedeeqis Afuuraan hubatee Sulula Leewwiitti isa simachuuf ba’e.

Kana jechuun garuu Malka Tsedeeq nama miti jechuu miti, sanyiin isaa Sanyii Kaam irraa waan tureef Kitaaba Musee irratti hin barreeffamne, hin ibsamne jechuufi. Namni filatamaan kun Ekeraa Addaam akka eeguuf kan ajajame jireenya Baahitaawwii kan jiraatu dha. Lubummaan Malka Tsedeeqis akka Museen aarsaa dhiyeessee Aroon muudetti osoo hin taane Lubummaa Malka Tsedeeq kana namni isa muude hin jiru.

Inumaayyuu Waaqayyo isa filate, Ogummaa isaa ajaa’ibaatiinis isa muude malee. Aroon fi ijoolleen isaa harka Museetiin, Museenis harka Ergamaatiin akkuma muudaman (HDB. 6:6) Malka Tsedeeq garuu muudamni isaa Waaqayyo irraa waan tureef kanaafis Qulqulluun Phaawuloos «Dhumni isaa garuu Ilma Waaqayyootiin fakkeeffamee bara baraaf Luba ta’ee ni jiraata» kan jedheef kanaafi. «Bara baraaf» jechuun isaa hanga xumura jireenya isaatti jechuu isaati.

Sababa kanaanis Lubummaan isaa Lubummaa warra Leewwii irraa gonka adda ta’uu isaa ni hubachiisa. Akka Lubummaa warra Leewwotaattis Aarsaa Bineeldotaa hin aarsu, Aarsaan isaa Qamadii Qulqulluu fi Wayiiniidha malee. Kanarraa ka’ees Qulqulluun Phaawuloos Ibr. 7:11 irratti «Egaa uummanni Lubummaa Leewwiitiin gonkummaan kan argame osoo ta’ee, akka muudama Aroonitti kan hin lakka’aamne, akka muudama Malka Tsedeeqitti kan ta’e garuu Lubni kan biraa ka’uuf gara fuulduraatti maalif barbaachisa?» jedhee isa caqasa.

Waa’ee Malka Tsedeeq Ergaa Phaawuloos gara Ibrootaa irratti

1. Lubummaa dhaan Luboota Leewwotaa ni dursa, inni Abrahaam dura waan tureef :- Uma. 14:18-21

2. Lubummaan isaa kan bara baraati :- Ibr. 7:3.

Baroota hedduudhaaf kophummaa ykn Baahitaawwii dhaan akka jiraateefi Lubummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti kan hin dabarre waan ta’eef kuni caqasameera. Lubummaan Leewwotaa garuu du’a yeroodhaa yerootti qabu waan ta’eef «Isaanis akka hin jirannee duuti waan isaan dhorkeef Luboota kan ta’aan hedduudha» akkuma jedhu (Ibr. 7:23)

3. Leewwota Kurnoo baasiseera

Leewwoonni uummata irraa Kurnoo fuudhuuf seera qabu. Ta’us garuu Malka Tsedeeq Abrahaam harkaa Kurnoo yeroo fuudhetti Lubummaa isaa irra Lubummaan isaa akka caalu ni beekame.

4. Leewwota Eebbiseera

Harka isaanii diriirsanii uummata kan eebbisan Luboonni Leewwotaa karaa Abrahaam Malka Tsedeeqiin eebbifamaniiru. Waa’ee kanaas Qulqulluun Phaawuloos Ibr. 7:6-7 irratti «Hiddi dhaloota isaa isaan irraa kan hin lakka’aamne garuu Abrahaam irraa Kurnoo baaseera, jecha abdii kan qabus Eebbiseera! inni xiqqaanis hangafa isaatiin akka eebbifamu wanta mormii hin qabnedha!» akkuma jedhu.

5. Aarsaan isaa Bineeldota du’an miti :-

Luboonni Leewwotaa aarsaan isaanii Bineeldota irraa kan qophaa’u yoo ta’u, Aarsaan Malka Tsedeeq garuu Qamadii Qulqulluu fi Wayiinii irraa kan qophaa’u dha. Kunis Fooniifi dhiiga Kiristoos kan nutti agarsiisudha.

Qulqulluun Phaawuloos hundumayyuu Boqonnaa kana keessatti walitti qabee akkuma kaa’e Lubummaan Malka Tsedeeq Lubummaa Leewwotaa ni caala. Lubummaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ammoo Lubummaa Malka Tsedeeq irra ni caala. Malka Tsedeeq fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ture waan ta’eef.

Kanaafuu dubbiin Qulqulluu Phaawuloos Abbaan keessan Abrahaam Abrahaamaawwii kan hin taane Malka Tsedeeqii gadi yoo ta’e, inumaayyuu Waaqa Malka Tsedeeq gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irraa ammoo hangam gadi haa ta’uree?

Lubummaan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos maaliin kan adda ta’e ta’e?

1. Kan Amalummaa isaa waan ta’eef

Kiristoos wanta hunda kan taasise aangoo isaatiini : du’aa kan kaase, dhukkubsattoota kan fayyise, kan barsiise, kan du’e, kan ka’e, kan ol ba’e …. hundumayyuu aangoo isaatiini. Tajaajilli Lubummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos inni guddaan ofii isaa Fannoo irratti Aarsaa taasisee dhiyeessuu isaati.

Kunis Foon isaa muree, dhiiga isaa dhangalaasee Addunyaa qulqulleessuufi. Kanadha kan Gooftaa keenyaa nuuf kan taasifame tajaajilli Lubummaa. Duuti isaa ammoo Aangoo isaatiin akkuma ta’e du’a isaa aangoo isaatiin raawwate jedhamuun isaa ammoo Lubummaan isaa kan Amalummaa isaa ta’uu ibsuufi. Eenyu irraayyuu hin fudhanne, eenyuyyuu isarraa hin fudhatu.

Kanaafuu inni akka Malka Tsedeeq dhoksaadhaan, akka Aroon ifatti kan muudame miti. Inni kennaa malee fudhataa miti waan ta’eef. Yoh. 1:3 irratti «Wanti hundi isaan ta’e!» akkuma jedhu. Ibr. 5:5 irratti ammoo «Akkasuma Kiristoos ammoo Hangafa Lubootaa ta’uudhaaf ofii isaa hin kabajne, ta’us garuu ati ilma kooti, Ani hardha si dhalcheera kan jedhe isadha» jedhee fooniin dhalachuu sagalee ykn jechaa Duuka Bu’ichi dubbateera. Kunis fedhii Isaatiin qofaa osoo hin taane fedhii Abbaa isaatiinis ta’uu isaa dubbachuufi.

2. Lubummaan Iyyesuus Kiristoos Kan Bara baraati

«Bara baraan» jechi jedhu uumaa fi uumamaaf yeroo fayyadamnu tokko ta’uu dhiisuu isaa hubachuu qabna. Kanaafuu Lubummaan Malka Tsedeeq hanga lubbuun isaa darbutti ta’uu isaa ni hubanna. Lubummaan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan bara baraa ta’uun isaa inni du’aa fi aangoon harkaa fuudhamuun waan irra hin jirreefi ykn inni Waaqayyo waan ta’eefi.

Fooniin du’e kan jennus Lubbuun isaa Foon isaa irraa adda baate jechuudhaafi malee Tawaahidoo booda Waaqummaa ykn Malakootii fi Tisbi’iitiin gargar bahaan jechuuf miti ykn yeroon itti isaan gargar bahaan gonkumayyuu hin jiru. Kanaafuu aangoo Lubummaa isaa kan isa harkaa fuudhu isa hin barbaachisu. Lubummaa Amalummaas isaan ala kan mindaa isaa taasifachuu kan danda’u hin jiru waan ta’eef. Ibr. 7:24.

3. Iyyesuus Kiristoos Gonka dha

Lubummaan Leewwotaa Gonka miti, kan Malka Tsedeeqis kan bara baraati malee gonka hin turre. Eenyuyyuu gara Jannataatti deebisuun isaaf hin danda’aamne waan ta’eef. Isaanis mataan isaanii Addaamiin Cubbuu jalqabaa tiin qabamaniiru waan ta’eef. «Inni mataan isaa ammoo dhadhabaa waan uffatuuf» Ibr. 7:28, 5:2 isaaniif jedhameera waan ta’eef. Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif garuu inni Cubbuu akka hin qabne himameera. 1 Yoh. 3:5.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- D/n Melaku Ezezew

The post Fakkeenya Gooftaa Iyyesuus Kiristoos Luba Malka Tsedeeq first appeared on Qubee Online +.

Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa’eel fi Xoobiit
Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa’eel guyyaa itti Xoobiit gargaare

Mata duree kana keessatti waa’ee Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa’eel fi Xoobiit waliin ni ilaalla hanga dhumaatti dubbisaa hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Qaammee 3

Guyyaa Banamuu Ija Xoobiit

Xoobiit kan jedhamu kun qomoo Niftaalem keessaa kan dhalateedha. Haatii manaa isaa Haannaa mucaan isaa immoo Xoobi’aa jedhama. Namni kun firoonni isaa hundi gara waaqa tolfamaatti gaafa goran qofaa isaa kurnoo baatee kennaa dadhabootaaf kennamus fudhatee gara Iyyerusaalem ayyaana waggaa kabajuuf deemaa kan tureedha M/Xoobiit 1:4, Keessa Deebii 16:16.

Akkoo isaa Dibooraa jedhamtu irraa akkuma barate hiyyeessotaaf nama rakkate kan gargaaru ture akkuma

Kitaabni Qulqulluun ajajutti Maat. 25:35. Bara mooticha Selmenaasoor firoonni isaa cubbuu hojjechuu isaanii irraan kan ka’e biyya Naanawweetti yemmuu booji’aman isaan faana booji’amee mooticha fuula duratti jaallatamummaa argatee kan muudame ture. Miindaa yeroo sana argates biyya Miidiyaa kan jiraatu Gabaa’el kan jedhamu fira isaa bira imaanaa bira kaa’atee ture M/Xoobiit 1:11.

Selmenaasoor du’ee jennaan iddoo isaa Senaakireem iddoo isaa mootii ta’ee muudamee Xoobiitiin hojii irraa ari’e. Kiristaanotas iddoo argetti ajjeesuu eegale. Yeroo kana Xoobiit immoo namoota miidhaman gargaaruu kan du’an immoo awwaaluu akka amala isaatti yeroo inni gargaaruu eegalu isas ajjeesuu barbaade yeroo kana mana isaa gadi dhiisee baqate. Qabeenyi isaa guutummaanis jalaa saamame. Firri isaa Akihaakiros kan jedhamu muudamee mana mootii kana keessa kan hojjetu Xoobitiin mootiitti araarsee mana isaa biyya Naannawwee jiru keessa kaa’e.

Xoobiitis achuma taa’ee ammas hojii isaa gaarii hojjechuu itti fufe. M/Xoobiit 2:1. Guyyaa tokko akkuma amala isaatii warra arii’ataman, warra du’anis gargaaree awwaalee utuu deebi’uu muka Diimo’uu jedhamtu tokko jala dadhabee yeroo duugdaan ciisu Allaattonni mukicha irra jiran ija isaa irratti kusii gaafa buusan iji isaa madaa’ee achumaanis ni jaame M.Xoobiit 2:9. Firri isaa Akihaakiroos isaaf mucaa isaa gargaaraa utuu jiruu haati manaan isaa Haannaan mana namaatti qacaramtee hojii irra ooltee gaafa galtu jaamuu isaa agartee guddaa gadditee boosse inni garuu waan hundumtuu gaarummaaf isheen jedhe. Akkuma Qulqulluun Phaawuloos jedhe Room. 8:28 sana. Gaarummaaf ta’uu isaa itti himee ishee jajjabeesse. Gatii dadhabbii ishee Re’ee tokko fudhattee gaafa galtu rakkanne jettee waan namaa hattee fiddee dhuftee? maaliidha sagalee Re’ee ani dhaga’u kun kan eenyuuti yeroo ittin jedhu isheenis gatii dadhabbii ishee ta’uu itti himte.

Gaaf tokko utuu gidiraa kana keessa jiruu baayyee itti dhaga’amee gadduudhaan Waaqayyoon kadhatee mucaa isaa Xoobi’aa fi haadha warraa isaa Haannaa walitti waamee mucaa isaa Xoobi’aa gorse. Haadha kee hin gaddisiisin Waaqayyoo fuula duratti immoo yeroo hundumaa hojii gaarii ta’e hojjechuudhaan Waaqayyoonis gammachiisi jedhe M/Xoobit 3:1, 4:21.

Guyyaa kana biyya Meedi’oon keessaa intalli Raagu’el Saaraa kan jedhamtus hafuura xura’aadhaan qabamtee abbaan warraa torba kan irraa du’an baayyee gadduudhaan boossee guyyaama Xoobiit kadhate kana isheenis boossee kadhachaa turte. Kadhannaan lachan isaanii wal faana harka Ergamaa kanaan gara waaqaatti dhiyaateef M/Xoobit 3:6-16. Kadhannaa isaa booda Xoobiit mucaa isaa Xoobiyaa waamee imaanaa mana Gabaa’el kaa’atee ture akka deemee fiduuf nama miiltoo isaa ta’u gara magaalaa deemee akka hiyyaafatuf gara magaalaatti isa erge.

Ergamaa Rufaa’eliin nama fakkaatee Xoobiyaatti mul’achuudhaan maqaan isaa immoo Azaariyaa jedhee akka isaa wajjin deemuu barbaadu gaafa itti himu gara abbaa isaatiitti waliin dhufanii abbaan isaa mucaa koo imaanaa narkaa fuudhi mana Gabaa’eliitti geessi karaa irratti yoo beela’e beela naa baasi, yoo dheebotes naa obaasi, yoo dadhabes naa jajjabeessi deebisii immoo naaf fidi ani immoo gatii dadhabbii keetii miindaa kee siifan laadhaa yoo jedhu Azaariyaa inni jedhame Rufaa’eliinis tole ittiin jedhe M/xoobiit. 5:1 kaasee. Haati isaa Haannaan garuu qarshiin achii qabnu achumaan haa badu malee mucaan koo hin deemu jettee mormite yeroo kana Xoobiit akka dubartoota warra gowwaatti hin yaadiin Waaqayyo inni mana keenya keessatti eegu gara deemu hundumaattis ni eega ergamaan Waaqayyoo Rufaa’eeliinis isaa wajjin haa ta’u jedhee eebbisee gadi lakkise M/Xoobit.5:17.

Ergamaa Rufaa’eliin nama fakkaatee mucaa Xoobiyaa jedhamu kana wajjin adeemsa gara biyya Meedon deemuudhaaf itti fufanii osoo deema jiranii Xoobiyaan ni dadhabe, ni beela’es galaana Eegiroos cina taa’ee qaama isaa dhiqachuudhaaf wayyaa isaa of irraa baase qurxummiin guddaan tokko gara isaa yemmuu dhufu argee sodaate. Ergamaa Rufaa’eliin nama fakkaatee isa faana jiru hin sodaatiinii qabi jedhe Xoobiyaanis humna guddaadhaan qabee harkisee bakkeetti baase. Qalee tiruu fi hadhooftuu isaa keessaa baasii qabi jedhe akkuma jedhame Xoobiyaan godhe. Qurxummichas waadanii nyaatan. M/Xoobiit 6:1.

Adeemsa irra osoo jiranii gaafa galgalaa’u mana Raagu’eel buluudhaaf goran. Intalli Raagu’eel Saaraa kan jedhamtu simattee ol seensifte. Yeroo kana Rufaa’eliin Xoobiyaatiin intala kana ni fuuta jedhee jennaan Xoobiyaan immoo abbaan koo na gorseeraa horma keessaa hin fuudhu jedhe. Azaariyaa immoo deebiseefii inni horma miti amantii abbaa keetii hordofa ittiin jedhe. Kana gidduutti abbaan mana sanaa Raagu’eel «Eessa deemtu nama biyya eessaati?» jedhee gaafa gaafatu nama biyya eessaa akka ta’anitti himan. Yeroo kana Xoobit nama jedhamu nama fira koo tokko beekturee jedhee gaafate. Azaariyaan iji isaa akka jaamee jiruu fi mucaan isa faana deemaa jiru kan isaa akka ta’e gaafa itti himu morma mucichaatti maramee bo’ee dhibantaa akka turanis kaasee dubbate.

Nyaatas qopheessee dhiyesseef yeroo kana Rufaa’eliin ka’ee waan si gaafannuuf waadaa yoo nuu seente malee hirbaata kana hin nyaannu jedhe. Maal inni jennaan intala keessan Saaraa Xoobiyaaf kennaa ykn itti heerumsiisaa yoo kana tole nuu jettan malee hin nyaannu jedhan. Yeroo kana Raagu’elii fi haati manaan isaa Haadinaan kan jedhamtu baayyee gaddanii mucaan koo kun carraan ishee baayyee ulfaataadha kanaan duras dhirsa 7 tti heerumtee 7 nu utuu seera gaa’elaa hin raawwatiin irraa du’an, nutis baay’ee gaddaa jirra isheenis gidduu kana baayyee boossee gaddaa jirti. Yeroo mucaa dhibantaa kootii kanatti heerumsiise 8ffaa innis ni du’a gaafa jedhu Azaariyaan isa kana isin hoomaa hin dhiphatiinaa ittiin jedhe.

Kanaan booda Raagu’eliin tole gaafa jedhu hirbaata isaanii nyaatanii Saaraadhaaf Xoobiyaa walitti eebbisee gara dinqa ciisicha isaaniitti dabarsee tiruu fi hadhooftuu qurxummii baatanii jiran sana ixaana itti dabalee gaafa isheetti ulu seexanni Asmaandiyoos jedhamu kanaan dura ishee dhiphisaa ture sun irraa godaanee sokke. Seera gaa’elaa isaanis nagaadhaan raawwatan. Abbaan ishee Raagu’eel garuu kafana qopheessee boolla qotee akkuma amaleeffatame ta’a jedhee ganama barii awwaalchaaf gaafa ka’u nagaadhaan bulanii faarfachaa itti ba’an. Baayyee gammaduudhaan kan ka’e firoota isaa waamee guyyaa 14f guyyaa gammachuu godhatan.

Yeroo kana Xoobiyaan garuu gammachuu mataa isaatii ilaalee abbaa fi haadha isaa hin irraanfanne. Ergaman dhufeef bakkaan ga’a kanaaf Gabaa’el biraan deema jedhe. Qulqulluu Rufaa’eliin nama fakkaatee isa faana jiru ati gammachuu kee raawwadhu deemeen sii fida ittiin jedhee deemee fideef. Abbaa fi haati isaa garuu gaara ilaalaa jiru yoona mucaan keenya maal ta’e jedhanii. Xoobiyaanis abbiyyuun isaa isa eebbisee kennaa kennaniifii waan hin yaadamne fudhatee gara mana abbaa isaatti deebi’e.

Yeroo kana matiin isaa ba’anii yeroo simatan waan isaaf godhame hundumaa itti odeesse. Xoobiit immoo baay’ee gammadee ergamaa nama fakkaatee isaan gargaare ofitti waamee miindaa isaa kennuuf jedhee gaafa qoratu Qulqulluun Rufaa’eliin Waaqayyoo uumaa keessan galateeffadhaa hanga ammaatti eessaa akkan dhufe, eenyuu akkan ta’e isinitti hin himne, iccitiin ulfina Waaqayyoo dhoksaatti mul’ataa ani ji’a ji’aan maqaa koon kan dhaabbattan hangafa ergamootaa 7’n keessaa Rufaa’eliin jedhama jedhee eenyummaa isaa itti beeksisee ija isaattis akkuma intala Raagu’elitti ule ixaanaa fi tiruu, hadhooftuu itti ulee ija isaa baneefii jiruu fi jireenya isaanii eebbisee utuu isaan ilaalanii ol ba’e. kun kan inni ta’e Qaammee gaafa 3 ti M/Xoobiit 7:1 kaasee.

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa’eel fi Xoobiit first appeared on Qubee Online +.

Tsiyoon Maariyaam Taabota Tsiyoon fi Kabaja Ayyaana Tsiyoon
Tsiyoon Maariyaam

Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti waggaa waggaadhaan Sadaasa gaafa guyyaa 21 ayyaanni guddaan kabajamu jira kunis Tsiyoon Maariyaam jedhamuun kan waamamudha.

Guyyaan kun Tsiyoon Maariyaam jedhama

Kitaaba qulqulluu keessatti jechi «Tsiyoon» jedhu hiikkoo mataa isaa

danda’e qaba. Jechi «Tsiyoon» jedhu hikkoon isaa «Da’oo», «Hirkata» jechuudha.

1. Maagalaan Iyyerusaalem Tsiyoon ni jedhama. (2 Saamu’eel. 5:7)

2. Namoonni lyyerusaalem keessa jiraatan Tsiyoon ni jedhamu

(Faar. 101:13)

Fakkeenyaaf, «ltoophiyaan harka ishee Waaqayyootti ol kaasti» yeroo jedhu saba Itoophiyaa akka ta’e ibsa.

3. Mootuummaan Waaqayyoo isheen samii keessaa Tsiyoon

jedhamti. (Ibr. 12:22).

4. Haati keenya Qulqulleettiin Durboon Maariyaam Tsiyoon Maariyaam ni jedhamti. (Isaay. 60:14, Faar. 87:5, Room. 11:26, 1 Pheex. 2:5).

Jechootni armaan oliti barreeffaman kun akka hima isaaniitti waa’ee Tsiyoon kan ibsanidha.

Sadaasni 21 Tsiyoon kan jedhameef;

1ffaa irratti akkuma ibsame, magaalaan Tsiyoon iddoo taabotni Waaqayyo Museetti kenne ka’aamee jiru waan ta’eef maqaa magaalaa sanaan moggaafamee Taabota Tsiyoon jedhame. Sadaasni 21 kan kabajamuuf, sababa lubichi Eelii fi ijoolleen isaa kabaja Waaqayyoo hanqisaniif Taabonni Tsiyoon kun warra

Filisxeemiin booji’amee, ji’a sadii turee ajaa’iba guddaa hojjetee guyya inni itti kabajaan gale waan ta’eefidha. 1Saam. 2:12 hanga boqonnaa 6 tti dubbisaa!

Tokkos, Guyyaa itti taabotni Tsiyoon gara keenya dhufeedha. Bara Mooticha Minilik isa jalqabaa eeyyamaa fi fedha Waaqayyoo ta’ee guyya itti taabotni Tsiyoon kun biyya Itoophiyaa seenedha. Seenaa dhaloota Minilik akka armaan gadiitti ilaalla:

Abbaan isaa mooticha Solomoon ilma Daawit yoo ta’u, harmeen isa

immoo mootittii Saabaa jedhamti. Maqaan ishee kan biroon mootittii

Azeeb, akkasumas Maakiddaas ni jedhamti. Bara isheen mootii taate

Yemenii fi Itoophiyaa walitti qabdee bulchaa turte DH.K.D bara 1013-982 tti ture. Waggaa 31 bulchite. Mootittiin Saabaan Markaba 73 fi Gaala

520 qabdi turte. Itti gaafatamaa amanamaa Taamiriin kan jedhamu qabdi turte. Namni kun biyya lyyerusaalemii fi Hindiitti deddeebi’ee ni daldala ture.

Yeroo Solomoon mana mootummaa isaaf mana qulqullummaa ijaare warqee dimaa ijaarsa manichaaf oolu kan biroo geessee itti daldalaa ture.

Mootittii Saabaan seenaa ogummaa Solomoon Taamiriin iraa

dhageessee warqee makilitii 120 fudhattee namoota hedduus wal faana buustee waan Solomoon hojjete ilaaluudhaaf Iyyerusaalemiin deemte. (1 Moot. 10:1-12; 2 Seen 9:1-12, Maat. 12:42)

Mootittiin Saabaan kennaa addaa addaa fuutee dhaqxee mooticha kanaaf laatte. Wanti Solomoon hojjechaa jirus isa dhageesseen ol ta’uu isaaf Waaqa Israa’eeliin galateeffattee «Jecha ogummaa ati dubbattu namootni dhaggeeffatan akkam kan ayyaanomaniidha!» jette.

Mootichi Solomoonis guddaa ishee dinqisiifatee biyya Iyyerusaaleem keessaa Deer Sultaan iddoo jedhamu qabeenya laateef. Diir Sultaan jechuun iddoo moototaaf kenname jechuudha. Iddoon kun har’a kennaa biyya Itoophiyaa ta’ee Gadaamii fi Bataskaanonni irratti tajaajila kennaa jiru.

Biyyi Itoophiyaa giddu-galeessa biyya addunyaa keessaa karaa bahaa kan argamtu biyya Israa’eelii wajjin hariiroo wal quunnamtii daldalaa fi amantii akka isheen qabdu kitaaba qulqulluu keessatti barreeffamee ni jira. Akkasumas waadaa walii galtee lolaa akka waliin qaban barreeffamee jira. 2 Seenaa Baraa 21:16; 2 SB 14:9-15; R.Naahom 3:8-11, Erm. 46:1-10, Iyo. 28:19, Raj.Amots 9:6, Sof 2:12, Faar. 67(68):31, Faar. 86(87): 4.

Gooftaan keenya Wangeela Qulqulluu keessatti waa’ee amantii qabaachuu ilaalchisee dhugaa ba’eeraaf. Mootittiin Saabaan waa’ee ogummaa Solomoon dhageessee hubachuudhaaf DH.K.D waggaa kuma tokko (1000) keessa gara biyya Iyyerusaaleem deemtee daawwachuun ishee, achumaan mooticha Solomoon harkaa kennaa qabiyyee lafaa fudhachuun ishee galmeeffamee jira. 2 Moot. 10:1-13, 2 Seen. 9:1-12, Maat 12:42.

Iddoon kun Diir Sultaan jedhamee beekama. Hiikkoon isaa iddoo

gadaamii mootii jechuudha. Iddoon kun lafa Abraam itti mucaa isaa

aarsaa dhiyeesse, Qaraaniyoo iddoo gooftaan itti fannifame, Golgootaa iddoo Gooftaan itti awwaalame, Beeteliheem iddoo Gooftaan itti dhalate, Yoordaanoos iddoo Gooftaan itti cuuphame, Beetaaniyaa iddoo itti Gooftaan ol bahe hundumaa qabatee kan argamuudha. Yeroo sanaa jalqabee mootittii fi sabni biyya Itoophiyaa ayyaana Faasikaa fi kan biroodhaaf gara Iyyerusaalem gaafa deeman iddoo kana boqotu turan.

Kanaafis ragaan kitaaba qulqulluu ni mirkaneessa. HDB. 8:26 Mootonni biyya Itoophiyaa iddoo kana jabeessanii lafa bitanii itti dabaluudhaan gadaamii fi lafa mana qulqullummaa hedduu irratti

ijaaraniiru.

Fakkeenyaaf;

1. Beetaaniyaa mandara Alaazaaritti lafa kaaree 120,000 bal’atu irratti Atsee Haayile-Sillaaseen bara 1953 keessa karaa Abbaa Filiiphoos Bataskaana Abbaa keenya Abuna Takla Hayimaanot ijaarsisaniiru. Iddoo awwaalcha warra Itoophiyaa akka ta’u godhaniiru.

2. Bara 1925 Iteegee Manan Yoordaanos iddoo gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos itti cuuphametti Mana Qulqullummaa maqaa Sillaaseetiin ijaarsisteerti. Yeroo kana iddoo lolaa waan ta’eef Tsillaatiin achii fuudhamee Iyyaarikoo kaa’amee jira. Amajjii 10 nagaa-eegduu biyyattiidhaan eegamee Tsillaatiin achitti deebi’e.

Sirni yaadannoo Cuuphaa geggeeffamee eegumsaan ammoo Iyyaarikootti deebi’a; qabeenyummaan isaa garuu kanuma Itoophiyaati.

3. Bara 1928 Immaahoyi Amaarech Walaluu kan jedhaman gadaamii tokko ijaarsisaniiru; Qaraaniyoo fi Golgootaa gidduutti Mana Kiristaana Medaani’aalem jedhama.

4. Atsee Yohaannis 4ffaan bara 1872 bataskaana Debre Gennet

Kidaanemihret ijaarsisuu eegalanii kan turan Minilik 2ffaan bara

1885 xumursiisaniiru.

5. Qaraaniyoo Golgootaa gidduutti bataskaanni Arbaayituu Insisaa ykn Bineensota Arfan fi Qulqulluu Mikaa’elii ijaaramanii jiru.

6. Iddoo teessoo Phaaphaasotaa lafi inni itti argamu manni kadhataa

qulqulluu Filiphoos ijaaramee jira.

7. Iddoo Abrahaam itti mucaa isaa aarsaa dhiyeessetti mana qulqullummaa qabna. Qabeenyi kun bara 70 keessa mootii biyya Roomaa Xiixoosii fi lyyerusaalem gidduutti lola baname irraan kan ka’e nu irraa fudhatamee ture.

Jaarraa 4ffaa keessa mootummaan Abrihaamii fi Atsbihaa jaarsolii biyya Itoophiya dabalatanii «Qabeenyi keenya haa deebi’u!» jechuudhaan ilma mootittii Illeenii Qosxontoonisitti iyyatanii, innis seenaa waa’ee Iyyerusaaleem barreeffame qoratee qabeenya warra Itoophiyaa isaa hubatee akka inni nuuf deebi’u taasise. Hanga har’aatti harka keenya keessa jira.

Namoonni beekamoon seenaa galmeessanis kana dhugoomsaniiru. Fakkeenyaaf barreessaa seenaa kan ta’e Zeberg kan jedhamu «Qabeenyi warri Itoophiyaa lyyerusaalem keessaa qaban akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 337 keessa deebi’eeraaf» jedhee barreesse.

Henerpost namni jedhamu kitaaba isaa «Guuzo Wede Qiddist Haager» jedhu iratti (hiikoon jecha kanaas adeemsa gara Iyyeerusaalem jechuudha) barreessuu kan jalqabe, CHARLIS FILPII kan jedhamu xumure irratti akka

lakkoofsa warra Awuroppaatti bara 1532 «Iddoo Abrahaam mucaa isaa aarsaa itti dhiyeesse gaarri Mooriyaa kan warra Itoophiyaati» jedhee dhugoomseera.

8. Bara 1651 Qees Duubalem kan jedhaman kitaaba barreessan irratti iddoo itti Abrahaam mucaa isaa aarsaa itti dhiyeesse kan Itoophiyaa ta’uu isaa mirkaneesseera.

9. Namni Geetiroo jedhamus kitaaba isaa barreesse, kan akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 1650 maxxanse irrati «Warri Itoophiyaa iddoo Golgootaa jedhamuutii mana qulqullummaa lama qabu» jedheera.

Egaa, walumaagalatti, gadaamii fi manni qulqullummaa achi keessaa

Qabnu keessatti hanga har’aatti Sinoodoosii Itoophiyaatiin bulaa jiru. Paatriyaarikiin biyya keenyaa 6ffaa ta’anii bara 2005 kan muudaman Abbaan Maatiyaas achi irraa kan dhufaniidha.

Mootittii Saabaa eeyyama Waaqayyoo ta’ee mootichi Solomoon fuudhee ji’a 6 guutuu isaa bira turtee achumaanis ni ulfoofte. Ogeettii waan taateef, «Gara biyyaatti galee gaafan da’u mucichi kan kee ta’uu isaaf mallattoo naaf kenni!» jettee gaafatte.

Innis wanta miidhagaa qubatti kaa’atamu kenneef. Kennaan kun afaan Amaariffaan «Inqu» kan jedhamuudha. Kana malees qabeenyaa armaan olitti caqasame waliin laateef. Waa’een kennaa kanaa Kitaaba Qulqulluu keessatti 1ffaa Moot. 10:13, 2ffaa Seen. Baraa 9:13 akka kennameef ni dubbata. Gara biyyaattis galtee mucaa dhiiraa deesse. Maqaan isaas «Ibinaakuni» jettee moggaaste. Hiikkoon isaa «Ilma ogeessichaa» jechuudha.

Yeroo booddees turee maqaan kun Minilikii jedhame. Dargaggessa waggaa 22 gaafa ta’us Abbaa isaa Solomoonitti ergite. Abbaan isaa Solomoon kabaja guddaadha simatee waggaa sadii lubicha Saadaqi irraa barumsa amantii akka baratu godhe. Waggaa sadii booda Ayihuudotni «Gara biyya isaatti deebisi!» yeroo jedhan, «Erga ilma koo hangafaa jibbitanii isinis hangafa ilma keessanii kennaa isa faana gara biyya Itoophiyaa haa deemaniitii!» jedhee isaan abboome. Ni dirqisiise.

Isaan faanas Azaariyaas ilmi Saadiqiyaas nagada ijoollee Isiraa’eel 12’n keessaa warra hangafa ta’an fi kanneen dibata Leewwii qaban, baay’inni isaanii 120,000 kan ta’an biyya Itoophiyaa deemanii akka barsiisaniif Solomoon isaan abboome. Eeyyama Waaqayyoo ta’ee jarri kunis kitaaba amantii garaagaraa fi Taabota Tsiyoon fudhatanii gara biyya Itoophiyaa dhufan. Kitaaba isaan fudhatamii dhufan keessaas tokko Kitaaba Heenook barreessedha.

Taabonni Tsiyoon Maariyaam kun biyya Itoophiyaa kan seente Sadaasa 21 dha. Kutaa biyya Itoophiyaa keessaa naannoo Tigiraayii bakka Aksuum jedhamtutti manni qulqullummaa ijaarameefii Sadaasa 21 eebbifamee Taabonni Tsiyoon kun keessa seene. Taabota Tsiyoon Maariyaam kan jedhamu kun Seera Ba’uu 34:1-28 irratti, akkasumas Seera Keessa Deebii 10:1-10 irratti akkuma barreeffame Waaqayyo Museetti kan kennedha.

Taabonni (Tsillaatiin) kun hanga har’aatti iddoo caqasame kana jira. Minilik inni jalqabaa kun waggaa 25 guutuu Mootii Itoophiyaa ta’ee

bulcheera. Barri bulmaata isaatiis DH.KD 987-957 ture. Waggaa 58 isaatti boqotee kabajaan awwaalame. Egaa walumaagalatti, Sadaasi 21 kan inni kabajamuuf akkaataa kanaan guyyaa Taabotni Tsiyoon Maariyaam biyya keenya itti seene waan ta’eefidha jechuudha.

Waa’ee Taabota Tsiyoon fi Tsiyoon Maariyaam kan qabannee dhiyaanne kana fakkaata ture.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbii fi araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Tsiyoon Maariyaam Taabota Tsiyoon fi Kabaja Ayyaana Tsiyoon first appeared on Qubee Online +.

Iddoo Aarsaa Kakuu Moofaa Baroota Arfanitti
Iddoo Aarsaa Kakuu Moofaa itti Aarsan Baroota Arfanitti

Mata duree kana keessatti waa’ee iddoo aarsaa Kakuu Moofaa Baroota Arfan ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Aarsaa Kakuu Moofaa Kutaa 1ffaa

Afaan Amaariffaa ykn Afaan Gi’iiziitiin «መካነ ምሥዋዕ» jechuun «Iddoo ykn bakka itti aarsaa dhiyeessan, bultoo aarsaa, iddoo aarsaan ka’aamu, iddoo aarsaan itti kuufamu ykn iddoo aarsaan itti walitti qabamu» jechuudha.

Abbootiin bara aarsaa Kakuu Moofaa Waaqayyoof aarsaa Kakuu Moofaa kan dhiyeessan, maqaa Waaqayyoo kan itti waaman, isa irraa jecha kan itti dhageeffatanii fi eebba kan itti argatan bakka addaa jechuudha. Yaa’iqoobis hirriba isaatii ka’ee «Dhugumatti Waaqayyo iddoo kana jira ani si hin beekun ture» jedhe ni sodaate

Akkasis jedhe «Bakki kun akkam nama sodaachisa? kunimmaa mandara Samiiti!» Uma. 28:16-17. Kakuu Moofaa yeroo jennus bara Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dura jiru jechuu keenya yoo ta’u barri kunis iddoo afuritti qoodama, isaanis; Bara;

Abbootii

Abbootii Firdii

Moototaa

Bara Lubootaa jedhamu.

Baroota kanatti aarsaan namoota garaa garaatiin, yeroo garaa garaatti, bakka garaa garaatti ni dhiyaata ture.

Aarsaa Kakuu Moofaa Bara Abbootii (ዘመነ አበው)

Bara Abbootii keessa namoonni turan ykn Abbootiin turan seera barreeffamee lafa jiruun osoo hin taane seera lapheetiin durfamu ture. Kana jechuunis Tiwufiitiidhaan abbootii isaanii irraa kan dhaga’aanii fi wanta gaarii ykn qajeelaa laphee isaanii irraa maddisiisaniin ykn burqisiisaniin Waaqayyo Waaqeffatu ture.

Barri kun Addaam irraa kaasee hanga Museetti ykn hanga seerri itti hojjetameetti kan jiru ykn bara kana gidduu jiru yoo ta’u, barri isaas hanga bara Addunyaa 3878 tti kan turedha. Yeroo kanattis namni aarsaa Waaqayyoof nan dhiyeessa yeroo jedhetti bakka filatee ykn Waaqayyo filatee aarsaa isaa dhiyeessa ture.

Abbootii kanneen keessaas adda dureen ykn warreen dursa irratti caqasaman;

Nooh tulluu Araaraat irratti,

Abrahaam Seekeemitti, Keebroonitti, Mooriyaatti,

Yisihaaq «Azeqta Mahallaatti»

Yaa’iqoob Seeloomitti, Beeteelitti iddoo aarsaa hojjetanii aarsaa akka dhiyeessan ni hubanna. Uma. 8:7-20, 12:6-7, 13:18, 22:9, 26:25, 33:20, 35:1.

Barri Abbootii kunis seerri barreeffame ykn qajeelfamni kan keessa hin jirre ykn kan hin qabne (Hangamiyyuu Kitaaboleen Heenook bara Addunyaa 1486 tti fi Kitaabni Iyyoob bara Addunyaa 3650 tti barreeffamaniyyuu seera ta’aanii hanga hin hojjetamnetti) namoonni Waaqayyo seera uumamaatiin qofa beekanii kan isa Waaqeffatanii fi bara itti isa tajaajilan ture.

Seera Uumamaa 15:9-12 irratti «Sa’a waggaa sadii, Re’ee waggaa sadiis, Hoolaa waggaa sadiis Gugees fidi! isaan kana hunda fidiitii iddoo lama lamatti muri! Simbirroota garuu hin muriin!» kan jedhu hiikoon isaa :-

Saawwan Abbootii fi Raajota duriitiin fakkeeffamu, waggoota sadi kan jedhaman ;

Addaam irraa kaasee hanga Noohitti,

Nooh irraa kaasee hanga Museetti,

Musee irraa kaasee dhufaatii Kiristoositti bara jirudha.

Hoolonni Duuka Bu’ootaan fakkeeffamu, Re’oonni ammoo Wareegamootaan fakkeeffamu. Akkuma isaan muraman wareegamtoonnis Sayifiidhaan muramu waan ta’eef,

Bullaallaa fi Gugeen ammoo Yooseef fi Niqoodimoosiin fakkeeffamu, isaan akkuma gargar hin baane Yooseef fi Niqoodimoosis araara Waaqayyoo irraa adda hin baane waan ta’eef.

Abrahaam fakkeenya Kiristoosidha. «Aduun yeroo lixxetti Abrahaam naasuun itti dhufe» kan jedhe guyyaa Kamisaa naasuu Kiristoos irratti dhufeen hiikama. «Ni sodaate, deebisees ni kadhate, dafqi isaas lafa irratti akka copha dhiigaa bu’uu ta’e!» akkuma jedhu Luq. 22:44.

Bara Abbootii Firdii (ዘመነ መሳፍንት)

Barri Abbootii Firdii kun ammoo bara Musee irraa kaasee hanga bara Saa’oolitti kan jiru yoo ta’u, Israa’eelitti mootiin moo’uu isaatiin dura biyyattii fi uummata weerara diinaa irraa eeguuf afuurri Waaqayyoo kan irra bule ykn namni afuurri Waaqayyoo irra bule Abbaa Firdii ykn «መስፍን» ta’ee ka’a ture.

Iyyaasuun erga du’e booda Israa’eeloonni Waaqayyo Waaqeffachuu irraa gara Xaa’otii Waaqeffachuutti, hojii gaarii ykn hojii qajeelaa hojjechuu irraa gara cubbuu hojjechuutti deemanii yeroo argaman Waaqayyo fuulduratti hojii badaa yeroo hojjetan Ahizaabota naannoo isaanii jiraniif dabarsee isaan kenne ykn harka Ahizaabota naannawaa isaanii jiraniitti dabarsee isaan kenna ture.

Kanas kan taasisuuf isaan jibbeef haaloo isaan irratti ba’uuf fi dachee irraa isaan balleessuuf osoo hin taane araarri isaa baay’ee, obsi isaa hedduu ta’uu isaa irraa kan ka’e waa’ee cimina jaalala isaatiifi. Dursee karaa Museetiin «Ahizaabonni naannoo keessan jiran kan Waaqeffatan Waaqolii biroo hin hordofiinaa! Waaqni gidduu keessan jiru Waaqa inaafaadha waan ta’eef, dheekkamsi Waaqa keetii akka sirratti hin buuneef lafa irraas akka si hin balleessineef of eeggadhu!» Seera Keessa Deebii 6:14 jedhee akkuma dubbate seera isaa, ajaja isaa keessaa yeroo ba’an baay’ina diinota isaanii, cimina gidiraa sanaa sodaatanii, rifatanii, gaabbanii akka deebi’aniif abbaan mucaa isaatti akkuma dheekkamu, akkuma gorsu, Ahizaabota itti kaasaa isaanitti dheekkama ykn isaan gorsa.

Abbootii Firdii ciccimoo kanneen akka Baarq, Yooftaahee, Geedewoon, Soomsoon fa’a kaasee diinota isaanii balleessee mana garbummaa ykn Ahizaabotaan bitamuu jalaa bilisa isaan baasee isa bulcha ture. Barri kun Musee irraa kaasee hanga Daawwititti kan jiru yoo ta’u, walitti qabamee yeroo lakka’aamus waggaa 569 ta’a. Bara Addunyaa 3878 irraa kaasee hanga Bara Addunyaa 4447 tti kan jiru jechuu dha.

Bara kana keessatti hangamiyyuu seerri Oriitii hojjetamtuyyuu, Dunkaana Oriitii malee Manni Qulqullummaa ganaa hin ijaaramne waan tureef Seeraan ala kan jiru jechuunis galataaf, gammachuudhaaf, abdiidhaaf kan dhiyeessan akka bara Abbootiitti Waaqayyo fi Ergamoonni Waaqayyoo ibsamanii ykn iddoo isaan itti ibsaman hundatti Aarsaa ni dhiyeessu ture. Isaan kana keessaas;

Uummanni Israa’eel Qalaawutimoonoositti, Abbootii Firdii 2:5

Geedewoon Efraataa keessatti kan argamtu muka jalatti, Abbootii Firdii 6:24

Abbaan Soomsoon Maanuheen Sooraah fi Istaaheel keessatti bakka qonnaa argamtutti, Abbootii Firdii 13:19

Uummanni Israa’eel Beeteelitti,

Saamu’eel Maseefaatti, 1 Saam. 7:9

Namoonni Beetsaamiis Beeta Saamiisitti, 1 Saam. 6:15

Uummanni Israa’eel lafa ol ka’aa Baamaatti, Geelgelaatti aarsaa ni dhiyeessu ture. 1 Saam. 11:14, 9:12, 11:14.

Akkasumas «Bara sanatti Israa’eel biratti ykn Israa’eel irratti Mootiin hin turre, namni hundi fuuldura isaatti wanta gaarii ta’ee isatti mul’ate ni taasisa ture» Abbootii Firdii 21:25.

Kutaa itti aanutti iddoo aarsaa Kakuu Moofaa Bara Moototaa fi Bara Lubootaatti ni ilaalla!

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- Kitaaba «ኅብረ ሥርዓት ዘቤተ ክርስቲያን ኦርቶዶክሳዊት»

The post Iddoo Aarsaa Kakuu Moofaa Baroota Arfanitti first appeared on Qubee Online +.

Luba Malka Tsedeeq Luba Kakuu Moofaa | Kutaa 2ffaa
Luba Malka Tsedeeq fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Seensa :- Hardha kutaa 2ffaa waa’ee Hangafa Lubootaa Luba Malka Tsedeeq ni ilaalla, kana dura kutaa 1ffaa waa’ee Hangafa Lubootaa Malka Tsedeeq ilaallee turre, kutaa 1ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa!

Maalif Lubummaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Lubummaa Luba Malka Tsedeeq iin fakkeeffame?

«Dubbiidhaaf Gaaddidduu qaba waan ta’eef» Ibr. 10:1 akkuma jedhame namaaf iccitii kan ta’e, guddisanii, kan muldhate kan hin muldhanneen fakkeessanii dubbachuun fi hubachiisuun wanta baratamaa ta’edha. Inumaayyuu nuti ijoolleen namaa Sammuu ykn yaadaa ol kan ta’e Waaqayyo hubachuu kan dandeenye fakkeenyaani.

Kiristoosis yeroo nu barsiisu yeroo baay’ee fakkeenyaan ture. Karaa kanaanis Malka Tsedeeq fakkeenya ilma Waaqayyoo akka ta’e malee isa ykn Iyyesuus Kiristoos akka hin taane sirriitti hubachuun barbaachisaadha. Fakkeenya kan ta’es Malka Tsedeeq qofaa hin turre :- Yonaas fakkeenya ta’ee caqasameera, Maat. 16:4, Museen lafa Onaatti Bofti inni fannise :- Yoh. 10:1 fi fakkeenyoonni kanneen biroos ni jiru.

Egaa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos sababni inni Luba Malka Tsedeeq n itti fakkeeffameef kanatti aananii kan jiran kanadha;

Abbaan Luba Malka Tsedeeq ebeluudha, haati isaa ammoo akkas jedhamti jedhamee dubbatamuu dhiisuun isaa, Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiifis dhaloota isaa isa Samiitiin Abbaa yeroo dhalatu, haati isaa ebeluu jedhamti hin jedhamu. Dhaloota isaa lafa irraatiinis Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa yeroo dhalatu Abbaan isaa ebeluudha hin jedhamu. Inni Addunyaa dura Abbaa irraa haadha malee, boodarra ammoo Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa Abbaa malee dhalateera waan ta’eef.

Malka Tsedeeqiif «Bara isaatiif durii, jireenya isaatiifis dhuma hin qabu» jedhameefiira. Gooftaan keenyas bara isaatiif jalqabaa fi dhuma hin qabu. «Alfaa fi Omeegaa, inni duraa fi inni boodaa, inni jalqabaa fi inni xumuraa» isadha. Mul. 22:1, 1:17

Lubni Malka Tsedeeq Qamadii fi Wayinii dhaan ni galateeffata ture. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos ammoo Foon isaa Qamadii dhaan, dhiiga isaa ammoo Wayinii dhaan taasisee nuuf kenneera (Maat. 26:26). Malka Tsedeeq Yordaanoos ce’ee kan dhufe Abrahaamiif Habistii fi Wayinii akkuma soore, Gooftaan keenyas Fannoo irratti kan mure Habistii Foon isaa fi dhiiga isaa Wayinii dhangalaase Yordaanoos ceenee (Cuuphamnee) kan dhiyaanneef ijoollee Cuuphaa tiif sooreera waan ta’eef.

Malka Tsedeeq muudama isaa ebeluu irraa argate, ebeluudhaafis dabarsee kenne hin jedhamu. Muudama isaa kan argate Waaqayyo irraadha. «Akkuma kana Kiristoos ammoo Hangafa Lubootaa ta’uuf ofii isaa hin kabachiisne, ta’us garuu «Ati ilma kooti, hardha si dhalcheera kan jedhe isadha. Akkuma kana iddoo biraatti ammoo ati akka muudama Malka Tsedeeq Lubummaan kee bara baraafi!» Ibr. 5:5 jedhamee dubbatameefiira. Bu’uura kanaanis Gooftaanis waa’ee Foon uffatee «ሤሞ አቡሁ ykn Abbaan isaa isa muude» jedhaan. As irratti kan muudame, aangoo kan argate, Tawaahidoo dhaan Foon Waaqa ta’edha. Muudamni kunis akkuma muudama Malka Tsedeeq ebeluutti darba hin jedhamu.

Hangafa Lubummaa warra kaanii yeroo ilaallu garuu akkas miti. Fakkeenyaaf :- Muudamni Aroon ilma isaa Alazaariif kennameera (Lakk. 20:22) Luboota, Hangafoota Lubootaa ta’aanii kan muudamanis Leewwota qofaa turan. Qulqulluun Phaawuloos Luba Malka Tsedeeq Malka Tsedeeq kan caqaseef sababa malee miti.

Kiristaanota Roomeetiif ergaa isaa barreesseen (Roomee 4:1) Qajeelummaa Oriitii irraa baasee Wangeelaaf akka kenne dubbatee, sanaafis ragaa Abrahaam akka dhufe, kanarraas Lubummaa Mana Leewwiitii baasee Mana Malka Tsedeeqiif fideera. Sababni isaas Ayihuudonni isa durii qabatanii Lubummaan kan Leewwotaa qofa jedhu waan tureef.

Gooftaan keenya maalif Hangafa Lubootaa jedhame? Luba Malka Tsedeeq

Armaan olitti Luba Malka Tsedeeq iin akkuma fakkeeffame, amma ammoo Hangafa Lubootaa Oriitiidhaan fakkeeffameera. Maalif? Waa’ee Lubummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos fakkeenyummaan Luba Malka Tsedeeq kan hin ibsamne ni jira, kunis tajaajila isaati. Gooftaan keenyas Hangafoota Lubootaa fakkeenya kan taasifateef tajaajila isaa kanaa fi alaqummaa isaa irraa tiini. Kunis;

Hangafni Lubootaa namoota keessaa filatamee namaaf ni muudama :- Ibr. 5:1 «Hangafni Lubootaa hundi waa’ee cubbuutiif kennaa fi aarsaa dhiyeessuuf namoota keessaa filatamee wanta Waaqayyoof ta’e hundaan waa’ee namaaf ni muudama waan ta’eef» akkuma jedhu. Hangafni Lubootaa namadha. Nama keessaa ni filatama waan ta’eef kan muudamus namaafi malee kabaja mataa isaatiif miti waan ta’eef.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Gonka Waaqa yoo ta’u, Gonka namadha. Ilma Abrahaam Ilma Daawwit jedhameera waan ta’eef. Maat. 1:1. Hangafni Lubootaa waa’ee namaaf akkuma muudamu Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis nama kan ta’eefi Lubummaa kan qabateef ykn mindaa isaa kan taasifateef waa’ee namaatiifi. Cubbuu namaa fageessuuf nama ta’eera. Yoh. 3:16-17.

«Isatti kan amanu hundi Jireenya bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef Waaqayyo ilma isaa tokkicha hanga kennutti Addunyaa jallateera waan ta’eef. Addunyaan ilma isaatiin akka fayyuufi malee, Addunyaa irratti faraduuf Waaqayyo gara Addunyaatti isa hin ergine waan ta’eef» 1 Xim. 1:15 «Cubbamoota fayyisuuf Kiristoos Iyyesuus gara Addunyaatti dhufe jechi jedhu kan amanamee fi akka fudhannuuf kan nurraa eegamudha, Cubbamoota keessaas inni hangafaa anadha!» akkuma jedhame.

Gara Qulqulleettii Qulqullootaatti seenuu kan danda’u Hangafa Lubootaa qofaadha!

Kanas Seera Leewwotaa 16:2 irratti kan caqasame Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa gara Ibrootaa 9:6-7 irratti «Kunis akkasitti qophaa’ee osoo jiruu, Luboonni tajaajila isaanii raawwachaa yeroo hunda Dunkaana ishee fuulduraa keessa ni seenu, ishee lammaffaatti garuu Hangafni Lubootaa kophaa isaa waggaatti yeroo tokko qofa keessa seena.

Innis waa’ee isaa fi waa’ee Cubbuu uummataatiif aarsaa osoo hin qabatiin hin seenu» jechuudhaan bifa ifaa ta’een ibseera. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Qulqulleettii Qulqullootaa inni keessa seenes namaan kan hin ijaaramne, fedha Waaqayyoo kan taate, isa duras isa boodas eenyuyyuu kan keessa hin seenne gara fuulduraattis eenyuyyuu kan keessa hin seennedha.

Hangafni Lubootaa waggaatti yeroo tokko ni seena, inni garuu altokko qofaa seene, Addunyaa fi aarsaa isaa bara baraatiif jiraataa ta’ee ni jiraata. Isaan sun waggaa waggaadhaan kan keessa seenan kan du’an waan ta’aaniif, aarsaan isaaniis kan du’u waan ta’eef kan biraa haaraan isaan barbaachisa. Ibr. 9:11-12

«Ta’us garuu Kiristoos akka dhufuuf wanta gaarii jiruuf Hangafa Lubootaa ta’ee, kan caaltuu fi kan fooyyoftuu taate harkaanis kan hin hojjetamne jechuunis Dunkaana uumamaaf hin taane, dhiiga isaatiin seene malee dhiiga Sa’aa fi jabbiitiin miti» jedhamee barreeffameera. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos kan keessa seene Dunkaana kan jedhamte «Fannoodha».

Dunkaana kan jedheef Aarsaa bara baraa kan ta’e Qulqulluun Foon Gooftaa kan irratti murame fi dhiigni isaa kabajamaan kan irratti dhangala’e Fannoo irra waan ta’eefi. Qulqulluun Phaawuloos gara Dunkaana kanaatti «Altokko gonka Dhiiga isaatiin gara Qulqulleettiitti seene» jechuudhaan ofii isaa aarsaa taasisee kan irra bahe Fannoo ta’uu isaa ifatti ibseera.

«Namaan kan hin hundoofne ykn namaan kan hin dhaabbanne» yeroo jedhus Ayihuudonni Fannoo sana Gooftaa irratti ajjeesuuf malee Aarsaan Waaqayyoo irratti dhiyaata jedhanii waan hin taaneefi

«Uumama kanaaf kan hin taane» jechuun isaas Fannoo irratti ofii isaa aarsaa taasisuu kan danda’u namni kamiyyuu hin jiru waan ta’eef, yoo jiraateyyuu nama biraa mitiitii ofii isaayyuu fayyisuu hin danda’u waan ta’eef. Kanaafis uumamaaf kan hin taane jedheera.

Hangafni Lubootaa hundi kennaa fi aarsaa dhiyeessuuf ni muudama waan ta’eef Ibr. 8:3

Tajaajilli guddaan Hangafa Lubootaa kennaa fi aarsaa dhiyeessuudha. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Cubbuu Addunyaa kan balleessu Hoolaa Waaqayyoo kan itti jedhame Yoh. 1:29 ofi isaa Aarsaa taasisee kan dhiyeesse Hangafa Lubootaa isa jalqabaati. Ofii isaa aarsaa ta’uu isaatiinis aarsaan inni dhiyeessu kan biraa isa hin barbaachisne. Lamaan isaaniiyyuu altokko taasisuun isaaf ni danda’aama waan ta’eef. Ibr. 9:12, 10:12, 9:26, 8:1-3

Jecha gabaabaadhaan Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Hangafa Lubootaa yeroo jedhamu ykn kan jedhameef gonka nama ta’uu isaa hubachiisuuf dhugumaan namni kan itti hin seenne Qulqulleettii Qulqullootaa ykn Fannoo tti altokko qofaa waan seeneef, ishee keessattis aarsaa isaa dhugaa ykn mataa isaa waan dhiyeesseefi Cubbuu Addunyaa waan fageesseefi.

Lubummaan inni durii garuu gonka miti. Kana ta’uu isaatiinis guyyaa guyyaatti gara Mana Qulqullummaatti seenuun aarsaa du’u ykn kan bara baraa kan hin taane dhiyeessuun dirqama itti ta’e. Ibr. 9:6-7 Gooftaan keenya garuu Lubummaan isaa «Gonka», Aarsaan isaas «Jiraataa» waan ta’eef guyyaa guyyaatti aarsaa dhiyeessuun isa hin barbaachisne. Ibr. 7:27 «Innis akka hangafoota Lubootaa sanaatti dursee waa’ee Cubbuu isaatiif, boodarras waa’ee Cubbuu uummataatiif guyyaa guyyaadhaan aarsaa dhiyeessuun isa hin barbaachisne, ofii isaa yeroo dhiyeessetti kana yeroo tokko raawwatee nuuf taasiseera waan ta’eef» akkuma jedhu Aarsaa yeroo tokko dhiyeesseen bara baraaf cimsee jiraachisuun isaaf ni danda’aama waan ta’eef.

Egaa Iyyesuus Kiristoos waa’ee Cubbuu hunda keenyaatiif, Cubbuu keenya haquuf, badii keenya balleessuuf aarsaa dhiyeessuu isaatiin Hangafa Lubootaa jedhameera. Gooftaan keenya waa’ee keenyaaf aarsaan inni dhiyeesse Malakootiin kan waloome Foonii fi dhiiga isaati. Innis Hoolaa Cubbuu keenya gonka nuuf haqu nuuf ta’e, nuufis aarsaa ta’e (Yoh. 1:29). Faasikaan keenya Kiristoos qalameera waan ta’eef akkuma jedhu 1 Qor. 5:7. Iyyesuus Kiristoos Hangafa Lubootaa; Ofii isaa Aarsaa kan;

dhiyeessu,

Ofii isaa Aarsaa kan ta’e,

kan fudhatu ta’edha.

Qulqulluun Phaawuloos Lubummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Lubummaa Luba Malka Tsedeeq fakkeessuun akka Sirna Malka Tsedeeqitti ati bara baraaf Lubadha jedhee Waaqayyo dubbate, hin gaabbus jedheera. Faaruu. 109:4, Ibr. 5:6.

Guduunfaa :- Waa’ee Hangafa Lubootaa Luba Malka Tsedeeq Kutaa lamaan kan ilaalaa turre kana fakkaata ture. Barumsa guddaa akka irraa argattan abdii guddaa qabna, waan dubbistaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu!

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Luba Malka Tsedeeq Luba Kakuu Moofaa | Kutaa 2ffaa first appeared on Qubee Online +.

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 4ffaa
Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu

Gara Kutaa kanaatti osoo hin darbiin dura kutaalee darban jechuunis Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 1ffaa, Kutaa 2ffaa fi Kutaa 3ffaa dubbisaa! yeroo darbe kutaa 1ffaa, Kutaa 2ffaa fi Kutaa 3ffaa keessatti Qo’annaa Kitaabolee Qulqullaa’oo ykn Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu bifa gaaffii fi deebiitiin ilaalaa turreerra, kanaanis Seera Uumamaa irraa eegallee kan ilaalle yoo ta’u Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu 20 ilaalleerra. Kanaanis kutaa 1ffaa keessatti Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu 10 jechuunis 1 irraa kaasee hanga 10 fi Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 2ffaa keessattis Gaaffilee 10 jechuunis 11 irraa kaasee hanga 20 tti ilaalleerra. Kutaa 3ffaa keessatti ammoo gaaffilee 21-32 tti jiran ilaalleerra. Kutaan itti aanu ammoo kunooti dubbisaa!

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 4ffaa

33. Ani eenyu? Iyyaasuun namoonni lama Iyyaarikoo akka ilaalaniif yeroo gara magaalaa sanaatti isaan ergetti Loltoonni magaalittii namoota ergaman sana ajjeesuuf yeroo barbaadan ani garuu galabaa Mana koo keessa jiru keessa isaan dhoksee, Loltootaan ammoo kallattii biraatiinin isaan erge yeroo kanas namoonni lamaan sun Loltoota sana harkaa ba’aan.

Anis akkuma Dubartii Israa’eelitti waanan isaan tajaajileef namoonni sun magaalaa sana yeroo ta’annu akka si barruuf ykn akka si beeknuuf mallattoo akka nuuf ta’uuf carqii diimaa foddaa kee irratti hidhi naan jedhan, anis Iyyaasuun fa’a Iyyaarikoo yeroo to’atanitti carqii diimaa sana foddaa koo irratti hidhee waanan tureef namoonni magaalittii yeroo badan ani garuu nan oole, Qulqulluun Phaawuloosis «Dubartiin sun namoota sana nagaadhaan waan simatteef warreen hin ajajamne waliin kan hin banne Amantii isheetiini» (Ibr. 11:31) jedhee Ergaa isaa gara warra Ibrootaa irratti kan naaf dubbate ani eenyu?

Deebii :- Ra’aab ykn Raakeeb jedhamti. Iyyaasuu 2:1

34. Nuti eenyu? Iyyaasuun Iyyaarikoo fi Gaay magaalota jedhaman humna guddaadhaan akka balleesse dhageenye, itti aansees gara keenya akka dhufu waan beekneef «Bofti miila hin qabu, gowwaan tooftaa hin qabu!» akka hin jedhamneef ykn akka nuun hin jenneef tooftaa ykn mala malanne, uffata moofaa uffanne, nyaanni ykn galaan nuti qabannes kan samee fi Biddeen gogaa ture!.

Gara Iyyaasuutti dhiyaannee «Yaa Gooftaa keenya! nuti waa’ee keessan dhageenyee biyya fagoodhaa kan dhufne keessummootadha waan ta’eef akka nu hin miine maqaa Waaqayyootiin waadaa nuuf seenaa!» jenneen. Israa’eeloonnis waadaa nuuf seenan, ta’us garuu guyyaa sadi booda nuti jiraattota magaalaa sanaa akka taaneefi akka isaan gowwoomsines nurratti baran, waadaa waan nuuf seenaniif garuu nu hin miine, nuti eenyu fa’i?

Deebii :- Nuti uffata moofaa kan uffanne, nyaata samaa fi Biddeen gogaa kan qabanne, Iyyaasuuttis dhiyaanne nu hin miidhiinaa kan jenne nuti «Namoota Gabaa’oon» yoo taanu, sababa kanaanis Iyyaasuun bishaan kan waraaban fi qoraan kan cabsan nu taasiseera. Iyyaasuu 9:2

Kitaaba Abbootii Firdii

35. Abbaan Murtii tokko «Gara waraanaatti bahee injifannoon yoon deebi’e nama na simachuuf dhufe kamiyyuu aarsaa taasisee nan dhiyeessa!» jedhe, akkuma jedhes waraana sana irraa injifannoon yeroo deebi’u intala durbaa tokkottii qofa qaba ture waan ta’eef, isheenis Dibbee rukutaa isa simachuuf baate, namichi sun garuu fageenya irraa ishee argee ni gadde! mucaan isaas Aarsaa akka taatuuf dursee waadaa galee waan tureef isa gube! namichi kadhannaa fi wareega itti hin beekne kun eenyu jedhama?

Deebii :- Yooftaahee dha. Egaa Kadhannaa wallaaluun kana fida, wanti kadhatamuu ykn wareegamuu danda’u hedduun osoo jiruu Yooftaaheen garuu wareega hin taane wareege, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis «Wanta kadhatan hin beektan» (Maat. 20:22) kan jedhe waregaa fi Kadhannaa kana fakkaatuufi. Kitaaba Abbootii Firdii 11:31

36. Mootichi Siisaaraan Israa’eel ukkaamsee waggoota 20’f bitee ture, raajiittiin dubartiin tokkos Baarq waamsistee «Ka’i! Waaqayyo Siisaaraa harka kee irratti siif kaa’eera waan ta’eef» jetteen. Baarqis «Ati ana waliin yoo deemte malee hin ka’u!» jedhe. Dubartiin raajiittiin sunis Baarq of duubaa buustee Tulluu Taaboor baatee Siisaaraa injifatan. Dubartiin raajiittiin kun eenyu jedhamti?

Deebii :- Dubartiin raajiittiin kun maqaan ishee Diibooraa yoo ta’u, hiikni maqaa ishees Kanniisa jechuudha. Kitaaba Abbootii Firdii 4:4

37. Kitaaba Qulqulluu keessatti Abbootiin Firdii 6’n eenyu fa’i?

Deebii :- Gitooniyaal, Naa’ood, Yooftaahee, Geedi’oon, Soomsoon fa’a yoo ta’an isaan keessaa Dubartiin ammoo Diibooraa dha.

38. Ani eenyu? Midiyaamonni Israa’eeloota yeroo weeraran akkan hin argamneef iddoo Wayiniitti Qamadiin calleessa ture, Ergamaan Waaqayyoo naaf ibsamee «Yaa nama cimaa nana! Waaqayyo si waliin jira!» naan jedhe. Ergamichi «Waaqayyo si waliin jira!» waan naan jedheefis warreen Miidiyaamota Daamotii 3000’n isaanin injifadhe. Seenaa kana hunda kanan qabu ani eenyudha?

Deebii :- Geedi’oon

39. Humni Soomsoon rifeensa isaa irra akka ta’e Dubartiin iccitii baaste eenyu jedhamti?

Deebii :- Daliilaa

40. Yordaanoos to’atanii namoota karaa sana darbaniin «Ati nama Efreemii? ykn ati Efreemaawwiidhaa?» jedhuun, «Lakki miti» yoo jedhe «Mee ‘Shibooleet’ jedhi!» jedhuun, «Sibooleet» yeroo jedhu achumatti isa ajjeesu. Namoonni kun eenyu fa’i? ykn eenyu jedhamu?

Deebii :- Namoonni Gala’aadaawota ykn Gala’aadaawwiyaan jedhamu, (Kitaaba Abbootii Firdii 12:5) Yordaanoos irraa karaa Bahaatti kan argaman Israa’eeloonni ka’umsa isaa jabeessanii «Shibooleet» jedhu, hiikni isaas «Lolaa» jechuudha. Biyya godaansaa Kana’aan Israa’eeloonni jiran garuu qooqni isaanii waan itti cimeef «Sibooleet» jedhu ture, sababa kanaanis beekamanii ykn salphaatti adda ba’aanii ni ajjeefamu ture.

41. Ergamaan Waaqayyoo Maanuhee fi haadha manaa isaatiif ibsamee «Ilmi isin argattan Mootii guddaadha, Naazraawwiis ni jedhama» jedheen. Maanuheenis «Kan nutti dubbatte yeroo gahu akka si kabajnuuf maqaan kee eenyu jedhama?» jedhee gaafate, Ergamichis «Maqaan koo ajaa’ibadha!» jedheen.

Maanuheenis aarsaa waaqayyoodhaaf dhiyeesse, Ergamichis Aarsaa isaa ol baaseef, Abiddawaa ta’uu isaa yeroo hubachiisus labooba sana keessa ol bahe. Akkuma Yohaannis Cuuphaa Missiraachoo Ergamaatiin kan dhalate namni kun eenyu jedhama?

Deebii :- Maqaan isaa Soomsoon jedhama, hiikni maqaa isaas Aduu jechuudha. Kitaaba Abbootii Firdii 13:24.

42. Abboota Murtii keessaa inni tokko ciqilee isaatiin Leenca ajjeese, mangaagaa isaa keessaas damma argatee nyaatee «Isa nyaatu keessaa wanta nyaatamutu ba’e, isa jabaa keessaa wanta miyaa’utu ba’e» jedhee Filisxeemota Hibboo gaafate, Dubartiin Daliilaa jedhamtu garuu humni isaa kun Rifeensa isaa irra akka jiru diinota isaatti himte, rifeensi isaas ni haadame, humna isaas ni dhabe, mucaan ykn ilmi Maanuhee kun eenyu jedhama?

Deebii :- Soomsoon jedhama hiikni isaas Aduu jechuudha. Kitaaba Abbootii Firdii 14:14

Kitaaba Ruut

43. Bara Abbootiin Firdii bulchanitti lafa sana irratti beela hamaatu ta’e, sababa kanaanis namni Abemeeleek jedhamu tokko ijoollee lamaafi haadha manaa isaa Nuhaamiin jedhamtu qabatee godaane. Yeroo muraasa booda garuu Nuhaamiin Abbaan manaa ishee fi ijoolleen ishee du’anii kophaa ishee hafte, gara biyya isheetti yeroo deebitus «Uummanni kee uummata koo, Waaqni kees Waaqa kooti!» jettee hanga dhumaatti sirraa adda hin ba’u Dubartiin isheen jetteen eenyudha?

Deebii :- Dubartiin amanamtuun kun Ruut yoo taatu hiikni maqaa ishees kan jaallatu jechuudha.

Kitaaba Saamu’eel isa 1ffaa

Raajichi guddaan Saamu’eel, Saamu’eel jedhamee waamame.

44. Mootota gara jalqabaa Israa’eel bulchan lamaan (Saa’ool fi Daawwit) Raajichi dibe eenyudha?

Deebii :- Raajicha Saamu’eelidha, hiikni maqaa isaas Waaqayyo amanamaadha jechuudha.

45. Haadhaa fi Abbaa Qulqulluu Yohaannis Cuuphaaf Luba Zakkaariyaas fi Qulqulleettii Elsaabeet yoo jenne Raajicha Saamu’eeliif hoo eenyu jenna?

Deebii :- Haatii fi Abbaan Raajicha Saamu’eel Haannaa fi Hilqaanaa jedhamu. 1 Sam. 1:1

46. Saa’ool Daawwit yeroo baay’ee yeroo ari’u, Daawwit garuu «Kan Waaqayyo dibe hanga Waaqayyo kaasutti hin ajjeesu» jechuudhaan osoo ajjeesuu danda’uu bira darbeera, yeroo tokko holqa keessa osoo jiruu Daawwit gara isaatti dhiyaatee wanta ajaa’ibaa tokko taasisee ture, maal ture kan inni taasise?

Deebii :- Uffata Saa’ool fakkeenyaaf muree itti agarsiise, Sayifii isa bukkee tures fakkeenyaaf geessee itti agarsiise. 1 Sam. 24:1, 1 Sam. 26:8

47. Ani eenyu? yeroon Saa’ool irraa baqadhetti waanan beela’eef gara Luba Abemeeleek deemeen Biddeen nyaatamu naaf kennin jedheen, Waaqayyo nyaata guyyaa guyyaa akka kennu fakkeenya ykn mallattoo akka ta’uuf Biddeen eebbifamaatu ture waan ta’eef Lubichi Habistii kana naaf kenne, anis namoota na waliin turan waliinan nyaadhe. Abbaan Bagaanaa Mootichi Ani eenyudha?

Deebii :- Mooticha Daawwit dha

48. Haati Saamu’eel Haannaan kan deesse ijoollee jaha (6) qofa ture, 1 Saam. 2:5 irratti garuu «Dubartiin sun ijoollee torba deesse!» jettee kan faarfatte maalifi laata?

Deebii :- Raajichi Saamu’eel akka ijoollee lamaatti waan lakkaa’aamuufi Haannaan ijoollee jaha deessee osoo jirtuu Dubartittiin torba deesse jettee kan faarfatteef. 1 Saam. 2:21.

49. Mootichi Daawwit «Laphee Waaqayyoo Daawwit» akka jedhame yeroo baay’ee ni dhageenya, Daawwitiin yeroo jalqabaatiif «Laphee Waaqayyoo!» jedhee Raajichi waame eenyudha? yeroo lammaffaaf «Laphee Waaqayyoo Daawwit» jedhee Duuka bu’ichi waame hoo eenyu jedhama?

Deebii :- Laphee Waaqayyoo jedhee yeroo jalqabaatiif kan waame Raajicha Saamu’eel yoo ta’u (1 Saam. 13:14)

Laphee Waaqayyoo Daawwit jedhee yeroo lammaffaaf Duuka Bu’ichi waame ammoo Qulqulluu Phaawuloosidha. (HDB. 13:22

50. Ani eenyu? Abbaan koo Mooticha Saa’oolidha, hangamiyyuu abbaa kootti aansee iddoo Mootummaa kanan dhaalu ta’uu koo beekuyyuu Mootii akka ta’u kan isaaf dubbatame Daawwit waliin garmalee wal jaallanna turre, jaalala koo fi Daawwit gidduutti Mootii ta’uuniyyuu bakka hin qabu ture, abbaan koo Daawwit ajjeesuuf yeroo fiigu ani garuu Daawwit akka baqatun taasise, Daawwit waliin akkasitti kan wal jaallannu ani eenyu?

Deebii :- Yonaataan yoo ta’u, hiikni maqaa isaas «Waaqayyo ni kenna!» jechuudha.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 4ffaan kana fakkaata ture waan dubbistaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu! Blog kana Subscribe taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 4ffaa first appeared on Qubee Online +.

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 3ffaa
Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu

Gara Kutaa kanaatti osoo hin darbiin dura kutaalee darban jechuunis Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 1ffaa fi Kutaa 2ffaa dubbisaa! yeroo darbe kutaa 1ffaa fi 2ffaa keessatti Qo’annaa Kitaabolee Qulqullaa’oo ykn Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu bifa gaaffii fi deebiitiin ilaalaa turreerra, kanaanis Seera Uumamaa irraa eegallee kan ilaalle yoo ta’u Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu 20 ilaalleerra. Kanaanis kutaa 1ffaa keessatti Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu 10 jechuunis 1 irraa kaasee hanga 10 fi Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 2ffaa keessattis Gaaffilee 10 jechuunis 11 irraa kaasee hanga 20 tti ilaalleerra. Kutaan itti aanu ammoo kunooti dubbisaa!

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 3ffaa

21. Raajichi Musee gara Tulluu Siinaatti yeroo bahu Iyyaasuun garuu Tulluu sana jala ture malee akka Raajicha Musee gara Tulluu sanaatti ol hin baane ture, sababni kun ta’eefis sababa mataa isaa qaba. Iyyaasuun gara Tulluu Siinaatti kan hin baane maalifi laata?

Musee kan gargaaran Jaarsolii 70 tu ture. Jaarsolii 70 kun Afuurri Musee irra bule isaanirras bulee Raajii yeroo raajan Iyyaasuun garuu inaaffaadhaan Yaa Musee! maalif akka callisan isaan hin dhorkitu? jedhee dheekkame, sababa kanaan Iyyaasuun Tulluu Siinaa irra osoo hin ba’iin hanga Tulluu Siinaa jalaatti qofa deemuu danda’eera ykn dirqameera.

Raajonni lamaan fi Duuka Bu’oonni Utubaa sadan qofti Tulluu Taaboor irra yeroo ba’an Yihudaan garuu «Ani bar Gooftaa kanan gurgure Tulluu Taaboor irratti waanan hin baaneefi» jedhee sababa akka hin dhiyeessineef Yihudaa dabalatee Duuka Bu’oonni hafan Tulluu sana jala turan. Yihudaanis gara Tulluu Taaboritti kan hin baane hojii isaa badaa kanaani. Tulluun fakkeenya Mana Kiristaanaa ti. Iyyaasuunis balleessaa isaa irraa erga barate booda Musee bakka bu’ee hoogganaa cimaa ta’eera. Lakk. 11:28.

22. Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaan isaanii tokko ta’ee ykn wal fakkaataa ta’ee hojiin isaanii garuu garmalee faallaa kan ta’aan namoonni lama Fiinihaas jedhaman jiru. Hojiin isaanii garmalee faallaa ta’e kuni maali dha?

Deebii :- Lakk. 25:1-14

Fiinihaas isa jalqabaa :- Ilma obboleessa Musee Aroon Ilma Alaazaaridha. Ilmi Alaazaaris Fiinihaasidha. Fiinihaas Waaqayyoof inaafaa waan tureef Lubummaan Sanyii isaatiif ykn Leewwotaaf akka ta’u taasiseera. Fiinihaas waadaa Lubummaa kana akkamitti akka argate Seera Lakkoofsaa 25:1-14 ilaalaa!

Isa Lammaffaa Fiinihaas :- inni kun ammoo ilma Eelii yoo ta’u obboleessa isaa Afniin fi Fiinihaas jedhamanii yeroo waamaman caalmaatti ni beekamu.

Fiinihaas inni jalqabaa Dunkaana Oriitii keessatti namoota ejjan Eeboodhaan waraanee kan ajjeesaa turedha. Fiinihaas inni lammaffaan garuu Dunkaana keessatti nama ejjedha. Maqaan isaanii wal fakkaata hojiin isaanii garuu gonka faallaadha.

23. Yeroo tokko Daataan, Abeeroon, Qoree fi namoonni 250 Musee morman, namoonni kun kan adabaman akkamitti ture?

Namoonni kunneen Musee fi Aroon yeroo morman Waaqayyo akkamitti isaan eege?

Dheekkamsi namootaaf dhufee ture hoo akkamitti hafeef? (Lakk. 16:1)

• Musee fi Aroon mormanii ofii isaanii akka Lubaatti kan lakka’aan Qoree fi namoonni 250 guyyaa tokkotti Ibidaan gubatanii ni dhuman, isaan waliin kan ta’aan Daataan fi Abeeroon ammoo lafti afaan ishee bantee isaan liqimsite. Seera Lakkoofsaa. 16:31-36.

Yeroo bari’us Israa’eeloonni uummata ficcisiistan jedhanii dhagaadhaan isaan rukutuudhaaf ka’an, Musee fi Aroon gara Dunkaana Oriitiitti baqatan. Waaqayyos Utubaa ifaa diriirsee isaan oolchee obboloota lamaan Waldaa ykn Mahaabara Israa’eelotaa irraa adda ba’aa, dheekkamsaan isaanan balleessa jedhee guyyaa tokkotti namoonni 14,700 ni du’an.

Aroon uffata Lubummaa isaa uffatee Maa’ixentii ykn Ultuu Warqee qabatee yeroo isaaniif kadhatu dheekkamsichi ni dhaabbate. Seera Lakkoofsaa. 16:41.

• Musee inni filatame fuuldura isaa osoo hin dhaabbanne ta’ee dheekkamsa sanaan osoo isaan balleessee ture akkuma jedhe Raajichi Daawwit. Faaruu 105:23.

24. Biyya keenyatti yeroo Ayyaanaa dhiigni Hoolaa Saahiniidhaan walitti qabamee ni jedhama, baadiyyaatti ammoo Sangaan osoo hin du’iin lubbuun osoo keessa jirtuu wanta qara qabuun morma Sangaa sanaa waraananii dhiiga isaa kan dhugan ni jiru! aadaan ykn barteen kun Kitaaba Qulqulluu dhaan ni deeggarama moo hin deeggaramu? maalif?

Horii du’ee argame ykn kan bineensi isa nyaate nyaachuun, Dhiiga Bineensotaa ykn Bineeldotaa dhuguun garmalee kan dhorkamedha. Seera Leewwotaa 17:1-16. Dhiiga keessa lubbuun waan jiruuf Dhiiga dhuguun garmalee kan dhorkamedha.

Kitaaba Iyyaasuu

Israa’eeloonni dursummaa Iyyaasuutiin Yordaanoos yeroo ce’an

25. Ani eenyu?

Maqaan koo jalqabaa Awusee dha, yeroo dargaggummaa kootti biyya Gibtsiitti garbummaa keessa kanan ture, Galaanni Ertiraa yeroo iddoo lamatti qoodamu ija kootiin kanan arge, Kaaleeb waliin lafa dhaalaa kanan ilaale, ijoollummaa koo irraa kaasee tajaajilaa Musee kanan ture Ani eenyudha?

Deebii :- Iyyaasuu

26. Nuti eenyu? Samii waggaa sadii fi ji’a jahaaf kan cufne, Aduu Gabaa’oon irratti kan dhaabne, tajaajiltoonni Waaqayyoo nuti eenyu?

Deebii :- Raajicha Eliyaas fi Iyyaasuudha.

Eliyaas jechuun Waaqayyo Gooftaa koo jechuudha, akkasumas Raajichi Samii waggaa sadii fi ji’a jahaaf kan bokkaa dhorke yoo ta’u,

Iyyaasuu jechuun ammoo Fayyisaa jechuu yoo ta’u Samii Gabaa’oon irratti Aduu kan dhaabedha.

27. Dachee dhaalaa isaanii dachee Kana’aan kan dhaalan namoonni lamaan eenyu fa’i?

Deebii :- Iyyaasuu fi Kaaleeb

28. Iyyaasuun fa’a Taabota Tsiyoon baatanii Yordaanoos yeroo ce’an lagichi guutee ture, kunis kan ta’e Cabbiin Tulluu tokko irraa baquun yoo ta’u haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo dhalattus Tulluun kun akka Daamotiitti fagoo irraa ni ibsa ture. Tulluun kun maal jedhama?

Deebii :- Mataa Libaanoos Tulluu Armooniyeem dha.

29. Ani eenyu? Iyyaasuun magaalaa Gaay jedhamtu balleessuu isaatiin dura ani magaalaa sanatti irmii kan ta’e buchillaa Warqee fi Kaabbaa bareedaa argee nan hate, Dunkaana koo keessas nan dhokse, Cubbuu kootiinis Israa’eeloonni namoota Gaayiin ni injifataman Ani eenyudha? kanan adabame hoo akkamitti ture?

Deebii :- Akaan yoo ta’u, kan adabames dhagaadhaan rukutamee ture. Iyyaasuu. 7:19

30. Iyyaasuun Luboota Leewwotaatiin Taabota Tsiyoon waliin gamoo ykn dallaa magaalaa tokkoo yeroo torba yeroo naannaa’u, magaalaan sun isa torbaffaa irratti ni diigamte, magaalaan kun maal jedhamti? Hiikni maqaa magaalaa kanaa hoo maal jechuudha?

Deebii :- Magaalaan kun Iyyaarikoo yoo taatu, namoonni Iyyaarikoo kanaas Addeessa ykn Baatii kan Waaqessan waan turaniif maqaa isaaniis Iyyaarikoo jedhanii moggaasan, Iyyaarikoo jechuun magaalaa Addeessaa jechuudha.

31. Maqaan Iyyaasuu inni jalqabaa eenyu ture? «Iyyaasuu» jedhee maqaa kan baaseef eenyudha? Iyyaasuu jechuun hoo maal jechuudha?

Deebii :- Maqaan Iyyaasuu inni jalqabaa «Awusee» yoo ta’u, Iyyaasuu jedhee maqaa kan baaseef ammoo Raajicha Musee ture, Musee jechuun kan dhalate jechuu yoo ta’u Iyyaasuu jechuun ammoo Fayyisaa jechuudha. Seera Lakkoofsaa. 13:16.

32. Qulqulluun Phaawuloos «Guyyaan fayyinaa ammadha!» akkuma jedhe (1 Qor. 6:1) Abbaan Murtii (መስፍን) tokko «አነ ወቤትየ

እግዚአብሔርን ነአመልክ» jechuunis «Ani fi Manni koo Waaqayyoon Waaqessina!» jedhee ture namni kana dubbate eenyu jedhama?

Deebii :- Jecha kana ykn Ani fi Manni koo Waaqayyoon Waaqessina kan jedha Iyyaasuu dha.

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 3ffaan kana fakkaata ture waan dubbistaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu!

Yeroo itti aanutti ykn kutaa itti aanutti Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 4ffaa ni ilaalla.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 3ffaa first appeared on Qubee Online +.

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 2ffaa
Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu

Seensa :- yeroo darbe kutaa 1ffaa Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu keessatti Seera Uumamaa irraa kaasee bifa gaaffii fi deebiitiin qabxiiwwan hedduu ilaalleerra isins duubatti deebi’uun dubbisaa! kutaa 1ffaa erga dubbistan booda gara kutaa kanaatti darbaa!

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 2ffaa

11. Taabota Kakuu Waaqayyoo akka hojjetaniif Waaqayyo Ogummaa kan kenneef gargaartota Musee kan turan namoonni lamaan eenyu fa’i?

Deebii :- Eliyaab fi Baasli’eel dha. Seera Ba’uu. 31:1.

12. Kitaaba Qulqulluu keessatti Lubni inni jalqabaa eenyudha?

Deebii :- Malka Tsedeeqidha.

13. Phaaphaasonni uleen harkatti qabatan fakkeenya maaliiti? Uffanni uffatan hoo fakkeenyummaan isaa maali?

Uleen Phaaphaasotaa fakkeenya Ulee Musee fi fakkeenya Ulee Aroon yoo ta’u, uffanni sunis fakkeenya uffata Eliyaas fi Elsaati.

14. Addaam firii muka Balasii nyaatee, muka jireenyaa Jannata keessa jirtu irraa nyaachuu kan hin dandeenye maalif ture?

Dubbii Maariyaam (Mariology) :- Addaam firii muka Balasii ykn «ዕፀ በለስ» erga nyaate booda Mukti jireenyaa ykn «the tree of life» isaaf ture, Muka jireenyaa ykn «ዕፀ ሕይወት» irraa osoo nyaateera ta’ee badiin isaa badee, haaromeefi gaabbiidhaan Iyyerusaaleem ishee Samii osoo argatee ture. Garuu Muka jireenyaa irraa hin nyaanne, maalifi yoo jedhame Ergamoonni Waaqayyoo Abidda ta’an Kiruubeel Sayifii ibiddaa isaaniitiin Muka jireenyaa ykn «ዕፀ ሕይወት» eegaa waan turaniifidha. Uma. 3:22.

Seenaa isaas yeroo dubbisnu akkas jedha :- Addaam harka isaa diriirsee muka jireenyaa irraa nyaachuu waan hin dandeenyeef, dafqa keetiin hojjedhu argadhu jedhamee Jannataa ari’amee gara iddoo Bineensotaaf uumamee gara dacheetti dhufe

• Abdii Addaamiif kan jedhamte haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Muka jireenyaa Addaamiif deesse, Mukti jireenyaa ykn «ዕፀ ሕይወት» eenyudha yoo jedhame :- Foon koo kan nyaate, Dhiiga koo kan dhuge jireenya bara baraa qaba kan nuun jedhe Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Yoh. 6:54. Tokkos Mukti jireenyaa eenyu yoo jedhame «Ani hundee Wayiniiti» kan jedhe, Biddeen jireenyaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Yoh. 15:5.

• Mukti jireenyaa «ዕፀ ሕይወት» jedhamtu fooliin ishee Funyaan, dhandhamni ishee Arraba irraa osoo hin badiin guyyaa torbaaf kan turtu muka ajaa’ibaa yoo taatu, baalli ishees akka biqiloota kaanii hin cooligu. Mukti jireenyaa kun Kiristoos kan nuuf deesse haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin ni fakkeeffamti.

Mukti jireenyaa kun baalli ishee akka biqiloota kaanii cooliguu dhiisuun isaas fakkeenya Dubrummaa isheeti. Sababa kanaanis Aduu Sooriyaa kan jedhame Qulqulluun Efreem haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin akkas jedhee ishee galateeffate «አንቲ ውእቱ እሙ ለዕፀ ሕይወት ወእሙ

ለብርሃን” [O St Mary you are the mother of the tree

of life & the mother of luminous light» ykn «Ati muka jireenyaatiif haadha akkasumas haadha ifaati»

Tokkos :- Waaqayyo Museedhaaf Masooba Warqii Warqee irraa hojjetame keessatti Mannaa akka kaa’uuf isa ajaje, Mannaan kun waggoota hedduudhaaf Bara Musee irraa kaasee hanga bara Foonummaa ykn Zemene Sigaawweetti osoo hin badiin fi osoo hin xiraa’iin jiraatte, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos gadameessa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessa yeroo buletti garuu Mannaan kun baqxee badde.

Habistii inni dhugaan Habista Mannaa kan ta’e Foon ishee irraa foon lubbuu ishee irraa Lubbuu fudhatee Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalateera waan ta’eef, nutis Wuddaasee Maariyaam irratti Mannaa dhokataa kan of keessaa qabdu Dunkaanni Oriitii si’idha, …… galanni siif haa ta’u jechaa ishee galateeffanna.

15. Waaqayyo Waaqa Waaqotaati yeroo jedhamu maal jechuudha? Waaqolii kan jedhaman hoo eenyu fa’i?

Waaqayyo Museedhaan akkas jedheen :- Si’iin Fari’oon irratti akka Waaqaa si taasiseera. Ba’uu. 7:1. Museen fa’a Waaqolii kennaa ykn «አምላክ ዘበፀጋ /አማልዕክት/» ni jedhamu.

16. Museen Sirni bulchiinsaa garmalee waan itti baay’ateef ni dhadhaba ture, Namni kabajamaan tokkos wantoota ciccimoo qofaa gara keetti haa fidan, kanneen biroo namoonni kaan si haa gargaaran jedhee har’a Addunyaan bifa Ammayyaatiin kan itti fayyadamtu Sirna bulchiinsaa barsiise, Sirna bulchiinsaa kana Musee kan barsiise namni Itoophiyaa eenyu jedhama?

Museen kan fuudhe mucaa ykn intala nama Itoophiyaa kanaati ture, lammiin Itoophiyaa Niitiin Musee kum eenyu jedhamti? mucaan isaan argatan hoo eenyu jedhama?

Deebii :- Raagu’eel ykn Yootoor, haati Musee lammii Itoophiyaa sun Saphiiraa yeroo jedhamtu, Mucaa Geersaam jedhamu deesseerti. Ba’uu. 2:21.

17. Abboommiiwwan kurnanii fi Jechoonni Wangeelaa Jahan Kitaabaa fi Boqonnaa kam irratti argamu?

Deebii :- Abboommiiwwan kurnan Ba’uu 20:1, Seera Keessa Deebii. 5:1 fi Jechoonni Wangeelaa Jahan ammoo Wangeela Maatewoos 5:21-44 irratti argamu.

18. Duuka Bu’oonni Utubaa sadan qofti Tulluu Taaboor irratti yeroo dhufan ykn argaman, Yihudaan «Ani bar Gooftaa kanan gurgure Tulluu Taaboor irratti waanan hin baaneefi» jedhee sababa akka hin dhiyeessineef Yihudaa dabalatee Duuka Bu’oonni kaan Tulluu sana jala turan, Yihudaan gara Tulluu Taabooritti kan hin baane sababa hojii isaa badaatiif ture.

Duuka Bu’oonni Utubaa sadan akkuma ifa Waaqummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos argan Duuka Bu’oonni hafan 8’n hoo ifa Waaqummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos arganiiru jechuu ni dandeenyaa? akkamitti?

Seenaa kana fakkaatu gargaartota Musee kan turan Jaarsolii 70 waliin wal bira qabnee haa ilaallu;

Museen Jaarsolii 70 Dunkaana Oriitiitti walitti qabee Afuurri isa irra ture isaanirra bulee Raajii ni dubbatan, Elidaad fi Mudaad kan jedhaman namoonni lama garuu ganda keessatti hafanii ture, ta’us garuu isaanis Afuurri Musee irra bule isaanirras bulee akkuma warra kaaniitti raajii dubbataniiru.

Akkuma kana Tulluu Taaboor jala kan turan Duuka Bu’oonni 8 nis Ifa Waaqummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akkuma Duuka Bu’oota Utubaa isaan sadaniitti isaaniif ibsameera jechuudha. Lakk. 11:24.

19. Kitaaba Qulqulluu keessatti Magaalonni of jajaa «የመማፀኛ ከተሞች» jaha ni jiru, isaan eenyu fa’i?

Deebii :- Raamaat, Boosar, Qaadees, Keebroon, Seekeen fi Goolaan fa’i.

20. Yooseef yeroon du’u Abbootii koo biratti na awwaalaa jedhee ture, Ekeraa Yooseef Gibtsiidhaa kan baase eenyu dha ykn yeroo kam bahe?

Raajichi Israa’eeloota Gibtsiidhaa dursee ykn dursaa baase eenyu dha?

Deebii :- Raajicha Museedha.

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 2ffaan kana fakkaata ture waan dubbistaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu! Blog kana Subscribe taasisaa!

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 2ffaa first appeared on Qubee Online +.

Raajii Eliyaas eenyudha? Seenaa Qulqulluu Eliyaas
Raajii Eliyaas Kakuu Moofaa

Barreeffama keenya hardhaatiin waa’ee Raajii Eliyaas Qulqulluu ni ilaalla, isiniis dubbisaa! Hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Qulqulluun Eliyaas eenyudha?

Raajichi Eliyaas daandii ykn ganda Gala’aad, Teesbiyaatti, maatii ajaja Waaqayyoo fi seera Waaqayyoo tiin cimanii dhaabbatan qajeelota kan ta’aan fi karaa warra qomoo Leewwii irraa kan ta’aan Abbaa isaa Iyyaabeeniyoo fi haadha isaa Toonaa irraa Mudde 1 dhalate. Biyyi isaas Teesbiyaa isa Gala’aad ykn Teesbiyaa ZeGala’aad dha, Raajichi Eliyaas lakkoofsi isaa Raajota hangafoota ykn Raajota durii keessaadha.

Guyyaa Raajichi Eliyaas itti dhalatetti Manni isaanii ifaan guutameera. Ifa kan uffatan namoonni ykn Ergamoonni Afur dhufanii ibiddaan yeroo isa golgan Abbaa fi haati Raajicha Eliyaas arganii nahuudhaan Raajotaa fi Lubootatti himan.

Luboonni garuu wanti sun baay’ee waan isaan rakkiseef, garmalee waan baay’ee isaa ajaa’ibsiiseef «Uumama akkamiiti laata? Israa’eelitti moo’aa laata?» jedhanii isa ajaa’ibsiifataniiru. Qulqulluun Eliyaas daa’imummaa isaa irraa kaasee Qulqullummaa kan jaallatu, nama qajeelaa ture.

Seenaa Raajii Eliyaas

Raajichi Eliyaas Seera Oriitii barachaa erga guddate booda Abbaa isaa, haadha isaa, firoota isaa, qarshii isaa hunda dhiisee gammoojjii ykn lafa onaa taa’e. Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos Ergaa isaa gara warra Ibrootaa irratti «…… Gogaa uffatanii naanna’aan, ni dhiphatan, ni rakkatan, gidiraa ni fudhatan, ni beela’aan, ni dheebotanis. Addunyaan kan isaaniif hin taane isaan kanadha, Tulluu dhaa Tulluutti, holqaa holqatti naanna’aan….» (Ibr. 11:37-38) jechuun akkuma barreesse Raajichi Eliyaasis jireenya Addunyaawaa irraa adda ba’ee Holqa keessa, Tulluu irra jiraachuu jalqabe.

Galmeen jechootaa Kitaaba Qulqulluu akka ibsutti jechi «Eliyaas» jedhu hiika «Waaqayyo Waaqadha» jedhu qaba. Kitaaba Qabsuura Raajicha Eliyaas irratti akka ibsametti ammoo jechi Eliyaas jedhu kun hiika «Zayitii Wayiraa, Biqiltuu Wayiraa» jedhu qaba. Zayitiin Wayiraa warreen dukkana keessa jiran hundaaf akkuma ibsu, Raajichi Eliyaasis Mana Waaqayyootiif ibsaadha waan ta’eef.

Israa’eeloonni seera Waaqayyoo cabsuudhaan, Xaa’otii Waaqessuudhaan dukkanaan yeroo liqimfamanitti Raajichi Eliyaas gahee Samii ajajuudhaan, burqaawwan bishaanii gogsuudhaan fi Raajiiwwan Dinqii garaa garaa agarsiisuudhaan laphee isaanii ifaa taasisee gara Waaqayyo Waaqeffachuutti isaan deebiseera.

Tokkos Raajii Eliyaas jechuun «Zayitii ykn Dibata, wal jaallachuu» jechuudha. Zayitii ykn Dibata kan jedhames jaalala namaa yoo ta’u kunis Raajii Eliyaas hojiiwwan Raajii inni taasisuun Waaqayyoo fi Israa’eel gidduutti nagaa fi jaalala buusuu isaa agarsiisa.

Yeroon isaas Dhaloota Kiristoosiin waggaa 900 dura Mootii fi Uummanni yeroo hamoo turaniitti, Waaqayyo ganamee Xaa’otiin yeroo itti Waaqeffamu ture. Yeroo durii Xaa’otiiwwan harka Iloofilaanotaa turan ykn Daagoon fi Beel yeroo sanatti ykn bara Qulqulluu Eliyaasitti gara Israa’eelitti galanii turan.

Qulqulluun Raajii Eliyaas garuu dhaloota badaa ykn dhaloota hamaa kana keessaa ta’uyyuu Sirna Oriitii sirriitti kan beeku, nama qajeelaa jireenya Qulqullummaa fi Waaqayyo Waaqessuun jiraatu ture.

Yeroo sanattis Waaqayyo Qulqulluu Eliyaas Raajummaadhaaf waame. Innis «Tole» jedhee ajajamee waamicha kennaa Waaqayyoo fudhate. Qulqulluun Eliyaas yeroo baay’ee dhimmaaf yoo ta’een ala nama waliin hin oolu, hin bulu waan ta’eef iddoo jireenya isaa Tulluuwwanii fi lafa onaatti taasifate.

Keessattuu Tulluun Qarmeeloos ykn Dabra Qarmeeloos isaaf mana isaa ture. Jireenya isaa kanaanis Malka Tsedeeqitti aansee;

1. Qeerrummaaf (Qeerroo ture waan ta’eef)

2. Baahitaawwiif (Kophaa isaa ture waan ta’eef)

3. Minkusinnaaf (Jireenya Minkusinnaa kan jiraatu ture waan ta’eef) Kakuu Moofaa keessatti Raajicha bu’uura kaa’e jedhama.

Egaa yoomiyyuu;

Kakuu Moofaa keessatti akka Raajicha Eliyaas,

Bara Kiristoositti akka Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa,

Zamana Abbootii ykn Zamana Beektotaatti ammoo akka Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee Barsiisonni dheekkamanii ykn jabinaan barsiisan waan jiran miti.

Bara Raajicha Eliyaasitti Abbaa manaa fi haadha manaa hamoo Mootii Aki’aab fi Mootittii Elzaabeel jedhamantu ture isaanis Israa’eel irratti moo’anii waan turaniif uummanni Xaa’otii akka Waaqeffatu taasisan.

Inumaayyuu kanumaan isaan gahuu didee sababa lafa Oyiruu Wayiniitiin Naabutee is Izraa’eelaawwii ragaa sobaatiin dhiiga isaa dhangalaasan. Naabuteenis «Dhaala Abboota koo hin kennu, hin jijjiiru» jechuu Isaatiin akka Mana Kiristaanaa keenyaatti akka Wareegamaatti lakka’aama.

Raajichi Eliyaas garuu kana yeroo dhaga’u gara Aki’aab fi Elzaabeelitti dhiyaatee «Dhiigni Naabutee isin irratti hin hafu ykn bahuun isaa hin hafu, dhiiga kees Sareen ni arraaba» jedheen. Sababa kanaanis Elzaabeel isa ajjeesuuf barbaadduyyuu inni garuu kan Waaqayyoo waan ta’eef isa argachuu hin dandeenye.

Kanaanis ykn Raajicha Eliyaas dhabuu isheetiin aariidhaan Raajota hedduu walitti qabdee «Isaan ajjeesaa!» jetteen. Isaan kana keessaas hedduun isaanii yeroo qalaman, isaan kana keessaa dhibba tokko (100) kan ta’aan garuu Abdiyuun holqa keessatti isaan dhoksee, isaan nyaachisaa isaan oolcheera. Israa’eel keessatti garuu hookkaraa fi Cubbuun babaldhachaa deeme. Uummannis kennaa Waaqayyoo nyaadhaa Beel ykn Be’aaliif sagaduu jalqabe.

Yeroo kana garuu Raajichi Eliyaasis «ሕያው እግዚአብሔር አምላከ ኃይል: ዘቆምኩ ቅድሜሁ: ከመ ኢይረድ ጠል በእላ መዋዕል ዘእንበለ በቃለ አፉየ» jedhee Bokkaan Samii irraa akka hin buune ykn bokkaan akka hin roobne taasise. Waggaa sadii fi ji’a jahaafis Samiin Bokkaa kennuu irraa ni dhorkamte.

Uummanni sababa Cubbuu isaatiin ykn uummannis sababa Cubbuu isaaniitiin ni miidhaman. Raajicha Qulqulluu Eliyaas garuu Allaattiin isa soora ture. Burqaan bishaaniis isaaf burqee ni dhuga ture. Kuni yeroo hafus ni kadhate. Waaqayyos Koraat irraa gara Siraapitaatti akka bu’u isa ajaje. Achitti haati Raajicha Yonaas Biddeen tolchitee isa nyaachisuu isheetiin manni ishee eebbaan guutame.

Ilmi ishee daa’imichi Yonaasis yeroo du’etti Kadhannaadhaan Raajichi Eliyaas kaaseefiira. Itti aansees yeroo torba kadhatee waggaa sadii fi ji’a jahaaf Samii cufamee Bokkaa roobuu dide banee bokkaan roobeera, uummannis guyyaa sanatti eebba irraa hirmaataniiru.

Isaan dura garuu Elzaabeeliin Raajota sobaa fi Luboota Xaa’otii 850 waliin dorgomee injifateera. Aarsaa aarsanii kan isaa ykn kan Qulqulluu Eliyaas qofa ibiddi Samii irraa bu’ee waan nyaateef, uummanni Raajotaa sobaa fi Luboota Xaa’otii 850 sana fixaniiru.

Kana kan dhageesse Elzaabeelis isa ajjeesuuf barbaaduu eegalte. «Maaloo yaa Waaqayyo Gooftaa koo! Ani Abbootii koo darban irra hin caalu waan ta’eef na fudhadhu! kophaa koo hafeera!» jedhee yeroo kadhatu Waaqayyoo Missiraachoo namoonni Xaa’otiidhaaf hin saganne kuma torba (7000) hafuu isaanii fi innis gara dachee jiraattotaatti (ብሔረ ሕያዋን) akka fudhatamu itti hime.

Gaaf tokko Raajichi Eliyaas dhadhabee osoo jiruu Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Mikaa’eel isa kaasee itti muldhate, Masoobiidhaanis nyaataa fi Bishaan qabateefii «Nyaadhu! dhugi!» jedheen. Raajichi Eliyaasis nyaatee, dhugee ni rafe. Irra deebiidhaan Ergamaan Waaqayyoo sun hirribaa isa dammaqse, ammas yeroo sadaffaadhaaf dhufee isa dammaqsee «ብላዕ እስከ ትጸግብ እስመ ርሑቅ ፍኖትከ» ykn «Daandiin ati deemtu dheeraa waan ta’eef hanga quuftutti nyaadhu!» jedheen.

Raajichi Eliyaasis guyyoota Afurtamaaf nyaata malee deemeera. Sana boodas nyaata lafarraa hin nyaanne. Waaqayyos Mooticha Aki’aab fi Mootittii Elzaabeel erga adabe booda, Raajichi Eliyaas hamoota kanneen irratti yeroo lama Ibidda roobseera.

Gaaf tokko Raajichi Eliyaas Kadhannaa taasisaa osoo jiruu Ergamaan Qulqulluun Raagu’eel isaaf ibsamee «Wantoota badoo ta’an kan injifatte, du’a kan moote gammadi! gara Samiitti yeroo itti baatu gaheera waan ta’eef, biyya gammachuu, Jaalalli itti guute, biyya Godaansi, gaddi, duuti, dhukkubni gonkumayyuu keessa hin jirre mana eebbi itti guutametti ni seenta! achittis ajaja Waaqayyo Gooftaa kan barreessu kan akka kee Heenook ni jira, amma ka’iitii Yordaanoos ce’ii deemi!» jedheen.

Waaqayyo Raajicha Eliyaas gara olittii ykn gara Samiitti yeroon itti baasu yeroo gahetti Raajichi Gelgeelaa irraa ka’ee gara Iyyaarikootti yeroo deemu Duuka bu’aan isaa Raajichi Elsaan «Gonkumayyuu si biraa hin hafu!» jechuudhaan isa duukaa bu’ee waliin deeme. Iyyaarikoo yeroo gahaanittis Raajonni xixiqqoon Iyyaarikoo jiran ni dhufan, ol ba’iinsi Raajii Eliyaas Ogummaa Afuura Qulqulluutiin isaaniif ibsamee Raajicha Elsaadhaan «Hardha Waaqayyo Raajicha Eliyaas akka si biraa fudhatu beektaa?» jedhaniin innis «Beeka! Callisaa!» jedheen. Sana boodas Raajichi Eliyaas Elsaadhaan «Waaqayyo gara Yordaanoositti na ergeera waan ta’eef ati as taa’i!» jedheen, Raajichi Elsaan garuu «Gonkumayyuu sirraa adda hin ba’u!» jedhee isa waliin deeme.

Raajota keessaas Dhiironni shantamni (50) isa waliin tokkummaan deemuun fuuldura isaanii dhaabbatan. Raajichi Eliyaasis Uffata isaatiin bishaan Yordaanoos yeroo rukutu bishaanichi iddoo lamatti qoodame. Raajichi Eliyaas fi Elsaanis bishaanicha ni ce’an. Erga ce’an boodas lafa onaa irra dhaabbatan. Bishaanicha erga ce’an boodas Raajichi Eliyaas Duuka Bu’aa isaa Elsaa dhaan «Si biraa osoon hin fudhatamiin wantan akka siif taasisu barbaaddu na kadhadhu» jedheen.

Raajichi Elsaanis «Humni Afuura Qulqulluu sirra bule dachaa ta’ee narra haa bulu» jedheen. Raajichi Eliyaasis «Wanta ajaa’ibaa na kadhatte ta’us garuu ani sirraa adda ba’ee yeroon ol ba’utti yoo na argite siif ni ta’a, yoo na hin argine garuu siif hin ta’u» jedheen.

Lamaan isaaniiyyuu dudubbachaa osoo deemaa jiranii Saragallaan Ibiddaa, Fardi Ibiddaa gidduu isaaniitti bu’ee gargar isaan baase. Raajichi Eliyaasis obomboleettiidhaan, saragallaa Ibiddaatiin ol ba’e. Raajichi Elsaanis gara Samiitti fudhatamuu Raajicha Eliyaas argee ni iyyee «Israa’elootaaf humna isaanii, Abbaa isaanii, Yaa Abbaa!» jedhe.

Sana boodas lammaffaa isa hin argine. Raajichi Eliyaasis Uffata isaa lamatti qoode, marata (መጠምጠሚያውንም) isaas Raajicha Elsaadhaaf ni kenne, Eebbaa fi Kennaan Raajicha Eliyaasis Raajicha Elsaa irra bule.

Kunis fakkeenya dha. Eliyaas lafa Yordaanoos ce’ee gara dachee Jiraattotaatti akkuma seene, Amantoonni ykn Kiristaanonni Bishaan fi Afuura Qulqulluu irraa dhalatanis Mootummaa Waaqayyoo ni dhaalu waan ta’eef «Namni lammaffaa hin dhalanne Mootummaa Waaqayyoo arguu hin danda’u!» akkuma jedhe gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Wangeela Qulqulluu Yohaannis irratti (Yoh. 3:5).

Walumaa galatti Raajii Eliyaas Raajota Kudha shanan Kakuu Moofaa keessa turan keessaa jechuunis; Raajii;

1. Musee

2. Iyyaasuu

3. Saamu’eel

4. Yonaataan

5. Gaad

6. Daawwit

7. Solomoon

8. Elsaa

9. Izraa

10. Isaayyaas

11. Ermiyaas

12. Hizqi’eel

13. Daani’eel fi

14. Yohaannis Cuuphaa keessaa Raajicha isa tokkodha.

Raajichi kun qaama fooniitiin Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waliin Dabra Taaboritti kan kan dubbatedha, Aarsaa Xaa’otii diigee Waaqayyo Gooftaadhaaf Aarsaa isa sirrii kan aarsedha ykn Aarsaa kan ol baasedha, Baahitaawwii Sirna Minkusinnaa eegaledha akkasumas waa’ee firdiif ykn murtiif dhufuu Waaqayyoo dursee kan Lallabuudha.

Raajii Eliyaas Kakuu Moofaa fi Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa Kakuu Haaraa

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa’ee Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa yeroo dubbatu Yohaannisiin «Eliyaas» jedheera.

Uffanni Yohaannis Rifeensa Gaalaa akkuma ta’e, Eliyaasis Rifeensawaa ture waan ta’eef,

Lamaan isaaniiyyuu namoota Gadaamii, Baahitaawwiiwwan turan waan ta’eef,

Raajii Eliyaas osoo hin sodaatiin Aki’aab fi Elzaabeelitti akkuma dheekkame, Yohaannisis osoo hin sodaatiin Heeroods fi Heeroodiyaadaatti dheekkameera waan ta’eef,

Akkasumas Yohaannis dhufaatii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos isa tokkoffaa ykn fooniin gara Addunyaatti dhufuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dursee akkuma barsiise, Raajichi Eliyaasis dhufaatii lammaffaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dursee ni barsiisa waan ta’eef wal isaan fakkeessa waan ta’eef Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Yohaannis Cuuphaadhaan «Eliyaas» jedheeniira. (Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu)

Barsiisonni ykn Abbootiin Mana Kiristaanaa akka barsiisanitti Raajichi Eliyaas dhufaatii lammaffaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dursee Mootummaa Waaqayyoo Addunyaatti labsuudhaan Wareegamummaan ni boqota.

Raajiiwwan Qulqulluun Eliyaas taasise keessaa muraasa;

Ji’oota ykn Baatiiwwan 42’f ykn Waggaa sadii fi ji’a jahaaf bokkaan akka hin roobne taasiseera.

Allaattiidhaan Soorameera. 1 Mot. 17:4-6.

Mana Dubartiitti ykn mana haadha Raajicha Yonaas eebbaan guuteera. 1 Mot. 17:14.

Samii irraa Ibidda buuseera. 1 Mot. 18:38.

Mucaa Dubartiitti ykn Raajicha Yonaas du’aa kaaseera. 1 Mot. 17:22.

Tulluu Qarmeeloos irratti Aarsaa dhiyeessee Waaqayyos Aarsaa isaa fudhateefiira, Luboota Xaa’otii injifateera. 1 Mot. 18:38.

Guyyoota Yaadannoo Raajicha Eliyaas

Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyoonni Yaadannoo Ayyaana waggaa Qulqulluu Raajicha Eliyaas lama yoo ta’an. Isaanis;

1. Mudde 1 :- Guyyaa itti Raajichi Eliyaas itti dhalate fi

2. Amajjii 6 :- Guyyaa itti Raajichi Eliyaas ol bahe.

Akkasumas akka Mana Kiristaanaa keenyaatti ji’a ji’aan gaafa guyyaa 6 Ayyaana Yaadannoo Raajicha Eliyaas ta’ee ni yaadatama.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbi Qulqulluu Eliyaas nurra haa bulu!

Madda :-

Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu

Waldaa Qulqullootaa

ፍኖተ ስብከት

Qabsuura Raajicha Eliyaas

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Raajii Eliyaas eenyudha? Seenaa Qulqulluu Eliyaas first appeared on Qubee Online +.

Kakuu Moofaa | Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo
Kakuu Moofaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Kakuu Moofaa irraa kaasee biyya Waaqayyootti amanaa turte akka ta’e Kitaabni Qulqulluu fi Kitaaboleen kanneen biroo ni ibsu. Barreeffama keenya har’a kanaan waa’ee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Kakuu Moofaa keessatti, dhufaatii Taabota Tsiyoon gara Itoophiyaatti, walitti dhufeenya Mooticha Solomoon fi Mootittii Saabaa ni ilaalla dubbisaa!

Tsiyoon Maariyaam ykn

Sadaasa Tsiyoon

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kabaja ayyaanota afuurawaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajaman keessaa tokko sadaasa bultii 21 kan kabajamu “Tsiyoon Maariyaam” ykn “Sadaasa Tsiyoon” kan jedhamuun beekamudha. Manni Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaan raajiiwwanii fi dinqiiwwan garaa garaa Taabonni Tsiyoon Kakuu Moofaa keessatti raawwatte amantoota isheef kan barsiistuu fi sirna afuurawaa adda ta’een kan kabajju Kitaabolee Qulqullaa’oo bu’uura godhachuuni.

Hangafni Raajotaa Museen Tulluu Siinaa irratti guyyaa 40 fi halkan 40 erga tsoome booda Abboommiiwwan kurnan kan irratti barreeffaman Tsillaatii ykn Taabota Tsiyoon Waaqayyo harkaa fudhateera. Taabotni bultoo Waaqayyoo kunis harka Waaqayyoon Tsillaatii isaa irratti jechootni Oriitii ykn abboommiiwwan kurnan kan irratti barreeffamanii, Museef kennamanidha.

Haa ta’u malee garuu Museen Taabota bultoo Waaqayyoo isaaf kenname kana cabsuu isaatiin Museen deebise akka Taabota isa duraatti akka hojjatu Waaqayyo isa ajaje; Museenis akkuma ajajametti hojjaa isaa dalgee isaas boca isaas osoo wal hin caalchisiin akkuma ajajametti erga hojjate booda Tsillaatii abboommiiwwan kurnan of irraa qabu keessa kaa’e. Tajaajilaafis Dunkaana wal gahii keessa kaa’uun tajaajilaa, tajaajilamaa fi Taabota kanas ulaa turan. Haala kanaanis Taabotni Tsiyoon waggoota hedduuf Dunkaana Oriitii keessaa erga turte booda bara mootii Solomoonitti gara Mana Qulqullummaatti galte.

Sabni Israa’eel godaansa gara Gibxiitti karaa abbaa isaanii Yooseef torbaatama ta’aanii godaananiin; waggoota heddduudhaaf Gibxii keessatti cunqursamaa; dhibbaan cimaan irra gahaa waggoota hedduudhaaf turaniiru. Waaqayyos boo’ichaa fi gidiraa saba isaa irra gahe erga dhaga’ee ilaaleen booda hangafa Raajotaa Musee kaaseef. Museenis obboloota isaa waliin ta’uun gargaarsa Waaqayyoon saba isaanii Gibxiidhaa baasaniiru.

Barri Addaamii kaasee hanga Museetti ture bara seera laphee jedhamuun beekama ture. Baroota kana keessaatti namoonni fi abbootiin turan seera barreeffamee ture kan ittiin durfaman waan hin qabneef seera lapheetiin jiraatu turan.

Seera Laphee /Higge Libbuna/

Seera Laphee jechuun sammuu ilma namaatti uumamaan kenname keessa beekumsa jirudha, bara isaaniitti jechuunis Kitaaboleen Oritii Musee shanan osoo hin barreeffamiin dura Kitaaba Henook fi Kitaaba Iyyoobiin ala Kitaabni waan hin jirreef Kitaaba Seeraa waan hin qabneef Seera Laphee jedhameera. Fknf; Abrahaam uumaa isaa kan argate Seera Lapheen qorateetu.

Kitaabni Heenookis kan barreeffame waa’ee Seeraaf osoo hin taane, waa’ee sochii fi haala Aduu, Urjii, Adeessaa; Samiitti osoo dhokate (tesewro) jiruu Ergamoonni Henookiif ibsanii kan barreesse dha. Yih. :14, Uma. 5:21. Kitaaba Iyyoobiin wal qabatee garuu namoonni hedduun Museen akka barreesse ni amanu. Ta’ees garuu bara sanatti Afuurawaas ta’e kan Foonii Kitaabni Seeraa bara sanatti akka bara kanaatti barreeffame jiraachuu dhabuyyuu namni hundiyyuu Waaqayyo abbaa murtee (daanyaa) taasifatee yaada sammuu isaan socho’a ture, Waaqa isaaniis Seera Lapheen Waaqessu ture. Room. 2:12.

Bara sanatti namoonni Addunyaa irra jiran hundi afaan ykn qooqa tokkoon qofa jechuunis Afaan Ibraayisxiin qofa dubbatu turan. Afaan tokkichi kun afaan Ibraayisxii osoo hin taane afaan Gi’iziiti warri jedhanis jiru. Ta’us garuu dhuma irratti balleessaa cimaa hojjataniin Waaqayyo afaan isaanii jijijjiire, kanaanis lafa irratti afaan namaa gargar ta’ee hafe.

Museen Kakuu Moofaa keessatti Kitaabolee Oritii shanan kan barreesse Waaqayyo waliin dubbachaati dha. Kanumaanis Museen yeroo 570 Waaqayyo waliin jechaa jechatti (qal beqal) dubbateera, Addaam irraas dhaloota 27ffaa dha. Barri Addaamii kaasee hanga Museetti jirus Seenaa Waggoota 3844 ti. Barri kunis bara Abbootii jedhameera.

Kakuu Moofaa keessatti Barri Musee irraa kaasee hanga dhaloota Iyyesuus Kiristoositti ture ammoo bara Seera Oriitii jedhamuun beekama. Bara kanattis Museen Waaqayyo harkaa kan fudhate abboommiiwwan kurnan kan ofirraa qaban Taabotni ykn Tsillaatiiwwan kan turanidha. Sabni yeroo kana turanis abboommiiwwan kurnan kanaan caalmaatti buluu fi durfamu turan.

Maqaa Taabota Tsiyoon jedhu kanas kan argate magaalaa Israa’eel keessatti argamtu Tsiyoon irraati. Tsiyoon jechuunis dawoo, hirkoo jechuudha.

Waaqayyos Museen Dunkaana Taabota Tsiyooniif akka hojjatu itti himeera.

Hidaar Tsiyoon (Tsiyoon Maariyaam Kakuu Moofaa)

Taabonni Tsiyoon Kakuu Moofaa warreen Waaqayyo amananiif, warreen seeraa fi abboommii Waaqayyoo eeganiifi raaawwataniif karaa garaa garaatiin dinqiiwwan garaa garaa raawwachaa turteerti.

Israa’eeloonni Kakuu Moofaa keessatti yeroo seeraa fi abboommii Waaqayyoo eegan, Waaqayyo Taabota Tsiyoon kana irra buluun isaan ni gargaara ture isaanis diinota isaanii ni injifatu turan, faallaa kanaa ammoo yeroo Israa’eeloonni abboommii Waaqayyoo eeguu didanii fi yeroo wanta Waaqayyo jibbu raawwatan diinita isaaniin ni injifamatamu, Taabotni Tsiyoonis ni booji’amti turte.

Bara sanatti Hangafa Lubootaa Eelii jedhamutu ture, umuriin isaas naannoo waggaa 98 ture. Innis ijoollee lama Afniinii fi Fiiniihas jedhaman qaba ture, isaanis ajajaa fi gorsa Abbaa isaanii diiguun cubbuu Waaqayyo duratti jibbisiisaa ta’e hojjachuun Waaqayyo gaddisiisan. Fedhii ofii isaaniitiin ka’uudhaanis seera fi Abboommii Waaqayyoo cabsan. Badiin isaan uummata irratti geessisanis dabalaa deeme.

Afniinii fi Fiinihaas sababa cubbuu isaaniitiin Waaqayyo isaan irraa waan adda ba’eef warreen Filisxeemotaa diinummaan Israa’eelota irratti ka’an. Israa’eeloonnis ijoollee Eelii waliin ta’uun Taabota Tsiyoon qabatanii gara Filisxeemitti duulan. Erga Waraanichi eegalees duuti namootaa dabalaa dhufe.Waraanicha irrattis Afniinii fi Fiinihaasis ni du’an. Taabotni Tsiyoonis Filisxeemotaan ni booji’amte. Namoonni hedduunis waraanicha irratti ni dhuman. Waraanicha harkaa kan ba’e namni tokkos gara Eelii deemee Israa’eeloonni injifatamanii baqachuu isaanii, ijoolleen isaa lamaan Afniinii fi Fiinihaas du’uu isaanii fi Taabotni Tsiyoonis booji’amuu ishee itti hime.

Taabota Tsiyoon fi Waaqa Tolfamaa Daagoon

Eeloofiyaalonnis Taabota Tsiyoon booji’anii erga fudhataniin booda Xaa’otii ykn Waaqa tolfamaa Daagoon jedhamu isaanii jala ishee ka’an. Borumtaa isaas tajaajiltoonni Xaa’otii Daagoon Xaa’otii isaanii uluuf dhufanii yeroo ilaalan Daagoon Taabota Tsiyoon fuulduratti adda isaatiin gombifamee isa argan. Daagoon kufe kanas kaasanii isa dhaabanii biraa deeman. Borumtaa isaas dhufanii yeroo ilaalan adda isaatiin gadi gombifamee, harki isaa gargar ba’aanii, qubni isaas ciccitanii bittinna’aanii ture. Isaanis dheekkamsa Waaqayyoon ni rukutaman. Taabota Tsiyoon irra garuu balaan homtuyyuu irra hin geenye ture. Tajaajiltoonni Xaa’otii Daagoonis raajii dinqii Taabotni Tsiyoon raawwatte arganii ni ajaa’ibsiifatan. 1 Saam. 5:1-7.

Uummannis qaama isaanii irraatti dhukkubni dheekkamsaan dhufe ka’uu isaatiinifi isaan ajjeesuu isaaniitiinis, warreen kaanis dhukkuboonni garaa garaa isaan qabuu isaaniitiin sababa dheekkamsa kanaan midhaan isaaniis Hantuutaa fi horiin isaaniis dhukkubaan jalaa du’an.

Taabonni Tsiyoon Filisxeemota irratti dinqiiwwan akkasii raawwachaa ji’oota torbaaf turteerti. Ji’oota torba boodas Filisxeemonni Taabota Tsiyoon gara biyya isheetti deebisuuf Warqee hedduu saanduqatti fe’uun Saragallaa irra kaa’uun saawwaniin harkisiisaa gara biyya isheetti ergan. Israa’eeloonnis deebi’uu Taabota Tsiyoon yeroo dhaga’anitti Ilillee fi Faaruudhaan simatanii gara mana Amiinaadaabitti ishee galchan. Achis yeroo dheeraaf turteerti. Manni Aminaadaabis sababa Taabota Tsiyooniin isaaf eebbifameera. 1 Saam. 7:2.

Mootichi Daawwit bara Kakuu Moofaa Taabonni Tsiyoon yeroo gara magaalaa isaatti dhuftetti teessoo isaa irraa ka’ee faarfachaa kabajaa fi galataan ishee simateera. Aarsaa hedduus taasiseera. 2 Saam. 6:14.

Taabonni Tsiyoon mootii Daawwit irraa kaasee hanga bara mootii Solomoonitti Dunkaana Oriitii keessa erga teesse booda Mana Qulqullummaa Solomoon ijaarsise keessa seenteerti. 1 Moot. 8:1-12

Deemsa Mootittii Saabaa bara Kakuu Moofaa gara Iyyerusaaleemitti

Dhaloota gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos dura naannoo bara 1000 tti mootittii Itoophiyaa mootedha. Mootittii Saabaanis maqaawwan garaa garaa sadi qabdi, isaanis;

1. Kitaaba Moototaa 1ffaa 10:1-10 fi Kitaaba seenaa baraa 2ffaa 9:1-8 irratti Saabaa jedhamuun waamamteerti.

2. Kitaaba “Kibre Negest” jedhu irratti ammoo “Makiddaa” jedhamuun waamamteerti.

3. Akkasumas gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo barsiisutti “Mootittii Azeeb” jedheeniira. Maat. 12:42.

Azeeb jechuunis kibba jechuu yoo ta’u Itoophiyaan bulchiinsa ishee ykn Impaayera ishee duriitiin kibba Israa’eelitti argamti turte akkasumas kibba Gibxiittis ni argamti turte. Mootittii Azeeb kan jedheefis kanaaf ture.

Maqaa kanas ishee booda waggoota 1500 booda mootonni Itoophiyaa ka’aan akka fayyadamaa turan ragaaleen garaa garaa ni agarsiisu. Mootittiin Itoophiyaa turtee? namoonni tokko tokko Mootittiin Saabaa Lammii Itoophiyaa osoo hin taane lammii Yamanidha yeroo jedhan ni dhaga’ama. Garuu Itoophiyaanummaa mootittii Saabaa kan agarsiisaan ragaaleen hedduun kan argaman too ta’an, lammii Yaman ta’uu isheef garuu ragaaleen gahaa argaman hin jiran.

Barreessitoota seenaa warreen beekamoo durii keessaa tokko kan ta’aan Yooseef ilmi Kooriyoon waa’ee mootittii kanaa “Yeroo sanatti Mootittii Itoophiyaa fi Gibxii kan turte….” jechuun ture kan barreesse. Gibxii garri olii durii kaasee bulchiinsa Itoophiyaa akka ture beekamaadha.

Galmeen seenaa guddaan Gibxootaa seenaan Paatriyaarkotaas akkas jedha “Mootittiin biyya guddittii Abisiiniyaa isheenis Mootittii Saabaa kan jedhamtu mootittiin Kibbaa, gara ilma Daawwit gara Solomoonitti dhufte”. Kanaan dabalataattis biyya keenya Itoophiyaatti Mootittii Saabaa waliin kan wal qabatan ragaaleen Arkeewooloojii garaa garaa argamaniiru. Gara Aksuumittis namni gore mana mootummaa mootittii Saabaa ilaaluu ni danda’a. Manni Mootummaa kunis qorannoo Arkeewooloojiidhaan kan argamedha.

Gabaabummattis Mootittiin Saabaa eenyu turte kan jedhuuf

Iddoon dhalootaa Mootittii Saabaa kaabaa Dangallootti Kibba Fokaadatti kan jedhaman tulluuwwan lama gidduutti kan argamu yoo ta’u maqaan isaas “Gooloo Maakiddaa” jedhama.

Awwaalli Mootii Minilik 1ffaa magaalaa Aksuum irraa iddoo gara dhihaatti 2 Km irratti argama. Bara 1906 tti gareen qorattoota Arjeewookoojii Hoolaandii qorannoo yeroo taasisanitti dachee keessatti mana awwaalame keessatti Ekeraa ykn lafee Miniliki kan argatan yoo ta’u Luboonni Mana Kiristaanaa Aksuum Tsiyoon kabajaan akka isa ka’an ni yaadatama.

Jaarraa 13ffaa keessa kan turan Nibuura idiin Aksuum Yisihaaq kitaaba Kibra Negest kitaabolee wabii garaa garaa irraa yeroo qopheessan seenaawwan isaa iddoowwan gurguddoo kennaniif keessaa inni tokko seenaa mootittii Saabaa ture. Mootittiin Saabaa Waaqayyo sodaachuun saba ishee haala gaariin ni bulchiti turte. Yeroo sanatti Israa’eel irratti mootii ta’ee kan ture ogummaa Solomoon gurraan qofa kan dhageesse gahaa ta’ee isheetti waan hin muldhanneef ijaan arganii hubachuun barbaachisaa akka ta’e ni hubatte.

Daawwanna Mootittiin Saabaa gara Israa’eelitti taasisteef sababa kan ture, daldalaa Taamriin jedhamu ture. Daldalaan kun Iyyerusaaleem yeroo turutti yeroo isaa gara caalu kan dabarsu ogummaa Solomoon ilaaluun ture. Gara Itoophiyaatti yeroo deebi’uttis ogummaa Solomoon inni arge kana Mootittii Saabaatti ni hima, ni hubachiisa ture. Mootittiin Saabaas wanta daldalaa kana irraa dhageesse ogummaa Mootii Solomoon kana arguuf ni hawwite. Kanarraa kan ka’eenis dursummaa Taamriinin gara Iyyerusaaleemitti ni imalte. Waaqayyos daandii ishee ni qajeelcheef, Isheenis qormaata tokko malee Iyyerusaaleem ni geesse.

Kabaja Kakuu Moofaa Taabota Tsiyoonii fi Mootii Solomooniifis kennaa ni dhiyeessite. 1 Moot. 10:1-13. Mootichi Solomoonis ishee fi keessummoota ishee haala gaariin simatee ni keessummeessse. Mootittiin Saabaas haala, sirna fi ogummaa Mana Mootummaa keessa jiru ni ajaa’ibsiifatte, ni qooddattes. Turtii ishee Iyyerusaaleem kanaanis mooticha Solomoon irraa ni ulfoofte. Gara Itoophiyaattis deebitee ilma ishee Minilik naannoo qarqara magaalaa Asmaraa hardhaatti akka deesse ni himama.

Deemsa Minilik 1ffaa fi dhufaatii Taabota Tsiyoon Kakuu Moofaa

Minilik 1ffaan erga guddateen booda umurii isaa waggaa 12 tti haadha isaa irraa kan Isaaf kenname Taabota Tsiyoonii fi Mootii Solomooniif kennaa qabatee gara Iyyerusaaleemitti imale. Mootittiin Saabaas Mooticha Solomooniif “Yaa Mootii mucaa koo seerota Musee fi sirna Lubummaa barsiisiitii naaf ergi!” xalayaa jedhu ergitee turte.

Minilik 1ffaan Iyyerusaaleemitti Abbaa isaa bira waggoota sadiif tureera. Turtii isaa kana keessattis Kitaabolee Musee, heera mana Mootummaa, Sirna Lubummaa fi afaan Ibraayisxii hangafa Lubootaa Saadooq irraa barateera. Gara Itoophiyaatti yeroo deebi’us fedha Waaqayyootiin Taabota Tsiyoon qabatee dhufeera.

Channel WhatsApp guddicha ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Kakuu Moofaa | Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo first appeared on Qubee Online +.