Kakuu Moofaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Kakuu Moofaa irraa kaasee biyya Waaqayyootti amanaa turte akka ta’e Kitaabni Qulqulluu fi Kitaaboleen kanneen biroo ni ibsu. Barreeffama keenya har’a kanaan waa’ee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Kakuu Moofaa keessatti, dhufaatii Taabota Tsiyoon gara Itoophiyaatti, walitti dhufeenya Mooticha Solomoon fi Mootittii Saabaa ni ilaalla dubbisaa!

Tsiyoon Maariyaam ykn
Sadaasa Tsiyoon
Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kabaja ayyaanota afuurawaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajaman keessaa tokko sadaasa bultii 21 kan kabajamu “Tsiyoon Maariyaam” ykn “Sadaasa Tsiyoon” kan jedhamuun beekamudha. Manni Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaan raajiiwwanii fi dinqiiwwan garaa garaa Taabonni Tsiyoon Kakuu Moofaa keessatti raawwatte amantoota isheef kan barsiistuu fi sirna afuurawaa adda ta’een kan kabajju Kitaabolee Qulqullaa’oo bu’uura godhachuuni.
Hangafni Raajotaa Museen Tulluu Siinaa irratti guyyaa 40 fi halkan 40 erga tsoome booda Abboommiiwwan kurnan kan irratti barreeffaman Tsillaatii ykn Taabota Tsiyoon Waaqayyo harkaa fudhateera. Taabotni bultoo Waaqayyoo kunis harka Waaqayyoon Tsillaatii isaa irratti jechootni Oriitii ykn abboommiiwwan kurnan kan irratti barreeffamanii, Museef kennamanidha.
Haa ta’u malee garuu Museen Taabota bultoo Waaqayyoo isaaf kenname kana cabsuu isaatiin Museen deebise akka Taabota isa duraatti akka hojjatu Waaqayyo isa ajaje; Museenis akkuma ajajametti hojjaa isaa dalgee isaas boca isaas osoo wal hin caalchisiin akkuma ajajametti erga hojjate booda Tsillaatii abboommiiwwan kurnan of irraa qabu keessa kaa’e. Tajaajilaafis Dunkaana wal gahii keessa kaa’uun tajaajilaa, tajaajilamaa fi Taabota kanas ulaa turan. Haala kanaanis Taabotni Tsiyoon waggoota hedduuf Dunkaana Oriitii keessaa erga turte booda bara mootii Solomoonitti gara Mana Qulqullummaatti galte.
Sabni Israa’eel godaansa gara Gibxiitti karaa abbaa isaanii Yooseef torbaatama ta’aanii godaananiin; waggoota heddduudhaaf Gibxii keessatti cunqursamaa; dhibbaan cimaan irra gahaa waggoota hedduudhaaf turaniiru. Waaqayyos boo’ichaa fi gidiraa saba isaa irra gahe erga dhaga’ee ilaaleen booda hangafa Raajotaa Musee kaaseef. Museenis obboloota isaa waliin ta’uun gargaarsa Waaqayyoon saba isaanii Gibxiidhaa baasaniiru.
Barri Addaamii kaasee hanga Museetti ture bara seera laphee jedhamuun beekama ture. Baroota kana keessaatti namoonni fi abbootiin turan seera barreeffamee ture kan ittiin durfaman waan hin qabneef seera lapheetiin jiraatu turan.
Seera Laphee /Higge Libbuna/
Seera Laphee jechuun sammuu ilma namaatti uumamaan kenname keessa beekumsa jirudha, bara isaaniitti jechuunis Kitaaboleen Oritii Musee shanan osoo hin barreeffamiin dura Kitaaba Henook fi Kitaaba Iyyoobiin ala Kitaabni waan hin jirreef Kitaaba Seeraa waan hin qabneef Seera Laphee jedhameera. Fknf; Abrahaam uumaa isaa kan argate Seera Lapheen qorateetu.
Kitaabni Heenookis kan barreeffame waa’ee Seeraaf osoo hin taane, waa’ee sochii fi haala Aduu, Urjii, Adeessaa; Samiitti osoo dhokate (tesewro) jiruu Ergamoonni Henookiif ibsanii kan barreesse dha. Yih. :14, Uma. 5:21. Kitaaba Iyyoobiin wal qabatee garuu namoonni hedduun Museen akka barreesse ni amanu. Ta’ees garuu bara sanatti Afuurawaas ta’e kan Foonii Kitaabni Seeraa bara sanatti akka bara kanaatti barreeffame jiraachuu dhabuyyuu namni hundiyyuu Waaqayyo abbaa murtee (daanyaa) taasifatee yaada sammuu isaan socho’a ture, Waaqa isaaniis Seera Lapheen Waaqessu ture. Room. 2:12.
Bara sanatti namoonni Addunyaa irra jiran hundi afaan ykn qooqa tokkoon qofa jechuunis Afaan Ibraayisxiin qofa dubbatu turan. Afaan tokkichi kun afaan Ibraayisxii osoo hin taane afaan Gi’iziiti warri jedhanis jiru. Ta’us garuu dhuma irratti balleessaa cimaa hojjataniin Waaqayyo afaan isaanii jijijjiire, kanaanis lafa irratti afaan namaa gargar ta’ee hafe.
Museen Kakuu Moofaa keessatti Kitaabolee Oritii shanan kan barreesse Waaqayyo waliin dubbachaati dha. Kanumaanis Museen yeroo 570 Waaqayyo waliin jechaa jechatti (qal beqal) dubbateera, Addaam irraas dhaloota 27ffaa dha. Barri Addaamii kaasee hanga Museetti jirus Seenaa Waggoota 3844 ti. Barri kunis bara Abbootii jedhameera.
Kakuu Moofaa keessatti Barri Musee irraa kaasee hanga dhaloota Iyyesuus Kiristoositti ture ammoo bara Seera Oriitii jedhamuun beekama. Bara kanattis Museen Waaqayyo harkaa kan fudhate abboommiiwwan kurnan kan ofirraa qaban Taabotni ykn Tsillaatiiwwan kan turanidha. Sabni yeroo kana turanis abboommiiwwan kurnan kanaan caalmaatti buluu fi durfamu turan.
Maqaa Taabota Tsiyoon jedhu kanas kan argate magaalaa Israa’eel keessatti argamtu Tsiyoon irraati. Tsiyoon jechuunis dawoo, hirkoo jechuudha.
Waaqayyos Museen Dunkaana Taabota Tsiyooniif akka hojjatu itti himeera.
Hidaar Tsiyoon (Tsiyoon Maariyaam Kakuu Moofaa)
Taabonni Tsiyoon Kakuu Moofaa warreen Waaqayyo amananiif, warreen seeraa fi abboommii Waaqayyoo eeganiifi raaawwataniif karaa garaa garaatiin dinqiiwwan garaa garaa raawwachaa turteerti.
Israa’eeloonni Kakuu Moofaa keessatti yeroo seeraa fi abboommii Waaqayyoo eegan, Waaqayyo Taabota Tsiyoon kana irra buluun isaan ni gargaara ture isaanis diinota isaanii ni injifatu turan, faallaa kanaa ammoo yeroo Israa’eeloonni abboommii Waaqayyoo eeguu didanii fi yeroo wanta Waaqayyo jibbu raawwatan diinita isaaniin ni injifamatamu, Taabotni Tsiyoonis ni booji’amti turte.
Bara sanatti Hangafa Lubootaa Eelii jedhamutu ture, umuriin isaas naannoo waggaa 98 ture. Innis ijoollee lama Afniinii fi Fiiniihas jedhaman qaba ture, isaanis ajajaa fi gorsa Abbaa isaanii diiguun cubbuu Waaqayyo duratti jibbisiisaa ta’e hojjachuun Waaqayyo gaddisiisan. Fedhii ofii isaaniitiin ka’uudhaanis seera fi Abboommii Waaqayyoo cabsan. Badiin isaan uummata irratti geessisanis dabalaa deeme.
Afniinii fi Fiinihaas sababa cubbuu isaaniitiin Waaqayyo isaan irraa waan adda ba’eef warreen Filisxeemotaa diinummaan Israa’eelota irratti ka’an. Israa’eeloonnis ijoollee Eelii waliin ta’uun Taabota Tsiyoon qabatanii gara Filisxeemitti duulan. Erga Waraanichi eegalees duuti namootaa dabalaa dhufe.Waraanicha irrattis Afniinii fi Fiinihaasis ni du’an. Taabotni Tsiyoonis Filisxeemotaan ni booji’amte. Namoonni hedduunis waraanicha irratti ni dhuman. Waraanicha harkaa kan ba’e namni tokkos gara Eelii deemee Israa’eeloonni injifatamanii baqachuu isaanii, ijoolleen isaa lamaan Afniinii fi Fiinihaas du’uu isaanii fi Taabotni Tsiyoonis booji’amuu ishee itti hime.
Taabota Tsiyoon fi Waaqa Tolfamaa Daagoon
Eeloofiyaalonnis Taabota Tsiyoon booji’anii erga fudhataniin booda Xaa’otii ykn Waaqa tolfamaa Daagoon jedhamu isaanii jala ishee ka’an. Borumtaa isaas tajaajiltoonni Xaa’otii Daagoon Xaa’otii isaanii uluuf dhufanii yeroo ilaalan Daagoon Taabota Tsiyoon fuulduratti adda isaatiin gombifamee isa argan. Daagoon kufe kanas kaasanii isa dhaabanii biraa deeman. Borumtaa isaas dhufanii yeroo ilaalan adda isaatiin gadi gombifamee, harki isaa gargar ba’aanii, qubni isaas ciccitanii bittinna’aanii ture. Isaanis dheekkamsa Waaqayyoon ni rukutaman. Taabota Tsiyoon irra garuu balaan homtuyyuu irra hin geenye ture. Tajaajiltoonni Xaa’otii Daagoonis raajii dinqii Taabotni Tsiyoon raawwatte arganii ni ajaa’ibsiifatan. 1 Saam. 5:1-7.
Uummannis qaama isaanii irraatti dhukkubni dheekkamsaan dhufe ka’uu isaatiinifi isaan ajjeesuu isaaniitiinis, warreen kaanis dhukkuboonni garaa garaa isaan qabuu isaaniitiin sababa dheekkamsa kanaan midhaan isaaniis Hantuutaa fi horiin isaaniis dhukkubaan jalaa du’an.
Taabonni Tsiyoon Filisxeemota irratti dinqiiwwan akkasii raawwachaa ji’oota torbaaf turteerti. Ji’oota torba boodas Filisxeemonni Taabota Tsiyoon gara biyya isheetti deebisuuf Warqee hedduu saanduqatti fe’uun Saragallaa irra kaa’uun saawwaniin harkisiisaa gara biyya isheetti ergan. Israa’eeloonnis deebi’uu Taabota Tsiyoon yeroo dhaga’anitti Ilillee fi Faaruudhaan simatanii gara mana Amiinaadaabitti ishee galchan. Achis yeroo dheeraaf turteerti. Manni Aminaadaabis sababa Taabota Tsiyooniin isaaf eebbifameera. 1 Saam. 7:2.
Mootichi Daawwit bara Kakuu Moofaa Taabonni Tsiyoon yeroo gara magaalaa isaatti dhuftetti teessoo isaa irraa ka’ee faarfachaa kabajaa fi galataan ishee simateera. Aarsaa hedduus taasiseera. 2 Saam. 6:14.
Taabonni Tsiyoon mootii Daawwit irraa kaasee hanga bara mootii Solomoonitti Dunkaana Oriitii keessa erga teesse booda Mana Qulqullummaa Solomoon ijaarsise keessa seenteerti. 1 Moot. 8:1-12
Deemsa Mootittii Saabaa bara Kakuu Moofaa gara Iyyerusaaleemitti
Dhaloota gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos dura naannoo bara 1000 tti mootittii Itoophiyaa mootedha. Mootittii Saabaanis maqaawwan garaa garaa sadi qabdi, isaanis;
- 1. Kitaaba Moototaa 1ffaa 10:1-10 fi Kitaaba seenaa baraa 2ffaa 9:1-8 irratti Saabaa jedhamuun waamamteerti.
- 2. Kitaaba “Kibre Negest” jedhu irratti ammoo “Makiddaa” jedhamuun waamamteerti.
- 3. Akkasumas gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo barsiisutti “Mootittii Azeeb” jedheeniira. Maat. 12:42.
Azeeb jechuunis kibba jechuu yoo ta’u Itoophiyaan bulchiinsa ishee ykn Impaayera ishee duriitiin kibba Israa’eelitti argamti turte akkasumas kibba Gibxiittis ni argamti turte. Mootittii Azeeb kan jedheefis kanaaf ture.
Maqaa kanas ishee booda waggoota 1500 booda mootonni Itoophiyaa ka’aan akka fayyadamaa turan ragaaleen garaa garaa ni agarsiisu. Mootittiin Itoophiyaa turtee? namoonni tokko tokko Mootittiin Saabaa Lammii Itoophiyaa osoo hin taane lammii Yamanidha yeroo jedhan ni dhaga’ama. Garuu Itoophiyaanummaa mootittii Saabaa kan agarsiisaan ragaaleen hedduun kan argaman too ta’an, lammii Yaman ta’uu isheef garuu ragaaleen gahaa argaman hin jiran.
Barreessitoota seenaa warreen beekamoo durii keessaa tokko kan ta’aan Yooseef ilmi Kooriyoon waa’ee mootittii kanaa “Yeroo sanatti Mootittii Itoophiyaa fi Gibxii kan turte….” jechuun ture kan barreesse. Gibxii garri olii durii kaasee bulchiinsa Itoophiyaa akka ture beekamaadha.
Galmeen seenaa guddaan Gibxootaa seenaan Paatriyaarkotaas akkas jedha “Mootittiin biyya guddittii Abisiiniyaa isheenis Mootittii Saabaa kan jedhamtu mootittiin Kibbaa, gara ilma Daawwit gara Solomoonitti dhufte”. Kanaan dabalataattis biyya keenya Itoophiyaatti Mootittii Saabaa waliin kan wal qabatan ragaaleen Arkeewooloojii garaa garaa argamaniiru. Gara Aksuumittis namni gore mana mootummaa mootittii Saabaa ilaaluu ni danda’a. Manni Mootummaa kunis qorannoo Arkeewooloojiidhaan kan argamedha.
Gabaabummattis Mootittiin Saabaa eenyu turte kan jedhuuf
Iddoon dhalootaa Mootittii Saabaa kaabaa Dangallootti Kibba Fokaadatti kan jedhaman tulluuwwan lama gidduutti kan argamu yoo ta’u maqaan isaas “Gooloo Maakiddaa” jedhama.
Awwaalli Mootii Minilik 1ffaa magaalaa Aksuum irraa iddoo gara dhihaatti 2 Km irratti argama. Bara 1906 tti gareen qorattoota Arjeewookoojii Hoolaandii qorannoo yeroo taasisanitti dachee keessatti mana awwaalame keessatti Ekeraa ykn lafee Miniliki kan argatan yoo ta’u Luboonni Mana Kiristaanaa Aksuum Tsiyoon kabajaan akka isa ka’an ni yaadatama.
Jaarraa 13ffaa keessa kan turan Nibuura idiin Aksuum Yisihaaq kitaaba Kibra Negest kitaabolee wabii garaa garaa irraa yeroo qopheessan seenaawwan isaa iddoowwan gurguddoo kennaniif keessaa inni tokko seenaa mootittii Saabaa ture. Mootittiin Saabaa Waaqayyo sodaachuun saba ishee haala gaariin ni bulchiti turte. Yeroo sanatti Israa’eel irratti mootii ta’ee kan ture ogummaa Solomoon gurraan qofa kan dhageesse gahaa ta’ee isheetti waan hin muldhanneef ijaan arganii hubachuun barbaachisaa akka ta’e ni hubatte.
Daawwanna Mootittiin Saabaa gara Israa’eelitti taasisteef sababa kan ture, daldalaa Taamriin jedhamu ture. Daldalaan kun Iyyerusaaleem yeroo turutti yeroo isaa gara caalu kan dabarsu ogummaa Solomoon ilaaluun ture. Gara Itoophiyaatti yeroo deebi’uttis ogummaa Solomoon inni arge kana Mootittii Saabaatti ni hima, ni hubachiisa ture. Mootittiin Saabaas wanta daldalaa kana irraa dhageesse ogummaa Mootii Solomoon kana arguuf ni hawwite. Kanarraa kan ka’eenis dursummaa Taamriinin gara Iyyerusaaleemitti ni imalte. Waaqayyos daandii ishee ni qajeelcheef, Isheenis qormaata tokko malee Iyyerusaaleem ni geesse.
Kabaja Kakuu Moofaa Taabota Tsiyoonii fi Mootii Solomooniifis kennaa ni dhiyeessite. 1 Moot. 10:1-13. Mootichi Solomoonis ishee fi keessummoota ishee haala gaariin simatee ni keessummeessse. Mootittiin Saabaas haala, sirna fi ogummaa Mana Mootummaa keessa jiru ni ajaa’ibsiifatte, ni qooddattes. Turtii ishee Iyyerusaaleem kanaanis mooticha Solomoon irraa ni ulfoofte. Gara Itoophiyaattis deebitee ilma ishee Minilik naannoo qarqara magaalaa Asmaraa hardhaatti akka deesse ni himama.
Deemsa Minilik 1ffaa fi dhufaatii Taabota Tsiyoon Kakuu Moofaa
Minilik 1ffaan erga guddateen booda umurii isaa waggaa 12 tti haadha isaa irraa kan Isaaf kenname Taabota Tsiyoonii fi Mootii Solomooniif kennaa qabatee gara Iyyerusaaleemitti imale. Mootittiin Saabaas Mooticha Solomooniif “Yaa Mootii mucaa koo seerota Musee fi sirna Lubummaa barsiisiitii naaf ergi!” xalayaa jedhu ergitee turte.
Minilik 1ffaan Iyyerusaaleemitti Abbaa isaa bira waggoota sadiif tureera. Turtii isaa kana keessattis Kitaabolee Musee, heera mana Mootummaa, Sirna Lubummaa fi afaan Ibraayisxii hangafa Lubootaa Saadooq irraa barateera. Gara Itoophiyaatti yeroo deebi’us fedha Waaqayyootiin Taabota Tsiyoon qabatee dhufeera.
Channel WhatsApp guddicha ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

