Iyyesuus Kiristoos | Qubee Online +

Ayyaana Fannoo Iyyesuus Kiristoos fi Qulqulleettii Illeenii
Argamuu Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos fi Qulqulleettii Illeenii

Mata duree kana keessatti waa’ee seenaa argamuu fi baafamuu Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos, kabaja Ayyaana Fannoo fi Seenaa Qulqulleettii Illeenii fi ilma ishee mootii Qosxanxiiniyoos ni ilaalla.

Seenaa Qulqulleettii Illeenii

Qulqulleettii Illeenii biyyi dhaloota ishee, hiddi dhaloota ishee garami? Yoo jedhan Iyyerusaaleem irraa 5 K.m fagaattee kan argamtu Biitaaniyaatti bara 247 Dh.K.b dhalatte. Hiikni maqaa ishees “Bareedduu” jechuudha. Tokkos “Chibboo” “Daamotii”, ykn “Ibsaa” jechuudha.

Abbaan manaa Illeenii daldalaa Tarbiinoos jedhamu ture. Tarbiinoos nama biyya Armaniyaa yoo ta’u, Illeeniin garuu biyya Ayhuud irraa turte. Abbaan manaa ishee daldalaaf gara biyya fagoo yeroo deemu, namni akka ishee hin argineef, Aduun akka ishee hin rukunneef mana ijaareefii, hojjettuu baatee buute ishee gargaartu qacareefii inni ka’ee gara daldala isaatti deeme. Daldaltoonni gara biyya isaaniitti kan deebi’an waggoota sadi ykn afur turaniitu. Daldaltoonni kunneen walii walii isaaniitiin galaana irraa baanee, lafa ejjennee, dambalii irraa oollee akka baanetti niitiiwwan keenya nama biraa osoo hin bariin, nama biraatti osoo hin heerumiin osoo isaan arginee gaarii ture jechuun haasa’uu jalqaban. Yeroo kanatti Tarbiinoos “Ana illee baga Waaqayyo galaana fi dambalii irraa na oolchee lafa irra na eejjechiise malee, Haadha manaa koo nan amana, Kanaan ishee hin shakku!” jedhe.

Illeeniinis abbaan manaa ishee daldalaaf erga isheen adda ba’ee booda, waa’ee abbaa manaa ishee cimsitee kadhachuu fi yaaduun ala mana isheetii garamittiyyuu hin deemtu ture. Hiriyoota isaa keessaa tokko “Haati manaa kee ijoollee Heewaan irraa adda moo? Dubartoonni bakki yoo mijateef, kan isaan gargaaru yoo argatan maal amanamu?” jedheen. Tarbiinoosis gonkumaa wanta isin jettaniin walii hin galu! Haadha manaa koo hin shakku jedheen.

Hiriyaan isaas irra deebiin Tarbiinoos gaafate. Haati manaa kee eenyu waan caaltuufi deebii kana kan nuuf deebistu? amma ani deemee haadha manaa kee waliin na bartee, anis ishee baree, isheen na jaalattee, anis ishee jaaladhee yoon deebi’e maal adabamta? jedheen. Tarbiinoosis haadha manaa isaa amanee kana yoo taasiste, waggaa kana hunda kanan itti dhadhabe, kanan itti bahe, kanan itti bu’e qabeenya ani itti dhama’e hunda bu’aa isaa waliin akka kennuuf walii galanii gargar bahan.

Daldalaa sunis bu’uura walii galtee isaaniitiin gara mana Tarbiinoositti deemee namoota cinaa jiraniin haadha manaa Tarbiinoos waliin wal nu qunnamsiisaa jedhee gaafate. Ishee nama mitiitii Aduuniyyuu ishee argitee hin beektu jedhaniin. Innis hojjettuu ishee naaf waamaa jedheen. Ishee siif waamuu dandeenya jedhanii waamaniif. Illeeniidhaaf ergaa ergeef “Waa’ee kee dhaga’ee biyya fagoo irraa namni dhufe sin ilaala jedha” jedhiitii giiftii keetti himi jedhee hojjettuu sanatti hime. Hojjettuun sunis “Lakki hin ta’u” jettee deebisteef. Innis “Rakkoo hin qabu itti naaf himi” jedheen. Hojjettuun sunis seentee yeroo itti himtu ishee dhaga’uu didde. Yeroo kanattis hojjettuun sun deebitee “Obboleessa koo naaf hin taane” jetteen.

Daldalaan sunis hojjettuu sana irra deebiin erge “Qarshii hedduu siin kenna jedha” jedhiitii itti himi jedheen. Kanas galtee itti himte. Illeeniinis dubbii ishee kanaan ni gaddite. Ana haadha manaa Tarbiinoos qarshiidhaan gowwoomsaa jettee hojjettuu ishee rukutte, ni dhiigde. Dhiiga ishee facaasaa gara daldalaa sanaatti deebitee “Hin ta’u osoon siin jedhuu na rukuchiifte, ammas siif hin taane waan ta’eef deemi!” jetten. Daldalaan sunis akkamin ta’a jedhee karaa ykn tooftaa hojjettuu sana ittiin gowwoomsu yaadee “Qarshii kana siifan kenna, meeshaa Illeenii fi Tarbiinoos qofti beekan kan namni biraa hin beekne yoo jiraate akkuma ta’etti jedhiitii barbaadii naaf fidi!” jedheen. Isheenis “Kana siifin taasisa!” jetteen.

Hojjettuun sun waadaa galteef, “Illeenii fi Tarbiinoos qofti kan beekan Inquun giiftii kiyyaa jira, isa siin fida” jetteen. Daldalaa sanas ni gorsite “Magaalaa keessa naanna’iitii sagalee kee ol kaasuun; daldaltoonni dhufan, lafa irra ejjetan, jechaa labsi. Sana boodas deebi’i koottu!” jetteen. Innis akkuma gorfametti dhufaatii daldaltootaa magaalaa keessatti akkuma labseen maatiin daldaltootaa, daldaltoota sana simachuuf qophii dursaa taasisuu jalqaban. Hojjettuun sunis gara Illeeniitti seenuun “Giiftii koo daldaltoonni dhufan, lafa irra ejjetan jedhamee odeeffamaa jira, abbaan manaa keessan nagaadhaan waan dhufaniif qopha’aa! qaama keessanis dhiqadhaa! shittoos dibadhaa!” jetteen. Illeeniinis “Wanta kana hunda kana dura kan naaf taasisaa turte si’idha” jettee qaama ishee dhiqachuuf gara kutaa qaama itti dhiqattuutti seente.

Qaama ishee yeroo dhiqattu Inkuu isheef hidhee ture. Illeeniinis dhugaa itti fakkaatee qaama ishee yeroo dhiqattu Inquu morma ishee irraa irraanfattee seente. Hojjettuun ishees Inquu sana fuutee daldalaa sanaaf iddoo itti wal beellamanitti kenniteef. Daldalaan sunis karoorri isaa ni milkaa’eef. Wanta barbaadu ni argate. Wanti inni barbaadu waan isaaf milkaa’eef hojjettuu sanaaf waan isaaf fiddee kenniteef qarshii kenneefii gammadaa gara hiriyoota isaatti deeme. Tarbiinoosis “Akkam taatee dhufte?” jedheen. “Haadha manaa kee baree, isheenis na bartee, ishee jaalladhee isheenis na jaallatteen dhufe” jedheen. “Ni sobda malee isheen akkas hin taasistu ishee nan amana” jedheen Tarbiinoos. Daldalaan sunis “Nama gowwaa kana dubartii amanee…” jedhee itti qoosuu jalqabe, sana boodas Inquu ishee duraa fudhatee ture baasee itti agarsiisee “Kanaaf deebii maalii qabda? Inquun kun kan haadha manaa kee mitii?” jedhee kenneef. Tarbiinoosis ni rifate, waan dubbatus dhabe. Waan isaaf milkaa’eef malee osoo isaaf hin milkoofne ta’ee Inquu kana eessaa fida ture? jedhee nan qoradha hin jenne, nan injifatame jedhee bu’uura walii galtee isaaniitiin guyyuma sana qabeenya isaa hunda daldalaa sanaaf dabarsee kennee harka isaa duwwaa gaddaa gara manaatti gaddaa deeme.

Illeeniin abbaa manaa ishee yaaddee, amanamummaan isa eegaa kan turte, garuu gadda fi aarii Tarbiinoos hin baratamneen rifattee, “Yaa obboleessa koo maal taate? yeroo biraa hamma kana gargar baanee yeroo wal arginu mitiitii guyyoota muraasayyuu yeroo gargar baanee wal arginu wal yaadna. Amma garuu yeroo dhufte irraa kaasee gadditeerta” jettee isa gaafatte. “Dur yeroo baatee deebitu gammachuudhaan ture, hiriyoonni kee yeroo gammadan ati hin gammaddu? maal taate?” jetteen. Innis “Isaan yoo taphatan yoo gammadan qabeenya isaanii qabatanii deebi’aniitu. Ani garuu waggaa afur kanan itti dhadhabe qabeenya koo, galaana na jalaa seenee dambaliin nan jalaa balleesse. Maalifan hin gaddu? ani kanan hin gaddine eenyu haa gaddu?” jedheen.

Isheenis kan baratte waan taateef isa gorsuu jalqabde. “Waaqayyo kennee Waaqayyo fudhate!” jedha. “Kan arganne yoo nu dhorkate, kan hin argine nuuf kenna! ati baga nagaadhaan deebite malee qabeenyi oolee bulee ni dhufa!” jettee isa jajjabeessite. “Ati fira shantama, jahatama yoo qabaatte isaan irraa liqeeffattee, anis firoota shantama, jahatama yoo qabaadhe isaan irraa liqeeffadhee daldaltee, baatee, buutee akka durii keenya taanee jiraanna hin gaddiin!” jetteen.

Tarbiinoosis kan garaa isaa garaa isaatti qabatee, “Biyyan jiraadhetti qaana’ee, biyyan kennetti kadhadhee hin jiraadhu! gara biyya biraatti, gara biyya namni na hin beekneetti nan deema. Si’i namni hundi si jaallata, hunduu si kabaja, kan jaallatte waliin jiraadhu!” jedhee dubbiidhaan ishee tuqa. “Anis si waliinan deema, yeroo gammachuu keetti si waliinan ture, yeroo rakkoo keettis si waliinan sirraa adda hin ba’u! tokkummaa koo fi kee rakkoon adda hin baasu!” jetteen. Innis “Erga jaalattee gaariidha!” jedhee mana isaanii dhiisanii deeman. Hamma dheerina hojjaa isheetiin saanduqa hojjechiisee Gaalatti fe’ee deeman. Biyya isaaniitti, lafa irra miila isaaniin kan deeman caalaa Doonii ykn Bidiruu dhaan bishaan irra kan deeman waan caaluuf Bidiruu kireeffatee Bidiruu irra bahan. Walakkaa galaanaa yeroo gahan afuurri inaaffaa itti ka’e, iccitii qabatee tures ni baase “Obboleettii koo maali? maalif na gante? maalin si godhe? osoon si jaalladhuu kan na jibbite maal balleesseeni?” jedheen. Isheenis rifattee “Si’i Abbaa manaa koo akkamittan si jibba? sin jibbine, sin ganne! si ganee eenyu amanuuf? si’is jibbee eenyuun jaalachuuf?” jetten.

Yeroo kanattis Inquu daldalaan sun isatti kenne baasee itti agarsiisee “Kana eenyutu itti kenne?” jedheen. Wanta isa mudate hunda tokko tokkoon isheetti hime. Illeeniinis wanti isheen hin eegne waan ta’eef gadditee seenaa dhugaa wanta ta’e itti himte. “Kana si haa tajaajiltu jettee hojjettuun ati anaaf qacarte dhuftee natti himte. Hin ta’un jedheen, qaama koo yeroon dhiqadhu irraanfadhee seeneen ture. Isheen kaastee isaaf kennite yoo ta’e malee ani nama sana sirumayyuu hin argine!” jetteen. Tarbiinoos garuu kan isheen jettu hin amanne. “Yoo kana raawwattes ta’e hojiin kee si haa baasu!” jedhee kaasee Galaana keessatti ishee darbate. Dambaliin waliin ishee rukutaa karaa Baraanxiyaa gara qarqara galaanaatti ishee baase. Naannoo qarqara galaanaa sanatti bulchiinsi isaa kan Maksimiyaanoos Qeesaar ta’ee Lixa Room bulchaa kan ture Mootiin Baraanxiyaa Qunisxaa ykn Koonistaandiyoos jedhama ture.

Qurxummii kiyyeessuuf, bishaan daakuuf tokkos qaraxa sassaabuuf tokkos meeshaalee daldaltoota jalaa galaanni ykn dambaliin fudhate iddoo kanatti ni fida ture. Sanas kaasaa fayyadamaa waan turaniif bishaan qarqara bu’anii osoo jiranii argan, isaanis qarshii daldaltootaa dambaliin jalaa fudhate ta’uu danda’a jedhanii baasan. Garuu yeroo bananii ilaalan akka Aduutti kan iftu taate argan.

Yeroo kanattis bifa ishee irraa kan ka’e “Giiftii Kiristaanotaa Maariyaam” kan jedhamtu jirti si’idhaa? jedhanii ishee gaafatan. Isheenis “Ani rakkattuu guyyaan na gatedha, ani amma dhiqaa miila Maariyaamiiyyuu hin gahu!” jetteen. Isaanis ji’oota hedduuf ishee nyaachisaa ishee kunuunsaa turan. Ji’oota Jaha boodas Illeeniin ni ulfoofte. Bara 258 Dh.K.B  Qosxanxiiniyoos guddichi ni dhalate. Karaa abbaa isaa Quunisxaa Qosxanxiiniyoos jedhame.

Abbaan Qosxanxiiniyoos Aramaawwii yoo ta’u, haati isaa ammoo biyya Yihudaa irraati. Illeeniinis mucaa ishee kana barnoota Mana Kiristaanaa barsiisaa guddiste.  Ta’us garuu abbaan isaa Aramaawwii waan ta’eef cuuphaa daa’imummaa mucaan ishee hin cuuphamne.

Diyooqilixiyaanoos “Manneen Kiristaanaa haa cufaman Manneen Xaa’otii haa banaman!” jedhee labsii labsee ture. Kiristaanonnis bara kana qaamni isaanii mummuramee, dhiigni isaaniis baay’ee dhangala’e, Manneen Kiristaanaa ni gubaman, Kitaaboleen ni gubatan. Diyooqilixiyaanoos erga du’e booda Kiristaanonni Qosxanxiiniyoos murtii beekuu isaa, hiyyeessa eeguu isaa, dhaga’aanii siif ni bitamna, si bira dhufna nu gargaari yeroo jedhaniin sana argee ni gadda ture. Bara 312tti diina isaa Maksimiyaanoos waliin wal waraanuun injifate.

Yeroo kana boodas Waxabajjii 10 “Manneen Kiristaanaa haa ijaaraman, Manneen Xaa’otii haa diigaman” jedhee labsii labsiidhaan deebise. Manni Kiristaanaa baroota gidiraa fi godaansaa 300 ol booda boqonnaa kan itti argatte bara mootii Qosxanxiiniyoos guddichadha. Waggoota afurtamaaf iddoo afuritti qoodamtee bulaa kan turte Room Mootii Qosxanxiiniyoos jalatti iddoo tokkotti bulti ture. Gidiraa Kiristaanota irratti ta’aa ture ni hir’ise. Manni Kiristaanaas barnoota ishee akka barsiistu bilisummaa ni kenneef.

Bara Motummaa Qosxanxiiniyoos guddichatti wantoota taasifaman keessaa muraasni;

Bara 315 fi 316 tti seera ba’een Manni Kiristaanaa gibira irraa bilisadha.

Galii Mootummaa irraa Manni Kiristaanaa gahee murta’aa qabdi.

Guyyaan Dilbataa ykn Sanbataa guyyaa Ayyaanaa akka taatu.

Namni qabeenya koo Mana Kiristaanaatiifan kenna jedhu yoo jiraate akka danda’aamu, mirga dhaala dhaaluu qabdi.

Amantiin Kiristaanaa Amantaa biyyaalessaa akka taatu kan jedhanidha.

Qosxanxiiniyoos Mana Kiritsaanaatiif olmaa hedduu ooleera. Manni Kiristaanaas olmaa isaatiif isa yaadachaa jiraatti.

Qulqulleettii Illeenii fi Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Qulqulleettii Illeeniin Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos iddoo itti awwaalamee turee baasuuf bara 327 tti gara Iyyerusaaleem deemte. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Fannoo irratti fannifamee erga du’e booda, dhukkubsattoonni Fannoo isaatiin ni fayyu ture. Kiristoos jibbanii namoonni fannisan hojii dinqii Fannoon gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos hojjetu jibbanii iddoo kosiin itti gatamutti gatan. Waggoota hedduu booda kosiin uummanni magaalaa sanaa irratti gatu waan baay’ateef akka tulluu ta’ee lafti isaa ol ka’ee ture. Waggoota 300 oliif bakki isaa bakka itti kosiin gatamu ta’ee ture. Sababa kanaanis haati Mootii Qosxanxiiniyoos Qulqulleettii Illeeniin bara 327 tti gara Iyyerusaaleem deemteerti. Isheenis iddoo itti Fannoon gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos itti awwaalame yeroo gaafattu yeroo isaa baay’ee kan ture waan ta’eef nama isheetti himu hin arganne. Boodas jaarsi Kiraakoos jedhamu “Abbootiin keenya akka nutti himanitti taanaan tulluuwwan kanneen keessaa tokkodha, garuu isa kam akka ta’e hin beeku!” jedhee tulluuwwan ykn lafa ol ka’aa Iyyerusaaleem ala jiran itti agarsiise.

Isheenis Damaraa hojjechiiftee, Ixaana itti dabalchiiftee kadhannaa fi mihillaan taasifamee Fulbaana 16 ni ibsame. Aarri Damaraa gara samiitii ol ba’ee tulluu ykn lafa ol ka’aa Fannoon sun irra jiru irratti akka xiyya ykn sabbata waaqayyoo mul’ise.

Mootittii Illeeniinis mallattoo kanaan iddoo Fannoon Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos jiru beektee Fulbaana 17 lafa keessaa baasuuf lafa qochisiisuu jalqabde. Akka fedha Waaqayyoottis Bitootessa 10 xumuramee Fannoon gooftaas iddoo itti awwaalamee bahe. Yeroon Fannoon gooftaa keenyaa bahettis raajiiwwan hedduu taasiseera. Yeroo baafamettis fannoowwan ba’an sadan keessaa kan gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos isa kam akka ta’e adda baasuuf Fannoo isa tokko fidanii nama du’e irra ka’aan, hin kaasne. Isa lamaffaas akkasuma ammas hin kaane. Isa sadaffaa irra yeroo ka’aan garuu namni du’ee ture sun ni ka’e.

Yeroo sanattis Qulqulleettii Illeeniin Fannoon sun Fannoo gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ta’uu isaa bartee ni sagaddeef. Kiristaanonni hundis ni sagadaniif.

Qulqulleettii Illeeniinis Fannoo sana kabajaan qabatanii Golgotaatti Mana Qulqullummaa ijaarsistee achi ka’aame. Qulqulleettii Illeeniinis waggaa isaatti Caamsaa 9 bara 328 umurii ishee waggaa 80 tti ni boqotte. Ilmi ishee Qosxanxiiniyoos guddichi ammoo Caamsaa 22 bara 337 tti umurii isaa waggaa 54 tti aangoo erga qabatee ammoo waggaa 31 tti boqote. Hojii gaarii haati fi ilmi ishee hojjetaniinis Manni Kiristaanaa isaan yaadatti.

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyaa Qulqulleettii Illeeniin Fannoo baasisuuf lafa qochisiisuu itti eegale Fulbaana 16 waggaa waggaadhaan ni kabajama.

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Eebbi Qulqulleettii Illeenii hunda keenya irra haa bulu! Eebba Fannoo Waaqayyo nurra haa bulchu! Ameen!

The post Ayyaana Fannoo Iyyesuus Kiristoos fi Qulqulleettii Illeenii first appeared on Qubee Online +.

Dhaloota Gooftaa Iyyesuus December 25 moo Mudde 29?
Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Mata duree keenya kana keessatti waa’ee Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ni ilaalla. Akkasumas guyyaa sirriin Dhaloota Gooftaa yoomi December 25 kan warri lixaa jedhan moo Mudde 29 akka keenyaatti guutummaa isaa dubbisaa!

Guyyaan Dhalootaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 moo December 25 dha?

Manni Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaan maalif guyyaa Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 kabajji?

Warreen Lixaa hoo maalif dhaloota Gooftaa gaafa December 25 kabaju?

Yaadannoon dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yoom jalqabame?

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaan inni itti dhalate hoo ni beekamaa?

Guyyaan Ayyaanni Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos itti kabajamu. Ykn yaadatamu warra Lixaa biratti fi nu biratti ykn Mana Kiristaanaa keenyatti maalif gargar ta’e?

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaan inni itti dhalate Kitaaba Qulqulluu irratti. Kallattiidhaan ibsamuu dhiisuu isaatiin guyyaa isa sirrii inni itti dhalate argachuuf. Ykn beekuuf Seenaa hordofanii baay’ee kan dhadhaban hedduun ni jiru.

Kanarraa kan ka’es guyyaa dhaloota isaa ilaalchisee garaagarummaan guyyootaa uumamaniiru. Ta’us garuu hangamiyyuu Kitaabni Qulqulluun guyyaan isaa kanadha jedhee. Ifatti dubbachuu dhiisuyyuu wantoota agarsiistuu ta’aan tokko tokko garuu osoo hin caqasamiin hin darbamne.

Kanas hubachuudhaaf Wangeela Qulqulluu Luqaas Boqonnaa 1 lakk. 8-14 irratti kan barreeffame ilaaluun barbaachisaadha.

«Mootii Yihudaa bara Heeroodsitti kutaa Abiyaatii Luba Zakkaariyaas jedhamutu ture. Haati manaa isaas Qomoo warra Aroon irraa turte. Maqaan ishees Elsaabeet ture. ……. innis yeroo dabaree isaatti Waaqayyo fuulduratti tajaajiluuf gara Mana Qulqullummaatti seenee Uludhaaf Ixaanni isa gahe. Yeroo Ixaanaattis uummanni hundi ala dhaabbatanii ni kadhatu ture.

Ergamaan Waaqayyoos karaa mirga Aarsa Ixaanaa dhaabbatee itti muldhate. Zakkaariyaasis yeroo Ergamaa Waaqayyo argetti ni nahe, sodaanis itti dhufe.  Ergamichis akkas jedheen ‘Yaa Zakkaariyaas Kadhannaan kee dhaga’aameera waan ta’eef hin sodaatiin! Niitiin kee Elsaabeet ilma ni deessi maqaa isaas Yohaannis jettee ni moggaafti! gammachuus siif ni ta’a, dhalachuu isaatiinis baay’eewwan ni gammadu’» Luq. 1:5-, 8:14

Dubbisni Kutaa Kitaaba Qulqulluu kana keessatti argamu garmalee barbaachisaa kan ta’e qabatee ni arganna. Ta’us yaada kana sirriitti hubachuuf ykn argachuuf jechaa fi yaada Kitaabolee Qulqullaa’oo. Waliin firoomee ibsamuu fi hiikamuun isa barbaachisa waan ta’eef dubbicha of eeggannoo fi hubachuu dhaan hordofuun barbaachisaadha.

Agarsiistuu inni guddaan Ergamichi Qulqulluun Gabri’eel Zakkaariyaasiif waa’ee dhalachuu Yohaannis Cuuphaa. Guyyaa itti Missiraachoo himetti ykn guyyaan Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel Luba Zakkaariyaasitti.  Missiraachoo hime Ibroota biratti «በዓለ ሥርየት» ykn «Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet» jedhamee guyyaa itti kabajamaa ture ta’uu isaati.

Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet Ayyaanni jedhamu akka lakkaawwii Ibrootaatti. Ji’a isa torbaffaatti jechuunis «Taasriin» ykn «Onkoloolessa» guyyaa kurnaffaa irra kan oolu Ayyaana guddaa ture.

Ayyaanni kunis Seera Oriitiitiin «Ji’a torbaffaatti, Waaqayyo fuulduratti Cubbuu keessan hunda irraa ni qulqullooftu. Sanbata guddaas isiniif ta’a…….» jedhamee kan ajajame Ayyaana guddaa ture. Leeww. 16:29-30, 23:27, Lakk. 29:7-11.

Guyyaa Ayyaana kanatti Hangafni Lubootaa uffata Lubummaa Qulqulla’aa uffatee gara Maqdasiitti ni seenu.

Aarsaa Waaqayyo fuuldura jirutti Mukukkula Ibiddaa «የእሳት ፍህም» fidee Tsinaa ykn Ultuu Ixaanaa ni guuta. Duumessi aara isaas Dunkaana sana irratti kan jiru golga isaa akka uffisuuf Waaqayyo fuulduratti Ixaana sana Ibidda irra ni ka’a. Akkasumas Lubichi tajaajilaaf gara Mana Qulqullummaatti ykn gara Maqdasiitti yeroo seenutti jalqaba ofii isaatiif. Sana boodas uummata hundaaf kadhatee ykn dhiisisee hanga ba’utti Dunkaana sana keessatti kan biraa namni kamiyyuu hin jiraatu ture. Leeww. 16:17.

Egaa Zakkaariyaas gara Mana Qulqullummaatti yeroo seenetti. Taateewwan kunneen raawwatamuu isaanii Qulqulluun Luqaas Wangeela isaa keessatti ibseera. «Innis (Zakkaariyaas) Waaqayyo fuulduratti yeroo tajaajiluuf gara Mana Qulqullummaatti. Seenee carraan Ixaana uluu isa dhaqqabe.

Yeroo Ixaanaattis uummanni hundi ala dhaabbatanii ni kadhatu ture» jedha. Kanaafuu Zakkaariyaas gara Mana Qulqullummaatti guyyaan itti seene Sirni caqasame. Guyyaa itti raawwatamu guyyaa Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet yoo ta’u akka lakkaawwii Ibrootaatti Onkoloolessa guyyaa kurnaffaa irratti dha.

Kanaafuu Qulqulluun Luqaas guyyaa kana bifa addaatiin guyyaa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos.  Itti dhalateef ka’umsa seenaatiif dhagaa bu’uuraa ta’uu isaa caqasee ibseera jechuudha.

Guyyaan itti Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoo hime. Kunis Ayyaanni Dhiifamaa Ayihuudotaa guyyaa irra oole akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti. Onkoloolessa guyyaa kurnaffaa irratti ta’uu isaa Abbootii fi Beektonni Mana Kiristaanaa durii hedduun hiikoo irratti ibsanii ni arganna.

Fakkeenyaafis Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee fi Maar Yohaannis Wangeela Luqaas Boqonnaa 1 yeroo hiikan ibsa bal’aa ta’een ibsanii ni argina.

Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu Mana Kiristaanaa Itoophiyaas hiikoo Andimtaa Abbootii irraa dhufeen.  «Zakkaariyaas gara Mana Qulqullummaatti seene» kan jedhu irratti Seenaadhaan yeroo ibsan. «Addeessi Onkoloolessaa ‘sereq’ yeroo taasistetti guyyaa kudhanitti. Guyyaan isaas guyyaa Yooseef (Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet) dha. . walitti qabamanii ni kadhatu. ‘ወበይእቲ ዕለት አሕምምዋ ለነፍስክሙ’ ykn guyyaa sanatti ofii keessan gadi qabdu.» jedhanii hubachiisaniiru. (Hiikoo Wangeelaa :- Fuula 324).

Hanga kanaatti Zakkaariyaas Yohaannis akka argatu Missiraachoon hanga itti himametti Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet kan jedhamuun akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti Taasriin ykn Onkoloolessa guyyaa kudhan ta’uu isaatiif kan itti hubate karaa barumsawaa fi Kitaaba Qulqulluu argineerra.

Amma ammoo akkaataan lakkaawwii kun akkaataa lakkaawwii guyyaa Itoophiyaa waliin walitti dhufeenyi inni qabu akkam akka ta’eefi lakkaawwii Itoophiyaanotaatti yoom akka oolu haa ilaallu.

Akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti Ayyaanni Dhiifamaa kan oole akkaataa lakkaawwii Addeessaatti Onkoloolessa guyyaa kudhan waan tureef, kana gara akkaataa lakkaawwii Itoophiyaanotaatti deebisnee guyyaa isaa argachuuf gara lakkaawwii baraatti senuun dirqama ta’a. Ta’us garuu gara lakkaawwii guyyaa kanatti yeroo seennu guyyaa itti dhimmi qabaanne irra oolu qofa haa ilaallu.

Akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti Ji’i ykn Baatiin Taasriin ykn Onkoloolessi guyyaan kudhan akkaataa lakkaawwii Itoophiyaanotaatti kan oolu, ykn akka lakkaawwii Ibrootaatti Onkoloolessa guyyaa kudhan kan oolu akka lakkaawwii Itoophiyaanotaatti ammoo Fulbaana 27 ture. Kunis lakkaawwiin guyyaa Addeessaan lakka’aamu jijjiiramaa kan jiraatu waan ta’eef. Kana jechuunis akkaataa lakkaawwii Addeessaatti Onkoloolessa guyyaa kudhan kan ture Ayyaanni Serq akkaataa lakkaawwii Aduutti ammoo Fulbaana 27 ture jechuudha.

Kanaafuu guyyaa itti Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoo hime akka lakkoofsa Itoophiyaanonni Fulbaana 27 ta’ee arganna jechuudha. Lubni Zakkaariyaasis tajaajila isaa akkuma xumureen ykn raawwateen ykn Ayyaanni sun akkuma xumureen hoggasuma gara Mana isaatti gale, Yohaannis Cuuphaanis garaatti baatame. Wangeelli Qulqulluun «Yeroon tajaajila isaa yeroo raawwatame gara manaatti gale, haati manaa isaa Elsaabeetis ni ulfoofte.» jechuun ni hubachiisa.

Qulqulluun Yaareed kana bu’uura taasifachuu dhaan «ወእምድኅረ ክልዔ መዋዕል ፀንሠት ኤልሳቤጥ ብእሲቱ» ykn «Guyyaa lama boodas ni ulfoofte» jedheera. Kanaafuu Qulqulluun Yohaannis Cuuphaan kan garaatti baatame akka lakkaawwii Itoophiyaanotaatti Fulbaana 29 dha jechuudha.

Qulqulluu Yohaannis Cuuphaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif daandii kan qulqulleessu fi fuuldura isaa kan deemu ergamaa ta’uun isaa Raajotaan raajiin dubbatamee tureera. Isa. 40:3-5, Milk. 3:1.

Akka raajiin dubbatamettis Yohaannis guyyaa garaatti baatamuu isaa irraa kaasee daandii barbaadameen Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif daandii isaa qajeelchaa ergamaa fuuldura isaa deemu ta’ee argameera. Luq. 1:76-79.

Yohaannis Cuuphaan guyyaan inni itti garaatti baatame fi guyyaa inni itti dhalate armaan olitti akkuma ilaalle ka’umsaa fi bu’uura ta’ee ni argama jechuudha. Egaa walitti dhufeenyaa fi walitti hidhamuu seenaa kana irratti ykn bu’uura kanaatiin Elsaabeet ulfooftee ji’a jahaffaa isaatti Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoo kan hime Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri’eel gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti ergamuun «Ni ulfoofta! Ilmas ni deessa!» jechuudhaan fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoos akka garaatti baattuu fi akka deessu itti hime.

Kunis Yohaannis Cuuphaan guyyaa itti garaatti baatame jechuunis Fulbaana 29 irraa kaasee yeroo lakka’aamu ji’a jaha jechuun Bitootessa 29 (መጋቢት 29) ta’a.

Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti Missiraachoo yeroo himu «Dhabduu jedhamaa kan turte Elsaabeetiif kunoo ji’a jaha » jedhee kan dubbate guyyaa itti garaatti baatte kan agarsiisu mitii? Luq. 1:36-38. Kanaafuu guyyaa Bitootessa 29, jechi Foon kan itti ta’eefi gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessatti guyyaa itti garaatti baatamedha jechuudha.

Bitootessa 29 irraa kaasee dhiirri garaa haadha isaa guyyoonni inni itti turu Ji’a Sagaliifi guyyoota Shan (guyyoota 275) yeroo lakkoofnu Qaammee dabalatee guyyaan dhaloota isaa Mudde 29 irra oola jechuudha

Guyyaa Bitootessa 29 kan garaatti baatame Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Cubbuudhaan ala hojii namaa ykn hojii namummaa hunda raawwateera waan ta’eef Ji’a Sagaliifi guyyoota Shan gadameessa haadha isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessa turee Mudde 29 Beetaliheem Yihudaatti ni dhalate.

Kanaafis Manni Kiristaanaa Qulqulleettiin Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ragaawwan Tiwuufiitii fi Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu bu’uura godhachuun guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 kabaja guddaadhaan ni kabajji.

Kana waan ta’eefis Manni Kiristaanaa Itoophiyaa fi Manneen Kiristaanaa kanneen biroo guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 kan kabajan ragaa fi bu’uura irratti hundaa’uunidha malee akkasumaan miti.

Dhugaan isaa kana ta’ee osoo jiruu guyyaan Yaadannoo dhaloota kan warra Lixaa biratti maalif December 25 ta’e? Manni Kiristaanaa keenya maalif Mudde 29 kabajji? warreen Lixaa hoo guyyaa Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenyaa maalif December 25 kabaju?

Warreen Lixaa guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos maalif gaafa December 25 akka kabajan yaadonni, ilaalchonni fi sababoonni garaa garaa ni caqasamu. Isaan kana keessaas sababoonni caalaatti dhaga’aaman isaan armaan gadiiti;

Inni tokkoffaan :- Akkaataa lakkaawwii isaanii waliin walitti firoomsuuf kan taasifamedha kan jedhudha. Kunis Monokseen Roomee Diyoonaasiyoos Eksijas jedhame bara 525 tti kaka’umsa Phaaphaasii Vaatikaaniitiin lakkaawwii baraa haaraa qopheessee dhiyeesse. «Seenaa hordofee qorannoo ani taasiseen Kiristoos kan dhalate bara 1 dura waggaa torba dursee (Bara Addunyaa 5493) tti dha» yaada jedhu dhiyeesse. Bara Addunyaa Kiristaanummaa guutummaatti hojii irra oola kan ture 5025 irratti waggoota 7 dabalee Al tokkoon 5032 geessise.

Ta’us garuu herreegni lakkaawwii yaadaa kun dogoggora ture. Kanaafis Manneen Kiristaanaa warreen bahaa lakkaawwii baraa haaraa kuffisuun lakkaawwii baraa isa durii itti fayyadamuu isaanii itti fufan.

Lakkaawwiin baraa inni haaraan garuu Bara haaraa kan jijjiiruu Ji’a Amajjii irratti ta’e. Kanaafis Smsababni inni tokkichii fi inni guddaan Awuroppaatti Waqtiin ulfaataan jiidhinsaa ykn qorraa dhumaa kan jiruu fi ho’i Aduu dhufaa jiraachuu isaa ykn ho’i Aduu dhufaa kan itti deemu waan ta’eef Ji’a Amajjii kanatti ykn Qorri badaa kan deemuu fi ho’i Aduu dhufaa kan deemu Baatii Amajjiitti akka ta’e ni himama waan ta’eef, kana waan ta’eefis Ayyaana Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos jalqaba bara Haaraa wakiin tokko taasisuuf jedhanii guyyaa dhaloota Gooftaa December 25 taasisan kan jedhudha sababni inni tokkoffaan.

Yaadni inni kan biraa fi Beektota hedduu biratti kan amanamu ammoo December 25 sababni inni itti filatameef Awuroppaanonni Kiristaanummaa fudhachuu isaaniitiin dura kabajaa kan turan guyyaa Ayyaana Xaa’otii isaanitti argame kan jedhudha.

Roomaanonni Qeesaar Oreeliyaan (Bara 275) irraa kaasee guyyaa Waaqessummaa Ayyaana Yaadannoo «Aduu Jabduu» ykn «Sol Invictus” the Unconquered Sun» guyyaa kanatti ni kabaju ture.

December 25 guyyaa dhaloota Aduu jedhamee waamama waan tureef guyyaa kanattis guutummaa bulchiinsa Roomitti Sirna Ahizaabotaa fi Waaqessummaa Xaa’otii guddaadhaan ni kabajama ture. Boodarra garuu uummanni Kiristaanummaa fudhachaa yeroo deemu Waaqummaa uumamaa ykn Aduu Waaqessuu fi kabajuu irraa gara Aduu dhugaa (ፀሐየ ጽድቅ) ykn Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Waaqessuutti akka deebi’anii fi guyyaa Yaadannoo dhaloota isaas (kan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos) akka kabajaniif taasisuuf guyyaa kana filataniiru.

Yaadni ykn ilaalchi kun barreessitoota bara sana turaniin ilaalameera (W.P. Dawson, “Christmas: Its Origins and Associations,” London, 1902)

Waaqessummaa fi bartee Aduu keessattu guyyaa kanatti uummataaf taasifamaa kan ture akkaataan kabaja Ayyaana Xaa’otii barteen isaa baay’eewwan akka salphaatti gadhiisuu waan hin dandeenyeef guyyuma kanatti ykn guyyaa kana irratti Yaadannoo guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kabajuun warra dhadhaboo bartee Xaa’otii Waaqessuu irraa bilisa isaan baasuuf ni fayyada jedhanii yaaduudhaan kan taasisan ture.

Egaa akka lakkaawwii Mana Kiristaanaa Itoophiyaatti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga dhalatee kunoo gaafa Mudde 29 waggaa 2014 (kan bara kanaatiin) ni ta’a.

Maalif barri haaraan keenya Dhaloota Gooftaa booda hin jalqabu? Awuroppaanonni akkaataa lakkaawwii baraa Goorgooriyos kan hordofan yoo ta’u akkaataan lakkaawwii kun Bara Araaraa (የዓመተ ምሕረት መለወጫ) kan ittiin jijjiiran malee akka keenyaa walumaa galatti barri kan ittiin jijjiiramu miti. Barri haaraan keenya garuu Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos durayyuu kan itti fayyadamaa turredha.

Awuroppaanonni Bara Araaraa kan ittiin jijjiiran jedhaniyyuu garuu akka amala isaatti, akka waamama isaatti fi akka isaan barbaadanitti dhaloota Gooftaa keenyaan hin jalqabne (Dhaloota kan kabajan December 25, Barri haaraa isaanii garuu January 1 dha) Ayyaana Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akka lakkaawwii baraa isaaniitti erga kabajan booda, irra deebiin guyyaa saddeettaffaa isaatti jijjiirraa bara haaraa jedhanii kabaju.

Akkaataan lakkaawwii baraa Goorgooriyos kunis dhaloota Kiristoos irratti hundaa’uu dhiisuu isaa, amala biraa ykn Sirni nam-tolchee kan itti makame ta’uu isaa agarsiisa.

Osoo Kiristaanummaa bu’uura godhatee ka’e ta’ee guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ka’umsa taasifatee osoo ka’ee ture. Kana ta’uu dhiisuu isaatiin garuu ammas ta’u guyyaa dhaloota Gooftaa kophaatti kabajanii, irra deebiin ammoo torbee booda Ayyaana jijjiirraa bara haaraa kabaju.

Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa kan keenya garuu Seera laphee irraa barannee, Oriitii dhaan bu’uura Kitaabaa isaaf arginee Wangeelaanis isa jabeessinee qabannee kan jiraanne, baroota gurguddoo sadi kan darbee fi as kan gahedha. Jijjiirraa bara haaraa kan keenya (Fulbaana 1) jennee Aadaa biyya keenyaatiin kan kabajnu, Aduunyaan jiraachuu dhabuu irraa gara jiraachuu kan itti argameetti, ifni, yeroo, guyyaa, sa’aatiin kan itti uumaman ifaaf, yeroodhaaf, guyyaadhaaf, ji’aaf Waggaa dhaaf guyyaa durii kaasee bu’uura ta’edha.

Kana hunda argamsiisuuf Waaqayyo mataa isaa kan itti ibse, Addunyaa uumuudhaan guyyaa itti of ibsedha jenneetu kan kabajnu. Kanarraa kan ka’es Fulbaana 1 «ርእሰ ዐውደ ዓመት» ykn «Mataa jijjiirraa baraa» jennee waamna, kabajna.

Channel WhatsApp guddicha ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Dhaloota Gooftaa Iyyesuus December 25 moo Mudde 29? first appeared on Qubee Online +.

Fakkeenya Gooftaa Iyyesuus Kiristoos Luba Malka Tsedeeq
Luba Malka Tsedeeq fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Fakkeenya Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan ta’e waa’ee Luba Malka Tsedeeq kutaa 1ffaa har’a ni ilaalla. Kutaa 2ffaa website keenya irra waan jiruuf dubbisaa!

Luba Malka Tsedeeq Kutaa 1ffaa

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge Boqonnaa 7:1-10 irratti «Mootiin Saaleem fi Luba Waaqayyo Gooftaa kan ta’e Malka Tsedeeq kunis Abrahaam Mootota injifatee yeroo deebi’u isa waliin wal argee isas ni eebbise, isaafis ammoo Abrahaam wanta hunda irraa Kurnoo kenneef.

Hiikni maqaa isaas ‘Mootii qajeelaa jalqabaa’ ti, booda ammoo Mootii Saaleem jechuun ammoo Mootii nagaa jechuudha. Abbaa fi haadha, lakkoofsa hidda ykn sanyiis hin qabu, jireenya ykn bara isaatiifis jalqabaa fi dhuma hin qabu, garuu ilma Waaqayyootiin fakkeeffamee bara baraaf Luba ta’ee jiraata….»

Qulqulluun Phaawuloos maalif isa caqase?

Hayyuu cimaa ykn hangafa warra Ayihuudotaa jedhamee kan beekamu miila Gamaaliyaal jala taa’ee kan barate Hayyuun Kakuu Moofaa Qulqulluun Phaawuloos magaalaa Damaasqootti waamamee, Seera Wangeelaa fudhatee, Seera Wangeelaatiin cimee dhaabbatee qomoo isaa Ibrootaaf ergaa dabarseen ykn ergaa isaa gara warra Ibrootaatti ergeen kanaafuu waamicha Samii irraa hirmaattoota kan taatan Qulqulloonni obboloonni, Duuka Bu’aa Amantaa keenyaa fi Hangafa Lubootaa Iyyesuus Kiristoos ilaalaa (Ibr. 3:1)

«ወብነ ሊቀ ካህናት ዐቢይ ኢየሱስ ክርስቶስ ወልደ እግዚአብሔር፤ ዘተለዓለ እምሰማያት» jechuunis «Egaa Samii irratti kan darbe Hangafni Lubootaa guddaan ilmi Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos waan nuuf jiruuf, cimnee Amantaa keenya haa eegnu. Cubbuudhaan ala wanta hundaan akka keenyaatti kan qoramedha malee, dhadhabbii keenyaan nuuf gadduun kan hin dandeenya le Hangafa Lubootaa hin qabnu» Ibr. 4:14 jedheeniira.

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos kana sababa malee isaaniif hin barreessine. Ibroonni «Gidiraa yoo simanne eenyutu duree nuuf ta’a?» akka hin jenneefi gara duubaatti akka hin harkifanneef gidiraa kan simate Iyyesuus Kiristoos duree taasifatanii, gidiraa fi rakkoo isaanirra gahu obsaa daandii Kiristaanummaa irra akka deemaniifi.

Akkasumas «Ayihuudummaa irraa gara Kiristaanummaatti yeroo deebinu eenyutu nu araarsa?» akka hin jenneef ammoo yeroo deebi’an, seera Wangeelaatti amananii yoo Cuuphaman, Fooniifi dhiiga isaa yoo fudhatan, Kiristoos araara du’a isaatiin al tokko Fannoo irratti kan raawwate ta’uu isaa sirriitti akka beekaniifi.

«Kanaafuu waamicha Samii irraa hirmaattoota kan taatan Qulqulloonni obboloonn, Duuka Bu’aa Amantaa keessanii fi Hangafa Lubootaa Iyyesuus Kiristoos ilaalaa!» Ibr. 3:1. Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa gara Ibrootaa kana irratti kan xiyyeeffate Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos hunda irra kan caalu ta’uu isaa ibsuufi.

Kanas kan hubachiisu ammoo wal bira qabduudhaani. Raajota irra waa’ee caaluu isaa dubbii isaanii fi dubbii isaa wal bira qabuun ni hubachiise. Saba booda ammoo Ergamoota irra akka caalu hubachiiseera. Amma ammoo Luboota irra akka caalu hubachiisuuf ni dhufa ykn gara hubachiisuutti ni dhufa. Luboota irra caaluu isaas yeroo hubachiisu sababoonni ijoon ;

1. Lubummaa isaatiin

2. Aarsaa isaatiin

3. Dunkaana Aarsaan itti dhiyaateen ta’uu isaa ni hubachiisa.

Waa’ee Lubummaa isaas Ibr. 5:1-10, 6:20, 7:1-28, 8:1-3 irratti hubachiiseera.

Lubummaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos fi Lubummaa Malka Tsedeeq

Lubummaan maalidha?

Lubummaan tajaajila yoo ta’u muudamuus, filatamuus ni agarsiisa. Kitaaba Qulqulluu keessattis Addaam irraa eegalee namoonni garaa garaa Lubummaa kanaan namootaanis ta’e Waaqayyo dhaan yeroo filataman nutti agarsiisa.

Hojiin Hangafa Lubootaa maal ture?

Oriitiidhaan hojiin Hangafa Lubootaa Mana Qulqullummaa bulchuu fi Luboota to’achuu, Shangoo irrattis duree ta’uu ture (1 Sam. 3:12, 2 Mot. 12:7, 22:4, Maat. 26:57-65) kanaan alattis Hangafni Lubootaa guyyaa dhiifamaatti waa’ee isaa fi waa’ee uummataaf kadhatee Aarsaa adda ta’e ni dhiyeessa.

Guyyaa kanattis waggaatti guyyaa tokko qofaa gara Qulqulleettii Qulqullootaatti seenee Taabota irratti aarsaa ni dhiyeessa. Seera Leewwotaa 16:34

Uummanni Israa’eel ji’a torbaffaatti, guyyaa kurnaffaattis (naannoo Onkoloolessa guyyaa kudhan) Cubbuu isaanii ni himatu ture. Hangafni Lubootaas uffata Lubummaa isaa baafatee (gadi of qabiinsaan) uffata kan biraa uffachuudhaan jalqaba ofii isaa fi Lubootaaf itti aansee ammoo uummataaf aarsaa ni dhiyeessa.

Malka Tsedeeq eenyudha?

«Abbaa fi haadha, hidda dhalootaas him qabu, bara isaatiifis jalqabaa fi xumura hin qabu, dhumni isaa garuu ilma Waaqayyootiin fakkeeffamee bara baraaf Luba ta’ee ni jiraata» Ibr. 7:3

Malka Tsedeeq Mootii Saaleem ture. Kunis Mootii nagaa jechuudha. Saaleem Heenoon qarqaratti kan argamu Magaalaa Malka Tsedeeqidha (Uma. 14:18, Yoh. 3:23). Malka Tsedeeq sababni inni itti Mootii nagaa itti jedhameef namoonni biyya isaa deemanii Mootii nuuf ta’i! yeroo jedhaniin inni ammoo Lafee ykn Ekeraa Addaam Golgootaa jiru eega waan tureef kan na eegsise dhiisee hin ta’u isaaniin jedheera.

Ta’us garuu wal lolanii gara isaatti yeroo dhufan isaan araarsa, yeroo wal mormanis dhugaa isaa ni murteessaaf ture. Kanarraa kan ka’es «ንጉሠ ሰላም ወጽድቅ» ykn Mootii nagaa fi qajeelaa jedhameera.

Malka Tsedeeqiif Abbaan isaa ebeluudha, haati isaa ammoo kanadha jedhamee hin dubbatameef. «ወአልቦ ጥንት ለመዋዕሊሁ ወኢማኀለቅ ለሕይወቱ» guyyaa kanatti dhalate, guyyaa kanatti ammoo boqote jedhamee Kitaaba Qulqulluu irratti kan barreeffame hin jiru.

Maali Kitaaba Sinkisaar irratti barreeffamee jira mitii hoo? yoo jettan Kitaaba Leewwotaa irratti waan hin barreeffamneefi. «በአምሳሊሁ ለወልደ እግዚአብሔር ይነብር ክህነቱ ለዝሉፉ» ykn «Lubummaan Malka Tsedeeq Lubummaa ilma Waaqayyootiif fakkeenyummaa isaatiin bara baraan cimee kan jiraatudha»

Abrahaam Kooloodoogoomr fi Mootota isa waliin turan waraanee injifatee yeroo deebi’etti fakkeenya isaa akka arguuf eeyyamameefii waan tureef Yordaanoos ce’ee gara Malka Tsedeeqitti deeme. Malka Tsedeeqis Afuuraan hubatee Sulula Leewwiitti isa simachuuf ba’e.

Kana jechuun garuu Malka Tsedeeq nama miti jechuu miti, sanyiin isaa Sanyii Kaam irraa waan tureef Kitaaba Musee irratti hin barreeffamne, hin ibsamne jechuufi. Namni filatamaan kun Ekeraa Addaam akka eeguuf kan ajajame jireenya Baahitaawwii kan jiraatu dha. Lubummaan Malka Tsedeeqis akka Museen aarsaa dhiyeessee Aroon muudetti osoo hin taane Lubummaa Malka Tsedeeq kana namni isa muude hin jiru.

Inumaayyuu Waaqayyo isa filate, Ogummaa isaa ajaa’ibaatiinis isa muude malee. Aroon fi ijoolleen isaa harka Museetiin, Museenis harka Ergamaatiin akkuma muudaman (HDB. 6:6) Malka Tsedeeq garuu muudamni isaa Waaqayyo irraa waan tureef kanaafis Qulqulluun Phaawuloos «Dhumni isaa garuu Ilma Waaqayyootiin fakkeeffamee bara baraaf Luba ta’ee ni jiraata» kan jedheef kanaafi. «Bara baraaf» jechuun isaa hanga xumura jireenya isaatti jechuu isaati.

Sababa kanaanis Lubummaan isaa Lubummaa warra Leewwii irraa gonka adda ta’uu isaa ni hubachiisa. Akka Lubummaa warra Leewwotaattis Aarsaa Bineeldotaa hin aarsu, Aarsaan isaa Qamadii Qulqulluu fi Wayiiniidha malee. Kanarraa ka’ees Qulqulluun Phaawuloos Ibr. 7:11 irratti «Egaa uummanni Lubummaa Leewwiitiin gonkummaan kan argame osoo ta’ee, akka muudama Aroonitti kan hin lakka’aamne, akka muudama Malka Tsedeeqitti kan ta’e garuu Lubni kan biraa ka’uuf gara fuulduraatti maalif barbaachisa?» jedhee isa caqasa.

Waa’ee Malka Tsedeeq Ergaa Phaawuloos gara Ibrootaa irratti

1. Lubummaa dhaan Luboota Leewwotaa ni dursa, inni Abrahaam dura waan tureef :- Uma. 14:18-21

2. Lubummaan isaa kan bara baraati :- Ibr. 7:3.

Baroota hedduudhaaf kophummaa ykn Baahitaawwii dhaan akka jiraateefi Lubummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti kan hin dabarre waan ta’eef kuni caqasameera. Lubummaan Leewwotaa garuu du’a yeroodhaa yerootti qabu waan ta’eef «Isaanis akka hin jirannee duuti waan isaan dhorkeef Luboota kan ta’aan hedduudha» akkuma jedhu (Ibr. 7:23)

3. Leewwota Kurnoo baasiseera

Leewwoonni uummata irraa Kurnoo fuudhuuf seera qabu. Ta’us garuu Malka Tsedeeq Abrahaam harkaa Kurnoo yeroo fuudhetti Lubummaa isaa irra Lubummaan isaa akka caalu ni beekame.

4. Leewwota Eebbiseera

Harka isaanii diriirsanii uummata kan eebbisan Luboonni Leewwotaa karaa Abrahaam Malka Tsedeeqiin eebbifamaniiru. Waa’ee kanaas Qulqulluun Phaawuloos Ibr. 7:6-7 irratti «Hiddi dhaloota isaa isaan irraa kan hin lakka’aamne garuu Abrahaam irraa Kurnoo baaseera, jecha abdii kan qabus Eebbiseera! inni xiqqaanis hangafa isaatiin akka eebbifamu wanta mormii hin qabnedha!» akkuma jedhu.

5. Aarsaan isaa Bineeldota du’an miti :-

Luboonni Leewwotaa aarsaan isaanii Bineeldota irraa kan qophaa’u yoo ta’u, Aarsaan Malka Tsedeeq garuu Qamadii Qulqulluu fi Wayiinii irraa kan qophaa’u dha. Kunis Fooniifi dhiiga Kiristoos kan nutti agarsiisudha.

Qulqulluun Phaawuloos hundumayyuu Boqonnaa kana keessatti walitti qabee akkuma kaa’e Lubummaan Malka Tsedeeq Lubummaa Leewwotaa ni caala. Lubummaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ammoo Lubummaa Malka Tsedeeq irra ni caala. Malka Tsedeeq fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ture waan ta’eef.

Kanaafuu dubbiin Qulqulluu Phaawuloos Abbaan keessan Abrahaam Abrahaamaawwii kan hin taane Malka Tsedeeqii gadi yoo ta’e, inumaayyuu Waaqa Malka Tsedeeq gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irraa ammoo hangam gadi haa ta’uree?

Lubummaan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos maaliin kan adda ta’e ta’e?

1. Kan Amalummaa isaa waan ta’eef

Kiristoos wanta hunda kan taasise aangoo isaatiini : du’aa kan kaase, dhukkubsattoota kan fayyise, kan barsiise, kan du’e, kan ka’e, kan ol ba’e …. hundumayyuu aangoo isaatiini. Tajaajilli Lubummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos inni guddaan ofii isaa Fannoo irratti Aarsaa taasisee dhiyeessuu isaati.

Kunis Foon isaa muree, dhiiga isaa dhangalaasee Addunyaa qulqulleessuufi. Kanadha kan Gooftaa keenyaa nuuf kan taasifame tajaajilli Lubummaa. Duuti isaa ammoo Aangoo isaatiin akkuma ta’e du’a isaa aangoo isaatiin raawwate jedhamuun isaa ammoo Lubummaan isaa kan Amalummaa isaa ta’uu ibsuufi. Eenyu irraayyuu hin fudhanne, eenyuyyuu isarraa hin fudhatu.

Kanaafuu inni akka Malka Tsedeeq dhoksaadhaan, akka Aroon ifatti kan muudame miti. Inni kennaa malee fudhataa miti waan ta’eef. Yoh. 1:3 irratti «Wanti hundi isaan ta’e!» akkuma jedhu. Ibr. 5:5 irratti ammoo «Akkasuma Kiristoos ammoo Hangafa Lubootaa ta’uudhaaf ofii isaa hin kabajne, ta’us garuu ati ilma kooti, Ani hardha si dhalcheera kan jedhe isadha» jedhee fooniin dhalachuu sagalee ykn jechaa Duuka Bu’ichi dubbateera. Kunis fedhii Isaatiin qofaa osoo hin taane fedhii Abbaa isaatiinis ta’uu isaa dubbachuufi.

2. Lubummaan Iyyesuus Kiristoos Kan Bara baraati

«Bara baraan» jechi jedhu uumaa fi uumamaaf yeroo fayyadamnu tokko ta’uu dhiisuu isaa hubachuu qabna. Kanaafuu Lubummaan Malka Tsedeeq hanga lubbuun isaa darbutti ta’uu isaa ni hubanna. Lubummaan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan bara baraa ta’uun isaa inni du’aa fi aangoon harkaa fuudhamuun waan irra hin jirreefi ykn inni Waaqayyo waan ta’eefi.

Fooniin du’e kan jennus Lubbuun isaa Foon isaa irraa adda baate jechuudhaafi malee Tawaahidoo booda Waaqummaa ykn Malakootii fi Tisbi’iitiin gargar bahaan jechuuf miti ykn yeroon itti isaan gargar bahaan gonkumayyuu hin jiru. Kanaafuu aangoo Lubummaa isaa kan isa harkaa fuudhu isa hin barbaachisu. Lubummaa Amalummaas isaan ala kan mindaa isaa taasifachuu kan danda’u hin jiru waan ta’eef. Ibr. 7:24.

3. Iyyesuus Kiristoos Gonka dha

Lubummaan Leewwotaa Gonka miti, kan Malka Tsedeeqis kan bara baraati malee gonka hin turre. Eenyuyyuu gara Jannataatti deebisuun isaaf hin danda’aamne waan ta’eef. Isaanis mataan isaanii Addaamiin Cubbuu jalqabaa tiin qabamaniiru waan ta’eef. «Inni mataan isaa ammoo dhadhabaa waan uffatuuf» Ibr. 7:28, 5:2 isaaniif jedhameera waan ta’eef. Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif garuu inni Cubbuu akka hin qabne himameera. 1 Yoh. 3:5.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- D/n Melaku Ezezew

The post Fakkeenya Gooftaa Iyyesuus Kiristoos Luba Malka Tsedeeq first appeared on Qubee Online +.

Ayyaana Fannoo Gooftaa Iyyesuus Kiristoos
Ayyaana Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Ayyaana Fannoo

Seenaa Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Bara Seeraatti ykn yeroo seerri jirutti nama Fannoodhaan adabuun kan jalqabame bara Faarsotaa akka ta’e ni himama. Barreessaan seenaa beekamaan Giriikii Heerudutoos jedhamu akka ibsetti Mootiin Faars Daariyoos (522-446) namoota 3000 adabbii Fannoon ykn fannifamanii akka du’an taasiseera jechuun barreesseera. Warri Giriikii aadaa kana tarii warra Faars irraa fudhatanii ta’uu hin oolu itti fayyadamaniiru. Mootii Giriikii guddichi Aleeksaandar bulchiinsa isaa baldhisee guutummaa Kana’aan yeroo qabatetti magaalaa Xiiroositti namoota 2000 adabbii Fannoon ajjeesuun isaa barreeffameera.

Bara 267 Dhaloota Kiristoos dura Anxiyaakoos 4ffaan Yihudaa yeroo qabatu Amantaa isaaniif inaafanii Ayihuudota Waaqa tolfamaa Giriikii hin fudhanne adabbii fannifamuun adabuu isaa Yooseef ilmi Kooriyoon barreesseera. Ayihuudota biratti adabbiin Fannoo hojii irra kan oole kana booda. Mootummaan warra Hasmoonaawwii (Bara 167-137) Ayihuudii yeroo bitan Hangafni Lubootaa warra Saduqaanotaa Iyyaaniyoos warra Fariisotaa adabbii fannifamuun adabeera.

Warri Roomaa adabbii Fannoo kana Faarsii fi Giriikii irraa fudhachuun itti fayyadamaniiru.

Seera Oriitii keessatti «Namni kamiyyuu cubbuu du’aan isa geessisu yoo hojjete fi akka du’us yoo itti murteeffame, muka irratti yoo fannifame muka irratti kan fannifame Waaqayyo biratti kan abaarame waan ta’eef reenfi isaa muka irra akka hin bulle. Garuu Waaqayyo uumaan kee dhaala taasisee kan siif kenne lafa akka hin busheessine, guyyaa sanatti awwaali.» Seeraa Keessa Deebii. 21:22-23. Seerri jedhu barreeffameera. Ta’us garuu Israa’eeloonni seera dhagaadhaan rukutuu malee adabbii fannisanii ajjeessuu kan jalqaban bara 267 booda akka ta’e beekameera.

Akkaataa Seera warra Roomaatti namni adabbii Fannisanii du’u;

• Qabeenyi isaa ni dhaalama

• Uffanni isaa irraa baafama

• Mismaaraan ni rukutama

• Fannoo irratti fannifamu ni baata

• Yakki inni hojjete jedhe gubbaa isaatti ni barreeffama.

Gooftaan keenya Fannoo irratti maalif Fannifame?

1. Du’a akka diiguuf

Yihuudota biratti namni Fannoo irratti fannifamu kan abaarame ture. SKD. 21:22, Gal. 3:13. Gooftaan keenyas Addaam irratti, sababa Addaamiinis ijoollee namaa hunda irratti (Roomee. 5:12-14) du’a dhufee ture (Uma. 2:17) akka diiguuf balleessaa Addaam kan isaa taasisee Fannoo irratti du’e.

2. Jaalala isaa ibsuuf

Waaqayyo uumamtoota isaa hunda irraa adda baasee fi kabajee uumaa gaditti uumamtootaa olitti aangoo jiru namaaf kennee ture. Ta’us garuu ilmi namaa balleessaa hojjechuu isaatiin iddoo uumamtoonni hin seenne Si’ool seene. Kanaanis bineeldotaa gadi ta’e.

Waaqayyo jaalala ijoollee namaatiif qabu ibsuuf akka yakkamaatti lakka’aamee du’a yakkamtootaa fi cubbamootaaf ykn abaaramtootaaf qophaa’e du’e. Kanaanis ilmoo namaa kafaatii keessatti kufe irraa kaasuuf hangam akka nuuf jedhee gadi bu’e agarsiise.

3. Ogummaa warra Ogeeyyii Fashaleessuuf

Waaqayyo hojii dinqii ykn ajaa’ibaa isaa kan hojjetu karaa namoonni hin eegne fi karaa isaan hin yaadneen, karaa isaan wanta xiqqoo taasisanii tuffataniini. Israa’eel ceesisuuf Galaana Diimaa (Galaana Ertiraa) kan bane ulee Museetiini. SKD. 14:21. Israa’eeloota bofa hamaa nama hiddu irraa kan fayyise ykn kan oolche Bofa Naasa irraa hojjetameeni. (Ba’uu. 21:4-9), dhaloota isaa iccitii Foonummaa ittiin ibseen Dhaloota isaa kan raawwate Beetaliheem mooraa Loonii keessatti. Iccitii Cuuphaa isaa kan raawwate laga Yoordaanoositti.

4. Raajiin Dubbatame akka Raawwatuuf

Israa’eeloonni gara Kana’aanitti deemaa osoo jiranii daandii irratti Waaqayyo irratti mufachuu isaanii irraa kan ka’e Waaqayyo uummata kana irratti Bofa ajaje. Bofni sunis namoota hedduu hidde. Boodas hojii isaanii irraa gaabbanii gara Waaqayyootti yeroo deebi’an «Bofa Naasa irraa hojjedhuutii muka irratti fannisi, namoonni bofaan hiddaman hundi yeroo isa argan ni fayyu» jedhee Waaqayyo isa ajaje. Bofti Naasa irra hojjetame sunis dheekkamsa Israa’eeloota irratti dhufeef fayyina ta’e. Lakk. 21:1-9

Raajiin kuni fakkeenya dha. Bofti Naasa irraa hojjetame sun osoo homaa hin balleessiin waa’ee cubbuu uummanni sun hojjeteef fayyina isaaniif akkuma fannifame, Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis hojii inni hin hojjenneen, badii inni hin balleessineen waa’ee cubbuu ijoollee Addaamiif fannifame. Israa’eeloonni sababa badii isaaniif Bofti isaanitti dhufe Bofa Summii qabu yoo ta’u, kan isaan ittiin fayyan Bofti Naasa irraa hojjetame garuu qulqulluudha. Bofti Naasa irra hojjetame muka irratti akkuma fannifamee namootaaf fayyina ta’e, Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Fannoo irratti fannifamee ijoollee Addaam hundaaf fayyina ta’eera.

Gooftaan keenya Iyyesuus Bofti Naasa irraa hojjetame Musee dhaan muka irratti fannifame fakkeenya isaa akka ta’e yeroo barsiisu «Museen lafa onaa irratti Bofa Naasa irraa hojjetame akkuma fannise, akkasuma isatti kan amane hundi jireenya bara baraa akka qabaatu malee akka hin badneef ilmi namaa fannifamuu qaba!» Yoh. 3:14

Warri Amaaleeqaawotaa Israa’eeloota waliin yeroo wal waraanan Museen harka isaa yeroo diriirsu Israa’eeloonni ni injifatu ture, Museen harka isaa yeroo deebisu ammoo warri Amaaleeqaawotaa ni injifatu ture. Museen harka isaa diriirsee ooluun waan isa dhadhabsiiseef Aaroon fi Hoor harka isaa utuban. Ba’uu. 17:8-13. Kanaanis warri Israa’eel Amaaleeqaawota injifatan.

Kunis Amaaleeqaawonni fakkeenya Seexanaa, Museen ammoo fakkeenya Kiristoosidha, harki isaa diriirfaman ammoo fakkeenya Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Iyyesuus Kiristoos harki isaa Fannoo irratti diriiree Fannoodhaan Seexana akka injifate agarsiisa.

5. Araara Raawwachuuf

Warri Samii irraa fi warri lafa irraa wal lolanii, uummanni fi uummanni gar gar ba’aanii ni jiraatu ture. Warra Samii irraa fi warra lafa irraa walitti araarsuuf lafa irraa ol siqee Samii irraa gadi siqee fannifame. Kunis karaa isaatiin gara Samiitti akka seennu daandii banuu isaa yeroo missiraachoo himudha. Uummanni fi Ormoonni Wangeelaan tokko akka ta’aaniifis harka isaa gara bitaa fi gara mirgaatti diriirsee fannifame. Duuka Bu’ichi Qulqulluun Atinaateewoos waa’ee kanaa yeroo barsiisu «Gooftaan keenya harka isaa diriirsee fannifame, isa tokkoon uummata, isa biraatiin ammoo Ormoota akka dhiyeessuuf, tokkos akka isaan taasisuuuf»  jedha.

6. Ogummaa Diyaabiloos Diiguuf

Diyaabiloos Addaam fi Heewaan  muka balasiin injifatee Jannata keessaa isaan baasee ture. Ogummaa isaa kana diiguuf ilmi Abbaa, ilmi Maariyaam Iyyesuus Kiristoos muka irratti fannifamee.

Barnoota Bu’uuraa waa’ee Fannoo

Jalqaba irratti waa’ee Fannoo kan barsiise Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha

Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa’ee isa hordofuu yeroo barsiisetti «Fannoo Baachuun» dirqama ta’uu isaa ibseera.

Maat. 10:37 «Fannoo kan hin baanne, kan na hin hordofnes anaaf ta’uun isarraa hin eegamu!»

Maat. 16:24 «Ana duukaa bu’uura kan barbaadu, ofii isaa haa ganu, Fannoo baatee na duukaa haa bu’u!» Marq. 8:34

Waa’ee namicha Fariisaawwii ijoollummaa koo irraa kaasee wantoota hunda eegeera jedhee Gooftaan keenya «Wanti tokko si hafeera dhaqiitii wanta qabdu hunda gurguruun hiyyeesotaaf kenni, galmee Samii irraa ni argatta. Fannoo baadhuutii na duukaa bu’i!» jedheen. Marq. 10:21.

Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa’ee duuka bu’aa isaa hanga dhumaatti ta’aanii isa duukaa bu’uutti yeroo barsiisetti sababa waa’ee Fannoo itti kaaseef qaba. Addunyaan kan ittiin fayye, Diyaabiloos kan ittiin injifatame waan ta’eef, gidiraa ; Wareegamummaa kan ibsu ta’uu isaatiin, gooftaan keenya nuuf jecha oolmaa taasise hunda ta’uu isaatiinidha. Kanaanis Kiristaanummaan Fannoo baatanii, Fannoo yaadachaa deemsa Fannoo irratti taasifamudha.

Handhuura Lallaba Ergamootaati

Qulqulloonni Ergamoonni ka’umsaa fi ol ba’iinsa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo missiraachoo himanitti waa’ee Gooftaa keenya yeroo ibsan «Iyyesuus isa Fannifame» jedhu ture. Maat. 28:5. Kunis du’aa fi Diyaabiloos kan itti injifataman, Jannatni kan itti banamte, araarris kan itti raawwatame Fannoo irratti waan ta’eef Gooftaa keenyaan «Iyyesuus isa Fannifame» jedhanii isa waamaniiru.

Handhuura Lallaba Duuka Bu’ootaati

Duuka Bu’oonnis Ergamoota Qulqulloota irraa akkuma baratan waa’ee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo barsiisan waa’ee Fannoo isaa yaadaa ture.

• HDB 2:36 :- Egaa isin kan fannistan Iyyesuus Waaqayyo Gooftaas Kiristoosis akka taasise sabni Israa’eel hundi sirriitti haa beeku.

• 1 Qor. 1:23 :- Nuti garuu Kiristoos isa fannifame lallabna.

• 1. Qor. 2:2 :- Isin gidduu osoon jiruu Iyyesuus Kiristoosiin ala innis akka fannifame wanta biraa akkan hin barreef kutadheen ture.

4. Mallattoo ilma namaa dhufaatii lammaffaatti mul’atudha.

Gooftaan keenya Tulluu Ejersaa ykn Dabra Zayititti Duuka Bu’oota isaa waa’ee dhufaatii isaa lammaffaa yeroo barsiisu «Yeroo sanatti mallattoon ilma namaa Samii irratti ni mul’ata!»

jedheera. Maat. 24:30. Mallattoo ilma namaa kan jedhame «Iyyesuus isa Fannifame» jedhamee kan ittiin waamame Fannoo isaati. «Kan isa waraanan, kan isa fannisan, kan isatti murteessan hundi wayyoo! wayyoo! kan itti jedhanis mallattoon guddaan kun yeroo Samii irratti ibsamudha. Maat. 24:30.

Kan ittiin Boonamudha

«Ta’us garuu Addunyaan anaaf kan itti fannifame, anis Addunyaaf kanan itti fannifame Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin ala wanti ittiin boonu kan biraa anarraa haa fagaatu!» Gal. 6:14. Jechuun Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos akkuma dubbate Diyaabiloos kan itti injifatame, nutis gara kabaja keenya duriitti kan ittiin deebine waan ta’eef Fannoon kan ittiin boonnudha.

Humnadha

Fannoon lolli kan ittiin ajjeefamedha. Efe. 2:16. Diyaabiloosis daandii irraa kan itti dhorkamedha. Qol. 2:14. Kanaanis Seexanni Fannoo ni sodaata. Ittiin mo’atameera waan ta’eef. Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos uffanni isaa, Qulqulluun Pheexiroos gaaddidduun isaa, afuurota hamoo ni baasu, ni fageessu ture. Uffanni ykn gaaddidduun ofii isaanii humna qabaatanii osoo hin taane, Qulqullummaan lubbuu isaanii foon isaaniif, uffata isaaniif, gaaddidduu isaaniif ta’eetu. HDB. 5:15, 19:11. Fayyisaan Addunyaa Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis dhiiga isaatiin waa’ee Fannoo inni biteef humnadha. Kanaafidha Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos «Dubbiin Fannoo warra badaniif gowwummaa, nuti warra fayyinuuf garuu humnadha» kan jedhe. 1 Qor. 1:18.

Fannoon Barnootadha

Xiyya irraa akka oolaniif warra si sodaataniif mallattoo kenniteef Faar. 59:4 jechuudhaan Raajichi Daawwit dursee akkuma dubbate xiyya du’aa Diyaabiloos darbate irraa kan fayyine, har’as xiyya cubbuu darbatamu irraa kan ittiin oollu Fannoon mallattoo keenya dha.

Fannoo Goonfoo Lafarraati

Waaqni Samii irraa Waaqayyo Ilmi foon isaa kan itti mure, dhiiga isaa kan itti dhangalaase, Jannata kan ittiin bane, Diyaabiloos irratti kan ittiin murteesse, Addaam adabbii du’aa irraa kan ittiin oolche, lubbuun gara Mootummaa Waaqayyootti akka imaltuuf daandii kan ittiin bane teessoo isaati.

Kabaja Fannoo Mana Kiristaanaa Itoophiyaatti

Lolli namaa fi Waaqayyo gidduu ture kan ittiin diigame, namni nagaan jalaa fudhatamee ture isaaf deebi’ee Waaqayyo waliin kan itti araarame dha. «Inni nagaa keenya waan ta’eef, lamaanuu tokko kan taasise labsiidhaan kan hin himamnes, seera ajajaas cabsee keenyaa lolaa gidduu jiru foon isaatiin kan diige kunis lamaan keenya keessaa nama haaraa tokko ofii isaatii akka uumuuf nagaas akka taasisuuf, lolas Fannoo isaatiin ajjeesee isaan lamaan keenyayyuu qaama tokkoon Waaqayyo waliin akka araarsuufidha.» Efe. 2:14-17.

Fannoon obsaa fi hanga dhumaatti cimanii dhabbachuu nu barsiisa. Gooftaan keenya deemsa gara Fannootti taasiseen Ayihuudonni gidiraa hedduu isa irraan gahaniiru, isa arrabsaniiru, hancufa isaanii irratti tufaniiru, lafa irratti isa darbatanii isa harkisaniiru dhuma irrattis gara laafummaa tokko malee isa fannisaniiru. Kan nama gaddisiisu «Nan dheebodhe» yeroo isaaniin jedhetti illee du’uun isaa hin oolu jedhanii gara laafummaan xiqqoo illee osoo isaanitti hin dhaga’aamiin hadhooftuu isa obaasan. Gidiraa kana hunda keessatti garuu homaa isaaniin hin jenne, isaanitti hin dheekkamne, kuni hundi nuuf barumsadha. «Kan waamamtan kanaafidha waan ta’eef, Kiristoos ammoo daandii isaa akka hordoftaniif mallattoo isiniif dhiisee ; waa’ee keessaniif gidiraa fudhateera waan ta’eef. Innis cubbuu hin taasisne, dubbiin hamaanis afaan isaa keessaa hin dhaga’aamne, yeroo isa arrabsan deebisee isaan hin arrabsine, yeroo gidiraa fudhatus hin dhaadanne.» 1 Pheex. 2:21-23.

Manni Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Kitaaba Qulqulluutti kan amantu fi Tiwufiitii kan fudhattu waan taateef kanneen armaan olitti caqasaman bu’uura godhachuun karaalee garaa garaatiin Fannoo ni kabajji. Ijoolleen ishees eebba Fannoo akka argatan ni taasisti.

1. Fannoo Dhungachuun (በመሳለም)

Fannoo dhungachuun Fannoo irraa eebba qooddachuu fi jaalala Fannoof qabnu kan ittiin ibsinudha. Weedduu Weedduu Caalu. 1:2. Fannoo jaallachuu jechuunis Fannoo irratti kan du’e Fayyisaa Addunyaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos jaallachuu jechuudha.

2. Eebbifamuu

Fannoon humna qaba. Diinni keenya Diyaabiloos kan ittiin injifatame, balballi Si’ool cufamee balballi Jannataa kan itti baname, Gooftaan keenya foon isaa muree dhiiga isaa kan itti dhangalaase waan ta’eef wantoota hunda ni eebbisa.

Dursee bara seera laphee abbaan keenya Yaa’iqoob ijoollee Yooseef lamaan Efreem fi Minaasee yeroo eebbisu harka isaa bifa Fannootiin wal jala dabarsee ture. Uma. 48:12-14. Kunis fakkeenya bara boodaa Fannoon eebbifamuu ture. Har’as Kiristaanonni bara Kakuu Haaraa jirru wanta hunda Fannoo dhaan eebbifna.

3. Mallaatteeffachuu (ማማተብ)

Quba keenya lammaffaa diriirsinee quba keenya isa gidduu dachaasuun bifa Fannoo uumnee fuula fi qaama keenya guutuu ni mallatteeffanna. Qubni fakkeenya humna Waaqayyooti. Wangeela Maatewoos 12:28 irratti ani afuura Waaqayyootiin kan jedhe Wangeela Luqaas 11:20 irratti Ani quba Waaqayyootiin jedheera. Afuura Waaqayyoo yeroo jedhu humna Waaqayyoo jechuu isaati. Nutis Fannoodhaan yeroo mallatteeffannu humna Waaqayyootti amannee diina keenya Diyaabiloos ganuu keenya fi qaanessuu keenya dha.

4. Morma irratti hidhachuu

Fannoo morma irratti hidhachuun Amantii ani amane kanaaf, adaraa ani baadheefis morma koo nan kenna jechuudha. Gama biraatiin fakkeenya adaraa eeguuti. Mootichi Solomoon «Yaa mucaa koo ajaja abbaa kee eegi!, seera haadha kees hin dhiisiin! yeroo hunda laphee keetti qabadhu! morma keettis hidhadhu!» Fakk. 6:20-21 jechuun kan dubbate kana agarsiisuufi.

5. Ragaa Bahuun

Read Also :- Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Aragaawwii

Kiristaanotaaf mallattoon kan kennaman wantoota lamatu jiru, Fannoo fi Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam (Faar. 59:4, Isa. 7:14) kana waan ta’eefis Fannoon mallattoo bilisummaa keenya ittiin boonnu waan ta’eef gullilaatii Mana Kiristaanaa keenyatti, morma keenya irratti kabajaan ni keenya. Kanaanis kabaja Fannoo, fayyisummaa isaa fi ittiin boonuu keenya ragaa ni  baana.

6. Ayyaana Fannoo Kabajuun

Ayyaanota akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti bifa ho’aan kabajaman keessaa tokko Ayyaana Fannooti. Bu’uura Qannoonaa Ayyaanota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin Ayyaanni Fannoo yeroo lama ni kabajama. Inni jalqabaa Mootiittii Illeeniin (Bara 255-335) waggoota 200’f Ayihuudotaan iddoo itti awwaalame irraa akka ba’uuf lafa qotuun kan itti jalqabame Fulbaana 17 yoo ta’u, inni lammaffaa ammoo qotamee kan itti ba’e fi warra Faarsiin booji’amee mootii Room Hirqaaliin bara 628 gara Iyyerusaaleemitti kan itti deebi’e  Bitootessa 10 dha.

Barnoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo karaa Telegram argachuuf Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbi Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos hunda keenya irra haa bulu!

Madda :- Barruu Waldaa Qulqulloota «Hamar»

The post Ayyaana Fannoo Gooftaa Iyyesuus Kiristoos first appeared on Qubee Online +.

Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 5ffaa
Hiikoo Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Kutaa 5ffaa

Sirna Qiddaasee akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidootti.  Mata duree kana keessatti waa’ee hiikoo sirna Galatoo ykn sirna Qiddaasee ilaalaa jirra.

Hub:- Hiikoo Sirna Qiddaasee Kutaalee darban osoo hin dubbisiin kutaa kanatti hin darbiinaa!

Hiikoo Sirna Qiddaasee

Hiikoo Sirna Qiddaasee Ortodoksii Tawaahidoo

Galatoo Galata hunda irra caalu ykn Galatoo galata hunda irra Kabajamaa ta’e

1. «አሐዱ» ykn «Tokko»

Akkuma beekamu keessas ta’e ala kan jiru hundi tokkummaa dhaan kan irratti hirmaatu galatoon galata hunda irra caalu, jalqaba galatoo kan ta’e galata kanadha:

Kunis;

Lubichi :-

«አሐዱ አብ ቅዱስ

አሐዱ ወልድ ቅዱስ

አሐዱ መንፈስ ቅዱስ ቅዱስ» ykn «Abbaan tokkichi Qulqulluudha

Ilmi tokkichi Qulqulluudha

Afuurri Qulqulluu tokkochis Qulqulluudha»

jedhee yeedaloodhaan dubbisa erga dhageessise booda

Uummannis :-

«በአማን አብ ቅዱስ

በአማን ወልድ ቅዱስ

በአማን ውእቱ መንፈስ ቅዱስ» ykn «Dhugumatti Abbaan tokkichi Qulqulluudha

Dhugumatti Ilmi tokkichi Qulqulluudha

Dhugumatti Afuurri Qulqulluus Qulqulludha!»

jechuudhaan Uumaa isaanii Waaqayyo tokkummaa fi sadummaa isaatiin isa galateeffatu, galateffachuunis isaanirraa eegama.

A). Hiikoo Galatoo kanaa

«አሐዱ አብ ቅዱስ» ykn «Abbaan tokkichi Qulqulluudha» jechuun :- maqaaadhaan, qaamaan, hojiidhaan Ilma fi Afuura Qulqulluu waliin adda kan ta’u, garuu Amalummaa dhaan, jireenyaan, aangoodhaan, bituudhaan tokko kan ta’u Abbaan kan Afuurri Qulqulluu irraa bahudha, Abbaa ilmaati jechuudha.

«አሐዱ ወልድ ቅዱስ» ykn «Ilmi tokkichi Qulqulluudha» jechuun ammoo :- maqaaadhaan, qaamaan, hojiidhaan Abbaa fi Afuura Qulqulluu waliin adda kan ta’u, garuu Amalummaa dhaan, jireenyaan, aangoodhaan, bituudhaan tokko kan ta’u ilmi kan dhalatedha jechuudha.

«አሐዱ መንፈስ ቅዱስ ቅዱስ» ykn «Afuurri Qulqulluu tokkochis Qulqulluudha» jechuun ammoo:- maqaaadhaan, qaamaan, hojiidhaan Abbaa fi Ilma waliin kan adda kan ta’u, garuu Amalummaa dhaan, jireenyaan, aangoodhaan, bituudhaan tokko kan ta’u Afuurri Qulqulluu kan Abbaa irraa bahudha jechuudha.

B). Hiikoo Galatoo kana irratti deebii Uummataa

Yeroo Galatoo kanattis namoonni Sirna Qiddaasee sana hirmaatan ykn Asqaddasan ykn uummanni;

«በአማን አብ ቅዱስ

በአማን ወልድ ቅዱስ

በአማን ውእቱ መንፈስ ቅዱስ» ykn

«Dhugumatti Abbaan tokkichi Qulqulluudha

Dhugumatti Ilmi tokkichi Qulqulluudha

Dhugumatti Afuurri Qulqulluus Qulqulludha!»

jedhanii jecha Galatoo Lubichaa fudhatanii, deebii deebisuun barbaachisaa waan ta’eef akkas jedhanii galateeffatu.

Hiikni Sagalichaas :- Qulqulluu fi kabajamaa, adda kan ta’u Abbaan dhugumatti Abbaadha, Qulqulluu fi kabajamaa, adda kan ta’u Ilmi dhugumatti kan dhalatedha, Qulqulluu fi kabajamaa, adda kan ta’u Afuurri Qulqulluu dhugumatti Abbaa irraa kan bahedha jechuudha.

Galatoo keenya kanaanis Raajichi Hizqi’eel fi Raajichi Isaayyaas kan isaan argan, teessoo isaatti marsanii, Teessoo isaa baatanii osoo adda hin kutiin Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu jedhanii Tokkummaa fi Sadummaa isaatiin kan isa galateeffatan Suraafeel fi Kiruubeel waan fakkaannuuf, galanni keenya galata isaanii, Ixaanni keenya Ixaana isaanii waliin Teessoo Sillaasee irra nuuf gaha. Isa. 6:3. Ergamoota Qulqulloota waliin akka Qulqulloota Ergamootaatti akka isa galateeffannuuf kan nu waame, kan nu filate Waaqayyoof galanni haa ta’u! Ameen!

Read Also :- Meeshaalee Qulqullaa’oo Kutaa 1ffaa

2. Labsii Diyaaqonootaa yeroo Sirna Qiddaasee

Diyaaqoniin uummanni ykn Asqaddashiin akka hin mukoofneef, kabajaa fi sodaadhaan ta’ee labsii Mootii Samii Kiristoos dabarsa.

Labsiiwwan kanneen keessaas isaan hangafoonni ykn isaa ijoon;

«ተንስኡ ለጸሎት»

«ጸልዩ በእንተ እገሌ»

«ስገዱ ለእግዚአብሔር» dha.

2.1. «ተንስኡ ለጸሎት» ykn « Kadhannaadhaaf ka’aa!»

Diyaaqoniin Kadhannaadhaaf ka’aa yeroo jedhu ykn labsii Kadhannaadhaaf ka’aa jedhu Diyaaqoniin yeroo labsu «እግዚኦ ተሰሃለነ» ykn «Maaloo nuuf dhiisi!» jennee Yeedaloodhaan ykn dubbisaan kennaa sana deebisuu qabna.

Kadhannaadhaaf ka’aa isa jalqabaa irratti ykn Jalqaba irratti «Kadhannaadhaaf ka’aa!» yeroo jedhamnu labsii sana dursinee sagadneerra yoo ta’e, akkasumas teenyee jirras yoo ta’e ka’uu keenya ykn akka kaanu agarsiisa.

Karaa isa lammaffaatiin ammoo Waaqayyo dagachuu ykn Irraanfachuu irraa gara Waaqayyo yaaduutti deebi’aa ykn laphee keessan gara Waaqayyo yaaduutti deebisaa, Waaqayyo galateeffachuuf laphee keessan kakaasaa jedhee ka’umsa laphee agarsiisa.

2.1.1. Hiikoo «እግዚኦ ተሰሃለነ» ykn «Maaloo nuuf dhiisi!» Sirna Qiddaasee irratti

Nutis Maaloo nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ ተሰሃለነ» yeroo jennu, Maaloo garaa laafi! nuuf dhiisi! jechuu keenya.

2.1.2. Hiikoo «ሰላም ለኩልኩሙ» ykn «Nagaan isiniif haa ta’u!»

Lubichis «Maaloo nuuf dhiisi!» jennee kadhannaa kadhanne sana hubatee bakka Gooftaa bu’ee ykn akka Gooftaatti «ሰላም ለኩልኩሙ» ykn «Nagaan isiniif haa ta’u!» Luq. 24:36 isin araarseera, akkam jirtu? jechuudhaan sagalee isaa nu dhageessisa.

2.1.3. «ምስለ መንፈስከ» ykn «Afuura kee waliin»

«Afuura kee waliin» jechuun akka jecha keetti nuuf haa ta’u, akka arjummaa keetti nuuf dhiisi jechuudhaan ifni Addunyaa Qulqulluun Phaawuloos «Faaruu fi faarsaadhaan, Qinee Afuurawaatiin walii walii keessan dudubbadhaa, Gooftaadhaaf laphee keessan irraa faarfadhaa» Efe. 5:19 waan nuun jedheef faaruudhaan uumaa keenya kennaa isaa fudhachuun fi deebisuun isa galateeffanna.

Bu’uurri Kadhannaa Qiddaasee eebbifamaa fi Kabajamaa kanaas Abbaa keenya Addaam, lubbuuwwan lubbuu isaatiin Si’ool keessatti turanii fi Gooftaa keenyadha.

Kadhannaadhaaf ni kaana jedhee kan dubbate Addamidha :- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos waggaan kuma 5 fi dhibbi 5 yeroo raawwatamu dhala dhala kee irraa dhaladheen si fayyisa kan jedheen qabatee lakka’aa tureera Addaam. Boodas guyyaa Jimaataatti Yaa Abbaa lubbuu koo harka keettin adaraa kenna yeroo jedhetti raajiin inni dubbate ni gahe, Subaa’een lakka’aames ni raawwate. Sin fayyisa naan jedhee ture ni hafee laata? jedhee osoo baasuu osoo buusuu;

Addaam Kadhannaadhaaf ka’aa jedhe.

Lubbuuwwanis Maaloo nuuf dhiisi! garaa nuuf laafi jedhan.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis qaama lubbuutiin bu’ee «Nagaan isiniif haa ta’u», isin araarse, akkam jirtu? jedheenii lubbuuwwan Si’ool jiraniif ifa Waaqummaa isaa ni ibseef.

Lubbuuwwanis «Afuura kee waliin» akka jecha keetti nuuf haa ta’u, akka dhiifama keetti nuuf dhiisi jedhanii bahaaniiru.

2.2. «ጸልዩ በእንተ እገሌ» ykn «Waa’ee Ebeluutiif Kadhadhaa!»

Waa’ee Ebeluutiif kadhadhaa kan jedhu labsii isa lammaffaati. Labsiin kun yeroo nuuf labsamu ykn yeroo nuuf darbu kan kadhannu waa’ee nageenyaa, waa’ee tokkummaa Waldaa keenyaa, waa’ee biyyaas, waa’ee Mana Kiristaanaas, waa’ee uummataas, waa’ee aanga’ootaa fi akkasumas waa’ee raayyaa isaas waa’ee namoota rakkataniis ….. ta’uu danda’a. Yeroo kanatti kennaan yoo hin jirre sammuu keenya keessatti ykn sagalee gadi qabuudhaan Kadhannaa «Yaa Abbaa keenyaa» jechuun nurraa eegama.

2.3. «ስገዱ ለእግዚአብሔር በፍርሃት» ykn «Waaqayyoof sodaadhaan sagadaa!»

Labsii inni sadaffaan kanadha. Laphee Waaqayyoo kan jedhame Qulqulluun Daawwit «Iddoo Qulqullummaa isaatti Waaqayyoof Sagadaa!» Faaruu. 28:2 jedhee akkuma faarfate, Nutis yeroo Diyaaqoniin Waaqayyoof sodaadhaan sagadaa, Waaqayyo sodaachuudhaan, kabajuudhaan, Waaqeffachuudhaan Waaqayyoof sagadaa jedhee yeroo Yeedaloodhaan labsii isaa dhageessisetti sagaduun nurraa eegama. Ta’us garuu si fuulduratti ni sagadna taa’uudhaan kan sagadne fakkaannee boqonnaa kan hawwinu sirrii ta’uu dhiisuu isaa hubachuu qabna ykn hubachuun barbaachisaadha. Sababni isaas uumaa keenya fuulduratti maal jennee waadaa akka galle haas yaadannu.

2.3.1 «ቅድሜከ እግዚኦ ንሰግድ ወንሴብሐከ» ykn «Maaloo fuuldura keetti siif sagadaa si galateeffanna, siif bitamna» jechuudhaan Waaqayyo fuulduratti waadaa galuu waliin kennaa isaas ni deebisna. Duuka bu’ichis «Samii fi lafa irratti, lafaa gadittis kan jiran hundi maqaa Iyyesuusiin akka jilbeeffataniif» nuun jedheera waan ta’eef. Filp. 2:10. Akkasumas Lubichi, Diyaaqoniin ajaja isaa yeroo dubbisan uummanni kufanii lafa dhungachuu qabu. (Sirna Qiddaasee)

Ta’us garuu Labsii Diyaaqonii hubachuu dhabuudhaan;

Kadhannaadhaaf ka’aa yeroo jedhamnu gara manaatti deemuuf qophaa’uun,

Nagaan isiiniif haa ta’u yeroo jedhamnu deebi’uuf deemsa jalqabuun sirrii miti.

Amantoonni ykn Kiristaanonni tokko tokko «Waaqayyoof sodaadhaan sagadaa» yeroo jedhamu, «Maaloo si fuulduratti ni sagadna» erga jenne booda teessoo qopheeffannee taa’uudhaan, dabalataanis kan sagadne fakkaannee boqonnaa kan hawwinu yoo jiraanne dogoggorreerra. Ajajichi kan nutti agarsiisu jilba keenya lafatti tuqsiisnee, adda keenyaan lafa tuqnee akka sagadnuuf malee akka teenyuuf ykn warri dhadhabdan boqonnaa fudhadhaa jechuu miti.

Ta’us garuu sababa dhukkubaan, dullumaan yoo ta’e akka qaamni isaanii isaaniif bitametti ni sagadu ykn haa sagadan.

2.3.2. Yeroo Sirna Qiddaasee yeroo meeqa sagadna?

Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti sagaduun kan nurraa eegamu yeroowwan afur (4) dha. Isaan kana keessaas Diyaaqoniin «Waaqayyoof sodaadhaan Sagadaa!» labsii jedhu kan itti lama qofa.

Sirna Qiddaasee irratti Yeroowwan nuti itti sagadnu;

Sirna Qiddaasee irratti ykn Qiddaasee isa jalqabaa irratti yeroo Lubni Kadhannaa Gaabbii nuuf kadhatu

Lammaffaa irratti Qiddaasee irratti Diyaaqoniin fuula isaa gara Lixaa ykn Dhihaatti deebisee «Waaqayyoof sodaadhaan Sagadaa!» jedhee yeroo nu ajaju.

Sadaffaa irratti Qiddaasee irratti yeroo Kadhannaa Gaabbii isa lammaffaa Diyaaqoniin namoonni dhaabbattan mataa keessan gadi qabaa sagadaa jedhee yeroo nu ajaju.

Yeroo Qulqulluu Qurbaanni raawwatamu ykn kennamu sagaduun barbaachisaadha.

Mataa gadi qabuun nagaa kennuu ykn mataa gadi qabuun harka fuudhuu

Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti mataa gadi qabuun eebba argachuu waliin nagaa kennuun barbaachisaadha. Yeroowwan nuti mataa keenya gadi itti qabnus yeroowwan beekamoodha;

Abbootiin Kadhannaa Qiddaasee gidduutti eebba rogaa 21 yeroo eebbisanitti mataa keenya gadi qabuun eebicha fudhachuu qabna. Kan hin baramnes yoo ta’e baruun nurraa eegama.

Diyaaqoniin «Gaabbii keessa ka jirtan mataa keessan gadi qabaa!» yeroo nuun jedhu ykn labsii akkas jedhu yeroo dhageessisu morma keenya cabsinee Kadhannaa Gaabbii sana fudhachuu qabna.

Diyaaqoniin nagaa Duuka Bu’ootootiin nagaa waliif kennaa jedhee labsii isaa yeroo dhageessisu Dubartoonni Dubartoota gama Dubartootaatiin, Dhiironni ammoo Dhiirota gama dhiirotaatiin hunduu akka Saala isaatti nagaa wal gaafachuu ykn nagaa waliif kennuun ni barbaachisa.

Sirna Qulqulluu Qurbaanaa yeroo deebi’u ykn Fooniifi dhiigni isaa yeroo deebi’u sorooranii nagaa kennuun ni barbaachisa.

«Oo! Silluus Qidduus» yeroo dubbifamu morma keenya cabsinee ykn mataa keenya gadi qabnee Kadhannaa sana of kennuun dhageeffachuu qabna malee ajaja ykn labsii Sagadaa jedhu osoo hin dhaga’iin sagaduun nurraa hin eegamu. Yeroo baay’ee yeroo kanatti kan sagadnu seeraan ala waan ta’eef sirraa’uu qaba.

Dhuma irratti yeroo gargar bahuuf jedhan Diyaaqoniin «አድንኑ አርእስቲክሙ ቅድመ እግዚአብሔር አምላክነ በእደ ግብሩ ካህን ከመይባርክሙ» ykn «Tajaajilaa isaa harka Lubichaatiin akka eebbifamtaniif mataa keessan gadi gadi qabaa!» jedhee yeroo ajajudha.

Sagada isa dhumaatiin Kadhannaa Qiddaasee irrattis haa ta’u yeroo kamittiyyuu xumura Kadhannaa keenyaa irratti sagadnee nagaa kenninee ykn harka fuunee Yaa Abbaa keenyaa jennee Kadhannaa guyyichaaf qabnu xumurra. Fitihaa Negest. 14:536.

3. Yeroo Qiddaaseetti Sirna Wangeelaa

Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti sodaadhaan, callisaan wal dhageeffachuudhaan, kennaa isaa fudhachaa Asqaddasuun nurraa eegama. Keessattuu jechi ykn Sagaleen Mootii Samii jechi Waaqayyoo yeroo dubbifamu hanga xumuramutti;

Sorooranii dhaabbachuun nurraa eegama

Dubbisicha callisaan dhageeffachuun nurraa eegama

Wangeelli erga dubbifame booda Barsiisaan Wangeelaa hiikoo isaa beeku hiikee ni barsiisa ykn ni dhageessisa. Fitihaa Negest. 12:486.

Kana boodas «ነአምን በቃለ ወንጌልከ ቅዱስ» ykn «Qulqulluu kan ta’e jecha Wangeela keetti ni amanna!» jechuudhaan harka fuudhuun haguuggii of irraa buusaa dhungachuun nurraa eegama. (Sirna Qiddaasee)

Wangeelli erga dubbifame booda hojii cinqiitiin yoo ta’een ala bahuun sirrii miti. (Sirna Qiddaasee)

Lubni Wangeela dubbisus fuula isaa gara Bahaatti deebisee dubbisuun isarraa eegama.

Dabalataanis karaa Telegram nu hordofaa Ortodoksii Tawaahidoo

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 5ffaa first appeared on Qubee Online +.

Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 1ffaa
Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu

Seensa :- Koorsii Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo «Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu» jedhu kana har’a irraa jalqabee kan isiniif dhiyeessinu yoo ta’u, isinis dubbisaa hiriyoota keessan Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo ta’aaniif qoodaa!

Kutaa 1ffaa

Kitaaba Qulqulluu Jechuun Maal Jechuudha?

Jechi Kitaaba Qulqulluu jedhu jechoota «Kitaaba» jedhuufi «Qulqulluu» jedhu irraa jecha argame yoo ta’u jechi «Kitaaba» jedhu barreeffama bakka tokkotti hidhamee (walitti qabamee) argamu yommu ibsu; jechi «Qulqulluu» jedhu hiika kan filatame kan adda bahe kan kabajame jedhu kenna. Kanaafuu Kitaaba Qulqulluu jechuun barreeffama bakka tokkotti hidhamee (walitti qabamee) argamu barreeffama kabajame jechuudha.

Kitaabni Qulqulluu maalif Qulqulluu jedhame?

A. Argamsiisaan Kitaaba kanaa Waaqayyo Gooftaan Qulqulluu waan ta’eef.

Kan Waaqayyoo kan ta’e hundi Qulqulluu dha waan ta’eef. Kitaaba Qulqulluu irratti akkas kan jedhu barreeffamee jira;

«Ani Waaqayyo Uumaan keessan Qulqulludhaatii Isinis Qulqulloota ta’aa!» Seera Leewotaa 19:2.

Namoonni Waaqayyoof adda yommuu ba’aan, jechuunis Waaqayyo hojii adda ta’eef yommuu isaan filatu Qulqulluu jedhamu. Waaqayyo Hangafa Raajotaa Museedhaan «Kana hunda obboleessa kee Aaroniin, isa wajjinis ijoollee isaa ni uffifta luboota ta’anii akka tajaajilan isaan dibda isaan qulqulleessitas» kan jedhe. Ba’uu 28-40-41. «Kan isin waame Qulqulluu akka ta’e isin ammoo jireenya keessan hundaan Qulqulloota ta’aa!» 1 Pheex. 1-15-16.

B. Namoonni Qulqulluun Afuura Waaqayyoon durfamanii kan barreessan waan ta’eef.

«Raajii Kitaaba keessa jiru hunda eenyuyyuu ofiisaaf (akka fedhii mataa isaatti) hiikuuf hin eeyyamamneef, raajiin eeyyama namootaan hin dhufneetii; haa ta’uutii Waaqayyoon ergamanii namoonni Qulqulluun Afuura Qulqulluun durfamanii dubbatan!» 2 Pheex. 1:20 -21.

C. Namoota gara Qulqullinaatti kan geessisu waan ta’eef Qulqulluu jedhameera.

Kitaabolii kabajaman amananii fudhachuun sagalee Waaqayyoo dhaga’udha. Gara dhugoominaa gahuuf duraan dursee amanuun barbaachisaadha. «Amantiin dhaga’uunidha; dhaga’uunis sagalee Waaqayyonidha» akka jedhame. Room. 10:17. Sagalee Waaqayyoo kan dhaga’an hundi gara Qulqullinaa ga’uun isaanii hin shakkamu. Kanaafidha Qulqulluun Yohaannis «Sagalee raajii kitaaba kanaa kan eegu eebbifamaadha!» Mul. 2:7 jechuun Waaqayyo Gooftaan kan isaaf ibse.

D. Namoota dubbisanii fi dhaga’an waan eebbisuuf.

Kitaabolii isaan kaan dubbisuun gorsii fi beekumsi ni argama. Kitaaba Qulqulluu dubbisuunii fi sagalee isaa dhaga’uun garuu eebba ni arganna. Mul. 1:3.

E. Ijoolleen namaa osoo hin uumamiin dura haala jiru mirkaneessee waan dubbatuuf.

Kitaabolii Qulqulluu keessatti duraan dursanii kan raawwatan hunda yommuu ibsu tilmaamaan yookaan ni ta’aa laata jedhamee osoo hin taane haala mirkaneeffameen dubbata.

Fakkeenyaaf:- «Waaqayyo duraan dursee samiifi lafa uume» Uma 1:1.

Egaan caqasa armaan olitti ilaalle irraa kan hubannu «Waaqayyo samiifi lafa osoo hin uumiin hin hafne yookaan uumeet ta’a» osoo hin taane «Uume» jechuu isaa hubachuun barbaachisaadha.

Kunis adda isa taasisa.

F. Gara fuulduraatti kan raawwatamu mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef.

Kitaabni Qulqulluu kan darbe akka mirkaneessu hunda kan dhufus shakkii tokko malee mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef addadha. Kitaaboliin kanneen biroo dhimma gara fuulduraa dhufu tilmaama isaanii qo’annaafı qorannaan yookaan tilmaamaan «Akkas ta’uu danda’a» yoo jedhan malee «Akkas ta’a» jechuun mirkaneessanii hin dubbatan.

Fakkeenyaaf :- Raajiin Isaayyaas «Kunoo durbi garaatti ni baatti mucaa ilmaas ni deessi; maqaa iaas Amaanu’eel jettee ni waamti.» jedhe malee «Garaatti ni baatti ta’a; ni deessi ta’a; Amaanu’eel jedhamuu danda’a» hin jenne. Isaa. 7:14. Raajiin Isaayyaas waa’ee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos raajiin dubbate kan raawwate inni dubbatee waggaa dhibba torba (700) booda yoo ta’u, jecha raajii isaa irraa homtuu osoo hin raawwatiin kan hafe hin jiru.

Akkasumas Qulqulluun Daawwit waa’ee dhufaatii lammaffaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos mirkaneessuun «Kabaja miidhagina isaa Tsiyoon irraa Waaqayyo ifa ta’ee ni dhufa.» jedhe malee «Ni dhufa ta’a» yookaan «Dhufuu hin dhiisu» hin jenne. Faar. 49:2

G. Barri kan isa hin jijjiirre waan ta’eef

Kitaabni Qulqulluu kan hin dulloomne; baay’inni waggootaa kan isa hin daangessine kan bara baraati. Caqafama Kitaaba Qulqulluu kan armaan gadii hubannee haa ilaallu.

«Sagaleen Waaqayyoo garuu bara baraaf jabaattee ni jiraatti» Isaa. 40:8.

«Samii fi lafti ni darbu sagaleen koo garuu hin darbu» Maat. 24:25.

«Sagaleen Gooftaa bara baraaf ni jiraata» 1 Pheex. 1:25.

H. Kabaja Qulqullootaa kan dubbatu waan ta’eef Qulqulluu jedhameera.

Waa’ee haadha Waaqayyoo Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, waa’ee Ergamoota Qulqulluu, waa’ee Qulqullootaa, waa’ee Dhugoomtotaa, waa’ee Wareegamtootaa waan dubbatuuf Qulqulluu jedhameera. Faar. 4:3

Read Also :- Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Itti fufa!

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Madda :- Kitaaba «Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu»

The post Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.

Ayyaana Hoosaa’inaa Tsoomii Guddaa Iyyesuus Kiristoos
Hoosaa’inaa – Torbee Saddeetaffaa Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Maxxansa kana keessatti waa’ee Torbee 8ffaa Tsoomii guddaa Iyyesuus Kiristoos Hoosaa’inaa ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Akka moggaasa Qulqulluu Yaareditti Sanbatni Tsoomii guddichaa inni xumuraa ykn saddeetaffaan kun Hoosaa’inaa jedhama. Hoosaa’inaa jechuun fayyisaa, qoricha jechuu dha. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara Iyyerusaalemitti yoo galus faarfannaan «Hoosaa’inaa Ilma Daawwitiif maqaa Waaqayyoon kan dhufu kan eebbifamedha!» jedhu, «Hoosaa’inaa Ilma Daawwitiif, Hoosaa’inaa Aariyaamitti» jechuun faarfachaa turan. Hayyuun amantaa Qulqulluun Yaareedis faarfannaa kanaa gadii kana qopheessee faarfateera:

«Naannoo Ayyaana Faasikaatti duuka bu’oonni Waaqa dhugaa gara Tulluu Ejersaatti dhihaatan, tabba biyya Waaqayyootti Iyyeruusalemittis maanguddoonni fi ijoolleen baay’een baala Meexxii qabatanii Hosaa’inaa Aariyaamitti jedhanii simatan. Ilmoo Harree irra taa’ees gammachuu guddaadhaan gara Iyyeruusaaleem seene. Warra kanaafis humnaa fi aangoo ni kennaaf.»

Egaa galateeffannaa ijoollee kanaa Qulqulluun Daawwit akkasitti duruma irraa raagee ture

«Warra si irratti ka’an deebisuudhaaf, diinaa fi isa ijaa baafatu gab gochuudhaafis, afaan mucoolii fi daa’imootaatiin faarfannaa qopheeffatteerta.» Faar. 8:2

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka Bu’oota isaa keessaa lama waamee gama fuula keessan dura jiru sana deemaa ilmoon Harrees hidhamtee agartu hiikaatii naaf fidaa yoo namni isin gaafate «Gooftaa keenyaaf ni barbaachifti» jedhaanii jedhee ergeen, jarris akkuma inni jedhe taasisan.

«Borumtaas namoonni sonaan baay’atanii ayyaanichaaf ol ba’an, Iyyesuus Kiristoos Iyyerusaaleem akka dhufu dhaga’an. Damee muka meexxii harkatti qabatanii, isa simachuudhaaf ba’an; sagalee guddaadhaanis, ‘Hoosaa’inaa, Mootiin Israa’eel inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha» jedhan. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yommuus ilmoo Harree irra taa’e; kunis Kitaaba Qulqulluu keessatti caafameera;

«Yaa ijoollee Tsiyoon hin sodaatiinaa, kunoo, mootiin keessan ilmoo Harree irra taa’ee ni dhufa!» jedhamee. Bartoonni isaa si’a duraa kana hin hubanne; Iyyesuus Kiristoos ulfina isaatti erga ol fudhatamee booddee garuu, kun waa’ee isaatiif akka caafame, kanas akka isaaf godhan in yaadatan. Yoh. 12:12

Fakkeenyota Ayyaana Hoosaa’inaa

Egaa fakkeenyummaa fi hiikoo isaa yeroo ilaallu ilmoon harree hiikamtee dhufuun ishee kan hubachiisu dhukkubaa fi hojiiwwan seexanaatiin kan hidhamanii jiran akka fayyina argataniif maqaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos n akka fayyan hubachiisuuf kan raawwatamee dha. Itti fufuudhaanis Harreen kan tuffatamtedha, kun ammoo kan nu hubachiisu yeroo gad-jedhanii Afuura Qulqulluu dhugaa irratti hundaa’anii gara Waaqaatti amanan kan hubachiisudha. Guyyaa kanatti amantoonni ykn uummanni uffata (huccuu) isaanii baasanii karaarra afuudhaan Waaqa keenya Qulqulluu Uumaa hundaa siin miti Harreen ati irra teesse illee buufanni kottee (dhokeen lafaa) tuquu hin qabu jechuudhaan kan taasisanidha. «Hoosaa’inaa Ilma Daawwit Hoosaa’inaa Aariyaamitti» jechuudhaan faarfachuu jalqaban.

Nutis abbootii keenya jalqabaa Duuka bu’uudhaan amantaa Qulqulleettii taate Ortodoksii Tawaahidoon jabaachuudhaan maatii keenya hiika adda ta’een karaa isaanii kan jijjiiran haala ga’aa ta’een dhugaadhaan hubachuun karaa isaanii akka sirreeffatan gochuun wal jabeessuu qabna.

Hiikoo jechoota kanaa yeroo ilaallu;

Hoosaa’inaa:- Hoosaa’inaa jechuun amma fayyisi, nu uumama keetiif fayyina kee bara baraa nuuf laadhu ykn nuuf kenni jechuudha. Kunis immoo Faaruu Daawwit irratti barreeffameera, «Gooftaa gooftotaa amma nu fayyisi.» jedhamee barreeffameera Faar. 117(118) :25.

Aariyaam:- jechuun ammoo bultoo Waaqa keenyaa kan ta’e samii ilaallata, egaa haaluma kanaan kan samii irra jiru samiirras kan jiraatu Gooftaa keenya ati nu fayyisi jechuudhaan faarfatan. Faarfannaa kana karaa lamaan ilaaluun ni danda’ama. Karaa inni tokkoffaan bittaa Roomaa keessaa nu baasi jechuu yeroo ta’u inni lammaffaan fi inni ijoo ta’e ammoo du’a foonii fi lubbuu jalaa nu baasi jechuudha. Faarfannaa kana keessattis kan dabalame Ilma Daawwit kan jedhu ture, kuni Ilma Waaqaa ykn Masihii ta’uu isaa uummanni beekuu isaanii hubachiisa. Wangeela Maatewoos 12:23, 20:23, 30, 22:41, 9:3.

Kunis egaa walumaa galatti Daawwitiif Kakuun Waaqni keenya galeef raawwachuu isaa ibsa. Mootummaan Israa’eel Mootummaa Waaqayyoo turte. Ajaja uumaa hundaa kan ta’e Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Waaqayyo waan ta’eef Addaam irraa jalqabee hanga yeroo Saamu’eelitti uummata kan ajajus ta’e kan dursu jecha kakuudhaan dhiiga sanyii keessa darbuun jiraatan bara baraa fi abbaan hundaa Waaqa ta’uu isaatiif ajaja ykn mootii hin qaban turan. Bara Saamu’eel garuu uummanni Israa’eel akka jara Waaqatti hin amannee (Ahizaab) mootii barbaachuudhaan Saamu’eel mootii keenya ta’i jechuun gaafatan. Saamu’eelis gara Waaqayyoo yeroo gaafatu siin osoo hin ta’iin anaan tuffatani mootii qopheessiif jedheen; Saamu’eelis mootiin keenya Waaqayyo waan ta’eef isinitti haa hafu jedhus uummatni jalaa qabuu hin dandeenye. Eegduu Harree kan ta’e Saa’oliin mootii godheef Waaqayyo akka mootii ta’u uummanni hin jaalanne kanaafuu eegduu Harreetu mootii ta’eef.

Mootummaan Saa’olis ni hafe. Waaqayyoos Saa’ol osoo jiruu akka fedhii isaatti uummata kana ajajuu danda’uuf mootummaa isaa kan ifa ba’u aangoon Daawwitiif akka kennamu godhe. Mootummaan Daawwitis Mootummaa Waaqayyoo turte. Daawwitidhaan sanyiikee irraa kan dhufu ilmoon kee aangoo kee irra ni taa’a jedhee yeroodhaaf Salamooniif ta’ullee dhumni isaa garuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos sanyii isaa irraa akka dhalatu kakuu galeefii ture.

Oduu gammachiisaa Qulqulluun Gabri’eel akka haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiitti himetti Wangeela Luqaas 1:33 barreeffameera. Kanaafuu haala dhoksaadhaan daddarbaa kan ture Mootummaan Waaqayyoo Ilma Waaqayyoo ykn Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos dhalachuudhaan ifa ba’uu isaa ibsuudhaaf abbootiin keenya Mootummaa Daawwit jechuudhaan faarfatan. Haala kanaan Masihiin gara Iyyeruusaaleem yeroo galu kuni eenyu jechuudhaan uummanni gaafatan. Kun Galiilaa Naazireet irraa kan dhufe Iyyesuusidha jedhan. Kana boodas bakka mana amantaa isaa galuun mana amantaa isaa keessatti daldala adda addaa gaggeessaa kan turan fi dhaabbiiwwan daldalaa keessa darban ari’ee manni koo mana kadhannaati malee mana daldalaa miti jechuudhaan ifa baasee dubbate.

Bakka sana kan turan jaamota hunda fayyise, dhukkuboota adda addaatiin kan qabaman hunda illee ni fayyise, haa ta’u malee mana amantaa isaa keessatti badiiwwan adda addaa kan hojjetaa turan kan sammuun jaamaan jara osoo hin fayyisiin darbe, ilaalcha jaraa dabaa ta’e sanas osoo hin sirreessiin darbe.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos achuma osoo jiruu ijoollonni faarfannaa jalqaban bartoonnis jara wajjin Hoosaa’inaa jechuudhaan faarfatan. Warreen ajaja daldalaa sana kan turanis iji jaraa dhiiga uffatee lapheen jaraas hinaaffaadhaan guutamee waan jarri jedhan dhaga’aa jirta mitii? Callisaa jechuun gaafatan, Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yoo jarri callisan illee dhagaan afaan baasee ni faarfata jechuun deebise. Achumaanis faarfannaa Daawwit irratti «ijoollee harma hodhan irraa faarfannaa ofiif qopheessite» kan jedhu hin dubbisnee jechuun isaan gaafate Faar. 8:12. Sammuu qabeessa warra jedhan lapheen jaraa Daabiloosiin yeroo cufamu lapheen ijoollotaa garuu faarfannaa gadi yaasaa ture.

Egaa nuus akka ergamoota isaa laphee ajajamaa fi sammuu qulqulluu qabannee guutummaa guutuutti amannee waa’ee seenaa lafa kanaas dhiisnee isa duukaa yoo buune Waaqni keenya qulqulluun yeroo gaabbii nuuf kennuusaadhaan gara isaatti akka deebinu nuuf eeyyamuu isaa dagachuu hin qabnu.

Waa’ee torbee saddeettaffaa tsoomii guddaa gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kan isiniif qabannee dhiyaanne kana ture Galatoomaa!

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- WDB fi Fuula FB Naahii

The post Ayyaana Hoosaa’inaa Tsoomii Guddaa Iyyesuus Kiristoos first appeared on Qubee Online +.

Tsoomii Raajotaa fi Subaa’eewwan Dhaloota Gooftaa
Tsoomii Raajotaa

Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidootti Tsoomiiwwan Tsoomaman keessaa tokko Tsoomii Raajotaa ti. Kunis Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos dursee kan Tsoomamu dha. Waa’ee Tsoomii Raajotaa kutaa kana keessatti bal’inaan ni ilaalla hanga dhumaatti dubbisaa!

Tsoomii Raajotaa kun kan inni lagatamu Sadaasa 15 hanga Muddee 29tti. Sababni inni lagatamuuf immoo wantoota gurguddaa 5niif.

1. Tsoomii Addaam

Tsoomii Addaam jedhamee lagatama. Laguu Addaam sababni jedhameef, Addaam Jennata keessaa ari’atamee ulfina Waaqayyoo dhabuu isaa irraan kan ka’e baay’ee boo’ee gaddee lagate. Waaqayyos gadda isaa ilaalee laguu isaas fudhateefii guyyaa shaniif walakkaatti dhala dhala kee irraa dhaladheen dhufee si fayyisa jedhee waadaa seeneef. Addaamis lagachuu isaa irraan kan ka’e ittiin abdii argate waan ta’eef, Tsoomii Addaam jedhama.

2. Tsoomii Raajotaa

Tsoomii Raajotaa sababni inni jedhameef immoo, Waaqayyo iccitii dhalachuu isaa waan ibseef fagootti arganii raajii raajanii abdii Addaamiif seename itti mulateedha. Amantiidhaan «Waaqayyoo samii samii irraa gadi ni bu’a ni dhalata fannoottis fannifamee dhiphina ni fudhata ni du’as; du’uu isaatiin nu fayyise» jechuudhaan raajii raajan. Isaay. 7:14, Isaay. 9:6, Isaay. 53:4. Haa ta’u iyyuu malee, waan yeroo isaanii ture itti fakkaatee yoo argame iyyuu raajonni abdiidhaan eeggachaa Waaqayyo kan dubbate akka hin hanbisne beekanii laguu lagachuudhaan kadhachuudha turuun keenya akka moofaa abaarsa ta’ee maalif dhuftee nu hin fayyistu jedhanii kadhachaa turan. Isaay 64:6

Wanta abdachiifame kana argachuudhaaf amma inni gaafa dhufee dhalatuutti lagachuu qabna jedhanii Sadaasa 15 Tsoomii isaanii eegalanii Ji’a tokkoofii bultii kudha afur gaafa lagatan, dhalachuu gooftaa keenyaa argani gammadani kanaaf laguu raajotaa jedhame.

3. Tsoomii Filiiphoos

Tsoomii Filiphoos sababni jedhamuuf namootni Afrikaa keessa jiraatan barataa gooftaa keenyaa kan ta’e Filiphoosiin Sadaasa 17 ajjeesan; barattoonni isaa immoo reeffa isaa awwaallachuudhaaf jedhanii dhaban. Akka Waaqayyo isaanitti mul’isuuf guyyaa kanaa jalqabanii laguu jalqaban. Guyyaa sadii booda Waaqayyo itti mul’isee seeraan awwaallatan. Jalqabnee hin dhiisnu jedhanii hanga Muddee 29tti lagatan. Sababa kanaaf jecha tsoomii Filiiphoos jedhama.

4. Tsoomii Hawwaariyaatii

Tsooma Hawwaariyaatii ykn Tsooma Duuka Bu’ootaa ni jedhama. Sooma Hawwaariyaatii waan jedhamuuf, du’aa ka’umsa gooftaa keenyaa Tsoomii Faasikaa lagannee kabajna; dhalachuu isaa immoo akkasumaan nuuf hin ta’u jechuudhaan laguu lagatanii waan kabajaniif laguu bartootaa jedhama.

5. Tsoomii Dubroo Maariyaam

Tsoomii Dubroo Maariyaam kan jedhamuuf, Qulqulluun Gabri’eel Hafuura Qulqulluu uffatee akka isheen gooftaa keenya deessu misiraachoo yemmuu inni itti dubbatu, «Waaqa samii fi lafa kana uume akkamittin danda’ee ulfaa’ee da’a?» jechuuudhaan guyyaa sanaa eegaltee hanga gaafa deessuutti tsoomii kana waan lagatteef Tsoomii Durboo Maariyaam jedhama. Kanaaf nuti har’a dhalachuu Gooftaa keenya lyyesuus Kiristoos fuuldura laguu kana lagannee eebba foonii fi fayyina lubbuu argachuutuu nu irraa eegama.

Subaa’eewwan Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiif galaman

Dhaloota Gooftaa keenyaa dursanii Qulqulloonni Subaa’ee galuun lakka’aa turan. Isaan keessaas muraasa haa ilaallu.

1. Subaa’ee Heenook

Heenook Subaa’ee isaa lakka’aa kan ture dhaloota abbootiitiin yoo ta’u, waggaa dhibba torba tokko jedhee lakka’eera. Subaa’ee saddeettafaaniis Iyyesuus Kiristoos akka dhalatu raajeera. Jalqabbiin lakkoofsa isaas Addaamii jalqabeetu.

Raagni isaas akkas jedha «Sanbatni saddeettafaas Qulqullummaa fi kunaneen subaa’ee itti beekamudha. Sayifiinis isheef ni kennama, mootiin guddichis kan itti galateeffatamu Manni isheerraatti ni ijaarama. Galatni isaas kan bara baraati.» Heenook 35:1-2. Jechuun yeroo raaju hiiktonni akkasitti deebisu.

Isheef Sayifii ni kenna jechuun isaa Qulqullummaa fi Kunaneen kan itti baramu Wangeelli yeroo sana addunyaa hundatti ni lallabamti jechuudha.

Mana Mooticha Guddaa ni ijaara jechuun isaa Mootiin Moototaa Iyyesuus Kiristoos kan itti galateeffamu Manni Kiristaanaa ni ijaaramti jechuu isaati.

Galanni isaas kan bara baraati jechuun isaa namaa fi ergamooti tokkummaan ta’aan ” Samii Irratti Galanni Waaqayyoof, Lafa Irratti Nageenyi Namaaf ” jechaa yeroo hunda ni galateeffatu jechuudha.

Sanbanni Saddeetafaannis Kiristaanotaaf kan kennamte guyyaa dhaloota Iyyesuus Kiristoosidha jedhu.

2. Subaa’ee Daani’eel

Waa’ee nama ta’uu gooftaa keenyaa yeroo murteessee subaa’ee lakkaa’ee kan dubbate Daani’eelidha. Subaa’een Daani’eel kan lakkaawwamu waggaadhaani. Daani’eel waggaan torbaatamni yeroo dhume sinan ilaala jedhamee raajii Ermiyaasiin kan dubbatame yaadachaa yeroo kadhatu Ergamaan Qulqulluun Gabri’eel bifa namaatiin itti mul’atee akka jedheeniira ” Waaqayyo kadhannaa kee dhaga’eeraatii, akkan sitti himuuf dhufeera.

Amma dubbicha qoradhu, mul’atichas hubadhu cubbuun kan ittiin badu Gooftaan kabaja isaa mindaa isaa kan godhatu kan jiru torbaatamni gahuufi raawwachuufi jedhiitii saboota kee qacari jedheera. ” Dan. 9:22-25, Erm. 29:10

Subaa’een torbaatamni waggaa 490 ( 70 x 7 = 490) yeroon kun hanga dhufaatii Kiristoositti yeroo jirudha. Andimta Hizq. 4:6

3. Subaa’ee Ermiyaas

Ermiyaas Baabiloonii akkuma deebi’een Mana Qulqullummaa diigame keessa osoo taa’ee kadhatuu mul’ata argee, guyyaa sadaffaattis akkas jedhee raajii dubbate «Uumaa keenya jecha tokkoon galateeffadhaa, Ilma Abbaa Iyyesuus Kiristoos galateeffadhaa.

Kana booda nama ta’uuf, foon uffachuufi, gara addunyaa kanaa dhufuufi kan isa hafe Subaa’ee guyyaa 333 dha waan ta’eef inni gara addunyaa kanaa ni dhufa, Duuka Bu’oota 12 ni filata, gara Dabra Zayitittis ni deema…. » Tarafa Baarook 5:43-53

Ermiyaas Subaa’ee isaa kan jalqabee fi mul’ata kan arge erga addunyaan uumamtee waggoota 5054 booda ykn DH.K.D bara 446 dha.

Kunis Subaa’ee Ermiyaasiin subaa’een tokko guyyaa 490 dha.

Subaa’een hundi ammoo 490 x 333 = 163,170 guyyoota hamma kana ta’a.

Kunis gara waggaatti yeroo jijjiiramu 163,170 ፥ 365 = 446 waggaa ta’a.

Ermiyaas Subaa’ee isaa lakkaa’uu kan eegale erga addunyaan uumamtee ykn bara addunyaa 5054tti. Raajichi bara itti dubbatamee kaasee hanga dhaloota gooftaatti waggaa 446 ta’a.

Abbootiin Mana Kiristaanaa keenyas Afuura Qulqulluu Waaqayyootiin durfamanii kitaabolee Qulqullaa’oo qorachuun waggootni Addaamii hanga Kiristoositti jiran 5500 ta’uu isaanii mirkaneessaniiru.

Kunis :-

Addaamii hanga Noohitti ~~~ Waggaa 2256

Noohii hanga Museetti ~~~ Waggaa 1588

Musee hanga Solomoonitti ~~~ Waggaa 593

Solomoonii hanga Kiristoositti ~~~ Waggaa 1063 ta’a.

Walumaagalatti waggaa 5500 ta’a.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- Kitaaba Galmee Seenaa

Barreeffama kana hiriyoota keessan hundaaf share taasisaa!

The post Tsoomii Raajotaa fi Subaa’eewwan Dhaloota Gooftaa first appeared on Qubee Online +.

Ol Ba’iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus
Ol Ba’iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Mata duree kana keessatti ol ba’iinsa Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos erga du’aa ka’ee booda guyyaa afurtammaffaatti ni ilaalla.

Ol Ba’iinsa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos samii samii irraa gadi bu’ee, Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalatee, fakkeenya fakkeeffameefi raajii raajame

waadaa Addaamiidhaaf seename hundumaa gara biyya lafaa dhufee

barsiisee, fannoo irratti fannifamee, du’ee awwaalamee, du’a isaatiin du’a keenya balleessee, du’aa ka’ee du’aa ka’umsa nuuf labse.

Hanga guyyaa 40tti bartoota isaatti mul’atee iccitii mootummaa Waaqayyo ittiin galan barsiisaa tureera. HDB 1:3 Guyyaa guyyaatti yeroo hundumaa tokkoo tokkoo isaaniitti mul’achaa kan ture yoo ta’ellee guyyaa sadiif garuu gubaa’ee guddaa hojjetee isaan barsiisaa tureera.

Yeroo ol ba’uudhaaf jedhu immoo qajeelfama Iyyerusaaleem keessaa hin deeminaa, Mana Qulqullummaa keessa jiraadhaa jajjabeessa afuura qulqulluu Abbaakoo biraa hangan isiniif eergutti kan jedhu laateeraaf. Luq. 24:44-50.

Yeroo gooftaan ol ba’es ajaa’iba adda ta’een ol ba’e. Yeroo ol ba’ees barattoota isaa eebbisee Ergamoonni samii irraa wayyaa adii uffachuudhaan hiriira samii iraa hanga lafaatti hiriiranii faaruudhaan isa simatan. Yeroo bartoonni isaa fajajanii gara samii ilaalan Qulqulluun Mikaa’eel fi Qulqulluun Gabri’eel barattoota isaatti mul’achuudhaan maalif fajajjanii gara samii ilaaltu utuu isin ilaaltanii inni ol ba’e kun utuu isin ilaaltanii ni dhufa jechuudhaan isaan jajjabeessan HDB. 1:9-11.

Waa’ee Ol Ba’uu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Raajiiwwan Dubbataman

Faar 17: 9-10 «Samiiwwan gadi qabee gadi bu’e, dukkanni miila isaa jala jira ture. Dugda Kiruubeel irra taa’ee balali’e, koochoo qilleensaanis ni balali’e» jechuudhaan Daawit raajii raajeera.

Faar 24:7 «Mootichi inni guddaan akka ol seenuuf isin qondaaltonni karra isaa dur durii banaafii, mootichi guddichi kun eenyu? Waaqayyo isa cimaafi isa humna qabeessa isa ta’eedha. Waaqayyo lolatti ba’ee isa injifateedha» kan jedhu raajameera.

Faar 67:18 «Waaqayyo akka inni boojuu Daabiloos harkaa booji’ee akka ol ba’e kan ibsu (boojuu boojitee ol baate kennaas ilma namootaaf ni laatte)» kan jedhu ture.

Faar 46/47:5 «Waaqayyo ililleedhaan kabajaan ol ba’e Waaqayyoon faarfannaadhaan galateeffadhaa»

Yohaannis abbaan Wangeelaa ammoo samii irraa kan gadi bu’e malee gara samiitti kan deebi’ee ol ba’e hin jiru jechuudhaa waa’ee ol ba’uu isaati barrreesseera. Yoh 3:13 egaa walumaa gala raajii dubbatame kana raawwateera.

Gooftaan keenya maalif guyyaa 40’f lafa irra ture?

Sababni isaa guyyaan 40 iccitii guddaa ta’e baay’ee qaba. Keessaa garuu Addaam dargaggeessa waggaa 30 ta’ee uumamee gaafa guyyaa 40 mucummaa fi ayyaana Waaqayyoo uffatee jennata seenee dogoggora seexanaadhaan goyyomee dhabee ture haa ta’u malee gooftaan keenya immoo mucummaa kana deebisuuf akka dhufe ibsuuf jedheeti. Macaafa Kufaalee 4:8.

Humna Hanga Argattanitti Iyyerusaaleem keessaa hin Deemiinaa Mana Qulqullummaa keessa turaa maalif jedhe?

Sababni isaa qarqara biyya lafaa deemaa barsiisaa jechuudhaan dursa ajaja laateefii ture Maat 28:19. Gara daarii biyya lafaa deemudhaaf immoo humni Afuura Qulqulluu isaan barbaachisa. Mootota dura dhaabbatanii dhugaa Afuura Qulqulluu sodaa tokko malee dhaabbachuudhaan akka dubbataniif.

TOKKOS Iccitii dhoksaa dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan hubatanii akka barsiisaniif akkuma jedhame barattoonni duraan sodaatoo turan erga humna Afuura Qulqulluu hidhatanii booda hanga du’aatti dhaabbatanii dhugaa baatuu Kiristoos ta’aniiru. HDB

5,6,12 k.k.f

Mana cufamaa humna ittin ol seenan

Iddoo ol ka’aa irra dhaabbatanii humna ittin dhugaa ba’an.

Humna humna qabeessa akka Leencaa ittin cabsan akka Soomson. M/Abboota Firdii 14

Seexana baasuudhaan humna ittin dhukkubsataas ittiin fayyisan.

Humna ittiin du’oota du’a keessaa kaasan. HDB 9

Humna kanaaf kana fakkaatan mana qulqullummaa keessa turuudhaan hanga argatanitti mana qulqullummaa keessa turaa jedhee isaan Abboome. Akkuma jedhes turanii argataniiru. HDB 2:1.

Raajiiwwan Gooftaan keenya yeroo ol ba’u Hojjetaman

Utubaan ykn yaabbannoon ifaa Aariyaamii hanga lafaatti diriireera.

Akkuma Daawwit raajee ture faaruun ergamootaa wayyaa adii uffachuudhaan dhagaa’ameera. Faar 46:5

Karri cufamee ture banameera. Far 24:7-10

Ijoolleen Addaam harka Daabiloos jala boojuudhaan kan turan bahaniiru. Faar 67:18

Harka isaa Addaamii fi Hewaanin umeen barattoota isaa, maatiwwan isaa eebbiseera Uma 1:26.

Harka isaa Abiraamiin eebbiseen Uma 12:1, Galaana Yaaboq cinaatti harka isaa Yaa’iqobiin eebbiseen Uma 32:26-30.

Akkasumas qurxummii lamaa fi buddeena garbuu shan eebbisee namoota 5000 kan ittin quubseen Maat 14: 20 ol kaasee isaan eebbisaa Beeteniyaa iddoo jedhamutti ol ba’e.

Guyyuma kana Yihudaan inni gooftaa keenya qarshii 30n gurguree ture gaafa Jimaataa muka irratti of rarraasee of ajjeesuu yoo barbaade illee mukattiin afaan namaan haasoftee «Qalbii kee jijjiirradhu akka Pheexiroos» ittiin jettee funyicha of irraa kunnaan duugdi isaa cite garaan isaa bokokee guyyaa 40f ciisaa erga turee booda guyyaa gooftaan ol ba’u ykn gaafa guyyaa 40ffaa kana marrummaan isaa tarsa’ee jigee du’e. HDB 1:18

Ol Ba’iinsi Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos Ol Ba’iinsa Heenook fa’a

irraa adda

Henook irraa jalqabee qulqulloonni hedduun biyya jiraattotaatti «Biheera Hiyyewaan» iddoo jedhamutti ol ba’aniiru. Hanga har’aattis ol ba’aa jiru.

Fknf:- Henook, Eliyaas, Iziraa Suutu’eel, qulqulloota salgan keessaa immoo

Abbaa Aregaawwii, Abbaa Gariimaa, Melke Tseediq, Yaareed abbaa qooqa biyya Itoophiyaa, Yohaannis abbaa wangeelaa keessumatti immoo bara

1972 keessa abbaa Balayii namni jedhamu gadaamii Asaboot keessaa ol fudhatameera.

Isaan kun hundi isaanii iddoo isaan itti ol ba’an samii kanaa gadi cina Jannataatti kan argamu magaalaa biyya jiraattotaatti ol ba’an gooftaan keenya garuu Tseraariyaamitti ol ba’e.

Iddoo isaan itti ol ba’an guyyaa deebii gooftaa keenyaa kan

darbudha, iddoo gooftaan itti ol ba’e garuu bara baraan kan

jiraatuudha.

Isaan kun hundi isaanii deebi’anii dhufanii ni du’u, gooftaan keenya

Iyyesuus kiristoos garuu murtoo isa dhumaa kennuudhaaf ni dhufa.

Isaan kun gaafa ol ba’an gargaarsa ergamootaan ol ba’an gooftaan keenya garuu humna Waaqummaa isaatiin ol ba’e.

Qulqulloonni gaafa isaan ol ba’an sanyiin kabaja gooftaa keenyaa hin

godhamneef.

Akka gooftaa keenyaa raajiin hin raajamneef sababa kanaaf kana

fakkaataniif ol ba’iinsi qulqullootaaf kan gooftaa keenyaa garaa garummaa guddaa qaba jechaadha.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Galannii Waaqayyoof haa ta’u!

The post Ol Ba’iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus first appeared on Qubee Online +.

Torbee Dhukkubbii Iyyesuus Kiristoos Jimaata Fannoo Gooftaa
Torbee Dhukkubbii Gooftaa Iyyesuus Kiristoos Fannoo Gooftaa

Mata duree kana keessatti torbee dhukkubbii sooma guddaa keessaa jimaata guyyaa Fannoo Gooftaa ni ilaalla.

Fannifamuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

«Guyyaa Sana» Torbee Dhukkubbii

Guyyaan sun Waaqa ta’uu barbaadee, kabaja qabu irraa kan gadi bu’e ilma namaa, qaanii isaa irraa kaasuuf bu’uura waadaa galeetiin, samii samiirraa bu’e kan dhufe gooftaan keenya guyyaa itti fannisan turte. Maat. 27:31-36, Maar. 15:24, Luq. 23:33, Yoh. 19:18

Guyyaa Kanatti;

1. Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kana dursee hundaafuu akka hubatuu fi akka galuufitti: qonnaan bulaa sanyiidhaan, wayiniidhaan, daldalaa qarshiidhaan, dubartoota raacitiidhaan fakkeessaa hanga mana isaaniitti seenuun isaan barsiise. Jaamota ibsee, cabaa fi okkolaa qajeelchee, duudaa banee, kan lamxiin rukutame lamxiirraa qulqulleessee, kan hidhaman hiikee, kan du’an kaasee, buddeena shanii fi qurxummii lama eebbisee dhiirota kuma shan nyaachise, jajjabeesse. Maat. 13:15,13:21, Maar. 13:1-37, Luq. 13:6-21, Yoh. 5:1-18,9:1-41.

Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kana dursee hundaafuu akka hubatuu fi akka galuufitti: qonnaan bulaa sanyiidhaan, wayiniidhaan, daldalaa qarshiidhaan, dubartoota raacitiidhaan fakkeessaa hanga mana isaaniitti seenuun isaan barsiise. Jaamota ibsee, cabaa fi okkolaa qajeelchee, duudaa banee, kan lamxiin rukutame lamxiirraa qulqulleessee, kan hidhaman hiikee, kan du’an kaasee, buddeena shanii fi qurxummii lama eebbisee dhiirota kuma shan nyaachise, jajjabeesse. Maat. 13:15,13:21, Maar. 13:1-37, Luq. 13:6-21, Yoh. 5:1-18,9:1-41

2. Kana kan arge diinni keenyaa Seexanni, keessa namaatti galee himannaa itti cimse.

3. Maanguddoonnii fi Hangafoonni Lubootaas ;

«Osoo uummata keenya jallisuu argine”

«Gibira Qeesaariif akka hin kaffalle dhorka”

«Ani Mooticha Israa’eel Kiristoosiidha» jedha jechuun Maanguddoonni beekumsa isaanii iddoo hin taanetti oolchan. Luq. 23:1-5

4. Heroodis fi Philaaxoos namoota walii hin galle turan. Gooftaan himatamee gara Heroodis deemee, deebi’ee gara Philaaxoos yeroo dhufu, diinoonni walii hin galle lamaan mataa mataa isaaniitiin itti walii galan. Luq. 23:6-12

5. Philaaxoos balleessaa tokkollee waan irratti hin argineef gooftaa akka dabarsee hin kennine (hin ajjeesisne) tooftaawwaan garaagaraa fayyadame. Jechuunis;

«Gara Heroodisiitti geessaa!» jedhe, gooftaa fi Heroodis namoota Galiilaa waan ta’aaniif ni na’aaf jedhee yaadee.

«Ayyaana waggaa keessan irratti akkuma barame kan hiikamu jira, kana adabeen isiiniif hiika» jedhee gaafate. Filannoon isaanii garuu Barbaan nuuf haa hiikamuu ture.

Irra deebi’ee Philaaxoos «Iyyesuus akkan isiniif gadhiisu ni hawwituu?» jedheen, isaanis «fannisiin! fannisiin! ajjeesiin!» jedhanii iyyan.

Philaaxoosis badii hamaa maalii hojjete, kan du’aan isa ga’u badii irratti hin argine, kanaafuu garafsiiseen isa gadhiisa jedhe. Garuu guyyaan sun guyyaa itti murtee dhugaa itti badde waan taateef, «fannisiin! fannisiin!» jedhanii tokkummaan walii galan. Goolii kaasuun, dhiiga dhangalaasuun hidhamee kan ture Barbaan akka isaanii hiikuuf isa kadhatan, innis isaaniif hiike. Goofta keenya Iyyasuus Kiristoos garuu dabarsee kenne. Luq. 23:6-25

6. Gooftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo fannifamu, rakkoo fi dhiphina isaa arganii laphee isaanii rukuta yeroo boo’an argee “isin yaa dubartoota Iyyerusaalem! ofii keessanii fi ijoollee keessaniif boo’aa malee anaaf hin boo’iinaa. harmi hin hoosifne, gadameessi hin deenye eebbifamtudha barri itti jedhan ni dhufa waan ta’ee” jedhee tokkoon tokkoon isaanii cubbuu isaanii yaadachaa akka boo’an itti hime. Luq. 23:27-31

7. Guyyaa sanaan dura yeroo gooftaan gara Gibxiitti godaane saamtonni lama saamuuf itti dhufan. Inni Xixoos jedhamu gooftaa haadha isaa harkaa fuudhee baate nagaadhaan isaan gaggeesse. Fannoo irrattis wal arganii Xixoos hiriyaa isaa Gooftaa arrabsutti dheekkamuun «yeroo Mootummaa kee dhufutti na yaadadhu» jedhe kadhate. Gooftaanis garaa laafeefi «dhuguma dhuguman siin jedha har’a ana waliin Jannata keessatti argamta» jedheen. Dhiiga Fannoo irratti dhangalaasee fayyisee Jannata isa galche. Luq. 23:39-43

8. Gooftaan keenyaas fannoo irra yeroo gadi ilaalu bartuu isaa jaalatu Yohaannisii fi haati isaa Dubroon Maariyaam boo’ichaan dhadhabanii isaa arge. Bartuu isaa jaalatu Yohaannisis waamee akkas jedheen «ilaa haadha kee!» Dubroo Maariyaamidhaanis «ilaa ilma kee» jedheen. Nuufis haati karaa Yohaannis nuuf kennamte. Yoh. 19:26-27

9. Guyyaa Sanas Lafa Irratti;

1. Golgi Mana Qulqullummaa iddoo lamatti tarsa’e

2. Lafti ni hollatte

3. Awwaalli ni baname

4. Namootni du’an du’aa ni ka’aan.

Samii irratti ammoo;

5. Aduun ifa ishee dhorkatte

6. Addeessi dhiiga uffatte

7. Urjiileen ni harca’aan. Maat. 27:51-54, Luqa. 23:44-45

10. Qulqulleetti Lubbuu isaa Qulqulleettii foon isaa irraa foo’ee gara Si’ool deemuun lubbuuwwan waggaa 5,500’f Si’ool keessa turaniif bilisummaa labse, Jannata isaan galche. Yoh. 10:17-18

Waa’ee torbee dhukkubbii sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan Guyyaa Jimaataa kana fakkaata ture.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Ameen!

The post Torbee Dhukkubbii Iyyesuus Kiristoos Jimaata Fannoo Gooftaa first appeared on Qubee Online +.