Itoophiyaa | Qubee Online +

Bara Haaraa Itoophiyaa fi warra Awuroppaa
Sababa Garaa Garummaa Bara Haaraa Itoophiyaa fi Awuroppaa

Lakkaawwiin Baraa kan Itoophiyaanotaa fi kan warra Awuroppaa maalif gar gar ta’e? Itoophiyaan maalif waggaa torba kan warra Awuroppaa irraa duubatti hafte

Sirna uumamaa irraa ka’uun yoo lakkoofne marsaan guyyootaa ykn Dilbataa hanga Sanbataa. (Qidaameetti) guyyoonni jiran baay’inni isaa torba ta’uun wal nama hin gaafachiisu. Akkasumas guyyoonni kunneen torban Ji’aa fi Waggaa dhaaf bu’uura ta’uun isaaniis haqa jirudha. Kunis marsaan guyyootaa kun sirna uumamaa irraa eegalee maqaa fi shallaggii guyyoota torbaan ka’umsa ta’aanii argamu. Ba’uu. 20:9-10

Kanaafuu isaan armaan olitti guyyoota torbatti guyyoonni ramadaman kunneen. Torbee torbeen deddeebi’aa ji’oota kudha lamaan, waqtiiwwan arfan fi waggaa nuuf kennu jechuudha.

Sadarkaa lammaffaa irratti ammoo Baatiiwwan ykn Ji’oonni lakkaawwii aduudhaan guyyoota 30, 30 ta’aanii. Ji’oota 12 hordofanii maqaa isaaniitiin yeroo waamaman guyyaan shanii fi ruubii ammoo Qaammee jedhamtee waamamti. Ta’us garuu shallaggiin kun yeroo Nooh ijoollee isaa qabatee gara Dooniitti seene irraa kaasee ta’uun isaa nama hin shakkisiisu. Uma. 7:24, 8:1-3

Lakkaawwii Baraa Itoophiyaanotaa fi Awuroppaanotaa

Ilmi Nooh Kaam obboleewwan isaa waliin yeroo carraa buusetti Kaamiif carraadhaan Afriikaan waan isa gaheef. Inumaayyuu Baatiin itti seene (Fulbaanni) abaaboo fi magariisummaan faayamee yeroo itti mul’atu. Kanaan ala guyyaa fi halkan sa’aatii dhaan kan itti wal qixa ta’aan waqtii kanatti gara. Itoophiyaatti seenuu isaatiin carraan Inquu taate naaf baateerti. Yeroo jedhu «ዕንቁ ዕጣ ወጣሽልኝ» ykn «Carraan Inquu taate naaf baate» jechuun Waaqa isaa galateeffateera.

Kana booda ijoolleen ijoolleen Kaam Waaqayyo Israa’eeliif Baatiin bilisa itti baatan kun jalqaba waggaa isiniif haa ta’u. Akkuma isaaniin jedhe ijoolleen Kaamis Baatiin gara Itoophiyaatti itti seenan jalqaba waggaa yaadannoo Abbaa isaanii. Kaam nuuf haa ta’u jedhanii jalqaba waggaa haaraa taasisanii moggaasaniiru.

Kanaanis isaan dura lakkaawwiin baraa ykn lakkaawwiin guyyaa jira turee? gaaffiin jedhu yoo jiraate. Namni jalqabaa Addaam daba Diyaabiloosiin Waaqayyo uumaa isaa fi bakka jireenya isaa.  Jannata dhabee gara Addunyaa kanatti yeroo godaanetti balleessaa isaa amanee.  Waaqayyo waliin walitti araaramuuf murteessee gaabbii gale.

Guyyaan itti gaabbii seene osoo guyyaa 40 hin guutiin guyyaa 35ffaatti osoo Subaa’een isaa hin xumuramiin.  Seexanni ergamaa fakkaatee itti dhiyaatee Waaqayyo siif dhiiseera ba’i jedheen. Innis ni ba’e. Sana boodas aarsaa dhiyeesse. Ta’us garuu Gooftaan Addunyaan aarsaa keetiin miti kan fayyu, kunis ati ana ta’uu hin dandeessu.

Ani garuu si’i ta’uu nan danda’a erga jedheen booda bu’uura waadaa isaaf kenneetiin. Subaa’ee guyyootaa waggootaan, subaa’ee waggootaa awuda qamarii dhaan lakkaa’uu jalqabe. Lakkaawwii Addaam kan jedhame waggaa 532 dha. Garaa garummaan lakkaawwii baraa kan keenya fi kan warra Awuroppaa. Nuti Jannata keessaa yeroo itti godaanee kaasee kan qabannee lakkoofnu yoo ta’u. Isaan ammoo Jannata keessa kan ture waggaa torba dabalatee erga uumamee kaasee lakkaa’u.

Lakkaawwii kanas ijoollee isaatiif Seera Lapheetiin dhaloota hanga Noohitti. Jiraniif dabarsuu fakkeenyaaf yeroo fi sa’aatii armaan olitti caqasame irraa kaasee.  Uummanni bara durii turan bittinnaa’uu isaaniitiin dura itti fayyadamaa turanii. Boodarra kan dhiisan lakkaawwiin ture tokkoon tokkoon Ji’aa guyyoota 30, 30 n qoodamanii haalli itti fayyadamaa turan akka jiru Kitaabni Qulqulluu ni hubachiisa.

Kunis bishaan badiinsaa yeroo ta’etti Nooh Doonii yeroo seenu «Bishaanichi guyyaa 150 mo’e» jedha. Guyyoonni 159 kunneen yeroo guyyaa 30, 30’n ramadaman Ji’a 5 ta’uu isaanii agarsiisa. Uma. 7:11-13, 8:3-7. Egaa lakkaawwii Bara Addaam fi Bara Nooh kan jedhame uummanni kanneen birooyyuu Seerri Oriitii osoo hin barreeffamiin Seera Lapheen fayyadamaa hamma turan, booda garuu Falaasfonni fi Mootonni garaa garaa yeroo yeroon ka’aaniin dhiisaa yeroo deeman Itoophiyaanonni fi Gibtsoonni akkasumas Ortodoksoonni kanneen biroo kan durii jechuunis Seera Laphee irraa gara Seera Oriitiitti garagalchamee Kitaaba Qulqulluu irratti kan argamu hin gadhiifne.

Itoophiyaanonni kana bu’uura godhachuun Ji’oota kudha lamaan guyyoota 30, 30 tti lakkaa’uun haftee tokko malee jechuunis akka warra Awuroppaatti yeroo tokko tokko 31, yeroo biraa 30, osoo hin taasisiin guyyoota 30, 30 tti ramadanii Ji’oota 12 taasisuun ittiin hojjechaa turaniiru.

Jalqabbiin Bara Haaraa maalif Fulbaana ta’e?

Ji’a ykn Baatiin Fulbaanaa waa’ee guyyaa jijjiirraa bara haaraa ta’uu isaa. Fulbaanni jalqaba Baatii bara haaraa ta’uu isaatiin olitti Itoophiyaatti qofaa osoo hin taane Bara Foonummaa «ዘመነ ሥጋዌ» dura guutummaa Addunyaatti jalqaba Ji’aa fi waggaa ture. Kunis kan barame jalqaba Kakuu Moofaa kan fudhatan Bara Haaraa Ayihuudotaa fi Ayyaana Maxqi’iin bu’uurummaa isaatiin kan hammatame ta’uun isaa ni beekama.

Kanaan alattis Fulbaanni dhuma waqtii Gannaa fi jalqabbii Waqtii Birraa ta’uu isaatiin olitti guyyaa fi halkan isaa kan itti sirraa’u ykn dheerinni guyyaa fi halkanii sa’aatiin isaa wal qixa kan itti ta’udha. Kanaafuu kana jalqabbii ji’oota waggaa taasisanii moggaasaniiru. Kanaafuu lakkaawwii baraa kana bara durii kan bara Kakuu Moofaa barreeffame qabattee jiraachuu ishee agarsiisa.

Keessattuu waa’ee Bara Haaraa ykn Lakkaawwii Baraa warra Awuroppaa akkaataa lakkaawwii isaa kan jedhame jalqaba irratti kan hundaa’e Addunyaan kan itti fayyadamaa ture Kaalaandariin warra Eeshiyaa sirrii miti jechuun Juuliyaan kan jedhamu Awugusxoos Qeesaar dura naannoo Bara Addunyaa 46 kan ture mudhii isaa hidhatee ka’uun wal simuu dhabuu deemsa guyyootaa fi waqtiiwwanii sirreessuuf Astiroonoomarii Gibtsii kan ta’e lakkaawwii ykn shallaggii Sooniijaniis gara isaatti fiduun waggaa guyyoota 365 fi ji’oota 12 tti qoode.

Dabalataan dubbisaa :- Lakkaawwii Baraa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti

Guyyoota shanan akka Gibtsootaa, akka Itoophiyaanotaa, akka Giriikotaa Qaammee waan hin baafneef Bitootessa fi Caamsaa, Adoolessa fi Onkoloolessa irratti akka dabalaman taasisuu isaatiin dabalataatti kan biraas fooyyessuun guyyaa waggaa afur keessatti yeroo tokko argamtu dabaluun guyyoota waggaa 366 akka ta’u taasise.

Kana booda kuni har’a guutummaa Awuroppaatti ka’umsa lakkaawwii Kiristaanummaa Durii jedhamee kan ittiin hojjetamu yoo ta’u, Kaalaandarii kana kan mormu Lubni Paanaayiras jedhamu akkaataa Lakkaawwii Baraa Gibtsootaa fi Kitaaba Qulqulluu waliin wal bira qabuun Bara Araaraa 412 tti lakkaawwii baraa haaraa baase.

Dhadhabbii hayyuu kanaatiin kan Bara Addunyaa kan dabee ture sirreessuuf lakkaawwii Juuliyaaniin Hagayya 29 Bara Addunyaa 5,493 jedhee ramade. Lakkaawwiin kun gara lakkaawwii Itoophiyaatti yeroo jijjiiramu Fulbaana 1 Bara Addunyaa 5493 ta’a. Haa ta’u malee faallaa Luba kanaa kan ta’e Lubni Iniyaanoos jedhamu jalqabbii Bara Addunyaa gara Bitootessa 25, Bara 5,492 tti erga geesse booda, Manni Kiristaanaa Gibtsii kan dursee caqasame lakkaawwii Paanaayiras fudhattee hojii irra oolchite.

Kanaafidha lakkaawwiin baraa kan warra Awuroppaa lakkaawwii Baraa kan Gibtsii fi kan Itoophiyaa garaa garummaa waggaa torba fi ji’ootaatiin kan caaluuf. Kunis Awuroppaanonni jalqabbii Bara Araaraa dhaloota gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos waliin walitti siqsuuf jecha mormii hedduu booda Amajjii 1 Bara Addunyaa 5,507 jechuun Kaalaandarii keessa yeroo galchan Itoophiyaanonni fi Gibtsoonni garuu Addaam waggaa torba Jannata keessa itti ture hir’isuun Fulbaana 1 Bara Addunyaa 5,500 jalqabbii bara haaraa taasisaniiru. Sababa kanaan lakkaawwiin baraa kan Itoophiyaa kan Awuroppaanotaa irraa waggaa torba fi ji’oota duubatti hafa.

Barumsa guddaa akka irraa argattan abdii qabna!

Channel keenya WhatsApp follow taasisaa!

The post Bara Haaraa Itoophiyaa fi warra Awuroppaa first appeared on Qubee Online +.

Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa
Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo

Kutaa 1ffaa

Akka Ortodoksii Tawaahidoo Mana Kiristaanaa keenyaatti Meeshaalee Qulqullaa’oo, hiikoo isaanii maalummaa isaanii akka seensaatti wantoota tokko tokko kan ilaallu ta’a. Isaan keessaas;

Maalummaa Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo

Akkaataa Qophii Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Iccitii Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa

Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa’oo fi k.k.f dubbisaa

Koorsii Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Meeshaalee Qulqullaa’oo

Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo jechuun maal jechuudha?

Meeshaalee Qulqullaa’oo ykn (ንዋየ ቅዱሳት) jechuun kan filataman keessaa kan filatame, kan adda ta’aan keessaa kan adda ta’e bara baraaf maqaan isaa kan irra jiraatu qodaa filatamaa ykn qodaa gaarii jechuudha.

Kana waan ta’eefidha meeshaa ykn qodaan kun gara Mana Qulqullummaatti yeroo seenu eebbifamee fi irratti kadhatamee kan seenuuf, eebba booda garuu meeshaa kaaniin tokko kan ture ykn (ተራ ዕቃ) kan ture Meeshaalee Qulqullaa’oo ta’ee Mana Qulqullummaatiif Sirna Waaqessummaa raawwachiisuuf ykn ittiin raawwachuuf meeshaalee ykn qodaawwan kabajamoo ta’uudhaan eenyuniyyuu kan hin tuqamne ni ta’a.

«Kan Qulqullaa’aan Meeshaalee Qulqullaa’oo irratti, mazaagibtii irrattis muudamanii turan» 1 Seenaa Baraa 26:26.

«Addabaabaayiiwwan Mana Waaqayyootiifi naannawaa isaaniitti gola argamaniif, Mana Waaqayyootiifis kan ta’an Manneen galmee ykn Mazaagibtii, Meeshaalee Qulqullaa’oofis» 1 Seenaa Baraa. 28:12.

Meeshaalee Qulqullaa’oon Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo walumaa galatti tajaajila Mana Qulqullummaatiif kan oolan ykn kan tajaajilan maqaa meeshaaleen kun ittiin waamamanidha.

Qophii Meeshaalee Qulqullaa’oo

Tajaajila Mana Kiristaanaatiif kan oolan meeshaaleen tajaajilaaf oolan qopheessuuf dursa irratti wanta irraa hojjetaman beekuu fi filachuun barbaachisaadha.

Meeshaalee Qulqullaa’oo hunda keessaa kan kabajame (የከበረ) Taabotadha. Taabotnis ajaja Waaqayyootiin muka hin nyaatamne irraa akka hojjetamu ajajame. Ba’uu. 25:1-9.

«Waaqayyo Museetti akkas jedhee itti dubbate, kennaa akka naaf fidaniif ijoollee Israa’eelitti dubbadhu. Nama kennaa kennuu barbaadu hunda harkaa kennaa isaa fuudhaa, kennaan isaan harkaa fuutanis isaan kana :- Warqee, Meetii, Nahaasa, Gimjaa Cuquliisa ykn Hamraawwii, …………» (Ba’uu 25:1-9) erga jedheeniin booda Ba’uu 25:10 irratti ammoo muka hin nyaatamne irraa Taabotni akka hojjetamu yeroo itti agarsiisu :- «Muka Laaftoo irraa Taabota haa hojjetan, dheerinni ciqilee lamaafi walakkaa, gadeen isaas ciqilee tokkoofi walakkaa, hojjaan isaas ciqilee tokkoofi walakkaa haa ta’u.» Ba’uu 25:10 jechuudhaan ajaje.

Egaa Meeshaalee Qulqullaa’oo yeroo qooheessinutti wanti irraa qooheessinu wanta hin nyaatamneefi wanta cimaa irraa ta’uu qaba.

Meeshaalee Qulqullaa’oo kanneenis akkaataa qophii isaanii, tajaajila isaanii fi fakkeenya isaanii arglmaan gaditti kutaa kutaan qoodnee kan ilaallu ta’a!

Akkaataa itti Fayyadama Meeshaalee Qulqullaa’oo

Akkuma dursinee ilaalletti fi jecha isaa irraa akkuma hubanutti Meeshaaleen Qulqullaa’oo Tajaajila Sirna Waaqessummaa Waaqayyoo Mana Waaqayyootti taasifamuuf yeroo hunda kan itti fayyadamnu Meeshaalee Qulqulla’aanidha. Kana waan ta’eefis kan itti fayyadamnu Mana Qulqullummaatti ta’uu qaba. Sanarra darbee garuu Mana jireenyaa keenyatti, iddoo hundatti kan fayyadamnu yoo ta’e wanti Qulqulla’aa Waaqayyoof tajaajila Mana Waaqayyoof oolu iddoo isaa malee ta’a jechuudha. Kanaaf of eeggannoo barbaachisa.

Ixaana tajaajila Mana Waaqayyoo keessaa kanneen akka Kadhannaa ittiin ol baasuu, Fakkiiwwan Qulqullaa’oo ittiin uluuf itti fayyadamuu dhiisnee mana keenyatti ykn iddoo biraatti Bunaaf kan aarsinu yoo ta’e wanta Qulqulla’aa sana ykn wanta Qulqulla’aa ta’e Seexanaaf ykn wanta hin taaneef oolchine jechuudha, Baganaa fi Kabaroo akkasumas Meeshaaleen Waaqayyo ittiin galateeffannu kanneen biroo Waaqayyo ittiin galateeffachuu dhiisnee Sirbaaf kan itti fayyadamnu yoo ta’e ammas hojii cubbuutiif fayyadamaa jirra waan ta’eef of eeggachuu qabna. Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa’oo kanneenii kutaalee itti aananitti tokko tokkoon ni ilaalla.

Kadhannaa Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo irratti taasifamu

Meeshaalee Qulqullaa’oo hunda irratti Kadhannaa taasisuun barbaachisaadha. Kanas Luboonni Kadhannaa «እግዚአብሔር አምላክነ ኄር ወመኃሪ ወቅዱስ…..» ykn «Waaqayyo Gooftaan keenya arjaan, dhiifama kan taasisu, Qulqulluun…….» jedhu kadhatu.

Akkasumas kadhannaawwan akka Maahifadaatii irratti, Tsaahilii irratti, Tsiwwaa irratti, Irfe Meskel irratti, Masooba Warqii irratti kadhannaawwan jedhaman jiru isaan kanneen hunda Meeshaalee Qulqullaa’oo irratti dabaree dabaree dhaan ni kadhatu.

Meeshaalee Qulqullaa’oon sunis Kadhannaa irratti taasifameen ni ulfaatu ykn ni kabajamu ykn «ይከብራሉ». Luboonnis kana kadhatanii erga raawwatan ykn kana kadhatanii erga xumuran booda Meeshaalee Qulqullaa’oo sana bifa bifa isaaniitiin ni kaa’u, Manbarii ykn Teessoo, Tsaahilii fi Tsiwwaa ykn Xoofoo ni uffisu. Meeshaalee Qulqullaa’oo kanneen yeroo ka’aanis Kadhannaa «እግዚአብሔር ማዕመረ ልብ ዘኩሉ ለአሐዱ ……..» jedhu ni kadhatu. Akkasumas Luboonni Meeshaalee Qulqullaa’oo sana yeroo uffisan ykn ofii isaanii uffata Lubummaa yeroo uffatan Kadhannaan isaan kadhatan.

Kadhannaan Meeshaalee Qulqullaa’oo tokkoon tokkoon isaanii irratti kadhatamu erga raawwatame ykn kadhatame booda Meeshaalee Qulqullaa’oo sana ol kaa’u. Qopheessanii erga xumuran boodas eebbisanii, Faaruu Daawwit keessaa iddoowwan garaa garaa ykn faaruu Daawwit keessaa Faaruuwwan garaa garaa kan Aarsaa isaa agarsiisan itti dabalamanii dhiyaataniiru. Fakkeenyaaf «ሃሌ ሉያ ወአንሰ በብዙኃም ሕረትክ እበውዕ ቤትከ» kan jedhuufii kanneen kana fakkaatan ni kadhatu. Firee Qiddaaseen isaa yeroo dhaa yerootti kan jijjiiramu yoo ta’u, Gibi’aate Menxolaa’it kan jedhame kutaan Kadhannaa kun garuu guyyaa fi sa’aatii kamittiyyuu hin jijjiiramu.

Iccitii Meeshaalee Qulqullaa’oo

Iccitii jechuun namni osoo hin beekiin karaa Waaqayyo qofti beekuun kan raawwatamu hojii dhokataadha. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos lafa kana irra yeroo deddebi’etti barsiisaa kan ture fakkeenyaani. Kunis hundumaa akka galutti, wanta isaan beekaniin fakkeessee barsiisa ture, akkuma kana Meeshaaleen Qulqullaa’oos iccitiidhaan kan kabajaman, fakkeenyaan kan dubbatamanidha. Iccitiin Meeshaalee Qulqullaa’oo ykn Fakkeenyali Meeshaalee Qulqullaa’oo iddoo baay’eetti barreeffameera, nutis kutaa itti aanu keessatti kan ilaallu ta’a.

Itti fufa!

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.

Itoophiyaa Keessatti Intarneetii Bilisaa fayyadamuu?
Intarneetii Kaardii osoo hin guutiin bilisaan fayyadamuu

Mata duree keenya har’a keessatti waa’ee Itoophiyaa keessatti Intarneetiii tola ykn bilisaan fayyadamuu ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Itoophiyaa Keessatti Qarshii Zeeroodhaan akkamitti Intarneetii fayyadamuu dandeenya?

Egaa yeroo ammaa kanatti Intarneetii fayyadamuuf wantoota rakkisan keessaa tokko kaardii guutuudha. Keessattuu namoota WiFi hin qabneef ykn namoota WiFi hin fayyadamneef kaardii guutanii Intarneetii fayyadamuun keessattuu marsaalee hawaasaa kanneen akka Facebook, YouTube, TikTok fi kanneen kana fakkaatan irratti viidiyoo kaardiidhaan ilaaluun baay’ee ulfaataadha. Kana qofaa miti wantoota kaaniyyuu kanneen akka Telegram fi Facebook qofaa fayyadamuuniyyuu yeroo itti cimutu jira.

Har’a wanti isiniif qabannee dhufne wanta baay’ee faayida qabeessa ta’e, tarii kana booda Intarneetii kaardii osoo hin guutiin qarshii zeeroodhaan haala itti fayyadamuu dandeenyu dha. Nutis kunoo dhamaatii meeqa booda barbaadaa turree kan arganne appilikeeshinii ittiin fayyadaman kana haala itti fayyadama isaa guutuu waliin isiniif qabannee dhiyaanneerra, isinis hiriyoota keessaniif share taasisaa.

Jalqaba irratti qarshiin isin qabdan zeeroo ta’uu erga mirkaneeffattan booda gara Appilikeeshinii kanaatti seenaa. Erga appilikeeshinii kana bantaniin booda.

Step 1. Jalqaba irratti Daataan bilbila keessanii akkuma cufaa ta’een gara Appilikeeshinii kanaatti deemuun appilikeeshinii sana bantu. Erga appilikeeshinii kana bantaniin booda «Server name indiction SNI» kan jedhu cinaatti mallattoo irsaasii jirtu sana tuquun «facebook.com» kan jedhu balleessuun «ethiotelecom.et» jettanii erga barreessitan booda «Save» kan jedhu tuquun galmeessitu.

Step 2. Amma ammoo daataa bilbila keenyaa banuudhaan, gara Appilikeeshinii sanaatti deebi’uun «Start» kan jedhu tuqna. Erga start kan jedhu tuqtan booda «SSH Settings» wanti jedhu isiniif dhufa innis wantoota sadi of jalaa qaba isaan keessaa isa jalqaba irra jiru «Choose Server» kan jedhu tuqxu.

Step 3. Erga «Choose Servers» tuqxan booda gara sarvaroota garaa garaatti isin geessa. Isinis sarvaroota isiniif fidu keessaa sirriitti ilaaluun isa sirriitti magariisa ta’eefi parsantii 40 (40%) irraa jalqabee kan jiru tuquun «Connect» kan jedhu erga tuqxan booda ammas «Start» kan jedhu tuqxu. Yeroo kanattis «Connect» ta’uu isaa kan agarsiisu mallattoon vpn neetwoorkii bilbila keessanii cinaatti ni baha. Yeroo kanattis isin Appilikeeshinii sanaan fayyadamuun qarshii tokko malee bilisaan Intarneetii fayyadamuu ni dandeessu.

Wanti isin rakkise yoo jiraate Chaanaalii keenya Teeleegiraamii join taasisuun nu gaafachuu dandeessu akkasumas Appilikeeshinii kana link kanaa gadii download jedhu tuquun install taasifadhaa! Step armaan olitti isinitti himne hunda of eeggannoon itti fayyadamaa yeroo step tokko irra dabartan hin hojjetu!

Dabalataan dubbisaa :- Appilikeeshinii Assaayimantii fi Gaaffilee hunda hojjetu

Yeroo biraa Appilikeeshinii ykn barnoota Teeknooloojii kan biraatiin walitti kan deebinu ta’a Horaa bulaa! waan dubbistaniif Galatoomaa!

The post Itoophiyaa Keessatti Intarneetii Bilisaa fayyadamuu? first appeared on Qubee Online +.