Fannoo Gooftaa | Qubee Online +

Ayyaana Fannoo Gooftaa Iyyesuus Kiristoos
Ayyaana Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Ayyaana Fannoo

Seenaa Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Bara Seeraatti ykn yeroo seerri jirutti nama Fannoodhaan adabuun kan jalqabame bara Faarsotaa akka ta’e ni himama. Barreessaan seenaa beekamaan Giriikii Heerudutoos jedhamu akka ibsetti Mootiin Faars Daariyoos (522-446) namoota 3000 adabbii Fannoon ykn fannifamanii akka du’an taasiseera jechuun barreesseera. Warri Giriikii aadaa kana tarii warra Faars irraa fudhatanii ta’uu hin oolu itti fayyadamaniiru. Mootii Giriikii guddichi Aleeksaandar bulchiinsa isaa baldhisee guutummaa Kana’aan yeroo qabatetti magaalaa Xiiroositti namoota 2000 adabbii Fannoon ajjeesuun isaa barreeffameera.

Bara 267 Dhaloota Kiristoos dura Anxiyaakoos 4ffaan Yihudaa yeroo qabatu Amantaa isaaniif inaafanii Ayihuudota Waaqa tolfamaa Giriikii hin fudhanne adabbii fannifamuun adabuu isaa Yooseef ilmi Kooriyoon barreesseera. Ayihuudota biratti adabbiin Fannoo hojii irra kan oole kana booda. Mootummaan warra Hasmoonaawwii (Bara 167-137) Ayihuudii yeroo bitan Hangafni Lubootaa warra Saduqaanotaa Iyyaaniyoos warra Fariisotaa adabbii fannifamuun adabeera.

Warri Roomaa adabbii Fannoo kana Faarsii fi Giriikii irraa fudhachuun itti fayyadamaniiru.

Seera Oriitii keessatti «Namni kamiyyuu cubbuu du’aan isa geessisu yoo hojjete fi akka du’us yoo itti murteeffame, muka irratti yoo fannifame muka irratti kan fannifame Waaqayyo biratti kan abaarame waan ta’eef reenfi isaa muka irra akka hin bulle. Garuu Waaqayyo uumaan kee dhaala taasisee kan siif kenne lafa akka hin busheessine, guyyaa sanatti awwaali.» Seeraa Keessa Deebii. 21:22-23. Seerri jedhu barreeffameera. Ta’us garuu Israa’eeloonni seera dhagaadhaan rukutuu malee adabbii fannisanii ajjeessuu kan jalqaban bara 267 booda akka ta’e beekameera.

Akkaataa Seera warra Roomaatti namni adabbii Fannisanii du’u;

• Qabeenyi isaa ni dhaalama

• Uffanni isaa irraa baafama

• Mismaaraan ni rukutama

• Fannoo irratti fannifamu ni baata

• Yakki inni hojjete jedhe gubbaa isaatti ni barreeffama.

Gooftaan keenya Fannoo irratti maalif Fannifame?

1. Du’a akka diiguuf

Yihuudota biratti namni Fannoo irratti fannifamu kan abaarame ture. SKD. 21:22, Gal. 3:13. Gooftaan keenyas Addaam irratti, sababa Addaamiinis ijoollee namaa hunda irratti (Roomee. 5:12-14) du’a dhufee ture (Uma. 2:17) akka diiguuf balleessaa Addaam kan isaa taasisee Fannoo irratti du’e.

2. Jaalala isaa ibsuuf

Waaqayyo uumamtoota isaa hunda irraa adda baasee fi kabajee uumaa gaditti uumamtootaa olitti aangoo jiru namaaf kennee ture. Ta’us garuu ilmi namaa balleessaa hojjechuu isaatiin iddoo uumamtoonni hin seenne Si’ool seene. Kanaanis bineeldotaa gadi ta’e.

Waaqayyo jaalala ijoollee namaatiif qabu ibsuuf akka yakkamaatti lakka’aamee du’a yakkamtootaa fi cubbamootaaf ykn abaaramtootaaf qophaa’e du’e. Kanaanis ilmoo namaa kafaatii keessatti kufe irraa kaasuuf hangam akka nuuf jedhee gadi bu’e agarsiise.

3. Ogummaa warra Ogeeyyii Fashaleessuuf

Waaqayyo hojii dinqii ykn ajaa’ibaa isaa kan hojjetu karaa namoonni hin eegne fi karaa isaan hin yaadneen, karaa isaan wanta xiqqoo taasisanii tuffataniini. Israa’eel ceesisuuf Galaana Diimaa (Galaana Ertiraa) kan bane ulee Museetiini. SKD. 14:21. Israa’eeloota bofa hamaa nama hiddu irraa kan fayyise ykn kan oolche Bofa Naasa irraa hojjetameeni. (Ba’uu. 21:4-9), dhaloota isaa iccitii Foonummaa ittiin ibseen Dhaloota isaa kan raawwate Beetaliheem mooraa Loonii keessatti. Iccitii Cuuphaa isaa kan raawwate laga Yoordaanoositti.

4. Raajiin Dubbatame akka Raawwatuuf

Israa’eeloonni gara Kana’aanitti deemaa osoo jiranii daandii irratti Waaqayyo irratti mufachuu isaanii irraa kan ka’e Waaqayyo uummata kana irratti Bofa ajaje. Bofni sunis namoota hedduu hidde. Boodas hojii isaanii irraa gaabbanii gara Waaqayyootti yeroo deebi’an «Bofa Naasa irraa hojjedhuutii muka irratti fannisi, namoonni bofaan hiddaman hundi yeroo isa argan ni fayyu» jedhee Waaqayyo isa ajaje. Bofti Naasa irra hojjetame sunis dheekkamsa Israa’eeloota irratti dhufeef fayyina ta’e. Lakk. 21:1-9

Raajiin kuni fakkeenya dha. Bofti Naasa irraa hojjetame sun osoo homaa hin balleessiin waa’ee cubbuu uummanni sun hojjeteef fayyina isaaniif akkuma fannifame, Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis hojii inni hin hojjenneen, badii inni hin balleessineen waa’ee cubbuu ijoollee Addaamiif fannifame. Israa’eeloonni sababa badii isaaniif Bofti isaanitti dhufe Bofa Summii qabu yoo ta’u, kan isaan ittiin fayyan Bofti Naasa irraa hojjetame garuu qulqulluudha. Bofti Naasa irra hojjetame muka irratti akkuma fannifamee namootaaf fayyina ta’e, Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Fannoo irratti fannifamee ijoollee Addaam hundaaf fayyina ta’eera.

Gooftaan keenya Iyyesuus Bofti Naasa irraa hojjetame Musee dhaan muka irratti fannifame fakkeenya isaa akka ta’e yeroo barsiisu «Museen lafa onaa irratti Bofa Naasa irraa hojjetame akkuma fannise, akkasuma isatti kan amane hundi jireenya bara baraa akka qabaatu malee akka hin badneef ilmi namaa fannifamuu qaba!» Yoh. 3:14

Warri Amaaleeqaawotaa Israa’eeloota waliin yeroo wal waraanan Museen harka isaa yeroo diriirsu Israa’eeloonni ni injifatu ture, Museen harka isaa yeroo deebisu ammoo warri Amaaleeqaawotaa ni injifatu ture. Museen harka isaa diriirsee ooluun waan isa dhadhabsiiseef Aaroon fi Hoor harka isaa utuban. Ba’uu. 17:8-13. Kanaanis warri Israa’eel Amaaleeqaawota injifatan.

Kunis Amaaleeqaawonni fakkeenya Seexanaa, Museen ammoo fakkeenya Kiristoosidha, harki isaa diriirfaman ammoo fakkeenya Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Iyyesuus Kiristoos harki isaa Fannoo irratti diriiree Fannoodhaan Seexana akka injifate agarsiisa.

5. Araara Raawwachuuf

Warri Samii irraa fi warri lafa irraa wal lolanii, uummanni fi uummanni gar gar ba’aanii ni jiraatu ture. Warra Samii irraa fi warra lafa irraa walitti araarsuuf lafa irraa ol siqee Samii irraa gadi siqee fannifame. Kunis karaa isaatiin gara Samiitti akka seennu daandii banuu isaa yeroo missiraachoo himudha. Uummanni fi Ormoonni Wangeelaan tokko akka ta’aaniifis harka isaa gara bitaa fi gara mirgaatti diriirsee fannifame. Duuka Bu’ichi Qulqulluun Atinaateewoos waa’ee kanaa yeroo barsiisu «Gooftaan keenya harka isaa diriirsee fannifame, isa tokkoon uummata, isa biraatiin ammoo Ormoota akka dhiyeessuuf, tokkos akka isaan taasisuuuf»  jedha.

6. Ogummaa Diyaabiloos Diiguuf

Diyaabiloos Addaam fi Heewaan  muka balasiin injifatee Jannata keessaa isaan baasee ture. Ogummaa isaa kana diiguuf ilmi Abbaa, ilmi Maariyaam Iyyesuus Kiristoos muka irratti fannifamee.

Barnoota Bu’uuraa waa’ee Fannoo

Jalqaba irratti waa’ee Fannoo kan barsiise Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha

Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa’ee isa hordofuu yeroo barsiisetti «Fannoo Baachuun» dirqama ta’uu isaa ibseera.

Maat. 10:37 «Fannoo kan hin baanne, kan na hin hordofnes anaaf ta’uun isarraa hin eegamu!»

Maat. 16:24 «Ana duukaa bu’uura kan barbaadu, ofii isaa haa ganu, Fannoo baatee na duukaa haa bu’u!» Marq. 8:34

Waa’ee namicha Fariisaawwii ijoollummaa koo irraa kaasee wantoota hunda eegeera jedhee Gooftaan keenya «Wanti tokko si hafeera dhaqiitii wanta qabdu hunda gurguruun hiyyeesotaaf kenni, galmee Samii irraa ni argatta. Fannoo baadhuutii na duukaa bu’i!» jedheen. Marq. 10:21.

Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa’ee duuka bu’aa isaa hanga dhumaatti ta’aanii isa duukaa bu’uutti yeroo barsiisetti sababa waa’ee Fannoo itti kaaseef qaba. Addunyaan kan ittiin fayye, Diyaabiloos kan ittiin injifatame waan ta’eef, gidiraa ; Wareegamummaa kan ibsu ta’uu isaatiin, gooftaan keenya nuuf jecha oolmaa taasise hunda ta’uu isaatiinidha. Kanaanis Kiristaanummaan Fannoo baatanii, Fannoo yaadachaa deemsa Fannoo irratti taasifamudha.

Handhuura Lallaba Ergamootaati

Qulqulloonni Ergamoonni ka’umsaa fi ol ba’iinsa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo missiraachoo himanitti waa’ee Gooftaa keenya yeroo ibsan «Iyyesuus isa Fannifame» jedhu ture. Maat. 28:5. Kunis du’aa fi Diyaabiloos kan itti injifataman, Jannatni kan itti banamte, araarris kan itti raawwatame Fannoo irratti waan ta’eef Gooftaa keenyaan «Iyyesuus isa Fannifame» jedhanii isa waamaniiru.

Handhuura Lallaba Duuka Bu’ootaati

Duuka Bu’oonnis Ergamoota Qulqulloota irraa akkuma baratan waa’ee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo barsiisan waa’ee Fannoo isaa yaadaa ture.

• HDB 2:36 :- Egaa isin kan fannistan Iyyesuus Waaqayyo Gooftaas Kiristoosis akka taasise sabni Israa’eel hundi sirriitti haa beeku.

• 1 Qor. 1:23 :- Nuti garuu Kiristoos isa fannifame lallabna.

• 1. Qor. 2:2 :- Isin gidduu osoon jiruu Iyyesuus Kiristoosiin ala innis akka fannifame wanta biraa akkan hin barreef kutadheen ture.

4. Mallattoo ilma namaa dhufaatii lammaffaatti mul’atudha.

Gooftaan keenya Tulluu Ejersaa ykn Dabra Zayititti Duuka Bu’oota isaa waa’ee dhufaatii isaa lammaffaa yeroo barsiisu «Yeroo sanatti mallattoon ilma namaa Samii irratti ni mul’ata!»

jedheera. Maat. 24:30. Mallattoo ilma namaa kan jedhame «Iyyesuus isa Fannifame» jedhamee kan ittiin waamame Fannoo isaati. «Kan isa waraanan, kan isa fannisan, kan isatti murteessan hundi wayyoo! wayyoo! kan itti jedhanis mallattoon guddaan kun yeroo Samii irratti ibsamudha. Maat. 24:30.

Kan ittiin Boonamudha

«Ta’us garuu Addunyaan anaaf kan itti fannifame, anis Addunyaaf kanan itti fannifame Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin ala wanti ittiin boonu kan biraa anarraa haa fagaatu!» Gal. 6:14. Jechuun Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos akkuma dubbate Diyaabiloos kan itti injifatame, nutis gara kabaja keenya duriitti kan ittiin deebine waan ta’eef Fannoon kan ittiin boonnudha.

Humnadha

Fannoon lolli kan ittiin ajjeefamedha. Efe. 2:16. Diyaabiloosis daandii irraa kan itti dhorkamedha. Qol. 2:14. Kanaanis Seexanni Fannoo ni sodaata. Ittiin mo’atameera waan ta’eef. Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos uffanni isaa, Qulqulluun Pheexiroos gaaddidduun isaa, afuurota hamoo ni baasu, ni fageessu ture. Uffanni ykn gaaddidduun ofii isaanii humna qabaatanii osoo hin taane, Qulqullummaan lubbuu isaanii foon isaaniif, uffata isaaniif, gaaddidduu isaaniif ta’eetu. HDB. 5:15, 19:11. Fayyisaan Addunyaa Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis dhiiga isaatiin waa’ee Fannoo inni biteef humnadha. Kanaafidha Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos «Dubbiin Fannoo warra badaniif gowwummaa, nuti warra fayyinuuf garuu humnadha» kan jedhe. 1 Qor. 1:18.

Fannoon Barnootadha

Xiyya irraa akka oolaniif warra si sodaataniif mallattoo kenniteef Faar. 59:4 jechuudhaan Raajichi Daawwit dursee akkuma dubbate xiyya du’aa Diyaabiloos darbate irraa kan fayyine, har’as xiyya cubbuu darbatamu irraa kan ittiin oollu Fannoon mallattoo keenya dha.

Fannoo Goonfoo Lafarraati

Waaqni Samii irraa Waaqayyo Ilmi foon isaa kan itti mure, dhiiga isaa kan itti dhangalaase, Jannata kan ittiin bane, Diyaabiloos irratti kan ittiin murteesse, Addaam adabbii du’aa irraa kan ittiin oolche, lubbuun gara Mootummaa Waaqayyootti akka imaltuuf daandii kan ittiin bane teessoo isaati.

Kabaja Fannoo Mana Kiristaanaa Itoophiyaatti

Lolli namaa fi Waaqayyo gidduu ture kan ittiin diigame, namni nagaan jalaa fudhatamee ture isaaf deebi’ee Waaqayyo waliin kan itti araarame dha. «Inni nagaa keenya waan ta’eef, lamaanuu tokko kan taasise labsiidhaan kan hin himamnes, seera ajajaas cabsee keenyaa lolaa gidduu jiru foon isaatiin kan diige kunis lamaan keenya keessaa nama haaraa tokko ofii isaatii akka uumuuf nagaas akka taasisuuf, lolas Fannoo isaatiin ajjeesee isaan lamaan keenyayyuu qaama tokkoon Waaqayyo waliin akka araarsuufidha.» Efe. 2:14-17.

Fannoon obsaa fi hanga dhumaatti cimanii dhabbachuu nu barsiisa. Gooftaan keenya deemsa gara Fannootti taasiseen Ayihuudonni gidiraa hedduu isa irraan gahaniiru, isa arrabsaniiru, hancufa isaanii irratti tufaniiru, lafa irratti isa darbatanii isa harkisaniiru dhuma irrattis gara laafummaa tokko malee isa fannisaniiru. Kan nama gaddisiisu «Nan dheebodhe» yeroo isaaniin jedhetti illee du’uun isaa hin oolu jedhanii gara laafummaan xiqqoo illee osoo isaanitti hin dhaga’aamiin hadhooftuu isa obaasan. Gidiraa kana hunda keessatti garuu homaa isaaniin hin jenne, isaanitti hin dheekkamne, kuni hundi nuuf barumsadha. «Kan waamamtan kanaafidha waan ta’eef, Kiristoos ammoo daandii isaa akka hordoftaniif mallattoo isiniif dhiisee ; waa’ee keessaniif gidiraa fudhateera waan ta’eef. Innis cubbuu hin taasisne, dubbiin hamaanis afaan isaa keessaa hin dhaga’aamne, yeroo isa arrabsan deebisee isaan hin arrabsine, yeroo gidiraa fudhatus hin dhaadanne.» 1 Pheex. 2:21-23.

Manni Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Kitaaba Qulqulluutti kan amantu fi Tiwufiitii kan fudhattu waan taateef kanneen armaan olitti caqasaman bu’uura godhachuun karaalee garaa garaatiin Fannoo ni kabajji. Ijoolleen ishees eebba Fannoo akka argatan ni taasisti.

1. Fannoo Dhungachuun (በመሳለም)

Fannoo dhungachuun Fannoo irraa eebba qooddachuu fi jaalala Fannoof qabnu kan ittiin ibsinudha. Weedduu Weedduu Caalu. 1:2. Fannoo jaallachuu jechuunis Fannoo irratti kan du’e Fayyisaa Addunyaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos jaallachuu jechuudha.

2. Eebbifamuu

Fannoon humna qaba. Diinni keenya Diyaabiloos kan ittiin injifatame, balballi Si’ool cufamee balballi Jannataa kan itti baname, Gooftaan keenya foon isaa muree dhiiga isaa kan itti dhangalaase waan ta’eef wantoota hunda ni eebbisa.

Dursee bara seera laphee abbaan keenya Yaa’iqoob ijoollee Yooseef lamaan Efreem fi Minaasee yeroo eebbisu harka isaa bifa Fannootiin wal jala dabarsee ture. Uma. 48:12-14. Kunis fakkeenya bara boodaa Fannoon eebbifamuu ture. Har’as Kiristaanonni bara Kakuu Haaraa jirru wanta hunda Fannoo dhaan eebbifna.

3. Mallaatteeffachuu (ማማተብ)

Quba keenya lammaffaa diriirsinee quba keenya isa gidduu dachaasuun bifa Fannoo uumnee fuula fi qaama keenya guutuu ni mallatteeffanna. Qubni fakkeenya humna Waaqayyooti. Wangeela Maatewoos 12:28 irratti ani afuura Waaqayyootiin kan jedhe Wangeela Luqaas 11:20 irratti Ani quba Waaqayyootiin jedheera. Afuura Waaqayyoo yeroo jedhu humna Waaqayyoo jechuu isaati. Nutis Fannoodhaan yeroo mallatteeffannu humna Waaqayyootti amannee diina keenya Diyaabiloos ganuu keenya fi qaanessuu keenya dha.

4. Morma irratti hidhachuu

Fannoo morma irratti hidhachuun Amantii ani amane kanaaf, adaraa ani baadheefis morma koo nan kenna jechuudha. Gama biraatiin fakkeenya adaraa eeguuti. Mootichi Solomoon «Yaa mucaa koo ajaja abbaa kee eegi!, seera haadha kees hin dhiisiin! yeroo hunda laphee keetti qabadhu! morma keettis hidhadhu!» Fakk. 6:20-21 jechuun kan dubbate kana agarsiisuufi.

5. Ragaa Bahuun

Read Also :- Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Aragaawwii

Kiristaanotaaf mallattoon kan kennaman wantoota lamatu jiru, Fannoo fi Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam (Faar. 59:4, Isa. 7:14) kana waan ta’eefis Fannoon mallattoo bilisummaa keenya ittiin boonnu waan ta’eef gullilaatii Mana Kiristaanaa keenyatti, morma keenya irratti kabajaan ni keenya. Kanaanis kabaja Fannoo, fayyisummaa isaa fi ittiin boonuu keenya ragaa ni  baana.

6. Ayyaana Fannoo Kabajuun

Ayyaanota akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti bifa ho’aan kabajaman keessaa tokko Ayyaana Fannooti. Bu’uura Qannoonaa Ayyaanota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin Ayyaanni Fannoo yeroo lama ni kabajama. Inni jalqabaa Mootiittii Illeeniin (Bara 255-335) waggoota 200’f Ayihuudotaan iddoo itti awwaalame irraa akka ba’uuf lafa qotuun kan itti jalqabame Fulbaana 17 yoo ta’u, inni lammaffaa ammoo qotamee kan itti ba’e fi warra Faarsiin booji’amee mootii Room Hirqaaliin bara 628 gara Iyyerusaaleemitti kan itti deebi’e  Bitootessa 10 dha.

Barnoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo karaa Telegram argachuuf Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbi Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos hunda keenya irra haa bulu!

Madda :- Barruu Waldaa Qulqulloota «Hamar»

The post Ayyaana Fannoo Gooftaa Iyyesuus Kiristoos first appeared on Qubee Online +.

Torbee Dhukkubbii Iyyesuus Kiristoos Jimaata Fannoo Gooftaa
Torbee Dhukkubbii Gooftaa Iyyesuus Kiristoos Fannoo Gooftaa

Mata duree kana keessatti torbee dhukkubbii sooma guddaa keessaa jimaata guyyaa Fannoo Gooftaa ni ilaalla.

Fannifamuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

«Guyyaa Sana» Torbee Dhukkubbii

Guyyaan sun Waaqa ta’uu barbaadee, kabaja qabu irraa kan gadi bu’e ilma namaa, qaanii isaa irraa kaasuuf bu’uura waadaa galeetiin, samii samiirraa bu’e kan dhufe gooftaan keenya guyyaa itti fannisan turte. Maat. 27:31-36, Maar. 15:24, Luq. 23:33, Yoh. 19:18

Guyyaa Kanatti;

1. Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kana dursee hundaafuu akka hubatuu fi akka galuufitti: qonnaan bulaa sanyiidhaan, wayiniidhaan, daldalaa qarshiidhaan, dubartoota raacitiidhaan fakkeessaa hanga mana isaaniitti seenuun isaan barsiise. Jaamota ibsee, cabaa fi okkolaa qajeelchee, duudaa banee, kan lamxiin rukutame lamxiirraa qulqulleessee, kan hidhaman hiikee, kan du’an kaasee, buddeena shanii fi qurxummii lama eebbisee dhiirota kuma shan nyaachise, jajjabeesse. Maat. 13:15,13:21, Maar. 13:1-37, Luq. 13:6-21, Yoh. 5:1-18,9:1-41.

Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kana dursee hundaafuu akka hubatuu fi akka galuufitti: qonnaan bulaa sanyiidhaan, wayiniidhaan, daldalaa qarshiidhaan, dubartoota raacitiidhaan fakkeessaa hanga mana isaaniitti seenuun isaan barsiise. Jaamota ibsee, cabaa fi okkolaa qajeelchee, duudaa banee, kan lamxiin rukutame lamxiirraa qulqulleessee, kan hidhaman hiikee, kan du’an kaasee, buddeena shanii fi qurxummii lama eebbisee dhiirota kuma shan nyaachise, jajjabeesse. Maat. 13:15,13:21, Maar. 13:1-37, Luq. 13:6-21, Yoh. 5:1-18,9:1-41

2. Kana kan arge diinni keenyaa Seexanni, keessa namaatti galee himannaa itti cimse.

3. Maanguddoonnii fi Hangafoonni Lubootaas ;

«Osoo uummata keenya jallisuu argine”

«Gibira Qeesaariif akka hin kaffalle dhorka”

«Ani Mooticha Israa’eel Kiristoosiidha» jedha jechuun Maanguddoonni beekumsa isaanii iddoo hin taanetti oolchan. Luq. 23:1-5

4. Heroodis fi Philaaxoos namoota walii hin galle turan. Gooftaan himatamee gara Heroodis deemee, deebi’ee gara Philaaxoos yeroo dhufu, diinoonni walii hin galle lamaan mataa mataa isaaniitiin itti walii galan. Luq. 23:6-12

5. Philaaxoos balleessaa tokkollee waan irratti hin argineef gooftaa akka dabarsee hin kennine (hin ajjeesisne) tooftaawwaan garaagaraa fayyadame. Jechuunis;

«Gara Heroodisiitti geessaa!» jedhe, gooftaa fi Heroodis namoota Galiilaa waan ta’aaniif ni na’aaf jedhee yaadee.

«Ayyaana waggaa keessan irratti akkuma barame kan hiikamu jira, kana adabeen isiiniif hiika» jedhee gaafate. Filannoon isaanii garuu Barbaan nuuf haa hiikamuu ture.

Irra deebi’ee Philaaxoos «Iyyesuus akkan isiniif gadhiisu ni hawwituu?» jedheen, isaanis «fannisiin! fannisiin! ajjeesiin!» jedhanii iyyan.

Philaaxoosis badii hamaa maalii hojjete, kan du’aan isa ga’u badii irratti hin argine, kanaafuu garafsiiseen isa gadhiisa jedhe. Garuu guyyaan sun guyyaa itti murtee dhugaa itti badde waan taateef, «fannisiin! fannisiin!» jedhanii tokkummaan walii galan. Goolii kaasuun, dhiiga dhangalaasuun hidhamee kan ture Barbaan akka isaanii hiikuuf isa kadhatan, innis isaaniif hiike. Goofta keenya Iyyasuus Kiristoos garuu dabarsee kenne. Luq. 23:6-25

6. Gooftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo fannifamu, rakkoo fi dhiphina isaa arganii laphee isaanii rukuta yeroo boo’an argee “isin yaa dubartoota Iyyerusaalem! ofii keessanii fi ijoollee keessaniif boo’aa malee anaaf hin boo’iinaa. harmi hin hoosifne, gadameessi hin deenye eebbifamtudha barri itti jedhan ni dhufa waan ta’ee” jedhee tokkoon tokkoon isaanii cubbuu isaanii yaadachaa akka boo’an itti hime. Luq. 23:27-31

7. Guyyaa sanaan dura yeroo gooftaan gara Gibxiitti godaane saamtonni lama saamuuf itti dhufan. Inni Xixoos jedhamu gooftaa haadha isaa harkaa fuudhee baate nagaadhaan isaan gaggeesse. Fannoo irrattis wal arganii Xixoos hiriyaa isaa Gooftaa arrabsutti dheekkamuun «yeroo Mootummaa kee dhufutti na yaadadhu» jedhe kadhate. Gooftaanis garaa laafeefi «dhuguma dhuguman siin jedha har’a ana waliin Jannata keessatti argamta» jedheen. Dhiiga Fannoo irratti dhangalaasee fayyisee Jannata isa galche. Luq. 23:39-43

8. Gooftaan keenyaas fannoo irra yeroo gadi ilaalu bartuu isaa jaalatu Yohaannisii fi haati isaa Dubroon Maariyaam boo’ichaan dhadhabanii isaa arge. Bartuu isaa jaalatu Yohaannisis waamee akkas jedheen «ilaa haadha kee!» Dubroo Maariyaamidhaanis «ilaa ilma kee» jedheen. Nuufis haati karaa Yohaannis nuuf kennamte. Yoh. 19:26-27

9. Guyyaa Sanas Lafa Irratti;

1. Golgi Mana Qulqullummaa iddoo lamatti tarsa’e

2. Lafti ni hollatte

3. Awwaalli ni baname

4. Namootni du’an du’aa ni ka’aan.

Samii irratti ammoo;

5. Aduun ifa ishee dhorkatte

6. Addeessi dhiiga uffatte

7. Urjiileen ni harca’aan. Maat. 27:51-54, Luqa. 23:44-45

10. Qulqulleetti Lubbuu isaa Qulqulleettii foon isaa irraa foo’ee gara Si’ool deemuun lubbuuwwan waggaa 5,500’f Si’ool keessa turaniif bilisummaa labse, Jannata isaan galche. Yoh. 10:17-18

Waa’ee torbee dhukkubbii sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan Guyyaa Jimaataa kana fakkaata ture.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Ameen!

The post Torbee Dhukkubbii Iyyesuus Kiristoos Jimaata Fannoo Gooftaa first appeared on Qubee Online +.

Torbee Dhukkubbii Sooma Guddaa Iyyesuus Kiristoos Kamisa
Torbee Dhukkubbii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Kamisa

Barreeffama keenya har’a keessatti torbee Dhukkubbii Sooma Guddaa kan ta’e Kadhannaa guyyaa Kamisaa ni ilaalla.

Torbee Dhukkubbii Kadhannaa Kamisaa

Kadhannaa Kamisaa Kakuu Moofaa keessatti

Kadhannaan Kamisaa Kakuu Moofaa keessatti Faasikaadhaaf qophiin itti taasifameera. (Maat. 26:7-13). Faasikaa jechuun darbuu jechuudha. Kunis Israa’eeloonni dachee Gibtsii irra osoo jiranii Ergamaa isaa ergee tokkoon tokkoon namni Israa’eel Hoolaa akka qalu fi dhiiga isaas balbala isaa irratti ykn muka balbala isaa irratti akka dibu Museetti hime.

Museenis wanta ajajame uummatatti hime, hundumtuu akka ajajamanitti taasisan. Booda Waaqayyo irraa dheekkamsi ajajamee Ergamichi mana Gibtsootaa mallattoo dhiigaa hin qabne du’a hangafaatiin yeroo rukutu, Mana Israa’eelootaa mallattoo dhiigaa qabu sana garuu Ergamichi Waaqayyoo mallattoo dhiigaa balbala Mana isaanii irra jiru arguun isaan bira darbeera. Faasikaa jedhamuun isaas iccitii kana yaadachiisuufi. (Ba’uu 12:1-25)

Ka’umsa kanaanis waggaa waggaadhaan Israa’eeloonni ji’a jalqabaa guyyaa kudha Arfaffaa isaatti Hoolaa qalanii Ayyaana Faasikaa ni kabaju. Biyyi keenya Itoophiyaanis dursitee Kakuu Moofaa kan fudhatte ta’uu isheetiin sirna kana ni raawwatti turte.

Kakuu Haaraa keessattis du’aa ka’umsi Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos sababni inni «Faasikaa» itti jedhamee waamameef Gooftaan keenya guyyaa Ayyaana Faasikaa kanatti ofii isaa aarsaa jaallatamaa taasisee dhiiga isaa waan nuuf dhangalaaseefidha. Dhangala’uu dhiiga isaa kanaanis du’a hangafaa kan jedhame duuti lubbuu nurraa fagaateera. Kanaafis Kiristoosiin «Faasikaa keenya» jennaan. 1 Qor. 5:7, 1 Pheex. 1:18-19

Moggaasota garaa garaa Torbee Dhukkubbii Kadhannaa Kamisaa

Torbee Dhukkubbii Kadhannaan Kamisaa akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti maqaawwan garaa garaa qaba. Isaan kanneen keessaas;

1. Kadhannaa Kamisaa (ጸሎተ ሐሙስ)

Fayyisaan Addunyaa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos foon kan uffate, kan waloome ta’uu isaa ibsuuf fi fakkeenya ta’uuf diinonni isaa dhufanii hanga isa qabanitti guyyaa itti kadhachaa bule waan ta’eef «Kadhannaa Kamisaa» ni jedhama. (Maat. 26:36:56).

2. Kamisa Miila Dhiqaa

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa kanatti miila Duuka Bu’oota isaa gonka gadi of qabuun dhiqeera. Kunis Iyyesuus Kiristoos Cubbuu Addunyaa hundaa dhiquuf kan dhufe Waaqa Qulqullummaa ta’uu isaa agarsiisa.

Kanarraa kan ka’es guyyaan kun akka Mana Kiristaanaa keenyaatti «Kamisa Miila Dhiqaa» ykn «ሕጽበተ ሐሙስ» ni jedhama. Kana yaadachuuf hardhas Hangafoonni Phaaphaasotaa fi Luboonni «Gidduu keenyatti argamtee Cubbuu keenyaafi Cubbuu saba kee dhiqi, nutis fakkeenyummaa kee hordofnee miila ijoollee keenyaa ni dhiqna!» jechuun miila Kiristaanota Mana Kiristaanaatti argamanii Wayiraa fi baala Wayinii tiin ni dhiqu.

3. Guyyaa Iccitii

Akkasumas guyyaan Kamisaa kun Iccitiiwwan Mana Kiristaanaa Torban keessaa tokko kan ta’e Iccitiin Qurbaanaa guyyaa kanatti kan jalqabame waan ta’eef guyyaan kun «Guyyaa Iccitii» ykn «የምሥጢር ቀን» jedhamee ni waamama. Kunis Gooftaan keenya Habistii fi Wayinii kaasee «Kuni waa’ee keessaniif Fannoo irratti kan muramu foon kooti hoodhaa! nyaadhaa.

Kuni waa’ee keessaniif boru Fannoo irratti kan dhangala’u dhiiga kooti, isa irraas dhugaa!» jechuudhaan inni nu waliin, nutis isa waliin Iccitii tokko itti taanu diina Diyaabiloos irraa dhoksee, Duuka Bu’oota isaatiif guyyaa itti mul’ise ta’uu isaatiin moggaasni kun kennameefiira. Guyyaa kanatti Kiristaana kan ta’e hundi gaabbiidhaan dhiqatee ykn qulqullaa’ee Qulqulluu Foon isaa fi kabajamaa dhiiga isaa fudhachuuf ni qopha’a.

4. Kamisa Kakuu Haaraa

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos aarsaa Kakuu Moofaa jechuunis aarsaan dhiiga bineeldotaatiin dhiyaatu gahuu ykn xumuramuu isaa ibsee, fayyina Addunyaatiif ofii isaa aarsaa jaallatamaa taasisee guyyaa itti dhiyeesse ta’uu isaatiin guyyaan kun «Kamisa Kakuu Haaraa» ykn «የሐዲስ ኪዳን ሐሙስ» ni jedhama. Luq. 22:20. «Kakuu» ykn «ኪዳን» jechuun walii galtee, waadaa garee lama gidduutti gaggeeffamu dha.

Bu’uura kanaanis Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Addaam fi ijoollee isaa hundaaf Kakuu isaa bara baraa dhiiga isaatiin guyyaa itti raawwate waan ta’eef Kamisni kun «Kamisa Kakuu Haaraa» jedhamee ni beekama.

5. Kamisa Bilisummaa

Guyyaan kun Cubbuu fi Diyaabiloosiif Garboota ta’aanii jiraachuun akka gahe ykn akka raawwate kan itti ibsame, Ilmi namaa kabaja isaa dhabe deebisee argachuun isaa kan itti beekame waan ta’eef «Kamisa Bilisummaa» ykn «የነጻነት ሐሙስ» ni jedhama.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus waa’ee bilisummaa ijoollee namaa yeroo dubbatu «Kana booda isin Garboota miti! Garbichi wanta gooftaan isaa taasisu hin beeku waan ta’eef, jaalattoota garuu isiniin jedheera» jechuudhaan garbummaa jalaa kan itti baane, ijoollee isaa guyyaa itti jedhamne kan itti yaadannu ta’uu isaatiin Abbootiin «Kamisa Bilisummaa» jedhaniin (Yoh. 15:15).

Tokkoon tokkoon Kiristaanotaas garbummaa Cubbuu irraa fagaatee, Waaqayyo waliin kan wal isa jaallachiisu hojii gaarii hojjechuudhaan jireenya isaa dursuun isarraa eegama. Garboota osoo hin taane jaalattoota jedhamnee Kiristoosiin waamamneerra waan ta’eef.

Guyyaa kanatti akkuma guyyaa Kibxataa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos barumsa bal’aa Wangeela Yohaannis 14:16 irra jiru Duuka Bu’oota isaatiif barsiiseera. Kutaaleen gurguddoon barumsa isaas; Iccitii

Sillaasee

Foonummaa fi

Iccitii Du’aa Ka’umsaa kan of keessatti qabatedha.

Gooftaan keenya barumsa kana baldhinaa fi gadi fageenyaan barachuun akka barbaachisu yeroo  hubachiisu, Duuka Bu’oota isaatiif iccitii isaa Raajii dhaan isaaniif ibsuun osoo isaaf danda’aamuu ibsa bal’aadhaan akka isaan hubatan taasiseera.

Duuka Bu’oonnis wanta isaaniif hin galle gaafachaa hubataniiru. Kiristaanonnis Mana Kiristaanaatti argamnee barachuu fi kan nuuf hin galles gaafannee hubachuun akka nurraa eegamu kana irraa ni baranna. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos mataa isaa Ayihuudotaaf dabarsee kan kennes guyyuma kanatti halkan sa’aatii saditti. Maat. 26:47-58.

Torbee Dhukkubbii Kadhannaa Kamisaatti Sirnoota Mana Kiristaanaatti raawwataman

Guyyaa kanatti Sagadni, Kadhannaan, Dubbisni Kitaabolee Mana Kiristaanaa garaa garaa akkuma jirutti itti fufa. Manbariin (Taabonni) uffata gurraacha ni uffata, Kadhannaadhaan Ixaanaa ni raawwatama, Manni Kiristaanaas Maa’ixentii dhaan ni ulama, Miila dhiquun ni raawwatama. Qiddaaseen ni gaggeeffama, Mana Kiristaanotaatti ammoo Mulluu ykn Shuumoon «Gulbaaniin» ni qopha’a.

Miila Dhiquu guyyaa Kamisaa Torbee Dhukkubbii

Guyyaa kanatti sa’aatii 9 irratti Diyaaqoniin okkoteewwan lama bishaan itti guutee ni qopheessa, inni tokko miilaaf, inni tokko ammoo harka itti dhiqachuuf «Tseloote Akkoteet» ykn «ጸሎተ አኰቴት» jedhamuun kan beekamu Kadhannaan kun ni kadhatama.

Wangeelli dubbifamee Bishaanichi Lubichaan ykn Hangafa Phaaphaasii sanaan eebbifamee miila dhiquun ni raawwatama. Kunis Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos miila Duuka Bu’oota isaa dhiquu dhaan barumsa gadi of qabiinsaa inni agarsiise agarsiisuufi. Yoh. 13:14. Bishaanichaan dabalataattis Wayiraa fi baalli Wayinii sirna miila dhiqaa sana ittiin raawwachuuf itti fayyadamna. Iccitiin isaas;

Wayiraan Cimaadha :- Wayiraan Kiristoos rakkoo cimaa fudhachuu isaa hubachiisuun dabalataatti nutis (Abbootiin miila keenya dhiqan fi Kiristaanonni dhiqatan) gidiraa fudhachuudhaaf qophii jechuudhaaf sirna dhiqannaa miilaa sana Wayiraa dhaan ni raawwanna.

Baalli Wayinii sanaas Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dhiiga isaa Wayiniin fakkeeffame dhangalaasee Kiristaanotaaf dhugaatii jireenyaa taasisee kennuu isaa yaadachuuf Wayiniitiin Sirna miila dhiqaa sana ni raawwanna. Maat. 26:26. Bitaa fi Mirgaan Abbootiin dhaabbatanis «ሐዋርያቲሁ ከበበ እግረ አርዳኢሁ ሐጸበ» jechaa ni faarfatu. Sirni kun erga raawwatame booda Sirni Qiddaasee raawwatamee Kiristaanonni Qulqulluu Foon isaafi kabajamaa dhiiga isaa ni fudhatu.

Sirna Qiddaasee Torbee Dhukkubbii Kadhannaa Kamisaa

Sirni Qiddaasee Kadhannaa Kamisaa kan gaggeeffamu sagalee giddu galeessaatiin yoo ta’u, akka Dawuliitti kan fayyadamnu ammoo Tsenaatsiliidha. Sirna Qiddaasee sana irratti Abbootiin Luboonni fi Diyaaqonoonni hirmaatanis sagalee guddistuu osoo hin fayyadamiin afaaniin qofa ykn suuta jedhanii Sirna Qiddaasee gaggeessu.

Sababni isaas Yihudaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos iccitii dhaan qabsiisuu isaa ibsuuf yoo ta’u, karaa biraatiin ammoo Bara Kakuu Moofaatti Kadhannaan gatiin isaa kan lafa irraa akka ta’e ibsuufi. Itti aansuun kutaaleen Digguwaa «ክብር ይእቲ», «ዕጣነ ሞገር» fi «ዝማሬ» jedhaman faarfatamanii tajaajilli kun ni raawwata. Uummannis eebba malee galu.

Gulbaanii

Gulbaaniin Baaqelaa irraa, Qamadii ykn Garbuu irraa walitti affeelamee kan qophaa’u fi guyyaa Kadhannaa Kamisaatti Mulluu ykn Shuumoo nyaatamudha. Guyyaa Kadhannaa Kamisaatti mana keessatti wantoota raawwataman keessaa tokko Gulbaanii qopheessuudha.

Gulbaaniin Israa’eeloonni Gibtsii dhaa yeroo ba’aan ariitiidhaan deemuu isaanii kan ittiin hubannu Israa’eeloota irraa kan ba’e ykn kan dhufe Sirna Tiwufiitii dha. Biyya keenya Itoophiyaa keessatti hojiiwwan Tiwufiitii hedduun bu’uura Kakuu Moofaa waan qabaniif Sirni kun har’as Kiristaanota Itoophiyaa biratti ni kabajama.

Gulbaaniin Israa’eeloonni Gibtsii dhaa yeroo ba’an bukeessanii, tolchanii nyaachuu dhadhabuu isaanii nu yaadachiis. Yeroo sanatti Bukoo hin bukoofne tolchaa Maxinoo nyaachuudhaan, Mulluu ykn Shuumoo affeelanii galaa qabachuun hojii isaanii daandii irraa ture waan ta’eef.

Seenaa kana yaadachuudhaan Torbee Dhukkubbii keessa keessattuu guyyaa Kadhannaa Kamisaa Maxinoo fi Gulbaaniin ni qopha’a. Nyaata qophaa’u kanattis Ashaboon sirriitti itti naqama, kunis Ashaboon akkuma bishaan nama dheebochiisu, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis yeroo gidiraa isaatti bishaan dheebochuu isaa yaadachiisuufi.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Torbee Dhukkubbii Sooma Guddaa Iyyesuus Kiristoos Kamisa first appeared on Qubee Online +.