Saints | Qubee Online +

Ayyaana Fannoo Iyyesuus Kiristoos fi Qulqulleettii Illeenii
Argamuu Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos fi Qulqulleettii Illeenii

Mata duree kana keessatti waa’ee seenaa argamuu fi baafamuu Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos, kabaja Ayyaana Fannoo fi Seenaa Qulqulleettii Illeenii fi ilma ishee mootii Qosxanxiiniyoos ni ilaalla.

Seenaa Qulqulleettii Illeenii

Qulqulleettii Illeenii biyyi dhaloota ishee, hiddi dhaloota ishee garami? Yoo jedhan Iyyerusaaleem irraa 5 K.m fagaattee kan argamtu Biitaaniyaatti bara 247 Dh.K.b dhalatte. Hiikni maqaa ishees “Bareedduu” jechuudha. Tokkos “Chibboo” “Daamotii”, ykn “Ibsaa” jechuudha.

Abbaan manaa Illeenii daldalaa Tarbiinoos jedhamu ture. Tarbiinoos nama biyya Armaniyaa yoo ta’u, Illeeniin garuu biyya Ayhuud irraa turte. Abbaan manaa ishee daldalaaf gara biyya fagoo yeroo deemu, namni akka ishee hin argineef, Aduun akka ishee hin rukunneef mana ijaareefii, hojjettuu baatee buute ishee gargaartu qacareefii inni ka’ee gara daldala isaatti deeme. Daldaltoonni gara biyya isaaniitti kan deebi’an waggoota sadi ykn afur turaniitu. Daldaltoonni kunneen walii walii isaaniitiin galaana irraa baanee, lafa ejjennee, dambalii irraa oollee akka baanetti niitiiwwan keenya nama biraa osoo hin bariin, nama biraatti osoo hin heerumiin osoo isaan arginee gaarii ture jechuun haasa’uu jalqaban. Yeroo kanatti Tarbiinoos “Ana illee baga Waaqayyo galaana fi dambalii irraa na oolchee lafa irra na eejjechiise malee, Haadha manaa koo nan amana, Kanaan ishee hin shakku!” jedhe.

Illeeniinis abbaan manaa ishee daldalaaf erga isheen adda ba’ee booda, waa’ee abbaa manaa ishee cimsitee kadhachuu fi yaaduun ala mana isheetii garamittiyyuu hin deemtu ture. Hiriyoota isaa keessaa tokko “Haati manaa kee ijoollee Heewaan irraa adda moo? Dubartoonni bakki yoo mijateef, kan isaan gargaaru yoo argatan maal amanamu?” jedheen. Tarbiinoosis gonkumaa wanta isin jettaniin walii hin galu! Haadha manaa koo hin shakku jedheen.

Hiriyaan isaas irra deebiin Tarbiinoos gaafate. Haati manaa kee eenyu waan caaltuufi deebii kana kan nuuf deebistu? amma ani deemee haadha manaa kee waliin na bartee, anis ishee baree, isheen na jaalattee, anis ishee jaaladhee yoon deebi’e maal adabamta? jedheen. Tarbiinoosis haadha manaa isaa amanee kana yoo taasiste, waggaa kana hunda kanan itti dhadhabe, kanan itti bahe, kanan itti bu’e qabeenya ani itti dhama’e hunda bu’aa isaa waliin akka kennuuf walii galanii gargar bahan.

Daldalaa sunis bu’uura walii galtee isaaniitiin gara mana Tarbiinoositti deemee namoota cinaa jiraniin haadha manaa Tarbiinoos waliin wal nu qunnamsiisaa jedhee gaafate. Ishee nama mitiitii Aduuniyyuu ishee argitee hin beektu jedhaniin. Innis hojjettuu ishee naaf waamaa jedheen. Ishee siif waamuu dandeenya jedhanii waamaniif. Illeeniidhaaf ergaa ergeef “Waa’ee kee dhaga’ee biyya fagoo irraa namni dhufe sin ilaala jedha” jedhiitii giiftii keetti himi jedhee hojjettuu sanatti hime. Hojjettuun sunis “Lakki hin ta’u” jettee deebisteef. Innis “Rakkoo hin qabu itti naaf himi” jedheen. Hojjettuun sunis seentee yeroo itti himtu ishee dhaga’uu didde. Yeroo kanattis hojjettuun sun deebitee “Obboleessa koo naaf hin taane” jetteen.

Daldalaan sunis hojjettuu sana irra deebiin erge “Qarshii hedduu siin kenna jedha” jedhiitii itti himi jedheen. Kanas galtee itti himte. Illeeniinis dubbii ishee kanaan ni gaddite. Ana haadha manaa Tarbiinoos qarshiidhaan gowwoomsaa jettee hojjettuu ishee rukutte, ni dhiigde. Dhiiga ishee facaasaa gara daldalaa sanaatti deebitee “Hin ta’u osoon siin jedhuu na rukuchiifte, ammas siif hin taane waan ta’eef deemi!” jetten. Daldalaan sunis akkamin ta’a jedhee karaa ykn tooftaa hojjettuu sana ittiin gowwoomsu yaadee “Qarshii kana siifan kenna, meeshaa Illeenii fi Tarbiinoos qofti beekan kan namni biraa hin beekne yoo jiraate akkuma ta’etti jedhiitii barbaadii naaf fidi!” jedheen. Isheenis “Kana siifin taasisa!” jetteen.

Hojjettuun sun waadaa galteef, “Illeenii fi Tarbiinoos qofti kan beekan Inquun giiftii kiyyaa jira, isa siin fida” jetteen. Daldalaa sanas ni gorsite “Magaalaa keessa naanna’iitii sagalee kee ol kaasuun; daldaltoonni dhufan, lafa irra ejjetan, jechaa labsi. Sana boodas deebi’i koottu!” jetteen. Innis akkuma gorfametti dhufaatii daldaltootaa magaalaa keessatti akkuma labseen maatiin daldaltootaa, daldaltoota sana simachuuf qophii dursaa taasisuu jalqaban. Hojjettuun sunis gara Illeeniitti seenuun “Giiftii koo daldaltoonni dhufan, lafa irra ejjetan jedhamee odeeffamaa jira, abbaan manaa keessan nagaadhaan waan dhufaniif qopha’aa! qaama keessanis dhiqadhaa! shittoos dibadhaa!” jetteen. Illeeniinis “Wanta kana hunda kana dura kan naaf taasisaa turte si’idha” jettee qaama ishee dhiqachuuf gara kutaa qaama itti dhiqattuutti seente.

Qaama ishee yeroo dhiqattu Inkuu isheef hidhee ture. Illeeniinis dhugaa itti fakkaatee qaama ishee yeroo dhiqattu Inquu morma ishee irraa irraanfattee seente. Hojjettuun ishees Inquu sana fuutee daldalaa sanaaf iddoo itti wal beellamanitti kenniteef. Daldalaan sunis karoorri isaa ni milkaa’eef. Wanta barbaadu ni argate. Wanti inni barbaadu waan isaaf milkaa’eef hojjettuu sanaaf waan isaaf fiddee kenniteef qarshii kenneefii gammadaa gara hiriyoota isaatti deeme. Tarbiinoosis “Akkam taatee dhufte?” jedheen. “Haadha manaa kee baree, isheenis na bartee, ishee jaalladhee isheenis na jaallatteen dhufe” jedheen. “Ni sobda malee isheen akkas hin taasistu ishee nan amana” jedheen Tarbiinoos. Daldalaan sunis “Nama gowwaa kana dubartii amanee…” jedhee itti qoosuu jalqabe, sana boodas Inquu ishee duraa fudhatee ture baasee itti agarsiisee “Kanaaf deebii maalii qabda? Inquun kun kan haadha manaa kee mitii?” jedhee kenneef. Tarbiinoosis ni rifate, waan dubbatus dhabe. Waan isaaf milkaa’eef malee osoo isaaf hin milkoofne ta’ee Inquu kana eessaa fida ture? jedhee nan qoradha hin jenne, nan injifatame jedhee bu’uura walii galtee isaaniitiin guyyuma sana qabeenya isaa hunda daldalaa sanaaf dabarsee kennee harka isaa duwwaa gaddaa gara manaatti gaddaa deeme.

Illeeniin abbaa manaa ishee yaaddee, amanamummaan isa eegaa kan turte, garuu gadda fi aarii Tarbiinoos hin baratamneen rifattee, “Yaa obboleessa koo maal taate? yeroo biraa hamma kana gargar baanee yeroo wal arginu mitiitii guyyoota muraasayyuu yeroo gargar baanee wal arginu wal yaadna. Amma garuu yeroo dhufte irraa kaasee gadditeerta” jettee isa gaafatte. “Dur yeroo baatee deebitu gammachuudhaan ture, hiriyoonni kee yeroo gammadan ati hin gammaddu? maal taate?” jetteen. Innis “Isaan yoo taphatan yoo gammadan qabeenya isaanii qabatanii deebi’aniitu. Ani garuu waggaa afur kanan itti dhadhabe qabeenya koo, galaana na jalaa seenee dambaliin nan jalaa balleesse. Maalifan hin gaddu? ani kanan hin gaddine eenyu haa gaddu?” jedheen.

Isheenis kan baratte waan taateef isa gorsuu jalqabde. “Waaqayyo kennee Waaqayyo fudhate!” jedha. “Kan arganne yoo nu dhorkate, kan hin argine nuuf kenna! ati baga nagaadhaan deebite malee qabeenyi oolee bulee ni dhufa!” jettee isa jajjabeessite. “Ati fira shantama, jahatama yoo qabaatte isaan irraa liqeeffattee, anis firoota shantama, jahatama yoo qabaadhe isaan irraa liqeeffadhee daldaltee, baatee, buutee akka durii keenya taanee jiraanna hin gaddiin!” jetteen.

Tarbiinoosis kan garaa isaa garaa isaatti qabatee, “Biyyan jiraadhetti qaana’ee, biyyan kennetti kadhadhee hin jiraadhu! gara biyya biraatti, gara biyya namni na hin beekneetti nan deema. Si’i namni hundi si jaallata, hunduu si kabaja, kan jaallatte waliin jiraadhu!” jedhee dubbiidhaan ishee tuqa. “Anis si waliinan deema, yeroo gammachuu keetti si waliinan ture, yeroo rakkoo keettis si waliinan sirraa adda hin ba’u! tokkummaa koo fi kee rakkoon adda hin baasu!” jetteen. Innis “Erga jaalattee gaariidha!” jedhee mana isaanii dhiisanii deeman. Hamma dheerina hojjaa isheetiin saanduqa hojjechiisee Gaalatti fe’ee deeman. Biyya isaaniitti, lafa irra miila isaaniin kan deeman caalaa Doonii ykn Bidiruu dhaan bishaan irra kan deeman waan caaluuf Bidiruu kireeffatee Bidiruu irra bahan. Walakkaa galaanaa yeroo gahan afuurri inaaffaa itti ka’e, iccitii qabatee tures ni baase “Obboleettii koo maali? maalif na gante? maalin si godhe? osoon si jaalladhuu kan na jibbite maal balleesseeni?” jedheen. Isheenis rifattee “Si’i Abbaa manaa koo akkamittan si jibba? sin jibbine, sin ganne! si ganee eenyu amanuuf? si’is jibbee eenyuun jaalachuuf?” jetten.

Yeroo kanattis Inquu daldalaan sun isatti kenne baasee itti agarsiisee “Kana eenyutu itti kenne?” jedheen. Wanta isa mudate hunda tokko tokkoon isheetti hime. Illeeniinis wanti isheen hin eegne waan ta’eef gadditee seenaa dhugaa wanta ta’e itti himte. “Kana si haa tajaajiltu jettee hojjettuun ati anaaf qacarte dhuftee natti himte. Hin ta’un jedheen, qaama koo yeroon dhiqadhu irraanfadhee seeneen ture. Isheen kaastee isaaf kennite yoo ta’e malee ani nama sana sirumayyuu hin argine!” jetteen. Tarbiinoos garuu kan isheen jettu hin amanne. “Yoo kana raawwattes ta’e hojiin kee si haa baasu!” jedhee kaasee Galaana keessatti ishee darbate. Dambaliin waliin ishee rukutaa karaa Baraanxiyaa gara qarqara galaanaatti ishee baase. Naannoo qarqara galaanaa sanatti bulchiinsi isaa kan Maksimiyaanoos Qeesaar ta’ee Lixa Room bulchaa kan ture Mootiin Baraanxiyaa Qunisxaa ykn Koonistaandiyoos jedhama ture.

Qurxummii kiyyeessuuf, bishaan daakuuf tokkos qaraxa sassaabuuf tokkos meeshaalee daldaltoota jalaa galaanni ykn dambaliin fudhate iddoo kanatti ni fida ture. Sanas kaasaa fayyadamaa waan turaniif bishaan qarqara bu’anii osoo jiranii argan, isaanis qarshii daldaltootaa dambaliin jalaa fudhate ta’uu danda’a jedhanii baasan. Garuu yeroo bananii ilaalan akka Aduutti kan iftu taate argan.

Yeroo kanattis bifa ishee irraa kan ka’e “Giiftii Kiristaanotaa Maariyaam” kan jedhamtu jirti si’idhaa? jedhanii ishee gaafatan. Isheenis “Ani rakkattuu guyyaan na gatedha, ani amma dhiqaa miila Maariyaamiiyyuu hin gahu!” jetteen. Isaanis ji’oota hedduuf ishee nyaachisaa ishee kunuunsaa turan. Ji’oota Jaha boodas Illeeniin ni ulfoofte. Bara 258 Dh.K.B  Qosxanxiiniyoos guddichi ni dhalate. Karaa abbaa isaa Quunisxaa Qosxanxiiniyoos jedhame.

Abbaan Qosxanxiiniyoos Aramaawwii yoo ta’u, haati isaa ammoo biyya Yihudaa irraati. Illeeniinis mucaa ishee kana barnoota Mana Kiristaanaa barsiisaa guddiste.  Ta’us garuu abbaan isaa Aramaawwii waan ta’eef cuuphaa daa’imummaa mucaan ishee hin cuuphamne.

Diyooqilixiyaanoos “Manneen Kiristaanaa haa cufaman Manneen Xaa’otii haa banaman!” jedhee labsii labsee ture. Kiristaanonnis bara kana qaamni isaanii mummuramee, dhiigni isaaniis baay’ee dhangala’e, Manneen Kiristaanaa ni gubaman, Kitaaboleen ni gubatan. Diyooqilixiyaanoos erga du’e booda Kiristaanonni Qosxanxiiniyoos murtii beekuu isaa, hiyyeessa eeguu isaa, dhaga’aanii siif ni bitamna, si bira dhufna nu gargaari yeroo jedhaniin sana argee ni gadda ture. Bara 312tti diina isaa Maksimiyaanoos waliin wal waraanuun injifate.

Yeroo kana boodas Waxabajjii 10 “Manneen Kiristaanaa haa ijaaraman, Manneen Xaa’otii haa diigaman” jedhee labsii labsiidhaan deebise. Manni Kiristaanaa baroota gidiraa fi godaansaa 300 ol booda boqonnaa kan itti argatte bara mootii Qosxanxiiniyoos guddichadha. Waggoota afurtamaaf iddoo afuritti qoodamtee bulaa kan turte Room Mootii Qosxanxiiniyoos jalatti iddoo tokkotti bulti ture. Gidiraa Kiristaanota irratti ta’aa ture ni hir’ise. Manni Kiristaanaas barnoota ishee akka barsiistu bilisummaa ni kenneef.

Bara Motummaa Qosxanxiiniyoos guddichatti wantoota taasifaman keessaa muraasni;

Bara 315 fi 316 tti seera ba’een Manni Kiristaanaa gibira irraa bilisadha.

Galii Mootummaa irraa Manni Kiristaanaa gahee murta’aa qabdi.

Guyyaan Dilbataa ykn Sanbataa guyyaa Ayyaanaa akka taatu.

Namni qabeenya koo Mana Kiristaanaatiifan kenna jedhu yoo jiraate akka danda’aamu, mirga dhaala dhaaluu qabdi.

Amantiin Kiristaanaa Amantaa biyyaalessaa akka taatu kan jedhanidha.

Qosxanxiiniyoos Mana Kiritsaanaatiif olmaa hedduu ooleera. Manni Kiristaanaas olmaa isaatiif isa yaadachaa jiraatti.

Qulqulleettii Illeenii fi Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Qulqulleettii Illeeniin Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos iddoo itti awwaalamee turee baasuuf bara 327 tti gara Iyyerusaaleem deemte. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Fannoo irratti fannifamee erga du’e booda, dhukkubsattoonni Fannoo isaatiin ni fayyu ture. Kiristoos jibbanii namoonni fannisan hojii dinqii Fannoon gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos hojjetu jibbanii iddoo kosiin itti gatamutti gatan. Waggoota hedduu booda kosiin uummanni magaalaa sanaa irratti gatu waan baay’ateef akka tulluu ta’ee lafti isaa ol ka’ee ture. Waggoota 300 oliif bakki isaa bakka itti kosiin gatamu ta’ee ture. Sababa kanaanis haati Mootii Qosxanxiiniyoos Qulqulleettii Illeeniin bara 327 tti gara Iyyerusaaleem deemteerti. Isheenis iddoo itti Fannoon gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos itti awwaalame yeroo gaafattu yeroo isaa baay’ee kan ture waan ta’eef nama isheetti himu hin arganne. Boodas jaarsi Kiraakoos jedhamu “Abbootiin keenya akka nutti himanitti taanaan tulluuwwan kanneen keessaa tokkodha, garuu isa kam akka ta’e hin beeku!” jedhee tulluuwwan ykn lafa ol ka’aa Iyyerusaaleem ala jiran itti agarsiise.

Isheenis Damaraa hojjechiiftee, Ixaana itti dabalchiiftee kadhannaa fi mihillaan taasifamee Fulbaana 16 ni ibsame. Aarri Damaraa gara samiitii ol ba’ee tulluu ykn lafa ol ka’aa Fannoon sun irra jiru irratti akka xiyya ykn sabbata waaqayyoo mul’ise.

Mootittii Illeeniinis mallattoo kanaan iddoo Fannoon Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos jiru beektee Fulbaana 17 lafa keessaa baasuuf lafa qochisiisuu jalqabde. Akka fedha Waaqayyoottis Bitootessa 10 xumuramee Fannoon gooftaas iddoo itti awwaalamee bahe. Yeroon Fannoon gooftaa keenyaa bahettis raajiiwwan hedduu taasiseera. Yeroo baafamettis fannoowwan ba’an sadan keessaa kan gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos isa kam akka ta’e adda baasuuf Fannoo isa tokko fidanii nama du’e irra ka’aan, hin kaasne. Isa lamaffaas akkasuma ammas hin kaane. Isa sadaffaa irra yeroo ka’aan garuu namni du’ee ture sun ni ka’e.

Yeroo sanattis Qulqulleettii Illeeniin Fannoon sun Fannoo gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ta’uu isaa bartee ni sagaddeef. Kiristaanonni hundis ni sagadaniif.

Qulqulleettii Illeeniinis Fannoo sana kabajaan qabatanii Golgotaatti Mana Qulqullummaa ijaarsistee achi ka’aame. Qulqulleettii Illeeniinis waggaa isaatti Caamsaa 9 bara 328 umurii ishee waggaa 80 tti ni boqotte. Ilmi ishee Qosxanxiiniyoos guddichi ammoo Caamsaa 22 bara 337 tti umurii isaa waggaa 54 tti aangoo erga qabatee ammoo waggaa 31 tti boqote. Hojii gaarii haati fi ilmi ishee hojjetaniinis Manni Kiristaanaa isaan yaadatti.

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyaa Qulqulleettii Illeeniin Fannoo baasisuuf lafa qochisiisuu itti eegale Fulbaana 16 waggaa waggaadhaan ni kabajama.

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Eebbi Qulqulleettii Illeenii hunda keenya irra haa bulu! Eebba Fannoo Waaqayyo nurra haa bulchu! Ameen!

The post Ayyaana Fannoo Iyyesuus Kiristoos fi Qulqulleettii Illeenii first appeared on Qubee Online +.

Fakkeenya Gooftaa Iyyesuus Kiristoos Luba Malka Tsedeeq
Luba Malka Tsedeeq fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Fakkeenya Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan ta’e waa’ee Luba Malka Tsedeeq kutaa 1ffaa har’a ni ilaalla. Kutaa 2ffaa website keenya irra waan jiruuf dubbisaa!

Luba Malka Tsedeeq Kutaa 1ffaa

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge Boqonnaa 7:1-10 irratti «Mootiin Saaleem fi Luba Waaqayyo Gooftaa kan ta’e Malka Tsedeeq kunis Abrahaam Mootota injifatee yeroo deebi’u isa waliin wal argee isas ni eebbise, isaafis ammoo Abrahaam wanta hunda irraa Kurnoo kenneef.

Hiikni maqaa isaas ‘Mootii qajeelaa jalqabaa’ ti, booda ammoo Mootii Saaleem jechuun ammoo Mootii nagaa jechuudha. Abbaa fi haadha, lakkoofsa hidda ykn sanyiis hin qabu, jireenya ykn bara isaatiifis jalqabaa fi dhuma hin qabu, garuu ilma Waaqayyootiin fakkeeffamee bara baraaf Luba ta’ee jiraata….»

Qulqulluun Phaawuloos maalif isa caqase?

Hayyuu cimaa ykn hangafa warra Ayihuudotaa jedhamee kan beekamu miila Gamaaliyaal jala taa’ee kan barate Hayyuun Kakuu Moofaa Qulqulluun Phaawuloos magaalaa Damaasqootti waamamee, Seera Wangeelaa fudhatee, Seera Wangeelaatiin cimee dhaabbatee qomoo isaa Ibrootaaf ergaa dabarseen ykn ergaa isaa gara warra Ibrootaatti ergeen kanaafuu waamicha Samii irraa hirmaattoota kan taatan Qulqulloonni obboloonni, Duuka Bu’aa Amantaa keenyaa fi Hangafa Lubootaa Iyyesuus Kiristoos ilaalaa (Ibr. 3:1)

«ወብነ ሊቀ ካህናት ዐቢይ ኢየሱስ ክርስቶስ ወልደ እግዚአብሔር፤ ዘተለዓለ እምሰማያት» jechuunis «Egaa Samii irratti kan darbe Hangafni Lubootaa guddaan ilmi Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos waan nuuf jiruuf, cimnee Amantaa keenya haa eegnu. Cubbuudhaan ala wanta hundaan akka keenyaatti kan qoramedha malee, dhadhabbii keenyaan nuuf gadduun kan hin dandeenya le Hangafa Lubootaa hin qabnu» Ibr. 4:14 jedheeniira.

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos kana sababa malee isaaniif hin barreessine. Ibroonni «Gidiraa yoo simanne eenyutu duree nuuf ta’a?» akka hin jenneefi gara duubaatti akka hin harkifanneef gidiraa kan simate Iyyesuus Kiristoos duree taasifatanii, gidiraa fi rakkoo isaanirra gahu obsaa daandii Kiristaanummaa irra akka deemaniifi.

Akkasumas «Ayihuudummaa irraa gara Kiristaanummaatti yeroo deebinu eenyutu nu araarsa?» akka hin jenneef ammoo yeroo deebi’an, seera Wangeelaatti amananii yoo Cuuphaman, Fooniifi dhiiga isaa yoo fudhatan, Kiristoos araara du’a isaatiin al tokko Fannoo irratti kan raawwate ta’uu isaa sirriitti akka beekaniifi.

«Kanaafuu waamicha Samii irraa hirmaattoota kan taatan Qulqulloonni obboloonn, Duuka Bu’aa Amantaa keessanii fi Hangafa Lubootaa Iyyesuus Kiristoos ilaalaa!» Ibr. 3:1. Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa gara Ibrootaa kana irratti kan xiyyeeffate Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos hunda irra kan caalu ta’uu isaa ibsuufi.

Kanas kan hubachiisu ammoo wal bira qabduudhaani. Raajota irra waa’ee caaluu isaa dubbii isaanii fi dubbii isaa wal bira qabuun ni hubachiise. Saba booda ammoo Ergamoota irra akka caalu hubachiiseera. Amma ammoo Luboota irra akka caalu hubachiisuuf ni dhufa ykn gara hubachiisuutti ni dhufa. Luboota irra caaluu isaas yeroo hubachiisu sababoonni ijoon ;

1. Lubummaa isaatiin

2. Aarsaa isaatiin

3. Dunkaana Aarsaan itti dhiyaateen ta’uu isaa ni hubachiisa.

Waa’ee Lubummaa isaas Ibr. 5:1-10, 6:20, 7:1-28, 8:1-3 irratti hubachiiseera.

Lubummaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos fi Lubummaa Malka Tsedeeq

Lubummaan maalidha?

Lubummaan tajaajila yoo ta’u muudamuus, filatamuus ni agarsiisa. Kitaaba Qulqulluu keessattis Addaam irraa eegalee namoonni garaa garaa Lubummaa kanaan namootaanis ta’e Waaqayyo dhaan yeroo filataman nutti agarsiisa.

Hojiin Hangafa Lubootaa maal ture?

Oriitiidhaan hojiin Hangafa Lubootaa Mana Qulqullummaa bulchuu fi Luboota to’achuu, Shangoo irrattis duree ta’uu ture (1 Sam. 3:12, 2 Mot. 12:7, 22:4, Maat. 26:57-65) kanaan alattis Hangafni Lubootaa guyyaa dhiifamaatti waa’ee isaa fi waa’ee uummataaf kadhatee Aarsaa adda ta’e ni dhiyeessa.

Guyyaa kanattis waggaatti guyyaa tokko qofaa gara Qulqulleettii Qulqullootaatti seenee Taabota irratti aarsaa ni dhiyeessa. Seera Leewwotaa 16:34

Uummanni Israa’eel ji’a torbaffaatti, guyyaa kurnaffaattis (naannoo Onkoloolessa guyyaa kudhan) Cubbuu isaanii ni himatu ture. Hangafni Lubootaas uffata Lubummaa isaa baafatee (gadi of qabiinsaan) uffata kan biraa uffachuudhaan jalqaba ofii isaa fi Lubootaaf itti aansee ammoo uummataaf aarsaa ni dhiyeessa.

Malka Tsedeeq eenyudha?

«Abbaa fi haadha, hidda dhalootaas him qabu, bara isaatiifis jalqabaa fi xumura hin qabu, dhumni isaa garuu ilma Waaqayyootiin fakkeeffamee bara baraaf Luba ta’ee ni jiraata» Ibr. 7:3

Malka Tsedeeq Mootii Saaleem ture. Kunis Mootii nagaa jechuudha. Saaleem Heenoon qarqaratti kan argamu Magaalaa Malka Tsedeeqidha (Uma. 14:18, Yoh. 3:23). Malka Tsedeeq sababni inni itti Mootii nagaa itti jedhameef namoonni biyya isaa deemanii Mootii nuuf ta’i! yeroo jedhaniin inni ammoo Lafee ykn Ekeraa Addaam Golgootaa jiru eega waan tureef kan na eegsise dhiisee hin ta’u isaaniin jedheera.

Ta’us garuu wal lolanii gara isaatti yeroo dhufan isaan araarsa, yeroo wal mormanis dhugaa isaa ni murteessaaf ture. Kanarraa kan ka’es «ንጉሠ ሰላም ወጽድቅ» ykn Mootii nagaa fi qajeelaa jedhameera.

Malka Tsedeeqiif Abbaan isaa ebeluudha, haati isaa ammoo kanadha jedhamee hin dubbatameef. «ወአልቦ ጥንት ለመዋዕሊሁ ወኢማኀለቅ ለሕይወቱ» guyyaa kanatti dhalate, guyyaa kanatti ammoo boqote jedhamee Kitaaba Qulqulluu irratti kan barreeffame hin jiru.

Maali Kitaaba Sinkisaar irratti barreeffamee jira mitii hoo? yoo jettan Kitaaba Leewwotaa irratti waan hin barreeffamneefi. «በአምሳሊሁ ለወልደ እግዚአብሔር ይነብር ክህነቱ ለዝሉፉ» ykn «Lubummaan Malka Tsedeeq Lubummaa ilma Waaqayyootiif fakkeenyummaa isaatiin bara baraan cimee kan jiraatudha»

Abrahaam Kooloodoogoomr fi Mootota isa waliin turan waraanee injifatee yeroo deebi’etti fakkeenya isaa akka arguuf eeyyamameefii waan tureef Yordaanoos ce’ee gara Malka Tsedeeqitti deeme. Malka Tsedeeqis Afuuraan hubatee Sulula Leewwiitti isa simachuuf ba’e.

Kana jechuun garuu Malka Tsedeeq nama miti jechuu miti, sanyiin isaa Sanyii Kaam irraa waan tureef Kitaaba Musee irratti hin barreeffamne, hin ibsamne jechuufi. Namni filatamaan kun Ekeraa Addaam akka eeguuf kan ajajame jireenya Baahitaawwii kan jiraatu dha. Lubummaan Malka Tsedeeqis akka Museen aarsaa dhiyeessee Aroon muudetti osoo hin taane Lubummaa Malka Tsedeeq kana namni isa muude hin jiru.

Inumaayyuu Waaqayyo isa filate, Ogummaa isaa ajaa’ibaatiinis isa muude malee. Aroon fi ijoolleen isaa harka Museetiin, Museenis harka Ergamaatiin akkuma muudaman (HDB. 6:6) Malka Tsedeeq garuu muudamni isaa Waaqayyo irraa waan tureef kanaafis Qulqulluun Phaawuloos «Dhumni isaa garuu Ilma Waaqayyootiin fakkeeffamee bara baraaf Luba ta’ee ni jiraata» kan jedheef kanaafi. «Bara baraaf» jechuun isaa hanga xumura jireenya isaatti jechuu isaati.

Sababa kanaanis Lubummaan isaa Lubummaa warra Leewwii irraa gonka adda ta’uu isaa ni hubachiisa. Akka Lubummaa warra Leewwotaattis Aarsaa Bineeldotaa hin aarsu, Aarsaan isaa Qamadii Qulqulluu fi Wayiiniidha malee. Kanarraa ka’ees Qulqulluun Phaawuloos Ibr. 7:11 irratti «Egaa uummanni Lubummaa Leewwiitiin gonkummaan kan argame osoo ta’ee, akka muudama Aroonitti kan hin lakka’aamne, akka muudama Malka Tsedeeqitti kan ta’e garuu Lubni kan biraa ka’uuf gara fuulduraatti maalif barbaachisa?» jedhee isa caqasa.

Waa’ee Malka Tsedeeq Ergaa Phaawuloos gara Ibrootaa irratti

1. Lubummaa dhaan Luboota Leewwotaa ni dursa, inni Abrahaam dura waan tureef :- Uma. 14:18-21

2. Lubummaan isaa kan bara baraati :- Ibr. 7:3.

Baroota hedduudhaaf kophummaa ykn Baahitaawwii dhaan akka jiraateefi Lubummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti kan hin dabarre waan ta’eef kuni caqasameera. Lubummaan Leewwotaa garuu du’a yeroodhaa yerootti qabu waan ta’eef «Isaanis akka hin jirannee duuti waan isaan dhorkeef Luboota kan ta’aan hedduudha» akkuma jedhu (Ibr. 7:23)

3. Leewwota Kurnoo baasiseera

Leewwoonni uummata irraa Kurnoo fuudhuuf seera qabu. Ta’us garuu Malka Tsedeeq Abrahaam harkaa Kurnoo yeroo fuudhetti Lubummaa isaa irra Lubummaan isaa akka caalu ni beekame.

4. Leewwota Eebbiseera

Harka isaanii diriirsanii uummata kan eebbisan Luboonni Leewwotaa karaa Abrahaam Malka Tsedeeqiin eebbifamaniiru. Waa’ee kanaas Qulqulluun Phaawuloos Ibr. 7:6-7 irratti «Hiddi dhaloota isaa isaan irraa kan hin lakka’aamne garuu Abrahaam irraa Kurnoo baaseera, jecha abdii kan qabus Eebbiseera! inni xiqqaanis hangafa isaatiin akka eebbifamu wanta mormii hin qabnedha!» akkuma jedhu.

5. Aarsaan isaa Bineeldota du’an miti :-

Luboonni Leewwotaa aarsaan isaanii Bineeldota irraa kan qophaa’u yoo ta’u, Aarsaan Malka Tsedeeq garuu Qamadii Qulqulluu fi Wayiinii irraa kan qophaa’u dha. Kunis Fooniifi dhiiga Kiristoos kan nutti agarsiisudha.

Qulqulluun Phaawuloos hundumayyuu Boqonnaa kana keessatti walitti qabee akkuma kaa’e Lubummaan Malka Tsedeeq Lubummaa Leewwotaa ni caala. Lubummaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ammoo Lubummaa Malka Tsedeeq irra ni caala. Malka Tsedeeq fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ture waan ta’eef.

Kanaafuu dubbiin Qulqulluu Phaawuloos Abbaan keessan Abrahaam Abrahaamaawwii kan hin taane Malka Tsedeeqii gadi yoo ta’e, inumaayyuu Waaqa Malka Tsedeeq gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irraa ammoo hangam gadi haa ta’uree?

Lubummaan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos maaliin kan adda ta’e ta’e?

1. Kan Amalummaa isaa waan ta’eef

Kiristoos wanta hunda kan taasise aangoo isaatiini : du’aa kan kaase, dhukkubsattoota kan fayyise, kan barsiise, kan du’e, kan ka’e, kan ol ba’e …. hundumayyuu aangoo isaatiini. Tajaajilli Lubummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos inni guddaan ofii isaa Fannoo irratti Aarsaa taasisee dhiyeessuu isaati.

Kunis Foon isaa muree, dhiiga isaa dhangalaasee Addunyaa qulqulleessuufi. Kanadha kan Gooftaa keenyaa nuuf kan taasifame tajaajilli Lubummaa. Duuti isaa ammoo Aangoo isaatiin akkuma ta’e du’a isaa aangoo isaatiin raawwate jedhamuun isaa ammoo Lubummaan isaa kan Amalummaa isaa ta’uu ibsuufi. Eenyu irraayyuu hin fudhanne, eenyuyyuu isarraa hin fudhatu.

Kanaafuu inni akka Malka Tsedeeq dhoksaadhaan, akka Aroon ifatti kan muudame miti. Inni kennaa malee fudhataa miti waan ta’eef. Yoh. 1:3 irratti «Wanti hundi isaan ta’e!» akkuma jedhu. Ibr. 5:5 irratti ammoo «Akkasuma Kiristoos ammoo Hangafa Lubootaa ta’uudhaaf ofii isaa hin kabajne, ta’us garuu ati ilma kooti, Ani hardha si dhalcheera kan jedhe isadha» jedhee fooniin dhalachuu sagalee ykn jechaa Duuka Bu’ichi dubbateera. Kunis fedhii Isaatiin qofaa osoo hin taane fedhii Abbaa isaatiinis ta’uu isaa dubbachuufi.

2. Lubummaan Iyyesuus Kiristoos Kan Bara baraati

«Bara baraan» jechi jedhu uumaa fi uumamaaf yeroo fayyadamnu tokko ta’uu dhiisuu isaa hubachuu qabna. Kanaafuu Lubummaan Malka Tsedeeq hanga lubbuun isaa darbutti ta’uu isaa ni hubanna. Lubummaan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan bara baraa ta’uun isaa inni du’aa fi aangoon harkaa fuudhamuun waan irra hin jirreefi ykn inni Waaqayyo waan ta’eefi.

Fooniin du’e kan jennus Lubbuun isaa Foon isaa irraa adda baate jechuudhaafi malee Tawaahidoo booda Waaqummaa ykn Malakootii fi Tisbi’iitiin gargar bahaan jechuuf miti ykn yeroon itti isaan gargar bahaan gonkumayyuu hin jiru. Kanaafuu aangoo Lubummaa isaa kan isa harkaa fuudhu isa hin barbaachisu. Lubummaa Amalummaas isaan ala kan mindaa isaa taasifachuu kan danda’u hin jiru waan ta’eef. Ibr. 7:24.

3. Iyyesuus Kiristoos Gonka dha

Lubummaan Leewwotaa Gonka miti, kan Malka Tsedeeqis kan bara baraati malee gonka hin turre. Eenyuyyuu gara Jannataatti deebisuun isaaf hin danda’aamne waan ta’eef. Isaanis mataan isaanii Addaamiin Cubbuu jalqabaa tiin qabamaniiru waan ta’eef. «Inni mataan isaa ammoo dhadhabaa waan uffatuuf» Ibr. 7:28, 5:2 isaaniif jedhameera waan ta’eef. Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif garuu inni Cubbuu akka hin qabne himameera. 1 Yoh. 3:5.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- D/n Melaku Ezezew

The post Fakkeenya Gooftaa Iyyesuus Kiristoos Luba Malka Tsedeeq first appeared on Qubee Online +.

Boqonnaa Abbaa keenya Abuna Gabra Manfas Qiddus
Boqonnaa Abbaa keenya Abuna Gabra Manfas Qiddus (Aabboo)

Bitootessa 5 Guyyaa Abbaa Gabra Manfas Qidduus itti boqotaniidha. Abbaan keenya Abuna Gabra Manfas Qidduus biyya Gibxii iddoo Nihiisa jedhamutti abbaa isaanii Simi’ooni fi Haadha isaanii Aqileesiyaa irraa Mudde 29 ajaa’iba Waaqayyoon dhalatan. Abbaa fi Haati isaanii erga wal fuudhanii booda ijoollee dhabanii waggaa 30 guutuu boo’ichaa fi gaddaan jiraataa turan. Waaqayyoos dhala akka isaaniif kennuuf jabeessanii kadhachaa turan.

Guyyaa tokko Aqileesiyaan gara Mana Kiristaanaa dhaqxee Fakkii Sillaasee dura dhaabbatte maaloo yaa Waaqayyoo ilma si gammachiisu, kan Abboommii kee eeguu fi qulqullina jaallatu naaf kenni jettee kadhatte. Yeroo sanas Fakkicha irraa sagaleen «Ilma maqaan isaa guddaa, qulqullinni isaa akka ergamoota Qulqulluu Mikaa’eelii fi Qulqulluu Gabri’eelii kan ta’e, lubummaan isaas akka Malkatsadiq kan ta’e, akka Yohaannis cuuphaa fi akka raaji Eliyaas kan ta’e ni deessa jedheen.» Akkuma Waaqayyo waadaa isheef seenetti Aqileesiyaan Muddee 29 ilma deesse.

Maqaan daa’ima dhalatees Ergamaa Waaqayyo Qulqulluu Gabri’eeliin mogga’e. Maqaan isaas Garbicha ykn tajaajilaa Hafuura Qulqulluu ykn «Gabra Manfas Qiddus» jedhamee mogga’e. Wanti dinqii ta’ee immoo guyyuma dhalateetti Abbaaf galanni haa ta’u, Ilmaaf galanni haa ta’u, Afuura Qulqulluufis galanni haa ta’u! jedhanii yeroo sadii sagadan. Ammas dukkana keessa gara ifaatti kan nu fidde galanni siif haa ta’u jedhan. Guyyaa dhalatan irraa eegalanii haati isaanii hin haammanne, harmas hin hoosifne. Yeroo kana dinqii ta’e irraa kan ka’e haati isaanii fi warri achi jiran hundi baayee dinqisiifatan.

Waggaa sadii (3) erga guutan booda ergamaan Qulqulluun Gabri’ee Waaqayyon ajajamee daa’imicha harka haadha irraa fuudhee gara kawaalaa (Gadaamiitti) geesse. Hogganaa gadaamichaanis waan daa’imni kun nyaatuu fi dhuguufis hin yaadda’ina inni sagalee Waaqayyo qofaan jiraata jedhee itti hime. Ergamaa Qulqulluun Gabri’eelis gara samiitti ol fudhatee iddoo baay’ee daawwachiise. Kana boodas Diyaaqonii ta’ee akka Isxifaanoositti qulquullummaan Waaqayyoon tajaajilaa ture boodas immoo gonfoo (Askeema) kaawwatee ni monokkose erga aangoo lubummaa fudhatee sooma fi kadhannaa baay’isa ture.

Read also :- Walitti dhufeenya uummata Itoophiyaa fi Aabboo

Kana booda nama irraa addaan ba’ee kaawaala (gadaamii) keessa kophaa jiraachuu eegale. Akka duuka bu’ootaa dinqii fi kennaa fayyisuu ni keennameef. Nama seexanni irra bule seexana irraa baasa kan dhibame fayyisaa kadhaa isaatinis dhukkubsattoonni dhukkuba isaaniirraa ni fayyu turan. Ergamaa Gabri’eeliin gara samiitti ol fudhatee Gooftaa Iyyeesusiin erga eebbisiisee booda akkas jedheen. Kadhannaa keetiin lubbuun ati abiddaa keessa baastu baayyeedha namarra adda ba’ii jiraadhu. Kadhata keetiin kan ijaan hin agarree ni fayyu, kan qaamaan miidhaman dhaabbatanii, sirra’aanii ni deemu jedhen.

Waaqayyos leencaaf qeerrensa waliin akka jiraataniif Leenca 60 fi Qeerransa 60 ni kenneef. Kana booda bineensota kana maalan nyaachisa jedhanii gaafa gaafatan lafa ati dhaabbattu arraabanii jiraatu, ni quufus ittiin jedheen. Ergamoonnis waan kana gaafa dhaga’aan ni gammadan yeroo bakka isaa duriitti deebi’us mataa irraa eegalee hanga lukaatti rifeensi ni biqileef. Dheerinni rifeensa isaatis ciqilee tokkoof walakkaa ture.

Abuna Gabra Manfas Qiddus ykn Aabboon nafa isaaniitiinis jabaadhu Waaqayyoo duras qullaa kee dhaabbatta cimi jedhanii of jajjabeessu turan. Halkanis, guyyaas Waaqayyoon kadhachuu irraa hin hafu ture foon isaa hanga goguutti gogaan isaa hanga lafeetti maxxanuutti ni sagadu malee nyaata hin nyaatan ture. Ergamoonnis yeroo hunda ni jajjabeessu turan. Waaqayyo raajicha Ermiyaasiin osoo gadameessa haadha kee keessa jirtuun si filadhe akkuma jedhe Aabboonis akkuma raajichaa Waaqayyoon filataman.

Kadhannaa isaaniitiinis lubbuun namoota hedduu araara argataniiru. Gooftaanis waan ati na kadhatte siifan kenna, maqaa kee kan waamanii fi yaadannoo kee kan godhaniif dhiifama nan godhaaf jedhee waadaa seeneef. Aabboon yeroo waadaa Waaqayyo irraa argatetti nama waggaa 300 ta’ee ture. Waadaa sanaanis namoota baay’eetu abiddaa ba’e.

Abuna Gabra Manfas Qiddus gara biyya Itoophiyaa qeerransoota fi leencota isaa wajjin saragallaa qilleensaa irra taa’aniitu kan dhufan. Qulqulluun Gabri’eelis gara iddoo Midire Kabditti geesse. Sana boodas gara tulluu Ziqu’aalaa( Cuqqaalaa) isaan fidee, hora tulluu cuqqaalaa bira dhaabbatanii biyya keenya kallattii arfaniinuu eebbisan. Maqaa Aabboo jedhus Oromootuma naannoo sanaatu kenneef. Aabboonis hora sana keessa Waggaa 100f dhaabbatanii kadhatan yeroo kanatti lafeen isaaniis akka cabbii ta’ee mul’ate, foon isaaniis ni dhume, dhiigni isaaniis bishaaniin wal make.

Seexannis Kaabaa, Kibbaa dhufanii rakkisu, ni waraanus ture kana booda gooftaan gara isaa dhufee as keessaa ba’i namoota Itoophiyaatiif araarameera jedheen. Yemmuu waggaa 7f biyya «Midire Kebditti» dhaabbatanii kadhatanis Seexanni Arraagessa fakkaatee ija isaanii lamaanuu keessaa fudhate, isaan garuu kadhaa isaanii addaan hin kunne turan yeroo Seexanni kana godhu kadhannaadhaan hawwatamee (booji’ame) ture. Sana booda garuu Qulqulluu Mikaa’eelii fi Qulqulluu Gabri’eeliin dhufanii fuuldura isaa dhaabbatanii ija isaa irratti hafuura itti baafatan kanaanis iji isaanii deebi’eef. Yemmuu isaan gara tulluu Cuqqaalaatti deebi’anis Sillaaseen akka Abiraamitti mulatanitti Aabboottis muka tokko jala dhaabbatanii itti mulataniiru, Gooftanis gara tulluu Cuqqaalaatti deebi’itii Seexana waggaa 100f si qoraa turan sana dhabamsiisi ergamoota koo siifan erga ittiin jedheen, yeroo sana aboon bakakkaan rukutu waan kennameef ergamootaan seexana sana ittiin fixan.

Ajaa’iba Aabboon raawwatan keessaa yeroo Abuna Saamu’eel kan Waaldibbaa leenca tokko yaabbatanii leenca tokko irratti immoo kitaaba isaanii fe’anii isaan gaafachuu dhufnaan leencota Abuna Saamu’eel lenconni Aabboo jalaa nyaatan. Abbaan Saamu’el kana gaafa argan ni na’an maal yaa abbaa koo anoo eebba keessanin fudhachuu dhufe jedhanii gaddinaan, Aabboon immoo leencota isaaniitiin koottaa tufaa waan isiniif hin eyyamamne maaf nyaattani jedhaniin. Leenconni isaaniis dhaga’anii tole jedhanii tufan sana booda leencota nyaataman sana maqaa Gooftaa Iyyesuusiin ka’aa jedhanii yemmuu ajajan lenconni nyaataman sun ni ka’an. Ajaa’ibni kun ajaa’iba Aabboon hojjetan keessaa isa tokkoodha.

Walumaa galatti lakkoofsi umurii isaanii, Waggoota 300 biyya Misir keessa, Waggaa 262 biyya Itoophiyaa keessa waluma galatti waggaa 562 jiraatanii erga waadaa hedduu fudhatanii booda Bitootessa 5 haala nama ajaa’ibsiisuun boqotan. Waggaa keessattis guyyaan kun biyya keenya keessatti haala ho’aadhaan kabajama keessumatti immoo «Midire Kebdii» fi Tulluu Cuqqaalaatti ykn Shawwaa Bahaa keessatti Onkolooleessa 5 haala wal fakkaatuun ni kabajama.

Kadhannaa qulqullichaatiin Waaqayyo nutti haa araaramu!

Sugni abbaa keenyaa nurra haa bulu!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- Galmee Seenaa

The post Boqonnaa Abbaa keenya Abuna Gabra Manfas Qiddus first appeared on Qubee Online +.

Araarsummaa Qulqullootaa Mana Kiristaanaa | Kutaa 2ffaa
Araarsummaa Qulqullootaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Kuni kutaa 2ffaa Koorsii Araarsummaa Qulqullootaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo ti. Kutaa kanatti osoo hin darbiin dura kutaa 1ffaa dubbisaa!

Araarsummaa Qulqullootaa Kutaa 2ffaa

Seensa :- maatiiwwan Waaqayyoo ijoolleen haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaa Waaqayyootiin akkam jirtu? Ameen maqaan Waaqayyoo kan galatoome haa ta’u! egaa koorsii Araarsummaa Qulqullootaa jedhu kana yeroo darbe kan eegalle yoo ta’u, kutaa 1ffaa yeroo darbe ilaalleerra. Kutaa 1ffaa keessatti qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaalle;

Malummaa Qulqullootaa : Qulqulloota jechuun maal jechuu akka ta’e; Qulqulloota kan jedhaman eenyu fa’a akka ta’an; Qulqullummaa gosa meeqatu jira;

Kitaabni Qulqulluu waa’ee Qulqullootaa maal akka jedhu fi k.k.f ilaallee turre. Isinis gara kutaa lammaffaa kanatti osoo hin darbiin dura kutaa 1ffaa dubbisaa! kutaa 2ffaan har’aaf qabannee dhiyaanne kunooti dubbisaa!

Qulqulloonni ni Araarsu

Hojii araarsummaa kan namoonni fedhii isaaniitiin jalqaban osoo hin taane kan Waaqayyo fedhii isaatiin akka jalqabam godhe dha. Kunis kan ta’e namni hundi namummaa isaatiin walqixa tahee haa dhalatu malee, akkuma wal qixa dhalate

walqixa waan gaarii fi waan yaraa hin hojjetu, wal qixa cubbuu fi hojii bareedas hin hojjetu. Kanaaf kan gaarii hojjetu isa yaraa hojjetuuf ni kadhata jechuu dha. Kanas immoo caqasawwan kanaa gadii irraa hubachuu n ni danda’ama. Akkasuma

Abrahaam yeroo mootii Geeraraa Abemelilk jedhamun haadha manaa isaa yemmuu saamamuuf jedhu Waaqayyo Abemeelikiin ni akeekachiise.

«Waaqayyo immoo abjuu sana keessa Abemelikiin, ati garaa keetti hamaa otoo hin yaadin kana akka goote anuu beeka, kanaaf ati akka ana hin yakkineef ani si

dhoowweera, ati akka ishee bira geessufis ani karaa siif hin laanne. Ammna haadha manaa namichaa galchiif. Innoo

raaja dha, inni siif ni kadhata, atis ni jiraatta, namichaaf yoo galchuu dhaa baatte garuu ati akka duutu, namoonni kee hundinuus akka du’an beeki!» jedhe (Uma 20:1)

Abemeliik osoo ofii isaatii kadhatee Waaqayyo akka hin araaramneef, Abrahaam akka isaaf kadhatu isumatu itti hime. Egaa kanarraa ragaa biraa barbaaduun shakkuummaadha, abboommii fi fedha Waaqayyoos kabajuu dhabuu dha.

Abemelik, Abirahaamis nama, anis nama maal taha yoon ani si kadhadhe akkamiin anaaf hin araaramne hin jenne. As irratti Waaqayyo qulqullummaa Abrahaami fi cubbummaa Abemelik muldhiseera.

Inumaayyuu Waaqayyo wanta raawwachuuf tahu, yemmuu uummata adabuufis tahu, qulqullootatti akka himu seenaan kanaa gadii kun dhugaa baha. Yemmuu Waagayyo Sodom balleessuuf jedhetti qulqulluu Abirahaam ni beeka ture. «Yemmuus Waaqayyo, wantan gochuuf jedhu Abiraham nan dhoksaa ree? Abirahaam caba guddaa, saba jabaas ni taha, sabni biyya lafaa hundinuu sababii isaatiif ni eebbifamu!» (Uma 18:17) jedheera.

Qulqulluu Phaawuloos namaaf kadhachuun hojii Qulqullootaa

akka ta’e yoo ibsu nuun waadaa kadhachuu (araarsu) kaa’ee, «Egaa Waaqayyoo karaa keenyaan akka araarfamu (kadhatamuuf) waa’ee Kiristoosiif nuti ergamtoota dha. Waaqayyoon wajjin araaramaa jennee Kiristoosiin isin kadhanna» (2 Qor 5:19).

Araarsummaa qulqullootaa bakka lamatti gooduun ni danda’ama.

Isaanis araarsummaa qulqulloota yemmuu lubbuun addunyaa

kana irra jiraniifi araasummaa qulqullootaa erga addunyaa

kana irraa darbanii booda dha.

Araarsummaa Qulqullootaa Jireenya Fooniin (Yeroo Lubbuun jiran)

Qulqulloonni hedduun yemmuu lubbuun jiranitti hojii araarsumma hojjetanii darbaniiru, namootas balaa irra gahuuf ture hundarra Waaqayyoon kadhatanii araara argamsiisaniiru. Kanas fakkeenya fudhachuudhaan seenaa armaan gadii kana iraa ni ilaalla.

Raajii Musee fi Saba Israa’eel

Ammas Waaqayyo Museedhaan «Ani saba kana argeera, kunoo inni saba boqu-jabeessa, aariin koo isaan irratti boba’ee akkan isaan fixutti na dhiisi, si garuu abbaa saba guddaa sin godha!» jedhe.

Museen ammoo aarii Waaqayyo gooftaa isaa qabaneessudhaaf «Yaa Waaqayyo, maaliif aariin kee saba kee isa humna guddaa dha fi irree cimaadhaan biyya Gibxii baafte kana irratti akka boba’u goote ree? ati hamaa isa saba keetti fiduuf jette adaraa dhiisi, aarii kee isa boba’aas irraa deebisi, isa maqaa ofii keetiin kakattee garboota kee Abirahaam, Yisihaaq, Yaaqobinis sanyii keessan akka urjoota samii keessaa nan baay’isa biyyicha isa ani dubbadhe kanas sanyii keessaniif dhaala bara baraa godhee nan kenna jettee isa dubbatte yaadadhu!» jedhe.

Yeroo kanas Waaqayyo hamaa isaa saba isaa irratti gochuu yaade sana ni dhiise (Ba’uu 32:9). Egaa yaa hubannu, Waaqayyo, cubbuu isaanii iraa kan ka’e Israa’eloota rukutuu barbaadee ture, Museedhaanis hangafa sabootaa baay’ee isa bira sin taasisa jedheen, garuu Museen tole hin jenne. Waaqayyos uummata sanaaf ni nahe, Waagayyo uummata bal’aa sana irra sagalee fi yaada Musee akka filate as irraa hubachuu ni dandeenya.

Raajii Eelsaa

Raajiin Waagayyoo Eelsaan mucaa du’e yemmuu lubbuun jirutti du’aa kaasee jira. Yeroo Eelsaan dhufee manichatti lixe, mucichi du’ee reeffi isaa siree Eelsaa irra ni ciisa ture, Elsaan akkuma ol lixeen keessaan balbala cufatee, Waaqayyoon ni kadhate, kana booddee siree irratti ol ba’ee, afaan isaa afaan mucichaa irra, ija isaa ija mucichaa irra, harka isaa harka mucichaa irra kaa’ee isa irra gadi ni ciise, akkuma inni

mucicha irratti diriireen qaamni mucichaa ho’uu jalqabe.

Eelsaan isa irraa ol ka’ee kutaa manichaa keessa, asii fi achi erga adeemee booddee, ammoo siricha yaabbatee, mucicha irra ni diriire, mucichis si’a torba haxxiffatee ija isaa ni banate (2 Mot 4:32).

Egaa qulqulloonni hoji hamma kana gahu, yemmuu lubbuun jiranitti ni hojjetu, namaaf Waaqayyo walitti araarsuun haa hafuuti, hanga nama du’e du’aa kaasuutti aangoon kennameefii jira.

Seenaan Abemelik mootii Geeraaraa fi Abirahaamis araarsummaa qulqullootaa yemmuu lubbuun jiranitti kan jedhuuf fakkeenya gaariidha. Abrahaam akka Abemelik mootii Geeraraaf kadhates dura kana olitti kaafnee jirra.

Israa’eloonni yeroo cubbuu isaaniitiin gidiraan itti baay’atee turetti uummanni hundi walitti qabamuun raajii Eermiyaasiin akkas jedhan «Akkuma argitu baayyee keessaa kan hafne xiqqaa taaneerra, maaloo kadhaan keenya si haa qaqqabu, Waaqni kee Waaqayyoonis karaa irra deemnuufi waan hojjennu akka nutti agarsiisuuf Waaqa nuuf kadhu!» jedhaniin. Eermiyaasis kadhateefi dubbii nama jajabeessu deebiseeraafi.(Ermiyaas 42:2)

Qulqulluu Pheexiroos

Kakuu Haaraa keessattis Qulqulluun Pheexiroos bartuu Xaabitaa jedhamtu akka du’aa kaase ni agarra.

«Mandara Iyyoophee keessas bartuun Xaabitaa jedhamtu tokkotu turte. Maqaan ishee afaan Giriikiitiin ‘Dorkaas’ kan jedhu ture hiikoon isaa ammoo kuruphee jechuudha. Isheen yeroo hundumaa hojii gaarii hojjechuudhaan hiyyeessota gargaaruudhaan dabarsiti turte. Gidduu tokko dukkubsattee duunaan qaama ishee dhiqanii kutaa mana gubbaa keessa ciibsan. Lidaan Iyyoopheetti dhihoo waan taateef bartoonni Qulqulluun Pheexiroos akka achi jiru dhagahanii ‘Adaraa ammaaf ammatti nu bira gahi!’ jedhanii akka isa waamaniif namoota lama itti ergan…… Pheexiroos garuu ofii isaatii jilbiinfatee kadhatee, ergasii gara reeffichaatti garagalee ‘Xabitaa ka’i!’ jedheen isheen ija ishee banatte Pheexiroosiin yemmuu argite ol jettee

teesse.» (Hojii Duuka Bu’ootaa 9:36)

Egaa akka fakkeenyaatti kana qofa fudhanne malee seenaa wal fakkaatu caqasa kana keessaa argachuun ni danda’ama. Hojii Duuka Bu’ootaa boqonnaa 5, 1 Sam 16:23, 1 Mot 17:17 fi

kan biroos ilaaluun ni danda’ama.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Araarsummaa Qulqullootaa Mana Kiristaanaa | Kutaa 2ffaa first appeared on Qubee Online +.

Tsiyoon Maariyaam Taabota Tsiyoon fi Kabaja Ayyaana Tsiyoon
Tsiyoon Maariyaam

Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti waggaa waggaadhaan Sadaasa gaafa guyyaa 21 ayyaanni guddaan kabajamu jira kunis Tsiyoon Maariyaam jedhamuun kan waamamudha.

Guyyaan kun Tsiyoon Maariyaam jedhama

Kitaaba qulqulluu keessatti jechi «Tsiyoon» jedhu hiikkoo mataa isaa

danda’e qaba. Jechi «Tsiyoon» jedhu hikkoon isaa «Da’oo», «Hirkata» jechuudha.

1. Maagalaan Iyyerusaalem Tsiyoon ni jedhama. (2 Saamu’eel. 5:7)

2. Namoonni lyyerusaalem keessa jiraatan Tsiyoon ni jedhamu

(Faar. 101:13)

Fakkeenyaaf, «ltoophiyaan harka ishee Waaqayyootti ol kaasti» yeroo jedhu saba Itoophiyaa akka ta’e ibsa.

3. Mootuummaan Waaqayyoo isheen samii keessaa Tsiyoon

jedhamti. (Ibr. 12:22).

4. Haati keenya Qulqulleettiin Durboon Maariyaam Tsiyoon Maariyaam ni jedhamti. (Isaay. 60:14, Faar. 87:5, Room. 11:26, 1 Pheex. 2:5).

Jechootni armaan oliti barreeffaman kun akka hima isaaniitti waa’ee Tsiyoon kan ibsanidha.

Sadaasni 21 Tsiyoon kan jedhameef;

1ffaa irratti akkuma ibsame, magaalaan Tsiyoon iddoo taabotni Waaqayyo Museetti kenne ka’aamee jiru waan ta’eef maqaa magaalaa sanaan moggaafamee Taabota Tsiyoon jedhame. Sadaasni 21 kan kabajamuuf, sababa lubichi Eelii fi ijoolleen isaa kabaja Waaqayyoo hanqisaniif Taabonni Tsiyoon kun warra

Filisxeemiin booji’amee, ji’a sadii turee ajaa’iba guddaa hojjetee guyya inni itti kabajaan gale waan ta’eefidha. 1Saam. 2:12 hanga boqonnaa 6 tti dubbisaa!

Tokkos, Guyyaa itti taabotni Tsiyoon gara keenya dhufeedha. Bara Mooticha Minilik isa jalqabaa eeyyamaa fi fedha Waaqayyoo ta’ee guyya itti taabotni Tsiyoon kun biyya Itoophiyaa seenedha. Seenaa dhaloota Minilik akka armaan gadiitti ilaalla:

Abbaan isaa mooticha Solomoon ilma Daawit yoo ta’u, harmeen isa

immoo mootittii Saabaa jedhamti. Maqaan ishee kan biroon mootittii

Azeeb, akkasumas Maakiddaas ni jedhamti. Bara isheen mootii taate

Yemenii fi Itoophiyaa walitti qabdee bulchaa turte DH.K.D bara 1013-982 tti ture. Waggaa 31 bulchite. Mootittiin Saabaan Markaba 73 fi Gaala

520 qabdi turte. Itti gaafatamaa amanamaa Taamiriin kan jedhamu qabdi turte. Namni kun biyya lyyerusaalemii fi Hindiitti deddeebi’ee ni daldala ture.

Yeroo Solomoon mana mootummaa isaaf mana qulqullummaa ijaare warqee dimaa ijaarsa manichaaf oolu kan biroo geessee itti daldalaa ture.

Mootittii Saabaan seenaa ogummaa Solomoon Taamiriin iraa

dhageessee warqee makilitii 120 fudhattee namoota hedduus wal faana buustee waan Solomoon hojjete ilaaluudhaaf Iyyerusaalemiin deemte. (1 Moot. 10:1-12; 2 Seen 9:1-12, Maat. 12:42)

Mootittiin Saabaan kennaa addaa addaa fuutee dhaqxee mooticha kanaaf laatte. Wanti Solomoon hojjechaa jirus isa dhageesseen ol ta’uu isaaf Waaqa Israa’eeliin galateeffattee «Jecha ogummaa ati dubbattu namootni dhaggeeffatan akkam kan ayyaanomaniidha!» jette.

Mootichi Solomoonis guddaa ishee dinqisiifatee biyya Iyyerusaaleem keessaa Deer Sultaan iddoo jedhamu qabeenya laateef. Diir Sultaan jechuun iddoo moototaaf kenname jechuudha. Iddoon kun har’a kennaa biyya Itoophiyaa ta’ee Gadaamii fi Bataskaanonni irratti tajaajila kennaa jiru.

Biyyi Itoophiyaa giddu-galeessa biyya addunyaa keessaa karaa bahaa kan argamtu biyya Israa’eelii wajjin hariiroo wal quunnamtii daldalaa fi amantii akka isheen qabdu kitaaba qulqulluu keessatti barreeffamee ni jira. Akkasumas waadaa walii galtee lolaa akka waliin qaban barreeffamee jira. 2 Seenaa Baraa 21:16; 2 SB 14:9-15; R.Naahom 3:8-11, Erm. 46:1-10, Iyo. 28:19, Raj.Amots 9:6, Sof 2:12, Faar. 67(68):31, Faar. 86(87): 4.

Gooftaan keenya Wangeela Qulqulluu keessatti waa’ee amantii qabaachuu ilaalchisee dhugaa ba’eeraaf. Mootittiin Saabaan waa’ee ogummaa Solomoon dhageessee hubachuudhaaf DH.K.D waggaa kuma tokko (1000) keessa gara biyya Iyyerusaaleem deemtee daawwachuun ishee, achumaan mooticha Solomoon harkaa kennaa qabiyyee lafaa fudhachuun ishee galmeeffamee jira. 2 Moot. 10:1-13, 2 Seen. 9:1-12, Maat 12:42.

Iddoon kun Diir Sultaan jedhamee beekama. Hiikkoon isaa iddoo

gadaamii mootii jechuudha. Iddoon kun lafa Abraam itti mucaa isaa

aarsaa dhiyeesse, Qaraaniyoo iddoo gooftaan itti fannifame, Golgootaa iddoo Gooftaan itti awwaalame, Beeteliheem iddoo Gooftaan itti dhalate, Yoordaanoos iddoo Gooftaan itti cuuphame, Beetaaniyaa iddoo itti Gooftaan ol bahe hundumaa qabatee kan argamuudha. Yeroo sanaa jalqabee mootittii fi sabni biyya Itoophiyaa ayyaana Faasikaa fi kan biroodhaaf gara Iyyerusaalem gaafa deeman iddoo kana boqotu turan.

Kanaafis ragaan kitaaba qulqulluu ni mirkaneessa. HDB. 8:26 Mootonni biyya Itoophiyaa iddoo kana jabeessanii lafa bitanii itti dabaluudhaan gadaamii fi lafa mana qulqullummaa hedduu irratti

ijaaraniiru.

Fakkeenyaaf;

1. Beetaaniyaa mandara Alaazaaritti lafa kaaree 120,000 bal’atu irratti Atsee Haayile-Sillaaseen bara 1953 keessa karaa Abbaa Filiiphoos Bataskaana Abbaa keenya Abuna Takla Hayimaanot ijaarsisaniiru. Iddoo awwaalcha warra Itoophiyaa akka ta’u godhaniiru.

2. Bara 1925 Iteegee Manan Yoordaanos iddoo gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos itti cuuphametti Mana Qulqullummaa maqaa Sillaaseetiin ijaarsisteerti. Yeroo kana iddoo lolaa waan ta’eef Tsillaatiin achii fuudhamee Iyyaarikoo kaa’amee jira. Amajjii 10 nagaa-eegduu biyyattiidhaan eegamee Tsillaatiin achitti deebi’e.

Sirni yaadannoo Cuuphaa geggeeffamee eegumsaan ammoo Iyyaarikootti deebi’a; qabeenyummaan isaa garuu kanuma Itoophiyaati.

3. Bara 1928 Immaahoyi Amaarech Walaluu kan jedhaman gadaamii tokko ijaarsisaniiru; Qaraaniyoo fi Golgootaa gidduutti Mana Kiristaana Medaani’aalem jedhama.

4. Atsee Yohaannis 4ffaan bara 1872 bataskaana Debre Gennet

Kidaanemihret ijaarsisuu eegalanii kan turan Minilik 2ffaan bara

1885 xumursiisaniiru.

5. Qaraaniyoo Golgootaa gidduutti bataskaanni Arbaayituu Insisaa ykn Bineensota Arfan fi Qulqulluu Mikaa’elii ijaaramanii jiru.

6. Iddoo teessoo Phaaphaasotaa lafi inni itti argamu manni kadhataa

qulqulluu Filiphoos ijaaramee jira.

7. Iddoo Abrahaam itti mucaa isaa aarsaa dhiyeessetti mana qulqullummaa qabna. Qabeenyi kun bara 70 keessa mootii biyya Roomaa Xiixoosii fi lyyerusaalem gidduutti lola baname irraan kan ka’e nu irraa fudhatamee ture.

Jaarraa 4ffaa keessa mootummaan Abrihaamii fi Atsbihaa jaarsolii biyya Itoophiya dabalatanii «Qabeenyi keenya haa deebi’u!» jechuudhaan ilma mootittii Illeenii Qosxontoonisitti iyyatanii, innis seenaa waa’ee Iyyerusaaleem barreeffame qoratee qabeenya warra Itoophiyaa isaa hubatee akka inni nuuf deebi’u taasise. Hanga har’aatti harka keenya keessa jira.

Namoonni beekamoon seenaa galmeessanis kana dhugoomsaniiru. Fakkeenyaaf barreessaa seenaa kan ta’e Zeberg kan jedhamu «Qabeenyi warri Itoophiyaa lyyerusaalem keessaa qaban akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 337 keessa deebi’eeraaf» jedhee barreesse.

Henerpost namni jedhamu kitaaba isaa «Guuzo Wede Qiddist Haager» jedhu iratti (hiikoon jecha kanaas adeemsa gara Iyyeerusaalem jechuudha) barreessuu kan jalqabe, CHARLIS FILPII kan jedhamu xumure irratti akka

lakkoofsa warra Awuroppaatti bara 1532 «Iddoo Abrahaam mucaa isaa aarsaa itti dhiyeesse gaarri Mooriyaa kan warra Itoophiyaati» jedhee dhugoomseera.

8. Bara 1651 Qees Duubalem kan jedhaman kitaaba barreessan irratti iddoo itti Abrahaam mucaa isaa aarsaa itti dhiyeesse kan Itoophiyaa ta’uu isaa mirkaneesseera.

9. Namni Geetiroo jedhamus kitaaba isaa barreesse, kan akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 1650 maxxanse irrati «Warri Itoophiyaa iddoo Golgootaa jedhamuutii mana qulqullummaa lama qabu» jedheera.

Egaa, walumaagalatti, gadaamii fi manni qulqullummaa achi keessaa

Qabnu keessatti hanga har’aatti Sinoodoosii Itoophiyaatiin bulaa jiru. Paatriyaarikiin biyya keenyaa 6ffaa ta’anii bara 2005 kan muudaman Abbaan Maatiyaas achi irraa kan dhufaniidha.

Mootittii Saabaa eeyyama Waaqayyoo ta’ee mootichi Solomoon fuudhee ji’a 6 guutuu isaa bira turtee achumaanis ni ulfoofte. Ogeettii waan taateef, «Gara biyyaatti galee gaafan da’u mucichi kan kee ta’uu isaaf mallattoo naaf kenni!» jettee gaafatte.

Innis wanta miidhagaa qubatti kaa’atamu kenneef. Kennaan kun afaan Amaariffaan «Inqu» kan jedhamuudha. Kana malees qabeenyaa armaan olitti caqasame waliin laateef. Waa’een kennaa kanaa Kitaaba Qulqulluu keessatti 1ffaa Moot. 10:13, 2ffaa Seen. Baraa 9:13 akka kennameef ni dubbata. Gara biyyaattis galtee mucaa dhiiraa deesse. Maqaan isaas «Ibinaakuni» jettee moggaaste. Hiikkoon isaa «Ilma ogeessichaa» jechuudha.

Yeroo booddees turee maqaan kun Minilikii jedhame. Dargaggessa waggaa 22 gaafa ta’us Abbaa isaa Solomoonitti ergite. Abbaan isaa Solomoon kabaja guddaadha simatee waggaa sadii lubicha Saadaqi irraa barumsa amantii akka baratu godhe. Waggaa sadii booda Ayihuudotni «Gara biyya isaatti deebisi!» yeroo jedhan, «Erga ilma koo hangafaa jibbitanii isinis hangafa ilma keessanii kennaa isa faana gara biyya Itoophiyaa haa deemaniitii!» jedhee isaan abboome. Ni dirqisiise.

Isaan faanas Azaariyaas ilmi Saadiqiyaas nagada ijoollee Isiraa’eel 12’n keessaa warra hangafa ta’an fi kanneen dibata Leewwii qaban, baay’inni isaanii 120,000 kan ta’an biyya Itoophiyaa deemanii akka barsiisaniif Solomoon isaan abboome. Eeyyama Waaqayyoo ta’ee jarri kunis kitaaba amantii garaagaraa fi Taabota Tsiyoon fudhatanii gara biyya Itoophiyaa dhufan. Kitaaba isaan fudhatamii dhufan keessaas tokko Kitaaba Heenook barreessedha.

Taabonni Tsiyoon Maariyaam kun biyya Itoophiyaa kan seente Sadaasa 21 dha. Kutaa biyya Itoophiyaa keessaa naannoo Tigiraayii bakka Aksuum jedhamtutti manni qulqullummaa ijaarameefii Sadaasa 21 eebbifamee Taabonni Tsiyoon kun keessa seene. Taabota Tsiyoon Maariyaam kan jedhamu kun Seera Ba’uu 34:1-28 irratti, akkasumas Seera Keessa Deebii 10:1-10 irratti akkuma barreeffame Waaqayyo Museetti kan kennedha.

Taabonni (Tsillaatiin) kun hanga har’aatti iddoo caqasame kana jira. Minilik inni jalqabaa kun waggaa 25 guutuu Mootii Itoophiyaa ta’ee

bulcheera. Barri bulmaata isaatiis DH.KD 987-957 ture. Waggaa 58 isaatti boqotee kabajaan awwaalame. Egaa walumaagalatti, Sadaasi 21 kan inni kabajamuuf akkaataa kanaan guyyaa Taabotni Tsiyoon Maariyaam biyya keenya itti seene waan ta’eefidha jechuudha.

Waa’ee Taabota Tsiyoon fi Tsiyoon Maariyaam kan qabannee dhiyaanne kana fakkaata ture.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbii fi araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Tsiyoon Maariyaam Taabota Tsiyoon fi Kabaja Ayyaana Tsiyoon first appeared on Qubee Online +.

Araarsummaa Qulqullootaa Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa
Araarsummaa Qulqullootaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Mata duree kana keessatti kutaa garaa garaatiin waa’ee Qulqullootaa fi Araarsummaa Qulqullootaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Araarsummaa Qulqullootaa Kutaa 1ffaa

Qulqulluun eenyu? Araarsummaa Qulqullootaa

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo keessatti kan bu’uura

ta’aan keessaa tokko araarsummaa qulqullootaatti amanuu dha.

Qulqulloota kan jennu ammoo Waaqayyo filatee hojii gaarii

isaan hojjetaniin kan qulqulleesse, addunyaa kan mo’atanidha.

Waaqayyo gooftaan qulqulluu akka taanuuf nu abboomuun isaa sagalee kanaa gaditti barraa’e irraa ni hubanna. «Ani Waaqayyo gooftaan keessan qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulloota ta’aa!» (Lew. 19:2).

«Inni isin waame qulqulluu akkuma ta’e isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta’aa» (1 Phex. 1:14)

Waaqayyo amalummaa isaatiin qulqulluu fi cubbuun kan isaaf hin taane, sadarkaan qulqullummaa isaas uumamni hangana gaha jedhee dubbachuun kan ibsu miti. Akkuma armaan olitti hubannutti Waaqayyo kan isaa kan ta’an hundi akka qulqulluu ta’an fedha.

Namootaafis ani qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulluu ta’aa jedha. Kanaaf kan Waaqayyoo kan ta’e hundi qulqulluu dha jechuudha. Jecha Qulqulluu jedhu kana bakka lamatti qooduun ilaaluun ni danda’ama;

1. Qulqulluummaa Waaqummaa:

Qulqullummaa Waaqayyoo qofaaf ta’e dha. Sababni isaas Waaqayyo amaluuma isaatu qulqulluu dha waan ta’eef.

2. Qulqullummaa Kennaa:

Qulqullummaan akkanaa kun

kan Waaqayyoon fedha isaatiin uumama biroof kennu jechuudha. Qulqullummaa kennaa kan qaban immoo adda adda baasne ilaaluu ni dandeenya. Isaaniis: Ergamoota Qulqulluu, Meeshaalee (Mi’oota) qulqulluu, guyyaa qulqulluu, iddoowwan Qulqulluu fi namoota qulqulluu dha.

Egaa jecha qulqulluu jedhu kana gabaabsinee hanga kana erga ilaalle, mee gara mata duree kaasneetti haa deebinu.

Qulqulloota kan jedhaman kanneen keesaa hojiin araarsummaa kan ilaallatu ergamoota qulqulluu fi namoota qulqulluu dha. Kitaabni waa’ee sagalee Waaqayyoo dubbatu guddichis kitaaba Qulqulluu jedhama. Ergamoota qulqulluu yemmuu jennu ammoo ibiddaa fi bubbee irraa guyyaa jalqabaa uumaman kan ijaan hin muldhanne, kan lakkoofsa isaanii Waaqayyo malee namni lakka’ee bira hin geenye jechuudha.

Namoota qulqulluu kan jedhamanis immoo Wareegamtoota Qulqulluu, toloota (dhugoomtota) qulqulluu, hayyoota Qulqulluu, Raajota qulqulluu ti kan biroos jennee ilaaluun ni danda’ama. Egaa kanaaf wangeela irratti Qulqulluu Maatewoos, Qulqulluun Maarqoos, Qulqulluu Luqaas, Qulqulluu Yohaannis, Qulqulluu Pheexiroos, Qulqulluu Phaawuloos fi k.k.f jechuudhaan maqaa isaanii dura jecha Qulqulluu jedhu kan itti fayyadamnu. Amantaa Ortodooksii Tawahidoo keessatti waa’een araarsummaa Qulqullootaa fi kabajni isaanii bal’inan kan itti amanamuudha.

Egaa yemmuu waa’ee araarsummaa qulqullootaa ilaallu, dursa qulqulloonni akkamiin araarsu, aangoo akkanaa kana

eenyutu kenneef, qulqulloonni yoo lubbuun jiranii fi erga du’aan addunyaa kanarraa boqotan booda akkamiin araarsu kan jedhu ilaalla.

Qulqulloonni kan Gooftaaf hamma dhumaatti amanamanii, wareegaman fi maqaa Gooftaa keenya Qoricha keenya lyyasuus Kiristoosiif jedhanii gidiraa arganii fi maqaa isaatiin dinqii baayyee godhan, jireenya isaanii guutuu Waaqayyoon tajaajilanii kan darbanii dha. Kanarraanis kan hafe addunyaa kana tufachuudhaan lafa onaa (Gadaamii) keessatti bineensaa fi qorra dilalla’aa danda’anii.

Waaqayyoon galateeffachaa kan turan, oduu fi jaalala biyya lafaa kanarraa kan fagaatanii dha. Akka baruumsa Mana Kiristaanaatti Waaqayyo nama ta’ee, afaan namaatiin dubbatee, cubbuu malee wanta namni hojjete hunda hojjetee darbe jenna. Kanaaf ammoo namoota isaaf amanamaniif waadaa galeeraaf, waada isaaniif gale kanas ni raawwataaf jennee amanna.

Caqasawwan kanaa gadii kitaaba Qulqulluu iraa fudhatamanis

kanuma dhugaa bahu;

«Ijji lamaan Waaqayyoo gara qulqullootaati, gurri lamaan isaatis gara kadhaa isaaniiti» (Faar 34:15)«Fedhiin qulqullootaa ni laatamtiif» (Fakk. 10:24).

«Kadhaan nama qulqulluu hojii isheetiin humna cimaa gooti, dirqamas ni raawwatti» (Yaaq 5:16)

«Waaqayyo cubbamtoota irraa ni fagaata, kadhaa qulqullootaa garuu ni dhaga’a.» (Fakk. 15:29)

«Kadhaan qulqullootaa Waaqa biratti akka Ixaana jaalatamaadha» (Faar. 140:2)

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Araarsummaa Qulqullootaa Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.

Raajii Ermiyaas Kitaaba fi Seenaa Raajii Ermiyaas
Raajii Ermiyaas

Har’a ammoo raajota gurguddoo arfan keessa tokko kan ta’e waa’ee Raajii Ermiyaas. Kitaaba isaa fi Seenaa Raajii Ermiyaas ni ilaalla.

Raajota Gurguddoo Arfan Keessaa tokko kan ta’e Raajii Ermiyaas eenyudha?

Raajii Ermiyaas jechuun maal jechuudha?

Ermiyaas jechuun «Waaqayyo ol nama qaba» jechuudha. Akkasumas «Kan gadameessa haadha isaa keessattis filatame» jechuudha. Akka Kitaabni Qulqulluu nutti himutti Abbaan isaa Luba «Kelqiyaas» jedhama. Haati isaa ammoo «Maartaa» akka jedhamtu Tiwuufiitiin Mana Kiristaanaa ni hubachiisa. Biyyi isaa naannoo magaalaa Iyyerusaaleem qarqaratti argamtu yoo ta’u, dhaloonni isaas qomoo warra Luboota keessaadha.

Mootichi bara sana ture ammoo Ikkooniyaan jedhama. Naabukedenetsoor Faarisii dhufee mooticha hidhee uummata biyyichaa immoo booji’ ee utuu deemuu, obboleessi isaa Naataan karaa irratti eegee, osoo anaan moosistee ykn osoo ana mootii na taasistee Israa’eel akka siif bitaman nan taasisa jedhee aangoo kadhate.

Naabukedenetsoor maqaa koo akka hin ganne jedhee warra boojii irraa hafetti Seedeqiyaas jedhee muude. Innis waggaa 8 erga mooticha isa muude gabbaree of jabeessee booda isaaf bitamuu dide. Kanaaf mootichi jalqaba Mo’abaawotaan, itti aansee immoo loltotaan ofiitiin marsee isa

cinqinaan Seedeqiyaas gara raajicha Ermiyaasitti maaloo naaf kadhadhu jedhee erge. Raajaan Ermiyaasis uummata waliin booji’amta jedhee deebiseef yeroo kanatti Sedeqiyaas ati anaaf waan gaarii dubbattee hin beektu jedhee boolla keessatti hidhe. Waaqayyo immoo Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel ergee Abemeleki irra bulee boolla keessaa isa baase Ermiyaas 38:7.

Seenaa Raajii Ermiyaas

Isiraa’eloonni lolli itti hammaannaan mooticha keenya malaan baasuu qabna jedhanii akka inni du’e fakkeessanii wayyoo wayyoo jedhanii siree irra ka’aanii yoo baasan Naabukedenetsoor argee maalinni? jedhee yemmuu isaan gaafatu mootii keenyatu du’ee jennaan awwaaluuf deemaa jirra jedhaniin.

Innis gaddee isa silaa anatu dhiqee kafanuu qaba ture mee amma dhungadheen geggeessaa reeffa isaa naaf fidaa jedhe. Yoo fidanii kafana hiikan namichi hin duune iji isaa ni arga ture. Kanaanis Naabukedenetsoor Sedeqiyaasiin osoon si amanuu maaf na gante amma ammoo eessa deemufiree? jedhee gara qondaaltotaatti gara galee nama kana irratti maal murteessitu jedhee gaafate isaanis du’atu isaaf ta’a haa du’u jedhaniin.

Raajicha Ermiyaas fi Abemeleek

Naabukedenetsoor immoo deebisee lakki du’i qofti ga’aa miti jedhee ijoollee isaa 7’n ajjeesee, isa immoo ija isaa keessaa baasee Baabiloonnitti geessee Baaqelaa yeroo hororu ykn daaku onneen isaa dhootee du’eera. Ermiyaas duuka bu’oota Miidiyaam Abemelekii fi Baarook jedhaman qaba. Isaanis yeroo waa’ee badiinsa Iyyerusaalem dubbatu waan dhaga’aniif kana ijaan nun agarsiisin jedhan.

Yeroo yeroon isaa ga’u Baarokiin awwaala moototaa eegsisee, Abemelekiin immoo baala qorichaa fidi jedhee gara bosonaatti erge innis tole jedhee dhaqee yoo deebi’uuf jedhu hirriba itti buusee muka tokko jala waggaa 66f raffise. Yeroo kana na’ee nan barfadhe jedhee ka’e haa ka’u malee waggaa amma kanaa rafuu isaa hin beeku ture.

Yeroo kana galuuf gaafa jedhu karaan harkaa badee ergamaan Waaqayyoo tokko fakkeenya maanguddootiin tabbarraa yoo gadi deemu argee «Maaloo Ermiyaasiin agartanii?» jedhee gaafate. Jaarsichis «Ati biyya keessa hin jirtumoo? Ermiyaasiin booji’amee gara Baabiloon erga deemee waggaa 66 ta’eera» jedheen.

Yeroo kana Abemeleek aaree «Ati jaarsa botontoraadha osoon si arrabse natti tola garuu Seerri ykn Oriitiin jaarsa kabaji jetti malee» jedhe. Ergamichis wanta ta’e hundumaa Abemeleekif ni ibse. Ergasii booda Baarokii waliin walitti fidee jennaan walitti marmanii kadhannaa yemmuu godhatan Israa’eloonni booji’aman boojiidha deebi’uuf waggaa 4 qofti akka isaan hafu hubatan.

Kanas yeroo argan barreessanii xalayyaa morma Joobiraatti hidhanii gara Baabiloonnitti erganiiru. Joobirichis xalayyicha Ermiyaasiif geesse. Ergaan

xalayyichaas isin boojiidha deebi’uuf waggaa 4 qofatu isiinii hafe kanaaf warri warra hin amannee wajjin wal fuutan hiikaa, seera keessanis cimsaa kan jedhu ture. Waggaa 4 booda Ermiyaas fedha Waaqayyoon Isiraa’eloota walitti qabee gara Iyyerusaaleemitti deebi’eera. Boojiidhaa erga deebi’an boodas Raajichi Ermiyaas Mana Qulqullummaa jige ijaarsiseera. Akkasumas Meeshaalee Qulqullaa’oonis akka itti galan taasiseera.

Amaloota Addaa Raajichi Ermiyaas ittiin Beekamu

1. Kitaaba Qulqulluu keessatti waa’ee gidiraa isa irra gahee hanga Raajii Ermiyaas namni boo’e hin jiru. Hayyoota waa’ee Waaqummaa biratti «አልቃሻው ነቢይ» ykn «Raajicha isa Boo’u» jedhamaa waamamuun isaas kana amala isaa kana kan agarsiisu ture. Kitaaba Saqooqaa Ermiyaas dubbisuun wanta kana ifa nuuf taasisa.

2. Raajii Kadhannaati

Raajii Ermiyaas Raajota kan biroo irraa wanti adda isa taasisu inni kan biraa Waaqayyo waliin kan haasa’u Kadhannaadhaan ta’uu isaati. Raajii isaa, mul’ata isaa kan ibsuuf yeroo kadhatudha.

Yeroo dhiphatus kan isa mariisisu hiriyaa ykn haadha manaa hin qabu, ijoollees hin qabu, kanaafuu yeroo dhiphatu, gidiraa obboloota isaa yeroo argu, diigamu Mana Qulqullummaa yeroo argu ni boo’a, Waaqayyos itti dubbata.

3. Raajichi hangamiyyuu Iyyerusaaleem fi uummata isaa jaallatuyyuu booji’amuun isaanii akka hin hafne itti himuuf dirqameera. Kana irrattis «Mootii Baabilooniif harka kennaa, bitamaas, booji’amtoonnis hanga waggaa 70 tti hin deebi’an!» jedhee sagalee Waaqayyoo isaaf ibsame waan dubbateef ni jibbame. Baay’eewwanis isa ajjeesuuf ni yaadan. Erm. 11:21, 26:11.

Kanaanis gidiraan garaa garaa irra gaheera ni rukutame, boolla dhoqqeetti gatame, yeroo lama hidhame, maraateera jedhame. Kanaafuu Raajichi kitaaba isaa irratti waa’ee isaa waa’ee gidiraa isa irra gahee baay’ee barreesse Raajota kan biroo caalaa waa’ee amala fi haala isaa ibseera.

4. Kana hunda waliin uummataaf fakkeenya akka ta’uuf niitii akka hin fuune, gara affeerraatti ykn gara boo’ichaatti akka hin deemne dhorkameera. Erm. 16

Innis uummata walitti qabee «Egaa rakkinni kanaan duraa akka nuyi hin arganneef ykn akka nurra hin geenyeef Waaqayyoon kadhachuutti haa jabaannu!» erga jedhanii booda waa’ee foonummaa yoo barsiisu ; «Ilma Waaqayyoon arge nuun jedhaa?» jedhanii dhagaan dha’anii ajjeesan. Terefa Erm/11:54, Ibr 11:37.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Ayyaanni boqonnaa yaadannoo Ermiyaas Camsaa 5 dha.

Galanni waaqayyoof haa ta’u!

Eebbi Raajicha Ermiyaas nurra haa bulu!

The post Raajii Ermiyaas Kitaaba fi Seenaa Raajii Ermiyaas first appeared on Qubee Online +.

Qulqulluu Abuna Ewoosxaatewoos Ortodoksii Tawaahidoo
Abuna Ewoosxaatewoos

Mata duree kana keessatti seenaa fi qabsuura Abuna Ewoosxaatewoos waliin ni ilaalla hanga dhumaatti dubbisaa!

Abbaan keenya Qulqulluun Abuna Ewoosxaatewoos eenyudha?

Qulqulluun Ewoosxaatewoos lammii Itoophiyaa ykn Ertiraa yoo ta’aan tajaajila sadarkaa Addunyaatti beekamaa ta’e Qulqulluu qabanidha. Seenaa Itoophiyaa bara giddu galeessaatti hanga Qulqulluu Ewoosxaatewoos fi hanga Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot Qulqulluun maqaan isaanii sirriitti beekame hin jiru.

Abbaan keenya Qulqulluun Ewoosxaatewoos naannoo bara 1265 Dh.K.B akka dhalatan kan amanamu yoo ta’u, maatiin isaaniis Kiristoos Mo’aa fi Sine Hiwoot jedhamu. Maqaan jalqabaa Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Ewoosxaatewoos «Maa’iqebe Igzi’i» ykn «Gooftaadhaaf kan eegame» ture. Ewoosxaatewoos kan jedhaman boodarradha.

Abbaan keenya Qulqulluun Ewoosxaatewoos jalqabuma irraa kaasee yeroo ijoollummaa isaanii Afuurri Waaqayyoo isaanirra buleera waan ta’eef Addunyaa kanaaf hin dhiphatan ture. Barsiisaa bira deemanii Kitaabolee Qulqullaa’oo baratanii, Diqunnaa fudhatanii tajaajiluuf seenan. Tajaajila Diqunnaa isaaniitiinis cimoo waan ta’aaniif abbootiin yeroo sanaa «Isxifaanoos Lammaffaa» jedhanii isaan waamu ture.

Sana boodas yeroo dargaggummaa isaaniitti jireenya Minnaanee filatanii Tsoomii fi kadhannaadhaan Sagada waliin taasisuu jalqaban. Jireenya akkasii irra osoo jiranii guyyaa tokko Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos gara Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Ewoosxaatewoositti dhufe.

Abbaan keenya Qulqulluun Ewoosxaatewoosis Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo argan ni nahan, Gooftaan garuu «Yaa Ewoosxaatewoos garaa haadha kee keessa osoo jirtuu si filadheera! Itoophiyaa dhaa kaasee hanga Armaniyaatti Duuka Bu’aa akka taatuuf si muudeera. ‘ዘኪያከ ሰምዐ ፥ ኪያየ ሰምዐ’ ykn si kan dhaga’e ana dhaga’a, si kan dhaga’uu dide ana hin dhaga’u!» jedheenii isaan eebbisee ol ba’e.

Abbaan keenya Qulqulluun Ewoosxaatewoos waa’ee kennaa isaatiif isa galateeffachaa Lubummaa fudhatanii lallaba jalqaban. Maqaan isaaniis biyyattiitti saffisaan dhaga’aame. Bakkaa bakkatti socho’aa kan hin amanne amansiisanii cuuphaa, kan amane Sirna Mana Kiristaanaatiin jajjabeessaa fi cimsaa jireenya Gadaamii ykn jireenya Kawaalaa babaldhisaa deeman.

Amma biyya Ertiraa keessatti kan argamuu fi Gadaamiin Abbaan keenya Qulqulluun Ewoosxaatewoos hundeessan dabalatee babaldhachuu jireenya Kawaalaatiif hirmaannaa guddaa taasisaniiru. Gadaamii isaaniittis Abbaa Absaaddii dabalatee Abbootii hedduu barsiisaniiru, horataniiru.

Abbaan keenya Qulqulluun Ewoosxaatewoos keessattuu kan ittiin beekaman guyyaan Sanbataa ykn Qidaameen akka kabajamtu ykn akka hin tuffatamne tattaaffii isaan taasisaniini. Dhamaatiin isaanii kunis milkaa’eera. Biyya keenyattis guyyoonni kunneen lamaan iddoo tokko tokkotti yoo ta’een ala ni kabajamu.

Abbaan keenya Qulqulluun Abuna Ewoosxaatewoos yeroo lama miila isaaniin deemsa dheeraa deemaniiru. Deemuun isaanii garuu Mana Kiristaanaa dhungachuuf ykn nagaa gaafachuuf qofaa hin turre. Inumaayyuu sanyii Wangeelaa facaasaa, firii isaa funaanaa deeman malee. Isaanis yoomiyyuu hojii Duuka Bu’ummaa isaanii irraa duubatti hin deebi’an waan ta’eef.

Jireenya isaanii gara dhumaatiinis Gadaamii isaanii irratti Duuka Bu’aa isaanii Abbaa Absaaddii muudanii deemsa isaanii haaraaf ka’an, ijoollee isaanii gar-tokkee Gadaamii sana keessatti dhiisanii, warreen kaan ammoo qabatanii deemsa gara Armaniyaatti taasisan.

Daandii irrattis gara Galaana Iyyaarikkootti yeroo gahan Bidiruu ittiin ce’an dhaban. Isaanis Abbaa ajaa’ibaa waan turaniif Amantiidhaan uffata isaanii xiqqoo baafatanii Galaana sana irratti gatan. Irra isaattis mallattoo Fannootiin mallatteeffatanii irra ta’aan.

Duuka Bu’oonni isaaniis uffata galaana sana irratti hafame irra itti marsanii irra ta’aan. Samii irraas gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos bu’ee gidduu isaanii dhaabbate, Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel karaa Mirgaan, Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri’eel ammoo karaa Bitaatiin dhaabbatan. Abbaan keenya Qulqulluun Abuna Ewoosxaatewoos ammoo ijoollee isaanii barsiisuu fi isaaniif hiikuu jalqaban.

Gidduu isaanii keessaa inni tokko garuu shakkuu isaatiin inni kan irra taa’e qofti cittee dhidhime. Booda garuu Abuna Ewoosxaatewoos deebi’anii isa baasanii, du’aa isa kaasaniiru. Sababa kanaanis «ዘአደወ ባሕረ» ykn «Dambalii ykn Galaana kan ce’e» jedhamaniiru.

Abbaan keenya Qulqulluun Abuna Ewoosxaatewoos Armaniyaatti waggoota hedduuf lallabanii, jireenya Gadaamii babaldhisanii, hojiiwwan raajii hedduu raawwatanii dhalatanii waggaa 80 isaaniitti bara 1345 Dh.K.B Fulbaana 18 boqotaniiru.

Abbaan keenya Qulqulluun Abuna Ewoosxaatewoos Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Ertiraa, Gibtsii fi Armaniyaatti ni yaadatamu. Guyyaan Yaadannoo isaan kan ji’aa gaafa guyyaa 18 yoo ta’u, kunis guyyaa boqonnaa isaanii Fulbaana 18 irraa ka’uuni.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Eebbi fi araarsummaan Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Ewoosxaatewoos hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Qulqulluu Abuna Ewoosxaatewoos Ortodoksii Tawaahidoo first appeared on Qubee Online +.

Qulqulluu Isxifaanoos : Seenaa Hangafa Diyaaqonootaa
Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Isxifaanoos

Hangafa Diyaaqonootaa Kakuu Haaraa kan ta’e Qulqulluu Isxifaanoos eenyudha?. Mata duree kana keessatti waliin bal’inaan ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluu Isxifaanoos eenyudha?

Isxifaanoos jechi jedhu jecha Giriikii yoo ta’u, Afaan Giriikiitiin yeroo barreeffamu «Στέφανος» ta’a, yeroo dubbifamu ammoo «Isteefaanoos» jedhama, akkasumas Afaan Ibraayisxiin ammoo «הקדוש סטפנוס» ta’a, gama biraatiin Afaan Ingiliffaan ammoo «Stephen» ykn yeroo dubbifamu «Isteefan» ta’a.

Isxifaanoos jechi jedhu jecha Giriikii yoo ta’u, hiikni isaas «Goonfoo» jechuudha. Qulqulluun Isxifaanoos Seera Wangeelaa keessatti Hangafa Diyaaqonootaa isa jalqabaa fi Wareegamaa isa jalqabaati. Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos «Hangafa Diyaaqonootaa» jedhamuu isaatiin dura jalqaba irrattis Duuka Bu’aa ture. Sana boodas Diyaaqonii ta’uun muudameera (Kuni Onkoloolessa 12 dha).

Akka ragaaleen garaa garaa agarsiisanitti Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos kan dhalate Abbaa isaa Simi’oon fi haadha isaa Maariyaam irraadha.

Akkuma Kitaaba Hojii Duuka Bu’ootaa irratti caqasame Qulqulluun kun jalqaba Gamaaliyaal kan jedhamu barsiisaa Oriitii irraa Tiwuufiitii, Oriitii fi Kitaabolee Raajota barateera. Yeroo lallabaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosis Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos iddoo gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus oole oolee, iddoo inni bule bulee Wangeela barateera, Duuka Bu’aa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosis ta’e, gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Abbootii Qulqulloota Duuka Bu’oota 72’n keessaa tokko isa taasise. HDB. 5:34 – 6:5-10.

Ayyaana guyyaa Shantammaffaatti Afuurri Qulqulluu yeroo bu’etti Abbootii 72’n keessaa hanga Qulqulluu Isxifaanoos iccitiin kan ifeef hin turre. Dursummaa Afuura Qulqulluutiinis Wangeela lallabeera. Yeroo qormaata Mana Kiristaanaattis dursummaa Afuura Qulqulluutiin Diyaaqonoonni torba yeroo filataman Qulqulluun Isxifaanoos isa tokko ture.

Qulqulluun Isxifaanoosis dursaa ykn Alaqaa Diyaaqonoota Jahanii fi dursaa Waldaa kuma saddeetii ta’eera. Kana boodas Qulqulluun Isxifaanoos ol ba’iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos booda waggaa tokkoof Waldaa kuma saddeet sana dursaa, Wangeela lallabaa, qabsuura’aa Wangeelli akka babaldhatu taasise. HDB. 6:4.

Dabalataan dubbisaa :- Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis

Qulqulluun Isxifaanoosis kennaa fi humni Waaqayyoo kan irra bule waan tureefi hojiiwwan raajii hedduu kan taasisu waan tureef yeroo sanatti Ayihuudonni inaaffaadhaan irratti ka’aan, isa waliinis falmii keessa galan, ta’us garuu isa injifachuu hin dandeenye sababni isaas afuurri Waaqayyoo fi humni Waaqayyoo isarra buleera waan ta’eef.

Kana boodas ragaa sobaatiin «Namni kun Musee fi Waaqayyo irratti jecha arrabsoo yeroo dubbatu dhageenyeerra!» jechuudhaan isa himatan, inni garuu waa’ee dhugaa ragaa ba’e malee isaan hin sodaanne, Hangafoonni Lubootaas yeroo isa gaafatanitti waa’ee Waaqayyo uumaa isaa ragaa ba’e, dhuma irrattis akkas isaaniin jedhe «Isin lapheen keessan kan cufame, gurri keessan kan duude, akka Abbootii keessanii yeroo hunda Afuura Qulqulluu mormitu.

Abbootiin keessan raajota keessaa kan hin gidirsine eenyutu jira? har’as isin dabarsitanii kan kennitan fi kan isa ajjeestan dhufaatii Qulqullichaa dursanii kan dubbatan isaan isin ni ajjeestan. Ergamootaanis sirna Oriitii fudhattanii hin eegne.» kanaanis baay’ee aaranii dhagaadhaan isa rukutuun isa ajjeesan. Ragaa ba’umsa isaas kanaan raawwatee goonfoo Wareegamummaa Amajjii 1 fudhateera. Kanaanis dursaa Wareegamootaa jedhama. (HDB. 7:51-53)

Qulqulluun Isxifaanoos Erga Boqote Booda

Qulqulluun Isxifaanoos erga boqote waggaa 300 booda Iyyerusaaleem kan jiraatan nama qajeelaa tokkotu ture maqaan isaas Lukiyaanoos jedhama. Yeroo baay’ee irra deddeebiin Qulqulluun Isxifaanoos mul’ataan isaaf ibsamee «Foon koo baasi!» jedhaan waan tureef deeme Phaaphaasiitti hime.

Phaaphaasichis gammadee Lubootaa fi Kiristaanota walitti qabee gara iddoo Gamaaliyaal ykn gara barsiisaa isaatti deeme. Iddoo sanas yeroo qotanitti sochii guddaatu ta’e, Ergamoonni yeroo ulanis fooliin gaarii ni urgaa’e, faaruun ergamootaas ni dhaga’aame.

Uummataa fi Phaaphaasiinis Qulqulluu Isxifaanoos fuulduratti kufanii Sagaduun gammachuu guddaadhaan fi faaruudhaan foon isaa achii baasanii Tsirhaa Tsiyoon ykn mana eebbifamtuu keessa ka’aan. Namni qajeelaa Ille Iskindiroos jedhamus Mana Kiristaanaa ijaareef, gara Mana Qulqullummaa ykn Mana Kiristaanaa sanaattis ni galchan.

Waggoota shan boodas Iskindiroos yeroo boqotu saanduqa keessa ka’aanii Qulqullicha cinaa ka’aan. Haati manaa Iskindiroos garuu gara biyya ishee Qusxanxiiniyaatti yeroo deebitu foon Abbaa manaa ishee itti fakkaatee Foon Qulqulluu Isxifaanoos doonii dhaan feesistee fudhattee deemte.

Daandii irrattis saanduqa sana keessaa Faaruu dhageessee yeroo ilaaltu Foon Qulqulluu Isxifaanoosidha. Isheenis baay’ee gammadde, isheenis Foon Qulqulluu sana geessitee Qulqulluu Qosxanxiinoosiif kennite. Magaalaa sana keessattis gammachuu guddaatu ta’e.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Eebbi fi araarsummaan Wareegamaa Qulqulluu Isxifaanoos hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Qulqulluu Isxifaanoos : Seenaa Hangafa Diyaaqonootaa first appeared on Qubee Online +.

Qulqulleettii Kiristoos Samraa Seenaa fi Qabsuura Ishee
Haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraa

Mata duree kana keessatti Seenaa fi Qabsuura haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraa ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Haati keenya Qulqulleettiin Kiristoos Samraan eenyudha?

Haati keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraan Shawaa Bulgaa naannoo iddoo ykn bakka «Geeyee» jedhamutti. Kan dhalatte yoo ta’u, Abbaan ishee Deresenii, haati ishee ammoo Illeenii jedhamu. Abbaa fi haati ishee kunneenis Waaqayyo fuulduratti kan amanaman turan.

Intala isaanii kanas Sirna Mana Kiristaanaa, Kitaabolee Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa barsiisuun guddisan. Umuriin ishee heerumaaf yeroo gahuttis Abbaa fi haati ishee ilma Iyyesuus Mohaa kan Samraa Giyoorgis waliin bultii akka ijaarratan taasisan, ijoollee dhiiraa kudhanii fi ijoollee shamarrannii lamas ni deesse, isheenis ijoollee ishee seeraa fi sirna Waaqayyootiin guddiste.

Mootiin bara sanatti ture Atseen Gabra Masqal nama qajeelaa fi nama gaarii ture. Yeroo tokko mootichi waa’ee gaarummaa fi miidhagina Qulqulleettii Kiristoos Samraa yeroo dhaga’etti. Yeroo sanatti bulchiinsa isaa keessatti kan argaman dubartoota 174 keessaa tokko waan turteef waa’ee ishee ni bare.

Mootichis akka ishee tajaajilaniif ijoollee 272 ergeef. Ta’us garuu kuni Wuddaasee kantuu akka hin taaneef gara Waaqayyootti yeroo agarsiistutti. Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel abjuudhaan itti mul’atee.

«Nagaan siif haa ta’u jaalatamtuu Yaa Kiristoos Samraa! Arjummaa Waaqayyoo kan ta’e Habistii Samii sooradhu!» jedhee ishee soore. Keessa isheettis Afuurri Qulqulluu isheetti guute, uumaa ishees ni galateeffatte, tajaajiltoota mooticha irraa isheef ergamanii tures mariisistee Qulqulluun Mikaa’eel akkuma ishee ajaje maqaa isaatiin Mana Kiristaanaa ijaarsiste. Taabota Kakuu isaas Mana Kiristaanaa sana keessa galchuunis, Mana Kiristaanaa sanatti tajaajilaa turte.

Gaaf tokko garuu tajaajiltoota ishee keessaa ishee tokko irra afuurri hamaan ni bule, hin ajajamu jechuus jalqabde. Yeroo kanattis Qulqulleettiin Kiristoos Samraan irra deddeebitee ishee gorsite, tajaajiltuun sun garuu gorfamuu hin dandeenye.

Kanarraa kan ka’es garmalee itti aaru isheetiin tajaajiltuun sun ni duute. Garmalee kan gaddite Haati keenya Qulqulleettiin Kiristoos Samraanis «Kunimmaa Lubbuu ajjeesuu natti ta’a!» jettee garmalee boosse, gara Waaqayyootti yeroo kadhattettis Waaqayyo tajaajiltuu sana du’aa ni kaaseef.

Keessi ishees gammachuun guutame, akkasis jette «Jireenya Addunyaawaa keessa yeroon jiraadhu raajii kana yoo naaf raawwatte, jireenya Minnaaneen yoon jiraadhe ammoo hangam hojii raajii naaf hojjeta!» jettee Abbaa manaa ishee fi ijoollee ishee akkasumas maatii ishee dhiistee Monokoste.

Ta’us garuu ilma ishee isa dhumaa gara Gadaamii Dabra Libaanoos yeroo seentetti qabattee deemte. Namoonni naannoo sanaas fagoo irraa akka dhufte beekanii ofitti ishee siqsan, isheenis mucaa ishee achi keessee Gadaamii sana keessatti Kadhannaa, Tsoomii fi Sagadaan jiraatte. Ilmi ishee garuu haadha isaa yeroo dhabetti ni boo’e, ni beela’es.

Dubartii tokko karaa sana irra darbaa osoo jirtuu mucaa sanatti siqxee kaasuuf yeroo yaaltu Qulqulluun Mikaa’eel dursee kaasee fudhate, gara Jannataattis isa galche. Qulqulleettiin Kiristoos Samraanis gara mucaa isheetti yeroo deebitetti du’ee isa argite. Gadda cimaas ni gaddite, yeroo kanattis Qulqulluun Mikaa’eel isheef ibsamee ykn mul’atee mucaan ishee Jannata akka jiru itti himee ishee jajjabeesse.

Gara Xaanaattis ishee geesse, achittis waggoota 12’f bishaan keessa seentee qaamni ishee ciccitee hanga Qurxummiin keessa darbanitti dhaabbattee kadhatte. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis isheef ibsamee Waadaa kenneef, goonfoon 10 nis ni bu’eef.

Kadhannaa fi Sagada yeroo itti fuftettis Qulqulluu Mikaa’eel, Qulqulluu Gabri’eel, Qulqulluu Rufaa’eel fi haati isaa Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam akka ishee gargaaraniif gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos isheef eeyyame.

Haati keenya Qulqulleettiin Kiristoos Samraan gara laafettii waan turteef Gooftaa akkas jettee kadhatte «Yaa uumaa koo! ana garbittii kee wanta hamaa hunda irraa oolchiteerta waan ta’eef, Diyaabiloosis akka maartuuf ykn akka isaaf dhiistuuf sin kadhadha!

Kunis waa’ee Addaam fi waa’ee ijoollee isaa walumaa galatti namoota Addunyaa kana irra jiranii foon isaanii foon koo waan ta’eef akka isaan hin dogoggorsiisneef, akka hojii hamaa isaan hin hojjechiisneef jedheeni naaf maari jechuun koo!» jetteen. Gooftaan keenyas «Yaa Kiristoos Samraa! kadhannaa ajaa’ibaa na kadhatte! warreen kaanis si dura kan jiranis, si booda kan dhufanis kan kadhatan na kadhatte!» jedheen. Qulqulluun Mikaa’eelis gara Diyaabiloositti akka ishee geessu ajajame.

Si’ool yeroo gahaanis araara kan barbaadu yoo ta’e akka isa gaafattuuf Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel yeroo ishee ajajetti «Saaxinaa’eel» jettee isa waamte. Diyaabiloosis deebisee Saaxinaa’eel jedhee kan na waame eenyudha? jedhe, isheenis «Anadha» jetteen. «Gara kootti maalif dhufte?» jedhee yeroo ishee gaafatus «Uumaa kee waliin walitti si araarsuuf» jetteen.

Innis «Si’i manaa fi qabeenya kee bira yeroo jirtu sin dogoggorsiisa jedhee yeroon dhufu namnin si dhabe ana araarsuuf dhuftee? garuu kana kan taasise diinni koo inni durii Mikaa’eel dha, ana waliin yeroo hunda faallaa kan ta’u, kabaja koo irraas kan na buuse isadha malee ati maal humna qabda!» jedhee harka ishee qabee gara Si’oolitti ishee darbate.

Saffisuma sanattis Qulqulluun Mikaa’eel Sayifii isaatiin Si’ool rukute, ni banames, keessa isaattis lubbuuwwan hedduu argite, lubbuun ishees ni ifti waan tureef naannoo lubbuuwwan 10,000 ba’aanii irra qubatan, Si’ool keessaas isaan qabattee baate. Lubbuuwwan sana kan isheef maare Waaqayyos ni galateeffatte.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraa dhaaf boqonnaan ishee karaa mirgaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka ta’u fi maqaan ishees kanaan booda «Batra Maariyaam» jedhamee akka waamamu itti hime. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis ibsamtee «Yaa Kiristoos Samraa! gadameessi si deesse eebbifamtuu dha! …..» jetteen.

Kana boodas foon ishee Lubbuu ishee waliin waloomuun gara lafaatti deebite, hojjaa isheetiin boolla qochisiistee, naannawaa isheetti eeboowwan dhaabsiste, kunis gara fuulduraatti fi gara duubaatti yeroo deemtu akka ishee waraanuuf ture.Waggoota kudha lamaafis sagadaa jiraatte.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis akkas jedheen «Si kan jallatan, maqaa kee kan waammatan, yaadannoo kee kan yaadatan Ayyaana kee kan kabajan hanga dhaloota 12 tti siin maara!» dhuma irrattis Hagayya 24 lubbuun ishee foon ishee irraa adda baatee Ergamoonni ol ishee baasan.

Atsimiin kabajamaan haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraas Gadaamii Geeyee jedhamee keessa kaawwameera, Gadaamiin kunis Kiristaanota ishee yaadatanii fi nu araarsi jedhaniif kan ijaaramedha.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Eebbi fi araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraa hundaa keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Qulqulleettii Kiristoos Samraa Seenaa fi Qabsuura Ishee first appeared on Qubee Online +.