Skip to content

Ministeera Barnootaa tiin kan banaman Manneen Barnootaa Bultii Addaa

Galmee Ministeera Barnootaa kutaa 9ffaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa

Galmee Ministeera Barnootaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa

 

Ministeera Barnootaa tiin Manneen Barnootaa Bultii Addaa banamaniiru. Isaanis Barattoota qormaata naannoo kutaa 8ffaa bara 2017 fudhatanii ulaagaa guutan naannolee garaa garaa irraa dorgomsiisee fudhachuun barsiisu. Kanaafis ulaagaa fi wantoota barbaachisan hunda Ministeerri Barnootaa ifa taasiseera. Isaanis tokko tokkoon kan ilaallu ta’a.

 

Galmee Ministeera Barnootaa kutaa 9ffaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa
MBBA Ministeera Barnootaa

Ministeera Barnootaa tiin kan banaman, Manneen Barnootaa Bultii Addaa tiif bara 2018 Mootummaan Feederaalaa Itoophiyaa barattoota garaa garaa simatee Manneen Barnootaa Bultii Addaatti barsiisuuf qophii garaa garaa taasisaa jira.

 

Kaayyoon Manneen Barnootaa kanneenii misooma biyyattiif bu’uura kan ta’aan barattoota gosoota garaa garaatiin kennaa qaban fi gahumsa qaban filatee barnoota fi leenjii addaa akka argatan taasisuu irratti qophii taasisaa jira.

 

Kanaanis bara barnootaa 2017 tti barnoota fi qormaata naannoo kutaa 8ffaa barattoonni xumuran fi qabxii gaarii fidan caarraa barnoota bilisaan kana argachuuf yeroo dorgommiin itti taasifamu Hagayya 5 – 15 bara 2017 irratti hirmaachuu danda’u.

 

Faayidaa Barnoonni Ministeera Barnootaa Bilisaan kun qabu

 

• Baasiin barnoota kanaa hundi bilisaanidha.

• Tajaajila nyaataa fi iddoo bultii (doormii) bilisaan

• Sirna barnootaa addaa fi guutuu barnoota qulqullina qabu.

• Iddoo mijataa barnootaa.

 

Ulaagaalee Galmee Manneen Barnootaa Bultii Addaa Kanneenii

 

Barattoonni carraa barnoota bilisaa kana dorgomuu barbaadan ulaagaalee kanneen guutuu qabu;

 

✓ Barnoota kutaa 8ffaa bara 2017 kan xumure ykn kan xumurte.

✓ Waraqaa eenyummaa digital Fayda kan qabu ykn kan qabdu 

✓ Qormaata naannoo kutaa 8ffaa Parsantaayilii 95 fi isaa ol kan fide ykn kan fidde.

✓ Qormaata naannoo kutaa 8ffaa avereejii ykn qabxii giddu galeessaa 85 fi isaa ol kan fide ykn kan fidde.

 

Haala Galmee Manneen Barnootaa Kanneenii

 

• Barattoonni carraa barnoota bilisaa kana dorgomuuf fedhii qabdan fi ulaagaalee ka’aaman guuttan hundi iddoo jirtan irraa karaa portal tajaajila kanaaf jedhamee baname fayyadamuun karaa online galma’uu fi document barbaachisaa ta’aan dhiyeessuu qabdu.

 

• Guyyaan galmee Hagayya 5 bara 2017 irraa kaasee hanga Hagayya 15 bara 2017 tti kan turudha.

 

• Hagayya 15 bara 2017 irraa kaasee hanga Hagayya 20 bara 2017 tti maqaan barattoota qormaataaf darbanii calalamee ni ifooma.

 

• Hagayya 20 bara 2017 irraa kaasee hanga Hagayya 25 bara 2017 tti barattoonni qormaata barreeffamaa karaa online ni fudhatu.

 

• Hagayya 27 bara 2017 bu’aan qormaata barreeffamaa barattootaa kan ifoomu ta’a. Barattoonnis bu’aa isaanii karaa online ilaallachuu ni danda’u.

 

Read Also :- Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa 

 

• Hagayya 27 bara 2017 hanga Hagayya 30 bara 2017 tti barattoonni qormaata barreeffamaa darban naannoo isaaniitti maatii isaanii waliin, guddistoota isaanii waliin waliin dubbiin ni taasifama.

 

• Qaammee 3 bara 2017 maqaan barattoota qabxii walii galaatiin darban ni ifooma.

 

Hubachiisa :- Barattoonni qormaata naannoo kutaa 8ffaa bar 2017 fudhatanii ulaagaa armaan olii guutan hundi dorgomuu danda’u. Yeroo galmeettis wantoonni isin rakkisan yoo jiraate waajjira barnootaa aanaalee keessan jiran gaafachuu dandeessu.

 

Karaa Website Mana Barnootaa Bultii Addaa Ministeera Barnootaa kana galma’uuf maal maal gaafata?

 

Egaa ulaagaalee armaan olii guutuu akka qabdan Ministeerri Barnootaa ibseera galma’uuf, akkasumas dabalataanis yeroo gara website ittiin galmooftanii seentan wantoota garaa garaa as irratti hin ibsamne hedduu isin gaafata. Isaanis tokko tokkoon haa ilaallu.

 

Jalqaba website kana yeroo bantan foormii galmee kana guutuu keessaniin dura akeekkachiisatu jira, innis;

 

• Gaaffilee gaafatamtan hunda guutuu qabdu, akkasumas deebii sirrii guutuu qabdu, foormiin guutuu hin taane fudhatama hin qabu.

 

• Faayila ykn dookimantii barnootaa keessan yeroo galchitan kan sirriitti mul’atu fi kan dubbifamu ta’uu qaba. Akkasumas suuraa isaa fuulduraa fi duubaan sirriitti suuraa kaasuu qabdu. Dookimantiin ykn ragaan barnootaa sirriitti hin dubbifamne fudhatama hin qabu.

 

• Akkasumas qabxii fi kutaan keessan isin website kana irratti galchitan kan kaardii ykn dookimantii keessan irra jiru waliin wal fakkaachuu qaba.

 

Erga kana ilaalle boda gara wantoota galmeef barbaachisaniitti yeroo darbinu;

 

Odeeffannoo Barataa

 

✓ Odeeffannoo guutuu keessan maqaa keessan hanga akaakayyuutti

 

✓ Email keessan, akkasumas saala, lakkoofsa addaa National ID Fayda (FAN) abbaa dijiitii 16, guyyaa, Ji’a fi bara dhalootaa akkasumas lakkoofsa bilbilaa keessan lama.

 

✓ Magaalaa keessa jiraatta fi Naannoo keessan

 

Odeeffannoo Maatii Barataa

 

✓ Maqaa guutuu maatii ykn guddistoota barataa

 

✓ Email fi lakkoofsa bilbilaa maatii ykn guddistoota barataa

 

Odeeffannoo Barnootaa

 

✓ Avereejii xumuraa gosoota barnoota garaa garaa kan kutaa 6ffaa fi 8ffaa lakkoofsaan 100 irraa

 

✓ Afaanota dabalataa kan fudhattan yoo jiraate (French, Arabic…)

 

✓ Ragaa barnootaa ykn kaardii ministirii kutaa 6ffaa fi 8ffaa fuulduraa fi duubaan file format .PDF, .JPG ykn .PNG fi size isaa 5MB kan hin caalle.

 

✓ Akkasumas odeeffannoo dabalataa ni hanmata.

 

Akkamitti Beeksisa Ministeera Barnootaa kana galmaa’uu dandeenya?

 

Egaa hanga ammaatti wantoota barbaachisan fi ulaagaalee Ministeera Barnootaa ilaalleera, amma ammoo akkaataa kamiin galmaa’uu dandeenya kan jedhu haa ilaallu.

 

Jalqaba website Ministeerri Barnootaa akka barattoonni ittiin galma’aaniif qopheesse armaan gadii ni banna bakka «Apply» jedhu tuquun website galmee Ministeera Barnootaa banaa.

 

Erga bantan booda biifa suuraa armaan gadiin mallattoo ✓ tuqaa, sana booda odeeffannoo isin gaafatu hunda guutaa! galmeen Hagayya 5 bara 2017 jalqaba.

 

Wanti isin rakkise yoo jiraate Channel keenya Telegram QUBEE MEDIA irratti gaafachuu dandeessu.

2 thoughts on “Ministeera Barnootaa tiin kan banaman Manneen Barnootaa Bultii Addaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *