Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa | Qubee Online +

Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa akka Addunyaatti
Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa fi Addunyaa

Suuraa Yuunivarsiitii Gondar

Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa. Mata duree keenya har’a keessatti kan ilaallu waa’ee sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa akka Addunyaatti fi sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Addunyaa ta’a.

Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Addunyaa

Yuunivarsiitiin Harvaard sadarkaa 1ffaan dursaa jira.

Yuunivarsiitiin Keeppi Taawun Afriikaa irraa dursaa jira.

Yuunivarsiitiin Itoophiyaa 6 sadarkaa «Global 2000» keessa galaniiru.

Giddu galli Yuunivarsiitiiwwan Addunyaatiif sadarkaa baasu dhaabbilee barnootaa 21,462’f sadarkaa kan kenne yoo ta’u, isaan kana keessaas sadarkaa guddaa irra kan jiran «Global 2000» jalatti hammateera.

Giddu galli kun sadarkaa Addunyaatti madaaluuf qabxiilee daataa Miil. 74 iddoowwan gurguddoo afuritti qooduun gamaggameera. Isaanis;

Qulqullina barnootaa (25%)

Qacarrii (25%)

Qulqullina Faakaalitii (10%)

Raawwii qorannoo (40%) dha.

Yuunivarsiitiin beekamaan biyya Ameerikaa Yuunivarsiitiin Harvaard waggoota walitti aanan kudha afuriif sadarkaa tokkoffaan dursaa jira. Dhaabbanni Teeknooloojii Massachusetts fi Yuunivarsiitii Stanford sadarkaa lammaffaa fi sadaffaa qabataniiru. Yuunivarsiitiin Cambridge fi Yuunivarsiitiin Oxford ammoo sadarkaa arfaffaa fi shanaffaa irratti argamu.

Yuunivarsiitiin Piriistan, Yuunivarsiitiin Pennsylvania, Yuunivarsiitiin Kolombiyaa, Yuunivarsiitiin Yeel fi Yuunivarsiitiin Chicago sadarkaa Jahaffaa hanga kurnaffaa kan jiru kan qabatan yoo ta’u hundumtuu dhaabbilee dhuunfaa Ameerikaati.

Read Also :- Cuufamuu Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa

Gama biraatiin, Chaayinaan Yuunivarsiitiiwwan ishee 346 «Global 2000» keessa kan galchite yoo ta’u, Yuunivarsiitiiwwan hedduu Global 2000 keessa galchuun dursa irratti argamti.

Afriikaa irraa Yuunivarsiitiin Afriikaa Kibbaa Keeppi Taawun dursaa kan jiru yoo ta’u, Addunyaa irraa ammoo sadarkaa 271 irratti argama.

Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa

Yuunivarsiitiin Finfinnee Itoophiyaa irraa sadarkaa tokkoffaa irratti kan argamu yoo ta’u, akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 808 irratti argama.

Yuunivarsiitiin Gondar ammoo biyya keenya Itoophiyaa irraa sadarkaa lammaffaa fi akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1607 irratti argama.

Yuunivarsiitiin Jimmaa Itoophiyaa irraa sadarkaa sadaffaa, akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1701 irratti argama.

Yuunivarsiitiin Maqalee Itoophiyaa irraa sadarkaa arfaffaa akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1757 irratti argama.

Yuunivarsiitiin Baahir Daar Itoophiyaa irraa sadarkaa shanaffaa fi akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1803 irratti argama.

Yuunivarsiitiin Haramaayaa akka Itoophiyaatti sadarkaa jahaffaa fi akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1903 irratti argama.

Odeeffannoo barnootaa karaa Telegram argachuuf channel keenya Qubee Media join taasisaa!

The post Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa akka Addunyaatti first appeared on Qubee Online +.

Deebii Abbaa Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Itoophiyaa | Cufamuu Dhaabbilee Barnoota Olaanoo fi Ministeera Barnootaa
Deebii Abbaa Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Itoophiyaa

«Kaayyoo Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa cufuus ta’e dhadhabsiisuu hin qabnu!» Abbaa Taayitaa Barnootaa fi Leenjii

Barreeffama keenya yeroo darbee keessatti waa’ee qajeelfama haaraa irra deebiin galmaa’uu dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa irratti gaaffii fi komii dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa kaasan ilaallee turre, deebiin Abbaa Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Itoophiyaa ammoo kunooti dubbisaa!

Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii, taatonni dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa waa’ee galmee irra deebii irratti komii kaasaniif deebii kenneera.

Daareektarri itti aanaan Mana hojii Abbaa Taayitichaa Obbo Wubisheet Taaddalaa, intarviwuu Tikvah Ethiopia waliin taasisaniin, komii Mootummaan dhaabbilee kanneen balleessuuf kaayyoo qaba jedhamee dhiyaatuuf deebii kennaniin «Yaadni ykn komiin kun dogoggoradha, kaayyoon dhaabbilee kana dhadhabsiisuu hin jiru!» jedhaniiru.

«Inumaayyuu Mootummaan kaayyoo fi fedhii dhaabbilee kana cimsuu qaba, adeemsi irra deebiin galmeessuu fi madaalliin xiyyeeffannoon isaa kana dhugaa taasisuudha » jechuun ibsaniiru.

Adeemsi irra deebiin galmeessuu fi ilaalchi isaa Finfinneetti xumuramuu isaa ibsanii, yeroo itti aanutti dhaabbileen kam itti fufu, isaan kamtu itti hin fufan kan jedhu ibsuuf riippoortii qopheessaa akka jiran ibsaniiru.

Hojiin irra deebiin galmeessuu fi madaalliin kan Finfinnee xumuramuu isaatiin yeroo dhiyootti naannoleetti hojii kana jalqabuuf qophiin dursaa taasifamaa akka jiru beeksisaniiru.

Itti aanaan Daareektaraa obbo Wubisheet Taaddalaa bal’inaan maal jedhan?

«Adeemsa galmee irra deebii fi madaallii amma taasifamaa jiruun kan barbaadame, dhaabbileen barnootaa kunneen karaa bu’uurawaa ta’een ofii isaanii akka haaromsanidha.

Abbummaan isaanii illee kan hin beekamne fi dhaabbileen shakkisiisoo ta’aan jiru. Hojii rakkoowwan kana adda baasuu fi qulqulleessuuti kan hojjetamaa jiru.   Dhaabbata cufuu qabdu hanga kana hunda tursiisuun hin barbaachisu. Poolisiidhaan kallattii keessee gabaa keessaa akka ba’aan taasisuun ni danda’ama, garuu isa miti kaayyoon keenya.

Kaayyoon keenya, biizinasiiwwan xixiqqoo ta’aanii dhaabbanni jalqaban gara tokkootti gurma’aanii fi cimanii akka dhufanidha. Yoo hin dandeenye ammoo gabaa keessaa ba’uu qabu.

Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan kana dura kan dubbatanis (dhaabbilee 50 ni gahu jechuun isaanii ni yaadatama) kana irraa adda kan ta’e miti. Dhaabbilee ciccimoo ta’aa , dhaabbilee muraasni gahaadha. Dhaabbileen kuni hundi jiru jechuun, gama barnoota dhaabbilee barnoota olaanootiin wanti addaa ykn jijjiiramni addaa ni dhufa jechuu miti dha kan jedhan. Barnoota qulqullina qabu dhaabbanni kennu ni barbaachisa dha kan jedhan. Kaayyoon keenyas kanadha.

Kana dura bahe kan jedhame, ‘Dhaabbileen hedduun ulaagaa hin guutan jedhamaniiru!’ gabaasni jedhu dogoggoradha. Miidiyaalee deeggaruuf jennee odeeffannoo nuti kennineef dogoggorsiisanii gabaasan. Sana boodas, dhaabbileen dhuunfaa hundi ulaagaa hin guutan jedhame jedhanii odeeffame, kuni dogoggoradha.

Yeroo sanatti kan jenne, dhaabbileen hedduun sanada guutuu fi gahaa galmee irra deebiif ta’u hin dhiyeessine dha. Sanada galchaa jechaanii turre waan ta’eef. Sanada hin guunne jechuuni fi sanadni galchan ulaagaa gamaggamaa hin guunne jechuun wantoota garaa garaati.

Haalli kana dura ture baay’ee salphaadha, Koolleejjii banuuf, qarshii xiqqoo yoo qabaatte kutaalee muraasa kireeffattee banuudha ture. Haala kana fakkaatuun itti fufuun hin danda’amu amma. Dhaabbileen adeemsa salphaa kana baran itti fufuu hin danda’aan. Ulaagaa ka’ame guutanii yoo xiqqaate Koolleejjii hojii jechisiisu hojjetaniitu biizinasii kana jalqabuu fi itti fufsiisuu kan qaban.

Amma bu’uura ulaagaa Abbaa Taayitaa Barnootaa fi Leenjiitiin ka’aameen akka Koolleejjiitti itti fufuu nan danda’a dhaabbilee jedhanidha kan galma’aan. Kan galma’aan keessaa ammoo, amma gamaggamni taasifamee, sanadoonni isaanii sakatta’aamanii,  haalli lafa jiru ilaalamee, sirriitti ulaagaa kana ni guutu kan jedhaman bu’aa isaanii ni ibsina.

Haala amma jiruun ilaalchi fi galmeen dhaabbilee Finfinnee jiranii xumurreerra. Bu’aa isaa ibsuuf riippoortii qopheessaa jirra. Cinaatti ammoo naannoleetti hojii kana jalqabuuf qophii dursaa taasisaa jirra. Hojichi bara baajataa haaraatti kan jalqabu ta’a.

Hanga ammaatti waa’ee dhaabbilee seektara kana keessaa ba’aanii ilaalchisee lakkoofsonni garaa garaa ni dhiyaatu. Fakkeenyaaf :- jalqaba irratti dhaabbileen 84 osoo hin galmaa’iin hafan. Booda garuu turanii kan dhufan jiru. Isaan keessaa sababa quubsaa kan dhiyeessan galmeessinee gamaggamaa jirra. Gama biraatiin ammoo galma’aanii kan turan keessaa ba’uuf adeemsa irra kan jiran jiru, wal cinaatti jechuudha. Ba’uu fi seenuun isaanii kun, baay’inni dhaabbilee seektara kana irraa ba’aanii yeroo yeroon akka jijjiiramu taasiseera. Akkasis ta’ee, amma adeemsa galmee fi gamaggamaa irra waan jirruuf lakkoofsa sirrii kaa’uun ulfaataa ta’uyyuu yoo xiqqaate dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa 80 ta’aan hojii isaanii adda kutanii seektara kana keessaa ba’aaniiru.

Qajeelfama galmee irra deebii kana irratti mariin gahaan hin taasifamne, taatota seektarichaa irraa yaadni gahaan hin fudhatamne yaadni jedhu sirrii miti.  Abbootii dhaabbilee kanneenii irraa karaa lamaan galtee fudhanneera. Inni tokko waltajjii marii irraa kan argame yoo ta’u, inni lammaffaan ammoo barreeffamaan kan fudhannedha. Karaa kanaan Finfinnee Hooteela Hayileetti marii taasifameen fi yaada barreeffamaan dhiyaatan fudhanneera. Barbaachisoo kan ta’aan, gara fuulduraatti nu deemsisu kan jennee yaadne itti fayyadamneerra.

Fakkeenyaaf :- yaadota isaan irra fudhannee qajeelfama kana keessatti hammanne keessaa, dhaabbanni qormaata bahumsaa yoo xiqqaate 25% hin dabarsine itti fufuu hin qabu ulaagaan jedhu yoom hojii irra ooluu haa jalqabu kan jedhu irratti yaada isaanii fudhannee yeroon muraasni akka kennamu taasisneerra.

Ulaagaan kun hojii irra ooluu kan jalqabu, yeroo qajeelfamni kun itti bahe barattoota barnoota jalqaban irratti malee, barattoota isa dura barnoota jalqaban irratti ta’uu hin qabu yaadni jedhu isaan irraa kan dhufedha. Yaadni isaanii kun amansiisaa ta’uu isaatiin fudhanneera. Amma hojiirra oolmaa isaatiif waggaa lama kan ta’u qabu. Hojii irra ooluu kan jalqabu naannoo bara 2019 tti dha qajeelfamni kun, yaadonni kan biroo nuti fudhannes jiru.» jedhaniiru.

Madda :- Tikvah Ethiopia

Odeeffannoo haaraa dhimma kana irratti fi kanneen biroo irratti akkuma gadhiifameen argachuuf channel keenya Telegram QUBEE MEDIA join taasisaa!

The post Deebii Abbaa Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Itoophiyaa | Cufamuu Dhaabbilee Barnoota Olaanoo fi Ministeera Barnootaa first appeared on Qubee Online +.

Qajeelfama Haaraa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dhuunfaatiif sodaa guddaa ta’e
Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Dhuunfaa hedduun sodaa cufamuu irra jiru

Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Dhuunfaa «Yaaddoo keessa nu galcheera» kan jedhan Qajeelfamni fi Madaalliin haaraan maal maal of keessatti qabateera?

Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Itoophiyaa, hojimaata dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa sirna qabsiisuuf sababa jedhuun irra deebiin galmee irra kan jiru ta’uu isaa ibsa kana dura kennameen ibsamee ture.

Adeemsa kana keessatti, dhaabbilee barnoota olaanaa dhuunfaa 85 bu’uura ulaagaa haaraatiin irra deebiin galmee gaggeessuuf fedhii hin qaban waan ta’eef cufamuif akka ta’aan ibsamee ture.

Dabalataan, dhaabbileen 287 galmee haaraa gaggeessuuf yaalan keessaa baay’een isaanii seerota qajeelfama haaraa kana guutuu akka hin dandeenye gabaafameera. Haa ta’u malee, eenyutu itti fufa, eenyutu itti hin fufne kan jedhu ifatti hin ibsamne.

Qooda fudhattoonni damee kanaa garuu akkana jedhu: «Qajeelfamni galmee haaromsuu fi seeronni isaa hojii irra ooluu hin danda’an. Dhaabbileen muraasni qofa itti fufuu danda’u; baay’een isaanii cufamuun isaanii hin oolu.»

Ofii, qajeelfama irra deebiin galmaa’uu irratti madaalliiwwan gurguddoon ka’aaman maal jedhu?, dhaabbilee barnootaa kanneen hoo sodaa keessa kan galchan akkamitti? gaaffilee ln jedhan ka’aaniiru, deebiin armaan gadii kennameera.

Taatota Dhaabbilee Barnoota olaanoo Dhuunfaa:-

1. «Qajeelfama kana irra kan ka’aameefii humna dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa kan hin hubanne madaalliin tokko gamoo ilaallata. Dhaabbanni tokko sagantaalee shaniifi isaa ol kan kennu yoo ta’e gamoo guutuu tokko kophaa isaa qabachuu qaba jedha. Koolleejjiiwwan hedduun gamoo tokko irraa kutaalee muraasa kireeffatanii kan hojjetanidha. Gamoo kana kophaa keessan qabadhaa yoo jedhaman humna hin qaban.

Mootummaan qajeelfama akkasii yeroo baasu liiziidhaan lafa akka argannu fi gamoo mataa keenyaa akka ijaarru illee haala nuuf hin mijeessu. Barnootaaf carraawwan mijatan hin jiran. Fakkeenyaaf Kitaaboliin barnootaaf barbaachisoo ta’aan kan alaa galan, Koompiitaroonni fi meeshaaleen garaa garaa qaraxa malee bilisaan galuu qabu ture, garuu hin taane.»

2. Qajeelfamni lammaffaan humna namaa kan ilaallatu dha. Barsiisonni fi hojjettoonni biiroo Digirii Doktireetii ykn Digirii Sadaffaa kan qaban haa ta’aan jedha.

Doktoroonni biyya keenya keessa jiran muraasadha. Baay’een isaanii gargaarsa Mootummaa tiin biyya alaatti kan baratanidha. Yeroo durii koolleejjiiwwan dhuunfaa barsiisota dhaabbilee Mootummaa irraa qooddachuun barsiisaa turan.

Kunis gaaffii yeroo kaasisu qaamoleen Mootummaa iddoo jiranitti mariin taasifamaa ture. Barsiisonni Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa iddoowwan lamaanittuu akka barsiisan akka isaaniif eeyyamamu jechuudha. Sababni isaas Yuunivarsiitiiwwan Mootummaatti sagantaa tokko keessa barsiisonni Digirii Sadaffaa qaban hedduun jiru, yeroo gahaa qabu, dhiibbaan itti hin baay’atu. Kanaafuu dhaabbilee dhuunfaattis haa barsiisan kan jedhu ture marichi.

Mariin kun dhuma isaa irra erga gahe booda gara duubaatti deebi’e. Sababni isaa hin beekamu. Sababa kanaan barsiisota Doktoroota hin argannu.

Sadarkaa guddaa irra kan jiru Diinii irraa kaasee hanga hojjettoota biirootti Doktoroota haa ta’aan jedha qajeelfamichi. Hanga Digirii lammaffaatti kan barsiisan Doktoroota haa ta’aan kan jedhu irratti walii galla, garuu hojjettoonni dhaabbatichaa hundi doktoroota haa ta’aan kan jedhu garuu hin deemsisu. Gabaa keessa humni namaa gahaan hin jiru.

3. Qabxiin sadaffaan :- Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam waliin kan wal qabate dha. Qormaata Bahumsaa dhaabbilee barnoota olaanootiin, yoo xiqqaate dhaabbanni barattoota isaa qormaata bahumsaa 25% hin dabarsine cufamuu akka qabu ibsa madaallii kana irratti. Madaallii kana hojii irra oolchina yeroo jennu rakkoo fida.

Fakkeenyaaf:- bara 2016 qormaata bahumsaa tureen Dhaabbileen barnootaa 202 barattoota isaanii dhiyeessanii, dhaabbileen 25 barataa tokkoyyuu hin dabarsine. Barattoota 25% fi isaa ol kan dabarsanis dhaabbilee 27 dha. Kanaan ala kan jiran ni cufamu jechuudhaa? kanaafuu madaalliin kun kan bira gahamu miti. Kuni adeemsaan malee al tokkoon hojii irra haa oolu jedhamuu hin qabu.

4. Madaalliin rakkisaa kan jennu inni Arfaffaa ammoo iddoo Ispoortii jedhamuun kan ka’aamedha. Kunis gama muraasaan kan hin deemsisnedha.

Dhaabbata haaraa yoo ta’e ammoo qarshii walakkaa Miiliyoonaa account cufaa ykn herreega Baankii irra kaa’uu qaba kan jedhus jira. Kuni baay’ee cimaadha. Dhaabbileen haaraa meeshaalee garaa garaa ittiin guutuu qabu qarshii kana.

Barataan gabaa irra jirus xiqqaadha. Madaallii qajeelfama kana irra jiran hunda guutanii irra deebiin galma’aan osoo jenneeyyuu, dhaabbileen kunneen yoo barattoota kan hin arganne ta’e cufamuun isaanii hin oolu. Kanaafuu yaalaa, sirni barnootaa kuniyyuu ofii isaatiin gabaa keessaa isin baasadha kan isaan nuun jechaa jiran gabaabumatti. Kuni hundi ida’aamee haalicha ulfaataa taasisa.

Qajeelfama haaraa irratti yaada kennineerra. Gama hawaasa keenyaatiin dhimma fooyya’uu qaba jennu sanadaan qopheessinee galchineerra, sirreeffamni tokkoyyuu hin taasifamne, gaaffiin keenya deebii hin arganne.

Waltajjiin Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii qopheesses, qajeelfama kana beekaa kan jedhu malee, qajeelfama kana irratti haa mari’annu kan jedhu hin turre. Yaada keenya fudhadhaa hojii irra oolchaa kan jedhu irratti wal falmii guddaatu ture, nama nu dhaga’u hin arganne. Qajeelfamni jalqaba nu beeksisan mirkanaa’eetu gara hojiitti kan seename.

Gaaffiin keenya tarkaanfiin kun adeemsaan hojii irra ooluu qaba ture kan jedhudha. Guyyaa tokkoon wanta hunda bu’uura isaa irraa haa jijjiirru jechuun ni ulfaata, dhiibbaa garaa garaas ni geessisa. Barattoonni dhaabbata tokko irraa gara dhaabbata biraatti deemuun rakkachaa jiru. Dhaabbileen hojjettoota isaanii hedduu gadhiisan jiru. Hojimaanni dhaabbilee sirna isaa qabachuu qaba, garuu ammoo kun ta’uu kan danda’u adeemsaani. Kuni ilaalamuu qaba.»

Yeroo itti aanutti deebii fi ibsa Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Itoophiyaa qabannee dhiyaanna odeeffannoo haaraa karaa Telegram argachuuf Qubee Media join taasisaa.

The post Qajeelfama Haaraa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dhuunfaatiif sodaa guddaa ta’e first appeared on Qubee Online +.

Qormaata Bahumsaa : Mirgaa fi Dirqama Barattootaa, Qajeelfama Ministeera Barnootaa
Ibsa Ministeera Barnootaa Qormaata Bahumsaa irratti

Barattoonni digirii jalqabaa kuma 190 ol ta’aan qormaata bahumsaa ni fudhatu – Ministeera Barnootaa

Qormaanni bahumsaa bara 2017 Waxabajjii 2 hanga 10 bara 2017 tti giddu gala qormaataa 87, Yuunivarsiitiiwwan 51 tti qophaa’e keessatti ni kennama.

Qormaaticha sagantaalee barnootaa 238’n barattoota kaadhimamtoota digirii jalqabaa 190,787 tiif karaa online kennuuf qophiin barbaachisaan xumuramuu isaa Dr. Eebbaa Miijanaa himaniiru.

Barattoonni 102,360 yeroo jalqabaatiif qormaata kana kan fudhatan yoo ta’u, barattoonni 88,422 ammoo irra deebiin qormaata bahumsaa kana ni fudhatu jedhameera.

Barattoonni qormaata kana fudhatan yeroo gara giddu gala qormaataatti deeman waraqaa eenyummaa Fayda ykn Digital ID qabachuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Bilbila harkaa, sa’aatii harkaa miimoorii qabu, waraqaa eenyummaa nama biraa, kaalkuleetarii hin eeyyamamne fi wantoota dhorkamoo kana fakkaatan qabatanii seenuun akka hin danda’aamne ibsameera.

Qormaata bahumsaa kana kennuuf hojii raawwachiistonni 4,017 akka hirmaatan ibsameera.

Wantoota Qormaata Bahumsaa irratti Barataa fi Barsiisaa irraa Eegaman

Guyyoota qormaata bahumsaa irratti Naamusaa fi Pirootookoolota jiraachuu qaban keessaa;

• Aanga’oota olaanoo Yuunivarsiitichaa isaaniif eeyyamameen ala, haala mijeessitoota guyyaa sanaaf achitti ramadamaniin ala, qormaata sana qoruuf barsiisota ramadamaniin ala qaamni kamiyyuu gara kutaa qormaataatti seenuun kan dhorkamedha.

• Qormaatichi karaa Online kan kennamu waan ta’eef ogeeyyiin Ayisiitii (ICT) naannoo kutaalee qormaataa taa’uu gargaarsa ni kennu.

• Qaamni nageenyaa gara kutaa qormaataatti kan isa galchu wanti dirqamsiisaan yoo mudateen ala hin seenu. Garuu wanti dirqamsiisaan yoo mudate sa’aatii kamittiyyuu seenuu ni danda’a.

• Aanga’oota Olaanoo Yuunivarsiitichaa dabalatee qaamni kamiyyuu karaa kamiiniyyuu ta’u Bilbila harkaa, Sa’aatii ismaartii, fi wantoota kana fakkaatan gara kutaa qormaataatti qabatee seenuun dhorkaadha.

• Ogeessonni Ayisiitii (ICT) tajaajila kutaa qormaataa keessatti kennaniif namoota Ministeera Barnootaa irraa ykn deeggarsa Aanga’oota olaanoo Yuunivarsiitichaa fi qajeelfama argachuu waan dabalatuuf haala addaatiin Yuunivarsiitichatti galmaa’ee kan qabamuu fi kan beekamu lakkoofsa kan qabu bilbila qabatanii akka seenan eeyyamamuufii danda’a.

• Sagantaawwan ykn diippartimantiiwwan tokko tokko irratti Kaalkuleetarii fiduun ykn fayyadamuun ni eeyyamama. Dabalataanis akkasuma diippartimantiiwwan tokko tokkoof irratti hojjechuuuf waraqaan adiin karaa Yuunivarsiitichaa eeyyamamuu danda’a. Kanas ta’ee garuu bilbilli, sa’aatiin smaartii, taableetiin fi wantoonni kana fakkaatan hin eeyyamaman. Kaalkuleetaroonni itti fayyadamanis hojii kaalkuleetarii qofaaf kan hojiirra oolan ta’uu isaanii of eeggannoo taasisuun barbaachisaa dha.

• Yeroo kamittiyyuu eeyyamni kan isaaniif kenname fi deeggarsa kennuuf kan ramadaman Ogeessota Ayisiitii dhaan ala koompiitara barataa qormaata sana fudhatuu tuquun kan dhorkamedha.

Akkaataa Kenniinsaa fi Qajeelfamoota Qormaata Bahumsaa

Dirqama Barattoota Qormaata kana Qoromanii

1. Kutaa qormaataatti daqiiqaa 30 dursanii ID qabatanii argamuu.

2. Qormaatichi erga jalqabe booda daqiiqaa 15 caalaa barfachuu dhiisuu!

3. Qormaatichi erga jalqabe booda daqiiqaa 30 dursa bahuu dhiisuu

4. Username fi Password waraqaa Adii irratti barreessanii qabachuu.

5. Iddoo barsiisonni qormaata sana qoran nama teessisan qofaa taa’uu

6. Koompiitara ofii qofaa banuu fi itti fayyadamuu.

7. Kutaa qormaataa keessatti haasa’uu dhiisuu fi bakkaa bakkatti socho’uu dhiisuu.

8. Koompiitara barataa cinaa jiru ilaaluu dhiisuu.

9. Kutaa qormaataa keessatti bilbila harkaa cufuu.

10. Waraqaa kamiyyuu gara kutaa qormaataatti qabatanii deemuu dhiisuu.

11. Karaa kamiinuu hatuu fi hachisiisuu irraa of eeggachuu fi irratti hirmaachuu dhiisuu.

12. Barsiisota qormaata sana qoran fi haala mijeessitootaaf ajajamuu.

Dirqama Barsiisota qormaata Bahumsaa Qoranii;

1. ID barattoota qormaata kana fudhatanii mirkaneessuun gara kutaa itti qoromaniitti galchuu.

2. Barattoota qormaata kana fudhatan akkaataa tartiiba maqaa isaatiin teessisuu.

3. Attendance barattootaa fudhachuu fi mallatteessisuu.

4. Kutaa qormaataa keessatti sagalee to’achuu.

5. Barattoonni bakkaa bakkatti akka hin sochoone to’achu.

6. Haala walii galaa qormaatichaa xiyyeeffannoo dhaan hordofuu.

7. Sababa dhukkubaatiin barattoonni yoo kutaadhaa bahuu barbaadan Suppar Vaayizara waliin dubbachuun isaan gargaaruu.

8. Barattoonni koompiitara barataa biraa cinaa isaanii jiru akka hin ilaalle to’achuu.

9. Barattoonni bilbila harkaa isaanii akka cufan taasisuu.

10. Barattoonni qormaatichi erga jalqabee daqiiqaa 30 dura akka hin baane taasisuu.

11. Barataa hatuu fi hachisiisuu yoo arge kutaa qormaataati ni baasa.

12. Erga qormaatichi jalqabee daqiiqaa 15 booda barataan dhufu akka hin seenne taasisa.

Walumaa galatti wantoota armaan olii kana barattoonni, barsiisonni qormaata kana fudhatan fi kennan guutuu akka qaban Ministeerri Barnootaa ibseera, barattoota qormaata bahumsaa kana fudhattaniif carraa gaarii jenna.

The post Qormaata Bahumsaa : Mirgaa fi Dirqama Barattootaa, Qajeelfama Ministeera Barnootaa first appeared on Qubee Online +.

Cufamuu Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa 90 fi Ibsa Ministeera Barnootaa
Waa’ee Cufamuu Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dhuunfaa dabalataan maal jedhame?

Deetaan Ministeera Barnootaa Obbo Kooraa Tushunee Yuunivarsiitiin Qulqulleettii Maariyaam magaalaa Finfinneetti kan qopheesse waltajjii dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa Afrikaa irratti sababa rakkoo gadi bu’uu qabxii qormaata bahumsaa ykn Exit Exam barattoota isaaniitiin kan ka’e dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa ykn Yuunivarsiitiiwwan fi Koolleejjiiwwan dhuunfaa 90 ta’aan akka cufaman ibsanii turan. Dhimma kana irratti odeeffannoo dabalataa qabannee dhiyaanneerra, dhaabbileen barnoota olaanoo kunneen maal jedhan? guutummaa isaa dubbisaa!

Read Also :- Bu’aa qormaata bahumsaan walqabatee dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa 90 maalif cufaman?

Yeroo dhiyoodhaa asitti Itoophiyaatti Dhaabbilee Barnoota olaanoo keessatti kan qopha’aan waraqaaleen eebbaa ykn “research” fi waraqaaleen qorannoo kana dura kan hojjetaman fi kanneen biroo irraa kan waraabamanidha kan jedhu komiiwwan fi riippoortiiwwan dabalaa waan jiraniif, kana hambisuuf ykn kana dhaabuuf wantoonni taasifamaa jiran maal maal akka ta’aan Ministeer Deetaadhaaf gaaffiin dhiyaateera, isaanis «Appilikeeshiniiwwan AI dabalatee waraqaalee eebbaa ykn research sobaa fi qorannoowwan sobaa dhorkuuf, Yuunivarsiitiiwwan bu’aalee Teeknooloojii garaa garaa akka fayyadaman fi qorannoowwan rakkoo kan hiikan akka ta’an, karaa qinda’aa ta’een akka hojjetaman taasifamaa jira.» jedhaniiru.

Waggoota shanan darban keessatti qorannoowwan Itoophiyaa keessatti maxxanfaman dachaa dhaa ol dabalaa akka jiran kan ibsan Obbo Kooraan, baay’eewwan isaanii dhaabbilee barnoota olaanoo Mootummaa irraa kan ba’aan ta’uu isaaniis ibsaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Qulqulleettii Maariyaam Dr. Wandasan Taammiraat gama isaaniitiin, Mootummaan qulqullina barnootaa eegsisuuf jechuudhaan sababa tarkaanfiiwwan inni fudhateetiin Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa fi Dhuunfaa miidhamuu isaanii dubbataniiru.

Akka biyyaatti lakkoofsi barattoota gara Yuunivarsiitiitti seenanii rakkoon isaa hunduma irratti ta’uyyuu, dhaabbileen dhuunfaa akka dhaabbilee barnoota olaanoo Mootummaa deeggarsa baajataa waan hin arganneef rakkoon isaa cimaadha jedhaniiru.

«Yuunivarsiitiin Qulqulleettii Maariyaam kana dura barattoota simachaa ture waliin barattoota wal madaalan simachaa jira» kan jedhan Pireezidaantichi, simannaan barattoota Yuunivarsiitii hir’achuun dhaabbileen hedduun akka cufaman taasiseera jedhaniiru.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii gara Yuunivarsiitii galuu ykn seenuu kan hin dandeenye, garuu sagantaa fooyya’iinsaa ykn sagantaan reemeediyaalii jiraachuu isaatiin rakkoon kun xiqqoo hir’achuu isaas Pireezidaantichi kaasaniiru.

Qulqullina barnootaa eegsisuun dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa dabalatee qaamolee hunda fayyadamoo akka taasisu Dr.  Wandasan itti dabaluun himaniiru.

Mootummaan seektara kana irratti waggoota 25 darbaniif akka biyyaatti leenjitoota kuma 100’n lakka’aaman kan horate, sadarkaa biyyaatti kan ture rakkoo humna nama leenji’ee hiikaa kan ture ta’uu hubatee, dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaatiif deeggarsa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa ykn Yuunivarsiitiiwwan dhuunfaa ofii isaanii sirna barnootaa kana keessa tursiisuuf akkasumas gabaa keessaa akka hin baaneef poolisii kana dura ture irraa adda ta’e hordofuun isaan irraa eegama jedhaniiru.

Odeeffannoo haaraa akkuma gadhiifameen kan isin biraan geenyu ta’a, isinis akkuma odeeffannoo haaraa gadhiifameen akka isin bira gahuuf Channel keenya Telegram Qubee Media join taasisaa!

The post Cufamuu Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa 90 fi Ibsa Ministeera Barnootaa first appeared on Qubee Online +.