Yohaannis Cuuphaa | Qubee Online +

Cuuphaa Iyyesuus Kiristoos Gaaffilee ka’aanii fi deebii
Cuuphaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Mata duree keenya har’a keessatti waa’ee Cuuphaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos bal’inaan ni ilaalla.

Cuuphaa jechuun maal jechuudha?

Cuuphaa ykn «ጥምቀት» jecha Giriikii ykn Tsiriitiin «Ephifaanii», Afaan Gi’iiziitiin ammoo «አስተርእዮ» fi Afaan Amaariffaan ammoo «መገለጥ» ykn «Ibsamuu» hiika jedhu jecha qabatedha. Manni Kiristaanaa keenya Ayyaana dhaloota Gooftaatti aansitee mooraa Mana Kiristaanaa keessaa baatee naannoo laggeen ykn Bishaan jirutti Amajjii 11 waggaa waggaadhaan kabaja Afuurawaa guddaadhaan kan kabajju Ayyaana Cuuphaa dha.

Ayyaanota gurguddoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos saglan keessaa sadarkaa sadaffaa irratti kan argamu Ayyaana Cuuphaa dha. Ayyaanota gurguddoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos saglan keessaa sadarkaa jalqabaa irratti kan argamu Bitootessa 29 kan kabajamu guyyaa garaatti baatamuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ykn Missiraachoo himuu Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri’eel yoo ta’u, sadarkaa lammaffaa irratti kan argannu ammoo Mudde 29 kan kabajamu guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akkasumas sadarkaa sadaffaa irratti ammoo Amajjii 11 kan kabajnu guyyaa Cuuphaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dha.

Cuuphaa ykn «ጥምቀት» jechuun cuuphe, Bishaan keessa galchee baase jechuudha. Iccitiiwwan Mana Kiristaanaa torban keessaa isa jalqabaa fi iccitiiwwan Mana Kiristaanaa kanneen birootiif balbala seensaati. Abbootiin 150 Qusxanxiiniyaatti walitti qabaman «ወነአምን በአሐቲ ጥምቀት» ykn «Cuuphaa tokkittiitti ni amanna!» jechuudhaan akkuma ragaa bahan. Mootummaa Waaqayyoo seenuudhaaf cuuphamuun dirqama.

Sababni Cuuphaan Iccitii itti jedhameefis :- Kanneen Amananiif malee kanneen hin amanneef hin kennamu waan ta’eef

Ijaan kan mul’atu, harkaan kan tuttuqamu wanti guddaan Afuura Qulqulluu dhaan yeroo jijjiiramu hin mul’atu waan ta’eef Kiristaanonnis Cuuphaa kennaa muldhatu fi hin muldhanne yeroo fudhatan hin mul’atu, gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalate. Dhalatee guyyaa Afurtamaffaa isaatti gara Mana Qulqullummaatti seenuun Kitaabolee Seeraa, Seerota yeroo raawwatu haadha isaatiif ajajamaa guddatee umuriin isaa waggaa 30 yeroo guutu gara Laga Yordaanoositti deemee waggaa 30 isaatti Bara Luqaas, Amajjii 11 guyyaa Kibxataa halkan sa’aatii 10 irratti laga Yordaanoositti Cuuphame.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos waggaa 30 isaatti Laga Yordaanoositti harka Yohaannisiin cuuphamee namni hundi fayyuuf cuuphamuun akka qabu dubbate «Kan Amane, kan Cuuphame ni fayya, kan hin Cuuphamne garuu itti faradama!» Marq. 16:16. Gooftaan keenya Cuuphamuuf Galiilaa irraa gara Yordaanoositti yeroo bu’etti Qulqulluun Yohaannisis Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin «Gooftaa koo! ani siin cuuphamuutu naaf mala malee ati anaan cuuphamtaa?…..» jechuudhaan mormee ture. Maat. 3:14. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis «ወይደልወነ ከመንፈጽም ኵሎ ሕግ» ykn «Wanta qajeelaa hunda raawwachuu qabna!» jedheen.

Qulqulluun Yohaannis Yordaanoositti, Iyyerusaaleemitti, araddaawwan Yihudaatti dursee «Mootummaan Waaqayyoo dhiyaatteerti waan ta’eef Gaabbii galaa!» jechaa Cuuphaa Gaabbii isaan Cuuphaa ture. Israa’eeloonnis baay’inaan gara isaatti dhufanii Cuuphaa Gaabbii ni cuuphamu ture. Yoh. 3:5-6. Namoonni hedduunis Cubbuu isaanii himachaa Yohaannisiin ni cuuphamu ture.

Ta’us garuu gonka dhiifama Cubbuu, mucummaa fi fayyina lubbuu hin argatan ture. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Cuuphamuuf gara Laga Yordaanoositti yeroo deemetti dacheen ni dhiphatte, bishaan Laga Yordaanoosis gartokkeen isaa gara Mirgaatti, gartokkeen isaa gara Bitaatti ni baqate. Raajichi Waaqayyoo Qulqulluun Daawwitis Cuuphaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Raajii dhaan dursee argee «ባሕርኒ ርእየት ወጎየት ወዮርዳኖስኒ ገብአ ድኅሬሁ ወአድባር አንፈርዐጹ ከመ ሐረጊት ወአውግርኒ ከመ መሓስአ አባግዕ ምንተ ኮንኪ ባሕር ዘጎየይኪ ወአንተኒ ዮርዳኖስ ዘገባእከ» ykn «Galaanni ni argite, ni baqatte Yordaanoosis gara duubaatti ni deebi’e, Tulluuwwan ni utaalan……» Faaruu. 113/114:3-6.

Qulqulluun Qeerloosis gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo cuuphametti bishaan akka Bishaan ho’aatti ni danfan jedha. Hojiin ajaa’ibaa kun karaa tokkoon humna Waaqummaa Kiristoos yeroo agarsiisu karaa biraatiin ammoo namni kamiyyuu Kiristoositti amanee Afuura Qulqulluu akka argatu agarsiisa.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos cuuphamee Bishaan keessaa yeroo bahu Abbaan Duumessa irraa «ዝንቱ ውእቱ ወልድየ ዘአፈቅር ሎቱ ስምዕዎ» ykn «Ilmi koo ani jaalladhu isa kanadha, isas dhaga’aa!» jedhee dubbateera. Afuurri Qulqulluus bifa Gugee Adiitiin bu’ee irra qubateera. Afuura Qulqulluu ta’uun isaa maaliin beekama? yoo jedhame, Gooftaan keenya kan Cuuphame halkan sa’aatii 10 irratti waan ta’eef yeroo kanatti ykn halkan sa’aatii 10 tti Simbirroonni ykn Allaattiiwwan bakka isaanii dhiisanii hin socho’aan waan ta’eef.

Gooftaan keenya Laga Yordaanoositti harka hojii harka isaatiin ykn harka Uumamaa isaatiin harka Yohaannisitti cuuphamuun isaa Cubbuu qabatee araara ykn dhiifama argachuuf osoo hin taane, gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Cuuphamuuf sababoota hedduutu jiru.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos ganda Galiilaa magaalaa Naazreet irraa gara ganda Yihudaa gara Yordaanoositti bu’uu isaa ifatti agarsiisuuf Taabonni Kakuu Waaqayyoo Lubootaan baatamanii gara iddoo bishaan jiruutti deemuun nuti Itoophiyaanonni Kiristaanonni Qiddaasee dhaan, Wuddaasee dhaan, Faaruudhaan, Ililleedhaan, Kabaroo dhaan, Tsenaatsilii dhaan, kabaja Ayyaana Cuuphaa isaa kabaja guddaadhaan ni kabajna. Ji’i ykn Baatiin Gooftaan keenya itti Cuuphame Baatiin Amajjii biyya Israa’eel ykn Ibroota biratti Baatii Cabbii fi Bokkaa waan ta’eef iddoo qaama bishaaniitti mitiitii iddoo kaanittiyyuu dawoo malee ooluu fi buluun hin danda’aamu ture.

Qulqulluun Qeerloos inni Iyyerusaaleem (Bara 315-386 Dh. K. B) «Gara bishaaniitti yeroo buunetti bishaanummaa isaa osoo hin taane karaa bishaan sanaatiin fayyina argannu ilaali!» jedha.

Cuuphaan bara Oriitii keessas jira ture. Iyyoob fi Ni’iimaan Laga Yordaanoositti Cuuphamanii dhukkuba isaanii irraa fayyaniiru. Iyyoob fi Ni’iimaan fakkeenya Addaam fi ijoollee isaati, dhukkubni ammoo fakkeenya Abaarsa Lubbuu Abaarsa Fooniiti, Yordaanoos ammoo fakkeenya Cuuphaati. 1 Moot. 5:8-10

Raajichi Elsaa qottoon Duuka Bu’aa isaa bishaan Laga Yordaanoos seenee yeroo turetti qola mukaatiin bishaan sana irratti yeroo gatu qolli mukaa seenuu hin dandeenye sun seenee Sibiila qottoo sanaa qabatee ba’eera. Kunis fakkeenyummaa qaba :- Mukichi fakkeenya Gooftaa, sibiilichi fakkeenya Addaam, lagni Yordaanoos ammoo fakkeenya Cuuphaa (Du’a, Awwaala) yoo ta’u, gadi seenuu kan hin dandeenye qolli mukaa sun Sibiila sana qabatee ba’uun isaa du’uun kan itti saaf hin taane Waaqayyo Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos du’ee, Addaam fayyisuu isaatiif fakkeenya. 2 Mot. 6:1-7

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos maalif waggaa 30 tti Cuuphame?

Namni hundi waggaa 30 isaatti seera lubbuu hojjeta waan ta’eef fakkeenyummaaf, tokkos Lubummaa, Minkusinnaan waggaa 30 tti galama ykn seenama ykn waggaa 30 tti yoo seename gaariidha yeroo jedhudha.

Itti aansees Waaqayyo Addaam nama waggaa 30 taasisee uumee ijoollummaa inni kenneef fudhachiisee waan tureef, Ijoollummaa ykn mucummaa Addaam deebisuuf waggaa 30 isaatti Cuuphame.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos maalif Laga Yordaanoositti Cuuphame?

1. Raajii dubbatame fi Fakkeenyummaa isaa raawwachuuf:-

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos harka Yohaannis Laga Yordaanoositti akka Cuuphamuu dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos dura naannoo bara Addunyaa 1000 Raajichi Waaqayyoo Qulqulluun Daawwit Raajiiwwan inni dubbate isaan kanadha;

Raajiiwwan dubbataman;

«ቃለ እግዚአብሔር ላዕለ ማያት አምላከ ስብሐት አንጎድጎደ እግዚአብሔር ላዕለ ማያት ብዙኀ»

«Sagaleen Waaqayyoo bishaan irradha, Waaqayyo sagalee isaa ni dhagessise, Waaqayyo bishaanota hedduu irratti dha» Faaruu. 28:3-4

«ርእዩከ ማያት እግዚኦ ርእዩከ ማያት ወፈርሁ ደንገጹ ቀላያተ ማያት ወድምጸ ማያቲሆሙ»

«Maaloo Bishaanonni si argan, si arganii si sodaatan, danbaliin isaaniis ni dhaga’aame» Faaruu. 7:6

«በእንተዝ እዜከረከ እግዚኦ በምድረ ዮርዳኖስ በአርሞንኤም በደብር ንዑስ ቀላይ ለቀላ ትጼውኦ በቃለ አስራቢከ»

«Kanaafuu dachee Yordaanoositti, Armooniyeemittis Tulluu isa xiqqoottis sin yaadadha…….» Faaruu. 41:6-7

«ባሕርኒ ርእየት ወጎየት ወዮርዳኖስኒ ገብአ ድኀሬሁ አድባር አንፈርዐጹ ከመ ሐረጊት»

«Galaanni yeroo argitetti ni baqatte, Yordaanoosis gara duubaatti deebi’e, Tulluuwwan ni utaalan. Galaanni kan baqatte, Yordaanoosis gara duubaatti kan deebite maal taataniirtu?» jechuudhaan Raajichi baldhisee faarfateera. Raajiin dursee dubbatamee waan tureef lageen kaan irra Yordaanoos filatee Laga Yordaanoositti cuuphame. Faaruu. 113:3-5

Fakkeenyummaa isaa;

Abbaan keenya Abrahaam ka’ee Mootota Kooloodoogoomr injifatee qarshii fi qabeenya isaa irraa Kurnoo baasuudhaan Laga Yordaanoos ce’ee gara Luba Malka Tsedeeqitti yeroo deemu, Lubni Malka Tsedeeq Habistii fi Wayinii qabatee isa eegeera.

Abrahaam fakkeenya Kiristaanotaa,

Habistii fi Wayiniin fakkeenya Fooniifi dhiiga Gooftaa,

Lagni Yordaanoos fakkeenya Cuuphaa fi

Lubni Malka Tsedeeq ammoo fakkeenya Lubootaati (Uma. 14:17-20, Ibr. 7:1-8)

Yordaanoos laga tokko yoo ta’u gadi siqee ammoo Yoor fi Daanoositti gargar bahaaniiru. Yoor karaa Israa’eel kan jiru yoo ta’u, Daanoos ammoo karaa Ahizaabotaa kan jirudha. Ammas gadi siqee ammoo lamaan isaaniiyyuu tokko ta’aaniiru. Iddoo lamaan isaanii wal arganittis gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos cuuphameera.

Fakkeenyummaan kanaas;

Yordaanoos gubbaa irraa akkuma tokko ta’e sanyiin namaa ykn hiddi dhala namaa hundumaa Addaam tokkich ta’uu isaa ykn ijoollee namaa hundi ijoollee Addaam ta’uu isaanii kan hubachiisu yoo ta’u, gadi siqee iddoo lamatti qoodamuun isaa ammoo Israa’eeloonni Oriitii, Ahizaabonni ammoo Xaa’otii fudhachuu ykn amanuutti gargar bahaaniiru waan ta’eef.

Ammas gadi siqee walitti dhufuun isaa hundumtiyyuu Wangeela tokkoon amanuu isaaniitiif fakkeenya. Gooftaan keenyas iddoo lamaaniyyuu isaanii walitti dhufanitti ni Cuuphame, hunda keessaniyyuu tokko taasisuuf nan dhufe yeroo jedhudha.

Iccitiin inni kan biraa garuu Addaam fi Heewaan balleessaa hojjetanii kennaan isaanii harkaa fuudhamee Jannata keessaa yeroo ba’an Diyaabiloos golga dukkanaa keessatti isaan golgee garboota isaa yeroo taasifatee turetti «Addaam tajaajilaa dhiiraa Diyaabiloos, Heewaan ammoo tajaajiltuu Dubaraa Diyaabiloos» jedhaatii maqaa hojii keessan barreessaatii naaf kennaa jedheen. Isaanis gidiraa kan isaanirraa salphisu isaanitti fakkaatee akkuma inni isaaniin jedhetti barreessanii kennaniif. Diyaabiloosis xalayaa du’aa sana isa tokko Si’ool keessatti isa lammaffaa ammoo Laga Yordaanoos keessa kaa’e. Xalayaa du’aa Diyaabiloos Laga Yordaanoos keessa kaa’e Gooftaan keenya Cuuphaa isaatiin irra ejjetee waan tureef yeroo inni gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos cuuphametti Cuuphaa isaatiin balleesseera.

Qulqulluun Efreem inni Sooriyaa Wuddaasee Maariyaam isa Wiixataa irratti «ወሰጠጠ መጽሐፈ ዕዳሆሙ ለአዳም ወለሔዋን» ykn «Addaam fi Heewaaniif xalayaa du’aa isaanii isaaniif haqe» jedha. Qol. 2:13. Karaa Addaam fi Heewaan nuufis xalayaa du’aa keenya nuuf haqeera.

Sababa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara Yohaannisitti deemee itti Cuuphameef

Gadi of qabiinsa barsiisuufi. Maali gooftaan uumaa ta’ee osoo jiruu gara Yohaannisitti maalif deeme? yoo jedhame foon uffachuun isaa gadi of qabiinsaaf waan ta’eef. Osoo gooftaan keenya akkas hin taasisne ta’ee nuti hardha Lubootaan mana keenyatti koottaatii nu Cuuphaa, Fooniifi dhiiga Gooftaa koottaatii nuuf kennaa jenna ture waan ta’eef.

Raajii fi Fakkeenyummaa isaa raawwachuuf; Hizq. 36:20, Faaruu. 113:3-5

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Cuuphamuun maalif isa barbaachise?

Cuuphaan kan nu barbaachisu nuuf fakkeenya ta’uufi :- Inni cuuphamee Cuuphamaa osoo nuun hin jenne ta’ee Cuuphaan hin barbaachisu, osoo barbaachisaa ta’ee Gooftaa mataan isaa fakkeenyummaaf ni cuuphama ture ykn cuuphamee fakkeenya nuuf ta’a ture akka Shakkitoonni hin jenneef ni cuuphame. Qulqulluun Yohaannisis «ወአርኃወ ለነ አንቀጸ ጥምቀት ከመ ንጠመቅ» ykn «Akka Cuuphamnuuf balbala Cuuphaa nuuf bane» jedhee iccitii Cuuphaa ni hubachiisa.

Raajichi akka raawwatuuf :- «Maaloo Bishaanonni si argan, Bishaanonni si arganii si sodaatan…..» Faaruu. 77:16-17 Raajiin jedhu waan tureef kuni akka raawwatamuuf.

Xalayaa du’aa Laga Yordaanoos keessa ture balleessuuf (Wuddaasee Maariyaam kan Wiixataa)

Tokkummaa fi Sadummaa Sillaasee hubachiisuuf :- kana dura Sadummaan Sillaasee ifatti hin beekamu ture. Yeroo gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Yordaanoositti cuuphamu garuu Iccitiin Sillaasee ifa ta’ee, Abbaan Samii irraa «Ilmi koo ani jaalladhu kanadha!» jechuu isaatiin Abbaa ta’uun isaa ni beekame. Afuurri Qulqulluus bifa Gugeetiin irra qubatee Amalummaa jireenya isaa ta’uun isaa ni beekame. Ilmis qaama isaa adda ta’een Laga Yordaanoositti ni beekame.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Laga Yordaanoositti erga Cuuphamee ba’e booda Raajiiwwan raawwataman

Samiiwwan ni banaman :- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos harka Yohaannis Laga Yordaanoositti cuuphamee bishaan keessaa yeroo bahu «ወናሁ ተርኀወ ሰማይ ወርእየ መንፈሰ እግዚአብሔር እንዘ ይወርድ ከመ ርግብ ወነበረ ላዕሌሁ» ykn «Samiin banamee Afuurri Qulqulluu bifa Gugeetiin mataa isaa irra yeroo qubatu Yohaannis Cuuphaan ni arge» kana irratti Samiin kan cufamu, kan banamu ta’ee osoo hin taane, Iccitiin guddaan muldhatee hin beekne ni ibsame, jechuunis Iccitiin Sillaasee ni ibsame jechuufi.

Afuurri Qulqulluu bifa Gugeetiin bu’ee mataa isaa irra taa’e

Waaqayyo Abbaan Samii irraa «መጽአ ቃል እምደመና ዘይብል ዝንቱ ዝንቱ ውእቱ ወልድየ ዘአፈቅር ወሎቱ ስምእዎ» ykn «Ilmi koo ani jaalladhu kanadha, isas dhaga’aa» Maat. 3:17 jechuudhaan Amalummaa Waaqummaa isaa ibseera. Wangeelaawwiiwwanis jecha kanaan Iccitii Sillaasee ifatti ni barsiisaniiru.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos maalif Bishaaniin Cuuphame?

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos bishaaniin cuuphameera, sababni Cuuphaan isaa Bishaaniin itti ta’eefis «Iyyesuus erga cuuphame booda Bishaanii ni ba’e!» Maat. 3:16 akkuma jedhu, jecha isaatiinis akkas jedhee ni barsiise «Namni bishaan fi Afuura Qulqulluu irraa yoo dhalate malee gara Mootummaa Waaqayyoo seenuu hin danda’u!» Yoh. 3:5. Akkasumas Qulqulloota Raajotaan raajiin dubbatame jira «Bishaan gaariis isinitti nan facaasa, isinis ni qulqullooftu ….» Hizq. 36:25 kan jedhu dursee Raajiin dubbatamee waan tureef.

Bishaan xurii qaama keenya irra jiru akkuma qulqulleessu, Cuuphaanis Cubbuu Lubbuu ni qulqulleessa waan ta’eef. Tokkos;

Bishaan Addunyaa guutuutti ni dhangala’a ykn guutummaa Addunyaa irratti argama, Cuuphaanis guutummaa Addunyaatti ni raawwatama waan ta’eef.

Tokkos Bishaan Mootii teessoo isaa irra jiruu kaasee hanga Addabaabaayii dhaan hanga rakkataa hundaatti kan kenname mana nama hundaatti kan argamu dha. Cuuphaanis kan hojjatame ykn kan kennamu nama hundaaf waan ta’eef.

Bishaaniin uffanni miiccame cimina akkuma argatu, Kiristaanonnis Bishaaniin cuuphamanii Seenaa fi Qabsuura hojjechaa humna Cuuphaadhaan argataniin diina isaanii Diyaabiloos ni injifatu.

Yisihaaqiif kaadhimamuun Raaheel sababa bishaaniitiin ta’eera waan ta’eef. Uma. 24:10-27. Kaadhimamni Afuurawaas (Mootummaa Waaqayyoof) bishaaniin (Cuuphaadhaan) ta’eera. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Cuuphaa isaa Dammaa fi Aannaniin taasisuu osoo danda’uu sababni inni Cuuphaa isaa Bishaaniin itti taasiseef Dammaa fi Aannan Iddoo hundatti hin argamu waan ta’eefi.

Qulqulloonni Duuka Bu’oonni Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos irraa kan baratan hojiidhaan yeroo agarsiisan uummata Bishaaniin cuuphaniiru. Cuuphaadhaaf barbaachisummaan Bishaanii «ፍትሕ መንፈሳዊ» Keeyyata 3 irratti ka’aameera. Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa keenya Ayyaana Cuuphaa kan kabajju iccitii fayyisuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ragaa bahuu fi yaadachuuni. Abuna Goorgooriyos inni lammaffaan Manni Kiristaanaa Itoophiyaa waggaa waggaadhaan Ayyaana Cuuphaa kan kabajjuufi sirna kana kan raawwattu gadi of qabiinsa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos nuuf taasise kabajuu fi Kiristaanonnis eebba Cuuphaa Gooftaa keenya irraa akka argataniifi malee Cuuphaan yeroo tokko qofa akka ta’e himaniiru. (Seenaa Mana Kiristaanaa fuula 123)

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Ayyaana Cuuphaa gaarii isiniif haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Cuuphaa Iyyesuus Kiristoos Gaaffilee ka’aanii fi deebii first appeared on Qubee Online +.

Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa : Seenaa fi Qabsuura isaa
​​Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa

Seenaa fi Qabsuura Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa. Akka Kitaaba Qulqulluutti maqaa «Yohaannis» jedhamuun kan waamaman Qulqulloota sadidha. Isaanis;

1. Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa

2. Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii fi

3. Qulqulluu Maarqoos isa Yohaannis jedhamedha.

Akkasumas akka Mana Kiristaanaa keenyaatti maqaa «Yohaannis» jedhamuun kan waamaman Qulqullootaa fi Abbootii hedduutu jiru; isaan keessaas Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee, Qulqulluu Yohaannis isa gabaabaa fi k.k.f caqasuun ni danda’ama.

Hardha waa’ee Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa isiniif qabaannee dhiyaanneerra, isinis dubbisaa! hiriyoota keessaniifis qoodaa akkasumas blog kana Subscribe taasisaa!

Qulqulluun Yohaannis Cuuphaa eenyudha?

Qulqulluun Yohaannis Cuuphaan maqaawwan hedduu kan qabu yoo ta’u isaan keessaas;

1. Raajii

2. Duuka Bu’aa

3. Luba

4. Wareegamaa

5. Baahitaawwii

6. Cuuphaa Waaqayyoo

7. Labsii kan himu

8. Barsiisaa fi gorsaa

9. Daandii kan qulqulleessu

10. Riqicha Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa fi k.k.f caqasuun ni danda’aama.

Qulqulluun Luqaas Wangeela isaa kan jalqabe maatii Qulqulluu kanaani jechuunis Afuurri Qulqulluu akkas jedhii barreessi jedheeniira «Lubni Zakkaariyaas fi Elsaabeet namaa fi Waaqayyo fuulduratti qajeelota turan» jedha. Luq. 1:6.

Qulqulloonni kunneen garuu dhala dhabuu isaaniitiin mucaa osoo hin argatiin waggoota hedduuf turanii ture. Akka Tiwuufiitii Mana Kiristaanaatti umuriin isaanii kan Elsaabeet waggaa 90 fi kan Luba Zakkaariyaas ammoo 100 gahee ture.

Waaqayyos obsuu isaanii kan arge umurii isaanii dullumaatti nama hundaa ol kan ta’e, raajiin kophaa isaatti kan dubbatameef (Isa. 40:3, Mil. 3:1) raajii guddaa isaaniif kennuuf Waaqayyo Ergamaa Missiraachoo Qulqulluu Gabri’eel isaaniif erge.

Lubni Zakkaariyaas nama waan ta’eef garmalee gammaduu isaa irraa kan ka’e mormuu isaatiin ni adabame. Elsaabeet garuu Fulbaana 26 nama cimaa sana garaatti baattee ji’oota shaniif of dhoksite. Ji’a jahaffaattis Gooftaan gooftotaa, Waaqni Waaqotaa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos garaatti yeroo baatametti haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam gara Elsaabeetitti dhufte. Qulqulloonni kunneen lamaan fira dha.

Haati Waaqayyoo Dubroon Maariyaam yeroo geessee nagaa isaan gaafattus Afuurri Qulqulluu haadhaa fi ilmatti (Elsaabeet fi Ilma) irratti bu’ee, Elsaabeet galatoodhaan, Yohaannis ammoo gadameessa keessa osoo jiruu gammachuudhaan ni utaale, ni sagade. Kana boodas Waxabajji 30 ni dhalate, Abbaan isaa Lubni Zakkaariyaas dura adabamuudhaan diidaa ta’ee tures amma «Yohaannis» yeroo jedhu afaan isaa hiikameera.

Qulqulluun Yohaannis erga dhalatee

umuriin isaa waggaa 2 fi ji’a jaha yeroo ta’utti namoonni Ogeeyyii ykn Sabi’aa Saggal dhufuu isaaniitiin daa’imman dachee Israa’eel irratti argaman Mootii Heeroodsiin waan barbaadamaniif ykn Mootiin Heeroods daa’imman Israa’eel ajjeesuuf waan barbaaduuf akkasumas xiqqoo turee Ayihuudonni waa’ee daa’imichaa ykn waa’ee Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa Heeroodsitti himan «Akkuma garaatti baatameen Afaan Abbaa isaa cufe, yeroo dhalatu ammoo deebisee Afaan Abbaa isaa kan bane daa’imni ‘Yohaannis’ jedhamu jira waan ta’eef isas ajjeesi!» jedhan.

Haati isaa Qulqulleettiin Elsaabeetis ilma ishee Qulqulluu Yohaannis qabattee yeroo godaantu, Lubni Zakkaariyaas garuu Mana Qulqullummaa keessatti ajjeefameera. Qulqulleettiin Elsaabeetis daa’imicha guddisaa Gadaama Zifaatitti waggoota 3 ykn 5’f turteerti. Qulqulluun Yohaannis umuriin isaa waggaa 5 ykn 7 yeroo guutu garuu achuma gammoojjii keessatti haati isaa Qulqulleettiin Elsaabeet ni boqotte. Samii irraas Zakkaariyaas fi Simi’oon bu’anii ishee awwaalan.

Daa’imichi Qulqulluun Yohaannis yeroo boo’us Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam biyya fagoo keessaa isa dhageesse, isheenis godaansa irra turte waan ta’eef. Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waliinis Duumessaan Qulqulluu Yohaannis bira deemanii haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam isa haammattee isa jajjabeessite.

Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiinis «Haa fudhannuu?» jetteen, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos garuu «Tajaajila isaatiif hamman isa waamutti as haa turu» jedheen isaanis isa eebbisanii, isa jajjabeessanii gargar ba’aan.

Qulqulluun Yohaannisis kana booda gammoojjii sana keessatti rifeensa Gaalaa uffatee, hidhannoo mudhii isaatti hidhatee jireenya Baahitaawwii isaa itti fufe. Waggoota 25’f (23) Qulqullummaan yeroo jiraatu bineensota lafa irra jiranii fi Ergamoota Samii irraatiin ala homaa hin argine. Addunyaa badduu kanas hin dhandhamne.

Kana boodas umuriin isaa waggaa 30 yeroo guutu Waaqayyo Samii irraa itti dubbate «Deemi! Daandii mucaa koo qulqulleessi!» jedheen. Raajonni waa’ee kanaa dubbatanii ykn raajii raajanii turan waan ta’eef. (Isa. 40:3, Mil. 3:1) Abbaan isaa Lubni Zakkaariyaasis «ወአንተኒ ሕጻን ነቢየ ልዑል ትሰመይ: እስመ ተሐውር ቅድመ እግዚአብሔር ከመ ትጺሕ ፍኖቶ» ykn «Ati Raajii Waaqayyoo ni jedhamta, daandii isaa akka qulqulleessituuf Gooftaa fuuldura ni deemta waan ta’eef» jedhee daandii Gooftaa qulqulleessuu isaa dubbatee ture waan ta’eef. Luq. 1:76.

Qulqulluun Yohaannis Cuuphaan yeroo sanatti humna Afuura Qulqulluutiin durfamaa Gammoojjii irraa gara Yihudaatti dhufe. Namoonni isa argan hundis ni sodaatan, is sa ni kabajanis, hojjaan isaa kan soroore, areedni isaa gadi kan qajeele, rifeensi isaa gurraacha kan ta’e, bifti isaa guutuu kan ta’e naatoon isaa kan nama sodaachisu nama Gadaamii ture.

Qulqulluun Yohaannis Cuuphaanis dursee uummatatti waa’ee Gaabbii Lallabe. Gaabbiidhaanis baay’ee isaanii cuuphe, tajaajila isaa kanaanis ji’oota jahaaf turee Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos gara isaatti dhufe. Qulqulluun Yohaannisis Waaqayyo uumaan Samii fi lafaa isa biratti dhufee «Na cuuphi!» yeroo jedhuun ni nahe, waan godhus wallaale.

«Lakki Gooftaa koo! Ati na cuuphi!» jedheen. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos garuu «Siif eyyameera» jedheen. Yeroo kanattis Qulqulluun Yohaannis Cuuphaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ni cuuphe. Sababa kanaanis ykn Qulqulluun Yohaannis Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waan cuupheef «መጥምቀ መለኮት» ykn «Cuuphaa Waaqayyoo» jedhamaa jiraata. Qulqulluun Yohaannis dhuma irrattis Heeroodsitti ni dheekkame. Mootichis kanaan aaree guyyoota torbaaf isa hidhe.

Guyyaa sanattis ykn guyyaa dhaloota isaa yeroo kabajutti intalli Heeroodiyaadaa sirbaan isa qabdee isa kakachiifte. Isheenis morma Qulqulluu Yohaannis muree akka isheef kennu gaafatte, innis kakatee waan tureef ni kenneef. Abbootiinis «እምሔሶ ለሔሮድስ ይብላዕ መሐላሁ» ykn «Heeroods kakaa isaa osoo nyaateera ta’ee isaaf wayya ture!» jedhu.

Mormi Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa murante kunis koochoo baastee yeroo balaliitu, foon isaa ammoo Duuka Bu’oonni isaa awwaalaniiru. Wangeela Maatewoos (Maat. 3:1), Wangeela Maarqoos (Marq. 6:14), Wangeela Luqaas (Luq. 3:1), Wangeela Yohaannis (Yoh. 1:6).

Heeroodsis morma Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa erga mursiise booda mormi Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa koochoon kennaa kennameefii gara iddoo Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos jiruutti deemtee fuuldura Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoositti ni sagadde. Qulqulloonni Duuka Bu’oonnis wanta arganiin ajaa’ibsiifatamanii harka fuudhan.

Kana boodas Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos morma ykn mataa Qulqulluu Yohaannis Cuuphaatiif aangoo barsiisuu kenneefii ishee gaggeesse. Guutummaa Addunyaatti naanna’uunis waggoota 15’f Lallabaa turtee guyyaa Fulbaana lamatti Arabiyaa keessatti boqotteerti.

Guyyoota Yaadannoo Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa

Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyoonni Yaadannoo Ayyaana gurguddoo Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa waggaatti yeroo sadi yoo ta’u, isaanis;

1. Fulbaana 2 :- Guyyaa itti mormi isaa murame.

2. Fulbaana 26 :- Guyyaa itti Qulqulluun Yohaannis Cuuphaa garaatti baatame.

3. Waxabajjii 30 :- Guyyaa itti Qulqulluu Yohaannis Cuuphaan itti dhalate.

Akkasumas ji’a ji’aa gaafa guyyaa 30 guyyaa Yaadannoo Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa ta’ee ni kabajama.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa join taasisaa!

Eebbi Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa nurra haa bulu!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa : Seenaa fi Qabsuura isaa first appeared on Qubee Online +.