Wangeela Maatewoos | Qubee Online +

Dhumaatii Daa’imman Beetaliheem fi Imimmaan Raaheel
Dhumaatii Daa’imman Beetaliheem fi Imimmaan Raaheel

Mata duree keenya har’a keessatti waa’ee Dhumaatii Daa’imman Beetaliheem yeroo Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Waaqayyo akkas jedha :- «Sagaleen Raamaatti dhaga’ame, sagalee boo’ichaa fi wawwaannaa guddaa ture; Raahel ijoollee isheetiif in boosse; ijoolleen ishee waan hin jirreef jajjabaachuus in didde. Ati garuu dadhabbiin kee gatii siif argate, ijoolleen kee biyya diinaatii deebi’anii waan dhufaniif boo’icha kee dhiisi, imimmaan kees hin dhangalaasin!» Erm. 31:15-16

Qulqulloonni Raajonni kan dubbatan waa’ee bara isaanii qofaa miti, waa’ee baroota darbanii ykn waa’ee baroota isaan dura turaniis ni dubbatu, waa’ee isa gara fuulduraatti dhufuus ni raaju. Abbootiin baroota garaa garaatti ka’aanis Raajiiwwan Qulqulloota Raajotaan dubbataman kanneen ni hiiku.

Jechi Raajichi Ermiyaas dubbate kunis isa darbeefis isa dhufuufis kan hojjetudha ykn kan dubbatamedha. Yeroodhaaf ykn yeroo sanaaf Israa’eeloonni warreen Foonii Gibtsiitti garbummaa dhaan baroota turan keessatti bara itti turan yaadachiisa. Xumurri isaa ammoo ykn xumura isaatiif ammoo Bara Foonummaa ykn Zemene Sigaawweetti jechuunis fayyisaan Addunyaa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos bara itti dhalatetti kan raawwatame agarsiisa.

Imimmaan Raaheel Israa’eeloonni warri Foonii baroota Garbummaadhaan Gibtsii turan yaadachiisa (Beetaliheem)

Israa’eeloonni biyya ormaa biyya Gibtsiitti maqaa Yooseefiin godaananii ykn Yooseefiin gara Gibtsiitti seenanii jiraatu turan. Boodarra garuu Yooseef kan hin beekne, mootiin gara laafummaa fi Ogummaa Yooseef tokkoyyuu hin beekne Fara’oon ka’ee waanjoo isaanirra kaa’ee gidiraa isaanirra cimse. Kunis :- Ijoolleen Israa’eel garmalee baay’ataniiru, nurras isaan cimoodha.

Kanaafuu gara fuulduraatti diinni yoo nurratti ka’e karaa diinota keenyaa hiriiranii nu waraanu, yoo baay’atanis biyya keenya nu gadhisiisu. Jedhee dursee sodaachuu isaatiin nama sodaataafi hamaa ta’uudhaan «Koottaa! hojii ciccimaa isaan hojjechiisna kana hojjechaa yoo oolan waan dhadhabaniif cimina isaanii ni dhabu, akkasumas garmalee dhadhabuu isaanii irraa kan ka’e galgala niitiiwwan isaanii bira hin gahan, yoo niitiiwwan isaanii bira hin geenye ammoo ijoollee hin horatan, yoo akkas ta’e ammoo hin baay’atan jechuudha, yoo hin baay’anne ammoo nu hin balleessan jechuudha» jedhee yaade, yaadees hin dhiisne garmalee dhiphachuu isaatiin Feetoom, Raamsee fi Oon kan jedhaman magaalota ciccimoo dhagaadhaan isaan ijaarsise.

Israa’eeloonni warri Foonii garuu hammuma gidiraan itti baay’achaa deeme isaan garuu baay’achaa fi cimaa deeman. Gibtsoonni garuu ijoollee Israa’eel gidirsaa, reebaa isaan bitu ture. Hojii ciccimoodhaanis isaan dhiphisu, rakkisu turan.

Kanaan alas Mootichi deessistuuwwan isaanirratti muude. Isaanis «Dubartoota Israa’eel yeroo deessistan, da’uu gahaanii yeroo isaan argitanis yoo dhiira ta’e ajjeesaa, dubara yoo taate garuu hin ajjeesiinaa!» jedheen. Isaan garuu Waaqayyo waan sodaataniif akka inni isaan ajajetti hin taasisne.

Mootichis shakkee akkasumas namoota irraa dhaga’ee «Maalif kanan isin ajaje hin raawwattan?» jedhee isaan gaafate. Sababni isaas ilmi dhiiraa dhalatee ji’a sadi booda yeroo boo’us, yeroo axxifattus sagalee isaatiin ni beekama waan ta’eef. Dubartoonni sababa ykn tooftaa hin dhaban waan ta’eef :- «Dubartoonni Ibrootaa akka dubartoota Gibtsootaa miti, deessistuun osoo hin dhufiin dura da’aanii nu eegu» jedhanii deebisaniif.

Isaanis Israa’eelootaaf hojii gaarii hojjechuu isaaniitiin, Waaqayyos isaaniif wanta gaarii raawwateef Mootichi akka isaan hin ajjeefne taasise. (Ajaja Mootii raawwachuu dhiisuun nama ajjeesisa waan ta’eef)

Arjummaa Waaqayyootiin akkasumas hojii gaarii deessistuuwwan sanaatiin Israa’eeloonni garmalee baay’atanii ciman. Yeroo sanattis Fara’oon dheekkamee «Ijoollee dhiiraa Israa’eeloota irraa dhalatan bishaan keessatti gataa, warreen dubaraa garuu dhiisaa!» labsii jedhu labse.

Raaheelis kan turte bara kanadha. Abbaan manaa ishee Roobeel Simi’oon jedhamu jalaa du’ee gadda irra turte. Inni yeroo du’us isheen garaatti baatti ture, ta’us garuu «Bakka Abbaa manaa kee dhoqqee dhiiti, bukeessi hojii Abbaan manaa kee hojjechaa ture hojjedhu!» jedhamte. Isheenis ijoollee lama ykn lakkuu garaatti baattee waan turteef yeroo dhoqqee dhiittu dhiigni ishee ni dhangala’e, ijoolleen ishee lamaanis miila ishee jalatti kufan.

Isheenis naasuudhaan dhaabbatuyyuu, namichi hojii ishee hojjechiisaa ture garuu «Maalif dhaabbatta? maaltu si naasise? dhiigni namaa, foon namaa dhoqqee waliin yoo bukeeffamee dhoqqee sana cimsa malee maal ta’a jetteetu? dhoqqee waliin dhiiti!» jedheen. Yeroo kanattidha egaa «ኢሀሎኑ በዝ ሰማይ አምላከ እሥራኤል» ykn «Dhuguma Sami kana irra Waaqni Israa’eel hin jiruu?» jettee imimmaan ishee kan dhangalaaste.

Imimmaan ishee kanas harka isheetti walitti qabdee gara oliitti facaaste. «Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa; guutummaa biyya lafaa irratti arrabsamuu saba isaa irra ture irraa in fageessa; Waaqayyo kana dubbateera» akkuma jedhame Isa. 25:8 Waaqayyo imimmaan namaa haqu akka jiru ni amanti waan ta’eef.

Imimmaan ishees gara lafaatti hin deebine, teessoo galataa Waaqayyo bira gahe malee «ወዐበየት ተናዝዞ ወነጊፈ ላህ» ykn «Boo’icha dhiisuu, jajjabaachuu ni didde!» sababni isaas gidiraan ishee fi ijoollee Israa’eel irratti raawwatamaa ture baay’ee gaddisiisaa waan ta’eef, duuti daa’imman sanaa baay’ee nama gaddisiisa waan ta’eef, gaddi mana nama hundaatti waan ta’eef «እስመ ኢኮንዋ ውሉዳ ውሉደ» ykn «Ijoolleen ishee ijoollee isheef hin taane waan ta’eef» du’aniiru waan ta’eef, Abbaan manaa koo du’uyyuu ijoollee kootiin nan jajjabaadha! kan jette hin taaneef waan ta’eef «Lubbuudhaan hin jiru waan ta’eef, jajjabaachuu didde!» kanadha Raajichi Ermiyaas «Sagaleen boo’ichaa fi gaddaa Raamaatti ni dhaga’aame, Raaheel waa’ee ijoollee isheef ni boosse!» kan jedheef. Erm. 31:15

Imimmaan Raaheel Waaqayyo akka dubbatu, gargaarsaanis akka bu’u isa taasiseera. «ሰማዕኩ ገዓሮሙ ለሕዝብየ ፥ ወወረድኩ ከመ አድኅኖሙ» ykn «Iyya saba kootii nan dhaga’e, isaan fayyisuufis nan bu’e!» jechisiiseera. «Waaqayyos Museedhaan gidiraa saba koo Gibtsii jiran irra gahe argee, akkasumas gidiraa cima isinirra gahe irraa kan ka’e iyya keessan dhaga’ee, dhiphachuu keessanis beekeera. Harka Gibtsootaa irra isin fayyisuuf, gara biyya jaalatamtuu Kana’aanittis isin geessuuf nan bu’e. Gibtsiidhaas baasee gara biyya Dammaa fi Aannan itti burquu, gara biyya gammachuun keessaa hin dhabamneetti isinin geessa!» jedhe.

Damma kan jedhe Seera Oriitiidhaani, uffanni dammi tuqe bishaaniin yeroo miiccan akkuma dafee gadhiisu Seerri Oriitiis seera gadhiisu waan tureef. Aannan kan jedhe ammoo Seera Wangeelaatiini. Uffanni Dhadhaan ykn Aannan isa bishaaniin yoo isa miiccaniyyuu akkuma hin gadhiisne Seerri Wangeelaas kan hin gadhiisne ykn cimtee kan jiraattu waan taateef. Ba’uu 3:8.

Imimmaan Raaheel bara Foonummaa ykn Zemene Sigaawweetti Iyyesuus Kiristoos yeroo dhalate wanta raawwatame ni agarsiisa

Kakuu Haaraatti ammoo Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo dhalatetti Mootii Ayihuudotaa kan ture bara sanatti Heeroods hojiidhaan Fara’oon fakkaatee isa argina. Mootonni warreen fagoo ykn Namoonni Warqee, Ixaana fi Karbee qabatanii, urjiidhaan durfamaa waggaa lama deemaa turanii yeroo dhufan, inni dhiyoo jiru Heeroods garuu oduun dhalachuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos isa naasise. Gaaffiin isaaniis «አይቴ ሀሎ ንጉሥ ዘተወልደ?» ykn «Mootiin dhalate garam jira?» kan jedhu waan tureef, waa’een aangoo Mootummaa ykn waa’een aangoo Addunyaa kanaa isa yaaddessa.

Heeroods bara Urjiin sun itti mul’ate namoota Ogeeyyii irraa of eeggannoo guddaadhaan erga hubate booda laphee isaatiin «Edaa daa’imni kun waggaa lama guuteera» jedhe. Lubootas dhoksaatti waamee bu’uura inni hubateetiin «Beetaliheemidha!» jedhee isaan erge. Kana waliinis «Deemaatii waa’ee daa’imichaa gaafadhaatii, yoo isa argitan anis akkan isaaf sagadu karaa koo deebi’aa koottaatii natti himaa!» jedheen. Inni wanta badaa yaadee dubbatuyyuu Ogummaan kan Waaqayyooti. Namoonni Ogeeyyii «Edaa Mootonni biyyattiis itti amanuu!» kan jedhuun Amantiin isaanii akka isaaniif cimuufi.

Namoonni Ogeeyyii garuu saanduqoota isaanii bananii Warqee, Ixaanaa fi Karbee daa’imichaaf erga gabbaran booda akkuma Ergamaan Waaqayyoo isaanitti hime daandii ittiin dhufan dhiisanii karaa biraa, Amantaa biraatiin ykn amananii gara biyya isaaniitti deeman. Daandii karaa ittiin dhufaniitiin waggaa lama kan deeman yeroo deebi’an garuu guyyaa afurtama qofaa deemaniiru. Akkasumas karaa biraatiin «Garami?» jechaa dhufanii ture, «Argineerra» jechaa deebi’aniiru.

Amantaa biraatiin «Mootii lafa irraa» jechaa dhufanii ture, «Mootii Samii, Waaqayyo Amalummaa» jechaa deebi’aniiru.

Heeroods namoonni Ogeeyyii akka itti qoosan (karaa kee deebinee sitti himna jedhaniinii waan tureef) yeroo dhaga’etti ykn yeroo beeketti garmalee aare. Loltoota isaas ergee Namoota Ogeeyyii irraa akkuma hubatetti ijoollee ykn daa’imman umuriin isaanii waggaa lama ta’ee fi isaa gadi kan ta’aan, Beetaliheem fi naannawaa isheetti kan argaman hunda daa’imman 144,000 ni ajjeesise.

Yeroo sanatti Raajicha Ermiyaasiin «Raaheel waa’ee ijoollee ishee yeroo boossu sagaleen gaddaa fi boo’ichaa hedduun ni dhaga’aame, jajjabaachuus ni didde, ijoolleen ishee hin jiran waan ta’eef» kan jedhame ni raawwatame jedha. Erm. 31:15

Raaheel kaase malee Liyaa hin kaasne. Sababni isaas;

1. Gooftaan kan dhalate karaa Liyaa waan ta’eef gatii isheeti, Raaheel garuu karaa ishee waan hin dhalanneef gatii ishee maleedha.

2. Kan Liyaa biyya fagootti baay’inaan isheef oolaniiru, kan Raaheel garuu xiqqoo ta’uudhaan dhiyootti jalaa dhumaniiru waan ta’eef.

3. Tokkos karaa Raaheel kan Liyaas dubbachuufi.

4. Tokkos «Haati keenya Raaheel nuuf jiraattee, gidiraa fi rakkoo keenya argitee osoo nuuf boosee!» jedhanii waan boo’aniifi.

5. Tokkos waan oolan isaanitti fakkaatee awwaala Raaheel seenaniiru waan ta’eef, sana boodas isaan hordofanii achi seenanii ijoollee isaanii isaan harkaa fuudhanii jalaa ajjeesaniiru waan ta’eef. Yeroo kanatti Ekeraan ykn Lafeen Raaheel imimmaan buuseera. Awwaalli Raaheel Beetaliheem irraa 1Km fagaatee argama.

Karaa biraatiin ammoo karaa Liyaas karaa Raaheelis kan dhalatan walitti fiduu kan danda’u Abbaa isaanii Yaa’iqoob ykn Israa’eel hin kaasne. Kan kaase haadha isaanii Raaheelidha. Sababni isaas :- ilmi dhiiraa fuudha irra gahee, intalli durbaa ammoo heeruma irra gahaanii yoo kan du’an ta’e gaddi Abbaatti cima. Bara ijoollummaa ykn yeroo daa’imummaa isaanii yoo du’an ammoo gaddi haadhatti cima waan ta’eef kanaafi.

Qulqulluun Maatewoos «Raaheel» jedhee Raajii Ermiyaas kan caqaseef kana qofaaf osoo hin taane Gibtsii kan turteefisi. Kunis gidiraa gidiraa waliin yeroo wal bira qabudha.

Heeroods Daa’imman Beetaliheem kanneen hunda akkamitti walitti isaan qabe?

Heeroods daa’imman 144,000 kan walitti qabe «Mootichi Qeesaar :- Daa’imman walitti qabdee, nyaataa fi uffata kennaa, Dammaa fi aannaniin guddistee, maatii isaaniitiifis lafa ykn dhaala kennaa Loltoota naaf qopheessi naan jedheera!» labsii jedhu dubbate. Warreen daa’imman qabanis daa’imman isaanii, kanneen hin qabne ammoo uffataa fi nyaata ittiin fudhachuuf ijoollee ergifatanii deemaniiru.

Innis tooftaa kanaan walitti isaan qabee isaa ficcisiiseera. Seenaawwan hammeenyaa lamaaniyyuu «Sagaleen gaddaa, boo’ichaa fi iyyaa Raamaatti dhaga’aame» kan jedhame Ergamoota biratti dhaga’aame jechuudha. Sababni isaas Iyyoor, Raamaa fi Erer magaalaa Ergamootaa waan ta’aaniif. Tokkos uumaa Ergamootaa Waaqayyo biratti dhaga’aame jechuudha. Sababni isaas iddoo Ergamoonni jiranitti Waaqayyo jira. Tokkos Raamaa kan jedhamte Mootummaa Waaqayyoo dha. Hiikni isaa iccitiis Raamaa kan jedhamte Mootummaan Waaqayyoo Amantaa qabatee, hojii gaarii hojjetee kan keessa seenu dhabdee ni gadditi, ni boossi jechuudha.

Bara kanatti kan barbaachisu waan biraa osoo hin taane Imimmaan Raaheel dha. Addunyaan gidiraadhaan guutamtee waan taateef, namni bilisni keessa hin jiru waan ta’eef. «Gowwoonni garaa isaaniitti, “Waaqayyo hin jiru” in jedhu; isaan amalli isaanii manca’aa dha, hammina ciiggaasisaa hojjechaa jiru, namni waan gaarii godhu tokko illee hin jiru. Ogeessonni Waaqayyoon barbaadan, yoo jiraatan arguudhaaf jedhee, Waaqayyo bantii waaqaa keessaa, ilmaan namootaa gad in ilaala; hundinuu dugda itti gataniiru, hundinuus wal ga’anii manca’aniiru; namni gaarii godhu tokko illee hin jiru, lakkii, tokko iyyuu hin jiru. “Warri hamaa hojjetan hundinuu homaa hin hubatanii? Warri akkuma buddeena nyaatan saba koo nyaatanis, Waaqayyoon hin waammatanii» akkuma jedhu. Faaruu. 52/53:1-4.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam mucaa ishee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos fi Yooseef waliin ta’uun waa’ee yeroowwan godaansaan Gibtsii keessa itti turanii Wangeelaawwiin Yohaannis mul’ata isaatiin akkuma arge akkas jedha «Aduu kan uffatte, Addeessa miila isheetii gadi kan godhatte, mataa ishee irrattis Goonfoo kan godhatte Dubartii tokkotu turte ………» Mul. 12:1-6.

Dubartittiin haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yoo taatu Jawwichi ammoo Heeroods irra bulee daa’imicha ajjeesuuf kan barbaadeefi kan godaansise diina keenya Diyaabiloosidha.

Egaa haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilma ishee, Yooseef fi Solomee waliin yeroowwan isheen itti godaansaan turan guyyoota 1,260 ykn waggaa sadii fi walakkaa dha.

Barreeffamni keenya waa’ee Dhumaatii Daa’imman Beetaliheem irratti dhiyaate, kan Imimmaan Raaheel fi Daa’imman Beetaliheem irratti xiyyeeffatu kana fakkaata ture.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Eebbi daa’imman Beetaliheem kanneenii nurra haa bulu!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Dhumaatii Daa’imman Beetaliheem fi Imimmaan Raaheel first appeared on Qubee Online +.

Seenaa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos
Duuka Bu’aa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos

Seenaa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos kutaa kana keessatti ni ilaalla. Duuka Bu’aan, Wangeelaawwiin Qulqulluun Maatewoos eenyudha? Seenaa fi qabsuura isaa akkasumas Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos kutaa kana keessatti ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Seenaa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos

Akka Tiwuufiitii Mana Kiristaanaa keenyaatti Abbaan Qulqulluu Maatewoos Diquu, haati isaa ammoo Kiruutisiyaa jedhamu. Wangeela Maarqoos irratti garuu maqaan Abbaa isaa Ilfiyoos jedhamee waamameera ykn barreeffameera. Marq. 2:14. Kunis maqaa biraa Diquuti jechuudha.

Maqaan Qulqulluu Maatewoos jalqabaa Leewwii yoo ta’u, maqaa Maatewoos jedhu kan baaseef Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha, hiikni isaas «Kan filatame» jechuudha. Tarree Duuka Bu’ootaa keessatti Wangeela isaa ykn Wangeela Maatewoos fi Hojii Duuka Bu’ootaa keessatti tarree lakkoofsaa 8ffaa irratti, akkasumas Wangeela Maarqoos fi Wangeela Luqaas irratti ammoo tarree lakkoofsa 7ffaa irratti ka’aameera ykn barreeffameera.

Qulqulluun Maatewoos hojiin isaa jalqabaa Qaraxxuu ykn Gibira sassaabuu yoo ta’u bakki inni itti hojjechaa tures galaana Galiilaa qarqaratti kan argamtu Magaalaa Qifrinnaahoomitti ture. Daandii guddaa Gabaa Qifrinnaahoomii gara galaana Galiilaatti geessu qarqara suuqii banee daldaltoota Gibira kaffalchiisa ture. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo naannoo sanatti barsiisu gara iddoo hojii isaatti siqee «Na duuka bu’i» jedheen. Qulqulluun Maatewoosis hiyyeessota tolaan kan nyaachisu, dhukkubsattoota tolaan kan fayyisu yeroo argatu ajaa’ibsiifatamee hojii isaa hunda dhiisee Gooftaa duuka bu’e.

Abbootiin keenya Qulqulluun Maatewoos Duuka bu’aa dhaabbiitti Tazkaara isaa baasee Gooftaa keenya Duuka bu’e jedhuun. Sababni isaas Duuka bu’ummaaf yeroo filatametti Mana isaatti nyaata qopheessee ykn daggasee Gooftaa affeereera waan ta’eefidha. Maat. 9:10-13.

Duuka bu’ichi Qulqulluun Maatewoos Filisxeemitti, Faarsitti, Baabiloonitti, Itoophiyaatti fi naannoo Arabiyaatti akka lallabe ykn barsiise ni himama. Beektonni Bahaa fi Lixaa baay’een isaanii inumaayyuu ilaalcha Qulqulluun Maatewoos Itoophiyaatti Wareegamummaan boqote jedhu qabu.

Ilaalchi kun garuu dhugaa ta’uu dhiisuu ykn soba ta’uu isaatiif;

1. Itoophiyaatti Tiwuufiitiin ykn sirni barreeffamaa ykn wanti waa’ee kanaa barreeffame hin argamne ykn argamuu dhabuu isaa

2. Ekeraa ykn Atsimiin Minilik 1ffaa fi Mootittii Saabaa yeroo argamu, kan Qulqulluu Maatewoos garuu argamuu dhabuun isa ragaalee gurguddoo ni ta’u.

Inumaayyuu Seenaa Mana Kiristaanaa irratti akka ibsamutti Itoophiyaatti Wangeela dursanii kan lallaban Ayyaana guyyaa shantammaffaa kabajuuf gara Iyyerusaaleemitti deemanii yeroo turetti Lallaba Qulqulluu Pheexiroosiin kan amanan namoota 3000 keessa kan turan Itoophiyaanotaan (Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqeen Kitaaba ykn barreeffama isaa irratti akka ibsetti), itti aansees Jaandarabaa Itoophiyaa Baakoosiini.

Gara Itoophiyaatti dhufuun Qulqulluu Maatewoos isaan kana booda. Biyyoota birootti Kiristaanummaa dursanii kan fudhatan hiyyeessotaa fi namoota sadarkaa gadii (low class) irra jiran yoo ta’aan, Itoophiyaatti garuu dursee raajii Kakuu Moofaatti ture ni beekus, ni eegus waan tureef, Kiristaanummaan dursee kan lallabame naannoo Moototaatti (upper class) dha.

Jaandarabaan Itoophiyaas ajajaa ykn to’ataa maallaqaa Mootittii Hindaakee ta’uun isaatiin inni kan fudhate amantii isaa dhiitee Maatewoos Wareegamummaaf geessisuu hin danda’u. Inumaayyuu Itoophiyaanota Saba Kiristaanaa Addunyaa kaanirraa kan adda isa taasisu dhiigni Duuka bu’aa tokkoyyuu osoo keessatti hin dhangala’iin amanuu isaaniiti.

Itoophiyaatti Barsiisuu Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos

Qulqulluun Maatewoos Itoophiyaatti Wangeela barsiiseera. Barreessaan Seenaa Mana Kiristaanaa Ruufiyaanoos kana dhugoomseera. Beektonni biyya keenyaas kan barsiise naannoo Lixa Tigiraay iddoo Adwaa jedhamu  maqaan isaa addaa Naa’itseer iddoo jedhamutti ta’uu ni barsiisu. Kitaabni Sinkisaaraa Afaan Arabiffaan barreeffame tokko fuula 76 irratti Wangeelaawwiin Qulqulluun Maatewoos Tigiraayitti akka lallabe ni ibsa.

Beektonni Mana Kiristaanaa kanaaf ragaan isaan dhiyeessan kan biraa Wangeela Maatewoosidha. Qulqulluun Maatewoos Wangeelaawwiin kaan irraa adda bahee Seenaa Sabi’aa Saggal ykn namoota ogeeyyii kan barreesse biyyoota kanatti barreessuu isaatiini.

«Mootonni Xarsees fi Eddoolotaa kennaa ni fidu, Mootonni Arabaa fi Saabaa kennaa ni fidu» Faaruu 71(72):10.

Xarsees fi Eddoolota – Faars fi Baabiloon

Arabaa fi Saabaa – Yamanii fi Itoophiyaa dha.

Bara durii irraa kaasee kutaan ykn biyyi Itoophiyaa irraa gara bahaatti jiru hanga Hindiitti Baha jedhamee waamama. Maatewoos Wangeela isaa irratti «Baha irraa kan dhufan» kan jedhe kanumaafi.

Qabsuurri Duuka Bu’ootaa Qulqulluun Maatewoos Giriikiitti (iddoo Xaa’otiin Aphooloon jedhamu itti Waaqeffamaa ture) akka barsiise ni dubbata. Dhuma irratti garuu Filisxeemitti yeroo barsiisu barumsa Ayihuudotaa fi Ahizaabotaa yeroo mormu, dhukkubsattoota yeroo fayyisu, hafuurota hamoo yeroo baasu arguu isaatiin namoonni biyya sanaa gara Mana hidhaatti isa darbatan.

Qulqulluun Maatewoosis Mana hidhaa keessa osoo jiruu namni akkuma isaa hidhamee jiru tokko itti dhufe ykn wal argan. Namichi hidhame kunis yeroo hunda gadda baay’isa. Duuka Bu’ichi Qulqulluun Maatewoosis guyyaa tokko itti siqee isa jajjabeessee, maalif akka gaddus isa gaafate. «Gooftaan koo Sooressadha! Anis Doonii isaatiin deddeebi’een isaaf daldala ture. Tibba darbe garuu yeroon daldalaa deebi’u naaf hin taane, dambaliin ka’ee Dooniin koo meeshaalee ishee waliin ni dhidhimte, qarshii koos galaanni ni nyaate. Anis rakkoo meeqaan hafeen ykn ooleen  dhufe Gooftaa kootti wanta ta’e hunda ittin hime, inni garuu rakkoo narra gaheen naaf gadduu dhiisee, hafuu kootiin gammaduu dhiisee Doonii isaa anaan dhiisuun isheetiin aaree Mana hidhaatiif na saaxile» jedheen.

Qulqulluun Maatewoosis «Hin gaddiin guyyoota muraasa booda si gadhiisa» jechuudhaan wanta eenyuyyuu itti himee hin beekne, innis wanta gonkumayyuu yaadee hin beekne itti dubbate. «Gooftaan kee si adabuu ni dhufa, yeroo kanatti ‘maaloo Dooniin kee Galaana keessaa baheera waan ta’eef siin fida’ jedhiin gara Galaanichaatti yeroo buutu Doonii kee ni argatta» jechuudhaan isa tasgabbeesse.

Wanti Qulqulluun Maatewoos itti dubbate hin hafnee guyyoota muraasa booda Sooressi sun isa adabuuf tajaajilaa isaa waame. Innis akka obsuufi akka yeroo kennuuf kadhate. Tajaajilichis gara Galaanaatti bu’e. Dooniin sun Galaana irra meeshaalee ishee hunda waliin deemaa jirti. Innis oofaa dhufee Sooressicha sanaaf wanta daldale hunda kenneef. Sooressi sunis wanta ta’e hunda akka itti himuuf tajaajilaa sana gaafate. Tajaajilaan sunis «Duuka Bu’aa Gooftaa Iyyesuus Kiristoos kan ta’e Maatewoos Doonii koo akkamitti akkan argadhu natti hime, akkuma inni naan jedhettis nan argadhe.» jechuun deebiseef. «Ofii inni eessatti argama?» jedhe gaafate Sooressichi «Mana hidhaa sana keessatti Wangeela Lallabaa jira» jedheen tajaajilichi.

Sooressi sunis Maatewoos waamsisee Kiristaanummaa barachuun amanee cuuphame. Maatiin isaas isa hordofan. Oduun sunis guutummaa Magalittiitti wal gahe. Aanga’oonni kana dhaga’aanis Maatewoos mootichatti himatan. Mootichis aanga’oota sanaan dursamee Maatewoos irratti du’a murteesse. Onkoloolessaa 12 mormi isaa Sayifiin muramee boqote. Sooressi sunis dhoksaadhaan fuudhee isa awwaale.

Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos

Seenaa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos kana keessatti amma ammoo waa’ee Wangeela Maatewoos ni ilaalla.

Barreessaan Wangeela Maateewoos Duuka Bu’aa Qulqullicha Maatewoosidha, Wangeelicha kan barreesses Yihudotaaf akka ta’e beekamaadha. Sababni isaas caqasoota hedduu hanga caqasoota 100

olii Kakuu Moofaa keessaa caqaseera. Wangeelichas kan barreesse afaan Ibraayisxiin yoo ta’u, haalli  barreeffama isaas sirna, seera Yihudotaa irratti kan hundaa’edha. Kana kan godheefis Yihuudonni sababa barbaaddota ta’uu isaanii waan beekuufi. Seera isaanii eegee barreessine osoo ta’ee seera keenya cabse Wangeela isaa hin fudhannu jedhu waan ta’eef.

Qo’annaa Wangeela Maatewoos

Wangeelli Maateewoos kunis iddoowwan gurguddoo jaha /6/ tti qoodamee qo’atama. Isaanis;

1. Waa’ee dhalachuu, cuuphamuu fi qoramuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos. (Boqonnaa 1-4)

2. Lallabaa tulluu irraa /የተራራው ላይ ስብከት/ (Boqonnaa 5-7)

3. Waa’ee humna hojii isaa (Boqonnaa 8-12)

4. Duuka Bu’oota barsiisuu isaa (Boqonnaa 13-20)

5. Jibbamuu fi ajjeefamuu isaa (Boqonnaa 21-27)

6. Du’aa ka’uu isaa (Boqonnaa 28)

Gama biraatiin Wangeelli Maatewoos boqonnaa 28 kan qabu yoo ta’u baay’ina boqonnaalee isaatiin  Wangeelota kaan yoo caalu, baay’ina lakkoofsota isaatiin ammoo Wangeela Luqaasitti aanee  lakkoofsota 1068 qabachuun lammaffaadha. Wangeelli Maateewoos kan barreeffame naannoo bara 58

B.A Wangeela Maarqoositti aanuni.

Sababni Wangeelli Maatewoos osoo Wangeela Maarqoos booda barreeffamee jiru jalqaba irra taa’eef qabiyyee isaatiin, kunis Caqasoota Kakuu Moofaa 150 ol waan caqasee fi hidda dhaloota gooftaan  waan sirriitti barreesseefi kanaanis «Riqicha Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa» jedhamuun ni beekama.  Wangeelli Maatewoos barnoota ykn barumsa gooftaa baay’inaan dhiyeessuun Wangeelota kaan ni  caala. Kunis walii gala lakkoofsotaa 1068 keessaa 644 kan ta’anidha, Dhibbantaa 60 ykn 60% jechuu  dha.

Akkasumas Caqasoota Kakuu Moofaa baay’inaan caqasuun Wangeelota kaan ni caala, Gooftaan  keenya Iyyesuus Kiristoos dursa raajotaan kan dubbatameef Maasihii ta’uu isaa hubachiisuufis seenaa  tokko erga barreesseen booda «Kanaanis ….. jedhamee kan dubbatame (raajiidhaan kan barreeffame) ni raawwate, akka raawwatuuf» jechuun ragaa baha.

Afaanota Wangeelli Maatewoos ittiin barreeffame

Qulqulluun Maatewoos Duuka Bu’aa Tiwufiitii baay’inaan fayyadamedha. Waa’ee afaan Qulqullichi

Maatewoos Wangeela isaa ittiin barreessee irratti yaadonni garaa garaa sadi ni jiru; Isaanis;

1. Ibraayisxii dhaan :-

Beektota Mana Kiristaanaa dabalatee hayyoonni hedduun kan irratti walii galan Qulqulluun Maateewoos Wangeela isaa afaan Ibraayisxiin barreesse yaada jedhudha. Garaa hanga

ammaatti Waraabbiin isaa hangafni (original copy) hin argamne.

2. Aramaayikii dhaan :-

Paapiyaas abbaan jedhamu jaarraa lammaffaa keessa akka ibsetti Qulqulluun Maatewoos dursee Barnoota ykn barumsoota gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos afaan Aramaayikiin Loojiyaa (Logia) kitaaba jedhamu irratti walitti qabee ture. Boodas Wangeela isaa yeroo barreessu barumsoota gooftaa kan gara galche kitaaba kana irraadha. Aramaayikiinis loqoda (dialect) Ibraayisxii keessaa tokko yoo ta’u,

naannoo jaarraa tokkoffaatti Baha Giddu galeessaa /keessattuu dachee Filisxeemitti/ afaan hojii ykn

afaan hangafaa ture (lingua franca).

Gooftaanis Wangeela kan lallabe afaan Aramaayikiin ta’uu isaatiin

Maatewoos jecha bu’uura ka’umsaa Wangeelichaa afaan kanaan barreesseera. Wangeela isaa keessatti

garuu jechoota garmalee xiqqoo ta’an jechuunis /Elohee Elohee Laamaa Sabaqtaanii. Maat. 27:46/ qofa fayyadamuun isaan ala jechootni Aramaayikii hiikamuun dhiyaataniiru malee haalli barreeffama isaa

Aramaayikii hin hordofne.

3. Giriikii dhaan :-

Kitaabolee ykn waraabbiiwwan durii hedduun isaanii afaan Giriikiin waan

argamaniif, afaan Giriikiin barreeffame yaadni jedhu jira. Abbootiin warreen durii (apologists) Wangeela Maatewoos yeroo caqasan, kan fayyadamanis isa Girikiiti. Bu’uura Tiwufiitii Mana  Kiristaanaatiin garuu Wangeela Maatewoos gara afaan Giriikiitti kan hiike Qulqulluu Yohaannis

Wangeelaawwidha.

Akkasumas Qulqulluun Maatewoos Wangeela isaa kan barreesse dachee Yihudaa taa’ee akka ta’e ni

himama.

Kaayyoo Wangeelli Maatewoos itti barreeffameef

Xumura irratti Qulqulluu Maatewoos sababni Wangeela kana barreesseef ykn kaayyoon Wangeelli

Maatewoos barreeffameef gurguddoon;

1. Lakkoofsa ykn jaarraa, baroota dubbachuuf.

2. Iyyesuus Kiristoosii sanyii dhiiraan dhalate jedhaniinii turan waan ta’eef, sanyii dhiiraa malee Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa Afuura Qulqulluun dhalachuu isaa barsiisuuf.

3. Yohaannis Cuuphaan gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ni caala jedhanii turan waan ta’eef, Gooftaan keenya akka caalu, Yohaannis ammoo gooftaadhaa gadi akka ta’e, “hidhaa kophee miila isaa illee hiikuun naaf hin ta’u” kan jedhe ibsuuf.

4. Gooftaa keenyaan Bi’eel Zebuuliidhaan Seexana baasa jedhaniinii turan waan ta’eef, Afuura Waaqayyootiin Seexana baasa kan jedhu ibsuuf.

5. Gooftaa keenyaan Raajota keessaa tokko dha jedhuun ture, Waaqa Raajotaa akka ta’e ibsuufi k.k.f

Mata duree keenya Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos kana keessatti waa’ee Seenaa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos ilaalleerra. Yeroo itti aanu kan Qulqulloota birootiin walitti deebina.

Eebbi Qulqulluu Maatewoos nurra haa bulu!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Channel keenya WhatsApp Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

The post Seenaa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos first appeared on Qubee Online +.

Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos Gosoota Hiikoo Andimtaa
Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos | Seensa 2

Seensa 1ffaa Koorsii Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos kana keessatti yeroo darbe akka seensaatti; Hiikoo Wangeelaa, Wangeela Qulqulluu, Fakkeenya Wangeelotaa fi k.k.f ilaalleerra. Kutaa kana keessatti ammoo seensa Hiikoo Andimtaa fi Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos ni ilaalla.

Yeroo darbe Seensa /1/ Hiikoo Wangeela Maatewoos jalatti qabxiiwwan nuti ilaalle;

Maalummaa Wangeelaa

Wangeela jechuun maal jechuudha?

Kitaaba Qulqulluu keessatti Missiraachoo wantoota jedhamanii beekaman

Qulqulluu Wangeela

Wangeelonni Arfan maaliin fakkeeffamu? maalif afur qofa ta’an? kan jedhuu fi kanneen birooti. Kanaafuu osoo kutaa kanatti hin darbiin dura Seensa /1/ dubbisaa!

Seensa Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos

Kutaa kana keessatti ammoo qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaallu;

Barbaachisummaa Hiikoo

Gosoota Hiikoo

Hiikoo Andimtaa jalqabbii isaa fi biyya keenya Itoophiyaatti fi k.k.f dha.

Dubbisa gaarii! erga dubbisatanii xumurtan booda yaada keessan nuuf barreessuu hin dagatiinaa!

Abbootiin Mana Kiristaanaa bara durii turan kan jechaan (በቃል) baratan gariin yeroo jechumaan (በቃል) barsiisan, Gartokkeen ammoo Biraannaa irratti barreessuun ol ka’anii dhalootaa dhalootatti dabarsuun rakkoo, gidiraa cimaa keessa dabarsuun nu biraan gahaniiru. Kitaabolee ykn barnoota kanneen keessaas Barnoonni ykn Kitaabni Hiikoo Andimtaa isa tokkodha. Andimtaa Kitaabolee Qulqullaa’oo hiikuuf, ibsuuf, kan dhokate baasuuf gosa barnootaa tajaajiludha.

Kunis Amantoonni Amantaa isaanii bal’inaa fi gad fageenyaan akka baratan, hubatan godha. Kitaaba Qulqulluu keessattis Hiikoon sammuu fi laphee namaa akka ibsu barreeffamee jira. Faar. 118:130. Kunis kan ibsu barnoonni hiikoo Andimtaa Kiristaanotaaf akka barbaachisudha. Kanaafuu Andimtaa Kiristaanaa barbaachisaa ta’uu isaatiin, hiikoo barachuun, beekuun barbaachisaadha. Sababni isaa karaa ifa ta’een Wangeela akka hubatan fi barnoota abbootii akka baran waan taasisuuf.

Abbootiin Mana Kiristaanaa «Namni Kitaaba dubbisu yoo jiraate gara dubbisa walakkaatti osoo hin seeniin dura sababa inni itti barreeffameef, mata duree isaa haa dubbisu!» jedhaniiru. Yoo kanaan alaa deemsi isaa nama osoo kan miilaan irra ejjatanii kooraa yaabbatan irra hin ejjetiin kooraa irra ba’u ykn nama riqicha ykn sadarkaa (ደረጃ) irra osoo hin ejjetiin gara teessoo (ዙፋን) ba’u fakkaata jedhaniiru.

Nuti bu’uuruma abbootii kanaatiin osoo kallattumaan gara hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoositti hin seeniin dura seenaa, seensa isaa ilaallaa jirra ykn gara kooraatti ba’uuf isa miila irra ka’atan irra ejjechaa jirra. Mata duree kana jalattis qabxiilee gurguddoo sadii wal duraa duubaa ni ilaalla, isaanis;

Barbaachisummaa Hiikoo (የትርጓሜ አስፈላጊነት)

Gosoota Hiikoo (የትርጓሜ ዓይነት)

Hiikoon Andimtaa yoom eegale?

1. Barbaachisummaa Hiikoo

Namni sammuu cimaa yaadu qabaatuyyuu garuu sababa cubbuu isaatiin kallattiin waa’ee Waaqayyoo beekuu dhorkameera, jecha ykn sagalee uumaa ykn Waaqayyoo dhaga’uu dhiisee kan uumamaa ykn Seexanaa dhaga’eera waan ta’eef, kanaanis kennaan isaa harkaa fuudhameera. Kitaabni Qulqulluunis «Kitaabolee fi Humna Waaqayyoo hin beektaniitii ni dogoggortu» Maat. 22:29, kan jedhe kanuma ibsa ilmi namaa iccitii ykn waa’een Waaqayyoo akka jalaa dhokatedha, kanaafuu kana hubachuuf, barachuuf, baruuf hiikoon barbaachisaadha.

Sagaleen Waaqayyoo akka Dinnichaa, akka Kaarotaa jalaa buqqifamee, qotamee kan nyaatamu malee ijuma qofaan gubbaadhaa ilaalamee kan hubatamu, kan baratamu miti. Nyaatni Foonii illee yeroo ibiddaan bilchaatudha kan qaamaaf mijatu, wal simu. Kitaabni Qulqulluunis yeroo hiikoo dhaan baratanidha kan jireenya afuuraa bareechu jedhees kan wareegamummaan nama geessisu. Kanaafuu ilmi namaa jireenyi afuurawaa isaa akka bareeduuf hiikoon barbaachisaadha.

Kana qofaa miti namni wantoota hedduun gargar ta’a, fknf;

Biyyaan = aadaan, sirni biyya tokkoo kan biyya biraatiin gargaridha.

Barnootaan = Haalli barnootaas gargari, kan tokkoon beekaa ta’e kan biraan wallaalaa ta’uu danda’a. Kanaaf namnis kanneen fi k.k.f akka hubatuuf hiikoon barbaachisaadha.

Kitaabni Qulqulluu barri itti barreeffame, dubbatame waggoota hedduun dura. Kitaaba Qulqulluu irrattis uummanni gara jalqabaa jiran, haalli jireenya isaanii, walitti dhufeenyi Waaqayyo waliin qaban kan dhaloota bara kanaa irraa addadha, kanaaf dhaloota har’aa kanaaf Kitaaba Qulqulluun hiikuun barbaachisaadha.

Gama biraatiin Kitaaba Qulqulluu keessatti gosootni dubbii garaa garaa ni argamu, akka abjuu, Mul’ata, raaga, hibboo, fakkeenyaan, dubbii ciigoo /ቅኔ/ dhaan, akkasumas seenaawwan fi taateewwan ajaa’ibaa kan amaloota bineensotaa fa’a ni argamu. Kanneen kana hubachuufis hiikoon ni barbaachisa. Barreeffamoonni duraa booda keessatti hiikamanii ni argamu. Kitaaboleen Kakuu Moofaa Kakuu Haaraa keessatti Wangeela Maatewoos fi Ergaa gara warra Ibrootaa irratti bal’inaan hiikameera, gama biraanis Kitaabni Saamu’eel fi Moototaa, Kitaaba Seenaa Baraa irratti hiikamanii ibsamanii, akkasumas barreeffamoon Kakuu Haaraa gara jalqabaa jiranis warreen boodarraa irratti hiikamaniiru. Uma. 40:1-23, Abbootii Firdii 14:12, Dan. 5:12, Luq. 13:32, Yoh. 10:11, Erm. 31:29-30, Hizq. 18:1, Maat. 10:10, 1 Xim. 5:18, Yoh. 2:21.

Akkasumas akka adeemsa Kitaaba Qulqulluutti iddo tokkotti raajii ta’ee kan dubbatame, iddoo biraatti raawwatamee argama. Iddoo tokkotti kan hiikamne ammoo iddoo biraatti hiikamee argama. Kana irratti inni iddoo tokkotti barreeffame isa iddoo biraatti barreeffamee jirun kan wal dha’u kan fakkaatu hiikoo isaa wallaaluuni, kanaaf hiikoo walitti nu araarsa. Akkuma dura ibsine gubbaadhaa seensa ykn mata duree isaa fi xumura isaa ilaaluun wal bira qabuun hiikoo irratti beektota kan ta’an bu’uura hiikoo Qulq. Yohaannis Afaan Warqee fi Qulq. Qeerloos irraa osoo adda hin ba’iin hiikuun barbaachisaadha. Qulqulluun Phaawuloosis kanuma ajaja. Filp. 4:9, Akkasumas Qulqulluun Pheexiroosis Afuura Qulqulluun ala hiikuun akka hin danda’amne ni akekkachiisa. 2 Pheex. 1:20. Akkasumas yaada dabalataa 2 Pheex. 3:18 irratti dabala.

2. Gosoota Hiikoo

Manni Kiristaanaa keenya Qulqulleettiin Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Hiikoo kan mataa ishee ta’e ni qabdi. Kan fagaate dhiyeessitee, kan dhiyaate bal’istee kan ittiin dhiyeessitu gosoota hiikoo garaagaraa kan qabdu yoo ta’u, isaan keessaa gurguddoon; Hiikoo;

Baaqqee

Fakkeenyaa hiika iccitiin fi

Andimtaa dha.

Hiikoo Baaqqee ykn qeenxee (ነጠላ ትርጓሜ )

Hiikoo baaqqee kan jedhamu, jechicha ykn barreeffamicha kallattiin kan hiiku, ibsa homaayyuu kan hin qabne yoo ta’u; Afaan tokkoo irraa gara Afaan biraatti yoo hiikamu Hiika qeenxee ykn baaqqee jedhama. Hiikoo gosa kanaatiin Kitaaboleen Biraannaa durii Afaan warra alaa irraa gara Gi’iziitti, Afaan Gi’izii irraa gara Amaariffaa fi Oromiffaatti hiikamaniiru.

Fakkeenyaaf Gi’iziidhaan «በልዋ ለዛቲ ቁንፅል» jedha gara Amaariffaatti yoo hiikamu «ለዚያች ቀበሮ እንዲህ በሏት» jedha, akkasumas Oromiffatti yeroo hiikamu «Jeedala sanaan akkas jedhaa» kan jedhu ta’a. Hiika baaqqee jechuun kana.

Fakkeenya hiika iccitiin (ምሳሌ በሚስጥራዊ ትርጉም)

Kana kaasuu fi ibsuu keenyaan dura «Fakkeenyaa» fi «Iccitii» n maal akka ta’an gargar baasnee haa ilaallu;

Fakkeenya :- fakkeenyi wanta tokko ifa taasisuuf kan fayyadu waan ta’eef wanta tokko yeroo fakkeenyaan dubbatan salphaatti hubachuun ni danda’ama. Barsiisni kun ( fakkeenya fayyadamanii baarsiisuun) gooftaan keenya karaalee Wangeela irratti ittiin barsiise keessaa tokkodha. Akkuma Raajichi Daawwit raajii dubbate raajichi akka raawwatuuf. Faar. 77:2, Marq. 4:34

Iccitii :- Iccitiin ammoo wanta dhokate, garuu keessa kan jiru gubbaatti kan hin mul’anne akka jechuuti. Kan biraa hiikoo iccitii kan jedhamu dubbisa isaa, galumsa isaa osoo hin barbaadiin ykn hin eegiin iccitii isaa qofa eeguun kan hiikamudha. Jechi fakkeenyaan kenname of keessatti iccitii qaba, kana yeroo hubachiisanis hiikoo ta’a. Hiikoon iccitii nuti ogummaa fooniitiin qorannee kan bira geenyu miti.

Fakkeenyaaf «አንተ ኮኩሀ» «Ati bu’uuradha» Pheexiroosiin jedhe. Kan biraa «Jeedala sanaan akkas jedhaa!» as irratti Hiikoon iccitii isaa yeroo hiikamu Jeedalaan kan fakkeeffame Heeroodsidha. Maat. 16:18, Luq. 13:22.

Hiikoo Andimtaa

Hiika Andimtaa kan jedhamu yeroo tokko erga hiikame booda, bu’uura isaa, tokkummaa isaa osoo hin gadhiisiin irra deebiin tokkos jechaa hanga kudhanii, kudha shaniitti kan itti fufudha. Hiikoo Andimtaa keessatti afaan Gi’izii irratti bakka jecha «አንድም» «tokkos» jechuuf qubee «ቦ»fayyadamu.

3. Barnoonni Andimtaa yoom eegalame? | Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos

Barnoonni Andimtaa ifatti kan beekame Dh.K.B jaarraa tokkoffaa keessa. Isa duras abbootiin Yihuudotaa Kitaabolee Musee shanan fi Kitaabolee Raajotaa Andimtaatti jijjiiraniiru. Akkasumas Gooftaa fi Duuka Bu’oonni isaa barnoota Andimtaa karra bananiiru. Erga kennaa Afuura Qulqulluu argatan boodas kitaabolee hiikuun barsiisaa turaniiru. Akkasuma Mana Kitaabaa ykn Mana Barumsaa Afuurawaa jalqabaa kan ta’e Iskindiriyaatti bara 60 Dh.K.B Qulqulluun Maarqoos banuun barnoota Andimtaa babaldhisaniiru.

Akkasumas akka Itoophiyaatti yoo ilaallu; Yoomii fi Eenyuun akka jalqabame beekamuu baatus tilmaamonni akka agarsiisanitti;

Kitaaboleen Oriitii Ibraayisxii irraa gara Gi’iziitti yeroo hiikaman, Kitaaboleen Andimtaan akka waliin dhufan ni amanama.

Boodas Kitaabolee Kakuu Haaraa Afaan Giriikii irra gara Gi’iziitti yeroo hiikaman Kitaaboleen haala hiikoo Andimtaa waliin hiikamuu akka hin oolle jedhama.

Akkasumas Sinkisaara Hagayya 20 dubbifamu irrattis Kitaaboleen Andimtaa gara Itoophiyaa kan galan bara Abuna Salaamaa jaarraa 4ffaa keessa akka ta’eefi isaanis akka jalqabsiisan ibsameera.

Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos kan kutaa kanaa as irratti xumurre. Akka fedha Waaqayyootti kutaa itti aanu Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoosiin walitti deebi’an.

Channel WhatsApp keenya join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Itti fufa!

The post Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos Gosoota Hiikoo Andimtaa first appeared on Qubee Online +.

Hiikoo Wangeela Maatewoos | Wangeela jechuun maal jechuudha?
Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos | Seensa /1/

Mata duree kana keessatti Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidootti ilaalla. Wangeela jechuun maal jechuudha? Wangeelonni Arfan maal maaliin fakkeeffamu? kan jedhu fi kanneen biroo. Akkasumas dhuma mata duree kanaatti gaaffii Wangeela jechuun maal jechuudha jedhuuf sirriitti deebii ni argattu. Kutaalee itti aananis hordofuun dubbisaa.

Wangeela jechuun maal jechuudha?

Wangeela jechuun maal jechuudha? kuni gaaffii namoota hedduuti. Wangeela jechuun maal jechuudha kan jedhu as irratti gabaabsinee bifa ifa ta’een kan ilaallu ta’a. «Wangeela» jechi jedhu jecha Giriikii «Evangeliyon» ykn «Ivangeeliyoon» jedhu irraa kan dhufee yoo ta’u, hiikni isaas; «Kan Missiraachoo» ykn  «Missiraachoo» jechuudha. Missiraachichis ykn wanti gammachiisaanis Iyyesuus Kiristoos jechi ykn sagaleen Tawaahidoo dhaan nama ta’ee ibsamuu isaa, kan hin argamne argamuu isaa, kan hin tuqamne tuqamuu isaa, araara uumuun isaa, Addaam lammaffaa ta’ee gara lafaatti dhufuun isaa, akkasumas ergamootaan galateeffamuu isaa dhaga’uudha. Missiraachichi ykn Missiraachoon kunis kan dubbatu dhageenyee akka fayyinu, amannee akka fayyinudha.

Akka bu’uura Kitaaba Qulqulluutti Wangeela ykn Missiraachoo jedhamanii kan waamaman; Wangeela jechuun maal jechuudha?

1. Ofiin isaa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis ta’e Duuka Bu’oonni isaa barnoota barsiisanidha. Gooftaan keenyas ta’e Duuka Bu’oonni waa’ee isaa ykn (Ilmi Abbaa, Ilmi Maariyaam, Tawaahidoo dhaan qaama lamarraa qaama tokko, amala lama irraa amala tokko akka ta’e, fannoo irratti akka fannifame, kabajaan ol ba’ee mirga abbaa isaa akka taa’e, lammaffaas akka dhufu…..) barnoonni barsiisan hundi Wangeela jedhama. Maat. 4:23, Maarq. 1:15. Akkasumas «Dhuma irrattis bartootaan ykn Duuka Bu’ootaan gara Addunyaa hunda deemaa!, Wangeelas uumamtoota hundaaf lallabaa!, kan amane kan cuuphame ni fayya, kan hin amanne garuu itti faradama.» Maarq. 16:16. Caqasa kana irraa akkuma hubannu Wangeelli barnoota Amantaati, kanaafuu bakkaa fi yeroo hin daangoftu.

2. Waa’ee ibsamuu ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos barnoonni dhugaa kennamu hundi Wangeela jedhama. «Kitaabnis Waaqayyo Ormoota (Ahizaabota) Amantaan akka ‘fayyan’ /እንዲፀድቁ/ dursee argee siin Ormoonni (Ahizaabonni) ni eebbifamu, jedhee Wangeela Abrahaamiif dursee lallabe.» Jechuun Abrahaamiif akka lallabamte kan ibsame barnootichi Iccitii Foonummaa kan ibsu waan ta’eefi. Gal. 3:8. Abbootiin ykn Beektonni Mana Kiristaanaa Kitaaba Raajicha Isaayyaasiin, Foonummaa dursee akka raagaatti iccitii fi fakkeenyaan osoo hin taane, akka bara Foonummaatti ture ta’ee kallattiin dubbachuu isaatiin kitaaba isaa Kitaaba Raajii Isaayyaasiin «Wangeela Gogaa» jedhanii waamu

3. Qulqulluun Phaawuloos waa’ee maalummaa Wangeelaa bifa bal’aa ta’ee fi gadi fageenya qabuun ibseera. Wangeelatti amanuu fi amanamuun; dursanii waa’ee Kiristoos dubbachuu, barsiisuu, kanaafis gidirfamuu ta’uu isaa (Rom. 1:16) irratti ibseera. Qulqulluun Phaawuloos tajaajila isaa kanatti gammadaa ture, Kana caala tajaajilli kabajamaa hin jiru waan ta’eef. Yaada isaa kanas 1 Qor. 9:15-19 irratti ibsee kaa’era.

Wangeelli ajajamuu ta’uu ishee yeroo ibsus, «Waldaa Wangeelaa akka taanuuf, waa’ee Wangeelaaf waan hunda nan raawwadha» jedheera. 1 Qor. 9:23. Kanaafuu Wangeelli waa’ee iccitii Foonummaa irratti kan xiyyeeffatu barnoota dhugaati. Barnootichis Abrahaamiif kan lallabame dursa foonummaa, Gooftaan keenya kan lallabe lallaba bara Foonummaati, akkasumas isa hordofanii kan barsiisan barnoonni Duuka Bu’ootaa hundi Wangeela.

Qulqulluu Wangeela (Wangeela jechuun maal jechuudha?)

Akka Mana Kiristaanaa keenyatti kitaabni Wangeela Qulqulluu jedhamuun beekamu kitaabolee kakuu haaraa jalqaba jiran arfan qabata. Jalqaba irratti Wangeela jechuun maal jechuudha? kan jedhu ilaalleerra. Amma ammoo Wangeela jechuun maal jechuudha? kan jedhutti aansuun waa’ee Qulqulluu Wangeelaa ykn Wangeela Qulqulluu ni ilaalla.

Isaanis;

1. Wangeela Maatewoos

2. Wangeela Maarqoos

3. Wangeela Luqaas fi

4. Wangeela Yohaannis dha.

Isaanis ykn isaan kun arfan Wangeela kan jedhamaniif; barnoota gooftaa keenyaa, seenaa isaa, raajii isaa fi k.k.f kan qabatan waan ta’eefi, kana yeroo jennu guutummaatti osoo hin taane bu’uura kan ta’aanii fii muraasa qabate. Yoh. 20:30-31, 21:25 . Sababni isaas akkuma Qulqulluun Yohaannis jedhe seenaan, raajiin, barnoonni Gooftaa keenya barreeffamee, dubbatamee hin dhumu waan ta’eef.

Fakkeenyaaf; Gooftaan Keenya waggaa kudha lama dura, Waggaa Kudha lamaa hanga 30tti eessa akka ture baay’inaan hin barreeffamne.

Wangeelonni Arfan maaliin fakkeeffamu? (Wangeela jechuun maal jechuudha?)

Wangeela jedhamuun Kitaaba Qulqulluu irratti kan beekaman lakkoofsaan afuridha, akkasumas barreessitoonni isaaniis afuridha, lama duuka bu’oota 12’n keessaa, lama ammoo Abbootii ykn Qulqulloota 72’n keessaa Kitaaboleen Qulqullaa’oo kan barreeffaman gargaarsa, dursummaa fi ibsa Afuura Qulqulluutiini.

Kunis kan beekamu barreessitoonni kun barreessuu isaaniin ala waan biraa itti hin dabalan. Kitaabolee adda baasuun, lakkaa’uun, safaruun, murteessuun kan dhufe boodarra waan ta’eef. Fknf jalqaba Wangeela Maatewoos irratti «Wangeela Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos akka Qulqulluu Maatewoos barreessetti» mata dureen jedhu kan kenname bara 325 abbootiidhaani.

Fakkeenyota Wangeelota Arfanii : Wangeela jechuun maal jechuudha?

Baay’inni Wangeelotaa kunis afuriin akka daanga’an kan taasifame ogummaa Waaqayyootiini. Kanaafis ykn afur ta’uu isaaniifis fakkeenya kan ta’anii fi afur ta’uu isaaniif ibsa kan ta’an haa ilaallu.

1. Waaqayyo Jannata akka obaasaniif laggeen afur uumeera. Laggeen kunis Afran isaaniiyyuu Jannata tokkittii Eden keessaa ba’uun ykn burquun biqiloota gogiinsa irraa gara lalisummaatti, lalisummaa irraa gara daraaraatti, daraaraa irraa gara firiitti kan fidanidha. Kanaafis biqiloota Addunyaa irra jiran laggeen kanaan obaasee ykn sooree akkuma firiif geessiisu, namootni Addunyaas Wangeelota Arfaniin sooramuun firii kabajaaf gahaa ta’u. Isaanis;

A. Lagni Efeesoon laga Aannaniiti (Wangeela jechuun maal jechuudha)

Maatewoos kanaan fakkeeffama, Waa’ee dhaloota sanyiin dhalatanii barreessa waan ta’eef, tokkos waa’ee daa’imman Heroodis ajjeesisee ni dubbata waan ta’eef kennummaan ykn /ርስት/ isaa daa’immaniifi.

B. Lagni Giyoon ykn Lagni Abbayyaa laga Wayiniiti (Wangeela jechuun maal jechuudha?)

Maarqoos kanaan fakkeeffama, Wayiniin laphee namaa ni qabbaneessa, ni gammachiisa waan ta’eef innis kennaan gammachuu Afuura Qulqulluu kan ittiin namaaf kennamu Cuuphaan jalqaba waan ta’eef, kennummaan isaa ykn abbummaan isaa yoo tsooman yoo kadhatan hojiin isaanii itti tolee warra hojjataniifi.

C. Lagni Xeegroos laga Dammaati.

Luqaas kanaan fakkeeffama, dammi ulfaataa dha, Luqaasis «Yaa Abbaa kan godhan hin beekan dhiisiif» jedhee jecha ulfaataa ni barreessa waan ta’eef. Abbummaan isaa namoota wanta faallaa, cimaa, ulfaataa danda’aniif ykn isaaniif danda’aamuufi.

D. Lagni Efraaxis laga Zayitiiti (Wangeela jechuun maal jechuudha?)

Yohaannis kanaan fakkeeffama, Zayitiin cimaa dha /ፅኑ/, Yohaannisis «Addunyaa irratti rakkoo ykn gidiraa simattu, keessummeessitu, garuu cimaa…..» jedhee barreessa waan ta’eef, akkasumas Zayitiin ifadha /ብሩህ/ innis barnoota isaan laphee namaa ifa taasisa waan ta’eef. Kan biraas Zayitiin shittoowwan afran walitti fidee, makee /አዋህዶ/ fooliin tokko isaan taasisa, innis obboloota isaa iccitiin ‘rakkisa’ /ይበዘብዛቸዋል/. Abbummaan isaas Wareegamtootaafi.

2. Wangeelonni Arfan Haadholii manaa Yaa’iqoob arfaniin fakkeeffamu (Wangeela jechuun maal jechuudha?)

A. Maatewoos Liyaan fakkeeffama

Haadholiin manaa Yaa’iqoob Liyaa fi Raaheelidha, Baalaa fi Zalafaan gargaartota /tajaajiltoota/ Raaheelii fi Liyaa ti. Garuu isaanis ijoollee dahaaniif haadha manaa jedhamaniiru. Isaan kana keessaas jalqaba kan deesse Liyaadha; Yihudaa deesseerti. Uma. 29:31 fi 35. /kana yeroo jennu Yihudaa qofa deesse jechuu miti/ Maatewoos jalqaba hidda dhaloota gooftaa barreesseera, hiddi isaas Yihudaa irrati. Maat. 1:2.

B. Maarqoos Baalaan fakkeeffama

Lammaffaa irratti kan deesse Baalaadha/tajaajiltuu Raaheel turte/ isheenis Raaheel fakkaattee mucaa deesse. Uma. 30:3-6. Maarqoosis Yohaannis fakkaatee barreesse, yeroo Yohaannis “dursa jecha ykn sagalee” jedhu akkuma barreesse Maarqoosis “jalqaba Wangeela Ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos” jechuun jalqaba. Marq. 1:1

C. Luqaas Zalafaan fakkeeffama

Haadholii manaa Yaa’iqoob keessaa sadaffaa irratti kan deesse Zalafaadha. Zalafaan hamma Liyaa geessee, fakkaattee mucaa deesseetti. Luqaasis hamma Maatewoos ga’ee, fakkaatee hidha dhaloota Gooftaa barreesseera. Garuu Maatewoos yeroo barreessu gaaraa gara gadiitti ykn gubbaa gara jalaatti yeroo barreessu, Luqaas ammoo gadii gara gaaraa ykn oliitti, ykn jalaa gara gubbaatti barreesseera. Maat. 1:1 irratti «lma Daawwit, Ilma Abrahaam» jechuun yoo gubbaadhaa eegalu.

Wangeela Luqaas 3:23 irratti ammoo «….. Ilma Yooseef isaanitti fakkaata ture, Ilma Elii, Ilma Maatii, Ilma Leewwii....» jechaa hidda dhalootaa kana jalaa gara gubbaatti, ykn dhumaa gara jalqabaatti barreessuyyuu hidda dhalootaa kana bal’isanii barreessuun isaanii wal isaan fakkeessa. Kanaaf Maatewoos gubbaa gara jalaatti barreessuun isaa Dhufaatii Kiristoos gara Addunyaa kanaa agarsiisa ykn ibsa. Luqaas jalaa gara gubbaatti barreessuun isaa gara samiitti ol ba’uu isaa ibsa. . Tokkos Maatewoos gaaraa gara gadiitti barreessuun isaa Waaqayyoo ykn Iyyesuus Kiristoos nama ta’uu isaa; Luqaasa gadii gara oliitti barreessuun isaa ammaa Iyyesuus Kiristoos Waaqayyo ta’u isaa ibsa.

D. Yohaannis Raaheeliin fakkeeffama

Haadholii manaa Yaa’iqoob arfan keessaa kan arfaffaa irratti deesse Raaheelidha, Wangeelota /wangeelaawwiiwwan/ keessaas kan dhuma irratti barreeffame ykn barreesse Yohaannisidha. Akkasumas Raaheel haadholii manaa Yaa’iqoob kaan caala Yaa’iqoobiin kan jaalatamtudha Uma. 29:30, Yohaannisis duuka bu’oota kaan caala Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin kan jaalatamudha. Yoh. 13:23, 19:26.

3. Wangeelonni Arfan Teessoo Sillaasee kan baatan Bineensota Arfaniin fakkeeffamu

Teessoo isaa ni baatu kan jedhamu Abrahaamiif, Yaa’iqoobiif, Isaayyaasiif fi warra kaaniifis akka amantaa isaaniitti kan ittiin ibsameef teessoo isaa ittiin ibsamudha. Tokkos akkamitti isa baatu yoo jettan, isaan baata malee isa hin baatan fedhii isaatiin kan itti ibsamu, kan itti mul’atu, kan itti galateeffamu kennaan kan isaan irra bulu waan ta’eef akkas jedhe. Kanaafi Dubroon Maariyaam kan Kiruubeel fi Suraafeel caaltu, isaan kennaa fi gargaarsaan isa teessoo isaa baatan, isheen ammoo dhugumaan Gooftaa gadameessaa fi harka isheetti baatte.

Waaqayyo akkuma Kirubeel kana irratti ibsamu, Iyyesuus Kiristoosis Waaqayyo kabajni isaa, sadummaan isaa, tokkummaan isaa Wangeelota kana irratti waan ibsamuuf bineensota kana arfaniin fakkeeffamu. Isaanis;

a). Maatewoos Fuula Namaan fakkeeffama;

Hidda dhaloota gooftaa isa lafarraa lakkaa’uun barreessa waan ta’eef, kanaafis «Ilma Daawwit, Ilma Abrahaam, Kitaaba dhalootaa Iyyesuus Kiristoos» jedha. Maat. 1:1.

b). Maarqoos Fuula Leencaan fakkeeffama;

Leenci bosona jiraata namarraa fagaatee, garuu sagalee isaa yeroo dhageessisu bineensota hunda rifachiisa, Akkasumas Sa’aaf gooftaa isheeti, ni cabsa. Maarqoosis Gibxiitti yeroo barsiisu Xaa’otiiwwan sa’aa kan warra Gibxii rifachiiseera.

c). Luqaas Fuula Sa’aan fakkeeffama;

Iyyesuus Kiristoos mooraa loonii keessatti dhalachuu isaa, tiksoonni fi ergamoonni waliin faarfachuu isaanii ni barreessa waan ta’eef. Luq. 2:8-18, Gama biraatiinis Saanni Kakuu Moofaatti Aarsaaf kan dhiyaattu turte, Luqaasis waa’ee aarsaa Kiristoos ni barreessa waan ta’eef.

d). Yohaannis Fuula Risaatiin fakkeeffama,

Risaan uumama hunda caalaa wanta tokko fageenyatti arguu ni danda’a, yeroo balali’us garmalee ol fagaatee balali’a. Yohaannis isa biyya lafaa dhiisee gara samiitti ol ba’uun waa’ee Iyyesuus Kiristoos “jalqaba sagaleetu ture” jechuun barreessa. Yoh. 1:1.

4. Wangeelonni Arfan Bubbeewwan Arfaniin ni fakkeeffamu.

Waaqayyo uumamtoota isaa Qilleensa Araaraa Arfaniin soora. /አራቱ ነፋሳተ ምህረት/. Qilleensi ykn bubbeewwan kun arfan yeroo bubbisan namootaaf waan baay’ee ykn shan ta’u, ykn waan shan taasisuuf, Isaanis; Coba /ጠል/ Rooba, Jireenya, Eebbaa fi fayyina ykn fayyisuu. Wangeelonni kun arfanis ykn barnoota Wangeelota kana arfaniitiinis ykn barnoota Wangeelota kana arfanii irraayis;

Akka cophaatti barnootni mi’ooftuu,

Akka Roobaa ykn bokkaatti Fooniif dhiigni,

Akka Fayyinaatti fayyinni lubbuu,

Akka Jireenyaatti Jireenyi bara baraa,

Akka Eebbaatti Eebbi Afuurawaa irraa argamu.

5. Wangeelonni Arfan Urjiiwwan arfaniin fakkeeffamu.

Isaanis;

Hilmalimeeleek

Milika’eel

Mili’eel

Naareel jedhamu.

Isaan kunis Aduu hordofuun uumamtoota nyaata foonii sooru. Wangeelonni kun arfanis, baricha ykn waqtii iddoo afuritti qooduun; Aduu dhugaa /ፀሀየ ፅድቅ/ kan ta’e Iyyesuus Kiristoos hordofuun nama nyaata lubbuu ykn afuuraa sooru.

6. Wangeelonni Arfan Waqtiiwwan Arfaniin fakkeeffamu

Waqtiiwwan arfan kunii fi fakkeenyi isaaniis;

A). Maatewoos Waqtii Arfaasaan fakkeeffama,

Arfaasaan Waqtii sanyiiti, Maatewoosis waa’ee sanyii ykn hidda Kiristoos warra kaan caala bal’isee ni barreessa waan ta’eef. Akkasumas Arfaasaan Waqtii Lafaati, Maatewoos waa’ee dhaloota isaa isa lafarraa barreessa waan ta’eef wal fakkaatu ykn ittiin fakkeeffama

B). Maarqoos Waqtii Gannaan fakkeeffama;

Ganni waqtii ykn yeroo roobaa ykn bishaaniiti, Maarqoosis cuuphaan jalqaba waan ta’eef kanaan fakkeeffama.

C). Luqaas Waqtii Birraatiin fakkeeffama;

Waqtiin Birraa Waqtii ykn yeroo qilleensaa ykn yeroo bubbeeti, Luqaasis Qilleensa ykn Bubbeen kan fakkeeffamu waa’ee Afuura Qulqulluu barreessa waan ta’eef kanaae fakkeeffama.

D). Yohaannis Waqtii Bonaatiin fakkeeffama,

Waqtiin Bonaa yeroo ykn Waqtii Aduu, Abiddaa fi gogaadha; Yohaannis kanaan fakkeeffama ibsa tokkoyyuu kan hin qabne jecha gogaa «dura jechatu ykn sagaleetu ture» barreessa, waan ta’eef, Akkasumas Bonni Waqtii ykn yeroo makaraati, Yohaannisis waa’ee makara jireenya bara baraa ni barreessa waan ta’eef.

Wangeelonni Arfan kan ittiin fakkeeffaman kanneen kanaa olitti ilaalleen qofa miti wantoota hedduun fakkeeffamu nuti gabaabsinee ilaaluuf asirratti dhaabne malee.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Itti fufa!

Dubbisaa!

The post Hiikoo Wangeela Maatewoos | Wangeela jechuun maal jechuudha? first appeared on Qubee Online +.