Tsoomii Tsiggee | Qubee Online +

Godaansa Dubroo Maariyaam fi Tsoomii Tsiggee | Kutaa 6ffaa
Tsoomii Tsiggee Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Barreeffama keenya kutaa darbee keessatti haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam waqtii Godaansa isheetti ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin biyyoota godaansaan keessa darban, bu’aa ba’iiwwan isaan dabarsan fi taateewwan wal fakkaatoo akkasumas bakkeewwan godaansa isaanii keessaa bu’uura kan ta’aan ilaaluuf yaallee turre. Hardhas barreeffama keenya kutaa dhumaa kanaatiin iddoowwan godaansaan haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam keessa darbite keessaa kan hafan ykn kutaa darbe keessatti kanneen ilaalle irraa kan hafan ni ilaalla, dubbisaa!

Kutaa 6ffaa

Kanatti aansuun Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo ykn waqtii Godaansa isheetti ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin biyyoota godaansaan keessa darban fi iddoowwan buufannaa ykn gahumsa godaansa isaanii gabaabinaan ni ilaalla;

Dachee Gibtsii

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam, ilmi ishee Iyyesuus Kiristoos, Yooseefi Soloomeen gara Dachee Gibtsiitti yeroo godaanan guyyaa sadi bosona keessa turan. Baay’ee beela’aan, ni dheebotan. Gammoojjii keessatti beelaa fi dheebuudhaan akka hin duuneef haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ni kadhatte. Yeruma sanas nyaanni ykn maaddiin qophaa’e ni dhufeef isaanis nyaatanii quufan. Kana boodas gara biyya Infiloon jedhamuutti deemanii mana nama Rigbaadaa jedhamuu ta’aan.

Namoonni hedduunis beekumsa barbaadanii gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiitti ni dhufu ture. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis biyya namoota Ogummaa ykn beektotaa biyya Israa’eelii waan dhufteef Gaaffilee baay’ee ishee gaafatu ture. Yeroo muraasa boodas bitaan biyya sanaa ykn mootiin biyya sanaa ni du’e. Maatiin isaas dhufanii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti himan.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam yeroo deemtus du’ee isa argite. Namoota boo’aniinis callisaa jetteen, namoonni boo’aa turanis ni callisan. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis harka ishee mirgaatiin isa qabdee maqaa Waaqayyootiin ka’i! jetteen. Mootiin du’ee ture sunis ni ka’e. Namoonni achitti boo’ichaaf walitti qabamanii turanis maqaa Xaa’otiiwwan isaanii waamuudhaan «Aphooloos fi Ardaamiis nama fakkaatanii dhufan» jedhan.

Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis «Xaa’otiiwwan isin jettan miti ani, dachee Yihudaa irraa godaanee kanan dhufe ani namadha» erga jetteeniin booda, nama du’e kaasuun kan isaaf danda’aamu Waaqayyo ta’uu isaa akka beekanii fi Waaqayyottis akka amanan isaan barsiiste. Dhukkubsattoota biyya isaanii keessa jiraatan fayyisaa ji’oota muraasaaf achi turte. Dachee isaaniis eebbistee bishaan burqisiisteefi kanaan fayyaa jetteen. Namni dhukkubsates ta’e Bineensonni ykn Bineeldonni dhukkubsatan bishaan haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam burqisiistetti yeroo dhiqatan ni fayyu ture.

Kana boodas gara biyya Raafaan jedhamuutti deeman. Namoonni Raafaanis Malakatii afuufaa dhufanii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Yooseefiifi Soloomee dhagaadhaan rukutan. Yooseef fa’as biyya sanaa ba’aanii deeman. Naannoo Arabaatti kan argamtu gara biyya Qeedroositti deeman. Faallaa namoota Raafaaniitiin biyya kanatti ammoo namoota Tsooman, namoota Kadhatan argatan. Biyyi kunis biyya baay’ee namatti toluufi magariisummaan kan itti guutame ture.

Qeedroosittis ji’oota saddeetiif jiraatan. Yooseefiis haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin «Wanta hunda dhiisnee as haa jiraannu» jedheen. Innis biyyaa biyyatti, gammoojjii dhaa gammoojjiitti dhama’uu dhiisnee, godaanuu dhiisnee haa boqonnu jechuu isaati. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis fedhii Waaqayyoo malee as jiraachuu ykn as taa’uu hin dandeenyu jetteen. Halkan sanattis Qulqulluum Gabri’eel dhufee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin biyya kanaa ba’i jedheen. Biyya sanaas ba’aanii gara Dabra Amooritti deeman.

Namoonni dhukkuba garaatiin qabamanii turanis dhufanii isaan simatan. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis hunda isaanii fayyiste, Dabra Amoorittis yeroo baay’eef achi ta’aan.

Dabra Amoorii ba’aanii yeroo deeman gara biyya Geelaawudaa jedhamuutti gahan. Biyya sanattis nama Afuurri hamaa irra bule argan. Namicha sanas Afuurri hamaa ykn Afuurri Xuraa’aa erga irra bulee waggaa 70 darbeera. Namichi kun hin rafu, foon isaa dhagaadhaan kukkuta, sansalataan yeroo hidhamus sansalaticha ni caccabsa. Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo argettis naaf dhiisi! jedhee miila ishee jalatti kufe.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Afuura hamaa sanaan maqaa Waaqayyootiin ba’i! jetteen. Afuurri hamaa sunis ni ba’e. Bineensonni hamoon fakkeenya ykn ibsama Afuurota hamooti. Yohaannisis Daabiloos Bofaa fi Jawween yeroo fakkeessu akkas jedha «Addunyaa hunda kan dogoggorsiisu Daabiloos fi Seexana kan jedhamu Jawwee guddichi, innis Bofa waliin darbatame» Mul. Yoh. 12:9.

Namichi Afuurri hamaa irraa bahe sunis sirraa adda hin ba’u, jedhee ishee sagadaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam duuka bu’e. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis gara firoota keetti deebi’i jetteen.

Dubroon Maariyaam Raajiiwwan garaa garaa akka taasistu namoonni naannoo sana dhaga’aan. Namichi Bitaa biyya sanaa garaan isaa bokoke tokko gara isheetti dhufee na fayyisi jedheen. Isheenis ilma kootti amani ni fayyita jetteen. Innis nan amana jedheen, garaa isaa keessaas Bofti ni ba’e, dhukkuba isaa irraas ni fayye. Yooseef fa’as ji’oota sagaliif mana isaa teessise.

Ji’a sagal boodas Mana isaatii bahanii yeroo deeman gara biyya Galaana Libaa jedhamu qabuutti gahan. Namoonni biyya sanaas Qanceedhaan reebaa isaan ari’an, Yooseef fa’a muka Beelbeel jedhamu jala bulan. Ta’us garuu Ergamaan Waaqayyoo Saragallaa dhaan isaan kaasee namoota isaa reebanii ari’an gidduu isaan kaa’e. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam hirribaa yeroo dammaqtetti biyya namoota Qanceedhaan isaan ar’anii jiraachuu isaan bartee, garmalee sodaattee Waaqayyo kadhatte. Namoonni Qanceedhaan isaan reebanii turanis namummaa irraa gara Sareetti jijjiraman.

Meeshaan Waaqayyo cuubbamoota ittiin adabuu kan garaa garaati, nama bineensa taasisa. Adabbiin akja kanaa adabbiin namoota garmalee of jajan irratti darbudha. Fknf; Mootii Naabukadanatsoor (Daan. 4:28-34).

Boo’icha Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam laga gamatti

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Yooseef fi Soloomee irraa adda baatee mucaa ishee qabattee laga ceetee kophaa ishee teesse. Baay’ina gidiraa fi rakkoo ishee irraa kan ka’e baay’ee boosse. Ergamaan Waaqayyoos dhufee Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam tasgabbeessee Yooseef fi Soloomee fa’a waliin walitti fidee deeme.

Mana Ti’iimaan

Biyya Gibtsiitti Ti’iimaan kan jedhamtu dubartii haadha qabeenyaa tokkotu turte, haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam fa’as mana ishee gahan. Ti’iimaan qabeenya biyya lafaatiin garmalee kan eebbifamte turte. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis ilma ishee lafa irra keessee Dubartii sanaan akkas jetteen «Mucaan koo garmalee waan beela’eef Aannan yoo qabaatte naaf kenni? yoo Aannan hin qabdu ta’es nyaata mana kee jiru keessaa naaf kenni?» jetteen.

Dubartiin sunis gara laafummaa homaayyuu kan hin qabne hamtuu waan turteef haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti ni kolfite, akkasis jetteen «Bifti kee bareedaadha. Lapheen kee garuu dabaadha, sanafidha, Jecha Kadhannaa kee kana lammaffaa akka hin dhageenye!» Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis jecha Dubartiitti hamtuu sanaa erga dhageesse booda «Dhuguma jette gidiraa kuni hundi kan narra gahe Cubbuu kootiini» jetteen ni boosse.

Mana Abbaa fi haadha ishee ni yaadatte. Yooseefis dubartii sanaan akkas jedheen «Nyaanni yoo jiraate keessummaaf kennu, yoo hin jiraanne ammoo iddoo jiruun si haa gahu! jedhanii nagaadhaan gaggeessu malee maalif jecha akkasitti laphee nama tuqu dubbatta?» jedheen, Dubartiin sunis Yoosefii «Ati tikseen Re’ee ana barsiistaa?» jetteen. Dhuma irratti garuu dubartii kana lafti afaan ishee bantee ishee liqimsite, akkuma Daataan fi Abeeroon (Lakk. 16:1-35).

Dachee Nihiisaa

Kana boodas haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam, Yooseef fi Soloomeen biyya sanaa bahanii gara biyya Nihiisaatti galan. Namoonni hedduunis gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamityi dhufanii ilmi Waaqayyoo sirraa akka dhalatu Raajonni kan dubbatan dhageenyeerra jedhanii sagadaniif. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Nihiisaatti guyyoota sadiif erga turte booda biyya keessaniitti dhukkubsattoonni hin jiranii? haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis dhukkubsattoota biyya sana keessa jiran ni fayyiste.

Kana boodas Waaqayyo irraa Duumessi ajajame dhufee Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Yooseef fi Soloomee qabatee deeme. Bakka fagoo miilaan guyyaa 38 deemsisu irra isaan teessise. Iddoo kanattis gadda, rakkoo fi boo’icha malee yeroo muraasa ta’aaniiru.

Dachee Itoophiyaa fi Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilmi ishee Iyyesuus Kiristoos, Yooseefiifi Soloomeen Duumessaan fe’amanii Gibtsii dhaa gara Itoophiyaatti yeroo dhufan biyya Naagraan jedhamu gahan. Naagraan osoo jiranii gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos akkas jedhe «Cinaacha koo mirgaa irraa dhiigni dhangala’u Ergama Uraa’eeliin waraabamee dursee biyya kanatti facaafama». Seenaan kun Kitaaba Dirsaana Qulqulluu Uraa’eel irratti baldhinaan barreeffamee waan jiruuf achirra dubbisaa!

Gara Israa’eelitti deebi’uu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Iyyesuus Kiristoos, Yooseef fi Soloomee

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam fi fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos Yooseefi Soloomeen godaansaan kan jiraatan waggaa sadii fi ji’a jahadha. Waggaa sadii fi ji’i jaha erga raawwate booda Iyyesuus Kiristoos ajjeesuuf dhama’aa kan ture Mootichi Heeroods ni du’e. Ergamaan Waaqayyoo Qulqullichi Gabri’eel du’a Heeroods Yooseef fa’aatti hime, «Heeroods erga du’e boodas kunoo Ergamaan Waaqayyoo Gibtsiitti Yooseefitti abjuudhaan muldhatee lubbuu daa’imichaa kan barbaadan du’aniiru waan ta’eef ka’i! daa’imichaa fi Haadha isaa qabadhuutii gara biyya Israa’eelitti deemi!» jedheen. Maat. 2:19-22.

Kana boodas Gibtsiidhaa gara biyya Israa’eelitti deemuuf ka’aan. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis iddoowwan Gibtsiitti keessa turte ni eebbiste. Yooseef fa’as Dabra Qusquwaamii ba’aanii gara biyya Moosaar jedhamuutti gahan, achittis iddoo Mahaalqaa jedhamu gahanii bosona keessa bulan. Kana boodas Moosaarii ba’aanii godaansa irra osoo jiranii gara biyya iddoo gooftaan keenya Bishaan itti burqisiiseetti gahanii bishaan sanaan dhiqatan. Kana boodas gara biyya Israa’eelitti dhiyaachaa yeroo dhufan mucaan Mootii Heeroods Arkeelaawoos bakka Abbaa isaa Mootii Yihudaa ta’ee akka muudame yeroo dhaga’aan nu ajjeesuuf nu barbaaduu danda’a jedhanii sodaatan.

Ergamaanis dhufee abjuudhaan gara Galiilaatti deemi hin sodaatiin jedheen. Yooseef:- Iyyesuus Kiristoos, Dubroo Maariyaam fi Soloomee qabatee Galiilaa seene. Magaalaa Naazreet jedhamtuttis jiraatan. Maat. 2:22-23.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Godaansa Dubroo Maariyaam fi Tsoomii Tsiggee | Kutaa 6ffaa first appeared on Qubee Online +.

Godaansa Dubroo Maariyaam Tsoomii Tsiggee | Kutaa 5ffaa
Tsoomii Tsiggee Godaansa Dubroo Maariyaam

Tsoomii Tsiggee Godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kutaa 5ffaa irra geenyeerra. Kutaalee darban erga dubbistan booda gara kanaatti darbaa.

Kutaa 5ffaa

Biyyoota Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam godaansaan keessa darbite

Gadaama Geeraaral ykn Bosona Geeraaral

Ergamaan Waaqayyoo Yooseefitti muldhatee haadha fi daa’imicha qabadhuutii gara Gibtsiitti baqadhu erga jedheen booda haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos, eegaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Yooseef akkasumas Soloomeen Arfan isaanii deemsa jalqabaniiru. Gara Gibtsiitti akka godaanan itti himamuyyuu gara Gibtsiitti deemuu isaaniitiin duratti biyyoota hedduu keessa naanna’aaniiru.

Mana isaaniitii akkuma ba’aaniin gara Bosona Geeraaral jedhamuutti ture kan deeman. Yooseef fa’a Gadaama Geeraaralitti ergamoonni Waaqayyoo dhufanii isaan jajjabeessaa guyyaa afurtama turaniiru. Guyyaa afurtama booda namni bineensa adamsu tokko isaan arge. Innis saffisaan deemee Maariyaam, Yooseef fi Soloomee kaleessa nan arge jedhee Heeroodsitti hime. Heeroodsis Bosona Geeraaral keessa jiraachuu isaanii yeroo dhaga’etti ni gammade.

Nama oduu kana itti himettis Yooseef fa’a yoo natti agarsiiste walakkaa Mootummaa kootii siin kenna jedheenii Xaa’otiiwwan fuulduratti kakateef. Heeroodsis gara biyya hundumaatti ergaa ergee Mana Mootummaatti akka argamtan jechuudhaan labsii himsiise. Loltoonni isaas Mana Mootummaa Heeroodsitti walitti qabaman. Eegdonni Heeroodsis Bosona Geeraaralitti marsan ta’us garuu Yooseef fa’a argachuu hin dandeenye. Isaan kunneenis walii walii isaaniitiin akkas jedhan «Yooseef fa’a eessa deeman? Lafti isaan liqimsite moo?». Yooseef fa’a garuu Ergamaan Waaqayyoo bu’ee karaa Loltoonni Heeroods hin beekneen isaan gaggeesse.

2. Xibriyaadoos

Kana booda firri haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam mootiin Keefaaz gara jirutti gara Xibriyaadoositti deeman. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis akka Heeroods ishee godaansisaa jiru itti himte. Mootichi kunis Heeroods sababa maaliitiin si godaansisa jedhee ishee gaafate.

Isheenis ilma ishee jalaa ajjeesuu akka barbaadu itti himte. Mootichi kunis Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin mana kootti jiraadhu jedheen, maatii isaas Maariyaam mana isaa jiraachuu ishee eenyuttiyyuu akka hin himne isaan akeekkachiise.

Heeroods garuu biyyoota hedduutti ishee barbaadaa ture garuu ishee argachuu hin dandeenye. Heeroodsis akkas jedha ture «Maariyaam lafatu liqimsee?» Heeroods Iyyesuus Kiristoos ajjeesuuf tattaaffii inni taasise, dhadhabbiin inni dhadhabe garmalee baay’eedha humna qabu hunda fayyadameera kan barbaadu argachuu dhabuun isaa ammoo dhadhabbii isaa bu’aa malee hambiseera.

Guyyoota hedduu booda Heeroods biyya Xibriyaadoos jedhamutti haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam jiraachuu ishee dhaga’e. Heeroodsis gara Mootii biyya Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam jirtuutti xalayaa barreessee erge.

Xalayaan Heeroods barreessee erges akkas jedha ture «Yaa Mootii nagaan siif haa ta’u! Maariyaam mucaa ishee waliin naaf qabi! Warqee fi qarshii hedduu siin kenna, anaa fi si gidduutti jaalala cimaatu ta’a» Mootichis xalayaa Heeroods erge dubbisee baay’ee ajaa’isiifatame, akkasis jedhe «Maariyaam Mana koo jiraachuu ishee Heeroodsitti eenyutu hime? Seexana ta’aa malee kan itti hime nama miti» Mootichi kunis xalayaa Mootichi Heeroods barreessee isaaf erge kana haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti itti hime.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis baay’ee rifatte ykn naate. Mootichis «Ani yoon du’e ni duuta, ani yoon oole ni oolta hin sodaatiin! Heeroodsiif dabarsee si hin kennu!» jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis «Akka eeyyama Waaqa Israa’eelitti haa ta’u!» jette. Halkan sanattis Ergamaan Waaqayyoo dhufee yeroo bari’uudhaaf jedhu «Biyya kana gadhiisiitii gara Adibaara Libaanoositti deemi!» jedheen.

Yeroo bari’ettis wanta Ergamaan Waaqayyoo itti hime sana Mootichatti himte. Mootichis gammadee daandii guyyaa sadiitiin hanga Zaabiloon fi Niftaaleemitti isaan geggeessee gara biyya isaatti deebi’e.

Adibaara Libaanoos ykn Tulluu Libaanoos

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Yooseef fi Soloomee waliin qarqara Dabra Taaboriin darbitee gara iddoo dhaloota ishee Dabra Libaanoositti ykn gara Tulluu Libaanoositti baate. Muka «Kookuh» jedhamu jala teessee boosse, akkasis jette «Hanga yoomiitti biyya tokkoo gara biyya biraatti naanna’aa jiraadha, lubbuun koo hangam cimte» kana boodas iddoo isheen jirtu akka namni hin beekneef gara bosonaatti seente, guyyoota kudhaniifis osoo namni ishee hin argiin achi turte.

Kana booda namni bineensa adamsu tokko fagoo irraa ishee arge. Namichi bineensa adamsu sunis Saroota qaba ture, Saroonni sunis Gooftaa isaanii dhiisanii deemanii miila haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii gaditti sagadan. Lafa haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam miila isheetiin irra ejjettes ni arraabu ture. Namichi bineensa adamsu sunis fageenya irraa Saroota isaa waame, isaan garuu ni didan.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis wanta Saroonni sunneen namicha sanaan jedhan dhageessee ni ajaa’ibsiifatte. Uumaa uumamtoonni hundi si sodaataniif galanni siif ni ta’a jettee galateeffatte. Saroonni sunis miila haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam jalatti rafan. Akkuma Kitaaba Qulqulluu irratti Ergamaan Waaqayyoo Bala’aamiif osoo hin ibsamiin Harree inni irra taa’ee tureef akkuma ibsame. Seera Lakkoofsaa 22:23-30. Seenaan Bala’aam sunis namicha bineensa adamsu kana irratti irra deebi’ameera.

Namichi bineensa adamsu sunis haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilma ishee waliin bosona keessatti yeroo ibsitu argee garmalee Ajaa’ibsiifate. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis maal barbaadaa jirta? jetteen. Namichi bineensa adamsu sunis Saroota koon barbaada jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Saroonni maal siif godhu? jetteen. Innis bineensan ittiin adamsa, ani ammoo bineensa isaan naaf ajjeesan sana nan nyaadha, gogaa bineensotaa sanas nan gurguradha jedheen.

Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis hardha bineensota ittiin adamsite caalaa wanta guddaa argataniiru, Masi’icha Waaqayyo argiteerta waan ta’eef gara biyya keetti gali, bosona kana keessa jiraachuu koo eenyuttiyyuu hin himiin jetteen. Saroota sanaanis gara gooftaa keessaniitti deemaa jetteen. Namichi bineensa adamsu sunis ajaa’ibsiifachaa Saroota isaa waliin ni deeme.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam garuu bosona keessa turte. Bara Eliyaasitti Xaa’otii kan Waaqessaa turte Elzaabeel Raajotaa fi Luboota yeroo ajjesistetti Waaqayyo ija Elzaabeel jalaa kan isaan dhokse Qulqulloonni bosona keessa jiraatan dhufanii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin ni eebbifamu ture.

Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi Mootii Damaatiyaanoos

Namichi bineensa adamsu sunis guyyoota torba booda Mootii Damaatiyaanoos jedhamutti wanta arge hunda itti hime. Damaatiyaanoosis wanti namichi bineensa adamsu sun itti hime dhugaa ta’uu isaa mirkaneeffachuuf namoota Mana Mootummaa kudhan namicha bineensa adamsu sana waliin erge. Namoonni ergaman sunis yeroo gahanitti haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ilma ishee waliin ishee argan.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam garuu namicha bineensa adamsu sanaan eenyuttiyyuu hin himiin jetteenii waan himeef ni aarte. Namichi bineensa adamsu sunis dhagaa Ashaboo ta’e. Seenaan niitii ykn Haadha manaa Loox namicha bineensa adamsu kanaan irra deebi’ameera. Uma. 19:26. Namoonni Mana Mootummaatii ergaman sunis raajii haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam taasiste arganii baay’ee rifatan. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis ani akkuma keessanii nama waanan ta’eef hin sodaatiinaa jettee isaan tasgabbeessite.

Namoonni sunis Mootiin Damaatiyaanoos akka isaan erge itti himan. Kan boodas gara  mana isaaniitti deebi’anii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ilma ishee waliin akka arganii fi namichi bineensa adamsu sunis dhagaa Ashaboo akka ta’e Mootii Damaatiyaanoositti himan.

Borumtaa isaas Mootichi Damaatiyaanoos Loltoota hedduu qabatee gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti deeme. Loltoota hedduus Tulluu sana jalatti dhiisee isaan keessaa namoota torba waliin gara bosona haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam keessa jirtuutti seene. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis akka urjiitti yeroo iftu ishee arge. Mootichi Damaatiyaanoosis erga sagadeef booda ati qomaa kami? eessaas dhufte jedhee ishee gaafate.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis ani Israa’eelittiidha, kutaa Yihudaa kan taatu Beetaliheemiin dhufe jetteen. Akkasumas Mootii Heeroods baqattee akka dhufte itti himte. Innis Heeroods maalif si jibba? jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis wanta hunda itti himte. Akkasumas kana dura Abbaa fi haati koo iddoo kana jiraatu ture jetteen. Damaatiyaanoosis maqaa Abbaa fi haadha ishee gaafate. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis itti himte.

Damaatiyaanoosis namoota kana ykn haadhaa fi Abbaa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka beeku itti hime. Damaatiyaanoos Mootii raayyaa waraanaa hedduu fi cimaa qabu waan tureef kana booda asitti  Mootota kudhaniyyuu yoo ta’an si argachuu hin danda’aan hin sodaatiin jedheen.

Gara duubaatti yeroo deebi’us nama dhagaa Ashaboo ta’e argee, namni kun maalif dhagaa Ashaboo ta’e? jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Cubbuu isaatiini jetteen. Kana boodas Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam gara Waaqayyootti kadhatte. Nama dhagaa Ashaboo ta’e sanas erga kaaste booda eenyuttiyyuu hin himiin siin jedheen ture maalif himte? jetteen, innis Cubbuu isaa amanee dhiifama gaafate. Mootichi garuu raajii kana yeroo argetti garmalee rifate. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis hin sodaatiin jetteen, naasuun isaas isa gadhiise.

Kana boodas Mootichi sagadeefii «Yeroo ijoollummaa kootti Abbaa fi haati koo maqaa isaa waamaa kan turan Mikaa’eel, Gabri’eel, Rufaa’eel kan jedhaman keessaa tokko si’idhaa?» jedheen garmalee ajaa’ibsiifachuu isaarraa kan ka’e. Isheenis ani garbittii Gooftaati jetteen. Mootichis kennaawwam hedduu fideefii fudhadhu jedheen m, haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam hangamiyyuu godaantuu taatuyyuu hin fudhanne, Hiyyeessotaaf kenni galmee Samii irraa argatta jetteen.

Kana boodas Mootichi gara Mana isaatti deebi’e. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Tulluu Libaanoositti naannoo ji’oota sadiif teesse. Kana boodas Heeroods Tulluu Libaanoos jedhamu irratti Yooseef fa’a jiraachuu isaanii dhaga’ee loltootaan itti marsee isaan qabuuf yaale.

Giigaar Mootii Sooriyaa

Bitaa ykn mootii Sooriyaa kan ta’e Giigaar namni jedhamu tokko gorsa hamaa Heeroods waan dhaga’eef gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti ergamtoota erge. Namoonni Giigaar erge Fardaan gulubsiisaa saffisaan gahanii Tulluu Libaanoos loltoonni Heeroods marsuufi waan ta’eef Libaanoos gadhiisaatii baqadhaa jedhaniin.

Ergamichis dhufee Libaanoosii ba’aa jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos, Yooseef fi Soloomeen Tulluu Libaanoos gadhiisanii deeman. Kana boodas Giigaar ergamtoota isaa ergee Yooseef fa’a Libaanoosii akka baasise Heeroods ni dhaga’e. Namoota nuti barbaadaa jirru akka nu baqatan ykn akka nu jalaa miliqan kan taasiste si’idha jechuudhaan Giigaar waliin wal lole.

Heeroods Loltoota isaa ergee Mootii ykn Bitaa Sooriyaa Giigaar qabsiisuun Sayifiidhaan isa ajjeesise. Giigaaris Wareegamummaan boqote. Kitaaba Sinkisaaraa Hagayya 16 dubbifamu irratti seenaa Giigaar kana ni arganna.

Dabra Toonaa ykn Tulluu Toonaa :-

Kana boodas haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam, ilmi ishee, Yooseef fi Soloomeen gara Tulluu Toonaatti deeman. Tulluu Toonaatti biyyoonni ykn naannoowwan Yihudaa ni muldhatu. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam daandii hedduu deemuudhaan dhadhabdee waan turteef muka Alsiis jedhamu jala teesse. Baay’ees waan dhadhabdeef mukicha jala ciiste. Ergamoonnis lubbuu ishee mul’ataan gara Tsirhaa Ariyaamitti geessan.

Golgaawwan ibiddaa bitaafi mirgaan ni banaman. Ilmi ishee Iyyesuus Kiristoos iji namaa kan hin argine, gurri namaa kan hin dhageenye, laphee namaatti kan hin yaadamne Mootummaa Waaqayyootti kan argamu iccitii hedduu itti hime. Ijoolleen namaa bara baraaf kan dhaalan Addunyaa garmalee nama gammachiisu argite. Kana boodas lubbuun ishee gara foon isheetti deebitee, hirribaa kaate.

Ilmi ishee Iyyesuus Kiristoosis akkas jedheen «Gidiraadhaan alatti ykn gidiraa malee ykn gidiraa argan ykn gidiraa darban malee kennaan hin argamu, Addunyaa kanatti maqaa kootiin gidiraa kan argan Addunyaa sanatti ni gammadu, atis Addunyaa isa sanatti akka gammadduuf Addunyaa isa kanatti gidiraa keessa darbuu qabda». Kana boodas Tulluu ykn Dabra Toonaadhaa ba’aanii gara Siidoonaatti deeman, Siidoonaadhaas ba’aanii gara Dabra Zayititti deeman.

Beetaliheemitti Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Dabra Zayitiis bahanii gara Beetaliheemitti deeman. Beetaliheemis osoo jiranii Loltoota Heeroods keessaa inni tokko isaan arge. Innis Fardaan fiigsisaa saffisaan Mana Mootummaa Heeroods gahee Maariyaam, Yooseef fi Soloomeen Beetaliheem jiru jechuudhaan Heeroodsitti hime. Heeroodsis nama oduu kana itti himeef wanti ati natti himte dhugaa yoo ta’e walakkaa Mootummaa kootii siin kenna, yoo soba ta’e garuu sin ajjeesa jedheen. Yeroo baay’ee Yooseef fa’a iddoo akkasii jiru jedhamee Tulluuwwan, Hallayyaawwan, Holqawwan garaa garaa Loltoota isaatiin marsee yoo barbaadu osoo hin argatiin hafeera.

Barbaadee argachuu dhabuun isaas aarii irratti aarii waan isatti dabaleef amma garuu barbaadee yoo hin arganne nama nan arge jedhee hime sana ajjeesuuf kutatee ka’e. Halkan sanattis Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel bu’ee Yooseefiin akkas jedheen «Raajidhaan mucaa koo Gibtsiidhaan waammadhe kan jedhu akka raawwatamuuf gara Gibtsiitti baqadhu» jedheen. Hoosee’i 11:1. Yooseef fa’as halkan sanatti Beetaliheem gadhiisanii bahan.

Yeroo bari’ettis Heeroods Loltoota isaatiin Beetaliheemitti marse. Namoota naannoo Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam itti muldhattees dhiirotas, dubartootas hundumayyuu ni ajjeesise, namoota erga fixe booda Bineeldota Handaaqqoodhaa hanga Sareetti jiran hunda ni ajjeesise. Samiinis akka dhiigaatti diimaa ta’ee dhiiga fakkaate.

Namoota Heeroods ajjeesiseefis Samii irra Goonfoon ni bu’eef. Loltoonni Heeroods bu’uu Goonfoo sanaa arganis ilma Dubroo Maariyaam Iyyesuus Kiristoositti ni amanna jedhan. Jaalala aangootiin keessi isaa kan dukkanaa’e Heeroods garuu ilma Dubroo Maariyaam Iyyesuus Kiristoositti ni amanna Loltoota jedhan Sayifiidhaan isaan mursiise.

Nama Maariyaam Beetaliheemittin arge jedhee itti himee ture sanas ni ajjeesise. Dhiiga namootaa dhangalaasuudhaan kan itti tolu kan isatti fakkaate Heeroods Suusiin dhiiga dhangalaasuu isa qabe. Dhuma irrattis Heeroods farda irra taa’ee osoo deemuu Ergamaan Waaqayyoo bu’ee funyaan fardichaa rukute. Fardichis yeroo ol utaalu gubbaa ykn irra kan ture Heeroods jala ta’e, jala kan ture Fardichis gubbaa ta’e. Heeroodsis ni burkutaa’e.

Lafeen isaa ni caccabe, foon isaa ni ciccite, ni kukkutame. Dachee dhiiga baay’eewwanii dhangalaase irratti dhiigni isaas ni dhangala’e. Loltoonni isaas baatanii manaan isa gahan.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Godaansa Dubroo Maariyaam Tsoomii Tsiggee | Kutaa 5ffaa first appeared on Qubee Online +.

Tsoomii Tsiggee Qulqulleettii Dubroo Maariyaam | Kutaa 4ffaa
Tsoomii Tsiggee Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Tsoomii Tsiggee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kunoo kutaa arfaffaa irra geenyeerra. Kutaalee darban hin dubbisne taanaan jalqaba isaan dubbisaa.

Duuka bu’eettii kan taate Manni Kiristaanaa keenya bara Duuka Bu’ootaa irraa kaastee Tiwuufiitii Kiristaanummaa ishee eeggattee, tajaajila Afuurawaa ishee gaggeessaa, baroota qoqqoddee herreegdee, Fulbaana irraa eegalee hanga Qaammeetti guyyootii Sanbataa jiran iccitii mataa isaanii iccitii fayyinaa waliin kan wal qabate, moggaasa Kitaaba Qulqulluun wal qabate kennitee, ijoollee namaa abaarsa Foonii fi lubbuu irraa fayyisuuf kan raawwatame fayyisummaa Waaqayyo irraa yaadachaa, barsiisaa barootaaf turteerti. Ammas barsiisaa jirti, gara fuul duraattis barsiisaa itti fufti hanga Waaqayyo eeyyameefitti yaadachaa fi barsiisaa jiraatti.

Haati keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ayyanota Yaadannoo ishee galataa fi kabaja guddaadhaan kabajamaniif keessaa Zemene Tsiggee ykn Baatiin Tsiggee isa tokkoofi laphee beektota Mana Kiristaanaa biratti jaalala laphee gadi fagoo kan qabu Waqtiin Tsiggee kun tokkodha.

Mooticha Heeroods fi Namoota Ogeeyyii (Sebi’aa Seggel)

Mootonnni baha irraa dhufan ykn Sabaa Saggal waggootaaf deemaa turanii Iyyerusaaleem erga gahan booda «Kennaa qabannee dhufne kan kennuufi fi kan isaaf sagaduuf dhufne daa’imichi dhalate eessa jira?» Warqee Mootummaa isaatiif, Ixaana Lubummaa isaatiif, Karbee du’a isaatiif akka kenninuuf gooftaan eessa jira?» jedhanii yeroo barbaadan karaa ergamtoota isaatiin kan dhaga’e mootiin Iyyerusaaleem Heeroods «kuni wanta akkamiiti? eessa jiras mootiin ykn gooftaan kun? kan dhalatus eenyurraa fi eessatti? amma akkuma dhalateen Mootota kan sagachiise, yeroo guddatu ammoo ana na sodaachisa, irra darbees na balleessa» jedhee garmalee sodaachuu fi nahuu isaarraa kan ka’e Mootota waamsisee waa’ee dubbichaa bal’isee sirriitti gaafate.

Isaanis dursummaa urjiitiin waggootaaf deemaa turanii haala dhufaatii isaanii seenessaniif. Innis Seenaa kana dhaga’ee erga hubate booda Mootota sanaan haala walii galaa daa’ima sanaa akka qoratan iccitii isaas akka isaaf ibsan ykn akka isatti himan adaraa jedhee erga isaa gaggeesse booda Ergamaan Waaqayyoo ibsamee daandii biraatiin gara biyya isaaniitti akka deebi’an waan isaanitti himeef daandii biraatiin gara biyya isaaniittii deebi’an. Carraaqqiin inni odeeffannoo namoota ogeeyyii irraa argachuuf godhes osoo hin milkaa’iiniif hafeera.

Namoonni Ogeeyyii ykn Sabi’aa Saggal gara isaatti deebi’uu dhiisuu isaaniitiin kan aare Heeroods tarkaanfii mataa isaa fudhachuuf murteesse. Heeroods yeroo hunda wanti inni barbaadu Beetaliheemitti kan dhalate daa’ima Mootii Ayihuud jedhame argatee ajjeesuudha.

Kana waan ta’eefis daa’imichi Iyyesuus Kiristoos iddoo jiru nama isatti himu hin arganne. Odeeffannoo sirrii argachuu dhabuyyuu namoota ogeeyyii irraa kan dhaga’e akka ka’umsaatti itti fayyadamee ka’e. Heeroods akka odeeffannootti kan fayyadame:- Namoota Ogeeyyii kan durse Urjiin sun bara itti muldhate. Namoota Ogeeyyii gaafatee bara Urjii sanaa hubatee ture. Urjichi namoota ogeeyyiif kan ibsame ykn muldhate ykn namoota ogeeyyiif muldhatee isaan dursuu erga jalqabee waggaa lama akka ta’e of eeggannoon hubateera.

Namoota Ogeeyyii kan durse Urjichi erga muldhatee waggaa lama erga ta’ee, Mootii Ayihuud kan jedhame fi Beetaliheemitti kan dhalate daa’imichi Iyyesuus Kiristoosiis umuriin isaa waggaa lama ta’uu danda’a jechuudhaan tilmaamuu jalqabe.

Bakkichi Beetaliheem ta’uu isaa Mootii Ayihuud daa’imni jedhame umuriin isaa waggaa lama ta’uun isaa ragaadhaan deeggarameera. Ta’us garuu Beetaliheemitti daa’imman waggaa lamaa hedduun ni jiraatu. Daa’ima Mootii Ayihuud jedhame akkamitti adda baasee beekuu danda’a? Lapheen Heeroods furmaata ittiin tasgabbaa’u hin arganne. Filannoo biraa barbaaduun dirqama itti ta’e.

Kana boodas Heeroods Beetaliheem fi naannawaa isheetti kan jiraatan daa’imman waggaa lamaa gadii ajjeesuun furmaata filannoo biraa hin qabne ta’ee itti muldhate cinqii isaatiif. Heeroods daa’imman Beetaliheem keessaa tokkoon isaallee akka hin hafne garmalee of eeggata ture. Loltoonni isaas safara ykn ganda keessa deemanii daa’imman yoo ajjeesan Abbaa fi haati Ijoollee isaanii ni dhoksu, daa’imman sunis du’a irraa ni hafu, namoota ykn daa’imman miliqan keessaas tokko Iyyesuus Kiristoos ta’uu danda’a jechuudhaan.

Kan biraa ammoo daa’imman ajjeefaman umuriin isaanii waggaa lamaa gadi ta’uun isaanii tilmaamaan hin beekamu jechuudhaan ni dhiphata ture. Heeroods yaadota hedduu erga yaadaa ture booda daa’imman hundi gaaf tokko Mana Mootummaa isaatti yoo walitti qabaman bayeessa akka ta’e yaade. Ta’us garuu daa’imman sana akkamitti ykn sababa maalitiin akka walitti qabu qormaata biraa itti ta’e. Bifa ajaja Mootiitiin Abbootii fi harmootiin daa’imman isaanii qabatanii akka dhufan yoo taasise, humnaan ykn dirqamaan wanta ta’u waan ta’eef bu’aa hin buusu akkasumas daa’imman hedduun akka hafan tilmaamuudhaan furmaata biraa barbaade.

Daa’imman Beetaliheem tokkoyyuu osoo hin hafiin walitti qabuuf fedhiin warraa barbaachisaa ta’ee argameera isa biratti. Mootichi Heeroods Beetaliheem fi naannawaa isheetti daa’imman umuriin isaanii waggaa lama ta’e hunda ni ajjeesise. (Maat. 2:16-18)

Mootichi Heeroods daa’imman Ajjeesuuf Mana Mootummaa isaatti walitti qabuuf tooftaa inni itti fayyadame

Inaaffaan Heeroods dabalaa deemuu isaatiin olitti, Mootota sana osoo eeguu waggaa lama ta’uu isaatiin, isaanis isatti qoosanii karaa biraa deemuu isaanii erga hubate booda Seexanni Eeboo isaa hammenyaa kaasee al tokko laphee isaa irratti waan dhaabeef daa’imman waggaa lamaa fi isaa gadii hunda maqaa gargaarsaatiin ganda gandatti akka walitti qabaman sababa jedhuun, ajaja hammeenya Seexanaawaatiin sadarkaa biyyaatti labsii labse.

Heeroods daa’imman Mana Mootummaa isaatti walitti qabuuf tooftaa tokko malate. Akkasis jedhe:- «Mootichi Room Qeesaar ergaan inni erge ana bira gaheera. Daa’imman waggaa lamaa fi isaa gadi ta’aan akkan lakkaa’uuf Qeesaar na ajajeera. Isanaafis qarshii fi uffanni ni kennama. Daa’imman sunis Mana Mootummaatti kunuunsa addaatiin ni guddatu, Mana Mootummaattis guddatanii hojjettoota Mootummaa ta’u.» Dubbii isaa badaa kanas labsii dhaan labsiise.

Yeroo sanatti Ayihuud Mootummaa Qeesaar Room jalatti bitamu ykn bulu ture. Heeroodsis Mootii Ayihuud ta’uu kan danda’eef Qeesaar irra muudameetu. Kanaanis ajajichi waan Qeesaar irraa dhufe fakkeessee Beetaliheem oduu ykn labsii sobaatiin raase. Ajajichi garuu Qeesaarii Room irraa kan dhufe osoo hin taane, Abbaa sobaa kan ka’e Daabiloos irraa kan dhufe dha. Hardhas sobni  Daabiloos irraa dhalatee Mana Mootummaatti guddata. Sobni Mootota ykn bittootaaf umurii aangoo isaanii kan ittiin dheeressan isaanitti fakkaata waan ta’eef. (Yoh. 8:44).

Mooticha Heeroods fi Dhumaatii Daa’imman 144,000 Mana Mootummaatti

Kana booda daa’imman hedduun haadholii isaanii waliin ajaja Heeroodsiin Mana Mootummaatti qalamuuf walitti qabaman. Daa’imman kan qaban daa’imman isaanii qabatanii yeroo deeman, daa’imman kan hin qabne hiyyeessonni ammoo qarshii, uffata fudhachuuf ijoollee nama biroo qabatanii deemanii turan waan ta’eef walumaa galatti Mana Mootummaa Heeroodsitti daa’imman 144,000 walitti qabaman. Heeroods hammeenyaan kan yaade fi wanti uummatatti hime waan cimaa waan tureef namni manatti hafe hin jiru.

Mooticha Heeroods barbaadaa kan jiru daa’immichi Mootii Ayihuud jedhame gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos garuu daa’imman 144,000 sana keessa hin turre. Heeroods sammuu isaa dhadhabaa sanaan Mootichi Ayihuud Iyyesuus Kiristoos daa’imman 144,000 sana keessa jiraachuu hin oolu jechuudhaan ajjeesisuuf ariifata ture. Daa’imman hunda ajjeesaa jedhee Loltoota isaaf ajaja dabarse. Loltoonni Heeroodsis guyyaa tokkotti daa’imman 144,000 ajjeesan. Ganda hundatti boo’ichaa fi gadda ta’e.

Loltoonni Heeroodsis maqaa gargaarsaatiin daa’imman walitti qaban bifa garmalee sukkanneessaa ta’een fixaniiru. Ta’us garuu dhumaatiin daa’immanii kun ajaja Mootiitiin raawwachuu isaatiin dura Mootichi yaada isaa badaa kana yeroo yaadu  Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos  haadha isaa fi Yooseef akkasumas Soloomee waliin gara Gibtsiitti godaananiiru. Maat. 2:1-23.

Seenaan kunis Wangeela Maatewoos fi Kitaaba Sinkisaaraa irratti galmeeffamee argama. Raajiin raajichi Ermiyaas dubbatee ni raawwate. (Erm. 31:15, Maat. 2:18) Raaheel haadha manaa Yaa’iqoob, haadha Yooseef fi Biiniyaam ta’uun ishee Seera Uumamaa 30:22 fi 35:16 irratti barreeffameera. Daa’imman Beetaliheem Sayifii Heeroodsiin yeroo ajjeefaman Raaheel hin turre. Ta’us garuu haadholiin daa’imman isaanii jalaa ajjeefaman ijoollee ijoollee Raaheel waan ta’aaniif haadholii gadda isaanii irraa tasgabbaa’uu dhadhaban Raaheeliin bakka buusee dubbata. Ermiyaas du’a ijoollee isaaniitiin haadholii Israa’eel gaddaniin Raaheel jedheeniira.

Godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waliin Seenaa kan keessummeesse ilma Yooseef Yoosaa

Ilmi Yooseef Yoosaan Yooseef fi Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fa’a waliin hin godaanne, mana abbaa isaatti hafee ture. Heeroods Yooseef fa’a qabuuf Loltoota ykn raayyaa hedduu erge. Iccitii hojii Heeroods kana namoonni beekanis Heeroods firoota kee ajjeesuuf loltoota hedduu erge jedhanii Yoosaatti himan.

Ilmi Yooseef Yoosaanis osoo fiigaa itti himuuf deemaa jiruu Seexanni karaatti nama fakkaatee «Eessa deemta?» jedheen, Yoosaanis «Gara firoota kootti» jedheen. «Loltoonni Heeroods hamma xiqqootti si dursaniiru, yoona firoota kee ajjeesaniiru ta’a, maaltu si dhadhabsiise deebi’i!» jedhe Seexanni. Yoosaanis «Yoo du’aniiru ta’e nan awwaalladha, yoo hin duune ta’e ammoo Heeroods isaan barbaachisaa jiraachuu isaa ittiin hima» jedhee gorsa Seexanaa osoo hin dhaga’iin daandii isaa itti fufe.

Waaqayyo Yoosaadhaaf humna Leencaa kenneef, daandii Yooseef fa’a guyyaa sadi deeman inni guyyaa tokko deemee isaan dhaqqabe. Yooseef fa’as walitti aansanii guyyoota sadiif deemaa waan turaniif dhadhabanii boqochaa jiru. Erga achi gahe boodas Mootichi Heeroods daa’imman Beetaliheem akka ajjeesise itti hime. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis kana erga dhageesse booda gadditee boo’uudhaan qorra, aduu osoo hin jedhiin deemsa isaanii itti fufan.

Daa’imichi Iyyesuus Kiristoosis Yoosaadhaan akkas jedhe «Dhadhabbiin kee gatii qaba garuu haadha koo waan naasisteef dhagaa kana boraafadhuu rafi» jedheen. Hoggasumas lubbuun isaa foon isaa irraa adda baate. Abbaan isaa Yooseefis isa awwale. Iyyesuus Kiristoos balleessaa xiqqoo Yoosaan hojjeteef foon isaan adabamee Lubbuu isaatiin akka boqotu isa taasise.

Jaalattoonni Waaqayyoo balleessaa xiqqoo yeroo balleessan Foon isaaniitiin adabamu. Fknf; Aroon fi Museen jaalattoota Waaqayyoo turan. Gaaf tokko balleessaa balleessaniin adabaman. Gara dachee abdii godhataniitti osoo hin galiin dandii irratti du’an. «Waaqayyos Aroon fi Museedhaan ijoollee Israa’eel fuulduratti akka na Qaddastaniif anatti hin amanne waan ta’eef kanaafuu gara dachee ani isiniif kenneetti hin galtan!» jedheen. S. Lakk. 20:1-13.

Mootichi Solomoon akkas jedha «Yaa mucaa koo! Ajaja Waaqayyoo hin tuffatiin! Yeroo si ajajettis hin hadheeffatiin! Waaqayyo kan jaalate ni ajaja waan ta’eef, abbaan akkuma mucaa isaa jaallatu akkuma ajaju» Fakk. 3:12.

Xixoos fi Daakirs (Saamtota Lamaan)

Saamtonni lamaan Daakirs fi Xixoos wanti ittiin bulan hannadha. Yooseef fa’a Galiilaadhaa yeroo ba’anitti saamtonni kunneen Duuka bu’anii, gammoojjii keessa isaan barbaadaniyyuu hanga guyyaa jahaatti isaan hin argine. Guyyaa torbaffaattis isaan arganii hardha Waaqayyo harka keenyatti isin galche jechuudhaan fiigaa itti deeman. Soloomeen dursitee uffata ishee gatteefii baqatte.

Saamtonni sunis Yooseef fi Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fa’a harkaa wanta argatan Saamanii erga deeman booda Xixoos Daakirsiin akkas jedhe «Dubartiin kun sanyii warra Moototaa keessaa natti fakkaatti, daa’imichis raajota keessaa tokko natti fakkaata, wanta isaanirraa fudhanne kanas haa deebifnuuf?» jedheen, Daakirsis Xixoosiin «Gara laafina akkasii eessaa fiddee? hojii Saamichaa kana kan na barsiiste si’idha, kan biraa ammoo guyyaa hardhaa kan saamne gahee kooti, gahee kee fudhattee gahee koo ni deebisnaaf jettaa?» jedheen.

Saamtonni kun lameen guyyaa tokko kan saaman inni tokko yoo fudhatu, kan guyyaa itti aanuu ammoo isa lammaffaatu fudhata ture waan ta’eef. Guyyaa sanatti kan fudhatanis ykn kan saamanis gahee Daakirs ture. Xixoosis Galiilaadhaa kaasee hanga asiitti kan saamne hunda ati fudhadhuutii kana anaaf kenni nan deebisa jedheen. Daakirsis yaada kanaan walii gale. Daakirs nama hin carroomnedha, carraa gaariin isa mudatee itti hin fayyadamne. Gara laafummaa xiqqoodhaan eebbi baay’een is darbe, kennaan gara isaatti dhufee ture hiriyaa isaatiif kenne.

Haati keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam saamtoonni kunneen dhaabbatanii yaada kanaan yeroo wal morman argitee ni sodaatte. «Saamtonni erga saaman booda fudhatanii deemu malee akkamitti dhaabbatanii mari’atu? tarii namoota daa’imman isaanii jalaa du’an ta’uu danda’u, sababa mucaa kootiin ijoolleen isaanii waan jalaa du’aniif mucaa koo ajjeesuuf ta’a» jechuudhaan garmalee boosse.

Ilmi ishee Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis «Haadha koo hin boo’iin, na hin ajjeesan, ni deebisnaaf jechaa jiru. Ani Qaraaniyootti yeroon fannifamu inni tokko bitaa kootiin, inni tokko ammoo mirga kootiin ni fannifamu, inni tokko Waaqummaa koo amanee ni fayya, inni tokko garuu hin fayyu» jedheen. Yeroo kanattis saamtichi Xixoos jedhame meeshaa isaanii deebiseefii, gooftaa baatee yeroo deemu Sayifiin isaa harkaa kufee caccabe, yeroo kanas garmalee gadde. Gooftaan keenyas «caccabaa isaa walitti qabi» jedheen.

Xixoosis akkuma jedhame taasise, Gooftaanis «Akka isa duraatti siif haa ta’u!» jedheen, Sayifichis akka hin cabnee ta’e. Xixoosis tilmaamni isaa «Raajota keessaa natti fakkaata» jedhe dhugaa ta’eef. Raajiiwwan Gooftaa keenyaa argees ni ajaa’ibsiifate. Gooftaanis Xixoosiin «Addaam dursitee Jannata ni seenta» jedheen. Xixoosis wanta isaaf taasifamee fi wanta arge hunda hiriyaa isaa Daakirsitti hime. Hiriyaan isaa garuu isa hin amanne.

Xixoosis yeroo gooftaan fannifametti raajiiwwan raawwataman (Aduun dukkanaa’uu….) argee «Yaa Gooftaa yeroo Mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu!» jedheen, Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis «Dhugaan siin jedha hardha ana waliin Jannataa keessa taata»  jedheen. Luq.23:42. Gooftanis waadaa bosona keessatti «Addaam dursitee Jannata seenta» jedheen Fannoo irratti raawwateef.

Haati keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ilma ishee waliin biyyoota godaansaa keessa darbite keessaa muraasa;

Waa’ee iccitii godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Waaqayyo iccitii isaa kan ibseef Hayyichi Abbaan Tsiggee Dingil Kitaaba isaanii «Seqoqaawa Dingil» irratti baldhinaan akka ibsanitti, Addunyaa kana irra kan jiraateefi gara fuulduraattis uumamni jiraatu keessaa akka Qulqulleettii Dubroo Maariyaam jiraachuu dhabuu cimsanii hubachiisu. Hayyichi barreeffama isaanii kana yeroo jalqaban «Ija yaadaatiin gara Gibtsiitti bu’ee kan argee fi kan dhaga’e mitiitii, naaf haa ta’u jedhee kan dhageeffateyyuu osoo hin hafiin baay’ina gidiraa isheerra gahe irraa kaasee akka boo’u» nuuf ibsa.

Kaayyoon Afuurawaa godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam  iccitii Fayyinaa keessatti bakka mataa isaa kan qabudha malee tasa wanta argame ykn tasa wanta mudate akka hin taane, akkasumas raajiin dubbatame akka raawwatuuf akka ta’e armaan olitti ilaalleerra. Abbootiin Mana Kiristaanaa Itoophiyaa yeroo barsiisan raajota dubbataman keessaa «Durii kaasee kan yaadame daandii isaan arge, daandiiwwan Itoophiyaas ni nahu» Imb. 3:6-7 raajii jedhu hiikuudhaan, haati keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo godaansa isheetti gara biyya keenya Itoophiyaatti dhufuun, biyya keenya ilaaltee uummatas adaraa ilma isheetiin kennamtee (asirat tesetta) akka deemte Abbootiin ni barsiisu.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo godaantu, gidiraan, rakkoon isheen hin argine, isheerra hin geenye hin jiru ture. Kanas ta’ee garuu Dubroo Maariyaam waa’ee kanaa gonkumaa hin yaaddu ture, isheen kan yaaddu ilmi ishee akka jalaa hin duune qofa. «Isheenis kana dhageessee ni boosse, dhiigni mucaa koo yeroo dhangala’u amman argu ana haa dursiisu! (እኔን ያስቀድመኝ)» akkuma jedhe Kitaabni (Seqooqaawa Dingil).

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Tsoomii Tsiggee Qulqulleettii Dubroo Maariyaam | Kutaa 4ffaa first appeared on Qubee Online +.

Tsoomii Tsiggee fi Godaansa Dubroo Maariyaam | Kutaa 3ffaa
Tsoomii Tsiggee Godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam | Kutaa 3ffaa

Mata duree Tsoomii Tsiggee jedhu kana erga jalqabnee kunoo kuni kutaa 3ffaa dha. Tsoomii Tsiggee kutaalee darban keessatti waa’ee Tsoomii Tsiggee fi Tsoomii Yoodiit, hiikoo fi gosoota Tsoomii akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti ilaalleerra. Kutaan itti aanu kunooti dubbisaa!

«Mucaa koo Gibtsiidhaan waammadhe! Raajii Hoose’i 11:1

Gara dubbisaa kutaa 3ffaa kanaatti osoo hin darbiin dura Tsoomii Tsiggee Kutaa 1ffaa fi Tsoomii Tsiggee Kutaa 2ffaa dubbisaa!

Tsoomii Tsiggee fi Waqtii Abaaboo ykn Tsiggee

Akka Sirnaa fi seera Mana Kiristaaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Fulbaana 26 – Sadaasa 5 tti guyyoonni jiran.  Afurtamni godaansi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin taasiste yeroo itti yaadatamanidha. Kanaanis yeroon kun yeroo Tsoomii Tsiggee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam jedhamuun ni beekama. Yeroo waqtiiwwan Tsoomii Tsiggee kunis yeroo haati keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam itti godaantedha.

Guyyoonni kunneen Afurtamni Godaansi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi ilma ishee Iyyesuus Kiristoos yeroo itti yaadatamudha. Waqtii Tsoomii Tsiggee kunis waqtii Abaaboofi firii ta’uu isaatiin haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Abaaboodhaan ilma ishee Iyyesuus Kiristoos ammoo.  Firiidhaan fakkeessuun Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Waaqessuu fi haadha isaa ammoo haadha uumaa ta’uu isheetiin galatoo addaatiin ni galateeffatu.

Jaarraa jahaffaa keessa kan ka’e Beekaan hangafni Qulqulluun Yaareed zeemaawwan yeroo barreessu. Jaarraa 14ffaa keessa kan ka’e Abbaa Giyoorgis inni Gaasiccaa ammoo Sa’aataatii barreessaniiru. Baruma kanattis Abbaa Giyoorgis waliin jaalala Afuurawaa gadi fagoo kan qabu Abbaa Tsiggee Dingil.  Kitaaba ykn Barreeffama «Maahileeta Tsiggee» jedhu barreesseera.

Tsoomii Tsiggee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidootti

Maahileeta Tsiggee deemsa bifa walaloo kan qabu Barreeffama ajaa’ibaa kan Itoophiyaa yoo ta’u. Kitaabni ykn barreeffamni kun yeroo kamittiyyyuu kan kadhatamu ta’uyyuu bifa addaatiin waqtiin ba’eefii tajaajila.  Mana Kiristaaanaa keesatti hojiirra kan oolu garuu bara ykn waqtii Godaansa haadha keenya. Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi ilma ishee Iyyesuus Kiristoos jechuunis Fulbaana 26 – Sadaasa 5tti bara ykn waqtii jiru keessattidha.

Waqtii ykn yeroo kanatti torban torbaniin Sanbata ykn Qidaamee galgala halkan guutuu haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam. Ilma ishee waliin gara Gibtsiitti godaanuun ishee yaadatamaa galatoo fi kadhannaa abbootiidhaan dhiyaatudha. Kitaabni kun bifa Walalootiin kan barreeffame yoo ta’u baay’inaan sarara shan kan qabu yoo ta’u, baay’inni isaas 158 dha. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam jaalala ishee akkasumas galata ishee hawwaa kan turan Qulqulluun Efreemii fi Abbaan Hiriyaaqoos. Wuddaasee fi Qiddaasee ishee akkuma ibsiteef, Abbaa Tsiggee Dingiliif ammoo Kitaaba Maahileeta Tsiggee kana akka barreessuuf iccitii ibsiteefiirti.

Biyya Qulqulleettii, biyya Waaqayyoo Itoophiyaatti baatiiwwan Fulbaanaa fi Onkoloolessaa waqtiiwwan Abaabooti (Zemene Tsiggee) dha. Waqtiin kunis tulluuwwan Abaaboodhaan kan itti faayamaniifi ijaaf hawwatoo yeroo itti ta’anidha.

Bara kanattis Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos «Maalif waa’ee Uffataatiif dhiphattu? Abaaboowwan dirree irra jiran akkamitti akka guddatan ilaalaa, hin dhama’aan. Hin hojjetan, ani garuu isiniin jedha Solomooniyyuu kabaja isaa hundaan akka isaan kanaa keessaa akka isa tokkoottiyyuu hin uffanne.  Waaqayyo, hardha kan jiru, borus gara Ibiddaatti kan darbatamu Abaaboo ykn marga dirree irraa akkasitti kan uffisu yoo ta’e. Isin Amantiin kan isinitti hirdhate, isinimmaa akkamitti?. Egaa maal nyaanna, maalis dhugna, maalif uffanna jettanii hin dhiphatiinaa.» Maat. 5:28-33 jechuudhaan jecha dubbate yaadachuudhaan dhiphachuun kan nurraa eegamu.

Mootummaa Waaqayyoo galuufi malee wanta Addunyaa kana irra jiruuf akka hin taane. Waaqni Tulluuwwan Abaaboodhaan uffise, bifaa fi fakkii isaatiin kan nu uume nu’i jireenyaaf kan nu barbaachisu. Nyaataa fi dhugaatii akka nu hin dhoowwanne yaadachaa waqtii itti yaadannudha.

Kitaabni hayyichaas (Abbaa Tsiggee Dingil) Firiin Abaaboo irraa, Abaaboonis Firii irraa akkuma argamu Maahileeta Tsiggeenis. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam fi Ilmi ishee Iyyesuus Kiristoos Abaaboo fi Firiidhaan fakkeessee Kitaaba ykn barreeffama barsiisudha. Ishee Abaaboodhaan yeroo fakkeessu, ilma ishee Iyyesuus Kiristoos ammoo Firiidhaan fakkeessee barsiisa.

Raajichi Isaayyaas «Hundee Iseey irraa Uleen ni ba’a, achii jalaas firii ni buufata» Isa. 1:1 jedhee hundee ykn Sanyii Iseeyii kan argamtu haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam uleedhaan. Ilma ishee Iyyesuus Kiristoos ammoo Firiidhaan fakkeessee raajii dubbateera.

Abbaa Tsiggee Dingilis Kitaaba isaa bifuma kanaan herreeguun Malki’i tokkoon tokkoon isaa irratti haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi ilma ishee Iyyesuus Kiristoos Abaaboo fi Firiidhaan fakkeessuun, sana boodas wal qabsiisuun hojii ajaa’ibaa Waaqayyoo iccitiidhaan, seenaadhaan, kadhannaadhaan fi bifoota kana fakkaataniin walitti fidee barreesseera.

Hayyichi Abbaan Tsiggee Dingil Kitaaba isaa Maahileeta Tsiggeetiin haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Abaaboodhaan fakkeessee barreeffamoota isaa keessaa tokko «Yeroo makaraatti Abaaboon, yeroo Abaabootti ammoo makara oomisha haamuu fi walitti qabuun hin jiru, sababni isaas yeroon isaanii gargar waan ta’eef, fakkeenyaaf ji’a Fulbaanaatti waqtii ykn yeroo Abaaboo ta’uu isaatiin oomisha walitti qabuun hin jiru.

Makarri raajiiwwanii (Raajiiwwan dubbataman) waliitti qabamni isaanii si’i kan taate akka bara Tsiggeetti bara beelaa kan dabarsite yaa Maariyaam! Raajiin Eeldaa Iyyu’eel Tulluuwwan Yihudaa irraa Dammi mi’aawaa fi Aannan Adiin ni dhangala’a jedhee raajiin dubbatame siin beekame, raawwatame. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam raajiin sanyii raajonni dubbatan irratti ni raawwatame. Jechuunis raajonni waa’ee Waaqayyo nama ta’uu haalota garaa garaatiin dubbataniiru.

Gooftaan keenya raajii raajonni dubbatan raawwatamuu isaafi xumura kana arguuf kan carrooman Duuka Bu’oota ta’uu isaanii «Tokko ni facaasa, tokkos ni haama» jecha jedhuun dhugaa ta’eera ykn raawwateera. Anis isin kan itti hin dhadhabne akka haamtaniif isiniin erge. Isaan kaan ni dhadhaban, isinis dhadhabbii isaaniitiin galtan jechuun dubbateera. (Yoh. 4:37-38).

Kunis Raajonni kan facaasan Raagni isaanii bara Duuka Bu’ootaatti firiidhaa, haamaadhaaf gahuu isaa dubbachuu isaati. Waan ta’eefis «ማዕረረ ትንቢት» ykn «Walitti qaba ykn galma ykn kuufama Raajiiwwanii Maariyaam» jedheen. Gama biraatiin ammoo Firii kan jedhame Kiristoos kan argamsiiste ykn deesse fi Hidda ykn hundee Iseey jalaa uleen ni baati jedhamee kan dubbatameef ta’uu isheetiin Dubroon Maariyaam Abaaboodhaan ni fakkeeffamti.

Kanaafuu haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam Abaaboo waqtii makaraatti argamtudha. Yeroo makaraatti argamuun Abaaboo baramaa waan hin taaneef «Abaaboo Keessummaa ta’e» jedheen. Kana booda raaga Raajichi Iyyu’eel dubbate akkaataa inni itti raawwate ni dubbata. Raajichi Iyyu’eel bara isaatti beela cimaatu ture.

Waaqayyo uummata araaraan akka isaan ilaaluufi beelichi akka badu itti hima ture. «Nyaata hedduu ni nyaattu, ni quuftus, kana booda akkas ta’a, Tulluuwwan dhaadhii ni cobsu, lafoonni ol ka’oonis Aannan ni dhangalaasu, finca’aawwaan Yihudaa keessa jiran hundis bishaan ni lolaasu» Iyyu’eel. 3:8, 2:26.

Bara ykn waqtii Tsoomii Tsiggee kanatti Kiristaanonni Tsooman kan jiran yoo ta’u, kan tsomanis Abbootii Amantaatiin osoo hin ajajamiin fedhii mataa isaaniitiini.

Tsiggee jechuun Abaaboo jechuu yoo ta’u dacheen Abaaboodhaan waqtii itti guutamtu waan ta’eef Abbootiin haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam bifoota garaagaraatiin fakkeessaniiru. Abaaboodhaan, Hidda Wayiniitiin, firii Wayinii isa gaarii waan argamsiisteef Abaaboon firii akkuma argamsiisu Dubroon Maariyaamis namaaf kan hin danda’aamneefi al-tokko qofa kan ta’e Ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos gadameessa isheetti baatteerti.

Tsoomii Tsiggee fi Godaansa Dubroo Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin

Gubbaa ykn seensa irraa akkuma ilaalletti jechi raajii «Mucaa koo Gibtsiidhaan waammadhe» Hoose’i 11:1. jedhu kan dubbatame Dhaloota Kiristoos dura naannoo walakkeessa jaarraa 8ffaatti Raajicha Hoosee’iini. Hoosee’i jechuun Waaqayyo ni fayyisa jechuudha. Kitaaba Qulqulluu irratti biyyoota maqaan isaanii baay’inaan caqasame keessaa tokko Gibtsii yoo taatu, Gibtsi yeroo beelki turetti Abrahaam itti baqate.

Yooseef garbummaaf biyya itti gurgurame, Israa’eeloonni waggoota hedduudhaaf garbummaan kan keessa jiraatan, boodarras fayyisaan Addunyaa gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos haadha isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waliin biyya itti godaane yoo taatu, Mootonnii ishee Ahizaabota, Waaqoliin isaaniis Xaa’otiiwwan turan.

Raajichi Hoose’i godaansa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos dursanii raajiidhan kan dubbatan keessaa tokko yoo ta’u mucaa koo Gibtsiidhaan waammadhee jechuudhaan gahumsa godaansichaa dubbateera. Akka bu’uura raajii kanaatti godaanuu isaa hin raagne, ta’us garuu godaansa irraa deebi’uu isaa dubbachuun isaa osoo hin godaaniin deebi’uun hin jiru waan ta’eef deebi’uu isaatiin godaanuu isaa dubbate.

Jireenya Gooftaa kan Dubroo Maariyaam irraa, kan Dubroo Maariyaamis kan Gooftaa irraa adds baasanii ilaaluun hin danda’aamu, hojiiwwan Waaqummaa fi hojii fayyisummaa yoo ta’een ala, sababni isaas isa qofaaf kan murtaa’e fi inni qofti raawwachuun kan ta’uuf ergama Abbaa isaa ture waan ta’eef Yoh. 6:38, 5:30. Raajonnis raajiin isaan dubbatan yeroon isaa gahee akkuma raajichi Hoose’i jedheefi Ergamaan Qulqulluun Gabri’eel Yooseefiif abjuudhaan muldhatee akkuma itti himetti ilma ishee tokkicha qabattee gara Gibtsiitti baqatte ykn godaante.

Sababa Godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi Ilma ishee Iyyesuus Kiristoos gara Dachee Gibtsiitti

Godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam jennee yeroo dubbannu ilma ishee waliin ta’uu isaa namni hundinuu hubachuu qaba. Waa’ee sababa godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Abbootiin kan nu barsiisan, Kitaabolee irratti kan nuuf galmeessan muraaasa isaanii ni tarreessina.

Waaqayyo waa’ee wanta gara fuul duraatti dhufuu raajotaaf ibsuun, Raajota irra bulee dubbachuun, wanta yaade fedhii isaa hunda ilma namaaf ibsaa Raajotatti muldhata agarsiisaa, barsiisota ergee Kitaabolee barreessisaa turuu isaa hubachuu qabna. «Waaqayyo saba isaatiif kitaabaan itti dubbata» akkuma jedhame, «Guyyaa fi galgalaan garboota koo Raajota hunda isinitti ergeen ture, eeyyeen ergeera» Erm. 7:25. jechuun ibseera.

Raajichi Simi’oon «Lubbuu kee irratti Sayifiitu darba» jedheen. Luq. 2:34. Simi’oon yeroo Mootii Baxilimoos Kitaabolee Kakuu Moofaa Afaan Ibraayisxii irraa gara Afaan Giriikiitti hiiksisuuf Abbootii ykn beektota 70 yeroo filatetti Kitaabni raajii Isaayyaas carraadhaan akka Simi’oon hiiku isa qaqqabe. Simi’oonis osoo hiikaa jiruu «Kunoo durbi ni ulfoofti, ilmas ni deessi, maqaa isaas Anaanu’eel jettee moggaafti» jedhurra gahe. Isa. 7:14.

Dubbii Raajii Isaayyaas kanas yeroo hiiku itti cime, yeroo kanas akkamitti Durbi ni ulfoofti jedheen hiika jedhee yaadeetu Dubartiin ni ulfoofti jechuudhaan yeroo barreessee, rafee yeroo ka’u Dubartiin ni ulfoofti jedhee kan barreesse haqamee Durbi ni ulfoofti jedhamee barreeffameetu arga. Kun ta’uun isaa isa ajaa’ibee osoo jiruu Ergamaan Waaqayyoo dhufee kana osoo hin argiin hin duutu jedheenii bira sokke. Simi’oonis garmalee Dulloomee osoo jiruu Mana Qulqullummaatti siqee dhuma raajichaa ykn raawwatamuu raajichaa eeguu jalqabe.

Yooseefiifi Dubroon Maariyaam akka bartee Ayihuudotaatti Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa saddeettaffaatti gara Mana Qulqullummaatti yeroo geessan Raajicha eegaa kan ture Jaarsichi Simi’oon fayyisuu Gooftaa arge «Kunoo yaadni Laphee hedduuwwanii akka ibsamuuf kun Israa’eel kan jiraniif baay’eewwaniif kufuu isaanii fi ka’uu isaaniitiif, warra isa mormaniifis mallattoon muudamteerta. Ati garuu lubbuu kee irratti Sayifiitu darba » jedheen. Luq. 2:34. jechuudhaan raajichi raawwatamuu isaa yeroo argu kana ergan argee garbicha kee nagaadhaan gaggeessi jedhee yeroo kadhatu, gara fuulduraatti kan ta’u godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam sababa ilma isheetiin gara fuulduraatti gidiraa irra gahu ni raaje.

Sayifiin wanta irra bu’e iddoo lamatti akkuma gargar baasu, gaddi laphee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamis raajiin ishee irratti dubbatame gaddii fi gidiraa hadha’aa sanaan akka miidhamtu raajiin dubbatame akka raawwatuuf ilma ishee waliin gara Gibtsiitti godaante.

Jaarsichi Simi’oon raajiin inni dubbate jireenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keessattiyyuu sababa ilma isheetiin Sayifii kan jedhame Gidiraan irra gaheera. Kanaanis hayyichi Abbaan Hiriyaaqoos araarsummaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo gaafatu «Yaa Dubroo ilma kee duratti kan bu’e, ija kee irraa kan dhangala’e imimmaan keetiin ilma kee nuuf kadhadhu» jechuun nuyi ijoollee ishee cubbamootaaf kan nuuf kadhattu waa’ee imimmaan isheef akka nuuf dhiisudha kan dubbate.

1. Godaansa Qulqullootaa Eebbisuuf gara Dachee Gibtsiitti Godaanan

Jireenyi Kiristaanummaa deemsa Fannoo irraaa ta’uu isaatiin, Kiristoositti amananii warra isa duukaa bu’an hundaaf godaansaa fi Gidiraan akka isaanirra gahu gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka yeroo barsiisu «Ana duukaa bu’uu kan barbaadu yoo jiraate ofii isaa haa ganu, Fannoos baatee ana duukaa haa bu’u» jechuun dubbate. Maat. 16:24.

Bu’uura jecha kanaatiinis Qulqulloota Duuka Bu’oota irraa eegalee Kiristaanonni ka’an gidiraa hedduu keessa darban, gammoojjii keessa ni godaanan, Sayifiidhaan ni mummuraman, dhagaadhaan ni rukutaman. Hardhas yoo ta’e Amantiidhaan kan godaannee dhiphannee kadhannu nu dura daa’imummaa isaatti Waaqa godaansa godaane biratti ykn fuuldurattidha.

2. Xaa’otiiwwan Gibtsii balleessuudhaaf gara Dachee Gibtsiitti Godaanan

Gibtsi Mootota ishee irraa eegalee uummata Ahizaabota Xaa’otii Waaqessaa turanidha. Xaa’otiiwwan kunneen ammoo bifa Sangaa, bifa Sa’aa, bifa Leencaa, bifa Simbirrootiin erga bocamanii booda Waaqessaa waan turaniif kanaafis Kadhannaa Musee fi Aroon irraan kan ka’e Hojiin harkaa Gibtsootaa baduu isaa, Waaqayyo Naabukadanatsoor irra bulee gara Gibtsii dhufuu isaa, Xaa’otiiwwan balleessuu isaa kan itti raaje ta’uu isaatiin olitti akkuma Raajichi Isaayyaas raaje duumessa saffisaatiin kan fakkeeffamte dugda haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irratti baatamee gara Gibtsiitti godaananiiru.

Abbootiin Mana Kiristaaanaas yeroo ishee fakkeessan «Duumessa Isaayyaas» Isa 19:1 kan jedhaniif kanaafi. Raajii kana irratti akkuma ibsame Gibtsi Xaa’otiiwwaniin kan guutamte ta’uu isheetiin Godaansi Gooftaa keenyaa Xaa’otiiwwan Gibtsii jiran balleessuuf ta’uu caqasameera. Gibtsoonni durii kaasee fakkeessuudhaan dhagaa xarabanii, muka soqanii, albuuda baqsanii fakkii bineeldotaa kan Sa’aa kan Re’ee, kan Leencaa fi Simbirrootaa bocuun ni Waaqessu waan tureef magaalittiin Xaa’otiiwwaniin kan guutamte turte. Isaan kanneen balleessuuf Godaansi Gooftaa gara Gibtsii ta’uu raajiin dubbatame.

Gooftaan keenya Xaa’otiiwwan diddiiguuf gara Gibtsiitti godaane, ganaa magaalitti akkuma seeneen Afuuronni hamoon Xaa’otiiwwan sana irra bulan iyyuu fi Xaa’otiiwwanis caccabuu jalqaban. Qulqulluun Daawwit Faaruu 83:3 irratti «Simbirroon ofii isheetiif mana argatte, Allaattinis cuuciiwwan ishee kan keessa jiraachistu mana argatte» jechuudhaan yeroo raaju, Simbirroon ofii isheetiif mana argatte yeroo jedhu raajonni raajii kan dubbatan dhumni isaa ykn dhuma isaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin argachuu isaa.

Tokkos haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam godaansaan Gibtsi Mana ishee ykn iddoo jireenya ishee taasifachuu ishee, Allaattinis cuuciiwwan ishee iddoo itti jiraachistu yeroo jedhu Yooseefiifi Soloomeen iddoo itti jiraatan argachuu isaanii dubbate. Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif bultoon dhabamee bultoo ishee Gibtsi taasifachuu ishee raaganiru, «Israa’eel daa’ima yeroo turetti isan jaalladhe, mucaa koos Gibtsiidhaan waammadhee» (Hoose’i 11:1)

Israa’eeloonni Gibtsi osoo jiranii akka filatamanitti biyya sanaas baasee mootummaa akka ta’aaniif akkuma isaan qaqqabsiise ta’uu isaaniitiif raajii dubbatame ta’uu isaa waliin gara Gibtsiitti godaanuun Gooftaa keenya hanga Heeroods du’utti achi turuu isaa m, achiis deebi’uu isaa kan agarsiisu ta’uu isaa Qulqulluun Maatewoos jecha raajichaa goolaba ykn xumura taasisee dubbateera. Maat. 2:15.

3. Nama ta’uu isaa ibsuuf gara Dachee Gibtsiitti godaane

Iyyesuus Kiristoos biyya isaa osoo hin gadhiisiin ija Heeroods jalaa dhokachuu ni danda’a ture. Ta’us garuu Ogummaa Waaqummaa isaatiin ija Heeroods jalaa dhokateera osoo ta’ee foon uffachuun isaa, nama ta’uun isaa hin ibsamu ture. Ija Heeroodsiin kan hin muldhanne yoo ta’e foon kan uffate fakkaate malee lafee fi foon hin qabu jedhama ture.

Qaama Addaam irraa kan ka’e Addaam lammaffaa ta’uu isaa fi foon inni uffate kan dhiigu, kan waraanamu Sayifiidhaanis ta’e Eeboodhaan yoo waraaname miidhaan kan irra gahu amala namummaa kan qabu ta’uu isaa ibsuuf ni godaane. Foon kan uffate hundi diina isaa jalaa bahuu kan danda’u baqachuudhaani waan ta’eef diina isaa Heeroods jalaa bahuuf foon waan uffateef gara Gibtsiitti baqate.

4. Daabiloos Ari’uuf gara Dachee Gibtsiitti godaane

Addaam firii muka balasii nyaatee uumaa isaa waliin wallolee Jannataa erga bahe booda walitti dhufeenyi namaa fi Waaqayyoo fagaachaa dhufe. Gargar fagaachuun namaa fi Waaqayyoo kunis kan dhufe Daabiloosiin yoo ta’u, Waaqayyo yeroo fagaatu inni ammoo dhiyaachuu barbaada ture. Kana waan ta’eefis uumaan isaa ijoollee namaa barbaacha dhufe. Daabiloosis ijoollee Addaam ni to’ate.

Laphee isaaniis jaalala Xaa’otiitiin guutee Waaqessummaa Waaqayyoo ykn Waaqayyo Waaqessuu akka hin argine isaan taasisee ijoolleen Addaam hedduun fedhii Waaqayyoo osoo hin taane fedhii Daabiloos raawwachaa turaniiru. Gooftaanis «Amma bulchaan Addunyaa kanaa garaa alaatti gatama» Yoh. 12:31 jechuudhaan Seexanni Addunyaa to’atee akka ture ibseera.

Waaqayyo ilmi foon namaa yeroo uffate walitti dhufeenyi namaa fi Waaqayyoo irra deebiin hundeeffame. Iyyesuus Kiristoos biyya isaa dhiisee ba’uu isaatiin Daabiloos kan to’ate laphee namaa keessaa ni baase. Gooftaan fuula Heeroodsii fagaachaa yeroo deemu Daabiloosis laphee namaa keessaa fagaachaa deeme. Godaansi gooftaa karaa biraatiin Seexanni akka baqatu ni taasise. Dhuma irrattis Fannoo irratti du’uun Gooftaan keenyaa Daabiloosis akka du’u taasise.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Kutaa 4ffaan itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Tsoomii Tsiggee fi Godaansa Dubroo Maariyaam | Kutaa 3ffaa first appeared on Qubee Online +.

Jalqabbii Tsoomii Tsiggee fi Tsoomii Yoodiit | Kutaa 2ffaa
Tsoomii Tsiggee fi Tsoomii Yoodiit

Kutaa kana keessatti waa’ee Tsoomii Tsiggee fi Tsoomii Yoodiit ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa hiriyoota keessaniifis qoodaa!

1. Tsoomii Tsiggee

Fulbaana 26 – Sadaasa 5 tti guyyoonni jiran Afurtamni ykn Ji’a tokkoofii guyyaan kudhan. Tsoomii Tsiggee ykn Baatii Tsiggee (Baatii Abaaboo) ykn Bara Tsiggee ykn Bara Abaaboo jedhamanii waamamu. Guyyoota kanattis Manneen Kiristaanaatti dubbisoonni dubbifaman, Faaruuwwan faarfataman, Lallabni lallabamu, Maahileetiin dhaabbatamu. Walumaa galatti galatoon Waaqayyoof jedhamu hundi samiin urjiileedhaan akkasumas lafti Abaaboodhaan  faayamanii kan muldhatan ta’uu isaanii kan ibsudha.

Tajaajila Afuurawaa Waqtii Tsoomii Tsiggee raawwatamuuf ka’umsi isaa «Ergamichi, Daa’imichaa fi haadha isa gara Gibtsiitti qabadhuutii baqadhu! daa’imicha ajjeesuuf barbaadu waan ta’eef.» jedhee Yooseefitti Ergamichi Abjuudhaan bu’uura inni itti himeetiin, Yooseefis daa’imichaa fi haadha isaa Dubroo Maariyaam qabatee gara Gibtsiitti godaanuu isaa. Akkasumas Dubroo Maariyaam fi daa’imichi Iyyesuus Kiristoos waggaa sadii fi walakkaa ykn waggaa sadiifi ji’a jaha (Mul. 12:6) godaansaan erga jiraatan booda gara biyya isaanii Naazireetitti deebi’uu isaanii yaadachuufi. Maat. 2:13-23, Isa. 19:1, Imbaaqoom 3:6-7, Faaruu 83:3.

Kanas Jaarraa 14 ffaa keessa kan ka’aan Abbaa Tsiggee Birihaan, Abaaboon Firii irraa, akkasumas Firiinis Abaaboo irraa akkuma argamu, Innis haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi ilma ishee Iyyesuus Kiristoos Abaaboo fi Firiin fakkeessanii Kitaaba ykn Barreeffama isaanii ittiin hubachiisan ykn barsiisan keessatti akkas jechuudhaan ibsaniiru; «Shittoo Roomaan, Abaaboo Qaanaanmoo kan taatu yaa Maariyaam! beelaa fi Tsoomiidhaan fuulli kee Abaaboo fakkaatu hanga coollogutti godaansaa fi boo’ichaan rakkoo fi dhadhabbiin sirra gahe, gidiraa sirra gahe hundas akka obboleettii kee Soloomee osoo narra gahee ykn osoon si waliin qoddadhee hawwii koo ture. Kanaan gammachuu kee dhuma hin qabne nan hirmaadha ture. »

Akkasumas Abbaa Ark Siluus, yeroo godaansa ishee ykn godaansa isheetiin gaddaa fi boo’icha ishee irra gaheen wal qabsiisanii Kitaaba isaanii barreessan «ሰቆቃወ ድንግል» jedhu irratti akkas jedhan; «Aduu kan uffattu intala ifaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Heeroods hamaa jalaa mucaa kee qabattee yeroo baqattetti rakkoowwan sirra gahan, Addeessa kan keewwattu miilli kee baay’ina daandii fi ho’ina cirrachaatiin akka dhiita’aan yeroo dhaga’u nama mitiitii dhagichiyyuu osoo boo’ee, ture.»

Akkaataa jalqabbii Tsoomii Tsiggee fi Mahileeta Tsiggee

Baatii ykn Ji’i Yaadannoo Godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam  akka Mana Kiristaanaa keenyatti kan kabajamu Maahileetiidhaan, Qiddaasee (Galatoodhaan) fi Yaadannoo (Zikir) dhaani. Ji’a ykn Waqtii Tsiggee keessa torbanoonni jiranitti Sanbata (Qidaamee) galgalaa kaasee hanga Dilbata ganamaatti Abbootiin Luboonni Faaruun isaan dhiyeessan Digguwaa Qulqulluu Yaareed irraa, Maahileeta Tsiggee irraa fi  Seqoqaawa Dingil irraa kan walitti ba’ee fi karaa sadi kan qabudha.

Yaadannoo (Zikir) isaas yeroo ammaa naannoo magaalotaatti irraanfatamaa dhufuyyuu, yeroo hunda Dilbata namoonni naannoo tokkoo iddoo giddu galeessa ta’e tokkotti walitti qabamuun maqaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiitiin kan yaadatanidha. Humna dhabeeyyiin, hiyyeessotni fi kara deemtonni waamamanii maqaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiitiin akka nyaatanii fi dhugan ni taasifama. Tiwuufiitiin kunis haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam gara Itoophiyaatti yeroo dhuftee turtetti Abbootii fi Hawwoonni keenya Itoophiyaanonni affeerraa fi keessummeessa isheef taasisan yaadachuuni.

Qabsuurri Abuna Zeenaa Maarqoos Tsoomii Tsiggee ilaalchisee bareeffama kanatti aanee jiru seenessa; «Abuna Zeenaa Maarqoos uummata Mihuur barsiisanii fi amansiisanii erga Cuuphan booda, ammas barsiisuuf gara Yifaat deeman. Achittis Kiristoos foon uffatee, Dubroo Maariyaam irraa dhalatee waa’ee cubbuu keenyaatiif Fannifamee ni du’e, guyyaa sadaffaattis du’aa ni ka’e jedhanii yeroo barsiisan namni Yihudaa ykn Ayihuudii tokko isaan dhaga’e. Ayihuudiin kunis akkamitti akkas jedhee barsiisa jedhee mormii irratti dhiyeesse. Isaanis gamnaa fi beekaa Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa waan ta’aaniif ykn waan turaniif caqasa caqasaa isa barsiisuu ykn hubachiisuu jalqaban.

«Hundee Isseey jalaa uleen ni baati, Jirma sanarras Abaaboon ni ba’a, ni lalisa» (Isa. 11:1). Uleen haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo taatu, Abaaboon ammoo ishee irra kan dhalate gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha jechuun Abuna Zeenaa Maarqoos Kitaaba Raajicha Isaayyaas boqonnaa 11:1 kan jiru hiikoo isaa fi iccitii isaa bittimsanii yeroo isa hubachiisanitti namni Ayihuudii sun amanee barnoota isaaniis ni fudhate.

Abuna Zeenaa Maarqoosis Kakuu Haaraa isa barsiisanii, isa amansiisanii erga cuuphaniin booda Minkusinnaa kennaniif, maqaa isaas «Tsiggee Birihaan» jedhaniin, Tsiggee Birihaan beekaa Oriitii waan tureef Kitaabolee Kakuu Haaraa qo’achuuf isaaf mijataa ta’e, itti aansees isaan waliin naanna’ee Wangeela barsiisuu jalqabe.

Kanas erga raawwate booda akka Faaruu Daawwit dhibba tokkoofi shantama taasisee Maahileeta Tsiggee barreesse. Abbaa Tsiggee Birihaan yeroo kana barreessetti dhalataa Warra Iluu kan ta’eefi Abbaan Dabra Hantaaw Gabra Maariyaam gorsaa isaa ture. Barreeffama ykn Kitaaba isaas yeroo barreessu mana rukutaafi sarara shan shaniin qoqqoodaa ture. Abbaa Tsiggee Birihaan fi Abbaa Gabra Maariyaam Fulbaana 26 hanga Sadaasa 5 tti Maahileeta Tsiggee dhaabbachuufi Tsoomii Tsiggee Tsoomuuf waggaa waggaadhaan Dabra Bisraatitti dhufuun, achi turanii Qusquwaam oolanii gara iddoo ykn Ba’aatii isaaniitti deebi’u turan.

Barreeffamni Maahileeta Tsiggeen kunis bifa Soorgoo fi Sookoon kan barreeffame ta’ee,  Abaaboo Soorgoo dhaan, Gooftaa fi Dubroo Maariyaam ammoo Warqee taasisuudhaan waan dubbatuuf kan dubbisuu fi kan kadhatuuf garmalee nama gammachiisa.

Egaa armaan olitti kutaa Qabsuura Abbaa keenyaa dhiyaate irraa hubachuun akkuma danda’aamu Abbaa Tsiggeen Maahileetii dhaabbachuu waqtichas fedhii isaaniitiin Tsoomuu jalqabaniiru. Yeroo isaas jalqaba Jaarraa 14ffaa tti.

Sanaa as garuu suuta suutaan jedhee Manneen Kiristaanaa Waqtii Tsoomii Tsiggee tti Maahileetii Tsiggee dhaabbachuu jalqaban. Monoksoonni muraasni fi amantoonni tokko tokkos waqticha fedhii isaaniitiin Tsoomuu jalqaban. Bara keenya kanattis Waqtii Tsiggeetti Maahileetii Tsiggee dhaabbachuun waan barameef galgala sa’aatii sadi irraa jalqabee ni bilbilama. Dhiirri, Shamarran, xiqqaan, guddaan hunduu walitti qabama, Maahileeta Tsiggeen Yeedaloon  jedhamaa, barbaachisaa kan ta’e Tsenaa tsilii fi Kabaroo dhaan maraggadamaa, warabiin jedhamaa, Shabashabamaa hanga ganama sa’aatii 12tti dhaabbiidhaan ni bulama. Tsoomii Tsiggee tsooma fedhii malee tsooma dirqamaa miti.

Godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yaadachuun eebba argachuuf kan Tsoomamu waan ta’eef amantoonni hundi akka tsoomaniif hin dirqisiifaman. Inni tsoomu isa hin tsoomneen maalif hin tsoomtu? jedhee itti murteessuu hin qabu, akkasumas innumti mataan isaa tsoomaan jira jedhee dubbachuu hin qabu ykn dubbachuun irraa hin eegamu. Tsoomni kun tsooma fedhii ta’u isaa kan ibsus kanumadha. Inni hin tsoomnes laphee isaatiin ni galateeffata, godaansa ishee yaadachaa Maahileetii ishee faarfachaa dabarsa.

2. Tsoomii Yoodiit

Tsoomii kana Kiristaanonni biyya keenyaa «Tsooma Qaammee» ykn «Tsooma Phaagumee» jechuun waamu. Akka Tsoomii Tsiggeetti baay’ee beekamuu baatus, ji’a dhumaa waggaatti kan argamu Ji’a Qaammeetti tsoomii tsoomamudha. Tsoomii Yoodiit kan jedhameef isheen ykn Yoodiit waan Tsoomteefidha. Mootiin Faars Naabukadanatsoor raayyaa isaatiin of jajuun, diinota balleessi, daangaa baldhifadhu, isa amanee si fudhatu harkaa kennaa fudhachaa isa hin amanne ykn dide ammoo amansiisii koottu jedhee hoogganaa waraanaa isaa kan Hooloofoorniisiif ajaja kenne. Yodit. 2:2-7. Innis akkuma ajajametti humnaa fi dandeettii isaaniitiin kan amanaman loltoota lafoo kuma 12 fi loltoota  Fardaa yaabbatan kuma 12 dursaa duulee isa tole jedhee amane irraa kennaa fudhachaa, isa dide ammoo amansiisaa biyyoota hedduu balleessaa osoo deemuu magaalaa Ayihuud gahe.

Ijoolleen Israa’eelis Hooloofoorniis biyyoota Ahizaabotaa akka balleessee fi qabeenya isaaniis akka saame dhaga’aanii waa’ee diigamuu Mana Qulqullummaa fi waa’ee Meeshaalee Qulqullaa’oo daaraa of irratti naqanii balbala Mana Qulqullummaa irratti kufanii ni boo’an. Waaqayyos kadhannaa isaanii dhaga’ee weeraraa fi badii kana irraa akka isaan fayyisu ykn oolchu, akka isaan eegu iddoo aarsaa itti aarsamus osoo hin hambisiin daaraa uffisan. Yodit. 4:2-15.

Hooloofoorniis garuu burqaa fi bishaan saba Israa’eel dursee qabachuudhaan akka rakkatanii fi fedhii isaaniitiin harka akka kennatan taasisuuf boolla bishaanichaa to’atee raayyaa waraana isaatiin eegsise. Kana ta’uu isaatiinis ijoolleen Israa’eel  dheebuu bishaaniitiin rakkachuu fi du’uu irra harka isaanii diinaaf kennuuf murteessan. Garuu Ooziyaan Waaqni Abboota isaanii deebii hanga isaaniif kennutti fi arjummaa isaa hanga isaaniif deebisutti rakkicha obsaan akka fudhatan waan isaan gorseef ni cimanii dhaabbatan. Yodit. 7:10-32.

Yoodiit Abbaan Manaa ishee erga du’e booda dhiira irraa fagaattee qulqullummaa ishee eeggattee, Tsoomiidhaan, Qannonaadhaan murtooftee jiraatti, «Yoo dandeenye ni waraanna, yoo dhadhabne ni gabbarra» yeroo jedhan Israa’eloota dhageessee «Uumaa keessaniin maalif morkitu? nu fayyisa hin jettanii?» jettee daaraa uffattee, ofii ishee irratti daaraa naqxee gara Waaqayyootti boosse.

Baduu uumamtoota isaa kan hin barbaanne Waaqayyos beekumsaa fi ogummaa uummata isaa ittiin fayyisu Subaa’ee seentee guyyaa sadaffaatti ni ibseef. Yodit. 8:2. Yoodiitis garmalee bareedduu waan turteef, qaama Waaqayyo kenneefiin diina lammilee ishee tooftaa ittiin isaan balleessitu qopheeffatte. Jalqaba irrattis gara Waaqayyootti kadhatte. Sana boodas «Garam deemta naan hin jedhiinaa! Waaqni Israa’eel si faana haa ta’u naan jedhaa.» jettee uffata gaddaa ishee gattee uffata yeroo abbaan manaa ishee ture uffachaa turte uffatte. Yodit. 10:2-3. Yeroo xumurtus Waaqayyos bareedina irratti bareedina dabaleefii, isheenis daandii irratti galaa wanta ta’uuf Wayinii fi Bixxillee Qamadii daa’ima ishee baachiftee dallaa Iyyerusaaleemii baatee gara raayyaan waraana Faars jiruutti deemte.

Namoonnis ishee arganii «Hardha Israa’eloonni waraanuu yeroo dhadhaban tokko tokkoon harka kennachuuf nutti dhufanii?» jedhanii anaaf taati, anaaf taati jedhanii irratti wal lolan. Jaandarabaan Mootiis kun gooftaa kootiif ni taati jedhe. Maalif akka dhuftes ishee gaafatan, isheenis waan gaariif akka dhufte erga baran booda gara mootii ykn ajajaa waraanaa isaaniitti ishee geessan. Yodit. 10:12-22. Innis «maalif dhufte?»jedhee yeroo ishee gaafatu, isheenis «Israa’eel seenuuf xiqqootu isaan hafe, lafti na jalaa fudhatamee akka naaf deebistuuf durseen dhufe» jetteen. Dunkaana Harrii Adiin hojjatame keessa akka ishee ka’aaniifi nyaataafi dhugaatii akka kennaniif ajaje. Isheen garuu nyaata Ahizaabotaa akka nyaattee hin rakasneef, galaa gahaa akka qabatte ibsitee, yeroo barbaaddetti haala ittiin baatuufi galtu mijeeffatte.

Ahizaabonni guyyaa kanatti dhalannee, aangoo kanaaf geenyee, dukkanaa gara Isaatti baanee, dhiphaa irraa gara baldhaatti kan itti baane jechuudhaan guyyaa itti dhalatan ni kabaju. Guyyaa tokkos ajajaan waraanaa warra Faars sun tajaajiltoota isaaf affeerraa laaqanaa taasisee yeroo nyaachisuu fi obaasu, dubartii Ibraawwii sana waamaa jedhee waamsisee of fuuldura ishee teessisee, garmalee nyaachaa fi dhugaa ooleera. Yodit. 12:1-20. Sana boodas tajaajiltoota hunda baasee Dunkaanicha qollofee akkuma rafeen hirribni cimaan isa qabe, Yoodiitis yeroo kana Sayifii dura isaa jiru kaastee rifeensa mataa isaa qabdee morma isaa kutuun gara biyyaa isheetti deebite. Yodit. 13:1-10.

Uummanni Israa’eelis gochaa ishee kanaan baay’ee dinqaman. Waaqa diina Isaanii harka isaaniitti isaaniif galcheefis galata galchan. Boodas mataa Hooloofoorniis tulluu irratti fannisanii wal waraanuu jalqaban. Namoonnis «Har’a Israa’eeloonni cimoo ta’an, dubartiin Ibraawwii kun ishee gahuu dideetu guyyaas nutti deebi’uufii? deemiitii Mootii keenya kaasi » jedhanii daa’ima yeroo ergan, mukti jala isaa teessoon isaa ammoo gubbaa isaa taa’ee argan. Sana boodas dursaa ykn ajajaa waan hin qabneef Ibraawwiin kun akkamitti nutti taphatte jechuun baqataniiru, isaanis dhumaniiru. Hanga Yordaanoositti isaan duukaa bu’uun isaan balleessaniiru.

Yoodiit diina ishee kan balleessuu kan dandeesse Tsoomii fi Kadhannaan humna Waaqayyo irra argatteeni. Kanaafuu amantoonni diina keenya Seexanaa fi fedhii foonii injifachuuf Tsoomiidhaan Waaqayyo irraa humna argachuu qabna jechuudhaan ji’a Qaammee ni tsoomu. Cubbuu isaanii Abbaa Gaabbii isaaniitti himatanii qannoonaa fudhatanii kan tsoomanis jiru. Karaa biraatiinis ji’a Qaammeetti waa’ee dhufaatii lammaffaa kan ittiin yaadatamu ta’uu isaatiin sana yaadachaa kan Tsooman hedduudha. Qaammeen bara tokkoo gara bara biraatti kan ittiin darbinu akkuma ta’e, dhufaatiinis Addunyaa kana irra gara Addunyaa kan biraatti kan ittiin darbamudha waan ta’eef.

Kutaa itti aanutti waa’ee godaansa haadha keenya Dubroo Maariyaam ilma ishee waliinii baldhinaan ni ilaalla.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ni waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Itti fufa!

The post Jalqabbii Tsoomii Tsiggee fi Tsoomii Yoodiit | Kutaa 2ffaa first appeared on Qubee Online +.

Tsoomii Jechuun Maal jechuudha? Tsoomii Tsiggee Kutaa 1ffaa
Tsoomii Jechuun Maal jechuudha? Tsoomii Tsiggee

Akka Mana Kiristaanaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kan tsoomamu tsoomiin ni jira. Tsoomii Jechuun Maal jechuudha? gosoota fi hiikoo Tsoomii ni ilaalla. Tsoomiin kun godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waliin wal qabata. Hanga dhumaatti dubbisaa.

Hiikoo Tsoomii : Tsoomii jechuun maal jechuudha?

Tsoomii Jechuun Maal jechuudha? hiikoon Tsoomii akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti maalidha?. Akka bu’uura sirna Mana Kiristaanaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti, kitaabni Fitihaa Negest Tsoomii Jechuun Maal jechuudha kan jedhu kana jecha Tsoomii jedhu akkasitti hiika,

– Tsoomiin sa’aatii beekamaatti namni nyaata irraa dhorkii dhorkamudha.

Tokkos Tsoomiin nama nyaata irraa dhorkuudha. Kunis cubbuu isaa irraa haqsiisuuf, gatii isaas baay’isuuf, inni jaallatee Seera kan hojjateef bitamuu jechuudha. Bu’uuruma kanaanis  Tsoomii jechuun nyaata irraa, akkasumas dhugaatii irraa of dhorkuu ykn dhorkamudha.

Tsoomiin Qabsuurota Afuurawaa keessaa isa tokkodha. Fedhii Fooniitiifis dhorkii ykn luugama Afuurawaati. Namni fedhii foonii dhiisaa galaa ittiin lubbuu isaa lalisiifatudha. Tsoomiin dhukkubbii ykn madaa lubbuu kan fayyistu, fedhii foonii kan dhadhabsiistu, jalqabbii hojiiwwan gaggaarii hundaa, kennaa Waaqayyoo irraa kan argamsiistu. Akkasumas Tsoomiin bu’ura kadhannaa, kabajaa, callisummaa kan nama barsiistu, hojiiwwan gaggaarii fi tola ooltummaa ta’aan maraaf kan nama kakaastu, qaama ofii Waaqayyo fuulduratti qaanessuun gadi ofqabiinsa mindaa taasifachuuf kan nama gargaartu qoricha lubbuuti. (Maar. Yisaaq. Keeyyata 4, Boqonnaa 6)

Gosoota Tsoomii (Tsoomii Jechuun Maal jechuudha?)

Egaa armaan olitti mat duree Tsoomii Jechuun Maal jechuudha? jedhu jalatti waa’ee hiikoo Tsoomii Mana Kiristaanaa Ortodoksii ilaalleerra. Amma ammoo Tsoomii Jechuun Maal jechuudha? kan jedhu irraa gara gosoota Tsoomii tti darbina.

Kitaabolee Qulqullaa’oo irraa akka hubannutti Tsoomiin gosa lamatu jiru ykn iddoo lamatti qoodamuu danda’u, isaanis;

1. Tsoomii Labsii fi

2. Tsoomii Dhuunfaati.

1. Tsoomii Labsii

Tsoomni Labsii ifatti uummatatti himamee ykn labsamee tokkummaadhaan kan tsoomamu Tsoomii seeraa fi ajajaati. «Tsiyoonitti Malakatii Afuufaa! Tsoomiis labsaa, gubaa’ees qulqulleessaa!» Iyuel 1:12-14. Kakuu Moofaa keessattis ta’e Kakuu Haaraa keessatti Waqtiin isaanii, Ji’i isaanii, guyyaan isaanii akkasumas waggaa waggaadhaan guyyoonni irra oolan kan beekaman fi kan kabajaman Tsoomiiwwan Labsii ykn seeraa ni jiru turan, ammas ni jiru. Kakuu Moofaa keessatti «Waaqayyo gooftaan akkas jedha, Kan ji’a Arfaffaa, kan ji’a Shanaffaas, kan torbaffaas, Tsoomiin ji’a Kurnaffaas Mana Yihudaatiif Ayyaanota gammachuu ni ta’a.» Zak. 8:18-19

Kakuu Haaraa keessattis Fariisonni guyyoota torbanii keessaa guyyoota Tsoomaa akka turan (jechuunis Wiixataa fi Kamisa) «Ani torban keessatti guyyaa lama nan Tsooma» Luq. 18:12 kan jedhu ragaa ni arganna. Kitaaba Hojii Duuka Bu’ootaa irrattis Qulqulluun Luqaas, waa’ee deemsa Duuka Bu’icha Qulqulluu Phaawuloos yeroo barreessu «Yeroon hedduu erga darbe boodas Ji’oota Tsoomaa amma darbee waan tureef» jechuun jechi inni barreesse bara Duuka Bu’ootaatti yeroon ykn waqtiin Tsoomii daanga’aan akka ture nuuf ibsa. HDB.  27:9, 13:1-3.

Bu’uura Sirna Mana Kiristaanaa Duuka Bu’eettiitii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin hunduu akka isaan Tsoomuuf, jalqabaa fi dhumni isaanii herreegamee, yeroo fi waqtiin murtaa’eefii kan jiran Tsoomiiwwan labsii torbatu jiru, isaanis;

1. Tsooma Guddaa

2. Tsooma Duuka Bu’ootaa

3. Tsooma Fayyinaa

4. Tsooma Filsataa

5. Tsooma Raajotaa

6. Tsooma Nannawee fi

7. Tsooma Gaadii dha.

Akka isaan kanaatti waqtiiwwan murteeffamaniifii kan labsaman jiraataniyyuu, garuu jireenya bara baraa dhaaluuf kan nu gargaaran daandiiwwan qajeeloon, Balballi Jannataa walumaa galatti jireenya Kiristaanotaa waan ta’eef, Tsoomiiwwan Labsii tarreeffaman kanaan alatti waggaadhaa hanga waggaatti kan Tsooman Gadaamiitti, Gammoojjiitti kan argaman Abbootiin keenya Monoksoonnifi Baahitaawwiiwwan ni jiru. «Waa’ee qajeelummaaf kan beela’aan, kan dheebotanis eebbifamoodha! isaan ni quufu waan ta’eef.» Maat. 5:6, Isa. 41:17, 55:1

Abbootiin «Yoo dandeessan kana irra caalchisaatii Tsoomaa, warreen dhabaniifis kennaa!» jechuun akkuma ajajan, Tsoomiin baay’isuun hojii badaa irraa fagaachuuf, fedhii foonii dhadhabsiisuuf, lubbuu hojii afuurawaaf leenjisuufis ni fayyada. Abbaa Maqaars tsoomii baay’isuu isaa irraan kan ka’e Ergamaa fakkaata jechuun Abbootiin Mana Kiristaanaa ni ibsu.

Kunis gara gosa Tsoomii isa lammaffaatti ykn Tsooma dhuunfaatti nu geessa.

2. Tsoomii Dhuunfaa

Tsoomni dhuunfaa Waaqayyo humnaa fi jabina isaa kan isaaniif kenne amantoonni dhuunfaa isaaniitti ykn dhoksaatti kan Tsoomanidha. Namni tokko Waaqayyo Gooftaa irraa wanti inni barbaadu gaafa jiraatu, ofii isaa of bituuf akka danda’uuf, akkasumas gaabbii galee yeroo Abbaan gaabbii isaa isa ajaju dhuunfaa isaatti ni tsooma. Kunis sirna durii kaasee turedha. Fakkeenyaaf; hangafni Raajotaa Museen:- Ba’uu. 24:18, Raajichi Daani’eel :- Dan. 9:3, Nahiimiyaan :- Nah. 9:1-4 Kakuu Haaraa keessattis Qulqulluu Phaawuloos fi Qulqulluu Pheexiroos caqasuun ni danda’aama HDB. 10:10, 2 Qor. 6:5. Tsoomni dhuunfaan tsooma labsii waliin tokko miti. Tsoomni dhuunfaa Tsooma Gaabbii fi Tsooma fedhii jedhamee iddoo lamatti qoodama.

Tsoomiin Gaabbii Amantoonni Abbootii Gaabbii isaanii waliin mari’atanii, gaabbii galanii bu’uura keewwata Gaabbiitiin Qannoonaan yeroo kennamuuf Tsoomii tsoomanidha. Qannoonaa sanas kan raawwatan eenyuyyuu osoo isaan hin argiin dhoksaadhaan ta’a. Namoonni tokko tokko garuu Abbaa Gaabbii isaatiin namni ajajame ajaja seerawaa fudhatee waan Tsoomuuf ofii isaa dhoksuun isa hin barbaachisu jedhanis, namichi Tsoomu sun Tsoomuu isaa tarii maatiiwwan isatti dhiyootiin ala namni biraa irratti hin beeku, beeksisuus hin qabu, dhoksuudhaan xumurata malee.

Qannoonaa Abbaa gaabbii isaatiin isaaf kenname hanga xumurutti, uumaan isaa cubbuu isaa duraa akka isaaf dhiisuuf, dhiifama akka argatuuf imimmaaniin ni kadhata. Dhiifama ni gaafata. Faaruu 6:1-10. Tsoomni dhuunfaa sababoota garaa garaatiin (fakkeenyaaf Da’umsaan, Dhukkubaan fi k.k.f) Tsoomii labsii Tsoomuu kan hin dandeenyeef bakka Tsoomiiwwan Labsii Abbootii gaabbiitiin ajaja kennamu ta’uu danda’a. Kanaafis Tsoomiin Gaabbii Tsoomii dandamannaa (የብይን ጾም) ni jedhama.

Tsoomiin Fedhii karaa biraatiin Tsoomii Qabsuuraa (የትሩፋት ጾም) jedhamuun ni beekama. Dhuunfaatti (Cufaatti) ykn Waldaadhaan Tsoomamuu ni danda’a. Waaqayyotti, ofkennuun kan tajaajilan amantoonni dhuunfaadhaan ykn Waldaadhaan, Abbootiin Gadaamii jiraatan tokkummaadhaan waa’ee fakkeenyotaa fi sababoota isaan hordofaniifis tsoomni fedhii ni tsoomama.

Namoonni jireenya dhuunfaa isaanii fi maatii isaanii irratti rakkoon isaan mudate yoo jiraate akka isaanii furamuuf, ykn akka isaaniif hafuuf, biyya isaan keessa jiraataniifi Mana Kiristaanaa naannoo isaanii irra rakkoon jiru akka isaanirraa fagaatuuf,

Qulqulluun Daawwit «Lubbuu koo Tsoomiidhaan ….» akkuma jedhe ofii isaan bituuf akka isaan dandeessisuuf, lubbuu isaanii foon isaanii irratti leenjisuuf,

Xiqqeessanii yeroo kadhatan baay’isee kan kennu Waaqayyo iccitii akka isaaniif ibsuuf. Dan. 10:14.

Taateewwan Seenaa yaadachaa, Qabsuura Qulqullootaa yaadachaa Eebba isaanii argachuuf, eebba isaanii hirmaachuuf, cubbuu irraa qulqullaa’uuf fi k.k.f dha.

Tsoomii Fedhiitiif Qophii Dursaa

Dhoksaadhaan ykn of dhoksee Tsoomuuf namni yaade tokko qophiin dursaa inni taasisuu qabu jira. Qophii gahaa osoo hin taasisiin Tsoomii yoo jalqabe garuu osoo hin xumuriin giddutti adda kutee dhiisuu danda’a ykn wanta barbaade sana osoo hin argatiin ni hafa. Qophiin dursaa kunis karaa fi bifa hedduudhaani, isaan kanneen keessaas;

Abbaa Gaabbii waliin mari’achuun ni barbaachisa. Fedhii Waaqayyootiin kan durfamu, namni ajajaa fi gorsa Lubaatiin jiraatuufi socho’u qorumsi yoo isa mudate, gidiraan yoo irra gahe akkamitti akka darbuu danda’u waan beekuuf hin jeeqamu, ni obsa malee. Kanaafuu dhuunfaa isaatti Tsoomii qabachuuf kan yaadu jalqaba Abbaa Gaabbii isaa waliin yoo dubbate ykn yoo mari’ate baay’ee bayeessadha. Abbaan isaa ykn Abbaan Gaabbii isaas yeroo Tsoomii isaatti akka isa yaadatanii fi akka isaaf kadhatan yoo taasisee qorumsicha dandamatee Tsoomicha xumuruu danda’a.

Namni Tsoomu sun Abbaa Gaabbii isaatiif akkasumas, miseensota maatii isaa dirqama beekuu qabaniif yoo ta’een ala namoota arge hundaan Subaa’ee galuufani ykn Subaa’ee jalqabuufani waan ta’eef na hin dagatiinaa jedhee himuu fi Tsoomicha labsuu hin qabu. Wuddaasee Kantuu ykn Galatoo Kantuu itti fiduu danda’a waan ta’eef, nama hundatti yeroo himu kan isa dhaga’u diinni keenya Daabiloosis gufuu itti baay’isa, qormaata itti cimsa.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa’ee kanaa yeroo dubbatu «….. yeroo Tsoomtu abbaa kee isa dhoksaan jiruufi malee, …….namootaaf akka hin muldhannetti mataa kee dibadhu, fuula kee dhiqadhu dhoksaadhaan kan ilaalu abbaan kee gatii kee ifatti siif kaffala» jedheera. Maat. 6:18. Kanaafuu namni dhuunfaa isaatti Tsoomu eenyuttiyyuu osoo hin himiin ykn eenyuttiyyuu osoo hin labsiin Tsoomuun isarraa eegama. Akaayii muraasa qofa ykn Bassoo xiqqoo qofa nyaachaa Tsoomuu isaa, baay’isee sagaduu fi kadhachuu isaa dubbachuun isarraa hin eegamu. Yoo dubbate garuu dhadhabbiin isaa hundi kantuu ta’ee arga. Lafa irratti galatoon kantuu namoota irraa argate, kennaa Waaqayyo irraa argate jalaa hambisa.

Fedhii isaatiin Subaa’ee qabachuu /Tsoomuu fi Kadhachuu/ namni barbaadu humna ykn dandeettii isaa kan beeku ta’uu qaba. Yeroo Tsoomichaa murteessuu kan qabu, cimina isaa ykn cimina inni qabu, bartee isaa fi dandeettii isaa xiinxalee ta’uu qaba. Kiristaanni jalqabaan ykn yeroo jalqabaaf Kiristaanni tsoomiitti seenu «Holqa keessa seenee, guyyaatti akaayii altokko qofa nyaachee, Faaruu Daawwit dubbisee, al dhibba tokkoofi shantama sagadeen Tsooma» yoo jedhe  humna isaatii ol ta’ee, humna dhabee, obsa dhabee adda kutuu danda’a. Kanaafuu akka humna isaatti Tsoomuu fi kadhachuu qaba ykn akka humna isaatti Tsoomuu fi kadhachuun isarraa eegama.

Namni Tsoomu sun kaayyoo beekamaa qabaachuuf guyyoota Tsoomii dabarsutti Waaqayyo gooftaan isaa akka isaaf taasisuuf gaaffii gaafatu of eeggannoon beekuu fi qopheeffachuu qaba.

Monoksoonni fi Baahitaawwiiwwan hedduun akkasumas amantoonni muraasni fedhiidhaan kan Tsooman yeroowwan Tsoomii beekamoon jiru. Isaanis;

1. Tsoomii Tsiggee fi

2. Tsoomii Yoodiitidha.

Kutaa itti aanutti Tsoomiiwwan kanneen lamaan baldhinaan ni ilaalla!

Channel WhatsApp keenya join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Itti fufa!

The post Tsoomii Jechuun Maal jechuudha? Tsoomii Tsiggee Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.