Tsoomii Filsataa | Qubee Online +

Dubroo Maariyaam : Ol Ba’iinsa fi Kakuu Araaraa
Ol Ba’iinsa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Dubroo Maariyaam haati keenya Qulqulleettiin Amajjii 21 boqottee garuu Hagayya awwaalamte. Mata duree kana keessatti akka fedha Waaqayyootti waa’ee Tsoomii Filsataa, Du’aa Ka’umsa fi Ol ba’iinsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ni ilaalla. Isinis hanga dhumaatti dubbisaa, hiriyoota keessaniifis qoodaa!

«Duuti Amajjiitti Awwaalli Hagayyatti!»

Ol Ba’iinsa Dubroo Maariyaam

Waa’ee Tsoomii Filsataa Dubroo Maariyaam

Filsataa jechuun jecha Gi’izii «ፈለሰ» jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u iddoo tokkoo gara iddoo biraatti jijjiiruu, biyya keessa turan dhiisanii gara biyya biraatti godaanuu, deemuu jechuudha.

Tsoomii Filsataa yeroo jedhamus foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Geeteesemaanii irraa gara Jannataatti deemuu isaa boodas Jannata keessatti muka jireenyaa «ዕፀ ሕይወት» jala kan ture irraa ka’uu isaa agarsiisuuf kan dubbatamudha.

Seenaa fi Boqonnaa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam waggaa 64 Addunyaa kana irra jiraattee du’aan erga adda baate booda akka ilma ishee tokkicha gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos du’aa kaa’uun ishee fi ol Ba’uu ishee akka arganiif Duuka Bu’oonni Hagayya 1 irraa kaasee hanga 16 tti Tsoomii isaan tsoomanidha. Tsoomiin Filsataa Tsoomiiwwan gurguddoo Mana Kiristaanaa torban keessaa isa tokko ta’ee Qannoonaadhaan akka tsoomamu erga murteeffamee kaasee Kiristaanonni ni tsoomu.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam bara Addunyaa 5485 abbaa ishee Iyyaaqeem fi haadha ishee Haannaa irraa «Libaanoos irraa Misirroon ni baati!» jedhamee bu’uura raajii dubbatameefiin Hagayya 7 garaatti baatamte. Caamsaa 1 ammoo iddoo Libaanoos jedhamtutti akka dhalatte Seenaan Mana Kiristaanaa bal’inaan ni hubachiisa. Dubroon Maariyaam tsoomii fi kadhannaadhaan kan argamtedha, Qulqulleettii waan taateefis Bultoo Waaqayyoo taateerti.

Dubroon Maariyaam mana abbaa fi haadha isheetti waggaa sadi, Mana Qulqullummaatti waggaa kudha lama, fayyisaa Addunyaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos garaa isheetti baattee Ji’a sagal, ilma ishee gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waliin waggaa 33 fi Ji’a sadi, Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii bira waggaa 14 fi Ji’a sagal walumaa galatti waggaa 64 yeroo guuttu Amajjii 21 bara 49 dhaloota Kiristoos booda ykn Bara Araaraa Addunyaa kana irraa du’aan boqotte.

Raajiiwwan fi Fakkeenyota Maariyaam Kakuu Moofaa muraasa

Raajonni dursanii waa’ee boqonnaa fi ka’umsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam iccitiidhaan dubbataniiru. Raajichi Daawwit Faaruu isaatiin «Maaloo gara boqonnaa keetti ka’i! Ati fi Taabonni Mana Qulqullummaa kee!» jedheera. Faaruu 132:8. Yaa gooftaa koo gara amantootaaf boqonnaa itti kennitu gara Mootummaa Samiitti Taabota Mana Qulqullummaa kee Dubroo Maariyaam qabadhuu ka’i yeroo jedhudha. Kunis haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam akka ka’umsa ilma isheetti ka’uu ishee kan agarsiisudha. Taabota sababni inni jedheefis Bultoo isaa waan taateefi.

Mootichi Solomoonis «Yaa kaadhima koo ka’i! yaa miidhagina koo koottu kunoi Ganni darbe, Bokkaanis darbee deeme Abaaboowwan lafa irratti mul’atan. Yeroon yeedaloos ga’e …. jechi lafa irratti dhaga’ame. Balasiin ija godhachuu jalqabe, Wayiniin Abaaboo godhachuu jalqaban, foolii gaarii isaaniis kennan . Yaa kaadhima koo ka’i, yaa miidhagina koo koottu!» jechuun waa’ee Dubroo Maariyaam fakkeenyaan dubbateera. Weedduu Weedduu Caalu. 2:10-13.

Kaadhima isaa, miidhagina isaatiin ka’i! koottu jechaa waamaa kan ture Iyyesuus Kiristoos dha. Kan waamamtes Dubroo Maariyaam dha. Kunoo ganni darbe jechuun godaansaan, jibbiinsa Ayihuudotaa guyyaa guyyaanii irraa ilaalaa gidiraa mucaa ishee fi fannifamuu isaa Simi’oon Mana Qulqullummaatti akka dubbate lapheen ishee sayifii gaddaatiin kan itti waraaname ganni gidiraa ykn waqtiin gidiraa darbee dhukkubbiin Kiristoos, duuti isaa, Addunyaa kanaaf of kennuun isaa raawwatameera.

Ka’umsi isaa lafa irratti ibsameera, lallabameera jechuudha. Lafa irratti Abaaboon mul’ateera jechuun sagaleen Duuka Bu’ootaa lafa irratti iddoo hunda gaheera jechuudha. Raajichi Daawwit «Sagaleen isaanii lafa hundaatti, jechi isaaniis hanga qarqara Addunyaatti ba’e!» jedhee waa’ee Duuka Bu’ootaa kan dubbate waa’ee gidiraa fi godaansa Addunyaa irra jiruu yeroo ibsudha. Faaruu. 18:4.

Yeroon yeedaloos gahe kan jedhe yeroo gidiraati. Sululli garaa garaa midhaaniin uffifaman, gammachuu dhaan ni iyyu, ni faarfatus jedhameera. Faaruu. 65:13. Yeroon makaraa gahe kan jedhame makarri yeroo firii ta’uu isaatiin Kiristaanummaan firii godhateera jechuudha. Balasiin ija godhachuu jalqabe jechuun ammoo firii hojii gaarii osoo hin buufatiin namoonni turan hojii gaarii hojjechuu jalqabuu isaanii kan agarsiisudha. Dhuma irrattis Wayiniin Abaaboo godhataniiru, foolii gaarii isaanii kennaniiru akka jedhame guutummaa Addunyaatti Manneen Kiristaanaa Amantaa dhaan durii godhachuun, foolii gaarii hojii isaanii dhiyeessuu erga jalqaban booda haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ni boqotte.

Boqonnaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan ture Amajjii 21 tti Duuka Bu’oonni foon ishee boqochiisuuf gara iddoo awwaalaa Geeteesemaanii qabatanii yeroo deeman Ayihuudonni inaaffaan ka’aanii «Dur ilmi ishee guyyaa sadaffaatti du’aa ka’e, guyyaa Afurtammaffaatti ol ba’e. Irra deebiinis deebi’ee Addunyaa kana dabarsuuf ni dhufa. Jedhanii barsiisuun uummata fudhataniiru. Amma ammoo yoo callisnee dhiisne isheenis akka ilma ishee du’aa kaate, ol baate jedhanii barsiisuun nu jeequufi mitii? koottaa walitti qabamnee abiddaan ishee haa gubnu jedhanii waliin mari’atanii ba’aanii isaan keessaa Taawufaaniyaa namichi Ayihuudii filatamee deemee siree foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam baate ni qabe. Siree kana yeroo qabates ergamaan Waaqayyoo sayifii abiddaatiin harka isaa lamaan ni mure. Taawufaaniyaanis hojii isaatti gaabbee gara Dubroo Maariyaam waan kadhateef raajiidhaan harki isaa lamaan muramanii turan gara iddoo isaanii duriitti deebi’an.

Ergamaan Waaqayyoo foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Qulqulluu Yohaannis waliin gara iddoo gammachuun jiru gara Jannataatti Afuura Qulqulluun geesse. Gooftaanis foon Dubroo Maariyaam akka baastuuf lafa akka waamaniif Hangafoota Ergamootaa torban ni ajaje. Isaanis akka baatuuf Waaqayyo si ajajeera jedhaniin. Yeroo sanattis muka jireenyaa jalatti kan argamu iddoo awwaalaa irraa foon Dubroo Maariyaam ni ba’e. Gooftaan keenyas bara baraan kan ta’e gara Mootummaa Waaqayyootti Ergamoonni fi Wareegamtoonni akka isheef sagadaniif ol baase. Mootichi Daawwit «Uffata Warqii uffattee Mootittiin mirga kee ni dhaabbatti.» Faaruu. 44:9

Raajiiwwan fi Fakkeenyota

Wangeelaawwii Yohaannisis ishee irraa eebba fudhatee deebi’ee samii irraa bu’e. Duuka Bu’oonnis walitti qabamanii waa’ee foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo gaddan isaan arge. Innis akka arge, akka dhaga’e foon ishee kabaja guddaadhaan ol ba’uu isaa itti hime. Duuka Bu’oonnis waggaa guutuu turan. Jiinni Hagayyaa yeroo seenettis Qulqulluun Yohaannis akkas jedheen; Foon Dubroo Maariyaam ilaaluuf koottaa! subaa’ee lama tsoomuun haa kadhannu jedhe. Tsoomii fi kadhannaadhaan subaa’ee qabatan, Gooftaanis foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fidee waan isaaniif kenneef faarfannaa dhaan, Galatoo dhaan geessanii iddoo awwaalaa dursee qophaa’e Geeteesemaanii tti ishee awwaalan.

Sirni awwaala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo raawwatamu Duuka Bu’ootaa kudha lamaan keessaa tokko kan ta’e Duuka Bu’aan Qulqulluun Toomaas hin jiru ture waan ta’eef, biyya lallabaa isaa irraa duumessaan fe’amee gara Iyyerusaaleemitti yeroo dhufu haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo itti awwaalamte irraa guyyaa sadaffaatti akka ilma isheetti yeroo ol baatu ishee arge. Innis yeroo kana ka’umsa ishee Duuka Bu’oonni kanneen biroo arganii inni kan hin argine itti fakkaatee gadduudhaan «Jalqaba ka’umsa ilma kee amma ammoo ka’umsa kee osoon hin argiin hafe!» jedhee baay’ee gadde. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis isaan ala Duuka Bu’oonni kanneen biroo ka’umsa ishee akka hin argine itti himtee isa jajjabeessitee deemees Duuka Bu’ootatti wanta ta’e hunda akka itti himu isa ajajjee mallattoo akka isaaf ta’uuf uffata ishee irraa kuttee itti kennuun ol baate.

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Toomaas Iyyerusaaleem yeroo gahetti foon Dubroo Maariyaam ni awwaalle jedhanii itti himan innis «Duuti Amajjiitti Awwaalli Hagayyatti! akkamitti ta’a?» isaaniin jedhe. «Ati ka’umsa gooftaa shakkitee turte, ammas hin amantuu?» jedhanii dursummaa Qulqulluu Pheexiroosiin gara iddoo awwaala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti isa qabatanii deemanii awwaalli sun yeroo banamu foon ishee dhaban. Yeroo kanas ni rifatan. Innis «Na hin amantan jedheeni malee Dubroon Maariyaam kaatee ol baateerti!» jedhee wanta ta’e hunda itti hime. Ragaadhaafis uffata isheen kuttee itti kennite isaanitti agarsiise. Isaanis uffata kana eebbaaf adda kutanii hiratanii gara biyya lallabaa isaaniitti deeman.

Duuka Bu’oonnis ka’umsa kee Qulqulluun Toomaas argee nuti maalif nutti hafa jedhanii Hagayya 1 irraa kaasanii subaa’ee seenan. Dhuma subaa’ee kanaa irratti Hagayya kudha jahatti gooftaan keenya kadhannaa isaanii fudhatee teessoo ykn manbarii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin :- Qulqulluu Pheexiroos Luba, Qulqulluu Isxifaanoos Diyaaqonii Hangafa taasisee erga hunda isaanii qorrobsiise booda ol Ba’iinsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam isaanitti agarsiiseera.

Manni Kiristaanaa keenyas sirna ishee hundeessitee tsoomiiwwan gurguddoo torban keessaa tokko taasistee akka tsoomamu ni labsiti. Iccitii ajaa’ibaa Duuka Bu’oonni ilaalan kanas ka’umsaa fi ol ba’iinsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam arguuf fi eebba abbootii Duuka Bu’ootaa argachuuf ni tsoomama, subaa’een ni seenama.

Channel keenya Telegram Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbi fi Araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Dubroo Maariyaam : Ol Ba’iinsa fi Kakuu Araaraa first appeared on Qubee Online +.

Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Sooma Filsataa
Sooma Filsataa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Mata duree kana keessatti ammoo waa’ee Sooma Filsataa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

«Filsataa» jechuun maal jechuudha?

Jechi «Filsataa» jedhu kan argame «ፈለሰ» kan jedhu jecha Gi’iizii irraa yoo ta’u. Hiikni isaa ifaanis «Adda ba’uu, foo’amuu, gara oliitti ba’uu, ol ba’uu!» kan jedhu of keessatti qabata. Bu’uura kanaanis Tsoomni Filsataa Foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam awwaala irraa adda ba’uu fi ol ba’uu agarsiisa.

Sooma Filsataa kunis Tsoomiiwwan akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti. Beekamoo ta’an torban keessaa isa tokko yoo ta’u, kan Tsoomamus Baatii ykn Ji’a Hagayyaa keessaadha.

Sooma Filsataa maalif Tsoomna?

Tsoomiin Filsataa Hagayya 1 irraa kaasee hanga Hagayya 15 tti kan Tsoomamu yoo ta’u. Akka barsiisa Mana Kiristaanaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam kan boqotte Amajjii 21 dha.

Duuka Bu’oonni Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosis foon ishee awwaaluuf gara Geetesemaaniitti.  Qabatanii yeroo deeman Ayihuudonni «Ilmi ishee du’aa ka’eera, amma ammoo isheen hojii raajii agarsiisuufi mitii?» jedhanii Duuka Bu’oota gar gar bittinsan. Yeroo kanattis Ergamoonni Waaqayyoo foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Ayihuudota harkaa fuudhanii Jannata keessa ka’aan.

Ji’a saddeettaffaa isaattis Baatii Hagayyaa Duuka Bu’oonni Hagayya 1 kaasee hanga Hagayya 14 tti.  Subaa’ee qabatanii foon ishee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irraa fudhatanii kadhannaadhaan ishee awwaalan. Sirna awwaalcha kana irrattis Duuka Bu’oota kudha lamaan keessaa tokko kan ta’e. Qulqulluun Toomaas tajaajilaaf ba’ee waan tureef isaan waliin wal hin argine ture.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis erga awwwaalamte booda guyyaa sadaffaa isaatti armaan olitti akkuma caqasame Raajootaan raajiin akkuma dubbatameef akka ilma ishee jaallatamaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoositti kaatee yeroo ol baatu Toomaas biyya lallabaa isaatii Duumessaan fe’amee gara Iyyerusaaleemitti yeroo dhufu ishee arge.

Yeroo sanattis ka’umsa ishee Duuka Bu’oonni warreen kaan arganii inni kan itti hafe itti fakkaatee Eebbi natti hafe ykn du’aa ka’umsa Dubroo Maariyaam hin argine jedhee ni gadde. Dursee du’aa ka’umsa ilma kee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos osoo hin argiinin hafe, amma ammoo du’aa ka’umsa ykn ol ba’iinsa kee osoo hin argiin ooluufii jedhee ni gadde.

Yeroo sanattis Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Toomaas ni jajjabeessite, isaan alas ka’umsa ishee ykn ol ba’uu ishee kan arge akka hin jirre itti himtee uffata ittiin awwaalamtee turte irraa murtee itti kennitee ol baate.

«Duuti Amajjiitti, Awwaalli Hagayyatti!» Dubroo Maariyaam

Qulqulluun Toomaasis uffata Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam isaaf kennitee turte sana dhoksee qabatee iddoo Duuka Bu’oonni jiran gahe. Duuka Bu’oonnis Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Subaa’ee gallee Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Foon ishee Itsa Hiwootiidhaa ykn «ዕፀ ሕይወት» dhaa fidee nuuf kennee kabajaan ishee awwaalle jedhaniin.

Toomaasis deebisee «Duuti Amajjiitti, Awwaalli Hagayyatti!» jedheen, Duuka Bu’oonnis isaaf deebisan «Toomaas hin shakkiin! kanaan dura Gooftaan keenya yeroo ibsametti du’aa ka’umsa isaa hamman tuqutti hin amanu jettee waan sirra gahe beekta, ammas Awwaalamuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hin amannee?» jedhaniin.

Qulqulluun Toomaas garuu Duuka Bu’oota qabatee gara iddoo awwaala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti isaan geesse. Awwaala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo bananis ni nahan. Yeroo kanattis Qulqulluun Toomaas na hin amantan jedheeni malee Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ol baateerti jedheen, yeroo isheen ol baatus ani biyya lallabaa kootii Duumessaan yeroon dhufu wal argine, mallattoodhaafis kunoo uffata ittiin awwaaltan kunoo jedheen. Duuka Bu’oonnis eebbaaf uffata ishee sana adda hiratanii gara biyya lallabaa isaaniitti deeman.

Waggaa isaattis Duuka Bu’oonni walitti qabamanii du’aa ka’umsa kee Toomaas argee nutis eebbi nutti hin hafiin jedhanii Hagayya 1 irraa kaasanii Subaa’ee galan. Hagayya 14 ttis foon ishee gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos isaaniif kennee erga ishee awwaalan booda guyyaa sadaffaatti kaatee Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Ergamoota isaa waliin fi Qulqulloota isaa waliin ta’ee Duuka Bu’oota qorrobsiiseera.

Yeroo sana irraa jalqabee barsiisa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosii fi Duuka Bu’ootaa irratti kan hundoofte Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo hojii Duuka Bu’ootaa fakkeenya godhachuu dhaan akka Duuka Bu’ootaatti eebba Duuka Bu’ootaaf mul’ate fi gargaarsi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka nurra buluuf ni tsoomna. Akka Mana Kiristaanaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaattis Tsoomiiwwan gurguddoo keessatti waan argamuuf amantoonni hundi ni Tsoomu.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Tsoomni kun tsooma eebbaa nuuf haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Sooma Filsataa first appeared on Qubee Online +.