Taabota Kakuu | Qubee Online +

Tsiyoon Maariyaam Taabota Tsiyoon fi Kabaja Ayyaana Tsiyoon
Tsiyoon Maariyaam

Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti waggaa waggaadhaan Sadaasa gaafa guyyaa 21 ayyaanni guddaan kabajamu jira kunis Tsiyoon Maariyaam jedhamuun kan waamamudha.

Guyyaan kun Tsiyoon Maariyaam jedhama

Kitaaba qulqulluu keessatti jechi «Tsiyoon» jedhu hiikkoo mataa isaa

danda’e qaba. Jechi «Tsiyoon» jedhu hikkoon isaa «Da’oo», «Hirkata» jechuudha.

1. Maagalaan Iyyerusaalem Tsiyoon ni jedhama. (2 Saamu’eel. 5:7)

2. Namoonni lyyerusaalem keessa jiraatan Tsiyoon ni jedhamu

(Faar. 101:13)

Fakkeenyaaf, «ltoophiyaan harka ishee Waaqayyootti ol kaasti» yeroo jedhu saba Itoophiyaa akka ta’e ibsa.

3. Mootuummaan Waaqayyoo isheen samii keessaa Tsiyoon

jedhamti. (Ibr. 12:22).

4. Haati keenya Qulqulleettiin Durboon Maariyaam Tsiyoon Maariyaam ni jedhamti. (Isaay. 60:14, Faar. 87:5, Room. 11:26, 1 Pheex. 2:5).

Jechootni armaan oliti barreeffaman kun akka hima isaaniitti waa’ee Tsiyoon kan ibsanidha.

Sadaasni 21 Tsiyoon kan jedhameef;

1ffaa irratti akkuma ibsame, magaalaan Tsiyoon iddoo taabotni Waaqayyo Museetti kenne ka’aamee jiru waan ta’eef maqaa magaalaa sanaan moggaafamee Taabota Tsiyoon jedhame. Sadaasni 21 kan kabajamuuf, sababa lubichi Eelii fi ijoolleen isaa kabaja Waaqayyoo hanqisaniif Taabonni Tsiyoon kun warra

Filisxeemiin booji’amee, ji’a sadii turee ajaa’iba guddaa hojjetee guyya inni itti kabajaan gale waan ta’eefidha. 1Saam. 2:12 hanga boqonnaa 6 tti dubbisaa!

Tokkos, Guyyaa itti taabotni Tsiyoon gara keenya dhufeedha. Bara Mooticha Minilik isa jalqabaa eeyyamaa fi fedha Waaqayyoo ta’ee guyya itti taabotni Tsiyoon kun biyya Itoophiyaa seenedha. Seenaa dhaloota Minilik akka armaan gadiitti ilaalla:

Abbaan isaa mooticha Solomoon ilma Daawit yoo ta’u, harmeen isa

immoo mootittii Saabaa jedhamti. Maqaan ishee kan biroon mootittii

Azeeb, akkasumas Maakiddaas ni jedhamti. Bara isheen mootii taate

Yemenii fi Itoophiyaa walitti qabdee bulchaa turte DH.K.D bara 1013-982 tti ture. Waggaa 31 bulchite. Mootittiin Saabaan Markaba 73 fi Gaala

520 qabdi turte. Itti gaafatamaa amanamaa Taamiriin kan jedhamu qabdi turte. Namni kun biyya lyyerusaalemii fi Hindiitti deddeebi’ee ni daldala ture.

Yeroo Solomoon mana mootummaa isaaf mana qulqullummaa ijaare warqee dimaa ijaarsa manichaaf oolu kan biroo geessee itti daldalaa ture.

Mootittii Saabaan seenaa ogummaa Solomoon Taamiriin iraa

dhageessee warqee makilitii 120 fudhattee namoota hedduus wal faana buustee waan Solomoon hojjete ilaaluudhaaf Iyyerusaalemiin deemte. (1 Moot. 10:1-12; 2 Seen 9:1-12, Maat. 12:42)

Mootittiin Saabaan kennaa addaa addaa fuutee dhaqxee mooticha kanaaf laatte. Wanti Solomoon hojjechaa jirus isa dhageesseen ol ta’uu isaaf Waaqa Israa’eeliin galateeffattee «Jecha ogummaa ati dubbattu namootni dhaggeeffatan akkam kan ayyaanomaniidha!» jette.

Mootichi Solomoonis guddaa ishee dinqisiifatee biyya Iyyerusaaleem keessaa Deer Sultaan iddoo jedhamu qabeenya laateef. Diir Sultaan jechuun iddoo moototaaf kenname jechuudha. Iddoon kun har’a kennaa biyya Itoophiyaa ta’ee Gadaamii fi Bataskaanonni irratti tajaajila kennaa jiru.

Biyyi Itoophiyaa giddu-galeessa biyya addunyaa keessaa karaa bahaa kan argamtu biyya Israa’eelii wajjin hariiroo wal quunnamtii daldalaa fi amantii akka isheen qabdu kitaaba qulqulluu keessatti barreeffamee ni jira. Akkasumas waadaa walii galtee lolaa akka waliin qaban barreeffamee jira. 2 Seenaa Baraa 21:16; 2 SB 14:9-15; R.Naahom 3:8-11, Erm. 46:1-10, Iyo. 28:19, Raj.Amots 9:6, Sof 2:12, Faar. 67(68):31, Faar. 86(87): 4.

Gooftaan keenya Wangeela Qulqulluu keessatti waa’ee amantii qabaachuu ilaalchisee dhugaa ba’eeraaf. Mootittiin Saabaan waa’ee ogummaa Solomoon dhageessee hubachuudhaaf DH.K.D waggaa kuma tokko (1000) keessa gara biyya Iyyerusaaleem deemtee daawwachuun ishee, achumaan mooticha Solomoon harkaa kennaa qabiyyee lafaa fudhachuun ishee galmeeffamee jira. 2 Moot. 10:1-13, 2 Seen. 9:1-12, Maat 12:42.

Iddoon kun Diir Sultaan jedhamee beekama. Hiikkoon isaa iddoo

gadaamii mootii jechuudha. Iddoon kun lafa Abraam itti mucaa isaa

aarsaa dhiyeesse, Qaraaniyoo iddoo gooftaan itti fannifame, Golgootaa iddoo Gooftaan itti awwaalame, Beeteliheem iddoo Gooftaan itti dhalate, Yoordaanoos iddoo Gooftaan itti cuuphame, Beetaaniyaa iddoo itti Gooftaan ol bahe hundumaa qabatee kan argamuudha. Yeroo sanaa jalqabee mootittii fi sabni biyya Itoophiyaa ayyaana Faasikaa fi kan biroodhaaf gara Iyyerusaalem gaafa deeman iddoo kana boqotu turan.

Kanaafis ragaan kitaaba qulqulluu ni mirkaneessa. HDB. 8:26 Mootonni biyya Itoophiyaa iddoo kana jabeessanii lafa bitanii itti dabaluudhaan gadaamii fi lafa mana qulqullummaa hedduu irratti

ijaaraniiru.

Fakkeenyaaf;

1. Beetaaniyaa mandara Alaazaaritti lafa kaaree 120,000 bal’atu irratti Atsee Haayile-Sillaaseen bara 1953 keessa karaa Abbaa Filiiphoos Bataskaana Abbaa keenya Abuna Takla Hayimaanot ijaarsisaniiru. Iddoo awwaalcha warra Itoophiyaa akka ta’u godhaniiru.

2. Bara 1925 Iteegee Manan Yoordaanos iddoo gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos itti cuuphametti Mana Qulqullummaa maqaa Sillaaseetiin ijaarsisteerti. Yeroo kana iddoo lolaa waan ta’eef Tsillaatiin achii fuudhamee Iyyaarikoo kaa’amee jira. Amajjii 10 nagaa-eegduu biyyattiidhaan eegamee Tsillaatiin achitti deebi’e.

Sirni yaadannoo Cuuphaa geggeeffamee eegumsaan ammoo Iyyaarikootti deebi’a; qabeenyummaan isaa garuu kanuma Itoophiyaati.

3. Bara 1928 Immaahoyi Amaarech Walaluu kan jedhaman gadaamii tokko ijaarsisaniiru; Qaraaniyoo fi Golgootaa gidduutti Mana Kiristaana Medaani’aalem jedhama.

4. Atsee Yohaannis 4ffaan bara 1872 bataskaana Debre Gennet

Kidaanemihret ijaarsisuu eegalanii kan turan Minilik 2ffaan bara

1885 xumursiisaniiru.

5. Qaraaniyoo Golgootaa gidduutti bataskaanni Arbaayituu Insisaa ykn Bineensota Arfan fi Qulqulluu Mikaa’elii ijaaramanii jiru.

6. Iddoo teessoo Phaaphaasotaa lafi inni itti argamu manni kadhataa

qulqulluu Filiphoos ijaaramee jira.

7. Iddoo Abrahaam itti mucaa isaa aarsaa dhiyeessetti mana qulqullummaa qabna. Qabeenyi kun bara 70 keessa mootii biyya Roomaa Xiixoosii fi lyyerusaalem gidduutti lola baname irraan kan ka’e nu irraa fudhatamee ture.

Jaarraa 4ffaa keessa mootummaan Abrihaamii fi Atsbihaa jaarsolii biyya Itoophiya dabalatanii «Qabeenyi keenya haa deebi’u!» jechuudhaan ilma mootittii Illeenii Qosxontoonisitti iyyatanii, innis seenaa waa’ee Iyyerusaaleem barreeffame qoratee qabeenya warra Itoophiyaa isaa hubatee akka inni nuuf deebi’u taasise. Hanga har’aatti harka keenya keessa jira.

Namoonni beekamoon seenaa galmeessanis kana dhugoomsaniiru. Fakkeenyaaf barreessaa seenaa kan ta’e Zeberg kan jedhamu «Qabeenyi warri Itoophiyaa lyyerusaalem keessaa qaban akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 337 keessa deebi’eeraaf» jedhee barreesse.

Henerpost namni jedhamu kitaaba isaa «Guuzo Wede Qiddist Haager» jedhu iratti (hiikoon jecha kanaas adeemsa gara Iyyeerusaalem jechuudha) barreessuu kan jalqabe, CHARLIS FILPII kan jedhamu xumure irratti akka

lakkoofsa warra Awuroppaatti bara 1532 «Iddoo Abrahaam mucaa isaa aarsaa itti dhiyeesse gaarri Mooriyaa kan warra Itoophiyaati» jedhee dhugoomseera.

8. Bara 1651 Qees Duubalem kan jedhaman kitaaba barreessan irratti iddoo itti Abrahaam mucaa isaa aarsaa itti dhiyeesse kan Itoophiyaa ta’uu isaa mirkaneesseera.

9. Namni Geetiroo jedhamus kitaaba isaa barreesse, kan akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 1650 maxxanse irrati «Warri Itoophiyaa iddoo Golgootaa jedhamuutii mana qulqullummaa lama qabu» jedheera.

Egaa, walumaagalatti, gadaamii fi manni qulqullummaa achi keessaa

Qabnu keessatti hanga har’aatti Sinoodoosii Itoophiyaatiin bulaa jiru. Paatriyaarikiin biyya keenyaa 6ffaa ta’anii bara 2005 kan muudaman Abbaan Maatiyaas achi irraa kan dhufaniidha.

Mootittii Saabaa eeyyama Waaqayyoo ta’ee mootichi Solomoon fuudhee ji’a 6 guutuu isaa bira turtee achumaanis ni ulfoofte. Ogeettii waan taateef, «Gara biyyaatti galee gaafan da’u mucichi kan kee ta’uu isaaf mallattoo naaf kenni!» jettee gaafatte.

Innis wanta miidhagaa qubatti kaa’atamu kenneef. Kennaan kun afaan Amaariffaan «Inqu» kan jedhamuudha. Kana malees qabeenyaa armaan olitti caqasame waliin laateef. Waa’een kennaa kanaa Kitaaba Qulqulluu keessatti 1ffaa Moot. 10:13, 2ffaa Seen. Baraa 9:13 akka kennameef ni dubbata. Gara biyyaattis galtee mucaa dhiiraa deesse. Maqaan isaas «Ibinaakuni» jettee moggaaste. Hiikkoon isaa «Ilma ogeessichaa» jechuudha.

Yeroo booddees turee maqaan kun Minilikii jedhame. Dargaggessa waggaa 22 gaafa ta’us Abbaa isaa Solomoonitti ergite. Abbaan isaa Solomoon kabaja guddaadha simatee waggaa sadii lubicha Saadaqi irraa barumsa amantii akka baratu godhe. Waggaa sadii booda Ayihuudotni «Gara biyya isaatti deebisi!» yeroo jedhan, «Erga ilma koo hangafaa jibbitanii isinis hangafa ilma keessanii kennaa isa faana gara biyya Itoophiyaa haa deemaniitii!» jedhee isaan abboome. Ni dirqisiise.

Isaan faanas Azaariyaas ilmi Saadiqiyaas nagada ijoollee Isiraa’eel 12’n keessaa warra hangafa ta’an fi kanneen dibata Leewwii qaban, baay’inni isaanii 120,000 kan ta’an biyya Itoophiyaa deemanii akka barsiisaniif Solomoon isaan abboome. Eeyyama Waaqayyoo ta’ee jarri kunis kitaaba amantii garaagaraa fi Taabota Tsiyoon fudhatanii gara biyya Itoophiyaa dhufan. Kitaaba isaan fudhatamii dhufan keessaas tokko Kitaaba Heenook barreessedha.

Taabonni Tsiyoon Maariyaam kun biyya Itoophiyaa kan seente Sadaasa 21 dha. Kutaa biyya Itoophiyaa keessaa naannoo Tigiraayii bakka Aksuum jedhamtutti manni qulqullummaa ijaarameefii Sadaasa 21 eebbifamee Taabonni Tsiyoon kun keessa seene. Taabota Tsiyoon Maariyaam kan jedhamu kun Seera Ba’uu 34:1-28 irratti, akkasumas Seera Keessa Deebii 10:1-10 irratti akkuma barreeffame Waaqayyo Museetti kan kennedha.

Taabonni (Tsillaatiin) kun hanga har’aatti iddoo caqasame kana jira. Minilik inni jalqabaa kun waggaa 25 guutuu Mootii Itoophiyaa ta’ee

bulcheera. Barri bulmaata isaatiis DH.KD 987-957 ture. Waggaa 58 isaatti boqotee kabajaan awwaalame. Egaa walumaagalatti, Sadaasi 21 kan inni kabajamuuf akkaataa kanaan guyyaa Taabotni Tsiyoon Maariyaam biyya keenya itti seene waan ta’eefidha jechuudha.

Waa’ee Taabota Tsiyoon fi Tsiyoon Maariyaam kan qabannee dhiyaanne kana fakkaata ture.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbii fi araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Tsiyoon Maariyaam Taabota Tsiyoon fi Kabaja Ayyaana Tsiyoon first appeared on Qubee Online +.