Sirna Qiddaasee | Qubee Online +

Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 1ffaa – Seensa
Hiikoo Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Hiikoo Sirna Qiddaasee mata duree jedhuun koorsii Afuurawaa kana keessatti, waa’ee hiikoo Sirna Galatoo ykn Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo ni ilaalla. Isinis nu waliin turaa.

Kutaa 1ffaa

Hubachiisa :- Barreeffamni kun Afaan Amaariffaa irraa kan hiikame waan ta’eef, akkasumas jechoota Gi’iizii hedduu waan of keessaa qabuuf yeroo dubbistan wal bira qabdanii dubbisuun hubachuuf yaalaa!

Kutaa kana keessatti qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaallu;

Hiika Sirna Galatoo

Qoqqoodama Sirna Qiddaasee

Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe?

Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan

Kaayyoo guddaa Sirna Qiddaasee fi k.k.f dha. Dubbisaa!

Hiika Sirna Qiddaasee ykn Sirna Galatoo

Jechi «Sirna» ykn «ሥርዓት» jedhu ykn kana jechuun jecha Gi’iizii «ሠርዐ ሠራ» jedhu irraa kan dhufe dha. Hiikni jechichaas seera, dambii, hojimaata…, jechuudha.

Read Also :- Qulqulluu Luqaas, Wangeela Luqaas fi Hojii Duuka Bu’ootaa

Qiddaasee jechuun ammoo «Qulqulleesse, eebbise, galateeffate, qulleesse, foo’e, Waaqayyoof adda baasee kenne» kan jedhu irraa kan ba’e yoo ta’u, hiikni jechichaas :- eebbisuu, Qulqulleessuu, galateeffachuu jechuudha. Sirna Qiddaasee kan jedhus al tokkoon ykn walitti qabnee dubbisnee yeroo hiiknus sagantaa galateeffannaa, ykn sirna galateeffannaa kan jedhu ta’a.

Sirni Qiddaasee Sirna Kadhannaa Qurbaanaa ni jedhama.

Qoqqoodama Sirna Galatoo

Walumaa galatti sirni Qiddaasee (Sirni Kadhannaa Qurbaanaa) iddoo saditti qoodama;

Kutaan inni jalqabaa kutaa qophii Qiddaasee ykn Gibi’aate Menxolaa’it ykn Sir’aate Gibts jedhama. Kunis «O! ihuhiyee bezintu libbuna» ykn «Yaa obboleessa koo laphee walitti qabameen cimi! ykn dhaabbadhu!» kan jedhu irraa kaasee «Mi maxan zatti ilet girmit» ykn «Guyyaan kun hangam kan nama sodaachistudha!» hanga jedhuutti kan jirudha.

Kutaan Qiddaasee inni lammaffaan ammoo kutaa barumsa Wangeelaa, gorsaa fi galataa yoo ta’u, maqaa baramaadhaan sirna Qiddaasee jedhama. Yeroo Kutaa Sirna Qiddaasee kana keessatti Wangeela Qulqulluu irraa, Raajii Raajota Qulqullootaa irraa, Ergaawwan Duuka Bu’ootaa keessaa akkasumas Wangeelli Gooftaa Qulqulluun ni dubbifama, ni hiikama.

Kutaan inni sadaffaan ammoo Habistiin gara foon Waaqaatti, Wayiniin ammoo gara dhiiga Waaqummaatti kan itti jijjiiramu, yeroo Kadhannaa fi galataati. Keessattuu yeroo kadhannaa kanatti galata hunda keessaa galanni addaa filatame «Habena ni’ibber bezazi’ake Menfes Kidus» «Jireenya kee Amalummaa Afuura Qulqulluu ergitee, Habistii kana, Wayinii kana jijjiirtee, foon kee fi dhiiga kee taasistee si waliin tokko akka taanuuf tokko ta’uu nuuf kenni!» jedhee Lubichi yeroo galateeffatu, bu’iinsa Afuura Qulqulluu ta’a. Habistiin jijjiiramee Foon Waaqayyoo, Wayiniin jijjiiramee dhiiga Waaqayyoo ykn dhiiga Waaqummaa ta’a. Dimshaashumatti kutaan Kadhannaa Qiddaasee kun «Firee Qiddaasee» jedhamuun beekama. Kutaan ykn yeroon Kadhannaa kun kan itti gaggeeffamu akka Sirna Mana Kiristaanaa keenyaatti Qiddaaseewwan 14 qabna.

Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe?

Sirna Qiddaasee (Sirna Kadhannaa Qurbaanaa) kan hundeesse ykn jalqabe Hangafa Lubootaa Iyyesuus Kiristoosidha. Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa Kadhannaa Kamisaa galgala sirna Kakuu Moofaatiin Duuka Bu’oota waliin maaddii Ayyaana Faasikaa irra taa’ee, Duuka Bu’oota Isaatiin foon koo fi dhiigni koo kunooti jedhee Qulqulluu Foon isaa fi kabajamaa dhiiga isaa kenneefiira. Akkasis taasisaa jedhee Sirna Qiddaasee hundeesse. Sirnichas gochaan fi barumsaan isaan barsiiseera. Kadhannaa Qurbaanaas ni taasise (Maat. 26:26-28, Marq. 14:17-25, Luq. 22:14-38, Yoh. 6:56-59, 1 Qor. 11:23-26)

Kunis Sirni Qiddaasee yeroo jalqabaaf kan raawwate Bara Wangeelaa Mana Qulqullummaa kan ture mana nama Alaazaar jedhamutti ture.

Hardhas duraa duuba sirna Qiddaasee hardha gaggeessinuu kan walitti qabe Qulqulluu Baasiliyoos isa Qisaariyaati.

Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan

Sirna Qiddaasee jalqabaa irratti kan hirmaatan ykn sirna Qiddaasee jalqabaa kana kan asqaddasiisaniifi

kan qorroban Qulqulloota Duuka Bu’oota turan. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroon ykn sa’aatiin Kadhannaa Qurbaanaa yeroo gahetti Kadhannaa Qiddaasee raawwadhuuf Duuka Bu’oota kudha lamaan waliin maaddii irra taa’e. Luq. 22:14. Duuka bu’oonnis Sirna Qiddaasee hirmaatanii ykn asqaddasiisanii Qulqulluu Qurbaana erga fudhataniin booda ni galateeffatan. Erga galateeffatan, erga faarfatan booda gara Dabra Zayit ykn Tulluu Ejersaatti ba’an. (Maat. 26:30) Mana Kiristaanaa keenya ishee hardhaa keessattis Kadhannaa Qiddaaseetiif kan walitti qabamnu ykn Kadhannaa Qiddaaseetiif Mana Kiristaanaatti kan walitti qabamnu kanarraa kaaneetu waan ta’eef Kadhannaa Qurbaanaatiin isa galateeffanna, Foon kee Qulqulluu fi dhiiga kee kabajamaa nyaachuu fi dhuguuf arjummaa keetiin waan kanaaf nu qaqqabsiisteef jennees ni kabajna, ni galateeffanna.

Kanaafidha namoonni Foonii fi dhiiga isaatiif gahan yeroo foon isaa fi dhiiga isaa fudhatan «Isime hayal lante, ikut wesibbuh weleke sibhat le alem alem» ykn «Qulqulluu foon kee fi kabajamaa dhiiga kee nuuf kennitee jireenya bara baraa akja argannuuf, waan nuuf kenniteef ykn kan nuuf kennite ati jabaadha dha waan taateef, kabajamaa jedhamuun, galateeffamaa jedhamuun siif ni ta’a,» jennee kan faarfannuuf. Faaruun kunis yeroo sanatti Duuka bu’oonni Qulqulluu Qurbaana erga fudhatan booda faaruu akka isaan faarfataniiti.

Kaayyoo guddaa Sirnichaa

Soorri Aarsaa Oriitii raawwachuu isaa, bakka isaa ammoo sirni bara baraa Kakuu Haaraa Aarsaa Wangeelaa kan ta’e haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa kan dhalate, Qulqulluu Foon isaa fi kabajamaa dhiiga isaa arjummaa isaatiin kan isatti amananiifi akkasumas jireenya bara baraa kan hawwan hundaaf fudhadhaa jedhee kennuu isaa waliin Abbootii Duuka Bu’ootaatiif, Duuka Bu’oota isaaniitiif Sirnicha barsiisuu fi raawwachuufidha. 1 Qor. 1:25-26, Akkasis jedhee «Namni asii biddeen yoo nyaate bara baraaf ni jiraata, foon koo kan nyaatus, dhiiga koo kan dhugus jireenya bara baraa qaba» Yoh. 6:51-59.

Galanniifi ulfinni isaaf haa ta’uutii jireenyi bara baraa kan itti argamu Sirna Kadhannaa Qurbaanaa hirmaachuuf (Qiddaasee hirmaachuuf ykn Qiddaasee qadasiisuuf) gara Mana Kiristaanaatti yeroo deemnutti Duuka Bu’oota keessaa akka Duuka bu’a isa tokkootti ykn akka bartuu isa tokkotti Hangafni Lubootaa Iyyesuus Kiristoos akka nu filatee fi akka nu waame osoo hin dagatiin ykn osoo hin irraanfatiin «Mana Bultoo Waaqayyootti jiraachuun akkamitti akka nuuf ta’u ykn akkamitti akka siif ta’u akka beeknuuf ykn akkamitti akka beektuuf siin barreessa» 1 Xim. 3:15 jedhee Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos ilma ykn mucaa isaa Afuuraa Ximootewoos akkuma gorse, nutis akkuma kanatti Sirna Sirna Qiddaasee sanaa beeknee, Mana Waaqayyootti akkamitti jiraachuu akka qabnu ni baranna. Sirna malee kan deeman isaanitti dheekkaman jedheera waan ta’eef. 2 Tas. 5:14

Kutaa itti aanutti ykn Kutaa 2ffaa keessatti;

Qophii dursaa Sirna Galatoo hirmaachuuf deemuu keenyaan dura taasifnu

Qophii Sammuu ykn yaadaa taasisnu

Qophii Qulqullina Qaama keenyaa eeggachuun taasisna

Qophii Sirna Uffannaa Afuurawaa Eeguuf taasisnu fi k.k.f ni ilaalla! Link kana tuquun dubbisaa – Kutaa 2ffaa

Channel keenya Telegram Ortodoksii Tawaahidoo jedhu join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Itti fufa!

The post Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 1ffaa – Seensa first appeared on Qubee Online +.

Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 5ffaa
Hiikoo Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Kutaa 5ffaa

Sirna Qiddaasee akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidootti.  Mata duree kana keessatti waa’ee hiikoo sirna Galatoo ykn sirna Qiddaasee ilaalaa jirra.

Hub:- Hiikoo Sirna Qiddaasee Kutaalee darban osoo hin dubbisiin kutaa kanatti hin darbiinaa!

Hiikoo Sirna Qiddaasee

Hiikoo Sirna Qiddaasee Ortodoksii Tawaahidoo

Galatoo Galata hunda irra caalu ykn Galatoo galata hunda irra Kabajamaa ta’e

1. «አሐዱ» ykn «Tokko»

Akkuma beekamu keessas ta’e ala kan jiru hundi tokkummaa dhaan kan irratti hirmaatu galatoon galata hunda irra caalu, jalqaba galatoo kan ta’e galata kanadha:

Kunis;

Lubichi :-

«አሐዱ አብ ቅዱስ

አሐዱ ወልድ ቅዱስ

አሐዱ መንፈስ ቅዱስ ቅዱስ» ykn «Abbaan tokkichi Qulqulluudha

Ilmi tokkichi Qulqulluudha

Afuurri Qulqulluu tokkochis Qulqulluudha»

jedhee yeedaloodhaan dubbisa erga dhageessise booda

Uummannis :-

«በአማን አብ ቅዱስ

በአማን ወልድ ቅዱስ

በአማን ውእቱ መንፈስ ቅዱስ» ykn «Dhugumatti Abbaan tokkichi Qulqulluudha

Dhugumatti Ilmi tokkichi Qulqulluudha

Dhugumatti Afuurri Qulqulluus Qulqulludha!»

jechuudhaan Uumaa isaanii Waaqayyo tokkummaa fi sadummaa isaatiin isa galateeffatu, galateffachuunis isaanirraa eegama.

A). Hiikoo Galatoo kanaa

«አሐዱ አብ ቅዱስ» ykn «Abbaan tokkichi Qulqulluudha» jechuun :- maqaaadhaan, qaamaan, hojiidhaan Ilma fi Afuura Qulqulluu waliin adda kan ta’u, garuu Amalummaa dhaan, jireenyaan, aangoodhaan, bituudhaan tokko kan ta’u Abbaan kan Afuurri Qulqulluu irraa bahudha, Abbaa ilmaati jechuudha.

«አሐዱ ወልድ ቅዱስ» ykn «Ilmi tokkichi Qulqulluudha» jechuun ammoo :- maqaaadhaan, qaamaan, hojiidhaan Abbaa fi Afuura Qulqulluu waliin adda kan ta’u, garuu Amalummaa dhaan, jireenyaan, aangoodhaan, bituudhaan tokko kan ta’u ilmi kan dhalatedha jechuudha.

«አሐዱ መንፈስ ቅዱስ ቅዱስ» ykn «Afuurri Qulqulluu tokkochis Qulqulluudha» jechuun ammoo:- maqaaadhaan, qaamaan, hojiidhaan Abbaa fi Ilma waliin kan adda kan ta’u, garuu Amalummaa dhaan, jireenyaan, aangoodhaan, bituudhaan tokko kan ta’u Afuurri Qulqulluu kan Abbaa irraa bahudha jechuudha.

B). Hiikoo Galatoo kana irratti deebii Uummataa

Yeroo Galatoo kanattis namoonni Sirna Qiddaasee sana hirmaatan ykn Asqaddasan ykn uummanni;

«በአማን አብ ቅዱስ

በአማን ወልድ ቅዱስ

በአማን ውእቱ መንፈስ ቅዱስ» ykn

«Dhugumatti Abbaan tokkichi Qulqulluudha

Dhugumatti Ilmi tokkichi Qulqulluudha

Dhugumatti Afuurri Qulqulluus Qulqulludha!»

jedhanii jecha Galatoo Lubichaa fudhatanii, deebii deebisuun barbaachisaa waan ta’eef akkas jedhanii galateeffatu.

Hiikni Sagalichaas :- Qulqulluu fi kabajamaa, adda kan ta’u Abbaan dhugumatti Abbaadha, Qulqulluu fi kabajamaa, adda kan ta’u Ilmi dhugumatti kan dhalatedha, Qulqulluu fi kabajamaa, adda kan ta’u Afuurri Qulqulluu dhugumatti Abbaa irraa kan bahedha jechuudha.

Galatoo keenya kanaanis Raajichi Hizqi’eel fi Raajichi Isaayyaas kan isaan argan, teessoo isaatti marsanii, Teessoo isaa baatanii osoo adda hin kutiin Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu jedhanii Tokkummaa fi Sadummaa isaatiin kan isa galateeffatan Suraafeel fi Kiruubeel waan fakkaannuuf, galanni keenya galata isaanii, Ixaanni keenya Ixaana isaanii waliin Teessoo Sillaasee irra nuuf gaha. Isa. 6:3. Ergamoota Qulqulloota waliin akka Qulqulloota Ergamootaatti akka isa galateeffannuuf kan nu waame, kan nu filate Waaqayyoof galanni haa ta’u! Ameen!

Read Also :- Meeshaalee Qulqullaa’oo Kutaa 1ffaa

2. Labsii Diyaaqonootaa yeroo Sirna Qiddaasee

Diyaaqoniin uummanni ykn Asqaddashiin akka hin mukoofneef, kabajaa fi sodaadhaan ta’ee labsii Mootii Samii Kiristoos dabarsa.

Labsiiwwan kanneen keessaas isaan hangafoonni ykn isaa ijoon;

«ተንስኡ ለጸሎት»

«ጸልዩ በእንተ እገሌ»

«ስገዱ ለእግዚአብሔር» dha.

2.1. «ተንስኡ ለጸሎት» ykn « Kadhannaadhaaf ka’aa!»

Diyaaqoniin Kadhannaadhaaf ka’aa yeroo jedhu ykn labsii Kadhannaadhaaf ka’aa jedhu Diyaaqoniin yeroo labsu «እግዚኦ ተሰሃለነ» ykn «Maaloo nuuf dhiisi!» jennee Yeedaloodhaan ykn dubbisaan kennaa sana deebisuu qabna.

Kadhannaadhaaf ka’aa isa jalqabaa irratti ykn Jalqaba irratti «Kadhannaadhaaf ka’aa!» yeroo jedhamnu labsii sana dursinee sagadneerra yoo ta’e, akkasumas teenyee jirras yoo ta’e ka’uu keenya ykn akka kaanu agarsiisa.

Karaa isa lammaffaatiin ammoo Waaqayyo dagachuu ykn Irraanfachuu irraa gara Waaqayyo yaaduutti deebi’aa ykn laphee keessan gara Waaqayyo yaaduutti deebisaa, Waaqayyo galateeffachuuf laphee keessan kakaasaa jedhee ka’umsa laphee agarsiisa.

2.1.1. Hiikoo «እግዚኦ ተሰሃለነ» ykn «Maaloo nuuf dhiisi!» Sirna Qiddaasee irratti

Nutis Maaloo nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ ተሰሃለነ» yeroo jennu, Maaloo garaa laafi! nuuf dhiisi! jechuu keenya.

2.1.2. Hiikoo «ሰላም ለኩልኩሙ» ykn «Nagaan isiniif haa ta’u!»

Lubichis «Maaloo nuuf dhiisi!» jennee kadhannaa kadhanne sana hubatee bakka Gooftaa bu’ee ykn akka Gooftaatti «ሰላም ለኩልኩሙ» ykn «Nagaan isiniif haa ta’u!» Luq. 24:36 isin araarseera, akkam jirtu? jechuudhaan sagalee isaa nu dhageessisa.

2.1.3. «ምስለ መንፈስከ» ykn «Afuura kee waliin»

«Afuura kee waliin» jechuun akka jecha keetti nuuf haa ta’u, akka arjummaa keetti nuuf dhiisi jechuudhaan ifni Addunyaa Qulqulluun Phaawuloos «Faaruu fi faarsaadhaan, Qinee Afuurawaatiin walii walii keessan dudubbadhaa, Gooftaadhaaf laphee keessan irraa faarfadhaa» Efe. 5:19 waan nuun jedheef faaruudhaan uumaa keenya kennaa isaa fudhachuun fi deebisuun isa galateeffanna.

Bu’uurri Kadhannaa Qiddaasee eebbifamaa fi Kabajamaa kanaas Abbaa keenya Addaam, lubbuuwwan lubbuu isaatiin Si’ool keessatti turanii fi Gooftaa keenyadha.

Kadhannaadhaaf ni kaana jedhee kan dubbate Addamidha :- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos waggaan kuma 5 fi dhibbi 5 yeroo raawwatamu dhala dhala kee irraa dhaladheen si fayyisa kan jedheen qabatee lakka’aa tureera Addaam. Boodas guyyaa Jimaataatti Yaa Abbaa lubbuu koo harka keettin adaraa kenna yeroo jedhetti raajiin inni dubbate ni gahe, Subaa’een lakka’aames ni raawwate. Sin fayyisa naan jedhee ture ni hafee laata? jedhee osoo baasuu osoo buusuu;

Addaam Kadhannaadhaaf ka’aa jedhe.

Lubbuuwwanis Maaloo nuuf dhiisi! garaa nuuf laafi jedhan.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis qaama lubbuutiin bu’ee «Nagaan isiniif haa ta’u», isin araarse, akkam jirtu? jedheenii lubbuuwwan Si’ool jiraniif ifa Waaqummaa isaa ni ibseef.

Lubbuuwwanis «Afuura kee waliin» akka jecha keetti nuuf haa ta’u, akka dhiifama keetti nuuf dhiisi jedhanii bahaaniiru.

2.2. «ጸልዩ በእንተ እገሌ» ykn «Waa’ee Ebeluutiif Kadhadhaa!»

Waa’ee Ebeluutiif kadhadhaa kan jedhu labsii isa lammaffaati. Labsiin kun yeroo nuuf labsamu ykn yeroo nuuf darbu kan kadhannu waa’ee nageenyaa, waa’ee tokkummaa Waldaa keenyaa, waa’ee biyyaas, waa’ee Mana Kiristaanaas, waa’ee uummataas, waa’ee aanga’ootaa fi akkasumas waa’ee raayyaa isaas waa’ee namoota rakkataniis ….. ta’uu danda’a. Yeroo kanatti kennaan yoo hin jirre sammuu keenya keessatti ykn sagalee gadi qabuudhaan Kadhannaa «Yaa Abbaa keenyaa» jechuun nurraa eegama.

2.3. «ስገዱ ለእግዚአብሔር በፍርሃት» ykn «Waaqayyoof sodaadhaan sagadaa!»

Labsii inni sadaffaan kanadha. Laphee Waaqayyoo kan jedhame Qulqulluun Daawwit «Iddoo Qulqullummaa isaatti Waaqayyoof Sagadaa!» Faaruu. 28:2 jedhee akkuma faarfate, Nutis yeroo Diyaaqoniin Waaqayyoof sodaadhaan sagadaa, Waaqayyo sodaachuudhaan, kabajuudhaan, Waaqeffachuudhaan Waaqayyoof sagadaa jedhee yeroo Yeedaloodhaan labsii isaa dhageessisetti sagaduun nurraa eegama. Ta’us garuu si fuulduratti ni sagadna taa’uudhaan kan sagadne fakkaannee boqonnaa kan hawwinu sirrii ta’uu dhiisuu isaa hubachuu qabna ykn hubachuun barbaachisaadha. Sababni isaas uumaa keenya fuulduratti maal jennee waadaa akka galle haas yaadannu.

2.3.1 «ቅድሜከ እግዚኦ ንሰግድ ወንሴብሐከ» ykn «Maaloo fuuldura keetti siif sagadaa si galateeffanna, siif bitamna» jechuudhaan Waaqayyo fuulduratti waadaa galuu waliin kennaa isaas ni deebisna. Duuka bu’ichis «Samii fi lafa irratti, lafaa gadittis kan jiran hundi maqaa Iyyesuusiin akka jilbeeffataniif» nuun jedheera waan ta’eef. Filp. 2:10. Akkasumas Lubichi, Diyaaqoniin ajaja isaa yeroo dubbisan uummanni kufanii lafa dhungachuu qabu. (Sirna Qiddaasee)

Ta’us garuu Labsii Diyaaqonii hubachuu dhabuudhaan;

Kadhannaadhaaf ka’aa yeroo jedhamnu gara manaatti deemuuf qophaa’uun,

Nagaan isiiniif haa ta’u yeroo jedhamnu deebi’uuf deemsa jalqabuun sirrii miti.

Amantoonni ykn Kiristaanonni tokko tokko «Waaqayyoof sodaadhaan sagadaa» yeroo jedhamu, «Maaloo si fuulduratti ni sagadna» erga jenne booda teessoo qopheeffannee taa’uudhaan, dabalataanis kan sagadne fakkaannee boqonnaa kan hawwinu yoo jiraanne dogoggorreerra. Ajajichi kan nutti agarsiisu jilba keenya lafatti tuqsiisnee, adda keenyaan lafa tuqnee akka sagadnuuf malee akka teenyuuf ykn warri dhadhabdan boqonnaa fudhadhaa jechuu miti.

Ta’us garuu sababa dhukkubaan, dullumaan yoo ta’e akka qaamni isaanii isaaniif bitametti ni sagadu ykn haa sagadan.

2.3.2. Yeroo Sirna Qiddaasee yeroo meeqa sagadna?

Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti sagaduun kan nurraa eegamu yeroowwan afur (4) dha. Isaan kana keessaas Diyaaqoniin «Waaqayyoof sodaadhaan Sagadaa!» labsii jedhu kan itti lama qofa.

Sirna Qiddaasee irratti Yeroowwan nuti itti sagadnu;

Sirna Qiddaasee irratti ykn Qiddaasee isa jalqabaa irratti yeroo Lubni Kadhannaa Gaabbii nuuf kadhatu

Lammaffaa irratti Qiddaasee irratti Diyaaqoniin fuula isaa gara Lixaa ykn Dhihaatti deebisee «Waaqayyoof sodaadhaan Sagadaa!» jedhee yeroo nu ajaju.

Sadaffaa irratti Qiddaasee irratti yeroo Kadhannaa Gaabbii isa lammaffaa Diyaaqoniin namoonni dhaabbattan mataa keessan gadi qabaa sagadaa jedhee yeroo nu ajaju.

Yeroo Qulqulluu Qurbaanni raawwatamu ykn kennamu sagaduun barbaachisaadha.

Mataa gadi qabuun nagaa kennuu ykn mataa gadi qabuun harka fuudhuu

Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti mataa gadi qabuun eebba argachuu waliin nagaa kennuun barbaachisaadha. Yeroowwan nuti mataa keenya gadi itti qabnus yeroowwan beekamoodha;

Abbootiin Kadhannaa Qiddaasee gidduutti eebba rogaa 21 yeroo eebbisanitti mataa keenya gadi qabuun eebicha fudhachuu qabna. Kan hin baramnes yoo ta’e baruun nurraa eegama.

Diyaaqoniin «Gaabbii keessa ka jirtan mataa keessan gadi qabaa!» yeroo nuun jedhu ykn labsii akkas jedhu yeroo dhageessisu morma keenya cabsinee Kadhannaa Gaabbii sana fudhachuu qabna.

Diyaaqoniin nagaa Duuka Bu’ootootiin nagaa waliif kennaa jedhee labsii isaa yeroo dhageessisu Dubartoonni Dubartoota gama Dubartootaatiin, Dhiironni ammoo Dhiirota gama dhiirotaatiin hunduu akka Saala isaatti nagaa wal gaafachuu ykn nagaa waliif kennuun ni barbaachisa.

Sirna Qulqulluu Qurbaanaa yeroo deebi’u ykn Fooniifi dhiigni isaa yeroo deebi’u sorooranii nagaa kennuun ni barbaachisa.

«Oo! Silluus Qidduus» yeroo dubbifamu morma keenya cabsinee ykn mataa keenya gadi qabnee Kadhannaa sana of kennuun dhageeffachuu qabna malee ajaja ykn labsii Sagadaa jedhu osoo hin dhaga’iin sagaduun nurraa hin eegamu. Yeroo baay’ee yeroo kanatti kan sagadnu seeraan ala waan ta’eef sirraa’uu qaba.

Dhuma irratti yeroo gargar bahuuf jedhan Diyaaqoniin «አድንኑ አርእስቲክሙ ቅድመ እግዚአብሔር አምላክነ በእደ ግብሩ ካህን ከመይባርክሙ» ykn «Tajaajilaa isaa harka Lubichaatiin akka eebbifamtaniif mataa keessan gadi gadi qabaa!» jedhee yeroo ajajudha.

Sagada isa dhumaatiin Kadhannaa Qiddaasee irrattis haa ta’u yeroo kamittiyyuu xumura Kadhannaa keenyaa irratti sagadnee nagaa kenninee ykn harka fuunee Yaa Abbaa keenyaa jennee Kadhannaa guyyichaaf qabnu xumurra. Fitihaa Negest. 14:536.

3. Yeroo Qiddaaseetti Sirna Wangeelaa

Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti sodaadhaan, callisaan wal dhageeffachuudhaan, kennaa isaa fudhachaa Asqaddasuun nurraa eegama. Keessattuu jechi ykn Sagaleen Mootii Samii jechi Waaqayyoo yeroo dubbifamu hanga xumuramutti;

Sorooranii dhaabbachuun nurraa eegama

Dubbisicha callisaan dhageeffachuun nurraa eegama

Wangeelli erga dubbifame booda Barsiisaan Wangeelaa hiikoo isaa beeku hiikee ni barsiisa ykn ni dhageessisa. Fitihaa Negest. 12:486.

Kana boodas «ነአምን በቃለ ወንጌልከ ቅዱስ» ykn «Qulqulluu kan ta’e jecha Wangeela keetti ni amanna!» jechuudhaan harka fuudhuun haguuggii of irraa buusaa dhungachuun nurraa eegama. (Sirna Qiddaasee)

Wangeelli erga dubbifame booda hojii cinqiitiin yoo ta’een ala bahuun sirrii miti. (Sirna Qiddaasee)

Lubni Wangeela dubbisus fuula isaa gara Bahaatti deebisee dubbisuun isarraa eegama.

Dabalataanis karaa Telegram nu hordofaa Ortodoksii Tawaahidoo

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 5ffaa first appeared on Qubee Online +.

Sirna Mana Kiristaanaa | Akkaataa Ijaarsa Mana Kiristaanaa
Sirna Mana Kiristaanaa

Seensa :- Mata duree Sirna Mana Kiristaanaa ykn «ስርዓተ ቤተ ክርስቲያን» jedhu kana jalatti waa’ee Sirna Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kan waliin ilaallu ni ta’a, isinis Koorsii kutaa kutaa dhiyaatu kana dubbisaa, akkasumas guyyaa guyyaadhaan kan kutaa kutaadhaan gadhiifamu ta’a, hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Kutaa 1ffaa

Akkaataa Ijaarsaa fi hundeeffama Mana Kiristaanaa

Eeyyama Hojii Mana Kiristaanaa

Mana Kiristaanaa ijaaruuf yeroo barbaadamu Ephis Qophoosii ykn Phaaphaasii kutaa lallabaa sana eyyamsiisuun barbaachisaadha. Eeyyama Ephis Qophoosii ykn Phaaphaasiin ala Manni Kiristaanaa hin ijaaramu. (Fitihaa Negest Keeyyata 1, lakk. 3.)

Karoora Hojii Mana Kiristaanaa ykn Pilaanii

Manni Kiristaanaa yeroo ijaaramu kutaalee sadi jechuunis :- Maqdasii, Qulqulleettii fi Qinee Maahileet kan qabu ta’eetu, akkaataan ijaarsa Mana Kiristaanaa ykn gamoo Mana Kiristaanaa bu’uura Sirna Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin sadidha.

Isaan kana keessaas inni tokko akka boca Mana Qulqullummaa ykn Mikuraabii Kakuu Moofaatti boca «molaalaa» ykn «ሰቀላ» kan qabudha. Manni Kiristaanaa Boca kanaa kan dhaalame ykn kan irraa fudhatame Mana Qulqullummaa Solomoon irraa fi boodarras bara Kiristaanummaan babal’achuu jalqabetti Mootiin Qosxanxiinoos fi haati isaa Mootittii Illeeniin Manneen Kiristaanaa Iyyerusaaleemitti fi Beetaliheemitti hojjechiisan irraa kan fudhatamedha.

Fakkeenyaaf :- Atsee Yohaannis 4ffaan kan ijaarsisan Manni Kiristaanaa Dabra Libaanoos Boca saqalaa kan qabu ta’ee Gullilaatii 18 kan qabu akka ture ni himama. Manni Kiristaanaa boca saqalaa tiin ijaaramu baay’inni balbala isaa kan murtaa’e miti, jechuunis sadi ykn afur ykn isaa olis ta’uu danda’a.

Bocni Mana Kiristaanaa inni lammaffaan ammoo naannawaan isaa geengoodha. Kunis maqaa biraa «ቤተንጉሥ ቅርፅ» jedhamuunis ni waamama. Keenyaadhaan iddoo saditti qoodama, isaanis naannawaan inni jalqabaa Qinee Maahileetii jedhama, moggaasni isaas hojii ykn tajaajila inni kennu irraa kan argamedha. Faarfattoonni ykn Margeetonni fa’a galata Waaqayyoo, Maahileetii kan keessatti dhiyeessanidha.

Kutaa Inni lammaffaan ammoo Qiddist ykn Qulqulleettii kan jedhamu yoo ta’u, Teessoon ykn Manbariin Ephis Qophoosii kana keessadha, Kiristaanonni Foonii fi dhiiga isaatiif ykn Qurbaanaaf qopha’aan iddoo dhaabbatanii Qaddasiinanidha. Kutaa inni sadaffaan ammoo Maqdasii kan jedhamu yoo ta’u kunis iddoo Foonii fi dhiigni isaa itti taa’u, Teessoon Taabotaa fi Meeshaaleen Qulqullaa’oo kanneen biroon iddoo ta’aanidha.

Bocni Manni Kiristaanaa ittiin ijaaramu inni sadaffaan ammoo Holqa ykn «ዋሻ» jedhamuun beekama. Manni Kiristaanaa boca kanaa balballi isaa tokko qofa, Mana Kiristaanaa boca akkasii qabu keessatti Maqdasiin, Qinee Maahileetii fi Qulqulleettiin kan ittiin gargar ba’aan golgaadhaani.

Manneen Kiristaanaa Laalibalaan ijaarsise keessaa isaan tokko tokko boca kana qabu. Manni Kiristaanaa boca holqaa qabu Gullilaatii kan hin qabnee fi balbala tokko tokko qofaa kan qabudha.

Amma ammoo hojii ykn akkaataa ijaarsa Mana Kiristaanaatiif fakkeenya kan ta’aan fi hiika isaan kennan haa ilaallu.

Balbaloonni Mana Kiristaanaa sadi ta’uun isaanii fakkeenya Sillaaseeti, akkasumas kutaalee sadi ta’uun isaa ammoo fakkeenya Samiiwwan sadanii (magaalaa Ergamootaa) ti. Magaalaa Ergamootaa kan jedhaman Iyyoor, Raamaa fi Erer dha.

Inni lammaffaan ammoo fakkeenya aangoowwan Lubummaa sadaniiti, isaanis Diqunnaa, Lubummaa fi Ephis Qophoosummaadha.

Manni Kiristaanaa yeroo ijaaramtu utubaawwan hedduu kan qabdu ta’ee ijaarama. Utubaawwan Mana Kiristaanaa keessaa fi alatti argaman fakkeenya Ergamoota Waaqayyooti. Manni Kiristaanaa luboota qabdi, Luboonni kunneenis fakkeenya Ergamoota Waaqayyooti.

Qiddaasee Mana Kiristaanaa

Ephis Qophoosiin Qiddaasee Mana Kiristaanaa yeroo taasisutti isa waliin akka tajaajilan ykn akka gargaaran Luboonni akka argaman ajajamaniiru.

Ephis Qophoosiin Mana Kiristaanaa fi Taaboota yeroo eebbisu mallattoo ykn chaappaa Waaqayyoo kan ta’e dibata Meeroonii isa diba.

Manni Kiristaanaa guyyaa itti eebbifametti keessa isaatti ni Qaddasama ykn Sirni Qiddaasee keessatti ni gaggeeffama. Manni Kiristaanaa yeroo eebbifamu Wangeelli Yohaannis Taabota irratti ykn Taabota bukkee ykn Taabota cinaatti ni dubbifama.

Ephis Qophoosiin osoo hin dhufiin, Lubootaa fi Diyaaqonoonni osoo walitti hin qabamiin Qiddaaseen Mana Kiristaanaa hin gaggeeffamu. (Fitihaa Negest Keeyyata 1)

Akkaataa Qophii Tsillaatii

Seera Oriitii ykn bara Oriitii keessatti Taabota jedhamuun kan beekamu ykn jedhamee kan waamamu bultoo Tsillaatiiti. Ba’uu. 40:20-21, Faaruu. 131:8, 2 Qor. 6:16, Ibr. 9:4, Mul. 11:19.

Tsillaatii kan jedhamu ammoo Waaqayyo Museedhaaf dursee Abboommiiwwan kurnan irratti barreessee harka isaatiin kan itti kenne jechi isaa irratti barreeffamee kan argamu ibna baradii irraa kan bocamedha. Ba’uu.  31:18, 24:12-25, 10:22. Kuni sirna Kakuu Moofaa keessa turedha.

Kana boodas Tsillaatii irratti «አልፋ ወኦ ፥ ቤጣ የውጣ » kan jedhu maqaan gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos irratti barreeffama ykn irratti bocama, gubbaa irraa Si’iliin Sillaasee, itti aansee Si’iliin Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos itti haammattee jirtu ykn «ምስለ ፍቁረ ወልዳ», Si’ilii Yohaannis Wangeelaawwii akkasumas Si’iliin Qulqulluu ykn Wareegamaa yaadannoo Manni Qulqullummaa sun ittiin moggaafamee irra ni ka’aama, maqaan isaa ni barreeffama.

Koorsii kana fi kanneen biroo PDF dhaan argachuuf channel keenya WhatsApp follow taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- Kitaaba «ሥርዓተ ቤተ ክርስቲያን» Hangafa Lubootaa Kinfa Gabri’eel Altaayyeetiin

The post Sirna Mana Kiristaanaa | Akkaataa Ijaarsa Mana Kiristaanaa first appeared on Qubee Online +.

Hiika Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo
Hiikoo Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Hiikoo Sirna Qiddaasee akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kutaa kana keessatti ni ilaalla. Waa’ee Sirna Qiddaasee wanna hedduu irraa barattu hanga dhumaatti dubbisaa!

«Biddeen Ergamootaa ijoolleen namaa nyaatan!» Faaruu. 77/78:25

Biddeen Ergamootaa (Sirna Qiddaasee)

Raajichi Daawwit Baganaa rukutaa akkas jedhe «Biddeen Ergamootaa ijoolleen namaa nyaatan» Biddeen Ergamootaa maalidha laata?

Ergamoonni nyaata hin qaban, Nyaanni isaanii galata isaanii, galanni isaanii nyaata isaaniiti, boqonnaas hin qaban boqonnaan isaanii galata isaanii, galanni isaanii ammoo boqonnaa isaaniiti. Sa’aatii itti boqotan.

Ergamoonni sa’aatii itti boqotan sakandii ykn maaykiroo sakandii muraasa illee hin qaban sa’aatii 24 guutuu «Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu!» jedhanii Waaqayyo galateeffatu. Nutis Sirna Qiddaasee irratti Mana Kiristaanaatti akka ergamoota Waaqayyootti «Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu!» jennee Waaqayyo galateeffanna «Nyaata Ergamootaa waan nyaanneef»

Laphee Waaqayyoo kan jedhame Mootichi Daawwit Baganaa rukutaa ykn Baganaa daraddaraa «Biddeen Ergamootaa ijoolleen namaa ni nyaatan» jedhee Faarfate. Faaruu. 77/78:25.

Sirna Qiddaasee ajaa’iba ta’e kan Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti gaggeeffamu mee haa ilaallu.

Qiddaasee Ergamootaa

Sirna Qiddaasee eenyutu eegale?

Sirna Qiddaasee yeroo jalqabaatiif kan jalqaban Ergamoota Samiiti. Kitaaba Raajicha Isaayyaas Boqonnaa 6 irratti Ergamoonni «Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu!» jedhanii Waaqayyo akkuma galateeffatan. Yeedaloo kanas Sirna Qiddaasee irratti kan dhageenyudha. Sirni Samii lafa irrattis hojjetamee ykn diriiree Sirni Mana Qulqullummaa ishee Samii irra jiru Mana Qulqullummaa ishee lafa irra jirtuttis akka ta’uuf Waaqayyo eeyyame, nutis Sirna Samii irraa kana Mana Qulqullummaa ishee lafa jirtuutti diriirfame kanaan Waaqayyo ni galateeffanna.

Lafa irrattis yeroo jalqabaatiif Yeedaloo Qiddaasee kan dhageessisan Ergamootadha. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Eefraataa Beetaliheemitti yeroo dhalatetti Ergamoonni Waaqayyoo tiksoota waliin ta’uun «ሥብሐት ለእግዚአብሔር በሰማያት ወሰላም በምድር ስምረቱ ለሰብ»

Ykn «Galanni Waaqayyoof haa ta’u Samii irratti, namaafis lafa irratti nageenyi haa ta’u!» jedhanii akkuma faarfatan nutis Sirna Qiddaasee irratti kan galateeffannu Galatoo Ergamootaa kanadha, Ergamoonni Beetaliheemitti akkuma faarfatan nutis Mana Qulqullummaatti ni faarfanna.

Beetaliheem irraa gara Mana Qulqullummaatti (Sirna Qiddaasee)

Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Diyaaqonii inni lammaffaan Habistii Masooba Warqiidhaan baatee, Diyaaqonii inni tokkoffaan ammoo Wayiniin Tsiwwaadhaan baatee Beetaliheemii gara Mana Qulqullummaatti deemu.

Beetaliheem Mana Qulqullummaa irraa karaa Bahaatti argamti, Manni Qulqullummaa ammoo fakkeenya Qaraaniyooti. Tokkos fakkeenya Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Galiilaa irraa gara Iyyerusaaleemitti deemuu isaati.

Afuurri Qulqulluu Samii Samii irraa kan itti bu’udha :- Sirni Qiddaasee yeroo jalqabu Lubichi «Guyyaan kun hangam kan nama sodaachistudha, Afuurri Qulqulluu Samii Samii irraa kan itti bu’udha» jedha. Mootiin ni  dhufa yeroo jedhamu qophii guddaa akkuma taasisnu, nutis qophii guddaa akka taasisnu Lubicha kana nuuf labsa!

Meeshaalee Qulqullaa’oo Sirna Qiddaasee irratti itti fayyadamnu

Meeshaaleen Qulqullaa’oon sirna Qiddaasee irratti hojiirra oolan ykn itti fayyadaman keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti;

Mahaafadaat (ማሕፈዳት)

Mahaafadaat jechuun Fooniifi dhiigni isaa kan ittiin uffifamu ykn haguugamudha, Tokkos haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos deessee uffataan haguuguu ykn uffata itti uffisuu isheetiif fakkeenya. Tokkos fakkeenya uffata Yooseef fi Niqoodimoos Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ittiin gannazaniiti.

Tsaahilii (ጻሕል)

Tsaahiliin kan Habistiin irra ka’aamu ykn kan Habistiin irra taa’u yoo ta’u, gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin ni fakkeeffama, tokkos fakkeenya mooraa Loonii gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos itti dhalateeti, Tokkos fakkeenya awwaala Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Wayinii ammoo Diyaaqoniin Tsiwwaadhaan ni baata.

Tsiwwaa ykn Xoofoo, Irfe Meskel

Irfe Meskel

Diyaaqoniin dhiiga kabajamaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Kiristaanotaaf ykn warra Qorrobaniif kan ittiin kennu waan akka Fal’aanaa ta’uyyuu kan waamamu garuu Irfe Meskel (እርፈ መስቀል) jedhameetu. Kunis sababa mataa isaa qaba, Irfe Meskeliin Kiristoos nuuf jedhee cinaacha isaa kan ittiin waraaname Eeboo Langinoosiin fakkeeffama.

Loltuun ykn Wattaadarri Langiinoos jedhamu cinaacha Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Eeboodhaan yeroo waraanetti dhiiga isaa Qulqulluutiin Mana Qulqullummaa isaatti Meeshaalee Qulqullaa’oo keessaa isa tokkodha.

«Yaa Waaqa koo! Lamtsii koo ilaaltee na hin dhiisiin!» Kitaaba Raajicha Isaayyaas Boqonnaa 6 irratti Raajichi Waaqayyoo Isaayyaas Lamtsiin rukutamee ture ykn Lamtsii qaba ture, Ergamaan Waaqayyoos dhufee qabduudhaan (በጉጠት) Mukukkula Ibidda sanaatiin hidhii isaa tuttuqe, Raajichi Isaayyaasis Lamtsii isaa irraa ni qulqullaa’e,

Ergamichi fakkeenya Lubootaa fi Diyaaqonootaati

Qabduun sun fakkeenya Irfe Meskeliiti

Mukukkulli Ibidda sanaa fakkeenya Foonii fi dhiiga Gooftaa yoo ta’u,

Lamtsiin ammoo fakkeenya Cubbuuti

Akkuma Mukukkulli Ibidda sanaa hidhii isaa yeroo tuqu akkuma Lamtsii isaa irraa fayye, namnis Fooniifi dhiiga Gooftaa yeroo fudhatu Cubbuu isaa irraa ni fayya waan ta’eef. Raajichi Isaayyaas lamtsii isaa irraa akkuma qulqullaa’e, Foonii fi dhiiga Gooftaa yoo fudhattan ni Qulqullooftu yeroo nuun jedhudha. 1 Yoh. 1:7.

Dibaabee (ጥላ)

Sirna Qiddaasee irratti Wangeelli yeroo dubbifamu Dibaabeen ykn (ጥላ) ni diriirfama. Aduun hoo hin jiru maalif diriirfama? yoo jedhame; fakkeenyummaan isaa akkasidha :- Raajichi Waaqayyoo Daawwit «Maaloo gaaddidduu koochoowwan keetiin na golgi!» fakkeenya kanaati.

Tokkos Israa’eeloonni Aduun gammoojjii akka isaan hin dhadhabsiisneef fakkeenya Duumessa isa golgeeti. Tokkos fakkeenya Duumessa Dunkaana Oriitii fi Mana Qulqullummaa Solomoon keessa guuteeti.

Tsuwaafii (ጧፍ)

Lubichi Wangeela yeroo dubbisu Tsuwaafii ni qabata, hin dukkanoofne hoo, ifti jira maalif ibsa? yoo jedhame; Raajichi Waaqayyoo Daawwit «Seerri kee miila kootiif ibsaa, daandii kootiifis ifadha» waan jedhuufi. Faaruu. 118:105. Wangeela Qulqulluu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoostu dubbifama waan ta’eef, Wangeelli isaas miila keenyaaf ibsaa, daandii keenyaaf ammoo ifa waan ta’eefidha.

Mana Kiristaanaa keenya keessatti baay’inaan Shaamaan jira, kunis Waaqayyo Amalummaa isaatiin ifaa waan ta’eefidha, Shaamaan ykn Dungoon sunis osoo baquu ifa kenna kunis Qulqulloonni waa’ee Mana Kiristaanaatiif akka Shaamaatti baqaa Addunyaaf ifa ta’uu isaaniif fakkeenya.

Fakkeenyummaa Diyaaqonootaa Sirna Qiddaasee

Lubicha fuuldura Diyaaqoniin ibsaa qabatee deemu fakkeenya Yohaannis Cuuphaati. «Ifichi isadha malee ana miti, Cubbuu Addunyaa kan dhiisisu Hoolichi Waaqayyoo» akkuma jedhe.

Akkasumas Fannoo baatee Lubicha duuba Diyaaqoniin deemu ammoo fakkeenya Diyaaqonii ykn fakkeenya Wareegamaa Qulqulluu Isxifaanoosidha. Gooftaatti aanee «Yaa Abbaa kan hojjetan hin beekan dhiisiif!» akkuma jedhe.

Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa sirni isheen qabdu (ሥርዓቷ) gubbaadhaa hanga jalaatti fakkeenyummaa kan qabanii fi kan nama barsiisanidha, Galaanni Ogummaa Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa dubbachaa nu barsiisti, osoo hin dubbatiinis callistee ni barsiisti.

Kadhannaadhaaf ka’aa! (ተንሥኡ ለፀሎት)

Sirna Qiddaasee irratti «Kadhannaadhaaf ka’aa!» kan jedhu yeroo baay’ee ni jedhama, maalif irra deddeebiin jedhama? yoo jedhame; eenyudha yaadni isaa osoo hin hatamiin hanga dhumaatti kan Sirna Qiddaasee kan hirmaatu? ykn hanga dhumaatti kan Qaddasiisu? kanaafuu yaada keenyaan yoo deemne ta’e akka deebinuufidha yeroo hedduu  «Kadhannaadhaaf ka’aa!» kan jedhamuuf.

Tokkos hiikoo ajaa’iba ta’e ni qaba «Kadhannaadhaaf ka’aa!» kan jedhu kun, Addaam uumamtootaan «ተንሥኡ ለፀሎት» jedheen isaanis «Maaloo nuuf dhiisi!» ykn «እግዚኦ ተሣሃለነ» jedhanii deebisaniif, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Lubbuuwwan Si’ool jiraniin «Nagaan isiniif haa ta’u!» ykn «ሠላም ለኩልክሙ» jedheen, isaanis «Afuura kee waliin» ykn «ምስለ መንፈስከ» jedhanii Dukkana Si’ool keessaa ba’aanii ifa argan.

Sirna Qiddaasee irrattis Lubichi «ሠላም ለኩልክሙ» ykn «Nagaan isiniif haa ta’u!» yeroo jedhu Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos mana cufamaatti Duuka Bu’oota isaatiif «Nagaan isiniif haa ta’u!» kan jedhedha ykn fakkeenya isaati. Nutis Sirna Qiddaasee irratti kana yeroo deebifnu kana yaadachaa ta’uu qaba.

Waaqayyoof Sodaadhaan Sagadaa! ykn «ስገዱ ለእግዚአብሔር በፍርሐት» Sirna Qiddaasee

Diyaaqoniin «Waaqayyoof Sodaadhaan Sagadaa!» ykn «ስገዱ ለእግዚአብሔር በፍርሐት» yeroo jedhu ni sagadna, kunis Mootichi Daawwit «Iddoo Qulqullummaa isaatti Waaqayyoof Sagadaa!» akkuma jedhedha. Faaruu. 28:2. Tokkos Mootichi Solomoon Mana Qulqullummaa hojjetee erga xumure booda sa’aatii dheeraadhaaf jilbeeffatee Kadhachuu isaa nu yaadachiisa. 1 Mot. 6:54.

Kennaan kan guutamtee ykn «ኦ ምልዕተ ፀጋ» Sirna Qiddaasee

Sirna Qiddaasee irratti tokkoon tokkoon uumamtootaatiif kennaa murta’aan akka kennameef Yeedaloodhaan ni jenna ykn ni dhageenya. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eeliif Araarri akka kenname. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri’eeliif kennaan Missiraachoo himuu.

Museedhaaf Seera, Arooniif Lubummaa …… haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif garuu kennaan ishee kan qofaadha jedhamee kan dubbatamu miti sababni isaas Kennaan kan guutamtee waan taateef «ተፈሥሂ ፍሥህት ኦ ምልዕተ ፀጋ» ykn «Kennaan kan guutamte gammadi!» jennee Sirna Qiddaasee irratti kan ishee galateeffannus Kennaan kan guutamte waan taateefi.

Ergamoonni Waaqayyoo Mukukkula Ibidda sanaa kan tuqan qabduudhaan ture, haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam garuu Ibidda kan jedhame ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos deessee, Ibiddicha haammatteerti. Kanaafis «ኦ ምልዕተ ፀጋ» ykn «Kennaan kan guutamtee» jechaa ni faarfanna, ishees ni galateeffanna.

Misbaaka ykn «ምስባክ» yeroo Sirna Qiddaasee

Misbaakiin fakkeenya abdii isaa Kakuu Moofaa keessaati, Raajonni kan raajan, Waaqni nama kan itti ta’e, raajiiwwan dubbataman hundi fakkeenya raawwatamuu isaati. Diyaaqoniin Misbaakii dubbisu fakkeenya Raajotaati ykn fakkeenya Raajota Kakuu Moofaa keessa turaniiti jechuudha. Misbaakiin kan dubbifamu Kitaabaa Faarsaa Daawwit keessaadha.

Sababni Misbaakiin yeroo hunda Faaruu Daawwit keessaa itti dubbifamuufis  Raajonni kennaan isaanii kenname kan murtaa’e ture, Raajichi Daawwit garuu Dhaloota Kiristoosii hanga ol ba’uu Kiristoositti kennaan raajuu waan isaaf kennameef akkasumas Kitaabni Faarsaa Daawwit Yeedaloodhaaf waan mijatuufi.

Qulqulluu Wangeela Sirna Qiddaasee irratti

Ergaan inni jalqabaa yeroo dubbifamu Diyaaqoniin fuula isaa gara Lixaatti naannessee dubbisa, Diyaaqonii inni lammaffaan ammoo fuula isaa gara Kaabaatti naannessee dubbisa, Lubni inni lammaffaan ammoo fuula isaa gara Kibbaatti naannessee Kitaaba Hojii Duuka Bu’ootaa dubbisa, Lubni inni tokkoffaan ammoo fuula isaa gara Bahaatti naannessee Wangeela Qulqulluu dubbisa.

Kunis Iccitii fi fakkeenyummaa ajaa’ibaa qaba, tokkos Wangeelli kallattiiwwan arfanittiyyuu Lallabamuu isaaf fakkeenya isa Wangeelli Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kallattii hundattiyyuu Lallabamuu isaa agarsiisuufi.

Tokkos Jannata kan obaasan Lageen afur ni jiru, isaanis :- Efraaxas, Giyoon (Abbaay), Efeesoon fi Xeegroosidha. Lageen kunneen arfan Jannata obaasanii akkuma lalisummaa fi magariisummaatti jijjiiran, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis kan dheebote yoo jiraate Bishaan jireenyaa dhugee jireenya haa argatu akkuma jedhe Wangeelli Qulqulluunis akkuma kanatti ni lalisiisa yeroo jedhanidha.

Wal harkaa fuudhiinsa Sirna Galatoo Sirna Qiddaasee irratti ykn «ሐዋርያዊ ቅብብሎሽ በቅዳሴ»

Lubni inni tokkoffaan «ዘአወፈየኒ

አወፈይኩከ» ykn «Kan naaf kenname siif kenne» jedhee Wangeela sana Luba isa lammaffaaf ni kenna, Lubni inni lammaffaanis Diyaaqoniitti ni kenna kanadha Wal harkaa fuudhiinsi Duuka Bu’ummaa «Apostolic Succession» kan jedhamu.

Lubni inni tokkoffaan fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yoo ta’u;

Lubni inni lammaffaanis ammoo fakkeenya Qulqulluu Pheexiroos;

Diyaaqoniin ammoo fakkeenya amantoota ykn Kiristaanota hundaati.

Wangeela Dhungachuu

Sababni hundi keenya Wangeela itti dhungannuuf jecha Waaqayyooti, mudoo tokkoyyuu hin qabu itti ni amanna jenneetu, tokkos Oriitiin seerota 622 qabdi, Seerri hundiyyuu jaalalaan ni hidhama waan ta’eef nutis kan walitti qabamneef bu’uura Wangeela isaatiin Jaalalaanidha, nuti tokkodha yeroo jennudha.

Fakkeenyummaa Galata ykn Sibhaatii Lubootaa ykn «የካህናቱ ሥብሐት ምሳሌ»

Luboonni «Galanni Abbaaf! Galanni Ilmaaf! Galanni Afuura Qulqulluuf!» ykn «ሥብሐት ለአብ ሥብሐት ለወልድ ሥብሐት ለመንፈስ ቅዱስ» jechaa ni naanna’u. Kunis Israa’eeloonni gamoo ykn dallaa Iyyaarikoo guyyaa torba (7) naanna’aanii, guyyaa torbaffaatti yeroo torba yeroo naanna’aan gamoon ykn dallaan Iyyaarikoo diigamuu isaatiif fakkeenya.

Lubichi Ixaana ulaa (ዕጣን እያጠነ) uummata keessa ni naanna’a, kunis Israa’eeloota diina isaanii irraa akkuma eegde, uummatas diina Diyaabiloos irraa eegi yeroo jedhudha. Lubichi Ixaana yeroo ulutti Kadhannaan nuti kadhannu Ixaana sana waliin gara Waaqayyootti ol ba’a. «Aarri Ixaanichaas Kadhannaa Qulqullootaa waliin harka Ergamichaatiin gara dura Waaqayyootti ol ba’e» Mul. 8:4

Gara Bahaatti ilaalaa! «ወደ ምሥራቅ ተመልከቱ»

Diyaaqoniin gara Bahaatti ilaalaa ni jedha. Raajichi Hizqi’eel raajii isaatiin akkas akkuma jedhe. «Gara Bahaatti balbala cufamen arge. Balballi kun cufamtee jiraatti malee hin banamtu, namnis keessa hin seenu. Qulqullichi Israa’eel garuu osoo hin baniin seenee baheera» Hizq. 44:1.  Balbala Bahaa kan jedhamte haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha. Baha irraa ykn karaa Bahaa Aduun akkuma bahu, baha kan jedhamte.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Aduu dhugaa kan jedhame Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos deesseerti waan ta’eef.  Tokkos balballi kun cufamtee jiraatti malee hin banamtu jedhe. Kunis waa’ee Dubrummaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan ibsudha. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam osoo hin da’iin dura, yeroo deesse fi erga deesse boodas Dubroodha waan taateef.

Namni keessa hin seenu jedhe ilma ishee tokkicha Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos qofa Dubrummaadhaan deesseerti waan ta’eef.

Luboota Harka keessan Kaasaa ykn «አንሥኡ እደዊክሙ ቀሳውስ» :-

Diyaaqoniin kana yeroo jedhutti Lubni inni lammaffaani Maahifadaatii sana Tsaahilii irraa ol kaasa, kunis Ergamaan Waaqayyoo dhagaa Awwaala irra ture sana kaasuu ykn gadi garagalchuu isaatiif fakkeenya. Kana boodas Gooftaan keenya Kadhannaa guyyaa Kamisaatti Habistii akkuma qabate, Lubichi inni tokkoffaanis Habistii sana ol kaasee qabata, kunis fakkeenya ka’umsa Gooftaati.

Maaloo Yaa Kiristoos nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ መሐርነ ክርስቶስ»

Igzi’ootaa irratti Lubichi Habistii sana caalaatti ol kaasee qabata, kunis fakkeenya ol ba’iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Lubicha waliin taanee yeroo ykn si’a Afurtami tokko (41) Maaloo Yaa Kiristoos nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ መሐርነ ክርስቶስ» ni jenna.

Kunis Igzi’ootaan Afurtamni (40) Ayihuudonni Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo Afurtama (40) garafna jedhanii baay’isanii garmalee isa reebuu ykn garafuu isaaniitiif fakkeenya yoo ta’u, dhuma irratti Igzi’ootaan Lubichi kophaa isaa jedhu tokkittiin ammoo fakkeenya Gaabbii Addaam fi Heewaanidha.

Yeroo kudha lama (12) Maaloo Yaa Kiristoos nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ መሐርነ ክርስቶስ» yeroo jennu ammoo waa’ee maqaa keetiif nuuf dhiisi yeroo jennudha, «አብ ወልድ መንፈስ ቅዱስ» kan jedhu qubee tokkoon tokkoon isaa yeroo lakkoofnu 12 ta’a waan ta’eef.

Sagalee Qaacilii ykn Dawulii xiqqoo Igzi’ootaa irratti dhageenyu

Sagaleen Qaacilii Igzi’ootaa irratti dhageenyu fakkeenya gaddaa fi boo’icha haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilma ishee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Qaraaniyootti Fannoo irratti fuula dura isheetti yeroo fannisan argitee boosse ykn gadditeeti. Jaarsichi Simi’oon «Lubbuu kee irratti Sayifiitu darba» Luq. 2:35 akkuma isheedhaan jedhe gaddi ishee inni kun gadda cimaa fi ulfaataa waan ta’eef.

Harka Lubichaa Dhungachuu ykn Harka Lubichaatiin Eebbifamuu

Namoonni tokko tokko Lubichi maalif harka isaatiin nu eebbisa ykn maalif harka isaa dhunganna jedhanii ni gaafatu, harki Lubichaa garuu Ergamoonni Waaqayyoo tuquun kan hin dandeenye Qulqulluu Foon isaa kan ittiin tuqe waan ta’eefi. Sirna Qiddaasee irratti Qulqulluu Foon isaa tuquu kan danda’u Luba isa tokkoffaa qofaadha, Lubni inni lammaffaaniyyuu tuquu hin danda’u. Lubni inni tokkoffaanis Qulqulluu Foon isaa kan ittiin tuqe waan ta’eef harka isaatiin nu eebbisa ykn harka isaa ni dhunganna.

Golgaa ykn «መንጠላኦት/ መጋረጃ»

Golgi erga golgame booda karaa alaa ykn Golgaan ala kan jiran. Lubni inni lammaffaan fi Diyaaqoniin fakkeenya Raajotaa yoo ta’an, sababni isaan karaa alaa ykn golgaan ala ta’aaniifis. Barri Raajotaa bara itti girgiddaan lolaa ykn «የጥል ግድግዳ» bara itti turedha waan ta’eefi. Karaa keessaa ykn golga keessa kan jiran Lubni inni tokkoffaa fi Diyaaqoniin ammoo fakkeenya Duuka Bu’ootaati.

Kunis girgiddaan lolaa ykn «የጥል ግድግዳ» diigamee. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka Bu’oota isaa waliin ta’uu isaa kan agarsiisudha. Itti aansuudhaanis Diyaaqoniin «Luboota Balbala banaa!» ykn «ቀሳውስት ደጆቹን ክፈቱ» Faaruu. 24:7 jedha. Kunis Anaaguunisxiisiidhaafi «አናጉንስጢስ» Anaaguunisxiisi jechuun sagalee isaanii ol kaasanii Kitaabolee kan dubbisaniifi ibsaa qabuudhaan kan tajaajilan gargaartotadha.

Anaaguunisxiis sunis yeroo sanatti golga sana ni bana sanas Raajotaan kan fakkeeffaman Lubni lammaffaa fi Diyaaqoniin alaan jiran, Duuka Bu’ootaan kan fakkeeffaman Luba tokkoffaa fi Diyaaqonii keessa jiran waliin wal argu. Raajotaa fi Duuka Bu’oonni iddoon itti tokko ta’aan kun hoo eessa laata? Eliyaas, Musee fi Qulqulluun Pheexiroos iddoon itti wal argan Tulluu Taaboritti, Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa keenyas Tulluu Taaboriin waan fakkeeffamtuuf Sirni bareedaa fi ajaa’ibaa kun Mana Kiristaanaa keenya keessatti ni argama.

Qulqulluu Fooniifi Kabajamaa dhiiga Gooftaa keenyaa «የአምላካችን ቅዱስ ሥጋው ወክቡር ደሙ»

Qulqulluun Foon isaa fi Kabajamaan dhiiga Gooftaa guyyaa Kamisaatti mana haadha Qulqulluu Maarqoos Maariyaam Baawufiliyaatti gamoo isa gubbaa ykn gamoo isa lammaffaa irratti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka Bu’oota isaatiif akkas jedhee kenne «Kuni Foon kooti hoodhaa nyaadhaa! kuni dhiiga kooti hoodhaa dhugaa! » Luq. 22:19.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos kuni kuni foon koo fakkaata kan Yaadannoo kooti hin jenne, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka Bu’oota isaatiin kan jedhe «Kana yeroo taasistanitti Yaadannoo koos taasisaa!».

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos «Yaadannoo koo taasisaa!» jechuunis maal jechuudha laata? Kunis yeroo Foonii fi dhiiga koo fudhattanitti gidiraa koo yaadachaa, Qaraaniyootti, Golgootaatti jaalala koo yaadachaa fudhadhaa jechuudha malee akka Shakkitoonni jedhan miti.

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos «Osoo isaaf hin maliin ykn osoo hin ga’iin Fooniifi dhiiga isaa kan fudhate bakka Araaraa firdiitu irratti ta’a» jedhe. 1 Qor. 11:29. Namoonni Qoronxoos akka Shakkitootaa maal nadhibdeedhaan gara Fooniifi dhiiga Gooftaatti waan  dhiyaataniif baay’eewwan isaanii ni du’an, akkuma beekamu namni nyaata nyaatee hin du’u ture garuu Fooniifi dhiiga isaatti osoo hin gahiin waan dhiyaataniif ni du’an. 1 Qor 11:29-32. Nutis akka arjummaa keetti malee akka balleessaa keenyaatti hin ta’iin jechaa gara Foon fi dhiiga isaatti dhiyaanna.

Akkasumas Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos itti dabaluudhaan Shakkitoota Fooniifi dhiigni Gooftaa Yaadannoodha jedhaniin of jaja ykn difratiidhaan itti hin dhiyaatiinaa jedha. Lubichi harka isaa dhiqachaa «…..Gaabbii galaatii itti dhiyaadhaa» jedha. 1 Qor. 11:29.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Ortodoksii Tawaahidoon bara baraan haa jiraattu!

D/n Yonaas Zakkaariyaasiin

The post Hiika Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo first appeared on Qubee Online +.

Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 6ffaa
Hiikoo Sirna Qiddaasee Ortodoksii Tawaahidoo

Kutaa 1ffaa irraa kaasee kan isiniif dhiyeessaa turre Hiikoo Sirna Qiddaasee kunoo kutaa 6ffaa irra geenyeerra. Kutaa 6ffaa kun kutaa dhumaa Hiikoo Sirna Qiddaasee ti. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Kutaa 6ffaa

Kutaa kanatti osoo hin darbiin dura Kutaa darban hin dubbisne yoo ta’e dursa Kutaalee darban dubbisaa!

Quxisuuwwan Kiristaanotaa ba’aa ykn «ጻኡ ንኡስ ክርስቲያን ጻኡ ንኡሳነ ክርስቲያን»

Quxisuuwwan Kiristaanotaa kan jedhaman Kiristoositti kan amanan, Barumsa Wangeelaa barachuun Cuuphaa fi Fooniifi dhiiga isaatiif qopha’aa kan jiranidha. Ajajichis kan ilaallatu isaaniini.

Ta’us garuu yeroo baay’ee kan ilaallu ykn yeroo ilaallu akka ilaalcha namoota baay’eetti ajajichi namoota deemuu barbaadan hundaaf kan ajajameef itti fakkaatee Qiddaasee adda kutanii kan ba’aan hin dhabaman waan ta’eef kuni sirrii miti.

Keessattuu guyyaa Sanbataatti Sirna Qiddaaseetiin Barumsa Wangeelaa dhageeffannee Qiddaasee hirmaachuun eebba guutuu argachuu osoo dandeenyuu, «kanumayyuu eebbaaf haa jedhu!», «hanga walakkeessa Qiddaaseetti yeroon ture yoom na hanqate!», «yeroo hin qabu!», sababoota jedhaniin sababeeffannee manas deemnee hojiin hojjennu osoo hin jiraatiin, yeroo labsii kanatti Qiddaasee adda kunnee osoo deemuu baannee gaariidha. Inumaayyuu yeroo yaannu guyyaa Sanbataatti Sagalee Waaqayyoo dhageeffachuu fi Sirna Qiddaasee hirmaachuuf yeroo hin qabnu yoo ta’e yoomi laata kan yeroo argannu? kanaafuu Qiddaasee adda kunnee osoo gara manaatti deemuu dhiisnee gaariidha.

Wangeelli erga dubbifame booda hojii ariifachiisaa yoo ta’een ala namni tokkoyyuu Mana Kiristaanaatii hin ba’iin!, Sirni Qurbaanaa osoo hi raawwaamiin, Lubichi osoo eebba hin kenniin fi osoo hin gaggeessiin bahuun sirrii miti.

Firee Qiddaasee

Yeroon inni Sadaffaan Sirna Kadhannaa Qiddaasee ykn Kadhannaa Qurbaanaa Firee Qiddaasee jedhamuun beekama. Duuka bu’ichi «Kan badu ykn badaa kan ta’e Foon keenya kana irratti jireenyi Kiristoos irratti akka beekamuuf (akka ibsamuuf) gidiraa Kiristoos fudhate ykn arge yeroo hunda foon keenyaan ni baanna» akkuma jedhe. 2 Qor. 4:8. Yeroo Kadhannaa kanatti waa’ee dubbii Fannoo Gooftaa sirriitti kan itti yaadatamu yoo ta’u.

Sirna Kadhannaa Qurbaanaatiinis yeroo hundaa olitti namoonni Sirna Qiddaasee raawwatanis (Luboota fi Diyaaqonoota) ta’e warreen Qorroban fi warreen Sirna Qiddaasee hirmaatan waa’ee dubbii Fannoo Gooftaa yaadachuudhaan gidiraawwan gooftaan arge, isaan keessaa muraasa kan ta’aan bu’uura kan jedhaman dhukkubbiiwwan Fannoo irraa kudha sadan Galatoo ykn galata waliin akka yaadatan fi Gidiraan gooftaa isaanitti yaadatamaa gadduun isaanirraa eegama. Isaan kunis;

1. «አክሊለ ሦኽ» ykn Goonfoo Qoree uffachuu isaa

2. «ተኰርዖተ ርእስ» ykn Mataa isaa uleen reebamuu isaa

3. «ተጸፍዖ መልታሕት» ykn Fuula isaa kaballaan rukutamuu

4. «ሰትየ ሐሞት» ykn Hadhooftuu hadha’aa dhuguu isaa

5. «ወሪቀ ምራቅ» ykn Ayihuudonni ancufa itti tufuu isaanii

6. «፭ ቱ ቅንዋት» ykn Mismaarota shananiin rukutamuu isaa

11. «ተቀስፎ ዘባን» ykn Dugda isaa qanceen rukutamuu

12. «ተዐሥሮ ድኅሪት» ykn gara duubaatti hidhamuu isaa

13. «ጸዊረ መስቀል» ykn Fannoo baatee deemuu isaa

«ርግዘተ ገቦ» ykn Cinaacha isaa Eeboo Langinoosiin waraanamuu isaa

«ወሪደ መቃብር» ykn gara Awwaalaatti bu’uu isaati.

Fitihaata ZeWold «ፍትሐተ ዘወልድ» | Hiikoo Sirna Qiddaasee

Kadhannaan kun Kadhannaa Gaabbiiti. Kadhannaan kun yeroo nuuf kadhatamu kufnee sagadnee Kadhannaa Gaabbii fudhachuu qabna. Kadhannaa Gaabbii kana dursee Diyaaqoniin akka sagadnuuf yeroo nu dhageessisetti ykn akka sagadnu yeroo labsii labsetti sagaduun nurraa eegama. Ta’us garuu sa’aatii ykn yeroon kun;

Baay’ee dhaabbachuu, qaamni keenya dhadhabaan kun yeroo boqonnaa hawwutti waan ta’eef dhadhabbii keenya waliin ykn dhadhabbii keenyaan «Maaloo fuuldura keetti ni sagadna, sagadnee siif bitamna» jennee Waaqayyoof Waaqayyo fuulduratti waadaa erga galle booda;

Kan sagadne fakkaannee rafuun ykn muguun,

Taa’uudhaaf iddoo mijataa barbaaduun,

Naannoo roga fi bukkee barbaaduun boqochuun «hanga ammaatti kanan dhaabbadhe na gaha, ammuma illee xiqqoo taa’een asqaddasa»

jennee achiin hirribni nu qabee fi namni nu kaasee gara manaatti deemuuf namni kan nu kaasu yoo ta’e ykn namoonni bartee akkasii qabnu waan hin dhabamneef yeroo sanatti ykn yeroon sun dhadhabaa cimaa osoo hin jedhiin hundayyuu kan qoru fi dhadhabbii keenya hundaaf eebba kan itti argannu waan ta’eef dammaqnee cimnee Kadhannaa kana osoo hordofnee gaariidha.

Dabalataanis sinfinnaa irraa fagaannee yeroo Kadhannaa Gaabbii kanatti dubbisa Kadhannaa Gaabbiitiin Lubichi akkas jedhee Kadhannaa nuuf kadhatu dhageeffachuun nurraa eegama.

Kadhannaan Lubichaas

«Maaloo! yoo balleessine yoo si mufachiisne beekuudhaanis ta’e wallaaluudhaan, dabaanis ta’e hammeenya lapheetiin, hanqina beekumsaatiinis yoo dhadhabbii ykn hanqina namaa ati ni beekta, Yaa arjaa nama kan jaallattu gooftaa uumama hundaa Maaloo Cubbuu keenyaaf dhiifama nuuf kenni, nu eebbisi, nu kabaji, nu qulqulleessi, kan hiikamnes nu taasisi, uummata hundas hiiki!» akkas jedheetu kan kadhatu, Lubichis kan isaaf kenname Luboota Leewwii, Mootota lafaa irraa adda kan ta’een aangoo lafarraa fi samiirraatiin «Waaqayyo isin haa hiiku!» jedhee araara yeroo nuuf kadhatu boqochuu ykn rafuu hawwuu hin qabnu. Kennaan Waaqayyoo fi Mootummaan Waaqayyoo dhadhabbii baay’eedhaan akka argaman Wangeelaawwiin akkas jedhee nu barsiiseera «Gara Mootummaa Waaqayyootti dhadhabbii baay’eedhaan ni seenna!» HDB. 14:22.

Waaqayyoodhaaf galanni fi ulfinni haa ta’uutii ciminaan akka isa galateeffannuuf, akka kadhannuuf Duuka bu’oota isaa yeroo qorumsaatti Kadhannaadhaaf akka ciman ykn kadhannaadhaan akka ciman «Akkamitti ana waliin sa’aatii tokkoof dhaabbattanii Kadhachuu dhadhabdu» jedhee isaan jecha ittiin cimseen nutis yeroo Kadhannaatti dammaqinaa fi ciminaan akka isa tajaajilluuf nu gorsa. Maat. 26:40.

Yeroo Mootummaa keetiin dhuftetti na yaadadhu! ykn «ተዘከረነ እግዚኦ በውስተ መንግሥትከ»

Yaa Gooftaa Mootummaa keetiin yeroo dhuftetti na yaadadhu. Luq. 23:42. Kadhannaan kun Beektonni ykn Abbootiin Mana Kiristaanaa yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti akka Kadhatamuuf taasisaniiru.

Kadhannaa kana kan kadhate Fannoo Gooftaa irraa gara Mirgaatti namicha fannifame yoo ta’u, Cubbuu isaa amanuudhaan Kadhannaa inni kadhate ture. Nutis «በከመ ተዘከርኮ ለፊያታዊ ዘይማን» ykn «Namichi isa karaa mirgaa fannifame arjummaa kee fi dhiifama keetiin Mootummaa Waaqayyootiif akkuma geessiste, nuunis rifeensa mataa keenyaa caalaa kan baay’ate Cubbuu keenya irraa akkuma kana isiniif dhiiseera nuun jedhi!, Isaan ‘Hardha ana waliin Jannata keessa jirta’ akkuma jetteen Qulqulluu Foon kee fi kabajamaa dhiiga kee fudhannee Jannata Mootummaa Waaqayyoo ni seenna abdii jedhu irraa nu hin fageessiin!» jechaa Kadhanna.

Yeroo Kadhannaa kanaatti;

1. Araara Gooftaa fi balleessaa keenya yaadachaa baay’ee yoo gaddinee fi yoo boonye gaariidha. Badii fi Cubbuu keenya yaadachuuf yeroon isaa waa’ee Mooticha Daawwit guddaa fi nama beekamaa

ta’ee ofii isaa Waaqayyo fuulduratti gadi kan qabe «Cubbuu koo yaadachaa siree koo imimmaaniinan jiise, ijoonni koos imimmaan irraa kan ka’e ni dhadhaban» jedhe. Faaruu. 6:6. Gooftaanis Wangeela isaa keessatti «Hardha kan boo’an, kan gaddan eebbifamoodha» jedheera waan ta’eef. Maat. 5:4. Kitaaba Monoksootaa irratti «Nama ta’ee kan hin balleessine, muka ta’ee kan hin aarre hin jiru waan ta’eef balleesseera jedhanii boo’uun» Aarsaa addaa akka dhiyeessuutti ta’uu isaa yeroo agarsiisu «Aarsaan tolootaa ykn qajeelotaa imimmaan isaaniiti» jechuun caqaseera. (Maar Yisihaaq 48). Imimmaan nuti buusnu ibidda Si’ool jiru dhaamsuufi qaama keenya cubbuudhan xuraa’e qulqulleessuufi. Namni cubbuudhaan awwaala keessa yoo jiraate garuu mallattoon isaa imimmaan dhabuudha. (Maar Yisihaaq 48).

2. Dhukkubbii isaa fi gidiraa xoofoo inni fudhatee akka yaadannuuf ija sammuu ykn ija yaada keenyaatiin gara Qaraaniyootti imallee dhiigaan kan guutame fi Mismaarota shananiin Fannoo irratti kan fannifame qaama Gooftaa haa ilaallu, Jaalala isaafi olmaa isaa haa yaadannu.

3. Foon isaa Qulqulluu fi dhiiga isaa kabajamaa kan nuuf kenne yaadachaa yoomi laata kanaan kan na geessu? jechaa abdii haa godhannu.

4. Ka’umsa isaa haa yaadannu.

5. Dhufaatii isaa lammaffaa haa yaadannu (1 Qor. 11:26).

Akka Araara keetti ykn «በከመ ምሕረትከ» | Hiikoo Sirna Qiddaasee

Yeroo Kadhannaa Qiddaasee keenyatti Kadhannaan filatame inni kan biraa isa kanadha. Duuka bu’ichi «Kan nu fayyise, waamicha Qulqulluu isaatiinis kan nu waame Waaqayyodha, kunis akka yaada isaatti fi akka kennaa isaattidha malee, akka hojii keenyaatti miti» akkuma jedhe. 2 Xim. 1:9.

Kadhannaan kunis osoo dhiifamaa fi arjummaa isaa miti ta’ee; mataa keenya gadi qabuudhaan fuuldura isaatti dhaabbachuufi kan Qulqullaa’e maqaa isaa waamuudhaaf nuuf hin danda’aamu ture kan jedhu yaada bu’uuraa irraa ka’uuni. Qulqulluun Daawwit «Abbaa mucaa isaatiif akkuma garaa laafu, akkuma kana Waaqayyos warra isa sodaataniif garaa laafa» Faaruu. 92:13 akkuma jedhe Kadhannaa Kadhachuun nurraa eegamudha.

«በከመ ምሕረትከ አምላክነ ወአኮ በከመ አበሳነ» ykn «Uumaa keenya akka dhiifama kee, akka arjummaa keetti dha malee akka balleessaa keenyaatti hin ta’iin»

Hiikni isaa qeenxee ykn hiikni qeenxee kan Afaan Gi’iiziin jiru kanaa «Uumaa keenya akka dhiifama kee, akka arjummaa keetti dha malee akka balleessaa keenyaatti hin ta’iin» yoo ta’u,

Inni lammaffaan ammoo :- Bonaa fi Ganna, Guyyaa fi Halkan kan wal jala jijjiirtu akka dhiifama keetti, akka arjummaa keetti malee akka balleessaa keenyaatti osoo ta’ee nuuf hin ta’u ture ykn nuuf osoo hin taane ture.

Sadaffaan :- Qulqulluu Foon kee, Kabajamaa dhiiga kee nyaachuu fi dhufuudhaaf fuuldura keetti kan dhaabbanne akka dhiifama keetti, akka arjummaa keetti malee akka balleessaa keenyaatti, akka Cubbuu keenyaatti osoo ta’ee nuuf hin ta’u ture jechaa Arjummaa fi Araara Waaqa keenyaa yaadachuun Cubbuu keenya amanuudhaan gara isaatti dhiyaachuuf Kadhannaa nuti kadhannu dha.

Maaloo Yaa Kiristoos nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ ክርስቶስ መሐረነ» | Hiikoo Sirna Qiddaasee

Kadhannaan kunis Kadhannaa hunda irraa kabajamaa fi jaallatamaa kan ta’e Kadhannaa isa lammaffaa yoo ta’u yaada keenya sassaabbannee Waaqayyo gonkumaa sodaachuun miila keenya lamaaniin dhaabbannee Cubbuu keenyaaf dhiifama kan itti kadhannu Kadhannaa adda ta’edha. Yeroo kanatti callisuun nurraa eegama.

Sirna Qiddaasee kan hirmaatanis, Lubni Qurbaanicha dursus «እግዚኦ ክርስቶስ መሐረነ» ykn «Maaloo Yaa Kiristoos nuuf dhiisi» jedhee Yeedaloodhaan yeroo dhageessisu tokkummaa dhaan taanee kennaa isaa fudhachuun, Lubicha hordofnee Uumaa keenya irraa arjummaa fi araara isaa Kadhachuu fi gaafachuu qabna.

Hiikoo Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kutaa 1ffaa irraa kaasee hanga ammaatti kan isiniif dhiyeessaa turre kunoo as irratti xumurame. Waa’ee Koorsii Hiikoo Sirna Qiddaasee kanaa yaada qabdan nuuf barreessaa!

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Nu kakaasee kan nu jalqabsiise, nu jalqabsiisee kan nu xumursiise, Galanni fi ulfinni haa ta’u Waaqa tokko kan ta’aan Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluuf!

Ameen!

The post Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 6ffaa first appeared on Qubee Online +.

Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 4ffaa
Hiikoo Sirna Qiddaasee Ortodoksii Tawaahidoo

Hanga ammaatti Hiikoo Sirna Qiddaasee kutaalee sadi ilaalleerra. Amma ammoo kunoo kutaan arfaffaan. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Kutaa 4ffaa

Hiikoo Sirna Qiddaasee Kutaa 1ffaa   keessatti;

Hiika Sirna Qiddaasee

Qoqqoodama Sirna Qiddaasee

Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe?

Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan

Sirni Qiddaasee guyyaa kam jalqabame?

Kaayyoo guddaa Sirna Qiddaasee

Hiikoo Sirna Qiddaasee Kutaa 2ffaa keessatti ammoo;

Qophii dursaa Sirna Qiddaasee hirmaachuuf deemuu keenyaan dura taasifnu; Qophii;

Sammuu ykn yaadaa nuti taasisuu qabnu,

Qulqullina Qaama keenyaa eeggachuu irratti taasisuu qabnu,

Sirna Uffannaa Afuurawaa Eeguuf taasisuu qabnu

Qiddaaseedhaaf yeroo deemnu wantoota nuti uffachuun nurraa hin eegamne,

Afaa ykn Minxaafii waliin tokko ta’uu irraa of eeggachuu

Yeroo Barteen Ji’aa Dubartoota irratti mudate of eeggachuu fi k.k.f

Hiikoo Sirna Qiddaasee Kutaa 3ffaa  keessatti ammoo;

Sirna Qiddaasee irratti of eeggannoowwan nuti taasisuu qabnu;

Sirni Qiddaasee erga jalqabame booda Ba’uu fi seenuu waliin kan wal qabate

Sagalee dhageessisuu irratti

Meeshaalee Elektirooniksii qabatanii seenuu waliin kan wal qabate

Ancufaan sagalee dhageessisuun kan wal qabate

Wanta hamaa dubbachuu waliin kan wal qabate

Wanta Bilchaataa nyaataa fi dhugaatii qabatanii Mana Kiristaanaa seenuu fi Qurbaana booda nyaata nyaachuun kan wal qabate

Xiiqii qabatanii Sirna Qiddaasee irratti hirmaachuu waliin kan wal qabate

Waa’ee Haguuggii buufachuu ykn baafachuu waliin kan wal qabate

Wal dhageeffachuu waliin kan wal qabate

Wuddaasee Kantuu waliin kan wal qabate

Kadhannaa dhuunfaa Sirna Qiddaasee irratti gaggeessuu waliin kan wal qabate fi k.k.f ilaalleerra irra deebi’uun dubbisaa!

Kutaa 4ffaa hardhaa keessattis;

Sirni Qiddaasee erga jalqabame booda wantoota nurraa eegaman ilaalla;

Iddoo tokko dhaabbachuu irratti

Waaqayyo sodaachuu irratti

Kadhannaa Gaabbii Kadhachuu irratti fi k.k.f dubbisaa!

Sirni Qiddaasee yeroo eegalu

Sirna Qiddaasee irratti Hirmaannaawwan Afuurawaa nurraa eegaman keessaa muraasa

Yeroo Sirna Qiddaasee Sorooranii Dhaabbachuu

Gadi of qabiinsa ykn Tihitinnaadhaan Waaqayyo sodaachuu, hunduu tokkoon tokkoon isaa akka isaaf malutti (እንደሚገባው) akka aangoo isaatti Mana Kiristaanaa keessatti callisaa fi sodaadhaan, ciminaan ta’ee laphee qulqulluudhaan arjummaa isaa yaadachaa miila isaa osoo hin sochoosiin ykn osoo miila isaa waliin hin rukutiin fi osoo miila isaa walirra hin kaa’iin sorooree dhaabbachuu qaba. Sababni isaas miila lamaan sorooranii dhaabbachuun Sirna Kadhannaa Qiddaasee sana sirriitti akka hordofnu nu gargaara waan ta’eef. Fitihaa Negest. 14:529.

Kanas Kadhannaa Qiddaasee irratti kan raawwannu yoo ta’e Kadhannaa Qurbaanaa sanaaf kabaja qabnu ibsuu waliin akka Qulqulluu Abbaa Hiriyaaqoositti Waaqayyo fuulduratti jaalalaan, gadi of qabiinsaan dhaabbachuun akka nurraa eegamu hubanneera jechuudha. «Hardha as Foon fi dhiiga isaa fuulduratti jaalalaa fi gadi of qabiinsaan nan dhabbadha!» (Qiddaasee Maariyaam) jedhee yeroo Kadhannaa Qurbaanaatti jaalalaa fi gadi of qabiinsaan dhaabbachuu nu barsiisa. Qulqulluun Daawwitis Kadhannaadhaan maqaa Waaqayyo Qulqulluu waamuudhaaf yeroo yaadamu miilaan ykn lukaan sorooranii Kadhachuu yeroo nu barsiisu «Ganamaan ka’een fuuldura keetti gadi of qabiinsaan nan dhaabbadha» Faaruu 5:3 jedheera. Kanaanis keessattuu yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti fayyaa kan ta’e humnaa fi jilba isaa waliin kan jiru hundi dhaabbatee malee taa’ee maqaa Waaqayyoo waamuun akka sirrii hin taane ni hubachiisa.

A). Gonka Sodaachuu (ፍጹም ፍርሃት)

Afuurawaa kan ta’e Sodaa gonka ta’e Waaqayyoon kan sodaatu fi Waaqayyoon kan jaallatu fi Kiristaanni Afuura cabaa qabu amala tasgabbaa’aadha. Qulqulluun Daawwit «Afuurri cabe Aarsaa Waaqayyooti. Laphee gara laafaa kan qabu Waaqayyo hin tuffatu» Faaruu. 50:17 jechuudhaan Waaqayyo kan nurraa barbaadu Afuurri cabeen, Sodaa gonkaa waliin taanee galata isaaf dhiyeessinu ta’uu isaa ni hubachiisa. Sodaa fi hollannaa ykn raafamuudhaanis maqaa Waaqayyoo waamuun nurraa eegama. Fitihaa Negest. 14:534.

Kanaafuu namni hundinuu Waaqayyo sodaachuudhaan, Waaqayyo Waaqeffachuudhaan Waaqayyo fuuldura dhaabbachuu qaba. «Waaqayyo sodaachuun Ogummaa isa jalqabaati» Fakk. 1:1 waan ta’eef namni hundinuu Waaqayyo sodaachuudhaan cubbuu fi of jaja ni dhiisa, ajajaa isaas gadi of qabiinsaa fi amanamummaan ni raawwata. Uma. 12:12. Kanaafuu akka Qulqulluu Abbaa Hiriyaaqoositti akka nu jibbanitti isaan jibbina, akka nu qaanessanitti isaan qaanessina kan jedhan yaadota hamoo irraa adda baanee ykn fagaannee bu’uuraa fi baaxii Mana Afuurawaa kan ta’an;

Waaqayyo jaallachuu fi nama jaallachuu

Gadi of qabiinsa gonkaa

Waaqayyo sodaachuu mindaa keenya haa taasifannu.

Duuka bu’ichi Qulqulluun Pheexiroos ergaa isaatiin «Wanta Waaqayyo gammachiisu Aarsaa Afuurawaa (Galata) akka dhiyeessitaniif Luboota akka taataniif Mana Afuurawaa ta’uuf ijaaramaa» jechuudhaan nu gorseera. 1. Pheex. 2:5

Kanaafuu Lubni Qaddasus foon kootiin natti dheekkama, lubbuu kootiin natti farada jedhee sodaatee Waaqayyo haa tajaajilu. Fitihaa Negest. 12:476.

B). Kadhannaan Gaabbii yeroo dubbifamu

Sagaduun nurraa eegama :- Lubni tokkoffaan Qiddaasee jalqabaa irratti Kadhannaa Gaabbii nuuf kadhata. Uummannis kufanii sagadanii kadhannicha fudhachuun isaanirraa eegama.

Kadhachuun nurraa eegama :- Seensa Qiddaasee irratti sagaleen Qaacilii ykn Dawulii xiqqoo hanga dhaga’aamutti itti fufuun Lubichi kan nuuf kadhate Kadhannaa Gaabbii deebisnee suuta jechuun kadhachuu qabna. Kadhannaan nuti kadhannu dursee Lubni kan nuuf kadhate sammuu keenyatti qabannee irra deebinee Kadhachuun ykn Kadhannaa Lubni yeroo nuuf kadhatu dhageenye sana irra deebinee sammuu keenyatti komii dhiyeeessuuni.

Kadhannaa nuti yeroo Sirna Qiddaasee kadhannu

«Lapheen namaa kan yaade, sammuun xiinxale qorattee fi osoo hin qoratiin kan beektu maaloo! Bultoo kee kan ta’u Mana Qulqullummaa keetti akkan tajaajiluuf osoo naaf hin ta’iin na filatteerta waan ta’eef sin galateeffadha. Iddoo Qulqullummaa keetti akkan dhabbadhuuf osoon hin gahiin akkan gahu na taasisteerta waan ta’eef gargaarsa kees narraa hin deebisiin, narraa hin fageessiin! Cubbuu koo akka naaf dhiistuuf naaf dhiisi jedhee sin kadhadha.

Osoo naaf hin ta’iin (gahiin) Foon fi dhiiga kee fudhachuu irraa na oolchi, arjummaa keetiinis na geessisi! humna Afuura Qulqulluu barra bulchi! Foonii fi dhiiga kee fudhadhee Abdii Mootummaa Waaqayyoo nan gala jedhu irraa na hin fageessiin! Yeroo hunda Mana Qulqullummaa keetti tajaajiluun laphee Xiiqii irraa fagaateen ta’een Aarsaa galataa Qulqulluu akkan dhiyeessuuf na taasisi. Ameen!»

Sagalee Bilbilaa ykn Dawulii Seensa Sirna Qiddaasee

Dawuliin ykn Sagaleen Bilbilaa Seensa Qiddaasee kan nu hubachiisu Dawuliin Qiddaasee, Sagaleen Dawuliin Qaacilii namoonni Sirna Qiddaasee sana gaggeessan ykn Qaddasan Qiddaasee yeroo seenan Diyaaqoniin Beetaliheemitti Habistii fi Wayinii sana Aarsaadhaaf erga dhiyeesse booda Diyaaqoniin inni lammaffaan Habistii sana Masooba Warqiidhaan mataa isaa irratti baatee, Wayinii sana ammoo Diyaaqoniin inni jalqabaa Tsiwwaadhaan qabatee, Qaaciliidhaan Sagalee dhageessisaa Lubni lammaffaan Fannoo fi Ma’ixantii qabatee ulaa duuba duuba isaanii Beetaliheemii gara Mana Qulqullummaatti seenuu.

Yeroo kanattis ykn yeroo Beetaliheemii gara Mana Qulqullummaatti seenan Sagaleen Qaacilii ykn Sagaleen Dawulii xiqqoo dhaga’aamu kun ykn Sagaleen Dawulii xiqqoo rukutamu kun «Kunoo! Cubbuu Addunyaa kan balleessu (የሚያስወግድ) Aarsaa Waaqayyoo ykn Hoolaan Waaqayyoo» jechaa kan dhageessise Lallaba Qulqulluu Yohaannis Cuuphaati. Yoh. 1:14-30. /Sirna Qiddaasee/. Sagaleen Qaacilii ykn Sagaleen Dawulii xiqqoo kun hanga inni dhaga’aamutti wantoota biraa yaaduu fi dubbachuu irraa of qusannee Kadhannaa Gaabbii sana yaaduu akka qabnu dagachuu hin qabnu.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Dubbisaa! Dubbisaa! Dubbisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 4ffaa first appeared on Qubee Online +.

Hiikoo Sirna Qiddaasee ykn Sirna Galatoo | Kutaa 3ffaa
Hiikoo Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Hiikoo Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo. Sirni Qiddaasee ykn Sirna Galatoo akka Mana Kiristaanaa keenyatti akkamitti hiikama? hanga dhumaatti dubbisaa.

Kutaa 3ffaa

Hiikoo Sirna Qiddaasee Kutaa 1ffaa  keessatti;

Hiika Sirna Qiddaasee

Qoqqoodama Sirna Qiddaasee

Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe?

Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan

Kaayyoo guddaa Sirna Qiddaasee

Hiikoo Sirna Qiddaasee Kutaa 2ffaa keessatti ammoo;

Qophii dursaa Sirna Qiddaasee hirmaachuuf deemuu keenyaan dura taasifnu; Qophii;

Sammuu ykn yaadaa taasisnu

Qulqullina Qaama keenyaa eeggachuun taasisna

Sirna Uffannaa Afuurawaa Eeguuf taasisnu fi k.k.f  ilaalleerra irra deebi’uun dubbisaa!

Kutaa Sadaffaa hardhaa keessatti ammoo qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaallu;

Sirna Qiddaasee irratti of eeggannoowwan nuti taasisuu qabnu;

Ba’uu fi seenuu irratti

Sagalee dhageessisuu irratti

Meeshaalee Elektirooniksii qabatanii seenuu irratti

Kadhannaa dhuunfaa fi Sirna Qiddaasee fi k.k.f dha.

Sirna Qiddaasee irratti wantoota nuti of eeggachuun nurraa eegamu

Waa’ee ba’uufi seenuu kan ilaallate

Sirni Qiddaasee sun erga jalqabe booda Mana Kiristaanaa keessa seenuunis ta’e, Mana Kiristaanaa keessaa bahanii deemuun hin eeyyamamu. Ta’us garuu Kadhannaan Qurbaanaa sun hanga raawwatamutti kan hin turre yoo dursanii of baasuun ykn hafuun nurraa eegama. Fitihaa Negest. 12:478. Kanas yeroo jedhamu rakkoon cimaafi sababa dhukkuba tasaa obsa nama dhabsiisu yoo akka rakkinichaatti suuta jechuudhaan namoota Sirna Qiddaasee hirmaatan kanneen biroo osoo hin jeeqiin of baasuun ni danda’aama.

Kadhannaan Qiddaasee erga jalqabame booda Diyaaqoniin «እትው በሰላም» ykn «Qoreen osoo isin hin waraaniin, gufuun osoo isin hin rukutiin nagaadhaan gara Mana keessaniitti galaa!» jedhee osoo hin gaggeessiin ba’aanii deemuun sirrii miti ykn nurraa hin eegamu. Fitihaa Negest. 12:92

Ancufaan sagalee dhageessisuun kan wal qabate

Sirna Qiddaasee keessa osoo jirruu ancufaan sagalee dhageessisuun dhorkamaadha. Fitihaa Negest. 12:476.

Dabalataanis kan qufaasisu, akkitaa kan fiduu danda’uu fi nama Sirna Qiddaasee sana hirmaatu kan biraa dhiibuu, haalli qufa’uu ykn miirri dhukkubbii fi qufaasisuu yoo jiraate yoo danda’aame qophaatti ba’aanii Sirna Qiddaasee sana hirmaachuun (Asqaddasuun) kan itti danda’aamu bakki yoo jiraate kophaatti ba’uu, yookaan ammoo dhukkubichi dursee kan isa qabe ykn kan isa irratti muldhate yoo ta’e ammoo Mana Kiristaanaa keessa osoo seenuu baatee ykn osoo seenuu baatanii ni filatama.

Haala akkasii irra osoo jirruu nan qulqulla’a, eebban argadha jedhanii yaaduun dirqama Mana Kiristaanaa seennee Sirna Qiddaasee hirmaannu malee jennee yoo xiiqii qabanne sirrii miti ykn xiiqii qabachuun nurraa hin eegamu. Boruu fi boruun booda dhukkubichi yoo nutti fure ykn dhukkubicha irraa yoo dandamanne yeroo itti hirmaannudha waan ta’eef.

Sababni isaas namoota Sirna Qiddaasee irratti hirmaatan kanneen birootiif qorumsa ykn gufuu akka itti hin taaneefidha. «Anattis kan amanan isaan xixiqqoo kana keessaa tokkoon isaa kan qoru hundi ykn tokkoon isaatti kan gufuu ta’u hundi dhagaan baaburaa morma isaatti hidhamee gara galaana gadi fagootti dhidhimuu isaaf wayya ture.» Maat. 18:6 jedhameera waan ta’eef.

Waa’ee Kadhannaa dhuunfaa yeroo Sirna Qiddaasee

Mana Kiristaanaa keessatti Kadhannaan Qurbaanaa erga jalqabame booda Kitaaba bananiis ta’e, Sagaleedhaan ykn sammuudhaan Kadhannaa dhuunfaa taasisuun dhorkamaadha. Kunis Kadhannaa kadhatamu irra, Aarsaa Aarsamu irra Kadhannaan koo fooyya’aadha ykn Kadhannaa koo wayya jedhanii akka yaaduuti. Namni akkasii yoo jiraate nama ifa Aduutti Shaamaa ibsee bahe fakkaata.

Ta’us garuu bu’uura Kadhannaa Abbootii irraa dhaalamee ykn barameetiin Kadhannaan dursame jalqabamee hin xumuramne yoo jiraate sirnichi dhumuudhaaf yeroo ka’u namoonni Qorroban osoo qorrobaa jiranii callisaan osoo sagalee hin dhageessisiin kadhachuun ni danda’aama. Kunis «ሥርዋጽ» dha, kana jechuunis kan jallate kan ittiin qajeelchinu, kan hir’ate kan ittiin guutamu ilaalcha ykn yaada Barsiisotaa jechuudha.

Wanta hamaa dubbachuu dhiisuu

Dubbiin hamaan namoota hamoof ibsituu isaaniiti. Namni hamaan laphee isaa waan hamaa ittiin yaadu keessaa waan hamaa baasee dubbata jedheera waan ta’eef Gooftaan (Maat. 12:35). Amala badaa kanas soroorsuuf ykn sirreessuuf akkuma Qulqulluu Daawwit «Maaloo Afaan kootiif eegaa naaf kaa’i!» Faaruu 140:3 jechaa kadhachuun barbaachisaadha.

Keessattuu Sirna Kadhannaa Qiddaasee irra osoo jiranii wanta hamaa dubbachuun, kolfuun dhorkamaadha. Kan kolfe yoo jiraate Luba yoo ta’e Subaa’ee tokko (Guyyaa 7) Qannoonaadhaan Tsoomiidhaan, Kadhannaadhaan Sagadaan ni adabama. Amantoota keessaa ykn namoota Sirna Qiddaasee sana hirmaatan keessaa yoo ta’u garuu kan kolfe hoggasuma Sirna Qiddaasee keessaa haa ba’u ykn hoggasuma Sirna Qiddaasee sana keessaa foo’amee haa bu’u, guyyaa sanatti Fooniifi dhiiga Gooftaa hin fudhatu. (Fitihaa Negest. 12, Dasq. 12, Niqiyaa 61:72).

Sirna Qiddaasee sana irra osoo jirruu iddoo Qulqullummaa isaa ykn iddoo Fannoo isaa dhaabbachuu keenya irraanfannee wanta hin taane yoo dubbanne, guyyaa gaafa jimaataatti gooftaan keenya yeroo fannifame Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos waliin carraa fannifamuu argatee waa’ee Cubbuu isaatiif araara kadhachuu dhiisee Gooftaa keenyatti kan qoose nama ykn Shiftaa karaa harka bitaa Gooftaa keenyaatti  fannifame fi mataa isaanii raasaa isa arrabsaa kan turan Mana Ayihuudiin akka wal nu hin fakkeessine of eeggaannoo taasisuu qabna. (Maat. 26:39-49)

«Akkaataa qabiinsaa irraa ni tarsa’a, akkaataa dubbii irraa ni murta’a» akkuma jedhamu namni hunduu haala ykn akkaataa dubbii isaa irraa kan ka’e ni kabajama, akkaataa dubbii isaa irraa kan ka’es itti murteeffama. Maat. 12:37.

Wanta Bilchaataa nyaataa fi dhugaatii qabatanii Sirna Qiddaasee seenuun dhorkamaadha

Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti nyaata ykn dhugaatii bilchaataa ykn nyaata ykn dhugaatii gosa kamiiyyuu qabatanii seenuun dhorkaadha ykn hin eeyyamamu. Namoonni tokko tokko eessa akka baran beekamuu baatuyyuu Qurbaana booda Afaan kaawwanna jechuudhaan nyaata qabatanii ni seenu. Kuni garuu sirrii miti. Fitihaa Negest. 13:497. Qulqulluu Qurbaana erga fudhataniin booda Tsabala Qiddaasee ykn Qiddaasee Tsabaliin ala Mana Kiristaanaa keessatti «Zaattii» nyaachuun ykn qammasuun sirrii miti.

Xiiqii qabatanii Sirna Qiddaasee irratti hirmaachuun sirrii miti

«Qufaan nama qabee Hirqiffannaan, Xiiqii qabatanii Kadhannaan hin jiru» akkuma abbootiin jedhan namaaf dhiisuu fi araara osoo mindaa hin taasisiin araaraa fi dhiifama gaafachuun sirrii miti.

Keessattuu yeroo Qiddaaseetti namni nuti ittin wallolle ykn nuun wallole yoo jiraate naaf dhiisi jechuunii qabna. Kanaafidha «Lubichi jalqaba Qiddaasee irratti obboloota isaa irra naanna’ee naaf dhiisaa! haa jedhu, sana boodas gara uummataatti naanna’ee naaf dhiisaa! haa jedhu!» jedhamee Sirna Qiddaasee irratti kan ajajameef.

Gooftaanis akkas jedhee nu gorseera «Egaa kennaa kee Aarsaa biratti yoo dhiyeessite, obboleessi kee sirratti xiiqii ykn komii yoo qabaate ykn akka xiiqii sirratti qabate yoo yaadde Aarsaa duratti kennaa kee dhiisiitii dursitee deemiitii obboleessa kee waliin araarami! sana boodas koottuutii kennaa kee dhiyeessi!» Maat. 5:24. Kadhannaan nama Xiiqii qabatee akka Midhaan ykn makara qoree gidduu bu’eeti.

Midhaan ykn makarri qoree gidduu bu’e jalaas hin gabbatu gubbaadhaas hin buufatu. Jalaa osoo hin gabbatiin yoo gubbaadhaa buufate firii isaa itti siqanii akkuma Simbirroonni guurratan namni Xiiqii qabates Xiiqii isaa osoo hin dhiisiin yoo kadhate Xiiqii isaatti siqee Diyaabiloos firii Kadhannaa isaa guuree jalaa hambisa waan ta’eef.

Sararoota Ergaa ittiin fudhannu Qabachuun sirrii miti

Sirni Qiddaasee jalqabuu isaatiin dursee gara Mana Kiristaanaatti yeroo seennu sarara bilbilaa keenya balleessuufi cufuu dagachuu hin qabnu. Sarara kamiiniyyuu waamicha Telefoonaa qabachuun ykn ergaa dabarsuun hin eeyyamamu. «Gooftota lamaaf bitamuun kan isaaf danda’aamu eenyuyyuu hin jiru» Maat. 6:29.

Waa’ee Haguuggii buufachuu yeroo Sirna Qiddaasee

Lubootas yoo ta’aan yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti maraa isaanii baasuu, goonfoo isaaniis buusuun isaanirraa eegama. Wangeelli yeroo dubbifamu, Kidaaniin yeroo geessifamu Goonfoo isaanii buusuu yoo hin dandeenyeyyuu Wangeelli yeroo dubbifamu kana raawwachuun jira. Wangeelli yeroo dubbifamu kaawwachuun danda’aamuu baatuyyuu yeroo Wangeela dhungatanitti of ibsuun dirqamadha.

Qulqulloonni Ergamoonni teessoo isaa fuulduratti Goonfoo isaanii buusanii fakkeenya isaan itti galateeffataniitiin Luboonni keenyas gara Maqdasiitti yeroo seenan marata ykn Ximximii isaanii ni buufatu. Dhiironni garuu Qulqulleettii Mana Kiristaanaatti ykn Mana Kiristaanaatti of haguuganii ykn fuula ykn mataa isaanii haguuggatanii akka kadhatan gonkumayyuu hin eyyamamneef. Karaa biraatiin ammoo Haadholiin fi obboloonni keenya Shamarrannii garuu of haguuganii akka kadhatan ajajamaniiru.

Wal dhageeffachuu

Kadhannaa Qiddaasee irratti wal dhageeffachuun gaariidha. Ta’us garuu darbee darbee Sirna Kadhannaa Qurbaanaa irratti wal dhageeffachuu dhiisuu fi ariifachuun akkasumas callisni garmalee ni muldhata ykn ni mudata, kuni hundi sirrii miti.

Obombolleettiin balaqqeen Bakakkaa kan itti walitti hin makamne bokkaan araaraa gadi bu’ee marga irratti akkuma walii galu callisaa fi wal dhageeffachuun yoo ta’e bayeessaa fi jaallatamaadha. Ba’uu 32:2. Mana Kiristaanaatti Sirna Qiddaasee irratti hirmaachuuf kan walitti qabaman amantoonni ykn Kiristaanonni hundi waa’ee Waaqayyoo ykn Barumsa Wangeelaa, Kadhannaa kadhatamus dhageeffachuu waliin callisaan dhaabbatanii kennaa fudhachuun ala walitti haasa’uun, kolfuun sirrii ta’uu dhiisuu isaa beeku ykn yaaduu.

Hanga danda’aametti fakkaatanii dhaabbachuu irraa fagaachuun barbaachisaadha. Kadhannaa keenyaan namni nuuf haa ilaalu, namni nuuf haa dhaga’u jedhanii garmalee iyyanii dubbachuudhaan kan dhadhaban Gooftaan akka isaan hin deeggarre hirraanfachuu hin qabnu.

Kanaafuu «Yeroo kadhattan baay’istanii hin iyyiinaa!» Maat. 6:7,  obbooloonni akka hin dogoggorre fi akka hin irraanfanne akkasumas Waaqayyo galateeffachuu dhiisanii sagalee keenya qofa dhageeffachaa fi ajaa’ibsiifachaa akka hin irraanfanne «Sagaleen Afaan keessanii bahe kan daanga’e haa ta’u malee garmalee kan baay’ate akka hin taane, obboloonni akka hin hin irraanfanneef» Abbootiin 318 kana hubatanii «Mana Kiristaanaa keessatti Wuddaasee kantuudhaaf hin galateeffatiinaa, hubachuudhaan galateeffadhaa malee Wuddaasee kantuudhaaf hin saaxilamiinaa!» jedhaniiru.

Kanaafuu kennaa fudhachuuf ariifachuu ykn gara duubaatti harkifachuu hin qabnu. Akkasumas ni bareechina jedhanii dhiphachuun hin barbaachisu. Hunduu akka qabeenya isaatti, haalaan wal dhageeffachuu fi callisaan obboleessa isaa isa bira jiru miira isaa eeguudhaan tokko haa ta’an malee.

Wuddaasee Kantuu irraa fagaachuu

Kadhannaa Sirna Qiddaasee irratti Wuddaasee kantuun sirrii miti. Bu’uura isaa irraa yoo ilaallu maddi Wuddaasee Kantuu warra dhugaa ykn sirrii osoo hin ta’iin qajeeltota dhugaa ykn sirrii fakkaatanii muldhachuu miira hawwuu irraa kan dhufu ykn kan maddi hawwii badaadha.

Kana waan ta’eefis Sirna Qiddaasee irratti nama cimaadha, Asqaddashii gaariidha, kennaa isaa bareechee fudhata, hunda ni beeka akka jedhamnuuf laphee keenya keessatti baasnee buusnee akkasitti yaada ykn hawwii badaa kan nu yaadchisu ykn kan nu hawwisiisu irraa fagaachuu qabna. Kanaafuu kennaa yeroo fudhannu;

Iyyi humnaa olii hin barbaachisu :- Irraanfachuu ykn dagachuu kan fiduun jecha dheeressuunis hin ta’iin akkuma jedhe Abbaa Hiriyaaqoos

Sagalee koon bareecha, sagalee koo miidhagsa jedhanii baay’ee dhiphachuun hin barbaachisu.

Nama Asqaddaashii nu bira jiru miira isaa eeguu ana irra isa wayya jedhanii yaaduun seeraan haa ta’u

Kennaa isaa bareera waan ta’eef isa nan dursa ykn gara duubaatti hafuun qaba jechuun hin barbaachisu

Inumaayyuu Wangeela irratti «Akka Ahizaabotaatti baay’istanii hin iyyiinaa!» Maat. 6:7 jedhee gooftaan keenya akkuma nu barsiisetti miira namoota Asqaddaashii obboleewwan keenya nu bira jiranii eeguu irratti nurra isaan wayya jechuun yaaduun barbaachisaadha.

Lubni Sirna Qiddaasee raawwatus (Qaddasus) Kiristaana kennaa fudhatu sana yeroo Qiddaaseetti waa’ee Gooftaa, waa’ee Fannoo isaa yaaduun Waaqayyo fuulduratti dhaabbachuu isaanii osoo hin irraanfatiin haa Qaddasan haa Galateeffatan malee Zeemaa ykn Yeedaloo isaa garmalee baay’isanii hin iyyiin!.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hiikoo Sirna Qiddaasee ykn Sirna Galatoo | Kutaa 3ffaa first appeared on Qubee Online +.

Hiikoo Sirna Qiddaasee Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 2ffaa
Hiikoo Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Hiikoo Sirna Qiddaasee kutaa lammaffaan akka fedha Waaqayyootti wal argineerra. Kutaa kana keessattis qabxiilee gurguddoo ni kaasna hanga dhumaatti dubbisaa.

Kutaa 2ffaa

Hubachiisa:- gara kutaa 2ffaa kanaatti osoo hin darbiin dura kutaa 1ffaa hin dubbisne yoo ta’e jalqaba kutaa 1ffaa dubbistanii erga xumurtan booda gara kutaa kanatti darbaa! akkasumas dubbistanii erga xumurtan booda, hiriyoota keessaniif qoodaa, yaada keessanis nuuf barreessaa!

Kutaa 1ffaa keessatti qabxiiwwan nuti ilaalle;

Hiika Sirna Qiddaasee

Qoqqoodama Sirna Qiddaasee

Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe?

Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan

Kaayyoo guddaa Sirna Qiddaasee fi k.k.f yoo ta’u,

Kutaa kana keessatti ammoo qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaallu; Qophii;

Dursaa Sirna Qiddaasee hirmaachuuf deemuu keenyaan dura taasifnu

Sammuu ykn yaadaa taasisnu

Qophii Qulqullina Qaama keenyaa eeggachuun taasisna

Qophii Sirna Uffannaa Afuurawaa Eeguuf taasisnu fi k.k.f ni ilaalla, dubbisaa!

Gara Sirna Qiddaasee  hirmaachuuf deemuun dura qophii taasifamu (ለማስቀደስ ከመሄድ በፊት አስቀድሞ የሚደረግ ዝግጅት)

Ifa Addunyaa kan jedhame Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos «Wanti hundinuu akkaataa isaaf ta’utti fi sirnaan haa ta’u» 1 Qor. 14:40 jedhee akkuma nu gorse, sirnas barachuuniifi sirnaanis gaggeeffamuun nurraa eegama.

Kana waan ta’eefis Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa keessattuu guyyaa Sanbataatti, guyyaa Ayyaanota gurguddootti, guyyaa kabaja Ayyaana Qulqullootaatti fi waqtii ykn yeroo Tsoomiitti:-

Qiddaasee Hirmaachuuf (ቅዳሴ ለማስቀደስ)

Qurbaana Qorrobuuf

Kadhannaa Qiddaasee irraa eebba argachuuf gara Qulqulleettii Mana Kiristaanaatti yeroo dhufnu:-

Qophii Sammuu ykn yaadaa taasisuu qabna;

Gara dura Waaqayyootti yeroo dhiyaannu yaada gaarii akka qabaannu nu barbaachisa. HDB. 23:1, Roomee 13:5. Waaqni keenya «Yaa mucaa koo laphee kee naaf kenni!» nuun jedha waan ta’eef. Fakk. 23:26.

Kanaafuu gara Mana Kiristaanaatti dhufuu keenyaan ykn deemuu keenyaan dura jala bultii Sanbataatti qophii laphee ykn sammuu taasisuun Kadhannaa Qiddaasee hordofuuf ykn hirmaachuuf nu gargaara. Kana yeroo jennu guyyoota jahanitti hojiidhaan kan qabame laphee keenya walitti qabnee boqochiisuu fi gara Mana Qulqullummaatti akkamittin seenuu qaba jedhee yaaduudha. Gara Mana Qulqullummaatti of eeggannoodhaan taanee seenuu qabna. Of eeggannoodhaan seenuu akka qabnu «Gara Mana Waaqayyootti yeroo seentutti miila kee eeggadhu!» jedhee namni Ogummaa Solomoon nutti himeera. K. Lallabaa 5:1.

Yaada keenya walitti qabuufi hojii gaariidhaaf akka qophoofnu wantoota nu gargaaran keessaa muraasa yoo caqasnu:- Duuka bu’ichi «Namni Waaqayyoo gonka fi hojii gaariidhaaf qopha’aa akka ta’uuf Kitaabni Afuura Waaqayyoo qabu hundiyyuu barumsaafi ajajaaf, laphee qajeelchuuf, gorsa qajeelummaatiifi ni fayyada» 2 Xim. 3:12-16 jedhee akkuma nu gorse:-

Kitaabolee Qulqullaa’oo dubbisuu (Roomee. 15:6-5)

Sagaleedhaan kan waraabaman qabiyyee fi ergaa Afuurawaa kan qaban Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo dhageeffachuu, Amantiin gonka ka’e kan argamu Waaqayyoo dhageeffachuun waan ta’eef, Roomee 10:17.

Agarsiisota Ortodoksaawaa ta’aan (Fiilmiiwwan Afuurawaa Ortodoksii Tawaahidoo ta’aa ergaa fi Qabiyyee Afuurawaa qaban) ilaaluu fa’i. Namni Ogummaa Solomoon «Iji kee wanta qajeelaa haa ilaalan!» jedheera waan ta’eef. Fakk. 4:25.

Qulqullina Qaama keenyaa eeggachuu

Uumamaan qaamni keenya foolii gaarii akka qabaatu, qaama keenya jala bultii Sanbataatti dhiqachuun qoophaa’uu, qulqullina qaama keenyaa eeguu irra darbee Waaqayyo Qulqulluu Amalummaa isaatiin waan ta’eef gara isaatti kabajaan dhiyaachuuf qophii taasisneen gatii itti arganna. Uumaa isaanii waliin wal arguuf kan hawwan Mana Israa’eeliin Museen akkas jedhee akka qopha’aan isaan ajaje «Qaama isaanii Qulqulleeffatan, uummannis uffata isaanii miiccan» Ba’uu 19:15.

Keessattuu umurii dargagummaa irra namoonni jirru qulqullina qaama keenyaa eeggachuu qabna. Akkasumas qulqullina kophee keenyaa, qulqullina kaalsii ykn shurraaba miilaa keenya eeguu akka dirqamaatti fudhachuu qabna. Namoonni obbooloonni keenya Sirna Qiddaasee hirmaatan hedduun foolii badaa irraa kan ka’e Mana Kiristaanaa keessatti Sirna Qiddaasee hirmaachuuf ykn Qaddasiisuuf fayyaa keenya irratti rakkoo geessisuu isaatiin, keessattuu Kaalsiin hin miiccamneefi fooliin kophee qulqullinni itti hirdhate gufuu itti ta’ee akka jiru dagachuu hin qabnu.

Namaaf danqaa ta’uun Qulqulluu Wangeela irratti sagalee Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin «Danqaa kan fiduuf nama sanaaf isaaf Wayyoo!» Maat. 18:7 jedhamee akeekkachiisni cimaan waan itti kennameef jireenya ilma namaaf danqaa akka hin taane haa hubannu, namaaf danqaa ta’uu irraa of haa qusannu.

Sirna Uffannaa Afuurawaa Eeguu

Qulqullina qaama keenyaa eeggachuu waliin Sirna uffannaa eeguun nurraa eegama. Qulqulluun Yaa’iqoob fakkeenya Mana Kiristaanaa kan taatu gara Beetelitti Aarsaa aarsuuf ajajni yeroo isa gahetti maatii isaatiin «Qulqulluu ta’aa! uffata keessanis jijjiiraa!» jedhee isaan ajajeera waan ta’eef. Uma. 35:2. Kanaafuu «Kanaafuu Abbaa kee gaafadhu sitti himu» SKD. 32:7 akkuma jedhe Hangafni Raajota Museen qaroomina jireenya Afuurawaatiif kan ta’aan Abbootii gaafachuun, haala uffannaa isaanii gaafachuun, beekuun isaan fakkeenya taasifachuun Mana Waaqayyootti kan uffatamu uffata Mana Kiristaanaatiif ta’u kan adda ta’e akka qabaannu ni barbaadama ykn osoo qabaannee ni filatama, uffata addaa kan Sanbataa yoo hin qabaanne kan qabnu miiccannee, qulqulleeffannee uffannee yoo deemne gaariidha.

Dabalataanis keessattuu guyyaa Sanbataatti akka tasaa yoo ta’een ala Jaakkettii qofa, Shamizii qofa uffatanii gara Mana Kiristaanaatti deemuun baay’ees bayeessa miti. Sababni isaas gara Mana cidhaa isa dachee kan irraatti ykn Cidha Addunyaa kanaatti waamamnee yeroo deemnu illee Misirroo fi Miizeewwan sana fakkaachuuf uffata gaarii hin taane akkuma uffannee hin deemne beekamaadha. Uffata hin taane uffannee yoo deemne illee Kabaja hin argannu sababni isaas maatii kabajee nu waame hin fakkaanne waan ta’eef. (Maat. 22:12)

Akkuma kana Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa ammoo gammachuu Afuurawaa kan itti argannu ykn qoodannu waan ta’eef, wanta badaa kan hin qabne Misirroon Mootichi Kiristoos kan ta’e Mana Cidhaa Qulqulleettii waan taateef Abbootii fi Dhiironni uffata isaanii, Gaabii isaanii bifa Fannootiin uffatanii, akkasumas haadholii fi shamarran ykn obbooloonni keenya akkasuma uffata aadaa isaanii uffatanii, uumaa isaanii fuulduratti bifa ykn fakkeenya Ergamoota Samiitiin galataaf yeroo dhaabbatan, Kabaja Waaqayyootiifi, isaaniifis miidhagina isaaniiti.

Sirna Qiddaasee dhaaf yeroo deemnu wantoota nuti uffachuun nurraa hin eegamne

Uffata halkanii kamiyyuu uffatanii deemuun nurraa hin eegamu

Uffata Mana Cidhaa fi waamicha garaa garaatiif uffannu uffannee deemuu irraa of qusachuu. Boca qaama keenya garmalee kan agarsiisan uffannaawwan akkasii uffachuun guyyoota Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa gara Mana Kiristaanaatti uffannee Sirna Qiddaasee hirmaachuun nurraa hin eegamu.

Afaa ykn Minxaafii waliin tokko ta’uu irraa of eeggachuu (Abbaa manaa ykn Haadha manaa waliin rafuu)

Gara Qulqulleettii Mana Kiristaanaatti Qiddaasee dhaaf, Wuddaasee dhaaf deemuu yeroo yaadnetti ykn deemuudhaaf guyyaa yaadnetti Minxaafii irratti tokko ta’uu irraa of eeggachuun nurraa eegama. Sababni isaas halkan sanatti foon keenya fedhii lubbuutiif bichisiisuun ni barbaachisa waan ta’eef. Namaaf qabeenyi isaa guddaan dhamaatii isaa waan ta’eef (Fakk. 12:13) fedhii fooniitiin kan dhadhabe yaada keenya ykn sammuu keenya qabannee gara Mana Qulqullummaatti deemuu irra guyyaa kanatti fakkeenya Ergamoota Samiitiin yaada ykn sammuu qajeelaatiin ta’uun galatoon Amalummaa isaa kan ta’e Waaqayyo galateeffachuuf yoo deeman eebba Abbaa firii soddomaa, jaatamaa fi dhibbaa ni buufatu.

Ifa Addunyaa kan jedhame Qulqulluun Phaawuloosis kanaafidha waa’ee Qulqullummaa Cidhaa yeroo dubbachaa dhufee ta’us garuu «Kadhannaadhaaf akka cimtaniif, walii galtanii yeroodhaaf yoo ta’een ala walii walii keessan wal hin dhorkiinaa» 1 Qor. 7:5 jedhee Waaqayyo tajaajiluuf yoo ta’e garuu Minxaafii, siree irratti tokko ta’uu irraa (Qaamaan tokko ta’uu) raawwachuu irraa of eeggachuu akka qabnu kan nu barsiisan. Fitihaa Negest, Keeyyata 24, Kutaa 7.

Yeroo Barteen Ji’aa Dubartoota irratti mudate of eeggachuu fi Sirna Qiddaasee

Hawwoonni keenya, obboloonni keenya Shamarrannii bartee ji’aa yeroo isaan irratti muldhatetti gara Mana Kiristaanaatti seenuu, Qulqulluu Qurbaanaaf of qopheessuufi Kadhannaaf, Qiddaaseef akkasumas Sirna Waaqessummaa raawwachuuf of qopheessuun sirrii miti. Fitihaa Negest Keeyyata, 14:5631.

Sababni isaas qulqullina Mana Kiristaanaa keenya eeguuf jedhameetu. Akkuma beekamu Manni Kiristaanaa iddoo Waaqessummaa Qulqulleettii waan taateef iddoo itti dhaabbannee kaasee laficha dhungannee, mallatteeffannee ykn nagaa gaafannee jaalala uumaa keenyaaf qabnu ibsuu waliin eebba gonka ta’e ni arganna jennee itti ni amanna.

Kana waan ta’eefis yeroo tokko tokko barteen ji’aa haadholii ykn obboloota keenya Shamarranii tokko tokko irratti kan eegamuu olitti ta’ee to’achuuf waan rakkataniif kanarraa kan ka’e miira Amantaa Kiristaana isa kan biraa kabajuu fi sammuu isaa irratti dhiibbaan akka hin geenyeef yeroo jedhamudha ykn jedhameetu malee, akka Sirna Kakuu Moofaatti ykn akka Sirna Kakuu Moofaa sanatti barteen ji’aa kun akka Abaarsaatti lakka’aamee miti.

Akkas jedhanii yaaduuniyyuu ofii isaatti cubbuudhas, ganiinsadhas. Akkas jedhee kan yaadu yoo jiraate illee Qulqulluun Efreem «Daabiloos kan ishii dogoggorsiise Heewaan bilisa ishee taasise» Heewaan Abaarsa Foonii, Abaarsa lubbuu irraa bilisa erga ishee taasisee, mucaan ishee haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam kennaan isaa, kabaja isaa akka nu hin dhoowwanne, nuuf kadhadhu! jedhee osoo ishee hin galateeffannee ture. Galata isaa kanaan Heewaan sababbii dogoggoraa waan taateef, gonkumaa ishee hin fayyisne Shakkitoota jedhaniif balbala isaanii itti cufeera. Wuddaasee Maariyaam kan Wiixataa.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hiikoo Sirna Qiddaasee Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 2ffaa first appeared on Qubee Online +.