Sirna Mana Kiristaanaa | Qubee Online +

Sirna Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 2ffaa
Sirna Mana Kiristaanaa Kutaa 2ffaa

Koorsii Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Sirna Mana Kiristaanaa kutaa 2ffaa. Kutaa darbe erga dubbistan booda kutaa kanatti darbaa!

Kabajamtoota Maatiiwwaan Waaqayyoo ijoolleen haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaa Waaqayyootiin akkam jirtu? akkuma beekamu blog Afuurawaa keenya kana irratti waa’ee barnootaa amantaa Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Afaan Oromootiin erga dhiyeessuu jalqabnee bubbulleerra, ta’us garuu sababoota garaa garaatiin yeroo dheeraaf wantoota haaraa barnootaa Amantaa waliin wal qabatan isiniif dhiyeessaa hin turre kanaafis dhiifama guddaa isin gaafanna! gara fuulduraattis akka fedha Waaqayyootti hanga danda’aame yeroo yeroon kan isiniif maxxansinu ta’a, isinis kadhannaa keessaniin nu yaadadhaa!

Kunoo har’aafis Koorsii yeroo darbe jalqabne «Sirna Mana Kiristaanaa» kan jedhu kutaa darbe irraa kan itti fufe kutaa lammaffaa isaa isiniif qabannee dhiyaanneerra, namoonni kutaa 1ffaa hin dubbisne link kana tuquun dubbisaa, akkasumas erga dubbistanii xumurtan booda hiriyoota keessan ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo ta’aan hundaaf share taasisaa!

Ibsaawwan Sirna Mana Kiristaanaa

Ibsaan Mana Kiristaanaatti ibsamu Tsuwaafii fi Zayitii dha (Fitihaa Negest Keeyyata 1)

Mana Kiristaanaatti ibsaa hedduu ibsuuf ajajameera. Keessattuu Kitaabolee jechuunis Ergaawwan Qulqulluu Phaawuloos, Ergaawwan Qulqulloota Duuka Bu’ootaa, Hojii Duuka Bu’ootaa fa’a yeroo dubbifaman Manni Kiristaanaa baay’ee akka ifu ajajameera, inumaayyuu Wangeelli yeroo dubbifamu ibsaa garmalee baay’isuun akka barbaachisu ibsameera (Fitihaa Negest Keeyyata 1).

Sirna Mana Kiristaanaa Maqdasii fi Awudamiratii

Taabota fuulduratti sagaduuf, kadhachuuf yoo ta’een ala namni kamiyyuu gara Maqdasiitti seenee taa’uun isaaf hin eyyamamne.

Luba yoo ta’een ala amantoota keessaa namni kamiyyuu gara Maqdasiitti seenee Foonii fi dhiiga isaa fudhachuun isaaf hin eyyamamu, gara Taabotaattis hin siqu! (Fitihaa Negest Keeyyata 1)

Dubartoonni gara Maqdasiitti akka seenanii fi achii keessatti akka kadhatan hin eyyamamne. (Fitihaa Negest Keeyyata 1)

Dallaa Mana Kiristaanaa keessatti fi karaa alaatti gabaan dhorkamaadha! Erm. 7:11, Maat. 21:12-13.

Dallaa Mana Kiristaanaa keessattis affeerraa taasisuun, nyaachuun, dhuguun kan dhorkamedha. (Fitihaa Negest Keeyyata. 1)

Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa keessa seenan irra deebiin alatti baasuun tajaajila fooniitiif fayyadamuun dhorkaadha! (Fitihaa Negest Keeyyata 1)

Warreen hin amanne, kanneen hin cuuphamne, maganamanii kan foo’aman gara Mana Kiristaanaatti akka hin seenne, iccitii Mana Kiristaanaa akka hin qooddanne dhorkameera. (Fitihaa Negest Keeyyata. 1).

Gara Qulqulleettii Mana Kiristaanaatti kadhannaa fi Qurbaana Qulqulluu fudhachuudhaaf guyyoota deemamanitti, akkasumas guyyoota Tsoomii, Sanbata fi guyyoota Ayyaanaatti dhiiraa fi dubartiin fedhii fooniin wal qunnamuun dhorkaadha, sireedhaan kan wal argan guyyaa sanatti Mana Kiristaanaa hin seenan, gara Mana Kiristaanaatti deemuu dhiisaniyyuu Ayyaanota Tsoomiiwwan eeguun isaanirraa eegama. Seera Ba’uu 19:15, 1 Qor. 7:5-7.

Wanta badaa kanneen akka gorora fi furrii gadi naquu namni qabu wanta kana irra osoo jiruu gara Mana Kiristaanaatti hin seenu! Foonii fi dhiiga isaas fudhachuu hin qabu! (Fitihaa Negest Keeyyata 13)

Dubartoonni abaaboon ji’aa isaanii yeroo dhufu ykn waqtii kana irra yeroo jiran hanga guyyaa torbaatti, yeroo deessu ammoo yoo dhiira deesse hanga guyyaa afurtamaatti (40), yoo dubara deesse ammoo hanga guyyaa saddeettamaatti (80) gara Mana Kiristaanaatti akka hin seenne dhorkameera! kana booda garuu qaama ishee dhiqattee ni seenti! Seera Leewwotaa 12:15-28, Fitihaa Negest Keeyyata 6, Niqiyaa. 29.

Dhiirri yoo abjuu isaatiin sanyiin dhiiraa itti dhufe guyyaa sanatti Mana Kiristaanaa hin seenu, guyyaa itti aanutti qaama isaa dhiqatee seena. Seera Leewwotaa 15: 2-18.

Mana Kiristaanaa yeroo Nagaa Gaafatan

Namni ykn Kiristaanni kamiyyuu balbala Mana Kiristaanaa irra yeroo gahu Mana Kiristaanaa nagaa gaafachuu ykn «መሳለም» qaba. Faaruu. 28.

Gara Mana Kiristaanaatti yeroo seenanu kopheen baafamuu qaba, kophee godhatanii Mana Kiristaanaa seenuun dhorkaadha. Seera Ba’uu 3:5-6, HDB. 7:35, Fitihaa Negest Keeyyata 12.

Mana Kiristaanaa keessatti yaada keenya dhimma Afuurawaa irratti qofaa taasisnee gara yaada fooniitti ykn yaada Addunyaatti akka hin deemne dhorkuun barbaachisaadha.

Lubatti siqanii Masqalii ykn Fannoo dhungachuu fi eebba argachuun barbaachisaadha.

Mana Kiristaanaa keessatti kan argaman Fakkiiwwan Qulqullaa’oo Qulqulleettii Sillaasee, kan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos, kan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, kan ergamoota Waaqayyoo, kan Raajotaa, Duuka Bu’ootaa, kan Qulqullootaa, kan Wareegamtootaa fi kan Abbootii Qulqullootaa harka fuudhuun fi sagada kabajaa sagaduun barbaachisaadha.

Mana Kiristaanaa keessatti kolfuun, waa’ee hojii Addunyaawaa haasa’uun dhorkaadha. Erga Mana Kiristaanaa seenne booda callisaan, sodaa Waaqayyootiin taa’uu qabna sababni isaas Manni Kiristaanaa iddoo Faaruu fi galatoon Maahileetii ergamootaa, raajiin raajotaa, lallabni Duuka Bu’ootaa itti dhaga’amu fi iddoo waa’ee Waaqayyoo itti baratan waan ta’eefi. Kanaan alas iddoo itti Foonii fi dhiigni Gooftaa itti kennamu waan ta’eefi.

Uffata gabaabaa fi uffata xura’aa uffatanii gara Mana Kiristaanaatti seenuun dhorkaadha, gara Mana Kiristaanaa yeroo deemnu uffata dheeraa fi uffata qulqulluu uffannee deemuu qabna. Seera Ba’uu. 19:1-11. Akkasumas Dubartoonni rifeensa isaanii akka haguuggatan ajajameera.

Gara Mana Kiristaanaatti harka duwwaa deemuun hin barbaachisu. Seera Ba’uu 34:20.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Sirna Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 2ffaa first appeared on Qubee Online +.

Sirna Mana Kiristaanaa | Akkaataa Ijaarsa Mana Kiristaanaa
Sirna Mana Kiristaanaa

Seensa :- Mata duree Sirna Mana Kiristaanaa ykn «ስርዓተ ቤተ ክርስቲያን» jedhu kana jalatti waa’ee Sirna Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kan waliin ilaallu ni ta’a, isinis Koorsii kutaa kutaa dhiyaatu kana dubbisaa, akkasumas guyyaa guyyaadhaan kan kutaa kutaadhaan gadhiifamu ta’a, hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Kutaa 1ffaa

Akkaataa Ijaarsaa fi hundeeffama Mana Kiristaanaa

Eeyyama Hojii Mana Kiristaanaa

Mana Kiristaanaa ijaaruuf yeroo barbaadamu Ephis Qophoosii ykn Phaaphaasii kutaa lallabaa sana eyyamsiisuun barbaachisaadha. Eeyyama Ephis Qophoosii ykn Phaaphaasiin ala Manni Kiristaanaa hin ijaaramu. (Fitihaa Negest Keeyyata 1, lakk. 3.)

Karoora Hojii Mana Kiristaanaa ykn Pilaanii

Manni Kiristaanaa yeroo ijaaramu kutaalee sadi jechuunis :- Maqdasii, Qulqulleettii fi Qinee Maahileet kan qabu ta’eetu, akkaataan ijaarsa Mana Kiristaanaa ykn gamoo Mana Kiristaanaa bu’uura Sirna Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin sadidha.

Isaan kana keessaas inni tokko akka boca Mana Qulqullummaa ykn Mikuraabii Kakuu Moofaatti boca «molaalaa» ykn «ሰቀላ» kan qabudha. Manni Kiristaanaa Boca kanaa kan dhaalame ykn kan irraa fudhatame Mana Qulqullummaa Solomoon irraa fi boodarras bara Kiristaanummaan babal’achuu jalqabetti Mootiin Qosxanxiinoos fi haati isaa Mootittii Illeeniin Manneen Kiristaanaa Iyyerusaaleemitti fi Beetaliheemitti hojjechiisan irraa kan fudhatamedha.

Fakkeenyaaf :- Atsee Yohaannis 4ffaan kan ijaarsisan Manni Kiristaanaa Dabra Libaanoos Boca saqalaa kan qabu ta’ee Gullilaatii 18 kan qabu akka ture ni himama. Manni Kiristaanaa boca saqalaa tiin ijaaramu baay’inni balbala isaa kan murtaa’e miti, jechuunis sadi ykn afur ykn isaa olis ta’uu danda’a.

Bocni Mana Kiristaanaa inni lammaffaan ammoo naannawaan isaa geengoodha. Kunis maqaa biraa «ቤተንጉሥ ቅርፅ» jedhamuunis ni waamama. Keenyaadhaan iddoo saditti qoodama, isaanis naannawaan inni jalqabaa Qinee Maahileetii jedhama, moggaasni isaas hojii ykn tajaajila inni kennu irraa kan argamedha. Faarfattoonni ykn Margeetonni fa’a galata Waaqayyoo, Maahileetii kan keessatti dhiyeessanidha.

Kutaa Inni lammaffaan ammoo Qiddist ykn Qulqulleettii kan jedhamu yoo ta’u, Teessoon ykn Manbariin Ephis Qophoosii kana keessadha, Kiristaanonni Foonii fi dhiiga isaatiif ykn Qurbaanaaf qopha’aan iddoo dhaabbatanii Qaddasiinanidha. Kutaa inni sadaffaan ammoo Maqdasii kan jedhamu yoo ta’u kunis iddoo Foonii fi dhiigni isaa itti taa’u, Teessoon Taabotaa fi Meeshaaleen Qulqullaa’oo kanneen biroon iddoo ta’aanidha.

Bocni Manni Kiristaanaa ittiin ijaaramu inni sadaffaan ammoo Holqa ykn «ዋሻ» jedhamuun beekama. Manni Kiristaanaa boca kanaa balballi isaa tokko qofa, Mana Kiristaanaa boca akkasii qabu keessatti Maqdasiin, Qinee Maahileetii fi Qulqulleettiin kan ittiin gargar ba’aan golgaadhaani.

Manneen Kiristaanaa Laalibalaan ijaarsise keessaa isaan tokko tokko boca kana qabu. Manni Kiristaanaa boca holqaa qabu Gullilaatii kan hin qabnee fi balbala tokko tokko qofaa kan qabudha.

Amma ammoo hojii ykn akkaataa ijaarsa Mana Kiristaanaatiif fakkeenya kan ta’aan fi hiika isaan kennan haa ilaallu.

Balbaloonni Mana Kiristaanaa sadi ta’uun isaanii fakkeenya Sillaaseeti, akkasumas kutaalee sadi ta’uun isaa ammoo fakkeenya Samiiwwan sadanii (magaalaa Ergamootaa) ti. Magaalaa Ergamootaa kan jedhaman Iyyoor, Raamaa fi Erer dha.

Inni lammaffaan ammoo fakkeenya aangoowwan Lubummaa sadaniiti, isaanis Diqunnaa, Lubummaa fi Ephis Qophoosummaadha.

Manni Kiristaanaa yeroo ijaaramtu utubaawwan hedduu kan qabdu ta’ee ijaarama. Utubaawwan Mana Kiristaanaa keessaa fi alatti argaman fakkeenya Ergamoota Waaqayyooti. Manni Kiristaanaa luboota qabdi, Luboonni kunneenis fakkeenya Ergamoota Waaqayyooti.

Qiddaasee Mana Kiristaanaa

Ephis Qophoosiin Qiddaasee Mana Kiristaanaa yeroo taasisutti isa waliin akka tajaajilan ykn akka gargaaran Luboonni akka argaman ajajamaniiru.

Ephis Qophoosiin Mana Kiristaanaa fi Taaboota yeroo eebbisu mallattoo ykn chaappaa Waaqayyoo kan ta’e dibata Meeroonii isa diba.

Manni Kiristaanaa guyyaa itti eebbifametti keessa isaatti ni Qaddasama ykn Sirni Qiddaasee keessatti ni gaggeeffama. Manni Kiristaanaa yeroo eebbifamu Wangeelli Yohaannis Taabota irratti ykn Taabota bukkee ykn Taabota cinaatti ni dubbifama.

Ephis Qophoosiin osoo hin dhufiin, Lubootaa fi Diyaaqonoonni osoo walitti hin qabamiin Qiddaaseen Mana Kiristaanaa hin gaggeeffamu. (Fitihaa Negest Keeyyata 1)

Akkaataa Qophii Tsillaatii

Seera Oriitii ykn bara Oriitii keessatti Taabota jedhamuun kan beekamu ykn jedhamee kan waamamu bultoo Tsillaatiiti. Ba’uu. 40:20-21, Faaruu. 131:8, 2 Qor. 6:16, Ibr. 9:4, Mul. 11:19.

Tsillaatii kan jedhamu ammoo Waaqayyo Museedhaaf dursee Abboommiiwwan kurnan irratti barreessee harka isaatiin kan itti kenne jechi isaa irratti barreeffamee kan argamu ibna baradii irraa kan bocamedha. Ba’uu.  31:18, 24:12-25, 10:22. Kuni sirna Kakuu Moofaa keessa turedha.

Kana boodas Tsillaatii irratti «አልፋ ወኦ ፥ ቤጣ የውጣ » kan jedhu maqaan gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos irratti barreeffama ykn irratti bocama, gubbaa irraa Si’iliin Sillaasee, itti aansee Si’iliin Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos itti haammattee jirtu ykn «ምስለ ፍቁረ ወልዳ», Si’ilii Yohaannis Wangeelaawwii akkasumas Si’iliin Qulqulluu ykn Wareegamaa yaadannoo Manni Qulqullummaa sun ittiin moggaafamee irra ni ka’aama, maqaan isaa ni barreeffama.

Koorsii kana fi kanneen biroo PDF dhaan argachuuf channel keenya WhatsApp follow taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- Kitaaba «ሥርዓተ ቤተ ክርስቲያን» Hangafa Lubootaa Kinfa Gabri’eel Altaayyeetiin

The post Sirna Mana Kiristaanaa | Akkaataa Ijaarsa Mana Kiristaanaa first appeared on Qubee Online +.