Qulqulluu Yohaannis | Qubee Online +

Bara Haaraa Itoophiyaa, Inquxaaxaash fi Qulqulluu Yohaannis
Ayyaana Bara Haaraa Itoophiyaa

Mata duree keenya kana keessaatti jijjiirraa bara haaraa Itoophiyaa, seenaa fi akkaataa dhufaatii isaa akkasumas waa’ee Inquxaaxaashii fi Qulqulluu Yohaannis ni ilaalla.

Inquxaaxaashii

Fulbaanni tokko waggaa waggaadhaan naanna’ee yemmuu ga’u maqaa baay’eetu itti kennama. Akka fakkeenyaatti, Fulbaanni tokko :- Inquxaaxash, Bara Haaraa, Qulqulluu Yohaannis jedhamuudhaan ni waamama. Kun hundumtuu waan waamamuuf sababa mataa isaa danda’e qaba.

Inquuxaaxash jedhamee waan kabajamuuf, akka afoolli Mana Kiristaanaa keenya nu barsiistutti, Moticha Solomoon mootittiin biyya Itoophiyaa Saabaa kan jedhamtu ogummaa Solomoon dhageessee, akkasumas Mana Qulqullummaa fi Mana Mootummaa inni ijaare karaa daldalaa ishee Tamiiriin nama jedhamu dhageessee kennaa addaa addaa fudhattee daawwachuuf gara Solomoon gaafa deemtu, mootichi Solomoonis guddaa ishee jaallatee waan hundumaa caalaatti bareedaa kan ta’e qubatti kan kaa’atamu «Hinkii Hinquu Laxaatishi» jedhee kennaa kenneefi ykn Inquuxaaxash jedhee kennaa akka kenneef abbootiin ni dubbatu. Hiikkoon isaas, «Wanta miidhagaa quba keetii siif kenneera» jechuudhaan mootiin kun mootittii Saabaadhaaf kenne. Kan inni kenneef kana qofaa miti. Qabeenyaa lafaa Iyyeerusaaleem keessaa yeroo ammaa qabnu wajjin laateef. Iddoon kun har’a «Deer Sulxaan» jedhamee beekama. Achiitii Gadaamii fi Mana Kiristaanaa baay’ee qabna. Mootittiin kun akka isheen dhaqxee mooticha Solomoon daawwatte Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffamee jira. 1 Moot. 10:1-1, 2 Seenaa/Bar. 9:1-12, Maat. 12:38-42, akkasumas, ‘Hamer’ii waggaa 6ffaa lakk. 6.

Kanuma irraan kan ka’e, yeroo dhufaatii bara haaraa namoonni «Inquxaaxash» jechuudhaan waan bareeduu fi waan miidhagu akka isaan waliif kennan abbootiin ni dubbatu.

TOKKOS, «Waan miidhagaa qomoo Kuushiif kan ba’e» jechuu akka ta’e abbootiin ni dubbatu. Kun kan jedhameef, mucaan Nohii – Kaam, mucaan Kaam – Kuush jedhama. Kuush kun immoo biyya qabeenya uumamaan badhaate, keessumaayyuu, albuuda lafa keessaa garaagaraan kan badhaate Itoophiyaa dhufuudhaaf carraa waan argateef, «Hinqu Ixaa Lanagada Kushi Waxxaa» kan jedhamu irraa oolee bulee «Inquu Ixaa Waxxaash» kan jedhu irraa kan dhufedha. Waan miidhagaa lafa keessaa ba’an, fakkeenyaaf, warqeedhaan biyya guutamte waan argateef, maqaa «Inquxaaxash» jedhamu akka kenneef abbootiin ni dubbatu. Kanas yeroo addaa addaatti badhaasa godhanii waliif kennu.

TOKKOS, «Inquxaaxash» waan jedhamuuf Fulbaana tokkoo ykn bara haaraa irraa kaasee lafti bacaqii ture ni qoora. Akkasumas biqilootni baala duwwaa turan daraaraa mimmiidhagaa nama hawwatu agarsiisu. Namootni abaaboo miidhagaa kana kutanii «Inquxaaxash» jechuudhaan ifi akka dhufe, Birraan akka bari’e agarsiisu. Jecha Gi’iiziin «Itsi Inquu Awaxxaash» jedhama. Akkas jechuun hiikni isaa: “Itsi” jechuun biqiltuu jechuudha; “Inquu awaxxaash” jechuun immoo «Biqiltuun waan miidhagaa nama hawwatu Walumaagalatti daraaraa booddee firiin waan jiruuf, kan nama baafate» jechuudha. Gammachiisu waan ta’eef ji’a “Maskaram” kana booda waan gaariitu dhufaa jira, abdiitu jira jechuun, “Baga geesse!” waliin jechuun kenna adda addaa “Inquuxaxaash” jechuudhaan waliif laatu. Kanaaf, Fulbaanni tokko Inquuxaaxashi jedhama.

Maaliif «Bara Haaraa» jedhama?

Barri moofaa fi bara haaraa hin qabu; jireenya haaraa jiraachuu kan qabu mucaa namaati malee. Bara Haaraa ykn Haara’uu kan barbaachisu ilma namaaf akka ta’e seenaan baay’een barreefamee jira. Yeroo tokko namootni walitti qabamanii abbaa amantii bira deemanii waa’ee baraa gaafatan. “Barri dhufu bara moofaa darbe irra maal fidee dhufaa? Bara gadhee moo gaariidhaa?” jedhanii gaafannaan, “Barri gadhee fi moofaa hin qabu; gadhummaa fi gaarummaa kan qabu nama malee. Isin ofii keessanii dubbii Waaqayyoon qajeeltanii jennaan waan hundumtuu sirratee isiniif gaarii ta’a” jedhan. Kitaaba Qulqulluu keessattis yeroo barri wal-jijjiiree dhufu mucaan namaa jireenya haaraa jiraachuu akka qabuu fi hirriba cubbuu keessaa dammaquu akka qabu wantootni hedduun barreeffamanii jiru. Room. 13:11 “Yeroo itti isin hirribaa damaqxan barri isaa akka ga’e beekaa!” jedhe. Room. 13:12-15 “Barri itti isin ejjaa fi halalummaadhaan jiraachaa turtan isin ga’a.”

Room. 13:14 «Hinaaffaa fi wal-mormuudhaan barri itti deddeebi’aa turre nu ga’a.» Qola. 4:5 «Baricha bituudhaan ogummaadhaan deddeebi’aa.» H. Erg. 3:20 «Cubbuun keenya nu irraa akka haqamuuf gaabbii galuudhaan baricha bituun nu barbaachisa.» 1 Pheex. 4:3 «Akka ormootni (alagootni) itti jiraatanitti jiraachuudhaan foon keessan isa xuraa’aa raawwachuutti, halalummaatti, ejjatti, machiitti, sirbatti, waaqa tolfamaa waaqessuutti barri isin dabarsitan isin ga’a.» Egaa walumaagalatti, mucaan namaa barri isaa akka margaa lafa irraa cooligee kan dafee darbu ta’uu beekee qalbii jijjiirrachuu qaba. Faarsaa 102:15-16. Iji hojii amantii Galaatiyaa 5:22 irratti caqasamee jira. Isaanis baay’inni isaanii sagal (9) kan ta’ariidha. Isaanis, Jaalala, Nagaa, Amantii, Tolummaa, Arjummaa, Gammachuu, Garraamummaa, Obsa, Mataa ofii bituudha. Kan kana fakkaatan seera Waaqayyoo eeguudhaan barri akkuma darbu nuyis akka dabarruu beeknee nama haaraa isa ta’e Kiristoosiin akka uffannu ni barbaachisa. Efeesoon 4:24. Baricha immoo bituun nu barbaachisa. Egaa hundumaa kan dabarsu, hundumaa kan jijjiiru, ofii kan hin dabarree fi kan hin jijjiiramne barabaraan jabaatee kan jiraatu laphee haaraa fi yaada haaraadhaan gara isaatti deebi’uun ni barbaachisa. Yeroo kana barri bara eebbaa, kan nagaa, bara jiruu fi jireenyaa ni ta’a. Faarsaa 102:21, R. Yoo’el 2:12.

Qulqulluu Yohaannis

Kitaaba Qulqulluu keessatti Yohaannis kan jedhaman baay’eetu jiru. Warra arfan kana keessaa inni Qulqulluu Yohaannis jedhame ilma lubicha Zakkaariyaasii fi ilma Elsaabeet dulluma isaanii keessa misiraachoo ergamaa Qulqulluu Gabri’eeliidhaan kan argataniidha. W/Luq. 1:1. Utuu garaa haadha isaa kessa jiruu nagaa giiftii Maariyaamii dhaga’uudhaan burraaqee galata kan dhiyeesseedha. W/Luq. 1:44.

Waa’ee Yohaannis Cuuphaa duraan dursa raajiin kan raajameefiidha. Isaay. 40:3, Milk. 3:1. Abbootiin amantii baay’eenis jechama baay’ee barreessaniiru. Qulqulluu Abbaan Qeerloos “Bakkalcha barii fuuldura biiftuu tureedha” jedhan. Barsiisaan jaarraa lammaffaa keessa ture, namni Xarxaaluus jedhamu immoo “Yohaannis cuuphaan ergamaa qofa osoo hin taanee ibsaadha” jedhaan. Walumaagalatti seenaa Yohannis cuuphaa qulqulluun Yohaannis afaan Warqee akka itti aanutti barreessaniiru.

Yohaannis cuuphaan kan dhalate bara mooticha Heroodos ji’a ja’a (6) gooftaa keenya lyyesuus Kiristoosiin dursuudhaan kan dhalateedha. Yeroo gooftaan keenya dhalate warri sabaa-sagal ixaana, karbee fi warqee fidanii yeroo isaan dhufan mootichi Heroodos isaan irraa dhalachuu gooftaa dhaga’ee mootummaa koo kan natti falmatu dhalate jechuudhaan ijoollee waggaa lamaa gadii dhalatanii jiran akka isaan ajjeefamaniif karoora baase. Maat. 2:1-14. Waa’ee karoora isaa kana ergamaan Waaqayyoo giiftii keenya Maariyaamii fi Yooseef gooftaa baatanii Gibxiitti akka godaananiif yemmuu itti himu, gara lubicha Zakkaariyaas immoo deemee mucaa isaanii fudhatanii gammoojjii Siinaatti akka isaan godaananiif itti hime. Lubichi Zakkaariyaas garuu “ani mana Waaqayyoo dhiisee hin deemu; ati garuu mucaa kee fudhadhuutii bosona ykn barahaa Siinaatti baqadhu” ittiin jedhee geggeessee nagaas itti dhaamee mana Waaqayyoo tajaajiluuf biraa deebi’e.

Qulqulleettii Elsaabeetis gara Waaqayyootti boo’aa mucaa dulluma keessa argatte baattattee halkanii fi guyyaa deemtee bosona ykn barahaa Siinaa keessa geessee dhagaa guddaa tokko cina dhaabbattee, lafa itti boqottus dhabdee gara Waaqayyoottis boosse. Yeroo kanatti dhagaa guddaan sun ajaa’iba Waaqayyoon banamteefii keessa jiraachuu eegalan.

Dhagaan kun yeroo bonaa itti qabbanaa’aa, yeroo gannaa immoo itti ho’aa ture. Akkaataa kanaan dhagicha keessa waggaa shan (5) jiraatan. Lubicha Zakkaariyaasiin immoo mana qulqullummaa keessatti albeedhaan qalanii ajjeesan. Maat. 23:35. Yeroo Yohaannis nama waggaa torbaa (7) ta’u harmeen isaa achitti boqotte. Yohaannis waan godhu wallaalee ishee cinaa taa’ee ni boo’a ture. Yeroo kana gooftaan Iyyesuus Kiristoos biyya Gibxiidhaa deebi’ee utuu Naazireetiin jiraachaa jiruu ganama gara bosona Siinaa ilaalee boo’uu jalqabe. Yeroo kanatti haati isaa giiftii Maariyaamiin “Maal taatee boossaa?” jettee gaafatte. Innis “adaadaan kee Elsaabeet barahaa Siinaatti boqottee Yohaannis cinaa ishee taa’ee boo’aan argee boo’a jedheen. Giiftii Maariyaamiinis sagalee ishee ol kaaftee boosse. Yeroo dhumaa kana mucaan ishee Gooftaan Iyyesuus Kiristoos ajaa’iba isaatiin duumessa abboomee duumessa yaabbatanii bira ga’an.

Yohaannis nama argee hin beekuu waan ta’eef sodaatee fiigee bosona seene. Yeroo kanatti gooftaan sodaa irraa fageessee jajjabeesse. “Nuti firri kee waan gaarii siif gochuudhaaf gara kee dhufne” ittiin jedhe. Giiftii Maariyaamii fi Soloomeen ishee miicaniifii kafanan. Qulqulluun Mikaa’eelii fi Gabri’eeliin akka isaan boolla qotaniif abboome. Lubicha Zakkaariyaas, Simi’oon raajicha jennata keessaa qaama lubbuudhaan dhufanii seera hiikamaa ykn fitihaatii godhaniifii akka isaan awwaalan taasise. Isaan waan abboomaman raawwatanii gara Gennataatti debi’an. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos mucicha eebbisee gara Naazireetitti deebi’uudhaaf kaanaan giiftii Maariyaamiin fudhannee galla malee asitti hin dhiifnu jettee boosse. Yeroo kana gooftaan “Bakki jireenya isaa hanga waggaa 30tti asuma.

Yeroo hundaa ergamootni isa ni eegu, hamaan tokko isa hin argatu” jedhee waaqummaa isaatiin dhagaa sana jala immoo akka harma harmee isaatii kan mi’aawu tsabala burqisiiseefii “Gennata keessaa immoo akka aannanii kan mi’aawu bishaan ergamootni koo ni fiduuf” jedhe. Abbaa fi haati isaas qaama lubbuudhaan gannata keessaa dhufanii ni jajjabeessu turan.

Erga guddatee booddee damma moggee nyaachaa ture. Waggaa soddoma (30) yeroo guutu, kutaa biyya Yihudaa keessaa laga Yuurdaanoos keessa naanna’uudhaan “Qalbii keessan jijjiirradhaa, hojii gaarii hojjedhaa! Tulluun gadi haa jedhu, jallaan haa qajeelu; cuuphamaa!” jechuun lallaba eegale. Lallaba inni lallabe Maat. 3:1, Maat. 1:1, Luq. 3:1 irratti barreeffamee jira. Namootni baay’een lallaba isaa irraan kan ka’e “Maal goonuu?” (Luq. 3:11) jechudhaan gaafatanii, cuuphaa qalbii jijjiirrannaa cuuphachaa turan. Yeroo sana keessa kutaa biyya Yihudaa keessa mootii jal’aa maqaan isaa Heerodoos jedhamu, Waaqayyoon kan hin beekne, obboleessi isaa lubbuudhaan utuu jiruu seera cabsee haadha manaa obboleessa isaa! kan Fiiliiphoos, ‘Herodiyaadaa’ kan jedhamtu fuudhee ture. Qulqulluun Gabri’eel galgala yeroo isaan ciisan sagalee Yohaannis cuuphaa fakkeessee isaan dheekkama ture. Isaan immoo Yohaannis cuuphaa se’anii ajjeesuuf ni barbaadu turan. Garuu arguu hin dandeenye. Yeroo hundumaa galgala galgala isaan ni dheekkama ture.

Halkan sana ka’anii ni barbaadu turan. Hin argan. Ogeessa abbaa qorichaa barbaadanii kutaa ciisichaa isaanii keessa kiyyoo diriirsanii qabuuf ni barbaadu turan. Garuu hin dandeenye. Kanaafis baay’ee rakkatan. Cubbamootni nagaa hin qaban waan ta’eef, Yohaannis cuuphaan hojii lallaba isaa itti fufe. Namootni baay’een cuuphaa qalbii jijjiirannaa cuuphamaa rakkina isaaniitti furmaata argachaa akka dhufan gaafa dhaga’u, Filiphiyoos dhaqee itti iyyate. Yohaannis osoo hin sodaatin fuula mootichaa dura dhaabbatee “haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun siif hin ta’u” jedhe.

Heroodiyaadaan garuu “Filiiphiyoosiin ajjeesi, erga sanaa booda akka garaa keenyaatti waliin jiraanna” jettee ajjeesiste. Yohaannis cuuphaan gaafa kana dhaga’u fuulaa fi fuulaan lamaan isaanii ifate, dheekkamees abaare. Yeroo kana mootichi Heeroodoosii fi Heeroodiyaadaan hinaafanii irratti ka’an. Qaammee gaafa lamaa (2) qabanii mana hidhaa keessa buusan.

Gooftaan Iyyesuus Kiristoos erga Yohaannis cuuphaan hidhamee booda wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabuu eegale. Maat. 4:17. Yohaannis duuka-bu’oota nama lama (2) gara gooftaa keenyaatti erguudhaan ‘kan nuti eegnu Masiihiin Simi’oon kan biraadhaa?” jedhaa gaafadhaa” jedhe. Akkas jechuun isaa akka isaan sodaatanii fi, akka isaan waaman waan hubateef haa jabaataniif jecha itti erge malee eenyu akka ta’e ni beeka. Gooftaan Iyyesuus Kiristoosis waan hundumaa kan beeku waan ta’eef, yeroo isaan dhufanii gaafatan, “Jaamootni ni argu, kan naafatan ni deemu, kan lamxaa’anis ni qulqullaa’u, kan duudan ni dhaga’u, kan du’an ni ka’u; iyyooliidhaaf sagaleen misiraachoo ni lallabamaaf. Namni anaan hin gufanne kan galateeffameedha. Kan argitanii fi kan dhageessan dhaqaa Yohaannisitti himaa” jedhe. Ilaalanii akka isaan amanan taasise. Maat. 11:1-6, Luq. 7:18-35.

Itti aansuudhaan Gooftaan Iyyesuus Kiristoos waa’ee Yohaannis cuuphaa dhugaa ba’uu jalqabe. “Maal ilaaluuf gara lafa onaa (gadaamii) deemtan? Shomboqqoo qilleensi raasuu? Moo, namoota wayyaa miidhagaa uffatan ilaaluufii? Warri wayyaa miidhagaa uffatan illee mana mootummaa keessatti argattu. Raajii ilaaluu baatanii? Eeyyee, dhuguma kan raajii irra caaluudha ilaaluu kan baatanii inni ‘ergamaa koo daandii kan siif qopheessu kan si fuuldura deemu siifan erga’ jedhamee caafamee kan jiruudha. Dhuguman isiniin jedha, namoota lafa irratti dhalatan keessaa kan Yohaannisiin caalu raawwatee hin jiru. Garuu, mootummaa Waaqayyootti immoo hundumaa gadi kan ta’eedha” jechuudhaan Gooftaan keenya waa’ee Yohaannis dhugaa ba’eef.

Utuu Yohaannis mana hidhaa keessa jiruu mootiin Heerodoos guyyaa yaadannoo dhalachuu isaa kabajachuudhaan dhangaa guddaa qopheessee hiriyoota isaa hedduus irratti afeere. Afeerraa sana irrattis intalli Heroodiyaadaa maqaan ishee Xermeeririiyaa kan jedhamtu yeroodhaaf uffata gammachuu kan fakkaatu, garuu, uffata du’aa kan ta’e, akkasumas, shubbisa gammachuu kan fakkaatu, garuu, booddeen isaa kan du’aa kan ta’e shubbisuudhaan mootii Heeroodoosii fi hiriyyoota isaa gammachiiste. Waa’ee sirbaa ilaalchisee sagaleen (dubbiin) Waaqayyoo “Sirbitootni mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan” jedha. 1Qor. 6:9, Efes. 5:3-5, Mul. 21:8.

Yeroo kanatti mootichas ta’e afeeramtootni isaa gammachuu yeroo dheeraaf gaarii fakkaatu gammadanii, kolfaniis ni gammadu turan. Mootichis, intalattiis barbaaddaa/feetaa?” jedhee gaafate. Isheenis deemtee harmee ishee waamee “Maal akka ani siif godhu gaafattee jennaan harmeen ishee abaaramtuu haaloodhaan (hinaaffaadhaan) “Morma Yohaannis cuuphaa kutii anaaf kenni jedhi!” jette. waan taateef

Intalattiinis deebitee gaafa isheen akkas jettee mootii gaafattu, mootichi ni na’e. Sababni isaas, uummata waan sodaateef jechuudha. Haa ta’u iyyuu malee, waadaa sila seene waan ta’eef, mormi Yohaannis kutamee akka kennamuuf ajaje. Guyyaan kunis Fulbaana lama (2) ture. Mormi Yohaannis yemmuu irraa cite, urgaan isaa shittoo irra guddaa kan caalu ture.

Heeroodiyaadaan intala ishee irraa morma Yohaannis cuuphaa fuutee rifeensa mataa isaatii irraa haadnee siree keenya miilla jala firfirsina jechuudhaan maddii isaa kabaltee arraba isaa keessaa baastee (gadi harkistee), “Kanadha mitii inni hamaa dubbachiise!” jechaa mutaadhaan yemmuu isheen waraanuuf jettu, Waaqayyo inni Yohaannisiin jaallatu mormi Yohaannis lubbuu godhattee koochoo baastee akka isheen barristu taasise. Raaj. Isaay. 40:31: “Warri Waaqayyootti amananii jiraatan humni isaanii ni haara’a; akka joobiraa baalleedhaanis ni balali’u, ni fiigu, hin dadhabanis.” akkuma jedhe, keenyan/girgiddaa mana ishee itti diigee balali’ee gara gaara ejersaa iddoo itti Gooftaan barsiisaa jiru dhaqee miila isaa jalatti kufee sagadeef.

Gooftaan Iyyesuus Kiristoosis morma Yohaannis cuuphaa kana fuudhee dhungate. Ni eebbises. Durboon Maariyaamiin garuu gaafa argitu mararamtee baay’ee boosse. “Utuu abbaan kee Zakkaariyaasii fi haati kee Eelsaabeet morma kee citee kana fakkaatu kana utuu dhufanii arganii maal jedhu laata?” jettee boosse. Yeroo kana Gooftaan keenya bor du’a waan ta’eef akkamittiin akka du’u tokko tokkoon tarreessee isheetti himee jajjabeesse. Yohaannis cuuphaan immoo waggaa kudha shan guutuu akka inni addunyaa naanna’ee lallabu eebbisee kenneef. Hojiin Waaqayyoo ajaa’iba waan ta’eef, bara mootii Beelshaatsoor qubi harka lama qofti utuu isaan afeerraa irra jiranii keenyan manaa irratti “Maanee maanee teqeel faares” jettee akkuma isheen barreessitu akkuma taasise (R. Daani’eel 5:1) (Hiikoon dubbii kanaa Daan. 5:25 gubbaa jira), akkuma kana mormi Yohaannis cuuphaas raajii hojjete. Reeffa isaa immoo duuka-buutotni isaa fudhatanii awwaalcha Elsaayii biratti awwaalan.

Heeroodiyaadaa immoo lafti afaan bantee liqimsite. Waardiyaan isaanii dhufee harka ishee qabee nan baasa gaafa jedhu, harki ishee immoo citee hafe. Akkuma Qoreeyiin, Daataanii fi Ebeeroon seera Waaqayyoo irra waan darbaniif lafti afaan bantee fayyaatti isaan liqimsite, (Seera Lak. 16:30-35), ishee kanas lafti fayyaatti ishee liqimsite.

Intalli ishee Xermeeniyaan immoo maraachuudhaan qodaa mana isaanii keessaa caccabsitee fixxee, dhuma irratti, qodaa mana mootii keessaas ol seentee caccabsitee, mataa ishees ofii isheetiin of tarsaaftee mooticha fuulduras dhaabbattee haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun siif hin ta’u yeroo ittiin jettu, mootichi itti aaree morma ishee kuchisiisee galaana keessa buusnaan qurxmmii guddaan immoo liqimse.

Waardiyaan harka Heroodiyaadaa fuudhee gara mootichaa fiduudhaan wayyoo wayyoo morma raajii Waaqayyoo Yohaannis cuuphaa mana keenya keessa seenuu isaatiin gaddaan guutamnee jaalala isaatiin qabamtee kunoo dhiphinni si qabate kan jedhee harka ishee of jalaa baase. “Ati ammoo yeroo sana eessa jirta?” jechuudhaan mootichi morma isaa irraa kuchisiise.

Mootichi Heeroodoos immoo abbiyyuu isaa nama Harxaa jedhamuun qaama olaanaatti himatee aboon isaa irraa ka’ee (aangoo isaa irraa kaafamee) mana hidhaatti galfame. Achuma keessattis ni maraate. Dha’icha ergamaa Waaqayyootiin rukutamee raamma’ee du’e. (Hojii Duuka-bu’ootaa 12:23).

Mormi Yohaannis cuuphaa garuu biyya lafaa kana irra naanna’ee yeroo inni lallabu daldaltoonni baay’een sagalee isaa dhaga’anii qarshii isaanii gatanii qabachuudhaaf duukaa fiiganii baay’ee dadhaban. Garuu hin dandeenye. Mormi Yohaannis cuuphaa erga lallaba isaa fixee Ebla kudha shan (15) bara 45tti boqote. Faarfannaa qulqulloota ergamoota Waaqayyoodhaan gara samiitti galataan lubbuun isaa yeroo ol fudhatamu, reeffi isaa immoo awwaalcha Elsaayii biratti awwaalame. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos waadaa isaaf galeeraaf. Waadaan kunis nama yaadannoo kee godhate, nama seenaa kee barreesse, nama seenaa kee barsiise, nama seenaa kee dhaggeeffate, hanga dhaloota shantamaatti siif nan fayyisa ittiin jedhe. Kadhannaa fi eebbi isaa hunduma keenya wajjin haa ta’u! Ameen. Maskaram (Fulbaana 2) Qulqulluu Yohaannis sababni jedhamuuf, sababa seenaan isaa armaan olitti barreeffameefidha.

Waa’ee jijjiirraa bara haaraa fi ayyaana bara haaraa Itoophiyaa akkasumas, waa’ee Inquxaaxaash fi Qulqulluu Yohaannis wanti isiniif qabannee dhiyaanne kana fakkaata tue.

Channel keenya Telegram join taasisaa

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- Galmee Seenaa

The post Bara Haaraa Itoophiyaa, Inquxaaxaash fi Qulqulluu Yohaannis first appeared on Qubee Online +.

Ayyaana Dubroo Maariyaam Gamoo Mana Kiristaanaa
Hintsataa Mana Kiristaanaa Ayyaana Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessaa tokko kan ta’e Hintsataa Mana Kiristaanaa ti. Kunis Waxabajjii 20 fi 21 kabajama. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Waxabajjii 20 fi 21 Gamoo Mana Kiristaanaa fi Dubroo Maariyaam

Kitaaba Sinkisaaraa irratti akkuma galmeeffamee ykn barreeffamee argamu Waxabajjii 20, Biyya Qisaariyaa, Ganda Keelqeedoonitti. Manni Kiristaanaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam muka malee, dhoqqee fi bishaan malee dhagaa sadi irra. Ilma ishee jaallatamaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin guyyaa itti ijaaramedha.

Guyyaan kun akka Mana Kiristaanaa keenyatti waggaa waggaadhaan ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam. Kabajaman keessaa isa tokko yoo ta’u, seenaa isaas kanaa gaditti gabaabsinee ni ilaalla.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga ol ba’e booda waggaa saddeettaffaa isaatti Qulqulluun Phaawuloos fi Qulqulluun Barnaabaas gara Filiiphisiyuusitti seenanii barsiisanii maqaa Kiristoosiin amansiisanii Ormoota hedduu erga Cuuphan booda Mana Kiristaanaa isaaniif ijaaruuf hawwan ykn barbaadan.

Yeroo kanattis Hangafni Duuka Bu’ootaa osoo jiruu nuti hojjechuun nurraa hin eegamu jedhanii Hangafa Duuka Bu’ootaa Qulqulluu Pheexiroosiif xalayaa ergan. Innis Qulqulluu Yohaannis waliin dhufee Qulqulluu Phaawuloos fi Barnaabaas waliin Iyyerusaaleemitti wal argan.

Sana boodas tokkummaadhaan Subaa’ee qabatanii erga turan booda Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos warreen du’an kaasee, warreen jiran waamee Qulqulloota Duuka Bu’oota biyya Filiiphisiyuusitti walitti qabee «Maqaa haadha koo Dubroo Maariyaamiitiin qarqaraa Addunyaatii hanga qarqaraatti Mana Kiristaanaa hojjetamu isinittin agarsiisa, Sirna kanas isin barsiisuuf walitti isin qabeera» jedhee gara Bahaatti isaan qabatee bahe.

Iddoo sanattis kan turan dhagaawwan sadi iddoo wal irraa fagaatanii jiranii walitti dhiyeessee, isaan xixiqqoo guddisee hojjaa isaa 24, gadee isaa ciqilee 12 safaree Qulqulloota Duuka Bu’ootaaf kenne.

Kana boodas Qulqulloonni Duuka Bu’oonni Ibidda yeroo argatu akka lalisuuf, Dhagaan sun harka isaanii irratti bocamaa gamoo Mana Kiristaanaa ijaaranii raawwataniiru. Gamoon Mana Kiristaanaa kunis kan ijaarame Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga ol ba’e booda waggaa 14ffaa isaatti.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam erga ol baate booda waggaa 4ffaa isaatti Waxabajjii 20 yoo ta’u, guyyaa 21 ffaatti (Mootummaa isaatti) ykn gaafa Waxabajjii 21 Habistii Samii irraa fi Xoofoon Samii irraa gara Mana Kiristaanaa kanaatti bu’e.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis haadha isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waliin Samii Samii irraa dhufee Taabota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Duuka Bu’oota taajajiltoota taasisee, inni akka Luba tokkooffaatti ta’ee Qaddasee ykn Qulqulleessee erga isaan qorrobsiise booda «እምይእዜሰ አንትሙኒ ከመዝ ግበሩ» ykn «Har’a irraa kaasee isinis akkas taasisaa!» jedhee isaan ajajee kabajaa fi galataan gara Samiitti ol ba’eera.

Seenaan kun fakkeenyota hedduu qaba;

Kunis :- hojjaan ykn dheerinni gamoo Mana Kiristaanaa sanaa fakkeenya Raajota bara Moototaa turan 24 ti, tokkos fakkeenya Luboota digdami Arfan Samii yoo ta’u, gadeen isaa ammoo fakkeenya Duuka Bu’oota kudha lamaaniiti.

Dhagaawwan sun sadeen fakkeenya Sadummaa Sillaasee yoo ta’an, jalaa haalli taa’imsa isaanii sadi, gubbaa irraa Gamoon isaanii tokko ta’uun isaa ammoo Sadummaa fi Tokkummaa Sillaasee agarsiisa. Gamoo kana kan hojjetanis ykn kan ijaaranis kutaa sadi taasisanii yoo ta’u, kunis inni jalqabaa fakkeenya Taabota Addaam, inni lammaffaa fakkeenya Taabota Musee fi inni sadaffaan ammoo fakkeenya Taabota Iyyesuus Kiristoosidha. Lammaffaas fakkeenya Addunyaawwan sadanii jechuunis inni jalqabaa Tsirhaa Ariyaam, inni lammaffaa Iyyoor fi inni sadaffaan fakkeenya Hawaati.

Tokkos inni jalqabaa fakkeenya Erer, inni lammaffaa fakkeenya Raamaa fi inni sadaffaan fakkeenya Iyyooridha.

Ereritti :- Ergamoonni, Aanga’oonni, Abbootiin (Liqaanaat)

Raamaatti :- Silxaanaatiin, Manaabirt, Arbaab

Iyyooritti :- Hayilaat, Kiruubeel, Suraafeel ni jiraatu.

Qomoowwan Ergamootaa kunneen saglan fakkeenya aangoowwan Mana Kiristaanaa saglan yoo ta’aan (Aangoowwan Lubummaa) kunneenis;

Ergamoonni fakkeenya Faarfattootaa

Mekwaanintoonni fakkeenya Anaagunisxiinoosotaa

Liqaanaat fakkeenya Diyaaqonii lammaffaa

Silxaanaat fakkeenya Diyaaqonootaa

Manaabirt fakkeenya Lubootaa

Arbaab fakkeenya Qomoosootaa

Hayilaat fakkeenya Ephis Qophoosotaa

Suraafeel fakkeenya Phaaphaasotaa

Kiruubeel fakkeenya Hangafa Phaaphaasotaati.

Kunis lafa irratti kan jiraatan ijoolleen Addaam Qulqullootaan ala gara oliitti ykn gara Samiitti ba’uun kan isaaniif akka hin danda’aamne, Faarfattoota irraa kaasee hanga Phaaphaasotaati Luboonni jiranis aangoowwan isaanii ol jiran hojjechuu ykn raawwachuun akka isaaniif hin danda’aamne ni gaafata ykn ni ibsa.

Akkuma kana Ergamoonni Samii irra jiraatan gadi bu’uun akkuma isaaniif danda’aamu Hangafoonni Phaaphaasotaas ergama Luboota isaanii gadi jiranii raawwachuun ykn hojjechuun akka isaaniif danda’aamu ibsa ykn hubachiisa.

Tsirhaa Ariyaamitti Teessoon ykn Manbariin Ifaa, Taabonni Ifaa, Golgi Ifaa akkasumas teessoo isaa kan baatan Bineensonni Arfan, Teessoo isaa kan ulan Luboonni Digdami Arfan Samii Ergamoonni ni jiru.

Tsirhaa Ariyaam fakkeenya Maqdasii

Teessoon ykn Manbariin Ifaa fakkeenya Teessoo ykn Manbarii

Golgi Mana Qulqullummaa sanaa, Tsewerte Manbariin Arfan fakkeenya Hangafoota Phaaphaasotaa Arfan ykn miila teessoo ykn Manbarii

Teessoo isaa kan ulan Digdami Arfan fakkeenya Phaaphaasotaa ykn fakkeenya Ephis Qophoosotaati.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Araarsummaa fi Eebbi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!

The post Ayyaana Dubroo Maariyaam Gamoo Mana Kiristaanaa first appeared on Qubee Online +.

Ergaa Yohaannis | Ergaawwan Qulqulluu Yohaannis Sadan
Ergaawwan Qulqulluu Yohaannis Ergaa Yohaannis

Mata duree kana keessatti Ergaa Yohaannis ykn Ergaawwan Qulqulluu Yohaannis erge sadan ni ilaalla. Ergaa Yohaannis isa duraa, Ergaa Yohaannis isa lammaffaa fi Ergaa Yohaannis isa sadaffaa. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Yeroo darbe Qabsuuraa fi Seenaa Wangeelaawwii Qulqulluu Yohaannis erga ilaalle booda Kitaabolee isaa tokko tokkoon ilaaluu eegallee turre, kana keessaas Wangeela Qulqulluu Yohaannis ilaalleerra. Hardha ammoo Ergaawwan Qulqulluu Yohaannis sadan ni ilaalla, akkasumas kutaa itti aanutti ammoo Mul’ata Yohaannis kan ilaallu ta’u, dubbisaa!

Ergaa Yohaannis isa duraa

Qulqulluun Yohaannis bara Mootummaa Dimiixiyaanoos (Bara 81-96) waggoota torbaaf Eddoola Fixmootti hidhamee Bara Mootummaa Neervaa (Bara 96-98) ni hiikame.

Naannoo bara 96 Dh.K.B ergaa isaa jalqabaa barreesse. Qulqulluun Yohaannis Wangeelaawwiin ajaja Mootii Dimiixiyaanoosiin hidhamuu isaa Shakkitoonni argan;

Du’aa ka’umsi hin jiru,

Dubbachuu fi hojiidhaan kan hojjetamu malee yaadaan Cubbuun hojjetamu ykn Cubbuun yaadaan hojjetamu Waaqayyo dhaan hin beekamu ykn Waaqayyo Cubbuu nuti yaadaan hojjennu hin beeku.

Cuuphaadhaan booda hojii gaarii hojjechuun faayidaa hin qabu jedhanii barumsa ganiinsaa isaanii Isiyaa ishee Xiqqootti bittimsuu jalqaban. Qulqulluun Yohaannis hidhaa isaa Eddoola Fixmootii yeroo bahu barumsa Shakkitoota kanaatiif deebii akka ta’uuf Ergaa kana barreesseef.

Gana biraatiin Qulqulluun Yohaannis ergaa kana kan barreesse Efeesoon osoo jiruu naannoo bara 90 tti barreesse kan jedhamu jira (Galmee jechootaa Kitaaba Qulqulluu)

Kan barreesses Isiyaa kan jedhamutti kan argaman miseensonni Mana Kiristaanaa jireenya bara baraa qabaachuu isaanii akka beekaniif ture. 5:13. Amantoonni ykn Kiristaanonni kana maalif hin beekne? kanaaf kan kennaman ykn ka’aaman sababoonni hedduun jiraataniyyuu, sababoota kanneen keessaa inni tokko garuu adda ture, kunis barumsa Ginoostikootaati.

Gaggeessitoonni ykn Beektonni Ginoostikii kanaas «Iyyesuus Kiristoos fooniin hin dhufne!» jechuudhaan Waaqummaa isaafi gonka nama ta’uu isaa gananiiru. 4:1-6, 5:1-12. Waaqayyo irraa beekumsa addaa akka fudhatanii fi isaaniin ala Kiristaanni dhugaan akka hin jirre ni yaadu ture. 2:19.

Yohaannisis irra deddeebi’uudhaan «Ni beekna!» jedhee Amantoonni ykn Kiristaanonni waa’ee fayyina isaanii shakkiin akka itti hin uumamne hordoftoota barumsa Ginoostikiitiin «Sobdoota» «Mormitoota Kiristoos» «Kan dogoggorsiisan» fi «Ijoollee Diyaabiloos» jechuudhaan isaan saaxile. 2:18, 2:22, 2:26, 3:10. Qulqulluun Yohaannis namni Kiristaana ta’uu isaa adda baasuuf haal dureewwan ykn safartuuwwan sadi kaa’e ykn kenne. Isaanis;

1. Abboommiiwwan ykn ajaja Waaqayyoo raawwachuu

2. Obboloota jaallachuu fi

3. Barumsa dhugaa fudhachuu dha.

Safartuuwwan sadan kan caqasuudhaan fi iccitiiwwan isaaniis baldhinaaan ibsuudhaan itti fufa, kana waliinis waa’ee wantoota garaa garaa yaadannoo dabalataa ni kenna.

Qoqqoodama Ergaa Qulqulluu Yohaannis isa jalqabaa

1. Seensa :- Yohaannis ragaa ba’iinsa waa’ee isaa kenne :- 1:1-4.

2. Soboota Ginoostikootaa Sadan ;

Cubbuun tokkummaa keenya hin diigu :- 1:5-7

Cubbuun Kiristaana irra hin jiraatu :- 1:8-9

Kiristaanni Cubbuu hin hojjetu :- 1:10-2:2

3. Ibsa tokkoffaa Safartuuwwan Sadanii

Safartuu hunda galeessaa (የግብረ ገብ መለክያ) :- Ajajamuu :- 2:3-6

Safartuu Hawaasummaa :- Jaalala :- 2:7-11

Waa’ee Mana Kiristaanaa ibsa dabalataa :- 2:12-14

Waa’ee Addunyaa ibsa dabalataa :- 2:15-17

Safartuu Barumsa Waaqummaa :- Amantii :- 2:18-27

4. Ibsa Lammaffaa Safartuuwwan Sadanii

Safartuu Mooraalii :- Qajeelummaa :- 2:28-3:10

Safartuu Hawaasummaa :- Jaalala :- 3:11-18

Waa’ee jireenyaa ibsa dabalataa :- 3:19-24

Safartuu Barumsa Waaqummaa :- Amantii :- 4:1-6

5. Ibsa Sadaffaa Safartuuwwan Sadanii

Safartuu Hawaasummaa :- Jaalala :- 4:7-12

Tokkummaa Jaalalaa fi Amantii :- 4:13-21

Tokkummaa Safartuuwwan Sadanii :- 5:1-5

6. Ragaawwan Sadan :- 5:6-12

7. Barumsa isaa irraa kan ka’e wanta argamu :- 5:13-17

8. Qabxiiwwan gurguddoo sadan :- 5:18-21

Ergaa Yohaannis isa Lammaffaa

Eddoolota Ejiyaan keessaa isa tokkotti, nyaanni isheef safaramaa ijoollee Moototaa kan guddistuu Roomnaa kan jedhamtu dubartii tokkotu turte. Yohaannis fi Duuka bu’aan isaa Abrookooroos Eddoola kana irratti barsiisuuf daandii barbaadanii «Nuti garboota Abbaa Roomnaa turre, baroota hedduudhaafis badnee jiraachaa turree amma dhufne» jedhanii Eddoola sana keessatti dubbachuu jalqaban. Isheenis gara mana isheetti isaan geessitee Qulqulluu Yohaannis qoraan kan falaxu, Abrookooroosiin ammoo kan bishaan waraabu taasistee isaan qacarte.

Guyya tokkos ijoollee isheen guddistu keessaa isa tokko qabattee gara Mana Xaa’otiitti yeroo seentu Qulqulluun Yohaannis fi Abrookooroos ishee duukaa seenan. Yeroo sanattis Seexanni Mana Xaa’otii sana keessa bule Qulqulluu Yohaannis fa’a yeroo argu mana sana keessaa ni ba’e.

Yeroo kanattis mucaan isheen qabattee seentee turte sun naasuudhaan ni du’e. Yeroo sanattis «Dhufuu keessanidha kana hundaan kan na geessise!» jettee isaan reebde. Qulqulluun Yohaannisis «Nuuf kaasi! hin jettuu?» jedhee deebiseef. «Erga yoomiiti ammoo namni du’e kan ka’u?» jettee garmalee ni aarte. Yeroo sanattis Qulqulluun Yohaannis fa’a kadhatanii isa kaasan.

Isheenis raajii kana argitee amanteerti, cuuphamteerti. Mana isheettis Gubaa’een Kiristaanotaa ni hundaa’e. Ishees achitti «እመምኔት» ykn Alaqaa Monoksootaa kan Dubartootaa taasisanii ishee muudan. Qulqulluun Yohaannis Eddoola Fixmootti yeroo hidhametti barumsa ganiinsaa Shakkitootaa irraa kan ka’een Gubaa’een Kiristaanotaa mana ishee ture balaan gargar qoodamuu irra gahe, lolaa fi hookkarri ni ka’e.

Kana kan dhaga’e Qulqulluun Yohaannisis naannoo bara 96 Dh.K.B Roomnaa dhaaf ni barreesse. Jireenya ishee durii yaadattee gidiraa ammaa akka irraanfattuuf, Alaqaa Monoksootaa ta’uun ishees of jajaaf akka hin taane Duuka bu’ichi maqaa ishee duriitiin «Giiftii» ykn «እመቤቴ» jedhee ishee waama.

Ergaa Yohaannis isa Sadaffaa

Ergaan Qulqulluu Yohaannis inni Sadaffaan kun kan barreeffamte naannoo bara 96 Dh.K.B akka ta’e ni tilmaamama. Gaayiyoos sababa godaansaatiin Kiristaanota rakkoo irra turan simatee kan keessumeessu nama qajeelaa ture. Nama gaarii ta’uu isaa kan dhaga’e Qulqulluun Yohaannisis bara rakkoo sanatti nama qajeelaa akka isaa argachuu isaatiif isa galateeffachaa jajjabeessuuf barreesseef.

Yeroo itti aanutti Kitaaba Qulqulluu Yohaannis isa Shanaffaa Kitaaba Mul’ata Yohaannis ni ilaalla.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- ቤተ ክርስቲያንህን እወቅ (Waldaa Qulqullootaatiin)

Galmee jechootaa Kitaaba Qulqulluu

The post Ergaa Yohaannis | Ergaawwan Qulqulluu Yohaannis Sadan first appeared on Qubee Online +.

Qo’annaa Wangeela Yohaannis Qulqulluu Yohaannis
Seenaa Wangeela Yohaannis fi Qo’annaa Wangeela Qulqulluu Yohaannis

Har’a mata duree kana keessatti waa’ee Wangeela Yohaannis ni ilaalla. Seenaa Wangeela Qulqulluu Yohaannis, yoom akka barreeffame, eenyuuf akka barreeffame fi qo’annaa akkasumas qabiyyeewwan Wangeela Yohaannis.

Wangeela Yohaannis

Wangeelota Arfan keessaa Wangeela isa arfaffaa kan barreesse Qulqulluu Yohaannisidha. Kan barreesses naannoo bara 96 Dh.K.B dha. Wangeelli Yohaannis Wangeelota hunda irraa dhuma irratti kan barreeffame yoo ta’u; Wangeelli

Maarqoos jalqaba irratti barreeffame

Maatewoos lammaffaa irratti barreeffame

Luqaas sadaaffaa irratti fi

Wangeela Yohaannis ammoo arfaffaa ykn dhuma irratti barreeffame.

Wangeelli Yohaannis baay’ina Boqonnaawwanii fi lakkoofsota isaatiin sadarkaa sadaffaa irratti argama. Kunis Boqonnaalee 21 fi Lakkoofsota 866 qaba.

Akka Tiwuufiitii Mana Kiristaanaa keenyaatti Qulqulluun Yohaannis Wangeela isaa kan barreesse qarqara Galaana Ejiyaan taa’ee ture. Bara sanattis ilaalcha Loogoos Heraaqiliixas (500 Dh.K.D) fa’a ilaalcha Ayihuudotaa waliin walitti makanii kan barsiisan Istoo’iikoonni Isiyaa xiqqoo waan turaniif Qulqulluun Yohaannis hiikni dhugaa Loogoos ykn Sagalee ykn jechaa «Jecha ykn Sagalee Waaqayyoo Ilma Waaqayyoo» jedhee barreessuuf ni ka’e.

Kanumaanis iccitii Waaqummaa baldhisee, gadi fageessee hubachiisuu barbaadee yaadaan fudhatamee osoo jiruu Ergamaan Waaqayyoo Galaana Ejiyaan cabaa Hanqaaquutiin bishaan isaa waraabaa gara dachee gogaatti yeroo dhangalaasu Qulqulluun Yohaannis ni arge.

Seenaa Wangeela Yohaannis

Qulqulluun Yohaannisis «Akkamitti Galaana hamma kan ma gahu cabaa Hanqaaquutiin waraabdee fixuuf yaalta» jedhee ergamicha yeroo gaafatu Ergamichis «Kan koo illee uumamadha, ati qoratamee kan bira hin ga’aamne, Amalummaa Waaqayyoo ykn Waaqummaa nan qoradha jettee barreessaa jirta mitii?» jedhee deebiseef. Yeroo sanattis Qulqulluun Yohaannis Iccitii Sillaasee gadi fageessee ibsuu dhiisee «Waaqayyo irraa kan ergame maqaan isaa Yohaannis nama jedhamutu ture…..» jechuudhaan seenaa biraa barreessuu jalqabe.

Duuka bu’ichi Qulqulluun Yohaannis Kakuu Haaraa keessaatti Kitaabolee Shan akka barreesse ni beekama. Isaanis Wangeela tokko, ergaawwan sadi fi Kitaaba Mul’ataa ykn Kitaaba Raajii tokko. Kakuu Haaraa keessatti kophaa isaa Kitaaba Raajii ykn Mul’ataa kan ta’e Kitaaba «Mul’ata Yohaannis» jedhu kan barreesse Wangeelaawwii Qulqulluu Yohaannisidha.

Wangeelota Arfan keessaa Wangeelli Yohaannis Waqtii Bonaatiin fakkeeffama. Waqtiin Bonaa waqtii gogaati. Waqtiin Bonaa Waqtii Makaraati. Wangeelli Yohaannisis waa’ee jireenya bara baraa kan dubbatudha. Waqtiin Bonaa ho’a isaa irraa kan ka’e kan uffanne akka baafannu nu taasisa, Wangeelli Yohaannisis yaada mataa keenyaa akka dhiisnu nu taasisa. Waqtiin Bonaa waqtii qonna ykn oomisha Arfaasaatiif itti qophaa’aanidha, Wangeelli Yohaannisis humna ragaa ba’iinsaati.

Bonni waqtii Cidhi itti baay’atudha ykn Waqtii cidhaati, Wangeelli Yohaannisis Cidha Hoolichaatiif kan qopheessudha. Waqtiin Bonaa Ilbiisota sanyii miidhuu danda’aan kan ajjeesudha, Waqtiin Bonaas barumsa sobaa, wanta sirrii kan jallisan kan injifatudha.

Wangeelli Qulqulluu Yohaannis Bineensota Arfan ykn Kiruubeel (Mul. 4:7) keessaa fuula Risaatiin fakkeeffama. Risaan iddoo baay’ee ol fagoo irra taa’ee wanta garmalee gadi fagoo ta’e ni arga. Qulqulluun Yohaannisis dursa Addunyaa ykn Addunyaa dura kan ture waa’ee Ilmaa ni ibsa. (Yoh. 1:1)

Daa’imman akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti dubbisa ergaa Yohaannis ykn «መልእክተ ዮሐንስ» kan jedhamee beekamu Wangeela Yohaannis kana akka barataniif filatamuun isaa baay’ee ajaa’ibsiisaadha. Abbootii bara durii irraa kaasee hanga hardhaatti Wangeela Yohaannis guyyaa guyyaan dubbisuu irra darbee ni kadhatus. Wangeelli Yohaannis matumti isaa iccitiiwwan kabajuuf teessoo ta’ee ni tajaajila. Kana yeroo ilaallu Wangeelli Yohaannis biyya keenya keessatti kabaja guddaa akka qabu ni hubanna.

Wangeelli Qulqulluu Yohaannis Wangeelota kaan irraa wanti adda isa taasisu barumsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos baldhinaan qabachuu isaati. Fakkeenyota fi Raajiiwwan ykn Dinqiiwwan Gooftaan keenya hojjete baay’inaan hin barreessu. Barumsa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos barsiise kallattiidhaan dabarsa. Wangeelonni sadan ykn Wangeelonni Sinooptikii waa’ee dhaloota Foonii ykn Dubroo Maariyaam irraa dhalachuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo barreessan, Qulqulluun Yohaannis garuu Abbaa irra kan ittiin dhalate dhaloota isaa hin qoratamne ibsuudhaan jalqaba. Wangeelli Yohaannis waa’ee dhugaa fi jireenyaa ifatti ni dubbata.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Ayihuudotaan yeroo qabametti Wangeelaawwiiwwan kaan taatee sana malee barumsa isaa baay’inaan hin barreessine. Qulqulluun Yohaannis garuu Boqonnaa 13 kaasee hanga xumuraatti kan barreesse guyyaa Kamisa galgalaa kaasee hanga ol ba’iinsa Gooftaatti kan jirudha. Qulqulluun Yohaannis Gooftaa waliin hanga Fannootti deemeera.

Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam gara mana isaatti qabatee yeroo deebi’us Ayihuud fi Roomaanonni, Addunyaan hundi jechuun ni danda’aama kan walii galanii fannisan Haadha Iyyesuus Kiristoos qabatee galuudhaan ykn galuu isaatiin dhiibbaa isa irratti dhufu hin sodaanne.

Barreessaan Kitaaba Wangeela Yohaannis eenyudha?

Barreessaan Wangeela Yohaannis Duuka Bu’icha Qulqulluu Yohaannisidha. Kakuu Haaraa keessatti maqaa «Yohaannis» jedhamuun Kitaaba Qulqulluu keessatti kan waamaman namoonni sadi ni jiru. Isaanis;

1. Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa

2. Wangeelaawwii Qulqulluu Yohaannis

3. Qulqulluu Maarqoos kan jedhame Yohaannisidha.

Barreessaan Wangeelichaa sababa Wangeela barreesseef ykn Wangeela inni barreesseen Wangeelaawwii Yohaannis jedhameera. (Guutummaa Qabsuuraa fi Seenaa Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii dubbisuuf Link kana tuqaa!)

Kitaabni Wangeela Yohaannis eenyuuf barreeffame?

Qulqulluun Yohaannis Wangeela isaa kan barreesse fooniin kan ibsame Iyyesuus Kiristoos Waaqayyoo Amalummaa ta’uu isaa ibsuufi. Wangeelota sadan ykn Wangeelota Sinooptikii irraa wanti adda isa taasisu Wangeelli Yohaannis kan jalqabu garaatti baatamuu Gooftaa, hidda dhalootaa, dhalachuu Gooftaa, cuuphamuu Gooftaa irraa osoo hin taane dhaloota isaa bara baraa ykn Uumama Addunyaa dura Abbaa irraa haadha malee dhalachuu isaa irraa waan jalqabuufi. Wangeelli Yohaannis kan barreeffameef namoota Waaqummaa Iyyesuus Kiristoositti amanuun isaanirraa eegamu hundaafi.

Maatewoos – Ayihuudotaaf barreeffame

Maarqoos – Roomaanotaaf barreeffame

Luqaas – Tewoofiloosiif barreeffame.

Wangeelli Yohaannis garuu Ayihuudota, Ahizaabotaaf, Waaqummaa Amalummaa Iyyesuus Kiristoositti akka amananiif barreeffameera. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos nama Seenaa keessa ture tokko taasisanii amanuun namoota hedduu hin rakkisu. Waa’ee gidiraatiif du’uu isaa fi waa’ee arjummaa ykn gaarii ta’uu isaas amanuu danda’u. Kana galmeen seenaas hin ganne.

Fayyuudhaaf garuu Iyyesuus Kiristoos Waaqa ta’uu isaa amanuun barbaachisaadha. Fannoo irra kan oole nama qofa yoo ta’e du’i ykn duuti isaa Wareegamummaa malee fayyina miti ykn kan fayyisu ykn Aarsaa ta’uu hin danda’u. Osuma ta’eeyyuu ammoo Addunyaan uumaadhaan malee uumamaan fayyuu hin danda’u. Fannoo irratti kan du’e Waaqummaa ykn Waaqayyo qofa akka hin jenne Waaqummaa ykn Waaqayyo Amalummaa isaatiin hin du’u, inni garuu Gonka nama, Gonka Waaqadha. Inni osoo Waaqayyo miti ta’ee du’uu isaatiin ykn du’a isaatiin Jaalalli Waaqayyoo ni ibsame jedhamuu hin danda’u ture.

Wangeelaawwiin Yohaannis Waaqummaa Amalummaa Iyyesuus Kiristoos ibsuuf kan itti fayyadame jecha Ayihuudonni fi Ahizaabonni beekaniini. «Jalqaba irratti Sagalee ykn jechatu ture» jechuudhaan jalqaba (Yoh. 1:1). Jechi kun kan jedhame Giriikii Loogoos jedhameeni. Loogoos jecha waggoota hedduuf hojiirra ooledha. Loogoos Sirna barreeffamaa Ayihuudotaa fi Ahizaabotaa durii keessatti kan beekamedha.

Beekaa ykn Hayyuun Ortodoksii tokkos «Dhaloota Kiristoos dura waggaa 500 tti kan ture Hiraakiliitus Falaasfaan jedhamu ‘Loogoos Waaqayyo ibsuudhaan Addunyaa kan bituufi kan beeksisu sababa isa olii‘» jechuudhaan barreessee ture. Isaan boodas sirriitti kaaniif kan beeksisan Istooyik kan jedhaman bara 335-263 Dh.K.D tti kan turan Falaasfootadha. Falaasfoonni kunneen Ateensitti Mana Barumsaa hundeessanii waa’ee Loogoos barsiisu turan. Hiikoon yaada ka’umsaa kanaa Ayihuudota Afaan Giriikii dubbatan biratti caalaatti bal’achaa deemuun isaa Ogummaa ykn «Wisdom» kan jedhu waliin hiikaan walitti dhufeenya argate.

Iskindiriyaatti bara Addunyaa 30 hanga bara 50 Dh.K.B kan ture Falaasfaan Ayihuudaawwii Faayiloo jedhamu Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii firoomsuun Loogoos Addunyaa mul’atuufi hin mul’anne tokko kan taasise humna Waaqummaati jechuudhaan ibsa. Kitaaba Faayiloo kan dubbisan Ayihuudonni Afaan Giriikii dubbatanis Waaqayyo ofii isaa Addunyaaf ibsuuf kan ture karaa jechaa ykn sagaleetiini. Yaahiwwee Abrahaamiif, Aggaariif, Yisihaaqiif, Yaa’iqoobiif, Museedhaaf ofii isaa kan isaaniif ibse bifa ykn karaa jechaa ykn sagaleetiini…. jechuun seenessu.

Kanaafuu Wangeelaawwiin Yohaannis Kitaaba isaa Afaan Giriikiin yeroo barreessu Ayihuudotaa fi Ahizaabonni bifa isaan baraniin «Loogoos» jecha jedhu caqasuudhaan «Abbootii keenyaafi Raajotaaf Foon uffachuu isaatiin dura kan ibsame jechi ykn sagaleen Yaahiwwee har’a Fooniin kan ibsame Kiristoos malee kan biraa miti jechuudhaan boqonnaa isa jalqabaa fi lakkoofsa isa jalqabaa irratti ni ibsa» jedhaniiru.

Jechi kun ykn Loogoos uumamtootaaf sababa ol aanaa, Ogummaa bara baraa, ifa Waaqayyo ibse, Abbootii kan durse, ilma Abbaati. Yohaannisis «Iyyesuus Kiristoos ilma Waaqayyoo ta’uu isaa akka amantaniif, amantaniis maqaa isaatiin jireenya akka isiniif ta’uuf kuni isiniif barreeffameera» jedha. Yoh. 20:31.

Wangeelli Yohaannis yoomiifi eessatti barreeffame?

Qulqulluun Yohaannis Wangeela isaa kan barreesse Fixmoo kan jedhamtu Eddoola ho’aa fi kattaa qabdu keessatti hidhameetu. Mul. 1:9. Qulqulluun Yohaannis yeroo hidhamu dursaa Mana Kiristaanaa Efeesoon ture. Manni Kiristaanaa Efeesoon kun Qulqulluu Phaawuloosiin hundooftee Ximootewoos ishee tajaajileera. Yohaannisis hanga hidhamuu isaatti ykn hanga yeroo hidhameetti Mana Kiristaanaa kanatti tajaajileera.

Manni Kiristaanaa Efeesoon Mana Kiristaanaa Abbootiin gurguddoo ishee tajaajilanidha. Manni Kiristaanaa kun Addunyaa hamaa irratti gaarummaa ishee kan eegde Mana Kiristaanaa ajaa’ibaati. Ergaa Efeesoon irraa akka hubannutti Manni Kiristaanaa kun iddoo ishee kan beekte turte. Efe. 1:21, 2:6. Mana Kiristaanaa kan dursaa osoo jiruu Qulqulluun Yohaannis gara hidhaatti geeffame.

Manni Kiristaanaa kun har’a Mana Kiristaanaa ishee mitiitii handhuurri isheeyyuu hin jiru. Magaalaa Cirrachaan awwaalamte taateerti. Sababni isaas Mul’ata Yohaannis irratti akkuma ibsame «Jaalala ishee durii dhiistee» Mul. 2:4.

Kaayyoo Wangeelli Yohaannis itti barreeffameef

Kitaaboleen Qulqulluu Yohaannis shananuu yaada wal fakkaataa fi walitti fufaa qabu. Wal fakkeenyi isaanii hundi isaaniiyyuu waa’ee «Jalqabaa» ni dubbatu.

Wangeelli isaa waa’ee Sagalee dursaa

Ergaawwan isaa ammoo waa’ee Duuka Bu’oota Gooftaa dursanii ykn jalqaba arganii

Muldhanni isaa ammoo waa’ee jalqabbii Bara bara baraa (የዘላለም ዘመን መነሻ) ni dubbatu.

Wal duraa duubni ykn walitti fufiinsi isaanii ammoo Jaalala bu’uura kan godhatedha.

Wangeelli isaa waa’ee Jaalala Waaqayyoo

Ergaawwan isaa waa’ee Jaalala Waaqayyoo tokkummaa gidduutti waa’ee ibsuu

Muldhanni isaa ammoo Addunyaa jaalalaatti (Mootummaa Waaqayyoo) bara baraaf waa’ee hammatamuu dubbatu.

Wangeelli Yohaannis waa’ee jireenyaafi dhugaa ni dubbata. Jireenyaa fi dhugaas ifaan fakkeessa.

Wangeelli Yohaannis Wangeelota Sadan irraa maaliin adda ta’e?

Wangeelli Qulqulluu Yohaannis Wangeelota sadan ykn Wangeelota Sinooptikii irraa wantoota armaan gadiitiin adda dha. Isaanis;

1. Seenaawwan garaa garaa barreesseera;

Waa’ee ka’umsa Gooftaa

Magdalaawwitti Maariyaamitti muldhachuu isaa

Haala isaa fi haala Qulqulluu Pheexiroos ibseera. Yoh. 20

2. Raajiiwwan ykn Dinqiiwwan garaa garaa barreesseera;

Qaanaa ZaGaliilaatti raajii Gooftaa keenyaa isa jalqabaa – Boq. 2.

Waa’ee fayyuu Matsaaguu – Boq. 5

Waa’ee fayyuu nama Iji isaa hin arginee – Boq. 9

Waa’ee Ka’umsa Alaazaar – Boq. 11.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos mana cufamaatti seenee Duuka Bu’oota isaatiif ibsamuu isaa – Boq. 20:19, 26

Qulqulluun Pheexiroos Qurxummii hedduu qabuu isaa – Boq. 21

3. Barumsa garaa garaa qabateera;

Barumsa Naatnaa’eeliif kenname – Yoh. 1:47-51

Niqoodimoosiif kan dubbatame ykn himame – Yoh. 3

Yohaannis Cuuphaan waa’ee Gooftaa keenyaa kan inni dubbate – Yoh. 3:27-36.

Barumsa Dubartii Saamraawwii dhaaf kenname – Yoh. 4

Barumsa Ayihuudotaaf ibsame – Boq. 5

Waa’ee iccitii Qurbaanaa – Yoh. 6:30-70.

Waa’ee barumsa Ayihuudiif kennamee – Yoh. 8

Keeyyata Hoolotaa (አንቀፀ አባግዕ) – Yoh. 10.

Guyyaa Kamisaa yeroo miila dhiqetti barumsa kennamee fi waa’ee Afuura Qulqulluu – Yoh. 13-16.

Waa’ee Waaqayyo Abbaa – Yoh. 17

Barumsa Maariyaam Magdalaawwit fi Toomaasiif kennamaniifi waa’ee aangoo Lubummaa – Yoh. 20.

Keeyyata Noolaawwii ykn Keeyyata Tiksee (አንቀፀ ኖላዊ) – Yoh. 21

4. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos ilma Waaqayyo Abbaa tokkicha ta’uu isaa ibsuu

(Yoh. 3:16, 3:18, 1:18, 1:14) kunis ijoollee kennaa Waaqayyoo kan jedhaman Qulqulloota irraa adda baasuuf kan itti fayyadamedha.

5. Gooftaan keenya «Anadha» jedhee kan dubbate torban;

1. «Biddeen jireenyaa anadha» Yoh. 6:35.

2. «Ani ifa Addunyaati» Yoh. 8:12.

3. «Balballi anadha» Yoh. 10:9

4. «Tiksee gaariin anadha» Yoh. 10:11

5. «Ka’umsaa fi Jireenyi anadha» Yoh. 11:25.

6. «Ani daandii fi dhugaa jireenyadhas» Yoh. 14:6

7. «Hundeen Wayinii inni dhugaan anadha» Yoh. 15:1

Waa’ee Kitaaba Wangeela Yohaannis kan qabanne kana fakkaata ture.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Qo’annaa Wangeela Yohaannis Qulqulluu Yohaannis first appeared on Qubee Online +.