Qulqulluu Mikaa'eel | Qubee Online +

Qulqulleettii Afoomiyaa fi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel
Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel Qulqulleettii Afoomiyaa guyyaa itti gargaare

Mata duree keenya har’a keessatti waa’ee yaadannoo Ayyaana guyyaa Hangafni Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel Qulqulleettii Afoomiyaa itti gargaare waliin ni ilaalla hanga dhumaattui dubbisaa hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Yaadannoo Qulqulleettii Afoomiyaa

Qulqulleettii Afoomiyaa biyya Kilqiyaa jedhamtu keessatti abbaa manaa ishee Astaraaniqoos kan jedhamu wajjin Kiristaanaa dhugaa ta’anii kan jiraatan turan. Qabeenyaa hedduus qabu turan, garuu immoo dhala waan hin qabneef gara Waaqayyo isa hundumaa qabutti kadhachaa turan. Keessatti immoo gaafa baatii 12 yaadannoo Qulqulluu Mikaa’elii gochuun namoota hundumaa afeeru turan. Utuu haala kanaan waliin jiraatanii inni dhukkubsatee du’uuf jennaan eenyutti na laattee du’uuf jetta yeroo isheen jettu namicha fakkii kaasuu danda’u tokko biyya fagoo irraa waamsisee fakkii Qulqulluu Mikaa’eelii kaasiseefii kenneefii yeroo hundumaa galgalaa fi ganama isa akka kadhattuu fi abdattuuf kenneef.

Du’i hin oolu waan ta’eef abbaan manaa ishee ni du’e ijoollummaa ishee irraa kaastee akka amaleeffatte Tsoomii fi kadhannaatti cimtee dhaabbatte. Seexanni inaaffaan waan gaariidhaan mormu ishee dogongorsuudhaaf jecha ofii isaa jijjiiree monoksee dhiiraa fi dubaraa fakkaachuudhaan tajaajiltoota fakkaatee gara mana ishee dhaqe. Isheenis yeroo agartu dhuguma nama Waaqayyoo seetee ol seenaa kadhannaan keessan narra haa buluutii iddoo fakkiin qulqulluu Mikaa’elii jirutti koottaa kadhannaa naaf godhaa ittiin jette.

Yeroo kana seexanichi fi ergamoonni isaa nama fakkaatanii gara ishee dhufan nutoo hin ariifanna mana kee ol hin seennu asuma teenyee waan si gorsinu qabna nu dhagayi jechuudhaan waan gurra namaatti tolu gaaris fakkaatuun garaa warra garraamotaa ni gowwomsu akkuma Phaawuloos jedhe Room 16:17. Akkas jechuudhaan gowwomsuu yaalan:-

1. Ati dhala hin qabdu kana keessaa immoo yeroo hundumaa nan tsooma nan kadhadha ganamaa fi galgala jetta. Yoo dhukkubsattee garaachi kee si luqqa’e nama mana yaalaatti si geessu hin qabdu, mana keessatti duuta waan ta’eef inni kanaan duraa si ga’aatii dhiisi aara galfadhu.

2. Yeroo hundumaa hiyyooliidhaaf kennaa kennuudhaan, zikirii zakkaruudhaan, kurnoon baasa jechuudhaan qabeenyaa kee tamsaasaa ykn balleessaa jirta boru yoo si jalaa dhume ammoo deebitee kadhattuu taata kanaafuu qabeenyaa kee kana hin balleessin kaawwadhu.

3. Dubartiin abbaa manaa hin qabne manni ishee ulfina hin qabu lammaffaa heerumuun immoo cubbuu mitimootiin Areenaa’os jedhamu haati manaa isaa waan jalaa duuteef si fuudhuu waan barbaaduuf isatti heerumtee mootittii akka jedhamtu si gorsina ittiin jedhan. Isheen ammoo yeroo kana dubbii Waaqayyootti cimtuu waan taateef akkas jette, uffannaa keessan yeroon ilaaluu nama Waaqayyoo natti fakkaattu, dubbannaa keessan yeroon ilaalu immoo summiidha. Lallaba hin tsoomiinaa jedhu immoo kitaaba isa kam irraa dubbistanii Kitaabni Qulqulluu hoo tsoomaa, kadhadhaa jedha jettee caqasa kana laatteef Maat. 4:1-11,Marq.9:29, HDB. 14:22, 2 Qor.6:5, Maat. 9:14, Iyyuel 2:12.

Waa’ee hiyyoolii hin gargaarin jettu immoo Maat 25:34 kaastee gooftaan Iyyesuus Kiristoos immoo kan beela’e kan beela baastan akka anaan beela baastaniitti jedhee ja’an hojii wangeelaa kan barsiiseedha. Waa’ee yaadannoo ykn zikirii ilaalchisee immoo maqaa qulqullootaan bishaan qabbana’aa ykn immoo diilalla’aa ullee tokko maqaa nama qulqulluun kan kenne gatii qulqulluu sanaa argata jedhamee caafamee jira Maat. 10:40-42. Kurnoo hin baasin kan jettan ammoo kurnoo baasuu dhiisuun akka waan Waaqayyoon hataniitti lakka’aama eebba Waaqayyos namatti hir’isa Milk. 3:6-12, Lew. 27:30, Lakk. 18:21.

Heerumi isa jetteef immoo Qulqulluu Phaawulos 1 Qor. 7:7-8 namni hundumtuu utuu akka koo ta’ee gaariidha kan jedhe hin dubbisneeree dabalataanis gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos namni fuudhaa fi heeruma dhiisee jiruu fi jireenya addunyaa kanaa tuffatee yoo na duukaa bu’e harka dhibba keessaa dhibba argata Maat. 13:29 Kan jedhu hin dubbisnee. Gooftaan Iyyesuus Kiristoos waa’ee jireenya monoksummaan jiraachuu Maat. 9:10-11 irratti barreessee jira. Maat 13:10 irratti immoo waa’ee sanyiidhaan qabee Sanyiin tokko iddoo gabbataa irra yoo bu’e firii 30,60,100 naqata jedha.

Firii 30 jechuun: Warra seera Waaqayyo eeguudhaan gaa’elaan jiraatan jechuudha.

Firii 60 jechuun immoo warra erga abbaan manaa irraa du’ee ykn haati manaa duutee lammaffaa hin fuudhu ykn hin heerumu jechuudhaa monokkosaniidha.

Firii 100 jechuun immoo warruma fuudhuus heerumus dhiisanii qeerrummaan warra jiraataniidha jedhamee caafamee jira. Gooftaanis barsiiseera, isin immoo barumsa haaraa kana eessaa fiddan waanan isin shakkeef amma dhaqeen fakkii abbaan manaa koo naa kaasisen isiniitti fidaati dhungadhaa jettee yeroo isheen fiduu dhaqxu jijjiiramanii qilleensa ta’anii baqatan seexanoota sana keessaa tokko «Inni ati Mikaa’eel Mikaa’eel jettu kun Waxabajji 12 uumama hundumaaf kadhachuuf fuuldura Waaqayyootti ol ba’a, gaafa sana animmoo dhufeen gudii kee sitti agarsiisa» jedhee yeroo inni itti kakatu isheen immoo deebistee Waaqayyon koo na walin jira qanooftee deebita ittiin jette.

Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa gara warra Qoronxoos irratti raajonni sobduun hojjetaa Waaqayyoo fakkaachuun ofii isaanii ni jijjiiru ergamoonni seexanaas ergamaa ifaa fakkaachuudhaan ofii isaanii ni jijjiiru akkuma jedhe ofii isaa jijjiiree Qulqulluu Mikaa’eelii fakkaatee Waxabajjii 12 gara isheetti ol seenee yaa Afoomiyaa nagaan siif haa ta’u seexanni amajaajiin yeroo darbe Qulqulluu Mikaa’eliin uumama hundumaaf kadhachuuf gara fuula Waaqayyo deema ani immoo yeroo sana dhufeen gudii kee si agarsiisa sii jedhee waan turef kunoo animmoo amma si gargaaruuf durseen dhufe, ka’ii naaf sagadi isheen jedhe. Yeroo kana Qulqulleettii Afoomiyaa n atimmoo eenyuudha? jettee gaafatte. Ani Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eeliidha ittiin jedhe. Isheenis mallattoon kee meerreree mootiin tokko ergamaa isaaf eenyummaa isaa laateefii erga waan ta’eef itti dabalees fakkii abbaan manaa koo naa laate hoo mallattoo fannoo qaba meerre kan kee jettee gaafatte.

Jennaan inni suni sababa fakkii ta’eef amma garuu qaamaan waanan dhufeef hin barbaachisu jedhee deebiseef erga akkas ta’ee fakkichan sitti fidaatii mee simadhukaa jettee yeroo isheen dunkaana seenuuf jettuu udhee lafatti ishee dabale. Hanga libsuu ijaa gidduutti ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Mikaa’eel bira ga’ee fannoo gooftaan rukutee lafaan dhahee isheedhaan ammoo guyyaan boqonnaa keetii hardha waan ta’eef gara Mana Qulqullummaa dhaqii foonii fi dhiiga isaa fudhadhu tsoomii fi kadhannaan kee waaqa duratti sii fudhatameera jedhee ol ba’e.

Isheenis tole jettee gara mana qulqullummaa deemtee waan ta’e hundumaa abbaa amantiitti himtee tajaajiltoota mana Waaqayyoo hundumaaf afeerraa gootee qabeenyaa ishee qabdu qabenyaa ishee qabdu walakkaa mana qulqullummaaf kaan immoo hiyyooliidhaaf hirtee fakkii abbaan manaa ishee laateef sanas abbaa amantiitti kennuudhaaf harkatti qabattee yeroo isheen dhuftu kochoo baasee balali’ee fannoo tokko malee mana qulqullummaa gidduutti fannifame.

Turees daraaree firii godhatee firee isaa sanaan namoonni baay’een fayyaniiru abbootiin amantii wal ga’anii kadhannaa godhaniifii guyyuma kana boqotte.

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Kadhannaa fi ayyaanni ishee hunda keenya irra oolee nuuf haa bulu! Ameen!

The post Qulqulleettii Afoomiyaa fi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel first appeared on Qubee Online +.

Musee fi Uummata Israa’eel fi Qulqulluu Mikaa’eel
Bahuu Musee fi Uummata Israa’eel biyya Gitsii keessaa

Sadaasa 12 akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyaa Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel Uummata Israa’eel itti gargaaree Garbummaa Gitsii keessaa isaan baasedha. Guutummaa isaa dubbisaa!

Seenaa Godaansa Uummata Israa’eel biyya Gibtsiitti

Sadaasni kudha lama kan kabajamuuf, guyyaa itti Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel Uummata Israa’eel dura bu’uudhaan Gibxii keessaa itti baasedha. Ijoollee Israa’eel kan jedhaman sanyii Abiraamii, Yisihaaqii fi Yaa’iqobiiti. Yaa’iqoob inni jedhamu ijoollee kudha lama qaba ture. Ijoollee kudha lamaanuu keessaa Yooseef isa jedhamu guddaa jaallata ture. Obboloonni isaa itti inaafanii daldalaa biyya Ismaa’ilitti qarshii digdamaan gurguratan. Namichi bite immoo dabarsee namicha Phixifaaraa jedhamutti qarshii soddomaan gurgure, Yooseefis mana isaa keessa waggaa kudhan tajaajile. Haati manaa Phixifaaraa sobaan irratti dhugaa baatee waggaa kudhan hiisiste. (Uma. 37:40).

Obboloonni isaa erga kana godhanii booda abbaa isaanii gowwoomsani «Bineensatu nyaate» jedhan. Yaa’iqoobis kana gaafa dhaga’u dhugaa se’ee guyyaa 30 boo’eef. Garuu Waaqayyo Yooseef wajjin ta’ee kennaa abjuu hiikuu laateef. Kennaa isaa kanaan yeroon booda ittiin Mootii Gibxii ta’ee muudame. Uma. 41:1. Yeroo beelli guddaan Addunyaa irratti ta’e biyyi isaa quufaan guutamee waan argameef, obboloonni isaas midhaan barbaacha harkasaa dhufanii eenyummaa isaanii itti himan. Sababa kanaan maatii isaa guutuun akka Gibxiin gadi bu’an taasise (Uma. 42:46). Maatiin isaa gad-bu’anii Yooseefii wajjin wagga torbaatamii tokko turan (Ba’uu 1:1-7).

Bakki «Geessem» jedhamu laatameefii kabaja guddaan jiraachuu eegalan. Yeroo muraasa booda mootiin Fari’oon kan biraan hojii gaarii Yooseef hojjete kan hin beekne ka’uudhaan (muudamuudhaan) hacuuccaa guddaa lammii Israa’elootaa irratti geggeessuu jalqabe.

Dhalachuu Hangafa Raajotaa Musee

Ilmoon dhiiraa dhalatee akka hin guddanneef labsii baasee Pipaaraa fi Fuhaa deessistuu lamaan ramade-akka gargaaraniif osoo hin taanee akka ajjeesaniif.

Yeroo kanatti hangafni raajotaa Museen dhalate. Harmeen isaa ji’a sadii mana keessa dhoksitee, ji’a sadii booda galaana Abbayyaa qarqara daggala keessa dhoksite. Obboleettiin isaa eeguu jalqabde. Yeroo kanatti intalli mootii Fari’oon maqaan ishee Tarmuuti kan jedhamtu argitee fuutee guddifatte. Mana mootii Fari’oonittis guddate (Ba’uu 1:-8-22, Ba’uu 2:1-10).

Museen nama mana mootiitti guddate jedhamee waamamuu irra lammii isaa rakkachaa jiran rakkina keessaa baasuuf rakkina filatee gara Miidiyaamiitti baqate. Mana Raagu’eel (Yootor) nama jedhamuutti hoolota isaa akka tiksuuf qacarame. Achumaanis intala Yootor Phiiphaaraa kan jedhamtu fuudhe. (Ba’uu 2:-11-22).

Bahuu Uummata Israa’eel Gitsii keessaa fi Dheekkamsoota

Waaqayyos Israa’eloota ykn Uummata Israa’eel Gibxii keessa jiran garbummaa jalaa akka baasuuf erge (Ba’uu 4:-1-1). Museenis obboleessa isaa Aaroniin fudhatee fuula Fari’oon dura dhaabbachuudhan «Saba Waaqayyoo gadi-dhiisi!, deemanii Waaqayyoof aarsaa haa dhiyeessanii!» jedhee gaafate, Fari’oon garuu laphee jabaachuudhaan «Waaqayyo kun eenyuudhaa? Maaliif uummata kana hojii dhiisisuu barbaaddaa? Gadi hin dhisu!» jedhee waanuma kana dhaga’eef hojii ulfaataa itti dabaluun miidhaas irraan ga’uu eegale.

Waaqayyos Museedhaan «Ani Fari’oon irrattis Waaqa sin taasisa!» jedhee yeroo addaa addaa karaa harka Musee dha’ichawwan (dheekkamsa) guguddoo sagal irratti raawwate. Dha’ichawwan kun salgan kanneen armaan gadiiti:

1. Guutummaa bishaan lagaa ulee harkatti baatuun rukutuudhaan dhiigatti jijjiireera. (Ba’uu 7:14-25).

2. Manaa fi ala isaanii Fatteen (Raachi) guute (Ba’uu 8: 1-14.)

3. Dhukkee lafaa rukutuudhaan Injiraan taasise (Ba’uu 8:16-18.)

4. Qarxaasaa namaa fi horii ciniinu itti gadi dhiise (Ba’uu 8:20-32.)

5. Horii kotte-duudaa isaanii hundumaa jalaa barbadeesse (Ba’uu 9:1-7.)

6. Daaraa iddoo abiddaatti hammaaruudhaan qilleensa keessatti facaasee uumama hundumaa madaa taasise (Ba’uu 9:8-12.)

7. Cabbii waaqa irraa roobsee biqilaa isaanii fi kan bakkeetti argaman hundumaa ajjeese (Ba’uu 9:13-35)

8. Hoomaa Hawwaannisaan dachee isaanii haguuge (Ba’uu 10:1-20.)

9. Museen harka isaa ol kaasuudhaan guyyaa sadii guutuu dukkana cimaa taasise.

Haa ta’u malee, qooda dheekkamsa isaanitti dhufe irraa baratan, mootichi Fari’oon laphee jabaatee namoota humna seexanaan ajaa’iba agarsiisan waamee ajaa’iba raajicha Musee dorgomuu (mormu) yaalan. Haa ta’u malee ni qaana’an (Ba’uu 7:11, 2. Xim 3:9-10.) Dhayichi isaan irra ga’e kun ijoollee Isiraa’eliin hin qaqqabne. Dha’icha ajaa’iba kurnaffaan hangafan dhala isaanii ajjeese. Warra kan Waaqayyoo ta’an malleettaffamanii immoo mallattoo dhiiga hoolaa mudaa hin qabneetiin akka isaan du’a jalaa oolan taasise. (Ba’uu 11:1-10, Ba’uu 12:1)

Uummata Israa’eel fi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel

Utuu isaan Uummata Israa’eel gaddaa boo’aa jiranii garbummaa Waggaa 430 booda Hangafa Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eeliin guyyaa guyyaa duumessaan halkan immoo ifa ta’uufiidhaan mannaa Waaqa irraa roobsee isaan gargaaree biyya garbummaa keessaa isaan baasuuf Waaqayyo abboomeefii yeroo isaan qarqara Galaana Diimaa ga’an loltuun Fari’oon isaan balleessuuf duubaan dhufe. Yeroo kanatti Israa’eloonni ni na’an Ergamaan Waaqayyoo isaan geggessaa jiru teella/booddee isaanii dhaabbatee (deebi’ee) warra Gibxiittis dukkaneesse Ba’uu 14:19.

Museen galaana Eertiraa yemmuu rukute bakka lamatti gargar hirameefii lafa gogaa (duwwaa) irra ce’an. Erga isaan ce’anii booda hangafni ergamootaa kun dukkana sana jalaa turse. Isaanis akkuma jaraatti ni ceena yeroo jedhan galaanichi ni nyaate Ba’uu 14:19-30. Guyyaan kun itti ta’e obboleettii Musee Maariyaamiin kabaroo ishee ol kaastee faarfatte Ba’uu 5:1. Guyyaa isaan du’a kana jalaa itti oolan Sadaasa 12. Egaa seenaa kana irraa kan barrannu, Waaqayyo akka ijoollee isaatiif loludha.

Ba’uu 14:14, Ba’uu 15:3 guyyaa rakkinaa ba’an yaadachuu nama irra akka jiru Ba’uu 13:1 yeroo Waaqayyo waan gaarii namaaf godhu galateeffachuun nama irra akka jiru Ba’uu 15:21 laphee jabaachuun akka nama ajjeesu Ba’uu 14:28. Egaa walumaagalatti Uummata Israa’eel warri foonii gargaarsa ergamaa Waaqayyootiin galaana Ertiraa ce’anii biyya abdachiifamte galaniiru; nutis Israa’eel warri lubbuu galaana biyya lafaa kanaan akka hin liqimfamneef gargaarsi ergamaa Waaqayyoo nu wajjin ta’ee biyya nuuf abdachiifamte Iyyerusaalem ishee samii irraa akka dhaalluuf, waa’ee ergamootaa, waa’ee Waaqayyoo adda baasnee beekuutu nu irra jira-gargaarsa isaanii alatti nuti homaa gochuu hin dandeenyu waan ta’eef. Sadaasa 12tti seenaa armaan oliitu ta’e.

Egaa akka sirna galatoo/qiddaasee Mana Kiristaanaa keenyaatti, guyyaa kanatti kitaabni dubbifamu: Ergaa Phaawuloos Rom 9:17 Diyaaqonii 1ffaatu dubbisa, ergaa Yihudaa 1:9 Diyaaqonii 2ffaatu dubbisa, HDB 20:28 Luba 2ffaatu dubbisa.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eegumsi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- Kitaaba Galmee Seenaa

The post Musee fi Uummata Israa’eel fi Qulqulluu Mikaa’eel first appeared on Qubee Online +.

Ergamoota Waaqayyoo Kabaja fi Sagada Ergamoota Qulqulloota
Ergamoota Waaqayyoo Kutaa 3ffaa

Hub :- gara kutaa kanatti osoo hin darbiin dura kanaan dura kan maxxanfaman Ergamoota Waaqayyoo kutaa 1ffaa fi kutaa 2ffaa dubbisaa!

Ergamoota Waaqayyoo tiif Sagadni Kennaa ni Sagadama

Sagadni mana amantaa keenya keessatti bakka lamatti qoodama. Inni tokko sagada Waaqayyoof taasifamu yoo ta’u,

uumamtoota biroof kan taasifamu garuu sagada kabajaa (kennaati). Waa’ee kana baldhinaan boqonnaa sagadaa jedhu jalatti ni ilaalla.

Ergamoota Waaqayyootiifis sagadni kennaa ni sagadamaaf. Kunis kan taasifamu isaantu nu uume jechuu osoo hin taane, kabajaa fi jaalala qabnu kan ittiin ibsinuufi jechuu dha. Akkuma maanguddoo yookiin warra keenya lukarratti kufnee dhungannu jechuu dha.

Kanas ragaa kitaaba qulqulluu irra jiran kanaa gadii ilaaluun ni barbaachisa. Loox ergamootaaf sagadeera: «Ergamoonni Waaqayyoo lamaan galgala gara Sadoom ni dhufan. Looxis karra ulaa Sadoom ija dura ni taa’a ture. Loox yemmuu isaan arge simachuudhaaf ka’ee

itti adeeme, hamma mataan isaa lafa gahutti qoomma’eef» (Uma 19:1).

Bala’aam ergamaadhaaf sagadeera :-

«Yeroo sanatti Waaqayyo ija

Bala’aam ni baneef, innis ergamaa Waaqayyoo isa billaa luqqifamaa harkatti qabatee karaa keessa dhaabatu ni arge! durattis qoomma’ee adda isaatiin ni gombifame» (Lakkoofsa 22:31).

Iyyaasuun ergamaadhaaf ni sagadeef :-

Iyyasuun mandara Iyyaarikootti yemmuu dhihaate, ol ilaalee nama billaa luqqifamaa harkatti qabatee isa dura ijaajju tokko argee gara isaa dhaqee, «Ati gara keenya moo gara diinota keenyati?» jedhee isa gaafate, inni ammoo deebisee, «Wawuu ani immoo angafa loltuu Waaqayyoo ta’een dhufe» jedhe, Iyyasuun ammoo lafa ga’ee qoomma’ee sagadeef (Iyyaasuu 5:14).

Daani’eel ergamaadhaaf sagadeera :-

«Kana irratti Gabri’eel gara iddoo ani dhaabadhuu dhufe, yeroo inni dhufe ammoo na’een adda kootiin gad gombifame, inni garuu yaa mucaa namaa, mul’atichi bara gara dhumaatiif ta’uu isaa hubadhu naan jedhe» (Dan 8:16-17).

Egaa kana akka fakkeenyaatti kaafne malee ragaawwan hedduu Kitaaba Qulqulluu irraa funaanuun ni danda’ama. Namoonni wallaalummaadhaan garuu sagada kabajaaf ergamootaaf godhamu akka sirrii hin taane dubbatan jiru, kuni

immoo balleessaa guddaa fi kan Waaqayyoon kabajeef kabaja laachuu dhabuu dha.

Kitaabni waa’ee ergamootaa ibsus «Dirsaana Ergamootaa» jedhama, hiikni isaas, kan barreeffame, jecha, dubbisa dheeraa, lallaba dheeraa, kan jechi isaa mi’aawu jechuu dha. Gocha ykn tajaajila isaan raawwataniif qabsuuraa hin jedhamu, isaan ni moo’u malee hin moo’aman waan taheef. Dirsaana Mikaa’eel, Dirsana Gabri’eelii, Dirsaana Uraa’el fi kan kana fakkaatan akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama.

Dirsaanonni waa sadi qabu/ibsu;

1. Waa’ee ergamichaa, eenyummaa fi kabaja isaanii ni dubbatu

2. Dinqii isaan godhan ibsu

3. Bifa isaanii ni ibsa.

Ergamoota Xuraa’oo (Seexana)

Seexanni Afaan Ibirootaatiin «Saayixaan» jedhama hiikni isaas diina jechuudha. Afaan Giriikiitiin ammoo «Daabiloos» jedhama, hiikni isaas himataa jechuu dha (Maat 4:10). Waaqayyo dura ergamoota yemmuu uumutti Seexana hangafa isaanii godhee muude. Maqaan isaas Saamaaliyaal yookan Saaxinaa’eel jedhama ture.

Waaqayyo guyyaa Dilbataa ergamoota erga uume booda jalaa dhokate. Maaliif jalaa dhokate yoo jedhan ammoo laphee ittiin yaadan kenneefi jirahoo hundumaa ol aangoo qabeessa ta’uu isaa yemmuu argu barbaadanii ana haa argatan jedheeti. Haa ta’u malee, Saaxinaa’el muddamee, aangoowwan ergamoota biroos kan isaa gadii ta’uu isaanii yemmuu argutti of tuuluu eegale.

Ergamoota aangoon isaa gadi jiraniinis anatu isin uume, anaaf sagadaa ana tajaajilaa jedheen. Kanaaf abbaan sobaa fi oftuulummaa Saaxinaa’eel ta’ee argame. Sobnis yeroo sana irraa eegale.

Kanaaf Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos wangeela irratti Yihuudonni yeroo isa dhaga’uu didanitti;

«Isin kan abbaa keessanii, kan seexanaati, kajeellaa hamaa isa kan abbaa keessaniis gochuu ni feetu, jalqabumaa jalqabee inni sun nama ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne, inni sobaadha, abbaa sobaatis kanaaf yemmuu sobu isa garaa isaa keessa jiru ni dubbata» (Yoh 8:44).

Yemmuu Saaxinaa’el anatu isin uume anaaf sagadaa jedhutti

garuu ergamoonni hundumti isaaf hin saganne. Qulqulluu Gabri’eel garuu «Waaqni nu uume hanga nuuf mul’atutti hundumti keenya jabaannee haa dhaabannu» jedhee ergamoota tasgabbeesse. Ergamoonnis sagalee Qulqulluu Gabr’eel kana dhagahanii

jabaatan.

Booda garuu Waaqayyo yemmuu isaanitti of muldhisu, yemmuu ergamoonni Waaqayyoof qulqulluu qulqulluu qulqulluu jedhanii sagadaniifiitti, Saaxinaa’el dura anatu isin uume jedheenii waan tureef qaana’ee dhiise. Ergamoonni yemmuu Saaxinaa’eel anatu isin uume anaaf sagadaa jedheen sanatti isaaf sagadan hundi surraan isaanii irraa mulqamee gara lafaatti fi lafaa gaditti (inxoorixoositti) gadi darbatamaniiru. Raayyaan Diyaabiloosis bakka saditti qoodameera.

Kan jalqabaa, eeyye situ nu uume jedhanii kan sagadaniif waliin inxoorixoos bu’aniiru, gareen lammataa ammoo, gareen lammataa ammoo erga ati uumte nus ni uumna kaa kan jedhan turan, isaan lafa kana irratti kan hafaniiru. Isaan kanatu amma kunoo laphee namootaa akka dogoggoru godha, namas dogongorsaa kan jiratan isaan kana dha; dachee kana irratti,

Gareen sadaffaan ammoo «Waaqayyo ta’innaa laata?» jedhanii kan maman isaan kun ammoo qilleensa irratti bittinaa’anii hafaniiru. Isaan kun «Jinnii Qilleensaa» jedhamu, kunoo lubbuun cubbamtootaa yoo foonin addaan baatu kan naasisan, kan rurrukutudhaan jiraataniidha; kanaaf gosa sadi jechuu dha (Akisimaaros).

Diyaabiloos bulchaa (bitaa) biyya Kanaas jedhameera,

Namoota yeroo hunda waan dogongorsuuf (Yoh 12:31).

Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa hedduun waamamaniiru. Diyaabiloos:- Kitaaba Qulqulluu keessatti bitaa dukkanaa, raayyaa badiinsaa (Efe 6:10), jawwee bofa duraaniis jedhama. Diina hamaas jedhama, kan qamadii irratti inkirdaada facaasu kan laphee gaarii balleessu waan taheef.

Gaaffii Ergamoota Waaqayyoo irratti ka’aaniifi deebii isaanii

Mul’ata Yohaannis (19:10) ergamaan Yohaannisiin anaaf hin sagadin Waaqayyoof sagadi jedhee dubbate? Erga kana ta’ee ergamootaaf maaf sagadna ree?

Deebii kana deebisuun dursa, waa’ee Yohaannis ilaalun dirqama ta’a. Qulqulluun kun kan ergamaan anaaf hin sagadin jedheen kuni eenyu? Yohaannis qulqulluu kabajamaa kan ta’eefi Kitaaba Qulqulluu irrattis Wangeela Yohaannis, ergaawwan sadi kan barreessee fi kitaaba mul’ataa kanas kan arge dha. Yohaannis egaa kana hunda kan beeku osoo ta’uu ergamichaaf kan sagade

wallaleetu osoo hin taane, sagadni kabajaa akka ergamootaaf godhamu beekeeti.

Inni kan sagadamuuf adda baasuu wallaaleeti jennees fudhachuu hin dandeenyu. Kanaafi Yohaannis naaf

hin sagadin jedhamus, kan iddoo biraatti irra deebi’ee sagadeef (Mul. 22:8) eenyuuf akka sagadamu wallaaleetii? waa’ee Waaqayyoo eenyuun caalaatti gadi fageenyaan kan ibse Yohaannis sagada Waaqayyoo fi ergamaaf malu adda baasee hin beeku jechuudhaaree? Egaa egamichis Yohaannis baay’ee qulqulluu kabajamaa waan ta’eef, kabajni isaa ergamaan waan wal gituuf ergamichi achi irratti anaaf hin sagadin jedheen.

Dabalataanis akkuma namni yoo lukkaratti nama kufu maaloo akkas hin godhin ka’i malee jedhanii dafanii ol kaasan jechaa dha. Kanaaf.Yohaannis ergamichaaf waan sagadeef, eeyyee anaaf baga sagadde, hin jenneen, of gadi qabuu barsiisa waan taheef. Dhimma kana caalaatti fakkeenyaan ilaaluuf, jaarsi kabajamaan tokko yeroo alaa gara manaa scenu utuu jaarsoliin umriin kabajaan isaan wal gitan ka’anii fi ishoo baga naaf kaatan hin jedhuuni. Inumaayyuu, lakki anaaf kaatuu? jedhaan malee. Yoo warreen umriin isaa gadi ta’an garuu yemmuu ka’aniif ulfaadhaa kabaja argadhaa jedhaan malee maaf naa kaatan hin jedhuun.

Waa’ee Ergamoota Waaqayyoo kutaa sadiin kan isin biraan gahaa turre kana fakkaata ture. Hanga dhumaatti waan dubbistaniif galatoomaa!

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Xumurame!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Ergamoota Waaqayyoo Kabaja fi Sagada Ergamoota Qulqulloota first appeared on Qubee Online +.

Aangoo fi Yaadannoo Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel
Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel

Mata duree kana keessatti waa’ee Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel bal’inaan ni ilaalla. Hiika maqaa Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel, muudama fi Aangoowwan isaaf akkasumas maqaa Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel Kitaaba Qulqulluu keessatti. Hanga dhumaatti dubbisaa.

Hangafoota Ergamootaa Torban Mana Kiristaanaa

Qulqulluun Mikaa’eel hangafa ergamootaati. Akka Mana Kiristaanaa keenyatti hangafoota ergamootaa jedhamuun kan beekaman ergamoota torba /7/ tu jiru. Isaanis;

1. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel

2. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri’eel

3. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa’eel

4. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Raagu’eel

5. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Uraa’eel

6. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Faanu’eel

7. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Suuriyaal

Akkasumas as irratti Qulqulluu Uraa’eel keessaa hambisuun Qulqulluu Afniin kan itti dabalanii fi yeroo tokko tokko ammoo Qulqulluu Suuriyaal keessaa hambisuun Qulqulluu Afniin bakka buusanii hangafoota Ergamootaa torban kan jedhaman isaan kanadha kan jedhan jiru, maalis ta’e maal hangafoota ergamootaa kan jedhaman torbadha. Tarii iddoodhaa iddootti maqaan isaanii gargar ta’uun akka amantaalee garaa garaatti waan ilaalamaniif ta’uu danda’a, sababni isaas akka ragaan Wikipedia ibsutti akka Manneen Amantaa araarsummaa Qulqulluu Mikaa’eel amananiitti fi akka Amantaawwan akka Kiristaanummaa, Islaamummaa fi Yihuudiiziimiitti hangafni Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel dha.

Hangafoonni ergamootaa ykn hangafoota Ergamootaa kan jedhaman torba jiraataniyyuu hangafni isaan hundaa ykn hangafni isaanii hundumaa garuu Qulqulluu Mikaa’eelidha. Hangafoonni Ergamootaa warreen kaan hangafoota jedhamaniyyuu aangoon ykn hangafummaan isaanii Qomoo tokko irrattidha malee akka Qulqulluu Mikaa’eel miti, Dirsaana Qulqulluu Rufaa’eel irrattis akkuma ibsame hangafoonni Ergamootaa torba jiraataniyyuu hangafni isaanii hundaayyuu Qulqulluu Mikaa’eel dha.

Hiikoo Maqaa Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel

Maqaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel afaan Ibraayisxii yoo ta’u hiikni isaas «Kan akka Waaqayyoo eenyu?» kan jedhudha. Akkasumas maqaan Ergamootaa dhuma irratti «-Eel» kan jedhu maxxanfata, «-Eel» jechuunis Waaqayyo jechuudha, kunis tajaajiltoota Waaqayyoo ta’uu isaanii ibsuufi.

Maqaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel kunis;

Afaan Ibraayisxii dhaan yeroo barreeffamu « מִיכָאֵל, »  yeroo dubbifamus «Mikaa’eel»

Qooqa Giriikiitiinis yeroo barreeffamu « Μιχαήλ,» yeroo dubbifamu ammoo «Mikhaḗl»

Laatiniitiin ammoo yeroo barreeffamu «Michahel» yeroo dubbifamu ammoo «Mikaa’eel»

Afaan Arabiffaan ammoo yeroo barreeffamu « ﻣﻴﺨﺎﺋﻴﻞ ,» yeroo dubbifamu ammoo «Mikaa’eel» dha. Akka amantaawwan Kiristaanummaa, Islaamummaa, Yihuudiiziimii fi amantawwan araarsummaa Ergamootaatti amanan kanneen birootti hangafa Ergamootaa hundaa ta’uun beekama.

Maqaa Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel Kitaaba Qulqulluu keessatti

Maqaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel Kitaaba Qulqulluu abbaa 66 keessatti yeroo shan (5) barreeffamee ykn caqasamee argama, garuu akka Kitaaba Qulqulluu manni Kiristaanaa keenya fudhattu abbaa 81tti yeroo digdama (20) ol caqasamee argama. Isaanis;

1. K. Heenook 2:27 «Yeroo sana Mikaa’eel fi Gabri’eel,  Suuri’eel fi Suuriyaan Samii irraa gadi ilaalan»

2. K. Heenook 3:14 «Waaqayyos Mikaa’eeliin ‘deemiitii Simiyaazaatti himi, isa waliin kan jiran cubbuu isaanii hundaa waliin akka badaniif, dubartoota waliinis kan namoota ta’aaniif itti himi’, jedheen.»

3. K. Heenook 6:5 «Gaarummaa namaaf hojjate irratti uummataaf ajajamaadha waan ta’eef, Ergamoota turan ykn jiran keessaa tokko Mikaa’eel dha»

4. K. Heenook 7:12 «Yeroo sanatti ana waliin kan jiru isaan irratti kan muudame, daran kan kabajaman Ergamoota keessaa tokko Mikaa’eel naaf deebise»

5. K. Heenook 10:12 «Innis jechi  jalqabaa haa hafu kan jedhu, dheekkamsa irraas kan fagaate Qulqulluu Mikaa’eelidha naan jedhe»

6. K. Heenook 14:28 «Gabri’eel fi Mikaa’eel, Faanu’eel fi Rufaa’eelis isaan guddoo kan taate guyyaa sanatti cimsanii ykn jabeessanii ni kuffisuun»

7. K. Heenook 16:6 «Qulqulluun Mikaa’eelis ergamoota kabajamoo keessaa tokko ergamaa biraa ergee na kaasise»

8. K. Heenook 16:8 «Qulqulluun Mikaa’eelis muldhata akkamii argitee akkasitti dhiphatte naan jedhe»

9. K. Heenook 19:1 «Guyyaa sanattis Qulqulluun Mikaa’eel beekumsi Afuura Qulqulluu isaa gara gaddaatti na geessa na cinqisiisa jedhee Qulqulluu Rufaa’eeliif deebise»

10. K. Heenook 19:4 «Lammaffaas Qulqulluun Mikaa’eel, Rufaa’eeliidhaan wanta kanaan lapheen isaa kan hin laafne, jecha kanarraa kan ka’es Kaleen isaa kan hin dhiphanne eenyudha jedhee deebiseef»

11. K. Heenook 19:6 «Kadhachuudhaafis Gooftaa ykn Waaqa Ergamootaa fuuldura yeroo dhabbatetti akkas ta’e, Qulqulluun Mikaa’eel  Qulqulluu Rufaa’eel dhaan akkas jedhe ‘Gooftaan ergamootaa isaanitti dheekkameera waan ta’eef, Gooftaa fuulduratti dhiifamni isaaniif hin taasifamu’ jedheen»

K. Heenook 20:5 «Maqaa kanas jabaa kan ta’e Waaqni Qulqulluu Mikaa’eel harka kaa’e, maqaan kunis iccitiiwwan dhokatoo isaa isaan kana, uumamtoonni hundi mihillaa ykn Kakuu isaatiin cime»

12. K. Heenook 20:32 «Hangafoota Ergamootaa keessaa ergamaan inni tokko Mikaa’eel harka koo mirgaa qabee na kaase, iddoo dhiifamni isaa dhokate hundaa na baasee gara iddoo araarri isaa dhokateetti na fide.»

13. K. Heenook 20:40 «Kan lakka’aamuu hin dandeenye Ergamoota baay’ee baay’een arge. Gabri’eel fi Mikaa’eel, Faanu’eel fi Rufaa’eel, mana sanatti ni marsu Samii irra kan jiran Ergamoonni kabajamoonis ana sanaa n ba’u, ni seenu»

14. K. Heenook 20:41 «Mana sana keessaas Gabri’eel fi Mikaa’eel, Faanu’eeliifi Rufaa’eelis baay’ee kan ta’an lakkoofsa kan hin qabne eegamoonni kabajamoon  kanneen biroo ni ba’an.»

15. K. Heenook 20:46  «… Gooftaan sunis Gabri’eel fi Mikaa’eel, Faanu’eel fi Rufaa’eel ergamoota hedduu hedduu lakkoofsa hin qabne waliin gara koo dhufe.»

16. K. Heenook 33:4 «Nama irraa adda kan ta’e Mikaa’eelis ni waame, erga ajajamanii gonka ba’aanii isaan keessaa ni balleessu waan ta’eef, Israa’eeloota kana irratti balleessaa barsiisonni taasisan hunda argitee hubadhu qabadhu jedheen»

17. K Heenook 33:18 «Akkuma kana muldhataan wanta kana barreessu Qulqulluu Mikaa’eeliin guyyuma hundatti barsiisota kanneen keessaa kan baduuf isa tokkof isa tokkoofis akka barreessuuf nan arge »

18. K. Heenook 33:28 «Kitaabicha kan barreessu kunis Qulqulluun Mikaa’eel baasee gooftaatti agarsiise, Gooftaa Israa’eel bultoo Waaqayyoottis ni dubbise, waa’ee isaaniifis ni kadhataan»

19. K Heenook 33:51 «Maqaa Moototaa kan barreesse Qulqulluu Mikaa’eel kunis hamma dhufutti gaheen ilaale»

20. K. Heenook 33:55 «Jecha gooftaatiin kitaabicha kan barreessu kana Qulqulluu Mikaa’eelis, boodarra kan ka’aan Mootonni kudha lamaan kun nama kan itti balleessan Kitaaba kana hamma banutti gaheen ilaale»

21. K. Heenook 34:5 «Sammuu kan qaban hangafoota Ergamootaa torban keessaa tokko kan ta’u, isa fuulduratti cubbuu moototaa kan barreessu Qulqulluu Mikaa’eel…»

22. K. Maqaabiyaan 1ffaa 9:8 «Du’oonni itti ka’uudhaaf afaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eeliin Malakatiin yeroo afuufamutti osoo hin ka’iin awwaala keessatti hin haftu waan ta’eef wanta akkasii hin yaadiin»

23. Tarafa Baarook 5:38  «…..Waa’ee Qomoo keetiif, waa’ee Israa’eeliifis nan kadhadha, waa’ee kadhannaa Suraafeeliif, waa’ee ixaana jaalatamaa foolii gaarii qabuu Kiruubeeliis si kadhadha, wanta dhugaaf kan ergamu Mikaa’eelis dhugumatti  kan galateeffatudha, beekumsa isaa kan naaf ibsu hanga iddoo toloonni ykn qajeelonni seenaniitti dhugumatti balbala isaa kan naaf banu isadha.»

24. Dan. 10:13 «Hangafni Mootii Faars guyyoota 21 na dhaabe, kunoo hangafoota gurguddoo keessaa tokko Mikaa’eel na gargaaruu dhufe. Anis Mootota Faars waliin achittin isa dhiise»

25. Dan. 10:21 «Garuu, dhugumatti kan barreeffame sittin hima wanta kanaanis hangafa isaanii Mikaa’eeliin ala kan na tasgabbeessu eenyuyyuu hin jiru»

26. Dan. 12:1 «Yeroo sanattis waa’ee ijoollee namaaf kan dhaabbatu hangafichi Mikaa’eel ni ka’a, uummannis erga ta’ee kaasee hanga bara sanaatti akka sanatti kan hin taane barri rakkoo ni ta’a. Bara sanattis kitaaba irratti barreeffamee kan argame uummanni kee hundi tokkoon tokkoon isaa ni fayya»

27. Yihuudaa :9 «Hangafni Ergamootaa Mikaa’eel garuu waa’ee foon Musee yeroo dubbatu Seexana waliin yeroo wal mormetti, gooftaan si haa ifatu jedhe malee jecha arrabsoo itti dubbachuuf hin barbaanne»

28. Mul. 12:7 «Samii irrattis lolatu ta’e, Mikaa’eel fi ergamoonni Jawwicha ni waraanan, Jawwichis Ergamoota isaa waliin ni lole isaafis hin danda’aamne»

Aangoowwan gurguddoo Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel

1. Dhiifama kan kennisiisudha

Dhiifama Waaqayyoo gara ilmaan namootaatti kan fidu ergamaa garraamiidha.

Sabni Israa’eel jabina laphee isaaniirraa kan ka’een akka isaan hin balleessineef kadhannaa isaatiini dhiifama waan gochiisiiseefi biyya abdii godhatanii turan kan isaaniin gahe Qulqulluu Mikaa’eelidha. Seera Ba’uu 33:1-3. Kanaafidha sirna Qiddaasee irratti «Qulqulluu Mikaa’eeliif aangoo dhiifamaatu isaaf kenname» kan jedhamuuf.

Ilmaan namaa hundaaf Waaqayyo dhiifama isaa akka kennuuf ergamaa ilma namaaf dhaabbatu ta’uu isaa ibsa.

2. Gorsaa Qulqullootaa

Qulqulluun Mikaa’eel gorsaa Qulqullootaa jedhama. Uummata jireenyi milkaa’uufii didee hundi itti dukkanaa’e gorsa isaatiin kan isaaniif sirreessu Qulqulluu Mikaa’eelidha.

Biyyi Baabiloon dhiiga Raajotaa yeroo dhangalaasaa turtetti Qulqulloonni biyya sana keessa jiraatan akka hojii isaanii keessatti hin hirmaanneef kan isaan gorsaa ture Qulqulluu Mikaa’eelidha. Mul. 18:1-10.

Kanaafidha Raajichi Daani’eel bara koolu-galtummaa biyya Baabiloon keessa yeroo turetti Amantii isaafi Qulqullummaa isaatti akka cimuuf kan isa gorsaa ture Qulqulluu Mikaa’eelidha. Dan. 10:21.

3. Kan Waaqayyo Gorsudha

Waaqayyo Waaqa hunda danda’u Waaqa hundumaa beekudha. Amalummaa isaa keessatti nama isa gorsu hin barbaadu. Garuu kennaan Waaqayyoo daangaa waan hin qabneef jaalala Qulqullootaaf qabu yeroo ibsu yaada isaaniifi kadhannaa isaanii simachuun ni raawwata ykn hojiirra ni oolcha. Faar. 88:6-7 Waaqayyo kan samii irratti isa gitu eenyu? Ijoollee Waaqolii keessaas kan Waaqayyo fakkaatu eenyu? Gorsa Qulqullootaatiin Waaqayyo ulfaataadha.

Akkuma Gorsa Qulqullootaatiin Waaqayyo ulfaataadha jedhame Qulqulloota hunda keessaa inni hangafa ta’ee muudame ammoo Qulqulluu Mikaa’eelidha.

Kan Waaqayyoon gorsudha yeroo jennu ulfina Waaqayyoo wanta gadi qabne kan isaanitti fakkaatu namoonni tokko tokko ni jiru, Waaqayyo garuu hojii isaa hundi gonkumaa mudaa tokkoyyuu kan hin qabne Gooftaa waa hundaa yoo ta’u yaada Qulqulloota isaa fudhachuun isaa ammoo gadi of qabuu isaa nu barsiisuufidha.

4. Kan nama gargaarudha

Yeroo Mootiin biyya Asoor Seenaakireem kan jedhamu aangoo Lubummaa fi mootummaa lamaanuu kan qabu Hizqiyaas nama Waaqayyoo irratti ka’etti Qulqullichi Mikaa’eel ergamoota Waaqayyoo baay’ee qabatee dhufee isa baraaree jira. 2 Moot. 19:35-39

Ergamaan nu fayyisuuf kan ergaman, ergamaa Qulqullootaa hin muldhannedha. Ibr. 1:14 Amantiidhaan isaan fudhachuun nurraa eegama. Ergamoonni Waaqayyoo naannoo namoota Waaqayyo sodaatanii ni buufatu, isaan ni fayyisus Faar. 33:7 akkuma jedhame ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Mikaa’eel Iyyaasuutti muldhachuun gargaareera. Kanaafuu namoota Waaqayyo sodaataniifi ergamoota Waaqayyoo jaallatan hundaa akka gargaaruuf Waaqayyo birraa kennaan kennameefiira hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eeliif.

5. Sooraa Kakuu Moofaati

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel saba Israa’eeliif gaggeessaa isaanii ta’ee Kitaaba Seeraa Kakuu Moofaa keessatti Sooraadh hanga gargaarsaatti ergamaa isaan tajaajiledha. Akka nyaataniifis Mannaa isaaniif roobsee Samii irraa biddeen kenneefii Biddeen Egamootaas namni ni nyaate. Ergamoonni akka namaatti biddeen kan nyaatan ta’aanii osoo hin taane harka ergamootatiin Samii irraa bu’e namoonni waan nyaataniifi biddeen Ergamootaa namni nyaate kan jedhame. Ergamaan Soore kunis Sooraa Kakuu kan ta’e Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eelidha.

6. Seexana kan Ifatudha

Seexanni uummata Israa’eeliin dammaqsee ykn kakaasee awwaala Musee itti agarsiisuufi Waaqayyo waliin wal isaan lolchiisuuf ni ka’e. Hangafa Ergamootaa kan ta’e Qulqulluun Mikaa’eel Waaqayyo kan dhokse ati muldhisuu hin dandeessu jechuudhaan kan Seexana ifatu waan ta’eef Seexana ifate. Yih. :9.

7. Aarsaa gara Waaqayyootti kan ol baasudha

Ergamichi Waaqayyoo ulee harka isaa jiruun Fooniifi maxinoo sana tuqe, yeroo sanas abiddi kattaa keessaa jiru gadi ba’ee Fooniifi Maxinoo sana nyaate. Kitaaba Abbootii Firdii 6:11-12.

Aarsaan Geedewoon sababa ergamaa sanaatiin gara Waaqayyootti ol ba’e. Ergamaan kunis Qulqulluu Mikaa’eel aarsaa Geedeewoon kan olbaase nuufis kadhannaa keenya, galatoo keenya, faarfannaa keenya, tajaajila aarsaa keenya hunda kan Waaqayyo biraan nuuf gahu Ergamaa ajaa’ibaa kan ta’e Qulqulluu Mikaa’eelidha.

Fakkeenyummaa fi iccitii isaa;

Geedeewoon Kiristoosiin fakkeeffama. Geedeewoon aarsaa qopheessee diina isaa akkuma mo’atee Israa’eel akkuma garbummaa jalaa baase, Kiristoos ammoo ofii aarsaa ta’ee uummata isa gabrummaa Seexanaa jalaa baaseera waan ta’eef Geedeewoon fakkeenya Kiristoosidha.

Uleen Ergamichi qabate ammoo fakkeenya Fallaana Fannoo «Irfe Mesqeliiti». Ergamichi harkaan osoo hin tuqiin uleedhaan tuqee akkuma aarsaa ol baase, hardhas Daaqoniin ykn Lubni dhiiga Waaqummaa harkaan osoo hin taane Fallaana Fannoo ykn Irfe Mesqelii kanaan kennuu isaaniif fakkeenya.

Foon sun ammoo Foon ilma Waaqayyooti, akkasumas dhangala’aan sunis dhiiga ilma Waaqayyoo dhangala’een fakkeeffama.

Guyyoota Yaadannoo Ayyaana hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel

Akka Mana Kiristaanaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyaan yaadannoo kan ji’a kan Qulqulluu Mikaa’eel ji’i seenee gaafa guyyaa 12ffaa yoo ta’u, akka waggaatti ykn waggaa waggaadhaan kan kabajaman gurguddoon ammoo Sadaasa 12 fi Waxabajjii 12

Sadaasa 12

Guyyaa kanatti ayyaanni kabajamu Israa’eel warri Foonii waggoota 430’f Gibtsii erga jiraatanii booda, guyyaa kanatti Gibtsii guyyaan itti ba’an ni yaadatama. Israa’eeloonni gara Gibtsiitti Kana’aanii ba’aanii kan galan sababa beelaatiin yoo ta’u, obboleessa isaanii Yooseefis dursanii gurguranii ture.

Kana’aanii godaananii sababa beelaatiin gara Gibtsii maatii 70 ta’aanii galan. Baroota edduu boodas Faari’oonni Yooseef hin beekne ni ka’e. Israa’eeloonni nu caalaa baay’ataniiru, diinni yoo nurratti ka’e gara diinaatti dabalamanii nu balleessu jedhee gidiraa fi rakkoo itti cimse, isaanis gidiraa isaanirra gahe hunda simachaa dhama’aa jiraatan, ijoolleen dhiiraa yeroo dhalatan deessistoota isaaniitiin akka ajjeefaman ajajni ni kenname.

Raaheel kan jedhamtu dubartiin  Israa’eel ykn Ibruu abbaan manaa ishee Roobeel jedhamu jalaa du’e, hojii abbaa manaa ishees kan keetti dabaliitii hojjedhu jedhamtee dhoqqee yeroo dhiittu ykn yeroo bukeessitu ciniinsuun ishee qabe, yeroo kanas xiqqoon boqodha jette yeroo kanas namichi ishee hojjachiisu namni Gibtsii dhiiti jedhee ishee dirqamsiise, gadameessa ishee keessa kan turan daa’imman lakkuunis miila ishee jalatti kufan, dhiigni daa’imaa gamoo cimsa jedhee dhoqqee waliin dhiiti jedheen, isheenis imimmaan ishee  gara Samiitti facaaste. Erm. 31:15, Maat. 2:17.

Kana boodas Waaqayyo Musee dhaan Faara’ooniin saba koo gadhiisi siin jedha Waaqayyo jedhiin jedheen. Faara’oonis deebisee Israa’eeloota akka gadhiisuuf ykn Israa’eeloota kanan gadhiisuuf Waaqayyo eenyudha? jechuudhaan hin dhaga’u jedhee dide, dheekkamsoota sagaliin, dheekkamsa kudhanaffaa irratti du’a ijoollee hangafaatiin Gibtsoota rukute, Waaqayyos Museedhaan akkas jedhe kophee keessan miila keessanitti, ulee keessan harka keessanitti qabattanii ykn godhattanii akkas jedhaa innis Faasikaa Waaqayyooti. Anis halkan sanatti biyya Gibtsiitti namaa hanga bineeldotaatti hangafoota hunda nan ajjeesa, Waaqolii Gibtsii hundumaatti nan farada ani Waaqayyodha dhiigichis mallattoo isiniif ta’a. Seera Ba’uu 11:11.

Waaqayyos Museedhaan «Uummata garbumma jalaa Gibtsii dhaa kan itti baatan guyyaa kana yaadadhaa» jedheen. Ba’uu 13:1.

Akkasis ta’e halkan qixxee yeroo ta’etti Waaqayyo Teessoo isaa irra kan taa’ee jiru ilma hangafaa Fara’oonii kaasee hanga hangafoota ijoollee Gibtsootaa rukute, sabni Israa’eelis bilisa ba’e.

Waxabajjii 12

Qulqulleettii Afoomiyaa fi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel

Guyyaa kanatti ykn Waxabajjii 12 Qulqulluun Mikaa’eel gara Keelqiyaatti dubartii gaarii Afoomiyaa jedhamtu kan abbaan manaa ishee ammoo Astaraaniiqoos jedhamu turee dhaqe. Qabeenya qabdu irraa kennaa garaa garaa hiyyesotaa fi mana Waaqayyootiif kennaa, kadhannaa fi tsoomiidhaan murtooftee jiraatti turte. Seexannis waan gaarii hin jaalatu waan ta’eef Manaksee gaarii fakkaatee, Monokseewwan dubartootaa fakkeessee raayyaa Seexanaa of duuba hiriirsisee gara mana ishee deemee ishee waamsise, isheenis mana seenaatii Si’ilii Qulqulluu Mikaa’eel fuulduratti naaf kadhadhaa jetteen.

«Nutimmaa ganama kadhanneerra, siif garuu kadhannaa fi tsoomiin kuni hundi maal siif godha? Yoo baay’ate yeroo malee akka nama miidhu hin beektuu? Qabeenya kee kennitee maalif fixxe, yeroo dhadhabdu kan si gargaaru, kan si sooru mucaa hoo hin qabdu, lammaffaa heerumuun cubbuu sitti fakkaatee? Abirahaam fa’a. Daawwit fa’a, dubartoota hedduu irraa ijoollee hedduu horaniiru, amma heerumi waanan ani siin jedhu tole jedhi» jedheen. Isheenis «Oooo! Yaa Abbaa Qoobiin kee gaarii, dubbiin kee ammoo badaa» jetteenii abbaan manaa ishee lubbuudhaan yeroo jiru Si’ilii Qulqulluu Mikaa’eel inni hojjechiiseefii ture iddoo jiruu kaastee yeroo itti agarsiistu «Waxabajjii 12 dhufeen kan ittiin of jajje ykn dhaadatte Si’ilii kana waliin sin balleessa» jedheenii achii bade.

Waxabajjii 12 ergamaa ifaa fakkaatee dhufee Tsoomii fi kadhannaan, sagadni, kennaan kee ol ba’eera si fayyisuun dhufe naaf sagadi jedheen. Isheens ati eenyu? jetteen innis hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel dha jedheen. Isheenis ergamaan Mootii ykn Gooftaa akkamitti Fannoo malee deema, uleen Fannoo kee eessa? jetteen innis Fannoo qabsiisanii ykk fannoo waliin kaasuun barteedha malee nuti ergamoonni hin qabannu jedheen.

Isheenis turi ykn na eegi Si’iilicha siin fida jettee gara mana isheetti yeroo garagaltu bifa isaa jijjiiree dukkana fakkaatee isheetti mul’atee Qulqulluun Mikaa’eelis libsuu ijaa keessatti dhufee Afoomiyaa gargaaree, Kadhannaan kee, Tsoomni kee, sagadni kee, kennaan kee dura Waaqayyoo gaheera boqonnaan kee hardhadha, jedheenii ishee duraa dhokate, isheenis gara Mana Kiristaanaa deemtee Fooniifi dhiiga isaa fudhattee qabeenya ishee hunda kennitee guyyaa kanatti kabajaan boqoteerti.

Baahiraan fi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel

Biyyi isaa Iskindiriyaa dha, abbaa fi haati isaa ayyaana Qulqulluu Mikaa’eel kabajaa jiraatu ture. Baahiraan garaatti baatamee osoo jiruu abbaan isaa ni du’e, Baahiraanis yeroo dhalatetti hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel isa eebbisee qabeenya sooressoota ollaa keetii ni dhaala yeroo jedhuunis ollaawwan ishee dhaga’aanii dubbicha olii fi gadi buusanii erga ilaalaa turanii Baahiraan yeroo umuriin isaa waggaa kudhan yeroo guutu haati isaa waan isa nyaachiftee guddiftu dhabdee garmalee waan rakkatteef warri ollaa sun nuti fudhannee haa guddifnu jedhanii isheedhaaf Warqee waqeetii digdama kennanii Baahiraan fudhatan.

Sana boodas hoggasuma Saanduqa ykn Saaxinii hojjachiisee Saaxinii sana keessatti galchee galaana keessatti isa darbate, dambaliinis isa dhiibaa, isa oofaa qarqara galaanaatti isa gate. Tiksee Hoolota eegu tokkos isa argatee qodaa ykn qarshii daldalaa jalaa badedha ykn dambaliin nyaatedha jedhee mana geessee yeroo banee ilaalu mucaa bareedaa arge innis mucaa barbaada waan tureef gammadee fudhatee maqaa isaas «Baahiraan» jedhee moggaase

Galaana keessaa kan argame jechuudha. Namichi tiksee kunis waan qabubirraa nyaachisaa, obaasaa isa guddise.

Waggoota hedduu boodas abbaan qabeenyaa Baahiraan galaana keessatti gate sun daldalaa gara biyya fagoo yeroo deemu itti dhiyee mana nama Baahiraan guddisaa jiru biratti goree bule. Namichi Baahiraan bira jiru sunis «Baahiraan, Baahiraan» jedhee yeroo Baahiraan waamu abbaan qabeenyaa sun dhaga’ee «Baahiraan jechuun maal jechuudha? Maalif akkas jedhame?» jedhee gaafate, namichi sunis Baahiraan jechuun kan Galaana keessaa argame jechuudha jedhee deebiseef, abbaan qabeenyaa sunis «Yoomidha kan argatte?» jedhee gaafate, namichi sunis yeroo isaa caqasee wanta hunda itti hime, abbaan qabeenyaa sunis laphee isaatti «Edaa hin duunee» jedhee ganama yeroo bari’u «mana kootti qodaan ani irraanfadhee dhufe jira waan ta’eef maaloo naaf eyyamiitii mucaa kee Baahiraan nan ergadha, gatii dhadhabbii isaas siin kaffala» jedheen.

Namichi tole jedhe. Abbaan qabeenyaa sunis «Akkuma gaheen ajjeesaa!» jedhee xalayaa barreessee, irratti mallatteessee galaa kenneefii erge. Baahiraanis deemsa guyyaa sagalii deemee daandiin guyyaa tokkoo yeroo isa hafu Qulqulluun Mikaa’eel bifa namaatiin farda irra taa’ee raayyaa isaa waliin daandii irratti itti dhufe, «Yaa mucaa garam deemta?»  jedhee isa gaafate Baahiraanis «Ergaa ergame isa geessuufan deemaa jira» jedhee deebiseef. Qulqulluun Mikaa’eelis «Ergicha natti agarsiisimee» jedheen yeroo kanattis ergamaan Qulqulluun Mikaa’eel ergaa sana gara gammachuutti jijjireef. Baahiraanis xalayaa sana mana gahee itti kenne, mucaan abbaa qabeenyaa sanaas xalayicha banee yeroo ilaalu «Mucaa kana fuusisaa, qabeenya koo hunda dhaalchisaa, garboonni koos haa bitamaniif» jedha.

Innis akkuma ajajametti Baahiraan intala abbaa qabeenyichaa fuudhe, abbaan qabeenyaa sunis yeroo daldalaa deebi’u, sagalee wacaa fi gammachuu mana isaatii dhaga’ee «Sagaleen ani dhaga’u kun kan maaliitii? Maaltu argame?» jedhee yeroo gaafatu, namichi ati ergite intala kee fuudhee, qabeenya kee dhaalee kunoo guyyaa afurtama guutuu gammachuu ta’e jedheen, Abbaan qabeenyaa sunis nahee hoggasuma farda isaa irraa kufee du’eera. Baahiraanis qabeenyaa namichaa dhaalee Waaqayyo galateeffachaa, Qulqulluu Mikaa’eelis kabajaa jiraate.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eegumsi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Aangoo fi Yaadannoo Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel first appeared on Qubee Online +.