Qulqulleettii Dubroo Maariyaam | Qubee Online +

Dubroo Maariyaam : Ol Ba’iinsa fi Kakuu Araaraa
Ol Ba’iinsa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Dubroo Maariyaam haati keenya Qulqulleettiin Amajjii 21 boqottee garuu Hagayya awwaalamte. Mata duree kana keessatti akka fedha Waaqayyootti waa’ee Tsoomii Filsataa, Du’aa Ka’umsa fi Ol ba’iinsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ni ilaalla. Isinis hanga dhumaatti dubbisaa, hiriyoota keessaniifis qoodaa!

«Duuti Amajjiitti Awwaalli Hagayyatti!»

Ol Ba’iinsa Dubroo Maariyaam

Waa’ee Tsoomii Filsataa Dubroo Maariyaam

Filsataa jechuun jecha Gi’izii «ፈለሰ» jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u iddoo tokkoo gara iddoo biraatti jijjiiruu, biyya keessa turan dhiisanii gara biyya biraatti godaanuu, deemuu jechuudha.

Tsoomii Filsataa yeroo jedhamus foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Geeteesemaanii irraa gara Jannataatti deemuu isaa boodas Jannata keessatti muka jireenyaa «ዕፀ ሕይወት» jala kan ture irraa ka’uu isaa agarsiisuuf kan dubbatamudha.

Seenaa fi Boqonnaa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam waggaa 64 Addunyaa kana irra jiraattee du’aan erga adda baate booda akka ilma ishee tokkicha gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos du’aa kaa’uun ishee fi ol Ba’uu ishee akka arganiif Duuka Bu’oonni Hagayya 1 irraa kaasee hanga 16 tti Tsoomii isaan tsoomanidha. Tsoomiin Filsataa Tsoomiiwwan gurguddoo Mana Kiristaanaa torban keessaa isa tokko ta’ee Qannoonaadhaan akka tsoomamu erga murteeffamee kaasee Kiristaanonni ni tsoomu.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam bara Addunyaa 5485 abbaa ishee Iyyaaqeem fi haadha ishee Haannaa irraa «Libaanoos irraa Misirroon ni baati!» jedhamee bu’uura raajii dubbatameefiin Hagayya 7 garaatti baatamte. Caamsaa 1 ammoo iddoo Libaanoos jedhamtutti akka dhalatte Seenaan Mana Kiristaanaa bal’inaan ni hubachiisa. Dubroon Maariyaam tsoomii fi kadhannaadhaan kan argamtedha, Qulqulleettii waan taateefis Bultoo Waaqayyoo taateerti.

Dubroon Maariyaam mana abbaa fi haadha isheetti waggaa sadi, Mana Qulqullummaatti waggaa kudha lama, fayyisaa Addunyaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos garaa isheetti baattee Ji’a sagal, ilma ishee gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waliin waggaa 33 fi Ji’a sadi, Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii bira waggaa 14 fi Ji’a sagal walumaa galatti waggaa 64 yeroo guuttu Amajjii 21 bara 49 dhaloota Kiristoos booda ykn Bara Araaraa Addunyaa kana irraa du’aan boqotte.

Raajiiwwan fi Fakkeenyota Maariyaam Kakuu Moofaa muraasa

Raajonni dursanii waa’ee boqonnaa fi ka’umsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam iccitiidhaan dubbataniiru. Raajichi Daawwit Faaruu isaatiin «Maaloo gara boqonnaa keetti ka’i! Ati fi Taabonni Mana Qulqullummaa kee!» jedheera. Faaruu 132:8. Yaa gooftaa koo gara amantootaaf boqonnaa itti kennitu gara Mootummaa Samiitti Taabota Mana Qulqullummaa kee Dubroo Maariyaam qabadhuu ka’i yeroo jedhudha. Kunis haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam akka ka’umsa ilma isheetti ka’uu ishee kan agarsiisudha. Taabota sababni inni jedheefis Bultoo isaa waan taateefi.

Mootichi Solomoonis «Yaa kaadhima koo ka’i! yaa miidhagina koo koottu kunoi Ganni darbe, Bokkaanis darbee deeme Abaaboowwan lafa irratti mul’atan. Yeroon yeedaloos ga’e …. jechi lafa irratti dhaga’ame. Balasiin ija godhachuu jalqabe, Wayiniin Abaaboo godhachuu jalqaban, foolii gaarii isaaniis kennan . Yaa kaadhima koo ka’i, yaa miidhagina koo koottu!» jechuun waa’ee Dubroo Maariyaam fakkeenyaan dubbateera. Weedduu Weedduu Caalu. 2:10-13.

Kaadhima isaa, miidhagina isaatiin ka’i! koottu jechaa waamaa kan ture Iyyesuus Kiristoos dha. Kan waamamtes Dubroo Maariyaam dha. Kunoo ganni darbe jechuun godaansaan, jibbiinsa Ayihuudotaa guyyaa guyyaanii irraa ilaalaa gidiraa mucaa ishee fi fannifamuu isaa Simi’oon Mana Qulqullummaatti akka dubbate lapheen ishee sayifii gaddaatiin kan itti waraaname ganni gidiraa ykn waqtiin gidiraa darbee dhukkubbiin Kiristoos, duuti isaa, Addunyaa kanaaf of kennuun isaa raawwatameera.

Ka’umsi isaa lafa irratti ibsameera, lallabameera jechuudha. Lafa irratti Abaaboon mul’ateera jechuun sagaleen Duuka Bu’ootaa lafa irratti iddoo hunda gaheera jechuudha. Raajichi Daawwit «Sagaleen isaanii lafa hundaatti, jechi isaaniis hanga qarqara Addunyaatti ba’e!» jedhee waa’ee Duuka Bu’ootaa kan dubbate waa’ee gidiraa fi godaansa Addunyaa irra jiruu yeroo ibsudha. Faaruu. 18:4.

Yeroon yeedaloos gahe kan jedhe yeroo gidiraati. Sululli garaa garaa midhaaniin uffifaman, gammachuu dhaan ni iyyu, ni faarfatus jedhameera. Faaruu. 65:13. Yeroon makaraa gahe kan jedhame makarri yeroo firii ta’uu isaatiin Kiristaanummaan firii godhateera jechuudha. Balasiin ija godhachuu jalqabe jechuun ammoo firii hojii gaarii osoo hin buufatiin namoonni turan hojii gaarii hojjechuu jalqabuu isaanii kan agarsiisudha. Dhuma irrattis Wayiniin Abaaboo godhataniiru, foolii gaarii isaanii kennaniiru akka jedhame guutummaa Addunyaatti Manneen Kiristaanaa Amantaa dhaan durii godhachuun, foolii gaarii hojii isaanii dhiyeessuu erga jalqaban booda haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ni boqotte.

Boqonnaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan ture Amajjii 21 tti Duuka Bu’oonni foon ishee boqochiisuuf gara iddoo awwaalaa Geeteesemaanii qabatanii yeroo deeman Ayihuudonni inaaffaan ka’aanii «Dur ilmi ishee guyyaa sadaffaatti du’aa ka’e, guyyaa Afurtammaffaatti ol ba’e. Irra deebiinis deebi’ee Addunyaa kana dabarsuuf ni dhufa. Jedhanii barsiisuun uummata fudhataniiru. Amma ammoo yoo callisnee dhiisne isheenis akka ilma ishee du’aa kaate, ol baate jedhanii barsiisuun nu jeequufi mitii? koottaa walitti qabamnee abiddaan ishee haa gubnu jedhanii waliin mari’atanii ba’aanii isaan keessaa Taawufaaniyaa namichi Ayihuudii filatamee deemee siree foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam baate ni qabe. Siree kana yeroo qabates ergamaan Waaqayyoo sayifii abiddaatiin harka isaa lamaan ni mure. Taawufaaniyaanis hojii isaatti gaabbee gara Dubroo Maariyaam waan kadhateef raajiidhaan harki isaa lamaan muramanii turan gara iddoo isaanii duriitti deebi’an.

Ergamaan Waaqayyoo foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Qulqulluu Yohaannis waliin gara iddoo gammachuun jiru gara Jannataatti Afuura Qulqulluun geesse. Gooftaanis foon Dubroo Maariyaam akka baastuuf lafa akka waamaniif Hangafoota Ergamootaa torban ni ajaje. Isaanis akka baatuuf Waaqayyo si ajajeera jedhaniin. Yeroo sanattis muka jireenyaa jalatti kan argamu iddoo awwaalaa irraa foon Dubroo Maariyaam ni ba’e. Gooftaan keenyas bara baraan kan ta’e gara Mootummaa Waaqayyootti Ergamoonni fi Wareegamtoonni akka isheef sagadaniif ol baase. Mootichi Daawwit «Uffata Warqii uffattee Mootittiin mirga kee ni dhaabbatti.» Faaruu. 44:9

Raajiiwwan fi Fakkeenyota

Wangeelaawwii Yohaannisis ishee irraa eebba fudhatee deebi’ee samii irraa bu’e. Duuka Bu’oonnis walitti qabamanii waa’ee foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo gaddan isaan arge. Innis akka arge, akka dhaga’e foon ishee kabaja guddaadhaan ol ba’uu isaa itti hime. Duuka Bu’oonnis waggaa guutuu turan. Jiinni Hagayyaa yeroo seenettis Qulqulluun Yohaannis akkas jedheen; Foon Dubroo Maariyaam ilaaluuf koottaa! subaa’ee lama tsoomuun haa kadhannu jedhe. Tsoomii fi kadhannaadhaan subaa’ee qabatan, Gooftaanis foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fidee waan isaaniif kenneef faarfannaa dhaan, Galatoo dhaan geessanii iddoo awwaalaa dursee qophaa’e Geeteesemaanii tti ishee awwaalan.

Sirni awwaala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo raawwatamu Duuka Bu’ootaa kudha lamaan keessaa tokko kan ta’e Duuka Bu’aan Qulqulluun Toomaas hin jiru ture waan ta’eef, biyya lallabaa isaa irraa duumessaan fe’amee gara Iyyerusaaleemitti yeroo dhufu haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo itti awwaalamte irraa guyyaa sadaffaatti akka ilma isheetti yeroo ol baatu ishee arge. Innis yeroo kana ka’umsa ishee Duuka Bu’oonni kanneen biroo arganii inni kan hin argine itti fakkaatee gadduudhaan «Jalqaba ka’umsa ilma kee amma ammoo ka’umsa kee osoon hin argiin hafe!» jedhee baay’ee gadde. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis isaan ala Duuka Bu’oonni kanneen biroo ka’umsa ishee akka hin argine itti himtee isa jajjabeessitee deemees Duuka Bu’ootatti wanta ta’e hunda akka itti himu isa ajajjee mallattoo akka isaaf ta’uuf uffata ishee irraa kuttee itti kennuun ol baate.

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Toomaas Iyyerusaaleem yeroo gahetti foon Dubroo Maariyaam ni awwaalle jedhanii itti himan innis «Duuti Amajjiitti Awwaalli Hagayyatti! akkamitti ta’a?» isaaniin jedhe. «Ati ka’umsa gooftaa shakkitee turte, ammas hin amantuu?» jedhanii dursummaa Qulqulluu Pheexiroosiin gara iddoo awwaala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti isa qabatanii deemanii awwaalli sun yeroo banamu foon ishee dhaban. Yeroo kanas ni rifatan. Innis «Na hin amantan jedheeni malee Dubroon Maariyaam kaatee ol baateerti!» jedhee wanta ta’e hunda itti hime. Ragaadhaafis uffata isheen kuttee itti kennite isaanitti agarsiise. Isaanis uffata kana eebbaaf adda kutanii hiratanii gara biyya lallabaa isaaniitti deeman.

Duuka Bu’oonnis ka’umsa kee Qulqulluun Toomaas argee nuti maalif nutti hafa jedhanii Hagayya 1 irraa kaasanii subaa’ee seenan. Dhuma subaa’ee kanaa irratti Hagayya kudha jahatti gooftaan keenya kadhannaa isaanii fudhatee teessoo ykn manbarii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin :- Qulqulluu Pheexiroos Luba, Qulqulluu Isxifaanoos Diyaaqonii Hangafa taasisee erga hunda isaanii qorrobsiise booda ol Ba’iinsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam isaanitti agarsiiseera.

Manni Kiristaanaa keenyas sirna ishee hundeessitee tsoomiiwwan gurguddoo torban keessaa tokko taasistee akka tsoomamu ni labsiti. Iccitii ajaa’ibaa Duuka Bu’oonni ilaalan kanas ka’umsaa fi ol ba’iinsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam arguuf fi eebba abbootii Duuka Bu’ootaa argachuuf ni tsoomama, subaa’een ni seenama.

Channel keenya Telegram Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbi fi Araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Dubroo Maariyaam : Ol Ba’iinsa fi Kakuu Araaraa first appeared on Qubee Online +.

Boqonnaa Haadha keenya Dubroo Maariyaam | Kutaa 3ffaa
Boqonnaa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kabajaman keessaa tokko kan ta’e. Boqonnaa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Amajjii 21.

Kutaa 3ffaa

Hub :- kutaa 1ffaa fi 2ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa!

Waa’ee Godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Ergamaan Waaqayyo akkuma Yooseefitti dubbate mootichi Heroodos Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ajjeesuu barbaada waan tureef, Dubroon Maariyaam Goofta keenya baattee Gibxiitti godaante. Maat. 2:11-13, Mul.12:13-18.

Sababni godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam;

Jannata keessaati kan ari’atame Addamii fi ijoolleen isaa ari’atamanii (godaanani) fayyisuuf Gooftaan keenya ofii isaatii ari’atamee (godanee) iddoo isaanii jalqabaatti isaan deebisuuf.

Dubbii Raajii Isaayyaasiin dubbatame raawwachuuf Isa. 19:1

«Mucaa koo Gibxiitti waame raajii jedhu raawwachuudhaaf. Hoose’i 11:1, Maat. 2:15

Barri godaansa giiftii keenya Maariyaamii turtiin isaa waggaa sadii fi ji’a ja’a. Mul.12:6. Kan inni itti yaadatamus Fulbaana 26 hanga Sadaasa 6 tti yeroo ta’u Zamana Tsigee jedhamee beekama. Sababa isaa kan ibsu:

Haamer waggaa 3ffaa lakk.4

Malakat waggaa 1 ffaa lakk.11 fi 12

Seenaa Boqonnaa fi Du’aa Ka’umsa Dubroo Maariyaam

Ji’a sagalii fi guyyaa shan gooftaa garaatti baattee waggaa 3 mana abbaa ishee fi haadha isheetti, waggaa kudha lama (12) mana qulqullummaa waggaa 33 fi ji’a sadi Gooftaa waliin, waggaa 15 Yohaannis abbaa Wangeelaa waliin, walii gala waggoota 64 tti bara 49 keessa Amajjii 21 boqottee Hagayya 14 awwaalamtee, guyyaa sadaffaa isheetti Hagayya 16 gara samiitti ol baate.

Akkaataan boqonnaa fi du’aa ka’umsa Dubroo Maariyaam baay’ee ajaa’ibsiisaadha. Kanaafis waan kana ta’eef Ayihuudonni mari’atanii reeffa ishee gubuuf waan barbaadaniif yaalii karaa Taawufinaas godhameen harkisaa lachuu yemmuu irraa citu reeffi giiftii keenya Maariyaamii immoo hojii Waaqayyoo dinqisiisaa ta’een gara Jennataatti ol fudhatamee muka jireenyaa jala ka’aamee yeroo reeffi ishee ol fudhatame kan arge Yohaannis abbaa wangeelaa ture.

Yohaannis irraa kan dhaga’aan bartoonni reeffa ishee argatanii awwaallachuuf Hagayya 1 Subaa’ee qabatanii utuu kadhachaa, Tsoomaa jiranii Hagayya 14 Gooftaan keenya reeffa harmee isaatii fidee kenneef. Isaanis gammachuu fi faaruu guddaatiin bakka isheef qophaa’e Geetasemaan iddoo jedhamutti awwaallatan.

Gaafa kana bartuun Toomaas hin turre. Guyyaa 3ffaa isheetti akka du’aa ka’umsa mucaa isheetti samiitti utuu isheen ol baatuu argee giiftiin keenya waan ta’e hundumaa itti himtee mallattoo fi eebbaaf haa ta’uuf jettee kafana ishee Toomaasitti laatte. Akkuma Filiphoos duumessa irra deemaa ture jechudha HDB. 8:31. Har’as mirga Waaqaa jirti. Faar 44(45):9.

Toomaasis lallabaaf iddoo biraa turee gara bartootaa yeroo dhufu akka awwaalan yeroo itti himan Amajjitti du’anii Hagayyaatti akkamitti awwaalchi ta’a ta’uun irra hin jiru malee yemmuu inni isaan jedhu ati duraanis du’aa ka’umsa ilma ishee shakkitee turte koottu amma immoo iddootti awwaalle ilaali jedhanii awwaalicha banan boolli duwwaa dha.

Innis deebiseefii na hin amantan jedheetan malee yeroo isheen ol ba’aa jirtu argeera, jedhees kafana isheen itti laatte itti agarsiisa. Isaanis mallattoof, eebbaaf haa ta’uuf gargar hiratan har’as abbootiin Fannootti kan isaan hidhatan yaadannoo sanaa dha.

Akkuma yeroo Eliyaas ol ba’e Elsaayiif kaabbaa isaa gadi darbateefi ture sanarras eebba guddaa itti argatee ture. 2 Moot. 2:1. Akkuma marata mataa Qulqulluu Phaawuloos kukkutanii fudhataa turanii dha. HDB. 19:11-12.

Bartoonnis nuti arguu qabna jedhanii waggaatti Hagayya gaafa tokkoo (1) subaa’ee jalqabanii Gooftaan keenya kadhannaa isaanii dhaga’ee hunduma isaanii gara samiitti ol baase. Giiftii keenya bultoo godhatee ofii isaatii Luba 1ffaa, Pheexiroos Luba 2ffaa, Diyaaqoon Isxifaanosiin immoo Daaqonii 1ffaa taasisee qiddaasee qaddasuun hundumaa qorrobsiise. Maddi isaa.

Waa’ee Boqonnaa fi Du’aa Ka’umsa Giiftii keenya Dubroo Maariyaam icciitii Kitaaba Qulqulluu keessatti

1. Faar. 131(132):8 irratti yaa Gooftaa iddoo aara-galfi keetti ka’ii! ati fi Manni Qulqullummaa kees. Taabota kee wajjin jedha jechi kun akka du’a ka’umsaa mucaa isheetti du’a ka’umsa ishee mul’isa.

2. Weedduu Weeddduu Caalu 2:10 jaalallee koo ka’i miidhagduu koo koottu kunoo Ganni darbee jira roobni ammoo sokkee deemeera, abaaboonni lafa irratti mul’atani. Yeroon kun yeroo Godaansa Giftii keenya Maariyaamii; yeroo Ayihuudonni diinummaan irratti ka’an; yeroo rakkina fannifamuu mucaa isheetii gadduun ishee sun darbuusaa agarsisa.

Abaaboonni lafa irratti mul’atan jechuun isaa immoo du’aa ka’umsi lafaa irratti lallabamuu agarsiisa. Arbuun laliseera jechuun isaa immoo adeemsa gaarii kan hin qabnee adeemsa gaarii argisiisuu jalqabaniiru jechuu isaati. Kan waame gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yemmuu ta’u, kan waamamte immoo giiftii keenya Maariyaamii dha. Iccitiin kun akka Faar. 45:9 gubbaatti barreeffameera giiftiin keenya Maariyaamii du’a keessaa kaatee har’a mirga Waaqayyo jiraachuu ishee agarsiisa.

Waa’ee Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Gaaffilee ka’aaniif Deebii isaanii

KAADHIMA :- Kaadhima jechuun akka aadaa Ayihuudotaatti eegduu jechuudha Hoose’i 2:21. Sababni Yooseef Maariyaamiif kaadhima jedhameef:-

A) Uleen Yooseef ulee maanguddoota warra kaan keessaa akka ulee Aaroon daraaree waan argameef.

B) Maanguddoota 1985 keessaa carraa waan argateef.

C) Hafuurri Waaqayyo isa irra waan bu’eef.

D) Fira waan ta’aaniif yeroo godaansaatti akka ishee eeguuf.

E. Rukuttaa irraa ishee akka hambisuuf. Lakk. 5:19 11.

Mucaa ishee Hangafaa hanga Deessutti Hin beekne kan jedhu;

Hangafa jechi jedhu akka aadaa biyya keenyaatti duuka bu’aa, itti aanee kan dhalatu ykn quxisuu kan qabu jechuudha. Akka caaffata Kitaaba Qulqulluu tti garuu isa jalqaba gadameessa haadha isaa saaqee jechuu dha. Ba’uu 13:1-2, Qol.1:17… Uumama hundumaa fuuldura inni hangafa hundumtuu isaan isaaf uumaman sagaleen kun kan dubbatame Gooftaa keenya Iyyesuusiif. Ibr.1:9…

Hangafa ilma isaa gara biyya lafaatti yeroo ergu jedha as gubbaa irratti Kiristoos hangafa jedhamuu isaati abbaan Dubroo booda kan hin qabne amalummaa mucaa isaa gara biyya lafaa dhaqi, dhaladhu, fannifami du’i! jedhee erguu isaa agarsiisa. Egaa hangafa waan jedhameef duwwaaf abbaan Kiristoos malee kan biroo gara biyya lafaatti ergeera jennaaree? miti.

Egaa mucaa ishee isa hangafaa jedhamuun isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti hangafa jedhamee kan dubbatameef uumama Addunyaa fuuldura kan ture uumama addunyaa irra jiran hundumaa kan uume, jalqabaa fi xumura kan hin qabne Waaqa Adoonaay deesse jechuu barbaadeeti.

Hanga Deessutti :-

Qabxiilee kana fakkaatan Kitaaba Qulqulluu keessaa haa ilaallu;

2 Saam. 6:23 Mucaan Saa’ool Milkoon hanga gaafa duututti hin deenye jedha.

Uum. 8:7 Hanga bishaan lafarraa gogetti hin deebine.

Isaay. 22:-14 Hanga gaafa du’aatti badiin keessan isiniif hin dhiifamu,

Maat. 28:19 Hanga dhuma biyya lafaatti isini wajjin nan jiraadha.

Egaa akkuma olitti caqafame jecha Maat. 1:25 irratti barreeffamee hanga kan hin qabne ta’uu isaa agarsiisa. Kanaafuu Yooseef hamma gaafa dhumaatti giiftii keenya Maariyaam akka namoonni tokko tokko jedhanitti osoo hin taane gonkumaa bira hin geenye jechuu dha.

Hin Beekne Jechuun isaa ammoo;

Haadha Waaqayyo ta’uu ishee hin mirkanoofne jechuu dha.

Obboloota

Obboloota kan jedhaman akka Kitaaba Qulqulluu tti hiikaan isaa damee baay’ee qaba. Namoonni jecha obboolota Gooftaa jedhu Kitaaba Qulqulluu keessaa caqasuun akka waan haati Waaaqayyo ijoollee biraa qabduutti dubbatu Waaqayyo hubannaa isaanif haa kennu malee. Mee akka Kitaabni jedhutti hiika obboloota jedhamu haa xinxallu;

1. Ijoolleen biyya tokko obboloota ni jedhamu. Ba’uu 2:1 Ijoolleen maatii tokkoo obboloota ni jedhamu. Uma.13:8

2. Ijoolleen dhibantoonni dhugaan obboloota ni jedhamu. 2 Saam.1:26

3. Ijoolleen fira dhiyeenyaa obboloota ni jedhamu. Lakk. 20:14

4. Ijoolleen gosa tokkoo obboloota ni jedhamu. 2 Saam.19:11

5. Ijoolleen hojii gosa tokko hojjetan obboloota ni jedhamu.

6. Kakuudhaan murta’aanii kan waliif galani obboloota ni jedhamu. Amoots. 1:9.

7. Amantiidhaan kan tokko ta’an obboloota ni jedhamu. Rome.1:13(12:2)

Si’i wajjin maal qabna?

Kan jedhame abaarsaaf osoo hin taane dubbannaa ykn aadaa walii galtee Israa’elotaati. Kanaaf hiikaan kana fakkaatan Kitaaba Qulqulluu keessaa haa ilaallu.

2 Saam. 16:9 Isin yaa ijoollee Tsiruyaa anaaf isin maal walitti qabna?

1 Moot. 17:18 Yaa nama Waaqayyo si’i wajjin maal walitti qabna?

Maat. 8:29 Yaa ilma Waaqayyo anaa fi ati maal walitti qabna?

Jechi armaan olitti katabame kun jecha abaarsaa osoo hin taane akkaataa aadaa dubbannaa warra Israa’eelotaa ta’uu isaati. Kitaabni Qulqulluus kan barreeffame biyya isaanitti aadaa isaaniin waan ta’eef hiikoon anaa fi ati maal walitti qabna jedhu garuu jibba maalii qabna? Lola maalii qabna? jechuu dha. Garuu namoonni tokko tokko warri haadha Waaqayyoo hin jaallanne, warri waan qulqulluudhaan morman Kitaaba Qulqulluu jijjiiruu irratti waan baay’ee keessaa balleessaniiru, balleessaas jiru.

Fknf:- Faar. 8:5 gubbaatti ergamaa kan jedhu balleessaniiru. Lafa Tsoomii dubbatus keessaa balleessaniiru. Keessumatti immoo Yoh. 2 gubbaatti anaa fi ati maal walitti qabna isa jedhu kanaan haadho hojii koo keessa maaltu si galche jechuudhaan garmalee hiikaniru. Kunis jecha Kitaaba Qulqulluu ni micciira. Badiisa mataa isaaniitti ni qopheessu kan jedhu ofi irratti raawwachuu dha. 2 Pheex. 3:16-17

Yeroon koo amma iyyuu hin geenye

1. Yeroo sana Ayihuudonni isaan gidduu waan hin turreef booda sababa cubbuu godhatee anoo dinqii inni hojjete hin argine akka hin jenneef amma inni dhufutti jechuuf jedheeti.

2. Guutummaatti daadhiin Hubboo sana keessaa hin dhumne waan tureef, sababni isaa booda akka raajicha Elsaayi barakachiise akka ittiin hin jenneef. 2 Moot. 4:1-8. Guutummaatti keessaa haa dhumu jechuuf jedheeti.

3. Wayinii eebbisee Ilaa! kun dhiiga kooti dhugaa jedhe.

Isaanis gorsa isaa dhaga’aanii qaanii fi yelloo irraa oolanii hir’uu isaanii ni guuteef. Nutis akka harmee Yaa’iqoob mala nuuf uumte Uma. 27:8 nu gorsitee yeelloo foonii fi lubbuun irraa nu fayyifte Waaqayyo irraa eebba waan nuuf laachiftuuf waan ilmi koo isin abboomu hundumaa godhaa waan nuun jettuuf raawwachuu qabna.

Jecha inni isinitti hime raawwadhaa kan jedhu hiikoo qaba, innis Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ilma Waaqayyo abbaa fi ilma Dubroo Maariyaam ta’uu isaa agarsiisa. Maat. 3:17 irratti Waaqayyo Abbaan «Ilmi koo ani jaalladhu isa kana» akkuma jedhe giiftii Maariyaamiinis waan hunda inni isinitti himu raawwadhaa jette.

Guduunfaa

Yaa mucaa namaa kan Waaqayyo kabaje kabajuun godoo Waaqayyo keessa nama bulcha. Faar. 15:1

Abboonni amantii keenya warra Waaqayyoon sirriitti Waaqessaa adeemsa amantii isaanii akkeessaa adeemaa jedhu qulqulloota kabajaa turaniiru. Luq.1:28-41, Qol. 1:3-5

Harmee Waaqayyo immoo dhaloonni eebbifamoon akka galateeffatuu dubbatameefii jira. Luq. 1:48

Giiftii Maariyaam kan hin galateeffanne garuu akkasumas Waaqayyo kan qulqulleessee fi kan kabajee kan hin qulqulleessineef hin kabajne ijoollee bineensichaa badiisaaf dhalatanii dha. 2 Tas. 2:10, Yoh. 8:10, 2 Pheex. 2:10-12.

Bineensichi Waaqayyoon warra Waaqayyo cina buufatanii jiran teessoo Waaqayyos ni abaara jedhamee jira. Mul.13:-5-6. Waaqayyoon nuuf kadhata jechuudhaan qulqulloota waaqa cina jiraniin immoo hooma tokko waa’ee hin baasan yaadannoon isaaniis irraanfatameera jechuudhaan waanta hin hubanne badiisaaf isaan qopheessu gochaati jiru. Hiikoo teessoo (bultoo) Waaqayyo jedhamu immoo

Tsillaatii isaa muka, Waaqa tolfamaadha jechaa jiru.

Harmee isaa qulqulleettii giiftii Maariyaamii akka haadha keenya heerumteetti, dubartiidha jechuudhaan arrabsaa jira.

Fannoo gaafa Jimaataa dhiiga isaa dhangalaase muka faayidaa hin qabne jechuudhaan arrabsaa jiru.

Mana qulqullummaa dhiiga isaan ijaarame hattuu keessaa ari’ee baasee gatii hin qabu diigameera laphee keenya jechuudhaan abaaraa jiru. Isaan hubatan hunduu akka Yoh. Mul. 13:5 fi 6 irratti dubbate hafuura bineensichaan warra deemaniidha. Barumsa sirrii ta’een warra morman waan ta’aaniif isaan irraa of eggachuudha. Room. 16:17-18.

Waaqayyo kan kabajeef kan qulqulleesse jibbuuf ari’achuun Waaqayyoon akka jibbuu fi ari’achuutti lakka’ama waan ta’eef of eeggachuu qabna. HDB. 3:8 «Waaqayyo qulqulloota tajaajiluu keenyaaf hanga har’aatti tajaajilaa jiraachuu keenyaaf maqaa jaalala isaatiif hojii gaarii hojjennee hunda hir’aanfachuuf inni hammina’aa miti.» Ibr.6:10 Kanaaf barumsa ormaa utuu hin dhaggeeffatiin kan abboota keenya irraa barrannee jabaannee dhaabachuu qabna. Yihu. 20

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Boqonnaa Haadha keenya Dubroo Maariyaam | Kutaa 3ffaa first appeared on Qubee Online +.

Boqonnaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam | Kutaa 2ffaa
Boqonnaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Ayyaana yaadannoo boqonnaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan Amajjii 21. Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kabajamu.

Kutaa 2ffaa

Hub :- gara kutaa kanaatti osoo hin darbiin dura kutaa 1ffaa dubbisaa!

Waa’ee Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Dubbii Raajotaa

Raajiin yemmuu inni dubbatamu kan ta’uudhaaf jiru waan hundumaa dursee kan ibsuu dha. Waaqayyo bifa baay’ee fi karaa baay’ee raajotaan dubbatee jira. Ibr.1:1.

Raajiin tokko xumuramuu isaa dura akkamiin akka inni xumuramu hin beekamu. Erga xumuramee booda garuu akka gochaa isaatti xumura raajii kanaa ta’uu isaa namoonni Waaqayyoo ni hubatu. Kan Waaqayyoo kan itti aane garuu hin hubatan. Maat. 1:22, 1 Pheex. 1:10. Sagalee raajii tokko hiikuun baay’ee cimaa waan ta’eef namni kamiyyuu kan isatti fakkaatetti hiikuun hin danda’aamneef. 2 Pheex. 1:20.

Raajiin tokko bara isaa keessatti akka dhaga’etti namoota bara sanaaf beekumsa nama kanaatti dubbata. Xumurri raajii sanaa garuu akka haala barichaatti ta’a. Sagaleen Raajii tokko akka kaayyoo bu’uura isaatti malee jechi jechaan xumuramuu dhiisuu ni danda’a. Fknf; inni Raajii Elsaayiin dubbatame Yohaannis Cuuphaa dhaan xumurameera. Bu’uurri dubbichaa namoota Waaqayyoo qopheessu dha. Mil. 4:5, Maat. 11:14.

Gooftaan keenya lyyesuus Kiristoos Dubroo Maariyaam irraa dhalachuu isaatiin giiftiin keenya haadha Kiristoos jedhamuun ishee tasa kan raawwatame dinqii osoo hin taane fedha Waaqayyoon fakkeenyi fakkeeffameef raajiin kan dubbatameefiidha. Waa’ee isa kanaa abbaan guddichi Mana Kiristaanaa abbaan Hiriyaaqoos qiddaasee Maariyaamii irratti «Yaa Dubroo raajoonni raajii kan siif dubbatan fakkeenyaan kan si fakkeessan si’iidha» jechuudhaan iccitii beekumsa Waaqayyoodhaan karoorfamtee raajotaan immoo kan dubbatamte ta’uu ishee hubachiisee jira. Kanaafis kutaa kana keessatti waa’ee durboo Maariyaamii raajotaan dubbatame ilaalla.

Waa’ee Haadha Waaqayyoo Raajicha Daawwitiin

Afaan raajicha Daawitiin iddoo baay’eetti Tsiyoon kan jedhu dubbatamee jira.

Tsiyoon jechi jedhu kun.-

1. Magaalaa Daawwit irra taa’ee bulchaa ture 2 Saam. 5:6-10

2. Gaara Iyyerusaalem keessatti argamu. Faar. 2:6, 125:1

3. Saba Israa’eel. Faar. 101:13

4. lyyerusaalem Samii irraa. Ibr. 12:22

5. Dhugummaan isaa Giiftii Maariyaamii dhaaf.

Yeroo dhaaf warra armaan oliitti fakkeeffamte iyyuu xumurri isaa giiftii Maariyaamii ta’uu isaa akka armaan gadiitti ilaalla. Faar. 2:6 Ani mootii ta’ee muudamee Qulqulluu gaara Tsiyoon gubbaa irratti.

Mootii kan jedhame mootii baraa baraa kan ta’e Gooftaa keenya lyyasuus Kiristoosidha.

Qulqullooftuu gaara Tsiyoon kan jedhamte immoo haadha keenya Qulqulleettii Maariyaamii dha. Ji’a 9 fi halkan shan (5) gadameessa ishee addunyaa godhatee galatoomeera waan ta’eef.

Gaarri teessuma uumamaa hundumaa ol ta’e akka argamu gaara Tsiyoonitti kan fakkeeffamte giiftii keenya Maaariyaaminis uumamtoota hundumaa ol ta’uu ishee agarsiisa.

Gaara namni dahannoo yoo godhate diinaan hin miidhamu:- Kadhannaa giiftii Maariyaamittis yoo hirkate namni diina isaa Daabiloosiin hin miidhamu.

Tsiyoon marsaa naannoo ishee deddeebi’aa, Gimbii ishees lakka’aa, jajjabina ishees laphee keessan keessa ka’adhaa, galmee ishees yaadadhaa, dhaloota dhufuttis akka himtaniif. Faar. 47:12

Tsiyoon marsaa naannoo Ishees deddeebi’aa Raajiin jedhu jechi raajii kun kadhannaa isheen, gargaarsa isheetiin, eebba isheetiin fayyadamuu agarsiisa.

Gimbii ishee fi jajjabina ishee kan jedhamu immoo qabeenya kennaa hundaa ta’uu isheetiif fayyadamtoota kennaa kanaa hundumaa ta’uu akka dandeenyu raajicha dhangaa (afeerraa) nuuf dhiyeessuu isaa agarra.

Galma ishee yaadadhaa :- durbummaa ishee, qulqullummaa ishee, ayyaana qulqullummaa ishee qulqulleettii ta’uu ishee yaadadhaa jechuudhaan ulfina isheedhaaf ta’u kennaafii kan jedhu yaadachiisa.

Dhaloota hundumaatti akka himtaniif :- Raajiin sun xumura hamma argațuttii fi erga argatee boodas immoo dhalootaa hanga dhalootaatti daddarbaa hamma gaafa dhufaatiitti itti fufuu isaa agarsiisa. «Kunoo har’aa jalqabee dhaloonni hundumtuu ayyaana qabeettii anaan jedhu» kan jedhu kanaaf. Luq.1:1

1. Namni Haadha keenya Tsiyoon jedha keessaatiis namni ni dhalata. Faar. 86:5

Haadha kan jedhamte deessuu Waaqayyooti sababni isaas ilaa! Haadha kee (keessan) jedhamtee nuuf kennamte waan ta’eef. Yoh. 19:27

Nama kan jedhame Waaqa Ilmaati. ilaa! namoota hundumaaf qoricha kan ta’e gooftaan Iyyesuus isiniif dhalatee jira akka jedhame. Luq. 2:11 Walumaa galatti iccitiinsaa Waaqayyo inni Iyyesuus Kiristoos giiftii keenya; Foon ishee irraa foon, Lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee wal simsiisee (Tawaahidoodhaan) kan jedhamtee dha. Haadha kan jedhamte yaa abbaa keenyaa akka jedhamee dha.

2. Waaqayyo Bultoo isaa qulqulleesse:- Waaqayyo ishee wajjin waan jiraatuuf hin sochootu; Waaqayyo ishee gargaara. Faar. 45:4

Sagalee raajiitiin giiftiin keenya bultoo Waaqayyo akka taatuuf kan filate Waaqayyo ta’uu isaa kan nu hubachiisudha. Waaqayyo ishee gidduu waan jiratuuf hin sochootu kan jedhame immoo Waaqayyo foon ishee irraa foon, lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee keessa utuu hin buliin fuuldura, yeroo keessa bules, erga keessa bulee boodas utuu irraa hin dhalatiin fuuldura, yeroo irraa dhalatees erga irraa dhalatee boodas ulfina durbummaa isheetii qulqulluu ta’uu ishee hubachiisa.

Waaqayyo raajiin raajotaa haa raawwatamuuf gargaarsi Waaqayyoo Addaamii jalqabee hamma baraa baraatti giiftii keenya Maariyaamii irraa akka addaan hin baane ni mirkaneessa. Walumaa galatti :- iccitiin isaa abaarsa foonii fi lubbuu irraa kan qulqulloofte waan taateef ni jabeessa, ni qulqulleessa, adda baasa jedhee waaqa waaqummaa isaatiin ibse.

3. Kan jaallate ta’uu isaa Tsiyoon bultoo isaa akka Aariyaamitti hojjete, hamma baraa baraattis biyya lafaa keessatti dhaabee ykn bu’uuresse. Faar. 77:68

Kan jaallate tulluu Tsiyoon kan jedhamte deessuu Waaqayyooti.

Waaqayyo Tsiyooniin filateera, bultoo isaa akka taatuuf jaallateera waan ta’eef isheen hanga bara baraatti bultoo kooti, ishee keessa nan bula. Faar. 131/132:13.

Yeroodhaaf biyya hundumaa keessatti lyyerusaalemiin kan filate yemmuu ta’u raawwiin isaa garuu Waaqayyo anga’aan dubartoota hundumaa keessaa Dubroo Maariyaamiin haadhummaadhaaf kan filate bultoo isaa akka taatuuf jaallachuu isaa agarsiisa.

Bara baraan bultoo kooti jechuun isaa:- Waaqayyo bara baraan ishee wajjiin ta’uu isaa agarsiisa.

Durbummaan ishee, addaan ba’ummaan ishee, tolummaan ishee kan baraa baraati.

Waa’ee Haadha Keenya Maariyaamii Raajicha Isaayyaasiin

Waaqayyo teessoo dheeraa fi ol ka’aa irra taa’ee nan arge fiixeen (andaarri) wayyaa isaatii mana qulqulluummaa guutee ture jedheetu ibse. Isaay. 6:1.

Raawwiin raajii kanaa iddoo dheeraa fi ol ka’aa kan jedhamte haadha keenya Maariyaamii yemmuu ta’u, fiixeen(andaarri) wayyaa isaatii mana qulqulluummaa guutee ture kan jedhame ulfina waaqummaa isaatiin abbaasaan qixxaachuu utuu irraa hin hir’isiin, utuu itti hin dabaliinis Waaqayyo ilmi garaa Dubroo Maariyaamii keessatti Waaqayyo inni dhokataan mul’achuu isaa ibsa.

Waaqayyo anga’aan mucaa namaa fayyisuuf kan inni raawwate dhoksaan foonii deemsa karaa isheetiin kan raawwate ta’uu isaa ibsa.

1. Teessoon Waaqayyo ulfaataadha; qulqulluudhas. Teessoo Waaqayyo isa lammaffaa kan taate giiftiin keenya Maariyaaminis kabajamtuu, qulqulleettii ta’uu ishee ibsa. Erga akkas ta’ee teessoo Waaqayyo irra kan taa’u Waaqayyo qofaadha.

2. Fayyinni mucaa namaa akka ga’e ibsuudhaaf gooftaan ofumasaatii mallattoo isiniifan kenna kunoo durbis ni ulfoofti; Ilmas ni deessi, Maqaa isaas Amaanu’eel ni jetti. Isaay. 7:14

Dhoksaan bu’ura kanaa Uma. 3:22-24 irra isa jiru sagalee ulfaataatiin ni hiikama.

Qulqulla’aan Efreem galata Maariyaamii kan guyyaa Wiixataa keessatti raajichi Isaayyaas hafuura qulqulluudhaan dhoksaa Amaanu’eel argee jira. Kanaafis mucaan nuuf dhalate; Ilmis nuuf laatame jedhee dhageessisee ibsee jira.

3. Hidda Iseey keessatti dhaabbati (uleen) baate daraaraanis ishee keessaa ni ba’a. Isaay. 11:1. Kaayyoon raajii kanaa inni guddaan Waaqayyo namoota filate keessatti kan argamte giftii keenya Maariyaam Dubroo irraa dhalachuu isaa ibsa. Hiddi sanyii giiftii keenya Maariyaamii sanyii Daawwit hidda Iseey akka ta’e ibsa. Sanyiin Iseeyi gosa Daawwit keessatti giiftiin keenya Maariyaamiin akka argamtu waaqayyo Daawwitiif waadaa galee waan tureef. Faar. 131(132):11

Daraaraan giiftii keenya Maariyaamii dha. Iji immoo fayyisaa keenya lyyesuus Kiristoos biyya lafaa fay’isuudhaaf kan inni raawwate dhoksaa foonii ta’uu isaa raajichi ibsuudhaaf dhaabbati (uleen) ni daraarte jedhee jira.

Qulqulla’aan Efreem galata Maariyaamii kan guyyaa Dilbataa irratti sagalee Waaqayyo kan nuuf deesse yaa toltuu Maariyaam gammadi sanyii Iseeyi keessaa kan argamte urga’aan kee (fooliin kee) kan tolu si’iidha jedhee galateeffatee jira.

4. Isaay. 60:14 :- Ijoolleen warra si jibbanii morma isaanii gadi qabatanii gara kee ni dhufu, warri si tuffatan hunduu miilla kee jalatti siif sagadu.

Magaalaa Waaqayyo kan Israa’eel kan taate Tsiyoon siin jedhu Yeroodhaaf naannoo Iyyerusaalem dhookatanii rakkisaa kan turan ormootaa of eeggachiisuudhaaf yeroo ta’uu raawwiin isaa immoo:-

ADDAAM: – Kiristoositti seexanoonnis si’oolitti lubbuu namootaa rakkisaa kan turan Fannoo isaa jalatti kufuu isaanii agarsiisa. Sababni isaa fannoo isaatiin seexana kan rukute foon ilma waaqayyoo giiftii keenya Maariyaam irraa kan fudhateedha.

BEEKTONNI FARISOTAA :- Erga giiftii keenya Maariyaamiin ulfooftee hamma ol ba’uu isaatiitti rakkisaa kan turan raawwachuu isaanii agarsiisa.

GANTOONNI BARA KANAA:- Niwusxiroosii jalqabanii kan jiran agarsiisa. Faar.45:12 Sooressoonni ormootaa fuula kee duratti ni kakatu akkuma jedhe dhoksaa foonii amantaatti jira kan jedhan duwwaa utuu hin ta’iin ormootni utuu hin hafiin akka kadhatanii dha.

Haadha Waaqayyoo bara Kakuu Haaraatti

Sanyii kee irraa dhaladheen si fayyisa jedhee Addaamiif kakuu kan gale irratti hundaa’ee bara abboota seeraa lapheedhaan Waaqessuutii jalqabee sanyii filatamaa fo’achaa ture. Isaay.1:9, Room.9:27. Yeroon isaa geenyaan Teektaa fi Pheexiriqaa irraa filannaa adda ta’een Iyyaa’iqeemii fi Haannaa irraa argamtee ulfaa’uu isheetiin jalqabdee hojii raajii ykn dinqisiisaa hojjettee jirti. Bara raajotaa Elsaay 2 Moot. 13:2, Bara bartootaa Pheexiroos HDB. 5:13

Lafee isaanii fi gaaddidduu isaaniitiin hojii raajii ykn ajaa’ibsiisaa akka hojjetan isheenis Jaamaa bantee, du’a kaastee jirti. Caamsaa gaafa tokkoo gaara Libaanos irratti dhalatte.

Gaara Libaanos irratti dhalachuu isheef sababa kan ta’e armaan olitti akkuma ibsame Yihudoonni inaaffaan isaanii kan dubbatame raajiin akka raawwatamuuf. Weedduu Weedduu Caalu 4:8. Yeroo sanatti daabiloos irraan kan hafe adduunyaadhaaf wanti gaariin jalqabaaf ta’e wareegaan kan argamte waan taateef waggaa sadaffaa (3) isheetti.

Mudde gaafa sadii (3) gara mana Kiristaanaa keessatti hojjetaa ykn Luba Waaqayyoo Zakkaariyaasitti kennamte. Faar. 45:9, 66:13 Waaqayyo kan isaanii kenne deebisanii kennaniif. Nyaanni ishee karaa ergamaa Faanu’eel nyaata Waaqa irraa ture. Kunis barahaa (gammoojjii Siinaatti) Israa’elotaaf akka bu’e mannaadha. Ba’uu 16:16

Abbaan Hiriyaaqos akkuma dubbate giiftiin keenya Maariyaamiin mana qulqullummaa akka jiraattu yeroo taasifamee jalqabee ni dhiyaataaf ture. Nyaanni kun hojii Waaqayyotiin kan qopha’eedha ture jedhee jira.

Mana qulqullummaas waggaa kudha lama (12) yemmuu turte ijoolleen Yihuudotaa balleessuuf baay’ee yaadanii turani. Arjummaa Waaqayyoo fi eegumsaa ergamootaatiin turte malee waggaa kudha shan(15) yeroo taatettis Yihuudonni akka dubartii birootti abaarsa Hewwaan kan qabdu se’anii yeroo irraatti ka’an. Uffata Waaqa irraa kennameef uffachaa nyaataa fi dhugaatii samii irraa soorachaa mana qulqullummaa keessatti guddatte. Turtii mana qulqullummaa keessa turte kana keessatti qorumsi gurguddaa irraan ga’uuf yaaliin irratti geggeeffamaa tureera. Haa ta’u malee gargaarsa ergamoota Waaqayyoon oolteetti.

Channel guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Boqonnaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam | Kutaa 2ffaa first appeared on Qubee Online +.

Boqonnaa Haadha keenya Dubroo Maariyaam | Kutaa 1ffaa
Boqonnaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Ayyaana Boqonnaa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam. Kan Amajjii 21 akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kabajamu.

Kutaa 1ffaa

Seenaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam gabaabinaan Kitaaba «Negere Mariyam» ykn «Dubbii Maariyaam » jedhu irratti barreeffamee argama.

Waa’ee Dubbii Maariyaam

Jechi «Dubbii Maariyaam» jedhu kun jecha lama qaba.

1. Dubbii :- «Dubbii» inni jedhu kun akka barumsa Mana Kiristaanaatti waa’ee ibsa barumsa tokkoo mul’isee agarsiisuuf kan gargaruudha.

2. Maariyaam :- «Maariyaam» inni jedhu immoo haadha keenya Dubroo Maariyaamiif kan kenname maqaa ulfinaaati.

Dubbii Maariyaam yemmuu jedhu karaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii mucaa namaaf eyyama Waaqayyoon kan mul’ate hundumaa barumsa kan ittin barannudha. Barumsa kana keessatti immoo iccitii fayyinaa mucaa namaa keessatti hirmaannaan haadha keenya Dubroo Maariyaam baay’ee guddaadha. Kennaan isheef kenname kabajni Qulqulloonni isheef kennan baay’ee guddaa waan ta’eef nutis isheedhaaf dhiyeessuu kan nurra jiraatu Kabaja, Sagada, Galataa fi k.k. f dha. Kana yoo goone eebbaafi beekumsa guddaa ittiin arganna.

Hiikoo Maqaa Dubroo Maariyaam akka Mana Kiristaanaa keenyatti

Maariyaam :- jechi jedhu afaan Ibraayistiitti «Maarihaam (Miiriyaam)» jechuu dha. Hiikoon isaa immoo «haadha hundumaa» jechuu dha. Abrahaam abbaa hundumaa jechuu akkuma ta’e Uma. 17:5. Maariyaam maqaa jedhamu kana abboonni, beektonni Mana Kiristaanaa haasaa iccitiidhaan akka armaan gaditti ka’aanii jiru. Maariyaam jecha jedhu bakka lamatti yemmuu gargar qoodnee ilaallu jecha (hiikaa) lama arganna. Isaanis jecha «MAARI» fi «YAAM» kan jedhu arganna.

MAAR – jechi jedhu afaan Amaariffaa yemmuu ta’u Afaan Oromiffaan immoo Damma jechuudha.

YAAM: – Kan jedhu immoo samiirra (Jennata) keessa wanta mi’aawaa jiru jechuu dha. Akkasumas Maariyaam maqaan jedhus lafa irraa fi samii irratti kan mi’oofte (jaalatamte) jechuu dha.

1. MAARIYAAM :- Jechuun Mootummaa Waaqayyootti dura buutuu taatee kan nama galchitu jechuu dha. Sababni isaa seera Waaqayyo keessaa kan bahe, Ayyaana Waaqayyoo keessaa qullaa kan ta’e Addaam iddoo ulfina isaa duraatti deebi’uu isaatiif sababa fay’inaa kan taatee deessuu Waaqayyoo Dubroo Maariyaam waan taateef gara mootummaa Waaqayyootti geessitee kan nama galchituu jechuudha. Kadhannaa giiftii keenya Maariyaam utuu abdii hin godhatiin mootummaa Waaqayyootti galu kan danda’u hin jiru waan ta’eef.

2. MAARIYAAM jechuun kennaaf qabeenya jechuu dha. Haati Keenya Maariyaamiin Maatii ishee yeroodhaaf dhala hin qabne (Maaseenaa) turanii namoota cinatti tuffatamanii fi salphatanii gaddaa waan turaniif qabeenya guddaa fi kennaa guddaa taatee kennamteefii jirti. Xumurri isaa garuu akka isheen namaaf kadhattu beekanii waadaa isheef kenname amananii amantoota dhufan hundaaf qabeenyaa fi badhaasa taatee kennamtee jirti. Kunis «Waaqayyoo si wajjin jira» kan jedhu jecha ergamichaan beekamee jira. Luq.1:28-30 Addaam yeroo Jennata keessaa ari’atametti abdiin isaa si’i dha jechuun akka Abbaan Hiriyaaqoos seera qulqulleessuu keessatti dubbate. Yoh 19:23 irratti fannoo isaa gubbaa dhaabbatee utuu jiruu qabeenyaa fi kennaa godhee nuuf kennee jira waan ta’eef walumaa galatti kennaan Waaqayyoo karaashee mul’ate waan ta’eef. Faar. 131(132):13-14, Room.5:18

3. MAARIYAAM:– jechuun Dubrummaa foonii fi Dubrummaa lubbuudhaan kan jabaatte jechuu dha. Dubbannaa yaadaan, hojiidhaan, cubbuu irraa Qulqulluu kan taateef haadhummaa fi dubrummaa waan waliin simatteef ykn waan waliin jiraatteef.

4. MAARIYAAM :- Jechuun uumamtootaan ol uumaan gadi kan jirtu jechuu dha. Sababni isaas:- Ergamootni ilaaluudhaaf kan hin dandeenye waan gadameessa isheetti baatteef. Abbaan Efreem Galata Maariyaamii kan guyyaa Roobii irratti ergamootaa fi ijoollee Addaam hundaa ol akka taate dubbatee jira.

Hidda Dhaloota Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Qulqulluun Phaawuloos waa’ee gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Maariyaam irraa dhalachuu isaa yemmuu ibsu «Sanyii hidda Abrihaam qabate malee kan ergamootaa miti.» Ibr. 2:16 jedhee akka barsiisetti waa’ee hidda dhaloota giiftii Maariyaam yemmuu kaasnu ka’umsi keenya abboota qulqullootaa Qulqullichi Daawwit faarsaa isaa keessatti bu’urri ishee gaarota Qulqulloota akka jedhe Faar. 86(87):1

Hidda dhaloota giiftii Maariyaamii Addaamii eegalee hamma Iyyaaqeemii fi Haannaatti abbootii fi haadhota qulqulla’aan irraa argamaa akka dhufte beektonni Mana Kiristaanaa dhugaa ni ba’u.

Kunis;

Ijoollee Addaam keessaa karaa Seeti

Ijoollee Nooh keessaa karaa Seem

ljoollee Yaa’iqoob keessaa karaa Yihudaa fi Leewwii

Ijoollee Daawwit keessaa karaa Solomoon

Kan filaman abbootaa fi haadhota kan akka ogummaa Waaqayyootti kan argamteedha.

Hannaan gosa mana Leewwii keessaa qomoo Lubicha Leewwii keessaati filamte.

lyyaa’iqeem immoo gosa warra Yihudaa qomoo warra moototaa keessaati filatame. Kanaafuu Qulqulluun Yaareed Maariyaam Dubroo sanyii Addaam keessaa akka Inquu abdiitiin kan argamteedha jedhee duggaasaa (caaffata) isaa keessatti dubbatee jira. Raajichi Waaqayyoo Daawwit bu’urri ishee gaarota qulqulla’oodha kan inni jedhe armaan olitti kan caafame abbootatti kan hiikamu yemmuu ta’u keessumatti immoo dhaloota hidda foonii giiftii keenya Maariyaamitti abboota dhiyeenya qaban yemmuu ilaallu seenaa adda ta’e arganna. Isaan kunis naannoo lyyerusaalem kan jiraataa turan qulqulloota Teektaa fi Pheexriqaa haa ilaallu.

Teektaa fi Pheexriqaa irraa

1. Heemeen Derdeniin deesse,

2. Derdeen Toonaan deesse,

3. Toonaan Sikaariin deesse,

4. Siikaariin Seetinaamiin deesse

5. Seetinaam Hermeniin deesse

6. Hermeen ammoo Haannaa deesse.

Haannaan Iyyaa’iqeemitti heerumtee Maariyaamiin deesse. Maariyaamii irraa immoo gooftaatu dhalate. Mukni gaariin ija gaarii naqata waan ta’eef. Maat. 7:17 dabalataas raajichi waaqayyoo Isaayyaas utuu waaqayyo sanyii gaarii nu hambisuudhaa baatee akka warra Sadoomii fi Gamooraa taane bannee turre. Kan jedhu icciti armaan oliin Waaqayyo sanyii gaarii nuuf haambisuu isaa raajii Isaay 1:9.

Dabalataan dubbisaa :- Kitaaba Raajii Maariyaam fi Gaaffilee ka’aaniif deebii isaanii

Deessuu Waaqayyoo Fakkeenyaan bara Kakuu Moofaatti

Bara utuu caaffatni hin jiraatiin Waaqessan keessa Waaqayyo waan hundumaa akkanni fakkeenyaan dubbatu caaffata qulqulla’aa keessatti ni argina. Faar. 49:1-2, 78:3, Marq.3:34, Maat.13:1.

Waa’ee giiftii keenya Maariyaamiis abboota irra bulee fakkeenyaan dubbatee jira.

1. Lafa Gaafa Kibxataan (Uma.1:12)

Galata Maariyaamii kan gaafa Kibxataa lakk. 4ffaa yooma lafti gaafa jalqabaa giiftii keenyatti fakkeeffamte iyyuu giiftiin keenya laficha irra ni caalti. Isas lafattii irraa kan arganne nyaata foonii yemmuu ta’u giiftii keenya irraa kan arganne garuu Mootummaa Waaqayyoo kan nama ga’u jireenya nyaata lubbuuti. Yoh. 6:53.

2. Tolummaa Abeel (Uma. 4:5)

Abeel tolummaa isaatiin aarsaa Qulqulluu dhiyeessuu isaatiin beekama. Tolummaa isaa fi qajeelummaa isaaf garraamummaa isaaf hanga du’aatti ga’eera waan ta’eef. Waaqayyo kan filate qulqulleettii Dubroo Maariyaamiinis tolummaa Abeelitti fakkeeffamti. Aarsaa Abeel kana fudhattee tolummaa isaa ilaalteeti waan ta’eef giiftii Maariyaaminis deessuu Waaqayyoo taatee kan filatamte tolummaa isheen Abbaan Hiriyaaqoos tolummaan Abeel si’i jedhee dhugaa ba’eera.

3. Doonii Nooh (Uma. 7:2-23, Ibr.11:7)

Doonii Nooh hojjete sun kutaa sadii qaba. Yaaballi sun giiftii Maariyaamiitti fakkeffamti. Nooh Gooftaa lyyesuusitti, dooniin sun kutaa sadii qabaachuun ishee immoo qulqullina foonii, qulqullina lubbuu fi qulqullina yaadaa kan giiftii keenya Maariyaamiitti fakkeeffama. Luq.1:35

Gara Dooniitti seenanii balaa irraa kan hafan immoo kadhannaa giiftii keenya Maariyaamiitiin waadaa isheef kennetti amananii rakkina foonii fi lubbuu irraa fakkeenya warra hafaniiti. Yaabala sana irraa kan alatti hafan immoo gantootaa fi shakkitootaatti fakkeeffamu.

4. Gugee Nagaa (Weedduu Weedduu Caalu 5:2, Luq. 2:14)

Nooh fi maatiinsaa fakkeenya amantootaati

Bishaaniichi fakkeenya cuuphaati.

Gugeen fakkeenya giiftii Maariyaamiiti.

Fakkeenya damee Ejersaa- giiftii Maariyaam irraa kan dhalate Kiristoos irraa nagaa argamedha ykn nagaa isarraa argametti fakkeeffama.

5. Sabbata Waaqayyoo (Uma 9:8-15)

Sabbanni kun mallatto dhiifamaati. Gooftaan mataansaa mallattoo isiniifan kenna, egaa durbis ni ulfooftii, mucaa ilmaas ni deessi, maqaa isaas Amaanu’eel jettee ni moggaasti kan jedhame sanaaf fakkeenyadha. Isa. 7:14. Nooh mallattoo dhiifamaa kennameef sana amantiidhaan fudhatee rakkina foonii irraa akka fayyuu sanyii addaam irraa kan turee badiin sun mallattoo fayyinaa taatee kan nuuf kennamte giiftii Maariyaamiidhaan badii isa bara baraa irraa waan fayyineefidha.

6. Biqiltuu Saabeeq (Uma. 22:9-13)

Yisihaaq fakkeenya Addaamiifi ljoolleesaatiiti

Hoolaan sun fakkeenya Iyyesuus Kiristoosidha

Qarri sun fakkeenya taayitaa (haboo) Waaqayyooti

Biqiltuun Saabeeq sun fakkeenya giiftii Maariyaam dha

Hoolaan sun hidda saabeeq keessatti qabamee argamuunsaa Gooftaan keenya Maariyaam irraa dhalatee fakkeenya fooniin mul’achuu isaati.

7. Yaabbannoo Yaa’iqoob (Uma. 28:10-20)

Yaa’iqoob daandii loozaa irratti yaabbanoo inni argee fakkeenya giiftii Maariyaamiiti.

Dhagaa inni boraafate raajii raajotaan dubbataman sanaan murtooftee fakkeenya argamuu isheeti.

Yaabbannoon sun lafaa gara samii geessee eegumsa namaaf Waaqayyo gidduu kan jiru ture. Lolli daangaa ta’ee ture bade warri lafarraafi warri waaqa irraa (samiirraa) waaqaaf namni karaa inni ittin walquunnamu (wal argan) karaa giiftii Maariyaamiiti.

Deessuu Waaqayyoo Bara Seeraa Keessa

Seera Ooritii jechuun bara seera lapheedhaan bulan boodde Waaqayyo yeroo isaatti firootasaa warra kaasetiin jireenya isaanii keessatti fakkeenya bifa addaa addaa qabaniin mul’isee jira.

1. Lalistuu Siinaa (Ba’uu. 3:1-7)

Museen inni tokko isa tokko osoo hin balleessin abiddaafi baalli lalistuun wal simatanii arge.

Boba’aan sun fakkeenya Waaqummaati

Lalistuun sun immoo fakkeenya giiftii Maariyaamiiti.

Boba’aan sun lalistuu sana osoo hin gubiin wal simatee argamuun isaa giiftii keenya Maariyaamiin gooftaa keenya yemmuu ulfoofte abiddi Waaqummaa osoo ishee hin gubiin gadamessa ishee keessatti fakkeenya wal simachuu isaati.

2. Taabota Kakuu (Ba’uu. 25:10-22)

Taabonni Kakuu Waaqayyoo muka daana’oon hin nyaanne irraati kan hojjetame alaaf duubaan Warqeedhaan kan bareededha muka daana’oon hin nyaannerraa hojjetamuunsaa fakkeenya bara baraan Qulqullummaa giiftii keenya Maariyaamiiti. Alaanis keessaanis Warqeedhaan maragamee taa’uun isaammoo fakkeenya ulfina durbummaa isheeti.

Qulqullummaa giiftii keenya Maariyaamiitti Taaboticha gubbaa mannaan taa’u immoo gadameessa ishee keessatti kan wal simate fakkeenya mannaa isa dhugaa, fakkeenya fayyisa biyya lafaa ti. Taaboticha keessa kan jiru Tsillaatii irratti sagaleen Waaqayyoo barreeffamuun isaa immoo gadameessa Dubroo Maariyaamii keessa sagaleen qaama qabu (gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos) fakkeenya keessa buluu isaati. Wuddaasee Maariyaamii kan Dilbataa.

3. Ulee Aaroon (Lakk. 17:8-11)

Uleen Aaroon fakkeenya giiftii Maariyaamiiti. Uleen sun gogee osoo hin dhaabiin bishaan malee kan daraare muka lawiz jedhama. Mukni lawiz sun gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoositti fakkeeffama. Utuu hin dhaabiinii fi utuu bishaan hin obaasiin daraartee ija naqattee argamuun ishee immoo sanyii dhiiraa malee iccitii hin qoratamneen giiftii Maariyaamiin gooftaa keenya dubrummaadhaan fakkeenya da’uu isheeti. Wuddaasee Maariyaam kan Dilbataa.

4. Tsamirii Geedi’oon (Abboota Firdii 6:38)

Tsamiriin sun fakkeenya giiftii Maariyaamiiti.

Jiidhi sun fakkeenya gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiiti.

Jiidhi sun samirraa bu’uun isaa immoo qaama sadan jiran keessaa Waaqayyo inni tokko ta’e samii samii irraa gadi bu’ee giiftii keenya Dubroo Maariyaamii irraa foon ishee irraa foon, dhiiga ishee irraa dhiiga, lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee gadameessa ishee keessatti wal simatee nama ta’uu isaa agarsiisa.

Jiidhi sun lafa irra bu’uu dhiisuun isaa immoo dubartoonni kan biroon ulfina akkasii argachuu dhabuu isaanii agarsiisa.

Jiidhi lammaffaan lafarraa bu’e itillee sana irra bu’uu dhiisuun isaa immoo dubartoota kan biroo irra kan ture abaarsi cubbuu giiftii keenya Maariyaamii irra akka hin turre agarsiisa. Giiftii Maariyaamiin dubartoota addunyaa keessaa adda kan taate, kan eebbifamte ta’uu ishee agarsiisa.

5. Duumessa Eliyaas (1 Moot. 18:41-43)

Duumessi xiqqoon sun fakkeenya giiftii Maariyaamii yemmuu taatu bokkaan ishee irraa argame immoo fakkeenya gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha.

Duumessi xiqqoo qulqulluun sun dachee lafaa kan uwwistee bokkaan bakka irraa argamee hundaa giiftii Maariyaamiinis gosa ijoollee namootaa keessaa kan filatamte mucaa xiqqoo taatee utuu jirtuu bakka dhiifamaa gooftaa lyyesuus Kiristoos nuuf da’uu isheetiin, nagaa beela’ee dhiifamaa fi arjummaa dheebotee kan ture mucaan namaa eebba foonii fi lubbuu quufuudhaa fi dheebuu ba’uu isaatiin giiftii keenya Maariyaam duumessa Eliyaasitti fakkeeffamti.

Qulqulluun abbaan Efreeminis Wuddaasee gaafa Roobii keessatti «Bishaan bokkaadhaa walitti nuuf kuustee kan argamte duumessi dhugaadhaa si’iidha» ittiin jedhee jira.

6. Masooba Warqii Eliyaas (1 Moot. 19:1-8)

Eliyaas fakkeenya Addaam, Masooba Warqeen sun immoo fakkeenya giiftii Maariyaamiiti. Sababni isaas buddeenni jireenyaa gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidhs. Masoobii warqeetti kan fakkeeffamte giiftii keenya Maariyaamii irraa waan argameef Gooftaan keenya lyyesuus Kiristoos waa’ee isa kanaa caaffata qulqulla’aa keessatti jireenya addunyaadhaaf buddeenni ani kennu foon kooti jedhee iccitii isaa ibsee jira.

Eliyaas buddeena lammaffaa nyaatee humna argatee hamma gaara Waaqayyoo kooreebitti akka ol ba’e mucaan namaas buddeena jireenyaa lammaffaa isaaf kenname jechuunis:- Foon gooftaa fi dhiiga gooftaa humna argatee hamma mootummaa Waaqayyootti galuu isaatiitti Qulqulluun abbaan Efreemis caaffata galata Maariyaamii kan gaafa Dilbataa irratti «Nyaanni mannaa dhokataan Masoobii Warqee Qulqulluu keessaa kan argame si’idha. Mannaan sunis samii irraa kan gadi bu’e jireenya Addunyaa kan badhaasuu dha» jedhee iccitii ibsee jira.

7. Okkotee Elsaayi (2. Moot. 2:19-21)

Gomboon ykn okkoteen haaraan sun fakkeenya giiftii Maariyaamiiti. • Gomboo sana keessa kan ture ashaboon immoo addunyaa kana qorichummaa isaatiin kan mi’eesse fakkeenya Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiiti.

Summiin sun immoo fakkeenya cubbuuti.

Bishaan sun summaa’uun sun immoo addunyaan biyya lafaa kun sababa cubbuu isaatiin summaa’ee mucaan namaa hundumtuu, inni gadameessa keessaa illee osoo hin hafiin harka du’aa keessa galee murtee adabaa jalatti kufee kan ture kan ibsuu dha.

Gomboo sana keessatti kan argame ashaboon sun bishaanicha fayyisuun isaa immoo:- Dubroo Maariyaamii irraa dhalatee fayyisaan addunyaa Iyyesuus Kiristoos dhiiga isaatiin addunyaa qulqulleessuu isaa du’as balleessuu isaa murtee dhabamsiisuu isaa mucaa namaaf qoricha jireenyaa fayyisaa ta’uu isaa fayyisaa biyya lafaa jedhamee uummattoota isaa fayyisuu isaa agarsiisuu isaati.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Araarsummaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Boqonnaa Haadha keenya Dubroo Maariyaam | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.

Ayyaana Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Tsintsataa Maariyaam
«Tsinsataa Maariyaam» Ayyaana Dubroo Maariyaam

Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo join Ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajaman keessaa tokko Tsintsataa Maariyaam dha. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Garaatti baatamuu Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Seensa :- Dubroo Maariyaam Hagayya 7 garaatti baatamte. Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Hagayya 7 waggaa waggaadhaan kan yaadatamee oolu garaatti baatamuu Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha. Kunis Ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33’n keessaa yoo ta’u, seenaan isaa maalidha? kan jedhu gabaabsinee kanatti aansuun isiniif dhiyeessineera dubbisaa! akkasumas erga dubbistanii xumurtan booda barreeffamni kun namoota hedduu bira akka gahuuf share taasisuun nu deeggaraa!

Seenaa Hidda Dhaloota Dubroo Maariyaam

Pheetriiqaa fi Teektaa kan jedhaman Iyyerusaaleemitti bultii ijaarratanii tokkummaan kan jiraatan namoota lamatu ture. Isaanis Waaqayyotti kan amananii fi namoota qajeeloo turan. Namoonni kun Waaqayyo birattis namoota birattis ragaa kan isaaniif ba’aame namoota gaarii fi sooressoota turan. Ta’us garuu qabeenya isaanii kan dhaalu dhala hin qaban ture.

Guyyaa tokko Pheetriiqaan Teektaa dhaan «Yaa Obboleettii koo qabeenya keenya walitti qabne kana hunda maal itti goona? ijoollee hin qabnu kan dhaalan, atis da’uu hin dandeessu anis siin ala dubartii biraa ilaaluu hin danda’u!» jedheen.

Isheenis «Yaa Obboleessa koo Waaqni Israa’eel ana yoo dhala na dhoowwate ati akkasumatti haftaaree? dubartii biraa irraa ijoollee argadhu malee!» jettee isa gorsituyyuu inni garuu waan akkasii hin raawwadhu, sammuu koottiyyuu akkan hin yaanne Waaqni Israa’eel ni beeka jedheen. Isheenis «Waaqni Israa’eel wanta taasisu kan beeku, waa hunda kan danda’u, hunda raawwachuu kan danda’u kaleessa halkan abjuu kootiin Jabbii Adiin gadameessa kootii yeroo baatu, Jabbiin Adiin sunis Jabbii Adii kan biraa yeroo dhaltu akkuma kanatti hanga dhaloota torbaatti itti fufee, isheen torbaffaan Addeessa yeroo dhaltu, Addeessi sunis Aduu yeroo dhaltu nan arge» jetteen.

Innis ganamaan gara nama abjuu hiikuutti deemee wanta isheen itti himte hunda itti hime. Namichi abjuu hiiku sunis :- «Waaqayyo araara isaatiin isin ilaaleera, Jabbiin torba dhalachuun isaanii ijoollee shamarrannii ijoollee ijoollee isaanii waliin hanga dhaloota torbaatti ni deemtu, mana keessanni isheen torbaffaan Addeessa da’uun ishee ammoo nama irra kan caalte, Ergamoota irras kan kabajamte ni daa’ima ni argattu.

Wanti Aduu sanaa garuu naaf hin ifne» jedheen. Innis wanta inni itti hime hunda deemee itti hime, isheenis «Wanta Waaqni Israa’eel hojjetu maaltu beeka!?» jettee ni calliste.

Sana boodas isheen garaatti baattee intala deesse. Maqaa ishees «Heemeen» jedhanii moggaasaniif, Heemeenis guddattee heerumtee intala dubaraa deesse. Guyyaa saddeettaffaa isheettis «Deerdii» jedhanii maqaa baasaniif, Deerdiinis erga guddatte booda heerumtee intala «Toonaa» jedhamtu deesse.

Toonaanis akkasuma Siikaar deesse, Siikaaris Seetnaa deesse, Seetnaanis Heermeellaa deesse, Heermeellaanis haadha haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan taate Qulqulleettii Haannaa deesse.

Hidda dhaloota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Pheetriiqaa fi Teektaa dhaa kaasee hanga Haannaatti jiru gidduutti dhiironni hedduun kan jiran yoo ta’u, garuu hidda dhaloota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam lakkaa’uudhaaf raajiin waan isaaniif hin dubbatamneef, Subaa’een waan sirra saaniif hin lakka’aamneef maqaan isaanii hin barreeffamne. Haannaanis sirnaan ni guddatte. Yeroo guddattettis nama qomoo warra Mana Mootummaa Daawwit keessaa ta’e Qulqulluu Iyyaaqeemitti heerumte.

Qulqulloonni kunneen Iyyaaqeem fi Haannaan tokkummaan bultii ijaarratanii osoo jiraatanii garuu daa’ima dhaban, gaaf tokko gara Mana Waaqayyootti deemanii osoo kadhatanii fi osoo gaddanii oolan, gaddi isaanii kan akkamiiti yoo jedhame Iyyaaqeem «Maaloo yaa Gooftaa koo Waaqa Abbootii kootii, Waaqa Israa’eel ani garbichi kee sin kadhadha na hin gatiin! Kadhannaa koo naaf dhaga’i! fedhii koo naaf guuti, daa’ima eebbifamaa naaf kenni» jedhee kadhachaa oole.

Haannaanis gama isheetiin «Maaloo yaa Gooftaa koo! Waaqa Israa’eel Waaqa Abbootii kootii! ija koo kanan irra buufadhu intala eebbifamtuu naaf kenni!» jettee kadhachaa oolte. Akkas jedhanii gaddaa fi kadhachaa oolanii Haannaan Gugeen cuucii ishee waliin yeroo taphattu argitee «Yaa Gooftaa koo yaa Waaqa Gugee kanaaf dhala kennitee maaloo ana maalif dhala na dhoowwatte?» jettee hirqiffattee boosse.

Akkas jedhanii gaddaa fi kadhachaa oolanii Hangafa Lubootaa Zakkaariyaas bira deemanii «Yaa Gooftaa ilma dhiiraa yoo arganne baratee Mana Waaqayyoo akka tajaajilu ni kennina, intala yoo argannee ammoo bishaan waraabdee, Masooba Warqii hodhitee, Golgaa hojjettee Luboota tajaajiltee akka jiraattu ni kennina!» jedhanii wareega wareegan. Zakkaariyaasis Waaqayyo kadhannaa keessan isiniif haa dhaga’u, wareega keessan isiniif haa fudhatu, fedhii laphee keessanii isiniif haa guutu jedhee kadhannaa isaanii ol baaseef.

Sana boodas Qulqulleettiin Haannaa fi Qulqulluun Iyyaaqeem guyyuma sana mul’ata arganii bulan. Mul’anni isaan argan kunis Iyyaaqeem «Samiiwwan torban akka golgaatti ibsamanii ykn banamanii Samii isa gubbaa irratti Simbirroo Adiin bu’ee mataa koo irra yeroo taa’u nan arge» jedheen. Simbirroo kan jedhame Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha.

Adii ta’uun isaa ammoo Qulqullummaan amalummaa isaa waan ta’eefi. Samii isa gubbaa irraa Simbirroo Adiin bu’ee mataa koo irra qubatee nan arge jechuun isaa, Amalummaa Iyyaaqeem ykn Amalummaa namaa Amalummaa akka taasise beeki yeroo isaan jedhudha, Samiiwwan torban kan jedhaman amaloota garaa garaa Gooftaa keenyaa ti.

Haannaanis anis nan arge jetteen, maal argite? jedhee yeroo ishee gaafatus «Gugee Adiin dhuftee mataa koo irraan buutee gurra kootiin seentee Gadameessa koo keessa yeroo ciistu nan arge» jetteen. Gugee kan jedhamte Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yoo taatu, Adii ta’uun ishee ammoo Qulqullummaa ishee, Dubrummaa isaa agarsiisa.

Gugee Adiin dhuftee mataa koo irra qubattee karaa gurra koo seentee Gadameessa koo keessa yeroo ciistun arge jechuun ishees himaa Missirachoo Qulqulluun Gabri’eel jecha Missirachoo inni hime gurra isheetiin dhageessee Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos garaatti baachuu isheeti. Mul’ata kanas kan argan Adoolessa 30 ture.

Isaanis mul’ata akkas fakkaatu argine jedhanii guyyuma sana waliin hin rafne, fedhii Waaqayyoo yoo ta’e jedhanii Addaam fi Heewaaniin baay’adhaa! dachee guutaa jedhee Waaqni missiraachoo isaanitti hime nuufis nuuf kenna mitii? jedhanii guyyaa sana waliin hin bulle hanga guyyaa torbaatti. Hagayyi seenee guyyaa torbaffaatti nama irra kan caalte Ergamoota irra kan kabajamte dhala ni argattu jedhee ergamaan Waaqayyo missiraachoo itti hime.

Tsintsataa Maariyaam

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis missiraachoo ergamaa Qulqulluu Gabri’eeliitiin Hagayya 7 garaatti baatamte.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga garaatti baatamte booda Ayihuudonni inaaffaadhaan irratti ka’aan, maalif itti inaafan yoo jedhame mucaan Xooliiq mana eessuma Eedooq deemee ni du’e, isaanis ni awwaalla jedhanii siree irra ka’aanii osoo deemanii daandii irra isa ka’aan. Mucaan kunis Haannaadhaaf mucaa eessuma ishee waan tureef boo’uudhaaf yeroo achi geessu firoonni isaa hundi osoo boo’anii argite.

Isheenis isaan waliin naanna’aa yeroo boossu gaaddidduun ishee yeroo irra bu’u mucaan du’e sun du’aa ni ka’ee «ስብሃት ለኪ ማርያም እሙ ለፀሃየ ጽድቅ ለአብ ሙሽራው ለወልድ ወላዲቱ ለመንፈስ ቅዱስ ጽርሃ ቤቱ ተፈስሂ» jedhee ni sagade.

Yeroo sanattis Ayihuudonni waan achi turaniif Saaniinaas maal argite? maal jetta? jedhanii yeroo isa gaafatan «Daa’imni Haannaa irraa dhalattu kun Samii fi lafa kan uume ilma Waaqayyoo ni deessi jedhanii Ergamoonni hundi yeroo galateeffatan isaanin dhaga’e, anas kan na fayyiste, kan na kaaste, isheedha!» jedheen.

Isaanis dhiisi! si dhageenye jedhanii inaaffaa jalqaban, Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga garaatti baatamtee ji’aa sagalii fi guyyaa shan booda Caamsaa 1 dhalatte.

Karaa Channel keenya Telegram nu hordofaa Ortodoksii Tawaahidoo

Araarsummaa fi Eebbi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- D/n Melaku Ezezew

The post Ayyaana Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Tsintsataa Maariyaam first appeared on Qubee Online +.

Godaansa Dubroo Maariyaam Tsoomii Tsiggee | Kutaa 5ffaa
Tsoomii Tsiggee Godaansa Dubroo Maariyaam

Tsoomii Tsiggee Godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kutaa 5ffaa irra geenyeerra. Kutaalee darban erga dubbistan booda gara kanaatti darbaa.

Kutaa 5ffaa

Biyyoota Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam godaansaan keessa darbite

Gadaama Geeraaral ykn Bosona Geeraaral

Ergamaan Waaqayyoo Yooseefitti muldhatee haadha fi daa’imicha qabadhuutii gara Gibtsiitti baqadhu erga jedheen booda haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos, eegaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Yooseef akkasumas Soloomeen Arfan isaanii deemsa jalqabaniiru. Gara Gibtsiitti akka godaanan itti himamuyyuu gara Gibtsiitti deemuu isaaniitiin duratti biyyoota hedduu keessa naanna’aaniiru.

Mana isaaniitii akkuma ba’aaniin gara Bosona Geeraaral jedhamuutti ture kan deeman. Yooseef fa’a Gadaama Geeraaralitti ergamoonni Waaqayyoo dhufanii isaan jajjabeessaa guyyaa afurtama turaniiru. Guyyaa afurtama booda namni bineensa adamsu tokko isaan arge. Innis saffisaan deemee Maariyaam, Yooseef fi Soloomee kaleessa nan arge jedhee Heeroodsitti hime. Heeroodsis Bosona Geeraaral keessa jiraachuu isaanii yeroo dhaga’etti ni gammade.

Nama oduu kana itti himettis Yooseef fa’a yoo natti agarsiiste walakkaa Mootummaa kootii siin kenna jedheenii Xaa’otiiwwan fuulduratti kakateef. Heeroodsis gara biyya hundumaatti ergaa ergee Mana Mootummaatti akka argamtan jechuudhaan labsii himsiise. Loltoonni isaas Mana Mootummaa Heeroodsitti walitti qabaman. Eegdonni Heeroodsis Bosona Geeraaralitti marsan ta’us garuu Yooseef fa’a argachuu hin dandeenye. Isaan kunneenis walii walii isaaniitiin akkas jedhan «Yooseef fa’a eessa deeman? Lafti isaan liqimsite moo?». Yooseef fa’a garuu Ergamaan Waaqayyoo bu’ee karaa Loltoonni Heeroods hin beekneen isaan gaggeesse.

2. Xibriyaadoos

Kana booda firri haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam mootiin Keefaaz gara jirutti gara Xibriyaadoositti deeman. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis akka Heeroods ishee godaansisaa jiru itti himte. Mootichi kunis Heeroods sababa maaliitiin si godaansisa jedhee ishee gaafate.

Isheenis ilma ishee jalaa ajjeesuu akka barbaadu itti himte. Mootichi kunis Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin mana kootti jiraadhu jedheen, maatii isaas Maariyaam mana isaa jiraachuu ishee eenyuttiyyuu akka hin himne isaan akeekkachiise.

Heeroods garuu biyyoota hedduutti ishee barbaadaa ture garuu ishee argachuu hin dandeenye. Heeroodsis akkas jedha ture «Maariyaam lafatu liqimsee?» Heeroods Iyyesuus Kiristoos ajjeesuuf tattaaffii inni taasise, dhadhabbiin inni dhadhabe garmalee baay’eedha humna qabu hunda fayyadameera kan barbaadu argachuu dhabuun isaa ammoo dhadhabbii isaa bu’aa malee hambiseera.

Guyyoota hedduu booda Heeroods biyya Xibriyaadoos jedhamutti haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam jiraachuu ishee dhaga’e. Heeroodsis gara Mootii biyya Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam jirtuutti xalayaa barreessee erge.

Xalayaan Heeroods barreessee erges akkas jedha ture «Yaa Mootii nagaan siif haa ta’u! Maariyaam mucaa ishee waliin naaf qabi! Warqee fi qarshii hedduu siin kenna, anaa fi si gidduutti jaalala cimaatu ta’a» Mootichis xalayaa Heeroods erge dubbisee baay’ee ajaa’isiifatame, akkasis jedhe «Maariyaam Mana koo jiraachuu ishee Heeroodsitti eenyutu hime? Seexana ta’aa malee kan itti hime nama miti» Mootichi kunis xalayaa Mootichi Heeroods barreessee isaaf erge kana haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti itti hime.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis baay’ee rifatte ykn naate. Mootichis «Ani yoon du’e ni duuta, ani yoon oole ni oolta hin sodaatiin! Heeroodsiif dabarsee si hin kennu!» jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis «Akka eeyyama Waaqa Israa’eelitti haa ta’u!» jette. Halkan sanattis Ergamaan Waaqayyoo dhufee yeroo bari’uudhaaf jedhu «Biyya kana gadhiisiitii gara Adibaara Libaanoositti deemi!» jedheen.

Yeroo bari’ettis wanta Ergamaan Waaqayyoo itti hime sana Mootichatti himte. Mootichis gammadee daandii guyyaa sadiitiin hanga Zaabiloon fi Niftaaleemitti isaan geggeessee gara biyya isaatti deebi’e.

Adibaara Libaanoos ykn Tulluu Libaanoos

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Yooseef fi Soloomee waliin qarqara Dabra Taaboriin darbitee gara iddoo dhaloota ishee Dabra Libaanoositti ykn gara Tulluu Libaanoositti baate. Muka «Kookuh» jedhamu jala teessee boosse, akkasis jette «Hanga yoomiitti biyya tokkoo gara biyya biraatti naanna’aa jiraadha, lubbuun koo hangam cimte» kana boodas iddoo isheen jirtu akka namni hin beekneef gara bosonaatti seente, guyyoota kudhaniifis osoo namni ishee hin argiin achi turte.

Kana booda namni bineensa adamsu tokko fagoo irraa ishee arge. Namichi bineensa adamsu sunis Saroota qaba ture, Saroonni sunis Gooftaa isaanii dhiisanii deemanii miila haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii gaditti sagadan. Lafa haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam miila isheetiin irra ejjettes ni arraabu ture. Namichi bineensa adamsu sunis fageenya irraa Saroota isaa waame, isaan garuu ni didan.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis wanta Saroonni sunneen namicha sanaan jedhan dhageessee ni ajaa’ibsiifatte. Uumaa uumamtoonni hundi si sodaataniif galanni siif ni ta’a jettee galateeffatte. Saroonni sunis miila haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam jalatti rafan. Akkuma Kitaaba Qulqulluu irratti Ergamaan Waaqayyoo Bala’aamiif osoo hin ibsamiin Harree inni irra taa’ee tureef akkuma ibsame. Seera Lakkoofsaa 22:23-30. Seenaan Bala’aam sunis namicha bineensa adamsu kana irratti irra deebi’ameera.

Namichi bineensa adamsu sunis haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilma ishee waliin bosona keessatti yeroo ibsitu argee garmalee Ajaa’ibsiifate. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis maal barbaadaa jirta? jetteen. Namichi bineensa adamsu sunis Saroota koon barbaada jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Saroonni maal siif godhu? jetteen. Innis bineensan ittiin adamsa, ani ammoo bineensa isaan naaf ajjeesan sana nan nyaadha, gogaa bineensotaa sanas nan gurguradha jedheen.

Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis hardha bineensota ittiin adamsite caalaa wanta guddaa argataniiru, Masi’icha Waaqayyo argiteerta waan ta’eef gara biyya keetti gali, bosona kana keessa jiraachuu koo eenyuttiyyuu hin himiin jetteen. Saroota sanaanis gara gooftaa keessaniitti deemaa jetteen. Namichi bineensa adamsu sunis ajaa’ibsiifachaa Saroota isaa waliin ni deeme.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam garuu bosona keessa turte. Bara Eliyaasitti Xaa’otii kan Waaqessaa turte Elzaabeel Raajotaa fi Luboota yeroo ajjesistetti Waaqayyo ija Elzaabeel jalaa kan isaan dhokse Qulqulloonni bosona keessa jiraatan dhufanii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin ni eebbifamu ture.

Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi Mootii Damaatiyaanoos

Namichi bineensa adamsu sunis guyyoota torba booda Mootii Damaatiyaanoos jedhamutti wanta arge hunda itti hime. Damaatiyaanoosis wanti namichi bineensa adamsu sun itti hime dhugaa ta’uu isaa mirkaneeffachuuf namoota Mana Mootummaa kudhan namicha bineensa adamsu sana waliin erge. Namoonni ergaman sunis yeroo gahanitti haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ilma ishee waliin ishee argan.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam garuu namicha bineensa adamsu sanaan eenyuttiyyuu hin himiin jetteenii waan himeef ni aarte. Namichi bineensa adamsu sunis dhagaa Ashaboo ta’e. Seenaan niitii ykn Haadha manaa Loox namicha bineensa adamsu kanaan irra deebi’ameera. Uma. 19:26. Namoonni Mana Mootummaatii ergaman sunis raajii haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam taasiste arganii baay’ee rifatan. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis ani akkuma keessanii nama waanan ta’eef hin sodaatiinaa jettee isaan tasgabbeessite.

Namoonni sunis Mootiin Damaatiyaanoos akka isaan erge itti himan. Kan boodas gara  mana isaaniitti deebi’anii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ilma ishee waliin akka arganii fi namichi bineensa adamsu sunis dhagaa Ashaboo akka ta’e Mootii Damaatiyaanoositti himan.

Borumtaa isaas Mootichi Damaatiyaanoos Loltoota hedduu qabatee gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti deeme. Loltoota hedduus Tulluu sana jalatti dhiisee isaan keessaa namoota torba waliin gara bosona haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam keessa jirtuutti seene. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis akka urjiitti yeroo iftu ishee arge. Mootichi Damaatiyaanoosis erga sagadeef booda ati qomaa kami? eessaas dhufte jedhee ishee gaafate.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis ani Israa’eelittiidha, kutaa Yihudaa kan taatu Beetaliheemiin dhufe jetteen. Akkasumas Mootii Heeroods baqattee akka dhufte itti himte. Innis Heeroods maalif si jibba? jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis wanta hunda itti himte. Akkasumas kana dura Abbaa fi haati koo iddoo kana jiraatu ture jetteen. Damaatiyaanoosis maqaa Abbaa fi haadha ishee gaafate. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis itti himte.

Damaatiyaanoosis namoota kana ykn haadhaa fi Abbaa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka beeku itti hime. Damaatiyaanoos Mootii raayyaa waraanaa hedduu fi cimaa qabu waan tureef kana booda asitti  Mootota kudhaniyyuu yoo ta’an si argachuu hin danda’aan hin sodaatiin jedheen.

Gara duubaatti yeroo deebi’us nama dhagaa Ashaboo ta’e argee, namni kun maalif dhagaa Ashaboo ta’e? jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Cubbuu isaatiini jetteen. Kana boodas Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam gara Waaqayyootti kadhatte. Nama dhagaa Ashaboo ta’e sanas erga kaaste booda eenyuttiyyuu hin himiin siin jedheen ture maalif himte? jetteen, innis Cubbuu isaa amanee dhiifama gaafate. Mootichi garuu raajii kana yeroo argetti garmalee rifate. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis hin sodaatiin jetteen, naasuun isaas isa gadhiise.

Kana boodas Mootichi sagadeefii «Yeroo ijoollummaa kootti Abbaa fi haati koo maqaa isaa waamaa kan turan Mikaa’eel, Gabri’eel, Rufaa’eel kan jedhaman keessaa tokko si’idhaa?» jedheen garmalee ajaa’ibsiifachuu isaarraa kan ka’e. Isheenis ani garbittii Gooftaati jetteen. Mootichis kennaawwam hedduu fideefii fudhadhu jedheen m, haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam hangamiyyuu godaantuu taatuyyuu hin fudhanne, Hiyyeessotaaf kenni galmee Samii irraa argatta jetteen.

Kana boodas Mootichi gara Mana isaatti deebi’e. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Tulluu Libaanoositti naannoo ji’oota sadiif teesse. Kana boodas Heeroods Tulluu Libaanoos jedhamu irratti Yooseef fa’a jiraachuu isaanii dhaga’ee loltootaan itti marsee isaan qabuuf yaale.

Giigaar Mootii Sooriyaa

Bitaa ykn mootii Sooriyaa kan ta’e Giigaar namni jedhamu tokko gorsa hamaa Heeroods waan dhaga’eef gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti ergamtoota erge. Namoonni Giigaar erge Fardaan gulubsiisaa saffisaan gahanii Tulluu Libaanoos loltoonni Heeroods marsuufi waan ta’eef Libaanoos gadhiisaatii baqadhaa jedhaniin.

Ergamichis dhufee Libaanoosii ba’aa jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos, Yooseef fi Soloomeen Tulluu Libaanoos gadhiisanii deeman. Kana boodas Giigaar ergamtoota isaa ergee Yooseef fa’a Libaanoosii akka baasise Heeroods ni dhaga’e. Namoota nuti barbaadaa jirru akka nu baqatan ykn akka nu jalaa miliqan kan taasiste si’idha jechuudhaan Giigaar waliin wal lole.

Heeroods Loltoota isaa ergee Mootii ykn Bitaa Sooriyaa Giigaar qabsiisuun Sayifiidhaan isa ajjeesise. Giigaaris Wareegamummaan boqote. Kitaaba Sinkisaaraa Hagayya 16 dubbifamu irratti seenaa Giigaar kana ni arganna.

Dabra Toonaa ykn Tulluu Toonaa :-

Kana boodas haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam, ilmi ishee, Yooseef fi Soloomeen gara Tulluu Toonaatti deeman. Tulluu Toonaatti biyyoonni ykn naannoowwan Yihudaa ni muldhatu. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam daandii hedduu deemuudhaan dhadhabdee waan turteef muka Alsiis jedhamu jala teesse. Baay’ees waan dhadhabdeef mukicha jala ciiste. Ergamoonnis lubbuu ishee mul’ataan gara Tsirhaa Ariyaamitti geessan.

Golgaawwan ibiddaa bitaafi mirgaan ni banaman. Ilmi ishee Iyyesuus Kiristoos iji namaa kan hin argine, gurri namaa kan hin dhageenye, laphee namaatti kan hin yaadamne Mootummaa Waaqayyootti kan argamu iccitii hedduu itti hime. Ijoolleen namaa bara baraaf kan dhaalan Addunyaa garmalee nama gammachiisu argite. Kana boodas lubbuun ishee gara foon isheetti deebitee, hirribaa kaate.

Ilmi ishee Iyyesuus Kiristoosis akkas jedheen «Gidiraadhaan alatti ykn gidiraa malee ykn gidiraa argan ykn gidiraa darban malee kennaan hin argamu, Addunyaa kanatti maqaa kootiin gidiraa kan argan Addunyaa sanatti ni gammadu, atis Addunyaa isa sanatti akka gammadduuf Addunyaa isa kanatti gidiraa keessa darbuu qabda». Kana boodas Tulluu ykn Dabra Toonaadhaa ba’aanii gara Siidoonaatti deeman, Siidoonaadhaas ba’aanii gara Dabra Zayititti deeman.

Beetaliheemitti Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Dabra Zayitiis bahanii gara Beetaliheemitti deeman. Beetaliheemis osoo jiranii Loltoota Heeroods keessaa inni tokko isaan arge. Innis Fardaan fiigsisaa saffisaan Mana Mootummaa Heeroods gahee Maariyaam, Yooseef fi Soloomeen Beetaliheem jiru jechuudhaan Heeroodsitti hime. Heeroodsis nama oduu kana itti himeef wanti ati natti himte dhugaa yoo ta’e walakkaa Mootummaa kootii siin kenna, yoo soba ta’e garuu sin ajjeesa jedheen. Yeroo baay’ee Yooseef fa’a iddoo akkasii jiru jedhamee Tulluuwwan, Hallayyaawwan, Holqawwan garaa garaa Loltoota isaatiin marsee yoo barbaadu osoo hin argatiin hafeera.

Barbaadee argachuu dhabuun isaas aarii irratti aarii waan isatti dabaleef amma garuu barbaadee yoo hin arganne nama nan arge jedhee hime sana ajjeesuuf kutatee ka’e. Halkan sanattis Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel bu’ee Yooseefiin akkas jedheen «Raajidhaan mucaa koo Gibtsiidhaan waammadhe kan jedhu akka raawwatamuuf gara Gibtsiitti baqadhu» jedheen. Hoosee’i 11:1. Yooseef fa’as halkan sanatti Beetaliheem gadhiisanii bahan.

Yeroo bari’ettis Heeroods Loltoota isaatiin Beetaliheemitti marse. Namoota naannoo Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam itti muldhattees dhiirotas, dubartootas hundumayyuu ni ajjeesise, namoota erga fixe booda Bineeldota Handaaqqoodhaa hanga Sareetti jiran hunda ni ajjeesise. Samiinis akka dhiigaatti diimaa ta’ee dhiiga fakkaate.

Namoota Heeroods ajjeesiseefis Samii irra Goonfoon ni bu’eef. Loltoonni Heeroods bu’uu Goonfoo sanaa arganis ilma Dubroo Maariyaam Iyyesuus Kiristoositti ni amanna jedhan. Jaalala aangootiin keessi isaa kan dukkanaa’e Heeroods garuu ilma Dubroo Maariyaam Iyyesuus Kiristoositti ni amanna Loltoota jedhan Sayifiidhaan isaan mursiise.

Nama Maariyaam Beetaliheemittin arge jedhee itti himee ture sanas ni ajjeesise. Dhiiga namootaa dhangalaasuudhaan kan itti tolu kan isatti fakkaate Heeroods Suusiin dhiiga dhangalaasuu isa qabe. Dhuma irrattis Heeroods farda irra taa’ee osoo deemuu Ergamaan Waaqayyoo bu’ee funyaan fardichaa rukute. Fardichis yeroo ol utaalu gubbaa ykn irra kan ture Heeroods jala ta’e, jala kan ture Fardichis gubbaa ta’e. Heeroodsis ni burkutaa’e.

Lafeen isaa ni caccabe, foon isaa ni ciccite, ni kukkutame. Dachee dhiiga baay’eewwanii dhangalaase irratti dhiigni isaas ni dhangala’e. Loltoonni isaas baatanii manaan isa gahan.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Godaansa Dubroo Maariyaam Tsoomii Tsiggee | Kutaa 5ffaa first appeared on Qubee Online +.

Tsoomii Tsiggee Qulqulleettii Dubroo Maariyaam | Kutaa 4ffaa
Tsoomii Tsiggee Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Tsoomii Tsiggee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kunoo kutaa arfaffaa irra geenyeerra. Kutaalee darban hin dubbisne taanaan jalqaba isaan dubbisaa.

Duuka bu’eettii kan taate Manni Kiristaanaa keenya bara Duuka Bu’ootaa irraa kaastee Tiwuufiitii Kiristaanummaa ishee eeggattee, tajaajila Afuurawaa ishee gaggeessaa, baroota qoqqoddee herreegdee, Fulbaana irraa eegalee hanga Qaammeetti guyyootii Sanbataa jiran iccitii mataa isaanii iccitii fayyinaa waliin kan wal qabate, moggaasa Kitaaba Qulqulluun wal qabate kennitee, ijoollee namaa abaarsa Foonii fi lubbuu irraa fayyisuuf kan raawwatame fayyisummaa Waaqayyo irraa yaadachaa, barsiisaa barootaaf turteerti. Ammas barsiisaa jirti, gara fuul duraattis barsiisaa itti fufti hanga Waaqayyo eeyyameefitti yaadachaa fi barsiisaa jiraatti.

Haati keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ayyanota Yaadannoo ishee galataa fi kabaja guddaadhaan kabajamaniif keessaa Zemene Tsiggee ykn Baatiin Tsiggee isa tokkoofi laphee beektota Mana Kiristaanaa biratti jaalala laphee gadi fagoo kan qabu Waqtiin Tsiggee kun tokkodha.

Mooticha Heeroods fi Namoota Ogeeyyii (Sebi’aa Seggel)

Mootonnni baha irraa dhufan ykn Sabaa Saggal waggootaaf deemaa turanii Iyyerusaaleem erga gahan booda «Kennaa qabannee dhufne kan kennuufi fi kan isaaf sagaduuf dhufne daa’imichi dhalate eessa jira?» Warqee Mootummaa isaatiif, Ixaana Lubummaa isaatiif, Karbee du’a isaatiif akka kenninuuf gooftaan eessa jira?» jedhanii yeroo barbaadan karaa ergamtoota isaatiin kan dhaga’e mootiin Iyyerusaaleem Heeroods «kuni wanta akkamiiti? eessa jiras mootiin ykn gooftaan kun? kan dhalatus eenyurraa fi eessatti? amma akkuma dhalateen Mootota kan sagachiise, yeroo guddatu ammoo ana na sodaachisa, irra darbees na balleessa» jedhee garmalee sodaachuu fi nahuu isaarraa kan ka’e Mootota waamsisee waa’ee dubbichaa bal’isee sirriitti gaafate.

Isaanis dursummaa urjiitiin waggootaaf deemaa turanii haala dhufaatii isaanii seenessaniif. Innis Seenaa kana dhaga’ee erga hubate booda Mootota sanaan haala walii galaa daa’ima sanaa akka qoratan iccitii isaas akka isaaf ibsan ykn akka isatti himan adaraa jedhee erga isaa gaggeesse booda Ergamaan Waaqayyoo ibsamee daandii biraatiin gara biyya isaaniitti akka deebi’an waan isaanitti himeef daandii biraatiin gara biyya isaaniittii deebi’an. Carraaqqiin inni odeeffannoo namoota ogeeyyii irraa argachuuf godhes osoo hin milkaa’iiniif hafeera.

Namoonni Ogeeyyii ykn Sabi’aa Saggal gara isaatti deebi’uu dhiisuu isaaniitiin kan aare Heeroods tarkaanfii mataa isaa fudhachuuf murteesse. Heeroods yeroo hunda wanti inni barbaadu Beetaliheemitti kan dhalate daa’ima Mootii Ayihuud jedhame argatee ajjeesuudha.

Kana waan ta’eefis daa’imichi Iyyesuus Kiristoos iddoo jiru nama isatti himu hin arganne. Odeeffannoo sirrii argachuu dhabuyyuu namoota ogeeyyii irraa kan dhaga’e akka ka’umsaatti itti fayyadamee ka’e. Heeroods akka odeeffannootti kan fayyadame:- Namoota Ogeeyyii kan durse Urjiin sun bara itti muldhate. Namoota Ogeeyyii gaafatee bara Urjii sanaa hubatee ture. Urjichi namoota ogeeyyiif kan ibsame ykn muldhate ykn namoota ogeeyyiif muldhatee isaan dursuu erga jalqabee waggaa lama akka ta’e of eeggannoon hubateera.

Namoota Ogeeyyii kan durse Urjichi erga muldhatee waggaa lama erga ta’ee, Mootii Ayihuud kan jedhame fi Beetaliheemitti kan dhalate daa’imichi Iyyesuus Kiristoosiis umuriin isaa waggaa lama ta’uu danda’a jechuudhaan tilmaamuu jalqabe.

Bakkichi Beetaliheem ta’uu isaa Mootii Ayihuud daa’imni jedhame umuriin isaa waggaa lama ta’uun isaa ragaadhaan deeggarameera. Ta’us garuu Beetaliheemitti daa’imman waggaa lamaa hedduun ni jiraatu. Daa’ima Mootii Ayihuud jedhame akkamitti adda baasee beekuu danda’a? Lapheen Heeroods furmaata ittiin tasgabbaa’u hin arganne. Filannoo biraa barbaaduun dirqama itti ta’e.

Kana boodas Heeroods Beetaliheem fi naannawaa isheetti kan jiraatan daa’imman waggaa lamaa gadii ajjeesuun furmaata filannoo biraa hin qabne ta’ee itti muldhate cinqii isaatiif. Heeroods daa’imman Beetaliheem keessaa tokkoon isaallee akka hin hafne garmalee of eeggata ture. Loltoonni isaas safara ykn ganda keessa deemanii daa’imman yoo ajjeesan Abbaa fi haati Ijoollee isaanii ni dhoksu, daa’imman sunis du’a irraa ni hafu, namoota ykn daa’imman miliqan keessaas tokko Iyyesuus Kiristoos ta’uu danda’a jechuudhaan.

Kan biraa ammoo daa’imman ajjeefaman umuriin isaanii waggaa lamaa gadi ta’uun isaanii tilmaamaan hin beekamu jechuudhaan ni dhiphata ture. Heeroods yaadota hedduu erga yaadaa ture booda daa’imman hundi gaaf tokko Mana Mootummaa isaatti yoo walitti qabaman bayeessa akka ta’e yaade. Ta’us garuu daa’imman sana akkamitti ykn sababa maalitiin akka walitti qabu qormaata biraa itti ta’e. Bifa ajaja Mootiitiin Abbootii fi harmootiin daa’imman isaanii qabatanii akka dhufan yoo taasise, humnaan ykn dirqamaan wanta ta’u waan ta’eef bu’aa hin buusu akkasumas daa’imman hedduun akka hafan tilmaamuudhaan furmaata biraa barbaade.

Daa’imman Beetaliheem tokkoyyuu osoo hin hafiin walitti qabuuf fedhiin warraa barbaachisaa ta’ee argameera isa biratti. Mootichi Heeroods Beetaliheem fi naannawaa isheetti daa’imman umuriin isaanii waggaa lama ta’e hunda ni ajjeesise. (Maat. 2:16-18)

Mootichi Heeroods daa’imman Ajjeesuuf Mana Mootummaa isaatti walitti qabuuf tooftaa inni itti fayyadame

Inaaffaan Heeroods dabalaa deemuu isaatiin olitti, Mootota sana osoo eeguu waggaa lama ta’uu isaatiin, isaanis isatti qoosanii karaa biraa deemuu isaanii erga hubate booda Seexanni Eeboo isaa hammenyaa kaasee al tokko laphee isaa irratti waan dhaabeef daa’imman waggaa lamaa fi isaa gadii hunda maqaa gargaarsaatiin ganda gandatti akka walitti qabaman sababa jedhuun, ajaja hammeenya Seexanaawaatiin sadarkaa biyyaatti labsii labse.

Heeroods daa’imman Mana Mootummaa isaatti walitti qabuuf tooftaa tokko malate. Akkasis jedhe:- «Mootichi Room Qeesaar ergaan inni erge ana bira gaheera. Daa’imman waggaa lamaa fi isaa gadi ta’aan akkan lakkaa’uuf Qeesaar na ajajeera. Isanaafis qarshii fi uffanni ni kennama. Daa’imman sunis Mana Mootummaatti kunuunsa addaatiin ni guddatu, Mana Mootummaattis guddatanii hojjettoota Mootummaa ta’u.» Dubbii isaa badaa kanas labsii dhaan labsiise.

Yeroo sanatti Ayihuud Mootummaa Qeesaar Room jalatti bitamu ykn bulu ture. Heeroodsis Mootii Ayihuud ta’uu kan danda’eef Qeesaar irra muudameetu. Kanaanis ajajichi waan Qeesaar irraa dhufe fakkeessee Beetaliheem oduu ykn labsii sobaatiin raase. Ajajichi garuu Qeesaarii Room irraa kan dhufe osoo hin taane, Abbaa sobaa kan ka’e Daabiloos irraa kan dhufe dha. Hardhas sobni  Daabiloos irraa dhalatee Mana Mootummaatti guddata. Sobni Mootota ykn bittootaaf umurii aangoo isaanii kan ittiin dheeressan isaanitti fakkaata waan ta’eef. (Yoh. 8:44).

Mooticha Heeroods fi Dhumaatii Daa’imman 144,000 Mana Mootummaatti

Kana booda daa’imman hedduun haadholii isaanii waliin ajaja Heeroodsiin Mana Mootummaatti qalamuuf walitti qabaman. Daa’imman kan qaban daa’imman isaanii qabatanii yeroo deeman, daa’imman kan hin qabne hiyyeessonni ammoo qarshii, uffata fudhachuuf ijoollee nama biroo qabatanii deemanii turan waan ta’eef walumaa galatti Mana Mootummaa Heeroodsitti daa’imman 144,000 walitti qabaman. Heeroods hammeenyaan kan yaade fi wanti uummatatti hime waan cimaa waan tureef namni manatti hafe hin jiru.

Mooticha Heeroods barbaadaa kan jiru daa’immichi Mootii Ayihuud jedhame gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos garuu daa’imman 144,000 sana keessa hin turre. Heeroods sammuu isaa dhadhabaa sanaan Mootichi Ayihuud Iyyesuus Kiristoos daa’imman 144,000 sana keessa jiraachuu hin oolu jechuudhaan ajjeesisuuf ariifata ture. Daa’imman hunda ajjeesaa jedhee Loltoota isaaf ajaja dabarse. Loltoonni Heeroodsis guyyaa tokkotti daa’imman 144,000 ajjeesan. Ganda hundatti boo’ichaa fi gadda ta’e.

Loltoonni Heeroodsis maqaa gargaarsaatiin daa’imman walitti qaban bifa garmalee sukkanneessaa ta’een fixaniiru. Ta’us garuu dhumaatiin daa’immanii kun ajaja Mootiitiin raawwachuu isaatiin dura Mootichi yaada isaa badaa kana yeroo yaadu  Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos  haadha isaa fi Yooseef akkasumas Soloomee waliin gara Gibtsiitti godaananiiru. Maat. 2:1-23.

Seenaan kunis Wangeela Maatewoos fi Kitaaba Sinkisaaraa irratti galmeeffamee argama. Raajiin raajichi Ermiyaas dubbatee ni raawwate. (Erm. 31:15, Maat. 2:18) Raaheel haadha manaa Yaa’iqoob, haadha Yooseef fi Biiniyaam ta’uun ishee Seera Uumamaa 30:22 fi 35:16 irratti barreeffameera. Daa’imman Beetaliheem Sayifii Heeroodsiin yeroo ajjeefaman Raaheel hin turre. Ta’us garuu haadholiin daa’imman isaanii jalaa ajjeefaman ijoollee ijoollee Raaheel waan ta’aaniif haadholii gadda isaanii irraa tasgabbaa’uu dhadhaban Raaheeliin bakka buusee dubbata. Ermiyaas du’a ijoollee isaaniitiin haadholii Israa’eel gaddaniin Raaheel jedheeniira.

Godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waliin Seenaa kan keessummeesse ilma Yooseef Yoosaa

Ilmi Yooseef Yoosaan Yooseef fi Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fa’a waliin hin godaanne, mana abbaa isaatti hafee ture. Heeroods Yooseef fa’a qabuuf Loltoota ykn raayyaa hedduu erge. Iccitii hojii Heeroods kana namoonni beekanis Heeroods firoota kee ajjeesuuf loltoota hedduu erge jedhanii Yoosaatti himan.

Ilmi Yooseef Yoosaanis osoo fiigaa itti himuuf deemaa jiruu Seexanni karaatti nama fakkaatee «Eessa deemta?» jedheen, Yoosaanis «Gara firoota kootti» jedheen. «Loltoonni Heeroods hamma xiqqootti si dursaniiru, yoona firoota kee ajjeesaniiru ta’a, maaltu si dhadhabsiise deebi’i!» jedhe Seexanni. Yoosaanis «Yoo du’aniiru ta’e nan awwaalladha, yoo hin duune ta’e ammoo Heeroods isaan barbaachisaa jiraachuu isaa ittiin hima» jedhee gorsa Seexanaa osoo hin dhaga’iin daandii isaa itti fufe.

Waaqayyo Yoosaadhaaf humna Leencaa kenneef, daandii Yooseef fa’a guyyaa sadi deeman inni guyyaa tokko deemee isaan dhaqqabe. Yooseef fa’as walitti aansanii guyyoota sadiif deemaa waan turaniif dhadhabanii boqochaa jiru. Erga achi gahe boodas Mootichi Heeroods daa’imman Beetaliheem akka ajjeesise itti hime. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis kana erga dhageesse booda gadditee boo’uudhaan qorra, aduu osoo hin jedhiin deemsa isaanii itti fufan.

Daa’imichi Iyyesuus Kiristoosis Yoosaadhaan akkas jedhe «Dhadhabbiin kee gatii qaba garuu haadha koo waan naasisteef dhagaa kana boraafadhuu rafi» jedheen. Hoggasumas lubbuun isaa foon isaa irraa adda baate. Abbaan isaa Yooseefis isa awwale. Iyyesuus Kiristoos balleessaa xiqqoo Yoosaan hojjeteef foon isaan adabamee Lubbuu isaatiin akka boqotu isa taasise.

Jaalattoonni Waaqayyoo balleessaa xiqqoo yeroo balleessan Foon isaaniitiin adabamu. Fknf; Aroon fi Museen jaalattoota Waaqayyoo turan. Gaaf tokko balleessaa balleessaniin adabaman. Gara dachee abdii godhataniitti osoo hin galiin dandii irratti du’an. «Waaqayyos Aroon fi Museedhaan ijoollee Israa’eel fuulduratti akka na Qaddastaniif anatti hin amanne waan ta’eef kanaafuu gara dachee ani isiniif kenneetti hin galtan!» jedheen. S. Lakk. 20:1-13.

Mootichi Solomoon akkas jedha «Yaa mucaa koo! Ajaja Waaqayyoo hin tuffatiin! Yeroo si ajajettis hin hadheeffatiin! Waaqayyo kan jaalate ni ajaja waan ta’eef, abbaan akkuma mucaa isaa jaallatu akkuma ajaju» Fakk. 3:12.

Xixoos fi Daakirs (Saamtota Lamaan)

Saamtonni lamaan Daakirs fi Xixoos wanti ittiin bulan hannadha. Yooseef fa’a Galiilaadhaa yeroo ba’anitti saamtonni kunneen Duuka bu’anii, gammoojjii keessa isaan barbaadaniyyuu hanga guyyaa jahaatti isaan hin argine. Guyyaa torbaffaattis isaan arganii hardha Waaqayyo harka keenyatti isin galche jechuudhaan fiigaa itti deeman. Soloomeen dursitee uffata ishee gatteefii baqatte.

Saamtonni sunis Yooseef fi Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fa’a harkaa wanta argatan Saamanii erga deeman booda Xixoos Daakirsiin akkas jedhe «Dubartiin kun sanyii warra Moototaa keessaa natti fakkaatti, daa’imichis raajota keessaa tokko natti fakkaata, wanta isaanirraa fudhanne kanas haa deebifnuuf?» jedheen, Daakirsis Xixoosiin «Gara laafina akkasii eessaa fiddee? hojii Saamichaa kana kan na barsiiste si’idha, kan biraa ammoo guyyaa hardhaa kan saamne gahee kooti, gahee kee fudhattee gahee koo ni deebisnaaf jettaa?» jedheen.

Saamtonni kun lameen guyyaa tokko kan saaman inni tokko yoo fudhatu, kan guyyaa itti aanuu ammoo isa lammaffaatu fudhata ture waan ta’eef. Guyyaa sanatti kan fudhatanis ykn kan saamanis gahee Daakirs ture. Xixoosis Galiilaadhaa kaasee hanga asiitti kan saamne hunda ati fudhadhuutii kana anaaf kenni nan deebisa jedheen. Daakirsis yaada kanaan walii gale. Daakirs nama hin carroomnedha, carraa gaariin isa mudatee itti hin fayyadamne. Gara laafummaa xiqqoodhaan eebbi baay’een is darbe, kennaan gara isaatti dhufee ture hiriyaa isaatiif kenne.

Haati keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam saamtoonni kunneen dhaabbatanii yaada kanaan yeroo wal morman argitee ni sodaatte. «Saamtonni erga saaman booda fudhatanii deemu malee akkamitti dhaabbatanii mari’atu? tarii namoota daa’imman isaanii jalaa du’an ta’uu danda’u, sababa mucaa kootiin ijoolleen isaanii waan jalaa du’aniif mucaa koo ajjeesuuf ta’a» jechuudhaan garmalee boosse.

Ilmi ishee Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis «Haadha koo hin boo’iin, na hin ajjeesan, ni deebisnaaf jechaa jiru. Ani Qaraaniyootti yeroon fannifamu inni tokko bitaa kootiin, inni tokko ammoo mirga kootiin ni fannifamu, inni tokko Waaqummaa koo amanee ni fayya, inni tokko garuu hin fayyu» jedheen. Yeroo kanattis saamtichi Xixoos jedhame meeshaa isaanii deebiseefii, gooftaa baatee yeroo deemu Sayifiin isaa harkaa kufee caccabe, yeroo kanas garmalee gadde. Gooftaan keenyas «caccabaa isaa walitti qabi» jedheen.

Xixoosis akkuma jedhame taasise, Gooftaanis «Akka isa duraatti siif haa ta’u!» jedheen, Sayifichis akka hin cabnee ta’e. Xixoosis tilmaamni isaa «Raajota keessaa natti fakkaata» jedhe dhugaa ta’eef. Raajiiwwan Gooftaa keenyaa argees ni ajaa’ibsiifate. Gooftaanis Xixoosiin «Addaam dursitee Jannata ni seenta» jedheen. Xixoosis wanta isaaf taasifamee fi wanta arge hunda hiriyaa isaa Daakirsitti hime. Hiriyaan isaa garuu isa hin amanne.

Xixoosis yeroo gooftaan fannifametti raajiiwwan raawwataman (Aduun dukkanaa’uu….) argee «Yaa Gooftaa yeroo Mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu!» jedheen, Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis «Dhugaan siin jedha hardha ana waliin Jannataa keessa taata»  jedheen. Luq.23:42. Gooftanis waadaa bosona keessatti «Addaam dursitee Jannata seenta» jedheen Fannoo irratti raawwateef.

Haati keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ilma ishee waliin biyyoota godaansaa keessa darbite keessaa muraasa;

Waa’ee iccitii godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Waaqayyo iccitii isaa kan ibseef Hayyichi Abbaan Tsiggee Dingil Kitaaba isaanii «Seqoqaawa Dingil» irratti baldhinaan akka ibsanitti, Addunyaa kana irra kan jiraateefi gara fuulduraattis uumamni jiraatu keessaa akka Qulqulleettii Dubroo Maariyaam jiraachuu dhabuu cimsanii hubachiisu. Hayyichi barreeffama isaanii kana yeroo jalqaban «Ija yaadaatiin gara Gibtsiitti bu’ee kan argee fi kan dhaga’e mitiitii, naaf haa ta’u jedhee kan dhageeffateyyuu osoo hin hafiin baay’ina gidiraa isheerra gahe irraa kaasee akka boo’u» nuuf ibsa.

Kaayyoon Afuurawaa godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam  iccitii Fayyinaa keessatti bakka mataa isaa kan qabudha malee tasa wanta argame ykn tasa wanta mudate akka hin taane, akkasumas raajiin dubbatame akka raawwatuuf akka ta’e armaan olitti ilaalleerra. Abbootiin Mana Kiristaanaa Itoophiyaa yeroo barsiisan raajota dubbataman keessaa «Durii kaasee kan yaadame daandii isaan arge, daandiiwwan Itoophiyaas ni nahu» Imb. 3:6-7 raajii jedhu hiikuudhaan, haati keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo godaansa isheetti gara biyya keenya Itoophiyaatti dhufuun, biyya keenya ilaaltee uummatas adaraa ilma isheetiin kennamtee (asirat tesetta) akka deemte Abbootiin ni barsiisu.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo godaantu, gidiraan, rakkoon isheen hin argine, isheerra hin geenye hin jiru ture. Kanas ta’ee garuu Dubroo Maariyaam waa’ee kanaa gonkumaa hin yaaddu ture, isheen kan yaaddu ilmi ishee akka jalaa hin duune qofa. «Isheenis kana dhageessee ni boosse, dhiigni mucaa koo yeroo dhangala’u amman argu ana haa dursiisu! (እኔን ያስቀድመኝ)» akkuma jedhe Kitaabni (Seqooqaawa Dingil).

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Tsoomii Tsiggee Qulqulleettii Dubroo Maariyaam | Kutaa 4ffaa first appeared on Qubee Online +.

Gaaffilee Kitaaba Raajii Maariyaam irratti ka’aaniif deebii
Raajii Maariyaam (Teamre Maryam) fi Kitaaba Raajii Maariyaam

Kitaaba Raajii Maariyaam kan jedhamu akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kan argamu. Kan Raajiin haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irratti barreeffamee argamu irratti namoonni hedduu gaaffii ni kaasu. Nutis mata duree kana keessatti seenaa isaa, akkaataa dhufaatii isaa. Akkasumas akkaataa gaaffilee Kitaaba Raajii Maariyaam irratti ka’aaniif deebii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Seenaa Kitaaba Raajii Maariyaam

Kitaabni Raajii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan Kitaaba Raajii Maariyaam jedhamu. Jalqaba irratti jaarraa 12ffaa keessa Biyya Faransaay keessatti. Raajiin haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka walitti qabamee.  Barreeffameefii fi boodarras gara biyyoota Awuroppaa hafaniitti akka tamsa’e Kitaaboleen Seenaa ni hubachiisu. Afaan tokkoo gara Afaan biraatti hiikamaa, Raajiiwwan haaraas itti daddabalamaa tamsa’uu ykn babaldhachuu danda’eera.

Bara 1237-1289 A.L.A tti waraana Fannoo (Crusade) tiif gara baha giddu galeessaatti kan dhufan Miisiyoononni gara afaan Arabiffaatti hiikaniiru. Bara Mootii Atsee Daawwititti ammoo Afaan Arabaa irraa gara Afaan Gi’iziitti yeroo hiikamu.  Raajiiwwan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33 kan qabate ture. Gara kutaalee Addunyaa garaa garaatti yeroo hiikamus, raajiin biyya itti hiikame sana akka caqasamu akkuma taasifame. Itoophiyaatti haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam raajiiwwan isheen raawwatte. Keessaa muraasa isaanii dabalatee hanga raajiiwwan 316 kan qabate Manneen Kiristaanaa fi Gadaamiiwwanitti ni argama.

Gahiinsi Raajii Raajotaa, ka’umsi Lallaba Duuka Bu’ootaa, Iccitiin Beektota Mana Kiristaanaa Dubbii Maariyaamidha. Dubbii Maariyaamiin ala waa’ee Dubbii Kiristoos dubbachuun hin danda’aamu. Akka Seenaan Mana Kiristaanaa ibsutti Shakkitoonni hedduun kan ka’aanii fi rakkoon isaanii jalqabaa Dubbii Maariyaam beekuu dhiisuudha. Rakkoon isaanii kunis Kiristoos sirriitti akka hin amanne isaan taasiseera. Osoo Dubbii Maariyaam irratti hubannoo fi barumsa qulqulla’aa ykn gahaa qabaatanii Shakkummaadhaaf hin saaxilaman ture. Nisxiroos «Waaqayyo, ilma Waaqayyoo» jedhee Kiristoos akka hin amanneef kan isa rakkise «Deessuu Waaqaa, haadha Waaqayyoo, deessuu jechaa»  jedhee.  Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam amanuudhaaf rakkachuu isaatiini.

Dubbiin Maariyaam Dubbii Kiristoos irraa adda ba’uu hin danda’u. Kan waloomedha. Waa’een haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam dubbatamu hundi gaariinis yaraanis Kiristoos ni tuqa. Waa’ee hojii fayyinaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo dubbannu Qulqulleettii Dubroo Maariyaam bukkeetti dhiisuun hin danda’aamu waan ta’eef. Sababni isaas kan isa deesse, kan isa baattee godaante. Yeroo inni barsiisuttis biyyaa biyyatti isa waliin deemaa kan turtedha waan ta’eef. Guyyaa itti fannifamettis Fannoo jalaa hin dhabamne.

Gaaffilee Kitaaba Raajii Maariyaam irratti ka’aan

Barnoota bu’uuraa kana Dubbii Maariyaam (Mariology) Raajii Maariyaam keessatti barreeffamee kan argannu yoo ta’u. Namoonni tokko tokko Seensa Raajii Maariyaam irratti barreeffamanii kan jiran biraa kan isaanitti galu. Kaanis ammoo ganiinsa kan isaanitti fakkaatu jiru. Hangamiyyuu karaa qabiyyeetiin barnoota shakkummaa Haaraa fiduu dhiisaniyyuu yeroo Maqdaniyoos fi Nisxiroos kan ittiin injifataman barnoota shakkii qabachuun;

1. Dubroon Maariyaam Addunyaan osoo hin uumamiin akkamitti beekamte?

2. Raajii ishee kan dhageeffate akka Fooniifi Dhiiga isaa fudhateetti ta’aafii?

3. Uumamni hundinuu Dubroo Maariyaam galateeffachuuf uumamee?

Kanneenii fi kanneen biroo akka dogoggoraatti ni dhiyeessu.

Jalqabe irratti jecha ijoo barreeffama tokkoo baruuf ykn barreeffamicha ibsuuf, wantoota hedduu ilaalcha keessa galchuun barbaachisaa yoo ta’u. Kanneen keessaas eenyummaa Barreessaa (Barumsa) sanaa, jireenya isaa, bartee isaa, hojiiwwan barreessichaa kanneen biroo. Akkasumas yeroo barreeffamichi barreeffametti taateewwan Seenaa garaa garaa turan, akkasumas haala barreeffamaa bara sanaa beekuun barbaachisaadha.

Kitaaba Raajii Maariyaam bannee yeroo ilaallu Seensa ykn Maqdimii lama ni arganna. Seensi inni jalqabaas «Maqdimii guyyaa guyyaanii» yoo ta’u waa’ee isaa kan dubbatu homaa hin qabu. Maqdimii isa lammaffas irratti garuu Maqdimiinumti kun mataan isaa  Mahaalqaa iddoo jedhama Gibtsiidhaa akka ba’e ni dubbata. Kunis hiikoo isaa malee as biyya keenyatti akka hin barreeffamne kan agarsiisudha.

Seensa Raajii Maariyaam yeroo dubbisnu garuu wantoonni hubannu yoo xiqqaate lama jiru. Inni tokkoffaan akkaataa fayyadama Raajii Maariyaam irratti sirna mataa isaa danda’ee  nuuf hiikamee taa’edha. Kanas matumti isaa Seensichi «Kitaabni Sirnaa kun kutaa biyya Gibtsii kan taatu iddoo Mahaalqaadhaa. Duuka Bu’icha Teessoo Maarqoos irraa argamee kan dhufedha» jechuun ni ibsa.

Inni Lammaffaan ammoo :- Seensa kana irratti lakkofsa 6-8 kan barreeffamee jiru wanta inni ibsu ykn ergaa inni dabarsudha. Jechichis «Bara Phaaphaasonni Abbaa Mikaa’eel fi Abbaa Gabri’eel turanitti Abbaa Yohaannisis waqtii itti Ephis Qophoosii ta’ee muudametti. Gibtsii dhaa gara Itoophiyaatti kan dhufan waggaa saditti Kitaabolee Sirnaa isaanii. Afaan Arabaa irraa namoota Itoophiyaatiif Afaan Gi’izii tti ni hiikame. Qosxanxiinoos kan jedhame Mootiin keenya Bara Zarayaaqoob erga Mootii ta’ee waggaa torbatti Kitaabni sirnaa isaaniis akkas jedha» kan jedhudha.

Jechi kun Arabiffa irraa kan hiikame osoo hin taane asuma biyya keenya keessa kan jiran Beektonni Mana Kiristaanaa. Sirna Gibtsiidhaa dhufe yeroo hiikanitti waa’ee Hiikoo isaa kan itti dabalanidha. Kana irraa wanti guddaan nuti hubannu Gibtsiidhaa kan dhufe Kitaabni Sirnaa Arabiffi yeroo hiikamu. Itoophiyaanotaaf akka mijatutti fi tajaajilaaf akka mijatutti (Sirna Kadhannaa) akka qophaa’e ni hubanna. Kanaafuu Maqdimii guyyaa guyyaanii kan jedhu yeruma sirreeffama adda ba’ee akka ka’aame ni hubanna.

Matuma isaa dubbisa Maqdimii ykn seensaa irraa wanta hubachuu qabnu erga ilaalleen booda, waa’ee iddoo maqdimiin sun dhufee jedhamuu waa muraasa haa ilaallu, armaan olitti dursinee akkuma ilaalle Maqdimii ykn seensa sanaan dabalataatti Insaaykiloopiidiyaan Mana Kiristaanaa Gibtsii (The Coptic Encyclopedia) bara Zarayaa Yaaqoobitti «Giiftiin keenya Ispeenitti, Faransaayitti, Xaaliyaanitti, Sooriiyaatti, Gibtsiitti kan raawwatte raajiiwwan hedduun afaan Mana Kiristaanaa Itoophiyaa kan ta’e Afaan Gi’iziitti hiikamaniiru, yeroo kanattis Ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33’n kan qabate fi akka kabajamu kan ajaju Kitaabni Sirnaa Mahaalqaa irraa gara Itoophiyaatti akka dhufu taasifameera. » jedha.

(The Coptic Encyclopedia page 984.)  Maqdimii ykn seensi isaa Mahaalqaadhaa dhufe taanaan Mahaalqaan eessadha? gaaffiin jedhu ka’uu danda’a. Mahaalqaan iddoo hardhaa Kaayiroo durii (Old Cairo) jedhamutti kan argamtu kan durii fi seena qabeettii ta’uu isheetiin dabalataatti, Beektotaa fi Kitaabolee iddoo baay’inaan itti turanidha. Kaayiroo duriitti ykn Misiritti Manneen Kiristaanaa hedduu argaman keessaa Mahaalqaatti kan argamtu Manni Kiristaanaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Manneen Kiristaanaa yeroo durii ijaaraman keessaa ishee tokkodha. Manni Kiristaanaa kun Manneen Kiristaanaa Addunyaa irratti yeroo jalqabaa ijaaraman keessaa ishee tokko kan taatee fi jaarraa jalqabaa keessa akka ijaaramte ragaaleen garaa garaa ni agarsiisu.

Kiristaanonni Gibtsii keessa turan warreen jalqabaa kan itti fayyadamaa turanii fi Waaqayyo kan itti Waaqeffachaa turan Mana Kiristaanaa seena qabeettii fi duriiti. (The flight of the holy family to Egypt, page 9). Kuni ammoo matuma isaatti «Teessoo Maarqoos irraa argamte» kan jedhu ibsa Seensichaa ykn Maqdimii sanaa tiif ragaa ykn agarsiistuu dhugaa nuuf ta’a. Mahaalqaan Seenaa Mana Kiristaanaa Gibtsii keessatti iddoowwan yeroo dheeraaf teessoo Paatriyaarkii ta’aanii tajaajilan keessaa ishee tokkodha. Fakkeenyaaf:- bara 1091-1145 Dh.K.B tti, bara 1197- Tewoodiroos lammaffaatti (1494-1300) iddoo teessoo Paatriyaarkii turte.

Deebii Gaaffilee Raajii Maariyaam irratti ka’aanii

Kitaaba Raajii Maariyaam kan Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa irratti gaaffilee jedhuun kan ka’aan yoo ta’u. Isaan keessaa gaaffii gurguddoo Kitaaba Raajii Maariyaam irratti ka’aan kunooti.

1. Giiftiin keenya Dubroon Maariyaam Addunyaan uumamuu isaatiin dura Yaada Waaqayyootiin yaadamtee ni jiraatti turte

Waaqayyo Addunyaa uumuu isaatiin dura waa’ee Addunyaa uumuu hin beeku turee? Dhuma Addunyaa hoo hin beekuu? Gaaffilee Kitaaba Raajii Maariyaam irratti ka’aan keessaa kan jalqabaa kan yoo ta’u, ibsi fi deebiin isaa kunooti.

Namni gonka beekumsa Waaqayyootti (Waaqayyo waa hunda nu beeka) amauu hundi gaaffilee kanaa olii Waaqayyo hin beeku jechuu hin danda’u, gonkumayyuu! Matumti isaa Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo lafa irra deddeebi’aa turetti, «Yeroo sana Mootichi warra karaa mirgaa jiraniin Abbaan koo kan isin eebbise Addunyaan osoo hin uumamiin dura Mootummaa inni isiniif qopheesse akka dhaaltaniif koottaa!» jechuun barsiiseera. Maat. 25:31.

Barumsa isaa kanaanis Addunyaan osoo hin uumamiin dura giiftiin keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam yaadamuu ishee, ishee irraa dhalatee Addunyaa akka fayyisuu fi guyyaa dhumaattis bitaa fi mirga isaa kan dhaabbatan beekamuu isaanii ykn Waaqayyo akka isaan beeku ibseera ykn salphaatti hubachuun ni danda’aama. Addunyaan osoo hin uumamiin Sillaasee sadummaa fi tokkummaa isaaniitiin fi ilmi Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka nama ta’u beekamuu isaa qofa osoo hin taane Sillaaseen fayyina namaatiin gammaduu isaanii ibsuudhaaf, Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos, «Yaa Abbaa! Addunyaan osoo hin uumamiin waan na jaalatteef, kan naaf kennite, isaan ammoo ana waliin akka ta’aaniif, nan jaalladha» jechuun ibseera. Yoh. 17:24.

Kunis Jechi ykn Sagaleen Tawaahidoodhaan nama ta’uu isaatiin nama jaallachuu isaa ibsuuf kan barreeffame ykn ibsamedha. Giiftiin keenya yaada Waaqayyootiin yaadamtee ni jiraatti turte kan jedhus Addunyaan osoo hin uumamiin dura ni beekama ture. Giiftii keenya Dubroo Maariyaam irraa Foon ishee irraa foon, lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee nama ta’uun isaa waan beekamuufis ykn beekamuu isaatiinis Addunyaan osoo hin uumamiin dura filatamteerti, beekamteerti, kanaanis yaadamtee ykn beekamtee ni jiraatti ture jechuudha.

Karaa biraatiin ammoo kuni erga kana ta’ee, giiftiin keenya Dubroon Maariyaam osoo hin dhalatiin dura akkamitti beekamte? kan jedhu gaaffii ka’udha. Qulqulluun Daawwit Faaruu isaa irratti «Qaama koo hin ijaaramne, iji kee na ilaalan, mirgoonni koo uumaman hundi tokkoyyuu osoo hin hafiin Kitaaba irratti barreeffaman» jechuun osoo nuti hin dhalatiin Waaqayyo akka nu beeku nutti himeera. Faar. 139:16.

Raajichi wanta gara fuulduraatti raawwatamu, uumamuu ykn jiraachuu isaatiin durattis wanti tokkoyyuu osoo hin hafiin Kitaaba irratti barreeffamuu isaa erga nutti himee, waa’ee giiftii keenya Dubroo Maariyaamis akkas jedhamuun isaa akka jecha Kitaaba Qulqulluu ta’uu isaa ni hubanna. Namoonni tokko tokko ammoo Waaqayyo waa hunda beeka jedhanii osumaa amanaa jiranii «Giiftiin keenya Dubroon Maariyaam kophaa ishee hin beekamtu!» jecha mormii jedhu kaasu.

Jechi isaanii kunis ilaalcha matumti isaanii Dubroo Maariyaamiif qaban, ykn ija dunuunfatanii ganiinsa isaan Dubroo Maariyaam irratti qaban ykn ija dunuunfatanii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ganuu barbaaduu isaanii agarsiisa malee beekumsa Kitaaba Qulqulluu irratti qaban hin agarsiisu. Waaqayyo waa hunda ni beeka, garuu waa’een wanta hundaa hin barreeffamnes, hin dubbatamnes. Raajiin kan dubbatameef ykn hojii isaaniitiin hangam Waaqayyo akka gammachiisan kan beeku Waaqayyo qofaadha. Raajicha Ermiyaasiin «Garaa keessatti osoon si hin hojjatiin si beekeera, gadameessa keessatti si eebbiseera» jedheeniira. Erm. 1:5. Kana jechuun garuu Waaqayyo namoota kaan osoo gadameessa keessa jiranii fi guddatanii wanta ta’aan osoo hin ta’iin dura isaan hin beeku jechuu miti.

Qulqulluun Daawwitis «Gadameessa keessa osoon jiruu eegalee sittin of gate, garaa haadha kootii eegaltee ati Waaqa kooti» akkuma jedhe dursee nu beeka. Faar. 21:10. Raajii Ermiyaas irra kan jiru garuu bifa addaatiin raajiin kan dubbatameef, dursanii waan ta’aanii fi Qulqulluummaa isaanii himuufi ykn ibsuufi «Ahizaabotaafis raajii si taasiseera» kan jedhameefis osoo hin dhalatiinidha. Raajii ta’ee dibamee ykn muudamee gara Addunyaa kanatti erga dhufee booda miti garuu dhalatee, guddatee aangoo fi Qulqullummaan isaa inni fuulduratti irra gahu dursee kan beekamu ta’uu isaa ibsuuf ykn dubbachuufi.

Qulqulluun Phaawuloosis Ximootiwoosiif yeroo barreessu «Mucaa koo yaa Ximootewoos! dursee waa’ee kee Raajii wanti dubbatame waraana gaarii isaatiin akka loltuuf ajaja kana adaraan sitti kenna» kan jedhe «Ximooteewoos» maqaan caqasamee Raajiin dubbatameefii miti. 2 Xim. 1:18. Garuu waa’ee Duuka Bu’ootaa fi Luboota Kakuu Haaraatiif kan dubbatame isaafis kan dubbatame ta’uun isaa kan beekame waan ta’eefi.

Bifuma kanaanis waa’een Waaqayyoo nama ta’uu dursee yeroo beekamu haati Waaqayyoo Dubroon Maariyaamis dursitee ni beekamti jechuudha.

Addunyaan kun osoo hin uumamiin dura Waaqayyo ni beeka, ni yaada (Samii Samii irraa bu’ee Dubroo Maariyaam irraa dhalatee akka nama fayyisu) jechuunis Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam yaadamtee jiraatti turte.

«Addunyaan osoo hin uumamiin fuuldura isaatti Qulqullootaa fi xura’aa kan hin qabne Jaalalaan akka taanuuf Kiristoosiin nu filate» Efe. 1:4-14.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis yaada Waaqayyootiin yaadamtee ni jiraatti turte kan jedhu seensi Kitaaba Raajii Maariyaam dogoggora tokkoyyuu kan hin qabnee, Kitaaba Qulqulluun kan deeggaramudha.

2. Raajii ishee kan dhaga’e akka Fooniifi dhiiga fudhateetti ni ta’aaf

Kitaaba Raajii Maariyaam irratti gaaffilee ka’aan keessaa inni kan biraa kunooti, deebii isaa dubbisaa!

Yaada kana hubachuudhaaf dursinee seensicha irratti kan barreeffame akka jirutti ilaaluun barbaachisaadha «Dursinee akka dubbanne sababni beekamaa cubbuun dhukkubni yoo isa hin dhoowwine (yoo isa hin dhorkine) guyyaa kanatti Raajii ishee dhaga’ee Fooniifi dhiiga isaa haa fudhatu. Fooniifi dhiiga isaa fudhachuu yoo hin dandeenye raajii ishee dhaga’ee gara mana isaatti haa deemu, Fooniifi dhiiga isaa akka fudhateetti ta’aaf naaf ta’a jedhee yoo dhageeffate» jedha. Ergaa barreeffama ykn keeyyata kana yeroo hiiknu ergaawwan gurguddoo sadi kanatti aananii jiran arganna.

A. Foonii fi Dhiiga isaa fudhadhaa

Keeyyanni kun sadarkaa jalqabaatti qofaa osoo hin taane, irra caalaatti ergaan inni dabarsu Fooniifi dhiiga isaa fudhaa kan jedhudha. Sababni isaas Fitihaa Negest irratti «Qidaamee Shaaramte (Kidame Shuur) tiin alatti Sanbataa fi Dilbata yeroo hundumaa Mana Kiristaanaatti walitti qabamuun Fooniifi Dhiiga isaa fudhadhaatii isinitti haa tolu» jedhamuun ajajameera. Kana qofaas osoo hin taane Abbootii gammoojjii keessa jiraniif Ergamaan Waaqayyoo kan geessu Sanbatadha. Garuu bu’uura Sirna Mana Kiristaanaatiin namni tokko Fooniifi dhiiga Gooftaa akka hin fudhanne wantoonni taasisan jiru isaanis;

Sababa beekamaa /da’umsa, gadda, boo’icha…fi k.k.f yoo ta’aan inni lammaffaan ammoo cubbuudha ni dhorku jedhamanii wantoota caqasaman keessaa inni dhumaa dhukkubadha. Namni tokko dhukkubsatee sababa dhukkubaatiin dhangala’aan garaagaraa qaama isaa keessaa osoo ba’uu, dhiigni isaa osoo dhangala’uu fi wantoota kana fakkaatan osoo qabuu Fooniifi Dhiiga Gooftaa fudhachuu dhiisuu danda’a. Wantoonni kunneen hundi garuu Mana Kiristaanaatti argamee dubbisoota Kitaabolee Qulqullaa’oo dhageeffachuu irraa isa dhorkuu dhiisuu danda’u. Kanaafuu namni tokko sababoonni kunneen yoo isa dhorkaniin ala Fooniifi dhiiga Gooftaa haa fudhatu jechuun Wangeela Lallaba malee kan Wangeela faallessu miti.

B. Mana Kiristaanaa hin hafiinaa! – Kitaaba Raajii Maariyaam

Sababoota kanaa olitti caqasamaniin Fooniifi dhiiga isaa fudhachuu yoo dhiisteyyuu, Fooniifi dhiiga isaa hin fudhadhu jettee Mana Kiristaanaa deemuu hin dhiisiin (Mana Kiristaanaatii hin hafiin) jechuu isaati.  Raajiin Maariyaam Qiddaasee dura kan jiru kutaa kadhannaa Mana Kiristaanaa keessaa isa tokkodha.  Seensi kunis kan jedhu «Fooniifi Dhiiga isaa fudhachuun yoo isaaf hin danda’aamne, Raajii ishee dhaga’ee gara Mana isaatti haa deemu!» dha.

Kana jechuunis yoo Fooniifi dhiiga isaa fudhachuu dhiisteyyuu ykn yoo Qorrobuu dhiisteyyuu Mana Kiristaanaa hin hafiin kan jedhudha, sagantaawwan akka kadhannaa, barumsaa fi k.k.f koottuu hirmaadhu jechuudha. Guyyichi Sanbata (Dilbata) ykn ayyaana yoo ta’e Kiristaanni tokko yoo Mana Kiristaanaa hin deemne, yo achitti argamee hin baranne, yoo hin galateeffanne Kiristaanummaa isaa maaliin ibsa? Akkaataa kanaanis Kitaaba Raajii Maariyaam keessatti jechi «Raajii ishee dhaga’ee gara Mana isaatti haa deemu» jedhu nama hubatee fi qajeelummaan ilaaleef waa’ee Kitaaba Raajii Maariyaam qofa kan dubbatu miti.

«Raajii ishee hin hambisiinaa» yeroo jedhus gara Mana Kiristaanaatti deemaatii tajaajila garaagaraa irraa hirmaadhaa jechuu isaati. Sababni isaas Kitaaba Raajii Maariyaam yoomiifi akkamitti akka dubbifamu ni beekna waan ta’eef. Raajii Maariyaam duraa fi booda dubbisaa fi kadhannaawwan garaa garaa jiru waan ta’eef. Tajaajila walii galaa kanas karaa uummanni hubatuu fi ifaa ta’ee hubachiisuun dogoggoras ta’e cubuu hin qabu. Tajaajila kan biraa bifa kanaan maalif ibsan yoo jedhame ammoo Hiikoo Wuddaasee Maariyaam irratti akkuma barreeffame, tajaajila isa kan biraa tuffachuu fi gadi xiqqeessuun osoo hin taane jaalala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif qabaniifidha.

C. Hin shakkiinaa! – Kitaaba Raajii Maariyaam

Ergaan sadaffaa fi inni dhumaa keeyyata kanaa «sababa beekamaadhaan, guyyaa kanatti fooniifi dhiiga isaa fudhachuun» yoo siif hin danda’aamneyyuu, namoota kaaniif kan taasifame anaaf hin taasifamu, eebbi guyyichaa namoota kaanirra bule anarra hin bulu jettee hin shakkiin kan jedhudha. Kitaabichi kitaaba Raajii (Dinqii) ta’uu isaa irraan kan ka’e, Raajii ykn Dinqii kan isa jechisiisu jireenya guyyaa guyyaa keessatti hojiiwwan fi taateewwan ta’aaniin alatti, namaaf kan hin danda’amne, Waaqayyoo qofaaf kan danda’aamu kan raawwate ta’uu isaatiin atis «Naaf ta’a» jettee Amantaadhaan, kadhannaa irraa hirmaattee, Raajii ishee dhageessee gara Mana keetti yoo deemte eebba namoota guyyaa sana qorrobanii ni argatta jechuudha.

Kuni ammoo Kitaabolee Qulqullaa’oo irratti kan barreeffamedha, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Amantaa amma ija Sanaaficaa yoo qabaattan tulluu diiguu, ….. ni dandeessuu jechuun nu barsiiseera. Kunis amantadhaan eebba Waaqayyoo, humna Waaqayyoo ni argattu jechuudha. Fooniifi dhiiga isaa torbeetti ykn yeroo isaa gadi ta’etti ykn yeroo isaa oli ta’etti kan fudhannu humna Waaqayyo mindaa taasifachuun, cubbuu keenya nuuf dhiisee eebba lubbuu fi eebba foonii argannee jiraachuufi. Guyyaa sanatti siif danda’aamuu didee yoo Fooniifi dhiiga isaa fudhachuu dhiiste amantiidhaan kana ni argatta waan ta’eef hin shakkiin jechuun barsiisu abbootiin.

Ergaan Seensa sanaa kana ta’ee osoo jiruu «Osoo beekuu kan rafe, yoo isa tuqaniyyuu hin dammaqu» akkuma jedhamu namoonni tokko tokko garuu osuma beekanii Shakkuudhaan, akkasumas Eebba Qulqullootaa irraa akka fagaatan Seexanni isaan irra bulee waan Abbootiin hin jennee fi jechuufis kan hin yaadne ni dhiyeessu. Manni Kiristaanaa keenya garuu barnoota «Fooniifi dhiiga isaa hin fudhatiinaa!, Fooniifi dhiiga isaa fudhachuniifi, Fooniifi dhiiga isaa osoo hin fudhatiin Raajii Maariyaam dhageeffachuun walqixadha» jedhu gonkumayyuu barsiistee hin beektu, akkasittis hin amantu. Raajii ishee kan dhaga’aaniifi kan dhageessisanis Fooniifi dhiiga isaa kan fudhatan ykn gara fuulduraatti kan fudhatanidha malee Ahizaabota ykn Fooniifi dhiiga isaa kan shakkan miti. «Naaf ta’a jechuudhaan yoo dhageeffate» kan jedhu yeroon isaa daanga’aadha.

3. Uumamni hundinuu Giiftii keenya Dubroo Maariyaam galatteeffachuuf uumame

Namoonni tokko tokko beekne jechuun ykn ofii isaanii qofa akka beekaniitti lakkaa’uun dubbii ykn nama ibsi akka kanaa osoo hin beekiin kan jedhame itti fakkaata. Inumaayyuu amma amma «Namoonni kana barreessan osoo Kitaaba Qulqulluu beeku ta’ee akkas hin jedhan ture» hanga jechuutti gahaaniiru. Ofii isa kamidha kan Kitaaba Qulqulluu hin beekne? dursinee seensa isaa irratti Kitaaba Raajii Maariyaam eessa eessaa akka hiikameefi, beektonni ykn abbootiin akkamii akka isa hiiksisan, beektota Mahaalqaa turan keessaa muraasa isaanii dursinee kan ilaalle, Abbootii Qulqullootaa nuti isaan hin beekne irratti dubbachuun ykn irratti ka’uun hin barbaachisu jechuufi.

Kitaabni Qulqulluun «Warreen qajeelotaaf galanni ni ta’a» jedha. Namoonni qajeeltota hin galateeffanne garuu ni jiru. Kunis sababa lamaani, inni tokkoffaan galataafi kabaja qajeeltotaaf ta’u wallaaluu yoo ta’u inni lammaffaan ammoo Qajeeltota wallaaluu irraa kan ka’edha.

Amma kan ilaalaa jirru garuu «Qajeelicha» beekuu wallaaluu qofaa osoo hin taane qajeelummaa ykn wanta qajeelaa nama jechisiisu wallaaluudha. Kuni ammoo wallaaluu qofaa osoo hin taane sadarkaa wallaalummaa isa dhumaarra ykn gonkummaa gahuudhas. Beekumsaa fi Qulqullummaan gara sadarkaa gonkummaatti kan deeman ykn gahan akkuma jiran, ofjajaan xuraa’ummaan, wallalummaadhaan gara sadarkaa gonkummaatti kan deeman jiru jechudha.

Waa’ee qajeelummaa wallaaluu tasa miti kan kaasne. Namni qajeelummaan yaadu yoo xiqqaate Kitaaba kana ykn Raajii Maariyaam tajaajilaaf kan itti fayyadaman Ortodoksoonni ykn Mannumti Kiristaanaa mataan ishee waa’ee sirna uumamaa barumsi isheen barsiistu maalidha? ofii uumamtoonni kaayyoowwan akkamiitiif uumaman? jetti jedhee ni gaafata. Gaaffii isaatiifis deebiin inni argatu «Dubroo Maariyaam galateeffachuuf!» kan jedhu yoo ta’e  Doogmaa waliigalaa Mana Kiristaanattiiti jedhee hubachuun Mana Kiristaanaa qeequu danda’a.

Yaadni inni Sirna Uumamaa irratti qabu adda kan ta’e yoo ta’e garuu Raajii Maariyaam kana irratti kan argamu akkamitti ibsame ykn maal jechuudha? Sirna Uumamaa irratti beekumsi inni qabu (Maqaa isa galateeffatanii, Qulqulleessanii kan jiraatan, nyaata fooniif kan ta’aan..) barnoota kanneen cinaatti yeroo ilaalamu maal jechuudha? Akkaataan ibsa Sirna barreeffamichaa hoo Tiwuufiitii Sirna barreeffamaa Mana Kiristaanaa sana waliin ergaa akkamii qaba? kan jedhu ni gaafata. Wantoota kana ilaaluuf ammoo nama Amantaa qabu mitiitii sirna barreeffamaatiin dandeettii fi xiinxala ykn hubannoo qabaachuu qofti gahuu danda’a. Nutis deebii gaaffilee kanaa kan isiniif deebisnu qabxiilee kanarraa ka’uun ta’a.

Kaayyoon uumamtoonni itti uumamaniif gubbaatti kan ilaalle sadaniifi. Isaan kan keessaas inni jalqabaa inni jalqabaa maqaa Waaqayyoo galateeffatanii, Qulqulleessanii, Mootummaa isaa dhaaluun akka jiraataniif kan uumaman  ni jiru. Uumamtoonni kunneenis namaa fi ergamootadha. Namaa fi ergamoonni Waaqayyo galateeffachuu isaaniitiif kabajni Waaqayyoof dabalan hin jiru. Garuu kaayyoo itti uumamaniif irratti bu’a qabeessota ta’uun kabaja ykn Mootummaa isaa dhaalu.

Kennamuu Kitaabolee Qulqullaa’oo booda ilmi namaa jechoota Kitaabolee Qulqulluu amanee fudhachuun ykn ittiin fayyadamuun jecha ykn sagalee Kitaabolee sanaanis jiraachuun irraa eegama. Kanaafis waa’ee haadha keenya Dubroo Maariyaamiif kan barreffames raawwachuun irraa eegama. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam mataan ishee Qulqulluun Gabri’eel fi Qulqulleettiin Elsaabeet akkuma ishee galateeffatan «Kana booda dhaloonni hundinuu Qulqulleettii jedhanii na galateeffatu» jetteerti. Luq. 1:48. Jecha kana yeroo dubbattu Qulqulluun Luqaas haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waliin hin turre. Garuu akka galateeffatamtuuf kennaa kan kenneef Waaqayyo, kennaadhaan ibsameefii bara booda irra Kitaaba irratti barreesse. Qulqulluun Phaawuloos akkuma dubbate «Waaqayyo kennaa isaatiinii fi waamuu isaatiin hin gaabbu waan ta’eef» Roomee. 11:29. Kanaafuu Kiristoositti nan amana kan jedhu ykn kan jedhuuf jecha Wangeelaa jedhu mormuu hin danda’u.

«Dhaloonni hundinuu Qulqulleettii naan jedhu» kan jedhu irratti walii galla garuu jechi Seensichaa kan jedhu «Uumamni hundi giiftii keenya Dubroo Maariyaam galateeffachuuf uumame» dha. Kanaafuu kuni akkamitti wal sima jechuu dandeenya. Kanaafis yoo ta’e jechoota ykn akkaataa ibsa Kitaaba Qulqulluu tokko tokko yoo ilaalle ykn yoo hubanne rakkachuu dhiisuu dandeenya. Qulqulluun Luqaasis Wangeela isaa irratti «Ji’oota ykn waqtii sanatti Addunyaan hundi akka lakka’aamuuf Awugusxoos Qeesaar irraa ajajni ni ba’e» jechuun ibseera. Luq. 2:4.

Egaa ajajni ykn labsiin Awugusxoos Qeesaar baase dhuguma Addunyaa hundaafii? Lakki! Qulqulluun Luqaas «Addunyaa» kan jedhe bulchiinsa Awugusxoos jalatti biyyoota bulanii fi namoota achi keessa jiraataniif hunda walitti qabee waamuufi malee jecha «Addunyaa» jedhu osoo hin beekiin ykn uumaa Addunyaa kana hundaa kan ta’e Aangoo Waaqayyoo Awugusxoos Qeesaariif kennuu barbaadee miti. Barreessitoonni Seensa Raajii Maariyaamis Seensicha kan barreessan bara Kakuu Haaraa keessadha.

Kanaafuu «Uumamni hundi» yeroo jedhamu Amantoota qofa akka ilaallatu ifadha. Sanuma irratti Giiftiin keenya Dubroo Maariyaam «Dhalootni hundi» kan jette waliin garaagarummaa hin qabu. «Galateeffachuudhaaf uumame» kan jedhus ykn kana jechuunis kana booda ykn haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam erga dubbattee kaasee dhaloonni jiru Wangeelatti kan hin amanneefi jechoota Kitaabolee Qulqullaa’oo kan hin amanne ykn kan hin fudhanne yoo ta’een ala giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam galateeffachuun dirqama isaati!  Wangeela irratti Eelsaabeet, Gubaa’ee Efeesoon irrattis Abbootii ilaaluun «Haadha Gooftaa» ykn «Deessuu Waaqaa» ykn «Theotokos» jechuun ishee galateeffata.

Kanaafuu bifa kanaan osoo jiruu galateeffachuuf uumame yoo jedhame dogoggorri isaa iddoo kamittiree???

Channel WhatsApp guddicha ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Kan isa deesse Dubroof haa ta’u!

Ulfaataa Fannoo isaaf haa ta’u!

The post Gaaffilee Kitaaba Raajii Maariyaam irratti ka’aaniif deebii first appeared on Qubee Online +.

Dhaloota Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi Dabra Mixmaaq
Ayyaana Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Dabra Mixmaaq

Caamsaa 21 hanga 25 akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kan kabajamu Ayyaana Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Dabra Mixmaaq dha. Guutummaa isaa dubbisaa!

Baatii ykn Ji’a Caamsaa keessa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti. Ayyaanonni haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajaman baay’inaan ykn lakkoofsaan 6 dha. Isaan kunneenis ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33 keessatti kan argamanidha. Akkasumas ayyaanota gurguddoo 5’n haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessas kan jiranidha.

Ayyaanonni haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33’n fi gurguddoo 5’n eenyu fa’i? tuquun dubbisaa!

Ayyaanonni jahan ji’a Caamsaa keessa kabajaman

Ayyaanonni haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Ji’a Caamsaa keessa kabajaman ;

1. Dhaloota Dubroo Maariyaam – Caamsaa 1

2. Caamsaa 21-25 tti kan guyyoonni shanan ammoo Dabra Mixmaaq jedhamuun beekamu.

Nutis hardha barreeffama keenya kanaan Ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam. Ji’a Caamsaa keessa kabajaman hunda Seenaa isaanii tartiibaan ni ilaalla.

1. Caamsaa 1 | Dhaloota Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

→ Caamsaan tokko guyyaa itti haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam itti dhalattedha. Seenaa hidda dhaloota Dubroo Maariyaamis ksnatti aansinee haa ilaallu. Ayyaanota gurguddoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 5’n keessaas tokko Dhaloota Dubroo Maariyaam kanadha. Arfan hafan hoo?

Bara Kakuu Moofaa keessatti biyya Iyyerusaalem ykn biyya Israa’eel keessa.  Teektaa fi Pheexriqaa namoonni jedhaman hidha Qulqulluun murtaa’anii jaalalaan jiraachaa turan.  Namoonni kun waaqayyoon kan sodaatan turan garuu qabeenya qaban kan isaan dhaalu. Akkasumas ilma keenya nu gargaara kan jedhan ija isaanii irra kan buufatan dhala waan hin qabneef baayyee gaddaa turan. Guyyaa tokko; Teektaan qabeenya qabu hundaa erga ilaale booda abdii kutachuun gara Pheexriqaa isaa deemee. Obboleettiikoo qabeenya akkanatti walitti qabanne kana eessaan dhaqna. Ilma nu dhaalu hin qabnu atis dhabduudha. Ani ammoo siin ala dubartii biraa hin beeku» jechuun itti dubbate.

Isheen garuu fuula ishee gurrachessitee gadda guddaadhaan «Gooftaakoo! Waaqayyoon anaan yoo dhala na dhoowwate ati akkanatti haftaaree? dubartii biraa bira deemii dhala argadhu malee ilmikee ati dhalchite qabeenya keenya akka dhaaluuf eyyameera» ittiin jette. Akkuma beekaan Solomoon «Afaan Qulqullootaa burqaa jireenyaati» Fakkeenya 10:11 jedhee dubbate. Inni garuu «Kana raawwachuu mitii akkana gochuuf akkan hin yaadne Waaqni Israa’eel ni beeka» jedhee deebiseef.

Guyyaa tokko garuu jarreen eebbifamoon kun abjuu abjootan.  Abjuu isaanii kanaanis :- Jabbii Adiin tokko dallaa isaanii keessa yeroo baatuu argan. Isheenis jabbii biraa yeroo isheen dhaltu argan. Isaanis wal horaa hanga dhaloota jahatti walfakkataa dhalaa itti fuftee Jabbiin isheen  Jahaffaan Addeessa dhalte. Addeesittiin ammoo Aduu yeroo isheen deessu argan. Teektaa fi Pheexriqaan yaadni kun ulfaataa ta’uu isaa hubatanii gara nama abjuu hikuutti deeman. Nama abjuu hiiku sanattis wanta argan hunda itti himan. Innis wanta isaan itti himan kana seeraan dhaggeffatee booda akkas jedhee hiikeef. Waaqayyoo ija dhiifama isaatiin isin ilaaleera.

Jabbiiwwan jahan yeroo waldhalan arguun keessan dubartoota dhala dhalaa jaha dhalchuu fi dhaluu keessani Jahaffaan Addeessa dhaluun ishee nama caala kan caaltuu fi ergamoota caalaa kan kabajamte deessi,  kan Aduu kun garuu anaaf ifa hin taane tarii Mootii ykn Raajii ta’uu danda’a.» Yeroo kana Pheexiriqaanis «Dhugumatti Waaqayyoon wanta godhu eenyutu beeka?» jette.  Akkuma «Abaarsi Waaqayyoo mana cubbamtootaatti eebbi isaa garuu mana Qulqullootaatti» Fakk. 3:33,  jedhame kana booddee Pheexiriqaan garaatti baattee Ji’a sagaliin booda dhala dubara argatan.

Isaanis akkuma seera Hooriitiitti guyyaa saddeettaffaatti dhala argatan kan maqaa ishee He’eemeen jedhanii waamani. He’eemeenis akkamu maatii ishee Waaqayyoon nama sodaatu waliin bultii horatte. Dhala argattee maqaa ishees Deerdeen jette waamte. Hiikaan isaas «Gosa sanyii abbootirraa kan dhalatte» jechuudha. Deerdeenis dhala argattee maqaa ishee Toonaa jettee moggafteef hikaan isaas «Mullata arginee jecha dhageenyee dhala arganne» jechuudha.

Toonanis dhala argattee maqaa ishee Siikaar jettee mogaaste hiikaan isaas «Kezemedoch wegen ykn karaa ykn Qomoo warra firootaa» jechuudha. Siikaaris dhala argatte maqaa ishee Hermellaa jettee moggaafteef, hiikaan isaas «sanyii kabajaman keessaa kan dhalatte» jechuudha. Hermellaanis dhala argattee maqaa ishee Haannaa jechuun moggaasteef. Hiikaan isaas «Amantaa fi hojiidhaan kan cimte, qulqulluummaa fi eebbaan kan guutamte umama gaarii» jechuudha.

Seenaa kana yeroo ilaallutti sanyii kana keessa ilmi dhiiraa hin jiru jechuu keenya miti. Kaayyoo kaanee fi abjuu duraan ilaalle sanaaf hiikadha jedhamee seenaa lafa ka’amee malee. Kanuma irra ka’uun Haannan matii isheen haala gaariidhaan sodaa Waaqayyoo keessa isheetti horachaa guddattee. Yeroo umuriin ishee ga’etti abba manaa sanyii mootii keessaa nama Waaqayyoon sodaatu tokko waliin bultii horatte maqaan isaas Iyyaaqeem jedhama ture.

Dhaloota Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Kanuma irraa ka’uun sanyiin eebbifamoo keessa darbanii kan dhufan Qulqullicha Hiyyaaqeemitti heerumte. Qulqullichi Iyyaaqeemi fi Qulqulleettii Haannaan jaalala gaariidhaan osoo jiraachaa jiranii. Wanti gaddisiisaan tokko isaan qunname innis dhala hin qaban ture.  Kanumaayyuu yeroo hunda gara mana qulqullummaa deemanii aarsaa isaanii ni dhiheessu, Waaqayyos akka fedha, hawwii isaanii guutuuf ni kadhatu ture.

Guyyaa tokko gara mana Qulqullummaa deemanii aarsaa dhiheessuuf yommuu jedhan Lubni yeroo sana ture Roobeel kan jedhamu «Aarsaa warra dhala hin qabnee hin fuudhiin! jedha, isin Waaqayyoon baayyadhaa lafas guutaa jecha jedhe hambistaniituutii osoo isin jaalata ta’ee dhala isinif hin kennu turee? wanta isin jibbeefi malee, aarsaa keessan isinirraa hin fuudhu!» jedheen.

Yeroo kana keessi isaanii gaddaan guutamee gara mana isaanitti deebi’an. Gadda kanaan guutamanii guyyaa tokko gaaddisa mukaa jala ta’aanii Makoodiiwwan yeroo ijoollee isaanii waliin taphatan argan, yeroo kana Qulqulleettiin Haannaa «Mukkeen daraaranii firii buusu, Simbirroonnis amaluma isaanitiin akka wal horan kan taasistu yaa Waaqayyoo kan koo umamni dhakaarraayii kan na uumte?» jettee baay’ee gaddite.

Egaa kana booddee Haannaan immimmaan guddaadhaan gara Waaqayyootti boosse. Akkuma Qulqullichi Daawwit «Yeroon dhiphadhetti Waaqayyoon waammadhe, gara isaattis nan iyye, innis Mana Qulqullummaa isaa keessaa jecha koo dhagahe, iyyi koos gara gurra isaa deeme» Faarsaa 17/18:6 jedhee dubbate. Qulqulleettii Haannaa fi Qulqullichi Iyyaaqeem gara mana isaanii galan. Mana isaanii gahanii «Ilma dhiiraa yoo nuuf kennite qotee, qofforee, bu’ee ba’ee nu haa gargaaru hin jennu tajaajilaa mana Waaqayyoo ta’a, akkasuma dubaras yoo arganne,bishan waraabdee, qoraan cabsitee nu haa gargaartu hin jennu, akka isheen mana Waaqayyoof masoobii warqee, maggaarajaa ykn golgaa qopheessitee haa jiraattu» jedhanii wareegan, kanuma irraa ka’uun abjuu abjootanii bulan.

Dhalachuu Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Hagayya torba (7) Qulqulleettiin Haannaa haadha Keenya Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam garaatti baatte. Yeroo kanatti Dubroon Maariyaam garaa haadha ishee keessa osoo jirtuu Raajii baay’ee hojjetteerti, akkuma raajonni akka Elsaa lafee isaaniitiin du’aa kaasan, bara abbootii Duuka Bu’ootaatti ammo Qulqulluun Pheexiroos gaaddisa isaanitiin dhibamtoota fayyisaa akka turan 2 Mot. 13:21, HDB 5:15. Haati keenya Qulqulleettiin Durboo Maariyaamiinis yeroo dhuma gadaamessa Haadha ishee keessa jirtu Adaadaan ishee Baarseebaa jedhamtu tokko ija tokko qabdi ture guyyaa tokko Qulqulleettii Haannaa bira teessee Waaqayyoon si yaadateera, Harmikee gurracha’e jettee garaa Qulqulleettii Haanna harka isheetiin erga tuqxee booddee ija ishee ittiin sukkummattee ijji ishee banameef.

Akkasumas Saaminaas namni jedhamu tokko ilmi eessuma ishee yeroo boqotee Haannaa baay’ee waan isa jaalattuuf luka siree reeffi isaa irra jiru sana qabattee boo’aa jirtutti gaadisni Qulqulleetti Haannaa irra bu’e ture yeruma kana reeffi suni ka’eera. Kanuma irraa ka’uun warri Yihuudotaa kana dura sanyii isaanirraa kan tahan kan akka Daawwit, Solomoon waggaa Afurtama, Afurtama nu bulchaniiru, kan ishee kana irraa dhalate ammo akkam nu haa godhu? jechuun diinummaadhaan irratti ka’an.

Akkuma «namoota Waaqayyoon sodaatan duukaa Ergamoonni Waaqayyoo ni buufatu, ni fayyisus» Faar. 33:7 jedhame Waaqayyoon ergamaa isaa akka qulqullota kana biyyicha kessaa baasu ergeef. Ergamaan ajajames Qulqulleettii Hannaa fi Qulqullicha Iyyaaqeemiin fuudhee gara Tulluu Libaanoositti deeme, akkuma Mootichi Solomon raajiidhaan «Miissirroon Libaanoosii ni baati» jedhee dubbate. Weedduu Weedduu caalu 4:8.

Tulluudhuma kana irratti Qulqulqeettii Haannaan Qulqulleettii Haadha keenya Durboo Maariyaamii caamsaa tokko deesse. Qulqullichi Iyyaaqeemii fi Qulqulleettiin Haannaa gammachuudhaan guutamanii tolummaa Waaqayyoo aja’ibsiifachaa guyyaa torba achi turan, maqaa ishees «Maariyaam» jedhanii moggaasaniif, kunis «kennaa Waaqayyoo» jechuudha. Guyyaa torba booddee gara mana isaaniitti deebi’anii galan, isaanis jireenya isaanii keessatti Waaqayyoon galateeffachaa erga yeroo daa’imummaa ishee xummurtetti Abbaa fi Haadha ishee waamtee taphachuu qabde,  booda wareega nyaachuu ta’a wanta ta’eef osoo garranishee fira hin bariin afaan ishees midhaan hin bariin fuunee mana Waaqayyoof haa kenninu jedhanii fuudhanii gara mana Waaqayyoo geessanii Mana Qulqullummaatti galchan umurii ishee waggaa saditti kunis Mudde 3 yaadatama.

2. Caamsaa 21-25 (Dabra Mixmaaq)

Gibtsitti kan argamtu maqaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin kan ijaaramte Gullilaatii Mana Kiristaanaa Dabra Mixmaaq irratti Dubroon Maariyaam Caamsaa 21-25 tti walitti fufiinsaan ibsamuu ykn muldhachuu isheetiin, Sabni Kiristaanaa Ayyaana yaaadannoo ishee ni kabaju.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin gara dachee Gibtsiifi Itoophiyaatti yeroo godaantee turtetti iddoo yeroo ammaa kana «Dabra Mixmaaq» jedhamutti boqotanii ture. Gooftaa keenyas bakkicha eebbisee iddoo isheen itti ibsamtu ykn muldhattu akka ta’uuf Waadaa galeefii waan tureef, yeroon isaa yeroo gahetti Dabra Mixmaaq Gaddamamee (Kawaala ta’ee) iddoo buufannaa Monoksoota hedduu ta’e. Dabra Mixmaaqittis haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam ifa uffattee, raayyaan Ergamootaa isheetti marsayetoo yeroo sanattis Suraafeel Ultuu ykn Maa’ixantii isaanii qabatanii sagadaniif, akkas jechaas ishee galateeffatan «Abbaan Samii irraa ilaalee kan akka kee hin arganne, sirraas nama ta’e» (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21)

Wareegamtoonnis akka aangoo  kabaja isaaniitti haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif sagaduuf icciitawaa kan ta’aan fardeen isaaniin irra ta’aanii gara isheetti dhiyaatan. Jalqaba irrttis hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgiis hunda dursee ni sagadeef, boodarras warreen kaan bifa walfakkaataan sagadaniif. Kana boodas Qulqulluun Marqooriyoos farda isaa irra taa’ee gara isheetti dhufuun ni sagadeef. Qulqulloonnis kabaja isheef itti dhiyaatanii ni sagadaniif, itti aansuunis Mootiin Heeroods kan isaan ajjeesise Daa’imman Beeteliheem ni sagadaniif, jaalalaa fi gammachuudhaanis ni taphatan. Namoonni naannoo sana turan Kiristaanonnis, warreen hin amannes kana yeroo arganitti gammachuudhaan Addunyaa biraa keessa waan jiran itti fakkaata ture. (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21)

Namoota Dabra Mixmaaqitti walitti qabaman keessaa Abbaa fi haati isaanii, firoonni isaanii, akkasumas hiriyoonni isaanii namoonni jalaa du’an Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam akka itti agarsiistu namoonni yeroo ishee kadhatan akka bifa isaanii duriitti itti agarsiisti ture. Namoonni tokko tokko ammoo huccuu citaa isaanii (Mahaarrabii) isaanii ol itti darbatu ture, isheenis kan jaallatte yoo ta’e harka isheetiin qabdee deebistee kennitiif ture.  Yeroo kanas namoonni hundi eebbaaf addaan hiratu ture. Isaanis yerootti gara Mana isaaniitti deemuu barbaadanitti  nagaa itti dhaammatanii fi eebbifamanii deemu ture.

Namoonni Dabra Mixmaaq fi naannawaa ishee guyyaa itti Dubroo Maariyaam arganitti warreen hin amanne kan itti amanan, kan balleessan araarsummaa isheetiin araaraa fi dhiifama kan itti argatan, kanneen amananis guyyaa itti eebbifaman ture. Uummannis ishee kadhatanii wanti dhaban hin jiru ture. Raajonni, Duuka bu’oonni, Qulqulloonni, Wareegamtoonni, Durboonni, Monoksoonni, Ergamoonni, Hangafoonni Ergamootaa Dubroo Maariyaamiif yeroo sagadanis ni muldhatu ture.

Raajichi Waaqayyoo Daawwit «Sooressonni biyya lafaa, Ahizaabonni hundis fuuldura keetti ni deddeebi’u» Faar. 44/45:12. jedhee Raajii kan dubbateef, Qulqulleettiin Qulqullootaa Dubroo Maariyaam ibsamteefii, itti muldhattee, arguuf hawwaniiru. Kadhannaan isaaniis dhaga’aameefii, haati Waaqayyoo ibsamteefii ykn itti muldhattee bifa ishee ajaa’ibaa arganiiru. Kanneen keessas Dabra Mixmaaq namoonni turan, kanneen biroos Qulqulloonni hedduu keessatti argamu.

Ilmi ishee Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos dursee bara Sigaawweetti Dabra Mixmaaqitti akka ibsamtu bu’uura waadaa inni galeefiitiis Itoophiyaa irraa, Gibtsii irraa, Armaniyaa irraa, Sooriyaa irraa, Room irraa, Tsirii irraa ykn Griikii irraa, Faars irraa dachee ykn iddoo Dabra Mixmaaqitti dunkaana dhaabanii ykn dunkaana buufatanii Caamsaa 21 jalqabee hanga Caamsaa 25 tti gammachuu guddaadhaan ayyaana Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajuu ni jalqabu.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam osoo adda hin kutiin Caamsaa 21-25 tti Ergamootaa waliin, Hangafoota Ergamootaa waliin,  Raajota waliin, Duuka Bu’oota waliin, Qulqulloota waliin Wareegamtoota waliin, Durbootaa fi Monoksoota waliin ta’uun isaanitti muldhatti ture. Kan amanes, kan hin amannes ishee arga ture. Kiristaanonni amanan amantaan isaanii yeroo cimuuf, kanneen hin amanne ammoo ilma ishee Iyyesuus Kiristoositti amanuun kennaa ilmaa fi maqaa Kiristaanummaa ni argatu ture.

Gullilaatii sana irrattis yeroo ibsamtu ykn muldhattu, yaadaan, lubbuun, fooniin Qulqulleettii kan taate haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam miidhaginni fuula ishee fi ifti bareedina ishee garmalee ajaa’ibaa waan tureef Luboonnis uummannis akkuma Elsaabeet «Haadha Gooftaa keenyaa nuuf ibsamuu ykn muldhachuu keetiif nuti akkam carra qabeessotaa» jechuun ni iyyu ture. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis isaan eebbisti ture.

Jaalalli haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam sirriitti kan baay’ateef Abbaan Tsiggee Dingilis Dabra Mixmaaqitti kabaja guddaan ibsamtee Kiristaanota tti kan muldhatte haati Waaqayyoo isaafis akka ibsamtuuf Kitaaba isaa Mahileeta Tsiggee irratti «Bifa fuula keetii ilaaluuf kan namni du’e amma ka’uutti guyyoota Shaniif Dabra Mixmaaqitti ibsamtee ykn muldhattee yeroo turtetti Yaa Maariyaam! hangam nama gammachiista ture! guyyaadhaan kan si arge mitiitii halkaniyyuu abjuu isaatiin kan si arge kan eebbifamedha.» jechuun kadhateera.

Namni amanamaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Abbaan Tsiggee Dingil temesxoo dhaan ta’uun garmalee ajaa’iba kan taate Si’ilii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam  erga ilaaleen booda jechoota galataa kana isheef dhiyeessa «Maariyaam Si’iliin kee Addunyaatti kan akkasitti ibsitu yoo ta’e, Samii irratti fuulli kee hangam haa ifu hangam haa bareedu? si arguu irraa gammachuu argamu akkan quufuuf abjuudhaan naaf ibsami! » jedheera.

Hayyuu ykn beekaan Mana Kiristaanaa Itoophiyaa Abbaan Giyoorgiis inni Gaasiccaas Dabra Mixmaaqitti ibsamuu ykn muldhachuu haadha keenya join Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kana Kitaaba Galataa Inziiraa isaa irratti «Yaa Mootittii! Mootonni siif ni tajaajilu, mootonni si’i ni galateffatu, si’is ni jaju, maqaa keetiifis gadi jedhu, kennaa keetiifis sagada ni sagadu, kabaja keetiifis galata ni dhiyeessu. Xiiroos fi Siidoonaa, namoonni Gibtsii fi Itoophiyaa, Fiinqee fi Roomiyaa, Maaroon fi Armaaniyaa miidhagina bifa keetiin itti tola. Naatoo keetiinis ni gammadu» jechuun ibseera.

Lapheen isaanii guutummaatti waan gaariin kan guutame, iccitiin sirriitti kan ifeef, jechaanis galatoodhaanis kan isheennm gitu kan hin arganneef, ogummaadhaan kan guutaman beektonni Mana Kiristaanaa kanneen yeroo durii turan waa’ee haadha Waaqayyoo baldhinaan barreessaniiru.

Hangafni Phaaphaasotaa Qoophiroos Qulqulluun Ephifaaniyoosis «Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam karaa hundaanuu kan kabajamtee fi cimtuu turte, kan dubbattus baay’ee xiqqoo kan ta’eefii  innis raawwachuudhaaf barbaachisaa yeroo itti ta’uttidha. Garmalee qophooftuu taatee kan dhageesssuu fi salphaatti haasaa taasisuu kan dandeessudha. Namoota tokkoon tokkoon isaaniitiif kabaja ykn nageenya ni kenniti. Hojjaan ishee giddu galeessadha, namoonni tokko tokko garuu hojjasn ishee dheeraa akka ta’e ni dubbatu, nama tokkoon tokkoon waliin sodaa malee ifatti kolfaa fi iyya tokko malee ni dubbatti. Keessattuu gonkumayyuu aariidhaaf nama hin affeertu ture.

Bifti ishees akka Oomisha Qamadii gahee kan bareede, rifeensi ishee gara diimaatti kan siqu, iji ishee ifoo fi gara laafessoota kan ta’aan bifti iisaaniis gara ‘Bunnaammaa’ tti kan siqu, baalleewwan ija ishees  Magariisa – Zayitaa fakkaata, nyaarri ija isheetiis gartokkeen nannawaa fi haalluu Gurracha ifaa qabu. Funyaan ishees dheeraa yoo ta’u, hidhiiwwan ishee Diimaa fi guutuu ture. Fuulli ishees geengon isa boca Hanqaaquu kan qabu yoo ta’u, harki ishee dheeraa fi qubni ishee baay’ee dhedheeroo turan.

Oftuulummaa kamirraayyuu bilisa kan taate yoo ta’u, maal na dhibdeen ishee bira gonkumaa hin jiru ture. Wantoota dhufanis gonka gadi of qabuun simatti turte. Uffata haalluu uumamaa qaban uffatti ture.Kunis sirriitti ishee waliin kan deemuu fi mataa ishee irratti uffanni Qulqulluu kaawwattu dhugaa kana ibsuu kan danda’udha. Daandii hunda irrattis kennaa Waaqayyoon kan guutamte turte.» jechuun waa’ee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ibseera.

Kitaaba Malka’a Maariyaam kan barresse haadha Waaqayyoo kan taate Dubroo Maariyaam fuula ishee arguuf hawwee «Aduu guyyaa hunda ifu faaya isaa kan taasifate bifa keetiif nageenyi ni ta’a. Jaalala kan filattuuf (jaalala kan jalqaba taasifattuuf) ati Maariyaam kan biraatiif kan hin himne akkan sitti himuuf altokko fuula kee naaf ibsi» jechuun kadhateera.

Channel WhatsApp Ortodoksii Tawaahidoo Afaan Oromoo join taasisaa!

Kadhannaa fi eebbi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nu waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Dhaloota Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi Dabra Mixmaaq first appeared on Qubee Online +.