Qo'annaa Kitaaba Qulqulluu | Qubee Online +

Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 1ffaa
Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu

Seensa :- Koorsii Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo «Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu» jedhu kana har’a irraa jalqabee kan isiniif dhiyeessinu yoo ta’u, isinis dubbisaa hiriyoota keessan Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo ta’aaniif qoodaa!

Kutaa 1ffaa

Kitaaba Qulqulluu Jechuun Maal Jechuudha?

Jechi Kitaaba Qulqulluu jedhu jechoota «Kitaaba» jedhuufi «Qulqulluu» jedhu irraa jecha argame yoo ta’u jechi «Kitaaba» jedhu barreeffama bakka tokkotti hidhamee (walitti qabamee) argamu yommu ibsu; jechi «Qulqulluu» jedhu hiika kan filatame kan adda bahe kan kabajame jedhu kenna. Kanaafuu Kitaaba Qulqulluu jechuun barreeffama bakka tokkotti hidhamee (walitti qabamee) argamu barreeffama kabajame jechuudha.

Kitaabni Qulqulluu maalif Qulqulluu jedhame?

A. Argamsiisaan Kitaaba kanaa Waaqayyo Gooftaan Qulqulluu waan ta’eef.

Kan Waaqayyoo kan ta’e hundi Qulqulluu dha waan ta’eef. Kitaaba Qulqulluu irratti akkas kan jedhu barreeffamee jira;

«Ani Waaqayyo Uumaan keessan Qulqulludhaatii Isinis Qulqulloota ta’aa!» Seera Leewotaa 19:2.

Namoonni Waaqayyoof adda yommuu ba’aan, jechuunis Waaqayyo hojii adda ta’eef yommuu isaan filatu Qulqulluu jedhamu. Waaqayyo Hangafa Raajotaa Museedhaan «Kana hunda obboleessa kee Aaroniin, isa wajjinis ijoollee isaa ni uffifta luboota ta’anii akka tajaajilan isaan dibda isaan qulqulleessitas» kan jedhe. Ba’uu 28-40-41. «Kan isin waame Qulqulluu akka ta’e isin ammoo jireenya keessan hundaan Qulqulloota ta’aa!» 1 Pheex. 1-15-16.

B. Namoonni Qulqulluun Afuura Waaqayyoon durfamanii kan barreessan waan ta’eef.

«Raajii Kitaaba keessa jiru hunda eenyuyyuu ofiisaaf (akka fedhii mataa isaatti) hiikuuf hin eeyyamamneef, raajiin eeyyama namootaan hin dhufneetii; haa ta’uutii Waaqayyoon ergamanii namoonni Qulqulluun Afuura Qulqulluun durfamanii dubbatan!» 2 Pheex. 1:20 -21.

C. Namoota gara Qulqullinaatti kan geessisu waan ta’eef Qulqulluu jedhameera.

Kitaabolii kabajaman amananii fudhachuun sagalee Waaqayyoo dhaga’udha. Gara dhugoominaa gahuuf duraan dursee amanuun barbaachisaadha. «Amantiin dhaga’uunidha; dhaga’uunis sagalee Waaqayyonidha» akka jedhame. Room. 10:17. Sagalee Waaqayyoo kan dhaga’an hundi gara Qulqullinaa ga’uun isaanii hin shakkamu. Kanaafidha Qulqulluun Yohaannis «Sagalee raajii kitaaba kanaa kan eegu eebbifamaadha!» Mul. 2:7 jechuun Waaqayyo Gooftaan kan isaaf ibse.

D. Namoota dubbisanii fi dhaga’an waan eebbisuuf.

Kitaabolii isaan kaan dubbisuun gorsii fi beekumsi ni argama. Kitaaba Qulqulluu dubbisuunii fi sagalee isaa dhaga’uun garuu eebba ni arganna. Mul. 1:3.

E. Ijoolleen namaa osoo hin uumamiin dura haala jiru mirkaneessee waan dubbatuuf.

Kitaabolii Qulqulluu keessatti duraan dursanii kan raawwatan hunda yommuu ibsu tilmaamaan yookaan ni ta’aa laata jedhamee osoo hin taane haala mirkaneeffameen dubbata.

Fakkeenyaaf:- «Waaqayyo duraan dursee samiifi lafa uume» Uma 1:1.

Egaan caqasa armaan olitti ilaalle irraa kan hubannu «Waaqayyo samiifi lafa osoo hin uumiin hin hafne yookaan uumeet ta’a» osoo hin taane «Uume» jechuu isaa hubachuun barbaachisaadha.

Kunis adda isa taasisa.

F. Gara fuulduraatti kan raawwatamu mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef.

Kitaabni Qulqulluu kan darbe akka mirkaneessu hunda kan dhufus shakkii tokko malee mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef addadha. Kitaaboliin kanneen biroo dhimma gara fuulduraa dhufu tilmaama isaanii qo’annaafı qorannaan yookaan tilmaamaan «Akkas ta’uu danda’a» yoo jedhan malee «Akkas ta’a» jechuun mirkaneessanii hin dubbatan.

Fakkeenyaaf :- Raajiin Isaayyaas «Kunoo durbi garaatti ni baatti mucaa ilmaas ni deessi; maqaa iaas Amaanu’eel jettee ni waamti.» jedhe malee «Garaatti ni baatti ta’a; ni deessi ta’a; Amaanu’eel jedhamuu danda’a» hin jenne. Isaa. 7:14. Raajiin Isaayyaas waa’ee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos raajiin dubbate kan raawwate inni dubbatee waggaa dhibba torba (700) booda yoo ta’u, jecha raajii isaa irraa homtuu osoo hin raawwatiin kan hafe hin jiru.

Akkasumas Qulqulluun Daawwit waa’ee dhufaatii lammaffaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos mirkaneessuun «Kabaja miidhagina isaa Tsiyoon irraa Waaqayyo ifa ta’ee ni dhufa.» jedhe malee «Ni dhufa ta’a» yookaan «Dhufuu hin dhiisu» hin jenne. Faar. 49:2

G. Barri kan isa hin jijjiirre waan ta’eef

Kitaabni Qulqulluu kan hin dulloomne; baay’inni waggootaa kan isa hin daangessine kan bara baraati. Caqafama Kitaaba Qulqulluu kan armaan gadii hubannee haa ilaallu.

«Sagaleen Waaqayyoo garuu bara baraaf jabaattee ni jiraatti» Isaa. 40:8.

«Samii fi lafti ni darbu sagaleen koo garuu hin darbu» Maat. 24:25.

«Sagaleen Gooftaa bara baraaf ni jiraata» 1 Pheex. 1:25.

H. Kabaja Qulqullootaa kan dubbatu waan ta’eef Qulqulluu jedhameera.

Waa’ee haadha Waaqayyoo Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, waa’ee Ergamoota Qulqulluu, waa’ee Qulqullootaa, waa’ee Dhugoomtotaa, waa’ee Wareegamtootaa waan dubbatuuf Qulqulluu jedhameera. Faar. 4:3

Read Also :- Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Itti fufa!

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Madda :- Kitaaba «Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu»

The post Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.

Ergaa Phaawuloos gara warra Ibrootaa Hiikoo fi Qo’annaa
Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Ibrootaa erge

Mata duree kana keessatti Hiikoo fi Qo’annaa ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Ibrootaa erge waliin ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Ibrootaa erge Boqonnaa 1

Seensa :- kana dura waa’ee ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Ibrootaa erge seensa irratti wantoota tokko tokko kan ilaalle yoo ta’u, har’a ammoo boqonnaa 1 ni ilaalla. Kutaalee darban link kana tuquun dubbisaa! Seensa /2/

Qo’annaa Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Ibrootaa erge

Qabxiiwwan gurguddoo Boqonnaa 1 kana keessa jiran;

Waaqayyo karaawwan hedduu fi daandiiwwan hedduutiin Abbootii keenya Raajotaan nutti dubbate

Dhuma bara kanaa irrattis mucaa isaatiin nutti dubbate.

Hunda dhaalaa kan taasiseen

Addunyaawwan kan uume ilma isaatiin

Mul’achuu kabaja isaa fi fakkeenya amala isaa ta’ee

Hundumayyuu jecha aangoo isaatiin deeggaree

Cubbuu keenya ofii isaatii erga qulqulleesse booda

Samii irratti kabajaan mirgaan ni taa’e.

Seensa Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Ibrootaa

Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa Phaawuloos gara warra Ibrootaa kan jalqabe Waaqayyo abbootii keenya waliin dubbii taasise ibsuudhaani. Isaanis Qulqulloota Kakuu Moofaati. Jalqaba irratti Raajotaan kan isaaniitti dubbate eenyummaa Saboota sanaa erga dubbate booda wal simiinsa ajaa’ibaa Kakuuwwan lamaanii yeroo agarsiisu bara Kakuu Moofaatti namoota turaniin kan nutti dubbate Kakuu Haaraatti nu waliin ilma isaatiin kan nutti dubbate Waaqni tokko ta’uu dubbate.

Bara Kakuu Moofaatti namoota turan waliin waa’ee dhugaa Waaqummaa (Melekootaawwii) dubbate. Amma garuu fedhii laphee isaa hunda ilma isaatiin nuuf ibse. Kanas dubbachuu isaatiin Raajota kan xureesse, kabaja Kakuu Moofaa kan xiqqeesse miti. Ta’us garuu Kabaja Kakuu Moofaa irra Kabajni Kakuu Haaraa akka caalu ni agarsiise malee, sababni isaas Kakuu isa jalqabaa hordofee kan dhufe waan ta’eef.

Raajiin ykn Raagni Kakuu Moofaa xumura isaa kan argate Kakuu Haaraatti. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee akkuma dubbate;- Raajota gara Abbootii keenyaatti erguun isaa akkam wanta guddaadha? garuu dhumni barichaa yeroo gahetti Waaqayyo ilma isaa tokko gara Addunyaatti erge.

Karaa tajaajiltoota isaatiin osoo hin taane Waaqayyo ofii isaa fedhii isaatiin nutti dubbachuuf eeyyame. Kun wanta gammachiisaa guddaa dha. Barsiisaan namoota bara Kakuu Moofaa Raajicha Musee ture, Barsiisaan keenya garuu Waaqa Museeti. Kabaja kanaaf kan isaaf ta’uu Ogummaa Samii irraa haa dubbannu, wanta lafa irratti hafu hawwuu haa dhiisnu.

Duuka Bu’ichi maalif Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Raajota waliin wal bira qabuun jalqabe?

Mootummaa Ayihuuditti dursaan isaanii jalqabaa Raajicha Musee ture. Obboleessi isaa Aroon hojii Hangafa Lubummaa hojjeta ture. Dhugaan Waaqummaa isaa karaa Museetiin uummata Israa’eeliif ibsa ture. Keessattuu karaa Seera isaatiin Aroon karaa Aarsaatiin hojii araarsummaa ni hojjeta ture.

Hojii Uummata dursuu fi Sirnoota iccitiiwwan Afuurawaa kan ittiin raawwataman waliin ta’uun ni gaggeessu ture. Kanaafuu namni tokko Amanaa dhugaa fi miseensa hawaasa Ayihuud ta’ee dhugaa Abbootii irraa isatti himame fudhatee, jireenya Waaqessummaa ni dursa ture.

Kunis Seera qofaan kan raawwatamu hin turre. Raajii Raajotaa fi Waaqayyo fi amanaa sana kan walitti fidu aarsaa dhiyaatuunis dabalateetu malee. Raajii fi Lubummaa gidduutti tajaajilli ture jechuunis abboommiiwwaniifi Waaqessummaa gidduutti nageenya dheera fiduun hin danda’aamneef. Luboonni Ayihuudis ergama isaanii irraa maqanii raawwannaa sirna alaatiif malee, Afuurawaa kan ta’e tajaajila Laphee irraa maddeef kan hin dhamaane turan.

Sababa kanaanis wanti dhugaa ta’e dhabamee ture. Kanarraa kan ka’es Raajota dhugaa fi Luboota kabaja ykn bartee isaaniif of eeggatan gidduutti wal dhabdeetu ture. Haalli kun bara Raajicha Ermiyaas fi bara Raajicha Hizqi’eelitti kan barame ture. Garuu tajaajila dursee ture guutuu fi gonka taasisuu kan danda’aan tajaajila Fannoo irratti aarsaa adda ta’edha.

Yeroo wal fakkaataatti dhuyeessaan Aarsichaa, kan fudhatuufi aarsaa ta’ee Cubbuu keenya kan dhiisu Samii irratti kan darbe Hangafa Lubootaa argamsiiseera waan ta’eef. Kabajaanis Samii irratti Abbaa isaa mirgaan taa’e.

Duuka bu’ichi ergaa isaa gara Ibrootaatti erge kanaan garaagarummaa Lubummaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos fi Lubummaa Leewwii gidduu jiru ibsuuf Aarsaa sanaa fi garaagarummaa fi tokkummaa Kakuuwwan lamaan gidduu jiru ni hubachiise.

Raajonni sagalee Waaqummaa (Melekootaawwii) sana Abbootii keenyatti himan, Waaqayyo gara uummataatti kan ittiin gahu, jecha isaa kan ittiin dabarfatu mindaawwan isaa turan. Dursee adaraan Waaqayyo guddaan ni kennameef. (Room. 3:2). Gooftaan keenya Musee fi raajonni raajii kan dubbataniif isa ta’uu ragaa bahe. Dursee Raajotaan sagaleen isaa (isa ture) dhugumaanis qaamaan gara Addunyaatti dhufe.

Kanaafuu akkas jedhe «Hunduu Abbaa koo irraa naaf kennameera, Abbaadhaan ala Ilma kan beeku hin jiru, Ilmaan alattis, Ilmis ibsuuf yoo eeyyameef ala Abbaa kan beeku hin jiru» Maat. 11:27

Waaqayyo nutti dubbate

Kakuu Moofaatti Waaqayyo Abbootii keenya Raajotaan ni dubbate, amma garuu nuuf ilma isaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin nutti dubbate. Kana jechuun maal jechuudha? Waaqayyo nutti irra deddeebiin dubbateera jechuudha. Gara keenyatti karaawwan garaa garaatiin dhiyaatee jaalala nuuf qabu nuuf ibse.

Inni wanta hubachuus beekuus dandeenyuu hundaa olidha. Garuu nurraa kan fagaate miti. Nu waliin tokkummaa akka qabaatuuf ni eeyyame, Mootummaa isaa bara baraas akka dhaalluuf jaallateera waan ta’eef.

Dubbii inni nu waliin taasises jireenyaan kan ibsamu kabaja ijoollummaa akka qabaannu kan dandessisu jecha ykn sagalee jireenyaati malee kan biraa miti. Waaqayyo gooftaan haala kana dacheedhaaf bokkaa firii kennuun fakkeesseera. «Naannoo ol ka’a kiyyaatti iddoowwan jiran eebbaaf nan taasisaan, bokkaa isaas yeroo isaatti nan buusa bokkaa eebbaas ni ta’a» Hizq. 34:26.

Duuka bu’ichi ergaa isaa gara Ibrootaa xumura irratti ergaa kan dabarse ykn kan dhaame iccitii itti aanee jiru kanadha. «Sagaleen Waaqayyoo jiraataadha waan ta’eef, Sayifii qara afaan lamaa qabu caalaas kan qaramedha. Lubbuu fi Afuuras, hiddaa fi lafees hanga gargar baasuutti ni waraana.

Miiraa fi yaada laphees ni qorata, nu kan to’atan ija isaa fuulduratti wanti hundi duwwaa fi ifa kan ta’edha malee, isa fuulduratti uumamni dhokate hin jiru. » Ibr. 4:12-13. Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos akkas jedhe. Jechoonni ykn sagaleewwan ani isinitti dubbadhu jireenyaa kan kennanidha.

Waaqayyo karaalee garaagaraa nutti dubbate

Barri erga lakka’aamee sirni uumamaa erga uumamanii ilmi namaa bifa Waaqayyootiin erga uumamee kaasee nama kan jaallatu Waaqayyo nu waliin dudubbateera. Qulqulluun Awugisxiinoos akkas jedha «Jannata Edenitti Addaam waliin kan dubbate Waaqayyo mitii?» Uma. 3:17. Qaayan, Nooh, Abrahaam, Yisihaaq, Yaa’iqoob fi Raajota hunda waliin, Raajicha Musee waliinis kan du-dubbate isadha. Kan nutti dubbate yeroo tokko qofa osoo hin taane yeroo hedduudha.

Yeroo durii irraa kaasee bifa garaagaraatiin, daandiiwwan garaagaraatti nutti dubbateera. Sagalee isaa dhaga’uuf, adda ta’uuf isa fudhachuuf isa waliin walitti dhufeenyi qabnu itti fufaa akka ta’uuf taasisuun nurraa eegama. Waaqayyo gooftaan akkas jedha «Raajotattis dubbadheera, mul’atas baay’iseera, harka Raajotaattis fakkeenyota baaseera» Hoose’i. 12:10.

Faaruu keessattis jechi akkas jedhu barreeffameera «Waaqni Waaqotaa Waaqayyo ni dubbate » Faaruu. 50:1. Qulqulluun Awugisxiinoosis akkas jedha «Waaqayyo karaa garaa garaa dubbateera. Ofii isaa waliin, Ergamoota isaa waliin, Raajota isaa waliin, Amantootaafi laphee isaanii waliin, namoota isa waliin qajeeloo ta’aan waliin karaa garaa garaa daandii garaagaraatiin fayyadamee nutti dubbateera. Kanaafuu yeroo hundumaatti kan nutti dubbate dhuma barichaatti ilma isaatiin kan nutti dubbate Waaquma tokko sanadha».

Raajotaa fi Gooftaa keenya gidduutti

Waaqni Abboota keenyaa Waaqayyo gooftaan Abbootii keenya waliin karaa Raajota isaatiin wanti inni nutti dubbate, dhuma barichaatti ilma isaatiin wanta nutti dubbate waliin gargaridha. Garaa garummaa isaa ilaaluu keenyaan dursee Duuka bu’ichi maalif «Dhuma barichaatti» ykn «በዘመኑ መጨረሻ» jecha jedhu fayyadame kan jedhu haa ilaallu;

Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee akkas jedha «Dhuma barichaatti jecha jedhu fayyadamuun gara fuulduratti kabaja ibsamuuf jiru agarsiise», iddoo biraattis akkas jedhamee jira «Gooftaan dhiyoodha» Filp. 4:5. «Yeroo itti amannee caalaatti, fayyinni keenya gara keenyatti dhiyaateera waan ta’eef» Room. 13:11.

Dhuma barichaatti kabaja ibsamu qaamni ilaalu dhadhabbiin Addunyaa kana irratti dhadhabe gatii akka argatuufi dhadhabbii isaa kana hordofee boqonnaan bara baraa akka dhufu ni hubata. Qulqulluun Yohaannis irra deebiidhaanis akkas jedha «Bara dhumaatti guyyaan firdii dhiyaachuu isaa dhaga’aa. Kennaan Waaqayyoo lakka’aamuu hin dandeenye Qulqullummaan yeroo itti ibsamu ni dhufa».

Waaqayyo Abbaan Raajonni sagalee isaatiif kan amanaman ta’aanii yeroo isaan argu meeshaa sagalee isaa itti dabarfatu taasisee isaan kaase. Dhuma barichaatti ilma isaatiin kan nutti dubbate garuu meeshaa alaatiin sagalee isaa kan nutti dabarse osoo hin taane, ilmi matumti isaa sagalee ykn jecha Abbaati.

Sagalee Abbaatiin uumamni kan muldhatus, kan hon muldhannes hunduu uumameera waan ta’eef. Akka Raajotaatti qaama keessummaa ta’e osoo hin taane, amalummaa isaatiin kan isaan wal qixxaatu ilma isaati. Abbaa isaa waliin tokkodha. Foon keenya mindaa taasifateera.

Diinummaa balleesseera (Sababa cubbuutiin namaa fi Waaqayyo gidduutti diinummaatu ture waan ta’eef). Ifa ka’umsa isaatiin Cubbuu irraa bilisa taaneerra, Waaqayyo ilma Abbaa Abbaa jennee kan ittiin waammannu Afuura ijoollummaa nuuf kenneera. Sagalee Waaqayyoo waliin tokko taaneerra, dhiigni isaa dhiiga keenya, foon isaas foon keenya keessa bulee ni jiraata.

Sagalee Waaqayyoo akka fudhannuuf kan ajajamne ajaja addaatiin miti, Sagalee isaa fudhannee qaama keenya keessatti Waaqayyo akka moo’uuf ni taasisna, qaamni keenyas jiraataa, aarsaa qulqulla’aas taasisnee dhiyeessina malee. Abbaaf maddi gammachuu isaa ilma isaa Amalummaa Waaqayyo ilmadha., Ilmis fedhii isaatiin fedhii Abbaa isaa raawwate.

Fedhiin Abbaa fedhii ilmaa, fedhii Afuura Qulqulluutis. Fedhiin kunis fedhii ajajaa, ajajamaa, raawwataa fi raawwachiisaan keessa jiru miti. Jecha tokkoon, aangoo tokkoon, Waaqa tokkoon fedhii raawwatamtudha. Ajajoonni isaas nama Amantiidhaan fudhatuuf salphaadha malee ulfaataa ykn cimaa miti.

Kennaa Samii irraa ijoollummaa, sammuu gaarii kan nuuf kenne jaalala Gooftaa keenyaan namoota jiraataniif malee «Mootummaan Waaqayyoo isin gidduu jirti» jechi jedhuyyuu dhugaa kana agarsiisa.

Yeroo durii baroota darbanitti Abbootiin keenya Raajonni Waaqayyo waliin yeroo dudubbatan kan simatan gurguddoo kan ta’aan ergamoota Waaqayyooti. Dhuma barichaatti Waaqayyo Abbaan ilma isaatiin yeroo nutti dubbatu kan nuuf kenne ilma isaati. Iccitiin jireenyaa, fayyinni, ka’umsi fi jireenyi hundumtuu argamni isaanii isa irraati. Dhuma barichaatti Waaqayyo kan nuuf kenne ilmi isaa sagaleen ykn jechi eenyudha?

Guduunfaa :- Hiikoon Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Ibrootaa erge Boqonnaan tokko kutaan 1ffaan kana fakkaata ture waan dubbistaniif Galatoomaa! yeroo itti aanutti Ergaa Phaawuloos gara warra Ibrootaa kutaa 2ffaa ni ilaalla.

Barreeffama kana PDF dhaan buufachuuf Channel keenya WhatsApp follow taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Ergaa Phaawuloos gara warra Ibrootaa Hiikoo fi Qo’annaa first appeared on Qubee Online +.

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 2ffaa
Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu

Seensa :- yeroo darbe kutaa 1ffaa Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu keessatti Seera Uumamaa irraa kaasee bifa gaaffii fi deebiitiin qabxiiwwan hedduu ilaalleerra isins duubatti deebi’uun dubbisaa! kutaa 1ffaa erga dubbistan booda gara kutaa kanaatti darbaa!

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 2ffaa

11. Taabota Kakuu Waaqayyoo akka hojjetaniif Waaqayyo Ogummaa kan kenneef gargaartota Musee kan turan namoonni lamaan eenyu fa’i?

Deebii :- Eliyaab fi Baasli’eel dha. Seera Ba’uu. 31:1.

12. Kitaaba Qulqulluu keessatti Lubni inni jalqabaa eenyudha?

Deebii :- Malka Tsedeeqidha.

13. Phaaphaasonni uleen harkatti qabatan fakkeenya maaliiti? Uffanni uffatan hoo fakkeenyummaan isaa maali?

Uleen Phaaphaasotaa fakkeenya Ulee Musee fi fakkeenya Ulee Aroon yoo ta’u, uffanni sunis fakkeenya uffata Eliyaas fi Elsaati.

14. Addaam firii muka Balasii nyaatee, muka jireenyaa Jannata keessa jirtu irraa nyaachuu kan hin dandeenye maalif ture?

Dubbii Maariyaam (Mariology) :- Addaam firii muka Balasii ykn «ዕፀ በለስ» erga nyaate booda Mukti jireenyaa ykn «the tree of life» isaaf ture, Muka jireenyaa ykn «ዕፀ ሕይወት» irraa osoo nyaateera ta’ee badiin isaa badee, haaromeefi gaabbiidhaan Iyyerusaaleem ishee Samii osoo argatee ture. Garuu Muka jireenyaa irraa hin nyaanne, maalifi yoo jedhame Ergamoonni Waaqayyoo Abidda ta’an Kiruubeel Sayifii ibiddaa isaaniitiin Muka jireenyaa ykn «ዕፀ ሕይወት» eegaa waan turaniifidha. Uma. 3:22.

Seenaa isaas yeroo dubbisnu akkas jedha :- Addaam harka isaa diriirsee muka jireenyaa irraa nyaachuu waan hin dandeenyeef, dafqa keetiin hojjedhu argadhu jedhamee Jannataa ari’amee gara iddoo Bineensotaaf uumamee gara dacheetti dhufe

• Abdii Addaamiif kan jedhamte haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Muka jireenyaa Addaamiif deesse, Mukti jireenyaa ykn «ዕፀ ሕይወት» eenyudha yoo jedhame :- Foon koo kan nyaate, Dhiiga koo kan dhuge jireenya bara baraa qaba kan nuun jedhe Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Yoh. 6:54. Tokkos Mukti jireenyaa eenyu yoo jedhame «Ani hundee Wayiniiti» kan jedhe, Biddeen jireenyaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Yoh. 15:5.

• Mukti jireenyaa «ዕፀ ሕይወት» jedhamtu fooliin ishee Funyaan, dhandhamni ishee Arraba irraa osoo hin badiin guyyaa torbaaf kan turtu muka ajaa’ibaa yoo taatu, baalli ishees akka biqiloota kaanii hin cooligu. Mukti jireenyaa kun Kiristoos kan nuuf deesse haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin ni fakkeeffamti.

Mukti jireenyaa kun baalli ishee akka biqiloota kaanii cooliguu dhiisuun isaas fakkeenya Dubrummaa isheeti. Sababa kanaanis Aduu Sooriyaa kan jedhame Qulqulluun Efreem haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin akkas jedhee ishee galateeffate «አንቲ ውእቱ እሙ ለዕፀ ሕይወት ወእሙ

ለብርሃን” [O St Mary you are the mother of the tree

of life & the mother of luminous light» ykn «Ati muka jireenyaatiif haadha akkasumas haadha ifaati»

Tokkos :- Waaqayyo Museedhaaf Masooba Warqii Warqee irraa hojjetame keessatti Mannaa akka kaa’uuf isa ajaje, Mannaan kun waggoota hedduudhaaf Bara Musee irraa kaasee hanga bara Foonummaa ykn Zemene Sigaawweetti osoo hin badiin fi osoo hin xiraa’iin jiraatte, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos gadameessa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessa yeroo buletti garuu Mannaan kun baqxee badde.

Habistii inni dhugaan Habista Mannaa kan ta’e Foon ishee irraa foon lubbuu ishee irraa Lubbuu fudhatee Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalateera waan ta’eef, nutis Wuddaasee Maariyaam irratti Mannaa dhokataa kan of keessaa qabdu Dunkaanni Oriitii si’idha, …… galanni siif haa ta’u jechaa ishee galateeffanna.

15. Waaqayyo Waaqa Waaqotaati yeroo jedhamu maal jechuudha? Waaqolii kan jedhaman hoo eenyu fa’i?

Waaqayyo Museedhaan akkas jedheen :- Si’iin Fari’oon irratti akka Waaqaa si taasiseera. Ba’uu. 7:1. Museen fa’a Waaqolii kennaa ykn «አምላክ ዘበፀጋ /አማልዕክት/» ni jedhamu.

16. Museen Sirni bulchiinsaa garmalee waan itti baay’ateef ni dhadhaba ture, Namni kabajamaan tokkos wantoota ciccimoo qofaa gara keetti haa fidan, kanneen biroo namoonni kaan si haa gargaaran jedhee har’a Addunyaan bifa Ammayyaatiin kan itti fayyadamtu Sirna bulchiinsaa barsiise, Sirna bulchiinsaa kana Musee kan barsiise namni Itoophiyaa eenyu jedhama?

Museen kan fuudhe mucaa ykn intala nama Itoophiyaa kanaati ture, lammiin Itoophiyaa Niitiin Musee kum eenyu jedhamti? mucaan isaan argatan hoo eenyu jedhama?

Deebii :- Raagu’eel ykn Yootoor, haati Musee lammii Itoophiyaa sun Saphiiraa yeroo jedhamtu, Mucaa Geersaam jedhamu deesseerti. Ba’uu. 2:21.

17. Abboommiiwwan kurnanii fi Jechoonni Wangeelaa Jahan Kitaabaa fi Boqonnaa kam irratti argamu?

Deebii :- Abboommiiwwan kurnan Ba’uu 20:1, Seera Keessa Deebii. 5:1 fi Jechoonni Wangeelaa Jahan ammoo Wangeela Maatewoos 5:21-44 irratti argamu.

18. Duuka Bu’oonni Utubaa sadan qofti Tulluu Taaboor irratti yeroo dhufan ykn argaman, Yihudaan «Ani bar Gooftaa kanan gurgure Tulluu Taaboor irratti waanan hin baaneefi» jedhee sababa akka hin dhiyeessineef Yihudaa dabalatee Duuka Bu’oonni kaan Tulluu sana jala turan, Yihudaan gara Tulluu Taabooritti kan hin baane sababa hojii isaa badaatiif ture.

Duuka Bu’oonni Utubaa sadan akkuma ifa Waaqummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos argan Duuka Bu’oonni hafan 8’n hoo ifa Waaqummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos arganiiru jechuu ni dandeenyaa? akkamitti?

Seenaa kana fakkaatu gargaartota Musee kan turan Jaarsolii 70 waliin wal bira qabnee haa ilaallu;

Museen Jaarsolii 70 Dunkaana Oriitiitti walitti qabee Afuurri isa irra ture isaanirra bulee Raajii ni dubbatan, Elidaad fi Mudaad kan jedhaman namoonni lama garuu ganda keessatti hafanii ture, ta’us garuu isaanis Afuurri Musee irra bule isaanirras bulee akkuma warra kaaniitti raajii dubbataniiru.

Akkuma kana Tulluu Taaboor jala kan turan Duuka Bu’oonni 8 nis Ifa Waaqummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akkuma Duuka Bu’oota Utubaa isaan sadaniitti isaaniif ibsameera jechuudha. Lakk. 11:24.

19. Kitaaba Qulqulluu keessatti Magaalonni of jajaa «የመማፀኛ ከተሞች» jaha ni jiru, isaan eenyu fa’i?

Deebii :- Raamaat, Boosar, Qaadees, Keebroon, Seekeen fi Goolaan fa’i.

20. Yooseef yeroon du’u Abbootii koo biratti na awwaalaa jedhee ture, Ekeraa Yooseef Gibtsiidhaa kan baase eenyu dha ykn yeroo kam bahe?

Raajichi Israa’eeloota Gibtsiidhaa dursee ykn dursaa baase eenyu dha?

Deebii :- Raajicha Museedha.

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 2ffaan kana fakkaata ture waan dubbistaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu! Blog kana Subscribe taasisaa!

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 2ffaa first appeared on Qubee Online +.

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge
Ergaa Qulqulluu Phaawuloos Gara warra Roomeetti erge

Mata duree kana keessatti waa’ee Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge waliin ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Seenaa Magaalaa Roomee

Roomeen yeroo durii Roomiya jedhamti turte. Bara 730 DH.K.D Numitoor kan jedhamu Mootiin Roomee Mootii ta’e. Innis ilma aangoo isaa isaaf dhaalu waan hin qabneef namoonni biyya sanaa «Ilmi obboleettii keetii si dhaala» yaada jedhu qabu ture. Boodarras obboleettiin isaa Reeyabalbiyaan ijoollee ishee lakkuu da’uu ishee yeroo dhaga’u yaadni jedhame sun (Ilmi obboleettii keetii si dhaala) gahe jedhee sodaate.

Isaanis argun barbaada jedhee ijoollee sana erga gara isaatti fichisiise ykn erga gara isaatti akka dhufan taasise booda Qircaatii keessa kaa’ee harka Loltootaatti isaan gachisiise. Ijoollee sanas qonnaan bulaan tokko yeroo isaan boo’an argee gara mana isaatti fudhachuun namoota waraanaa ykn loltuu taasisee isaan guddise.

Ijoolleen kun lamaan erga guddatan booda Mootii Room Amoolewoos jedhamu injifatanii magaalittii qabachuun Mootota ta’aanii irratti moo’an. Ta’us garuu obboleessi isaa Roomuloos jedhamu obboleessa isaa Roomaanoos jedhamu ajjeesee kophaa isaa Mootii ta’uudhaan magaalittii Room jedhee maqaa isaatiin maggaase.

Dhaloota Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dura waggoota 61 dursee Paampee kan jedhamu bitaan ykn mootiin Roomaawwii Sooriyaa bitu ykn Sooriyaa bulchu karaa Damaasqoo darbee Ayihuudota waliin wal waraanuun Iyyerusaaleem erga qabate booda Ayihuudota booji’ee gara Roomeetti waan isaan fudhateef ykn waan isaan geesseef jiraattota Room keessa Ayihuudonni hedduun ni jiru ture.

Room Mootummaa guddoo yeroo turteerti namni lamummaa Room qabu tokko Mootummaa Room keessatti mirga addaa qaba ture. Namni lamummaa Roomee qabu yeroo balleessaa balleessee qoratamu Qanceedhaan hin garafamu, murtiin du’aa yeroo irratti murteeffamu morma isaatu Sayifiin murama malee hin fannifamu ture. Qeesaariifis mirga ol iyyannoo dhiyeeffachuu ykn gaafachuu qaba ture.

Namni tokko Mana Roomaawwiitti ykn mana nama Lamummaa Room qabuutti dhalachuun, lamummaa qarshiidhaan bituudhaan ykn Mootummaa isaa tajaajiluudhaan lamummaa Room argachuu ykn Roomaawwii ta’uu ni danda’a ture. Qulqulluun Phaawuloos lamummaa isaa Roomitti fayyadameera. HDB. 16: 37-39, 22:25-29, 23:27, 25:10-12.

Afaan warra Roomaanotaa kunis «Roomaayisxii» jedhama ture. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo lafa irra turetti Afaan Roomaayisxii kun afaan hojii Mootummaa waan tureef, Fannoo Gooftaa keenya irratti barreeffamni barreeffame Afaan Roomaayisxiin ture. Luq.23:38, Yoh. 19:20. Qubeen ykn fiidalli Afaan Roomaayisxii kunis kan Afaan Ingiliffaa waliin wal fakkaata ykn walitti siqa ture. Jechoonni Roomaayisxii baay’een bifa yaadannootiin gara Giriikiitti galanii ykn seenanii Kakuu Haaraa keessatti ni argamu. Isaan kana keessaas muraasni Giriikii irraa gara Gi’iizii fi Amaariffaatti galaniiru, fknf:- «Diinaara» ykn «Diinaar» jecha Roomaayisxiiti.

Magaalaan Room handhuura ykn magaalaa guddoo Mootummaa Room turte. Mootummaan Roomis babaldhachaa deemee Kiristoos yeroo lafa irra turetti ykn Iyyesuus Kiristoos yeroo lafa irra deddeebi’aa turetti biyya Ingiliizii kaasee Israa’eel dabalachuun hanga Biyya Arabaatti yeroo sanatti Addunyaa beekamaa ni bita ture. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Philaaxoos fuulduratti kan dhiyaateefi Qulqulluun Phaawuloos Qeesaaritti ol iyyannoo kan dhiyeeffate ykn ol iyyannoo kan gaafate Israa’eel qaama Mootummaa Room keessaa ishee tokko waan turteef ykn Israa’eel Mootummaa Room jalatti bulaa waan turteefi. Maat. 27:1-2, HDB. 25:11.

Bara Qulqulluu Phaawuloositti ykn bara Qulqulluu Phaawuloos turetti magaalaan Room uummanni naannoo Miiliyoona tokkotti siqu kan keessa jiraatanii fi gamoowwan gurguddoo hedduudhaan magaalaa miidhagde turte. Mootummaan Room nageenyaa fi firdii ykn murtee uummata hedduuf waan kenneef jaallatamaa ture. HDB. 17:7. Iyyesuus Kiristoos fi Duuka Bu’oonni Mootummaa Roomiif kabaja ni agarsiisu turan. Luq. 20:25, HDB. 24:10, Roomee 13:1-7, 1 Pheex. 2:13-14. Ta’us garuu Amantoonni ykn Kiristaanonni Qeesaariin caalaatti Waaqayyo waan kabajaniif Mootummaa Roomiin Godaansi isaanirra gahe, Kiristaanonni hedduunis hammeenyaan ni ajjeefaman. Akka Seenaa Mana Kiristaanaatti Bara Mootummaa Qeesaar Neeroonitti Qulqulluu Phaawuloos fi Qulqulluu Pheexiroos irratti murtiin du’aa Magaalaa Roomitti itti murteeffame.

Bara 395 Dh.K.B mootiin moototaa Room Tewoodoosiyoos jedhamu yeroo du’etti Mootummaan isaa iddoowwan lama Bahaa fi Lixaatti qoodame. Bara 410 Dh.K.B hoogganaan diina Room Alaarik jedhamu Room waraanee ni injifate, aangoo ishees ni haqe. Magaalaan kun hanga hardhaatti jirti, hardhas magaalaa guddittii Biyyaa Xaaliyaaniiti.

Mana Kiristaanaa Room

Bataskaana Room kan hundeesse eenyu akka ta’e hin beekamne. Mana Kiristaanaa Room kana kan hundeesse Qulqulluu Phaawuloosidha akka hin jenneef ragaa gahaan hin jiru, Roomee 15:20-24. Akkasumas Qulqulluu Pheexiroos ykn Duuka bu’aa biraatu hundeesse akka hin jedhamneefis akkasuma. Afuurri Qulqulluu gaafa guyyaa Shantammaffaatti yeroo bu’e namoonni Roomee Iyyerusaaleem akka turan ibsameera, HDB. 2:10.

Lallaba Qulqulluu Pheexiroosiin Wangeela dhaga’aanii ykn baratanii gara Roomitti kan geessisaniifi Mana Kiristaanaas Roomitti kan hundeessan isaan ta’uu akka hin oolle ni himama.

Qulqulluun Phaawuloos bara 52 Dh.K.B tti Ateenaadhaa bahee gara Qoronxoositti yeroo deemetti labsii Qalaawudiyoos Qeesaariin Roomee irraa godaananii kan dhufan Aqilaa fi haadha manaa isaa Phirsiqilaa arge. Isaan waliinis waggaa tokkoofi ji’a Ja’a kan ta’u ture. Aqilaas fi Phirsiqilaanis waa’ee Kiristaanota Roomee jiranii Qulqulluu Phaawuloositti himan. Kiristaanonni Roomee kunneen Ayyaana guyyaa shantammaffaatti Lallaba Qulqulluu Pheexiroosiin kan amananii (HDB. 2:10) fi sababoota garaa garaatiin Kiristaanota gara Roomeetti seenaniin kan isaaniif lallabamedha.

Amantoonni ykn Kiristaanonni Mana Kiristaanaa Roomee karaa lama ykn qomoo lama irraa kan argaman turan :- Ayihuudotaa fi Ahizaabota irraa. Lamaan isaaniiyyuu Kiristaanummaadhaan ijoollee Mana Kiristaanaa tokkottii ta’uu isaanii irraanfatanii bartee fi aadaa isaanii durii irratti wal mormuu jalqaban ykn mormii uuman. Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Roomeef ergaa isaa barreessuuf kan ka’e sababa kanaan ykn sababa kanaaf ture.

Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Roomee keessaa namoonni inni beeku waan hin jirreef Aqilaa fi Phirsiqilaan Kiristaanota magaalittii keessaa maqaa tokko tokkoon isaanii kennaniif. Innis ergaa isaa qopheessee tajaajiltuu ykn Aqqaabit (ዐቃቢት) Mana Kiristaanaa Ankiraa’oos kan turte harka Feebeeniin naannoo bara 54 Dh.K.B tti eegeef. Roomee 16:1.

Ergaan Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge kun Ergaa Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Roomeef barreessedha. Qulqulluun Phaawuloos gara Roomeetti deemee hin beeku ture. Waldaa ykn Mahaabara achi jiru isa miti ture kan hundeesse. Roomee 15:20-22. Yaada gara Ispeenitti deemuu qaba

waan tureef Room gahuu isaatiin dura Wangeela inni barsiisu ibsuufii barbaade. Manni Kiristaanaa Roomitti Ayihuudonni fi Ahizaabonni waliin yeroo jiraatan uummanni Israa’eel Wangeela fudhachuu dhiisuu isaaniitiin kaayyoo Waaqayyoo irratti gaaffiin baay’een akka ka’e kan ibsan ykn agarsiisan ergaa isaa irratti kan argaman muraasa miti, keessattuu boqonnaa 9-11. Ergaan kun ergaawwan Qulqulluu Phaawuloos kaan irra caalaatti waa’ee Wangeela Kiristoos ibsa bal’aa ni kenna. Ta’us garuu waa’ee Mana Kiristaanaa fi waa’ee dhufaatii lammaffaa yaadni baay’een keessatti hin muldhatu.

«Qajeelaan Amantiidhaan jiraata» kan jedhu jechi Imbaaqoom dubbate ergaa kana irratti caqasa bu’uuraati. 1:17.

Yaadni ijoon Duuka bu’ichaa qajeelaa Waaqayyoo kan ilaallatu yoo ta’u, waa’ee ol aantummaa Waaqayyoo fi waa’ee Amala Waaqayyoo, waa’ee eenyummaa fi hojii Kiristoos, waa’ee qaamummaa Afuura Qulqulluu fi hojii isaa, waa’ee Ayihuud fi Ahizaabotaa, waa’ee kennaa fi seeraa, waa’ee amantii fi hojii, waa’ee Afuuraa fi Foonii barumsi inni kenne Keeyyata garaa garaatiin tasa yeroo ba’u ni mul’ata. Haalli dhiyeessa (አቀራረብ) kitaabichaa akka bishaan laga guddaatti wal qabatee kan dhangala’u ta’uyyuu seensa isaa fi guduunfaa isaa gidduutti kutaalee gurguddoo shan ilaaluu dandeenya.

Qoqqoodama Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge

Seensa:- Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge kana yeroo qoqqoodama isaa ilaallu. Kitaabni Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge kun qabiyyeewwan armaan gadii qaba. Waamicha Qulqulluu Phaawuloos, Wangeelaa fi walitti dhufeenya Mana Kiristaanaa Room waliin qabu, yaada ijoo Ergichaa ykn Kitaabichaa – 1:1-17

1. Waaqayyo nama dheekkamsaan konnone (Namni dheekkamsa Waaqayyootiin konnoname) :- 1:18-3:20

Ahizaabota (1:18-32), Ayihuudota (Boq. 2), namoonni hundi sababa cubbuu isaaniitiin dheekkamsa Waaqayyootii gadidha. 3:1-20

2. Waaqayyo nama kennaadhaan qajeelche ykn (አጸደቀ) (Namni kennaa Waaqayyootiin tsaddaqe) :- 3:21-7:25.

Tsidqiin Waaqayyoo ;

A). Du’a Kiristoosiin ibsameera (3:21-26)

B). Karaa Amantiitiin ni kennama (3:27-31)

C). Cubbamaadhaaf ni lakka’aamaaf (4:1-12)

D). Karaa Amantiitiin ni lakka’aamaaf (4:13-25)

E). Amantoota gara Qajeelummaatti geessisa (5:1-11)

F). Firdii Addaam irraa bilisa nama baasa (5:12-21)

G). Humna Cubbuu jalaa nama baasa (Boq. 6)

H). Aangoo seeraa jalaa nama hiika (Boq. 7

3. Waaqayyo nama jaalalaan kabaje (Namni Jaalala Waaqayyootiin kabajame) :- 8:1-39.

Amanaan kunanee jalaa bahee humna Afuura Qulqulluutiin jireenya haaraatiin ni jiraata (8:1-17), Abdii isa hin bannes yoo qabaatu, qabaachuu isaatiin jajjabaachuun isarraa eegama (8:18-39).

4. Waaqayyo nama araaraan filate (Namni araara Waaqayyootiin filatame) :- 9:1-11, 9:36.

Israa’eel kufuyyuu jechi Waaqayyoo hin shaaramne. Waaqayyo «kan jaallatu ni dhiisaaf, kan jaallatus Abbaa Xiiqii taasisa» (9:18) kan jedhu yaada guduunfaa boqonnaa 9 arganuyyuu, Israa’eeloonni amanuu dhiisuu isaaniif wanta irraa eegamu (ሀላፊነት) kan qaban yoo ta’u Manni Kiristaanaa garuu Wangeela hundumatti himuu ykn Missiraachoo isaa labsuu qabdi. Boq. 10. Kufaatii Israa’eel irraa kan ka’e Ahizaabonni gara nageenyummaatti gahaaniiru waan ta’eef fayyinni isaanii warreen kufan Israa’eelotaaf daandii fayyuu ta’a. Kanaafuu kaayyoon ykn karoorri Waaqayyoo Israa’eeliifis ta’e Ahizaabotaaf ni raawwatama. Boq. 11.

5. Waaqayyo nama ol aantummaadhaan isa kaase (Namni ol aantummaa Waaqayyoo dhaan ol ka’e) :- 12:1-15:13. Wangeela Kiristoos irraa kan ka’e Amanaan;

A). Jireenya mataa isaatiin (12:1-2)

B). Mana Kiristaanaatti (12:3-8)

C). Haala jireenyaa amantootaafi warra hin amanne waliin qabuun (12:9-21)

D). Namoota aangoo kabajuun (Boq. 13)

E). Warra dhadhaban gargaaruun (14:1-15:13) jireenya haaraa jiraachuu qaba.

Guduunfaa :- Qulqulluun Phaawuloos kaayyoo hojii kennameef erga agarsiise booda Iyyerusaaleem akka daawwatuufi gara Ispeenitti deemuuf karoorfachuu isaatiin Manni Kiristaanaa Room deemsa isaatiin akka isa waliin taatu abdii kan qabu ta’uu isaa ibse. Nagaa namoota hedduuf erga dhiyeesseefi waa’ee warra Sobdootaa akeekkachiisa erga kenne booda Waaqayyo galateeffachuun ergaa isaa xumure.

Waa’ee Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge kan kutaa kana keessatti qabannee dhiyaanne kana fakkaata ture. Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge kana irraa waan guddaa akka baratan abdii qabna.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge first appeared on Qubee Online +.