Qiddaasee | Qubee Online +

Hiika Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo
Hiikoo Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Hiikoo Sirna Qiddaasee akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kutaa kana keessatti ni ilaalla. Waa’ee Sirna Qiddaasee wanna hedduu irraa barattu hanga dhumaatti dubbisaa!

«Biddeen Ergamootaa ijoolleen namaa nyaatan!» Faaruu. 77/78:25

Biddeen Ergamootaa (Sirna Qiddaasee)

Raajichi Daawwit Baganaa rukutaa akkas jedhe «Biddeen Ergamootaa ijoolleen namaa nyaatan» Biddeen Ergamootaa maalidha laata?

Ergamoonni nyaata hin qaban, Nyaanni isaanii galata isaanii, galanni isaanii nyaata isaaniiti, boqonnaas hin qaban boqonnaan isaanii galata isaanii, galanni isaanii ammoo boqonnaa isaaniiti. Sa’aatii itti boqotan.

Ergamoonni sa’aatii itti boqotan sakandii ykn maaykiroo sakandii muraasa illee hin qaban sa’aatii 24 guutuu «Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu!» jedhanii Waaqayyo galateeffatu. Nutis Sirna Qiddaasee irratti Mana Kiristaanaatti akka ergamoota Waaqayyootti «Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu!» jennee Waaqayyo galateeffanna «Nyaata Ergamootaa waan nyaanneef»

Laphee Waaqayyoo kan jedhame Mootichi Daawwit Baganaa rukutaa ykn Baganaa daraddaraa «Biddeen Ergamootaa ijoolleen namaa ni nyaatan» jedhee Faarfate. Faaruu. 77/78:25.

Sirna Qiddaasee ajaa’iba ta’e kan Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti gaggeeffamu mee haa ilaallu.

Qiddaasee Ergamootaa

Sirna Qiddaasee eenyutu eegale?

Sirna Qiddaasee yeroo jalqabaatiif kan jalqaban Ergamoota Samiiti. Kitaaba Raajicha Isaayyaas Boqonnaa 6 irratti Ergamoonni «Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu!» jedhanii Waaqayyo akkuma galateeffatan. Yeedaloo kanas Sirna Qiddaasee irratti kan dhageenyudha. Sirni Samii lafa irrattis hojjetamee ykn diriiree Sirni Mana Qulqullummaa ishee Samii irra jiru Mana Qulqullummaa ishee lafa irra jirtuttis akka ta’uuf Waaqayyo eeyyame, nutis Sirna Samii irraa kana Mana Qulqullummaa ishee lafa jirtuutti diriirfame kanaan Waaqayyo ni galateeffanna.

Lafa irrattis yeroo jalqabaatiif Yeedaloo Qiddaasee kan dhageessisan Ergamootadha. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Eefraataa Beetaliheemitti yeroo dhalatetti Ergamoonni Waaqayyoo tiksoota waliin ta’uun «ሥብሐት ለእግዚአብሔር በሰማያት ወሰላም በምድር ስምረቱ ለሰብ»

Ykn «Galanni Waaqayyoof haa ta’u Samii irratti, namaafis lafa irratti nageenyi haa ta’u!» jedhanii akkuma faarfatan nutis Sirna Qiddaasee irratti kan galateeffannu Galatoo Ergamootaa kanadha, Ergamoonni Beetaliheemitti akkuma faarfatan nutis Mana Qulqullummaatti ni faarfanna.

Beetaliheem irraa gara Mana Qulqullummaatti (Sirna Qiddaasee)

Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Diyaaqonii inni lammaffaan Habistii Masooba Warqiidhaan baatee, Diyaaqonii inni tokkoffaan ammoo Wayiniin Tsiwwaadhaan baatee Beetaliheemii gara Mana Qulqullummaatti deemu.

Beetaliheem Mana Qulqullummaa irraa karaa Bahaatti argamti, Manni Qulqullummaa ammoo fakkeenya Qaraaniyooti. Tokkos fakkeenya Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Galiilaa irraa gara Iyyerusaaleemitti deemuu isaati.

Afuurri Qulqulluu Samii Samii irraa kan itti bu’udha :- Sirni Qiddaasee yeroo jalqabu Lubichi «Guyyaan kun hangam kan nama sodaachistudha, Afuurri Qulqulluu Samii Samii irraa kan itti bu’udha» jedha. Mootiin ni  dhufa yeroo jedhamu qophii guddaa akkuma taasisnu, nutis qophii guddaa akka taasisnu Lubicha kana nuuf labsa!

Meeshaalee Qulqullaa’oo Sirna Qiddaasee irratti itti fayyadamnu

Meeshaaleen Qulqullaa’oon sirna Qiddaasee irratti hojiirra oolan ykn itti fayyadaman keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti;

Mahaafadaat (ማሕፈዳት)

Mahaafadaat jechuun Fooniifi dhiigni isaa kan ittiin uffifamu ykn haguugamudha, Tokkos haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos deessee uffataan haguuguu ykn uffata itti uffisuu isheetiif fakkeenya. Tokkos fakkeenya uffata Yooseef fi Niqoodimoos Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ittiin gannazaniiti.

Tsaahilii (ጻሕል)

Tsaahiliin kan Habistiin irra ka’aamu ykn kan Habistiin irra taa’u yoo ta’u, gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin ni fakkeeffama, tokkos fakkeenya mooraa Loonii gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos itti dhalateeti, Tokkos fakkeenya awwaala Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Wayinii ammoo Diyaaqoniin Tsiwwaadhaan ni baata.

Tsiwwaa ykn Xoofoo, Irfe Meskel

Irfe Meskel

Diyaaqoniin dhiiga kabajamaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Kiristaanotaaf ykn warra Qorrobaniif kan ittiin kennu waan akka Fal’aanaa ta’uyyuu kan waamamu garuu Irfe Meskel (እርፈ መስቀል) jedhameetu. Kunis sababa mataa isaa qaba, Irfe Meskeliin Kiristoos nuuf jedhee cinaacha isaa kan ittiin waraaname Eeboo Langinoosiin fakkeeffama.

Loltuun ykn Wattaadarri Langiinoos jedhamu cinaacha Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Eeboodhaan yeroo waraanetti dhiiga isaa Qulqulluutiin Mana Qulqullummaa isaatti Meeshaalee Qulqullaa’oo keessaa isa tokkodha.

«Yaa Waaqa koo! Lamtsii koo ilaaltee na hin dhiisiin!» Kitaaba Raajicha Isaayyaas Boqonnaa 6 irratti Raajichi Waaqayyoo Isaayyaas Lamtsiin rukutamee ture ykn Lamtsii qaba ture, Ergamaan Waaqayyoos dhufee qabduudhaan (በጉጠት) Mukukkula Ibidda sanaatiin hidhii isaa tuttuqe, Raajichi Isaayyaasis Lamtsii isaa irraa ni qulqullaa’e,

Ergamichi fakkeenya Lubootaa fi Diyaaqonootaati

Qabduun sun fakkeenya Irfe Meskeliiti

Mukukkulli Ibidda sanaa fakkeenya Foonii fi dhiiga Gooftaa yoo ta’u,

Lamtsiin ammoo fakkeenya Cubbuuti

Akkuma Mukukkulli Ibidda sanaa hidhii isaa yeroo tuqu akkuma Lamtsii isaa irraa fayye, namnis Fooniifi dhiiga Gooftaa yeroo fudhatu Cubbuu isaa irraa ni fayya waan ta’eef. Raajichi Isaayyaas lamtsii isaa irraa akkuma qulqullaa’e, Foonii fi dhiiga Gooftaa yoo fudhattan ni Qulqullooftu yeroo nuun jedhudha. 1 Yoh. 1:7.

Dibaabee (ጥላ)

Sirna Qiddaasee irratti Wangeelli yeroo dubbifamu Dibaabeen ykn (ጥላ) ni diriirfama. Aduun hoo hin jiru maalif diriirfama? yoo jedhame; fakkeenyummaan isaa akkasidha :- Raajichi Waaqayyoo Daawwit «Maaloo gaaddidduu koochoowwan keetiin na golgi!» fakkeenya kanaati.

Tokkos Israa’eeloonni Aduun gammoojjii akka isaan hin dhadhabsiisneef fakkeenya Duumessa isa golgeeti. Tokkos fakkeenya Duumessa Dunkaana Oriitii fi Mana Qulqullummaa Solomoon keessa guuteeti.

Tsuwaafii (ጧፍ)

Lubichi Wangeela yeroo dubbisu Tsuwaafii ni qabata, hin dukkanoofne hoo, ifti jira maalif ibsa? yoo jedhame; Raajichi Waaqayyoo Daawwit «Seerri kee miila kootiif ibsaa, daandii kootiifis ifadha» waan jedhuufi. Faaruu. 118:105. Wangeela Qulqulluu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoostu dubbifama waan ta’eef, Wangeelli isaas miila keenyaaf ibsaa, daandii keenyaaf ammoo ifa waan ta’eefidha.

Mana Kiristaanaa keenya keessatti baay’inaan Shaamaan jira, kunis Waaqayyo Amalummaa isaatiin ifaa waan ta’eefidha, Shaamaan ykn Dungoon sunis osoo baquu ifa kenna kunis Qulqulloonni waa’ee Mana Kiristaanaatiif akka Shaamaatti baqaa Addunyaaf ifa ta’uu isaaniif fakkeenya.

Fakkeenyummaa Diyaaqonootaa Sirna Qiddaasee

Lubicha fuuldura Diyaaqoniin ibsaa qabatee deemu fakkeenya Yohaannis Cuuphaati. «Ifichi isadha malee ana miti, Cubbuu Addunyaa kan dhiisisu Hoolichi Waaqayyoo» akkuma jedhe.

Akkasumas Fannoo baatee Lubicha duuba Diyaaqoniin deemu ammoo fakkeenya Diyaaqonii ykn fakkeenya Wareegamaa Qulqulluu Isxifaanoosidha. Gooftaatti aanee «Yaa Abbaa kan hojjetan hin beekan dhiisiif!» akkuma jedhe.

Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa sirni isheen qabdu (ሥርዓቷ) gubbaadhaa hanga jalaatti fakkeenyummaa kan qabanii fi kan nama barsiisanidha, Galaanni Ogummaa Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa dubbachaa nu barsiisti, osoo hin dubbatiinis callistee ni barsiisti.

Kadhannaadhaaf ka’aa! (ተንሥኡ ለፀሎት)

Sirna Qiddaasee irratti «Kadhannaadhaaf ka’aa!» kan jedhu yeroo baay’ee ni jedhama, maalif irra deddeebiin jedhama? yoo jedhame; eenyudha yaadni isaa osoo hin hatamiin hanga dhumaatti kan Sirna Qiddaasee kan hirmaatu? ykn hanga dhumaatti kan Qaddasiisu? kanaafuu yaada keenyaan yoo deemne ta’e akka deebinuufidha yeroo hedduu  «Kadhannaadhaaf ka’aa!» kan jedhamuuf.

Tokkos hiikoo ajaa’iba ta’e ni qaba «Kadhannaadhaaf ka’aa!» kan jedhu kun, Addaam uumamtootaan «ተንሥኡ ለፀሎት» jedheen isaanis «Maaloo nuuf dhiisi!» ykn «እግዚኦ ተሣሃለነ» jedhanii deebisaniif, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Lubbuuwwan Si’ool jiraniin «Nagaan isiniif haa ta’u!» ykn «ሠላም ለኩልክሙ» jedheen, isaanis «Afuura kee waliin» ykn «ምስለ መንፈስከ» jedhanii Dukkana Si’ool keessaa ba’aanii ifa argan.

Sirna Qiddaasee irrattis Lubichi «ሠላም ለኩልክሙ» ykn «Nagaan isiniif haa ta’u!» yeroo jedhu Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos mana cufamaatti Duuka Bu’oota isaatiif «Nagaan isiniif haa ta’u!» kan jedhedha ykn fakkeenya isaati. Nutis Sirna Qiddaasee irratti kana yeroo deebifnu kana yaadachaa ta’uu qaba.

Waaqayyoof Sodaadhaan Sagadaa! ykn «ስገዱ ለእግዚአብሔር በፍርሐት» Sirna Qiddaasee

Diyaaqoniin «Waaqayyoof Sodaadhaan Sagadaa!» ykn «ስገዱ ለእግዚአብሔር በፍርሐት» yeroo jedhu ni sagadna, kunis Mootichi Daawwit «Iddoo Qulqullummaa isaatti Waaqayyoof Sagadaa!» akkuma jedhedha. Faaruu. 28:2. Tokkos Mootichi Solomoon Mana Qulqullummaa hojjetee erga xumure booda sa’aatii dheeraadhaaf jilbeeffatee Kadhachuu isaa nu yaadachiisa. 1 Mot. 6:54.

Kennaan kan guutamtee ykn «ኦ ምልዕተ ፀጋ» Sirna Qiddaasee

Sirna Qiddaasee irratti tokkoon tokkoon uumamtootaatiif kennaa murta’aan akka kennameef Yeedaloodhaan ni jenna ykn ni dhageenya. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eeliif Araarri akka kenname. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri’eeliif kennaan Missiraachoo himuu.

Museedhaaf Seera, Arooniif Lubummaa …… haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif garuu kennaan ishee kan qofaadha jedhamee kan dubbatamu miti sababni isaas Kennaan kan guutamtee waan taateef «ተፈሥሂ ፍሥህት ኦ ምልዕተ ፀጋ» ykn «Kennaan kan guutamte gammadi!» jennee Sirna Qiddaasee irratti kan ishee galateeffannus Kennaan kan guutamte waan taateefi.

Ergamoonni Waaqayyoo Mukukkula Ibidda sanaa kan tuqan qabduudhaan ture, haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam garuu Ibidda kan jedhame ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos deessee, Ibiddicha haammatteerti. Kanaafis «ኦ ምልዕተ ፀጋ» ykn «Kennaan kan guutamtee» jechaa ni faarfanna, ishees ni galateeffanna.

Misbaaka ykn «ምስባክ» yeroo Sirna Qiddaasee

Misbaakiin fakkeenya abdii isaa Kakuu Moofaa keessaati, Raajonni kan raajan, Waaqni nama kan itti ta’e, raajiiwwan dubbataman hundi fakkeenya raawwatamuu isaati. Diyaaqoniin Misbaakii dubbisu fakkeenya Raajotaati ykn fakkeenya Raajota Kakuu Moofaa keessa turaniiti jechuudha. Misbaakiin kan dubbifamu Kitaabaa Faarsaa Daawwit keessaadha.

Sababni Misbaakiin yeroo hunda Faaruu Daawwit keessaa itti dubbifamuufis  Raajonni kennaan isaanii kenname kan murtaa’e ture, Raajichi Daawwit garuu Dhaloota Kiristoosii hanga ol ba’uu Kiristoositti kennaan raajuu waan isaaf kennameef akkasumas Kitaabni Faarsaa Daawwit Yeedaloodhaaf waan mijatuufi.

Qulqulluu Wangeela Sirna Qiddaasee irratti

Ergaan inni jalqabaa yeroo dubbifamu Diyaaqoniin fuula isaa gara Lixaatti naannessee dubbisa, Diyaaqonii inni lammaffaan ammoo fuula isaa gara Kaabaatti naannessee dubbisa, Lubni inni lammaffaan ammoo fuula isaa gara Kibbaatti naannessee Kitaaba Hojii Duuka Bu’ootaa dubbisa, Lubni inni tokkoffaan ammoo fuula isaa gara Bahaatti naannessee Wangeela Qulqulluu dubbisa.

Kunis Iccitii fi fakkeenyummaa ajaa’ibaa qaba, tokkos Wangeelli kallattiiwwan arfanittiyyuu Lallabamuu isaaf fakkeenya isa Wangeelli Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kallattii hundattiyyuu Lallabamuu isaa agarsiisuufi.

Tokkos Jannata kan obaasan Lageen afur ni jiru, isaanis :- Efraaxas, Giyoon (Abbaay), Efeesoon fi Xeegroosidha. Lageen kunneen arfan Jannata obaasanii akkuma lalisummaa fi magariisummaatti jijjiiran, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis kan dheebote yoo jiraate Bishaan jireenyaa dhugee jireenya haa argatu akkuma jedhe Wangeelli Qulqulluunis akkuma kanatti ni lalisiisa yeroo jedhanidha.

Wal harkaa fuudhiinsa Sirna Galatoo Sirna Qiddaasee irratti ykn «ሐዋርያዊ ቅብብሎሽ በቅዳሴ»

Lubni inni tokkoffaan «ዘአወፈየኒ

አወፈይኩከ» ykn «Kan naaf kenname siif kenne» jedhee Wangeela sana Luba isa lammaffaaf ni kenna, Lubni inni lammaffaanis Diyaaqoniitti ni kenna kanadha Wal harkaa fuudhiinsi Duuka Bu’ummaa «Apostolic Succession» kan jedhamu.

Lubni inni tokkoffaan fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yoo ta’u;

Lubni inni lammaffaanis ammoo fakkeenya Qulqulluu Pheexiroos;

Diyaaqoniin ammoo fakkeenya amantoota ykn Kiristaanota hundaati.

Wangeela Dhungachuu

Sababni hundi keenya Wangeela itti dhungannuuf jecha Waaqayyooti, mudoo tokkoyyuu hin qabu itti ni amanna jenneetu, tokkos Oriitiin seerota 622 qabdi, Seerri hundiyyuu jaalalaan ni hidhama waan ta’eef nutis kan walitti qabamneef bu’uura Wangeela isaatiin Jaalalaanidha, nuti tokkodha yeroo jennudha.

Fakkeenyummaa Galata ykn Sibhaatii Lubootaa ykn «የካህናቱ ሥብሐት ምሳሌ»

Luboonni «Galanni Abbaaf! Galanni Ilmaaf! Galanni Afuura Qulqulluuf!» ykn «ሥብሐት ለአብ ሥብሐት ለወልድ ሥብሐት ለመንፈስ ቅዱስ» jechaa ni naanna’u. Kunis Israa’eeloonni gamoo ykn dallaa Iyyaarikoo guyyaa torba (7) naanna’aanii, guyyaa torbaffaatti yeroo torba yeroo naanna’aan gamoon ykn dallaan Iyyaarikoo diigamuu isaatiif fakkeenya.

Lubichi Ixaana ulaa (ዕጣን እያጠነ) uummata keessa ni naanna’a, kunis Israa’eeloota diina isaanii irraa akkuma eegde, uummatas diina Diyaabiloos irraa eegi yeroo jedhudha. Lubichi Ixaana yeroo ulutti Kadhannaan nuti kadhannu Ixaana sana waliin gara Waaqayyootti ol ba’a. «Aarri Ixaanichaas Kadhannaa Qulqullootaa waliin harka Ergamichaatiin gara dura Waaqayyootti ol ba’e» Mul. 8:4

Gara Bahaatti ilaalaa! «ወደ ምሥራቅ ተመልከቱ»

Diyaaqoniin gara Bahaatti ilaalaa ni jedha. Raajichi Hizqi’eel raajii isaatiin akkas akkuma jedhe. «Gara Bahaatti balbala cufamen arge. Balballi kun cufamtee jiraatti malee hin banamtu, namnis keessa hin seenu. Qulqullichi Israa’eel garuu osoo hin baniin seenee baheera» Hizq. 44:1.  Balbala Bahaa kan jedhamte haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha. Baha irraa ykn karaa Bahaa Aduun akkuma bahu, baha kan jedhamte.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Aduu dhugaa kan jedhame Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos deesseerti waan ta’eef.  Tokkos balballi kun cufamtee jiraatti malee hin banamtu jedhe. Kunis waa’ee Dubrummaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan ibsudha. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam osoo hin da’iin dura, yeroo deesse fi erga deesse boodas Dubroodha waan taateef.

Namni keessa hin seenu jedhe ilma ishee tokkicha Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos qofa Dubrummaadhaan deesseerti waan ta’eef.

Luboota Harka keessan Kaasaa ykn «አንሥኡ እደዊክሙ ቀሳውስ» :-

Diyaaqoniin kana yeroo jedhutti Lubni inni lammaffaani Maahifadaatii sana Tsaahilii irraa ol kaasa, kunis Ergamaan Waaqayyoo dhagaa Awwaala irra ture sana kaasuu ykn gadi garagalchuu isaatiif fakkeenya. Kana boodas Gooftaan keenya Kadhannaa guyyaa Kamisaatti Habistii akkuma qabate, Lubichi inni tokkoffaanis Habistii sana ol kaasee qabata, kunis fakkeenya ka’umsa Gooftaati.

Maaloo Yaa Kiristoos nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ መሐርነ ክርስቶስ»

Igzi’ootaa irratti Lubichi Habistii sana caalaatti ol kaasee qabata, kunis fakkeenya ol ba’iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Lubicha waliin taanee yeroo ykn si’a Afurtami tokko (41) Maaloo Yaa Kiristoos nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ መሐርነ ክርስቶስ» ni jenna.

Kunis Igzi’ootaan Afurtamni (40) Ayihuudonni Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo Afurtama (40) garafna jedhanii baay’isanii garmalee isa reebuu ykn garafuu isaaniitiif fakkeenya yoo ta’u, dhuma irratti Igzi’ootaan Lubichi kophaa isaa jedhu tokkittiin ammoo fakkeenya Gaabbii Addaam fi Heewaanidha.

Yeroo kudha lama (12) Maaloo Yaa Kiristoos nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ መሐርነ ክርስቶስ» yeroo jennu ammoo waa’ee maqaa keetiif nuuf dhiisi yeroo jennudha, «አብ ወልድ መንፈስ ቅዱስ» kan jedhu qubee tokkoon tokkoon isaa yeroo lakkoofnu 12 ta’a waan ta’eef.

Sagalee Qaacilii ykn Dawulii xiqqoo Igzi’ootaa irratti dhageenyu

Sagaleen Qaacilii Igzi’ootaa irratti dhageenyu fakkeenya gaddaa fi boo’icha haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilma ishee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Qaraaniyootti Fannoo irratti fuula dura isheetti yeroo fannisan argitee boosse ykn gadditeeti. Jaarsichi Simi’oon «Lubbuu kee irratti Sayifiitu darba» Luq. 2:35 akkuma isheedhaan jedhe gaddi ishee inni kun gadda cimaa fi ulfaataa waan ta’eef.

Harka Lubichaa Dhungachuu ykn Harka Lubichaatiin Eebbifamuu

Namoonni tokko tokko Lubichi maalif harka isaatiin nu eebbisa ykn maalif harka isaa dhunganna jedhanii ni gaafatu, harki Lubichaa garuu Ergamoonni Waaqayyoo tuquun kan hin dandeenye Qulqulluu Foon isaa kan ittiin tuqe waan ta’eefi. Sirna Qiddaasee irratti Qulqulluu Foon isaa tuquu kan danda’u Luba isa tokkoffaa qofaadha, Lubni inni lammaffaaniyyuu tuquu hin danda’u. Lubni inni tokkoffaanis Qulqulluu Foon isaa kan ittiin tuqe waan ta’eef harka isaatiin nu eebbisa ykn harka isaa ni dhunganna.

Golgaa ykn «መንጠላኦት/ መጋረጃ»

Golgi erga golgame booda karaa alaa ykn Golgaan ala kan jiran. Lubni inni lammaffaan fi Diyaaqoniin fakkeenya Raajotaa yoo ta’an, sababni isaan karaa alaa ykn golgaan ala ta’aaniifis. Barri Raajotaa bara itti girgiddaan lolaa ykn «የጥል ግድግዳ» bara itti turedha waan ta’eefi. Karaa keessaa ykn golga keessa kan jiran Lubni inni tokkoffaa fi Diyaaqoniin ammoo fakkeenya Duuka Bu’ootaati.

Kunis girgiddaan lolaa ykn «የጥል ግድግዳ» diigamee. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka Bu’oota isaa waliin ta’uu isaa kan agarsiisudha. Itti aansuudhaanis Diyaaqoniin «Luboota Balbala banaa!» ykn «ቀሳውስት ደጆቹን ክፈቱ» Faaruu. 24:7 jedha. Kunis Anaaguunisxiisiidhaafi «አናጉንስጢስ» Anaaguunisxiisi jechuun sagalee isaanii ol kaasanii Kitaabolee kan dubbisaniifi ibsaa qabuudhaan kan tajaajilan gargaartotadha.

Anaaguunisxiis sunis yeroo sanatti golga sana ni bana sanas Raajotaan kan fakkeeffaman Lubni lammaffaa fi Diyaaqoniin alaan jiran, Duuka Bu’ootaan kan fakkeeffaman Luba tokkoffaa fi Diyaaqonii keessa jiran waliin wal argu. Raajotaa fi Duuka Bu’oonni iddoon itti tokko ta’aan kun hoo eessa laata? Eliyaas, Musee fi Qulqulluun Pheexiroos iddoon itti wal argan Tulluu Taaboritti, Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa keenyas Tulluu Taaboriin waan fakkeeffamtuuf Sirni bareedaa fi ajaa’ibaa kun Mana Kiristaanaa keenya keessatti ni argama.

Qulqulluu Fooniifi Kabajamaa dhiiga Gooftaa keenyaa «የአምላካችን ቅዱስ ሥጋው ወክቡር ደሙ»

Qulqulluun Foon isaa fi Kabajamaan dhiiga Gooftaa guyyaa Kamisaatti mana haadha Qulqulluu Maarqoos Maariyaam Baawufiliyaatti gamoo isa gubbaa ykn gamoo isa lammaffaa irratti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka Bu’oota isaatiif akkas jedhee kenne «Kuni Foon kooti hoodhaa nyaadhaa! kuni dhiiga kooti hoodhaa dhugaa! » Luq. 22:19.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos kuni kuni foon koo fakkaata kan Yaadannoo kooti hin jenne, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka Bu’oota isaatiin kan jedhe «Kana yeroo taasistanitti Yaadannoo koos taasisaa!».

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos «Yaadannoo koo taasisaa!» jechuunis maal jechuudha laata? Kunis yeroo Foonii fi dhiiga koo fudhattanitti gidiraa koo yaadachaa, Qaraaniyootti, Golgootaatti jaalala koo yaadachaa fudhadhaa jechuudha malee akka Shakkitoonni jedhan miti.

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos «Osoo isaaf hin maliin ykn osoo hin ga’iin Fooniifi dhiiga isaa kan fudhate bakka Araaraa firdiitu irratti ta’a» jedhe. 1 Qor. 11:29. Namoonni Qoronxoos akka Shakkitootaa maal nadhibdeedhaan gara Fooniifi dhiiga Gooftaatti waan  dhiyaataniif baay’eewwan isaanii ni du’an, akkuma beekamu namni nyaata nyaatee hin du’u ture garuu Fooniifi dhiiga isaatti osoo hin gahiin waan dhiyaataniif ni du’an. 1 Qor 11:29-32. Nutis akka arjummaa keetti malee akka balleessaa keenyaatti hin ta’iin jechaa gara Foon fi dhiiga isaatti dhiyaanna.

Akkasumas Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos itti dabaluudhaan Shakkitoota Fooniifi dhiigni Gooftaa Yaadannoodha jedhaniin of jaja ykn difratiidhaan itti hin dhiyaatiinaa jedha. Lubichi harka isaa dhiqachaa «…..Gaabbii galaatii itti dhiyaadhaa» jedha. 1 Qor. 11:29.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Ortodoksii Tawaahidoon bara baraan haa jiraattu!

D/n Yonaas Zakkaariyaasiin

The post Hiika Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo first appeared on Qubee Online +.

Hiikoo Sirna Qiddaasee Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 2ffaa
Hiikoo Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Hiikoo Sirna Qiddaasee kutaa lammaffaan akka fedha Waaqayyootti wal argineerra. Kutaa kana keessattis qabxiilee gurguddoo ni kaasna hanga dhumaatti dubbisaa.

Kutaa 2ffaa

Hubachiisa:- gara kutaa 2ffaa kanaatti osoo hin darbiin dura kutaa 1ffaa hin dubbisne yoo ta’e jalqaba kutaa 1ffaa dubbistanii erga xumurtan booda gara kutaa kanatti darbaa! akkasumas dubbistanii erga xumurtan booda, hiriyoota keessaniif qoodaa, yaada keessanis nuuf barreessaa!

Kutaa 1ffaa keessatti qabxiiwwan nuti ilaalle;

Hiika Sirna Qiddaasee

Qoqqoodama Sirna Qiddaasee

Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe?

Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan

Kaayyoo guddaa Sirna Qiddaasee fi k.k.f yoo ta’u,

Kutaa kana keessatti ammoo qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaallu; Qophii;

Dursaa Sirna Qiddaasee hirmaachuuf deemuu keenyaan dura taasifnu

Sammuu ykn yaadaa taasisnu

Qophii Qulqullina Qaama keenyaa eeggachuun taasisna

Qophii Sirna Uffannaa Afuurawaa Eeguuf taasisnu fi k.k.f ni ilaalla, dubbisaa!

Gara Sirna Qiddaasee  hirmaachuuf deemuun dura qophii taasifamu (ለማስቀደስ ከመሄድ በፊት አስቀድሞ የሚደረግ ዝግጅት)

Ifa Addunyaa kan jedhame Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos «Wanti hundinuu akkaataa isaaf ta’utti fi sirnaan haa ta’u» 1 Qor. 14:40 jedhee akkuma nu gorse, sirnas barachuuniifi sirnaanis gaggeeffamuun nurraa eegama.

Kana waan ta’eefis Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa keessattuu guyyaa Sanbataatti, guyyaa Ayyaanota gurguddootti, guyyaa kabaja Ayyaana Qulqullootaatti fi waqtii ykn yeroo Tsoomiitti:-

Qiddaasee Hirmaachuuf (ቅዳሴ ለማስቀደስ)

Qurbaana Qorrobuuf

Kadhannaa Qiddaasee irraa eebba argachuuf gara Qulqulleettii Mana Kiristaanaatti yeroo dhufnu:-

Qophii Sammuu ykn yaadaa taasisuu qabna;

Gara dura Waaqayyootti yeroo dhiyaannu yaada gaarii akka qabaannu nu barbaachisa. HDB. 23:1, Roomee 13:5. Waaqni keenya «Yaa mucaa koo laphee kee naaf kenni!» nuun jedha waan ta’eef. Fakk. 23:26.

Kanaafuu gara Mana Kiristaanaatti dhufuu keenyaan ykn deemuu keenyaan dura jala bultii Sanbataatti qophii laphee ykn sammuu taasisuun Kadhannaa Qiddaasee hordofuuf ykn hirmaachuuf nu gargaara. Kana yeroo jennu guyyoota jahanitti hojiidhaan kan qabame laphee keenya walitti qabnee boqochiisuu fi gara Mana Qulqullummaatti akkamittin seenuu qaba jedhee yaaduudha. Gara Mana Qulqullummaatti of eeggannoodhaan taanee seenuu qabna. Of eeggannoodhaan seenuu akka qabnu «Gara Mana Waaqayyootti yeroo seentutti miila kee eeggadhu!» jedhee namni Ogummaa Solomoon nutti himeera. K. Lallabaa 5:1.

Yaada keenya walitti qabuufi hojii gaariidhaaf akka qophoofnu wantoota nu gargaaran keessaa muraasa yoo caqasnu:- Duuka bu’ichi «Namni Waaqayyoo gonka fi hojii gaariidhaaf qopha’aa akka ta’uuf Kitaabni Afuura Waaqayyoo qabu hundiyyuu barumsaafi ajajaaf, laphee qajeelchuuf, gorsa qajeelummaatiifi ni fayyada» 2 Xim. 3:12-16 jedhee akkuma nu gorse:-

Kitaabolee Qulqullaa’oo dubbisuu (Roomee. 15:6-5)

Sagaleedhaan kan waraabaman qabiyyee fi ergaa Afuurawaa kan qaban Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo dhageeffachuu, Amantiin gonka ka’e kan argamu Waaqayyoo dhageeffachuun waan ta’eef, Roomee 10:17.

Agarsiisota Ortodoksaawaa ta’aan (Fiilmiiwwan Afuurawaa Ortodoksii Tawaahidoo ta’aa ergaa fi Qabiyyee Afuurawaa qaban) ilaaluu fa’i. Namni Ogummaa Solomoon «Iji kee wanta qajeelaa haa ilaalan!» jedheera waan ta’eef. Fakk. 4:25.

Qulqullina Qaama keenyaa eeggachuu

Uumamaan qaamni keenya foolii gaarii akka qabaatu, qaama keenya jala bultii Sanbataatti dhiqachuun qoophaa’uu, qulqullina qaama keenyaa eeguu irra darbee Waaqayyo Qulqulluu Amalummaa isaatiin waan ta’eef gara isaatti kabajaan dhiyaachuuf qophii taasisneen gatii itti arganna. Uumaa isaanii waliin wal arguuf kan hawwan Mana Israa’eeliin Museen akkas jedhee akka qopha’aan isaan ajaje «Qaama isaanii Qulqulleeffatan, uummannis uffata isaanii miiccan» Ba’uu 19:15.

Keessattuu umurii dargagummaa irra namoonni jirru qulqullina qaama keenyaa eeggachuu qabna. Akkasumas qulqullina kophee keenyaa, qulqullina kaalsii ykn shurraaba miilaa keenya eeguu akka dirqamaatti fudhachuu qabna. Namoonni obbooloonni keenya Sirna Qiddaasee hirmaatan hedduun foolii badaa irraa kan ka’e Mana Kiristaanaa keessatti Sirna Qiddaasee hirmaachuuf ykn Qaddasiisuuf fayyaa keenya irratti rakkoo geessisuu isaatiin, keessattuu Kaalsiin hin miiccamneefi fooliin kophee qulqullinni itti hirdhate gufuu itti ta’ee akka jiru dagachuu hin qabnu.

Namaaf danqaa ta’uun Qulqulluu Wangeela irratti sagalee Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin «Danqaa kan fiduuf nama sanaaf isaaf Wayyoo!» Maat. 18:7 jedhamee akeekkachiisni cimaan waan itti kennameef jireenya ilma namaaf danqaa akka hin taane haa hubannu, namaaf danqaa ta’uu irraa of haa qusannu.

Sirna Uffannaa Afuurawaa Eeguu

Qulqullina qaama keenyaa eeggachuu waliin Sirna uffannaa eeguun nurraa eegama. Qulqulluun Yaa’iqoob fakkeenya Mana Kiristaanaa kan taatu gara Beetelitti Aarsaa aarsuuf ajajni yeroo isa gahetti maatii isaatiin «Qulqulluu ta’aa! uffata keessanis jijjiiraa!» jedhee isaan ajajeera waan ta’eef. Uma. 35:2. Kanaafuu «Kanaafuu Abbaa kee gaafadhu sitti himu» SKD. 32:7 akkuma jedhe Hangafni Raajota Museen qaroomina jireenya Afuurawaatiif kan ta’aan Abbootii gaafachuun, haala uffannaa isaanii gaafachuun, beekuun isaan fakkeenya taasifachuun Mana Waaqayyootti kan uffatamu uffata Mana Kiristaanaatiif ta’u kan adda ta’e akka qabaannu ni barbaadama ykn osoo qabaannee ni filatama, uffata addaa kan Sanbataa yoo hin qabaanne kan qabnu miiccannee, qulqulleeffannee uffannee yoo deemne gaariidha.

Dabalataanis keessattuu guyyaa Sanbataatti akka tasaa yoo ta’een ala Jaakkettii qofa, Shamizii qofa uffatanii gara Mana Kiristaanaatti deemuun baay’ees bayeessa miti. Sababni isaas gara Mana cidhaa isa dachee kan irraatti ykn Cidha Addunyaa kanaatti waamamnee yeroo deemnu illee Misirroo fi Miizeewwan sana fakkaachuuf uffata gaarii hin taane akkuma uffannee hin deemne beekamaadha. Uffata hin taane uffannee yoo deemne illee Kabaja hin argannu sababni isaas maatii kabajee nu waame hin fakkaanne waan ta’eef. (Maat. 22:12)

Akkuma kana Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa ammoo gammachuu Afuurawaa kan itti argannu ykn qoodannu waan ta’eef, wanta badaa kan hin qabne Misirroon Mootichi Kiristoos kan ta’e Mana Cidhaa Qulqulleettii waan taateef Abbootii fi Dhiironni uffata isaanii, Gaabii isaanii bifa Fannootiin uffatanii, akkasumas haadholii fi shamarran ykn obbooloonni keenya akkasuma uffata aadaa isaanii uffatanii, uumaa isaanii fuulduratti bifa ykn fakkeenya Ergamoota Samiitiin galataaf yeroo dhaabbatan, Kabaja Waaqayyootiifi, isaaniifis miidhagina isaaniiti.

Sirna Qiddaasee dhaaf yeroo deemnu wantoota nuti uffachuun nurraa hin eegamne

Uffata halkanii kamiyyuu uffatanii deemuun nurraa hin eegamu

Uffata Mana Cidhaa fi waamicha garaa garaatiif uffannu uffannee deemuu irraa of qusachuu. Boca qaama keenya garmalee kan agarsiisan uffannaawwan akkasii uffachuun guyyoota Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa gara Mana Kiristaanaatti uffannee Sirna Qiddaasee hirmaachuun nurraa hin eegamu.

Afaa ykn Minxaafii waliin tokko ta’uu irraa of eeggachuu (Abbaa manaa ykn Haadha manaa waliin rafuu)

Gara Qulqulleettii Mana Kiristaanaatti Qiddaasee dhaaf, Wuddaasee dhaaf deemuu yeroo yaadnetti ykn deemuudhaaf guyyaa yaadnetti Minxaafii irratti tokko ta’uu irraa of eeggachuun nurraa eegama. Sababni isaas halkan sanatti foon keenya fedhii lubbuutiif bichisiisuun ni barbaachisa waan ta’eef. Namaaf qabeenyi isaa guddaan dhamaatii isaa waan ta’eef (Fakk. 12:13) fedhii fooniitiin kan dhadhabe yaada keenya ykn sammuu keenya qabannee gara Mana Qulqullummaatti deemuu irra guyyaa kanatti fakkeenya Ergamoota Samiitiin yaada ykn sammuu qajeelaatiin ta’uun galatoon Amalummaa isaa kan ta’e Waaqayyo galateeffachuuf yoo deeman eebba Abbaa firii soddomaa, jaatamaa fi dhibbaa ni buufatu.

Ifa Addunyaa kan jedhame Qulqulluun Phaawuloosis kanaafidha waa’ee Qulqullummaa Cidhaa yeroo dubbachaa dhufee ta’us garuu «Kadhannaadhaaf akka cimtaniif, walii galtanii yeroodhaaf yoo ta’een ala walii walii keessan wal hin dhorkiinaa» 1 Qor. 7:5 jedhee Waaqayyo tajaajiluuf yoo ta’e garuu Minxaafii, siree irratti tokko ta’uu irraa (Qaamaan tokko ta’uu) raawwachuu irraa of eeggachuu akka qabnu kan nu barsiisan. Fitihaa Negest, Keeyyata 24, Kutaa 7.

Yeroo Barteen Ji’aa Dubartoota irratti mudate of eeggachuu fi Sirna Qiddaasee

Hawwoonni keenya, obboloonni keenya Shamarrannii bartee ji’aa yeroo isaan irratti muldhatetti gara Mana Kiristaanaatti seenuu, Qulqulluu Qurbaanaaf of qopheessuufi Kadhannaaf, Qiddaaseef akkasumas Sirna Waaqessummaa raawwachuuf of qopheessuun sirrii miti. Fitihaa Negest Keeyyata, 14:5631.

Sababni isaas qulqullina Mana Kiristaanaa keenya eeguuf jedhameetu. Akkuma beekamu Manni Kiristaanaa iddoo Waaqessummaa Qulqulleettii waan taateef iddoo itti dhaabbannee kaasee laficha dhungannee, mallatteeffannee ykn nagaa gaafannee jaalala uumaa keenyaaf qabnu ibsuu waliin eebba gonka ta’e ni arganna jennee itti ni amanna.

Kana waan ta’eefis yeroo tokko tokko barteen ji’aa haadholii ykn obboloota keenya Shamarranii tokko tokko irratti kan eegamuu olitti ta’ee to’achuuf waan rakkataniif kanarraa kan ka’e miira Amantaa Kiristaana isa kan biraa kabajuu fi sammuu isaa irratti dhiibbaan akka hin geenyeef yeroo jedhamudha ykn jedhameetu malee, akka Sirna Kakuu Moofaatti ykn akka Sirna Kakuu Moofaa sanatti barteen ji’aa kun akka Abaarsaatti lakka’aamee miti.

Akkas jedhanii yaaduuniyyuu ofii isaatti cubbuudhas, ganiinsadhas. Akkas jedhee kan yaadu yoo jiraate illee Qulqulluun Efreem «Daabiloos kan ishii dogoggorsiise Heewaan bilisa ishee taasise» Heewaan Abaarsa Foonii, Abaarsa lubbuu irraa bilisa erga ishee taasisee, mucaan ishee haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam kennaan isaa, kabaja isaa akka nu hin dhoowwanne, nuuf kadhadhu! jedhee osoo ishee hin galateeffannee ture. Galata isaa kanaan Heewaan sababbii dogoggoraa waan taateef, gonkumaa ishee hin fayyisne Shakkitoota jedhaniif balbala isaanii itti cufeera. Wuddaasee Maariyaam kan Wiixataa.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hiikoo Sirna Qiddaasee Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 2ffaa first appeared on Qubee Online +.