Qabsuura Qulqullootaa | Qubee Online +

Qulqulleettii Kiristoos Samraa Seenaa fi Qabsuura Ishee
Haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraa

Mata duree kana keessatti Seenaa fi Qabsuura haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraa ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Haati keenya Qulqulleettiin Kiristoos Samraan eenyudha?

Haati keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraan Shawaa Bulgaa naannoo iddoo ykn bakka «Geeyee» jedhamutti. Kan dhalatte yoo ta’u, Abbaan ishee Deresenii, haati ishee ammoo Illeenii jedhamu. Abbaa fi haati ishee kunneenis Waaqayyo fuulduratti kan amanaman turan.

Intala isaanii kanas Sirna Mana Kiristaanaa, Kitaabolee Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa barsiisuun guddisan. Umuriin ishee heerumaaf yeroo gahuttis Abbaa fi haati ishee ilma Iyyesuus Mohaa kan Samraa Giyoorgis waliin bultii akka ijaarratan taasisan, ijoollee dhiiraa kudhanii fi ijoollee shamarrannii lamas ni deesse, isheenis ijoollee ishee seeraa fi sirna Waaqayyootiin guddiste.

Mootiin bara sanatti ture Atseen Gabra Masqal nama qajeelaa fi nama gaarii ture. Yeroo tokko mootichi waa’ee gaarummaa fi miidhagina Qulqulleettii Kiristoos Samraa yeroo dhaga’etti. Yeroo sanatti bulchiinsa isaa keessatti kan argaman dubartoota 174 keessaa tokko waan turteef waa’ee ishee ni bare.

Mootichis akka ishee tajaajilaniif ijoollee 272 ergeef. Ta’us garuu kuni Wuddaasee kantuu akka hin taaneef gara Waaqayyootti yeroo agarsiistutti. Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel abjuudhaan itti mul’atee.

«Nagaan siif haa ta’u jaalatamtuu Yaa Kiristoos Samraa! Arjummaa Waaqayyoo kan ta’e Habistii Samii sooradhu!» jedhee ishee soore. Keessa isheettis Afuurri Qulqulluu isheetti guute, uumaa ishees ni galateeffatte, tajaajiltoota mooticha irraa isheef ergamanii tures mariisistee Qulqulluun Mikaa’eel akkuma ishee ajaje maqaa isaatiin Mana Kiristaanaa ijaarsiste. Taabota Kakuu isaas Mana Kiristaanaa sana keessa galchuunis, Mana Kiristaanaa sanatti tajaajilaa turte.

Gaaf tokko garuu tajaajiltoota ishee keessaa ishee tokko irra afuurri hamaan ni bule, hin ajajamu jechuus jalqabde. Yeroo kanattis Qulqulleettiin Kiristoos Samraan irra deddeebitee ishee gorsite, tajaajiltuun sun garuu gorfamuu hin dandeenye.

Kanarraa kan ka’es garmalee itti aaru isheetiin tajaajiltuun sun ni duute. Garmalee kan gaddite Haati keenya Qulqulleettiin Kiristoos Samraanis «Kunimmaa Lubbuu ajjeesuu natti ta’a!» jettee garmalee boosse, gara Waaqayyootti yeroo kadhattettis Waaqayyo tajaajiltuu sana du’aa ni kaaseef.

Keessi ishees gammachuun guutame, akkasis jette «Jireenya Addunyaawaa keessa yeroon jiraadhu raajii kana yoo naaf raawwatte, jireenya Minnaaneen yoon jiraadhe ammoo hangam hojii raajii naaf hojjeta!» jettee Abbaa manaa ishee fi ijoollee ishee akkasumas maatii ishee dhiistee Monokoste.

Ta’us garuu ilma ishee isa dhumaa gara Gadaamii Dabra Libaanoos yeroo seentetti qabattee deemte. Namoonni naannoo sanaas fagoo irraa akka dhufte beekanii ofitti ishee siqsan, isheenis mucaa ishee achi keessee Gadaamii sana keessatti Kadhannaa, Tsoomii fi Sagadaan jiraatte. Ilmi ishee garuu haadha isaa yeroo dhabetti ni boo’e, ni beela’es.

Dubartii tokko karaa sana irra darbaa osoo jirtuu mucaa sanatti siqxee kaasuuf yeroo yaaltu Qulqulluun Mikaa’eel dursee kaasee fudhate, gara Jannataattis isa galche. Qulqulleettiin Kiristoos Samraanis gara mucaa isheetti yeroo deebitetti du’ee isa argite. Gadda cimaas ni gaddite, yeroo kanattis Qulqulluun Mikaa’eel isheef ibsamee ykn mul’atee mucaan ishee Jannata akka jiru itti himee ishee jajjabeesse.

Gara Xaanaattis ishee geesse, achittis waggoota 12’f bishaan keessa seentee qaamni ishee ciccitee hanga Qurxummiin keessa darbanitti dhaabbattee kadhatte. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis isheef ibsamee Waadaa kenneef, goonfoon 10 nis ni bu’eef.

Kadhannaa fi Sagada yeroo itti fuftettis Qulqulluu Mikaa’eel, Qulqulluu Gabri’eel, Qulqulluu Rufaa’eel fi haati isaa Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam akka ishee gargaaraniif gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos isheef eeyyame.

Haati keenya Qulqulleettiin Kiristoos Samraan gara laafettii waan turteef Gooftaa akkas jettee kadhatte «Yaa uumaa koo! ana garbittii kee wanta hamaa hunda irraa oolchiteerta waan ta’eef, Diyaabiloosis akka maartuuf ykn akka isaaf dhiistuuf sin kadhadha!

Kunis waa’ee Addaam fi waa’ee ijoollee isaa walumaa galatti namoota Addunyaa kana irra jiranii foon isaanii foon koo waan ta’eef akka isaan hin dogoggorsiisneef, akka hojii hamaa isaan hin hojjechiisneef jedheeni naaf maari jechuun koo!» jetteen. Gooftaan keenyas «Yaa Kiristoos Samraa! kadhannaa ajaa’ibaa na kadhatte! warreen kaanis si dura kan jiranis, si booda kan dhufanis kan kadhatan na kadhatte!» jedheen. Qulqulluun Mikaa’eelis gara Diyaabiloositti akka ishee geessu ajajame.

Si’ool yeroo gahaanis araara kan barbaadu yoo ta’e akka isa gaafattuuf Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel yeroo ishee ajajetti «Saaxinaa’eel» jettee isa waamte. Diyaabiloosis deebisee Saaxinaa’eel jedhee kan na waame eenyudha? jedhe, isheenis «Anadha» jetteen. «Gara kootti maalif dhufte?» jedhee yeroo ishee gaafatus «Uumaa kee waliin walitti si araarsuuf» jetteen.

Innis «Si’i manaa fi qabeenya kee bira yeroo jirtu sin dogoggorsiisa jedhee yeroon dhufu namnin si dhabe ana araarsuuf dhuftee? garuu kana kan taasise diinni koo inni durii Mikaa’eel dha, ana waliin yeroo hunda faallaa kan ta’u, kabaja koo irraas kan na buuse isadha malee ati maal humna qabda!» jedhee harka ishee qabee gara Si’oolitti ishee darbate.

Saffisuma sanattis Qulqulluun Mikaa’eel Sayifii isaatiin Si’ool rukute, ni banames, keessa isaattis lubbuuwwan hedduu argite, lubbuun ishees ni ifti waan tureef naannoo lubbuuwwan 10,000 ba’aanii irra qubatan, Si’ool keessaas isaan qabattee baate. Lubbuuwwan sana kan isheef maare Waaqayyos ni galateeffatte.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraa dhaaf boqonnaan ishee karaa mirgaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka ta’u fi maqaan ishees kanaan booda «Batra Maariyaam» jedhamee akka waamamu itti hime. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis ibsamtee «Yaa Kiristoos Samraa! gadameessi si deesse eebbifamtuu dha! …..» jetteen.

Kana boodas foon ishee Lubbuu ishee waliin waloomuun gara lafaatti deebite, hojjaa isheetiin boolla qochisiistee, naannawaa isheetti eeboowwan dhaabsiste, kunis gara fuulduraatti fi gara duubaatti yeroo deemtu akka ishee waraanuuf ture.Waggoota kudha lamaafis sagadaa jiraatte.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis akkas jedheen «Si kan jallatan, maqaa kee kan waammatan, yaadannoo kee kan yaadatan Ayyaana kee kan kabajan hanga dhaloota 12 tti siin maara!» dhuma irrattis Hagayya 24 lubbuun ishee foon ishee irraa adda baatee Ergamoonni ol ishee baasan.

Atsimiin kabajamaan haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraas Gadaamii Geeyee jedhamee keessa kaawwameera, Gadaamiin kunis Kiristaanota ishee yaadatanii fi nu araarsi jedhaniif kan ijaaramedha.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Eebbi fi araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraa hundaa keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Qulqulleettii Kiristoos Samraa Seenaa fi Qabsuura Ishee first appeared on Qubee Online +.

Abuna Takla Haymaanoot Seenaa fi Qabsuura isaanii
Seenaa fi Qabsuura Abbaa keenya Abuna Takla Haymaanoot

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot Qulqulloota dhalootaan Itoophiyaa ta’aanii Manneen Kiristaanaa Gibtsii keessatti kabajaman keessaa isaan tokko yoo ta’aan Mana Kiristaanaa Gibtsii ykn Koophxitti «Saint Takla Haymanot of Ethiopia» jedhamuun ni beekamu. Akka ragaan Wikipedia ibsutti Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot kan dhalatan bara bara Mootii ykn bulchiinsa Zaaguweetti, Shawaa iddoo Bulgaa jedhamutti.

Akkasumas Abbaan keenya Abbaa Takla Haymaanoot Manneen Kiristaanaa kanneen akka;

Ortodoksii Itoophiyaa

Gibtsii (Ortodoksii)

Ortodoksii Ertiraa

Kaatolikii Gibtsii

Kaatolikii Itoophiyaa fi

Mana Kiristaanaa Kaatolikii Ertiraatti akka yaadataman fi kabaja guddaa akka qaban Wikipedia irratti barreeffamee argama.

Abbaan keenya Abbaa Takla Haymaanoot eenyudha?

Takla Haymaanoot jechuun «የሃይማኖት ተክል፣ ተክለ አብ ተክለ ወልድ ተክለ መንፈስ ቅዱስ» ykn «Biqiltuu Amantaa, Biqiltuu Abbaa, Biqiltuu Ilmaa, Biqiltuu Afuura Qulqulluu» jechuudha.

Waaqayyo Gooftaan keenya biyya keenya Itoophiyaadhaaf Duuka Bu’aa haaraa taasisee kan isaan filate abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot Missiraachoo Ergamaa Qulqulluu Mikaa’eeliitiin Abbaa isaanii Luba Tseggaa Ze Aab fi haadha isaanii Qulqulleettii Igzi’a Harayaa irraa Bitootessa 24 garaatti baatamanii Mudde 24 bara 1197 tti dhalatan.

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot dhalatanii guyyaa sadaffaatti haadha isaanii harkaa bu’anii «አሐዱ አብ ቅዱስ አሐዱ ወልድ ቅዱስ አሐዱ ውእቱ መንፈስ ቅዱስ» ykn «Abbaan tokkichi Qulqulluudha! Ilmi tokkichi Qulqulluudha! Afuurri Qulqulluu tokkochis Qulqulluudha!» jechuudhaan Waaqayyo uumaa isaanii galateeffataniiru. Abbaa fi haati isaaniis maqaa isaanii «ፍሥሐ ጽዮን» ykn «Fisihaa Tsiyoon» jedhaniin. Kunis gammachuu Tsiyoon jechuudha. Maqaan durii Abbaa fi haadha Abuna Takla Haymaanoot Zarayaa Yohaannis fi Saaraa jedhama ture.

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot ijoollummaa isaanii irraa eegalee Abbaa isaanii Luba Tseggaa Ze Aab irraa Diqunnaa fi Sirna Mana Kiristaanaa qo’achaa turanii Hangafa Phaaphaasii Iskindiriyaa Abuna Qeerloos (Geerloos) irraa Diqunnaa fi Lubummaa argataniiru. Eebbifamoon Abbaan keenya Qulqulleettii Mana Kiristaanaa umurii isaanii dargaggummaatti tajaajilaa akka turan kanaan ni beekama.

Gaaf tokko Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot Adamoodhaaf gara bosonaatti deemanii osoo jiranii Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel isaaniif ibsamee isaanitti muldhate. Abbaan keenyas «Ol ka’iinsa akka kanaatiin kanan si ilaalu Gooftaa koo ati eenyu?» yeroo isaan jedhanitti.

Qulqulluun Mikaa’eel «Yeroo hunda kanan si eegu, sirraa kanan addaa hin baane Abbaa kee fi haadha kee waa’ee keetiif bishaaniin fudhatamuu ykn bishaanitti dhidhimuu irraa kanan oolche ani Mikaa’eelidha! kana booda bineensa hin adamsiin, nama gara Waaqayyootti deebisuuf, nama barumsaan kan fayyisu ta’i malee, kunoo Waaqayyo aangoo guddaa siif kenneera waan ta’eef, kan du’e ni kaasta, dhukkubsattoota ni fayyista.

Afuuronni hamoonis si sodaachuun ni baqatu, maqaan kee Fisihaa Tsiyoon hin ta’iin Takla Haymaanoot haa ta’u malee, hiikni isaas ‘የሃይማኖት ተክል፣ ተክለ አብ ተክለ ወልድ ተክለ መንፈስ ቅዱስ» ykn «Biqiltuu Amantaa, Biqiltuu Abbaa, Biqiltuu Ilmaa, Biqiltuu Afuura Qulqulluu’ jechuudha» jedheen.

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel kana yeroo isaanitti himu akkuma Gooftaan keenya yeroo Duuka Bu’oota isaa waliin tureetti maanguddoo fakkaateetu ture kan Abuna Takla Haymaanootitti muldhate. Gooftaan keenyas «Akkam jirta?» isaan jedhe Abuna Takla Haymaanootis «Yaa Gooftaa koo ati eenyu?» jedhanii yeroo isa gaafatan.

Gooftaan keenyas «Ani fayyisaa Addunyaa Iyyesuusidha. Dhalattee guyyaa sadaffaatti ‘አሐዱ አብ ቅዱስ አሐዱ ወልድ ቅዱስ አሐዱ ውእቱ መንፈስ ቅዱስ» ykn «Abbaan tokkichi Qulqulluudha! Ilmi tokkichi Qulqulluudha! Afuurri Qulqulluu tokkochis Qulqulluudha!’ jettee akka na galateeffattuuf kennaa galateeffannaa kan sirra bulche anadha. Bara beelaatti manatti nyaanni barbaachisaan hundi Dhadhaan, Daakuun Qamadii, mana Abbaa fi haadha keetti akka guutuuf harka keetiin kennaa Eebbaa kanan sirra bulche anadha. ……….. ijoollummaa kee irraa kaasee raajii hedduu taasisaa harka keetiin kan dhukkubsatan kan fayyise anadha.

Gara fuulduraatttis siif nan taasisa!» jedheen. Kanas jedhee harka isaatiin isaan eebbisee «ንሣእ መንፈስ ቅዱስ» jedhee kennaa muudamuu isaanirra bulche, lammaffaas «Lafa irratti kan hiite, Samii irrattis kan hidhame haa ta’u, Lafa irratti kan hiiktes Samii irratti kan hiikame haa ta’u!, si kan dhaga’e ana dhaga’uu isaati, kan na erge Abbaa koos dhaga’uu isaati, si kan dhaga’uu dide anas diduu isaati, kan na erge Abbaa koos diduu isaati, aangoo kana Duuka Bu’ootaaf kenneen ture, Duuka Bu’oota irraa aangoo kan fudhate Phaaphaasii muuduu fi aangoo isaa haquuf, dhaabuu fi buqqisuuf aangoo siif kenne.

Kanan kana siif taasise jecha Phaaphaasii sanaa cabsuun miti, Jaalalli koo so irratti hangam akka ta’e akka ibsamuufi malee.aa Gara Uummata Duuka Bu’oonni bira hin geenyeetti barsiisummaan akkan si erguuf jecha Mikaa’eeliitiin maqaa haaraa siifin baase. Atis hojii kamiiniyyuu isaanii gadi hin taatu.

Duuka bu’aa haaraa si taasiseera waan ta’eef, nama hunda maqaa kootiin barsiistee akka amansiistuuf, Mikaa’eelis hojii yaadde hundaaf gargaaraa siif haa ta’u, yeroo hunda sirraa adda hin ba’u, daandii deemtu hunda irrattiyyuu inni dursaa siif haa ta’u! ani bara jireenya kee hundumaatti sirraa adda hin ba’u!» erga isaaniin jedhe booda nagaa isaaniif kennee ol ba’e.

Abbaan keenyas harka fuudhanii «Ana cubbamaadhaaf kan hin taane ykn ana cubbamaadhaaf kan naaf hin malle kennaa kana hunda kan naaf kennite maqaan kee Samii fi lafa irratti kan galateeffame haa ta’u!» jedhan. Guyyaa sana irraa eegalee kennaa humnaa kan guutaman ta’aan.

Gara mana isaaniittis deebi’anii qabeenyaa fi qarshii qaban hunda Mana Kiristaanaatiif, hiyyeessotaaf kennanii fixan. Sana boodas «Maaloo Yaa Gooftaa koo Iyyesuus Kiristoos! balbala Mootummaa Waaqayyoo akka naaf bantuuf kunoo manni koo akka banametti siif dhiise!» jedhanii Mana isaanii akka banametti dhiisanii Wangeela barsiisuuf ba’aan.

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot biyya keenya Itoophiyaa keessa naanna’aanii uummata Cubbuu irraa gara hojii qajeelaatti, ganiinsa irraa gara Amanuutti ykn gara Amantaatti waan deebisaniif kanarraa kan ka’es Itoophiyaanotaaf ifa ykn ibsaa jedhaniiru. Bu’uura kanaanis bara 1219-1222 Dh.K.B waggoota sadiif Katataatti Wangeela barsiisan.

Itti aansaniis ji’oota sagaliif Wiifaatitti tajaajila isaanii raawwatan. Bara 1223-1234 Dh.K.B tti iddoo Daamoot jedhamutti ykn kutaa biyya Walaayittaatti waggoota kudha lamaaf uummata barsiisuudhaan uummata naannoo sanaa Xaa’otii ykn Waaqolii Tolfamoo Waaqessuu irraa gara Waaqayyo Waaqessuutti, Cubbuu hojjechuu irraa hara waan gaarii ykn waan qajeelaa hojjechuutti deebisaniiru. Manneen Kiristaanaas achitti ijaaramiiru.

Kutaa biyya kanaa ykn Walaayittaatti Diyaabiloos muka irra bulee «Ani Waaqadha!» jedhee baroota hedduudhaaf uummata dogoggorsiisuun muka itti fayyadamaa ture raajii Waaqayyootiin Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot buqqisaniiru.

Bara 1234 irraa kaasee hanga bara 1244 Dh.K.B tti yeroo jirutti ammoo ajajaa fi eeyyema Waaqayyootiin gara Amaaraa Saayint Wallootti deemuun Gadaamii Abbaa BeTseloote Mikaa’eel seenanii waggoota 10’f Sirna Minkusinnaa barachaa, Raajiiwwan garaa garaa hojjechaa hojii humnaatiinis tajaajilaa achi turan.

Bara 1244-1254 Dh.K.B tti ammoo gara Gadaamii Abbaan keenya Abuna Iyyesuus Mohaan itti argaman Hayq Isxifaanoos Gadaam dursummaa Qulqulluu Mikaa’eeliin seenuun gara ykn hara sana akka bishaan irra hin jirree ykn akka lafa gogaatti irra ejjechuun gara Eddoola sanaatti seenuun hojii tajaajilaa fi Eebbaa baay’isuun hojii Minkusinnaa isaanii itti fufanii xumura irraan gahaaniiru. Harka Abbaa Iyyesuus Mohaatiinis fakkeenya Qulqullummaa kan ta’e Minkusinnaa fudhataniiru.

Bara 1254-1266 Dh.K.B tti gara Tigraayitti deemanii Gadaamii Abuna Aragaawwii kan ta’e Gadamii Dabra Daamoo seenanii Aba Mineetii yeroo sana turan Abbaa Yohaanii irraa Qoobii fi Askeemaa fudhatanii waggoota kudha lamaaf Gadaamii sana keessatti Qabsuuraa fi eebbaan qabsuura isaanii Afuurawaa itti fufan. Hangafa ykn duree Monoksootaa kan ta’aan Abuna Inxoons eeyyemaa fi ajaja Waaqayyootiin Minkusinnaa Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel harkaa fudhatan.

Inxoonsis Maqaars guddichaaf aangoo Minkusinnaa kennan, Maqaars guddichis Phaakumiisiif Aangoo Minkusinnaa kenne, akkas akkas jedhee Minkusinnaan Abbootii keenya irraa gara dhalootaatti darbaa hanga Abbaa keenya Abuna Takla Haymaanootitti kan gahe yoo ta’u isaanis Abbootii hedduuf aangoo Minkusinnaa kennanii turan.

Isaan kanneen keessaas Abbaan keenya Abbaa Takla Haymaanoot harka irra kaa’uudhaan «በአንብሮተ እድ» kan isaan muudan urjiiwwan Kudha lamaan

Anoorewoos isa Wereb

Zeenaa Maarqoos isa Mooratu

Taadewoos isa Tsilaallish

Gabra Kiristoos isa Dimbee

Saamu’eel isa Wagag

Yooseef isa Innaaryaa

Adhaanii isa Daamoot

Isaayyaas isa Waajjuu

Marqooriyoos isa Manz Marraabetee fi Walaqaa

Qaawusxoos isa Mahaaggal

Maatiyaas isa Faxagar

Tsafaa Hitsaan isa Dawaaroo

Daawwit isa Insaaroo

Naataan isa Zal’aatuu fa’i.

Akkasumas harka irra kaa’uudhaan kan isaan muudan ija Arfan kan jedhaman Urjiiwwan Kudha lamaan:

Imbaaqoom

Yaa’iqoob

Maatiyaas

Wareegamaa Yohaannis

Yohaannis Maxihaar

Zatira ZeWangeel

Abrahaam isa nagaa «አብርሃም ሰላማዊ»

Qomoos hidhama ZeWangeel «እስረኛው ቆሞስ ዘወንጌል»

ZeKiristoos fa’i

Akkasumas Bullaallaa Adii kan jedhaman fi Abuna Takla Haymaanootitti aanee Dabra Libaanoositti kan muudaman;

Elsaa

Filiiphoos

Hizqiyaas

Tewoodiroos

Yohaannis dhokataa «ዮሐንስ ስውር፣»

Yohaannis Kamaa «ዮሐንስ ከማ»

Indiriyaas

Yimirihanne Kiristoos

Pheexiroos fa’i.

Abbaan keenya Eebbifamoon Abuna Takla Haymaanoot ajaja Ergamaatiin Gadaamii Dabra Daamoo irraa gara Gadaamii biraatti deemuudhaan yeroo ka’aan Aba Mineetiin Abbaa Yohaanii fi Monoksoonni yeroo isaan gaggeessan Abuna Takla Haymaanoot funyoo dheerina ciqilee afurtama qabuun hallayyaa sana bu’uufi akkuma jalqabaniin.

Seexanni funyoo sana jalaa kute. Abbaan keenya garuu yeroo kanatti koochoowwan ifaa jaha kennamaniifi balali’aa koochoowwan isaanii waliin rukutaa boqonnaa sadi deemanii yeroo boqotan Aba Mineetii fi Monoksoonni arganii garmalee gammadaniiru. Abbaan keenya gara Tigraayitti deemanii Gadaamii Abuna Aragaawwii kan ta’e Dabra Daamoo seenanii Aba Mineetii yeroo sana turan Abbaa Yohaanii irraa Qoobii fi Askeemaa erga fudhatan booda deebi’anii gas Gadaamii Hayq Isxifaanoositti deemuun Abuna Iyyesuus Mohaatiif Qoobii fi Askeemaa kennaniiru. Sana boodas gara Gadaamii Waaliitti seenuun Qulqulloota waliin wal arguun eebba irratti eebba, Qabsuura irratti Qabsuura dabalaniiru.

Bara 1266 irraa kaasee hanga bara 1267 tti waggaa tokkoof Gadaamiiwwan Tigraay hunda daawwachuudhaan gara Iyyerusaaleem fi Gibtsiitti deemuun iddoowwan Qulqullaa’oo achi jiran daawwatanii deebi’aniiru. Sana boodas iddoo «Daadaa» jedhamutti Waaqeffamaa kan ture Jawwee ciqilee 75 dheeratu humna kadhannaatiin mallattoo Fannootiin itti mallatteeffatanii raajiidhaan isa ajjeesaniiru.

Iddoo sanatti maqaa Bineensota ykn Kiruubeeliin Mana Kiristaanaa ijaaranii Taabota Waaqayyoo keessa galchaniiru. Dubartootaa fi daa’immaniin ala Dhiirota Xaa’otii Waaqessaa turan barsiisanii deebisanii cuuphuudhaan qorrobsiisaniiru.

Yeroo bara 1267 hanga 1289 jiru gidduutti ammoo Dabra Libaanoositti kan argamtu Gadaamii Asbootti holqa keessa seenuudhaan eeboowwan 8 (lamaan isaanii fuulduraan, lamaan isaanii dubaaan, lamaan isaanii Mirgaan lamaan isaanii ammoo bitaadhaan) dhaabsisanii harka isaanii bifa mallattoo Fannootiin diriirsuun Dhukkubbii fi du’a Kiristoos.

Dubbii Fannoo isaa yaadachuudhaan halkanii fi guyyaa osoo adda hin kutiin Tsoomii fi Kadhannaadhaan callisuun murta’aanii yeroo qabsuura’aan baay’inaan dhaabbachuu isaanii irraa kan ka’e Amajjii 4 bara 1289 tti miilli isaanii tokko ni muramte ykn ni cabde. Qulqulluun Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot halkanii fi guyyaa dhaabbachuudhaan, qabsuuraan, cimuudhaan miilli isaanii jallatte tokko yeroo cabdu umuriin isaanii waggaa 92 ture.

Bara 1289-1296 tti waggoota torbaaf miila isaanii tokkoon dhaabbatanii nyaataa fi dhugaatii malee, hirribas dhabuudhaan akka utubaatti cimanii ijoollee namaa hundaaf kadhachaa turaniiru. Waggoota torba sana keessaa bishaan xiqqoo kan dhugan waggaa isa arfaffaa irratti qofa ture. Yeroo sana keessatti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos isaaniif ibsamee sammuu namaatiin yaadamuu fi safaramuu kan hin dandeenye gadi fagoo fi adda kan ta’e Galmi Mootummaa erga isaaniif kenname booda waa’ee Waaqummaa kan dubbatu Arraba ykn Afaan ibiddaa kan qaban uffata Mootummaa isaan uffise.

Fakkeenya ykn mallattoo Fannootiin kan faayaman Goonfoowwan jireenyaa torba isaaniif kenneera. Kunis;

Waa’ee Amantaa qajeeltuu keetiif,

Amantaa barsiisuuf guutummaa Itoophiyaa keessa naanna’uu keetiif,

Namoota Ahizaabota waliin waa’ee Amantaatiif yeroo morkattu dhiiga kee dhangalaasuu keetiif,

Gara Iyyerusaaleemitti deemtee iddoowwan Qulqullaa’oo garaa garaa ilaaluu keetiif,

Waggaa torba dhaabbattee miilli kee tokkichi cabuu isaatiif,

Waa’ee baay’ina Tsoomii, Kadhannaa fi Sagada keetiif,

Waa’ee Qulqullummaa laphee keetiif jechuudhaan Goonfoo jireenyaa erga isaaniif kenneen booda Yaadannoo isaanii taasisuun, guyyaa Kabaja Ayyaana isaanii kan yaadatan hundi Addunyaa kana irrattis ta’e Addunyaa isa sanatti kabajaa fi gatii akka isaaniif kennu waadaa isaaniif Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waadaa guddaa isaaniif galeera. Foon isaaniis eessatti akka awwaalamu yeroo isaanitti himu «Hanga waggaa 57 tti foon kee asitti ni awwaalama, waggaa 57 booda garuu holqi kun ni diigamti, Gadaamii kana keessattis maqaa keetiin ijoolleen kee Mana Kiristaanaa guddaa hojjetanii Foon kee keessa ni kaa’u» jedheen.

Dhuma irrattis Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot guyyoota kudhaniif dhukkuba irra turanii waadaa Waaqayyo isaaniif galeen ijoollee isaanii Afuuraa Monoksootaaf erga himan booda Hagayya 24 kabaja guddaadhaan boqotaniiru. Abuna Takla Haymaanoot Qulqulleettii Lubbuun isaanii Foon isaanii irraa adda baatee ba’uu isheetiin dura ijoollee isaanii hunda eebbisanii yeroo isaan gaggeessan isaan keessaa Dubartiin isheen tokko «Yaa Abbaa keenya! Jecha keessaniin kan hidhaman yoo jiraatan nuuf hiikaa!» yeroo jettuun «Nama irraa kaasee hanga bineensotaatti kan hidhaman Bineensonni bosonaa hundi kan hiikaman haa ta’aan!» jedhan.

Yeroo kanattis Bineensonni bosonaa fi Allaattiiwwan ykn Simbirroonni jecha Abbaa keenyaatiin waggoota 18’f hidhamanii turan waggaa 18 booda ni hiikaman. Dubartiin sunis kana dubbattee bineensota bosonaa sana yeroo hidhaa irraa hiiksiiftu achi kan turan hundumtuu naasuudhaan, sodaa irraa kan ka’e gara alaatti ba’a.

Dursee Bineensonni bosonaa sababni isaan Abbaa keenya Abuna Takla Haymaanootiin itti hidhamaniif Duuka Bu’oonni isaanii nyaataaf kan ta’u hojii qonnaa xiqqoo hojjechuun Atara facaasanii, Raafuu dhabanii osoo jiranii yeroo sanatti Dabra Asboon lafa onaa waan turteef Bineensonni bosonaa kanneen akka Osolee, Qamalee, Jaldeessa, Xaddee fi kanneen biroos biqiltuu isaan dhabanii turan waan balleessanii isaan rakkisan.

Duuka Bu’oonni Abuna Takla Haymaanootiinis gara Abuna Takla Haymaanootitti dhufanii «Biqiltuuwwan keenya nu jalaa balleessan!» yeroo jedhaniin, Abuna Takla Haymaanoot ammoo «Nuti gara mana isaaniitti dhufne malee isaan gara keenyatti hin dhufne waan ta’eef dhiisaa!, akkuma keenya lubbuu kan qaban waan ta’aaniif dhiisaa!» jedhaniin. Turanii garuu Bineensonni bosonaa sunneen garmalee hammaatanii ykn biqiltuuwwan sana garmalee balleessuu jalqaban. Guyyaa tokko Abbaan keenya yeroo ilaalan Jaldeessi tokko dhufee harka dubartii tokkoo qabatee, kan isheen qabattee turte harkaa fudhate, garmalees ishee reebee ykn rukutee waan tureef iyyitee Monoksoonni gahaanii irraa rukutan ykn ari’an.

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanootis badii hamaa Jaldeessa kanaa erga argan booda «Bineensonni bosonaa lafa onaa kana keessa jirtan hundi Qulqulloonni kan itti dhadhaban qarshii isaanii tuqxanii, iddoo keessan darbitaniirtu waan ta’eef Ani kanan tajaajilu jecha Waaqayyootiin kan hidhamtan ta’aa!» jedhanii isaan gazzatan.

Guyyaa sana irraa eegalees Simbirroonni fi Bineensonni bosonaa kan hidhaman ta’aanii Harroonni Waraabessoota waliin Bineensota bosonaa waliin ooluu buluu eegalan. Ooyiruu isaaniis kan eegu hin jiru ture. Guyyaa boqonnaa isaaniitti garuu Monokseen ariifattuun sun «Yaa Abbaa keenya! Jecha keessaniin kan hidhaman yoo jiraatan nuuf hiikaa!» yeroo isaaniin jettetti.

Abbaan keenyas gizzitii ykn hidhaa isaanii kan bineensota bosonaa fi Allaattiiwwan ykn Simbirroota hidhanii ture kaasuu ykn hiikuu isaaniitiin erga isaan boqotan booda ganama isaa ka’aanii yeroo Oyiruu isaanii ilaalan Bineensonni bosonaa fi Simbirroonni wantoota Monoksoonni sun facaasanii turan hunda nyaatanii fixanii waan tureef wanti argatan tokkoyyuu hin jiru ture. Harroonni fi Saawwanis guyyaadhaan Waraabessootaan nyaatamanii argaman.

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanootis dursanii Duuka Bu’oota isaaniitiin «Yaa ijoollee koo! kan Monokkose hundi Mootummaa Waaqayyoo ni gala jechuu miti, Addunyaa kan tuffate kan dhiise qofti ni gala malee! jalqaba Qulqullummaa Waaqayyoo qofaa barbaadaa! Tsoomii fi Kadhannaa baay’isaa, wal walii keessan jaalladhaa! ajajaa fi abboommiiwwan isaas cimsaatii eegaa!» jedhanii.

Erga isaan gorsan booda waa’ee mataa isaanii yeroo dubbatan «Addunyaaf Ashaboo ofii koof ammoo kan Ashaboo hin qabnen (አልጫ) ta’e, Abbaa Murtii dhugaa Gooftaa koo! fuuldura yeroon dhaabbadhu maalin deebisa?» jedhanii gadi of qabiinsa guddaadhaan ni kadhatu waan tureef ammas Abbaan keenya kabajamtuun lubbuun isaanii Foon isaanii irraa osoo adda hin ba’iin fi Addunyaa kana waliin fooniin adda ba’uu isaaniitiin dura jecha gorsaa ykn abboommii Amantaa kanaa gadii nuuf dhaamaniiru;

«Ijoollee koo hin boo’iinaa! ta’us garuu jecha Jaarsicha Abbaa keessanii dhageeffadhaa! jalqaba Amantiin keessan Waaqayyo irratti haa ta’u! Addunyaa kana irratti akka namoota qabamanii akka namoota Addunyaa waa’ee Uffatas fi nyaataa hin yaadiinaa! yeroo hunda Kadhannaa adda hin kutiinaa! Mana Kiristaanaatiif halkaniifi guyyaa tajaajilaa! Waaqayyo kan jaallatuun Qulqullummaa fi Tsoomii jaalladhaa!

Wuddaasee kantuun kan itti baay’atu Addunyaa kana hin jaallatiinaa! isin akka Abbootiin keessan darbaniitti warreen gidiraa fi dhadhabbii guddaadhaan Addunyaa kana injifatanii yaada hamaa gatanii kanneen injifatan isaan fakkaadhaa! daandii isaanii yoo hin hordofnes ijoollee isaanii hin jedhamtan waan ta’eef, gidiraa keessan irratti yoo isaan hin fakkaanne gammachuu isaanii irratti isaan hin fakkaattan waan ta’eef.

Yeroo dhadhabbii isaanii yoo isaan waliin hin taane gara mana isaaniitti hin seentan. Abbootii keessan Qulqulloota darban fakkaattanii Abbaa keessan cubbumaa ammoo ana fakkaadhaa! Nyaataa fi dhugaatiidhaan lapheen keessan akka hin ulfaanne, Foon nyaachuu fi dhaadhii dhuguu irraa of qusadhaa! of jajuufis uffata Addunyaawaatiin of hin miidhagsiinaa! Askeemaan Ergamootaa hojii Addunyaawaa waliin walitti dhufeenya hin qabu waan ta’eef.

Addunyaas, kan Addunyaa irra jiru hundas hin jaalatiinaa! Addunyaanis, fedhiin isaas kan darbudha waan ta’eef, fedhii Waaqayyoo kan taasisu garuu bara baraan ni jiraata. Ijoollee koo! Lubbuu keessaniif malee garaa keessaniif hin bitamiinaa! hundumti keessan waliif obboleewwan ta’aa! wal walii keessanis wal jaalladhaa! Jaalalli Afuura Qulqulluu irraa argamu Cubbuu ni balleessa waan ta’eef, Xuraa’aa Fooniifi Lubbuus ni qulqulleessa waan ta’eef.

Kana yoo eegdanis dhugumatti ijoollee kooti. Firii jireenyaa kan buufattan taatu. Gara fuuldura Waaqayyootti kabajaan ni dhiyaattu. Ijoollee koo! nagaan isiniif haa ta’u!»

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot gorsa Afuurawaa jireenya Afuurawaaf galaa ta’aan kanneen erga ijoollee isaanii gorsan booda Lubbuun isaanii Foon isaanii irraa adda baate.

Fayyisaan Addunyaa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis haadha isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi Ergamoota Qulqullaa’oo isaa waliin ibsameefi Qulqulleettii Lubbuu isaanii «Yaa Lubbuu Qulqulleettii gara kootti koottu!» jechuudhaan harka isaa kabajamoo dhaan fudhateera.

Qulqulloonni Ergamoonnis «Duuti nama qajeelaa Waaqayyo biratti kabajamaadha!» jechaa faaruudhaan erga ol baasan booda Teessoo Sillaasee fuulduratti sagadde. Lubbuun kunis Abbaan keenya osoo lubbuun jiruu gara argee ture dhaala isaa bara baraatti ishee geessanii galchan. Gooftaan keenyas ija kan hin argamne, sammuu namaatiinis qoratamuu kan hin dandeenye gara galma Mootummaa isaatti isaa galchee Amalummaa Waaqayyoo kan dubbatu Arraba ykn Afaan ibiddaa kan qabu Uffata Mootummaa isaan uffise.

Mootummaa Waaqayyoo ykn Mootummaa Samii Shananiitti, Ardiiwwan Jannataa 15 irratti isaan muude. Lubbuuwwan maqaa isaa waaman keessaas Qulqulluus ta’u cubbamaa gara Abbaa keenya kabajamaa Takla Haymaanootitti osoo hin geessisiin gara dhaala isaa bara baraattis ta’e gara Si’oolitti isa hin geessan.

Lubbuun kunis kana yeroo argitetti «Abbaa koo! Abbaa koo! Yaa Takla Haymaanoot!» jettee ni iyyiti. Qulqulluun Abbaan keenyas gara Lubbuu sanaatti ilaalee hojii gaariin yoo irraa argame, maqaa isaa waamuudhaan araarsummaa isaatiinis kan amanamte yoo taate «Ani Abbaan kee kunoo!» jedhaan. Gara uumaa isaattis kadhatee waadaa isaaf kennameen gara jireenya bara baraatti ishee geessisa.

Guyyoota Yaadannoo Ayyaana Abbaa keenya Abbaa Takliyyee akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti

Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyoonni Yaadannoo Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot isaan armaan gadiiti;

Bitootessa 24 :- Guyyaa itti garaatti baataman (Mudde 24 bara 1196 Dh.K.B)

Mudde 24 :- Guyyaa itti dhalatan (Mudde 24 bara 1197 Dh.K.B.)

Sadaasa 24 :- Luboota Digdami Arfan Samii ykn Suraafeel waliin fooniin osoo jiranii Teessoo Sillaasee kan itti ulan

Amajjii 4 :– Guyyaa itti miilli isaanii baay’isanii dhaabbachuu irraa kan ka’e guyyaa itti cite (Amajjii 4 bara 1289 Dh.K.B) ta’us garuu guyyaa boqonnaa isaanii waliin wal qabatee Ji’uma Amajjii gaafa guyyaa 24 ni kabajama.

Hagayya 24 :- Guyyaa itti boqotan (Hagayya 24 bara 1296 Dh.K.B)

Caamsaa 12 :- Guyyaa Filsataa Foon ykn Ekeraa isaanii (Caamsaa 12 bara 1353 Dh.K.B)

Akkasumas akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti ji’a ji’aan gaafa guyyaa 24 guyyaa yaadannoo Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot ta’ee ni yaadatama, ni kabajama.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbii fi Araarsummaan Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot nurra haa bulu!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Abuna Takla Haymaanoot Seenaa fi Qabsuura isaanii first appeared on Qubee Online +.

Seenaa fi Qabsuura Qulqulluu Aginaatewoos Leencaaf kenname
Seenaa Qulqulluu Aginaatewoos

Mata duree kana keessatti seenaa fi qabsuura Qulqulluu Aginaatewoos ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Paatriyaarkonni Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Antsookiyaa jaalalaa fi kabaja Paatriyaarkii ykn Abbaa Mana Kiristaanaa isaaniitiif qaban irraa kan ka’e, akkasumas hojiin guddaan inni Mana Kiristaanaa isaaniif hojjate dhaloota itti aananiif akka darbuuf yaaduun Paatriyaarkota bara 1293 irraa kaasee muudaman baay’een isaanii maqaa isaatiin akka waamaman taasisaniiru.  Abbaan jabaan Mana Kiristaanaa kun Qulqulluun Aginaatewoos Hangafa Phaaphaasii Mana Kiristaanaa Antsookiyaa sadaffaadha. (lammaffaadha warri jedhanis jiru).

Ibsa Suuraa:- Suuraa armaan ol argitan irratti kan argamu Qulqulluu Aginaatewoosidha.

Barreessaan Seenaa Mana Kiristaanaa hangafni Awusaabiyoos akka ibsetti Antsookiyaatti Mana Kiristaanaa kan hundeesse Qulqulluu Pheexiroosidha. Qulqulluun Pheexiroos gara Roomitti hanga deemetti hangafa Phaaphaasii jalqabaa ta’uun /Bara 34-40/ Kiristaanummaa barsiiseera. Bakka isaas Qulqulluu Ewuudiyoosiif aangoo Phaaphaasummaa kennuun erga muude booda Qulqulluun Pheexiroos gara Roomitti deemeera.

Ewuudiyoosis Mana Kiristaanaa Antsookiyaa dursaa tajaajila Afuurawaa isaa raawwachaa osoo jiruu ajaja Neeroon /bara 54-68/ qeesaariin godaansa ka’een Wareegamummaan boqoteera. Sana boodas «Seenaa Mana Kiristaanaa» Kitaaba jedhu irratti «Qulqulluu Pheexiroos irraa aangoo Phaaphasummaa argatee kan ture Qulqulluun Aginaatewoos Phaaphaasii ta’ee muudame.» jedha.

Kitaabni Sinkisaar kan Gi’izii fi Amaariffaa /Fulbaanaa hanga Gurraandhalaatti/ kan ji’a Muddee guyyaa 24ffaa irratti waa’ee Seenaa Qulqulluu Aginaatewoos yeroo ibsu «Qulqulluun kunis duuka bu’aa Wangeelaawwii Yohaannis ture. Lallaba Wangeelaatiinis tajaajiluun isa waliin biyyoota hedduu naanna’uun barsiiseera.  Kana boodas biyya Antsookiyaatti hangafa Phaaphaasummaa isa muude. Keessa isheettis jireenya kan taate barumsa Wangeelaa ni barsiise. Baay’eewwanis gara Waaqayyo beekuutti isaan deebise. Cuuphaa Kiristaanummaas isaan cuuphe. Barumsa isaaniitiinis laphee isaanii ni ibseef.» jechuun kaa’eera.

Magaalaan Antsookiyaa kan hundoofte Dhaloota Kiristoos dura naannoo dhuma Jaarraa Sadaffaatti. Bara sanattis bulchiinsa cimaa ykn Qeesaar Room jalatti Magaalota Roomii fi Iskindiriyaatti aantee magaalaa guddoo sadaffaa kan turte yoo ta’u Sooriyaatti garuu magaalaa guddoo turte. Magaalaan kun hardha maqaan ishee irraanfatamaa deemuyyuu Kitaaba Qulqulluu keessatti inumaayyuu kakuu haaraa keessatti Antsookiyaan iddoo guddaa qabdi. Handhuura Kiristaanotaa turte.

«Gargaartota ykn Abbootii 72’n» /Ardaet/ moggaasa jedhuun waamamaa kan turan Kiristaanonnis yeroo jalqabaatiif «Kiristaana» maqaan jedhu kan ba’eef magaalaa Antsookiyaatti. HDB. 11:26. Duuka bu’oonni gara magaalaa kanaatti dhufuun barnoota Afuurawaa sirriitti keessatti babaldhisanii ture. Qulqulluun Phaawuloos keessumattuu hiyyeessota Iyyerusaaleem jiraataniif yeroo gargaarsa walitti qabu kan keessa deddeebi’u turte. Du’a Wareegamaa Qulqullicha Isxifaanoos boodas isa jalatti hunda’aanii kan turan «Waldaa Iyyerusaaleem Kuma Saddeet» Kiristaanonni Iyyerusaaleem irraa godaananii magaalaan itti dheessan Antsookiyaa turte.

Waa’ee Phaaphaasii Sadaffaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Antsookiyaa kan turee Qulqulluu Aginaatewoos Seenaa ijoollummaa fi haala guddina isaa baldhinaan wanti barreeffame hin jiru. Seenaa Qulqulluu kanaas kan barreeffame baay’inaan qabsuura Wareegamummaa isaati.

Aginaatewoos Ahizaabota Antsookiyaa jiran maraaf Wangeela sirriitti barsiise. Namoonni biyya isaa Xaa’otii Waaqeffachaa turanis gara Waaqayyootti deebi’aani. Iddodhaa iddootti naanna’uun namoota Xaa’otii Waaqeffatan hundatti hanqina isaanii itti hima ture. Kanaanis kan dheekkaman namoonni Xaa’otii Waaqessan tokko tokko bara 110 Dh.K.B gara Mooticha Xaraabiyoos ykn Tiraayaanoositti /bara 98-117 Dh.K.B/ deemanii « Aginaatewoos Xaa’otii ykn Waaqolii kee akka hin Waaqessineef dhorka, namootaanis (Waaqeffattoota Xaa’otii) barsiisee Kiristaanummaa gara fudhachuutti isaan galche.» jechuun isa himatan.

Aginaatewoos garuu qajeeltuu kan taate Amantaa koo Kiristaanummaa hin ganu jechuudhaan, inumaayyuu namoonni Kiristaanummaan cimanii akka dhaabbatan, Warreen Ahizaabotaas gara Amantaa Kiristaanummaatti akka dhufan cimee fi dhama’ee barsiisuu isaa itti fufe.

Mootichis Loltoota isaa ergee gara isaatti akka fidan taasise. Aginaatewoos Antsookiyaa tii gara Roomitti Loltootaan marfamee osoo deemuu, biyyootaa, magaalotaa fi mandaroota keessa darbu hundumaatti Kiristaanota karaatti isaan argu hundumaatti Sagalee Waaqayyoo barsiisuun, amantaa isaaniitiin akka cimanii dhaabbatanii fi Ahizaabotattis Wangeela lallabuun gara Amantaa Kiristaanummaatti akka dhufan ni taasisa ture.

Izmiirn (Smyrna) yeroo gahu Qulqulluu Poolikaarp fi Phaaphaasiin Efeesoon Abuna Oneezimuuz isa simatanii isa keessummeessaniiru. Imaluma isaa kana irra osoo jiruu Xalayaawwan ykn Ergaawwan Torba barreessee Kiristaanota Efessoon, Maagneeziyaa, Tireelis, Filaadalafiyaa, Izmiir fi Kiristaanota Roomiif akkasumas Phaaphaasii Izmiir Qulqulluu Poolikaarpiif dhuunfaatti ergeera. Xalayaa ykn ergaawwan isaa hunda irratti Aginaatewoos waa’ee tokkummaa Mana Kiristaanaa cimsee hubachiiseera. Xalayaawwan ykn Ergaawwan kunneenis hardha Afaanota Sooriyaatti, Armeeniyaatti, Laatiniitti, Afaan Griikiitti akkasumas afaanota kanneen birootti hiikamuun Duuka Bu’ootatti aananii kan ka’aan Kitaabolee Abbootiin Mana Kiristaanaa barreessan waliin iddoo tokkotti walitti qabamanii argamu.

Qulqulluun Aginaatewoosis Room gahee Mooticha fuulduratti erga dhiyaate booda, Mootichi «Maalif kana taasiste? Waaqoliin Koo’s maalif akka hin Waaqeffamne dhorkite?» jedhee Qulqulluu Aginaatewoos gaafate. Qulqulluun Aginaatewoosis «Yaa Mootii! osoo naaf danda’aamee gara Iyyesuus Kiristoositti osoo si’iis si galchee ture» jedheen. Mootichis «Kana dhiisiitii Waaqolii kootiif aarsaa dhiyeessi, yoo didde ammoo gidiraa guddaadhaanin si gidirsa» jedheen.

Qulqulluun Aginaatewoosis «Ana irratti kan barbaadde raawwadhu, ani garuu Waaqolii kee rakasaniif aarsaa hin dhiyeessu, hin sagadu!, gidiraan ati anarraan geessus Ibiddas yoo ta’e, Leencas yoo ta’e hin sodaadhu, jaalala Waaqayyo jiraataa Iyyesuus Kiristoos irraa adda na baasuu hin dandeessu!  » jechuun murtee isaa itti hime.

Dubbii isaa ogummaan dabaalame kanas kan dhaga’e Mootichi ni dheekkame. Garmalees ni aare. Akka isa gidirsaniifis Loltoota isaa ajaje. Isaanis tokko yeroo dhadhabu inni kam biraa itti darbuudhaan itti baay’atanii dabare dabareen isa gidirsan. Harka isaa keessattis ibidda ka’aanii qabduudhaan qabuun isa guban. Cinaachota isaa dibataa fi ibidda itti dabaluun isa guban. Foon isaas ni babbaqaqsan. Inni garuu Amantaa isaatiin cimee dhaabbate. Gidiraa isa irra gaheef jedhee yaada isaa hin jijjiirre, harkas hin kennanne, hundumayyuu obsaan fudhate. Loltoonni isa gidirsaa turan garuu Qulqulluu Aginaatewoos gidirsuun waan isaan dhadhabsiiseef, boqotanii tooftaa ittiin isa gidirsan kan biraa barbaachuuf gadi ta’aanii marii eegalan. Qulqulluu Aginaatewoosis gara Mana Hidhaatti galchan, guyyoota hedduufis achi keessa ture.

Guyyoota hedduu boodas Mana Hidhaatii isa baasanii irra deebiin Mooticha duratti isa dhiyeessan. Mootichis «Yaa Aginaatewoos! Waaqolii koo osoo argitee miidhagina isaanii ni ajaa’ibsiifatta ture, baay’ee sitti bareedu ture» jedheen, Qulqulluun Aginaatewoos garuu homaa itti hin fakkaanne, «Yaa Mootii! Iyyesuus Kiristoositti osoo amantee warreen du’an kan kaastu, warreen dhukkubsatan kan fayyistu si taasisa ture» jechuun deebiseef.

«Aduudhaaf sagaduu caala wanti gaarii ta’e hin jiru » jedhe Mootichi. Qulqulluun Aginaatewoosis «Mootummaan isaa kan hin dhumne Uumaa dhiistee, Aduu uumameef sagaddaa?» jedhee deebiseef. Mootichis «Ofii keetiif waan gaarii jette, garuu namoota Antsookiyaa fi Sooriyaa harkistee gara Kiristoos Waaqeffachuutti isaan galchite» jedheen. Qulqulluun Aginaatewoosis obsi isaa akkuma jiruttidha. Gidiraa fi rakkoon isa irra gahu isa hin injifanne, achiinis «Yaa Mootii! Kantuu kan ta’e Xaa’otii Waaqeffachuu irraa namoota gara Waaqayyo Samii fi Lafa Uume Iyyesuus Kiristoos amanuutti waanan fideef natti dheekkamtaa? Xaa’otiiwwan kee rakasaniifis akkan sagadu fi akkan aarsaa dhiyeessu na ajajjaa? Ani garuu jedha kee fudhadhee Xaa’otiiwwan keetiif hin sagadu, aarsaas hin dhiyeessu!, Waaqa dhugaa Abbaa, Ilmaa fi Afuurawaa Qulqulluutiifan aarsaa dhiyeessa malee! » jedheen.

Mootichis kanaan ol isa obsuu hin dandeenye. Aarii isaa fi miira isaas to’achuu dhadhabe, foon isaa irraas (kan Qulqulluu Aginaatewoos) osoo homaayyuu hin hambisiin, caccabsanii akka isa nyaataniif Leenconni beela’aan lama akka itti gadhiifaman loltoota isaa ajaje.

Qulqulluun Aginaatewoosis Leenconni gara isaatti dhiyaachaa dhufuu isaanii yeroo argetti sagalee isaa olkaasee uummata achi jiraniin akkas jedhe. «Asitti kan walitti qabamtan isin namoonni Roomee jecha koo dhageeffadhaa, baraas! Ani gidiraa kana kanan obse oftuulummaa fi ofjajaaf miti ( oftuulummaa fi ofjajaan miti). Jaalala Gooftaa fi Uumaa koo Iyyesuus Kiristoosiin malee. Ammas Leenconni kunneen akka Qamadiitti akka na daakan lubbuun koo ni hawwite. Lubbuun koo gara Iyyesuus Kiristoositti deemuuf hawwiteerti waan ta’eef.»

Mootichis jedha isaa dhaga’ee ni ajaa’ibsiifate. Rifaatuunis irra bulee akka jedhe «Obsi Kiristaanotaa hangam baay’ataa? waa’ee Amantaa isaaniitiif gidiraawwan akkasii Ahizaabota irraa dhufu kan obsu eenyudha?». Leenconni sunneenis gara Qulqulluu Aginaatewoositti dhiyaatan. Isas hin tuqxe, naasuudhaan jeeqamanii fuuldura isaa dhaabbatan. Sana booda Leenci inni tokko morma isaa qabe, yeroo sanattis itti tole Lubbuu isaa Uumaa isaa Iyyesuus Kiristoositti kenne. Kadhannaa isaas ni raawwateef.

Leenconni sunneen Foon isaa nyaachuu mitiitii  tuquudhaafiyyuu isaaniif hin danda’aamneef. Dhuma irrattis Kiristaanonni Room kabajaan magaalaadhaa alatti isa awwaalan. Qulqulluun Aginaatewoosis haala kanaan maqaa Iyyesuus Kiristoosiin qabsuura gaariidhaan wareegame. Qabsuurri isaas dhalootaa dhalootatti darbee amantoota akka barsiisuuf qabsuurri isaa ni barreeffame. Guyyaa ayyaana yaadannoo isaa ni murteessan.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u! Eebbi Qulqullicha kanaa nu waliin haa ta’u!

The post Seenaa fi Qabsuura Qulqulluu Aginaatewoos Leencaaf kenname first appeared on Qubee Online +.

Haadha keenya Qulqulleettii Arseemaa | Ortodoksii Tawaahidoo
Haati keenya Qulqulleettiin Arseemaa Eenyudha?

Haati keenya Qulqulleettii Arseemaa eenyudha? seenaa fi Qabsuurri haadha keenya Qulqulleettii Arseemaa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti akkami? guutummaa isaa dubbisaa!

Si’ilii Qulqulleettii Arseemaa

Seenaa Qulqulleettii Arseemaa

Qulqulleettiin Arseemaa Abbaa ishee Qulqulluu Tewoodiroosii fi haadha ishee Qulqulleettii Atinaasiyaa irraa wareegaan kan dhalattedha. Kan dhalattes Jaarraa 3ffaa keessaa Xaaliyaan, Roomitti, Ji’a Muddee, Kamisa gaafa guyyaa 6 yoo ta’u. Gara Armaniyaatti kan godaante ykn baqatte Mootiin Diyooqilixiyaanoos Kiristaanotaa fi ishee gidirsuu isaatiin. Barri isheen keessa turtes «Bara Wareegamtootaa» jedhamuun beekama.

Qulqulleettiin Arseemaa wareegamtuu Mana Kiristaanaa  bara 290 keessa Armanitti wareegamummaan boqottedha. Biyyi dhaloota ishee Room yoo ta’u, wareegamummaa kan fudhatte ammoo Armanittidha. Nuti hordoftoonni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ykn Itoophiyaanonni «Qulqulleettii Arseemaa » yeroo jennuun, isaan ammoo «Saint Hripsime» jedhanii waamu. Namni Seenaa Qulqulleettii Arseemaa dubbisuu barbaade hundi maqaa Qulqulleettii kanaa Google irratti barreesse yoo barbaade salphaatti argachuu ni danda’a.

Maqaa «Saint Hripsime» jedhuun jechuudha. Manneen Kiristaanaa warreen durii ykn hangafoonni guyyaa Yaadannoo Qulqulleettii Arseemaa. Fulbaaana 29 ykn October 9 guyyaa itti wareegamummaa fudhatte ni kabaju. Manni Kiristaanaa yeroo jalqabaaf maqaa isheen kan hundaa’e ykn kan moggaafame ykn kan ijaarameef Arman, Echimiiziin keesssatti bara 395tti dha. Manni Kiristaanaa Qulqulleettii Arseemaa kun Manneen Kiristaanaa durii osoo hin diigamiin turan keessaa isa tokkodha.

Ekeraa ykn Atsimiin Qulqulleettii Arseemaa Jaarraa 14ffaa keessa Atsimii Wareegamtoota kaanii waliin gara Itoophiyaatti akka dhufe Abbootiin tokko tokko Tiwuufiitiin ni dubbatu. Gojjaam Eddoola Xaanaa fi Walloo Siriinqaatti Manneen Kiristaanaa argaman kanaaf ni caqasamu. Keessattuu amma bara jirru kana keessatti iddoo Itoophiyaanonni jiran maratti Qulqulleettiin Arseemaa Wareegamtuu guddoo ykn caalaatti maqaan ishee waamamu taateerti.

Seenaan Dubra Qulqulleettii kanaa ykn Qulqulleettii Arseemaa kitaaba Mana Kiristaanaa keenyaa galmee Qulqullootaa qabu Sinkisaara kan gaafa guyyaa Fulbaana 29 dubbifamu irratti barreeffamee argama. Akka biyya keenyaattis ykn akka Mana Kiristaanaa keenyaattis Qulqulloota biyya alaa Qabsuurri isaanii hiikameef  ykn gara afaan biyya keenyaatti  kan hiikameef keessaa tokko Qulqulleettii Arseemaa dha.

Sababni kanaas beekamaadha. Qulqullonni Itoophiyaadha gara Armanitti deeman, Armanii gara Itoophiyaatti kan dhufan hedduun turaniiru. Naannoo Jaarraa 10ffaatti Faarsotaan badii Armanoota irra gaheen ykn weerara warri Faars Armanoota irratti gaggeessan baqachuun Armanoonni hedduun gara Itoophiyaatti dhufuu isaanii fi iddoo hardha Hayq Isxifaanoos jedhamu qubachuu isaanii seenaan Arman nutti hima. Afaan Armanittis «Hayq» ykn Haroo (Hara) jechuun «Gadaamii» ykn «Kawaala» jedhuudha jedhu.

Karaa biraatiin ammoo Jaarraa 13ffaa keessa lammiin Itoophiyaa Abuna Ewoosxaaxeewoos jalqaba gara Gibtsiitti (Bara 1330-32), achiin boodas gara Israa’eelitti, dhuma irrattis gara Armanitti imalanii waggoota kudha afuriif erga achi turaniin booda, bara 1352tti boqotaniiru. Boqonnaa isaanii boodas ykn boqochuu isaanii boodas Duuka Bu’oonni isaanii gara Itoophiyaatti deebi’aniiru.

Duuka Bu’oonni ykn Bartoonni Abuna Ewoosxaaxeewoos gara Itoophiyaatti deebi’an kunneenis  Kitaabolee Qulqullaa’oo biyya alaa ykn kan Itoophiyaan alaa hedduu qabatanii dhufuu isaanii fi gara Gi’iiziitti hiikuun gahee guddaa taphataniiru. Yeroo Bulchiinsa Goondaris Qomoosiin Abuna Yohaannis jedhaman haftee Ekeraa «Terefe Atsim» Abuna Ewoosxaaxeewoos qabatanii bara Adiyaam Segged Iyyaasuu dhufanii ture. Walitti dhufeenyi asii fi achiin ture kunis Qulqulleettiin Arseemaa Itoophiyaanota biraatti akka beekamtu taasisaniiru. Qabsuurri ishees gara Gi’iziitti hiikamuu danda’eera.

Si’iliin Qulqulleettii Arseemaa inni sirriin kamidha?

Akkaataa Fakkiin Qulqullootaa itti kaafamu

Fakkii Qulqulla’aa ykn Si’ilii Qulqullootaa irratti gubbaa irratti Goonfoon, Zanbaabaan, Xoofoo Fannoo fa’a arguun kan baramedha. Si’ilii Qulqullicha Qiirqoosiifi Qulqulleettii Iyyeluxaa irrattis Zanbaabaan, Tsiwwaan ykn Xoofoon, Fannoon ni muldhata.

Dabriiwwan ykn Manneen Kiristaanaa Qulqulleettii Arseemaattis ta’e manneen Kiristaanotaatti Si’iin argamu ykn Si’ii Qulqulleettii Arseemaati jedhamee baay’inaan kan argamu Si’ilii Qulqulleettii Barbaaraati. Yeroo baay’ees Si’ilii Qulqulleettii Arseemaa jedhamee kan baay’inaan gurgurauu fi baay’inaan kan Itti fayyadaman Si’ilii Qulqulleettii Barbaaraa kana. Itti aansees Si’ilii Qulqulleettii Luusiyaa, darbee darbee ammoo Si’ilii Qulqulleettii Kaatriin fi Qulqulleettii Kiyaarkee dogoggoraan akka Si’ilii Qulqulleettii Arseemaatti fayyadamuun baay’inaan muldhata.

Wareegamtonni kunneen dargaggummmaa fi durbummaa isaaniitiin Xaa’ootii Waaqeffachuu diduu isaniitiin gidiraa Fannoo fudhataniin ykn isaan irra gaheen, Seenaa walfakkaataa qabaachuu isaaniitiin Si’ilii isaatiin adda baasuun waan nu rakkise fakkaata. Fakkeenyaaf Waregamtoonni kunneen hundi yeroo fakkiin ykn si’iliin isaanii kaafamu Fannoo, Xoofoo, Zanbaabaa qabatanii akka Ortodoksiittis, akka Kaatolikiittis ni kaafamu.

Si’iliiwwan Qulqullootaa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidootti

Si’iliin Qulqullootaa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo wantoota armaan gadii qabachuu qaba; jechuunis Qulqulloonni wantoota armaan gadii qabachuu qabu;

→ Fannoo qabachuun isaanii :-

Kan na jaalatu yoo jiraate fannoo koo baatee na duukaa haa bu’u bu’uura jedheen Gidiraa Fannoo Kiristoos fudhachuu isaanii agarsiisa. Luq. 9:23

→ Xoofoo qabachuun isaanii

Kun ammoo Xoofoo du’aa fudhachuu isaanii ibsuufi. Maat. 26:39.

→ Zanbaabaa qabachuun isaanii

ammoo Addunyaa fi Seexana injifatanii Mootummaa Waaqayyoo injifannoon dhaaluu isaanii ibsuufi.

Kanatti aansee dogoggoraan akka Si’ilii Qulqulleettii Arseemaatti kan itti fayyadamnu Qulqulleettiin Barbaaraa, Qulqulleettiin Kuusiyaa, Qulqulleettiin Kaatriin fi Qulqulleettiin Keeriyaakee eenyu akka ta’an gabaabinaan ilaalla.

Biyya keenyatti Si’ilii Qulqulleettii Arseemaa jedhamee kan fayyadamnu kan Qulqulloota kamiiti?

1. Qulqulleettii Baarbaaraa | Si’ilii Qulqulleettii Arseemaa waliin wal fakkaatu

Akkaataa amma itti waamamutti biyya Kibaanoos Abeeleekitti, yeroo durii ammoo «Fiinqee» iddoo jedhamaa turetti dhalatte. Abbaan ishee Diyoosqooroos Xaa’otii Waaqessaa kan tureefi isheenis akka Xaa’otii Waaqessitu ishee dirqisiisaa kan ture, isheenis diduu isheetiin Abbaa isheetiin bara 306 Umurii ishee waggaa 33tti kan ajjeefamtedha ykn waregamtedha. Qulqulleettii Dubroo jedhamtee akka Manneen Kiristaanaa Kaatolikiitti, Ortodoksii bahaatti fi Gibtsiitti ni lakkaa’aameef, guyyaan yaadannoo ishee kan waggaas December 6 kabajama. Si’iliiwwan ishee irratti Afaan Tsiriin kan barreeffame « ΗΑΓΙΑ ΒΑΡΒΑΡΑ» kan jedhu yeroo hiikamu afaan Ingiliffaan «Saint Barbara» Afaan keenyatti ammoo «Qulqulleettii Baarbaaraa» dha jechuudha, Qulqulleettii Arseemaa miti.

2. Qulqulleettii Luusiyaa | Si’ilii Qulqulleettii Arseemaa waliin wal fakkaatu

Warreen jaamonni ykn warreen arguu hin dandeenye kan ittiin jajjabaatan jedhamuun kan beekamtu yoo ta’u, Kiristaana ta’uu isheetiin kan gidiraa itti fidan ija ishee lamaan Saahinii irratti harka isheetiin qabattee fakkii ykn Si’ilii agarsiisu irratti kaafamtee argamti. Seenaan ijaa kan Qulqulleettii Arseemaa waliin tokko. Qulqulleettii Arseemaa gara Armanitti kan godaansise Mootiin  Diyooqilixiyaanoos Kiristoos ganuu qabda jechuun biyya itti dhalatte Xaaliyaanii, Siisiilii, Siraakoositti bara 304tti akka duutu taasise. Kaatolikootni Room akka Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti bifa addaan Qulqulloota Durboota kabajan saddeet keessatti Qulqulleettii Luusiyaa yoo ramadan, Luuteeranota birattis fudhatama qabdi.

3. Qulqulleettii Kaatriin ishee Iskindiriyaa

Qubee Tsirii fi Ingiliffaan «ΗΑΓΙΑ AIKATEPINH» fi «St Cathrine» dha. Maatiin ishee qomoo warra Moototaa irraa yoo ta’u, Mootiin Maakseentiyas si fuudha jedhee yeroo rakkisu, ani Misirroo Kiristoosidha, Mootummaa lafa irraa hin barbaadu jechuun akka Qulqulleettii Arseemaa kan taatedha Inumaayyuu karaa warreen Moototaa fi aanga’ootaa dhalachuu ishee fayyadamuun aanga’oonnifi Mootonni Waaqayyotti akka amanan kan barsiiste, kanaanis rakkoo fi gidiraan gaariidhaan harkifamuu irra gahuun bara 305tti umurii ishee waggaa 18tti Sayifiidhaan ajjeefamte. Koophxota Gibtsii, Ortodoksiiwwan bahaa fi Kaatolikoota biratti dargaggoota durbummaa isaaniitiin cimaniif fakkeenyadha.

4. Qulqulleettii Keeyaarkee

Sooressoota Giriikii Kiristaanota ta’aan irraa kan dhalatte, abbaan ishee Doorooteewoos, haati ishee Yooseebiyaa irraa Niqoomoodiyaatti dhalattee, qabeenya isaanii dhaalchisuuf jecha ilma Bulchaa biyyaatti akka heerumtu yeroo gaafatamtu, Durbummaa isheen cimtee dhaabbachuu isheetiin gidiraan itti baay’ate. Abbaa fi haati ishee godaananii du’an. Mootiin Diyooqilixiyaanoosiifi warreen isa jala jiran wal harkaa fuudhanii Xaa’otiif sagadi jedhanii ishee sossobaniyyuu diduu isheetiin ibiddatti ishee darbataniyyuu ishee hin gubne, biseensaaf ishee kennanis ishee hin nyaanne. Isheenis amantaa koo hin ganu jettee diddee, Sayifiin muramuuf qophooftee osoo jirtuu daqiiqaa kadhannaa isheef kenname keessatti kadhachuun lubbuun ishee harka Waaqayyoo galteerti. Qulqulleettiin Keeryaakee umurii ishee waggaa 21tti bara 289 iddoo Keelqeedoon jedhamutti boqotte. Kanaanis namoonni hedduun Waaqayyootti amananiiru. Kaatolikoonni fi Ortodoksoonni bahaa Adoolessa 6 fi 7 ni yaadatu.

Bara ammaa kanattis Qulqulleettiin Arseemaa dargaggoota Itoophiyaa biratti caalaatti beekamaa fi kabajamaa dhufteerti. Dargaggoonnis kana taasisuun isaanii kan isaan galateeffachiisudha. Haa ta’u malee garuu waa’ee Kiristoosiif jettee wareegamummaa isheen kanfalte, Durbummaa ishee eeguuf jettee gidiraa isheen fudhatte, dargagummaan ishee osoo ishee hin hawwisiisiin gatii isheen Amantaa isheef kaffalte,  osoo lubbuun jirtuu kan hojjatte caalaayyuu wareegamummaa isheen firii isheen buufte yaadachuufi isa irraas barachuun barichaan bitamuu ykn fudhatamuu irra yaadannoo Wareegamtuu kanaa bultii fi jaalalleewwan waliin fi wantoota seenaa Qulqulleettii kanaa waliin hin deemne waliin walitti fiduun ykn madaalchisuun sirrii miti.

Inni kaan hafee yeroo ammaatti Si’ilii ykn Fakkii Qulqulla’aa Qulqulleettii Arseemaati jedhamee baldhinaan kan beekamu akka sirna fakkii «Sine Si’il» Ortodoksiitti «Iconography» kan Qulqulleettii  Barbaaraati. Awwaala ishee Arman Echimiiziitti argamu irratti Si’iiliin ykn Fakkiin Qulqulluu argamu kan kanaa olitti arginedha. Eddoola Xaanaa keessatti kan argamu Mana Kiristaanaa ishee keessattis Si’ilii isa Itoophiyaawwii argachuun ni danda’ama.

Walumaa galatti Qulqulleettiin Arseemaa seenaan ishee guutummaa Kiristaanota Addunyaatti kan beekame, Qulqullummaa waliin garmalee kan walqabate, wareegamtoota dargaggootaaf fakkeenya guddaa kan ta’u, Qulqullummaa ofii eeggachuun garmalee qormaata kan ta’e bara kanatti ykn bara kanaaf fakkeenya kan ta’u, Obboleewwanii fi haawwan keenya bara durii waa’ee Kiristoosiif jedhanii gatii isaan kaffalan, gidiraa isaan argan, kan agarsiisu waan ta’eef ayyaana yaadannoo ishee afuura kanaan ykn kana yaadachaa kabajuu qabna.

Dabalataanis Barnoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Afaan Oromootiin karaa WhatsApp argachuuf Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Haadha keenya Qulqulleettii Arseemaa | Ortodoksii Tawaahidoo first appeared on Qubee Online +.