Mul'ata Yohaannis | Qubee Online +

Kitaaba Mul’ata Yohaannis : Seenaa, Hiikoo fi Qo’annaa isaa
Kitaaba Mul’ata Yohaannis Qulqulluu

Seensa :- Maatiiwwan Waaqayyoo, ijoolleen haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaa Waaqayyootiin akkam jirtuu? yeroo darbe Seenaa fi Qabsuura Qulqulloota Duuka Bu’ootaa yeroo ilaaluu eegaletti Kitaabolee isaan barreessanis ilaalaa turreerra. Qulqulloota Duuka Bu’oota keessaas tokko kan ta’e waa’ee Wangeelaawwii Qulqulluu Yohaannis yeroo darbe eegallee turre, kanaanis Seenaa fi Qabsuura isaa, Wangeela isaa ykn Wangeela Qulqulluu Yohaannis, Ergaa Qulqulluu Yohaannis isa jalqabaa, isa lammaffaa fi isa sadaffaa ilaalleerra. Barumsa keenya hardhaatiin ammoo Kitaaba Raajii Kakuu Haaraa fi Kitaaba Kakuu Haaraa isa dhumaa kan ta’e waa’ee Kitaaba Mul’ata Yohaannis ni ilaalla. Dubbisaa! hiriyoota keessaniifis qoodaa! Dubbisa gaarii!

Magaalaa Efeesoon fi Qulqulluu Yohaannis

Kitaabni Mul’ata Yohaannis Afaan Giriikii ykn Afaan Tsirii tiin «Abuqalamsiis», Abbootii ykn Beektota Kitaaba Qulqulluu biratti ammoo «Kitaaba Raajii Kakuu Haaraa» jedhama.

Sababa Kitaabichi itti barreeffameef

Biyyi Lallabaa Qulqulluu Yohaannis Isiyaa xiqqoo yoo taatu gara iddoo kanaatti kan dhufe haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga boqotte booda jechuunis Bara 49 Dh.K.B dha. Teessoon Qulqulluu Yohaannisis Efeesoon turte.

Magaalaan Efeesoon kutaa Lixaa Isiyaa xiqqootti kan argamtu laga Kaayisteer qarqaratti kan hundoofte turte. Ta’us garuu dalaliin lagichaa Eddoola ishee waan cufeef boodarra Eddoola ta’uun ishee hafee ture. Haa ta’u malee giddu gala daldalaa ta’uun ishee waan ishee fayyadeef buufanni Doonii ishee cufamuun guddina ishee irratti dhiibbaa guddaa hin geessisne.

Hundaa olitti magaalittiin kan ittiin beekamtu Mana Xaa’otii maqaa Xaa’otii Arxeems jedhamtuun yoo ta’u, Manni Xaa’otii kun wantoota ajaa’ibaa Addunyaa kana irra jiran torban keessaa isa tokko ture. Mana Xaa’otii isa guddaa kan ijaaran Mootota Faars yoo ta’aan waggoota 120 keessatti ijaaramee akka xumurame ni himama. Ijaarsa Mana Xaa’otii kanaatiif kan oole guutummaa guutuutti dhagaa kabajamaa yoo ta’u ol ka’iinsi manichaas ol ka’iinsa kophee 400 ture.

Utubaawwan 1000 ol kan qabu yoo ta’u tokkoon tokkoon isaanii hanga hojjaa kophee 60 dheeratu ture. Kan hojjetames Dhaloota Kiristoos dura naannoo waggaa 350 tti akka ta’e ni himama.

Namoonni Efeesoon Xaa’otii Arxeems jedhamtu akkamitti Waaqessuu akka jalqaban seenessi seeneffamu kan armaan gadii kanadha;

«Efeesoon» maqaan jedhu maqaa bulchaa biyya ykn magaalaa sana keessa ture tokkkooti. Namni kunis ilma nama maqaan isaa Yoonaan ykn Yihiiyyaan jedhamuuti.

Efeesoonis hundeessee maqaa isaatiin kan moggaase yoo ta’u innis intala bareedduu Arxeems jedhamtu qaba ture, ta’us garuu namoota qabeenya isaaniitiin, sanyii isaaniitiin, qarshii isaaniitiin, dhaala isaaniitiin sababeeffattee isa tuffatti waan tureef nama ishee fuudhu dhabde.

Ulaagaa isheen jettu keessaa tokko yoo guute isa kan biraa hin guutu waan ta’eef. Dhuma irratti garuu namichi Xonqaayiin ykn Falfalaan Qoorneeloos jedhamu ishee fuudhuuf ishee gaafate. Isheenis «Mootota keessaa fira ykn Sanyii hin qabdu? qabeenyota kabajamoo keessaa hin qabdu? maal keetiin na jiraachisuuf na fuuta?» yeroo isaan jettu «Wanti guddaan ati kabajamuu fi sodaatamuu waan ta’eef, akka kabajamtu akka galateeffatamtu akkasumas akka Waaqeffamtu sin taasisa!» jedheen. Isheenis Wuddaasee ykn Galatoo kantuu garmalee waan ishee tuquuf ykn garmalee waan jaallattuuf yaada isaatiin walii galte.

Qoorneeloos uummata iddoo itti walitti qabu Addabaabaayii hojii Xonqolaa isaa itti hojjetu qaba ture. Addabaabaayii kanarraa dhaabbatee Asmaatiidhaan Seexanaa fi raayyaa isaa waamaa hojii dinqii hojjechiisuun baay’eewwan Waaqa isaan hin beekneef ykn Xaa’otii dhaaf akka sagadan isaan taasisa ture. Gaaf tokko akkuma bartee isaatti Seexanaa fi raayyaa isaa (አጋንንት) Asmaatiidhaan waamee «Arxeemsiif sagadaa! kan hin sagadne manni isaa ni saamama, qabeenyi fi qarshiin isaa hundi ni fudhatama ni saamama» jedhee.

Biraannaa irratti barreessee isaaniif kennee Addabaabaayii inni irratti barsiisu irratti Qilleensa irratti akka bittinsan isaan ajaje. Afuuronni hamoonis ykn (አጋንንት) sunneenis akkuma ajajamanitti sa’aatii inni uummata walitti qabee Asmaatii itti hojjetutti Qilleensa irraa Biraannaa sana gadhiisan ykn darbatan. Uummanni Efeesoon kana arges «Ergaa Qilleensa irraa bu’een!» kan ka’e «Arxeems Samii irraa kan buutedha!» jedhanii isheef sagaduu fi ishee Waaqeffachuu jalqaban.

Erga isheen duute boodas Mana Xaa’otii ishee ijaaranii, Suuraa ishee bocanii Waaqeffachuu isaanii itti fufan. Namoonni ogummaa fakkii kaasuu qabanis suura ishee kaasanii fi bocanii gurguruun sooressoota ta’aan.

Dursee Qulqulluun Phaawuloos naannoo bara 49 Dh.K.B deemsa isaa lammaffaatiin gara Efeesoonitti seenee waggaa sadii fi ji’a sadi kan ta’uuf yeroo barsiisu namichi Fakkii Arxeems bocee fi kaasee gurguru Dimeexiroos rakkoo waan irratti uumeef magaalittii dhiisee ba’ee ture.

Wangeelaawwii Qulqulluun Yohaannisis bara 49 Dh.K.B gara magaalaa Efeesoonitti seenee yeroo barsiisu jalqaba kan inni morme Mana Qulqullummaa ykn Mana Xaa’otii Arxeemsitti Waaqeffannaa Xaa’otii taasifamu ture.

Dimiixiyaanoos Qeesaar (Bara 81-96 Dh.K.B) Roomitti Mootii ta’ee yeroo moo’u waggoota Mootummaa isaa gara jalqabaatti gara laafummaan yeroo bulchu, Walaloo, Ogummaa, Barumsa Mootii jaallatu ta’ee dhiyaachuu isaatiin yeroo muraasaaf ta’us Barsiisonni Kiristaanummaa fi Kiristaanonni godaansa boqonnaa argatanii waan turaniif, Wangeelaawwii Yohaannisis Waaqeffamuu Arxeems mormuun isaa hagas mara rakkoo irratti hin uumne ture.

Dimiixiyaanoos waggoota 13’f gara laafummaan erga bulche booda ajaajaan waraanaa isaa amanamaan Anxooniyoos Saatuurniiw jedhamu waan isa ganeef aarii fi xiiqiidhaan hojii hammeenyummaa isaa jalqabe. Barumsaa fi Ogummaa inni jaallachaa tures balleessuuf kutatee ka’e.

Yeroo kanattidha Ahizaabonni jibbiinsa isaan Qulqulluu Yohaannis irratti qaban bahaachuuf daandii kan argatan. Barumsa isaa kan ka’e Ahizaabotaan himatamee Dimiixiyaanoos fuulduratti dhiyaate. Innis ykn Dimiixiyaanoosis Barmeelii bishaan ho’aan guutame keessatti erga isaa gidirse booda gara Eddoola Fixmootti isa geesse. Abbaan keenya Qulqulluun Yohaannisis Eddoola Fixmootti holqa dhiphoo keessatti waggoota 8’f ykn Bara 88-96 Dh.K.B achi taa’ee osoo jiruuti mul’ata isaa kan argeefi kan barreesse.

Fixmoon Isiyaa xiqqoo (Turk hardhaa) irraa Maayila 25 fagaattee kan argamtu Eddoola Galaana Ejiyaanidha. Bara Roomaanotaatti Eddoolli kun iddoo itti namoonni Xaa’otii hin Waaqeffannu jedhan itti hidhaman turte. Hardha Eddoola kana keessatti holqi Qulqulluun Yohaannis mul’ata isaa itti argee fi itti barreesse ni argama.

Qulqulluun Yohaannis Eddoola Fixmootti hidhamee osoo jiruu akka obboloota isaa Duuka Bu’ootaatti naanna’ee barsiisuu dhiisuu isaatiin  no gadda waan tureef Waaqayyo iccitii guddaa isaaf ibse.

Abbootii Duuka Bu’ootaa keessaa tokko Heereeniyoos Yohaannis muldhata isaa kan barreesse waggoota gara xumuraa Mootii Dimiixiyaanoos naannoo bara 96 Dh.K.B hidhaa fi godaansa irra osoo jiruu ta’uu ibseera. Namoonni tokko tokko garuu Yohaannis muldhata isaa kan barreesse godaansa ykn hidhaa irraa deebi’ee magaalaa Efeesoonitti ni jedhu.

Kuni garuu Kitaaba Mul’ata Yohaannis kana waliin yeroo ilaalamu sirrii waan ta’u miti. Sababni isaas Kitaaba Mul’ata Yohaannis irratti ammoo deebi’ee deddeebisee «Akkas jedhi barreessi naan jedhe!» jechi jedhu ni argama. Kunis hoggasuma mul’ata sana yeroo argetti barreessuu isaa agarsiisa. Gama biraatiin ammoo Wangeelaawwiin Qulqulluun Yohaannis muldhata isaa kan barreesse osoo magaalaan Iyyerusaaleem hin badiin bara 70 dura akka ta’es kan tilmaaman jiru.

Abbaa Jeroom Qulqulluun Yohaannis umurii isaa lafa kana irraa isa dhumaa kan jiraate magaalaa Efeesoonitti akka ta’e barreesseera. Yeroo kanattis garmalee dulloomuu isaa irraan kan ka’e «Walii waliin keessan wal jaalladhaa! kuni ajaja Gooftaa keenyaati waan ta’eef! kana yoo eegdan isin gaha!» jecha jettu qofa Duuka Bu’oota isaatti hima ture.

Sa’aatii dhumaattis Duuka Bu’oota isaa irraa adda ba’uun yeroo isa rakkisu isa duukaa bu’aa kan turan gara alaatti ergee ofii ol ba’e ykn dhokate. Yeroo deebi’an Kitaaba isaa, Maqoomaa isaa fi uffata isaatiin ala homaa hin arganne.

Muldhanni Yohaannis kan barreeffame bara sanatti Yoonaanota jedhamanii kan waamaman magaalota Isiyaa xiqqoo torba irratti kan muudaman Hangafoota Phaaphaasotaaf ture.

Kitaabni Mul’ata Yohaannis kun walumaa galatti fakkeenyota 300 siqan kan qabu yoo ta’u Jireenya Samii irraa Kiristaanotaa, Kabajaa fi Yaadannoo Qulqullootaa, Wareegamtootaa Kitaaba agarsiisudha.

Akkaataa Barreeffama Mul’ata Yohaannis

Kitaabolee Kakuu Haaraa kanneen biroo irraa adda ta’ee Kitaabolee Raajii Hizqi’eel, Daani’eel fi Zakkaariyaas hubachiisa. Lakkoofsota 404 Kitaabichi qabu keessaa lakkoofsonni 278 yaadota Kakuu Moofaa agarsiisu. Kitaabicha yeroo dubbifamu yaadota kanatti aananii jiran ni argina;

Dhiyeessa isaa walii galaa :- Haalli dhiyeessa isaa akkaataa hojii Afuurawaa guddaati. Mul’atichi jalqaba irratti Manneen Kiristaanaa Isiyaatti yeroo dubbifamu dhageeffattoonni kan dhageeffatan, ija yaadaatiin isaanitti muldhachaa taatee isa itti aanu abdii dhaan eeggachuu hin oolan. Taateen tokkoon tokkoon isaa taatee sadarkaa guddaa irra gaheen irra deebi’ama, taateewwan kunneen miira dhageeffattoota sanaa caalaatti dabalaa deemu.

Yeroo baay’ee waa’ee Eed, waa’ee Gibtsii dhaa ba’uu, waa’een Eliyaas fi Seenaan Booji’amiinsaa ibsuuf ykn ibsaaf bu’uuradha, «Raajiin Isaayyaasis» yeroo hedduu caqasameera.

Duraa duuba Raajii Kiristoos kenne irratti akkuma bu’uureffame (keessattuu Boq. 6 Wangeela Maatewoos Boq. 24 waliin wal bira qabaa ilaalaa), akkasumas 2 Tas. 1:3-2:2, 12 waliin akka ta’u ni muldhata.

Lakkoofsonni yeroo hedduu kan agarsiisan baay’ina osoo hin taane yaadadha. Fakkeenyaaf :- Lakkoofsi 7 yeroo hedduu «Gonkummaa» agarsiisuun yeroo 52 hojiirra oolera.

Tokkoon tokkoon taateewwaniitiif jecha, fakkeenya fi k.k.f hiika kennuu baatuyyuu hojiin isaa walii galaa ergaa isaa ni kenna.

Ergaa Kitaaba Mul’ata Yohaannis

Walumaa galatti muldhatichi qabxiilee kanatti aananii jiraniif iddoo guddaa ni kenna;

Ol aantummaa Waaqayyoo

Humni Seexanaa jibbiinsaa fi kan itti faradamu ta’uu isaa

Gidiraa fi rakkoo Manni Kiristaanaa simattu

Murteen dhumaa dhiyaachuu

Injifannoo Kiristoos fi Kiristaanonni obsuu isaanii, eeguu isaanii fi qulqullummaa isaanii.

Akkaataa Hiikoo Mul’ata Yohaannis

Waa’ee Kitaaba kanaa akkaataan hiikoo hedduun akka jiru ni beekama. Namoonni tokko tokko yaada Kitaabichaa seenaa Addunyaa waliin walitti firoomsuu yeroo yaalan, Bara Yohaannis ykn bara dhuma Addunyaa ykn bara walii galaa Mana Kiristaanaa waliin wal qabsiisu. Warreen kaan garuu duraa duuba yaada Afuurawaa Kitaabichaa irratti malee duraa duuba Seenaa Addunyaa irratti hin xiyyeeffatan.

Kana yeroo taasisanis yaadichi caalaatti cimaa yeroo deemuu fi gara xumuraatti yeroo deemu isa argu. Warreen hafan ammoo waa’ee mormitoota Kiristoos, waa’ee gidiraa isa guddaa, waa’ee abdii lafa irraa saba Israa’eel fi waa’ee waggaa kuma tokkoo yaada hiikoo qabaniif iddoo guddaa ni kennu. Ta’us Amantiin dhageeffattoota jalqabaa dhiibbaa sana irratti injifataa akka ta’a, Murteen ykn Firdiin turuyyuu akka hin hafnee fi Seenaa Addunyaa irratti ilaalcha Kiristaanni qabu akka sirraa’u hubatanii gammaduu akkuma danda’aan hunda nutis gammaduu qabna.

Qoqqoodama Kitaaba Mul’ata Yohaannis

Akka hiikoo isaatti akkaataa qoqqoodamaa hedduu qaba, qoqqoodiinsi gabaabaa kanatti aanee jiru «Yeroo Hunda Waaqayyo waliin» kan jedhu Kitaaba waggaa 4ffaa fuula 222-223 irratti haala qoqqoodiinsaa baldhaa jiru irraa kan fudhatamedha.

1. Seensa :- Nagaa Manneen Kiristaanaa torbaniif :- 1:1-8

2. Ergaawwan Torban Manneen Kiristaanaatiif :- 1:9-3:22

3. Mallattoowwan hiikaman Torban, Gidiraa Mana Kiristaanaa :- 4:1-8:1

4. Malakatiiwwan 7’n, Akeekkachiisa Addunyaadhaaf :- 8:2-11:18

5. Mul’ata Torban, Hojii Seenaa Addunyaa (Diraamaa) :- 11:19-15:4

6. Dheekkamsoota Torban, Adabbii Addunyaa :- 15:5-16:21

7. Murteewwan sirrii Torban Baabiloon irratti :- 17:1-19:10

8. Mul’ata Torban, Seenaa Addunyaa duuba morkii jiru :- 19:11-21:8

9. Ibsa dhumaa Torban :- 21:9-22:19

10. Guduunfaa :- 22:20-21

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Madda :- Galmee jechootaa Kitaaba Qulqulluu

«ቤተክርስትያንህን እወቅ» Waldaa  Qulqullootaatiin

The post Kitaaba Mul’ata Yohaannis : Seenaa, Hiikoo fi Qo’annaa isaa first appeared on Qubee Online +.

Duuka Bu’aa Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii eenyudha?
Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii

Duuka Bu’aa fi Wangeelaawwii Qulqulluu Yohaannis har’a mata duree kana keessatti waa’ee Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii ni ilaalla.

Wangeelaawwiin Qulqulluun Yohaannis eenyudha?

Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa Yohaannis jedhuun kan waamaman Qulqulloonni sadi jiru. Isaanis; Qulqulluu;

Yohaannis isa Cuuphaa

Maarqoos Wangeelaawwii:- Qulqulluun Maarqoos Wangeelaawwiin Yohaannis jedhamuunis ni beekama

Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii

Maqaawwan Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii

Duuka bu’ichi Qulqulluun Yohaannis Duuka bu’aa maqaawwan hedduu qabudha. Maqaawwan isaa keessaas;

1. Fiqura Igzi’i (Gooftaa isa kan jaallatu)

Qulqulluun Yohaannis jireenya isaa hunda keessatti Gooftaa fakkaachuuf ni dhama’a waan tureef gooftaan isa jaallata ture. Akka Tiwuufiitii Mana Kiristaanaa keenyaatti akka dubbatamuttis gaaf tokko gooftaan keenya hidhaa isaa hiikee yeroo kaa’u kaasee hidhachuu isaatiin fedhii Foonii hundi ni badeefii jireenyi isaa akka ergamootaa ta’eefiira.

2. Ilma Zabdewoos

Quxisuu Yaa’iqoob waan ta’eefi Abbaan isaa Zabdewoos waan jedhamuuf «Yohaannis ilma Zabdewoos» jedhamee waamama.

3. Ilma Qaqawweessaa (Wolde Negodguad)

Inaaffaan cimaa gooftaan keenyaafi qabuun fi obboleessa isaa waliin ta’uun hojii cimaa agarsiisaniin gooftaan keenya ilmaan Qaqawweessaa ykn Boo’eeneergees jedheeniira. Marq. 3:17, Luq. 9:49-54. Dabalataanis gadi fageenya barumsa isaatiin, humnaafi Waaqummaa Iyyesuus Kiristoos ibsuu isaatiin ilma Qaqawweessaa jedhameera.

4. Nebabe Melekoot (Taa’oogooloos)

Dubbii Waaqummaa warreen kaanirraa caalaatti baldhisee barsiisuu isaatiin Nebabe Melekoot jedhameera.

5. Abuqalamsiis

Jechi kun jecha Giriikii irraa kan dhufe yoo ta’u «Abbaa Mul’ataa» jechuudha. Kanneen darbanii fi kan fuulduratti dhufu raajii ykn mul’ata isaatiin waan ibseef «Yohaannis Abuqalamsiis» jedhameera.

6. Fuula hidhamaa (ቅጽረ ገጽ)

Guyyaa jimaataatti Fannoo Gooftaa jalatti argamee gidiraa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Fannoo arguu isaatiin guyyaa sana irraa eegalee fuulli isaa gaddaan hidhamee jiraata ture waan ta’eef maqaan kun kennameefiira.

Qulqulluun Yohaannis biyyi isaa naannoo Galiilaadha. Obboleessa isaa Qulqulluu Yaa’iqoobiifi Abbaa isaa Zabdewoos waliin Qurxummii kiyyeessaa jiraatu ture. Akka Tiwuufiitii Mana Kiristaaanaatti haati isaa Maariyaam akka jedhamtuufi Qulqulloota Dubartoota 36’n keessaa tokko akka turte ni himama. Maat. 27:56.

Qulqulluun Yohaannis yeroo gidiraatti gooftaatti osoo hin baqatiin hanga Fannoo irratti gooftaan fannifamutti Duuka Gooftaa duuka bu’edha. Inumaayyuu guyyaa Jimaataa sanatti gidiraa gooftaa arge sana yaadachaa umurii isaa hafetti jireenya isaa kan raawwate imimmaaniini. Kan waamame umurii isaa ijoollummaatti yoo ta’u, dachee kanarra naannoo waggoota 99 tiif jiraateera.

Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii fi Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Duuka bu’ichi Qulqulluun Yohaannis Gooftaa hanga Fannootti Duuka bu’uu isaatiin Kiristaanota bakka bu’ee haadhummaa ykn Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka haadhaatti fudhateera. Yoh. 19:25-27. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam Yohaannis waliin waggoota 15’f jiraattee bara 49 tti boqotteerti. Sana boodas guyyaa sadaffaatti akka ilma ishee Iyyesuus Kiristoositti kaatee ol baateerti. Qulqulluun Yohaannisis fagaatee kan hin deemneefis adaraa ishee eeguu waan qabuuf ture.

Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii fi Si’ilii Gooftaa

Fakkii Qulqulla’aa ykn Si’ilii Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif madda kan ta’aan keessaa tokko Qulqulluu Yohaannisidha. Bara gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fannifametti Mootiin Roomee ture Xibaariyoos Qeesaar (Bara 14-37 Dh.K.B) ilmi isaa dhukkubsataa waan tureef, hojii fayyisuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos dhaga’aa xalayaa Philaaxoos fa’a barreessaafii turan ilaalaa, «Awwaala nama eebbifamaa sanaa bira ilma koo geessee eenyutu naaf fayyisa» jedhee hawwa ture.

Dhuma irrattis ilma isaa geessanii awwaala Gooftaa irratti yeroo ka’an dhukkuba isaa irraatti waan fayyeef jaalala gooftaaf qabu ibsuuf nama Si’ilii Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kaasuuf yeroo barbaadu Qulqulluu Yohaannis arge, Qulqulluun Yohaannisis Si’ilii Gooftaa keenya gidiraa gaafa Jimaataa ture fakkeessee kaasee kenneef.

Yohaannis Wangeelaawwiin Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga boqotte booda gara Isiyaa xiqqootti deemee barsiiseera. Teessoo ykn Manbarii isaa Efeesoon taasifatee, keessattuu bara sana daandii Awuroppaa irraa gara Baha Giddu galeessaatti geessu qarqaratti magaalota hundeeffaman keessa naanna’ee Manneen Kiristaaanaa dhaabsisuun, Phaaphaasota muuduun ifa Wangeelaa isaaniif ibseera.

Dhuma irrattis hammeenya isaatiin kan beekamu bara Mooticha Dimixiyaanoos (Bara 81-96 Dh.K.B) Wangeela barsiisuu isaatiin Waaqessitoota Xaa’otiidhaan himatamee Mana Murtiitti erga dhiyaate booda bishaan ho’aadhaan gidirfamee, Eddoola Fixmootti hidhaan itti murteeffame. Mul’ata isaa kan argee fi kan barreesse iddoo sanattidha. Qulqulluun Yohaannis bara 96 tti Dimixiyaanoos yeroo ajjeefamu hidhaa isaa irraa deebi’ee ergaawwan isaa sadanii fi Wangeela isaa akka barreesse ni himama.

Qulqulluun Yohaannis Duuka bu’oota hunda caalaa umurii dheeraa ykn naannoo waggaa 99 dachee irra Duuka bu’aa jiraatedha. Duuka bu’oota keessaa dursee kan boqote obboleessa isaa Qulqulluu Yaa’iqoob yoo ta’u, Duuka Bu’oota keessaa dhuma irratti Dachee kana irraa kan adda bahe obboleessa Qulqulluu Yaa’iqoob kan ta’e Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwiidha.

Dursee gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos bu’uura waadaa Qulqulluu Yohaannisiif galeen (Yoh. 21:22) Yohaannis du’a hin argine. Ta’us garuu akka Eliyaas fi Heenookitti du’a osoo hin argiin Waaqayyo gara dachee jiraattotaatti isa geesseera.

Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii fi Shiftaa rakkisaa sana

Guyyaa tokko Qulqulluun Yohaannis magaalaa Efeesoonii ka’ee Kiristaanota barsiisuuf yeroo naanna’u gara magaalaa guddaa tokkootti seene. Magaalaa sanatti kan argamtu Amantoonni Mana Kiristaanaa sanaa, waa’ee dargaggeessa umurii naannoo waggaa kudhanii keessa jiruufi maqaan isaas Giils jedhamuu itti himan. Abbaa fi haati Giils du’aniiru. Ta’us garuu amala isaatiin, amantii isaatiin, cimina isaatiin Kiristaanonni hundi isa jaallatu ture waan ta’eef kan isa kunuunsu, kan isa barsiisu yoo dhabe baduu danda’a jedhanii waan sodaataniif dubbicha Qulqulluu Yohaannisitti himan.

Qulqulluun Yohaannis kana yeroo dhaga’u dargaggeessicha Giils gara Phaaphaasii magaalittiitti geessee «Akka mucaa keetti isa kunuunsi, Kiristaana dhugaa isa taasisiitii guddisi!» jedhee kenneef. Phaaphaasiin magaalittiis gara laafessa waan turaniif Giils gammachuudhaan fudhatanii jecha Qulqulluu Yohaannisis eeguudhaaf waadaa seenaniif.

Dhugumayyuu Phaaphaasiin magaalittii Giils kunuunsuu jalqaban. Yeroo hunda isa barsiisu, nyaataafis kan dhiyaatu isaan waliini. Dhuma irrattis Giils Amantoonni naannoo sanaa iddoo itti walitti qabamanitti ni cuuphame.

Yeroo kana booda garuu wantoonni garaa garaa jijjiiramuu jalqaban. Abbaan ykn Phaaphaasiin sunis hojiin garmalee waan itti baay’ateef akkasumas Giils maalis ta’u kanarra cuuphameera jechuudhaan akka duraatti isa to’achuu fi isa barsiisuu dhiisan. Giilsis jaalala Abbaa isa bare sana dhabuu isaatiin ykn yeroo dhabu gara magaalaatti bahee hiriyoota isaa waliin walitti siquu jalqabe. Hiriyoonni isaa gaarii hin turre, kan dhugan, qumaara kan taphatan fi kan namaan lolan ykn kan nama reeban turan.

Gaaf tokko galgala mana dhugaatii tokko keessatti Giils fi hiriyoonni isaa dhugaa bulan. Hundumti isaaniiyyuu macha’aanii iddoo jiranitti yeroo kufan Giils qofti hafe. Dhuma irrattis herrega dhugaatii kan hunduma isaanii kaffalee qarshii qabu fixe. Borumtaa isaas Giils hiriyoota isaatiin «Isiniif jedheen qarshii koo hunda nan qisaasesse, amma borsaa duwwaatti hafeera» jedhee itti hime.

Hundumti isaanii itti kolfanii «Giils gowwicha! nuti qarshii eessaa kan argannu sitti fakkaata? haala mijataa argatte hundatti hati!» jedhaniin.

Bu’uuruma kanaanis Giils fi hiriyoonni isaa lama mana nama tokkoo cabsanii seenuun qarshii isaa fi faaya isaa jalaa saaman. Kanarraa kan ka’es Giils hatuu jechuun hojii salphaadha jedhee amane. Sana boodas Giils fi hiriyoonni isaa saamtota beekamoo ta’an. Karaa isaan jiran namni fayyaa ta’e kamiyyuu darbuu hin danda’u ture. Gaaf tokko nama osoo reebanii lubbuun isaa isaan harkatti waan darbeef Giils fi hiriyoonni isaa magaalittii dhiisanii badan.

Yeroo muraasa booda maqaan Giils naannoo sanatti beekamaa ta’e. Namni hundiyyuu isa sodaachuu jalqabe. Isaafii hiriyoonni isaa naannoo sanaan nama dabarsuu didan. Karaa deemtonni hundi nagaadhaan deemuu fi daldaltoonnis nagaadhaan socho’uu hin dandeenye ture. Giils alaqaa isaanii ture. Ajjeesuufi saamuun hojii isaanii dhaabbataa ta’e.

Waggoota muraasa booda Qulqulluun Yohaannis Wangeelaawwiin irra deebiin gara magaalittii kanaatti dhufe. Phaaphaasii sanas waa’ee Giils isaan gaafate. Isaanis ni qaana’aan, ni gaddan «Kan naan jette hin dhageenye, kan na ajajje hin raawwanne, Giils har’a nama hamaa namni hundi isa sodaatu ta’eera. Hardha inni Daandii irratti nama hin dabarsu, kuni hundi dogoggora kooti» jechuudhaan Qulqulluu Yohaannis fuulduratti boo’an.

Qulqulluun Yohaannisis kan yeroo dhaga’u garmalee gadde. Yeruma sana iddoo Giils jiru gaafachuudhaan gara sanatti Fardaan deeme. Namoonni naannoo sanaa «Isaan hamoodha si ajjeesu» yeroo isaan jedhanis inni garuu duubatti hin deebine. Iddo jedhame yeroo gahuudhaaf jedhu Saamtonni lama isa argan, hoggasuma Cuubee isaanii baasanii fuuldura isaa dhaabbatan. Qulqulluun Yohaannisis haasawaa jaalalli itti guutameen «Na ajjeesuu keessaniin dura maaloo gara Alaqaa keessaniitti na geessaa? inni hiriyaa koo duriiti» jedheen.

Saamtonni sunis kolfaa gara Alaqaa isaaniitti isa geessan. Giilsis ni dhufe. Qulqulluun Yohaannisis gammachuu fi jaalalaan isa ilaale. Giilsis isa bare, ni nahe. Gara duubaattis garagalee fiiguu jalqabee, namni guddaa jedhame sun Qulqulluu Yohaannis sodaate.

«Mucaa koo maalif baqatta? ani Abbaan kee meeshaa si miidhu tokkoyyuu hin qabanne» jedheen Qulqulluun Yohaannis. Giils sunis hirqiffatee boo’e, imimmaan buuse. Meeshaalee isaa hunda darbatee gate. Hiriyoota isaatiinis «Nagaa ta’aa! ani gara Gooftaa kootti deebi’uu kooti waan ta’eef» jedhee Qulqulluu Yohaannis waliin gara iddoo isaa duriitti deebi’e. Mana Kiristaanaa dhiisee deemee turettis deebi’uun umurii isaa guutuu Waaqayyo tajaajilaa jiraate.

Eebbi Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii nurraa haa buli!

Kutaa itti aanutti Kitaabolee Qulqulluun Yohaannis Wangeelaawwiin barreesse waliin ilaalla!

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Duuka Bu’aa Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii eenyudha? first appeared on Qubee Online +.