Meeshaalee Qulqullaa'oo | Qubee Online +

Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa
Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo

Kutaa 1ffaa

Akka Ortodoksii Tawaahidoo Mana Kiristaanaa keenyaatti Meeshaalee Qulqullaa’oo, hiikoo isaanii maalummaa isaanii akka seensaatti wantoota tokko tokko kan ilaallu ta’a. Isaan keessaas;

Maalummaa Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo

Akkaataa Qophii Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Iccitii Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa

Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa’oo fi k.k.f dubbisaa

Koorsii Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Meeshaalee Qulqullaa’oo

Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo jechuun maal jechuudha?

Meeshaalee Qulqullaa’oo ykn (ንዋየ ቅዱሳት) jechuun kan filataman keessaa kan filatame, kan adda ta’aan keessaa kan adda ta’e bara baraaf maqaan isaa kan irra jiraatu qodaa filatamaa ykn qodaa gaarii jechuudha.

Kana waan ta’eefidha meeshaa ykn qodaan kun gara Mana Qulqullummaatti yeroo seenu eebbifamee fi irratti kadhatamee kan seenuuf, eebba booda garuu meeshaa kaaniin tokko kan ture ykn (ተራ ዕቃ) kan ture Meeshaalee Qulqullaa’oo ta’ee Mana Qulqullummaatiif Sirna Waaqessummaa raawwachiisuuf ykn ittiin raawwachuuf meeshaalee ykn qodaawwan kabajamoo ta’uudhaan eenyuniyyuu kan hin tuqamne ni ta’a.

«Kan Qulqullaa’aan Meeshaalee Qulqullaa’oo irratti, mazaagibtii irrattis muudamanii turan» 1 Seenaa Baraa 26:26.

«Addabaabaayiiwwan Mana Waaqayyootiifi naannawaa isaaniitti gola argamaniif, Mana Waaqayyootiifis kan ta’an Manneen galmee ykn Mazaagibtii, Meeshaalee Qulqullaa’oofis» 1 Seenaa Baraa. 28:12.

Meeshaalee Qulqullaa’oon Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo walumaa galatti tajaajila Mana Qulqullummaatiif kan oolan ykn kan tajaajilan maqaa meeshaaleen kun ittiin waamamanidha.

Qophii Meeshaalee Qulqullaa’oo

Tajaajila Mana Kiristaanaatiif kan oolan meeshaaleen tajaajilaaf oolan qopheessuuf dursa irratti wanta irraa hojjetaman beekuu fi filachuun barbaachisaadha.

Meeshaalee Qulqullaa’oo hunda keessaa kan kabajame (የከበረ) Taabotadha. Taabotnis ajaja Waaqayyootiin muka hin nyaatamne irraa akka hojjetamu ajajame. Ba’uu. 25:1-9.

«Waaqayyo Museetti akkas jedhee itti dubbate, kennaa akka naaf fidaniif ijoollee Israa’eelitti dubbadhu. Nama kennaa kennuu barbaadu hunda harkaa kennaa isaa fuudhaa, kennaan isaan harkaa fuutanis isaan kana :- Warqee, Meetii, Nahaasa, Gimjaa Cuquliisa ykn Hamraawwii, …………» (Ba’uu 25:1-9) erga jedheeniin booda Ba’uu 25:10 irratti ammoo muka hin nyaatamne irraa Taabotni akka hojjetamu yeroo itti agarsiisu :- «Muka Laaftoo irraa Taabota haa hojjetan, dheerinni ciqilee lamaafi walakkaa, gadeen isaas ciqilee tokkoofi walakkaa, hojjaan isaas ciqilee tokkoofi walakkaa haa ta’u.» Ba’uu 25:10 jechuudhaan ajaje.

Egaa Meeshaalee Qulqullaa’oo yeroo qooheessinutti wanti irraa qooheessinu wanta hin nyaatamneefi wanta cimaa irraa ta’uu qaba.

Meeshaalee Qulqullaa’oo kanneenis akkaataa qophii isaanii, tajaajila isaanii fi fakkeenya isaanii arglmaan gaditti kutaa kutaan qoodnee kan ilaallu ta’a!

Akkaataa itti Fayyadama Meeshaalee Qulqullaa’oo

Akkuma dursinee ilaalletti fi jecha isaa irraa akkuma hubanutti Meeshaaleen Qulqullaa’oo Tajaajila Sirna Waaqessummaa Waaqayyoo Mana Waaqayyootti taasifamuuf yeroo hunda kan itti fayyadamnu Meeshaalee Qulqulla’aanidha. Kana waan ta’eefis kan itti fayyadamnu Mana Qulqullummaatti ta’uu qaba. Sanarra darbee garuu Mana jireenyaa keenyatti, iddoo hundatti kan fayyadamnu yoo ta’e wanti Qulqulla’aa Waaqayyoof tajaajila Mana Waaqayyoof oolu iddoo isaa malee ta’a jechuudha. Kanaaf of eeggannoo barbaachisa.

Ixaana tajaajila Mana Waaqayyoo keessaa kanneen akka Kadhannaa ittiin ol baasuu, Fakkiiwwan Qulqullaa’oo ittiin uluuf itti fayyadamuu dhiisnee mana keenyatti ykn iddoo biraatti Bunaaf kan aarsinu yoo ta’e wanta Qulqulla’aa sana ykn wanta Qulqulla’aa ta’e Seexanaaf ykn wanta hin taaneef oolchine jechuudha, Baganaa fi Kabaroo akkasumas Meeshaaleen Waaqayyo ittiin galateeffannu kanneen biroo Waaqayyo ittiin galateeffachuu dhiisnee Sirbaaf kan itti fayyadamnu yoo ta’e ammas hojii cubbuutiif fayyadamaa jirra waan ta’eef of eeggachuu qabna. Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa’oo kanneenii kutaalee itti aananitti tokko tokkoon ni ilaalla.

Kadhannaa Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo irratti taasifamu

Meeshaalee Qulqullaa’oo hunda irratti Kadhannaa taasisuun barbaachisaadha. Kanas Luboonni Kadhannaa «እግዚአብሔር አምላክነ ኄር ወመኃሪ ወቅዱስ…..» ykn «Waaqayyo Gooftaan keenya arjaan, dhiifama kan taasisu, Qulqulluun…….» jedhu kadhatu.

Akkasumas kadhannaawwan akka Maahifadaatii irratti, Tsaahilii irratti, Tsiwwaa irratti, Irfe Meskel irratti, Masooba Warqii irratti kadhannaawwan jedhaman jiru isaan kanneen hunda Meeshaalee Qulqullaa’oo irratti dabaree dabaree dhaan ni kadhatu.

Meeshaalee Qulqullaa’oon sunis Kadhannaa irratti taasifameen ni ulfaatu ykn ni kabajamu ykn «ይከብራሉ». Luboonnis kana kadhatanii erga raawwatan ykn kana kadhatanii erga xumuran booda Meeshaalee Qulqullaa’oo sana bifa bifa isaaniitiin ni kaa’u, Manbarii ykn Teessoo, Tsaahilii fi Tsiwwaa ykn Xoofoo ni uffisu. Meeshaalee Qulqullaa’oo kanneen yeroo ka’aanis Kadhannaa «እግዚአብሔር ማዕመረ ልብ ዘኩሉ ለአሐዱ ……..» jedhu ni kadhatu. Akkasumas Luboonni Meeshaalee Qulqullaa’oo sana yeroo uffisan ykn ofii isaanii uffata Lubummaa yeroo uffatan Kadhannaan isaan kadhatan.

Kadhannaan Meeshaalee Qulqullaa’oo tokkoon tokkoon isaanii irratti kadhatamu erga raawwatame ykn kadhatame booda Meeshaalee Qulqullaa’oo sana ol kaa’u. Qopheessanii erga xumuran boodas eebbisanii, Faaruu Daawwit keessaa iddoowwan garaa garaa ykn faaruu Daawwit keessaa Faaruuwwan garaa garaa kan Aarsaa isaa agarsiisan itti dabalamanii dhiyaataniiru. Fakkeenyaaf «ሃሌ ሉያ ወአንሰ በብዙኃም ሕረትክ እበውዕ ቤትከ» kan jedhuufii kanneen kana fakkaatan ni kadhatu. Firee Qiddaaseen isaa yeroo dhaa yerootti kan jijjiiramu yoo ta’u, Gibi’aate Menxolaa’it kan jedhame kutaan Kadhannaa kun garuu guyyaa fi sa’aatii kamittiyyuu hin jijjiiramu.

Iccitii Meeshaalee Qulqullaa’oo

Iccitii jechuun namni osoo hin beekiin karaa Waaqayyo qofti beekuun kan raawwatamu hojii dhokataadha. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos lafa kana irra yeroo deddebi’etti barsiisaa kan ture fakkeenyaani. Kunis hundumaa akka galutti, wanta isaan beekaniin fakkeessee barsiisa ture, akkuma kana Meeshaaleen Qulqullaa’oos iccitiidhaan kan kabajaman, fakkeenyaan kan dubbatamanidha. Iccitiin Meeshaalee Qulqullaa’oo ykn Fakkeenyali Meeshaalee Qulqullaa’oo iddoo baay’eetti barreeffameera, nutis kutaa itti aanu keessatti kan ilaallu ta’a.

Itti fufa!

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.

Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 6ffaa
Meeshaalee Qulqullaa’oo

Seensa :- akkuma yeroo darbe ilaalle, Koorsii Meeshaalee Qulqullaa’oo jedhu kana jalatti :- maalummaa, hiikoo, fakkeenya fi iccitii Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo keessatti tajaajila garaa garaatiif itti fayyadamnuu ilaallaa turreerra. Ammas kutaa 6ffaa isaa isiniif qabannee dhiyaanneerra, kutaalee darban shanan dubbisuun gara kutaa kanaatti darbaa, dubbisa gaarii!

Meeshaalee Qulqullaa’oo Uffata Taabotaa

Uffanni Taabotaa uffata bareedaa irraa kan hojjetamu fi faaya kan qabudha. Taabonni kan ittiin kabajamu fi Taabotatti kan uffifamudha.

Maggonaatsafiyaa «መጎናጸፊያ»

Kuni ammoo Manbariin kan uffatu ta’ee, yeroo kabaja Ayyaana waggaa yeroo Taabonni bahu kan uffatudha.

Qatsalaa «ቀጸላ»

Taabonni sun Maggonaatsafiyaa erga uffate booda uffata gubbaa irraan itti uffifamudha.

Golgaa «መጋረጃ» ykn «መንጦላዕት»

Uffata gaarii irraa bifa faaya qabuun kan hojjetamu ykn qophaa’u yoo ta’u, karaa balbala Maqdasii sadan irrattiyyuu kan fannifamudha. Tajaajilli isaaniis kabaja Maqdasii sanaaf kan kennanidha.

Akkaataa fayyadama isaa :- yeroo sirna Qiddaaseetti Aarsaa Beetaliheem irraa gara Maqdasiitti qabatanii erga seenan booda ni cuufama, «አሐዱ አብ» akkuma jedhameen, Diyaaqoniin «ስገዱ» jedhee «ፍትሐት ዘወልድ» dursee ni banama. Diyaaqonii inni tokkoffaan «Jecha Lubaa kanaa kan salphise, kan tuffate…..» yeroo jedhu ni cufama.

Diyaaqonii inni lammaffaan «መኳንንት በሩን ከፈቱ» yeroo jedhu ni banama. Diyaaqoniin «Gaabbii keessa kan jirtan mataa keessan gadi qabaa» jedhee sana boodas «Kadhannaadhaaf ka’aa!» erga jedheen booda Lubichi «Nagaan hunda keesaniif haa ta’u» akkuma jedheen ni cufama.

Akkasumas «ጸልዩ በእንቲአነ» jechuuf yeroo ba’u ni banama, Lubichi «ኃዳፌ ነፍስ» kadhannaa jedhu yeroo xumuru ni cufama. Diyaaqoniin «አድንኑ» jechuu isaatiin dura ni banama.

Iccitii isaa :- Golgaan fakkeenya Kiruubeel dha. Golgaan iddoo lamatti kan qoodame ta’uun isaa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo fannifametti Golgaan Mana Qulqullummaa gubbaa irraa hanga jalaatti iddoo lamatti qoodamuu isaatiif fakkeenya. Akkasumas fakkeenya foonii fi lubbuuti.

Ba’uu 26:7-10, 26:31-34, 36:35-38, Ibr. 6:19, 10:20, HDB. 10:11, 11:5

Meeshaalee Qulqullaa’oo Afaa «ምንጣፍ»

Afaan uffata ykn kirrii irraa kan qophaa’u yoo ta’u, Afaan kun kan lafa irratti afamu yoo ta’e si’ilii ykn fakkii kamiyyuu ofirraa qabaachuu hin qabu. Tarii fakkii qulqulla’aa Qulqullootaa yoo ofirraa qabaate keenyaa ykn girgiddaa Mana Qulqullummaa irratti kabajaan akka ka’aamu malee lafa irratti afamee irra ejjetamuu hin qabu.

Iccitii isaa :- guyyaa Hoosaa’inaatti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Harree irra taa’ee yeroo deemu baala Meexxii ykn Zanbaabaa fi uffata isaanii baasanii kan isaaf hafan yaadachuufi.

Inni kan biraa ammoo Israa’eeloonni gufuu fi qoreen akka isaan hin arganneef Duumessa ifaa isaaniif hafee isaan dursuu isaa kan yaadachiisudha.

Meeshaalee Qulqullaa’oo Dibaabee ykn Dibaab «ጥላ ፥ ጸለላ»

Utubaan isaa sibiila ykn muka irraa hojjetamuu kan danda’u yoo ta’u, uffanni inni irraa hojjetamu ammoo kabajamaa fi bifa warqee kan qabudha.

Yeroo Taabonni Waaqayyoo bahutti ykn yeroo kabajamutti Dibaabeen ykn Xilaan ni diriirfama. Yeroo sirna Qiddaaseetti Dibaabeen ykn Xilaan tajaajila qaba. Kunis Wangeelli yeroo dubbifamu, Qulqulluu Qurbaannii Beetaliheemii gara Maqdasiitti yeroo dhufu, Fannoo qabatanii Maa’ixantiidhaaf yeroo ba’an ni fayyadamu, akkasumas wanti kana fakkaataniif ni fayyadamu.

Iccitii isaa :- Museen Taabota Kakuu Waaqayyoo yeroo fudhatu fakkeenya Duumessa isa golgeeti.

Gimjaa «ግምጃ»

Warqazaboo fi Harrii garaa garaa irraa kan hojjetamu yoo ta’u, tajaajilli isaas Kitaabolee Qulqullaa’oo ittiin uffisuuf, akkasumas Meeshaalee Qulqullaa’oo kanneen birootti uffisuuf fayyada.

Mahaadarii «ማህደር»

Gogaa irraa kan hojjetamu ta’ee Kitaabolee Qulqullaa’oon kan keessa ka’aamanidha. Yeroo qophaa’us qaamni isaa guutuun fi rarraatoon isaa gogaa irraa ta’uu qaba.

Iccitii isaa :- Mahaadariin fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 6ffaa first appeared on Qubee Online +.

Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa | Kutaa 5ffaa
Meeshaalee Qulqullaa’oo

Barumsa koorsii «Meeshaalee Qulqullaa’oo» jedhu kana erga eegallee turreerra, garuu gidduutti sababa dhunfaatiin adda kunnee turre osoo hin xumuriin kanaafis dhiifama isa gaafanna! ammas kunoo akka fedha Waaqayyootti kutaa itti aanu isiniif qabannee dhiyaanneerra, kana dura kutaalee afur kan ilaalle yoo ta’u hardha ammoo kunoo kutaa 5ffaa isiniif qabannee dhiyaanneerra, isinis hanga dhumaatti dubbisaa! hiriyoota keessaniifis qoodaa! akkasumas barreeffama kana keessatti iddoo baay’eetti jechoota Afaan Gi’iizii kallattiidhaan waan fayyadamneef nuuf hubadhaa isiniin jenna, dubbisa gaarii!

Meeshaalee Qulqullaa’oo Uffannaawwan

Uffannaawwan jechuun Mana Kiristaanaa keessatti Abbootiin keenya Luboonni kan uffatan ykn Meeshaalee Qulqullaa’ootti kan uffifamanidha.

Uffata Lubummaa (ልብሰ ተክህኖ)

Yeroo sirna Qiddaasee fi yeroo kadhannaatti Luboonni Mana Qulqullummaa keessatti yeroo tajaajilan uffata isaan uffatanidha. Ba’uu. 31:10-11, 39:29, 28:40-42.

Qamisii Lubootaa (የቀሳውስት ቀሚስ)

Jechi «ቀሚስ» jedhu jecha Arabiffaa irraa kan dhufe akka ta’e ni himama, kunis bara durii «Abdallaakanii Qamiis» kan jedhamu ture. Bara kanatti garuu uffata faaya qabu kamirraayyuu ni hojjetama.

Luboonni qaddasan uffata Adii akka uffatan ajajameera, amantoonni qorrobanis uffata Adii qulqulluu akka fayyadaman ykn fayyadamuun isaanirraa eegama.

Luboonni uffata lubummaa uffachuu isaaniitiin dura Phaaphaasiidhaan akka eebbisiisan, yoo phaaphaasiin hin jiru ta’e ammoo ofii isaanii eebbisanii akka uffatan ka’aameera.

Uffanni Lubummaa Luboonni uffatan hanga fiixee miila isaanitti kan gahu ykn kan uffisu ta’uu qaba. Erga uffatan booda tarii yoo baay’ee itti kan dheeratu ta’e baafachuu hin qaban, zanqii ykn zinnaara achirra jiruun walitti qabanii uffachuu qabu malee.

Iccitii isaa :- Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa yeroo dhalate irraa kaasee hanga waggaa 33 tti uffanni inni uffatee ture yeroo inni guddatus raajiidhaan isa faana guddatti ture, uffanni Lubootaa kunis Qamisii kana agarsiisa.

Ayihuudonni Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos firdiidhaaf gara Addabaabaayiitti yeroo geessan uffata addaa isatti uffisanii ture, har’as Luboonni uffata mataa isaanii ykn uffata isaanii uffatanii qaddasuu hin danda’aan sababni isaas Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos uffata isaa yeroo xiqqummaa dhaa kaasee ittiin guddateen hin fannifamne waan ta’eef.

Kaabbaa (ካባ)

Kaabbaan kan itti dabalanii uffatanidha «መደረቢያ ነው». Kaabbaan mandilii shan akka qabaatu ajajameera. Mandiilii jechuun Lamdii jechuudha. Asii gadeen lamdii akka laanqaatti ta’ee waan bu’uuf Kaabbaa Laanqaa jedhameera. Kaabbaan kunis kan hojjetamu carqii ykn uffata haalluu garaa garaa qabu irraa ykn mukaashii ykn Warqazaboo irraayis hojjetamuu danda’a.

Iccitii isaa :- Lamdiiwwan shanan fakkeenya iccitiiwwan utubaa shananiiti.

«Moxaahitii» Lubootaa (የቄስ ሞጣሕት)

Luboonni ykn Qeesonni morma isaanii irratti keewwatanii Qamisii irratti kan uffisan, uffata karaa fuulduraa gadi bu’udha. Uffanni ykn wanti inni irraa qophaa’u ykn hojjetamus gosa ykn uffata Qamisiin sun irraa hojjetame waliin tokko ta’a.

Iccitii isaa :- Moxaahitiin fakkeenya ykn mallattoo daandii Qulqullootaati. Dheerachuun isaa ammoo fuulduratti daandii dheeraan si eeggata, amma kan dabarsite irraa ganaa kan fuulduratti dabarsitu ni dheerata jechuufi.

Meeshaalee Qulqullaa’oo Qoobii (ቆብ)

Monoksoonni fi Luboonni ykn Qeesonni seeraan jiran Qoobii keewwatanii Qaddasu. Akkasumas tajaajila kam irrattiyyuu mataa isaanii irraa hin dhabamu, Qoobiin ittiin qaddasan garuu adda kan ta’ee fi goonfoo kan fakkaatudha. Margeetonni marata «ጥምጥም» keewwatu.

Iccitii isaa :- Mataa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti fakkeenya Goonfoo qoree Ayihuudonni ka’aaniiti.

Seera Ba’uu 28:40, 8:9, 29:6.

Marata ykn (ጥምጥም)

Kun ammoo mataa irratti kan maramu yoo ta’u, «ሰበን» jedhamuunis ni waamama.

«Marata Qulqulluu mataa isaa irra ka’aa!» Zak. 3:5

Iccitii isaa :- Qulqulluun Toomaas Hindii irraa gara Iyyerusaaleemitti duumessaan fe’amee yeroo dhufu, Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo ol baatu arguu isaatiin Duuka Bu’ootaaf ragaa akka ba’u uffata ishee ittiin gannazamte ni kenniteef, innis Duuka Bu’ootaaf ni qoode. Fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam dha.

Meeshaalee Qulqullaa’oo Makbariyaa «መክበሪያ»

Taaboot Makbariyaa ykn kan Taabota ittiin baatan, kabaja Taabotaatiif mataa irra dursanii kan ka’aanidha.

Farajiyaa «ፈረጂያ»

Uffata baay’ee bareedaa irraa kan hojjetamu bal’aa fi uffata Phaaphaasiiti.

Iccitii isaa :- Qamisiin kun fakkeenya Qamisii Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos uffatee turee yoo ta’u, bal’achuun isaa makliitiin baay’achuu agarsiisa.

Meeshaalee Qulqullaa’oo Qamisii Diyaaqonii

Kun armaan olitti Qamisii Lubootaa waliin kan ilaalle waliin waan wal fakkaatuuf bira haa darbinu.

Lamdii «ለምድ»

Bara duriitti Lamdiin qophaa isaatti hojjetama ture, amma garuu Lamdiin Qamisiin waliin walitti hodhama.

Meeshaalee Qulqullaa’oo Moxaahitii Diyaaqonii «የዲያቆን ሞጣሕት»

Moxaahitiin Qamisii irratti kan uffifamu ta’ee bara ammaa kanatti iddoo hundatti kan barame miti. Ta’us garuu darbee darbee iddoo tokko tokkotti kan fayyadaman akka jiran ni himama. Moxaahitii yeroo fayyadamanitti Diyaaqonii isa tokkoffaa Diyaaqonii isa lammaffaa ykn Diyaaqonii isa gargaaraa irraa adda baasuuf uffata boca Fannoo of irraa qabu (Qamisii) Diyaaqonii inni jalqabaa ni uffata.

Goonfoo «አክሊል»

Uffata ykn carqii gaarii irraa kan hodhamuu fi bifa geengoo qabaatee gidduu isaatti Fannoo kan qabu ta’ee qopha’a.

Dabriiwwan fi Gadaamiiwwan gueguddootti Diyaaqoniin Goonfoo godhata. Bara kanatti darbee darbee Goonfoo kan fakkaatu akka Qoobii lubichaa uffatee qaddasa.

Iccitii isaa :- Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa Jimaataa Ayihuudonni mataa isaa irratti kan uffisan fakkeenya Goonfoo qoreeti.

Uffanni Lubummaa walumaa galatti kabajaa fi qulqullinaan mana meeshaa Mana Kiristaanaa keessa ka’aamuu qaba, kanaan ala iddoo barbaanne kaa’uuf hin eyyamamne.

Seera Ba’uu 29:6, Faaruu 20:3, Maat. 27:29, Hizq. 44:17-19, 2 Xim. 4:8, Marq. 15:17.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa | Kutaa 5ffaa first appeared on Qubee Online +.

Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa | Kutaa 4ffaa
Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo

Hiikoo, Faayidaa, Iccitii fi Fakkeenya Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa Ortodoksii erga ilaaluu jalqabnee kunoo kutaa 4ffaa irra geenyeerra. Dubbisaa!

Kutaa 4ffaa

Kutaa jalqabaa ykn Kutaa 1ffaa keessatti yeroo darbe akka seensaatti wantoota tokko tokko ilaallee turre. Isaan keessaas;

Maalummaa Meeshaalee Qulqullaa’oo

Akkaataa Qophii Meeshaalee Qulqullaa’oo

Iccitii Meeshaalee Qulqullaa’oo

Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa’oo fi k.k.f ilaalleerra duubatti deebi’uun dubbisaa!

Kutaa 2ffaa keessatti ammoo qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaalle; waa’ee;

Taabotaa

Manbarii ykn Teessoo Taabotaa fi

Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dha. Dubbisa gaarii!

Akkasumas kutaa 3ffaa keessatti yeroo darbe;

Aarsaa (መሥዋዕት

Kan Aarsaan itti dhiyaatu (መሥዋዕ)

Tsaahilii (ጻሕል)

Irfe Meskel (እርፈ መስቀል)

Tsiwwaa ykn Xoofoo (ጽዋ)

Masooba Warqii (መሶበ ወርቅ)

Mahaafadaat (ማኅፈዳት) fi k.k.f maalummaa isaanii fi fakkeenyummaa isaanii ni ilaalleerra! Dubbisaa!

Kutaan itti aanu ammoo kunooti;

Meeshaalee Qulqullaa’oo tajaajilaaf itti fayyadamnu kanneen biroo

Meeshaalee Qulqullaa’oo tajaajila kennan jechuun Mana Kiristaanaa keenyatti yeroo Sirna Qiddaasee tajaajilaaf kan ta’aan fi Sirna Qiddaasee dhaan alas tajaajiluu kan danda’aanidha.

1. Sahaanii fi Sibiila (ሰንና ብርት)

Nahaasa, Madaaba, Sibiila irraa hojjetamuu danda’u ta’ee wanta akka Moqorqoraa (ማንቆርቆርያ) ta’ee kan ittiin dhiqatanidha. Yeroo tokko tokkos Maqurariit (መቁረሪት) ykn Kuskusat (ኩስኩስት) ni jedhama.

A). San ykn (ሰን) bishaan kan ittiin qabatan yoo ta’u,

B). Birt ykn (ብርት) ammoo kan irratti dhiqachiisanidha.

Iccitiin isaaniis :- Sanii fi Birtiin Philaaxoos «Dhiiga nama kanaa irraa ani Qulqulluudha….» jedhee harka isaa fakkeenya ittiin dhiqateeti. 1 Mot. 7:38-39, Maat. 27:24, Yoh. 13:5.

2. Meeroonii

Meerooniin Phaaphaasonni mukkeen Ixaanaa fi Bilasaan, Asphaadaatoos fi kanneen biroo gosoota mukaa garaa garaa irraa Shittoo kan itti baasan dibatadha. Mul. 18:13. Iccitiiwwan Mana Kiristaanaa torban keessaa lammaffaa irratti kan argamu Iccitii Meerooniiti. Meerooniin Cuuphaatti aansee dibata dibamudha. Kunis iccitiiwwan irra hin deebi’amne keessaa isa tokkodha.

Iccitii isaa :- Bara Kakuu Moofaatti Meeshaalee Qulqullaa’oon kan ittiin kabajaman, Luboonni yeroo muudaman, Mootonni yeroo muudaman kan dibatan ture. Ba’uu. 28:41, 1 Saam. 9:16.

Kakuu Haaraattis yeroo Cuuphaa Kiristinnaatti Meerooniin akka itti godhamu, Manni Kiristaanaa haaraa yeroo ijaaramtu, Meeshaalee Qulqullaa’oo haaraa, Taabotnis kan ittiin kabajamu dibata Meerooniidhaani.

3. Qandilii ykn Dibata Qulqulluu

Qandiliin kan argamu firii muka Wayiraa irraa dha. Wayiraan biyya keenya Itoophiyaatti, Israa’eelitti fi Kibba Awuroppaatti baay’inaan ni argama. Zayitiin isaa qorichummaaf ni fayyada, kunis Lubootaan irratti kadhatameefi eebbifamee dhukkubsattootaaf ni kennama ykn ni dibama.

Iccitiiwwan Mana Kiristaanaa torban keessaa Qandiliin isa tokkodha. Qandiliin nama dhukkubsataaf kan dibamu dha. Kunis irra deebi’amuu kan danda’aamudha

Iccitii isaa :- Mukti Wayiraa dhaabbii isaatiin fakkeenya misoomaa fi badhaadhinaati. SKD. 24:20, Faaruu. 128:3, Roomee. 11:17-24. Dibatni kun fakkeenya Afuura Qulqulluuti. 1 Yoh. 2:20-27.

4. Ixaana

Ixaanni muka gammoojjiitti biqilu irraa kan funaanamu yoo ta’u, kunis Mana Qulqullummaatiif kan qophaa’e Aarsaa ta’ee kan aarsamuu fi kan ulamu, Kadhannaa kan ittiin ol baasanidha. Bifti Ixaanaa kunis Adii kan ta’e yoo ta’u kunis Luboonni Digdami Arfan Samii ykn Suraafeel Maa’ixentii ykn meeshaa ittiin ulan Warqee fi kan Samii irraa kan ta’een teessoo Waaqayyoo fuulduratti sagadaa fayyina Addunyaatiif kan ittiin kadhatanidha. Mul. 5:8-8, 8:3-5.

Luboonni halkan qixxee fi gara bariitti, yeroo Sirna Qiddaaseetti ni ulu. Kadhannaa fi Qiddaasee sanas gara Samiitti ittiin ol baasu. Maat. 2:11, Faaruu. 140:2.

Iccitii isaa :-

Mukukkulli isaa fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yoo ta’u,

Ixaanni isaa fakkeenya Qulqullootaati

Aarri isaa ammoo kan Galatoo fi Kadhannaati

Fooliin bareedaa isaa naannoo sanatti babaldhachuun isaa ammoo fakkeenya bu’aa hojii gaarii

Aarri Ixaanaa ol ba’uun isaa ammoo fakkeenya ol ba’uu Kadhannaa Qulqullootaati

Aarri Ixaanaa sanaa Kiristaanota gidduutti akka Duumessaatti naanna’uun isaa ykn marsuun isaa ammoo Waaqayyo nu waliin ta’uu isaa yeroo Kadhannaatti akka dhiyaatu agarsiisa.

5. Tsinihaa ykn Maa’ixentii (ጽንሐሐ /ማዕጠንት)

Tsinihaa ykn Maa’ixentii ykn Ultuun meeshaa ittiin Ixaana ulanidha. Tsinihaa ykn Maa’ixentii ykn Ultuunis kan hojjetamu Warqee, Meetii, Nahaasa ykn Sibiila irraa ta’ee bocaafi bareedina akka qabaatu ta’ee, qabannoon isaa fi wantoonni irra jiran tokkoon tokkoon isaanii lakkoofsi isaanii akka hin daballe akka hin hirdhanne ta’ee kan qophaa’udha. Sababni isaas hundumti isaayyuu Iccitii mataa isaa qaba waan ta’eef.

Iccitii isaa:-

Mukukkulli ykn (ፍህም) isaa fakkeenya Waaqummaa

Utubaan Habliiwwan sadan gidduu jiru ammoo fakkeenya ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos;

Gadi bu’uun isaa ilmi Samii Samii irraa ba’ee Dubroo Maariyaam irraa dhalachuu isaatiif,

Ol ba’uun isaa ammoo Du’aa ka’umsaa fi ol ba’iinsa isaa yoo ta’u

Irra deebiin gadi bu’uun isaa ammoo dhufaatii isaa lammaffaatiif fakkeenya.

Qabannoon isaa tokko ta’uun ammoo fakkeenya tokkummaa isaa yoo ta’u

Shaakuraawwan ykn wantoonni xixiqqoon Habliiwwan ykn utubaawwan sana irra jiran baay’inni isaanii yoo xiqqaate 12, yoo baay’ate ammoo 24 ta’u kanaa gadi hin ta’aan, kanaa olis hin ta’aan.

12 yoo ta’aan fakkeenya Duuka Bu’ootaa,

24 yoo ta’aan ammoo fakkeenya Luboota Digdami Arfan Samiiti.

Sagaleen Shaakuraawwan ykn wantoota xixiqqoo kanneeniis fakkeenya sagalee Qulqulloota Ergamoota «Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu!» jedhanii galateeffatanii,

Meeshaan Qulqulluun Ixaanaa fi Ibiddi itti tokko ta’aan ammoo fakkeenya gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiiti

Fannoon qabannoo ykn qadaada isaa irra jiru fakkeenya Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Qaraaniyootti ittiin fannifamee, Habliiwwan ykn utubaawwan sadan Mukukkulaa fi Ixaana kan qabate waliin wal qabachuun isaanii Waaqayyo ilmi qaama isaa adda ta’een garaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessa yeroo bulu hundumti isaaniiyyuu buluu isaaniitiif fakkeenya.

6. Mudaay (ሙዳይ)

Meeshaa ittiin waa qabatan ykn meeshaa wantoota garaa garaa keessa ka’aan yoo ta’u keessattuu Ixaanaaf (Mudaaye Ixaanaa) ykn (ሙዳይ ዕጣን) kan qophaa’u migira irraa yoo ta’u, tajaajilli isaas Ixaana keessa kaa’uufi. Yeroo Sirna Qiddaaseetti Mudaay keessa Ixaana «Qoqor» ykn «ቆቆር» shantu ka’aama.

Iccitii isaa :- Mudaay fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha, Mudaay keessa Ixaanni mataa ykn «Qoqor» shan ka’aamuun isaa fakkeenya Kakuuwwan Shananiiti.

A). Kan Qurbaana Abeel

B). Kan Aarsaa Nooh, kan Abrahaam

C). Kennaa Yisihaaq

D). Ergama Musee fi Aroon

E). Aarsaa Malka Tsedeq dha.

7. Tsuwaafii fi Shaamaa ykn Dungoo (Meeshaalee Qulqullaa’oo)

Isaan kunneen ammoo Jirbii irraa kan qophaa’aan ta’aanii waan akka Zayitii (ሰም)qabu ifa kennuuf kan tajaajilanidha.

Iccitii isaanii :- Tsuwaafii fi Shaamaan fakkeenya Ergamoota Waaqayyooti. Ifti Addunyaa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos fakkeenyaan «Ani ifa Addunyaati» Yoh. 8:12 jedheera.

8. Maqrazii ykn Baattuu Ibsaa (መቅረዝ)

Sibiila irraa kan qophaa’u yoo ta’u, yeroo durii Mukaa fi Gaanfa irraa ni hojjetama ture. Ibsaa kan irratti fannisan ykn Baattuu Ibsaas ni jedhama. Tsuwaafii, Shaamaa fi Zayitiinis irratti ni ibsama, Zayitiin itti naqamee kan ibsamu Qandilii jedhama.

Akka Mana Kiristaanaa keenyaatti ykn Mana Kiristaanaa keessatti ibsaan hedduun akka ibsamu ajajameera, Kitaabolee Qulqullaa’oon yeroo dubbisamanitti ifti sirriitti akka jiraatu ni barbaadama. Keessattuu Wangeelli yeroo dubbifamu hangi ifaa ol ka’aa ta’uu akka qabu ajajameera.

Iccitii isaa :- Maqraziin fakkeenya qaama Fooniiti. Ibsaan fakkeenya Ija Fooniiti, ifti isaa ammoo fakkeenya hojii gaarii fi Amantaati (Ija Afuuraa).

9. Maqqosatariyaa (መኮሰተርያ) | Meeshaalee Qulqullaa’oo

Sibiila irraa kan hojjetamu ta’ee, fiixee ibsaa kan ittiin sirreessan ykn yeroo ibsaan bitaa mirgatti jal’atu kan ittiin soroorsanidha ykn Kirriin isaa gubatee karaa tokkoon yeroo jal’atu kan ittiin sirreessanidha. Ba’uu. 25:38.

Iccitii isaa :- Ibsaan fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yoo ta’u, Kirriin ammoo fakkeenya Qaama Foonii, Maqqosatariyaan yeroo qajeelchu ykn soroorsu Burrusa Wangeelaatiin, Barsiisonni fi warreen Lallaban kanneen dogoggoran yeroo deebisan ykn yeroo isaan dhiyeessan dha.

10. Atroons (Teessoo Kitaabolee)

Gogaa irraa, Shamboqqoo irraa, Xaawulaa irraa, Sibiila irraa akkasumas Utubaan isaa Sibiila ykn muka ta’ee hojjetamuu danda’a.

Meeshaa Kitaabolee irra ka’aan, Wangeela kan Lallaban Kitaabolee isaanii irra ka’aanii kan barsiisan dha.

Atroons yeroo hojjetamu hojjaan isaa olii fi gadi ta’ee kan hojjetamu ykn nama dheeraaf akka hojjaa isaatti fi nama gabaabaafis akka hojjaa isaatti hojjetamu danda’a ykn namni dheeraan ol harkisee ykn ol dheeressee, namni gabaabaan ammoo gadi gabaabsee akka itti fayyadamutti kan hojjetamudha. Yeroo baay’ee garuu hojjaa nama giddu galeessaatiin kan hojjetamudha.

Ta’us garuu Lallaba yeroo Sirna Qiddaasee gaggeeffamu irratti Barsiisichi gonkumayyuu Atroons irra bahuu hin qabu.

Iccitii isaa :- Atroons fakkeenya gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yoo

ta’u, Kitaabni gubbaa ykn isaa irra jiru ammoo fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha.

11. Mudaay Mitsiwaat (ሙዳይ ምጽዋት)

Muka ykn Sibiila irraa kan hojjetamu ta’ee Saanduqa qarshiin keessa ka’aamudha. Kunis meeshaa Amantoonni ykn Kiristaanonni kennaa isaanii Mana Waaqayyoof fidan keessa ka’aanidha. 2 Seenaa. 24:11, Marq. 12:41.

12. Qaacilii (ቃጭል) (Meeshaalee Qulqullaa’oo)

Meetii, Nahaasa ykn Sibiila irraa kan hojjetamu yoo ta’u tajaajilli isaas Sirna Qiddaasee irratti ykn yeroo Qiddaasee seenan, yeroo Sirna Qiddaasee irratti «ጻኡ ንዑስ ክርስቲያን……» yeroo jedhamu, yeroo Sirna Qurbaanaa fi yeroo Igzi’ootaa irratti ni rukutama.

Iccitii isaa :- «Mootummaan Waaqayyoo dhiyaatteerti waan ta’eef Gaabbii galaa» jedhee Qulqulluu Yohaannis Cuuphaan Iyyi inni Gammoojjiitti iyye ykn lallabni isaa yeroo gidiraatti sagalee gaddaa hadha’aa inni dhageessiseef fakkeenya. Maat. 3:1-2.

13. Dawulii (Bilbila)

Sibiila cimaa fi jabaataa ykn dhagaa Sibiila fakkaatu irraa hojjetama. Tajaajilli isaas halkan Sa’aataatii fi Maahileetii dura, guyyaa Qiddaaseetti sa’aatii jaha (6) yeroo ta’u ni bilbilama. Akkasumas Qiddaasee dura Kiristaanota kaasuuf yeroo shan ni bilbilama, Igzi’ootaa irratti ammoo si’a kudha lama ni bilbilama.

Iccitii haala fayyadama isaa irra jiru

Qiddaasee dura yeroo shan bilbilamuun isaa fakkeenya iccitiiwwan Shananiiti.

Firee Qiddaaseen eegalamuu isaatiin dura Diyaaqoniin «ፃኡ» yeroo jedhu si’a Sadi bilbilamuun isaa fakkeenya Iccitii Sillaaseeti.

Igzi’ootaa irratti si’a kudha lama bilbilamuun isaa ammoo Duuka Bu’oota kudha lamaaniin Wangeelli guutummaa Addunyaatti gahuu isaatiif fakkeenya.

14. Maqoomaa (መቋሚያ) (Meeshaalee Qulqullaa’oo)

Maqoomaan yeroo baay’ee muka irraa kan hojjetamu ta’ee, waan akka Ulee mataa isaa irratti boca bifa Fannoo qabudha. Maqoomaan baay’inaan boca «T» kan qabu yoo ta’u, wanti gubbaa isaa irratti rukutamu sun ammoo Warqee irraa, Meetii irraa, Nahaasa irraa, Sibiila irraa, Gaanfa irraa ykn Muka irraa hojjetamuu danda’a.

Tajaajilli isaas itti hirkachuuf, akkasumas Kabaroo fi Tsenaatsilii waliin yeroo Maahileetiitti Zimaamee fi Shibshaaboof ni tajaajila.

Iccitii isaa :- Maqoomaan fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Akkasumas Maqoomaan fakkeenya Ulee bifa mallattoo Fannoo qabuu Yaa’iqoob of fuuldura dhaabee sagadaafii tureeti.

Luboonni Maqoomaa gateettii isaanii irratti baatanii asii fi achi jechuun isaanii Ayihuudonni Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa Jimaataatti Fannoo baachisanii gara Qaraaniyootti geessuu isaaniif, Luboonni Maqoomaa Zeemaa ykn Yeedaloo waliin wal simsiisanii lafa irratti gatuun isaanii fi lafa rukutuun isaanii Ayihuudonni Gooftaa keenya «Eenyutu si rukute?» jechaanii dabaree dabaree dhaan isa rukutuu isaaniitiif fakkeenya ykn isa yaadachuufi.

Akkasumas Maqoomaa sana akka mallattoo Fannootti gateettii isaanii irraa kaasanii gara lafaatti buusuun isaanii, namni biraas fudhachuun isaa akkasumas ol kaa’uun isaa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Fannoo baatee gara Qaraaniyootti yeroo deemu dhadhabee waan tureef Fannoo isaa nama biraa baachisuu isaaniitiif fakkeenya.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa | Kutaa 4ffaa first appeared on Qubee Online +.

Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 3ffaa
Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa

Yeroo darbe Kutaa lamaan kan ilaalle Meeshaalee Qulqullaa’oo kutaa sadaffaan kunooti. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Kutaa 3ffaa

Kutaa jalqabaa ykn Kutaa 1ffaa keessatti yeroo darbe akka seensaatti wantoota tokko tokko ilaallee turre. Isaan keessaas;

Maalummaa Meeshaalee Qulqullaa’oo

Akkaataa Qophii Meeshaalee Qulqullaa’oo

Iccitii Meeshaalee Qulqullaa’oo

Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa’oo fi k.k.f ilaalleerra duubatti deebi’uun dubbisaa!

Kutaa 2ffaa keessatti ammoo qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaalle; waa’ee;

Taabotaa

Manbarii ykn Teessoo Taabotaa fi

Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dha.

Akkasumas kutaa 3ffaa har’aa keessatti ammoo qabxiilee gurguddoon nuti ilaallu;

Aarsaa (መሥዋዕት

Kan Aarsaan itti dhiyaatu (መሥዋዕ)

Tsaahilii (ጻሕል)

Irfe Meskel (እርፈ መስቀል)

Tsiwwaa ykn Xoofoo (ጽዋ)

Masooba Warqii (መሶበ ወርቅ)

Mahaafadaat (ማኅፈዳት) fi k.k.f maalummaa isaanii fi fakkeenyummaa isaanii ni ilaalla! Dubbisaa!

Aarsaa fi kan itti Aarsaa dhiyeessan (መሥዋዕትና መሥዋዕ)

1. Aarsaa (መሥዋዕት) Meeshaalee Qulqullaa’oo

Bara duriitti Aarsaadhaaf kan dhiyaatu Bineeldota ykn bu’aa Midhaanii ture. Sirni kunis Abbaa keenya Addaam irraa eegalee bara Nooh fa’a, bara Abrahaam fa’a, yeroo Yaa’iqoob fa’a, yeroo Musee fa’a akkasumas hanga Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalachuutti kan ittiin hojjetamaa turedha.

Amma garuu Aarsaa Foonii fi dhiiga Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin namni hundi Qurbaana isa bara baraa argachuu danda’eera. Kunis Luboonni yeroo Sirna Qiddaaseetti Habistii fi Wayiniin dhiyeessan Iccitii Waaqummaatiin jijjiiramee Foon amanamaa fi dhiiga amanamaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ta’uu isaatiini. «Ani Biddeen jireenyaati» Yoh. 6:35. «Foon koo kan hin nyaanne, dhiiga koo kan hin dhugne jireenya bara baraa hin qabu» Yoh. 6:53-54.

«Samii irraa kan bu’e Biddeen jireenyaa anadha. Kan Biddeen kana irraa nyaatu jireenya bara baraa ni qabaata,» «Dhuguma dhuguman isiiniin jedha foon ilma namaa yoo nyaattan dhiiga isaas yoo dhugdan malee jireenya bara baraa hin qabaattan …..» Yoh. 6:51-59.

A). Qamadii fi Wayinii

Hunda kan danda’u Waaqayyo Midhaan keessaa Qamadii fi Wayinii filatee Kadhannaadhaan eebbifamee Fooniifi dhiiga akka ta’uuf taasiseera.

«Laphee koo keessatti gammachuu nan dabale, firii Qamadii, Zayitii Wayinii irras ni baay’ate» Faaruu. 4:6

«Malkatsedeq Wayinii fi Qamadiidhaan ni galateeffata ture» Uma. 14:18. Ibr. 7:1-3.

Qurbaanaaf ykn Aarsaadhaaf kan dhiyaatu Qamadii fi Wayiniin waqtii sanatti kan gahe, Simbirroon kan hin nyaanne, Daana’oon kan isa nyaanne, waagiin kan isa hin rukunne ta’ee iddoo kuusaa ykn Gootaraa keessa kan hin turre ta’uu qaba.

Habistiin aarsaaf yeroo qophaa’u kan hin gubanne ta’ee gubbaa isaatti mallattoo Fannoo kudha sadi kan qabuun mallatteeffamee ni qopha’a, Wayiniin sunis Aarsaaf yeroo qophaa’u gara gogaatti kan siqe ta’ee Qulqulluu ta’uu qaba, Bishaan itti naqamus 1/3 caaluu hin qabu ykn 1/3 irra kan caale ta’uu hin qabu.

Iccitii isaa :- Qamadiin Foon isaa fi Wayiniin ammoo dhiiga isaatiin fakkeeffamu.

2. Kan Aarsaan itti dhiyaatu (መሥዋዕ)

Kana ykn «መሥዋዕ» jechuun ammoo Fooniifi dhiigni isaa kan itti dhiyaatu ykn Fooniifi dhiiga isaa kan ittiin dhiyeessanidha. Aarsaaf Waaqayyootiifis meeshaa ykn qodaa filatamaadha.

A). Tsaahilii (ጻሕል)

Warqee, Meetii, Nahaasa fi Sibiila irraa kan hojjetamu Saahinii gadi dhooqa ykn diriiraa dha. Tsaahiliin kan Habistiin irra ka’aamuufi ittiin kan kabajamu ta’ee kabajaa fi iccitii adda ta’e qaba.

Iccitii isaa :- Tsaahiliin fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha, Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos garaa isheetti baachuu isheeti. Mooraan Loonii gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos itti dhalate fakkeenya Tsaahiliiti, itti dhalatee keessa buleera waan ta’eef.

Iddoon itti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos itti awwaalames fakkeenya Tsaahiliiti, guyyaa sadiifi halkan sadi keessa buleera waan ta’eef. Fakk. 25:11, Maat. 14:8, 2 Seenaa Baraa 4:8, Maat. 23:25.

B). Tsiwwaa ykn Xoofoo (ጽዋ)

Warqee, Meetii, Nahaasa fi Sibiila irraa hojjetama, ittiin dhuguuf kan ta’u yoo ta’u keessattuu yeroo Qurbaanaatti dhiiga kabajamaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kan qabatu fi kan ittiin dhiyaatu meeshaa ykn qodaa kabajamaa fi filatamaadha.

Iccitii isaa :- Fakkeenya garaa ykn gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha, ergamaan Waaqayyoo Missiraachoo himu Qulqulluun Gabri’eel gara Dubroo Maariyaamitti yeroo dhufetti isheen ani dhiira osoo hin beekiin akkamitti naaf ta’a yeroo isaan jetteetti «Afuurri Qulqulluu sirra bula, humni Waaqayyoos si golga, sirraa kan dhalatu ilma Waaqayyoo Qulqulluu jedhama» Luq. 1:35 yeroo ittiin jedhetti haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis «Akka jecha keetti naaf haa ta’u!» Luq. 1:38.

Yeroo isaan jettetti jecha ykn Sagalee kan jedhame Iyyesuus Kiristoos gadameessa ishee keessa bule, bultoon dhiiga Waaqayyoo ykn dhiiga Waaqummaa kan baatu Tsiwwaan ykn Xoofoonis fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ta’eera. Jecha ykn Sagalee kan jedhame Iyyesuus Kiristoos gadameessa isheetti baatame, kunis iccitii Tsiwwaa ykn Xoofoo sanaati.

Guyyaa Kamisaatti gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos «Kunis dhiiga koo fayyina Addunyaatiif dhangala’udha hundumti keessaniyyuu dhugaa» Maat. 26:27 jedhee kan Duuka Bu’oota isaatiif kenne waan ta’eefidha.

Sababni Tsiwwaa dhaan dhiyaatuufis Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa’ee Cubbuu keenyaatiif guyyaa Jimaataatti Fannoo irratti dhiiga isaa yeroo dhangalaasu Ergamoonni dhiiga isaa kabajamaa dhangala’u kan itti fudhatan Tsiwwaa waan ta’eefidha ykn yeroo Fannoo irratti dhiigni kabajamaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dhangala’u Ergamoonni Tsiwwaa dhaan waan waraabaniifidha.

C). Irfe Meskel (እርፈ መስቀል) Meeshaalee Qulqullaa’oo

Fal’aana ykn kan ittiin waraaban yoo ta’u karaa qabannoo isaa Fannoo qaba. Kan qophaa’us Warqee irraa, Meetii irraa, Nahaasa irraa ykn Sibiila irraadha. Ta’us garuu meeshaa Tsiwwaan irraa hojjattame irraa hojjetamuu qaba.

Irfe Meskeliin tajaajilli isaa Kabajamaa dhiiga isaa warreen Qorroban ykn warreen Fooniifi dhiiga isaa fudhataniif kan ittin kennanidha.

Iccitii isaa :- Raajichi Isaayyaas lamtsiidhaan yeroo rukutametti kan ittiin irraa fayye Qabduu mukukkula qabatedha. Isa. 6:6.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos cinaacha isaa kan ittiin waraaname fakkeenya Eeboo isaati ykn fakkeenya Eeboo gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos cinaacha isaa ittiin waraanameeti.

Karaa qabannoo isaa kan jiru Fannoon ammoo Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti dhiigni dhangala’u isaa agarsiisa.

D). Awud (ዐውድ)

Yeroo Qurbaanaatti Tsaahiliin meeshaa irra taa’udha ykn meeshaa yeroo Qurbaanaatti Tsaahiliin irra taa’udha. Qulqulluun Foon isaa akka hin kufneef ykn akka lafatti hin harcaaneef kan taasisudha ykn kan haguugudha. Awudiin kan qophaa’u Nahaasa, Sibiila ykn muka irraati.

Iccitii isaa :- Awud jechuun Addabaabaayii jechuudha. Fakkeenya Addabaabaayii Philaaxoositti Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoositti murteessaniiti. Yeroo Qiddaaseetti Awudiin uummata fuuldura dhaabbatus fakkeenya kanaati.

E). Agoobara (አጎበር)

Awudii irratti kan uffifamu muka irraa ykn Sibiila irraa kan hojjetamu ta’ee miila sadi kan qabu ta’ee tajaajilli isaas uffatni inni gubbaa irraa uffatu Foon isaa akka hin tuqne kan dhorkuufi kabaja kan kennudha.

Iccitii isaa :- fakkeenya mallattoo awwaalaa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos ittiin awwaalamee tureeti.

F). Mahaafadaat (ማኅፈዳት) Meeshaalee Qulqullaa’oo

Uffata gosa shantu jira, fakkeenyummaan isaaniis;

1. Kan Awudiin uffatu fakkeenya Dubrummaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

2. Tsaahilii irra kan ka’aamu ykn uffatu fakkeenya haguuggii daa’ima gadameessa keessa jiruu

3. Habistii irra kan jiru, Agoobara irra kan jiran sadan fakkeenya Abbaa, Ilmaa fi Afuura Qulqulluuti.

G). Masooba Warqii (መሶበ ወርቅ) Meeshaalee Qulqullaa’oo

Habistii Beetaliheem kan ittiin fidan yoo ta’u, haalli itti qophaa’us Waaqayyo Musee akkuma ajajetti muka hin nyaatamne irraa dha. Yeroo ammaatti garuu marga migiraa irraa miidhagfamee hojjetama.

Iccitii isaa :- Masoobiin fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha.

Warqa Zaboon Qulqullummaa fi Dubrummaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif fakkeenya.

Habistiin fakkeenya ilma Waaqayyooti.

Beetaliheemii gara Mana Qulqullummaatti Masooba Warqiidhaan deemuun Habistii, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Beetaliheemitti dhalatee erga guddate booda waggaa isaa soddomi saditti Qaraaniyootti Aarsaa ta’uuf ykn fannifamuuf deemuu isaaf fakkeenya.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 3ffaa first appeared on Qubee Online +.

Meeshaalee Qulqullaa’oo | Taabota, Manbarii fi Fannoo
Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Koorsii Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Kutaa kanaa keessatti wantoonni nuti ilaallu wantoota gurguddoo sadidha. Isaanis waa’ee Taabotaa, Manbarii fi Fannoo dha. Hanga dhumaatti dubbisaa.

Kutaa 2ffaa

Kutaa jalqabaa ykn Kutaa 1ffaa keessatti yeroo darbe akka seensaatti wantoota tokko tokko ilaallee turre. Isaan keessaas;

Maalummaa Meeshaalee Qulqullaa’oo

Akkaataa Qophii Meeshaalee Qulqullaa’oo

Iccitii Meeshaalee Qulqullaa’oo

Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa’oo fi k.k.f ilaalleerra duubatti deebi’uun dubbisaa!

Kutaa 2ffaa har’a keessatti ammoo qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaallu; waa’ee;

Taabotaa

Manbarii ykn Teessoo Taabotaa fi

Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dha. Dubbisa gaarii!

Taabota, Manbarii fi Fannoo Meeshaalee Qulqullaa’oo

Hangamiyyuu Meeshaalee Qulqullaa’oo wal caalchisuun cimaa ykn ulfaataa ta’uyyuu Hayyuun Mana Kiristaanaa keenyaa Adimaasee Jambareen shakkitootaaf deebii akka ta’uuf Kitaaba isaanii «ኮኩሐ ሃይማኖት» jedhu irratti Meeshaalee Qulqullaa’oo hunda kan caalu Taabota ta’uu dubbisiisaniiru. Kana waan ta’eefis Meeshaalee Qulqullaa’oo hunda keessaa dursinee Taabota, Manbarii fi Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ni ilaalla.

Taabota (Meeshaalee Qulqullaa’oo)

Taabota jechuun bara Kakuu Moofaatti ykn bara Oriitiitti Bultoo Tsillaatiiti. Tsillaatii jechuun ammoo dhagaa kabajamaa Ibna Baradii irraa bocamee jechoota ykn abboommiiwwan kurnan of keessatti kan qabate ta’ee Waaqayyo Museedhaaf kan kennedha.

Taabotaa fi Tsillaatiin Kakuu Haaraa keessatti tokko ta’ee bocamee Taabota, Tsillaatii jedhamee ni waamama (iddoo aarsaan itti dhiyaatu) ykn «መሠዊያ» jedhamuudhaanis ni waamama, Tsillaatiin kun yeroo bocamu Tsaahilii, Tsiwwaa akka qabatuuf, bakkaa bakkatti socho’uu akka danda’uuf jedhamee hojjetama. Tsillaatii kana irrattis «አልፋ ወኦ ቤጣ የውጣ» kan jedhu maqaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti ni bocama.

Gubbaa isaa irratti Fakkii Qulqulleettii Sillaasee, gadi siqee ammoo Si’ilii ykn Fakkii Fannifamuu Gooftaa agarsiisu, karaa mirgaatiin ammoo Fakkii ykn Si’ilii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin (ምስለ ፍቅረ ወልዳ), karaa harka bitaatiin ammoo Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii akkasumas maqaa Qulqulluu ykn Ergamaa Manni Kiristaanaa sun hojjatameef Si’iliin isaa irratti bocama, maqaan isaas irratti barreeffama.

Tsillaatiin Kakuu sunis Bultoo Waaqayyooti. Osoo Taabonni hin jiraatiinis ykn Taabotaan alas Aarsaaf hin dhiyaatu. /Sirna Mana Kiristaanaa/ «Taabota sana keessatti wantan siif kennu ni keessa!» Ba’uu 25:16-17.

«……. Taabota irra ni keessa, ani kanan siif kennu Taabota keessa ni keessa, achiinis si waliin wal nan arga ijoollee Israa’eel akka ajajjuuf wanta siif kennu hunda, Tsillaatii Taabotaa sana irra kan jiru Kiruubeel lamaan gidduu uffisa araaraa irra taa’ee sittin dubbadha.» Ba’uu 25:21-22.

«Waaqayyos Museedhaan gara koo gara Tulluutti ba’i, achis taa’i! Isaan akka barsiistuuf ani kanan barreessee seeraa fi ajaja Tsillaatii siin kenna jedheen» Ba’uu. 24:12.

«Waaqayyo Musee waliin Tulluu Siinaa irratti kan dubbate yeroo raawwatetti quba Waaqayyootiin kan irratti barreeffaman, dhagaa irratti kan ta’aan Tsillaatiiwwan lamaan kenneef» Ba’uu 31:18.

«Waaqayyos Museedhaan jedhe:- Tsillaatiiwwan dhagaa lama akka isaan duraatti taasisiitii boci, bakka Tsillaatiiwwan dura cabsitee sana irra Jechoota turan irrattin barreessa.» Ba’uu. 34:1-2.

«Iyyaasuunis Lubootaan Taabota Waaqayyoo baadhaatii uummata bira darbaa jedhee isaanitti dubbate, Taabota Waaqayyoo baatanii uummata fuulduratti darban» Iyyaasuu 3:3-6.

«Filisxeemonnis sagalee Ilillee sana yeroo dhaga’aanitti naannoo ganda Ibrootaatii kan dhaga’aamu Sagaleen Ilillee kun maalidha? jedhan Taabotni Waaqayyoo gara naannootti akka gale hubatan» 1 Saam. 4:6-7.

«Taabota Waaqayyoo Mana Xaa’otii kan kaa’u eenyudha? nuti Mana Qulqullummaa Waaqayyo isa jiraataati!» 2 Qor. 6:16.

«Achi keessas ultuu ykn Maa’ixentii Warqiitu ture isheen lammaffaas Taabota Kakuu Warqee dhaan uffifamte ishee keessas Mannaa kan qabdu Masoobii Warqii fi kan biqilte uleen Aaroon Tsillaatiin Kakuus turan» Ibr. 9:4-5.

«Manni Qulqullummaa inni Samii irra jirus yeroo banametti Taabonni Kakuu Mana Qulqullummaa keessaa ni muldhate …….» Mul. 11:19.

«Maaloo gara boqonnaa keetti ka’i! Atiifi Taabotni Qulqullummaa kee!» Faaruu. 131:18.

Manbarii ykn Teessoo

Manbarii ykn Teessoo jechuun iddoo itti boqotan ykn boqochiisan, teessoo kan adda ta’e, kan ol ka’e Iddoo Tsillaatiin irra ka’aamu jechuudha. Tsillaatiin sun akka Taabotaatti Teessoo ykn Manbarii irra ta’a.

Manbarii ykn Teessoon fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ji’a Sagalii fi guyyaa shan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos garaa isheetti baattee ji’a Sagalii fi guyyaa shan turteerti waan ta’eef.

Akkuma Manbarii irra Taabota ykn Tsillaatiin ka’aamu, ykn akkuma jechi Waaqayyoo kan irra jiru Tsillaatiin Manbarii dhaan baatamu ykn Manbarii irra ka’aamu haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos garaa isheetti baatteerti waan ta’eef.

Fannoo

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Fannoo irratti fannifamuu isaatiin dura Fannoo meeshaa namoonni balleessaa garaa garaa balleessan ittiin adabaman ykn irratti fannifaman ture. Nama Fannoo irratti fannisanii adabuun kan jalqabame biyya Faarsitti. Namoonni biyya Faars Waaqa lafaa kan jedhamu «Oormuuzd» Waaqessu ture.

Kanarraa kan ka’es «Namni balleessaa balleesse tokko ykn yakkamaan adabbii isaa lafa irratti kan fudhatu yoo ta’e Waaqni keenya ni busha’a ykn ni rakasa» jedhanii waan yaadaniif ykn akkas jedhanii waan amananiif nama balleessaa balleesse tokko ykn yakkamaa lafa irraa ol butanii fannisuun isa adabu ture. Adabbiin kunis suuta suutaan bulchiinsa Room hunda keessatti adabbii baramaa ta’e. Akkasumas Seera Oriitiitiin namoonni adabbii isaanii Fannoo irratti namoonni fudhatan abaaramoo fi jibbamoo turan.

Kanas Waaqayyo Museedhaan «Namni kamiyyuu Cubbuu du’aan isa gahu yoo hojjete, akka du’us yoo irratti murteeffame, mukaa irrattis yoo fannifame, muka irratti kan fannifame Waaqayyo biratti kan abaarame waan ta’eef reenfi isaa muka irra hin buliin» jechuudhaan itti himeera. Seera keessa Deebii 21:22.

Kakuu Haaraa keessattis gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos hiika Fannoo isa Kakuu Moofaa sana diigee waan irratti fannifameef Fannoon mallattoo bilisummaa keenyaa fi fayyina keenyaati. Kanaafidha Duuka Bu’icha Qulqulluun Phaawuloos «Warreen hin amanneef gowwummaadha. Nuti warra itti amanneef garuu humna Waaqayyooti» jedhee kan hubachiiseef. 1 Qor. 1:18.

Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Fannoon wantoota hedduu irraa hojjetamuu ykn qophaa’uu danda’a. Fakkeenyaaf :- Muka, Warqee, Meetii, Nahaasa fi k.k.f.

Faannoo Mukaa: Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos muka irraatti waan fannifameef abbootiin keenya ragaa isa bahuuf Fannoo kana ni qabatu. Nuti Kiristaanonnis morma

keenya irratti ni hidhanna.

Faannoo Warqee: Mootummaa si caaluu hin jiru. Atis ammas barabaraan mootiidha. Mootiin siin dorgomu hin jiru. Namoonni Ogeeyyii ykn Sabaa saggaloonni Warqee gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif kan fidaniif kanadhaafi. Maat. 2:1,

Luq.2:1

Fannoo Sibilaa: Kan akka kee jabaan gonkumaa hin jiru. Annisaa ykn humna iddoo ykn bakka biraa irrsa osoo hin argatiin wanta barbaadde raawwachuu dandeessa kan jedhu ibsuufi.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Meeshaalee Qulqullaa’oo | Taabota, Manbarii fi Fannoo first appeared on Qubee Online +.