Manneen Barnootaa Dilbataa | Qubee Online +

Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis | Kutaa 3ffaa
Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis

Seenaan Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis Kutaa sadaffaa kunooti. Kutaalee darban dubbisaa!

«Bara Warqeetti Ilma Warqee»

Qulqulluu Habiib Giyoorgis Kutaa 3ffaa

Seensa :- Yeroo darbe kutaa 1ffaa fi kutaa 2ffaa barumsa ykn seenaa fi qabsuura Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis ilaalleerra. Kutaan itti aanu ammoo kunooti. Kutaa 1ffaa fi kutaa 2ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa! Erga dubbistanii xumurtan booda barumsi kun ijoollee barattoota dilbataa ta’aan maraaf waan fayyaduuf adaraa qoodaafii!

Duuka Bu’oota dargaggessa Habiib keessaa abbaa qinee kan ture Naazir Gaayid ykn boodarra Abuna Shinoodaa 3ffaa’n bara 1939/40 tti barruu beekamaa «Mana Barnootaa Dilbataa» jedhamu qopheessuu eegale. Naazir jaalala barsiisaa isaatiif qabu irraa kan ka’e kitaabichi qopheessummaa Habiib Giyoorgisiin akka ba’u ture kan taasise. Kitaabichi ykn barruun sunis har’a waggaa 70 booda har’as ni maxxanfama.

Koreen giddu galeessaa Mana Barnootaa dilbataa daa’imman ijoollummaa isaaniitti Mana Barnootaa dilbataatti hin guddanneef sagantaa addaa «Algaamiyaa Alqibxaa» jedhamu qopheesse. Sagantaa kanaan barnoota wangeelaa, sagantaa daawwannaa fi sagantaan aadaa beeksisuu hojiirra ni oola ture.

Habiib Giyoorgis humnoota lama waliin qabsuura’eera. Isaan jalqabaa aadaa, miira (feeling) fi amantaa warra dhihaa ykn warra Lixaa Kiristaanota Gibxii irratti fe’uuf humnoota ka’aan yoo ta’aan. Walakeessa jaarraa 19ffaatti Miisiyoononni warra dhihaa bal’inaan Gibxitti baay’atanii ture.

Humna koloniis (gita bittaas) fayyadamuun uumatni Pirootestaantizimii akka fudhatu dhiibbaa taasisuun, hiyyeessota qarshiif wantoota adda addaa/carraa hojii, jireenya biyya alaa, scholar ship dhaan gowwoomsuun «Mana Kiristaanaa ammayyaa ni taasisna ykn ni haaressina» falaasama jedhu «Mana Kiristaanaa keessan guddisuu fi ammayyaawaa taasisuu yoo barbaaddan sirna amantaa fi jireenya keenyaa fudhadhaa!» jechaa uummata gowwoomsuun Mana Kiristaanittii qoran.

Manaa manatti naanna’uun barnoota sobaa isaanii ni facaasuu jalqaban. Macaafa qulqulluu abbaan barbaade akka fedhetti hiike, suurawwan nama harkisanii fi tiraaktii manaa manatti facaasuu itti fufan. Kun hundi isaan gahuu didee mana kiristaanaa Gibxii tuffachuun manaa manatti maganuudhaan ykn arrabsuudhaan Luboota dhabsiisuun hojii isaanii ta’e. Kanarraa kan ka’e abbootin fi maatiiwwan isaanii amantaan gargar ta’aan.

Habiib Giyoorgisii fi hiriyoonni isaa Qeerloos 5ffaa dhaaf dhimmicha dhiyeessan. Bara 1896/7 ttis Paatriyaarkicha waliin ta’uun Kaabaa hanga Kibba Gibxiitti uummata barsiisuun naanna’uu jalqaban. Mandaroota, Manneen Kiristaanaa, Kawaalota seenaa dursummaa Paatriyaarkichaatiin amantaa isaa Ortodoksummaa akka eeggatan barsiisan. Waggaa shan boodas Habiib Paatriyaarkichawaliin ta’uun deemsa duuka bu’ummaa wal fakkaataa taasisaniiru.

Habiibis deemsa misiyoonota kanaa ni qorate. Uummatas dogoggorsiisuuf tooftaa isaan fayyadaman ni hubate. Achiinis mormii isaa qopheessuu eegale. Yaada isaa Mana barumsaa dilbataa kan burqisiise deemsa isaa kana booda ture. Barattoota dilbataaf faarfannaawwan ni qopheesse. Faarfannaawwan kanas iddoo tokkotti maxxansiise.

Qabsuurummaan Habiib inni lammaffaan ammoo Mana Kiristaanaa sana barnoota Pirooteestaanizimiitiin ni haaressina jedhanii humnoota ka’aan waliin ture. Manni Kiristaanaa Gibxii dhiibbaa Arabootaa fi Ingilizotaan rakkoowwan irra gahaan akka sababaatti fudhachuun Doogmaa, sirna, tiwufitii ishee kan guutummaatti kan Pirooteestaantii gochuuf namootni ka’aan aangoo mootummaa qaban fayyadamuun Ortodoksoota ni qoran.

Inumaayyuu Abuna Qeerloos 5ffaattiin Manni maree Koopxi El Magliis yeroo hundaa’u akka waldaa Pirooteestaantotaa mana maree kana kan hoogganuu qabu mana mariichadha yaada jedhu kaasuu isaaniitiin Paatriyaarkichawaliin wal dhabanii turan. Paatriyaarkichiseeraa fi Tiwufitii mana kiristaanaatiinala manni kiristaanaa hoogganamuu hin dandeessu jechuu isaaniitiin yeroo sana dhiibbaa muummicha ministeeraa kan turan Butrous Pasha Gaalitiin Mootichi Hubraash Ismaa’eel Paashaa Paatriyaarkicha irraan dhiibbaa gahee ture.

Yeroo kanatti ergama ishee kan ta’e rakkoo Mana Kiristaanaa irraa adda baasuu sirriitti raawwachuu jechuun Pirooteestaantii akka taatu ykn yaada liberaalii wanti hundi yoo danda’aame yoo ta’e maal qaba kan jedhu fudhachuu osoo hin taane kan qabdu qabattee, kan diigaman haaromsitee, ergama ishee akka fiixaan baastu gargaaruudha ejjennoo jedhu dargaggoota deeggaraniifi hoogganan keessa inni hangafaa Habiib Giyoorgis ture.

Bara 1889/90tti Koopxonni Mana Barnootaa mootummaatti Kiristaanota barataniif gaaffii barnootni amantaa akka kennamuu gaafatan. Ministeerri barnootaas barsiisotaaf kan ta’u mootummaan akka hin ramadne, sirna barnootaa barnootichaaf ta’uu fi kitaabolee barnootichaa manni kiristaanaa akka qopheessitu ibsuun gaafficha fudhatan. Paatriyaarkichi Qeerloo 5ffaan ba’aa cimaa kana Habiib Giyoorgisiif kennan. Habiib kutaa saditti qoodee kitaabolee barnootaa erga qopheesseen booda bara 1901/02tti maxxanfame.

Hojiin isaa itti aanus barnoota kiristaanaa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaatii hanga sadarkaa 2ffaatti babal’isuu ture. Bara 1919/20tti kitaabolee barnootaa 8 /kan sadarkaa 1ffaa 4, kan sadarkaa 4/ manneen barnootaatiif qopheessuun mana kiristaanaaf dhiyeesse. Kitaaboleen kunis eeyyama Abuna Yonaas 19ffaatiin maxxanfamanii raabsaman.

Guduunfaa :- Seenaa fi Qabsuurri Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis kutaan 3ffaan kana fakkaata ture, waan dubbistaniif xumurtaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu! hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis | Kutaa 3ffaa first appeared on Qubee Online +.

Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis | Kutaa 1ffaa
Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis

Mata duree keenya kana keessatti waa’ee Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis ni ilaalla. Kutaalee itti aananis hordofuun dubbisaa!

«Bara Warqeetti Ilma Warqee»

Kutaa 1ffaa

«Maal jedhee jalqabu? maal jedhees dubbadhu? akka aadaa keenyaatti jedhi nama dhaabbiin ittiin galateeffannu hin ramadamne. Har’a garuu yeroon itti dubannu ni gahe, callisuuf yeroo qaba dubbachuufis yeroo qaba. Kanaafuu maal haa jennu laata? Barsiisaa hangafni kun iddoo afuuraan jirutti lallabuuf humni isaa na hanqata. Jechoota inni dubbate illee irra deebi’ee dubbachuuf nan sodaadha, onneen ittiin dubbadhus hin argadhu. Sababni isaas jechoota ciccimoo inni dubbatu sana gatiin dhabsiisa jedhee waanan sodaachuuf, inni garuu yeroo dubbatu baay’ee ciccimoo turan.»

Hangafni Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis eenyudha?

Habiib Giyoorgis kan dhalate Magaalaa gudditti Gibxii Kaayirootti bara 1876 dha. Abbaan isaa gara olii Gibxii «Teemaa» magaalaa jedhamtuu kan dhufedha. Yeroo abbaan isaa du’u daa’ima waggaa 4 ture. Barumsa fi jaalala mana kiristaanaatiin kan isa guddiste haadha isaati. Qeerloos 4ffaatiin kan baname Manni barumsaa Koophxii «Madiraset El-Aqibat- El Kubra» (Mana Barumsaa guddicha koophxi) tti erga baratee booda Qeerloos 5ffaatiin Diqunnaa fudhate.

Paatiriyaarkii 112ffaa Gibxii Qeerloos 5ffaatiin Manni Kristaanaa karaa hundaan guddisanii baricha akka injifattu taasisuuf yeroo ka’anitti, karaa faallaa ammoo yaada Liberaalii kan qaban tokko tokko hawaasummaan Koophxi yaada Awurooppaa fi Ameerikaawwanii dhaabota Pirooteestaantii yaada isaanii qabachuun «Tahaddisoo» ta’uu qaba jechuun dhiibbaa isaanii bara dabalanitti.

Manni Kiristaanaa Gibxii karaa tokko dhiibbaa Musiliimotaan, karaa biraa kolonii Ingilizootaatiin kan galan Pirooteestaantotaan hordoftoonni ishee yeroo hir’atanitti Gadaamoonni ykn Kawaalonni yeroo dhadhabanitti, Luboonni hiyyummaafi barnoota gahaa dhabuun tajaajila isaanii raawwachuu yeroo dhadhabanitti ture Habiib Giyoorgis gara Mana Kiristaanaatti kan waamame.

Qeerloos 5ffaan Mana Kiristaanaa bara rakkoo irraa gadhisiisuuf hojii isaanii jalqabaa kan godhatan dhaabbachuu mana barumsaa Theology ture. Haa ta’u malee Mana Kiristaanaa hiyyummaa keessa jirtuuf hojiinsaa salphaa hin turre. Maallaqaa fi keessattuu Kiristaanota Gibxiif kan hin eeyyamamne qabiyyee lafaa kaayyichaaf rakkoo turan. Milkaa’ina Dhimma kanaatiif Paatriyaarkichi kan filatan kutataa Mana Kiristaanaaf kutatee kan ka’e Habiib Giyoorgis ture.

Habiib yeroo sana mucaa waggaa 17 ture. Ajaja Paatriyaarkichaan ajajameen Kaabaa hanga Kibba Gibxitti kaayyoo isaa hubachiisuun qarshii mana barumsichaa ittiin ijaaran walitti qabuu eegale. Gara kutaa lallabaa, gara Mana Kiristaanotaa fi galmoota garaa garaatti deemee barbaachisummaa Mana barumsichaa hubachiisuun 11,000£ (pound) qabatee deebi’e.

Magaalaa Kaayirootti «Shoobraa» ganda jedhamtu bukkee maqaa addaa isaa «Maahimashaa» jedhamtutti manni mooraa guddaa qabu ni bitame. Manni barumsaa Theology sunis hojii isaa ni eegale.

Manni barumsichaa yeroo jalqabu Yooseef Maanqaariyoos Daarektara yoo ta’u, Habiib ammoo barattoota 12’n jalqabaa keessaa tokko ta’e. Yeroo kanas Manni barumsaa kun barsiisota gahaa waan hin qabneef Habiib barachaa barsiisa ture.

Bitootessa 8 bara 1890 yeroo Manni barumsichaatti eebbifamu barsiisaa kitaabolee Qulqullootaa ta’ee ramadame. Habiib hojii isaa kana bukkeetti barsiisuun qaba jedhee Lallabaa wangeelaa ta’ee of ramaduun barsiisuu jalqabe.

«Amantaa Kiristaanummaa» kan jedhu barnoota isaa jalqabaa galma Mana barnoota guddicha Koopxitti yeroo barsiisetti yeroo sana kan ture qopheessaa gaazexaa «Kan Misir ‘YeMisr’» kan ta’e Shinoda El Mankaabaadii barnoota isaatiin booji’amuu isaatiin barnooticha qarshii ofii isaatiin maxxansuun ummata hedduu biraan gaheera.

Mana barumsaa Theology kanatti osoo barsiisuu, yeroo haftee ykn yeroo boqonnaa qabutti guutummaa Gibxitti naanna’uun ni lallaba ture. Innis kennaa Sagalee cimaa, beekumsa waa hundaa fi dandeettii uummata booji’uu akka qabu har’a iddoo gurguddaa kan gahan barattoonni isaa yeroo sanaa ni dubbatu ragaas ni bahuuf.

Lallabaan Wangeelaa Luba Paawuloos Baasiilii jedhaman waa’ee Habiib yeroo dubbatan «Ani akkan amanutti Habiib yeroo dhalatuu kaasee warra kaaniif fakkeenya akka ta’uuf lallabaa uumamedha» jedhaniiru.

Lallabni Habiib hangam onnee namaa cabsuu fi tuquu akka danda’u fakkenya tokko fudhachuun barbaachisaadha :- Yeroo tokko Ahimad Paashaa El Manshaawwii kan jedhamu falmaa bilisummaa Gibxii kan ta’e mana hidhaa Ingiliizotaatii ni gadhiifame.

Habiibis yeroo kana mana isaa dhaqee «Baga Gammadde» jedheen haasawaan Habiib kunis namticha waan booji’eef gammadee pound 250 check barreesse kenneef, Habiibis maallaqa kana mana barumsaa Koolleejjii Theology ittiin haaromsuuf itti fayyadame.

Yeroodhaa yerootti qarshii sassaabaa fi walitti qabaa bakka bitee mooraa Theology sana baldhina isaa Meetir Iskuweerii 5000 dhaan gahe ture. Yeroo tokko mana barumsichaa bukkee namicha jiraatu amansiisuun mana barumsaa sanaaf lafa Meetir Iskuweerii 24,000 akka kennu godhee ture. Kanaan alas Gibxii gara olii keessatti magaalaa El Maniya jedhamtu keessaa lafa heektaara 148 bituu danda’eera.

Dabalataan dubbisaa :- Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Isxifaanoos

Tajaajila Habiib kanatti kan gammadan Paatriyaarkiin Gibxii Qeerloos 5ffaan «Hangafa Diyaaqonootaa» jedhanii moggaasaniif. Pound 550’n mana barumsichaa bukkeedhaa bakka itti jiraatu ni bitaniif.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.