Mana Kiristaanaa Ortodoksii | Qubee Online +

Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa
Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo

Kutaa 1ffaa

Akka Ortodoksii Tawaahidoo Mana Kiristaanaa keenyaatti Meeshaalee Qulqullaa’oo, hiikoo isaanii maalummaa isaanii akka seensaatti wantoota tokko tokko kan ilaallu ta’a. Isaan keessaas;

Maalummaa Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo

Akkaataa Qophii Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Iccitii Meeshaalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa

Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa’oo fi k.k.f dubbisaa

Koorsii Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Meeshaalee Qulqullaa’oo

Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo jechuun maal jechuudha?

Meeshaalee Qulqullaa’oo ykn (ንዋየ ቅዱሳት) jechuun kan filataman keessaa kan filatame, kan adda ta’aan keessaa kan adda ta’e bara baraaf maqaan isaa kan irra jiraatu qodaa filatamaa ykn qodaa gaarii jechuudha.

Kana waan ta’eefidha meeshaa ykn qodaan kun gara Mana Qulqullummaatti yeroo seenu eebbifamee fi irratti kadhatamee kan seenuuf, eebba booda garuu meeshaa kaaniin tokko kan ture ykn (ተራ ዕቃ) kan ture Meeshaalee Qulqullaa’oo ta’ee Mana Qulqullummaatiif Sirna Waaqessummaa raawwachiisuuf ykn ittiin raawwachuuf meeshaalee ykn qodaawwan kabajamoo ta’uudhaan eenyuniyyuu kan hin tuqamne ni ta’a.

«Kan Qulqullaa’aan Meeshaalee Qulqullaa’oo irratti, mazaagibtii irrattis muudamanii turan» 1 Seenaa Baraa 26:26.

«Addabaabaayiiwwan Mana Waaqayyootiifi naannawaa isaaniitti gola argamaniif, Mana Waaqayyootiifis kan ta’an Manneen galmee ykn Mazaagibtii, Meeshaalee Qulqullaa’oofis» 1 Seenaa Baraa. 28:12.

Meeshaalee Qulqullaa’oon Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo walumaa galatti tajaajila Mana Qulqullummaatiif kan oolan ykn kan tajaajilan maqaa meeshaaleen kun ittiin waamamanidha.

Qophii Meeshaalee Qulqullaa’oo

Tajaajila Mana Kiristaanaatiif kan oolan meeshaaleen tajaajilaaf oolan qopheessuuf dursa irratti wanta irraa hojjetaman beekuu fi filachuun barbaachisaadha.

Meeshaalee Qulqullaa’oo hunda keessaa kan kabajame (የከበረ) Taabotadha. Taabotnis ajaja Waaqayyootiin muka hin nyaatamne irraa akka hojjetamu ajajame. Ba’uu. 25:1-9.

«Waaqayyo Museetti akkas jedhee itti dubbate, kennaa akka naaf fidaniif ijoollee Israa’eelitti dubbadhu. Nama kennaa kennuu barbaadu hunda harkaa kennaa isaa fuudhaa, kennaan isaan harkaa fuutanis isaan kana :- Warqee, Meetii, Nahaasa, Gimjaa Cuquliisa ykn Hamraawwii, …………» (Ba’uu 25:1-9) erga jedheeniin booda Ba’uu 25:10 irratti ammoo muka hin nyaatamne irraa Taabotni akka hojjetamu yeroo itti agarsiisu :- «Muka Laaftoo irraa Taabota haa hojjetan, dheerinni ciqilee lamaafi walakkaa, gadeen isaas ciqilee tokkoofi walakkaa, hojjaan isaas ciqilee tokkoofi walakkaa haa ta’u.» Ba’uu 25:10 jechuudhaan ajaje.

Egaa Meeshaalee Qulqullaa’oo yeroo qooheessinutti wanti irraa qooheessinu wanta hin nyaatamneefi wanta cimaa irraa ta’uu qaba.

Meeshaalee Qulqullaa’oo kanneenis akkaataa qophii isaanii, tajaajila isaanii fi fakkeenya isaanii arglmaan gaditti kutaa kutaan qoodnee kan ilaallu ta’a!

Akkaataa itti Fayyadama Meeshaalee Qulqullaa’oo

Akkuma dursinee ilaalletti fi jecha isaa irraa akkuma hubanutti Meeshaaleen Qulqullaa’oo Tajaajila Sirna Waaqessummaa Waaqayyoo Mana Waaqayyootti taasifamuuf yeroo hunda kan itti fayyadamnu Meeshaalee Qulqulla’aanidha. Kana waan ta’eefis kan itti fayyadamnu Mana Qulqullummaatti ta’uu qaba. Sanarra darbee garuu Mana jireenyaa keenyatti, iddoo hundatti kan fayyadamnu yoo ta’e wanti Qulqulla’aa Waaqayyoof tajaajila Mana Waaqayyoof oolu iddoo isaa malee ta’a jechuudha. Kanaaf of eeggannoo barbaachisa.

Ixaana tajaajila Mana Waaqayyoo keessaa kanneen akka Kadhannaa ittiin ol baasuu, Fakkiiwwan Qulqullaa’oo ittiin uluuf itti fayyadamuu dhiisnee mana keenyatti ykn iddoo biraatti Bunaaf kan aarsinu yoo ta’e wanta Qulqulla’aa sana ykn wanta Qulqulla’aa ta’e Seexanaaf ykn wanta hin taaneef oolchine jechuudha, Baganaa fi Kabaroo akkasumas Meeshaaleen Waaqayyo ittiin galateeffannu kanneen biroo Waaqayyo ittiin galateeffachuu dhiisnee Sirbaaf kan itti fayyadamnu yoo ta’e ammas hojii cubbuutiif fayyadamaa jirra waan ta’eef of eeggachuu qabna. Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa’oo kanneenii kutaalee itti aananitti tokko tokkoon ni ilaalla.

Kadhannaa Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo irratti taasifamu

Meeshaalee Qulqullaa’oo hunda irratti Kadhannaa taasisuun barbaachisaadha. Kanas Luboonni Kadhannaa «እግዚአብሔር አምላክነ ኄር ወመኃሪ ወቅዱስ…..» ykn «Waaqayyo Gooftaan keenya arjaan, dhiifama kan taasisu, Qulqulluun…….» jedhu kadhatu.

Akkasumas kadhannaawwan akka Maahifadaatii irratti, Tsaahilii irratti, Tsiwwaa irratti, Irfe Meskel irratti, Masooba Warqii irratti kadhannaawwan jedhaman jiru isaan kanneen hunda Meeshaalee Qulqullaa’oo irratti dabaree dabaree dhaan ni kadhatu.

Meeshaalee Qulqullaa’oon sunis Kadhannaa irratti taasifameen ni ulfaatu ykn ni kabajamu ykn «ይከብራሉ». Luboonnis kana kadhatanii erga raawwatan ykn kana kadhatanii erga xumuran booda Meeshaalee Qulqullaa’oo sana bifa bifa isaaniitiin ni kaa’u, Manbarii ykn Teessoo, Tsaahilii fi Tsiwwaa ykn Xoofoo ni uffisu. Meeshaalee Qulqullaa’oo kanneen yeroo ka’aanis Kadhannaa «እግዚአብሔር ማዕመረ ልብ ዘኩሉ ለአሐዱ ……..» jedhu ni kadhatu. Akkasumas Luboonni Meeshaalee Qulqullaa’oo sana yeroo uffisan ykn ofii isaanii uffata Lubummaa yeroo uffatan Kadhannaan isaan kadhatan.

Kadhannaan Meeshaalee Qulqullaa’oo tokkoon tokkoon isaanii irratti kadhatamu erga raawwatame ykn kadhatame booda Meeshaalee Qulqullaa’oo sana ol kaa’u. Qopheessanii erga xumuran boodas eebbisanii, Faaruu Daawwit keessaa iddoowwan garaa garaa ykn faaruu Daawwit keessaa Faaruuwwan garaa garaa kan Aarsaa isaa agarsiisan itti dabalamanii dhiyaataniiru. Fakkeenyaaf «ሃሌ ሉያ ወአንሰ በብዙኃም ሕረትክ እበውዕ ቤትከ» kan jedhuufii kanneen kana fakkaatan ni kadhatu. Firee Qiddaaseen isaa yeroo dhaa yerootti kan jijjiiramu yoo ta’u, Gibi’aate Menxolaa’it kan jedhame kutaan Kadhannaa kun garuu guyyaa fi sa’aatii kamittiyyuu hin jijjiiramu.

Iccitii Meeshaalee Qulqullaa’oo

Iccitii jechuun namni osoo hin beekiin karaa Waaqayyo qofti beekuun kan raawwatamu hojii dhokataadha. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos lafa kana irra yeroo deddebi’etti barsiisaa kan ture fakkeenyaani. Kunis hundumaa akka galutti, wanta isaan beekaniin fakkeessee barsiisa ture, akkuma kana Meeshaaleen Qulqullaa’oos iccitiidhaan kan kabajaman, fakkeenyaan kan dubbatamanidha. Iccitiin Meeshaalee Qulqullaa’oo ykn Fakkeenyali Meeshaalee Qulqullaa’oo iddoo baay’eetti barreeffameera, nutis kutaa itti aanu keessatti kan ilaallu ta’a.

Itti fufa!

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Meeshaalee Qulqullaa’oo Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.

Hangafni Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis eenyudha?
Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis

Seenaa Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis kutaa 4ffaa fi isa dhumaa. Kutaalee darban dubbisaa!

«Bara Warqeetti Ilma Warqee!»

Seensa :- Yeroo darbe kutaa 1ffaa, kutaa 2ffaa fi Kutaa 3ffaa barumsa ykn seenaa fi qabsuura Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis ilaalleerra. Kutaan itti aanu ammoo kunooti. Kutaa 1ffaa, kutaa 2ffaa fi kutaa 3ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa! Erga dubbistanii xumurtan booda barumsi kun ijoollee barattoota dilbataa ta’aan maraaf waan fayyaduuf adaraa qoodaafii!

Habiib Giyoorgis Kutaa 4ffaa

Habiib Giyoorgis hoogganaa, bulchaa, lallabaa fi barreessaa ture. Bara jireenya isaatti kitaabolee 30 qopheesseera. Iccitiiwwan torban Mana Kiristaanaa fi «Kookuha Orthodox» kan jedhaman bara sanattis ta’e har’a kiristaanota Gibxi biratti beekamoo fi kitaabolee wabii gurguddoodha. Keessattu kitaabni isaa «Kookuha Orthodox» jedhu garaagarummaa Ortodoksii, Kaatolikii fi Pirooteestaantii gidduu jiru uummataaf ifatti kan ittiin agarsiise ture. Hojii kana hunda cinaatti ammoo barruu «El-Kaaraamaa» ykn Wayinii jedhamu ni qopheessa ture.

Yeroo kun seenaa Mana kiristaanaa Gibxi keessatti hangafoota waldaalee tola ooltummaa (fedhii tolaatiin) kan itti hunda’aan ture. Kawaalota kan gargaaran, lallabaa Wangeelaa bobbaasaa kan ramadan, Manneen Kiristaanaa kan ijaaran, ijoollee abbaa fi haati irraa du’an kan gargaaran; kan guddisan, manneen barnootaa kan ijaaran, manneen kitaabolee waldaaleedhaan kan banan turan. Habiib Giyoorgis hundeessaa wantoota baay’ee kanaa fi miseensa ture.

Kaka’umsa isaatiin, kenniinsa yaada fi hundeeffama isaatiin kan hundeeffaman Waldaaleen kunniin gara tokkoon tokkoo mandaroota baadiyyaa seenuun lallaba wangeelaa waliin gahuunii fi manneen kiristaanaa diigaman fi Kawaalota hojjechuu danda’aniiru.

Yeroo isaa hunda Mana Kiristaanaaf kennuuf jecha cidha irraa of qusatee ture. Osoo adda hin kutiin halkanii fi guyyaa ni hojjeta, koollejjiitti ni barsiisa, naanna’ee wangeela lallaba, manneen barnootaa dilbataa ni hundeessa, waldaalee hafuuraa ni qindeessa, kitaabolee ni qopheessa, dargaggoota aangoo Lubummaaf ni qopheessa, Faaruuwwan ni qindeessa, Paatriyaarkicha waliin naanna’aa uummata ni jajjabeessa, Shakkitoota keessaa fi alaa waliin qabsoo obsa fixachiisaa taasiseera Habiib Giyoorgis.

Baay’ina hojii fi boqonnaa dhabuutiin kan ka’e haalli fayyummaa isaa dhadhabaa deeme. Kanas ta’ee garuu hojii isaa hin dhiisne ture. Humni isaa hanga haxaawwamee dhumutti ni hojjata ture. Akka fiigetti, akka tajaajilaa turetti amma illee nagaha osoo hin jedhiin, Hagayya 14, bara 1944 ni boqote. Oduun boqonnaa isaa akkuma dhaga’aameen guutummaan Gibxii ni naate. Sababni isaas namni inni hin beeknee fi namni isa hin beekne waan hin jirreef. Sirna awwaala isaa irrattis namootni kuma dhibbaan lakkaa’aaman ni argaman.

Manni Kiristaanaa Gibxii bara 451tti gubaa’ee Kelqeedoon fudhachuu diduu isheetiin, qormaatni Kaatolikootaan irra gahe, boodarras bara 641ttis Arabootni Gibxi weeraranii kiristaanota irratti waanjoo fe’aniin rakkoo keessa turte. Kiristaanonni gibira lama / kan lammummaa fi kiristaanummaa/dabalataan waan kaffalaniif hiyyoomaniiru. Mana Kiristaanaa Luboota dhabuun gartokkeen cufamaniiru, kawaalonni dahoo dhadhabootaa fi maanguddootaa ta’aaniiru. Barnootni Mana Kiristaanaa dhadhabuun uummatni barnoota shakkitootaan maraachaa bara turetti akka Urjii bariitti mul’atee bara ifaa nama fide ture Habiib Giyoorgis.

Abbootiin mana kiristaanaa Gibxii guddina mana kiristaanaa kanaa kan jaarraa 20ffaatiif bu’uuronni sadi jiru jedhu isaanis;

1. Kollejjiin Theology banamuu

2. Jalqabbii Mana Barumsaa Dilbataa

3. Hundeeffama Waldaalee tola ooltummaa.

Hundeessaa fi hoogganaan kan hundaa garuu Habiib Giyoorgisidha.

Yeroo sana Naazir Gaayid jedhamanii Duuka Bu’aa isaa kan turan boodarra Paatriyaarkii Gibxii abbaa qinee kan ta’aan Abuna Shinoodaa sadaffaan fulbaana 17, bara 1944 sirna yaadannoo guyyaa afurtamaffaa Habiib Giyoorgis irratti qinee kana ture kan jedhan.

Qulqullummaan kee kanadha

Jaalalaa fi Amantaan kee

Addunyaan kee kanadhaa

Qoree fi fannoon kee

Garuu ati eenyuu?

Ergamaadhaa moo?

Atimmaa ergamaadhaati ol cimaadhaa

Ati rukuttaa onnee ariifatudhaa

Onnee biyya hunda hammatudhaa

Burqaa guddaa danda’uu fi hojii tolaa hojjachuu

Oo! nama hangafaa fi Qulqulluu

Jabina dhadhabbiirraa

Gara laafummaa dhadhabbii malee

Obsummaa amala waliin

Kan oriisisan dhiifama gochuun

Yeroo hunda qophii

Abbaa guddaa dugda isaatiin hunda keenya hammatedha.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hangafni Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis eenyudha? first appeared on Qubee Online +.

Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis | Kutaa 1ffaa
Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis

Mata duree keenya kana keessatti waa’ee Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis ni ilaalla. Kutaalee itti aananis hordofuun dubbisaa!

«Bara Warqeetti Ilma Warqee»

Kutaa 1ffaa

«Maal jedhee jalqabu? maal jedhees dubbadhu? akka aadaa keenyaatti jedhi nama dhaabbiin ittiin galateeffannu hin ramadamne. Har’a garuu yeroon itti dubannu ni gahe, callisuuf yeroo qaba dubbachuufis yeroo qaba. Kanaafuu maal haa jennu laata? Barsiisaa hangafni kun iddoo afuuraan jirutti lallabuuf humni isaa na hanqata. Jechoota inni dubbate illee irra deebi’ee dubbachuuf nan sodaadha, onneen ittiin dubbadhus hin argadhu. Sababni isaas jechoota ciccimoo inni dubbatu sana gatiin dhabsiisa jedhee waanan sodaachuuf, inni garuu yeroo dubbatu baay’ee ciccimoo turan.»

Hangafni Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis eenyudha?

Habiib Giyoorgis kan dhalate Magaalaa gudditti Gibxii Kaayirootti bara 1876 dha. Abbaan isaa gara olii Gibxii «Teemaa» magaalaa jedhamtuu kan dhufedha. Yeroo abbaan isaa du’u daa’ima waggaa 4 ture. Barumsa fi jaalala mana kiristaanaatiin kan isa guddiste haadha isaati. Qeerloos 4ffaatiin kan baname Manni barumsaa Koophxii «Madiraset El-Aqibat- El Kubra» (Mana Barumsaa guddicha koophxi) tti erga baratee booda Qeerloos 5ffaatiin Diqunnaa fudhate.

Paatiriyaarkii 112ffaa Gibxii Qeerloos 5ffaatiin Manni Kristaanaa karaa hundaan guddisanii baricha akka injifattu taasisuuf yeroo ka’anitti, karaa faallaa ammoo yaada Liberaalii kan qaban tokko tokko hawaasummaan Koophxi yaada Awurooppaa fi Ameerikaawwanii dhaabota Pirooteestaantii yaada isaanii qabachuun «Tahaddisoo» ta’uu qaba jechuun dhiibbaa isaanii bara dabalanitti.

Manni Kiristaanaa Gibxii karaa tokko dhiibbaa Musiliimotaan, karaa biraa kolonii Ingilizootaatiin kan galan Pirooteestaantotaan hordoftoonni ishee yeroo hir’atanitti Gadaamoonni ykn Kawaalonni yeroo dhadhabanitti, Luboonni hiyyummaafi barnoota gahaa dhabuun tajaajila isaanii raawwachuu yeroo dhadhabanitti ture Habiib Giyoorgis gara Mana Kiristaanaatti kan waamame.

Qeerloos 5ffaan Mana Kiristaanaa bara rakkoo irraa gadhisiisuuf hojii isaanii jalqabaa kan godhatan dhaabbachuu mana barumsaa Theology ture. Haa ta’u malee Mana Kiristaanaa hiyyummaa keessa jirtuuf hojiinsaa salphaa hin turre. Maallaqaa fi keessattuu Kiristaanota Gibxiif kan hin eeyyamamne qabiyyee lafaa kaayyichaaf rakkoo turan. Milkaa’ina Dhimma kanaatiif Paatriyaarkichi kan filatan kutataa Mana Kiristaanaaf kutatee kan ka’e Habiib Giyoorgis ture.

Habiib yeroo sana mucaa waggaa 17 ture. Ajaja Paatriyaarkichaan ajajameen Kaabaa hanga Kibba Gibxitti kaayyoo isaa hubachiisuun qarshii mana barumsichaa ittiin ijaaran walitti qabuu eegale. Gara kutaa lallabaa, gara Mana Kiristaanotaa fi galmoota garaa garaatti deemee barbaachisummaa Mana barumsichaa hubachiisuun 11,000£ (pound) qabatee deebi’e.

Magaalaa Kaayirootti «Shoobraa» ganda jedhamtu bukkee maqaa addaa isaa «Maahimashaa» jedhamtutti manni mooraa guddaa qabu ni bitame. Manni barumsaa Theology sunis hojii isaa ni eegale.

Manni barumsichaa yeroo jalqabu Yooseef Maanqaariyoos Daarektara yoo ta’u, Habiib ammoo barattoota 12’n jalqabaa keessaa tokko ta’e. Yeroo kanas Manni barumsaa kun barsiisota gahaa waan hin qabneef Habiib barachaa barsiisa ture.

Bitootessa 8 bara 1890 yeroo Manni barumsichaatti eebbifamu barsiisaa kitaabolee Qulqullootaa ta’ee ramadame. Habiib hojii isaa kana bukkeetti barsiisuun qaba jedhee Lallabaa wangeelaa ta’ee of ramaduun barsiisuu jalqabe.

«Amantaa Kiristaanummaa» kan jedhu barnoota isaa jalqabaa galma Mana barnoota guddicha Koopxitti yeroo barsiisetti yeroo sana kan ture qopheessaa gaazexaa «Kan Misir ‘YeMisr’» kan ta’e Shinoda El Mankaabaadii barnoota isaatiin booji’amuu isaatiin barnooticha qarshii ofii isaatiin maxxansuun ummata hedduu biraan gaheera.

Mana barumsaa Theology kanatti osoo barsiisuu, yeroo haftee ykn yeroo boqonnaa qabutti guutummaa Gibxitti naanna’uun ni lallaba ture. Innis kennaa Sagalee cimaa, beekumsa waa hundaa fi dandeettii uummata booji’uu akka qabu har’a iddoo gurguddaa kan gahan barattoonni isaa yeroo sanaa ni dubbatu ragaas ni bahuuf.

Lallabaan Wangeelaa Luba Paawuloos Baasiilii jedhaman waa’ee Habiib yeroo dubbatan «Ani akkan amanutti Habiib yeroo dhalatuu kaasee warra kaaniif fakkeenya akka ta’uuf lallabaa uumamedha» jedhaniiru.

Lallabni Habiib hangam onnee namaa cabsuu fi tuquu akka danda’u fakkenya tokko fudhachuun barbaachisaadha :- Yeroo tokko Ahimad Paashaa El Manshaawwii kan jedhamu falmaa bilisummaa Gibxii kan ta’e mana hidhaa Ingiliizotaatii ni gadhiifame.

Habiibis yeroo kana mana isaa dhaqee «Baga Gammadde» jedheen haasawaan Habiib kunis namticha waan booji’eef gammadee pound 250 check barreesse kenneef, Habiibis maallaqa kana mana barumsaa Koolleejjii Theology ittiin haaromsuuf itti fayyadame.

Yeroodhaa yerootti qarshii sassaabaa fi walitti qabaa bakka bitee mooraa Theology sana baldhina isaa Meetir Iskuweerii 5000 dhaan gahe ture. Yeroo tokko mana barumsichaa bukkee namicha jiraatu amansiisuun mana barumsaa sanaaf lafa Meetir Iskuweerii 24,000 akka kennu godhee ture. Kanaan alas Gibxii gara olii keessatti magaalaa El Maniya jedhamtu keessaa lafa heektaara 148 bituu danda’eera.

Dabalataan dubbisaa :- Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Isxifaanoos

Tajaajila Habiib kanatti kan gammadan Paatriyaarkiin Gibxii Qeerloos 5ffaan «Hangafa Diyaaqonootaa» jedhanii moggaasaniif. Pound 550’n mana barumsichaa bukkeedhaa bakka itti jiraatu ni bitaniif.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.