Mana Kiristaanaa ishee durii | Qubee Online +

Seenaa fi Qabsuura Qulqulluu Aginaatewoos Leencaaf kenname
Seenaa Qulqulluu Aginaatewoos

Mata duree kana keessatti seenaa fi qabsuura Qulqulluu Aginaatewoos ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Paatriyaarkonni Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Antsookiyaa jaalalaa fi kabaja Paatriyaarkii ykn Abbaa Mana Kiristaanaa isaaniitiif qaban irraa kan ka’e, akkasumas hojiin guddaan inni Mana Kiristaanaa isaaniif hojjate dhaloota itti aananiif akka darbuuf yaaduun Paatriyaarkota bara 1293 irraa kaasee muudaman baay’een isaanii maqaa isaatiin akka waamaman taasisaniiru.  Abbaan jabaan Mana Kiristaanaa kun Qulqulluun Aginaatewoos Hangafa Phaaphaasii Mana Kiristaanaa Antsookiyaa sadaffaadha. (lammaffaadha warri jedhanis jiru).

Ibsa Suuraa:- Suuraa armaan ol argitan irratti kan argamu Qulqulluu Aginaatewoosidha.

Barreessaan Seenaa Mana Kiristaanaa hangafni Awusaabiyoos akka ibsetti Antsookiyaatti Mana Kiristaanaa kan hundeesse Qulqulluu Pheexiroosidha. Qulqulluun Pheexiroos gara Roomitti hanga deemetti hangafa Phaaphaasii jalqabaa ta’uun /Bara 34-40/ Kiristaanummaa barsiiseera. Bakka isaas Qulqulluu Ewuudiyoosiif aangoo Phaaphaasummaa kennuun erga muude booda Qulqulluun Pheexiroos gara Roomitti deemeera.

Ewuudiyoosis Mana Kiristaanaa Antsookiyaa dursaa tajaajila Afuurawaa isaa raawwachaa osoo jiruu ajaja Neeroon /bara 54-68/ qeesaariin godaansa ka’een Wareegamummaan boqoteera. Sana boodas «Seenaa Mana Kiristaanaa» Kitaaba jedhu irratti «Qulqulluu Pheexiroos irraa aangoo Phaaphasummaa argatee kan ture Qulqulluun Aginaatewoos Phaaphaasii ta’ee muudame.» jedha.

Kitaabni Sinkisaar kan Gi’izii fi Amaariffaa /Fulbaanaa hanga Gurraandhalaatti/ kan ji’a Muddee guyyaa 24ffaa irratti waa’ee Seenaa Qulqulluu Aginaatewoos yeroo ibsu «Qulqulluun kunis duuka bu’aa Wangeelaawwii Yohaannis ture. Lallaba Wangeelaatiinis tajaajiluun isa waliin biyyoota hedduu naanna’uun barsiiseera.  Kana boodas biyya Antsookiyaatti hangafa Phaaphaasummaa isa muude. Keessa isheettis jireenya kan taate barumsa Wangeelaa ni barsiise. Baay’eewwanis gara Waaqayyo beekuutti isaan deebise. Cuuphaa Kiristaanummaas isaan cuuphe. Barumsa isaaniitiinis laphee isaanii ni ibseef.» jechuun kaa’eera.

Magaalaan Antsookiyaa kan hundoofte Dhaloota Kiristoos dura naannoo dhuma Jaarraa Sadaffaatti. Bara sanattis bulchiinsa cimaa ykn Qeesaar Room jalatti Magaalota Roomii fi Iskindiriyaatti aantee magaalaa guddoo sadaffaa kan turte yoo ta’u Sooriyaatti garuu magaalaa guddoo turte. Magaalaan kun hardha maqaan ishee irraanfatamaa deemuyyuu Kitaaba Qulqulluu keessatti inumaayyuu kakuu haaraa keessatti Antsookiyaan iddoo guddaa qabdi. Handhuura Kiristaanotaa turte.

«Gargaartota ykn Abbootii 72’n» /Ardaet/ moggaasa jedhuun waamamaa kan turan Kiristaanonnis yeroo jalqabaatiif «Kiristaana» maqaan jedhu kan ba’eef magaalaa Antsookiyaatti. HDB. 11:26. Duuka bu’oonni gara magaalaa kanaatti dhufuun barnoota Afuurawaa sirriitti keessatti babaldhisanii ture. Qulqulluun Phaawuloos keessumattuu hiyyeessota Iyyerusaaleem jiraataniif yeroo gargaarsa walitti qabu kan keessa deddeebi’u turte. Du’a Wareegamaa Qulqullicha Isxifaanoos boodas isa jalatti hunda’aanii kan turan «Waldaa Iyyerusaaleem Kuma Saddeet» Kiristaanonni Iyyerusaaleem irraa godaananii magaalaan itti dheessan Antsookiyaa turte.

Waa’ee Phaaphaasii Sadaffaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Antsookiyaa kan turee Qulqulluu Aginaatewoos Seenaa ijoollummaa fi haala guddina isaa baldhinaan wanti barreeffame hin jiru. Seenaa Qulqulluu kanaas kan barreeffame baay’inaan qabsuura Wareegamummaa isaati.

Aginaatewoos Ahizaabota Antsookiyaa jiran maraaf Wangeela sirriitti barsiise. Namoonni biyya isaa Xaa’otii Waaqeffachaa turanis gara Waaqayyootti deebi’aani. Iddodhaa iddootti naanna’uun namoota Xaa’otii Waaqeffatan hundatti hanqina isaanii itti hima ture. Kanaanis kan dheekkaman namoonni Xaa’otii Waaqessan tokko tokko bara 110 Dh.K.B gara Mooticha Xaraabiyoos ykn Tiraayaanoositti /bara 98-117 Dh.K.B/ deemanii « Aginaatewoos Xaa’otii ykn Waaqolii kee akka hin Waaqessineef dhorka, namootaanis (Waaqeffattoota Xaa’otii) barsiisee Kiristaanummaa gara fudhachuutti isaan galche.» jechuun isa himatan.

Aginaatewoos garuu qajeeltuu kan taate Amantaa koo Kiristaanummaa hin ganu jechuudhaan, inumaayyuu namoonni Kiristaanummaan cimanii akka dhaabbatan, Warreen Ahizaabotaas gara Amantaa Kiristaanummaatti akka dhufan cimee fi dhama’ee barsiisuu isaa itti fufe.

Mootichis Loltoota isaa ergee gara isaatti akka fidan taasise. Aginaatewoos Antsookiyaa tii gara Roomitti Loltootaan marfamee osoo deemuu, biyyootaa, magaalotaa fi mandaroota keessa darbu hundumaatti Kiristaanota karaatti isaan argu hundumaatti Sagalee Waaqayyoo barsiisuun, amantaa isaaniitiin akka cimanii dhaabbatanii fi Ahizaabotattis Wangeela lallabuun gara Amantaa Kiristaanummaatti akka dhufan ni taasisa ture.

Izmiirn (Smyrna) yeroo gahu Qulqulluu Poolikaarp fi Phaaphaasiin Efeesoon Abuna Oneezimuuz isa simatanii isa keessummeessaniiru. Imaluma isaa kana irra osoo jiruu Xalayaawwan ykn Ergaawwan Torba barreessee Kiristaanota Efessoon, Maagneeziyaa, Tireelis, Filaadalafiyaa, Izmiir fi Kiristaanota Roomiif akkasumas Phaaphaasii Izmiir Qulqulluu Poolikaarpiif dhuunfaatti ergeera. Xalayaa ykn ergaawwan isaa hunda irratti Aginaatewoos waa’ee tokkummaa Mana Kiristaanaa cimsee hubachiiseera. Xalayaawwan ykn Ergaawwan kunneenis hardha Afaanota Sooriyaatti, Armeeniyaatti, Laatiniitti, Afaan Griikiitti akkasumas afaanota kanneen birootti hiikamuun Duuka Bu’ootatti aananii kan ka’aan Kitaabolee Abbootiin Mana Kiristaanaa barreessan waliin iddoo tokkotti walitti qabamanii argamu.

Qulqulluun Aginaatewoosis Room gahee Mooticha fuulduratti erga dhiyaate booda, Mootichi «Maalif kana taasiste? Waaqoliin Koo’s maalif akka hin Waaqeffamne dhorkite?» jedhee Qulqulluu Aginaatewoos gaafate. Qulqulluun Aginaatewoosis «Yaa Mootii! osoo naaf danda’aamee gara Iyyesuus Kiristoositti osoo si’iis si galchee ture» jedheen. Mootichis «Kana dhiisiitii Waaqolii kootiif aarsaa dhiyeessi, yoo didde ammoo gidiraa guddaadhaanin si gidirsa» jedheen.

Qulqulluun Aginaatewoosis «Ana irratti kan barbaadde raawwadhu, ani garuu Waaqolii kee rakasaniif aarsaa hin dhiyeessu, hin sagadu!, gidiraan ati anarraan geessus Ibiddas yoo ta’e, Leencas yoo ta’e hin sodaadhu, jaalala Waaqayyo jiraataa Iyyesuus Kiristoos irraa adda na baasuu hin dandeessu!  » jechuun murtee isaa itti hime.

Dubbii isaa ogummaan dabaalame kanas kan dhaga’e Mootichi ni dheekkame. Garmalees ni aare. Akka isa gidirsaniifis Loltoota isaa ajaje. Isaanis tokko yeroo dhadhabu inni kam biraa itti darbuudhaan itti baay’atanii dabare dabareen isa gidirsan. Harka isaa keessattis ibidda ka’aanii qabduudhaan qabuun isa guban. Cinaachota isaa dibataa fi ibidda itti dabaluun isa guban. Foon isaas ni babbaqaqsan. Inni garuu Amantaa isaatiin cimee dhaabbate. Gidiraa isa irra gaheef jedhee yaada isaa hin jijjiirre, harkas hin kennanne, hundumayyuu obsaan fudhate. Loltoonni isa gidirsaa turan garuu Qulqulluu Aginaatewoos gidirsuun waan isaan dhadhabsiiseef, boqotanii tooftaa ittiin isa gidirsan kan biraa barbaachuuf gadi ta’aanii marii eegalan. Qulqulluu Aginaatewoosis gara Mana Hidhaatti galchan, guyyoota hedduufis achi keessa ture.

Guyyoota hedduu boodas Mana Hidhaatii isa baasanii irra deebiin Mooticha duratti isa dhiyeessan. Mootichis «Yaa Aginaatewoos! Waaqolii koo osoo argitee miidhagina isaanii ni ajaa’ibsiifatta ture, baay’ee sitti bareedu ture» jedheen, Qulqulluun Aginaatewoos garuu homaa itti hin fakkaanne, «Yaa Mootii! Iyyesuus Kiristoositti osoo amantee warreen du’an kan kaastu, warreen dhukkubsatan kan fayyistu si taasisa ture» jechuun deebiseef.

«Aduudhaaf sagaduu caala wanti gaarii ta’e hin jiru » jedhe Mootichi. Qulqulluun Aginaatewoosis «Mootummaan isaa kan hin dhumne Uumaa dhiistee, Aduu uumameef sagaddaa?» jedhee deebiseef. Mootichis «Ofii keetiif waan gaarii jette, garuu namoota Antsookiyaa fi Sooriyaa harkistee gara Kiristoos Waaqeffachuutti isaan galchite» jedheen. Qulqulluun Aginaatewoosis obsi isaa akkuma jiruttidha. Gidiraa fi rakkoon isa irra gahu isa hin injifanne, achiinis «Yaa Mootii! Kantuu kan ta’e Xaa’otii Waaqeffachuu irraa namoota gara Waaqayyo Samii fi Lafa Uume Iyyesuus Kiristoos amanuutti waanan fideef natti dheekkamtaa? Xaa’otiiwwan kee rakasaniifis akkan sagadu fi akkan aarsaa dhiyeessu na ajajjaa? Ani garuu jedha kee fudhadhee Xaa’otiiwwan keetiif hin sagadu, aarsaas hin dhiyeessu!, Waaqa dhugaa Abbaa, Ilmaa fi Afuurawaa Qulqulluutiifan aarsaa dhiyeessa malee! » jedheen.

Mootichis kanaan ol isa obsuu hin dandeenye. Aarii isaa fi miira isaas to’achuu dhadhabe, foon isaa irraas (kan Qulqulluu Aginaatewoos) osoo homaayyuu hin hambisiin, caccabsanii akka isa nyaataniif Leenconni beela’aan lama akka itti gadhiifaman loltoota isaa ajaje.

Qulqulluun Aginaatewoosis Leenconni gara isaatti dhiyaachaa dhufuu isaanii yeroo argetti sagalee isaa olkaasee uummata achi jiraniin akkas jedhe. «Asitti kan walitti qabamtan isin namoonni Roomee jecha koo dhageeffadhaa, baraas! Ani gidiraa kana kanan obse oftuulummaa fi ofjajaaf miti ( oftuulummaa fi ofjajaan miti). Jaalala Gooftaa fi Uumaa koo Iyyesuus Kiristoosiin malee. Ammas Leenconni kunneen akka Qamadiitti akka na daakan lubbuun koo ni hawwite. Lubbuun koo gara Iyyesuus Kiristoositti deemuuf hawwiteerti waan ta’eef.»

Mootichis jedha isaa dhaga’ee ni ajaa’ibsiifate. Rifaatuunis irra bulee akka jedhe «Obsi Kiristaanotaa hangam baay’ataa? waa’ee Amantaa isaaniitiif gidiraawwan akkasii Ahizaabota irraa dhufu kan obsu eenyudha?». Leenconni sunneenis gara Qulqulluu Aginaatewoositti dhiyaatan. Isas hin tuqxe, naasuudhaan jeeqamanii fuuldura isaa dhaabbatan. Sana booda Leenci inni tokko morma isaa qabe, yeroo sanattis itti tole Lubbuu isaa Uumaa isaa Iyyesuus Kiristoositti kenne. Kadhannaa isaas ni raawwateef.

Leenconni sunneen Foon isaa nyaachuu mitiitii  tuquudhaafiyyuu isaaniif hin danda’aamneef. Dhuma irrattis Kiristaanonni Room kabajaan magaalaadhaa alatti isa awwaalan. Qulqulluun Aginaatewoosis haala kanaan maqaa Iyyesuus Kiristoosiin qabsuura gaariidhaan wareegame. Qabsuurri isaas dhalootaa dhalootatti darbee amantoota akka barsiisuuf qabsuurri isaa ni barreeffame. Guyyaa ayyaana yaadannoo isaa ni murteessan.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u! Eebbi Qulqullicha kanaa nu waliin haa ta’u!

The post Seenaa fi Qabsuura Qulqulluu Aginaatewoos Leencaaf kenname first appeared on Qubee Online +.

Mana Kiristaanaa ishee durii | Kaataakoomb Kiristaanota Room
Mana Kiristaanaa ishee durii «Room akkan Daawwadhetti»

Waa’ee Mana Kiristaanaa ishee durii yeroo kaasnu. Waa’ee Kaataakoomb, Manneen Kiristaanaa Kaataakoomb keessa jiran, Fakkiiwwan Kaataakoomb Mana Kiristaanaa ishee durii keessatti argaman. Akkasumas hundeeffama fi seenaa Room ishee durii akkasumas Mootota Room Mana Kiristaanaa ishee durii irratti rakkoo guddaa geessisaa turan fi k.k.f ni ilaalla

Hundeeffama Magaalaa Room bara durii

Roomuloos hundeessaa Room durii. Tiwuufiitii garaa garaa bu’uura kan godhatan barreessitoonni Seenaa Room durii akka seenesanitti barichi. Ykn barri magaalaan Room kun itti hundoofte Dhaloota Kiristoos dura bara 753 dha. Gama biraatiinis magaalaan Room durii kun obboleewwan lakkuu lamaan Roomuloos fi Raamusiin hundoofte kan jedhanis jiru. Magaalaa Room ishee hardhaatiif, hambaawwan seenaa ishee durii Diinagdeedhaaf lafee dugdaa ta’uu isaaniitiin kabajjee fi kunuunsitee isaan qabatteerti.

Isaanis Seenaa durii dhaloota ammaatiif ibsaa fi himaa akkasumas agarsiisaa jiru. Hangamiyyuu ciminnii fi miidhaginni durii waggoota hedduu lakkoofsisuu ykn dulloomuu isaatiin moofa’uyyuu, hardhas garuu laphee daawwattootaa kan booji’u, fuulli ykn bifti isaanii isaan waliin jira.

Ogeessi Mahaandisii bifa sirna ijaarsa gamoo isaaniitiin harkifamuyyuu, ogeessi ykn beekaan seenaa sanaa ammoo gurmii qubeewwaniitiin waraqaa irratti, qaama tolchee, sammuu ykn yaada isaatiin seenaan durii sun keessatti bocame yaadan wantoota durii sana yeroo ilaalu booji’amuun galaana seenee ni daaka. Afaanii fi barreeffamaan ykn Kitaabaan kan isaaf seeneffamaa ture cimina Amantaa Kiristaanota durii sana  qabsuura sana irratti qaama fooniitiin dhiyaatee jechaan kan dhaga’e, Kitaaba irratti barreeffamee kan dubbise ija fooniitiin yeroo ilaalu Manni Kiristaanaa godaansaan ykn godaansa irra yeroo turte, gara bara durii sanatti yaadaan ni deema. Ija yaadaa isaatiin Kiristaanonni yeroo durii morkii isaan Mootota Ahizaabotaa waliin taasisan ni ilaala.

Mana Kiristaanaa ishee durii Magaalaa Room keessatti

Wangeelli akka salphaatti kan itti hin lallabamne, Kiristaanummaanis qabsuuraa fi wareegamummaa malee (Qabsuuraa fi Wareegamummaadhaan) kan keessatti babaldhate Magaalaan Room, bobaa isheetti hammattee kan qabatte, Kaataakoomb (holqa lafa jalaa), Kooloosiyam (Filaaviyaan Amfiiteyaatir), Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluun Phaawuloos iddoo itti wareegaamummaa fudhatan ragaawwan jiraatoodha.

Room akka Qubeelaatti kan itti marse ijaarsa ykn dallaa ishee durii irraa kaasee keessa isheetti kan argamanii fi miira dhalootaa ajaa’ibsiifannaan kan guutan iddoowwan Qulqullaa’oon, akkasumas Kiristaanummaa lafa irraa balleessuuf humna isaanii qaban hunda tooftaawwan garaagaraa waliin Qeesaaronni Room kan yoomiyyuu seenaa keesatti dagataman miti.

Neeroon Qeesaar (Bara 54-68 Dh.K.B)

Neeroon Qeesaar Roomitti Mootii jalqabaa miti, garuu gidiraa fi godaansa isa jalqabaa Kiristaanota irraan gahuun ykn labsuun fi ergamtoota Wangeelaa gidirsuun warreen kaan ni dursa. Kanaafis sababa ka’umsaa kan taasifate gartokkee (2/3) magaalaa Room ibiddaan gubuun ture. Kiristaanota ni jibba waan tureef, gubiinsa Magaalaa Room sana akka Kiristaanonni raawwataniitti fakkeessee uummatatti dhiyeessuun, uummanni Kiristaanota irratti jibbiinsaan akka kaka’aan taasise.

Luboonni Xaa’otii Roomis Waaqoliin isaaniitiif kan hin ajajamne Kiristaanonni jiraachuu isaanitiin Waaqoliin isaanii kanaan dheekkamanii, dheekkamsi kun akka gahe fakkeessanii uummatatti himuu isaaniitiin jibbi uummanni Kiristaanota irraa qabu jabaachaa dhufe. Yeroo kanattis Neeroon Qeesaar Kiristaanota akka balleessuuf haalli mijataan ni uumameef. Kiristaanonni hedduunis murtee ykn firdii malee hammenyaan ni ajjefaman. Ifoota Addunyaa kan jedhaman Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluun Phaawuloosis xoofoo isaanii wareegamummaa kan dhugan bara mootii kanatti.

Qulqulluu Phaawuloos fi Pheexiroos Mana Kiristaanaa ishee durii

Room kutaa ykn biyya lallabaa Qulqulluu Pheexiroosidha. Waggoota 25’f Roomitti barsiiseera. Lallaba Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluu Phaawuloosiin Roomitti Kiristaanonni baay’achaa dhufan. Kiristaanummaanis hanga mana Aanga’oota Roomiitti ni seene. Mootii Neerooniif aanga’oota dhiyoo kan ta’aan Agibiinoos fi Niitiiwwan Agriiphaa dabalatee gara Kiristaanummaatti harkifaman.

Jalqaba irratti Addabaabaayii Room irratti Kiristaanummaan Lallabamuuf wareegamaa kan ta’e Qulqulluu Phaawuloosidha. Qulqulluun Phaawuloos mormi isaa Sayifiin yeroo muramu Mataan isaa iddoo saditti akka kubbaatti utaaltee boqottee waan turteef iddoowwan sanatti bishaan burqeera. Hardha iddoowwan kanatti Manni Kiristaanaa ijaarameera. Iddoowwan kunneenis Turistootaa akka daawwatamaniif daangeffamaniiru.

Hidhaa irra kan tute Qulqulluu Phaawuloos mormi isaa muramuu kan dhaga’aan Niitiiwwan Agibinoos fi Agriiphaa Qulqulluun Pheexiroos akka Qulqulluu Phaawuloositti yoo kan du’u ta’e nama Wangeela isaan barsiisu akka dhaban amansiisanii, dallaa ykn  gamoo Magaalaa Roomitti (Gamoon kun magaalaa Roomitti kan marsee argamu yoo ta’u, hambaawwan durii Turistootaan daawwataman keessaa isaa tokkodha) funyoon hidhanii, Qircaatiidhaan buusuun magaalaa Room akka gadhiisee bahu taasisan.

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Pheexiroos Room gadhiisee Daandii Oopiyam irra deemsa isaa itti fufe. Gamoo dallaa magaalaa Room akkuma ba’een namni diimaan tokko gara isaatti yeroo dhufu fageenya irraa arge, gara isaatti dhiyaachaa yeroo dhufus Gooftaa keenya Qoricha keenya

Iyyesuus Kiristoos ta’uu isaa hubate.

Wareegamummaa Qulqulluu Phaawuloos fi Pheexiroos

Achumaan adda isaatiin gadi gombifamee sagadee «Yaa Gooftaa koo! garam deemaa jirta?» jedhee gaafate. «Irra deebiin Roomitti fannifamuufi» deebii jedhu Gooftaa irraa yeroo dhaga’us Qulqulluun Pheexiroos gaddee Wareegamummaan akka boqotuuf fedha Gooftaa ta’uu isaa hubatee gara Roomitti deebi’e. Gooftaa fi Qulqulluun Pheexiroos iddoo itti waliin haasa’aan hin hardha Manni Kiristaanaa irratti ijaarameera. Iddoo kanattis Ashaaraa miilaa kan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos hafee waan tureef iddoon sun bifa addaatiin daangeffamee argama.

Loltoonni Neeroon Qulqulluu Pheexiroos barbaadaa waan turaniif gara Roomitti yeroo seenu isa qaban. Waan fedhan akka isa godhaniifis ofii isaa dabarsee kenne. Muka irratti fannifamu yeroo dhiyeessanittis «Ani akka Gooftaa kootti fannifamuu hin qabu, kanan fannifamuu qabu gadi garagaleeni» jechuun gadi garagalchanii akka isa fannisan kadhate. Isaanis akkuma inni jedhe taasisan. Gadi garagalchanii isa fannisan. Adoolessa 5, Bara 67 Dh.K.B wareegamummaan boqote. Iddoo itti Wareegamummaan boqotettis Manni Kiristaanaa maqaa isaatiin ijaarameera. Reenfi isaas bara boodaa irra iddoo itti awwalamee ba’ee iddoo maqaa isaatiin moggaafame Vaatikaan hardhaatti ka’aameera.

Dhumaatii fi ajjeechaan suukanneessaa Qulqulluu Phaawuloos fa’aa irratti qofaa miti kan gaggeeffame ykn raawwatame, Kiristaanota bara sana turan hunda irratti malee. Kiristaanonni magaalaa Roomiin ala jiranillee osoo hin hafiin obboloota isaanii waliin Xoofoo wareegamummaa isaanii fudhachuuf, iddoo jiranii walitti qabamanii jaalala Amantaa isaaniitiif qaban Wareegamummaa isaaniitiin agarsiisaniiru. Du’a irraa kan hafanis «kan isaan argate nu argata» jedhanii osoo hin sodaatiin reenfa obboloota isaanii Wareegamtootaa walitti qabuun holqa dhokataa /Kaataakoomb/ keessa ni kaa’u ture.

Kaataakoomb Mana Kiristaanaa ishee durii

Waa’een Seenaa Mana Kiristaanaa ishee durii yeroo ka’u Kaataakoomb ykn Holqi lafa jalaa waliin ka’uun isaa waan hin ooledha. Maalif yoo jedhame yeroowwan durii keessatti Manni Kiristaanaa Kaataakoomb seentee turte waan ta’eef. Waggoota kuma lama (2000) dura Roomaanota turaniif maqaan ykn moggaasni «Kaataakoomb» jedhu iddoowwan ykn bakkeewwan Sulalawaa ta’aaniin kan walqabatu ture. Boodarra garuu   Mana Kiristaanaa ykn Kiristaanota lafa jalatti hunda’aaniif moggaasa iddoo awwaalaa ta’eera.

Kiristaanota yeroo duriitiif holqa keessa galuuf maaltu isaan dirqamsiise? gaaffii jedhuuf deebiin isaa ifaa fi kan wal nama hin mormisiisnedha. Kunis mirga lafa irra jiraachuu  waan dhorkamaniifidha. Lafa awwaalaa adda ta’e qabaachuu mitiitii, reenfi isaaniiyyuu iddoo awwaala uummataatti akka awwaalamu kan eyyamamuuf muraasota turan. Qeesaaronni Room yeroo Mana Kiristaanaa gidirsanitti hanga gara Addunyaa alaatti baatutti Manni Kiristaanaa Kaataakoomb galteerti.

Kaataakoombonni Room durii irratti qofaa hin turre kan ijaaraman, biyyoota ollaa kan biroottis malee. Yeroo ammaa kanatti Kaataakoombonni 60 ol akka jiran ni tilmaamama. Kiristaanota hedduudhaaf iddoo awwaalaa fi iddoo jireenyaa kan ture garuu Room hardhaatti kan argamu dheerinni isaas 20 K.m kan ta’udha.

Qaama ykn kutaa lafaa isa gubbaa irraa baay’ee gadi fagaatee kan qotame Kaataakoombiin kun cimina Afuurawaa fi dandeettii ogummaa Kiristaanota durii kan ittiin hubannudha. Kiristaanonni hojii kanaaf foo’amanis Foosris (Fossores) maqaa jedhamuun beekamu. Akka Mahaandisotaa hardhaa jechuudha.

Kaataakoomb keessatti gosoota awwaalaa garaagaraa, Manneen Kadhannnaa, Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa irraa walitti ba’aan Seenaawwanii fi Fakkiiwwan ykn Mallattoo fi k.k.f ni argamu. Mahaandisootaa hardhaa illee osoo hin hafiin kan ajaa’ibsiisan haala ijaarsa isaatiin adda kan ta’e Kaataakoombiin kun ogummaa fi cimina ykn dhamaatii Kiristaanota durii akka ajaa’ibsiifannu nu dirqisiisa.

Gosoota Awwaalaa Kaataakoomb Mana Kiristaanaa ishee durii

Bocaa fi haala ijaarsaa ykn haala itti hojjataman garaa garaa kan qaban awwaalonni garaagaraa Kaataakoomb keessatti ni argamu.

Luuklii (Loculi)

Girgiddaan isaa keessaa borobboramee boca rog-arfee ykn Reektaangilii qabatee kan  hojjatame, nama tokko qofa ittiin awwaalamuuf kan tajaajilu yoo ta’u, namni du’e sun carqiidhaan gannazamee saaxinii ykn saanduqa reenfaatiin ala kan ittiin awwaalamudha. Erga awwalame boodas afaan awwaalichaa Shaklaa (Suphee) dhaan ykn ammoo dhagaa Ibna  Baradiidhaan ni cufama. Awwaalli gosa kanaa baay’inaan ijoollee daa’imummaatti ykn ijoollummaatti du’aaniif kan qophaa’edha. Baay’inaanis gosoota awwaalaa kanneen kaan irra ni caala. Yeroo sanatti daa’imman baay’inaan du’aa akka turan baay’ina gosa awwaalota kanaa irraa ka’uun tilmaamuun ni danda’aama.

Arkoosooliyam (Arcosolium)

Bareedinaa fi boca addaa ta’e akka qabaatu taasifamee gosa awwalaa hojjatamedha. Gubbaa irraa boca «ቅስት ወይም ደጋን» qaba, nama tokkoof ykn maatii hundaaf akka ta’utti ykn akka ga’utti taasifamee ijaarama ykn hojjatama.

Saarkoofaagas (Sarcophagus)

Dhagaa ykn Ibna Baradii irraa kan hojjataman Awwaalota akka Saanduqaa ykn Saaxinii yoo ta’aan gatiin isaanii qaalii ykn wuddii ta’uu isaa irraan kan ka’e awwaalonni gosa kanaa Kaataakoomb keessatti baay’inaan hin argaman.

Kaabiikuulam (Cabiculum)

Kutaawwan xiqqoo boca ykn bifa Iskuweerii ykn Pooliigonaalii qabanidha.

Kiriipt (Crypt)

Kutaawwaan babaldhoo Kaataakoomb keessatti argamanidha. Kadhannaaf, walitti qabamuuf fi tajaajiloota Afuurawaa garaa garaatiif itti fayyadamaa akka turan ragaaleen tokko tokko ni agarsiisu. Fakkiiwwan Qulqullaa’oon,  Moozaayikii fi hojiiwwan Arkiteekcharii garaagaraatiin kan faayamanidha. Kutaalee kana keessatti awwaalli Qulqulloota Wareegamummaan darbanii tokko ykn isaa ol ni argama.

Fakkiiwwan Kaataakoomb Mana Kiristaanaa ishee durii

Kiristaanonni durii barnoota isaanii kan babaldhisan Kaataakoomb keessattidha. Achittis namoonni haaraa amanan baay’ee gara Kiristaanotaatti dhufaa miseensota Waldaa isaanii ta’uu jalqaban. Yeroo kanattis barumsa Kiristaanummaa babaldhisanii kennuuf Kitaabolee gahaan hin turre. Akka fedha ofiitti bahaanii barbaaduu fi qopheessuuf bilisummaa waan hin qabneef Kitaaba Qulqulluu keessaa fakkeenyota tokko tokko Si’ilii ykn fakkii irratti kaasuun barsiisuu jalqaban. Si’ilii fi fakkiiwwan kunneenis kan kaafaman fakkeenyummaaf «symbol» yoo ta’u kan irraa kaafamanis daaraa fi cilee irraa yoo ta’u kan kaafamanis afaan ykn nannawaa holqichaatti.

Fakkeenyaan barsiisuun iccitii hin muldhanne, iccitii Waaqummaa sammuun namaa akka hubatuufi gabatee sammuu irratti akka maxxanfamu taasisuuf faayida-qabeessa ta’uu isaatiin Kiristaanota duriitiin itti amanamee ture. Barnoota Amantaa fakkeenyaan akkamitti ibsaa akka turan kanatti aananii kan jiran fakkeenyaaf haa ilaallu;

Tikseen Gateettii isaa irratti Hoolaa kan qabate (Good Shepherd) Mana Kiristaanaa ishee durii

Balbala seensaa,  holqichaa fuulduratti kaafamee kan argamu yoo ta’u, tikseen sun «Tikseen gaariin ana» kan jedhe fakkeenya Gooftaa yoo ta’u, Hoolichi ammoo badee osoo jiruu kan argame fakkeenya Ilma namaati.

Qurxummii (Asaa)

Giriikonni durii Qurxummii yeroo jedhan «Ihtes ኢኽቴስ» jedhu. Qubeewwan jecha kana irra jiran tokko tokkoo yeroo hiikaman ammoo ;

I (ኢ) – Iyyesuus

H (ኽ) – Kiristoos

Te (ቴ) -Tewu’idoos (Ilma Waaqayyoo)

S (ስ) – Sooteer (Fayyina)

Iddoo tokkotti walitti yeroo dubbifamus «Iyyesuus Kiristoos Ilmi Waaqayyoo Fayyina» jechuudha.

Moonoogram of Kiraayist (Monogram of Christ) Mana Kiristaanaa ishee durii

Qubeewwan Giriikii lama walitti dhufanii kan uuman yoo ta’u, Qubeewwan kunneenis «X» fi «P» dha. Qubeewwan kunneenis inni tokko isa tokko irratti hirkatanii bocamaniiru ykn kaafamaniiru. Qubeen «X» jedhuufi qubeen «P» jedhu wakitti dhufanii ykn walitti yeroo dubbifaman hiika Kiristoos jedhu kennu.

Gugee baala Wayiraa baatte Mana Kiristaanaa ishee durii

Gugeen Kiristaanota biratti qofaa osoo hin taane uummata Addunyaa guutuu ykn hunda biratti fakkeenya nagaa ykn nageenyaa ta’uun ishee ni beekama. Kiristaanonni durii nageenyaa fi jaalala akkasumas jireenya barabaraa Kiristoosiin argame Gugee baala Wayiraa baatteen fakkeessanii barsiisu ture. Kunis bara bishaan badiinsaa Noohitti bishaan hirdhachuu isaa Noohiif missiraachoo himuuf yoo dhuftutti baala Wayiraa qabachuun ture kan isa beeksiste ykn kan itti himte. Kiristaanonnis bishaan cubbuu hirdhachuu isaa fi Kiristoosiin nageenya akka arganne ibsuuf Gugee Nooh fakkeenyummaan ishee kaasu ture.

Alfaa fi Omeegaa

Kan jalqabaafi kan xumuraa qubeewwan Giriikii ykn Qubeewwan Giriikii jalqabaa fi xumuraa yoo ta’aan, Gooftaan kan duraafi kan boodaa, kan jalqabaafi kan xumuraa, hundeen ykn bu’uurri isaas hawaanis kan isaa ta’uu isaa ibsuuf mallattoo itti fayyadaman ture.

Malhiq – Abdii jireenya gara fuulduraa kan agarsiisudha.

Piikook – Bifa ykn haalluu garaagaraa kan qabdu simbirroon Piikook, Fakkeenya lubbuu jiraattuu hin duune, hin diigamnee taatee fudhatamti.

Fooniiks (Phoenix) – Bara sanatti baay’eewwan biratti akka amanamutti Simbirroon Fooniiks jedhamuun beekamtu harkisummaa ykn hawwatummaa kan qabu haalluu ykn bifa isheetiin dabalataatti waggoota kuma kumaan haareffamtee ykn haaromtee kan jiraattu ta’uun ishee ni himamaaf. Waggaa kuma tokko yeroo guuttu qaama ishee ibidda keessa galchiti. Sana boodas qaama ishee daaraa ta’e irraa irra deebiin qaama haaraa qabattee kaati, Simbirroon kun du’aa ka’umsaaf fakkeenya taatee ni caqasamti ture.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Karaa Telegram nu argadhaa!

The post Mana Kiristaanaa ishee durii | Kaataakoomb Kiristaanota Room first appeared on Qubee Online +.