Kakuu Haaraa | Qubee Online +
Qulqulluu Isxifaanoos : Seenaa Hangafa Diyaaqonootaa
Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Isxifaanoos
Hangafa Diyaaqonootaa Kakuu Haaraa kan ta’e Qulqulluu Isxifaanoos eenyudha?. Mata duree kana keessatti waliin bal’inaan ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!
Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluu Isxifaanoos eenyudha?
Isxifaanoos jechi jedhu jecha Giriikii yoo ta’u, Afaan Giriikiitiin yeroo barreeffamu «Στέφανος» ta’a, yeroo dubbifamu ammoo «Isteefaanoos» jedhama, akkasumas Afaan Ibraayisxiin ammoo «הקדוש סטפנוס» ta’a, gama biraatiin Afaan Ingiliffaan ammoo «Stephen» ykn yeroo dubbifamu «Isteefan» ta’a.
Isxifaanoos jechi jedhu jecha Giriikii yoo ta’u, hiikni isaas «Goonfoo» jechuudha. Qulqulluun Isxifaanoos Seera Wangeelaa keessatti Hangafa Diyaaqonootaa isa jalqabaa fi Wareegamaa isa jalqabaati. Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos «Hangafa Diyaaqonootaa» jedhamuu isaatiin dura jalqaba irrattis Duuka Bu’aa ture. Sana boodas Diyaaqonii ta’uun muudameera (Kuni Onkoloolessa 12 dha).
Akka ragaaleen garaa garaa agarsiisanitti Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos kan dhalate Abbaa isaa Simi’oon fi haadha isaa Maariyaam irraadha.
Akkuma Kitaaba Hojii Duuka Bu’ootaa irratti caqasame Qulqulluun kun jalqaba Gamaaliyaal kan jedhamu barsiisaa Oriitii irraa Tiwuufiitii, Oriitii fi Kitaabolee Raajota barateera. Yeroo lallabaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosis Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos iddoo gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus oole oolee, iddoo inni bule bulee Wangeela barateera, Duuka Bu’aa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosis ta’e, gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Abbootii Qulqulloota Duuka Bu’oota 72’n keessaa tokko isa taasise. HDB. 5:34 – 6:5-10.
Ayyaana guyyaa Shantammaffaatti Afuurri Qulqulluu yeroo bu’etti Abbootii 72’n keessaa hanga Qulqulluu Isxifaanoos iccitiin kan ifeef hin turre. Dursummaa Afuura Qulqulluutiinis Wangeela lallabeera. Yeroo qormaata Mana Kiristaanaattis dursummaa Afuura Qulqulluutiin Diyaaqonoonni torba yeroo filataman Qulqulluun Isxifaanoos isa tokko ture.
Qulqulluun Isxifaanoosis dursaa ykn Alaqaa Diyaaqonoota Jahanii fi dursaa Waldaa kuma saddeetii ta’eera. Kana boodas Qulqulluun Isxifaanoos ol ba’iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos booda waggaa tokkoof Waldaa kuma saddeet sana dursaa, Wangeela lallabaa, qabsuura’aa Wangeelli akka babaldhatu taasise. HDB. 6:4.
Dabalataan dubbisaa :- Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis
Qulqulluun Isxifaanoosis kennaa fi humni Waaqayyoo kan irra bule waan tureefi hojiiwwan raajii hedduu kan taasisu waan tureef yeroo sanatti Ayihuudonni inaaffaadhaan irratti ka’aan, isa waliinis falmii keessa galan, ta’us garuu isa injifachuu hin dandeenye sababni isaas afuurri Waaqayyoo fi humni Waaqayyoo isarra buleera waan ta’eef.
Kana boodas ragaa sobaatiin «Namni kun Musee fi Waaqayyo irratti jecha arrabsoo yeroo dubbatu dhageenyeerra!» jechuudhaan isa himatan, inni garuu waa’ee dhugaa ragaa ba’e malee isaan hin sodaanne, Hangafoonni Lubootaas yeroo isa gaafatanitti waa’ee Waaqayyo uumaa isaa ragaa ba’e, dhuma irrattis akkas isaaniin jedhe «Isin lapheen keessan kan cufame, gurri keessan kan duude, akka Abbootii keessanii yeroo hunda Afuura Qulqulluu mormitu.
Abbootiin keessan raajota keessaa kan hin gidirsine eenyutu jira? har’as isin dabarsitanii kan kennitan fi kan isa ajjeestan dhufaatii Qulqullichaa dursanii kan dubbatan isaan isin ni ajjeestan. Ergamootaanis sirna Oriitii fudhattanii hin eegne.» kanaanis baay’ee aaranii dhagaadhaan isa rukutuun isa ajjeesan. Ragaa ba’umsa isaas kanaan raawwatee goonfoo Wareegamummaa Amajjii 1 fudhateera. Kanaanis dursaa Wareegamootaa jedhama. (HDB. 7:51-53)
Qulqulluun Isxifaanoos Erga Boqote Booda
Qulqulluun Isxifaanoos erga boqote waggaa 300 booda Iyyerusaaleem kan jiraatan nama qajeelaa tokkotu ture maqaan isaas Lukiyaanoos jedhama. Yeroo baay’ee irra deddeebiin Qulqulluun Isxifaanoos mul’ataan isaaf ibsamee «Foon koo baasi!» jedhaan waan tureef deeme Phaaphaasiitti hime.
Phaaphaasichis gammadee Lubootaa fi Kiristaanota walitti qabee gara iddoo Gamaaliyaal ykn gara barsiisaa isaatti deeme. Iddoo sanas yeroo qotanitti sochii guddaatu ta’e, Ergamoonni yeroo ulanis fooliin gaarii ni urgaa’e, faaruun ergamootaas ni dhaga’aame.
Uummataa fi Phaaphaasiinis Qulqulluu Isxifaanoos fuulduratti kufanii Sagaduun gammachuu guddaadhaan fi faaruudhaan foon isaa achii baasanii Tsirhaa Tsiyoon ykn mana eebbifamtuu keessa ka’aan. Namni qajeelaa Ille Iskindiroos jedhamus Mana Kiristaanaa ijaareef, gara Mana Qulqullummaa ykn Mana Kiristaanaa sanaattis ni galchan.
Waggoota shan boodas Iskindiroos yeroo boqotu saanduqa keessa ka’aanii Qulqullicha cinaa ka’aan. Haati manaa Iskindiroos garuu gara biyya ishee Qusxanxiiniyaatti yeroo deebitu foon Abbaa manaa ishee itti fakkaatee Foon Qulqulluu Isxifaanoos doonii dhaan feesistee fudhattee deemte.
Daandii irrattis saanduqa sana keessaa Faaruu dhageessee yeroo ilaaltu Foon Qulqulluu Isxifaanoosidha. Isheenis baay’ee gammadde, isheenis Foon Qulqulluu sana geessitee Qulqulluu Qosxanxiinoosiif kennite. Magaalaa sana keessattis gammachuu guddaatu ta’e.
Channel keenya WhatsApp join taasisaa!
Eebbi fi araarsummaan Wareegamaa Qulqulluu Isxifaanoos hunda keenya waliin haa ta’u!
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!
The post Qulqulluu Isxifaanoos : Seenaa Hangafa Diyaaqonootaa first appeared on Qubee Online +.
Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Efesoonitti erge
Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Efesoonitti erge
Kana dura website keenya irratti Kitaabolee Ergaa Qulqulluu Phaawuloos garaa garaa ilaalleerra. Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge, ergaa gara warra Qoronxoos, ergaa gara warra Galaatiyaa, ergaa gara Ibrootaa ilaalleerra. Har’a ammoo mata duree kana keessatti ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Efesoonitti erge waliin ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!
Seenaa Magaalaa Efeesoon : Efesoon jechuun maal jechuudha?
Magaalaan Efeesoon Isiyaa xiqqootti karaa lixaa laga Kaayistar qarqaratti kan ijaaramte magaalaa qarqara galaanaa tti argamtu turte. Magaalaan kunis giddu gala daldalaa ta’uu isheetiini fi Arxeems ykn Mana Xaa’otii dhaan beekamti ture. Bulchiinsa Faars taatee yeroo turtetti Iskindir guddichi, Mootiin Faars Daariyoos injifatee magaalittii bulchiinsa Giriikii taasise.
Dhaloota Kiristoos dura waggoota 190 dursee Roomaanonni mootii Anxirookoos jedhamu mo’atanii Mootii Pheergaamooniif bulchiinsa sana itti dabalaniif du’a isaatiin booda garuu bulchiinsa Roomaa taate. Ayihuudonnis sababa godaansaa fi sababa daldalaatiin deemanii Mikuraabii ijaarratanii keessa jiraatu ture.
Bara 46 Dh.K.B Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos deemsa isaa jalqabaatiin Aqiilaa fi Phirsiqilaa waliin Qoronxoos irraa gara Iyyerusaaleemitti yeroo deemu yeroo muraasaaf Efeesoon taa’ee ture. Deemsa isaa Lammaffaatiin bara 50 Dh.K.B magaalaa Efesoonitti waggaa lamaa fi ji’a sadi barsiiseera.
Boodarras namicha fakkii Arxeems hojjetu Dimeexiroos waliin waldhabdee ka’een Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos magaalittii gadhiisee ba’uun gara Maqedooniyaatti yeroo deemu Ximootewoos Hangafa Phaaphaasii taasisee isaaniif muude.
Bara 58 Dh.K.B Iyyerusaaleemitti qabamee gara Roomeetti deemuun hidhaa dhaabbii irra yeroo turetti namoonni Efeesoon Amantii fi hojii gaariidhaan cimuu isaanii yeroo dhaga’u ergaa kana ergeef.
Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos yeroo baay’ee ergaawwan kan barreessu dogoggora Mana Kiristaanaa keessatti ka’aanii fi gaaffilee ka’aan deebisuuf ture, erga gara Efeesoon kana irratti garuu dogoggorri kamiyyuu waa’ee Mana Kiristaanaa ifatti hin caqasamne.
Ta’us garuu Ayihuudota irraa, warreen Falfaltoota irraa, Waaqeffattoota Arxeems irraa, daldaltoota irraa dhiibbaan guddaan Mana Kiristaanaa irra akka ture Kitaaba Hojii Duuka Bu’oota boqonnaa 19 irraa ni baranna. Wantoota kanneen hunda duuba humnoota hamootu ture 1:19-21, 2:1-2, 3:10, 6:11-12.
Egaa Kiristaanonni akka cimaniif Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos boqonnaa isaan jalqabaa 1-3 irratti waa’ee kaayyoo Waaqayyoo ibsa bal’aa fi gadi fagoo ni kenna. Sanatti aansuunis boqonnaa 4-6 Qulqulluun Phaawuloos akkuma barame barumsa isaa hojii waliin walitti firoomsuun, Kiristaanonni murtee Waaqayyoon wal qabatee namoota akkamii ta’uu akka qaban isaan hubachiisa.
Ergaa kana namoonni hubachuu danda’aan gara dogoggoraattii dafanii hin seenan, warreen sobdoota mormuu ni danda’u guyyaa hamaattis cimanii dhaabbachuu ni danda’u.
Akkaataa Qoqqoodama fi Qo’annaa Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Efesoonitti erge
1. Nageenya :- 1:1-2
2. Hunda hammachuuf kaayyoo Sillaasee :- 1:3-23
A). Abbaan karaa Kiristoos Kiristaanota eebbise, filatee murteesse (4-6)
B). Ilmi dhiiga isaatiin waan isaan biteef kennaa fi ogummaan Waaqayyoo ibsameera (7-10)
C). Afuurri Qulqulluun bu’uura murtee Waaqayyoo Abbaatiin warreen amanan mallatteesseera, abbaa dhaalaa ta’uu isaanii isaaniif mirkaneesseera (11-14)
D). Kiristaanonni humnaa fi kaayyoo Waaqayyoo akka hubataniif kadhachuu qabu (15-23).
3. Kaayyoon Waaqayyoo yeroo raawwatu haal-dureewwan mul’atan :- Boq. 2 fi 3
A). Amanaan tokkoon tokkoon isaa Kiristoosiin jireenya argateera (2:1-10)
B). Ayihuudotaa fi Ahizaabonni Fannoo Kiristoosiin araaramaniiru (2:11-18), maatii tokko ta’aaniiru (2:19-22).
C). Mana Kiristaanaatti ogummaan Waaqayyoo ni ibsama (3:1-13)
D). Gara caalu Kiristaanonni Kiristoosiin akka cimanii fi jaalala isaa akka baraniif kadhachuun isaanirraa eegama (3:14-21).
4. Mana Kiristaanaatti karaalee kaayyoon Waaqayyoo ittiin raawwataman :- 4:1-6:20
A). Tokkummaa (4:1-6)
B). Bilchina (4:7-16)
C). Haaromsa jireenya Afuurawaa dhuunfaa (4:17-5:20)
D). Eegumsa kabajaa walitti dhufeenya Dhirsaa fi niitii, ijoollee fi maatii, hojjettootaa fi hojjechiistotaa (5:21-6:9)
E). Murtee dhaabbataa qabsoo Afuurawaa (6:10-20)
5. Guduunfaa, haala Qulqulluu Phaawuloos fi eebba :- 6:21-24
Channel keenya WhatsApp join taasisaa!
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!
The post Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Efesoonitti erge first appeared on Qubee Online +.
Ayyaana Dubroo Maariyaam Gamoo Mana Kiristaanaa
Hintsataa Mana Kiristaanaa Ayyaana Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam
Ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessaa tokko kan ta’e Hintsataa Mana Kiristaanaa ti. Kunis Waxabajjii 20 fi 21 kabajama. Hanga dhumaatti dubbisaa!
Waxabajjii 20 fi 21 Gamoo Mana Kiristaanaa fi Dubroo Maariyaam
Kitaaba Sinkisaaraa irratti akkuma galmeeffamee ykn barreeffamee argamu Waxabajjii 20, Biyya Qisaariyaa, Ganda Keelqeedoonitti. Manni Kiristaanaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam muka malee, dhoqqee fi bishaan malee dhagaa sadi irra. Ilma ishee jaallatamaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin guyyaa itti ijaaramedha.
Guyyaan kun akka Mana Kiristaanaa keenyatti waggaa waggaadhaan ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam. Kabajaman keessaa isa tokko yoo ta’u, seenaa isaas kanaa gaditti gabaabsinee ni ilaalla.
Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga ol ba’e booda waggaa saddeettaffaa isaatti Qulqulluun Phaawuloos fi Qulqulluun Barnaabaas gara Filiiphisiyuusitti seenanii barsiisanii maqaa Kiristoosiin amansiisanii Ormoota hedduu erga Cuuphan booda Mana Kiristaanaa isaaniif ijaaruuf hawwan ykn barbaadan.
Yeroo kanattis Hangafni Duuka Bu’ootaa osoo jiruu nuti hojjechuun nurraa hin eegamu jedhanii Hangafa Duuka Bu’ootaa Qulqulluu Pheexiroosiif xalayaa ergan. Innis Qulqulluu Yohaannis waliin dhufee Qulqulluu Phaawuloos fi Barnaabaas waliin Iyyerusaaleemitti wal argan.
Sana boodas tokkummaadhaan Subaa’ee qabatanii erga turan booda Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos warreen du’an kaasee, warreen jiran waamee Qulqulloota Duuka Bu’oota biyya Filiiphisiyuusitti walitti qabee «Maqaa haadha koo Dubroo Maariyaamiitiin qarqaraa Addunyaatii hanga qarqaraatti Mana Kiristaanaa hojjetamu isinittin agarsiisa, Sirna kanas isin barsiisuuf walitti isin qabeera» jedhee gara Bahaatti isaan qabatee bahe.
Iddoo sanattis kan turan dhagaawwan sadi iddoo wal irraa fagaatanii jiranii walitti dhiyeessee, isaan xixiqqoo guddisee hojjaa isaa 24, gadee isaa ciqilee 12 safaree Qulqulloota Duuka Bu’ootaaf kenne.
Kana boodas Qulqulloonni Duuka Bu’oonni Ibidda yeroo argatu akka lalisuuf, Dhagaan sun harka isaanii irratti bocamaa gamoo Mana Kiristaanaa ijaaranii raawwataniiru. Gamoon Mana Kiristaanaa kunis kan ijaarame Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga ol ba’e booda waggaa 14ffaa isaatti.
Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam erga ol baate booda waggaa 4ffaa isaatti Waxabajjii 20 yoo ta’u, guyyaa 21 ffaatti (Mootummaa isaatti) ykn gaafa Waxabajjii 21 Habistii Samii irraa fi Xoofoon Samii irraa gara Mana Kiristaanaa kanaatti bu’e.
Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis haadha isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waliin Samii Samii irraa dhufee Taabota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Duuka Bu’oota taajajiltoota taasisee, inni akka Luba tokkooffaatti ta’ee Qaddasee ykn Qulqulleessee erga isaan qorrobsiise booda «እምይእዜሰ አንትሙኒ ከመዝ ግበሩ» ykn «Har’a irraa kaasee isinis akkas taasisaa!» jedhee isaan ajajee kabajaa fi galataan gara Samiitti ol ba’eera.
Seenaan kun fakkeenyota hedduu qaba;
Kunis :- hojjaan ykn dheerinni gamoo Mana Kiristaanaa sanaa fakkeenya Raajota bara Moototaa turan 24 ti, tokkos fakkeenya Luboota digdami Arfan Samii yoo ta’u, gadeen isaa ammoo fakkeenya Duuka Bu’oota kudha lamaaniiti.
Dhagaawwan sun sadeen fakkeenya Sadummaa Sillaasee yoo ta’an, jalaa haalli taa’imsa isaanii sadi, gubbaa irraa Gamoon isaanii tokko ta’uun isaa ammoo Sadummaa fi Tokkummaa Sillaasee agarsiisa. Gamoo kana kan hojjetanis ykn kan ijaaranis kutaa sadi taasisanii yoo ta’u, kunis inni jalqabaa fakkeenya Taabota Addaam, inni lammaffaa fakkeenya Taabota Musee fi inni sadaffaan ammoo fakkeenya Taabota Iyyesuus Kiristoosidha. Lammaffaas fakkeenya Addunyaawwan sadanii jechuunis inni jalqabaa Tsirhaa Ariyaam, inni lammaffaa Iyyoor fi inni sadaffaan fakkeenya Hawaati.
Tokkos inni jalqabaa fakkeenya Erer, inni lammaffaa fakkeenya Raamaa fi inni sadaffaan fakkeenya Iyyooridha.
Ereritti :- Ergamoonni, Aanga’oonni, Abbootiin (Liqaanaat)
Raamaatti :- Silxaanaatiin, Manaabirt, Arbaab
Iyyooritti :- Hayilaat, Kiruubeel, Suraafeel ni jiraatu.
Qomoowwan Ergamootaa kunneen saglan fakkeenya aangoowwan Mana Kiristaanaa saglan yoo ta’aan (Aangoowwan Lubummaa) kunneenis;
Ergamoonni fakkeenya Faarfattootaa
Mekwaanintoonni fakkeenya Anaagunisxiinoosotaa
Liqaanaat fakkeenya Diyaaqonii lammaffaa
Silxaanaat fakkeenya Diyaaqonootaa
Manaabirt fakkeenya Lubootaa
Arbaab fakkeenya Qomoosootaa
Hayilaat fakkeenya Ephis Qophoosotaa
Suraafeel fakkeenya Phaaphaasotaa
Kiruubeel fakkeenya Hangafa Phaaphaasotaati.
Kunis lafa irratti kan jiraatan ijoolleen Addaam Qulqullootaan ala gara oliitti ykn gara Samiitti ba’uun kan isaaniif akka hin danda’aamne, Faarfattoota irraa kaasee hanga Phaaphaasotaati Luboonni jiranis aangoowwan isaanii ol jiran hojjechuu ykn raawwachuun akka isaaniif hin danda’aamne ni gaafata ykn ni ibsa.
Akkuma kana Ergamoonni Samii irra jiraatan gadi bu’uun akkuma isaaniif danda’aamu Hangafoonni Phaaphaasotaas ergama Luboota isaanii gadi jiranii raawwachuun ykn hojjechuun akka isaaniif danda’aamu ibsa ykn hubachiisa.
Tsirhaa Ariyaamitti Teessoon ykn Manbariin Ifaa, Taabonni Ifaa, Golgi Ifaa akkasumas teessoo isaa kan baatan Bineensonni Arfan, Teessoo isaa kan ulan Luboonni Digdami Arfan Samii Ergamoonni ni jiru.
Tsirhaa Ariyaam fakkeenya Maqdasii
Teessoon ykn Manbariin Ifaa fakkeenya Teessoo ykn Manbarii
Golgi Mana Qulqullummaa sanaa, Tsewerte Manbariin Arfan fakkeenya Hangafoota Phaaphaasotaa Arfan ykn miila teessoo ykn Manbarii
Teessoo isaa kan ulan Digdami Arfan fakkeenya Phaaphaasotaa ykn fakkeenya Ephis Qophoosotaati.
Channel keenya WhatsApp join taasisaa!
Araarsummaa fi Eebbi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!
The post Ayyaana Dubroo Maariyaam Gamoo Mana Kiristaanaa first appeared on Qubee Online +.
Kitaaba Mul’ata Yohaannis : Seenaa, Hiikoo fi Qo’annaa isaa
Kitaaba Mul’ata Yohaannis Qulqulluu
Seensa :- Maatiiwwan Waaqayyoo, ijoolleen haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaa Waaqayyootiin akkam jirtuu? yeroo darbe Seenaa fi Qabsuura Qulqulloota Duuka Bu’ootaa yeroo ilaaluu eegaletti Kitaabolee isaan barreessanis ilaalaa turreerra. Qulqulloota Duuka Bu’oota keessaas tokko kan ta’e waa’ee Wangeelaawwii Qulqulluu Yohaannis yeroo darbe eegallee turre, kanaanis Seenaa fi Qabsuura isaa, Wangeela isaa ykn Wangeela Qulqulluu Yohaannis, Ergaa Qulqulluu Yohaannis isa jalqabaa, isa lammaffaa fi isa sadaffaa ilaalleerra. Barumsa keenya hardhaatiin ammoo Kitaaba Raajii Kakuu Haaraa fi Kitaaba Kakuu Haaraa isa dhumaa kan ta’e waa’ee Kitaaba Mul’ata Yohaannis ni ilaalla. Dubbisaa! hiriyoota keessaniifis qoodaa! Dubbisa gaarii!
Magaalaa Efeesoon fi Qulqulluu Yohaannis
Kitaabni Mul’ata Yohaannis Afaan Giriikii ykn Afaan Tsirii tiin «Abuqalamsiis», Abbootii ykn Beektota Kitaaba Qulqulluu biratti ammoo «Kitaaba Raajii Kakuu Haaraa» jedhama.
Sababa Kitaabichi itti barreeffameef
Biyyi Lallabaa Qulqulluu Yohaannis Isiyaa xiqqoo yoo taatu gara iddoo kanaatti kan dhufe haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga boqotte booda jechuunis Bara 49 Dh.K.B dha. Teessoon Qulqulluu Yohaannisis Efeesoon turte.
Magaalaan Efeesoon kutaa Lixaa Isiyaa xiqqootti kan argamtu laga Kaayisteer qarqaratti kan hundoofte turte. Ta’us garuu dalaliin lagichaa Eddoola ishee waan cufeef boodarra Eddoola ta’uun ishee hafee ture. Haa ta’u malee giddu gala daldalaa ta’uun ishee waan ishee fayyadeef buufanni Doonii ishee cufamuun guddina ishee irratti dhiibbaa guddaa hin geessisne.
Hundaa olitti magaalittiin kan ittiin beekamtu Mana Xaa’otii maqaa Xaa’otii Arxeems jedhamtuun yoo ta’u, Manni Xaa’otii kun wantoota ajaa’ibaa Addunyaa kana irra jiran torban keessaa isa tokko ture. Mana Xaa’otii isa guddaa kan ijaaran Mootota Faars yoo ta’aan waggoota 120 keessatti ijaaramee akka xumurame ni himama. Ijaarsa Mana Xaa’otii kanaatiif kan oole guutummaa guutuutti dhagaa kabajamaa yoo ta’u ol ka’iinsi manichaas ol ka’iinsa kophee 400 ture.
Utubaawwan 1000 ol kan qabu yoo ta’u tokkoon tokkoon isaanii hanga hojjaa kophee 60 dheeratu ture. Kan hojjetames Dhaloota Kiristoos dura naannoo waggaa 350 tti akka ta’e ni himama.
Namoonni Efeesoon Xaa’otii Arxeems jedhamtu akkamitti Waaqessuu akka jalqaban seenessi seeneffamu kan armaan gadii kanadha;
«Efeesoon» maqaan jedhu maqaa bulchaa biyya ykn magaalaa sana keessa ture tokkkooti. Namni kunis ilma nama maqaan isaa Yoonaan ykn Yihiiyyaan jedhamuuti.
Efeesoonis hundeessee maqaa isaatiin kan moggaase yoo ta’u innis intala bareedduu Arxeems jedhamtu qaba ture, ta’us garuu namoota qabeenya isaaniitiin, sanyii isaaniitiin, qarshii isaaniitiin, dhaala isaaniitiin sababeeffattee isa tuffatti waan tureef nama ishee fuudhu dhabde.
Ulaagaa isheen jettu keessaa tokko yoo guute isa kan biraa hin guutu waan ta’eef. Dhuma irratti garuu namichi Xonqaayiin ykn Falfalaan Qoorneeloos jedhamu ishee fuudhuuf ishee gaafate. Isheenis «Mootota keessaa fira ykn Sanyii hin qabdu? qabeenyota kabajamoo keessaa hin qabdu? maal keetiin na jiraachisuuf na fuuta?» yeroo isaan jettu «Wanti guddaan ati kabajamuu fi sodaatamuu waan ta’eef, akka kabajamtu akka galateeffatamtu akkasumas akka Waaqeffamtu sin taasisa!» jedheen. Isheenis Wuddaasee ykn Galatoo kantuu garmalee waan ishee tuquuf ykn garmalee waan jaallattuuf yaada isaatiin walii galte.
Qoorneeloos uummata iddoo itti walitti qabu Addabaabaayii hojii Xonqolaa isaa itti hojjetu qaba ture. Addabaabaayii kanarraa dhaabbatee Asmaatiidhaan Seexanaa fi raayyaa isaa waamaa hojii dinqii hojjechiisuun baay’eewwan Waaqa isaan hin beekneef ykn Xaa’otii dhaaf akka sagadan isaan taasisa ture. Gaaf tokko akkuma bartee isaatti Seexanaa fi raayyaa isaa (አጋንንት) Asmaatiidhaan waamee «Arxeemsiif sagadaa! kan hin sagadne manni isaa ni saamama, qabeenyi fi qarshiin isaa hundi ni fudhatama ni saamama» jedhee.
Biraannaa irratti barreessee isaaniif kennee Addabaabaayii inni irratti barsiisu irratti Qilleensa irratti akka bittinsan isaan ajaje. Afuuronni hamoonis ykn (አጋንንት) sunneenis akkuma ajajamanitti sa’aatii inni uummata walitti qabee Asmaatii itti hojjetutti Qilleensa irraa Biraannaa sana gadhiisan ykn darbatan. Uummanni Efeesoon kana arges «Ergaa Qilleensa irraa bu’een!» kan ka’e «Arxeems Samii irraa kan buutedha!» jedhanii isheef sagaduu fi ishee Waaqeffachuu jalqaban.
Erga isheen duute boodas Mana Xaa’otii ishee ijaaranii, Suuraa ishee bocanii Waaqeffachuu isaanii itti fufan. Namoonni ogummaa fakkii kaasuu qabanis suura ishee kaasanii fi bocanii gurguruun sooressoota ta’aan.
Dursee Qulqulluun Phaawuloos naannoo bara 49 Dh.K.B deemsa isaa lammaffaatiin gara Efeesoonitti seenee waggaa sadii fi ji’a sadi kan ta’uuf yeroo barsiisu namichi Fakkii Arxeems bocee fi kaasee gurguru Dimeexiroos rakkoo waan irratti uumeef magaalittii dhiisee ba’ee ture.
Wangeelaawwii Qulqulluun Yohaannisis bara 49 Dh.K.B gara magaalaa Efeesoonitti seenee yeroo barsiisu jalqaba kan inni morme Mana Qulqullummaa ykn Mana Xaa’otii Arxeemsitti Waaqeffannaa Xaa’otii taasifamu ture.
Dimiixiyaanoos Qeesaar (Bara 81-96 Dh.K.B) Roomitti Mootii ta’ee yeroo moo’u waggoota Mootummaa isaa gara jalqabaatti gara laafummaan yeroo bulchu, Walaloo, Ogummaa, Barumsa Mootii jaallatu ta’ee dhiyaachuu isaatiin yeroo muraasaaf ta’us Barsiisonni Kiristaanummaa fi Kiristaanonni godaansa boqonnaa argatanii waan turaniif, Wangeelaawwii Yohaannisis Waaqeffamuu Arxeems mormuun isaa hagas mara rakkoo irratti hin uumne ture.
Dimiixiyaanoos waggoota 13’f gara laafummaan erga bulche booda ajaajaan waraanaa isaa amanamaan Anxooniyoos Saatuurniiw jedhamu waan isa ganeef aarii fi xiiqiidhaan hojii hammeenyummaa isaa jalqabe. Barumsaa fi Ogummaa inni jaallachaa tures balleessuuf kutatee ka’e.
Yeroo kanattidha Ahizaabonni jibbiinsa isaan Qulqulluu Yohaannis irratti qaban bahaachuuf daandii kan argatan. Barumsa isaa kan ka’e Ahizaabotaan himatamee Dimiixiyaanoos fuulduratti dhiyaate. Innis ykn Dimiixiyaanoosis Barmeelii bishaan ho’aan guutame keessatti erga isaa gidirse booda gara Eddoola Fixmootti isa geesse. Abbaan keenya Qulqulluun Yohaannisis Eddoola Fixmootti holqa dhiphoo keessatti waggoota 8’f ykn Bara 88-96 Dh.K.B achi taa’ee osoo jiruuti mul’ata isaa kan argeefi kan barreesse.
Fixmoon Isiyaa xiqqoo (Turk hardhaa) irraa Maayila 25 fagaattee kan argamtu Eddoola Galaana Ejiyaanidha. Bara Roomaanotaatti Eddoolli kun iddoo itti namoonni Xaa’otii hin Waaqeffannu jedhan itti hidhaman turte. Hardha Eddoola kana keessatti holqi Qulqulluun Yohaannis mul’ata isaa itti argee fi itti barreesse ni argama.
Qulqulluun Yohaannis Eddoola Fixmootti hidhamee osoo jiruu akka obboloota isaa Duuka Bu’ootaatti naanna’ee barsiisuu dhiisuu isaatiin  no gadda waan tureef Waaqayyo iccitii guddaa isaaf ibse.
Abbootii Duuka Bu’ootaa keessaa tokko Heereeniyoos Yohaannis muldhata isaa kan barreesse waggoota gara xumuraa Mootii Dimiixiyaanoos naannoo bara 96 Dh.K.B hidhaa fi godaansa irra osoo jiruu ta’uu ibseera. Namoonni tokko tokko garuu Yohaannis muldhata isaa kan barreesse godaansa ykn hidhaa irraa deebi’ee magaalaa Efeesoonitti ni jedhu.
Kuni garuu Kitaaba Mul’ata Yohaannis kana waliin yeroo ilaalamu sirrii waan ta’u miti. Sababni isaas Kitaaba Mul’ata Yohaannis irratti ammoo deebi’ee deddeebisee «Akkas jedhi barreessi naan jedhe!» jechi jedhu ni argama. Kunis hoggasuma mul’ata sana yeroo argetti barreessuu isaa agarsiisa. Gama biraatiin ammoo Wangeelaawwiin Qulqulluun Yohaannis muldhata isaa kan barreesse osoo magaalaan Iyyerusaaleem hin badiin bara 70 dura akka ta’es kan tilmaaman jiru.
Abbaa Jeroom Qulqulluun Yohaannis umurii isaa lafa kana irraa isa dhumaa kan jiraate magaalaa Efeesoonitti akka ta’e barreesseera. Yeroo kanattis garmalee dulloomuu isaa irraan kan ka’e «Walii waliin keessan wal jaalladhaa! kuni ajaja Gooftaa keenyaati waan ta’eef! kana yoo eegdan isin gaha!» jecha jettu qofa Duuka Bu’oota isaatti hima ture.
Sa’aatii dhumaattis Duuka Bu’oota isaa irraa adda ba’uun yeroo isa rakkisu isa duukaa bu’aa kan turan gara alaatti ergee ofii ol ba’e ykn dhokate. Yeroo deebi’an Kitaaba isaa, Maqoomaa isaa fi uffata isaatiin ala homaa hin arganne.
Muldhanni Yohaannis kan barreeffame bara sanatti Yoonaanota jedhamanii kan waamaman magaalota Isiyaa xiqqoo torba irratti kan muudaman Hangafoota Phaaphaasotaaf ture.
Kitaabni Mul’ata Yohaannis kun walumaa galatti fakkeenyota 300 siqan kan qabu yoo ta’u Jireenya Samii irraa Kiristaanotaa, Kabajaa fi Yaadannoo Qulqullootaa, Wareegamtootaa Kitaaba agarsiisudha.
Akkaataa Barreeffama Mul’ata Yohaannis
Kitaabolee Kakuu Haaraa kanneen biroo irraa adda ta’ee Kitaabolee Raajii Hizqi’eel, Daani’eel fi Zakkaariyaas hubachiisa. Lakkoofsota 404 Kitaabichi qabu keessaa lakkoofsonni 278 yaadota Kakuu Moofaa agarsiisu. Kitaabicha yeroo dubbifamu yaadota kanatti aananii jiran ni argina;
Dhiyeessa isaa walii galaa :- Haalli dhiyeessa isaa akkaataa hojii Afuurawaa guddaati. Mul’atichi jalqaba irratti Manneen Kiristaanaa Isiyaatti yeroo dubbifamu dhageeffattoonni kan dhageeffatan, ija yaadaatiin isaanitti muldhachaa taatee isa itti aanu abdii dhaan eeggachuu hin oolan. Taateen tokkoon tokkoon isaa taatee sadarkaa guddaa irra gaheen irra deebi’ama, taateewwan kunneen miira dhageeffattoota sanaa caalaatti dabalaa deemu.
Yeroo baay’ee waa’ee Eed, waa’ee Gibtsii dhaa ba’uu, waa’een Eliyaas fi Seenaan Booji’amiinsaa ibsuuf ykn ibsaaf bu’uuradha, «Raajiin Isaayyaasis» yeroo hedduu caqasameera.
Duraa duuba Raajii Kiristoos kenne irratti akkuma bu’uureffame (keessattuu Boq. 6 Wangeela Maatewoos Boq. 24 waliin wal bira qabaa ilaalaa), akkasumas 2 Tas. 1:3-2:2, 12 waliin akka ta’u ni muldhata.
Lakkoofsonni yeroo hedduu kan agarsiisan baay’ina osoo hin taane yaadadha. Fakkeenyaaf :- Lakkoofsi 7 yeroo hedduu «Gonkummaa» agarsiisuun yeroo 52 hojiirra oolera.
Tokkoon tokkoon taateewwaniitiif jecha, fakkeenya fi k.k.f hiika kennuu baatuyyuu hojiin isaa walii galaa ergaa isaa ni kenna.
Ergaa Kitaaba Mul’ata Yohaannis
Walumaa galatti muldhatichi qabxiilee kanatti aananii jiraniif iddoo guddaa ni kenna;
Ol aantummaa Waaqayyoo
Humni Seexanaa jibbiinsaa fi kan itti faradamu ta’uu isaa
Gidiraa fi rakkoo Manni Kiristaanaa simattu
Murteen dhumaa dhiyaachuu
Injifannoo Kiristoos fi Kiristaanonni obsuu isaanii, eeguu isaanii fi qulqullummaa isaanii.
Akkaataa Hiikoo Mul’ata Yohaannis
Waa’ee Kitaaba kanaa akkaataan hiikoo hedduun akka jiru ni beekama. Namoonni tokko tokko yaada Kitaabichaa seenaa Addunyaa waliin walitti firoomsuu yeroo yaalan, Bara Yohaannis ykn bara dhuma Addunyaa ykn bara walii galaa Mana Kiristaanaa waliin wal qabsiisu. Warreen kaan garuu duraa duuba yaada Afuurawaa Kitaabichaa irratti malee duraa duuba Seenaa Addunyaa irratti hin xiyyeeffatan.
Kana yeroo taasisanis yaadichi caalaatti cimaa yeroo deemuu fi gara xumuraatti yeroo deemu isa argu. Warreen hafan ammoo waa’ee mormitoota Kiristoos, waa’ee gidiraa isa guddaa, waa’ee abdii lafa irraa saba Israa’eel fi waa’ee waggaa kuma tokkoo yaada hiikoo qabaniif iddoo guddaa ni kennu. Ta’us Amantiin dhageeffattoota jalqabaa dhiibbaa sana irratti injifataa akka ta’a, Murteen ykn Firdiin turuyyuu akka hin hafnee fi Seenaa Addunyaa irratti ilaalcha Kiristaanni qabu akka sirraa’u hubatanii gammaduu akkuma danda’aan hunda nutis gammaduu qabna.
Qoqqoodama Kitaaba Mul’ata Yohaannis
Akka hiikoo isaatti akkaataa qoqqoodamaa hedduu qaba, qoqqoodiinsi gabaabaa kanatti aanee jiru «Yeroo Hunda Waaqayyo waliin» kan jedhu Kitaaba waggaa 4ffaa fuula 222-223 irratti haala qoqqoodiinsaa baldhaa jiru irraa kan fudhatamedha.
1. Seensa :- Nagaa Manneen Kiristaanaa torbaniif :- 1:1-8
2. Ergaawwan Torban Manneen Kiristaanaatiif :- 1:9-3:22
3. Mallattoowwan hiikaman Torban, Gidiraa Mana Kiristaanaa :- 4:1-8:1
4. Malakatiiwwan 7’n, Akeekkachiisa Addunyaadhaaf :- 8:2-11:18
5. Mul’ata Torban, Hojii Seenaa Addunyaa (Diraamaa) :- 11:19-15:4
6. Dheekkamsoota Torban, Adabbii Addunyaa :- 15:5-16:21
7. Murteewwan sirrii Torban Baabiloon irratti :- 17:1-19:10
8. Mul’ata Torban, Seenaa Addunyaa duuba morkii jiru :- 19:11-21:8
9. Ibsa dhumaa Torban :- 21:9-22:19
10. Guduunfaa :- 22:20-21
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!
Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!
Madda :- Galmee jechootaa Kitaaba Qulqulluu
«ቤተክርስትያንህን እወቅ» Waldaa  Qulqullootaatiin
The post Kitaaba Mul’ata Yohaannis : Seenaa, Hiikoo fi Qo’annaa isaa first appeared on Qubee Online +.
Dhumaatii Daa’imman Beetaliheem fi Imimmaan Raaheel
Dhumaatii Daa’imman Beetaliheem fi Imimmaan Raaheel
Mata duree keenya har’a keessatti waa’ee Dhumaatii Daa’imman Beetaliheem yeroo Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!
Waaqayyo akkas jedha :- «Sagaleen Raamaatti dhaga’ame, sagalee boo’ichaa fi wawwaannaa guddaa ture; Raahel ijoollee isheetiif in boosse; ijoolleen ishee waan hin jirreef jajjabaachuus in didde. Ati garuu dadhabbiin kee gatii siif argate, ijoolleen kee biyya diinaatii deebi’anii waan dhufaniif boo’icha kee dhiisi, imimmaan kees hin dhangalaasin!» Erm. 31:15-16
Qulqulloonni Raajonni kan dubbatan waa’ee bara isaanii qofaa miti, waa’ee baroota darbanii ykn waa’ee baroota isaan dura turaniis ni dubbatu, waa’ee isa gara fuulduraatti dhufuus ni raaju. Abbootiin baroota garaa garaatti ka’aanis Raajiiwwan Qulqulloota Raajotaan dubbataman kanneen ni hiiku.
Jechi Raajichi Ermiyaas dubbate kunis isa darbeefis isa dhufuufis kan hojjetudha ykn kan dubbatamedha. Yeroodhaaf ykn yeroo sanaaf Israa’eeloonni warreen Foonii Gibtsiitti garbummaa dhaan baroota turan keessatti bara itti turan yaadachiisa. Xumurri isaa ammoo ykn xumura isaatiif ammoo Bara Foonummaa ykn Zemene Sigaawweetti jechuunis fayyisaan Addunyaa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos bara itti dhalatetti kan raawwatame agarsiisa.
Imimmaan Raaheel Israa’eeloonni warri Foonii baroota Garbummaadhaan Gibtsii turan yaadachiisa (Beetaliheem)
Israa’eeloonni biyya ormaa biyya Gibtsiitti maqaa Yooseefiin godaananii ykn Yooseefiin gara Gibtsiitti seenanii jiraatu turan. Boodarra garuu Yooseef kan hin beekne, mootiin gara laafummaa fi Ogummaa Yooseef tokkoyyuu hin beekne Fara’oon ka’ee waanjoo isaanirra kaa’ee gidiraa isaanirra cimse. Kunis :- Ijoolleen Israa’eel garmalee baay’ataniiru, nurras isaan cimoodha.
Kanaafuu gara fuulduraatti diinni yoo nurratti ka’e karaa diinota keenyaa hiriiranii nu waraanu, yoo baay’atanis biyya keenya nu gadhisiisu. Jedhee dursee sodaachuu isaatiin nama sodaataafi hamaa ta’uudhaan «Koottaa! hojii ciccimaa isaan hojjechiisna kana hojjechaa yoo oolan waan dhadhabaniif cimina isaanii ni dhabu, akkasumas garmalee dhadhabuu isaanii irraa kan ka’e galgala niitiiwwan isaanii bira hin gahan, yoo niitiiwwan isaanii bira hin geenye ammoo ijoollee hin horatan, yoo akkas ta’e ammoo hin baay’atan jechuudha, yoo hin baay’anne ammoo nu hin balleessan jechuudha» jedhee yaade, yaadees hin dhiisne garmalee dhiphachuu isaatiin Feetoom, Raamsee fi Oon kan jedhaman magaalota ciccimoo dhagaadhaan isaan ijaarsise.
Israa’eeloonni warri Foonii garuu hammuma gidiraan itti baay’achaa deeme isaan garuu baay’achaa fi cimaa deeman. Gibtsoonni garuu ijoollee Israa’eel gidirsaa, reebaa isaan bitu ture. Hojii ciccimoodhaanis isaan dhiphisu, rakkisu turan.
Kanaan alas Mootichi deessistuuwwan isaanirratti muude. Isaanis «Dubartoota Israa’eel yeroo deessistan, da’uu gahaanii yeroo isaan argitanis yoo dhiira ta’e ajjeesaa, dubara yoo taate garuu hin ajjeesiinaa!» jedheen. Isaan garuu Waaqayyo waan sodaataniif akka inni isaan ajajetti hin taasisne.
Mootichis shakkee akkasumas namoota irraa dhaga’ee «Maalif kanan isin ajaje hin raawwattan?» jedhee isaan gaafate. Sababni isaas ilmi dhiiraa dhalatee ji’a sadi booda yeroo boo’us, yeroo axxifattus sagalee isaatiin ni beekama waan ta’eef. Dubartoonni sababa ykn tooftaa hin dhaban waan ta’eef :- «Dubartoonni Ibrootaa akka dubartoota Gibtsootaa miti, deessistuun osoo hin dhufiin dura da’aanii nu eegu» jedhanii deebisaniif.
Isaanis Israa’eelootaaf hojii gaarii hojjechuu isaaniitiin, Waaqayyos isaaniif wanta gaarii raawwateef Mootichi akka isaan hin ajjeefne taasise. (Ajaja Mootii raawwachuu dhiisuun nama ajjeesisa waan ta’eef)
Arjummaa Waaqayyootiin akkasumas hojii gaarii deessistuuwwan sanaatiin Israa’eeloonni garmalee baay’atanii ciman. Yeroo sanattis Fara’oon dheekkamee «Ijoollee dhiiraa Israa’eeloota irraa dhalatan bishaan keessatti gataa, warreen dubaraa garuu dhiisaa!» labsii jedhu labse.
Raaheelis kan turte bara kanadha. Abbaan manaa ishee Roobeel Simi’oon jedhamu jalaa du’ee gadda irra turte. Inni yeroo du’us isheen garaatti baatti ture, ta’us garuu «Bakka Abbaa manaa kee dhoqqee dhiiti, bukeessi hojii Abbaan manaa kee hojjechaa ture hojjedhu!» jedhamte. Isheenis ijoollee lama ykn lakkuu garaatti baattee waan turteef yeroo dhoqqee dhiittu dhiigni ishee ni dhangala’e, ijoolleen ishee lamaanis miila ishee jalatti kufan.
Isheenis naasuudhaan dhaabbatuyyuu, namichi hojii ishee hojjechiisaa ture garuu «Maalif dhaabbatta? maaltu si naasise? dhiigni namaa, foon namaa dhoqqee waliin yoo bukeeffamee dhoqqee sana cimsa malee maal ta’a jetteetu? dhoqqee waliin dhiiti!» jedheen. Yeroo kanattidha egaa «ኢሀሎኑ በዝ ሰማይ አምላከ እሥራኤል» ykn «Dhuguma Sami kana irra Waaqni Israa’eel hin jiruu?» jettee imimmaan ishee kan dhangalaaste.
Imimmaan ishee kanas harka isheetti walitti qabdee gara oliitti facaaste. «Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa; guutummaa biyya lafaa irratti arrabsamuu saba isaa irra ture irraa in fageessa; Waaqayyo kana dubbateera» akkuma jedhame Isa. 25:8 Waaqayyo imimmaan namaa haqu akka jiru ni amanti waan ta’eef.
Imimmaan ishees gara lafaatti hin deebine, teessoo galataa Waaqayyo bira gahe malee «ወዐበየት ተናዝዞ ወነጊፈ ላህ» ykn «Boo’icha dhiisuu, jajjabaachuu ni didde!» sababni isaas gidiraan ishee fi ijoollee Israa’eel irratti raawwatamaa ture baay’ee gaddisiisaa waan ta’eef, duuti daa’imman sanaa baay’ee nama gaddisiisa waan ta’eef, gaddi mana nama hundaatti waan ta’eef «እስመ ኢኮንዋ ውሉዳ ውሉደ» ykn «Ijoolleen ishee ijoollee isheef hin taane waan ta’eef» du’aniiru waan ta’eef, Abbaan manaa koo du’uyyuu ijoollee kootiin nan jajjabaadha! kan jette hin taaneef waan ta’eef «Lubbuudhaan hin jiru waan ta’eef, jajjabaachuu didde!» kanadha Raajichi Ermiyaas «Sagaleen boo’ichaa fi gaddaa Raamaatti ni dhaga’aame, Raaheel waa’ee ijoollee isheef ni boosse!» kan jedheef. Erm. 31:15
Imimmaan Raaheel Waaqayyo akka dubbatu, gargaarsaanis akka bu’u isa taasiseera. «ሰማዕኩ ገዓሮሙ ለሕዝብየ ፥ ወወረድኩ ከመ አድኅኖሙ» ykn «Iyya saba kootii nan dhaga’e, isaan fayyisuufis nan bu’e!» jechisiiseera. «Waaqayyos Museedhaan gidiraa saba koo Gibtsii jiran irra gahe argee, akkasumas gidiraa cima isinirra gahe irraa kan ka’e iyya keessan dhaga’ee, dhiphachuu keessanis beekeera. Harka Gibtsootaa irra isin fayyisuuf, gara biyya jaalatamtuu Kana’aanittis isin geessuuf nan bu’e. Gibtsiidhaas baasee gara biyya Dammaa fi Aannan itti burquu, gara biyya gammachuun keessaa hin dhabamneetti isinin geessa!» jedhe.
Damma kan jedhe Seera Oriitiidhaani, uffanni dammi tuqe bishaaniin yeroo miiccan akkuma dafee gadhiisu Seerri Oriitiis seera gadhiisu waan tureef. Aannan kan jedhe ammoo Seera Wangeelaatiini. Uffanni Dhadhaan ykn Aannan isa bishaaniin yoo isa miiccaniyyuu akkuma hin gadhiisne Seerri Wangeelaas kan hin gadhiisne ykn cimtee kan jiraattu waan taateef. Ba’uu 3:8.
Imimmaan Raaheel bara Foonummaa ykn Zemene Sigaawweetti Iyyesuus Kiristoos yeroo dhalate wanta raawwatame ni agarsiisa
Kakuu Haaraatti ammoo Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo dhalatetti Mootii Ayihuudotaa kan ture bara sanatti Heeroods hojiidhaan Fara’oon fakkaatee isa argina. Mootonni warreen fagoo ykn Namoonni Warqee, Ixaana fi Karbee qabatanii, urjiidhaan durfamaa waggaa lama deemaa turanii yeroo dhufan, inni dhiyoo jiru Heeroods garuu oduun dhalachuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos isa naasise. Gaaffiin isaaniis «አይቴ ሀሎ ንጉሥ ዘተወልደ?» ykn «Mootiin dhalate garam jira?» kan jedhu waan tureef, waa’een aangoo Mootummaa ykn waa’een aangoo Addunyaa kanaa isa yaaddessa.
Heeroods bara Urjiin sun itti mul’ate namoota Ogeeyyii irraa of eeggannoo guddaadhaan erga hubate booda laphee isaatiin «Edaa daa’imni kun waggaa lama guuteera» jedhe. Lubootas dhoksaatti waamee bu’uura inni hubateetiin «Beetaliheemidha!» jedhee isaan erge. Kana waliinis «Deemaatii waa’ee daa’imichaa gaafadhaatii, yoo isa argitan anis akkan isaaf sagadu karaa koo deebi’aa koottaatii natti himaa!» jedheen. Inni wanta badaa yaadee dubbatuyyuu Ogummaan kan Waaqayyooti. Namoonni Ogeeyyii «Edaa Mootonni biyyattiis itti amanuu!» kan jedhuun Amantiin isaanii akka isaaniif cimuufi.
Namoonni Ogeeyyii garuu saanduqoota isaanii bananii Warqee, Ixaanaa fi Karbee daa’imichaaf erga gabbaran booda akkuma Ergamaan Waaqayyoo isaanitti hime daandii ittiin dhufan dhiisanii karaa biraa, Amantaa biraatiin ykn amananii gara biyya isaaniitti deeman. Daandii karaa ittiin dhufaniitiin waggaa lama kan deeman yeroo deebi’an garuu guyyaa afurtama qofaa deemaniiru. Akkasumas karaa biraatiin «Garami?» jechaa dhufanii ture, «Argineerra» jechaa deebi’aniiru.
Amantaa biraatiin «Mootii lafa irraa» jechaa dhufanii ture, «Mootii Samii, Waaqayyo Amalummaa» jechaa deebi’aniiru.
Heeroods namoonni Ogeeyyii akka itti qoosan (karaa kee deebinee sitti himna jedhaniinii waan tureef) yeroo dhaga’etti ykn yeroo beeketti garmalee aare. Loltoota isaas ergee Namoota Ogeeyyii irraa akkuma hubatetti ijoollee ykn daa’imman umuriin isaanii waggaa lama ta’ee fi isaa gadi kan ta’aan, Beetaliheem fi naannawaa isheetti kan argaman hunda daa’imman 144,000 ni ajjeesise.
Yeroo sanatti Raajicha Ermiyaasiin «Raaheel waa’ee ijoollee ishee yeroo boossu sagaleen gaddaa fi boo’ichaa hedduun ni dhaga’aame, jajjabaachuus ni didde, ijoolleen ishee hin jiran waan ta’eef» kan jedhame ni raawwatame jedha. Erm. 31:15
Raaheel kaase malee Liyaa hin kaasne. Sababni isaas;
1. Gooftaan kan dhalate karaa Liyaa waan ta’eef gatii isheeti, Raaheel garuu karaa ishee waan hin dhalanneef gatii ishee maleedha.
2. Kan Liyaa biyya fagootti baay’inaan isheef oolaniiru, kan Raaheel garuu xiqqoo ta’uudhaan dhiyootti jalaa dhumaniiru waan ta’eef.
3. Tokkos karaa Raaheel kan Liyaas dubbachuufi.
4. Tokkos «Haati keenya Raaheel nuuf jiraattee, gidiraa fi rakkoo keenya argitee osoo nuuf boosee!» jedhanii waan boo’aniifi.
5. Tokkos waan oolan isaanitti fakkaatee awwaala Raaheel seenaniiru waan ta’eef, sana boodas isaan hordofanii achi seenanii ijoollee isaanii isaan harkaa fuudhanii jalaa ajjeesaniiru waan ta’eef. Yeroo kanatti Ekeraan ykn Lafeen Raaheel imimmaan buuseera. Awwaalli Raaheel Beetaliheem irraa 1Km fagaatee argama.
Karaa biraatiin ammoo karaa Liyaas karaa Raaheelis kan dhalatan walitti fiduu kan danda’u Abbaa isaanii Yaa’iqoob ykn Israa’eel hin kaasne. Kan kaase haadha isaanii Raaheelidha. Sababni isaas :- ilmi dhiiraa fuudha irra gahee, intalli durbaa ammoo heeruma irra gahaanii yoo kan du’an ta’e gaddi Abbaatti cima. Bara ijoollummaa ykn yeroo daa’imummaa isaanii yoo du’an ammoo gaddi haadhatti cima waan ta’eef kanaafi.
Qulqulluun Maatewoos «Raaheel» jedhee Raajii Ermiyaas kan caqaseef kana qofaaf osoo hin taane Gibtsii kan turteefisi. Kunis gidiraa gidiraa waliin yeroo wal bira qabudha.
Heeroods Daa’imman Beetaliheem kanneen hunda akkamitti walitti isaan qabe?
Heeroods daa’imman 144,000 kan walitti qabe «Mootichi Qeesaar :- Daa’imman walitti qabdee, nyaataa fi uffata kennaa, Dammaa fi aannaniin guddistee, maatii isaaniitiifis lafa ykn dhaala kennaa Loltoota naaf qopheessi naan jedheera!» labsii jedhu dubbate. Warreen daa’imman qabanis daa’imman isaanii, kanneen hin qabne ammoo uffataa fi nyaata ittiin fudhachuuf ijoollee ergifatanii deemaniiru.
Innis tooftaa kanaan walitti isaan qabee isaa ficcisiiseera. Seenaawwan hammeenyaa lamaaniyyuu «Sagaleen gaddaa, boo’ichaa fi iyyaa Raamaatti dhaga’aame» kan jedhame Ergamoota biratti dhaga’aame jechuudha. Sababni isaas Iyyoor, Raamaa fi Erer magaalaa Ergamootaa waan ta’aaniif. Tokkos uumaa Ergamootaa Waaqayyo biratti dhaga’aame jechuudha. Sababni isaas iddoo Ergamoonni jiranitti Waaqayyo jira. Tokkos Raamaa kan jedhamte Mootummaa Waaqayyoo dha. Hiikni isaa iccitiis Raamaa kan jedhamte Mootummaan Waaqayyoo Amantaa qabatee, hojii gaarii hojjetee kan keessa seenu dhabdee ni gadditi, ni boossi jechuudha.
Bara kanatti kan barbaachisu waan biraa osoo hin taane Imimmaan Raaheel dha. Addunyaan gidiraadhaan guutamtee waan taateef, namni bilisni keessa hin jiru waan ta’eef. «Gowwoonni garaa isaaniitti, “Waaqayyo hin jiru” in jedhu; isaan amalli isaanii manca’aa dha, hammina ciiggaasisaa hojjechaa jiru, namni waan gaarii godhu tokko illee hin jiru. Ogeessonni Waaqayyoon barbaadan, yoo jiraatan arguudhaaf jedhee, Waaqayyo bantii waaqaa keessaa, ilmaan namootaa gad in ilaala; hundinuu dugda itti gataniiru, hundinuus wal ga’anii manca’aniiru; namni gaarii godhu tokko illee hin jiru, lakkii, tokko iyyuu hin jiru. “Warri hamaa hojjetan hundinuu homaa hin hubatanii? Warri akkuma buddeena nyaatan saba koo nyaatanis, Waaqayyoon hin waammatanii» akkuma jedhu. Faaruu. 52/53:1-4.
Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam mucaa ishee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos fi Yooseef waliin ta’uun waa’ee yeroowwan godaansaan Gibtsii keessa itti turanii Wangeelaawwiin Yohaannis mul’ata isaatiin akkuma arge akkas jedha «Aduu kan uffatte, Addeessa miila isheetii gadi kan godhatte, mataa ishee irrattis Goonfoo kan godhatte Dubartii tokkotu turte ………» Mul. 12:1-6.
Dubartittiin haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yoo taatu Jawwichi ammoo Heeroods irra bulee daa’imicha ajjeesuuf kan barbaadeefi kan godaansise diina keenya Diyaabiloosidha.
Egaa haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilma ishee, Yooseef fi Solomee waliin yeroowwan isheen itti godaansaan turan guyyoota 1,260 ykn waggaa sadii fi walakkaa dha.
Barreeffamni keenya waa’ee Dhumaatii Daa’imman Beetaliheem irratti dhiyaate, kan Imimmaan Raaheel fi Daa’imman Beetaliheem irratti xiyyeeffatu kana fakkaata ture.
Channel keenya WhatsApp join taasisaa!
Eebbi daa’imman Beetaliheem kanneenii nurra haa bulu!
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!
The post Dhumaatii Daa’imman Beetaliheem fi Imimmaan Raaheel first appeared on Qubee Online +.
Duuka Bu’oota Qulqulluu Yaa’iqoob fi Qulqulluu Indiriyaas
Seenaa Duuka Bu’oota Qulqulluu Yaa’iqoob fi Qulqulluu Indiriyaas
Duuka Bu’oota keessaa kan ta’aan Qulqulluu Yaa’iqoob Obboleessa Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii fi Qulqulluun Indiriyaas eenyu fa’i?. Seenaa fi Qabsuura isaanii guutummaa barreeffama kanaa irraa argattu.
Duuka Bu’oota keessaa tokko kan ta’e Qulqulluu Yaa’iqoob (Obboleessa Qulqulluu Yohaannis)
Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa Yaa’iqoob jedhamuun kan waamaman;
1. Yaa’iqoob ykn Israa’eel ilma Ribqaa fi Yisihaaq Abbaa ijoollee Israa’eel kudha lamaanii. Uma. 25:19-34, 27.
2. Duuka Bu’icha Qulqulluu Yaa’iqoob ilma Zabdewoos fi obboleessa Qulqulluu Yohaannis. Maat. 10:2.
3. Yaa’iqoob ilma Ilfiyoos Duuka Bu’oota keessaa tokkodha, yeroo tokko tokko Yaa’iqoob isa xiqqicha ykn Yaa’iqoob Xiqqoo jedhamee ni waamama, Maat. 10:3, Marq. 15:40
4. Abbaa Duuka Bu’icha Yihudaa, Luq. 6:16, HDB. 1:13
5. Obboleessa gooftaa, Maat. 13:55.
Madda :- Galmee jechootaa Kitaaba Qulqulluu
Duuka Bu’oota keessaa tokko kan ta’e Qulqulluun Yaa’iqoob eenyudha?
Qulqulluun Yaa’iqoob Obboleessa hangafaa Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwiiti. Hojiin isaa jalqabaas Abbaa isaa (Zabdewoos) fi obboleessa isaa Qulqulluu Yohaannis waliin Qurxummii kiyyeessuu ture. Galaana Galiilaa qarqaratti Abbaa isaanii Zabdewoos waliin Qurxummii yeroo kiyyeessan Qulqulluu Pheexiroos fa’aatti aananii waamaman.
Hoggasuma Abbaa isaanii Zabdewoos fi Qurxummii kiyyeessuu dhiisanii Gooftaa duukaa bu’an. Qulqulluun Yaa’iqoob fi obboleessi isaa Qulqulluun Yohaannis hojii fi hawwiin isaanii guddaa fi humni kan itti guutame waan tureef (Luq. 9:49, 54, Marq. 10:37) «Boo’eeneergees» ykn «Ijoollee Qaqawweessaa» jedhamaniiru.
Qulqulluun Yaa’iqoob Duuka Bu’oota Utubaa ykn Duuka Bu’oota iccitii keessaa tokko ta’uu Isaatiin Dabra Taaboritti, Gooftaan keenya Mana Iyaa’iroositti seenee yeroo fayyisu fi Geeteesemaaniitti argameera.
Duuka Bu’oota Utubaa ykn Duuka Bu’oota iccitii kan jedhaman sadan; Qulqulluu;
Pheexiroos
Yaa’iqoob ilma Zabdewoos fi
Yohaannis ilma Zabdewoosidha.
Qulqulluun Yaa’iqoob tarree lakkoofsa Duuka Bu’ootaa keessatti;  Wangeela
Maatewoos irratti sadarkaa sadaffaa irratti,
Maarqoos irratti ammoo sadarkaa lammaffaa irratti
Luqaas irratti ammoo sadarkaa sadaffaa irratti ka’aameera.
Akkasumas Kitaaba Hojii Duuka Bu’ootaa irrattis sadarkaa sadaffaa irratti barreeffamee argama. Obboleessa Gooftaa kan ta’e Yaa’iqoob irraa adda baasuufis Yaa’iqoob isa guddicha ykn Yaa’iqoob ilma Zabdewoos jedhamee ni waamama.
Qulqulluun Yaa’iqoob kan jiraateefi kan boqote magaalaa Iyyerusaaleemitti. Jaarraa 17ffaa dhaa asitti garuu galmeewwan Seenaa tokko tokko Qulqulluun Yaa’iqoob Wareegamummaadhaan boqochuu isaatiin dura Ispeenitti akka lallabe dubbatan argamaniiru.
Biyyuma kanatti namoota torba muudee yeroo deebi’u Magaalaa Iyyerusaaleemitti Wareegamummaan akka boqote Abbootiin ykn Beektonni Ispeen ni dubbatu. Inumaayyuu bara giddu galeessaatti Lafee ykn Ekeraa isaa Iyyerusaaleemii fuudhanii Ispeen Saantiyaagootti kan ka’aan ta’uu isaanii bakka itti ka’aame agarsiisaa ragaa ni ba’u.
Qulqulluu Yaa’iqoob fi Falfaltoota Lamaan
Filiixoos kan jedhamu falfalaan ykn Xonqaayiin Lallaba Qulqulluu Yaa’iqoobiin amanuu isaa hiriyaa isaa Heroomogeeniisitti hime. Heroomogeeniisis ol aantummaa mataa isaa agarsiisuuf jedhee harkaa fi miila Filiixoos asmaatii ykn falfala ykn Xonqolaa dhaan ni hidhe. Filiixoosis wanta isa irra gahe hunda tarreessee Qulqulluu Yaa’iqoobiif erge.
Kana kan dhaga’e Heroomogeeniisis Qulqulluu Yaa’iqoob hidhanii akka isaaf fidaniif Asmaatiidhaan Seexana ykn Agaanintii itti erge. Seexana ykn Agaanintiin ergaman sun garuu Qulqulluu Yaa’iqoob irratti humna waan hin qabneef wanta ergamaniif raawwachuu hin dandeenye. Marq. 16:17. Inumaayyuu Qulqulluun Yaa’iqoob deebisee Heroomogeeniis akka isaaf fidan isaan ajaje. Isaanis harkaa fi miila isaa hidhanii qabanii gara Qulqulluu Yaa’iqoobitti dhufan. Yeroo sanattis Qulqulluun Yaa’iqoob Filiixoos hiike.
Filiixoos Kiristaana waan ta’eera waan ta’eef Heroomogeeniisiif dhiifama ykn araara kadhateef. Qulqulluun Yaa’iqoobis «Nuti hamaa hamaadhaan waan hin mormineef, Seexanaan rakkachaa akka hin jiraanneef Kiristoos irraa araara siif kadhanneerra» jechuudhaan Heroomogeeniis hidhaa isaa irraa akka hiikamu taasise.
Wareegamummaa Qulqulluu Yaa’iqoob | Duuka Bu’oota
Abbootiin akka barsiisanitti Duuka bu’ichi Qulqulluun Yaa’iqoob umuriin isaa deemee waan tureef akka Duuka Bu’oota warra kaaniitti baay’ee naanna’ee hin barsiisne. Teessoon isaas magaalaa Iyyerusaaleemitti ture.
Namni Ayihuudii tokko Lallaba Qulqulluu Yaa’iqoobiin waan aareef dubbii uumee isa himatee Shangoo Ayihuud fuulduratti isa dhiyeesse. Qulqulluun Yaa’iqoob garuu sodaa fi qaanii malee waa’ee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Shangoo sana fuulduratti ragaa bahe.
Kanaanis garmalee kan aare Mootichi Heeroods Agriphaan bara 44 Dh.K.B Qulqulluu Yaa’iqoob Sayifiidhaan ajjeesise. HDB. 12:2. Qulqulluun Yaa’iqoob namichi himatee ture sun garuu jaalalaafi cimina Qulqulluun Yaa’iqoob Amantaa isaatiif qabu arguu isaatiin Qulqulluu Yaa’iqoob himachuun isaa isa gaabbisiise. «Ani akka Qulqulluu Yaa’iqoobitti Kiristaanadha. Gooftaa isa Iyyesuus Kiristoositti nan amana» jechaa daandii irra naanna’ee ragaa bahuu jalqabe. Sababa kanaanis innis mormi isaa Sayifiin muramee Wareegamummaan boqote.
Qulqulluun Yaa’iqoob Duuka Bu’oota keessaa Wareegamummaan isaa Kakuu Haaraa keessatti kan barreeffameef Duuka bu’aa isa jalqabaa ykn Kitaabolee Kakuu Haaraa keessatti Wareegamummaan Duuka Bu’ootaa kan barreeffame kan Qulqulluu Yaa’iqoob qofaadha. Duuka Bu’oota keessaas Goonfoo Wareegamummaa isa jalqabaa kan argate isadha.
Qulqulluu Indiriyaas (Duuka Bu’oota)
Qulqulluun Indiriyaas Duuka bu’aa jalqaba irratti waamamedha. Yoh. 1:35-45. Obboleessa Qulqulluu Pheexiroos yoo ta’u dhaloonni isaas Beeta Sayidaatti. Jalqaba irratti Duuka bu’aa Yohaannis Cuuphaa ture. Ta’us garuu Yohaannis Cuuphaan «Cubbuu Addunyaa kan dhiisisu Hoolaan Waaqayyoo» jedhee waa’ee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo ragaa bahu yeroo dhaga’etti Iyyesuus Kiristoos duuka bu’e.
Beeta Sayidaa jechuun maal jechuudha? Eessatti argamti?
Beeta Sayidaa  «Mana nama Qurxummii kiyyeessuu» jechuudha.
1. Galaana Galiilaa irraa gara Kaabaatti gara lagni Yordaanoos galu qarqaratti magaalaa argamtudha. Isheenis biyya Qulqulluu Pheexiroos, Indiriyaas fi Filiiphoos dha. Yoh. 1:44-50, 12:21. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Beeta Sayidaatti nama Iji isaa jaamaa ta’e fayyise, Marq. 8:22-26. Ta’us garuu Magaalaan sun barumsa isaa hin fudhanne. Luq. 10:13.
2. Heeroods Filiiphoos tarii magaalaa kana, ykn Beeta Sayidaa kan jedhame magaalaa kan biraa irra deebiin karaa Bahaatti ni hojjete, Kiristoos naannoo magaalaa kanaatti kan argamu lafa onaatti namoota kuma shan soore. Luq. 9:10-17.
3. Iyyerusaaleem keessatti ammoo Beeta Sayidaa kan jedhamtu Iddoon Cuuphaa dhukkubsattoota jirti turte, Yoh. 5:2. Garuu maqaan ishee «Beeta Sayidaa» osoo hin taane «Beeta Seehaadaa» ykn «Beeta Zaaraa» kan ture fakkaata, hiikni isaas «Mana araaraa» jechuudha.
Maqaan Duuka bu’aa kanaas yeroo 12 Wangeela keessatti, yeroo tokko ammoo Kitaaba Hojii Duuka Bu’ootaa keessatti caqasamee ykn barreeffamee argama. Qulqulluun Indiriyaas tarree maqaa Duuka Bu’ootaa keessatti; Wangeela;
Maarqoos fi Hojii Duuka Bu’ootaa keessatti Arfaffaa irratti
Maatewoos fi Luqaas irratti ammoo lammaffaa irra ka’aameera.
Duuka Bu’ichi Qulqulluun Indiriyaas maqaawwan garaa garaatiin beekama;
Pirootookileetoos :- kan waamame jechuudha. Kiristaanonni jalqabaa maqaa kanaan isa waamu ture. Dursee Duuka bu’ummaaf waan waamameef ta’uu hin oolu.
Haala mijeessaa (አስተባባሪ) :- nama waliin dandeettii walii galuu waan qabuuf Duuka Bu’oota biratti akka haala mijeessaatti ykn akka «aastebaabariitti» lakka’ama ture.
Bultoo Maatii :- Bultoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos erga arge booda deebi’ee obboleessa isaa Qulqulluu Pheexiroositti himuu isaatiin fi Missiraachoo sana maatii isaatti himuu isaatiin «Duuka Bu’aa Maatii» ni jedhama.
Duuka Bu’aa Dargaggootaa :- Qarqara Galaana Xibriyaadoositti ganamaa hanga galgalaatti uummata ykn saba barachaa tureef Gooftaan nyaata yeroo gaafatu fi Duuka bu’ichi Filiiphoos uummata sana hundaaf kan gahu Biddeen akka hin jirre yeroo deebisetti ykn yeroo dubbatetti, Qulqulluun Indiriyaas garuu Biddeen Garbuu shan fi Qurxummii lama kan qabate dargaggeessa cimaa sana gara Gooftaatti dhiyeessee eebbisiiseera. Yoh. 6:6-7. Kanaanis «Duuka Bu’aa Dargaggootaa» jedhamee ni waamama.
Duuka Bu’aa Ahizaabota Jaallatu :- Gooftaa keenya arguuf kan barbaadan Ahizaabota karaa qomoo Giriikii turan fudhatee Gooftaa waliin walitti isaan fideera waan ta’eef. Yoh. 12:20-22.
Duuka Bu’oota keessaa tokko kan ta’e Wareegamummaa Qulqulluu Indiriyaas
Barreessaan Seenaa Mana Kiristaanaa Awusaabiyoos akka ibsetti Qulqulluun Indiriyaas yeroo durii bakka Iskutees har’a ammoo Ruusiyaa ykn Raashiyaa iddoo jedhamtutti Wangeela lallabeera. Biyyi kun akka waamama Addunyaa isa duriitti Baroobaaroos jedhama ture. Galaana Gurraacha irraa gara Kaabaatti laggeen Daanaayuub fi Taanaayoos gidduutti argamti. Kana boodas Galaatiyaatti fi Ruumaaniyaatti barsiiseera. Hangafa Phaaphaasii Qusxanxiiniyaa isa jalqabaa ta’uun isaas ni himama.
Dhuma irrattis Giriikii keessatti osoo barsiisuu daandii Akaayiyaatti bakka ykn iddoo Phaaxriis jedhamtutti bara 60 Dh.K.B, Mudde 4 wareegamummaan boqoteera. Namoonni biyya sanaa Fannoo akka Gooftaa irratti isa fannisuuf yeroo dhufan «Fannoo akka Gooftaan koo irratti fannifame irratti na hin fannisiinaa» jedhee Fannoo bifa Qubee Afaan Ingiliizii «X» qabu irratti fannifamee du’e.
Bara 357 Dh.K.B Mootichi Qosxanxiinoos Ekeraa Qulqulluu Indiriyaas Phaaxraa irraa gara Qusxanxiiniyaatti fichisiise. Jaarraa 8 ffaa keessa ammoo Monokseen Reeguuloos jedhamu quba harka mirgaa isaa gara Iskootlaanditti fudhate. Iskootlaandonni eegaa keenyadha (Patron) jedhanii kan isa kabajan kanaafidha.
Channel keenya WhatsApp join taasisaa!
Eebbi Qulqulloota kanaa nurra haa bulu!
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!
The post Duuka Bu’oota Qulqulluu Yaa’iqoob fi Qulqulluu Indiriyaas first appeared on Qubee Online +.
Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge
Ergaa Qulqulluu Phaawuloos Gara warra Roomeetti erge
Mata duree kana keessatti waa’ee Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge waliin ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!
Seenaa Magaalaa Roomee
Roomeen yeroo durii Roomiya jedhamti turte. Bara 730 DH.K.D Numitoor kan jedhamu Mootiin Roomee Mootii ta’e. Innis ilma aangoo isaa isaaf dhaalu waan hin qabneef namoonni biyya sanaa «Ilmi obboleettii keetii si dhaala» yaada jedhu qabu ture. Boodarras obboleettiin isaa Reeyabalbiyaan ijoollee ishee lakkuu da’uu ishee yeroo dhaga’u yaadni jedhame sun (Ilmi obboleettii keetii si dhaala) gahe jedhee sodaate.
Isaanis argun barbaada jedhee ijoollee sana erga gara isaatti fichisiise ykn erga gara isaatti akka dhufan taasise booda Qircaatii keessa kaa’ee harka Loltootaatti isaan gachisiise. Ijoollee sanas qonnaan bulaan tokko yeroo isaan boo’an argee gara mana isaatti fudhachuun namoota waraanaa ykn loltuu taasisee isaan guddise.
Ijoolleen kun lamaan erga guddatan booda Mootii Room Amoolewoos jedhamu injifatanii magaalittii qabachuun Mootota ta’aanii irratti moo’an. Ta’us garuu obboleessi isaa Roomuloos jedhamu obboleessa isaa Roomaanoos jedhamu ajjeesee kophaa isaa Mootii ta’uudhaan magaalittii Room jedhee maqaa isaatiin maggaase.
Dhaloota Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dura waggoota 61 dursee Paampee kan jedhamu bitaan ykn mootiin Roomaawwii Sooriyaa bitu ykn Sooriyaa bulchu karaa Damaasqoo darbee Ayihuudota waliin wal waraanuun Iyyerusaaleem erga qabate booda Ayihuudota booji’ee gara Roomeetti waan isaan fudhateef ykn waan isaan geesseef jiraattota Room keessa Ayihuudonni hedduun ni jiru ture.
Room Mootummaa guddoo yeroo turteerti namni lamummaa Room qabu tokko Mootummaa Room keessatti mirga addaa qaba ture. Namni lamummaa Roomee qabu yeroo balleessaa balleessee qoratamu Qanceedhaan hin garafamu, murtiin du’aa yeroo irratti murteeffamu morma isaatu Sayifiin murama malee hin fannifamu ture. Qeesaariifis mirga ol iyyannoo dhiyeeffachuu ykn gaafachuu qaba ture.
Namni tokko Mana Roomaawwiitti ykn mana nama Lamummaa Room qabuutti dhalachuun, lamummaa qarshiidhaan bituudhaan ykn Mootummaa isaa tajaajiluudhaan lamummaa Room argachuu ykn Roomaawwii ta’uu ni danda’a ture. Qulqulluun Phaawuloos lamummaa isaa Roomitti fayyadameera. HDB. 16: 37-39, 22:25-29, 23:27, 25:10-12.
Afaan warra Roomaanotaa kunis «Roomaayisxii» jedhama ture. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo lafa irra turetti Afaan Roomaayisxii kun afaan hojii Mootummaa waan tureef, Fannoo Gooftaa keenya irratti barreeffamni barreeffame Afaan Roomaayisxiin ture. Luq.23:38, Yoh. 19:20. Qubeen ykn fiidalli Afaan Roomaayisxii kunis kan Afaan Ingiliffaa waliin wal fakkaata ykn walitti siqa ture. Jechoonni Roomaayisxii baay’een bifa yaadannootiin gara Giriikiitti galanii ykn seenanii Kakuu Haaraa keessatti ni argamu. Isaan kana keessaas muraasni Giriikii irraa gara Gi’iizii fi Amaariffaatti galaniiru, fknf:- «Diinaara» ykn «Diinaar» jecha Roomaayisxiiti.
Magaalaan Room handhuura ykn magaalaa guddoo Mootummaa Room turte. Mootummaan Roomis babaldhachaa deemee Kiristoos yeroo lafa irra turetti ykn Iyyesuus Kiristoos yeroo lafa irra deddeebi’aa turetti biyya Ingiliizii kaasee Israa’eel dabalachuun hanga Biyya Arabaatti yeroo sanatti Addunyaa beekamaa ni bita ture. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Philaaxoos fuulduratti kan dhiyaateefi Qulqulluun Phaawuloos Qeesaaritti ol iyyannoo kan dhiyeeffate ykn ol iyyannoo kan gaafate Israa’eel qaama Mootummaa Room keessaa ishee tokko waan turteef ykn Israa’eel Mootummaa Room jalatti bulaa waan turteefi. Maat. 27:1-2, HDB. 25:11.
Bara Qulqulluu Phaawuloositti ykn bara Qulqulluu Phaawuloos turetti magaalaan Room uummanni naannoo Miiliyoona tokkotti siqu kan keessa jiraatanii fi gamoowwan gurguddoo hedduudhaan magaalaa miidhagde turte. Mootummaan Room nageenyaa fi firdii ykn murtee uummata hedduuf waan kenneef jaallatamaa ture. HDB. 17:7. Iyyesuus Kiristoos fi Duuka Bu’oonni Mootummaa Roomiif kabaja ni agarsiisu turan. Luq. 20:25, HDB. 24:10, Roomee 13:1-7, 1 Pheex. 2:13-14. Ta’us garuu Amantoonni ykn Kiristaanonni Qeesaariin caalaatti Waaqayyo waan kabajaniif Mootummaa Roomiin Godaansi isaanirra gahe, Kiristaanonni hedduunis hammeenyaan ni ajjeefaman. Akka Seenaa Mana Kiristaanaatti Bara Mootummaa Qeesaar Neeroonitti Qulqulluu Phaawuloos fi Qulqulluu Pheexiroos irratti murtiin du’aa Magaalaa Roomitti itti murteeffame.
Bara 395 Dh.K.B mootiin moototaa Room Tewoodoosiyoos jedhamu yeroo du’etti Mootummaan isaa iddoowwan lama Bahaa fi Lixaatti qoodame. Bara 410 Dh.K.B hoogganaan diina Room Alaarik jedhamu Room waraanee ni injifate, aangoo ishees ni haqe. Magaalaan kun hanga hardhaatti jirti, hardhas magaalaa guddittii Biyyaa Xaaliyaaniiti.
Mana Kiristaanaa Room
Bataskaana Room kan hundeesse eenyu akka ta’e hin beekamne. Mana Kiristaanaa Room kana kan hundeesse Qulqulluu Phaawuloosidha akka hin jenneef ragaa gahaan hin jiru, Roomee 15:20-24. Akkasumas Qulqulluu Pheexiroos ykn Duuka bu’aa biraatu hundeesse akka hin jedhamneefis akkasuma. Afuurri Qulqulluu gaafa guyyaa Shantammaffaatti yeroo bu’e namoonni Roomee Iyyerusaaleem akka turan ibsameera, HDB. 2:10.
Lallaba Qulqulluu Pheexiroosiin Wangeela dhaga’aanii ykn baratanii gara Roomitti kan geessisaniifi Mana Kiristaanaas Roomitti kan hundeessan isaan ta’uu akka hin oolle ni himama.
Qulqulluun Phaawuloos bara 52 Dh.K.B tti Ateenaadhaa bahee gara Qoronxoositti yeroo deemetti labsii Qalaawudiyoos Qeesaariin Roomee irraa godaananii kan dhufan Aqilaa fi haadha manaa isaa Phirsiqilaa arge. Isaan waliinis waggaa tokkoofi ji’a Ja’a kan ta’u ture. Aqilaas fi Phirsiqilaanis waa’ee Kiristaanota Roomee jiranii Qulqulluu Phaawuloositti himan. Kiristaanonni Roomee kunneen Ayyaana guyyaa shantammaffaatti Lallaba Qulqulluu Pheexiroosiin kan amananii (HDB. 2:10) fi sababoota garaa garaatiin Kiristaanota gara Roomeetti seenaniin kan isaaniif lallabamedha.
Amantoonni ykn Kiristaanonni Mana Kiristaanaa Roomee karaa lama ykn qomoo lama irraa kan argaman turan :- Ayihuudotaa fi Ahizaabota irraa. Lamaan isaaniiyyuu Kiristaanummaadhaan ijoollee Mana Kiristaanaa tokkottii ta’uu isaanii irraanfatanii bartee fi aadaa isaanii durii irratti wal mormuu jalqaban ykn mormii uuman. Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Roomeef ergaa isaa barreessuuf kan ka’e sababa kanaan ykn sababa kanaaf ture.
Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Roomee keessaa namoonni inni beeku waan hin jirreef Aqilaa fi Phirsiqilaan Kiristaanota magaalittii keessaa maqaa tokko tokkoon isaanii kennaniif. Innis ergaa isaa qopheessee tajaajiltuu ykn Aqqaabit (ዐቃቢት) Mana Kiristaanaa Ankiraa’oos kan turte harka Feebeeniin naannoo bara 54 Dh.K.B tti eegeef. Roomee 16:1.
Ergaan Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge kun Ergaa Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Roomeef barreessedha. Qulqulluun Phaawuloos gara Roomeetti deemee hin beeku ture. Waldaa ykn Mahaabara achi jiru isa miti ture kan hundeesse. Roomee 15:20-22. Yaada gara Ispeenitti deemuu qaba
waan tureef Room gahuu isaatiin dura Wangeela inni barsiisu ibsuufii barbaade. Manni Kiristaanaa Roomitti Ayihuudonni fi Ahizaabonni waliin yeroo jiraatan uummanni Israa’eel Wangeela fudhachuu dhiisuu isaaniitiin kaayyoo Waaqayyoo irratti gaaffiin baay’een akka ka’e kan ibsan ykn agarsiisan ergaa isaa irratti kan argaman muraasa miti, keessattuu boqonnaa 9-11. Ergaan kun ergaawwan Qulqulluu Phaawuloos kaan irra caalaatti waa’ee Wangeela Kiristoos ibsa bal’aa ni kenna. Ta’us garuu waa’ee Mana Kiristaanaa fi waa’ee dhufaatii lammaffaa yaadni baay’een keessatti hin muldhatu.
«Qajeelaan Amantiidhaan jiraata» kan jedhu jechi Imbaaqoom dubbate ergaa kana irratti caqasa bu’uuraati. 1:17.
Yaadni ijoon Duuka bu’ichaa qajeelaa Waaqayyoo kan ilaallatu yoo ta’u, waa’ee ol aantummaa Waaqayyoo fi waa’ee Amala Waaqayyoo, waa’ee eenyummaa fi hojii Kiristoos, waa’ee qaamummaa Afuura Qulqulluu fi hojii isaa, waa’ee Ayihuud fi Ahizaabotaa, waa’ee kennaa fi seeraa, waa’ee amantii fi hojii, waa’ee Afuuraa fi Foonii barumsi inni kenne Keeyyata garaa garaatiin tasa yeroo ba’u ni mul’ata. Haalli dhiyeessa (አቀራረብ) kitaabichaa akka bishaan laga guddaatti wal qabatee kan dhangala’u ta’uyyuu seensa isaa fi guduunfaa isaa gidduutti kutaalee gurguddoo shan ilaaluu dandeenya.
Qoqqoodama Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge
Seensa:- Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge kana yeroo qoqqoodama isaa ilaallu. Kitaabni Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge kun qabiyyeewwan armaan gadii qaba. Waamicha Qulqulluu Phaawuloos, Wangeelaa fi walitti dhufeenya Mana Kiristaanaa Room waliin qabu, yaada ijoo Ergichaa ykn Kitaabichaa – 1:1-17
1. Waaqayyo nama dheekkamsaan konnone (Namni dheekkamsa Waaqayyootiin konnoname) :- 1:18-3:20
Ahizaabota (1:18-32), Ayihuudota (Boq. 2), namoonni hundi sababa cubbuu isaaniitiin dheekkamsa Waaqayyootii gadidha. 3:1-20
2. Waaqayyo nama kennaadhaan qajeelche ykn (አጸደቀ) (Namni kennaa Waaqayyootiin tsaddaqe) :- 3:21-7:25.
Tsidqiin Waaqayyoo ;
A). Du’a Kiristoosiin ibsameera (3:21-26)
B). Karaa Amantiitiin ni kennama (3:27-31)
C). Cubbamaadhaaf ni lakka’aamaaf (4:1-12)
D). Karaa Amantiitiin ni lakka’aamaaf (4:13-25)
E). Amantoota gara Qajeelummaatti geessisa (5:1-11)
F). Firdii Addaam irraa bilisa nama baasa (5:12-21)
G). Humna Cubbuu jalaa nama baasa (Boq. 6)
H). Aangoo seeraa jalaa nama hiika (Boq. 7
3. Waaqayyo nama jaalalaan kabaje (Namni Jaalala Waaqayyootiin kabajame) :- 8:1-39.
Amanaan kunanee jalaa bahee humna Afuura Qulqulluutiin jireenya haaraatiin ni jiraata (8:1-17), Abdii isa hin bannes yoo qabaatu, qabaachuu isaatiin jajjabaachuun isarraa eegama (8:18-39).
4. Waaqayyo nama araaraan filate (Namni araara Waaqayyootiin filatame) :- 9:1-11, 9:36.
Israa’eel kufuyyuu jechi Waaqayyoo hin shaaramne. Waaqayyo «kan jaallatu ni dhiisaaf, kan jaallatus Abbaa Xiiqii taasisa» (9:18) kan jedhu yaada guduunfaa boqonnaa 9 arganuyyuu, Israa’eeloonni amanuu dhiisuu isaaniif wanta irraa eegamu (ሀላፊነት) kan qaban yoo ta’u Manni Kiristaanaa garuu Wangeela hundumatti himuu ykn Missiraachoo isaa labsuu qabdi. Boq. 10. Kufaatii Israa’eel irraa kan ka’e Ahizaabonni gara nageenyummaatti gahaaniiru waan ta’eef fayyinni isaanii warreen kufan Israa’eelotaaf daandii fayyuu ta’a. Kanaafuu kaayyoon ykn karoorri Waaqayyoo Israa’eeliifis ta’e Ahizaabotaaf ni raawwatama. Boq. 11.
5. Waaqayyo nama ol aantummaadhaan isa kaase (Namni ol aantummaa Waaqayyoo dhaan ol ka’e) :- 12:1-15:13. Wangeela Kiristoos irraa kan ka’e Amanaan;
A). Jireenya mataa isaatiin (12:1-2)
B). Mana Kiristaanaatti (12:3-8)
C). Haala jireenyaa amantootaafi warra hin amanne waliin qabuun (12:9-21)
D). Namoota aangoo kabajuun (Boq. 13)
E). Warra dhadhaban gargaaruun (14:1-15:13) jireenya haaraa jiraachuu qaba.
Guduunfaa :- Qulqulluun Phaawuloos kaayyoo hojii kennameef erga agarsiise booda Iyyerusaaleem akka daawwatuufi gara Ispeenitti deemuuf karoorfachuu isaatiin Manni Kiristaanaa Room deemsa isaatiin akka isa waliin taatu abdii kan qabu ta’uu isaa ibse. Nagaa namoota hedduuf erga dhiyeesseefi waa’ee warra Sobdootaa akeekkachiisa erga kenne booda Waaqayyo galateeffachuun ergaa isaa xumure.
Waa’ee Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge kan kutaa kana keessatti qabannee dhiyaanne kana fakkaata ture. Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge kana irraa waan guddaa akka baratan abdii qabna.
Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!
The post Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge first appeared on Qubee Online +.
Seenaa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos
Duuka Bu’aa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos
Seenaa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos kutaa kana keessatti ni ilaalla. Duuka Bu’aan, Wangeelaawwiin Qulqulluun Maatewoos eenyudha? Seenaa fi qabsuura isaa akkasumas Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos kutaa kana keessatti ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!
Seenaa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos
Akka Tiwuufiitii Mana Kiristaanaa keenyaatti Abbaan Qulqulluu Maatewoos Diquu, haati isaa ammoo Kiruutisiyaa jedhamu. Wangeela Maarqoos irratti garuu maqaan Abbaa isaa Ilfiyoos jedhamee waamameera ykn barreeffameera. Marq. 2:14. Kunis maqaa biraa Diquuti jechuudha.
Maqaan Qulqulluu Maatewoos jalqabaa Leewwii yoo ta’u, maqaa Maatewoos jedhu kan baaseef Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha, hiikni isaas «Kan filatame» jechuudha. Tarree Duuka Bu’ootaa keessatti Wangeela isaa ykn Wangeela Maatewoos fi Hojii Duuka Bu’ootaa keessatti tarree lakkoofsaa 8ffaa irratti, akkasumas Wangeela Maarqoos fi Wangeela Luqaas irratti ammoo tarree lakkoofsa 7ffaa irratti ka’aameera ykn barreeffameera.
Qulqulluun Maatewoos hojiin isaa jalqabaa Qaraxxuu ykn Gibira sassaabuu yoo ta’u bakki inni itti hojjechaa tures galaana Galiilaa qarqaratti kan argamtu Magaalaa Qifrinnaahoomitti ture. Daandii guddaa Gabaa Qifrinnaahoomii gara galaana Galiilaatti geessu qarqara suuqii banee daldaltoota Gibira kaffalchiisa ture. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo naannoo sanatti barsiisu gara iddoo hojii isaatti siqee «Na duuka bu’i» jedheen. Qulqulluun Maatewoosis hiyyeessota tolaan kan nyaachisu, dhukkubsattoota tolaan kan fayyisu yeroo argatu ajaa’ibsiifatamee hojii isaa hunda dhiisee Gooftaa duuka bu’e.
Abbootiin keenya Qulqulluun Maatewoos Duuka bu’aa dhaabbiitti Tazkaara isaa baasee Gooftaa keenya Duuka bu’e jedhuun. Sababni isaas Duuka bu’ummaaf yeroo filatametti Mana isaatti nyaata qopheessee ykn daggasee Gooftaa affeereera waan ta’eefidha. Maat. 9:10-13.
Duuka bu’ichi Qulqulluun Maatewoos Filisxeemitti, Faarsitti, Baabiloonitti, Itoophiyaatti fi naannoo Arabiyaatti akka lallabe ykn barsiise ni himama. Beektonni Bahaa fi Lixaa baay’een isaanii inumaayyuu ilaalcha Qulqulluun Maatewoos Itoophiyaatti Wareegamummaan boqote jedhu qabu.
Ilaalchi kun garuu dhugaa ta’uu dhiisuu ykn soba ta’uu isaatiif;
1. Itoophiyaatti Tiwuufiitiin ykn sirni barreeffamaa ykn wanti waa’ee kanaa barreeffame hin argamne ykn argamuu dhabuu isaa
2. Ekeraa ykn Atsimiin Minilik 1ffaa fi Mootittii Saabaa yeroo argamu, kan Qulqulluu Maatewoos garuu argamuu dhabuun isa ragaalee gurguddoo ni ta’u.
Inumaayyuu Seenaa Mana Kiristaanaa irratti akka ibsamutti Itoophiyaatti Wangeela dursanii kan lallaban Ayyaana guyyaa shantammaffaa kabajuuf gara Iyyerusaaleemitti deemanii yeroo turetti Lallaba Qulqulluu Pheexiroosiin kan amanan namoota 3000 keessa kan turan Itoophiyaanotaan (Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqeen Kitaaba ykn barreeffama isaa irratti akka ibsetti), itti aansees Jaandarabaa Itoophiyaa Baakoosiini.
Gara Itoophiyaatti dhufuun Qulqulluu Maatewoos isaan kana booda. Biyyoota birootti Kiristaanummaa dursanii kan fudhatan hiyyeessotaa fi namoota sadarkaa gadii (low class) irra jiran yoo ta’aan, Itoophiyaatti garuu dursee raajii Kakuu Moofaatti ture ni beekus, ni eegus waan tureef, Kiristaanummaan dursee kan lallabame naannoo Moototaatti (upper class) dha.
Jaandarabaan Itoophiyaas ajajaa ykn to’ataa maallaqaa Mootittii Hindaakee ta’uun isaatiin inni kan fudhate amantii isaa dhiitee Maatewoos Wareegamummaaf geessisuu hin danda’u. Inumaayyuu Itoophiyaanota Saba Kiristaanaa Addunyaa kaanirraa kan adda isa taasisu dhiigni Duuka bu’aa tokkoyyuu osoo keessatti hin dhangala’iin amanuu isaaniiti.
Itoophiyaatti Barsiisuu Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos
Qulqulluun Maatewoos Itoophiyaatti Wangeela barsiiseera. Barreessaan Seenaa Mana Kiristaanaa Ruufiyaanoos kana dhugoomseera. Beektonni biyya keenyaas kan barsiise naannoo Lixa Tigiraay iddoo Adwaa jedhamu  maqaan isaa addaa Naa’itseer iddoo jedhamutti ta’uu ni barsiisu. Kitaabni Sinkisaaraa Afaan Arabiffaan barreeffame tokko fuula 76 irratti Wangeelaawwiin Qulqulluun Maatewoos Tigiraayitti akka lallabe ni ibsa.
Beektonni Mana Kiristaanaa kanaaf ragaan isaan dhiyeessan kan biraa Wangeela Maatewoosidha. Qulqulluun Maatewoos Wangeelaawwiin kaan irraa adda bahee Seenaa Sabi’aa Saggal ykn namoota ogeeyyii kan barreesse biyyoota kanatti barreessuu isaatiini.
«Mootonni Xarsees fi Eddoolotaa kennaa ni fidu, Mootonni Arabaa fi Saabaa kennaa ni fidu» Faaruu 71(72):10.
Xarsees fi Eddoolota – Faars fi Baabiloon
Arabaa fi Saabaa – Yamanii fi Itoophiyaa dha.
Bara durii irraa kaasee kutaan ykn biyyi Itoophiyaa irraa gara bahaatti jiru hanga Hindiitti Baha jedhamee waamama. Maatewoos Wangeela isaa irratti «Baha irraa kan dhufan» kan jedhe kanumaafi.
Qabsuurri Duuka Bu’ootaa Qulqulluun Maatewoos Giriikiitti (iddoo Xaa’otiin Aphooloon jedhamu itti Waaqeffamaa ture) akka barsiise ni dubbata. Dhuma irratti garuu Filisxeemitti yeroo barsiisu barumsa Ayihuudotaa fi Ahizaabotaa yeroo mormu, dhukkubsattoota yeroo fayyisu, hafuurota hamoo yeroo baasu arguu isaatiin namoonni biyya sanaa gara Mana hidhaatti isa darbatan.
Qulqulluun Maatewoosis Mana hidhaa keessa osoo jiruu namni akkuma isaa hidhamee jiru tokko itti dhufe ykn wal argan. Namichi hidhame kunis yeroo hunda gadda baay’isa. Duuka Bu’ichi Qulqulluun Maatewoosis guyyaa tokko itti siqee isa jajjabeessee, maalif akka gaddus isa gaafate. «Gooftaan koo Sooressadha! Anis Doonii isaatiin deddeebi’een isaaf daldala ture. Tibba darbe garuu yeroon daldalaa deebi’u naaf hin taane, dambaliin ka’ee Dooniin koo meeshaalee ishee waliin ni dhidhimte, qarshii koos galaanni ni nyaate. Anis rakkoo meeqaan hafeen ykn ooleen  dhufe Gooftaa kootti wanta ta’e hunda ittin hime, inni garuu rakkoo narra gaheen naaf gadduu dhiisee, hafuu kootiin gammaduu dhiisee Doonii isaa anaan dhiisuun isheetiin aaree Mana hidhaatiif na saaxile» jedheen.
Qulqulluun Maatewoosis «Hin gaddiin guyyoota muraasa booda si gadhiisa» jechuudhaan wanta eenyuyyuu itti himee hin beekne, innis wanta gonkumayyuu yaadee hin beekne itti dubbate. «Gooftaan kee si adabuu ni dhufa, yeroo kanatti ‘maaloo Dooniin kee Galaana keessaa baheera waan ta’eef siin fida’ jedhiin gara Galaanichaatti yeroo buutu Doonii kee ni argatta» jechuudhaan isa tasgabbeesse.
Wanti Qulqulluun Maatewoos itti dubbate hin hafnee guyyoota muraasa booda Sooressi sun isa adabuuf tajaajilaa isaa waame. Innis akka obsuufi akka yeroo kennuuf kadhate. Tajaajilichis gara Galaanaatti bu’e. Dooniin sun Galaana irra meeshaalee ishee hunda waliin deemaa jirti. Innis oofaa dhufee Sooressicha sanaaf wanta daldale hunda kenneef. Sooressi sunis wanta ta’e hunda akka itti himuuf tajaajilaa sana gaafate. Tajaajilaan sunis «Duuka Bu’aa Gooftaa Iyyesuus Kiristoos kan ta’e Maatewoos Doonii koo akkamitti akkan argadhu natti hime, akkuma inni naan jedhettis nan argadhe.» jechuun deebiseef. «Ofii inni eessatti argama?» jedhe gaafate Sooressichi «Mana hidhaa sana keessatti Wangeela Lallabaa jira» jedheen tajaajilichi.
Sooressi sunis Maatewoos waamsisee Kiristaanummaa barachuun amanee cuuphame. Maatiin isaas isa hordofan. Oduun sunis guutummaa Magalittiitti wal gahe. Aanga’oonni kana dhaga’aanis Maatewoos mootichatti himatan. Mootichis aanga’oota sanaan dursamee Maatewoos irratti du’a murteesse. Onkoloolessaa 12 mormi isaa Sayifiin muramee boqote. Sooressi sunis dhoksaadhaan fuudhee isa awwaale.
Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos
Seenaa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos kana keessatti amma ammoo waa’ee Wangeela Maatewoos ni ilaalla.
Barreessaan Wangeela Maateewoos Duuka Bu’aa Qulqullicha Maatewoosidha, Wangeelicha kan barreesses Yihudotaaf akka ta’e beekamaadha. Sababni isaas caqasoota hedduu hanga caqasoota 100
olii Kakuu Moofaa keessaa caqaseera. Wangeelichas kan barreesse afaan Ibraayisxiin yoo ta’u, haalli  barreeffama isaas sirna, seera Yihudotaa irratti kan hundaa’edha. Kana kan godheefis Yihuudonni sababa barbaaddota ta’uu isaanii waan beekuufi. Seera isaanii eegee barreessine osoo ta’ee seera keenya cabse Wangeela isaa hin fudhannu jedhu waan ta’eef.
Qo’annaa Wangeela Maatewoos
Wangeelli Maateewoos kunis iddoowwan gurguddoo jaha /6/ tti qoodamee qo’atama. Isaanis;
1. Waa’ee dhalachuu, cuuphamuu fi qoramuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos. (Boqonnaa 1-4)
2. Lallabaa tulluu irraa /የተራራው ላይ ስብከት/ (Boqonnaa 5-7)
3. Waa’ee humna hojii isaa (Boqonnaa 8-12)
4. Duuka Bu’oota barsiisuu isaa (Boqonnaa 13-20)
5. Jibbamuu fi ajjeefamuu isaa (Boqonnaa 21-27)
6. Du’aa ka’uu isaa (Boqonnaa 28)
Gama biraatiin Wangeelli Maatewoos boqonnaa 28 kan qabu yoo ta’u baay’ina boqonnaalee isaatiin  Wangeelota kaan yoo caalu, baay’ina lakkoofsota isaatiin ammoo Wangeela Luqaasitti aanee  lakkoofsota 1068 qabachuun lammaffaadha. Wangeelli Maateewoos kan barreeffame naannoo bara 58
B.A Wangeela Maarqoositti aanuni.
Sababni Wangeelli Maatewoos osoo Wangeela Maarqoos booda barreeffamee jiru jalqaba irra taa’eef qabiyyee isaatiin, kunis Caqasoota Kakuu Moofaa 150 ol waan caqasee fi hidda dhaloota gooftaan  waan sirriitti barreesseefi kanaanis «Riqicha Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa» jedhamuun ni beekama.  Wangeelli Maatewoos barnoota ykn barumsa gooftaa baay’inaan dhiyeessuun Wangeelota kaan ni  caala. Kunis walii gala lakkoofsotaa 1068 keessaa 644 kan ta’anidha, Dhibbantaa 60 ykn 60% jechuu  dha.
Akkasumas Caqasoota Kakuu Moofaa baay’inaan caqasuun Wangeelota kaan ni caala, Gooftaan  keenya Iyyesuus Kiristoos dursa raajotaan kan dubbatameef Maasihii ta’uu isaa hubachiisuufis seenaa  tokko erga barreesseen booda «Kanaanis ….. jedhamee kan dubbatame (raajiidhaan kan barreeffame) ni raawwate, akka raawwatuuf» jechuun ragaa baha.
Afaanota Wangeelli Maatewoos ittiin barreeffame
Qulqulluun Maatewoos Duuka Bu’aa Tiwufiitii baay’inaan fayyadamedha. Waa’ee afaan Qulqullichi
Maatewoos Wangeela isaa ittiin barreessee irratti yaadonni garaa garaa sadi ni jiru; Isaanis;
1. Ibraayisxii dhaan :-
Beektota Mana Kiristaanaa dabalatee hayyoonni hedduun kan irratti walii galan Qulqulluun Maateewoos Wangeela isaa afaan Ibraayisxiin barreesse yaada jedhudha. Garaa hanga
ammaatti Waraabbiin isaa hangafni (original copy) hin argamne.
2. Aramaayikii dhaan :-
Paapiyaas abbaan jedhamu jaarraa lammaffaa keessa akka ibsetti Qulqulluun Maatewoos dursee Barnoota ykn barumsoota gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos afaan Aramaayikiin Loojiyaa (Logia) kitaaba jedhamu irratti walitti qabee ture. Boodas Wangeela isaa yeroo barreessu barumsoota gooftaa kan gara galche kitaaba kana irraadha. Aramaayikiinis loqoda (dialect) Ibraayisxii keessaa tokko yoo ta’u,
naannoo jaarraa tokkoffaatti Baha Giddu galeessaa /keessattuu dachee Filisxeemitti/ afaan hojii ykn
afaan hangafaa ture (lingua franca).
Gooftaanis Wangeela kan lallabe afaan Aramaayikiin ta’uu isaatiin
Maatewoos jecha bu’uura ka’umsaa Wangeelichaa afaan kanaan barreesseera. Wangeela isaa keessatti
garuu jechoota garmalee xiqqoo ta’an jechuunis /Elohee Elohee Laamaa Sabaqtaanii. Maat. 27:46/ qofa fayyadamuun isaan ala jechootni Aramaayikii hiikamuun dhiyaataniiru malee haalli barreeffama isaa
Aramaayikii hin hordofne.
3. Giriikii dhaan :-
Kitaabolee ykn waraabbiiwwan durii hedduun isaanii afaan Giriikiin waan
argamaniif, afaan Giriikiin barreeffame yaadni jedhu jira. Abbootiin warreen durii (apologists) Wangeela Maatewoos yeroo caqasan, kan fayyadamanis isa Girikiiti. Bu’uura Tiwufiitii Mana  Kiristaanaatiin garuu Wangeela Maatewoos gara afaan Giriikiitti kan hiike Qulqulluu Yohaannis
Wangeelaawwidha.
Akkasumas Qulqulluun Maatewoos Wangeela isaa kan barreesse dachee Yihudaa taa’ee akka ta’e ni
himama.
Kaayyoo Wangeelli Maatewoos itti barreeffameef
Xumura irratti Qulqulluu Maatewoos sababni Wangeela kana barreesseef ykn kaayyoon Wangeelli
Maatewoos barreeffameef gurguddoon;
1. Lakkoofsa ykn jaarraa, baroota dubbachuuf.
2. Iyyesuus Kiristoosii sanyii dhiiraan dhalate jedhaniinii turan waan ta’eef, sanyii dhiiraa malee Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa Afuura Qulqulluun dhalachuu isaa barsiisuuf.
3. Yohaannis Cuuphaan gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ni caala jedhanii turan waan ta’eef, Gooftaan keenya akka caalu, Yohaannis ammoo gooftaadhaa gadi akka ta’e, “hidhaa kophee miila isaa illee hiikuun naaf hin ta’u” kan jedhe ibsuuf.
4. Gooftaa keenyaan Bi’eel Zebuuliidhaan Seexana baasa jedhaniinii turan waan ta’eef, Afuura Waaqayyootiin Seexana baasa kan jedhu ibsuuf.
5. Gooftaa keenyaan Raajota keessaa tokko dha jedhuun ture, Waaqa Raajotaa akka ta’e ibsuufi k.k.f
Mata duree keenya Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos kana keessatti waa’ee Seenaa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos ilaalleerra. Yeroo itti aanu kan Qulqulloota birootiin walitti deebina.
Eebbi Qulqulluu Maatewoos nurra haa bulu!
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!
Channel keenya WhatsApp Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!
The post Seenaa Qulqulluu Maatewoos fi Wangeela Maatewoos first appeared on Qubee Online +.
Murtii Mootii Solomoon Kakuu Moofaa
Murtii Mootii Solomoon Kakuu Moofaa
Mata duree kana keessatti waa’ee Murtii Mootii Solomoon Kakuu Moofaa keessatti murteesse barnootaaf isiniif dhiyeessineerra. Hanga dhumaatti dubbisaa!
Murtii Mootii Solomoon Kakuu Moofaa
Kakuu Moofaa keessatti Murtii ajaa’ibaa Mootiin Solomoon murteesse
(D/n Daani’eel Kibratiin)
Daldaltoonni sadi tasa iddoo murtii Mootii Solomoon Kakuu Moofaa tti argaman. Sadan isaaniiyyuu waggoota hedduudhaaf waliin ta’aanii tokkummaan waliin daldaluuf waadaa waliif galanii, waliif kakatanii, Gaala irratti mi’a isaanii fe’atanii, qarshii walitti qabatanii, galaa qabatanii biyya isaanii dhiisanii kan deemanidha.
“Yaa Mootii” jedhe inni tokko Teessoo Mooticha duratti harka fuudhee. “Nuti wal faana daldaluuf hiriyoota daandii jalqabnedha” jedhe.
Daldalaan inni lammaffaas Mootii Solomoon Kakuu Moofaa duratti harkaa fuudhee “Waadaa keenyas eegnee, kabajnee waliin daldalaaf biyya fagootti osoo imalluu tasa ayyaanni Sanbataa nutti gahe” jedhee itti fufe.
Daldalaan inni sadaffaas “Sanbata kabajnee ooluuf waan barbaanneefis iddoo itti Dunkaana dhaabne irraa fageessinee boolla qonnee maallaqa keenya Qalqalloodhaan awwaalle. Nutis nu keessaa eenyumtiyyuu nu ganee deebi’ee akka qarshii kana hin fudhanne kakaa raawwannee turre. Borumtaa isaa garuu gara boolla sanaa deemnee yeroo maallaqa keenya ilaallu maallaqni keenya hin jiru.” jedhee hubachiise. Daldalaan inni jalqabaas mataa isaa erga raase booda “Yaa Mootii boollicha yeroo qotnus ta’e yeroo maallaqicha awwaallu namni biraa kan nu arge hin jiru. Kan hates numadha. Garuu nu keessaa eenyu akka ta’e kan hate wal amanuu hin dandeenye.” jedhe.
Mootichi Solomoon Kakuu Moofaa s laphee isaatiin “Hanna kan danda’u sobuuniifi kakaa diiguun isa hin rakkisu” jedhee yaadee dubbicha salphisee “Boru deebitanii yeroo dhuftan eenyu akka hate isinittin hima” jedheenii isaan gaggeesse.
Borumtaa isaas hiriyoonni daldaltoonni sadan ni dhufan, dhadhachis ni jalqabame.
Dhimma kana irratti Mootiin Solomoonis “Dhimma keessan ilaaluu kootiin dura sadan keessaniyyuu ogeessota ta’uu keessan beekuun barbaada. Kanaanis seenaa ani isinitti himu kana irratti yaada keessan akka kennitan nan barbaada. Dubbichi akkasi ፦ Dhiirri tokkoofi dubarri tokko ijoollummaa isaanii irraa kaasanii waliin taphachaa, akkasumas barnootas waliin baratanii guddatan. Gara namoota gurguddoo yeroo ta’aan bultii ijaarratanii waliin jiraachuuf waadaa walii galan.
Yeroo muraasa booda haalli jieenyaa adda isaan baasee gargar isaan fageessee gargar bahaanii iddoowwan garaa garaa jiraachuu jalqaban. Kana gidduuttis isheen Dubaraa waadaa ishee irraanfattee nama biraatti heerumte. Guyyaa cidhicha raawwatte galgalas waadaa isheen galte sana yaadatte, ni rifattes, dhimmichas Abbaa manaa isheetti himte. Abbaan manaa ishees waadaa dhaaf iddoo guddaa kenna ture waan ta’eef “Tole ka’i nama ati waadaa galteef sana haa barbaannu, yeroo isa argannuttis waadaa keenya diiguu itti haa himnu. Kaasaa qarshiis kaffalleefii dhiifama nuuf haa taasisu, yoo kanaan alaa bultiin keenya ni bada” jedheen.
Misirroowwan lamaanis gara biyya mucichi ni argama jedhanii yaadaniitti daandii dheeraa imalanii isa argatan. Wanta ta’an hundas itti himan. Dhiifama akka isaaniif taasisus, qarshichas akka fudhatu isa kadhatan. Mucichis nama qajeelaa ture waan ta’eef dhiifama isaaniif taasise. “Qarshiin ani ittiin hin hojjanne hin fudhadhu!” jedhee qarshicha fudhachuu dide. Isaanis isa galateeffatanii deebi’an. Yeroo deebi’anis daandii irrarri Saamtuun wayii itti dhufee qarshii isaan qabatanii jiran harkaa fudhate. Intalittiinis qarshii sana sababa maaliitiin akka qabatan boo’aa seenaa isaa Saamtichatti himte, akka isaanii deebisuufis ni kadhatte. Saamtichis seenichi isa ajaa’ibsiisee qarshicha isaaniif deebise.
Mootichi Solomoon seenaa kana erga seenesse booda “Abbaa Manaa, hiriyaa ishee duraa fi hattuu ykn Saamtuu keessaa nama isa kamtu caalaatti galateeffamuu qaba jettanii yaaddu? jedhee isaan gaafate. Daldalaan inni jalqabaas “Akka kootti galanni caalmaan kan isheef ta’u Dubartittiidha. Waadaa ishee yaadattee dhiifama gaafachuuf ka’uun ishee, ishee galateeffachiisa” jedhee yaada isaa kenne.
Daldalaan inni lammaffaas “Akka kootti garuu galanni garri caalu kan ta’uuf abbaa manaa isheetiifi. Waadaa diiguu ishee yeroo itti himtu jecha ishee fudhatee, manaa fi qabeenya isaa dhiisee, qarshii isaa qabatee gara Kaadhima isheetti deemuun isaafi dhiifama gaafachuun isaa isa galateeffachiisa” jedhee yaada isaa kenne.
Daldalaan inni sadaffaan ammoo “Wanti Abbaan manaa fi haati manaa taasisan kan isaan galateeffachiisudha. Garuu kaadhimni ishee duraa gowwaadha qarshicha fudhachuu qaba ture.” jedhee yaada isaa kenne.
Mootichi Solomoonis yaada isaanii erga dhaga’e booda daldalaa isa sadaffaan “Sammuu ittiin qarshii osoo itti hin dhadhabiin fudhachuuf hawwu osoo hin qabdu ta’eetii mucaa kanaan gowwaa hin jettuun ture. Hiriyoonni kee lamaan amanamummaa isaaf iddoo kennaniiru, ati garuu gatii hin kennineef. Kanaafuu si’iin ala wanta kana (qarshii hatuu) raawwachuu kan danda’u hin jiru.
Sammuu kee yeroon ilaalu wanta ittiin hojjatamen arge. Sammuun yeroo nuuf kennamu itti hojjatamee nuuf hin kennamne. Akka hojjatuuf nuuf kenname malee. Namni lafa ykn dhaala isaa irratti Mana akkamii akka ijaaru murteessuufi manicha ijaaruun gahee namichaati. Miini inni ijaarsaaf itti fayyadamuufi haalli inniitti ijaaru jabina manichaa ni murteessa. Sammuunis akkasuma. Seeraan, naamusaan, barumsaan, Ogummaadhaan Sammuun ijaarame yaada akka keetii hin qabaatu. Yaadni amma kennite jireenya ati dabarsite, sanyii sirratti facaafameefi wanta sirratti hojjatame natti agarsiiseera. Warra kee nan arge, hiriyoota kees nan arge. Isaan kuni hundi ykn isaan kana keessaa tokko sanyii inni sitti facaase sirrii miti. Tarii sanyiin kun sirratti facaafamuu isaa hin beektu ta’a. Garuu sitti facaafameera.
“Seenaa tokko sinitti yaa himu” jedheen Mootichi Solomoon. Akka ta’aan ni eyyamameef. Hundumti isaaniiyyuu akkaataan inni hatticha itti adda baasee beeke isaan ajaa’ibeera. Afaa irra ta’aan.
Gaaf tokko Hoolota abbaa isaa keessaa isa tokko Abbaan isaa osoo isaaf hin eeyyamiin gabaa geessee gurguratee dhufe. Abbaan isaas maalif akka gurgure yeroo isa gaafatu “Qarshiin na barbaachisa” jedheen. Abbaan isaas aaree qancee Hoolota ittiin eeganiin mucaa isaa rukute. Yeroo sanas mucichi dhagaa kaasee Abbaa isaa rukutee ajjeese. Mucichaan maalif akka abbaa isaa ajjeese yeroon gaafadhu “Abbaan koo wanta na rakkise hunda akkan rukutu na barsiiseera. Abbaan koos waan na rakkiseefan isa rukute. Rukutuudhaan ala maal gochuun danda’a ture?” jedhee na gaafate. Mucaan kun waan biraa hin baranne waan ta’eef kan inni raawwate waan baratedha. Namni bu’aa barnoota isaati waan ta’eef” jedheen. Namichis (Inni qarshii hate) dubbichaan dinqamee qarshii isaa deebise.
Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu
Madda፦ Kitaaba Tiwuufiitii Ayihuudotaa Midraash.
Midrash ፦ “Early Jewish commentary on Scripture. The purpose is to bring it up to date for readers of each generation (A Dictionary of the Bible, Oxford University Press 2004)
Channel WhatsApp keenya join taasisaa!
The post Murtii Mootii Solomoon Kakuu Moofaa first appeared on Qubee Online +.