Hojii Ergamootaa | Qubee Online +

Qulqulluu Luqaas, Wangeela Luqaas fi Hojii Ergamootaa
Qulqulluu Luqaas Wangeelaawwii

Maxxansa keenya guyyaa har’aatiin waa’ee Duuka Bu’aa akkasumas Wangeelaawwii Qulqulluu Luqaas, Kitaabolee inni barreesse jechuunis Wangeela Luqaas fi Hojii Duuka Bu’ootaa ykn Hojii Ergamootaa qo’annaa fi qoqqoodama isaanii ni ilaalla.

Barreeffama kana keessatti qabiyyeewwan gurguddoo sadi ni ilaalla, isaanis;

1. Qulqulluu Luqaas

2. Wangeela Luqaas fi

3. Hojii Duuka Bu’ootaa ykn Hojii Ergamootaa

Seenaa Qulqulluu Luqaas Wangeelaawwii

Qulqulluun Luqaas Wangeelaawwii biyyi isaa Antsookiyaa dha. Dursee Abbootii ykn Gargaartota 72’n keessatti kan lakkaawwame yoo ta’u, Ayyaana guyyaa Shantammaffaa booda gara Antsookiyaatti bu’ee Wangeela Lallabeera, Duuka bu’icha Qulqulluu Phaawuloos waliinis kan wal arge asitti ykn Antsookiyaatti ture. Qulqulluun Luqaas ogummaa yaala fayyaa kan qabu yoo ta’u, kan qo’ates Beektota Ateenaa fi Iskindiriyaa irraa ta’uun isaa beekameera. Ogummaa isaa kanaan dabalataatti dandeetti ogummaa fakkii kaasuu akka qabus ni himama. Dandettii isaa kanas kitaaba Wangeelaa fi Hojii Duuka bu’ootaa inni barreesse irratti akkaataa ibsa bifa fakkiitiin ibsuu isaatiin fi gama biraatiin ammoo fakkiiwwan inni harka isaatiin kaase biyyoota garaagaraa keessatti ni argamu.

Qulqulluun Luqaas Wangeelaawwii jireenya qeerrummaa qabudha ture. Qulqulluu Phaawuloos hanga wareegamummaan boqoteetti bartuu isaa ta’uun isa tajaajileera. Bara 67 Dh.K.B tti Qulqulluun Phaawuloos Roomitti yeroo wareegamummaan boqote Qulqulluun Luqaas gara Dilmaaxiyaatti dhufe. Achittis umurii isaa Jaarsummaatiin Wangeela Lallabaa osoo jiruu Ayihuudonni fi Lubootni Xaa’otii waliin ta’uun barnoota isaa mormuun irratti ka’an. Fulbaana 20, bara 68 Dh.K.B  Ayihuudonni fi Ahizaabonni walga’ii godhatanii, dubbii uumuudhaan Mootii Roomitti isa himatan. Yeroon sunis yeroo itti Mootii ykn Qeesaar Room kan ture Neeroon yeroo itti garmalee hamaa ture waan tureef, Roomii miliquu fi gara Dilmaaxiyaa galuu Qulqulluu Luqaas yeroo dhaga’u loltoota 200 itti erge. Qulqulluun Luqaasis dhufaa jiraachuu loltoota sanaa Afuuraan hubatee, uummata barsiisa ture gara mana isaaniitti erguun, gara Galaana Dilmaaxiyaa qarqara jiruutti siqe.

Galaanicha qarqarattis namni Qurxummii kiyyeessu tokko dhaabbatee ture. Qulqulluun Luqaasis gara Kiyyeessaa Qurxummii sanaatti siqee haasaa jalqaban. Suuta suutaanis Wangeela Lallabuufii jalqabe. Namichi Qurxummii kiyyeessu sunis hojii isaa dhiisee wanta Qulqulluun Luqaas itti himu sana gammachuudhaan dhageeffachuu jalqabe. Dhuma irratti Qulqulluun Luqaas «Fudhadhu gara daandii jireenyaatti si geessu» jechuun Kitaabolee qabatee ture hunda ni kenneef. Namichi Qurxummii kiyyeessu sunis gammaduudhaan Kitaabicha kabajaan iddoo qodaa kaawwatu ol kaawwate.

Read Also :- Qulqulleettii Arseemaa

Qulqulluun Luqaasis Kitaabicha itti kennee yeroo gara duubaatti garagalu loltoonni Neeroon itti yaa’anii qaban. Sana boodas gara Roomitti geeffamee Mana Murtii Neeroonitti dhiyaate. Onkoloolessa 22, mormi isaa muramee qalqalloo Cirrachaan guutame keessa isa galchanii dhalatee waggaa 84 ffaa isaatti  gara galaanaatti isa darbatan. Kitaabolee Qulqullaa’oo isaa garuu Kiyyeessaa Qurxummii sun dhaloota kanaaf ykn dhaloota har’aatiif dabarseera.

Wangeela Qulqulluu Luqaas

Wangeelaawwiin Qulqulluun Luqaas ija isaatiin kan arge, Duuka Bu’oota irraa kan dhaga’e of eeggannoon yaaduun boqonnaa 24 fi lakkoofsota 1149 kan qabu Wangeela nuuf gumaacheera. Wangeela Luqaas kanas Qulqulluun Luqaas kan barreesse bara 58-60 Dh.K.B yeroo jiru keessatti Qulqulluun Phaawuloos hidhaa irratti boqonna argateen akka ta’e ni himama.

Wangeelli kunis kan barreeffame Afaan Giriikii ykn Afaan Tsiriitiin yoo ta’u kan barreeffameefis abbaa Taayitaa Maqedooniyaa ykn Giriikii ta’eefi. (Luq. 1:1-4, HDB 1:1-3) Seenicha yeroo barreessus Siyaasa Mootummaa Room fi haala Yihuudotaa waliin walitti firoomseera. Luq. 1:5, 2:1-2, 3:1-2. Wangeelli Luqaas akkaataa taa’umsa isaatiin duraa duuba Wangeela Maarqoos baay’inaan kan hordofe yoo ta’u, keessattu kutaaleen gurguddoon ykn dhedheeroon sadi itti dabalamanii jiru. Isaanis;

Qo’annaa Wangeela Luqaas

Seenaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Dhalachuu Qulqulluu Yohaannis cuuphaa fi dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos. (Boq. 1 fi 2)

Deemsa Galiilaadhaa kaasee hanga Iyyerusaaleemitti ture Barumsa Iyyesuus Kiristoos keessattuu waa’ee Saamraawii gara laafessicha, mucaa bade, Alaazaar fi Nawee fi k.k.f fakkeenyota beekamoo. (Luq. 9:51-19:10).

Ka’umsa gooftaatiin booda waa’ee mul’achuu Iyyesuusii fi barumsa isaa, akkasumas ol ba’iinsa isaa. (Luq. 24:13-53) dha.

Luqaas tajaajila Kiristoos yeroo ibsu qabxiilee armaan gadii irratti xiyyeeffateera.

Kiristoos Addunyaa hundaaf dhufe, Iyyesuus Ayihuudota gidduutti hojjetuyyuu Addunyaa hundaaf akka dhufe ragaawwan hedduun jiru. Luq. 2:14, 3:3-6, 4:25-27, 9:52, 10:33, 17:16, 24:47.

Kiristoos namootaaf dhufe

Read Also :- Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee

A). Fakkeenyonni Wangeela Maatewoos waa’ee maalummaa Mootummaa Waaqayyoo yeroo ibsan, fakkeenyonni Luqaas filate garuu baay’inaan namoota irratti xiyyeeffatu. Kunis Luba Zakkaariyaas, Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi fira ishee Elsaabeet (Boq. 1 fi 2), obboleewwan lamaan Maariyaam fi Maartaa (Luq. 10:38-42), Qaraxxuu Zakkewoos (Luq. 19:2-10), namoota gadda irra turan akkasumas Qaliyoophaa fi hiriyaa isaa (Luq. 24:13-35) irratti seenaawwan xiyyeeffatan ni muldhatu.

B). Kiristoos namoota tuffatamanii fi hawaasaan ala jiraniif garaa laafuu isaa ni ibsa. fknf; dubartii cubbamtuu magaalaa jiraachaa turteef (Luq. 7:36-50), Qaraxxuu Zakkewoosiif (Luq.19:2-10), saamticha (ወንበዴ) Fannifameef (Luq. 23:39-43) fi warra Saamraawwiiwwaniif (Luq. 9:52-56, 10:33, 17:16).

C). Dubartoonni tajaajila Kiristoos keessatti gaheen isaan qaban Wangeela kana keessatti iddoon guddaan kennameefiira ykn sirriitti ibsameera. Keessattuu yeroo dhaloota isaa (Luq. 1:39-56), yeroo tajaajila isaa (Luq. 8:1-3), yeroo dhukkubbii isaa irratti (Luq. 23:27-31, 49, 55) fi yeroo du’aa ka’umsa isaa (Luq. 24:1-10). Wangeela Luqaas kessatti dubartoonni maqaan isaanii Wangeelota kaan keessatti hin caqasamne 13 ni Wangeela Luqaas keessatti caqasamanii jiru. Wangeelli ijoolleedhaafis iddoo addaa kenna (Luq. 7:12, 8:42, 9:38, 18:15).

D). Kiristoos mana namoota garaagaraatti affeeramee nyaata akka nyaate galmeeffamee ykn barreeffamee jira. Fariisota waliin (Luq. 7:36-50,11:37-44, 14:1-4), Biitaaniyaatti (Luq. 10:38-42), Iyyaarikootti (Luq. 19:1-10) fi Eemaahuusitti (Luq. 24:13-32).

E). Wangeelaan gammachuun akka argamu agarsiisa (Luq. 6:21, 15:7, 24:52-53). Faarfannaawwan galataa arfan galmaa’aanii kan argaman Wangeela Luqaas kana keessatti qofa (Luq. 1:46-55, 68-79, 2:14, 29-32).

F). Haalaa fi bu’aa Sooressummaa fi Hiyyeessummaa fakkeenyota hedduudhaan ibseera, keessattuu Liqeessitoota lamaan (Luq. 7:42-43), Sooressa sanafiidhaan (Luq. 12:15-21), Alaazaar fi Naweedhaan (Luq. 16:19-31), nama gamoo ijaaruun (Luq. 14:28-30), Sooraadhaan (Luq. 16:1-9).

3. Kiristoos duuka bu’oota isaatiif fakkeenya ta’uuf dhufe, kunis kan mul’atu keessattuu;

A). Kadhannaadhaan, hojiiwwan gurguddoo hojjechuu waliin Kiristoos yeroo 9 akka kadhate galmaa’eera. Luq. 3:21, 5:15-16, 6:12, 9:18-22, 10:17-21, 11:1…. Fakkeenyonni sadi waa’ee Kadhannaa barsiisu, Luq. 11:5-13, 18:1-8, 9-14. Duuka bu’oonni isaas akka kadhatan yeroo hedduu gorseera. Luq. 6:28, 11:2-4, 22:40-46.

B). Dursummaa Afuura Qulqulluu (Luq. 4:1,14,17-19, 10:21.

Raajiiwwan 36 Wangeelota arfan irratti caqasaman keessaa 21 Wangeela Luqaas irratti galmeeffamanii jiru.

Wangeelli kunis Wangeela Ahizaabotaa jedhamuun beekama, kan barreeffames isaaniif waan ta’eefi, kanarraa kan ka’es;

Akka bartee Ahizaabotaatti seenessa itti baay’iseera.

Ahizaabonni bartee Subaa’ee lakkaa’uu, bartee Raajii dubbatame eegu waan hin qabneef Raajii Raajonni dubbatan baay’inaan hin caqasne ykn hin fayyadamne.

Kan barreesse Afaan Giriikiitiin waan ta’eef jechoota Ibraayisxii hiikeeraaf.

Ahizaabonni Waaqolii isaanii keessaa «Waaqa jaalalaa» kan jedhaniin jiru.

Fakkeenyaaf :- Giriikotaaf Veenas Waaqa jaalalaa isaaniiti. Kanaan ala kan jiran isaaniif dheekkamoo, ariifatanii kan murteessan, gidiraa kan namatti baay’isan taasisanii waan amananiif garmalee isaan sodaatu. Wangeelaawwiin Qulqulluun Luqaas bartee Ahizaabotaa kana waan beekuuf Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos jaalala ijoollee namaaf qabu karaalee garaa garaatiin ibseefiira. Fknf:- mucaa badeef jaalala dhiifamaa ykn araaraa abbaan isaa itti agarsiise (Luq. 15:11-32), Gooftaan dubartii ejjituuf gara laafina agarsiise (Luq. 7:37).

Kanaan alas Gooftaan keenya hiyyeessotaa fi warra jibbamaniif Waaqa garaa laafu ta’uu isaa Wangeela isaa irratti ibseera. Fknf:- Seenaa Alaazar fi Nawee (Luq. 16:19-31)

Qulqulluun Luqaas Abbootii ykn Beektota Mana Kiristaanaa biratti «Lallabaa Afuura Qulqulluu» jedhamuun beekama. (Luq. 1:35, 12:12, 4:1, 11:13) waa’ee kennaa Afuura Qulqulluu irra deddebi’ee ibseera.

Read Also :- Qulqulluu Yaareed

Akkasumas Qulqulluun Luqaas Lallabaa Kadhannaa ni jedhama. Waa’ee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam (Luq. 1:26-56) , waa’ee Elsaabeet (Luq. 1:3-25), waa’ee dubartii Maariyaam jedhamtuu (Luq. 7:38-50) fi waa’ee dubartii Naayin (Luq. 7:11-17) barreesseera.

Wangeelli Qulqulluu Luqaas akkaataa ibsa isaatiin Wangeelotaa fi Kitaabolee kaan irraa addadha. Haalli barreeffama isaas ibsa fakkii tiin kan hordofedha. Fakkii kaasuun isaas Kitaabolee isaa irratti muldhateera. Akkasumas Seenaawwan Wangeelota kaanirra hin jirre barreesseera. Isaanis;

Seenaa Luba Zakkaariyaasiifi Elsaabeet :- Luq. 1:5-25.

Missiraachoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi dhaloota Gooftaa :- Luq. 1:26-56.

Waa’ee Hoolaa badee :- Luq. 15:3-7

Waa’ee Diriimii badee :- Luq 15:8-10.

Waa’ee Mucaa badee :- Luq. 15:11-32

Waa’ee Alaazaar fi Nawee :- Luq. 16:19-31

Waa’ee gara laafessa Saamraawwii :- Luq. 10:29-37

Waa’ee Niqoodimoos ykn Luqaas fi Qaliyoophaa, abbootiin Mana Kiristaanaa tokko akka jedhanitti namni Qaliyoophaa waliin ture Qulqulluu Luqaasidha, Kitaabolee Mana Kiristaanaa keenya tokko tokko irratti garuu namni Qaliyoophaa waliin ture Niqoodimoos akka ta’e barreeffameera :- Luq. 24:13-35.

Hojii Duuka Bu’ootaa ykn Hojii Ergamootaa

Hojii Duuka Bu’ootaa kan barreesse Qulqulluu Luqaasidha. Qulqulluun Luqaas Wangeela isaa irratti bara 1-34 tti kan jiru Seenaa Kiristaanummaa erga barreesse booda, kan itti aanee jiru bara 34-58 tti kan jiru ammoo Kitaaba Hojii Duuka Bu’ootaa irratti barreesseera.

Boqonnaa 1-8 tti kan jiru Seenaa Mana Kiristaaanaa Iyyerusaaleemitti kan agarsiisu too ta’u, boqonnaa 9-12 tti kan jiru ammoo yeroo Isxifaanoositti godaansa ka’een ijoolleen Mana Kiristaaanaa Iyyerusaaleem ergama Duuka bu’ummaa naannoo sanatti taasisan kan agarsiisu dha. Boqonnaa 13 irraa kaasee hanga xumuraatti ammoo deemsota Qulqulluu Phaawuloos Duuka bu’ee kan barreessee fi Kiristaanummaan Awuroppaa fi Isiyaa xiqqootti akkamitti akka lallabame kutaa agarsiisudha.

Kitaabni Hojii Duuka Bu’ootaa Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos hidhaa isaa Room jalqabaatiin hidhaa dhaabbii irra osoo jiruu Wangeela akka Lallabuuf eeyyamameefii yeroo turetti Ayihuudota Room jiraatan waliin bara 58 tti marii waa’ee amantaa taasisan seenessee goolaba.

Wangeelaawwiin Qulqulluun Luqaas Hojii Duuka Bu’ootaa kan barreesse bara 58/59 tti. Sababni isaas bara kanaa booda wantoota raawwataman, fknf; bara 60 tti hiikamuu Qulqulluu Phaawuloos, turees bara 64 tti kan gahe gubachuu Room fi hookkara Ayihuud Kitaaba isaa irratti caqasuu dhiisuu isaatiini.

Qulqulluun Luqaas Qulqulluu Phaawuloos Duuka bu’ee Seenaa isaa sassaabaa erga ture booda Qulqulluun Phaawuloos Roomitti yeroo hidhamu boqonnaa argachuu isaatiini walitti qabee bifa Kitaabaatiin qopheessuun Tewoofiloosiif ergeera.

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Dubbisaa! Dubbisaa! Dubbisaa! Qoodaa!

The post Qulqulluu Luqaas, Wangeela Luqaas fi Hojii Ergamootaa first appeared on Qubee Online +.

Ergamoota Waaqayyoo Hojii Ergamootaa | Kutaa 2ffaa
Ergamoota Waaqayyoo Kutaa 2ffaa

Koorsii keenya Ergamoota Waaqayyoo kutaa 2ffaa har’a waliin ni ilaalla. Kutaa 1ffaa osoo hin dubisiin dura gara kutaa kanatti hin darbiinaa Ergamoota Waaqayyoo Kutaa 1ffaa link kana tuquun dubbisaa!

Ergamoota Waaqayyoo Hojii Ergamootaa

Ergamoonni ni Araarsu Araarsummaa Ergamoota Waaqayyoo

Ergamoonni, ilmi namaa akka baduu fi cubbuu hojjatu hin barbaadan. Kanas dubbii wangeela irratti ibsame kana irraa hubachuu ni danda’ama. «Iyyesuus isaan xixiqqoo kana keessaa tokko illee akka hin tuffanne ilaalladhaa, ani isinittan hima, guyyaa hundumaa fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti ni Waaqa irraa ergamoonni warri isaan eeguudhaaf kennaman argamu’oo» jedhe. (Maat 18:10)

Dabalataan ammoo irra caalaatti waa’ee araarsummaa isaanii ilaaluuf Ergamaan Waaqayyoo araara Iyyarusaalemiif akka kadhate seenaa armaan gadii irraa ni hubanna.

«Ammas ergamaan Waaqayyoo deebisee, yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, hamma yoomitti magaalota Iyyerusaaleemii fi Yihudaa warra waggaa torbaatama itti dheekkamte kanaaf araara hin buuftu ree?’ jedhe». Waaqayyos yeroo sanatti

ergamaa isa anatti dubbachaa ture sanatti, dubbii gaggaarii fi jajjabinaa itti dubbate. Kanaafis ergamaan na waliin dubbachaa ture akkas naan jedhe; lallabi, akkasis jedhi ‘Waaqayyo Gooftaan maccaa akkas jedha,…… gara Iyyerusaaleemitti dhiifamaan deebi’eera.» (Zak 1:12)

As irratti sirriitti hubachuu kan qabnu, ergamaan Waaqayyoo yeroo warri Iyyerusaaleem bittaa suukanneessaa keessa turan, kan gidiraa hedduun dararamaa jiran kanaaf Waaqayyo akka garaa laafuuf ergamaan wayita kadhatu dha. Deebiin Waaqayyo ergamaa kanaaf deebise ammoo si maaltu si galche aniyyuu beeka kan jedhu osoo hin taane, dubbii baay’ee gaggaarii fi jechoota nama jajjabeessan akka deebiseef, Iyyerusaleemiifis akka araarame ni muldhisa.

Ergamoonni Kadhannaa keenya gara Waaqayyootti ol baasu

Xoobiit :- «Kadhannaa Qulqullootaa kan ol baasan gara kabajamee fi gara maqaan isaa ol guddate gara gooftummaa kan galchan ergamoota kabajamoo torban keessaa fi dursitoota

keessaa ani Rufaa’eel jedheen.» (Xoobit 12:15)

Hojii Duuka Bu’ootaa 10:4 :- «Ergamichis jedhe, kadhannaa keetii fi kennaan kee Waaqayyoon fuulduratti yaadannoo akka siif ta’uuf ol ba’e.»

3. Ergamoonni Missiraachoo kan Himanidha Ergamoota Waaqayyoo

Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo hedduu gocha irra deddeebi’amee ergamootaan hojjatamu keessaa tokko missiraachoo himuu dha. Kunis Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti kan argamu dha.

Fakkeenyaaf Seera Uumamaa keessatti ergamaan Waaqayyoos Aggaariif Ismaa’eeliin akka deessu missiraachoo itti himeera (Uma 16:11).

Kakuu Haaraa keessatti ammoo luba Zakkaariyaasiin «Haati manaa kee Elsaabeex ni deessi» jedhee missiraachoo kan itti hime Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri’eelidha (Luq 1:13). Akkasumas dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan Dubroo Maariyaamitti hime ergamaa Gabri’eeli dha.

«Ergamichi Gabri’eel Waaqayyo biraa kutaa biyya Galiilaa magaalaa Naazireet jedhamtutti ergame; ergaan isaas gara Dubra Maariyaam jedhamtu tokkotti ture».jedha. (Luq 1:26-27) Akkasumas dhalachuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ergamaan

tiksootatti akkana jedhee itti himeera:

«Ergamaan Waaqayyoo tasa isaan dura dhaabbatee, ifni surraa gooftichaas naannoo isaanitti ibse, kana irratti isaan na’anii guddaa sodaatan. Ergamichi garuu hin sodaatinaa, kunoo ani missiraachoo gammachuu guddaa

isinittan hima’oo, kunis saba hundumaaf kan tahu dha; har’a mandara Daawwititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kiristoos Goofticha.» jedha (Luq 2:9-10).

4. Ergamooonni Yeroo Rakkoo fi Dhiphinaa nuuf Dhaqqabu, nu Fayyisus

«Ergamaan Waaqayyoo namoota sodaatan naannoo isaanii ni buufatu ni fayyisus.» (Faarfannaa 33(34):7)

Ergamaan Waaqayyoo dubartoota yeroo Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos du’etti barii dimimmisa gara awwaala isaatti dhaqan Maariyaam isheen Magdalaa fi Maariyaam isheen kaanin «Hin sodaatinaa!, isin Iyyesuus isa fannifamee ture akka barbaaddan anuu beeka, inni as hin jiru, akkuma jedhe ka’eera, koottaa iddoo awwaala isaa ilaalaa» jedheenii jira.(Maat 28:5-6; Yoh. 20:1)

Akkasumas yemmuu Maariyaam isheen Magdalaa (Magdalaawiit Maariiyaam) boossutti ergamoonni Waaqayyoo maaliif boossa jedhanii tasgabbeessanii jiru.(Yohaannis 20:12-13).

5. Ergamoonni Yeroo Balaatti Dafanii nuuf Dhaqqabu

Karaa kee hundumaa irratti akka si eegan ergamoota nan erga jedha.(Faarfannaa 90(91):11)

Waaqni koo ergamaa isaa

erguun afaan leencotaa ni cufe (Daani’eel 6:22).

Ergamaan Waaqayyoo garuu halkaniin mana hidhaa banee deemaa dhaabbadhaatii sagalee jireenyaa kana uummata Waaqayyotti himaa jedhe (Hojii duuka bu’ootaa 5:19).

Ergamaan Waaqayyoos

dhihaatee, mana keessattis ifti ni ife, Pheexroosin cinaacha

isaa rurrukutee ni kaase, dafiitii ka’i jedheen, fooncaa (sansalata) isaas harkaa kufe (Hojii duuka bu’ootaa 12:7).

Egaa ergamoonni gochoota akkanaa fi kan kana fakkaatan kan faayidaa qabeessa tahaniif namoota gargaarsa barbaadaniif akka tahutti ni dhaqqabuuf. Kanaan alattis tajaajilli isaan kennan hedduu dha, gargarsi isaan namootaf godhanis bal’aa dha.

6. Ergamoonni Nama Adabu

Bala’aam Israa’el hin abaarin osoo jedhamu dhagahuu didee waan abaaruuf ka’eef ergamaan Waaqayyoo adabuuf bira ni dhaabate. (Seera Lakkoofsaa 22:22-31)

Ergamaan Waaqayyoo Iyyaruusaalem balleesuudhaaf harka yemmuu itti ol fudhatetti Waaqayyo ni gaddeef, wanta hamaa itti fiduuf yaades ni dhiise, ergamicha isa namoota fixaa jiruun

ammoo «Haa gahu harka kee irraa deebisi» jedhe (2 Sam 24:16).

Ergasii ergamaan Waaqayyoo bu’ee, buufata loltuu warra Asoor keessaa namoota kuma dhibba tokkoofii fi saddeetami shan ni ajjeese, namoonni ganama ka’anii yemmuu ilaalan kunoo reeffa hunduma isaanii ni argan (Isa 37:36)

Luba Zakkariyaas ilma akka argatu ergamaan Qulqulluun Gabri’eel yemmuu missiraachoo itti himutti dubbicha waan shakkeef, arrabni isaa dubbachuurraa duudeera (Luq 1:19).

Yemmuu namoonni Heerods jajanii kuni sagalee namaa miti kan Waaqayyooti jedhanitti, ulfina kana dabarsee Waaqayyoof waan hin kenniniif achumaan ergamaan isa dha’e, kana irratti Heerods raamma’ee du’e (Hojii Duuka Bu’ootaa 12:23).

7. Ergamoonni Seexana Irratti Aangoo ni Qabaatu

Mul’ata 12:7 irrattis «Kana booddee samii keessatti lolli ni ta’e, Mikaa’eel ergamoota isaa wajjin bineensa akka Jawwee sanaan ni Iole, bineensichi akka jawwee sunis ergamoota isaa wajjiin deebisee isa ni lole. Bineensichi mirga hin arganne, deebi’ee isaaf ergamoota isaatiif samii keessatti iddoon hin

argamneef» (Mul’ata 12:7)

Waa’ee Ergamoota Waaqayyoo kutaa 2ffaa as irratti xumurame.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- Kitaaba «Bu’uuraawwan Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo»

The post Ergamoota Waaqayyoo Hojii Ergamootaa | Kutaa 2ffaa first appeared on Qubee Online +.

Qulqulluu Isxifaanoos : Seenaa Hangafa Diyaaqonootaa
Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Isxifaanoos

Hangafa Diyaaqonootaa Kakuu Haaraa kan ta’e Qulqulluu Isxifaanoos eenyudha?. Mata duree kana keessatti waliin bal’inaan ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluu Isxifaanoos eenyudha?

Isxifaanoos jechi jedhu jecha Giriikii yoo ta’u, Afaan Giriikiitiin yeroo barreeffamu «Στέφανος» ta’a, yeroo dubbifamu ammoo «Isteefaanoos» jedhama, akkasumas Afaan Ibraayisxiin ammoo «הקדוש סטפנוס» ta’a, gama biraatiin Afaan Ingiliffaan ammoo «Stephen» ykn yeroo dubbifamu «Isteefan» ta’a.

Isxifaanoos jechi jedhu jecha Giriikii yoo ta’u, hiikni isaas «Goonfoo» jechuudha. Qulqulluun Isxifaanoos Seera Wangeelaa keessatti Hangafa Diyaaqonootaa isa jalqabaa fi Wareegamaa isa jalqabaati. Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos «Hangafa Diyaaqonootaa» jedhamuu isaatiin dura jalqaba irrattis Duuka Bu’aa ture. Sana boodas Diyaaqonii ta’uun muudameera (Kuni Onkoloolessa 12 dha).

Akka ragaaleen garaa garaa agarsiisanitti Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos kan dhalate Abbaa isaa Simi’oon fi haadha isaa Maariyaam irraadha.

Akkuma Kitaaba Hojii Duuka Bu’ootaa irratti caqasame Qulqulluun kun jalqaba Gamaaliyaal kan jedhamu barsiisaa Oriitii irraa Tiwuufiitii, Oriitii fi Kitaabolee Raajota barateera. Yeroo lallabaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosis Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos iddoo gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus oole oolee, iddoo inni bule bulee Wangeela barateera, Duuka Bu’aa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosis ta’e, gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Abbootii Qulqulloota Duuka Bu’oota 72’n keessaa tokko isa taasise. HDB. 5:34 – 6:5-10.

Ayyaana guyyaa Shantammaffaatti Afuurri Qulqulluu yeroo bu’etti Abbootii 72’n keessaa hanga Qulqulluu Isxifaanoos iccitiin kan ifeef hin turre. Dursummaa Afuura Qulqulluutiinis Wangeela lallabeera. Yeroo qormaata Mana Kiristaanaattis dursummaa Afuura Qulqulluutiin Diyaaqonoonni torba yeroo filataman Qulqulluun Isxifaanoos isa tokko ture.

Qulqulluun Isxifaanoosis dursaa ykn Alaqaa Diyaaqonoota Jahanii fi dursaa Waldaa kuma saddeetii ta’eera. Kana boodas Qulqulluun Isxifaanoos ol ba’iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos booda waggaa tokkoof Waldaa kuma saddeet sana dursaa, Wangeela lallabaa, qabsuura’aa Wangeelli akka babaldhatu taasise. HDB. 6:4.

Dabalataan dubbisaa :- Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis

Qulqulluun Isxifaanoosis kennaa fi humni Waaqayyoo kan irra bule waan tureefi hojiiwwan raajii hedduu kan taasisu waan tureef yeroo sanatti Ayihuudonni inaaffaadhaan irratti ka’aan, isa waliinis falmii keessa galan, ta’us garuu isa injifachuu hin dandeenye sababni isaas afuurri Waaqayyoo fi humni Waaqayyoo isarra buleera waan ta’eef.

Kana boodas ragaa sobaatiin «Namni kun Musee fi Waaqayyo irratti jecha arrabsoo yeroo dubbatu dhageenyeerra!» jechuudhaan isa himatan, inni garuu waa’ee dhugaa ragaa ba’e malee isaan hin sodaanne, Hangafoonni Lubootaas yeroo isa gaafatanitti waa’ee Waaqayyo uumaa isaa ragaa ba’e, dhuma irrattis akkas isaaniin jedhe «Isin lapheen keessan kan cufame, gurri keessan kan duude, akka Abbootii keessanii yeroo hunda Afuura Qulqulluu mormitu.

Abbootiin keessan raajota keessaa kan hin gidirsine eenyutu jira? har’as isin dabarsitanii kan kennitan fi kan isa ajjeestan dhufaatii Qulqullichaa dursanii kan dubbatan isaan isin ni ajjeestan. Ergamootaanis sirna Oriitii fudhattanii hin eegne.» kanaanis baay’ee aaranii dhagaadhaan isa rukutuun isa ajjeesan. Ragaa ba’umsa isaas kanaan raawwatee goonfoo Wareegamummaa Amajjii 1 fudhateera. Kanaanis dursaa Wareegamootaa jedhama. (HDB. 7:51-53)

Qulqulluun Isxifaanoos Erga Boqote Booda

Qulqulluun Isxifaanoos erga boqote waggaa 300 booda Iyyerusaaleem kan jiraatan nama qajeelaa tokkotu ture maqaan isaas Lukiyaanoos jedhama. Yeroo baay’ee irra deddeebiin Qulqulluun Isxifaanoos mul’ataan isaaf ibsamee «Foon koo baasi!» jedhaan waan tureef deeme Phaaphaasiitti hime.

Phaaphaasichis gammadee Lubootaa fi Kiristaanota walitti qabee gara iddoo Gamaaliyaal ykn gara barsiisaa isaatti deeme. Iddoo sanas yeroo qotanitti sochii guddaatu ta’e, Ergamoonni yeroo ulanis fooliin gaarii ni urgaa’e, faaruun ergamootaas ni dhaga’aame.

Uummataa fi Phaaphaasiinis Qulqulluu Isxifaanoos fuulduratti kufanii Sagaduun gammachuu guddaadhaan fi faaruudhaan foon isaa achii baasanii Tsirhaa Tsiyoon ykn mana eebbifamtuu keessa ka’aan. Namni qajeelaa Ille Iskindiroos jedhamus Mana Kiristaanaa ijaareef, gara Mana Qulqullummaa ykn Mana Kiristaanaa sanaattis ni galchan.

Waggoota shan boodas Iskindiroos yeroo boqotu saanduqa keessa ka’aanii Qulqullicha cinaa ka’aan. Haati manaa Iskindiroos garuu gara biyya ishee Qusxanxiiniyaatti yeroo deebitu foon Abbaa manaa ishee itti fakkaatee Foon Qulqulluu Isxifaanoos doonii dhaan feesistee fudhattee deemte.

Daandii irrattis saanduqa sana keessaa Faaruu dhageessee yeroo ilaaltu Foon Qulqulluu Isxifaanoosidha. Isheenis baay’ee gammadde, isheenis Foon Qulqulluu sana geessitee Qulqulluu Qosxanxiinoosiif kennite. Magaalaa sana keessattis gammachuu guddaatu ta’e.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Eebbi fi araarsummaan Wareegamaa Qulqulluu Isxifaanoos hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Qulqulluu Isxifaanoos : Seenaa Hangafa Diyaaqonootaa first appeared on Qubee Online +.

Duuka Bu’oota Yaa’iqoob ilma Ilfiyoos fi Qulqulluu Taadewoos
Duuka Bu’oota Qulqulluu Yaa’iqoob fi Qulqulluu Taadewoos

Barreeffama keenya waa’ee Seenaa fi Qabsuura Duuka Bu’oota guyyaa hardhaatiin ammoo Seenaa fi Qabsuura Duuka Bu’oota Qulqulluu Yaa’iqoob ilma Ilfiyoos fi Qulqulluu Taadewoos ni ilaalla! Dubbisa gaarii!

Duuka Bu’icha Qulqulluu Yaa’iqoob (Ilma Ilfiyoos)

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Yaa’iqoob Abbaan isaa Ilfiyoos yoo ta’u, dhaloonni isaa Qomoo Gaad keessaadha. Guyyaan Yaadannoo isaas Gurraandhala 10 dha.

Kitaaba Qulqulluu irratti tarree maqaa Duuka Bu’ootaa irratti iddoowwan arfan irrattiyyuu lakkofsa saglaffaa irratti barreeffamee argama. Kakuu Haaraa keessatti obboleessi Gooftaa, ilma Ilfiyoos, Yaa’iqoob isa xiqqicha jedhamee waamameera. Kadhannaa kan jaallatu ta’uu isaatiin sa’aatiiwwan dheeraadhaaf dhaabbatee Kadhachuu waan baay’isuuf miilli isaa ni dhiita’a ture.

Kanarraa kan ka’es akka Duuka Bu’oota warra kaanii naanna’ee barsiisuu dhadhabuu isaatiin Ephis Qophoosii Iyyerusaaleem ta’ee muudame. Naannoo Bara 50 Dh.K.B Sinoodoosii Duuka bu’ootaa Iyyerusaaleemitti gaggeeffame kan durse isadha. HDB. 15:13. Teessoo Iyyerusaaleemitti waggoota 28’f tajaajileera.

Magaalaa Iyyerusaaleemitti Dubartiin gara laafettiin Teriyoobisxaa jedhamtu ni jiraatti turte. Abbaan manaa ishee Amaaniyoos kan jedhamu karaa warra beektota Ayihuudotaa nama turedha. Isaanis waggaa 20 waliin yeroo jiraatan dhala hin qaban ture.

Gaaf tokko waa’ee Qulqulluu Yaa’iqoob dhageessee gara isaatti dhuftee «Maaloo Waaqayyo dhala akka naaf kennuuf naaf kadhadhu!» jettee isa kadhatte. Qulqulluun Yaa’iqoobis «Hin gaddiin! Amani malee siif ni ta’a!» jedhee ishee tasgabbeessee gara Manaatti ishee erge.

Qulqulluun Yaa’iqoobis kana itti himee waggaa isaatti ilma dhiiraa waan deesseef mucaa ishee kana gara Qulqulluu Yaa’iqoobitti geessitee Qulqulluu Yaa’iqoobiin eebbisiiste. Yeroo deebitus wanta ta’e hunda Abbaa Mana isheetti himte.

Inni garuu garmalee waan aareef «Humni Kiristaanotaa cimaa yoo deeme nu yaaddessa» yaada jedhu waan isa keessatti uumameef Hangafa Lubootaa Iyyerusaaleem yeroo sanaa kan ture Hanaaniyaatti himee Ayihuudotaa kaasuudhaan sababa uumanii Qulqulluu Yaa’iqoob hidhan.

Hangafi Lubootaa sunis Ayihuudota naannoo Mana Qulqullummaatti erga walitti qabe booda Qulqulluu Yaa’iqoob gara fiixee Mana Qulqullummaatti baasee «Uummata kana fuulduratti Kiristoos ganiitii barsiisi!» jedhee isa ajaje. Oduu Ayihuud ykn «ዜና አይሁድ» kan barreesse Yooseef ilmi Kooriyoon akka ibsetti Qulqulluun Yaa’iqoob Gooftaa ganuu irra waa’ee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ragaa bahuu itti fufe.

Kanaanis kan aaran Alaqoonni Ayihuudotaa Qulqulluu Yaa’iqoob fiixee Mana Qulqullummaa sana irraa gadi isa darbatan. Sana boodas Ayihuudonni Mana Qulqullummaa sana jalatti walitti qabamanii turan dhagaadhaan reebanii isa ajjeesan, kunis akka Yooseef ilma Kooriyoonitti Gurraandhala 10 bara 62 Dh.K.B dha.

Yooseef ilma Kooriyoon booda waggaa 100 turee gara Kiristaanummaatti kan deebi’e Heegesphoosim (Hegesippus) seenaadhuma kana erga seenesse booda «Qulqulluun Yaa’iqoob yeroo isa darbachuudhaaf jedhan ykn yeroo isa darbachuudhaaf qophaa’aan ‘Foon koo darbadhaa! lubbuu koo garuu Kiristoos harka isaa diriirsee ni fudhata ykn ni simata’» jechuu isaa ibseera.

Kitaaba Ergaa Qulqulluu Yaa’iqoob Duuka Bu’oota

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Yaa’iqoob bara 35 Dh.K.B tti du’a Wareegamaa Qulqulluu Isxifaanoos irraa eegalee gidiraa Kiristaanota irra gahu irraan kan ka’e, Kiristaanota biyyoota garaa garaatti faca’aaniif, Kiristaanota Ayihuudummaa irraa deebi’aniif ittiin akka tasgabbaaniifi ittin jajjabeessuuf ergaa isaa kana naannoo bara 50 Dh.K.B barreesseefiira.

Ergaan Qulqulluu Yaa’iqoob «Ergaa Gorsaa», «Ergaa akka Abbaa (Abbummaa)» jedhamuun ni waamama. Kiristaanonni jireenya isaanii keessatti rakkoowwan keessaa fi alaa isaan mudatan kaasee Abbaa gorsudha. Waa’ee jireenyaa, waa’ee Qorumsaa, waa’ee Amantaa, waa’ee Naamusaa ykn hojii gaarii, waa’ee dubbii, waa’ee Kadhannaa, waa’ee wal gargaaruu, waa’ee warra kufan kaasuu fi k k.f wanti inni hin gorsine hin jiru.

Qabiyyeewaan gurguddoon ergaa Qulqulluu Yaa’iqoob kanaas;

Haalli barreeffama isaa akka Qulqulluu Phaawuloos namoota Giriikiif osoo hin taane haala barreeffama Ayihuudotaaf ta’uutiini. Haalli dhiyeessa isaas akka Lallaba Tulluu irratti (Maat. 5-7) barumsi isaas seenaawwan Abrahaam, Ra’aab, Iyyoob fi Raajicha Eliyaas fa’a irratti hundaa’e ibsameera.

Barumsi isaa Barumsa Dubbii Waaqummaa irratti kan hundaa’e osoo hin taane jireenya Kiristaanummaa irratti dirqamoota, ogummaadhaan, qormaataan, wal caalmaa taasisuu dhiisuu fi k.k.f irratti xiyyeffata.

Waa’ee Amantii dhugaa 2:14-16. Abrahaam amantii isaatiin akka fayye yeroo caqasu (2:23), Amantiin hojii malee kan du’e ta’uu isaa fi Amantii irratti ammoo Hojiin gaarii yoo dabalame dhugaa akka ta’e ni agarsiisa. Kanaafuu namni Waaqayyo fuulduratti Amantiidhaan ni fayya, fayyuun isaa namoota biratti kan beekamu Amantiin isaa hojiidhaan yeroo ibsamuudha.

Qoqqoodama Kitaaba Ergaa Qulqulluu Yaa’iqoob

1. Waaqayyo yeroo rakkootti ni jajjabeessa :- Boq. 1.

2. Dogoggorra garaa garaa ni sirreessaa :- Boq. 2-4.

3. Obsaa fi Kadhannaadhaaf ni kakaasa :- Boq. 5

Qulqulluu Taadewoos Duuka Bu’oota

Qulqulluun Taadewoos dhaloonni isaa Qomoo Yooseef irraa yoo ta’u, lakkoofsi isaas Duuka Bu’oota kudha lamaan keessa isa tokkodha. Duuka bu’aan kun tarree maqaa Duuka Bu’ootaa keessatti Qulqulluun Maatewoos fi Qulqulluun Maarqoos Taadewoos (Afaan Ibraayisxii dhaan) ykn Aramaayikii dhaan «Libdiyoos» jedhanii yeroo isa waaman (Maat. 10:3, Marq. 3:18).

Wangeela Qulqulluu Luqaas irratti ammoo Yihudaa kan Yaa’iqoob, tarree maqaa Duuka Bu’ootaa Kitaaba Hojii Duuka Bu’ootaa irra jiruun ammoo ilma Yaa’iqoob Yihudaa jedhamee barreeffameera. Yihudaa yeroo jedhamus Yihudaa Asqortuu irraa adda ta’uu isaa ibseera. (Luq. 6:16, HDB. 1:13).

Taadewoos jechuun «ልብደ ሰሪ», «ዓሣ ወጋሪ ወይም ዘር ወማዕረር» jechuudha. Oriitii akka sanyiitti, Wangeela akka makaraatti taasisee barsiiseera waan ta’eef. Akkasumas Qamadii facaasee guyyaa tokkotti ykn guyyuma sanatti Aarsaadhaaf geessiseera waan ta’eef.

Akka Tiwuufiitii Mana Kiristaanaa keenyaatti biyyi Lallabaa Qulqulluu Taadewoos magaalaa Iyyerusaaleem irraa 150 Km fagaattee argamtu Sooriyaa dha. Dabalataanis Filisxeemitti, Armanitti, Maasphaaxoomiyaatti fi Faarsitti barsiiseera. Qulqulluun Pheexiroos Duuka Bu’ootaaf akka Abbaatti waan ilaalamuuf Qulqulluu Taadewoos gara biyya Lallabaa isaatti geessisuuf isa waliin deemee ture.

Magaalaa sana qarqara yeroo gahaanis namichi ykn jaarsi tokko yeroo qotu argan. Qulqulluun Pheexiroosis itti siqee «Maaloo waan nyaanni nuuf kenni!» jechuudhaan jaarsa sana gaafate. Jaarsi sunis nama gaarii waan turaniif «Manaa hangan isiniif fidutti Sangoota koo naaf eegaa!» jedhanii gara manaatti deeman.

Duuka Bu’oonni kunneen lamaanis gara laafummaa jaarsa sanaa arganii Qulqulluun Taadewoos yeroo qotu, Qulqulluun Pheexiroos ammoo sanyii facaasuu jalqabe.

«ታዴዎስ ቀነተ ከመ ይሕርስ ገራህት

ወጴጥሮስ ዘርዐ 30 አትልምተ

በቁለ ሶቤሃ ወፈረየ ሰዊተ

ሰብአ ሀገር አንከሩ እስመርእዩ ዘንተ»

Akkuma jedhame Qineedhaan Midhaan facaafame guyyaa tokkotti biqilee, buufatee arge Jaarsichi nyaata isaaniif qabatee yeroo deebi’u. Jaarsichi sunis hojii dinqii kana yeroo argu baay’ee ajaa’ibsiifatee Duuka bu’oota sanaan «Isin Waaqolii Samii irraa buutanidhaa?» jedhee isaan gaafate. Isaanis sababa itti dhufaniif fi biyya irraa dhufan itti himan. Wangeelas isaaf ni Lallaban.

Jaarsichi sun ajaa’ibsiifachuun Midhaan ykn Isheeta isaa qabatee haadha manaa isaatti agarsiisuuf gara manaatti fiige. Namoonni magaalaa sanaas baay’ee ajaa’ibsiifatanii itti marsan. Innis wanta argee fi dhaga’e hunda itti hime.

Kana boodas Qulqulluun Pheexiroos gara Iyyerusaaleemitti deebi’e. Aanga’oonni magaalittiis dubbicha yeroo dhaga’aanitti «Kuni namoota Falfaltoota kudha lamaan keessaa ta’uu hin oolu waan ta’eef gara magaalaa keenyaatti akka hin seenne maal haa goonu?» waliin jedhan.

Isaan gidduudhaas inni tokko «Falfaltoonni kudha lamaan kunneen Ejja ni balaleffatu waan ta’eef Dubartii ejjituu balbala magaalaa keenyaa irra haa dhaabnu!» jedhee waan isaan gorseef balbala seensaa magaalaa isaanii irra Dubartii ejjituu beekamtuu qullaa ishee dhaaban.

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Taadewoos baadiyyaa keessa barsiisaa oolee gara galgalaa gara magaalittiitti yeroo deebi’u Dubartiin ejjituun sun balbala magaalaa sanaa irra dhaabbattee ishee arge. Wanti isheen hojjettu hundi wanta jibbisiisaa ture. Yeroo sanattis gara Waaqayyootti kadhate. Yeroo kanattis gara qilleensaatti ol baatee Qilleensa irratti rarraafamte, namoonni biyya sanaas wanta arganiin hanga dinqamanitti ni iyyiti ture.

Innis gara magaalittiitti seenee Wangeela Lallabuuf isaa itti fufe. Dubartii sanas iddoo itti fannifamtee buusee amansiisee, cuuphuudhaan mana isheetti Gubaa’ee Kiristaanotaa hundeesseera.

Magaalittii keessatti barsiisaa guyyoota hedduudhaaf ture. Guyyaa tokko «Sooressi Mootummaa Waaqayyoo hamma seenu, Gaalli uraa Lilmoo keessa darbuutu salphata» jedhee yeroo barsiisu Sooressi tokko dhaga’ee gara Gaalota Daldaltootaa isa cinaa darbaa jiranitti quba qabee agarsiisaa «Mee kan dubbattu kana raawwadhuutii nutti agarsiisi!» jedhee isa gaafate.

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Taadewoosis hiriyaa Kiristaanaa Sibiila baqsu tokko qaba waan tureef Lilmoo akka fiduuf isa gaafate. Kiristaanni sunis waan isa fayyade itti fakkaatee uraa Lilmoo sana baldhisee kenneef. Qulqulluun Taadewoos garuu uraan Lilmoo sanaa akkuma uraa Lilmoo kaanii akka ta’u taasisee maqaa Waaqayyoo waamee «Kan amaneef hunduu ni danda’aama!» waan ta’eef Gaala sana uraa Lilmoo keessa baasee itti agarsiise.

Kanarraa kan ka’es naannoo isaa namoonni turan hundi Lallaba isaatiin ni amanan. Duuka Bu’ichi Qulqulluun Taadewoos Sooriyaadhaan booda daandiiwwan Parshiyaatti barsiisaa turee Adoolessa 2 Wareegamummaan boqoteera.

Raajiiwwan gurguddoon Duuka Bu’ichi Qulqulluun Taadewoos raawwate keessaa;

1. Guyyaa tokkotti facaasee hoggasuma Aarsaaf dhiyeessuu

2. Seenaa Dubartittiin ejjituu jijjiiruu

3. Gaala uraa Lilmoo keessa baasuu fi k.k.f.

Dursinee Qabsuura Duuka bu’icha Qulqulluu Toomaas irratti akkuma ilaalle Eddeessaa (Uur) Duuka Bu’aa Toomaas Taadewoosiin (Adaayiin) (Abbootii torbaatami lamaan keessaa tokko kan ta’een) Lallaba isaatiin fi dhamaatii Mootii Ukaamaa Abgaariitiin magaalaa amante ta’uu isheetiin Duuka bu’ichi Qulqulluun Taadewoos biyya kanatti Lallabeera osoo ta’ee simannaa gaariin osoo isa eeggatee ture.

Kanaafuu Duuka bu’ichi Qulqulluun Taadewoos kan Lallabe Eddeessaatti jechuuf nama rakkisa. Tarii magaalittiin teessoo Mootii ta’uu isheetiin naannawaan ishee ykn bulchiinsi ishee hundi maqaa isheetiin waamamanii ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf :- yeroo tokko tokko dachee Israa’eeliin Iyyerusaaleem akkuma jennu.

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Taadewoos Parshiyaatti baldhinaan barsiisuu isaafi Wareegamummaan kan boqotes achitti ta’uu isaa Beektonni Mana Kiristaanaa irratti walii galaniiru.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbi Abbootii Duuka Bu’oota kanneenii nurra haa bulu!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Duuka Bu’oota Yaa’iqoob ilma Ilfiyoos fi Qulqulluu Taadewoos first appeared on Qubee Online +.

Duuka Bu’icha Qulqulluu Toomaas : Seenaa, Ergama fi Qabsuura
Duuka Bu’ichi Qulqulluu Toomaas eenyudha?

Duuka Bu’oota kudha lamaan keessaa tokko Qulqulluu Toomaasidha. Waa’ee Seenaa, Qabsuura, Ergama fi Wareegamummaa Qulqulluu Toomaas bal’inaan ni ilaalla.

Qulqulluu Toomaas

Duuka bu’ichi Qulqulluun Toomaas «Du’aa ka’umsi hin jiru!» jedhanii warreen amanan karaa warra Saduqaanotaa akka ture ni himama. Maat. 22:25. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos du’aa ka’uu isaa Duuka Bu’oonni kurnan yeroo itti himan «Mallaattoowwan Harka isaa irraa inni itti fannifamee ture yoon arge malee, quba ykn harka kootiinis cinaacha isaa waraaname yoo tuqe malee hin amanu» kan jedhes kanarraa kan ka’e ture. Yoh. 20:25.

Boodarra garuu gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Toomaas amantii isaatiin akka cimuuf dursee iddo kurnan isaanii jiranitti akkuma ibsamee ture, lammaffaa iddoo Toomaas jirutti mana cufamaa keessatti ibsamee wanti Toomaas jedhe hundi akka isaaf raawwatamuuf taasise. Toomaasis «Gooftaa koo! Waaqa koo!» jedhee amanee ragaa ba’eera.

Duuka bu’ichi Qulqulluun Toomaas Duuka Bu’oota hunda irraa fagaatee Duuka Bu’aa gara Bahaatti deemedha.

Magaalaa Kiristaanotaa ishee Bahaa

Wangeela Yohaannis 12:20:22 irratti Giriikonni dhiyeessummaa ykn karaa Duuka Bu’icha Qulqulluu Indiriyaasiin Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waliin akka dubbatan ibsameera. Kitaabni Qulqulluun waa’ee eenyummaa Giriikota kanneenii ibsuu dhiisuyyuu Tiwuufiitii Mana Kiristaanaa keenyaatiin garuu Giriikonni kunneen bulchiinsa Room fi Peershiyaa gidduutti jiraachaa kan turan Abgaar Ukaamaa kan jedhamu Mootii Uur ykn Eddeessaa irraa kan ergaman turan.

Abgaar jechuun Mootii «ጃንሆይ» akka jechuuti. Mootota Uuriif maqaa Mootummaa isaaniiti. Abgaaronni Uur ykn Eddeessaatti kan Mootii ta’an ykn kan moo’an Dhaloota Kiristoosiin dura bara 132 hanga bara 216 DH.K.B tti. Abgaar Ukaamaan dhukkuba cimaa irraa fayyuun rakkisaa ta’een qabamee rakkachaa osoo jiruu Daldaltoota Giriikii irraa waa’ee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dhaga’uu isaatiin xalayaa kanatti aansee jiru Gooftaa dhaaf erge ;

«Ergame Abgaar Ukaamaa irraa fayyisaa isa dhugaa Iyyesuus Kiristoosiif, Iyyerusaaleemitti kan ibsamteef. Nagaan siif haa ta’u! Baala osoo hin kutiin waa’ee hojii fayyinaa ati taasistuufi waa’ee kee dhaga’eera. Akka natti himanitti yoo ta’e, warreen Ija jaamaa ni ibsita, kan miilli isaa dhukkubsate ykn naafa ni diriirsita, kana yeroon dhaga’u gara kootti dhuftee dhukkuba hamaa na rakkisaa jiru kanarraa akka na fayyistuuf sin kadhadha. Xalayaa kanas siif ergeera. Ayihuudonni sirratti akka ka’aan dhaga’eera, si ajjeesuufis ni barbaadu jedhan, hangamiyyuu magaalaan koo dhiphoo taatuyyuu bareedduudha, anaa fi si’iif ni geessi waan ta’eef gara kootti koottu!»

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Xalayaa kana ergamticha harkaa fuudhee erga dubbise booda akkas jedhee deebiseef ;

«Yaa Abgaar! amma si ilaaluu hin danda’u! ta’us garuu ka’umsa koo booda Duuka Bu’oota koo keessaa tokko siin erga!»

Bu’uura Waadaa kanaatiinis ol ba’iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos booda gooftaan keenya Qulqulluu Toomaas gara Uuritti erge. Qulqulluun Toomaasis Abbootii gargaartota 72’n keessaa tokko kan ta’e Duuka Bu’aa isaa Taadewoos ykn Adaay ergeef.

Qulqulluun Taadewoosis Eddeessaa seenee Abgaar fayyisee biyya isaas ni eebbiseef. Abgaar irraas eegalee namoonni hedduun Kiristoositti amananii ni Cuuphaman. Manneen Kiristaanaa hedduus ijaaramanii, isheenis Isiyaa Bahaatti magaalaa Kiristaanotaa ishee jalqabaa ta’uun ishee Seenaadhaan ni himama.

Duuka bu’ichi Qulqulluun Toomaas Taadewoos gara Eddeessaatti erga erge booda jalqaba gara Parshiyaatti sana boodas gara Hindiitti deeme. Duuka bu’ichi Qulqulluun Toomaas Hindii kan gahe naannoo bara 46 tti dha.

Mana Mootummaa isa Samii

Hindii bulchiinsa Maalaabaar magaalaa Kataakshaasiilaa kan ture Mootichi Goondoopaaras waa’ee Mana Mootummaa Iyyerusaaleem turee dhaga’aa innis Mana Qulqullummaa akkasii bulchiinsa isaa keessatti ijaaruu ni barbaada waan tureef daldaltoonni gara biyyoota garaa garaatti hojiidhaaf yeroo deeman nama Ogummaa ijaarsaa qabu cimaa isaa akka isaaf fidan isaan ajaja ture.

Ajaja Mootii kanaa warra dhaga’aan keessaa daldalaan inni tokko gara Parshiyaatti bu’e. Duuka bu’ichi Qulqulluun Toomaasis gara Hindiitti deemee Wangeela Lallabuuf daandii yeroo barbaadu daldalaa sana waliin wal argan. Daldalaan sunis Iyyerusaaleemii dhufuu Qulqulluu Toomaas yeroo dhaga’u Ogummaa mana ykn Mana Qulqullummaa ijaaruu akka qabu isa gaafate. Duuka bu’ichi Qulqulluun Toomaasis Iyyerusaaleem yeroo turetti Gamoo ijaaruudhaan jireenya isaa dursa waan tureef daldalichaaf ni deebise.

Daldalaan sunis haala kanaan garmalee gammadee Duuka Bu’icha Qulqulluu Toomaas gara Hindii Maalaabaaritti geesse. Mootichis Qulqulluu Toomaas yeroo argu ni gammade. Mootichi Kataakshaasiilaanis gara dirree magaalaa qarqaratti argamuutti Toomaas geessuudhaan dirree bosonaan guutame itti agarsiisaa iddoo Manni Mootummaa sun itti ijaaramu itti agarsiise. Qulqulluu Toomaasittis karoora Mana Mootummaa sun yeroo itti himu Mootichi Goondoopaaras hanga hojjatamee dhumee argutti ni ariifate.

Yeroo muraasa booda Mootichi «Hojjetaa kan ittiin qacarru, dhagaa fi Ibna Baradiidhaaf, sibiilaa fi mukti kan ittiin bitamu» jechaa Qulqulluu Toomaasiif qarshii hedduu erguufii jalqabe.

Qulqulluun Toomaasis qarshii saba yeroo argatu kan deeme gara gabaatti osoo hin taane gara mandara Hiyyeessotaatti ture. Achittis warreen beela’aaniif nyaata, kanneen Uffata dhabaniif uffata, kanneen daandii irratti kufanii jiraniif ammoo Manneen garaa garaa bitee kennuu jalqabe. Dhukkubsattoota fayyisaa fi warreen rakkatan jajjabeessaa Wangeela Lallabu jalqabe.

Mootichi Goondoopaaras qarshii akkuma ergeen kan ijaarame Mana Mootummaa isaa osoo hin taane mana hiyyeessotaa fi warreen dhadhaboo ture. Mana ijaaruudhaaf Qarshiin inni ramadee fi yeroon isaa akkuma dhumeen Mana Mootummaa isaa daawwachuuf dhufe. Bosonichi hin ciramne ykn hin tuqamne, Manni Mootummaa ijaaramuu mitiitii dhagaan kufeyyuu hin jiru. Mootichis kara deemaa karaa sana darbaa ture tokko waamee «Toomaas eessa jira?» jedhee gaafate.

«Toomaas warreen beela’aan nyaachisaa, warreen dheebotan obaasaa, kanneen Uffata dhabaniif uffata itti uffisaa, dhukkubsattoota fayyisaa mandara Hiyyeessotaatti argama» jedhee deebiseef kara deemaan sunis.

«Inni haa ta’u! Garuu eessa jiraree Manni Mootummaa inni naaf hojjete?» jedhee Mootichi kara deemaa sana gaafate «Mana Mootummaa dhagaadhaan ijaarame arguu dhiisuu dandeessu, Gooftaa koo! garuu fuula Uummata keessanii irratti gammachuu dubbisuu dandeessu!» jedhee deebiseef kara deemaan sunis.

Yeroo kanattis Mootichi qarshii isaa sun hundi akka jalaa qisaasa’e shakkuu jalqabe. Hoggasuma loltoonni isaa Toomaas barbaaduuf ganda sana marsan.

Qulqulluun Toomaas qabamee akkuma dhufeen «Mana Mootummaa koo maalif naaf hin hojjenne?» jedheen Mootichi, Toomaasis «Yaa Gooftaa koo hojjedheera!» jedhee deebiseef, Mootichis «Eessa jira? Bosonni suniyyuu yoom ka’e?» jedhee gaafate, Qulqulluun Toomaasis «Lafa irratti Mana Mootummaa dhagaa irraa hojjetame arguu dhiisuu danda’u, ani garuu Samii irratti Mana Mootummaa isiniif ijaareera!» jedheen Mootichaan.

Yeroo sanattis Mootichi ni dheekkame, harkaa fi miila Qulqulluu Toomaas muranii akka isa gidirsaniif gara Mana hidhaatti buusan.

Halkan sanattis obboleessa Mootichaa kan ta’e Gaad dhukkuba tasaatiin muddamuu jalqabe. Gara bariittis lubbuun isaa ni baate.

Lubbuun Gaadis Ergamootaan marsamtee gara Samiitti baate. Ergamoota Qulqullaa’oo ishee marsan keessaa inni tokko Manneen Mootummaa hedduu isheetti agarsiisaa «Akka keessa jiraattuuf kan sitti tole filadhu!» jedheen. Lubbuun Gaadis Manneen Mootummaa sana keessaa kan mul’atu Mana Mootummaa isa gaarii filatte. «Manni Mootummaan kun kan kee miti! Toomaas Mooticha Goondoopaarasiif kan hojjeteef Mana Mootummaa isa Samii irraati» jedheen. Yeroo kanattis Lubbuun Gaad Foon isaa waliin walitti makamte.

Gaad namoota isa awwaaluuf walitti qabaman gidduutti akka nama hirriba isaatii ka’uutti ni socho’e. Sana boodas ni ka’e, Gaad yeroo sanatti kan arge hunda Mooticha Goondoopaarasiifi namoota walitti qabaman hundatti hime.

Mootichis kana yeroo dhaga’u wanta hamaa Qulqulluu Toomaas irratti raawwateef ni gadde, ni gaabbes. Manni Mootummaa inni yaade ijaaramuu isaa yeroo dhaga’u Toomaas mana hidhaatii baase. Isaafi maatiin isaas Kiristoositti amananii ni Cuuphaman. Goondoopaarasis «Mana Mootummaa kan biraas naaf hojjedhu» jechaa wanta qabu hunda Qarshii isaa Qulqulluu Toomaasitti kennuu jalqabe. Abbootiin qabeenyaa Maalaabaaris isa hordofan.

Wareegamummaa Qulqulluu Toomaas

Duuka bu’ichi Qulqulluun Toomaas Maalaabaar irraa eegalee hanga Chaayinaatti fulla’uun Wangeela Lallabeera. Dhuma irrattis bara 66 Dh.K.B magaalaa Milaapaaraatti kan argaman Waaqeffattoonni Xaa’otii gogaa isaa irraa kaasanii qalqalloo hojjechuun qaama isaa irratti Ashaboo naqanii isa gidirsaa du’aaf isa geessisaniiru.

Jaarraa Arfaffaa keessa Ekeraan isaa gara Eddeessaatti dhufee kabajaan ka’aameera.

Guyyaan Yaadannoo Qulqulluu Toomaas akka Mana Kiristaanaa keenyaatti Caamsaa 26 dha.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbi fi Araarsummaan Qulqulluu Toomaas hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Duuka Bu’icha Qulqulluu Toomaas : Seenaa, Ergama fi Qabsuura first appeared on Qubee Online +.

Duuka Bu’oota Qulqulluu Filiiphoos fi Bartalamewoos
Seenaa Duuka Bu’oota Qulqulluu Filiiphoos fi Qulqulluu Bartalamewoos

Waa’ee Qulqulloota Duuka Bu’oota yeroo darbe kaasneerra. Amma ammoo kutaa itti aanutti seenaa Duuka Bu’oota Qulqulluu Filiiphoos fi Qulqulluu Bartalamewoos qabannee dhiyaanne, hanga dhumaatti dubbisaa!

Duuka Bu’oota Gooftaa keessaa tokko kan ta’e Qulqulluu Filiiphoos

Qulqulluun Filiiphoos biyyi isaa Beeta Sayidaa dha. Yoh. 1:44. Naatnaa’eel gara Gooftaatti kan dhiyeesse isadha. Yoh. 1:46. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos namoota kuma shan (5000) yeroo sooretti Duuka bu’ichi Qulqulluun Filiiphoos baay’ina namootaa ilaalee nyaata ykn Biddeen namoota kan hundaaf gahu hin qabnu jedhee ture. Yoh. 6:5-7.

Giriikonni Gooftaa waliin wal arguu yeroo barbaadanitti Duuka Bu’icha Qulqulluu Indiriyaasitti kan himeef Qulqulluu Filiiphoos ture. Yoh. 20:21 «Yaa Gooftaa Abbaa qofa nutti agarsiisiitii nu gaha» jedhee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos gaafachuu isaatiin Iccitii Sillaasee barachuuf gaheera. Yoh. 14:8

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga ol ba’e booda Duuka Bu’ichi Qulqulluun Filiiphoos Firgiyaatti, Samaariyaatti fi Gaazaatti Wangeela Lallabeera. Barreessitoonni Seenaa hedduun ykn barreessitoota seenaa hedduu biratti Duuka Bu’ichi Qulqulluun Filiiphoos fi Diyaaqoniin Filiiphoos wal jalaa dhahu. Diyaaqoniin Filiiphoos Duuka Bu’oota waliin Waldaa Amantootaa ykn Kiristaanotaa (መኅበረ ምእመናን) osoo tajaajilanii ykn tajaajiluuf Diyaaqonoota filataman torban keessaa isa tokkodha. HDB. 21:8.

Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos gara Iyyerusaaleemitti deemsa yeroo taasisu kan isa keessumeesse Diyaaqon Filiiphoos ture. Dhuma jaarraa 2ffaa irra kan ture Pooliiqiraaxas inni Efeesoon akka barreessetti Duuka bu’ichi Qulqulluun Filiiphoos gara Isiyaa xiqqootti deemee magaalaa Heeraapoolisitti osoo barsiisuu harka mormitoota isaatiin fannifamee Wareegamummaan boqoteera. Awwaalli Duuka Bu’icha kanaas hanga hardhaatti magaalaa kanatti akka argamu ni himama.

Duuka Bu’icha Qulqulluu Bartalamewoos

Duuka bu’ichi Qulqulluun Bartalamewoos Kakuu Haaraa ykn Kitaabolee Kakuu Haaraa keessatti maqaan isaa kan caqasame tarree maqaa Duuka Bu’ootaa qofaa irratti. Beektonni ykn Hayyoonni Mana Kiristaanaa warra Lixaa fi Hayyoonni ykn Abbootiin Mana Kiristaanaa keenya yaada garaa garaa qabu. Dursinee akkuma ilaalle Duuka bu’ichi Qulqulluun Bartalamewoos Duuka bu’aa mataa isaa danda’e malee Duuka Bu’aa maqaan isaa biraa Naatnaa’eel ta’e miti waan ta’eef.

Duuka bu’ichi Qulqulluun Bartalamewoos Kiristaanummaa kan lallabe Armaniyaa fi naannawaa isheetti ta’uu isaa fi dursee warra Armaniyaatiif Wangeela kan lallabee fi teessoo ishee kan hundeesse isa ta’uu isaa Armanoonni Seenaa isaanii keessatti ni dubbatu.

Barreessaan Seenaa Mana Kiristaanaa Awusaabiyoos ammoo kara deemaan Paantans isa Iskindiriyaa jedhamu Hindii yeroo daawwatetti (Bara 150-200) Duuka bu’ichi Qulqulluun Bartalamewoos kan nuuf fidedha jedhanii Kiristaanonni Hindii Wangeela Maatewoos Afaan Ibraayisxii dhaan barreeffame akka isatti agarsiisan ibsuu isaa barreesseera.

Beektota ykn Abbootii biyya keenyaa ykn Abbootii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa birattis Duuka Bu’ichi Qulqulluun Bartalamewoos Itoophiyaa keessatti Lallabuu isaa fi lageen inni keessatti cuuphes hanga hardhaatti laga «Birat» ykn «ብረት» fi «Loomii» ykn «ሎሚ» ykn Bishaan «Birat» fi «Loomii» jedhamanii akka waamaman ni seeneffama.

Qabsuura Duuka Bu’ootaa irratti akkuma barreeffamee argamu Duuka bu’ichi Qulqulluun Bartalamewoos carraa ykn Ixaa Duuka Bu’ootaatiin biyyi isa gahe biyya «Alwaah» jedhamu ture. Qulqulluun Pheexiroosis Qulqulluu Bartalamewoos achiin gahuuf jedhee waliin gara Alwaahitti imalan. Lamaan isaaniiyyuu biyya sana hin beekan ture waan ta’eef deemsi isaanii gaaffiidhaan ture. Dhuma irrattis daldalaa tokko argatanii akka achiin isaan gahuuf gaafatan.

Daldalaan sunis eenyummaa isaanii yeroo gaafatu Kiristaanota Duuka Bu’oota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ta’uu isaanii itti himan. Daldalaan sunis wanta daandii irratti dhaga’e yaadatee «Isin Duuka Bu’oonni namni kophaa isaa yoo jiraate malee hin fayyu jettu, akkasumas Abbaa manaa fi haadha manaa gargar baastu jedhama, dhugumadhaa?» jedhee isaan gaafate. «Ani karaa kamiiniyyuu gara biyya kootti isin hin geessu, haati manaa koo barumsa keessan yoo kan dhageessu ta’e na dhiistee deemti waan ta’eef» jedhee daldalaan sun isaan dhiisee deeme.

Yeroo kanattis Duuka bu’ichi Qulqulluun Pheexiroos fi Qulqulluun Bartalamewoos ni mari’atan. Daldalaan kan biraa yeroo dhufus Qulqulluun Pheexiroos «Garbicha koo kana biyya Alwaahitti gurguruuf barbaadeera, maaloo gara biyya keetti na geessi» jedhee isa gaafate. Daldalaan sunis «Yeroo dheeraadhaaf biyya kootii bahee kanan jiraadhu waan ta’eef tajaajilaa Mana kootiif nama ta’u dhabeen jiraadha ture, har’a nan argadhe, ofii ogummaan isaa maali? » jedhee isaan gaafate.

Qulqulluun Pheexiroosis salphisee «Eegaa ykn Tiksee Wayiniiti» jedheen. Daldalaan sunis Wayinii garmalee hedduu qaba waan tureef Istaateerii 30’n Duuka Bu’icha Qulqulluu Bartalamewoos Qulqulluu Pheexiroos irraa bite. Duuka bu’ichi Qulqulluun Pheexiroosis qarshii sana daldalaa sana irraa erga fudhate booda «Adaraa! Gooftaa kan biraatti akka isa hin gurgurre, gidiraa akka itti hin baay’ifne» jedhee daldalaa sanatti dubbate.

Daldalaan sunis fe’isa ykn ba’aa Gaala isaa yeroo sirreessu Duuka bu’ichi Qulqulluun Pheexiroos qarshii sana dhoksee «Hiyyeessotaaf kenni!» jedhee Qulqulluu Bartalamewoosiif kennee gara Iyyerusaaleemitti deebi’e.

Daldalaan sun fi Duuka bu’ichi Qulqulluun Bartalamewoos gammoojjii keessa deemsa isaanii itti fufan. Alwaah akkuma gahaaniinis daldalaan sun Qulqulluu Bartalamewoos hangafa tiksoota Wayinii taasisee isa muude. Duuka bu’ichi Qulqulluun Bartalamewoosis Wayinii sana eegaa fi kunuunsaa guyyoota afurtamaaf hojiidhaan qabamee taa’ee «Yaa Gooftaa koo! Wangeela kee osoon hin Lallabiin, ajaja kee osoon hin raawwatiin taa’ee hafuu kootii?» jedhee ni boo’a ture.

Gaaf tokko Abbaan qabeenyaa sun bakka Wayinii isaa ilaaluu yeroo dhufu Bofti boolla keessaa ba’ee isa hiddee Summiin isaa hamaa waan tureef qaama isa keessa faca’ee Du’aaf isa geessise. Maatii fi firoonni isaas boo’uuf walitti qabaman. Duuka bu’ichi Qulqulluun Bartalamewoos garuu gara Waaqayyootti kadhata ture. Namoonni mana sana keessa turanis «Namicha hamaa nana! Gooftaan kee yeroo du’u boo’uu dhiistee ija babaastee nu ilaaltaa!» jedhanii itti iyyan.

Duuka bu’ichi Qulqulluun Bartalamewoos garuu hanga Kadhannaa isaa xumurutti isaan obsee namicha Sooressa sana Maqaa Waaqayyoo itti waamee du’aa isa kaase. Namichi Sooressi sunis akka nama hirribaa ka’uutti ka’ee kanaan kan isa gahe Qulqulluu Bartalamewoos ta’uu ragaa bahe. Kanarraa kan ka’es namichi Sooressi sun, maatiin isaa fi akkasumas uummanni naannoo sanaa raajii ykn dinqii taasifameen baay’ee ajaa’ibsiifataman.

Lallaba Qulqulluu Bartalamewoosiinis amananii ni Cuuphaman. Kanaan boodas Duuka bu’ichi Qulqulluun Bartalamewoos gara biyyoota Gismifee fi Giyeendoos jedhamaniitti deeme. Biyyoota kanattis niitiin Mootii biyya sanaa Niitiin Mootii Akriiphaa hanga deebituutti Kiristaanota hedduu horateera. Mootonni fi Abbootiin taayitaa naannoo sanaas jijjiiramuu uummataa, hafuu Xaa’otiiwwanii, uummannis isaan caalaa jecha Duuka Bu’icha Qulqulluu Bartalamewoosiif ajajamuu isaanii arganii inaaffaadhaan irratti ka’aan.

Duuka bu’ichi Qulqulluun Bartalamewoos himatamees gara Mana Murtii Mootii Akriiphaatti dhiyaate, achittis murtiin du’aa irratti murteeffamee Fulbaana 1 qalqalloo Cirrachaan guutame keessa isa galchanii osoon lubbuun isaa jirtuu galaana keessatti isa darbatan. Achittis ni boqote. Borumtaa isaas Kiristaanonni Galaana keessaa isa baasanii isa awwaalaniiru.

Qabsuura Duuka bu’icha Qulqulluu Bartalamewoos irratti biyyi Alwaah jedhame kun tarii biyya naannoo Armaniyaatti argamu ta’uu danda’a.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Eebbi fi Araarsummaan Abbootii keenya Qulqulloota Duuka Bu’ootaa nurra haa bulu!

Madda :- «ቤተ ክርስቲያንህን እወቅ» Waldaa Qulqullootaatiin

Galmee jechootaa Kitaaba Qulqulluu

Qabsuura Duuka Bu’ootaa

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Duuka Bu’oota Qulqulluu Filiiphoos fi Bartalamewoos first appeared on Qubee Online +.