Habiib Giyoorgis | Qubee Online +

Hangafni Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis eenyudha?
Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis

Seenaa Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis kutaa 4ffaa fi isa dhumaa. Kutaalee darban dubbisaa!

«Bara Warqeetti Ilma Warqee!»

Seensa :- Yeroo darbe kutaa 1ffaa, kutaa 2ffaa fi Kutaa 3ffaa barumsa ykn seenaa fi qabsuura Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis ilaalleerra. Kutaan itti aanu ammoo kunooti. Kutaa 1ffaa, kutaa 2ffaa fi kutaa 3ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa! Erga dubbistanii xumurtan booda barumsi kun ijoollee barattoota dilbataa ta’aan maraaf waan fayyaduuf adaraa qoodaafii!

Habiib Giyoorgis Kutaa 4ffaa

Habiib Giyoorgis hoogganaa, bulchaa, lallabaa fi barreessaa ture. Bara jireenya isaatti kitaabolee 30 qopheesseera. Iccitiiwwan torban Mana Kiristaanaa fi «Kookuha Orthodox» kan jedhaman bara sanattis ta’e har’a kiristaanota Gibxi biratti beekamoo fi kitaabolee wabii gurguddoodha. Keessattu kitaabni isaa «Kookuha Orthodox» jedhu garaagarummaa Ortodoksii, Kaatolikii fi Pirooteestaantii gidduu jiru uummataaf ifatti kan ittiin agarsiise ture. Hojii kana hunda cinaatti ammoo barruu «El-Kaaraamaa» ykn Wayinii jedhamu ni qopheessa ture.

Yeroo kun seenaa Mana kiristaanaa Gibxi keessatti hangafoota waldaalee tola ooltummaa (fedhii tolaatiin) kan itti hunda’aan ture. Kawaalota kan gargaaran, lallabaa Wangeelaa bobbaasaa kan ramadan, Manneen Kiristaanaa kan ijaaran, ijoollee abbaa fi haati irraa du’an kan gargaaran; kan guddisan, manneen barnootaa kan ijaaran, manneen kitaabolee waldaaleedhaan kan banan turan. Habiib Giyoorgis hundeessaa wantoota baay’ee kanaa fi miseensa ture.

Kaka’umsa isaatiin, kenniinsa yaada fi hundeeffama isaatiin kan hundeeffaman Waldaaleen kunniin gara tokkoon tokkoo mandaroota baadiyyaa seenuun lallaba wangeelaa waliin gahuunii fi manneen kiristaanaa diigaman fi Kawaalota hojjechuu danda’aniiru.

Yeroo isaa hunda Mana Kiristaanaaf kennuuf jecha cidha irraa of qusatee ture. Osoo adda hin kutiin halkanii fi guyyaa ni hojjeta, koollejjiitti ni barsiisa, naanna’ee wangeela lallaba, manneen barnootaa dilbataa ni hundeessa, waldaalee hafuuraa ni qindeessa, kitaabolee ni qopheessa, dargaggoota aangoo Lubummaaf ni qopheessa, Faaruuwwan ni qindeessa, Paatriyaarkicha waliin naanna’aa uummata ni jajjabeessa, Shakkitoota keessaa fi alaa waliin qabsoo obsa fixachiisaa taasiseera Habiib Giyoorgis.

Baay’ina hojii fi boqonnaa dhabuutiin kan ka’e haalli fayyummaa isaa dhadhabaa deeme. Kanas ta’ee garuu hojii isaa hin dhiisne ture. Humni isaa hanga haxaawwamee dhumutti ni hojjata ture. Akka fiigetti, akka tajaajilaa turetti amma illee nagaha osoo hin jedhiin, Hagayya 14, bara 1944 ni boqote. Oduun boqonnaa isaa akkuma dhaga’aameen guutummaan Gibxii ni naate. Sababni isaas namni inni hin beeknee fi namni isa hin beekne waan hin jirreef. Sirna awwaala isaa irrattis namootni kuma dhibbaan lakkaa’aaman ni argaman.

Manni Kiristaanaa Gibxii bara 451tti gubaa’ee Kelqeedoon fudhachuu diduu isheetiin, qormaatni Kaatolikootaan irra gahe, boodarras bara 641ttis Arabootni Gibxi weeraranii kiristaanota irratti waanjoo fe’aniin rakkoo keessa turte. Kiristaanonni gibira lama / kan lammummaa fi kiristaanummaa/dabalataan waan kaffalaniif hiyyoomaniiru. Mana Kiristaanaa Luboota dhabuun gartokkeen cufamaniiru, kawaalonni dahoo dhadhabootaa fi maanguddootaa ta’aaniiru. Barnootni Mana Kiristaanaa dhadhabuun uummatni barnoota shakkitootaan maraachaa bara turetti akka Urjii bariitti mul’atee bara ifaa nama fide ture Habiib Giyoorgis.

Abbootiin mana kiristaanaa Gibxii guddina mana kiristaanaa kanaa kan jaarraa 20ffaatiif bu’uuronni sadi jiru jedhu isaanis;

1. Kollejjiin Theology banamuu

2. Jalqabbii Mana Barumsaa Dilbataa

3. Hundeeffama Waldaalee tola ooltummaa.

Hundeessaa fi hoogganaan kan hundaa garuu Habiib Giyoorgisidha.

Yeroo sana Naazir Gaayid jedhamanii Duuka Bu’aa isaa kan turan boodarra Paatriyaarkii Gibxii abbaa qinee kan ta’aan Abuna Shinoodaa sadaffaan fulbaana 17, bara 1944 sirna yaadannoo guyyaa afurtamaffaa Habiib Giyoorgis irratti qinee kana ture kan jedhan.

Qulqullummaan kee kanadha

Jaalalaa fi Amantaan kee

Addunyaan kee kanadhaa

Qoree fi fannoon kee

Garuu ati eenyuu?

Ergamaadhaa moo?

Atimmaa ergamaadhaati ol cimaadhaa

Ati rukuttaa onnee ariifatudhaa

Onnee biyya hunda hammatudhaa

Burqaa guddaa danda’uu fi hojii tolaa hojjachuu

Oo! nama hangafaa fi Qulqulluu

Jabina dhadhabbiirraa

Gara laafummaa dhadhabbii malee

Obsummaa amala waliin

Kan oriisisan dhiifama gochuun

Yeroo hunda qophii

Abbaa guddaa dugda isaatiin hunda keenya hammatedha.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hangafni Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis eenyudha? first appeared on Qubee Online +.

Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis | Kutaa 3ffaa
Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis

Seenaan Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis Kutaa sadaffaa kunooti. Kutaalee darban dubbisaa!

«Bara Warqeetti Ilma Warqee»

Qulqulluu Habiib Giyoorgis Kutaa 3ffaa

Seensa :- Yeroo darbe kutaa 1ffaa fi kutaa 2ffaa barumsa ykn seenaa fi qabsuura Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis ilaalleerra. Kutaan itti aanu ammoo kunooti. Kutaa 1ffaa fi kutaa 2ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa! Erga dubbistanii xumurtan booda barumsi kun ijoollee barattoota dilbataa ta’aan maraaf waan fayyaduuf adaraa qoodaafii!

Duuka Bu’oota dargaggessa Habiib keessaa abbaa qinee kan ture Naazir Gaayid ykn boodarra Abuna Shinoodaa 3ffaa’n bara 1939/40 tti barruu beekamaa «Mana Barnootaa Dilbataa» jedhamu qopheessuu eegale. Naazir jaalala barsiisaa isaatiif qabu irraa kan ka’e kitaabichi qopheessummaa Habiib Giyoorgisiin akka ba’u ture kan taasise. Kitaabichi ykn barruun sunis har’a waggaa 70 booda har’as ni maxxanfama.

Koreen giddu galeessaa Mana Barnootaa dilbataa daa’imman ijoollummaa isaaniitti Mana Barnootaa dilbataatti hin guddanneef sagantaa addaa «Algaamiyaa Alqibxaa» jedhamu qopheesse. Sagantaa kanaan barnoota wangeelaa, sagantaa daawwannaa fi sagantaan aadaa beeksisuu hojiirra ni oola ture.

Habiib Giyoorgis humnoota lama waliin qabsuura’eera. Isaan jalqabaa aadaa, miira (feeling) fi amantaa warra dhihaa ykn warra Lixaa Kiristaanota Gibxii irratti fe’uuf humnoota ka’aan yoo ta’aan. Walakeessa jaarraa 19ffaatti Miisiyoononni warra dhihaa bal’inaan Gibxitti baay’atanii ture.

Humna koloniis (gita bittaas) fayyadamuun uumatni Pirootestaantizimii akka fudhatu dhiibbaa taasisuun, hiyyeessota qarshiif wantoota adda addaa/carraa hojii, jireenya biyya alaa, scholar ship dhaan gowwoomsuun «Mana Kiristaanaa ammayyaa ni taasisna ykn ni haaressina» falaasama jedhu «Mana Kiristaanaa keessan guddisuu fi ammayyaawaa taasisuu yoo barbaaddan sirna amantaa fi jireenya keenyaa fudhadhaa!» jechaa uummata gowwoomsuun Mana Kiristaanittii qoran.

Manaa manatti naanna’uun barnoota sobaa isaanii ni facaasuu jalqaban. Macaafa qulqulluu abbaan barbaade akka fedhetti hiike, suurawwan nama harkisanii fi tiraaktii manaa manatti facaasuu itti fufan. Kun hundi isaan gahuu didee mana kiristaanaa Gibxii tuffachuun manaa manatti maganuudhaan ykn arrabsuudhaan Luboota dhabsiisuun hojii isaanii ta’e. Kanarraa kan ka’e abbootin fi maatiiwwan isaanii amantaan gargar ta’aan.

Habiib Giyoorgisii fi hiriyoonni isaa Qeerloos 5ffaa dhaaf dhimmicha dhiyeessan. Bara 1896/7 ttis Paatriyaarkicha waliin ta’uun Kaabaa hanga Kibba Gibxiitti uummata barsiisuun naanna’uu jalqaban. Mandaroota, Manneen Kiristaanaa, Kawaalota seenaa dursummaa Paatriyaarkichaatiin amantaa isaa Ortodoksummaa akka eeggatan barsiisan. Waggaa shan boodas Habiib Paatriyaarkichawaliin ta’uun deemsa duuka bu’ummaa wal fakkaataa taasisaniiru.

Habiibis deemsa misiyoonota kanaa ni qorate. Uummatas dogoggorsiisuuf tooftaa isaan fayyadaman ni hubate. Achiinis mormii isaa qopheessuu eegale. Yaada isaa Mana barumsaa dilbataa kan burqisiise deemsa isaa kana booda ture. Barattoota dilbataaf faarfannaawwan ni qopheesse. Faarfannaawwan kanas iddoo tokkotti maxxansiise.

Qabsuurummaan Habiib inni lammaffaan ammoo Mana Kiristaanaa sana barnoota Pirooteestaanizimiitiin ni haaressina jedhanii humnoota ka’aan waliin ture. Manni Kiristaanaa Gibxii dhiibbaa Arabootaa fi Ingilizotaan rakkoowwan irra gahaan akka sababaatti fudhachuun Doogmaa, sirna, tiwufitii ishee kan guutummaatti kan Pirooteestaantii gochuuf namootni ka’aan aangoo mootummaa qaban fayyadamuun Ortodoksoota ni qoran.

Inumaayyuu Abuna Qeerloos 5ffaattiin Manni maree Koopxi El Magliis yeroo hundaa’u akka waldaa Pirooteestaantotaa mana maree kana kan hoogganuu qabu mana mariichadha yaada jedhu kaasuu isaaniitiin Paatriyaarkichawaliin wal dhabanii turan. Paatriyaarkichiseeraa fi Tiwufitii mana kiristaanaatiinala manni kiristaanaa hoogganamuu hin dandeessu jechuu isaaniitiin yeroo sana dhiibbaa muummicha ministeeraa kan turan Butrous Pasha Gaalitiin Mootichi Hubraash Ismaa’eel Paashaa Paatriyaarkicha irraan dhiibbaa gahee ture.

Yeroo kanatti ergama ishee kan ta’e rakkoo Mana Kiristaanaa irraa adda baasuu sirriitti raawwachuu jechuun Pirooteestaantii akka taatu ykn yaada liberaalii wanti hundi yoo danda’aame yoo ta’e maal qaba kan jedhu fudhachuu osoo hin taane kan qabdu qabattee, kan diigaman haaromsitee, ergama ishee akka fiixaan baastu gargaaruudha ejjennoo jedhu dargaggoota deeggaraniifi hoogganan keessa inni hangafaa Habiib Giyoorgis ture.

Bara 1889/90tti Koopxonni Mana Barnootaa mootummaatti Kiristaanota barataniif gaaffii barnootni amantaa akka kennamuu gaafatan. Ministeerri barnootaas barsiisotaaf kan ta’u mootummaan akka hin ramadne, sirna barnootaa barnootichaaf ta’uu fi kitaabolee barnootichaa manni kiristaanaa akka qopheessitu ibsuun gaafficha fudhatan. Paatriyaarkichi Qeerloo 5ffaan ba’aa cimaa kana Habiib Giyoorgisiif kennan. Habiib kutaa saditti qoodee kitaabolee barnootaa erga qopheesseen booda bara 1901/02tti maxxanfame.

Hojiin isaa itti aanus barnoota kiristaanaa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaatii hanga sadarkaa 2ffaatti babal’isuu ture. Bara 1919/20tti kitaabolee barnootaa 8 /kan sadarkaa 1ffaa 4, kan sadarkaa 4/ manneen barnootaatiif qopheessuun mana kiristaanaaf dhiyeesse. Kitaaboleen kunis eeyyama Abuna Yonaas 19ffaatiin maxxanfamanii raabsaman.

Guduunfaa :- Seenaa fi Qabsuurri Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis kutaan 3ffaan kana fakkaata ture, waan dubbistaniif xumurtaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu! hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis | Kutaa 3ffaa first appeared on Qubee Online +.

Hangafni Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis eenyudha?
Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis

Seenaa Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis Kutaa lammaffaa kunooti. Gara kutaa kanaatti osoo hin darbiin dura kutaa 1ffaa dubbisaa.

«Bara Warqeetti Ilma Warqee»

Habiib Giyoorgis Kutaa 2ffaa

Seensa :- Yeroo darbe kutaa 1ffaa barumsa ykn seenaa fi qabsuura Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis ilaalleerra. Kutaan itti aanu ammoo kunooti. Kutaa 1ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa! Erga dubbistanii xumurtan booda barumsi kun ijoollee barattoota dilbataa ta’aan maraaf waan fayyaduuf adaraa qoodaafii!

Bara 1909/10tti Daarektarri Mana barumsichaa Yooseef Manqaariyoos yeroo boqotu Paatriyaarkichi Habiib bakka isaa filatan. Yeroo sana dargageessa waggaa 33 ture. Rakkoo keessa darbuu hojii isaa guyyaa hundaa kan taasifate Habiib Giyoorgis garuu yeroo kana rakkoolee garaa garaatu isa eeggata ture.

Bara 1938/9 tti miseensa mana maree hawaasummaa Koopxi kan ta’aan namoonni tokko tokko mana barumsaa Theology Koopxitti dargaggoonni baratan gara manneen barnoota Theology Ingiliiz scholar ship deemanii akka baratan yaada kaasan.

Habiib garuu yaada kana karaa kamiinuu hin fudhanne, dargaggoonni keenya amantaa isaanii abbootii isaaniiraa malee ormoota irraa barachuu hin danda’aan jedhe. Manni kiristaanaa ijoollee isheef kan ta’u nyaata afuurawaa qabdi kan jedhu yaada Habiib Paatriyaarkichi yeroo sanaa Yoosaab 2ffaan deeggaruu isaaniitiin yaadni hawaasa sanaa kufuu danda’eera.

Qorumsichi garuu kanumaan hin dhaabbanne afaan Giriikii akka barsiisuuf manni marichaa luba Angilikaan ramade. Habiib mana barumsaa keessa kan turan barsiisotaa fi barattoota walitti qabuun «Ortodoksii amantaa keenya haaromsaaf saaxila» jechuun «Mana barumsaa keenya iddoo olmaa barsiisota Ortodoksii akka hin taane godha» jechuun mana marichaaf xalayaa barreesse.

Warri liberaalii dursaa kan turan manni marichaa beekumsa gahaa waa’ee afaan Giriikii kan qabu nama Gibxii waan dhabaniif yaadicha fudhachuu qabda jedhanii dhiibbaa irraan gahan. Inni garuu beekaa afaanii Abdul Masih «Gebre Kiristoos» waliin walii galuun afaanicha akka barsiisuuf taasise.

Habiib mana barumsichaatti morkiin inni godhe barumsa Ortodoksummaatiin luba kan ta’aan, lallaba wangeelaatiin kan leenji’an, barnoota «Noolot» dhaan luboota gonfataman horachuu ture. Kanaafis bu’uura guddaa kan kaa’eef barnootni galgalaa kollejjichaa jalqabuu isaa ture. Barnoota amantaa tiin kan ragaa bahaameef eebbifamtoota yunivarsitii kanaa gara barnoota galgalaa kanatti isaan galche.

Ministeerri barnootaa Gibxis mana barumsaa kanaaf beekamtii kenne. Maba Kiristaanaaf dhamaatii kan qaban barattoonni gara Koollejjichaa fi Yuunivarsiitichaa dhufan. Yeroo sana warra dhufan keessaa eebbifamaa waa’ee ogummaa kan ture Naazer Gaayid tokko ture. Nama kanadha boodarra Qulqulluu Eebbifamoo Abuna Shinoodaa 3ffaa kan ta’e.

Sirna barnoota Koollejjichaa, sadarkaa fi humnaan guddisuuf dhama’uun hojii isaa guyyuu ture. Barattoonni Koollejjichaas gara Lubummaatti akka dhufaniifi Mana Kiristaanaa akka gargaaranii fi akka jajjabeessan Habiib guyyaa guyyaa ibsa isaa ta’ee ture.

Yeroo sanatti Paatriyaarkiin turan Yoonaas 19ffaan Phaaphasota hundaaf caamsaa 19, bara1922 xalayaa erganiin Barattoota Habiib Giyoorgis simatanii leenjii lubummaa gahaa kennaniifii akka ramadan akeekkachiisa kennanii turan. Boodarras fulbaana 14 bara 1929 Koollejjicha irraa Dippiloomaa kan qaban qofti lubummaa akka filataman Sinoodosiin Gibxii murteesse.

Warri baratan kun, inaaffaa Mana Kiristaanaa kan qaban, shakkitoota warra dhihaatiin kan hin barrazamne luboonni jiraachuu qabu jedhee yaadaa kan ture firii guddaa Habiib dha.

Habiib barsiisummaa fi hundeessummaa Koolleejjii Theology kan bukkeetti hundeessummaa manneen barnootaa dilbataatiin ni beekama. Magaalotaa fi baadiyyaawwan garaa garaa keessa yeroo naanna’u wanta tokko hubatee ture.

Mana Kiristaanaa sirriitti kan hubate, tajaajiluuf dhaloota karaa hundaanuu kutatee ka’e horachuuf yoo barbaadame bu’uurichi kaa’aamuu kan qabu daa’imman irra jedha. Kanarraa kan ka’e bara 1902/03 dargaggeessa waggaa 24 yeroo ture yeroo jalqabaaf mana barnootaa dilbataa Manneen kiristaanaa Kaayiroo tokko tokkotti galma Mana barumsaa Koopxitti jalqabe.

Daa’imman kan eegamanii ol gara Mana barumsaa dilbataatti yaa’uu jalqaban. Kunis Habiib kanaa ol akka hojjatu isa kakaase. Bara 1900tti «Koree giddu galeessaa Mana barnootaa dilbataa» kan jedhamu Mana barumsaa dilbataa qaama qindeessu hundeesse.

Sirna barnootaa bocuu, babal’ina Mana barumsaa dilbataa fi tokkummaa Mana barumsaa dilbataa cimsuun hojii ijoo koree kanaa ture. Kaaba Gibxii hanga qarqara Kibbaatti Mana barumsaa dilbataa ni banaman. Inumaayyuu bara 1933/34 tti gubaa’een/waldaan waliin jalqabaa mana barumsaa dilbataa tajaajiltoonni mana barumsaa dilbataa 500 bakka argamanitti ni gaggeeffame.

Mana Kiristaanaa isaaniif kan inaafan, barumsa Mana Kiristaanaatiin jalaa kotkotamanii kan guddatan, umurii kichummaa kan qaban ijoollee waa’ee mana Kiristaanaa bira kan hin dabarre manni kiristaanaa Gibxii akka argattu kan taasise mana barumsaa dilbataa Habiib kanadha.

Yeroo boqonnaa isaatti kawaalota daawwachuufi achitti dabarsuufi gubaa’eewwan fi seminaarota qopheessuun, kitaabolee maxxansuu fi k.k.f. Hojii mana barumsaa dilbataa turan.

Mana Kiristaanaa isaaniif kan inaafan, barumsa Mana Kiristaanaatiin jalaa kotkotamanii kan guddatan, duuka buutotni Habiib hojii barsiisaa isaanii duuka bu’uun lallaba wangeelaa, kawaalota gargaaruu, bu’aalee maxxansaa raabsuu, lubummaadhaan mana kiristaanaa tajaajiluu, ogummaa isaaniitiin Mana Kiristaanaa karaa hunda ta’een tajaajila isaanii kennuun mana kiristaanaa Gibxii rakkoo keessa turte gara bara Warqeetti fidan.

Guduunfaa :- Seenaa fi Qabsuurri Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis kutaan 2ffaan kana fakkaata ture, waan dubbistaniif xumurtaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu! hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hangafni Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis eenyudha? first appeared on Qubee Online +.

Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis | Kutaa 1ffaa
Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis

Mata duree keenya kana keessatti waa’ee Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis ni ilaalla. Kutaalee itti aananis hordofuun dubbisaa!

«Bara Warqeetti Ilma Warqee»

Kutaa 1ffaa

«Maal jedhee jalqabu? maal jedhees dubbadhu? akka aadaa keenyaatti jedhi nama dhaabbiin ittiin galateeffannu hin ramadamne. Har’a garuu yeroon itti dubannu ni gahe, callisuuf yeroo qaba dubbachuufis yeroo qaba. Kanaafuu maal haa jennu laata? Barsiisaa hangafni kun iddoo afuuraan jirutti lallabuuf humni isaa na hanqata. Jechoota inni dubbate illee irra deebi’ee dubbachuuf nan sodaadha, onneen ittiin dubbadhus hin argadhu. Sababni isaas jechoota ciccimoo inni dubbatu sana gatiin dhabsiisa jedhee waanan sodaachuuf, inni garuu yeroo dubbatu baay’ee ciccimoo turan.»

Hangafni Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis eenyudha?

Habiib Giyoorgis kan dhalate Magaalaa gudditti Gibxii Kaayirootti bara 1876 dha. Abbaan isaa gara olii Gibxii «Teemaa» magaalaa jedhamtuu kan dhufedha. Yeroo abbaan isaa du’u daa’ima waggaa 4 ture. Barumsa fi jaalala mana kiristaanaatiin kan isa guddiste haadha isaati. Qeerloos 4ffaatiin kan baname Manni barumsaa Koophxii «Madiraset El-Aqibat- El Kubra» (Mana Barumsaa guddicha koophxi) tti erga baratee booda Qeerloos 5ffaatiin Diqunnaa fudhate.

Paatiriyaarkii 112ffaa Gibxii Qeerloos 5ffaatiin Manni Kristaanaa karaa hundaan guddisanii baricha akka injifattu taasisuuf yeroo ka’anitti, karaa faallaa ammoo yaada Liberaalii kan qaban tokko tokko hawaasummaan Koophxi yaada Awurooppaa fi Ameerikaawwanii dhaabota Pirooteestaantii yaada isaanii qabachuun «Tahaddisoo» ta’uu qaba jechuun dhiibbaa isaanii bara dabalanitti.

Manni Kiristaanaa Gibxii karaa tokko dhiibbaa Musiliimotaan, karaa biraa kolonii Ingilizootaatiin kan galan Pirooteestaantotaan hordoftoonni ishee yeroo hir’atanitti Gadaamoonni ykn Kawaalonni yeroo dhadhabanitti, Luboonni hiyyummaafi barnoota gahaa dhabuun tajaajila isaanii raawwachuu yeroo dhadhabanitti ture Habiib Giyoorgis gara Mana Kiristaanaatti kan waamame.

Qeerloos 5ffaan Mana Kiristaanaa bara rakkoo irraa gadhisiisuuf hojii isaanii jalqabaa kan godhatan dhaabbachuu mana barumsaa Theology ture. Haa ta’u malee Mana Kiristaanaa hiyyummaa keessa jirtuuf hojiinsaa salphaa hin turre. Maallaqaa fi keessattuu Kiristaanota Gibxiif kan hin eeyyamamne qabiyyee lafaa kaayyichaaf rakkoo turan. Milkaa’ina Dhimma kanaatiif Paatriyaarkichi kan filatan kutataa Mana Kiristaanaaf kutatee kan ka’e Habiib Giyoorgis ture.

Habiib yeroo sana mucaa waggaa 17 ture. Ajaja Paatriyaarkichaan ajajameen Kaabaa hanga Kibba Gibxitti kaayyoo isaa hubachiisuun qarshii mana barumsichaa ittiin ijaaran walitti qabuu eegale. Gara kutaa lallabaa, gara Mana Kiristaanotaa fi galmoota garaa garaatti deemee barbaachisummaa Mana barumsichaa hubachiisuun 11,000£ (pound) qabatee deebi’e.

Magaalaa Kaayirootti «Shoobraa» ganda jedhamtu bukkee maqaa addaa isaa «Maahimashaa» jedhamtutti manni mooraa guddaa qabu ni bitame. Manni barumsaa Theology sunis hojii isaa ni eegale.

Manni barumsichaa yeroo jalqabu Yooseef Maanqaariyoos Daarektara yoo ta’u, Habiib ammoo barattoota 12’n jalqabaa keessaa tokko ta’e. Yeroo kanas Manni barumsaa kun barsiisota gahaa waan hin qabneef Habiib barachaa barsiisa ture.

Bitootessa 8 bara 1890 yeroo Manni barumsichaatti eebbifamu barsiisaa kitaabolee Qulqullootaa ta’ee ramadame. Habiib hojii isaa kana bukkeetti barsiisuun qaba jedhee Lallabaa wangeelaa ta’ee of ramaduun barsiisuu jalqabe.

«Amantaa Kiristaanummaa» kan jedhu barnoota isaa jalqabaa galma Mana barnoota guddicha Koopxitti yeroo barsiisetti yeroo sana kan ture qopheessaa gaazexaa «Kan Misir ‘YeMisr’» kan ta’e Shinoda El Mankaabaadii barnoota isaatiin booji’amuu isaatiin barnooticha qarshii ofii isaatiin maxxansuun ummata hedduu biraan gaheera.

Mana barumsaa Theology kanatti osoo barsiisuu, yeroo haftee ykn yeroo boqonnaa qabutti guutummaa Gibxitti naanna’uun ni lallaba ture. Innis kennaa Sagalee cimaa, beekumsa waa hundaa fi dandeettii uummata booji’uu akka qabu har’a iddoo gurguddaa kan gahan barattoonni isaa yeroo sanaa ni dubbatu ragaas ni bahuuf.

Lallabaan Wangeelaa Luba Paawuloos Baasiilii jedhaman waa’ee Habiib yeroo dubbatan «Ani akkan amanutti Habiib yeroo dhalatuu kaasee warra kaaniif fakkeenya akka ta’uuf lallabaa uumamedha» jedhaniiru.

Lallabni Habiib hangam onnee namaa cabsuu fi tuquu akka danda’u fakkenya tokko fudhachuun barbaachisaadha :- Yeroo tokko Ahimad Paashaa El Manshaawwii kan jedhamu falmaa bilisummaa Gibxii kan ta’e mana hidhaa Ingiliizotaatii ni gadhiifame.

Habiibis yeroo kana mana isaa dhaqee «Baga Gammadde» jedheen haasawaan Habiib kunis namticha waan booji’eef gammadee pound 250 check barreesse kenneef, Habiibis maallaqa kana mana barumsaa Koolleejjii Theology ittiin haaromsuuf itti fayyadame.

Yeroodhaa yerootti qarshii sassaabaa fi walitti qabaa bakka bitee mooraa Theology sana baldhina isaa Meetir Iskuweerii 5000 dhaan gahe ture. Yeroo tokko mana barumsichaa bukkee namicha jiraatu amansiisuun mana barumsaa sanaaf lafa Meetir Iskuweerii 24,000 akka kennu godhee ture. Kanaan alas Gibxii gara olii keessatti magaalaa El Maniya jedhamtu keessaa lafa heektaara 148 bituu danda’eera.

Dabalataan dubbisaa :- Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Isxifaanoos

Tajaajila Habiib kanatti kan gammadan Paatriyaarkiin Gibxii Qeerloos 5ffaan «Hangafa Diyaaqonootaa» jedhanii moggaasaniif. Pound 550’n mana barumsichaa bukkeedhaa bakka itti jiraatu ni bitaniif.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.