Gooftaa Iyyesuus Kiristoos | Qubee Online +

Ayyaana Hoosaa’inaa Tsoomii Guddaa Iyyesuus Kiristoos
Hoosaa’inaa – Torbee Saddeetaffaa Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Maxxansa kana keessatti waa’ee Torbee 8ffaa Tsoomii guddaa Iyyesuus Kiristoos Hoosaa’inaa ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Akka moggaasa Qulqulluu Yaareditti Sanbatni Tsoomii guddichaa inni xumuraa ykn saddeetaffaan kun Hoosaa’inaa jedhama. Hoosaa’inaa jechuun fayyisaa, qoricha jechuu dha. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara Iyyerusaalemitti yoo galus faarfannaan «Hoosaa’inaa Ilma Daawwitiif maqaa Waaqayyoon kan dhufu kan eebbifamedha!» jedhu, «Hoosaa’inaa Ilma Daawwitiif, Hoosaa’inaa Aariyaamitti» jechuun faarfachaa turan. Hayyuun amantaa Qulqulluun Yaareedis faarfannaa kanaa gadii kana qopheessee faarfateera:

«Naannoo Ayyaana Faasikaatti duuka bu’oonni Waaqa dhugaa gara Tulluu Ejersaatti dhihaatan, tabba biyya Waaqayyootti Iyyeruusalemittis maanguddoonni fi ijoolleen baay’een baala Meexxii qabatanii Hosaa’inaa Aariyaamitti jedhanii simatan. Ilmoo Harree irra taa’ees gammachuu guddaadhaan gara Iyyeruusaaleem seene. Warra kanaafis humnaa fi aangoo ni kennaaf.»

Egaa galateeffannaa ijoollee kanaa Qulqulluun Daawwit akkasitti duruma irraa raagee ture

«Warra si irratti ka’an deebisuudhaaf, diinaa fi isa ijaa baafatu gab gochuudhaafis, afaan mucoolii fi daa’imootaatiin faarfannaa qopheeffatteerta.» Faar. 8:2

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka Bu’oota isaa keessaa lama waamee gama fuula keessan dura jiru sana deemaa ilmoon Harrees hidhamtee agartu hiikaatii naaf fidaa yoo namni isin gaafate «Gooftaa keenyaaf ni barbaachifti» jedhaanii jedhee ergeen, jarris akkuma inni jedhe taasisan.

«Borumtaas namoonni sonaan baay’atanii ayyaanichaaf ol ba’an, Iyyesuus Kiristoos Iyyerusaaleem akka dhufu dhaga’an. Damee muka meexxii harkatti qabatanii, isa simachuudhaaf ba’an; sagalee guddaadhaanis, ‘Hoosaa’inaa, Mootiin Israa’eel inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha» jedhan. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yommuus ilmoo Harree irra taa’e; kunis Kitaaba Qulqulluu keessatti caafameera;

«Yaa ijoollee Tsiyoon hin sodaatiinaa, kunoo, mootiin keessan ilmoo Harree irra taa’ee ni dhufa!» jedhamee. Bartoonni isaa si’a duraa kana hin hubanne; Iyyesuus Kiristoos ulfina isaatti erga ol fudhatamee booddee garuu, kun waa’ee isaatiif akka caafame, kanas akka isaaf godhan in yaadatan. Yoh. 12:12

Fakkeenyota Ayyaana Hoosaa’inaa

Egaa fakkeenyummaa fi hiikoo isaa yeroo ilaallu ilmoon harree hiikamtee dhufuun ishee kan hubachiisu dhukkubaa fi hojiiwwan seexanaatiin kan hidhamanii jiran akka fayyina argataniif maqaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos n akka fayyan hubachiisuuf kan raawwatamee dha. Itti fufuudhaanis Harreen kan tuffatamtedha, kun ammoo kan nu hubachiisu yeroo gad-jedhanii Afuura Qulqulluu dhugaa irratti hundaa’anii gara Waaqaatti amanan kan hubachiisudha. Guyyaa kanatti amantoonni ykn uummanni uffata (huccuu) isaanii baasanii karaarra afuudhaan Waaqa keenya Qulqulluu Uumaa hundaa siin miti Harreen ati irra teesse illee buufanni kottee (dhokeen lafaa) tuquu hin qabu jechuudhaan kan taasisanidha. «Hoosaa’inaa Ilma Daawwit Hoosaa’inaa Aariyaamitti» jechuudhaan faarfachuu jalqaban.

Nutis abbootii keenya jalqabaa Duuka bu’uudhaan amantaa Qulqulleettii taate Ortodoksii Tawaahidoon jabaachuudhaan maatii keenya hiika adda ta’een karaa isaanii kan jijjiiran haala ga’aa ta’een dhugaadhaan hubachuun karaa isaanii akka sirreeffatan gochuun wal jabeessuu qabna.

Hiikoo jechoota kanaa yeroo ilaallu;

Hoosaa’inaa:- Hoosaa’inaa jechuun amma fayyisi, nu uumama keetiif fayyina kee bara baraa nuuf laadhu ykn nuuf kenni jechuudha. Kunis immoo Faaruu Daawwit irratti barreeffameera, «Gooftaa gooftotaa amma nu fayyisi.» jedhamee barreeffameera Faar. 117(118) :25.

Aariyaam:- jechuun ammoo bultoo Waaqa keenyaa kan ta’e samii ilaallata, egaa haaluma kanaan kan samii irra jiru samiirras kan jiraatu Gooftaa keenya ati nu fayyisi jechuudhaan faarfatan. Faarfannaa kana karaa lamaan ilaaluun ni danda’ama. Karaa inni tokkoffaan bittaa Roomaa keessaa nu baasi jechuu yeroo ta’u inni lammaffaan fi inni ijoo ta’e ammoo du’a foonii fi lubbuu jalaa nu baasi jechuudha. Faarfannaa kana keessattis kan dabalame Ilma Daawwit kan jedhu ture, kuni Ilma Waaqaa ykn Masihii ta’uu isaa uummanni beekuu isaanii hubachiisa. Wangeela Maatewoos 12:23, 20:23, 30, 22:41, 9:3.

Kunis egaa walumaa galatti Daawwitiif Kakuun Waaqni keenya galeef raawwachuu isaa ibsa. Mootummaan Israa’eel Mootummaa Waaqayyoo turte. Ajaja uumaa hundaa kan ta’e Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Waaqayyo waan ta’eef Addaam irraa jalqabee hanga yeroo Saamu’eelitti uummata kan ajajus ta’e kan dursu jecha kakuudhaan dhiiga sanyii keessa darbuun jiraatan bara baraa fi abbaan hundaa Waaqa ta’uu isaatiif ajaja ykn mootii hin qaban turan. Bara Saamu’eel garuu uummanni Israa’eel akka jara Waaqatti hin amannee (Ahizaab) mootii barbaachuudhaan Saamu’eel mootii keenya ta’i jechuun gaafatan. Saamu’eelis gara Waaqayyoo yeroo gaafatu siin osoo hin ta’iin anaan tuffatani mootii qopheessiif jedheen; Saamu’eelis mootiin keenya Waaqayyo waan ta’eef isinitti haa hafu jedhus uummatni jalaa qabuu hin dandeenye. Eegduu Harree kan ta’e Saa’oliin mootii godheef Waaqayyo akka mootii ta’u uummanni hin jaalanne kanaafuu eegduu Harreetu mootii ta’eef.

Mootummaan Saa’olis ni hafe. Waaqayyoos Saa’ol osoo jiruu akka fedhii isaatti uummata kana ajajuu danda’uuf mootummaa isaa kan ifa ba’u aangoon Daawwitiif akka kennamu godhe. Mootummaan Daawwitis Mootummaa Waaqayyoo turte. Daawwitidhaan sanyiikee irraa kan dhufu ilmoon kee aangoo kee irra ni taa’a jedhee yeroodhaaf Salamooniif ta’ullee dhumni isaa garuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos sanyii isaa irraa akka dhalatu kakuu galeefii ture.

Oduu gammachiisaa Qulqulluun Gabri’eel akka haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiitti himetti Wangeela Luqaas 1:33 barreeffameera. Kanaafuu haala dhoksaadhaan daddarbaa kan ture Mootummaan Waaqayyoo Ilma Waaqayyoo ykn Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos dhalachuudhaan ifa ba’uu isaa ibsuudhaaf abbootiin keenya Mootummaa Daawwit jechuudhaan faarfatan. Haala kanaan Masihiin gara Iyyeruusaaleem yeroo galu kuni eenyu jechuudhaan uummanni gaafatan. Kun Galiilaa Naazireet irraa kan dhufe Iyyesuusidha jedhan. Kana boodas bakka mana amantaa isaa galuun mana amantaa isaa keessatti daldala adda addaa gaggeessaa kan turan fi dhaabbiiwwan daldalaa keessa darban ari’ee manni koo mana kadhannaati malee mana daldalaa miti jechuudhaan ifa baasee dubbate.

Bakka sana kan turan jaamota hunda fayyise, dhukkuboota adda addaatiin kan qabaman hunda illee ni fayyise, haa ta’u malee mana amantaa isaa keessatti badiiwwan adda addaa kan hojjetaa turan kan sammuun jaamaan jara osoo hin fayyisiin darbe, ilaalcha jaraa dabaa ta’e sanas osoo hin sirreessiin darbe.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos achuma osoo jiruu ijoollonni faarfannaa jalqaban bartoonnis jara wajjin Hoosaa’inaa jechuudhaan faarfatan. Warreen ajaja daldalaa sana kan turanis iji jaraa dhiiga uffatee lapheen jaraas hinaaffaadhaan guutamee waan jarri jedhan dhaga’aa jirta mitii? Callisaa jechuun gaafatan, Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yoo jarri callisan illee dhagaan afaan baasee ni faarfata jechuun deebise. Achumaanis faarfannaa Daawwit irratti «ijoollee harma hodhan irraa faarfannaa ofiif qopheessite» kan jedhu hin dubbisnee jechuun isaan gaafate Faar. 8:12. Sammuu qabeessa warra jedhan lapheen jaraa Daabiloosiin yeroo cufamu lapheen ijoollotaa garuu faarfannaa gadi yaasaa ture.

Egaa nuus akka ergamoota isaa laphee ajajamaa fi sammuu qulqulluu qabannee guutummaa guutuutti amannee waa’ee seenaa lafa kanaas dhiisnee isa duukaa yoo buune Waaqni keenya qulqulluun yeroo gaabbii nuuf kennuusaadhaan gara isaatti akka deebinu nuuf eeyyamuu isaa dagachuu hin qabnu.

Waa’ee torbee saddeettaffaa tsoomii guddaa gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kan isiniif qabannee dhiyaanne kana ture Galatoomaa!

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- WDB fi Fuula FB Naahii

The post Ayyaana Hoosaa’inaa Tsoomii Guddaa Iyyesuus Kiristoos first appeared on Qubee Online +.

Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa | Qulqulleettii Soofiyaa
Harree Maqaan ishee bade : Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa

Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa mata duree jedhu kana keessatti waa’ee Harree fi kabaja Ayyaana Hoosaa’inaa, akkasumas gara xumuraa irratti ammoo seenaa fi qabsuura haadha keenya Qulqulleettii Soofiyaa ni ilaalla. Hanga xumuraatti dubbisaa!

Harreen baatamuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa Ayyaana Hoosaa’inaa

Hubachiisa:- Barreeffama kana keessatti Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa waliin wal qabatee waa’ee Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa, lammaffaa irratti ammoo waa’ee Qulqulleettii Soofiyaa fi ijoollee ishee sadanii dhiyaateera. Dubbisaa!

Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa : Harreen akkamitti maqaan ishee bade?

Guyyaa hardhaa Ayyaanni Hoosaa’inaa ni kabajama. Guyyaan kun ammoo guyyaa kamiyyuu caala guyyaa Harreen itti kabajamtudha. Guyyaan akka kanaatti Harreen kabajamtus waan jiru miti. Guyyaa kanas naannawaa isheetti Faarfatamaa, Zanbaabaan qabamee, miilli ishee Afaa irra ejjetee daandii Iyyerusaaleem irra deemteerti. Sana booda garuu akkamitti maqaan harree akka badeefi mallattoo dhadhabinaa akka taate Waaqayyo haa beeku! Tarii Harreen Jaarsi ykn dulloomaan isaa umuriin isaa waggaa 50 hin darbu malee ni gaafanna ture. Umuriin Harree tokkoo yoo baay’ate waggaa 50. Biyyoota guddachaa jiran kessatti ammoo 10 hin caalu.

Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa egaa akkuma armaan olitti ibsinetti, Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa mata duree kana keessatti ilaaluuf ni yaalla.

Read Also :- Torbee Saddeettaffaa Tsoomii Guddaa

Harreen nama waliin jiraachuu eegalte kan jedhamu naannoo waggoottan 5000 hardhaatii kaasee Afrikaattii tarii Itoophiyaatti. Kanaafis ammoo agarsiistuu kan ta’uu danda’u Harreen diidaa Itoophiyaa, Ertiraa, Somaaliyaa fa’a qofaa keessatti argamuu isheeti. Nama tajaajiluun koo erga hin oollee jetteetu jalqaba gara Baha Giddu galeessaatti sana boodas gara Awuroppaatti ceeteerti. Harree yeroo jalqabaatiif Afrikaanota irraa kan fudhatan Roomaanota.

Waa’ee Harrootaa Bara durii | Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa

Roomaanonni gara kaaba Awuroppaattii yeroo babaldhatan kaaba Awuroppaa ishee galchan. Qarooma Gibtsii jennee kan waamnu Qaroomni Abbaay guddichi “qarooma Harrootaa” jedhama. Qabeenyi suni hundi dachee Afriikaa fi Baha giddu galeessaa irraa fe’amee kan gale Harreedhaani waan ta’eef. Daandii Harrii Awuroppaa fi Eshiyaa naannoo galaana Mediteraniyaanii yeroo durii tureerra miilla isaanii deddeebi’aa kan turan Harroota. Dh.K.D naannoo bara 43tti Roomaanonnii yeroo Ingilizii weeraran Harroonni duulanii turan.

Sababa sanaanis Biritaaniyaatti hafaniiru. Jaarraa 16ffaa keessas Ispeenonni Harree gara Laatin Ameerikaatti geessan. Harrees yeroo jalqabaatiif Kaaba Ameerikaa kan geesse Abuuraa Yuhan D. Onate jedhamudha bara 1598 tti. Chaayinaan Addunyaa kan dursitu baay’inaa uummataan qofa osoo hin taane baay’ina harrootaatiinisi. Harroota Mil. 41 ol Addunyaa kana irra jiran keessaa Harroonni Mil. 11 ol Chaayinaatti argamu. Itoophiyaan Mil. 5 ol fi Meeksikoon ammoo Mil. 3.2 oliin 2ffaa fi 3ffaa qabataniiru.

Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa Photo Credit : Pixabay

Harreen garuu hardha akka jedhamu dhadhabduu miti. Harreen naannoo itti jiraachaa turte, firootaa fi hiriyoota ishee harroota biroo Bineelda hanga waggaa 25tti hin hirraanfannedha. Hardha “Abalu na irraanfate” bara jennuu keessatti harreen garuu iddoo jiraachaa turte hanga waggaa 25tti hin hirraanfattu.

Mee naannoo baadiyyaatti haa ilaallu yeroo harreetti ba’aa fe’anii gabaa dhufanii gurguranii gara mana dhugaatiitti goran harreen garuu bitaa fi mirga ishee marga jiru nyaachaa gara mana isheetti ni qajeelti yoo Waraabessi ishee nyaachuu dhiisee fi yoo hattuun hin hanne.  Yoo kanaa alaa harreen mana ishee wallaaltee hin baddu.

Bala’aam fi Harree | Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa

Bala’aam Harree irra taa’ee Israa’eel abaaruu yeroo deemu harreen isaa deemuu yeroo diddu uleedhaan ishee reebe. Garuu balleessaan kan Bala’aam ta’ee argame. Wanta harreen of duratti argite Bala’aam hin argine. Harreen ergamaa of duratti argite, sana booda ni dhaabbatte, Bala’aam garuu hin argine. Amala Harree kana Saayinsiinis ni mirkaneessa. Harreen ni duuti malee wanta nagaa hin taanee fi nageenya isheef hin amansiisnetti hin seentu.

Harreen rakkoo dhufuudhaaf jedhu fi sodaa dursitee shakkuuf kennaan isheef kennameera. Wanti ishee fuuldura jiru rakkoo, jireenya isheef kan ishee sodaachisu yoo ta’e iddoo dhaabbattee jirtuu yoo maaliyyuu ta’e hin sochootu. Bala’aamis akkas ta’e. Harreetti ergamaa Sayifii qabatetu muldhate inni garuu akkuma keenya “Harreefi ulee” jedheetu ishee rukute. Inni harki isaa ni dhadhabe malee isheen yaada ishee hin jijjiirre. Qorattoonni kan irra gahaan amalli Harree tokko kanadha.

Inumaayyuu Beektonni akka jedhanitti Harreen farda caalaa ni madaalchisti ykn wal bukkee qabdee ilaalti ykn gamaggamti. Harreedhaaf nageenya isheetii ol kan ta’e homtuu hin jiru. Namoonni durii “Fardaan kan dhufan waraanota (namoota waraanaa), Harreedhaan kan dhufan namoota nageenyaati” jedhanii amanu ture. Sababni isaas Harreen fuuldura isheetti rakkoon yoo jiraate hin sochootu waan ta’eef. Kiristoosis gaafa Hoosaa’inaa Farda, Gaala ykn Gaangeedhaan osoo hin taane Harreedhaan dhufuun isaa nagaa labsuu isaaf fakkeenya jedhu Abbootiin.

Jechamoota Biyya keenyaa fi Harree | Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa

Biyya keenyatti wanti amma gurraa Harree fi Arbaa itti qoosame hin jiru. Harreen garuu gammoojjii keessatti sagalee Harree biraa hanga Maayila 60 irraa fagaatee jiru ittiin ni dhageessi. Faayidaan gurra Harree kana qofaa miti. Wanta Atsee Hayila Sillaaseen dubbatan jedhame tokko haa ilaalluu Mootichi gara Bishooftuu yeroo deemanitti oolmaa haala qilleensaa Raadiyoo irraa dhageeffataniiru. Raadiyoo irraa kan dhaga’aanis Aduudhaan oola kan jedhudha. Mootichi kana amananii gara Bishooftuu ni deemu.

Daandii irratti garuu qonnaan bulaan tokko Harree fiigsisaa osoo ofaa jiru argu, Mootichis “Maalif Harree akkasitti fiigsifta?” jedhuun innis “Bokkaan dhufuufi waan ta’eefi” jedhee deebisaaf. Mootichis “akkamitti barte” jedhuun. Innis “Harreen gurra ishee dhaabdeerti” jedheen. Isaanis dinqisiifatanii ni deemu. Garuu osoo xiqquma achi hin siqiin bokkaan roobuu jalqabe.

Harreen gogaan ishee akka bineeldota kaanii bokkaa kan danda’u miti, kanaanis karaa gurra isheetiin dursitee baruun of eeggatti. Karaa nyaataa garuu Harreen hamatamuun ishee waan oolu miti. Garaacha hanga 40 ta’an qabdi. Kanumaaniyyuu Harreen umuriin ishee haguma dabalaa deemuu hangi Garaacha ishees dabalaa deema. Garaacha ishee 40 kanaanis Kaarota 18kg naattee fixuuf sa’aatii tokko itti hin fudhatu. Hanga ammaatti akka seenaa Harrootaatti harreen garaacha hedduudhaan Riikardii qabatte Harree biyya Uzbeekistaan yoo taatu Garaacha 59 qabdi.

Qulqulleettii Soofiyaa fi ijoollee ishee Durboota Sadan

Ijoolleen Qulqulleettii Soofiyaa; Pisxis, Alaapis fi Agaappis jedhamu. Hiikni maqaa isaaniis Amantii, Abdii fi Jaalala kan jedhu yoo ta’u, hiikni maqaa ishee ammoo ogummaa jechuudha.

Qulqulleettii Soofiyaa fi ijoollee ishee sadan

Ijoolleen ishee yeroo guddatanitti gara Magaalaa Room geessitee Waaqayyoon sodaachuu fi barumsa Mana Kiristaanaa barsiisteerti. Ciminni Amantaa Ijoollee Dubroota kana sadaniis mootii hamaa Room bara sanaa biratti dhaga’ame. Gara isaatti akka fidaniifis ni ajaje, isaanis ni fidan. Haatii isaaniis “Ijoollee koo ofeeggadhaa kabaja darbaa addunyaa kanaa ilaaltanii lapheen keessan akka hin dhadhabnee fi jireenya bara baraa irraa akka hin fagaanne, Misirricha Kiristoos waliin gara cidha samiitti akka galtaniif cimaa” jettee gorsite.

Umuriin ishee hangafaa 12, kan ishee lammaffaa 10 kan ishee sadaffaa ammoo 9 ture. Haati isaaniis gara mootiitti isaan dhiyeessite. Mootichis Appolooniif akka sagadan, Waaqayyoo akka ganan dabareen isaan gaafate. Isheen hangafaatiinis mootichi “Ani anga’oota mana mootummaa kanaa keessaa tokkotti sin heerumsiisa, Kennaa hedduus siifan kenna Appoolooniif sagadi” jedheen. Isheenis Isaafii xaa’otootni ykn waaqolii tolfamoon isaa homaa akka hin fayyadne itti himtee. Amantaa ishees akka hin ganne, Xaa’otiifis akka hin saganne itti himte.

Qabsuura Qulqulleettii Soofiyaa fi ijoollee ishee sadan

Naabukadanatsoor bara isaatti fakkii dhaabee Sidraaq, Misaaq fi Abdinaagoom Waaqayyo ganaatii fakkii ani dhaabeef sagadaa jedheenii hin sagadnu yeroo jedhan ibidda keessatti isaan gate Waaqayyos Ergamaa ergee isaan fayise Dan. 3:1. Mootichi Room kunis aaree uleewwan sibiilaan akka ishee reeban, harma ishees akka muran akka ishee gidirsan ajaje. Yeroo keessa ishee galchanis kadhachaa keessa dhaabbatte, ibiddichis tasuma ishee hin tuqne, hoo’insi eelee sanaas akka fixeensa ganamaatti qorraa ta’e. Namoonni walitti qabamanii jiranis dinqisiifatanii Waaqayyoon galateeffatan. Namootni hedduunis Iyyesuus Kiristoos Waaqayyootti amanan. Mootichis kanaan mufatee morma ishee sayifiin mursiisuun wareegamummaan boqotte, gonfoo wareegamummaas ni gonfatte. Haati ishees foon ishee ni fudhatte.

Intala ishee lammaffaa Alaapisis dhiyeessanii ni reeban. Garmalees ishee garafan. Eelee Sibiilaa ho’aa keessas ishee galchan, ciminni amantaa ishees akkuma daa’imman sadan Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa’eelidha. Akkuma obboleettii ishee hangafaa, ishee irras wantoota hedduu geessisan isheenis akkuma obboleetti ishee kadhannaan ibiddicha dhaamsitee balleessite. Achiinis Mootichi akka ishee baasanii fi morma ishees akka sayifiin muran ajaje. Isheenis akkuma obboleetti ishee wareegamummaan boqottee gonfoo jireenyaa argatte. Haati ishees foon ishee kaastee fudhatte.

Wareegamummaa Qulqulleettii Soofiyaa

Qulqulleettii Soofiyaanis intala ishee xiqqoon Agaappis akka hin sodaanne, akka obsitu gorsaa fi jajjabeessaa turte. Ishees gara maashinii qaama namaa daakuutti galchan. Bara Duuka Bu’ootaa keessa mana hidhaa Qulqullichi Pheexiroos itti hidhame ergamaan seenee akkuma baase ( HDB. 12.) Waaqayyo ergamaa isaa ergee Agaappis kan keessa jiru maashinicha ni cabse. Isheenis osoo homaa hin ta’iin ni baate.

Yeroo lammaffaafis ibidda qabsiisanii akka ibidda keessatti ishee darbatan ajaje. Isheenis fuula ishee bifa fannootiin mallatteeffattee gara ibidda boba’uutti darbatamtee seente. Yeroo kanas ibiddichi ni dhaame. Namootni naannoo sana turanis ifa kan uffatan ergamootni uffata adiidhaan yeroo ishee golgan arganii ni ajaa’ibsiifatan, baay’een isaaniis ni amanan.

Mataan isaaniis muramee wareegamummaan boqotan. Agaappiisis waggaa sagalaffaa isheetti mormi ishee muramee wareegamummaam Amajjii 30 boqotte. Obboloota ishee lamaan waliinis goonfoo kabajaa hin dabarre ni gonfatte. Haatii isaanii Soofiyaanis Awwaala ijoollee ishee sadaniirratti kuftee Waaqayyo akka ishee boqochiisuuf kadhattee kabajaan boqotte.

Mootichi hamaan Room kunis Waaqayyo irraa dhukkubni hamaan itti ajajamee, iji isaa baba’e, lafeewwan isaa hanga mul’atanitti foon isaa tatarsa’ee, harki isaa muramee, malaa fi dhiigni isaa dhangala’ee, qaama isaa irraattiis raammoo harca’ee, qaamni isaa badee du’a hamaatiin du’e.

Egaa mata duree Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa akkasumas seenaa fi qabsuura haadha keenya Qulqulleettii Soofiyaa kana keessatti waa’ee Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa akkasumas waa’ee Qulqulleettii Soofiyaa sirriitti ilaalleerra.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u! Eebbi Qulqulloota kanaa nurra haa bulu! Ameen!

Barnoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo karaa WhatsApp hordofuuf join taasisaa!

17/08/2013. Ambo, Ethiopia

The post Harree fi Ayyaana Hoosaa’inaa | Qulqulleettii Soofiyaa first appeared on Qubee Online +.