Ergamoota | Qubee Online +

Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluu Phaawuloos
Guyyaa Wareegamummaa Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluu Phaawuloos

Seenaa, Qabsuura ifoota Addunyaa Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluu Phaawuloos Hojii Duuka Bu’ootaa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti. Hanga dhumaatti dubbisaa hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Qulqulluu Phaawuloos

Seenaa Dhaloota Qulqulluu Phaawuloos

Phaawuloos jechuun meeshaa qulqulluu jechuudha. Meeshaa qulqulluu koon si taasisa akkuma jedhe HDB. 9:15. Maqaan isaa kan jalqabaa Saa’ool jedhama ture. Saa’ool jechuunis kennaa Waaqayyo jechuudha. Phaawuloos biyyi isaa Israa’eel gosa Biniyaam irraa iddoo magaalaa Xarsees jedhamtutti dhalate. Lamummaa saba Roomaa qaba ture. Kunis Room kun dur kanneen bulchiinsa ishee jala jiraniif lammummaa kennaa waan turteef. Phaawuloos waggaa 15 yemmuu guutu Xarseesii gara biyyaatti deebi’ee Gamaaliyaal irraa barumsa seera Yihudootaa hanga waggaa 30 tti barate. Innis jalqaba yemmuu Gooftaan barsiisu Iyyerusaaleem waan tureef seera Yihudootaaf inaafaa waan tureef Kiristaanota ari’aa, ajjeesaa ture HDB. 8:1.

Waamamuu Qulqulluu Phaawuloos

Kana boodas inaaffaa isaa kana cimsuun waraqaa eeyyamaa kan Kiristaanota hunda inni akka ajjeesuuf kennameefis waggaa 32ffaa isaatti fudhatee Iyyerusaalemii gara Damaasqoo deemee uummata Kiristaanota ajjeesuufis karoorfatee karaa eegale. Gara Damaasqoo ga’ee yemmuu magaalattii galuuf jedhu garuu, Gooftaan sagalee isaa dhageessisee «Saa’ool Saa’ool maaf na ari’atta» jedheen.

HDB 9:4 Saa’oolis «Ati eenyu?» jedhee yeroo gaafatu «Ani Iyyesuus is Naazireet» jedheen. Yeroo kanas kufee maal godhu jedhee kadhate. Kiristoosis waan gochuu qabu itti hime. Gara magaalaattis galee iji isaas arguu waan dhadhabeef, Lubni Hanaaniyaa jedhamu tokko kadhateefii cuuphamee Kiristaana ta’ee, iji isaas ni banamteef sana booda gochaa isaa duraa sanatti hin deebine Gal. 1:12. Erga cuuphame boodo Qulqulluun Phaawuloos gara biyyoota Arabaa deemee wangeela mootummaa Waaqayyo barsiisaa tureera.

Hojii Tajaajila Afuuraatiif Erga Deebi’e booda Hojiiwwan Hojjete

Biyyoota garaa garaatti wangeela barsiisee, hidhamee waan hedduu argee ergaawwan kitaaba qulqulluu 14 barreessees jira. Ayihuudonni waan turaniif waanuma hundaan sababa itti barbaadanii isa reebaa turan. Yeroo tokko Siilaas waliin hidhamee halkan qixxee yoo ta’u sagalee isaa ol fuudhee yoo kadhatu ifti manicha guutee karri hundi banamee ture. Waardiyyaan isaaniis namoonni hidhaman hundi waan deemanii ba’an itti fakkaatee goraadee isaa luqqifatee of ajjeesuuf gaafa jedhu, Phaawuloos garuu «Hundi keenya jirra, namni tokko osoo hin badiin ati ammo of ajjeestaa?» jedheen waardiyyichis osoo of hin ajjeesiin dhiiseera HDB. 16:39.

Qulqulluun Phaawuloos, saba naannoo itti barsiisu fakkaatee barsiisuudhaan ogummaa addaa qaba. Warra Waaq-harkeetti bulanis akka nama Waaq-harkeetti buluu ta’uudhaan isaan barsiiseera. Yeroo tokko Qulqulluu Pheexiroosii fi Yohannisiin Antsookiyaa dhaqaa barsiisaa jedheen isaanis duumessaan achi gahan. Yeroo kana uffata luboonni waaq-harkee uffatan uffatee Qulqulluun Phaawuloos dhufe. Magaalattii keessa ol seenee balbala rukutee, uummataanis ani Qeesaar irraa ergameen dhufe namoonni gooftaa Kiristoos fudhaa jedhanii lallaban akka jiran dhagaheen dhufe. Amma dafaa warra akkasii walitti naa qabaa jedheen. Isaaniinis gara kootti fidaa jedhee ofitti waamee, «Uummata fuulduratti mee maal jettanii barsiistu?» jedheen.

Isaanis Gooftaan dhalatee, du’ee, dhala namaa fayyise isa malee gooftaan biraa hin jiru jennee barsiifna jedhaniin. Yeroo kana sobdoota jedhee Pheexiroosiin kaballaadhaan dhahe akkamitti gooftaan du’aa ka’a? jedheen. Pheexiroos immoo wanta hojii duraa isaa sanatti deebi’ee itti fakkaatee, Phaawuloos gara hojii kee duraatti deebitee jedheenii ture. Qulqulluun Phaawuloosis egaa mee erga du’aa kaastu ta’ee, kan du’e kaasaatii anatti agarsiisaa isaanin jedhe, mucaa mootichaa erga du’ee waggaa 2 ta’e naaf kaasaa isaaniin jedhe.

Isaanis mucaa du’e kana kadhannaadhaan ni kaasan innis yeroo isaan mucicha kaasuuf kadhatan innis Qulqulluu Pheexiroos fa’a duukaa garaa isaatti ni kadhata ture. Yeroo kana mucichi eenyutu du’aa si kaase? jedhanii yemmuu gaafatanitti bifa Qulqulluu Phaawuloos barbaadee isa kanatu na kaase jedhee dubbate. Phaawuloos gara hojii isaa duratti deebi’innaa laata jedhanii Pheexiroos fa’a shakkanii waan turaniif malee, kadhannaan kanuma hunda isaanii ture. Uummanni walitti qabaman sunis ajaa’iba kana yemmuu argan amananii cuuphamaniiru. Boodas bara 65 tti yommuu sababa gubachuu magaalaa Roomaatiin Neeroon Qeesaar Kiristaanota ajjeesaa turetti magaalaa Niqoophiliyoon jedhamtutti yemmuu barsiisu qabamee mana hidhaa gale. Waggaa lamaa fi baatii jaha mana hidhaa keessatti erga hidhamee booda wareegame.

Ayyaanni yaadannoo Qulqulluu Phaawuloos Adoolessa 5 yaadatama. Guyyaan Qulqulluun Phaawuloos itti wareegame, kan Qulqulluu Pheexiroos waliin tokko waan ta’eef ayyaanni isaanii biyya keenyatti ayyaana Qulqulluu Phaawuloosii fi Pheexiroos jedhamee yaadatama ykn kabajama.

Hangafa Duuka Bu’ootaa Qulqulluu Pheexiroos

Qulqulluun Pheexiroos galaana Galiilaa cinatti kan argamtu Beetesayidaa iddoo jedhamtutti dhalate. Abbaan isaa Yoonaa jedhama. Umurii isaa waggaa 5 irraa eegalee magaalaa Qifrinaahoomitti guddate. Yeroo dargaggoomu obboleessa isaa Indiriyaas waliin galaana Galiilaa keessaa hojii qurxummii qabuu irratti bobba’ee ture. Yeroo gooftaan hojii Wangeelaaf isa waamu nama waggaa 55 ture. Gooftaan na duukaa bu’i gaafa jedhu kiyyoo ittiin qurxummii qabu gatee nama gooftaa duukaa bu’edha.

Maqaan isaa jalqabaa Simi’oon jedhama ture. Maqaa kanas kan laatteef haati isaa qomoo Simi’oon keessa waan turteef akka isheen itti moggaaste ni dubbatama. Maqaa dabalataa Keefaa jedhamus qaba ture. Maqaa Pheexiroos jedhu garuu kan itti moggaase Gooftaa Iyyesuus Kiristoos ture, Iddoo inni itti moggaases magaalaa Qiisaariyaa keessatti namoonni eenyu naan jedhu jedhee gaafa gooftaan gaafatu ati ilma Waaqayyo jiraataati jedhee waan deebiseef Gooftaan maqaa Pheexiroos jedhamu laateef maqaan kun afaan warra Laatiniin dhagaa kattaa jechuudha Maat. 16:16.

Amaloota Qulqulluu Pheexiroos

Amala gara laafummaa, ariifachuu fi dheekkamuu yeroo gooftaan keenya miila isaan galaana Xibriyaadoos irra adeemuu argee anis gara keen dhufa naaf eeyyami jedhee gara gooftaa bishaan irra deemee dhaquuf nama yaaledha Maat. 14:22-23.

Namoonni baay’een yeroo gooftaa dhiisanii teellaatti deebi’an isinis deebi’uu barbaadduu? Gaafa gooftaan ittiin jedhu siin jireenya bara baraa dhiisnee eessa dhaqna jedhee nama ariifatee deebiseedha Yoh.6:66-68.

Jaalala gooftaaf qabuuf jecha yeroo gooftaan waa’ee du’a isaatii dubbatu ati hin duutu jedhee gooftaa kan mormeedha Maat. 16:23.

Dabalataanis si wajjinan du’a jechuudhaan kan dubbatedha. Maat. 26:34.

Jecha isaa kana raawwachuuf jechas gaafa gooftaa keenya qaban albee kaasee gurra Maalkoos rukutee irraa kan kuteedha Yoh.18:10.

Haa ta’u malee utuu Lukkuun hin iyyiin si’a sadi kan ganedha.

Haa ta’u malee qalbii jijjiirachuudhaafis kan ariifatudha.

Hundumaa dhiifnee si duukaa buuneerra yaa Gooftaa maal argannaree jechuudhaanis gooftaa kan gaafateedha. Maat. 19:27-28.

Gooftaa keenyaaf yaaduu irraan kan ka’e ati maalif hin raftu? jedhee gaafa gaafatu, gooftaan keenya immoo xoofoo bareedaa ta’etti bishaan guutee dhugi jedhee laateef, Pheexiroos ammoo osoo hin dhugiin irribni isa qabatee rafe. Harka isaa keessaas lafa dhahee caccabe. Yeroo hirribaa dammaqu qodaan sun cabee bishaan sunis dhangala’ee jennaan guddaa na’e. yeroo kana gooftaan keenya anis addunyaa kana barruu koo irrattin baadhee jira, yoon akka kee kana rafe addunyaan kun caccabdee baddi jedhee barsiise.

Dhuma irratti Gooftaan Iyyesuus Kiristoos na jaal’attaa jedhee gaaffii sadii yeroo dhiyeessuuf ariitii isaa kanaan duraa hubachuudhaan akkan si jaal’adhu atuu beekta kan jedhedha. Yeroo kana gooftaan keenya immoo ilmoolee koo, xobbaallaa koo, hoolota koo eegi jechuudhaan imaanaan kan itti kennamedha. Du’a akkamiin akka du’us kan itti himamedha Yoh. 21:15 kaasee dubbisaa.

Erga gooftaan du’ee booda bartoota nama saddeet fudhatee qurxummii qabuudhaaf lagatti gadi bu’ee halkan guutuu dhadhabaa yoo bule iyyuu gooftan itti mul’atee karaa harka mirgaa kiyyoo kee darbadhu yeroo inni jedhu akka jecha keetti nan darbadha jechuudhaan qurxummii hedduu kan qabuu danda’edha Yoh 21:1-15.

Waa’ee du’aa ka’umsa gooftaa keenyaa Maariyaam Maqdalaawwit irraa dhaga’ee du’aa ka’uu gooftaa keenyaa kan argedha.

Hojiiwwan Qulqulluun Pheexiroos Hojjete

Yeroo Gooftaan keenya ol ba’e Biitaaniyaatti bartoota hundumaa walitti kan qabedha. HDB 1:1-9.

Erga Gooftaan keenya ol ba’ee booda akkuma raajiin dubbatameef iddoo Yihudaa Maatiyaasiin kan filedha. HDB. 1:15-23.

Gooftaan erga du’a mo’ee ka’ee ol ba’ee guyyaa kudhan booda ayyaana Phaaraaqilixoos irratti namoota qooqa garaa garaa qaban kennaa afuura Qulqulluutiin guutamee raajiin dubbatamee tures akka raawwatamuuf Iyyu’eel 2:1 kaasee dubbisaa. Qooqa 71 n barsiisuudhaan namoota 300 kan amansiiseedha HDB. 2:14-37.

Dargageessa waggaa 40’f naafa ta’ee mana qulqullummaa keessa jiraachaa kan ture kadhannaa isaatiin kan fayyisedha HDB. 3:1.

Ija jabummaadhaan Mana Qulqullummaa keessatti argamee waa’ee waaqummaa Iyyesuus Kiristoos kan barsiisedha HDB. 4:1-22.

Anaaniyaa fi Siphiiraa Hafuura Qulqulluu gowwomsuu warra barbaadaniif kan saaxila baaseedha HDB. 5:1-14.

Diyaaqonoota 7 hojii mana Waaqayyoo akka hojjetaniif kan filedha HDB. 6:1.

Gaaddidduu isaatiin dhukkubsattoota fayyisee ajaa’iba garaa garaas kan godhedha. HDB. 5:15.

Simi’oon masarrii nama jedhamu biyya Samaariyaa keessatti kan nama dogoggorsiisaa ture nama leeyyaasisedha HDB. 8:4-25.

Mucaa durbaa Xaabittaa jedhamtu du’a keessaa kaaseera HDB. 9:36 kaasee.

Eeniyaa kan jedhamu waggaa 8 irraa kaasee naafa ta’ee ciisaa kan ture fayyiseera. HDB. 9:32-34.

Biyya Qeesaariyaa keessa kan jiraatu Qoorneliyoos kan jedhamu maatii isaa guutummaa cuupheera HDB. 10:1-dhumaa.

Bara 50 keessa wal gayii abbootii amantii magaalaa Antsookiyaatti gaggeeffame walitti qabaa ta’uudhaan gaaffilee dhiyaataniif deebii laatee akka murta’aan taasiseera HDB. 15:1.

Waggaa tokkoof bartoota walii galaa wajjiin tokkumma’anii Iyyerusaalemii fi naannoo ishee barsiisaa turan Maat 28:18-19 irratti barreeffamee akka jiru gara daarii biyya lafaa deemaa barsiisaa waan jedhameef carraa hundumaaf buusee akka isaan lafa carraa isaanii deeman abbummaan taasiseera.

Ofii isaatiif immoo biyya Samaariyaa, Lidaa, Iyyoophee, Antsokiyaa, Pheeniixos, Galaatiyaa, Qaphidooqiyaa, Beetaaniyaa fi magaalaa Room keessa naanna’ee barsiiseera. Keessumatti immoo magaalaa Room keessa waggaa 25f teessoo Phaaphaasii isaatii ta’uudhaan barsiisaa ture. Duuka bu’aan isaas Qaaleminxoos ture.

Qulqulluun Pheexiroos kan inni barsiise akka hin irraanfatamneef ergaa isaa isa jalqabaa bara 54 keessa biyya Baabiloonitti barreesse. Ergaa isaa isa lammaaffaa ammoo bara 60 keessa magaalaa Roomitti barreesse.

Seenaa Boqonnaa fi Wareegamummaa Qulqulluu Pheexiroos

Pheexiroosii fi Phaawuloos waggaa tokkoof waliin ta’anii biyya Roomaa keessatti waan barsiisaniif amantoonni ni baayyatan. Keessumatti haadha manaan moototaa kan Albinoosii fi Agiriiphaa amananii Kiristaana ta’an kun ammoo moototaa fi qondaaltota biyyattii baay’ee aarse.

Mootiin Neeroon bara 54 keessa yeroo muudame nama tolaa ture waggaa tokko booda garuu nama hamaa ta’ee abbaa isaa ajjeese, bara 59 keessa immoo harmee isaa summiidhaan ajjeese, bara 62 keessa immoo haadha manaa isaa Agitaabiyaan jedhamtu ajjeese bara 63 keessa immoo barsiisaa isaa ajjeese dhuma irratti bara 64 keessa magaalaa Roomitti ibidda qabsiise. Balaa uumame kanaaf namoonni baay’ee aaran. Mootichi Neeron garuu balaa kana kan geessisan akka waan Kiristaanota ta’aniitti naannessee isaan irra kaa’e.

Read Also :- Hangafa Duuka Bu’ootaa Qulqulluu Pheexiroos

Kanarraan kan ka’e magaalattii keessatti oduun gosa lama odeeffamuu jalqabe.

1. Waaqolii Roomaa keessaatu Kiristaanota irratti aaree gube.

2. Kiristaanotatu magaalaa keenya gube kan jedhu ture. Oduu kana irraan kan ka’e namoonni Roomaa keessa jiraatan hundi Kiristaanota adamsanii ajjeesuu eegalan. Yeroo kana dubartoonni moototaa amanan hundi Qulqulluu Pheexiroosiin ati nuuf hafuu qabda jedhanii guuboo keessa ka’aanii funyoodhaan Masaraa ykn gimbii Roomaadhaan lafa buusanii akka inni gara bosonaatti baqatu taasisan. Yeroo kana Qulqulluun Pheexiroos daandii gara Hoppiyaam nama geessu qabatee imala isaa eegale.

Daandii irratti dargageessi diimaan tokko utuu itti dhufuu argee yeroo hubatee ilaalu gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha Pheexiroosis fuuldura isaatti kufee maal yaa gooftaa eessa deemta jedhee gaafate yeroo kana si’a lammaffaaf Roomaa keessattin fannifamuu deema jedheen. Qulqulluun Pheexiroos Gooftaan dursee Yoh 21:18 irratti du’a akkamiin akka inni du’u qabu kan inni itti himee ture sana yaadatee ni boo’e, hin ta’u yaa Gooftaa anatu dhaqee fannifamuu qaba jedhee magaalaa Roomaa keessatti utuu isa barbaadaa jiranii waltajjii irra dhaabbatee waa’ee gooftaa dhugaa ba’uu isaa itti fufe. Loltoonnis qabanii Adoolessa 5 bara 67 yeroo fannisuuf jedhan gadi gombisaa na fannisaa jechuudhaan gadi gombifamee fannifamuudhaan wareegame. Yeroo sana Qulqulluun Phaawuloos mana hidhaa keessa ture, isa ammoo mana hidhaa keessaa fiduudhaan saggoo irraan morma isaa kutanii guyyaama kana innis wareegame.

Ajaa’ibaa Guyyaa Wareegamummaa Qulqulluu Pheexiroos fi  Qulqulluu Phaawuloos hojjetame

1. Morma isaa irraa muruudhaaf utuu fuudhanii deemanii intalli mootichaa kan amante tokko Qulqulluu Phaawuloos kafana kee naaf kenni ittiin jennaan laatteefii turte. Yeroo morma irraa muranii deebi’an isheen ammoo Phaawuloos akkam ta’e yeroo ittiin jettu kafana kee itti aguugnee ajjeefnee dhufne ittiin jennaan isheen immoo maa sobdu erga isin dabartanii booda utuu isin hin deebi’iin Qulqulluu Pheexiroos wajjiin kafana koo naaf kennanii amma darbanii ittiin jettee kafanicha itti agarsiifte. Isaanis maal ajaa’ibni kun jedhanii dinqisiifatan. Duuka bu’oonni isaa dhokotanii morma isaa cite walitti fidanii yeroo kafanuuf jedhan walitti hodhamee seeraan fuudhanii awwaalaniiru.

Xumura Mooticha Neeroon

Mootichi Neeroon kun abbootiin amantii kun akka isaan wareegaman erga taasisee booda hammeenya isaa kan itti fufe yoo ta’ellee uummanni itti dammaqanii waan irratti ka’aniif magaalattii gadi dhiisee baqatee bara 68 keessa hojjetaan isaa tokko seefiidhaan isa ajjeese.

Channeel keenya Telegram join taasisaa!

Kadhannaa fi sugni isaanii hunda keenya irra oolee haa jiraatu Ameen.

The post Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluu Phaawuloos first appeared on Qubee Online +.

Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 1ffaa
Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu

Seensa :- Koorsii Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo «Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu» jedhu kana har’a irraa jalqabee kan isiniif dhiyeessinu yoo ta’u, isinis dubbisaa hiriyoota keessan Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo ta’aaniif qoodaa!

Kutaa 1ffaa

Kitaaba Qulqulluu Jechuun Maal Jechuudha?

Jechi Kitaaba Qulqulluu jedhu jechoota «Kitaaba» jedhuufi «Qulqulluu» jedhu irraa jecha argame yoo ta’u jechi «Kitaaba» jedhu barreeffama bakka tokkotti hidhamee (walitti qabamee) argamu yommu ibsu; jechi «Qulqulluu» jedhu hiika kan filatame kan adda bahe kan kabajame jedhu kenna. Kanaafuu Kitaaba Qulqulluu jechuun barreeffama bakka tokkotti hidhamee (walitti qabamee) argamu barreeffama kabajame jechuudha.

Kitaabni Qulqulluu maalif Qulqulluu jedhame?

A. Argamsiisaan Kitaaba kanaa Waaqayyo Gooftaan Qulqulluu waan ta’eef.

Kan Waaqayyoo kan ta’e hundi Qulqulluu dha waan ta’eef. Kitaaba Qulqulluu irratti akkas kan jedhu barreeffamee jira;

«Ani Waaqayyo Uumaan keessan Qulqulludhaatii Isinis Qulqulloota ta’aa!» Seera Leewotaa 19:2.

Namoonni Waaqayyoof adda yommuu ba’aan, jechuunis Waaqayyo hojii adda ta’eef yommuu isaan filatu Qulqulluu jedhamu. Waaqayyo Hangafa Raajotaa Museedhaan «Kana hunda obboleessa kee Aaroniin, isa wajjinis ijoollee isaa ni uffifta luboota ta’anii akka tajaajilan isaan dibda isaan qulqulleessitas» kan jedhe. Ba’uu 28-40-41. «Kan isin waame Qulqulluu akka ta’e isin ammoo jireenya keessan hundaan Qulqulloota ta’aa!» 1 Pheex. 1-15-16.

B. Namoonni Qulqulluun Afuura Waaqayyoon durfamanii kan barreessan waan ta’eef.

«Raajii Kitaaba keessa jiru hunda eenyuyyuu ofiisaaf (akka fedhii mataa isaatti) hiikuuf hin eeyyamamneef, raajiin eeyyama namootaan hin dhufneetii; haa ta’uutii Waaqayyoon ergamanii namoonni Qulqulluun Afuura Qulqulluun durfamanii dubbatan!» 2 Pheex. 1:20 -21.

C. Namoota gara Qulqullinaatti kan geessisu waan ta’eef Qulqulluu jedhameera.

Kitaabolii kabajaman amananii fudhachuun sagalee Waaqayyoo dhaga’udha. Gara dhugoominaa gahuuf duraan dursee amanuun barbaachisaadha. «Amantiin dhaga’uunidha; dhaga’uunis sagalee Waaqayyonidha» akka jedhame. Room. 10:17. Sagalee Waaqayyoo kan dhaga’an hundi gara Qulqullinaa ga’uun isaanii hin shakkamu. Kanaafidha Qulqulluun Yohaannis «Sagalee raajii kitaaba kanaa kan eegu eebbifamaadha!» Mul. 2:7 jechuun Waaqayyo Gooftaan kan isaaf ibse.

D. Namoota dubbisanii fi dhaga’an waan eebbisuuf.

Kitaabolii isaan kaan dubbisuun gorsii fi beekumsi ni argama. Kitaaba Qulqulluu dubbisuunii fi sagalee isaa dhaga’uun garuu eebba ni arganna. Mul. 1:3.

E. Ijoolleen namaa osoo hin uumamiin dura haala jiru mirkaneessee waan dubbatuuf.

Kitaabolii Qulqulluu keessatti duraan dursanii kan raawwatan hunda yommuu ibsu tilmaamaan yookaan ni ta’aa laata jedhamee osoo hin taane haala mirkaneeffameen dubbata.

Fakkeenyaaf:- «Waaqayyo duraan dursee samiifi lafa uume» Uma 1:1.

Egaan caqasa armaan olitti ilaalle irraa kan hubannu «Waaqayyo samiifi lafa osoo hin uumiin hin hafne yookaan uumeet ta’a» osoo hin taane «Uume» jechuu isaa hubachuun barbaachisaadha.

Kunis adda isa taasisa.

F. Gara fuulduraatti kan raawwatamu mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef.

Kitaabni Qulqulluu kan darbe akka mirkaneessu hunda kan dhufus shakkii tokko malee mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef addadha. Kitaaboliin kanneen biroo dhimma gara fuulduraa dhufu tilmaama isaanii qo’annaafı qorannaan yookaan tilmaamaan «Akkas ta’uu danda’a» yoo jedhan malee «Akkas ta’a» jechuun mirkaneessanii hin dubbatan.

Fakkeenyaaf :- Raajiin Isaayyaas «Kunoo durbi garaatti ni baatti mucaa ilmaas ni deessi; maqaa iaas Amaanu’eel jettee ni waamti.» jedhe malee «Garaatti ni baatti ta’a; ni deessi ta’a; Amaanu’eel jedhamuu danda’a» hin jenne. Isaa. 7:14. Raajiin Isaayyaas waa’ee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos raajiin dubbate kan raawwate inni dubbatee waggaa dhibba torba (700) booda yoo ta’u, jecha raajii isaa irraa homtuu osoo hin raawwatiin kan hafe hin jiru.

Akkasumas Qulqulluun Daawwit waa’ee dhufaatii lammaffaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos mirkaneessuun «Kabaja miidhagina isaa Tsiyoon irraa Waaqayyo ifa ta’ee ni dhufa.» jedhe malee «Ni dhufa ta’a» yookaan «Dhufuu hin dhiisu» hin jenne. Faar. 49:2

G. Barri kan isa hin jijjiirre waan ta’eef

Kitaabni Qulqulluu kan hin dulloomne; baay’inni waggootaa kan isa hin daangessine kan bara baraati. Caqafama Kitaaba Qulqulluu kan armaan gadii hubannee haa ilaallu.

«Sagaleen Waaqayyoo garuu bara baraaf jabaattee ni jiraatti» Isaa. 40:8.

«Samii fi lafti ni darbu sagaleen koo garuu hin darbu» Maat. 24:25.

«Sagaleen Gooftaa bara baraaf ni jiraata» 1 Pheex. 1:25.

H. Kabaja Qulqullootaa kan dubbatu waan ta’eef Qulqulluu jedhameera.

Waa’ee haadha Waaqayyoo Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, waa’ee Ergamoota Qulqulluu, waa’ee Qulqullootaa, waa’ee Dhugoomtotaa, waa’ee Wareegamtootaa waan dubbatuuf Qulqulluu jedhameera. Faar. 4:3

Read Also :- Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Itti fufa!

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Madda :- Kitaaba «Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu»

The post Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.

Tsoomii Duuka Bu’ootaa | Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo
Tsoomii Duuka Bu’ootaa

Mata duree kana keessatti waa’ee Tsoomii Duuka Bu’ootaa kan ilaallu ta’a hanga dhumaatti dubbisaa!

Tsoomii jechuun maal jechuudha?

Tsoomii jechuun wantoota qaamni keenya barbaadu kam irraayyuu dhorkuu jechuudha. Yookiin ammoo gama biraatiin wantoota fooniif mijatan dhiisuu jechuudha. Iddoo Amantaan jiru kamittiyyuu Tsoomiin jira, Tsoomiin Amantaa waliin walitti dhufeenya bara baraa qaba. Kakuu Moofaatti Tsoomiin iddoo guddaa qaba ture.

Raajonni Kakuu Moofaa waqtiiwwan Waaqayyo waliin itti wal arganitti midhaan, bishaan afaan isaanii hin seenu ture. SKD. 34:28. Dheekkamsi sababa baay’ina cubbuu isaaniitiin isaaniitti dhufu kan deebi’u fi kan qabbanaa’u uummanni yeroo Tsoomii dhaan isa kadhatan ture. Yonas 3:5-10.

Kakuu Haaraa keessattis Tsoomiin seera nam-tolchee osoo hin taane Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo lada irra deddeebi’aa turetti jalqaba taasisee seera inni hojjetedha. Maat. 4:21. Gooftaan keenya sassatuudhaan, jaalala qarshiitiin fi of jajaan kan dhufu diina keenya Diyaabiloos Tsoomii dhaan akka injifannu nutti agarsiise. Kana qofaa osoo hin taane diina keenya guddaa kan ta’e Seexana Tsoomiidhaan of irraa fageessuu akka dandeenyu Gooftaan keenya dubbateera. Maat. 17:21.

Qaamni Tsoomiidhaan dhadhabe fi Kadhannaa dhaan cime Waaqayyoof ajajamuuf kan qophaa’ee ta’uu isaatiin Waaqayyo nu ajaja nuti ammoo ni ajajamnaaf.

Dabalataan dubbisaa :- Tsoomii Tsiggee fi Godaansa Haadha keenya Dubroo Maariyaam

Lallaba Wangeelaatiin kan tajaajilan Diyaaqonoonni fi Luboonni kan muudamanis Tsoomii fi Kadhannaan ture. HDB. 13:2, 4:25. Qulqulluun Qorneeleewoos kabaja isaan hin eegne kan argatan Tsoomii fi Kadhannaadhaan Waaqayyo kadhataniitu. HDB. 10:20.

Tsoomiin kan eegne fi kan yaadne qofaa osoo hin taane kan hin eegnes kan hin yaadnes gonkumaa kan nuuf hin malles kabajaa fi surraa kan nuuf kennisiisudha. Bu’uura ayyaana fi tiwufiitii Mana Kiristaanaa Duuka Bu’ootaatiin Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Manneen Kiristaanaa isaan jalqabaa keessaa tokko ta’uu isheetiin sirnaa fi seera Tsoomii qabdi, isaan kunis Tsoomii dhuunfaa fi Tsoomii labsii jedhamu. Tsoomiiwwan labsii torban akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti beekaman keessaa tokko Tsoomii Ji’a Waxabajjii keessa Tsoomamu Tsoomii Duuka Bu’ootaati.

Tsoomiin kunis uummata biratti Tsoomii wattaaddaraa jedhama. Deemsa Lallaba Wangeelaatiif kan qophaa’e, fakkeenya Tsoomaniitiin yeroo durii wattaaddaroonni deemsaaf yeroo ka’aan ykn achii yeroo deebi’an kan dogoggorre kan balleessine nuuf dhiisi jechuun ni tsoomu ture. Tsoomiin kunis kan hiikamu Adoolessa 5 yoo ta’u, guyyaan itti seenu garuu guyyaa murta’aa miti. Sababa kanaanis guyyaan Tsoomiin kun itti seenu, dheerinni guyyoota tsoomamanii dheerachuu fi gabaabbachuu danda’a, yeroo tokko tokko guyyaa 40 ol ta’a yeroo kan biraa ammoo guyyoota 30 gadi ta’a.

Duuka Bu’oonni yoom Tsooman?

Qulqulloonni Duuka Bu’oonni hojii gooftaa isaanii, uumaa isaanii duuka bu’anii inni gara hojii fayyisuu isaatti jechuunis dhukkubsattoota foonii raajiiwwan isaatiin, dhukkubsattoota lubbuu ammoo barumsa isaatiin dursee jalqaba hojii isaa lafa onaa Qoronxoositti seenuun guyyoota 40 fi halkan 40 akka Tsoome fi akkuma kadhate Qulqulloonni Duuka Bu’oonnis isaa duukaa bu’anii Tsoomaniiru. Kennaa Afuura Qulqulluu erga fudhatan booda Addunyaa carraadhaan adda hiratanii naanna’aanii barsiisuu isaaniitiin dura hojii isaanii jalqabaa Tsoomii taasifataniiru.

Duuka Bu’oonnis Tsoomii kana akka Tsooman Gooftaan keenya dursee Duuka Bu’oonni Yohaannis gara isaatti dhufanii yeroo isa gaafatanitti dubbatee ture «Nuti fi warri Fariisotaa yeroo baay’ee ni tsoomna, Duuka Bu’oonni kee garuu maalif hin tsooman? jedhaniin Iyyesuusis akkas jedheen, warri Miizee hanga Misirroon isaan waliin jirutti ni gadduu? garuu yeroon Misirroon isaan irraa adda bahu ni dhufa yeroo sana ni Tsoomu!» Maat. 9:15-16.

Tsoomiin Waxabajjii ykn Tsoomii Duuka Bu’ootaa kun Tsoomii Lubootaa qofaadhaa?

Gaaffiin kun namoota hedduu biraa kan ka’udha, namoonni baay’een Tsoomiin Duuka Bu’ootaa Tsoomii Lubootaa qofaa itti fakkaata garuu Tsoomiin kun Tsoomiiwwan labsii torban keessaa isa tokkodha, Qulqulloonni Duuka Bu’oonni Gooftaa keenya fakkeenya taasifatanii kan tsooman nutis isaan fakkeenya taasifannee Tsoomii tsoomuu qabnudha. Har’a garuu namoonni hedduun Tsoomii kana tsoomuu dhiisanii Luboota qofaatu tsooma jechuun tsoomaa hin jiran. Garuu wantoota akkasii irraa of eeggachuun Tsoomii kana tsoomuu qabna.

Nuti Tsoomii kana kan tsoomnu eebba Duuka Bu’ootaa uffachuuf, Addunyaa isaan injifatan akka injifannuuf Waaqayyo uumaa keenya kadhachuuf waan ta’eef Tsoomii kana haa tsoomnu, Tsoomiin kun Kiristaanota hundaaf kan kenname dha malee Lubootaaf qofaa miti. Tsoomiin Lubootaaf Amantootaaf jedhamee qoodamee Tsoomamu hin jiru.

Akkamitti fi maal irraa haa Tsoomnu?

Hiikni Afuurawaa Tsoomii kan Waaqayyo ittiin kadhatan, meeshaa hidhaa cubbuu irraa adda ittiin bahan waan ta’eef waqtii tsoomaatti nyaata humna Afuurawaatiin faallaa ta’aan fi dhugaatii Alkoolii garaa garaa, nyaata foonii fi dhadhaa, Aannan fi Hanqaaquu irraa fagaachuun barbaachisaa akka ta’e ajajameera.

Abbaa manaa fi haati manaa waliin hin bulan 1 Qor. 6:5.

Foon keenya Tsoomiin dhadhabsiisuuf nyaata dibata garaa garaa qaban irraa of dhorkuun barbaachisaadha. Kunis ragaa Kitaaba Qulqulluu qaba fakkeenyaaf Faaruu Daawwit 108:24 irratti «Humni koo Tsoomii dhaan dhadhabe, foon koos dhadhaa dhabuudhaan ni huuqqate» jedheera. Ijoolleen sadan fi Raajichi Daani’eel nyaata Mana Mootummaa, Foonii fi nyaata kadhannaa dhiisanii akaayii fi bishaaniin turuu isaanii barreeffamee jira. Dan. 1:8-21, 10:2. Wanti guddaan Tsoomii dha malee nyaanni gara Waaqayyootti nu hin dhiyeessu, yoo nyaannes wanti buufannu, yoo dhiisnes wanti miidhamnu hin jiru 1 Qor. 8:8. Addaam irraa jalqabee nyaanni yeroo nama kuffisu malee yeroo nama kaasu hin argine waan ta’eef Tsoomii cubbuu irraa ittiin fagaachuun, ofii kan yaadne warreen hin qabneef kennuun, Tsoomiin kadhannaa waliin yoo ta’u kennaa akka Duuka Bu’ootaa kennisiisa waan ta’eef kadhannaa mn cimuun sagadaanis gara Waaqayyootti laphee qulqulluun deebi’uun tsoomuu qabna.

Faayidaa Tsoomii

Qulqulluun Efireem «Tsoomiin galaa lubbuu, ayyaanadhas!» jechuun dubbateera, Tsoomiin lubbuu sooressa taasisa. Sammuu qulqulluu taasisuu isaatiin dabalataattis diina irratti afuura cimaa taasisa, Tsoomiin naamusa gaarii akka horannu kan taasisu jireenya Afuurawaati. Kunis qulqullummaa, obsa, gammachuu fi k.k.f dabalataani Mana Qulqullummaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan ta’e qaamota kanneen qulqullummaadhaaf, isaaf akka bitamu akka taasisnu nu gargaara.

Tsoomiin gara Waaqayyootti akka deebinu nu taasisa. Iyyuel. 2:12. «Ammas jedha Waaqayyo, lubbuu keessan irraa Tsoomii dhaan, boo’ichaan fi iyyaan gara kootti deebi’aa gara Waaqayyootti kan itti deebinu kaka’umsa laphee dhugaa nuuf taasisa. Raajichi guddichi Isaayyaas cubbuu isaa irraa gaabbee Tsoomiin inni tsoome cubbuu isaaf dhiifama qofaa osoo hin taane kabaja Waaqayyoos ilaaluu isa dandeessiseera. Isa. 6:1

Walumaa galatti Tsoomiin bu’uura jireenya Afuurawaa keenyaati, jalqaba tajaajilaa fi qulqullummaa keenyaa ta’uu qaba.

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Tsoomii Duuka Bu’ootaa | Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo first appeared on Qubee Online +.

Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel fi Baahiraan
Guyyaa itti Qulqulluu Mikaa’eel xalayaa du’aa Baahiraan gara jireenyaatti jijjiire

Mata duree keenya har’a keessatti waa’ee yaadannoo Ayyaana guyyaa Hangafni Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel Baahiraan itti gargaare waliin ni ilaalla hanga dhumaattui dubbisaa hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Guyyaa Yaadannoo Baahiraan

Biyya Iskindiriyaa keessatti bara mooticha Barxilimiyoos Gibtsii keessaa Ziigol iddoo jedhamtutti maqaa urjiidhaan manni waaqa tolfamaa ijaaramee waggaa waggaadhaan guyyaa kana aarsaa dhiyeessaniifii isa irraa hafe immoo nyaatanii dhuganii sirbuudhaan ni kabajatu ture. Mirga mooticha Qosxanxiniyoos mirga Mana Kiristaanaaf inni kenne irra dhaabbatanii phaaphaasii abbaa Illeskindiriyoos jedhaman labsiidhaan manni waaqa tolfamaa sun diigamee iddoo isaa irratti immoo Manni Qulqullummaa ijaaramee Taabonni Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’elii seenee waggaa waggaadhaan guyyaa kana akka kabajamu murteessan.

Amantoota ayyaana kana kabajan keessaa tokko abbaa Baahiraan ture. Abbaan kun utuu haati warraa isaa mucaa kana ulfooftee jirtuu du’e. Guyyaa mucaan kun dhalatu Qulqulluu Mikaa’eelii fi Qulqulluu Gabri’eeliin ol seenanii mucicha eebbisanii raajii dubbatan raajiin dubbatanis qabeenyaa namicha badhaadhaa ollaa keessanii kana mucaa kanatu dhaala jedhanii deeman. Oolee bulee oduu kana namichi kun dhaga’ee maal godhu jedhee utuu yaadan dhiphatuu mucichi guddatee nama waggaa 10 ta’e. Harmeen mucaa kana ammoo waan nyaattuu fi waan ittiin mucaa kana guddistu dhabdee akka rakkachaa jirtu argee warqee waqeeta 20 laateefii ati ammoo mucaa kana naaf kenni nan guddifadhaa ittiin jedhe.

Yeroo isheen tole jettee laattuuf galaana qarqaratti geessee saanduqa ykn «Saaxinii» keessa buusee itti qollofee galaana keessa buuse. Waaqayyo galaanicha keessatti eegee biyya fagoodhaan ga’e. namichi hoolaa tiksu saaxinicha argee manatti fudhatee galee gaafa banu mucaa bareedaa tokkotu keessa jira. Mucaa barbaadaa waan tureef fuudhee guddifate. Maqaa isaas Baahiraan jedhee moggaase hiikni isaas bishaan keessaa kanan argadhe jechuudha.

Waggaa heedduu booddee namichi sooressichi bishaanitti gate sun daldalaaf osoo deemuu aduun itti dhiinaan gara mana kanaatti goree bule.

Yemmuu mucaan kun as fi achi deemee ergamu argee Baahiraan yemmuu jedhan dhaga’ee qoratee jennaan jaarsichis seenaa jiru hunda itti hime. Yeroo kana namtichi mucaan kun ammayyuu hin duunee jedhee yaadee ganama yeroo lafti bari’u manattan waa irraanfadhee dhufee adaraa gatii dadhabbii keetii siifan kaffalaa dhaqii naaf fidi jennaan tole jedhe. Yeroo kana namtichi sooressi kun xalayyaa akkas jedhu barreessee itti kenne xalayyichis akka mucaan kun isin bira ga’een ajjeesaa jedhee itti chaappessee ykn itti mallatteessee itti kenne. Akka nama tokkotti hin laanne jedhee isa akeekkachiise.

Dabalataan dubbisaa :- Qulqulluu Mikaa’eel fi Qulqulleettii Afoomiyaa

Tole jedhee adeemsa guyyaa sagalii adeemee guyyaan tokko gaafa isa hafu Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel farda isaa yaabbatee nama fakkaatee itti dhufee «Ati eenyudha? eessaa deemta?» jedhee gaafate. Inni akka ergaa dhaqaa jiru itti hime. Xalayaa kana kenni nan ilaalaa jedhe. Hin kennu nama tokkotti hin kenniin naan jedheera Gooftaan koo jedhee deebiseef.

Haa ta’u hin banu kenni ilaaleen sitti deebisaa jedhee harkaa fuudhee hafuura itti baafatee itti deebise. Yerooma kana jechi du’aa isaaf barreeffame jijjiiramee jecha jireenyaa isaaf ta’e xalayaa sana fuudhee haadha warraa isaaf hojjetaa isaatti gaafa laatu mucaa koo itti heerumsiisaa qabeenyaa koo hundumaa immoo dhaalchisaa waan hundumtuu immoo isaaf haa bitamu kan jedhutu dubbifame. Chaappaa waan qabuuf tole jedhanii mirkaneessan.

Waan ergamaan Waaqayyoo sun dubbate raawwatee guyyaa 40f gammachuun ta’ee guyyaa 40 booda namtichi sooressi bakka turee yeroo deebi’ee dhufu sagalee gammachuu gaafa dhaga’u waan ta’es gaafa itti himan farda isaa irraa lafa kufee du’e haati manaa isaas du’a abbaa manaa ishee dhageesse naatee duute. Baahiraan kun hundumtuu gargaarsa ergamaa Mikaa’eeliin akka ta’e mul’ataan argee hubatee luba ta’ee maqaa Q/Mikaa’eliin mana qulqullummaa guddaa ijaarsise. Egaa walumaa galatti Waxabajjiin 12 guyyaa xalayaan du’aa isaatii jireenyatti jijjiirameef jedhamee beekama.

Walumaa galatti waa’ee Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel ilaalchisee;

Mikaa’eel jechuun hiikni maqaa isaati eenyu kan akka Waaqayyoo jechuudha. Kitaaba qulqulluu keessatti iddoo baayyetti barreeffamee jira.

1. Hoogganaa raayyaa ergamootaa. Maac Iya 5:13, Mul Yoh 12:7

2. Ergamaa guddicha. Dan. 12:1

3. Magaalaa badiisaa keessaa kan nama baasu. Uma 19:10-18

4. Ijoollee Waaqayyoo kan eeguudha. Uma 48:16.

5. Diina irratti dukkana kan uwwisudha. Ba’uu 14:19-20.

6. Biyya abdachiifamtetti ijoollee Waaqayyoo kan galchudha. Ba’uu 23:20-23.

7. Mannaa samii irraa roobsee kan ijoollee Waaqayyo nyaachisuudha Far.106.

8. Daandii jal’inaa irra kan deeman kan dheekkamudha. Lakk. 22:22

9. Amma libsuu ijaa gidduutti diina ijoollee Waaqayyo kan barbadeessudha. 2 Moot. 19:35.

10. Boolla leencaa keessatti kan gataman kan nyaachisudha. Dan 6:1

11. Ijoollee Waaqayyoof dhiifama kan kadhatudha. Zak.1:12.

12. Ijoollee Waaqayyoo hidhaman mana hidhaa seenee kan baaseedha. HDB. 12:12.

13. Seexana kan ari’udha. Mul. 12:7

14. Gara jireenyaatti, gara gooftaatti kan nama geessuudha. Maat 28

15. Walumaa galatti ijoollee Waaqayyoo kan gargaarudha. Dan. 10:21. Ibr.1:1-14

16. Guyyaa deebii gooftaa guyyaa murtii sana namoota du’anii awwaalcha keessa jiran hunda kan dammaqsuudha. 1 Tas. 4:4-16.

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Eegumsi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel hunda keenya waliin haa ta’u!

The post Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel fi Baahiraan first appeared on Qubee Online +.

Qulqulleettii Afoomiyaa fi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel
Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel Qulqulleettii Afoomiyaa guyyaa itti gargaare

Mata duree keenya har’a keessatti waa’ee yaadannoo Ayyaana guyyaa Hangafni Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel Qulqulleettii Afoomiyaa itti gargaare waliin ni ilaalla hanga dhumaattui dubbisaa hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Yaadannoo Qulqulleettii Afoomiyaa

Qulqulleettii Afoomiyaa biyya Kilqiyaa jedhamtu keessatti abbaa manaa ishee Astaraaniqoos kan jedhamu wajjin Kiristaanaa dhugaa ta’anii kan jiraatan turan. Qabeenyaa hedduus qabu turan, garuu immoo dhala waan hin qabneef gara Waaqayyo isa hundumaa qabutti kadhachaa turan. Keessatti immoo gaafa baatii 12 yaadannoo Qulqulluu Mikaa’elii gochuun namoota hundumaa afeeru turan. Utuu haala kanaan waliin jiraatanii inni dhukkubsatee du’uuf jennaan eenyutti na laattee du’uuf jetta yeroo isheen jettu namicha fakkii kaasuu danda’u tokko biyya fagoo irraa waamsisee fakkii Qulqulluu Mikaa’eelii kaasiseefii kenneefii yeroo hundumaa galgalaa fi ganama isa akka kadhattuu fi abdattuuf kenneef.

Du’i hin oolu waan ta’eef abbaan manaa ishee ni du’e ijoollummaa ishee irraa kaastee akka amaleeffatte Tsoomii fi kadhannaatti cimtee dhaabbatte. Seexanni inaaffaan waan gaariidhaan mormu ishee dogongorsuudhaaf jecha ofii isaa jijjiiree monoksee dhiiraa fi dubaraa fakkaachuudhaan tajaajiltoota fakkaatee gara mana ishee dhaqe. Isheenis yeroo agartu dhuguma nama Waaqayyoo seetee ol seenaa kadhannaan keessan narra haa buluutii iddoo fakkiin qulqulluu Mikaa’elii jirutti koottaa kadhannaa naaf godhaa ittiin jette.

Yeroo kana seexanichi fi ergamoonni isaa nama fakkaatanii gara ishee dhufan nutoo hin ariifanna mana kee ol hin seennu asuma teenyee waan si gorsinu qabna nu dhagayi jechuudhaan waan gurra namaatti tolu gaaris fakkaatuun garaa warra garraamotaa ni gowwomsu akkuma Phaawuloos jedhe Room 16:17. Akkas jechuudhaan gowwomsuu yaalan:-

1. Ati dhala hin qabdu kana keessaa immoo yeroo hundumaa nan tsooma nan kadhadha ganamaa fi galgala jetta. Yoo dhukkubsattee garaachi kee si luqqa’e nama mana yaalaatti si geessu hin qabdu, mana keessatti duuta waan ta’eef inni kanaan duraa si ga’aatii dhiisi aara galfadhu.

2. Yeroo hundumaa hiyyooliidhaaf kennaa kennuudhaan, zikirii zakkaruudhaan, kurnoon baasa jechuudhaan qabeenyaa kee tamsaasaa ykn balleessaa jirta boru yoo si jalaa dhume ammoo deebitee kadhattuu taata kanaafuu qabeenyaa kee kana hin balleessin kaawwadhu.

3. Dubartiin abbaa manaa hin qabne manni ishee ulfina hin qabu lammaffaa heerumuun immoo cubbuu mitimootiin Areenaa’os jedhamu haati manaa isaa waan jalaa duuteef si fuudhuu waan barbaaduuf isatti heerumtee mootittii akka jedhamtu si gorsina ittiin jedhan. Isheen ammoo yeroo kana dubbii Waaqayyootti cimtuu waan taateef akkas jette, uffannaa keessan yeroon ilaaluu nama Waaqayyoo natti fakkaattu, dubbannaa keessan yeroon ilaalu immoo summiidha. Lallaba hin tsoomiinaa jedhu immoo kitaaba isa kam irraa dubbistanii Kitaabni Qulqulluu hoo tsoomaa, kadhadhaa jedha jettee caqasa kana laatteef Maat. 4:1-11,Marq.9:29, HDB. 14:22, 2 Qor.6:5, Maat. 9:14, Iyyuel 2:12.

Waa’ee hiyyoolii hin gargaarin jettu immoo Maat 25:34 kaastee gooftaan Iyyesuus Kiristoos immoo kan beela’e kan beela baastan akka anaan beela baastaniitti jedhee ja’an hojii wangeelaa kan barsiiseedha. Waa’ee yaadannoo ykn zikirii ilaalchisee immoo maqaa qulqullootaan bishaan qabbana’aa ykn immoo diilalla’aa ullee tokko maqaa nama qulqulluun kan kenne gatii qulqulluu sanaa argata jedhamee caafamee jira Maat. 10:40-42. Kurnoo hin baasin kan jettan ammoo kurnoo baasuu dhiisuun akka waan Waaqayyoon hataniitti lakka’aama eebba Waaqayyos namatti hir’isa Milk. 3:6-12, Lew. 27:30, Lakk. 18:21.

Heerumi isa jetteef immoo Qulqulluu Phaawulos 1 Qor. 7:7-8 namni hundumtuu utuu akka koo ta’ee gaariidha kan jedhe hin dubbisneeree dabalataanis gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos namni fuudhaa fi heeruma dhiisee jiruu fi jireenya addunyaa kanaa tuffatee yoo na duukaa bu’e harka dhibba keessaa dhibba argata Maat. 13:29 Kan jedhu hin dubbisnee. Gooftaan Iyyesuus Kiristoos waa’ee jireenya monoksummaan jiraachuu Maat. 9:10-11 irratti barreessee jira. Maat 13:10 irratti immoo waa’ee sanyiidhaan qabee Sanyiin tokko iddoo gabbataa irra yoo bu’e firii 30,60,100 naqata jedha.

Firii 30 jechuun: Warra seera Waaqayyo eeguudhaan gaa’elaan jiraatan jechuudha.

Firii 60 jechuun immoo warra erga abbaan manaa irraa du’ee ykn haati manaa duutee lammaffaa hin fuudhu ykn hin heerumu jechuudhaa monokkosaniidha.

Firii 100 jechuun immoo warruma fuudhuus heerumus dhiisanii qeerrummaan warra jiraataniidha jedhamee caafamee jira. Gooftaanis barsiiseera, isin immoo barumsa haaraa kana eessaa fiddan waanan isin shakkeef amma dhaqeen fakkii abbaan manaa koo naa kaasisen isiniitti fidaati dhungadhaa jettee yeroo isheen fiduu dhaqxu jijjiiramanii qilleensa ta’anii baqatan seexanoota sana keessaa tokko «Inni ati Mikaa’eel Mikaa’eel jettu kun Waxabajji 12 uumama hundumaaf kadhachuuf fuuldura Waaqayyootti ol ba’a, gaafa sana animmoo dhufeen gudii kee sitti agarsiisa» jedhee yeroo inni itti kakatu isheen immoo deebistee Waaqayyon koo na walin jira qanooftee deebita ittiin jette.

Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa gara warra Qoronxoos irratti raajonni sobduun hojjetaa Waaqayyoo fakkaachuun ofii isaanii ni jijjiiru ergamoonni seexanaas ergamaa ifaa fakkaachuudhaan ofii isaanii ni jijjiiru akkuma jedhe ofii isaa jijjiiree Qulqulluu Mikaa’eelii fakkaatee Waxabajjii 12 gara isheetti ol seenee yaa Afoomiyaa nagaan siif haa ta’u seexanni amajaajiin yeroo darbe Qulqulluu Mikaa’eliin uumama hundumaaf kadhachuuf gara fuula Waaqayyo deema ani immoo yeroo sana dhufeen gudii kee si agarsiisa sii jedhee waan turef kunoo animmoo amma si gargaaruuf durseen dhufe, ka’ii naaf sagadi isheen jedhe. Yeroo kana Qulqulleettii Afoomiyaa n atimmoo eenyuudha? jettee gaafatte. Ani Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eeliidha ittiin jedhe. Isheenis mallattoon kee meerreree mootiin tokko ergamaa isaaf eenyummaa isaa laateefii erga waan ta’eef itti dabalees fakkii abbaan manaa koo naa laate hoo mallattoo fannoo qaba meerre kan kee jettee gaafatte.

Jennaan inni suni sababa fakkii ta’eef amma garuu qaamaan waanan dhufeef hin barbaachisu jedhee deebiseef erga akkas ta’ee fakkichan sitti fidaatii mee simadhukaa jettee yeroo isheen dunkaana seenuuf jettuu udhee lafatti ishee dabale. Hanga libsuu ijaa gidduutti ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Mikaa’eel bira ga’ee fannoo gooftaan rukutee lafaan dhahee isheedhaan ammoo guyyaan boqonnaa keetii hardha waan ta’eef gara Mana Qulqullummaa dhaqii foonii fi dhiiga isaa fudhadhu tsoomii fi kadhannaan kee waaqa duratti sii fudhatameera jedhee ol ba’e.

Isheenis tole jettee gara mana qulqullummaa deemtee waan ta’e hundumaa abbaa amantiitti himtee tajaajiltoota mana Waaqayyoo hundumaaf afeerraa gootee qabeenyaa ishee qabdu qabenyaa ishee qabdu walakkaa mana qulqullummaaf kaan immoo hiyyooliidhaaf hirtee fakkii abbaan manaa ishee laateef sanas abbaa amantiitti kennuudhaaf harkatti qabattee yeroo isheen dhuftu kochoo baasee balali’ee fannoo tokko malee mana qulqullummaa gidduutti fannifame.

Turees daraaree firii godhatee firee isaa sanaan namoonni baay’een fayyaniiru abbootiin amantii wal ga’anii kadhannaa godhaniifii guyyuma kana boqotte.

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Kadhannaa fi ayyaanni ishee hunda keenya irra oolee nuuf haa bulu! Ameen!

The post Qulqulleettii Afoomiyaa fi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel first appeared on Qubee Online +.

Qulqulluu Qiirqoos fi Qulqulleettii Iyyaluxaa | Ortodoksii Tawaahidoo
Qulqulluu Qiirqoos fi Qulqulleettii Iyyaluxaa

hiuaatoopSeenaa fi Qabsuura Wareegamaa Qulqulluu Qiirqoos fi Qulqulleettii Iyyaluxaa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri’eel.

Qulqulluu Qiirqoos fi Qulqulleettii Iyyaluxaa biyyi isaanii Room Anbangeen yoo tahu, abbaan Qulqulluu Qiirqoos Qozmoos haati isaa immoo Qulqulleettii Iyyaluxaa jedhamu. Bara Diyooqilixiyaanoos mootii ta’ee biyya bulchaa turetti labsii, «Manni kiristaanaa haa cufamu, manni waaq-harkee haa banamu,» jedhu baase. Kunis, bara 303 yoo ta’u yeroo kana kiristaanonni hedduun kan ajjeefaman gariin immoo kan biyya baqataniidha. Iyyeluuxaanis ilma ishee waggaa 3 qabattee biyya Iqooniyoon jedhamutti baqatte. Kan biyya isheen itti baqatte bulchaa ture immoo Illeskindiroos jedhama. Yemmus, «Waaqayyotti buluu dhiisiitii waaq-harkeetti buli,» jedheen. Isheen garuu, «Ija osoo qabuu kan hin agarre, gurras osoo qabuu kan hin dhageenye atumti harka keetiin kan tolchite, ani waaqolii namni harkaan tolcheef hin sagadu,» jetteen. Yoo didde immoo Seeyfidhaaniin morma kee sirraa mura jedheen. Yeroo kana. «Mee mucaa daa’ima kana gaafadhu,» jetteen. Innis, «Mucaa nana warqee hedduu siifan kenna waaq-harkee kanaaf sagadi,» jedheen. Daa’ima kan ta’e Qiirqoos garuu afuurri Waaqayyo waan irra buleef, «Ani kan ofii isaanituu baraaruu hin dandeenye waaq-harkeef hin sagadu,» jedheen.

Yeroo kanas mootichi dallanee, «Gaanii/hubboo/ guddaatti bishaan danfisaatii keessatti isaan affeelaa,» jedhee ajaje. Sagaleen danfa bishaanichaas fagootti dhagahama ture. Yeroo kana Iyyeluuxaatti sodaan dhagahamnaan Qulqulluu Qiirqoos, «Du’a lammataa hin duunutii haadha koo jabaadhu. Duraan Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa’eel kan ibidda keessaa baase, Waaqayyo ergamaa isaa nuuf ergee nunis nu baraara,» jedheenii jajjabeessee gara bishaanicha danfaa jirutti ishee harkisaa ture. Isheenis yeroo kana kutattee sodaa ishee hundumaa balleessitee gara kuteenyaan wareegamuuf gara bishaan danfaa jirutti waliin seente.

Yeroo kanas Waaqayyo ergamaa qulqulluu Gabri’eel ergee Fannoo isaatiin yemmuu bishaanicha tuqu bishaanichi ni diilallaa’e. Qaama isaaniis ta’ee uffata isaanii irra wanti hamaan tokkoyyuu tasumaa hin geenye. Warri naannoo sana turan kan gocha kana ilaalaa turanis amanuudhaan wareegamummaadhaan darbanii jiru.

Guyyaa Yaadannoo isaanii

Ergamaa Qulqulluu Gabri’eeliin abidda laboobaa fi bishaan danfaa jalaa erga isaan baasee booda mootichi isaanitti hojii hammeenyaa baay’isaati jiraate. Gooftaanis jabina isaanii argee dadhabbii kanarraa isaan boqochiisuu barbaade. Gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos halkan qulqulluu Qiirqoositti yemmuu muldhatutti wanta isarraa argachuuf hawwu kadhate. Kadhannaa isaa keessaas, «Bakka manni Kiristaanaa koo ijaramee fi xaballi koo jirutti beellii fi badiinsi hin ta’iin. Dhibeen namaa fi looniis akkasuma, dhabamuun bishaanis hin ta’iin!» jedheen. Gooftaanis, «Kan kadhatte hundumti siif ni raawwatama. Foon kees akka hin tortorre saragallaa Eeliyaasiin nan eega,» jechuun waadaa kenneefii jira. Yemmuu bari’us Illaskindiroos teessoo isaarra taa’ee osoo jiru, «Gara yaada kootti deebitee moo?» jedhee qulqulluu Qiirqoosiin gaafate. Qulqulluu Qiirqoos immoo ejjannoon isaa isuma duraa akka ta’e waaq-harkeettis akka hin bulle itti hime. Yeroo kana goraadeedhaan morma irraa muruun wareegame. Waaqayyo lubbu isaa Gannata seensisee foon isaas akkuma jedhe Saragallaa Eeliyaasiin eege. Haati isaa Iyyaluuxaanis barii sanatti wareegamteetti. Ayyaanni boqonnaa isaa Amajjii 15 yaadatama.

Akkasumas guyyaa yaadannoo Qiirqoos fi Iyyaluxaa Adoolessa 19 kan kabajamuuf bal’inaan ilaaluuf;

Adoolessa 19

Guyyaa kanatti Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri’eel ibidda boba’aa keessaa Qulqulleettii Iyyaluxaa fi ilma ishee Qulqullicha Qiirqoos baaseera.

→ Qulqulluun Qiirqoos fi haati isaa Qulqulleettiin Iyyaluxaa biyyi isaanii Room (Xaaliyaanii) Angeebeenidha. Abbaan Qulqulluu Qiirqoosis Qoosmiiz jedhama. Isaanis kan turan bara Wareegamtootaa Jaarraa 4ffas keessa yoo ta’u, bara sanattis Mootichi hamaan fi Ahizaabii ta’e Diyooqilixiyaanoos labsii labsee ture.Labsiin isaas «Manneen Kiristaanaa has cufaman, Manneen Xaa’otii haa banaman» kan jedhuufi bara 303 Dh.K.B kan labsamee turedha. Sababa kanaanis Kiristaanonni hedduun ni godaanan, Qulqulleettiin Iyyaluxaas daa’ima ishee waggaa sadii Qiirqoos qabattee gara Iqooniyoonitti baqatte.

→ Mootichi Ala’iskindiroos ishee waamsisee «Kiristoos gani! Xaa’otiif sagadi!» jedheen. Isheenis «Harka keetiin hojjattee fakkiiwwan ati dhaabdeef hin sagadu!» jettee. Innis «yoo ati didde Sayifiidhaan ajjefamta!» jedhee ishee sodaachise, isheen garuu homaayyuu hin sodaaanne amantii isheen cimtuu waan turteef. Mootichi Hubboo Sibiilaatti bishaan danfistanii sana boodas achi keessatti isaan galchaa jedhee ajaje. Danfinni bishaanichaas akka bakakkaa gannaa hanga ciqilee 15 gara oliitti ni danfa ture. Gara bishaan danfeettis galchuuf yeroo isaan geessan Iyyaluxaan garaa ishee keessatti xiqqoo ni sodaatte, ilma ishee Qiirqoos irra garuu Afuurri Qulqulluu buluun sodaa haadha isaa irraa fageesse. «Haadha koo! jabaadhu! Cimi! Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa’eel ibidda keessaa baase nus nu fayyisa» jechuun ishee jajjabeessuun uffata ishee harkisaa gara ibiddichaatti dhiyaatan, isheenis cimuudhaan laphee ishee guutuudhaan walqabatanii gara bishaan danfeetti seenan. Waaqayyos kanneen isa amanan kan hin irraanfanne Ergamaa isaa Qulqulluu Gabri’eel erguun ulee Fannoo isaa qabatee bishaan danfaa sana dhaamsuun isaan oolcheera.

Galatni Waaqayyoof haa ta’u

Waaqayyo kadhannaa qulqulloota kanaatiin nutti haa araaramu.

Sugni wareegamoota kanaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Madda :- Dn. Naahimii

The post Qulqulluu Qiirqoos fi Qulqulleettii Iyyaluxaa | Ortodoksii Tawaahidoo first appeared on Qubee Online +.

Dubroo Maariyaam :- Seenaa fi Dhaloota Giiftii Qulqulleettii
Dhaloota Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Mata duree keenya har’a keessatti waa’ee seenaa fi Dhaloota Haadha Keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ni ilaalla. Jalqaba irratti seenaa Dubroo Maariyaam, itti aansee ammoo Dhaloota Dubroo Maariyaam. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Seenaa Dhaloota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

«Utuu Waaqayyo sanyii gaarii nuuf hambisuudhaa baatee akka warra Sadoomii fi Gamooraa taanee badna turre»

Raajicha Isaayyaas 1:9

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos sanyii gaarii kan taate giiftii keenya Dubroo Maariyaam akaakayyuu torba (7) irraa kaasee filate. Isaan jalqaba biyya Iyyerusaalem keessa kan jiraatan warra Waaqayyootti amanan kan ta’an abbaa manaa fi haadha manaa «Pheexiriqaa fi Teekitaa» kan jedhaman irraa kaasee filate. Isaan kun lamaan qabeenyaa hundumaa qabu garuu dhala hin qaban turan.

Gaaf tokko haadha manaa isaa Teekitaan Waaqayyo akka dhala isheef kennuuf kadhatte. Waaqayyos mul’ataan gadameessa ishee keessaa raadi adii qulqulluun baate, raada adii qulqulluu dhaltee, hanga torbaatti akkasuma ta’e. Isheen torbaffaan immoo baatii (ji’a) dhalte.

Ji’i immoo Aduu (Biiftuu) dhalte mul’ataan agartee abbaa manaa isheetti himte. Abbaan manaa ishee immoo akka Yooseef (Uma. 40:1), akka Daani’eel (Dan. 2:14) abjuu hiikuu ykn mul’ata hiikuu kan danda’an bira deemee gaafate.

Namichi abjuu hiiku kunis «Waaqayyo arjummaa isaan isin daawwateera. Raaddeen adii torban sun ijoollee durbaa qulqulluu ta’an torba argattu. Isheen torbaffaan baatii deesse immoo uumama namaa keessaa adda kan taate, hunda irra kan caaltu ergamoota durattis kan kabajamtu yemmuu ta’u, waa’een aduu sanaa immoo anaaf hin ifne» jedhee hiikeef. Haa ta’u malee, biiftuun sun gooftaa Iyyesuus Kiristoosiin ture.

Akaakayyuu – Dhalootaa hanga Dhalootaatti

Akkaataa kanaan yeroon isaa yemmuu ga’u:

Silsilaa (Riqicha) Qulqulluu

Teekitaa – Heernaaniin deesse

Hernaan – Dardiin deesse

Dardiin – Toonaanin deesse

Toonaan – Seekariin deesse

Seekariin – Seetinaan deesse

Seetinaan – Haannaa deesse

Haannaan – Giiftii Maariyaamiin deesse

Giiftii Maariyaamiin – Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin deesse

Seenaa Haannaa fi Iyyaaqeem

Haannaan kan isheen Giiftii Maariyaamiin da’uu dandeesse: Iyyaaqeem nama jedhamutti heerumtee Waaqayyootti amananii jiraachaa turan. Haa ta’u malee waan hundumaa qabu garuu dhala hin qaban turan.

Akka Abrihaamii fi Saaraa, Yisihaaqii fi Ribqaa, Zakkaariyaasii fi Elsaabet, Tsaggaa Ze’aabii fi Igzi’aariyaa. Haa ta’u iyyuu malee galgalaa fi ganama gara Waaqayyootti ni boo’u turan. wareegas gara waaqayyootti ni wareegu turan.

Wareegni isaan wareeganis «Yoo mucaa dhiiraa nuuf laatte mana kee keessa kan si tajaajilu, yoo durba taate immoo Tsabala waraabdee Masooba Warqii dhooftee mana qulqullummaa keessa akka qulqulleessituuf siif laanna.» Jedhanii wareeganii wareega isaanii kanas luba Zakkaariyaasitti himan.

Lubichi kunis «Waaqni kadhannaa keessan isiniif haa dhaga’u, wareega keessaniis isiniif haa fudhatu, yaada garaa keessaniis isiniif haa raawwatu» jedhee kadhannnaa isaanii ol ergeef. Akka lubichi Eeli kadhannaa Haannaa ol ergeef 1 Sam.1:1

Manatti galaniis torban tokkoof subaayee (laguudhaan) turan. Isaan booda Hagayya gaafa 7, bara 16 Dh.K.D eeyyama Waaqayyoo ta’ee Haannaan giiftii keenya Maariyaam ulfoofte. Caamsaa 1, bara 15 Dh.K.D tulluu Liibaanoos irratti Giiftii keenya Dubroo Maariyaam deesse.

Sababni isheen tullicha irratti deesseef, Haannaan ulfooftee utuu jirtuu firri ishee Seeminaas namni jedhamu du’ee jennaan boo’icha isaa deemtee gaaddidduun ishee irra buunaan du’a keessaa ka’ee waa’ee gadameessa Haannaa keessa ishee jirtuu kadhannaa isheetiin akka ka’e dubbate.

Gaaddidduun Pheexiroos dinqii garaa garaa gochaa akka ture HDB.5:15, Akkasumas qulqulluun Phaawuloos mataatti kan maratuu fi herbeen inni ittiin dafqa haxaawatu ajaa’iba garaa garaa gochaa akka ture HDB. 19:11, Lafeen Raajicha Elsaayis du’aa akka kaase 2 Mot.13:20, Gaaddidduun Haannaa harmee Maariyaamiis ajaa’iba baay’ee gochaa tureera.

Yeroo kanatti ijoolleen Waaqayyoo warri abdii Addaamiif kenname hawwiidhaan eegan yemmuu gammadan, ijoolleen Diyaabiloos warri sanyii gaarii jibban immoo Haannaa fi Iyyaa’qeemiin balleessuu barbaadan. Yemmuu kanatti ergamaan Waaqayyoo gara gaara kanaa (Libaanositti) akka baqatan itti hime. Gaara kana irrattis qulqulleettii Haannaan Giiftii Maariyaamii deesse. Gaara kana gubbaattis akka isheen dhalattu ogeessichi Solomoon duraan dursa dubbatee jira waan ta’eef. M/W/Weedduu caalu 4:6

Kanaafis har’a Caamsaa 1 Manni Kiristaanaa keenya akka barsiistetti amantoonni alatti buna danfisuudhaan, mulluu affeeluudhaan, Hoolaa qaluudhaani fi k.k.f. tiin ni yaadatu. Yaadannoon qulqullootaa barabaraan ni jiraata waan ta’eef Faar.111/112/:6 Eebbas ni laata waan ta’eef Fkn 10:7.

Mana Qulqullummaa Iyyerusaaleem – Waggaa Kudha Lama

Hanga waggaa sadiitti mana abbaa fi haadha isheetti turte. Waggaa sadii booda garuu «Wareega nyaachuun nuuf hin ta’u» jedhanii Muddee 3 bara 12 Dh.K.D. Mana qulqullummaa Iyyerusaalem jirutti geessan.

Yeroo sanatti lubichi Zakkaariyaasii fi maanguddoonni yeroo sana turan fuula ishee akka biiftuu ifu ilaalanii «Maal nyaachifna, maal obaafna, eessa raffifna, eenyuutus immoo eega?» jedhanii utuu isaan wal falmaa jiranii hangafoota ergamootaa torban keessaa qulqulluu Faanu’eel kan jedhamu nyaata waaqa irraa masoobii warqee keessa kaa’ee dhugaatii waaqa irraa xoofoo ifaatti naqee sooruu jalqabe.

Yerooti yeroottis kan ishee eeguu fi kunuunsu waan ta’eef mana qulqullummaa keessa akka isheen jiraattuuf hiyyamaniif ykn jaalala Waaqayyoo ta’eef. Waggaa kudha lama guutuus ergamoota Waaqayyoon do’atamtee uffata waaqa irraa kennameef uffachaa nyaataa fi dhugaatii samii irraa soorachaa mana qulqulluummaa keessatti guddatte.

Turtii mana qulqullummaa keessa turte kana keessatti qorumsi gurguddaa irraan ga’uuf yaaliin irratti geggeeffamaa tureera. Haata’u iyyuu malee gargaarsa ergamoota Waaqayyoon oolteetti. Qormaatni kunis:-

Qormaata 1ffaa

Ayihuudotni ijoollee Diyaabiloos ta’an al tokko manicha qulqullummaa keessatti gubanii ajjeesuudhaaf, al tokko immoo Maxaqul nama jedhamu bira deemanii qorichaan ajjeesuudhaaf yaalii guddaa gochaa turaniiru. Garuu waan gaariin morman waan ta’eef ofii badan malee ishee balleessuu hin dandeenye.

Qormaata 2ffaa

Qorumsi karaa keessaa maanguddoota yeroo sana turan irra buluudhaan umuriin ishee waggaa kudha shan (15) gaafa guutu akka dubartoota warra kaanii abaarsoo (xuraa’ummaan) Hewwaan irra kan jiru se’anii mana qulqullummaa keenya xureessiti haa baatu jedhan. Garuu Giiftii Maariyaamiin ogeessichi Solomoon W/Weeddotaa 4:7 irratti mudaa waan tokko kan hin qabne ta’uu ishee akka dubbate isheen mudaa tokko illee hin qabdu sookkoon Hewwaan ishee irra hin geenye. Akkaataa kanaan «Eenyuutti laanna, eenyuuttis heerumsiisna?» jedhan.

Yooseef – Eegduu fi Kaadhimaa Dubroo Maariyaam

Yaada erga wal jijjiiranii booda Maanguddootni warri haadha manaan jalaa du’an fi dargaggootni warri fuudha ga’aan akkasumas warra sababa garaagaraan haadha warraa isaanii gadi dhiisan walii galli isaanii nama 4000 (kuma Afur) ta’aan ishee fuudhuudhaaf walitti qabaman. Garuu carraan kan kennameef maanguddoota haati warraa jalaa du’an baay’inni isaanii 1985 (kuma tokkoo fi dhibba sagalii fi saddeettamii shan) kan ta’aaniif carraan akka bu’uuf ta’e.

Isaan keessaa maanguddichi Yooseef tokko ture. Yeroo kana “Carraan abbaaf haa murteessu” jedhanii ulee ykn dhaabbata isaanii irratti hundumtuu maqaa ofii isaanii barreessanii lubicha Zakkaariyaasitti akka kennamu ta’e. Innis harkaa funaanee mana qulqullummaa keessa kaa’ee kadhannaa irratti godhee ulee hunduma isaanii keessaa borumtaa isaa uleen Yooseef lalisee ija naqatee bule. Akka ulee Aaroon Lakk. 17:1-12 kanarraan kan ka’e manguddichi Yooseef gara mana isaatti fuudhee galee kaadhimaa ykn eegduu ishee akka ta’u godhan. (Kitaaba Nagara Maariyaam jedhu fuula 26-50 tti.)

As irratti kaadhimaa jechuun akka dubbii (aadaa) warra Israa’eelotaatti eegduu jechuu dha malee akka aadaa biyya keenyaatti isa fuudhaaf kaadhimatan jechuu miti. Kanaafis ragaan kitaaba qulqulludha: Hosey 2:21-22 irratti Waaqayyo Iyyerusaalemiin barabaraan “si kaadhimadheera” jedhe. Akkas jechuun an si eegeera jechuudha malee sin fuudha jechuu miti.

Waluma gala Yooseefiif kadhimamte jechuun Yooseefiin eegamti jechuu dha. Sababni isaa Yooseefii fi Giiftii Maariyaamiin firooma qabu. Firoomni isaas:- Alaazaar namni jedhamu Maattaa fi Qisaraa kan jedhaman dhalche. Mattaan inni jedhamu immoo Yaa’iqoob fi Yooseefiin dhalche. Qisaaraan immoo Iyyaa’eqeemiin, Iyyaa’iqeemiin immoo Maariyaamii dhalche.

Maariyaamii fi Yooseefiin akaakayyuu 3ffaa irratti wal-ga’u waan ta’eef fira jedhamu. Firri immoo hanga akaakayyuu 7tti akka wal hin fuune kitaaba qulqulluutu dhorka Kitaaba Fitaa Nigistii keeyyata 24 lakk. 842, keeyyata 34 lakk. 853, Lew.18:1-20, Lew. 20:20

Sababii Yooseef Filatameef

Uleen isaa raajii Waaqayyoon Lalistee waan argamteef.

Nama Hundumaa keessaa carraan waan laatameefiif.

Hafuura Qulqulluun waan irra buleef.

Gooftaan Iyyesuus Kiristoos sanyii Daawwit gosa Yihuudaa keessaa akka dhalatuuf raajiin dubbatame waan jiruuf. Milk.5:2

Sanyii malee kiristoos yoo dhalate sanyii Addaam keessaa hin qabu akka hin jedhamneef. Isay 1:9, Maat 1:1, Ibr.1:16

Waa’een godaansaa haadha keenya Dubroo Maariyaam Raajotaan barreeffamee jira, godaansa kana duukaa bu’ee akka eeguuf, akka gargaaruuf. Isaay 19:1, Hose 11:1, Maat 2:13

Hafuura Qulqulluun yemmuu isheen ulfooftuu ejjituu abbaa manaa ala ulfoofte jedhanii akka seera Museetti dhagaan akka hin rukunneef ykn summii maayaa zalafaa jedhamu obaasanii akka hin ajjeesneef akka inni eeguuf Yooseefitti kennamte. Lakk 5:19, SKD 22:1

Ergamaa Qulqulluu Gabri’eelii fi Ulfa Qulqulluu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Utuu mana Yooseef jirtuu ergamaan Waaqayyoo Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri’eel «Gammadi nagaan siif haata’u!» ittiin jedhe. Yeroo kana «Kun Seexana isa harmee koo Hewaaniin dogoggorse ta’innaa laata?» jettee gara mana qulqullummaatti deemte. Achis taa’eema eege. Irra deddeebitees gaafatte. Dhuma irratti amantee «Akka jecha keetii naaf haa ta’u!» jettee fudhatte. Luq. 1:26-38

Gaafuma sanas Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee sagaleen jalqaba ture sun inni waaqa bira/cina turee fi inni ofii isaatii waaqa ture sun foon ishee irraa foon dhiiga ishee irraa dhiiga fudhatee gadameessa ishee keessatti murtaa’e. Yoh. 1:1-14. Kunis kan ta’e bara Yohaannis Bitootessa 29 waggaa araaraa bara 1 guyyaa Sanbata Guddaa (Dilbata) ganama keessaa sa’aatii 3 (sadii).

Waadaan Addaamii fi Hewaaniif seename barri 5500 yemmuu xumuramu “Sanyii kee irraa dhaladheen dhufee si fayyisa!” kan jedhe kana raawachuuf gadameessa Giiftii keenya Maariyaamii keessa bule, Giiftiin keenya Maariyaamiinis sanyii dhiiraa malee keenya durbummaadhaan fayyisaa keenya lyyesuus Kiristoosiin ulfooftee deesse. (Isa. 7:14).

Bara Maatewoos Mudde 29 Guyyaa gaafa Facaasaa (Kibxataa) halkan keessaa saa’atii 10tti Beeteliheem magaalaa Daawwititti dallaa horiitti durbummaadhaan deesse. Luq 2:1-8, W/Weeddotaa 4:12. Erga Gooftaa keenya deesseen boodas durbummaadhumaan jiraatte. (Durbummaan ishee hin jijjiramne), Hisq 44:1-3, Maat 2: 5-6, Milk 5:2-4

Dabalataan dubbisaa :- Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Kadhannaafi araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin ha ta’u!

✙ Ameen! ✙

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

The post Dubroo Maariyaam :- Seenaa fi Dhaloota Giiftii Qulqulleettii first appeared on Qubee Online +.

Ayyaana Hoosaa’inaa Tsoomii Guddaa Iyyesuus Kiristoos
Hoosaa’inaa – Torbee Saddeetaffaa Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Maxxansa kana keessatti waa’ee Torbee 8ffaa Tsoomii guddaa Iyyesuus Kiristoos Hoosaa’inaa ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Akka moggaasa Qulqulluu Yaareditti Sanbatni Tsoomii guddichaa inni xumuraa ykn saddeetaffaan kun Hoosaa’inaa jedhama. Hoosaa’inaa jechuun fayyisaa, qoricha jechuu dha. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara Iyyerusaalemitti yoo galus faarfannaan «Hoosaa’inaa Ilma Daawwitiif maqaa Waaqayyoon kan dhufu kan eebbifamedha!» jedhu, «Hoosaa’inaa Ilma Daawwitiif, Hoosaa’inaa Aariyaamitti» jechuun faarfachaa turan. Hayyuun amantaa Qulqulluun Yaareedis faarfannaa kanaa gadii kana qopheessee faarfateera:

«Naannoo Ayyaana Faasikaatti duuka bu’oonni Waaqa dhugaa gara Tulluu Ejersaatti dhihaatan, tabba biyya Waaqayyootti Iyyeruusalemittis maanguddoonni fi ijoolleen baay’een baala Meexxii qabatanii Hosaa’inaa Aariyaamitti jedhanii simatan. Ilmoo Harree irra taa’ees gammachuu guddaadhaan gara Iyyeruusaaleem seene. Warra kanaafis humnaa fi aangoo ni kennaaf.»

Egaa galateeffannaa ijoollee kanaa Qulqulluun Daawwit akkasitti duruma irraa raagee ture

«Warra si irratti ka’an deebisuudhaaf, diinaa fi isa ijaa baafatu gab gochuudhaafis, afaan mucoolii fi daa’imootaatiin faarfannaa qopheeffatteerta.» Faar. 8:2

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka Bu’oota isaa keessaa lama waamee gama fuula keessan dura jiru sana deemaa ilmoon Harrees hidhamtee agartu hiikaatii naaf fidaa yoo namni isin gaafate «Gooftaa keenyaaf ni barbaachifti» jedhaanii jedhee ergeen, jarris akkuma inni jedhe taasisan.

«Borumtaas namoonni sonaan baay’atanii ayyaanichaaf ol ba’an, Iyyesuus Kiristoos Iyyerusaaleem akka dhufu dhaga’an. Damee muka meexxii harkatti qabatanii, isa simachuudhaaf ba’an; sagalee guddaadhaanis, ‘Hoosaa’inaa, Mootiin Israa’eel inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha» jedhan. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yommuus ilmoo Harree irra taa’e; kunis Kitaaba Qulqulluu keessatti caafameera;

«Yaa ijoollee Tsiyoon hin sodaatiinaa, kunoo, mootiin keessan ilmoo Harree irra taa’ee ni dhufa!» jedhamee. Bartoonni isaa si’a duraa kana hin hubanne; Iyyesuus Kiristoos ulfina isaatti erga ol fudhatamee booddee garuu, kun waa’ee isaatiif akka caafame, kanas akka isaaf godhan in yaadatan. Yoh. 12:12

Fakkeenyota Ayyaana Hoosaa’inaa

Egaa fakkeenyummaa fi hiikoo isaa yeroo ilaallu ilmoon harree hiikamtee dhufuun ishee kan hubachiisu dhukkubaa fi hojiiwwan seexanaatiin kan hidhamanii jiran akka fayyina argataniif maqaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos n akka fayyan hubachiisuuf kan raawwatamee dha. Itti fufuudhaanis Harreen kan tuffatamtedha, kun ammoo kan nu hubachiisu yeroo gad-jedhanii Afuura Qulqulluu dhugaa irratti hundaa’anii gara Waaqaatti amanan kan hubachiisudha. Guyyaa kanatti amantoonni ykn uummanni uffata (huccuu) isaanii baasanii karaarra afuudhaan Waaqa keenya Qulqulluu Uumaa hundaa siin miti Harreen ati irra teesse illee buufanni kottee (dhokeen lafaa) tuquu hin qabu jechuudhaan kan taasisanidha. «Hoosaa’inaa Ilma Daawwit Hoosaa’inaa Aariyaamitti» jechuudhaan faarfachuu jalqaban.

Nutis abbootii keenya jalqabaa Duuka bu’uudhaan amantaa Qulqulleettii taate Ortodoksii Tawaahidoon jabaachuudhaan maatii keenya hiika adda ta’een karaa isaanii kan jijjiiran haala ga’aa ta’een dhugaadhaan hubachuun karaa isaanii akka sirreeffatan gochuun wal jabeessuu qabna.

Hiikoo jechoota kanaa yeroo ilaallu;

Hoosaa’inaa:- Hoosaa’inaa jechuun amma fayyisi, nu uumama keetiif fayyina kee bara baraa nuuf laadhu ykn nuuf kenni jechuudha. Kunis immoo Faaruu Daawwit irratti barreeffameera, «Gooftaa gooftotaa amma nu fayyisi.» jedhamee barreeffameera Faar. 117(118) :25.

Aariyaam:- jechuun ammoo bultoo Waaqa keenyaa kan ta’e samii ilaallata, egaa haaluma kanaan kan samii irra jiru samiirras kan jiraatu Gooftaa keenya ati nu fayyisi jechuudhaan faarfatan. Faarfannaa kana karaa lamaan ilaaluun ni danda’ama. Karaa inni tokkoffaan bittaa Roomaa keessaa nu baasi jechuu yeroo ta’u inni lammaffaan fi inni ijoo ta’e ammoo du’a foonii fi lubbuu jalaa nu baasi jechuudha. Faarfannaa kana keessattis kan dabalame Ilma Daawwit kan jedhu ture, kuni Ilma Waaqaa ykn Masihii ta’uu isaa uummanni beekuu isaanii hubachiisa. Wangeela Maatewoos 12:23, 20:23, 30, 22:41, 9:3.

Kunis egaa walumaa galatti Daawwitiif Kakuun Waaqni keenya galeef raawwachuu isaa ibsa. Mootummaan Israa’eel Mootummaa Waaqayyoo turte. Ajaja uumaa hundaa kan ta’e Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Waaqayyo waan ta’eef Addaam irraa jalqabee hanga yeroo Saamu’eelitti uummata kan ajajus ta’e kan dursu jecha kakuudhaan dhiiga sanyii keessa darbuun jiraatan bara baraa fi abbaan hundaa Waaqa ta’uu isaatiif ajaja ykn mootii hin qaban turan. Bara Saamu’eel garuu uummanni Israa’eel akka jara Waaqatti hin amannee (Ahizaab) mootii barbaachuudhaan Saamu’eel mootii keenya ta’i jechuun gaafatan. Saamu’eelis gara Waaqayyoo yeroo gaafatu siin osoo hin ta’iin anaan tuffatani mootii qopheessiif jedheen; Saamu’eelis mootiin keenya Waaqayyo waan ta’eef isinitti haa hafu jedhus uummatni jalaa qabuu hin dandeenye. Eegduu Harree kan ta’e Saa’oliin mootii godheef Waaqayyo akka mootii ta’u uummanni hin jaalanne kanaafuu eegduu Harreetu mootii ta’eef.

Mootummaan Saa’olis ni hafe. Waaqayyoos Saa’ol osoo jiruu akka fedhii isaatti uummata kana ajajuu danda’uuf mootummaa isaa kan ifa ba’u aangoon Daawwitiif akka kennamu godhe. Mootummaan Daawwitis Mootummaa Waaqayyoo turte. Daawwitidhaan sanyiikee irraa kan dhufu ilmoon kee aangoo kee irra ni taa’a jedhee yeroodhaaf Salamooniif ta’ullee dhumni isaa garuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos sanyii isaa irraa akka dhalatu kakuu galeefii ture.

Oduu gammachiisaa Qulqulluun Gabri’eel akka haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiitti himetti Wangeela Luqaas 1:33 barreeffameera. Kanaafuu haala dhoksaadhaan daddarbaa kan ture Mootummaan Waaqayyoo Ilma Waaqayyoo ykn Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos dhalachuudhaan ifa ba’uu isaa ibsuudhaaf abbootiin keenya Mootummaa Daawwit jechuudhaan faarfatan. Haala kanaan Masihiin gara Iyyeruusaaleem yeroo galu kuni eenyu jechuudhaan uummanni gaafatan. Kun Galiilaa Naazireet irraa kan dhufe Iyyesuusidha jedhan. Kana boodas bakka mana amantaa isaa galuun mana amantaa isaa keessatti daldala adda addaa gaggeessaa kan turan fi dhaabbiiwwan daldalaa keessa darban ari’ee manni koo mana kadhannaati malee mana daldalaa miti jechuudhaan ifa baasee dubbate.

Bakka sana kan turan jaamota hunda fayyise, dhukkuboota adda addaatiin kan qabaman hunda illee ni fayyise, haa ta’u malee mana amantaa isaa keessatti badiiwwan adda addaa kan hojjetaa turan kan sammuun jaamaan jara osoo hin fayyisiin darbe, ilaalcha jaraa dabaa ta’e sanas osoo hin sirreessiin darbe.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos achuma osoo jiruu ijoollonni faarfannaa jalqaban bartoonnis jara wajjin Hoosaa’inaa jechuudhaan faarfatan. Warreen ajaja daldalaa sana kan turanis iji jaraa dhiiga uffatee lapheen jaraas hinaaffaadhaan guutamee waan jarri jedhan dhaga’aa jirta mitii? Callisaa jechuun gaafatan, Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yoo jarri callisan illee dhagaan afaan baasee ni faarfata jechuun deebise. Achumaanis faarfannaa Daawwit irratti «ijoollee harma hodhan irraa faarfannaa ofiif qopheessite» kan jedhu hin dubbisnee jechuun isaan gaafate Faar. 8:12. Sammuu qabeessa warra jedhan lapheen jaraa Daabiloosiin yeroo cufamu lapheen ijoollotaa garuu faarfannaa gadi yaasaa ture.

Egaa nuus akka ergamoota isaa laphee ajajamaa fi sammuu qulqulluu qabannee guutummaa guutuutti amannee waa’ee seenaa lafa kanaas dhiisnee isa duukaa yoo buune Waaqni keenya qulqulluun yeroo gaabbii nuuf kennuusaadhaan gara isaatti akka deebinu nuuf eeyyamuu isaa dagachuu hin qabnu.

Waa’ee torbee saddeettaffaa tsoomii guddaa gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kan isiniif qabannee dhiyaanne kana ture Galatoomaa!

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- WDB fi Fuula FB Naahii

The post Ayyaana Hoosaa’inaa Tsoomii Guddaa Iyyesuus Kiristoos first appeared on Qubee Online +.

Qulqulluu Luqaas, Wangeela Luqaas fi Hojii Ergamootaa
Qulqulluu Luqaas Wangeelaawwii

Maxxansa keenya guyyaa har’aatiin waa’ee Duuka Bu’aa akkasumas Wangeelaawwii Qulqulluu Luqaas, Kitaabolee inni barreesse jechuunis Wangeela Luqaas fi Hojii Duuka Bu’ootaa ykn Hojii Ergamootaa qo’annaa fi qoqqoodama isaanii ni ilaalla.

Barreeffama kana keessatti qabiyyeewwan gurguddoo sadi ni ilaalla, isaanis;

1. Qulqulluu Luqaas

2. Wangeela Luqaas fi

3. Hojii Duuka Bu’ootaa ykn Hojii Ergamootaa

Seenaa Qulqulluu Luqaas Wangeelaawwii

Qulqulluun Luqaas Wangeelaawwii biyyi isaa Antsookiyaa dha. Dursee Abbootii ykn Gargaartota 72’n keessatti kan lakkaawwame yoo ta’u, Ayyaana guyyaa Shantammaffaa booda gara Antsookiyaatti bu’ee Wangeela Lallabeera, Duuka bu’icha Qulqulluu Phaawuloos waliinis kan wal arge asitti ykn Antsookiyaatti ture. Qulqulluun Luqaas ogummaa yaala fayyaa kan qabu yoo ta’u, kan qo’ates Beektota Ateenaa fi Iskindiriyaa irraa ta’uun isaa beekameera. Ogummaa isaa kanaan dabalataatti dandeetti ogummaa fakkii kaasuu akka qabus ni himama. Dandettii isaa kanas kitaaba Wangeelaa fi Hojii Duuka bu’ootaa inni barreesse irratti akkaataa ibsa bifa fakkiitiin ibsuu isaatiin fi gama biraatiin ammoo fakkiiwwan inni harka isaatiin kaase biyyoota garaagaraa keessatti ni argamu.

Qulqulluun Luqaas Wangeelaawwii jireenya qeerrummaa qabudha ture. Qulqulluu Phaawuloos hanga wareegamummaan boqoteetti bartuu isaa ta’uun isa tajaajileera. Bara 67 Dh.K.B tti Qulqulluun Phaawuloos Roomitti yeroo wareegamummaan boqote Qulqulluun Luqaas gara Dilmaaxiyaatti dhufe. Achittis umurii isaa Jaarsummaatiin Wangeela Lallabaa osoo jiruu Ayihuudonni fi Lubootni Xaa’otii waliin ta’uun barnoota isaa mormuun irratti ka’an. Fulbaana 20, bara 68 Dh.K.B  Ayihuudonni fi Ahizaabonni walga’ii godhatanii, dubbii uumuudhaan Mootii Roomitti isa himatan. Yeroon sunis yeroo itti Mootii ykn Qeesaar Room kan ture Neeroon yeroo itti garmalee hamaa ture waan tureef, Roomii miliquu fi gara Dilmaaxiyaa galuu Qulqulluu Luqaas yeroo dhaga’u loltoota 200 itti erge. Qulqulluun Luqaasis dhufaa jiraachuu loltoota sanaa Afuuraan hubatee, uummata barsiisa ture gara mana isaaniitti erguun, gara Galaana Dilmaaxiyaa qarqara jiruutti siqe.

Galaanicha qarqarattis namni Qurxummii kiyyeessu tokko dhaabbatee ture. Qulqulluun Luqaasis gara Kiyyeessaa Qurxummii sanaatti siqee haasaa jalqaban. Suuta suutaanis Wangeela Lallabuufii jalqabe. Namichi Qurxummii kiyyeessu sunis hojii isaa dhiisee wanta Qulqulluun Luqaas itti himu sana gammachuudhaan dhageeffachuu jalqabe. Dhuma irratti Qulqulluun Luqaas «Fudhadhu gara daandii jireenyaatti si geessu» jechuun Kitaabolee qabatee ture hunda ni kenneef. Namichi Qurxummii kiyyeessu sunis gammaduudhaan Kitaabicha kabajaan iddoo qodaa kaawwatu ol kaawwate.

Read Also :- Qulqulleettii Arseemaa

Qulqulluun Luqaasis Kitaabicha itti kennee yeroo gara duubaatti garagalu loltoonni Neeroon itti yaa’anii qaban. Sana boodas gara Roomitti geeffamee Mana Murtii Neeroonitti dhiyaate. Onkoloolessa 22, mormi isaa muramee qalqalloo Cirrachaan guutame keessa isa galchanii dhalatee waggaa 84 ffaa isaatti  gara galaanaatti isa darbatan. Kitaabolee Qulqullaa’oo isaa garuu Kiyyeessaa Qurxummii sun dhaloota kanaaf ykn dhaloota har’aatiif dabarseera.

Wangeela Qulqulluu Luqaas

Wangeelaawwiin Qulqulluun Luqaas ija isaatiin kan arge, Duuka Bu’oota irraa kan dhaga’e of eeggannoon yaaduun boqonnaa 24 fi lakkoofsota 1149 kan qabu Wangeela nuuf gumaacheera. Wangeela Luqaas kanas Qulqulluun Luqaas kan barreesse bara 58-60 Dh.K.B yeroo jiru keessatti Qulqulluun Phaawuloos hidhaa irratti boqonna argateen akka ta’e ni himama.

Wangeelli kunis kan barreeffame Afaan Giriikii ykn Afaan Tsiriitiin yoo ta’u kan barreeffameefis abbaa Taayitaa Maqedooniyaa ykn Giriikii ta’eefi. (Luq. 1:1-4, HDB 1:1-3) Seenicha yeroo barreessus Siyaasa Mootummaa Room fi haala Yihuudotaa waliin walitti firoomseera. Luq. 1:5, 2:1-2, 3:1-2. Wangeelli Luqaas akkaataa taa’umsa isaatiin duraa duuba Wangeela Maarqoos baay’inaan kan hordofe yoo ta’u, keessattu kutaaleen gurguddoon ykn dhedheeroon sadi itti dabalamanii jiru. Isaanis;

Qo’annaa Wangeela Luqaas

Seenaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Dhalachuu Qulqulluu Yohaannis cuuphaa fi dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos. (Boq. 1 fi 2)

Deemsa Galiilaadhaa kaasee hanga Iyyerusaaleemitti ture Barumsa Iyyesuus Kiristoos keessattuu waa’ee Saamraawii gara laafessicha, mucaa bade, Alaazaar fi Nawee fi k.k.f fakkeenyota beekamoo. (Luq. 9:51-19:10).

Ka’umsa gooftaatiin booda waa’ee mul’achuu Iyyesuusii fi barumsa isaa, akkasumas ol ba’iinsa isaa. (Luq. 24:13-53) dha.

Luqaas tajaajila Kiristoos yeroo ibsu qabxiilee armaan gadii irratti xiyyeeffateera.

Kiristoos Addunyaa hundaaf dhufe, Iyyesuus Ayihuudota gidduutti hojjetuyyuu Addunyaa hundaaf akka dhufe ragaawwan hedduun jiru. Luq. 2:14, 3:3-6, 4:25-27, 9:52, 10:33, 17:16, 24:47.

Kiristoos namootaaf dhufe

Read Also :- Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee

A). Fakkeenyonni Wangeela Maatewoos waa’ee maalummaa Mootummaa Waaqayyoo yeroo ibsan, fakkeenyonni Luqaas filate garuu baay’inaan namoota irratti xiyyeeffatu. Kunis Luba Zakkaariyaas, Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi fira ishee Elsaabeet (Boq. 1 fi 2), obboleewwan lamaan Maariyaam fi Maartaa (Luq. 10:38-42), Qaraxxuu Zakkewoos (Luq. 19:2-10), namoota gadda irra turan akkasumas Qaliyoophaa fi hiriyaa isaa (Luq. 24:13-35) irratti seenaawwan xiyyeeffatan ni muldhatu.

B). Kiristoos namoota tuffatamanii fi hawaasaan ala jiraniif garaa laafuu isaa ni ibsa. fknf; dubartii cubbamtuu magaalaa jiraachaa turteef (Luq. 7:36-50), Qaraxxuu Zakkewoosiif (Luq.19:2-10), saamticha (ወንበዴ) Fannifameef (Luq. 23:39-43) fi warra Saamraawwiiwwaniif (Luq. 9:52-56, 10:33, 17:16).

C). Dubartoonni tajaajila Kiristoos keessatti gaheen isaan qaban Wangeela kana keessatti iddoon guddaan kennameefiira ykn sirriitti ibsameera. Keessattuu yeroo dhaloota isaa (Luq. 1:39-56), yeroo tajaajila isaa (Luq. 8:1-3), yeroo dhukkubbii isaa irratti (Luq. 23:27-31, 49, 55) fi yeroo du’aa ka’umsa isaa (Luq. 24:1-10). Wangeela Luqaas kessatti dubartoonni maqaan isaanii Wangeelota kaan keessatti hin caqasamne 13 ni Wangeela Luqaas keessatti caqasamanii jiru. Wangeelli ijoolleedhaafis iddoo addaa kenna (Luq. 7:12, 8:42, 9:38, 18:15).

D). Kiristoos mana namoota garaagaraatti affeeramee nyaata akka nyaate galmeeffamee ykn barreeffamee jira. Fariisota waliin (Luq. 7:36-50,11:37-44, 14:1-4), Biitaaniyaatti (Luq. 10:38-42), Iyyaarikootti (Luq. 19:1-10) fi Eemaahuusitti (Luq. 24:13-32).

E). Wangeelaan gammachuun akka argamu agarsiisa (Luq. 6:21, 15:7, 24:52-53). Faarfannaawwan galataa arfan galmaa’aanii kan argaman Wangeela Luqaas kana keessatti qofa (Luq. 1:46-55, 68-79, 2:14, 29-32).

F). Haalaa fi bu’aa Sooressummaa fi Hiyyeessummaa fakkeenyota hedduudhaan ibseera, keessattuu Liqeessitoota lamaan (Luq. 7:42-43), Sooressa sanafiidhaan (Luq. 12:15-21), Alaazaar fi Naweedhaan (Luq. 16:19-31), nama gamoo ijaaruun (Luq. 14:28-30), Sooraadhaan (Luq. 16:1-9).

3. Kiristoos duuka bu’oota isaatiif fakkeenya ta’uuf dhufe, kunis kan mul’atu keessattuu;

A). Kadhannaadhaan, hojiiwwan gurguddoo hojjechuu waliin Kiristoos yeroo 9 akka kadhate galmaa’eera. Luq. 3:21, 5:15-16, 6:12, 9:18-22, 10:17-21, 11:1…. Fakkeenyonni sadi waa’ee Kadhannaa barsiisu, Luq. 11:5-13, 18:1-8, 9-14. Duuka bu’oonni isaas akka kadhatan yeroo hedduu gorseera. Luq. 6:28, 11:2-4, 22:40-46.

B). Dursummaa Afuura Qulqulluu (Luq. 4:1,14,17-19, 10:21.

Raajiiwwan 36 Wangeelota arfan irratti caqasaman keessaa 21 Wangeela Luqaas irratti galmeeffamanii jiru.

Wangeelli kunis Wangeela Ahizaabotaa jedhamuun beekama, kan barreeffames isaaniif waan ta’eefi, kanarraa kan ka’es;

Akka bartee Ahizaabotaatti seenessa itti baay’iseera.

Ahizaabonni bartee Subaa’ee lakkaa’uu, bartee Raajii dubbatame eegu waan hin qabneef Raajii Raajonni dubbatan baay’inaan hin caqasne ykn hin fayyadamne.

Kan barreesse Afaan Giriikiitiin waan ta’eef jechoota Ibraayisxii hiikeeraaf.

Ahizaabonni Waaqolii isaanii keessaa «Waaqa jaalalaa» kan jedhaniin jiru.

Fakkeenyaaf :- Giriikotaaf Veenas Waaqa jaalalaa isaaniiti. Kanaan ala kan jiran isaaniif dheekkamoo, ariifatanii kan murteessan, gidiraa kan namatti baay’isan taasisanii waan amananiif garmalee isaan sodaatu. Wangeelaawwiin Qulqulluun Luqaas bartee Ahizaabotaa kana waan beekuuf Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos jaalala ijoollee namaaf qabu karaalee garaa garaatiin ibseefiira. Fknf:- mucaa badeef jaalala dhiifamaa ykn araaraa abbaan isaa itti agarsiise (Luq. 15:11-32), Gooftaan dubartii ejjituuf gara laafina agarsiise (Luq. 7:37).

Kanaan alas Gooftaan keenya hiyyeessotaa fi warra jibbamaniif Waaqa garaa laafu ta’uu isaa Wangeela isaa irratti ibseera. Fknf:- Seenaa Alaazar fi Nawee (Luq. 16:19-31)

Qulqulluun Luqaas Abbootii ykn Beektota Mana Kiristaanaa biratti «Lallabaa Afuura Qulqulluu» jedhamuun beekama. (Luq. 1:35, 12:12, 4:1, 11:13) waa’ee kennaa Afuura Qulqulluu irra deddebi’ee ibseera.

Read Also :- Qulqulluu Yaareed

Akkasumas Qulqulluun Luqaas Lallabaa Kadhannaa ni jedhama. Waa’ee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam (Luq. 1:26-56) , waa’ee Elsaabeet (Luq. 1:3-25), waa’ee dubartii Maariyaam jedhamtuu (Luq. 7:38-50) fi waa’ee dubartii Naayin (Luq. 7:11-17) barreesseera.

Wangeelli Qulqulluu Luqaas akkaataa ibsa isaatiin Wangeelotaa fi Kitaabolee kaan irraa addadha. Haalli barreeffama isaas ibsa fakkii tiin kan hordofedha. Fakkii kaasuun isaas Kitaabolee isaa irratti muldhateera. Akkasumas Seenaawwan Wangeelota kaanirra hin jirre barreesseera. Isaanis;

Seenaa Luba Zakkaariyaasiifi Elsaabeet :- Luq. 1:5-25.

Missiraachoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi dhaloota Gooftaa :- Luq. 1:26-56.

Waa’ee Hoolaa badee :- Luq. 15:3-7

Waa’ee Diriimii badee :- Luq 15:8-10.

Waa’ee Mucaa badee :- Luq. 15:11-32

Waa’ee Alaazaar fi Nawee :- Luq. 16:19-31

Waa’ee gara laafessa Saamraawwii :- Luq. 10:29-37

Waa’ee Niqoodimoos ykn Luqaas fi Qaliyoophaa, abbootiin Mana Kiristaanaa tokko akka jedhanitti namni Qaliyoophaa waliin ture Qulqulluu Luqaasidha, Kitaabolee Mana Kiristaanaa keenya tokko tokko irratti garuu namni Qaliyoophaa waliin ture Niqoodimoos akka ta’e barreeffameera :- Luq. 24:13-35.

Hojii Duuka Bu’ootaa ykn Hojii Ergamootaa

Hojii Duuka Bu’ootaa kan barreesse Qulqulluu Luqaasidha. Qulqulluun Luqaas Wangeela isaa irratti bara 1-34 tti kan jiru Seenaa Kiristaanummaa erga barreesse booda, kan itti aanee jiru bara 34-58 tti kan jiru ammoo Kitaaba Hojii Duuka Bu’ootaa irratti barreesseera.

Boqonnaa 1-8 tti kan jiru Seenaa Mana Kiristaaanaa Iyyerusaaleemitti kan agarsiisu too ta’u, boqonnaa 9-12 tti kan jiru ammoo yeroo Isxifaanoositti godaansa ka’een ijoolleen Mana Kiristaaanaa Iyyerusaaleem ergama Duuka bu’ummaa naannoo sanatti taasisan kan agarsiisu dha. Boqonnaa 13 irraa kaasee hanga xumuraatti ammoo deemsota Qulqulluu Phaawuloos Duuka bu’ee kan barreessee fi Kiristaanummaan Awuroppaa fi Isiyaa xiqqootti akkamitti akka lallabame kutaa agarsiisudha.

Kitaabni Hojii Duuka Bu’ootaa Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos hidhaa isaa Room jalqabaatiin hidhaa dhaabbii irra osoo jiruu Wangeela akka Lallabuuf eeyyamameefii yeroo turetti Ayihuudota Room jiraatan waliin bara 58 tti marii waa’ee amantaa taasisan seenessee goolaba.

Wangeelaawwiin Qulqulluun Luqaas Hojii Duuka Bu’ootaa kan barreesse bara 58/59 tti. Sababni isaas bara kanaa booda wantoota raawwataman, fknf; bara 60 tti hiikamuu Qulqulluu Phaawuloos, turees bara 64 tti kan gahe gubachuu Room fi hookkara Ayihuud Kitaaba isaa irratti caqasuu dhiisuu isaatiini.

Qulqulluun Luqaas Qulqulluu Phaawuloos Duuka bu’ee Seenaa isaa sassaabaa erga ture booda Qulqulluun Phaawuloos Roomitti yeroo hidhamu boqonnaa argachuu isaatiini walitti qabee bifa Kitaabaatiin qopheessuun Tewoofiloosiif ergeera.

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Dubbisaa! Dubbisaa! Dubbisaa! Qoodaa!

The post Qulqulluu Luqaas, Wangeela Luqaas fi Hojii Ergamootaa first appeared on Qubee Online +.

Niqoodimoos – Torbee 7ffaa Tsoomii Guddaa Iyyesuus Kiristoos
Torbee Torbaffaa Tsoomii Guddaa : Niqoodimoos

Torbeen torbaffaan Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Niqoodimoos jedhamuun beekama.

Akka barsiisa Mana Kiristaanaa keenyaatti torbaanonni laguu ykn Tsoomii guddicha gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos moggaasa adda addaan yaadatamu. Wangeelli guyyaa kana lallabamanis bu’uurri isaanii moggaasa sanbattan Tsooma kana irratti hundaa’a. Kan torbee kana waliin ilaallu ammoo torban torbaffaa kan Niqoodimoos jedhu ta’a. Qulqulluun Yaaredis torbee kanaaf faarfannaa akkas jedhu qopheesseera;

«Namni Niqoodimos jedhamu gara gooftaa Iyyesuus ni deeme, yaa barsiisaa, barsiisuudhaaf Abbaa kee biraa akka dhufte sitti ni amanna jedhe, Ilmoo leencaa rafte, mugdes, yeroo du’aa ka’uutti ana kaasi»

Namoonni lammii Israa’eel dhufaatii gooftaa keenyaa kan fudhatan haala wal makaan ture. Keessi isaanii shakkii adda addaan guutamees ture. Rakkachaa waan turaniif, nama isaaniif dhufee gidiraa warra Roomanotaa jalaa bilisa isaan baasu eegaa turan. Isaan kan eega turan inni gooftaa abbaan waan hundaa, kabajaa fi iddoo kabajamaa fi filatamaa jedhaniiti ture. Garuu inni Masaraa Mootummaa dhiisee jaalala namaaf dallaa horii keessatti dha. Ol ol jedhee miti gad of qabeeti kan namaaf fakkeenya ta’aa ture. Kanaaf warri kaan Waaqummaa isaa shakkaa turan. Kan amantiidhaanis isa fudhatanis turan. Niqoodimoos nama warra kanaa ture.

Niqoodimoos kan torban Tsoomii guddicha Manni Kiristaanaa keenya moggasteef eenyu laata?

1. Niqoodimoos lammii Faarisotaati (Yoh 3:1)

2. Niqoodimoos hayyuu duree warra Yihuudotaa kan ture dha (Yoh 3:1)

3. Niqoodimoos barsiisaa wangeela ture (Yoh 3:1-10)

4. Niqoodimos foon gooftaa keenyaa kan kafane keessaa tokko dha.

Kanaaf Niqoodimoos hayyuu amantiiti; nama baay’ee barate baay’ee beekesidha. Kanarraa kan ka’es hayyuu, beekaa, dursaa jedhamee waamameera. Namoota jabana sana turan keessaayiis nama beekkamtii fi beekumsa olaanaa qabu ture. Halkan gara Gooftaa Iyyesuus Kiristoos dhufaa barachaa ture, barataa halkanii ture jechuudha. Niqoodimoos guyyaa guyyaa barsiisaa Mikuraabii ta’ee namoota baay’ee barsiisaa waan ooluu fi warri Yihuudotaa Niqoodimoos barsiisaa ture Gooftaa waan hin amaniiniif (hin fudhatiiniif) guyyaa guyyaa barachuu hin dandeenye. Akka seera warra Yihuudotaatti namni Gooftaa fudhatee (amanee) fi duuka bu’e isaaniitii waan ari’amuuf isaan mufachiisuu dhabuuf jecha halkan barachaa ture.

Mee barumsa guyyaa kanaaf sababa ta’eefi gaaffii Niqoodimoosii fi deebii gooftaa keenyaa haa ilaallu.

Niqoodimoos, dura waaqummaa gooftaa keenyaaf akkas jedhee ture kan dhugaa baheef, «Yaa barsiisaa! hoo Waaqayyo yoo isa wajjin ta’e malee mallattoolee ati raawwattu kana raawwachaa jirtu kana kan raawwatu hin jiruuti Ati Waaqayyo biraa barsiisaa taatee akka dhufte beekna» jedhe. Warri Yihuudotaa isa shakkanis inni haala kanaan amanamummaa isaa gooftaasaaf dhugaa baheera.

Barumsa gooftaa guyyaa sana keessaa mee kitaaba qulqulluu sababa godhannee haa ilaallu.

Gooftaanis “Dhugaa dhugaan siin jedha namni lammata yoo dhalate malee Mootummaa Waaqayyoo arguu (dhaaluu) hin danda’u» jedheen. Niqoodimoos immoo, «Namni erga qancaree akkamitti dhalachuu danda’a? Gadameessa haadha isaatti lammaffaa galee dhalachuu danda’a moo?» jedhee gaafate. Gooftaanis, «Dhuguma dhuguman sitti hima, eenyullee yoo bishaaniifi Afuura Qulqulluu irraa dhalachuu baate Mootummaa Waaqayyotti galuu hin danda’u. Namni foon irraa dhalate foon, hafuuratti kan dhalate hafuura, olii dhalachuun isiniif in ta’a siin jechuu kootiif hin dinqifatiin. Qilleensi gara fedhetti qilleensa, qilleensaa’uu isaa ni dhageessa, eessaa akka dhufu, eessa akka dhaqu garuu hin beektu; egaa hafuuratti kan dhalate hundinuus akkuma kana» jedhee deebiseef.

Niqoodimoos Deebisee, «Kun akkamitti ta’uu danda’a?» jedhee gaafate. Gooftaanis akkas jedhee deebiseef; «Ati barsiisaa warra Israa’eelii taatee kana hin beektuu? Dhugaa dhugaan siin jedha waan beeknu ni dubanna; kan argines ragaa ni baana; raga ba’iinsa keenyas hin fudhattan. Waa’ee biyya lafaa yommuun sitti himu kan hin amanne waa’ee isa samii dhaa yoon sitti hime akkamiin amantu? Samiirraa kan bu’een alatti gara samii kan ba’e eenyumtiyyuu hin jiru; innis kan samiirraa kan bu’e Ilma namaa qofa dha» jedheen.

Egaa icciitii guddaan asirraa barannu hangam qormaanni nu qunnamus kan deemuu qabnu gara Waaqayyo jirutti dha. Dukkana Addunyaa kana baqannee gara fayyinni jiru deemuunis nuuf ta’a. Boqonnaan keenya gara mana Waaqayyooti malee gara warra shakkanii ta’uun irra hin jiraatu.

Niqoodimoos hammam beekaa ta’us Waaqayyo biratti hir’inni isa mudateera. Namni akkasuma waan hundaan guutuu miti, hir’ina keenya guutuufis Waaqayyo akka nu barbaachisu Niqoodimoos irraa ni hubanna. Karaa biraan barbaachisummaan cuuphaa ifa bahuu isaaf kan sababa hir’ina isaati. Kan shakkitoonni ganamaaf galgala cuuphaa morman hammam gatiin isaa akka guddaa ta’e as irraa hubanna. Karaa biraan ammoo kan ta’uu qabnu Waaqayyoof malee Addunyaa kanaaf miti. Kan caalchifannuu Mootummaa Waaqayyooti malee waan foon keenyaaf miti.

Channel keenya Telegram join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Niqoodimoos – Torbee 7ffaa Tsoomii Guddaa Iyyesuus Kiristoos first appeared on Qubee Online +.