Ergamoota jechuun maal jechuudha? | Qubee Online +

Ergamoota Waaqayyoo : Ergamoota jechuun maal jechuudha?
Ergamoota Waaqayyoo

Mata duree kana keessatti waa’ee Ergamoota Waaqayyoo kutaa kutaa dhaan qooduun ni ilaalla hanga dhumaatti dubbisaa!

Kutaa 1ffaa

Uumama Ergamoota Waaqayyoo

Ergamoonni guyyaa Dilbataa akka uumaman kana dura seera uumamaa jalatti ilaaluun keenya ni yaadatama. Foonii fi lafee qabaachuu baatanis laphee ittiin yaadan waan qabaniif

akka dhagna hafuuraatti fudhatamu.

Ergamoonni hin du’an, hin dullooman, hin dhalan, hin dhalchan, Hafuurotas jedhamu. Ergamoonni jiraachuun isaanii kan beekkame kitaaba qulqulluu irraa fi isaanumti abjuun kan namatti muldhataniin malee filataman ija fooniitiin arganiiru. akkasumaan ijaan ilaaluun miti. Addunyaan kun kan darbu

yoo tahu ergamoonni garuu darbuun isaaniif hin tahu.

Gooftaan Ergamoota waliin dhufa. «Dhaloota sagaagalaa fi cubbamaa gidduutti anaa fi sagalee kootti kan qaana’u hundi Ilmi namaas kabaja Abbaasaatiin yommuu ergamoota qulqulloota wajjin dhufu isaanitti ni qaana’a.» (Mar 8:38) akkuma jedhame. «Ilmi namaa yeroo kabajaan qulqulloota wajjin dhufutti, yeroo sana inni teessoo Gooftummaa isaarra ni ta’a....» (Maat 25:31).

Ergamoonni wanta hin jirre irraa uumaman. Kanas fakkeenyaan

ibsuuf yeroo baay’ee fakkeenyummaa qilleensaa fi ibiddaa ykn amala qillensaa fi ibiddaa akka qabanitti itti fayyadamna malee qilleensaa fi ibidda irraa hin uumamne.

Faarfannaa irratti akkanatti ibsameera: «Ergamoota isaa hafuura, tajaajiltoota isaas labooba ibiddaa kan taasisu» Faarfannaa 103(104):4. Kunis

amala isaanii wajjin fakkeenyummaa waan qabuuf ibsame malee ibiddaa fi qilleensa irraa uumaman jechuu miti.

Gosa Ergamoota Waaqayyoo

Ergamoota baay’ina isaanii lakkaa’anii bira gahuu waan hin danda’amneef, gosa gosaan lakkaa’amu. Waaqayyo dura

yommuu isaan uumu, gosa 100 taasisee uume. Gosa 100 kanas bakka kudhanitti kudhan kudhan taasisee addaan qoode. Isaanis:-

1. Gosa Agaa’iztii

Gosa kanaaf dursaan isaanii Samaaliyaal yookiin Saaxinaa’el ture. Saaxinaa’el jechuunis Waaqayyoof kan dhihaate, kan golgaa qabu jechuu dha, kan galateeffannaa dhiheessus jechuu dha.

2. Gosa Kiruubeel

Dursaa isaanis kan fuula namaa fi

leencaa qabu muudeef; kunis Kiruub jedhama. Isaan kun ammoo fakkeenya Lubootaati. Kanas yommuu uumuu mudhii isaanii olitti afur mudhii isaanii gaditti ammoo tokko taasisee uume.

Isaanis fuula afur qabu, fuulli isaanis fuula namaa, fuula leencaa, fuula joobiraa fi fuula sa’aa dha. Miila isaanii irraa eegalee hanga mataa isaanitti ijaan kan guuttamaniidha. Waa’ee isaanis

akka armaan gadiitti Kitaaba Qulqulluu irratti barraa’ee jira.

«Kunoo ani bubbee gara bitaatii dhufu, duumessa ulfaataa, ibidda boba’u, ifa naannoo isaatti ifus nan arge, gidduun

ibiddichaas akka sibiila boraajjii ni calaqqisa ture. Ibiddicha gidduus fakkeenyi bineelladootaa afur ni ba’e, bifni isaanii ammoo bifa namaa fakkaata. Garuu tokkoon tokkoon isaanii fuula afurii fi koochoo afur qabu, miilli isaanis qajeeladha, faanni miila isaanis akka kottee jabbiiti, akka sibiila boraajjii isa qulleeffamees ni calaqqisa ture, koochoowwan isaanii jalaa karaa afuriin harka namaa fakkaatu qabu turan; afran isaaniituu fuula kochoos qabu, kochoowwan isaanis wal ni qaqqabu turan; isaanis adduma addaan gara fuula duraatti qajeelanii adeeman malee, gara

tokkotti iyyuu hin jal’anne.»

«Fuulli isaanis akka kanatti fufee jiru fakkaata; fuula isaanii duraan hundumti isaanii fuula namaa fakkaatu, afranuun

isaanii gara mirgaa isaanitiin fuula fuula leencaa fakkaatu qabu, arfanuun isaanii gara bitaatiin fuula fuula saawwaa fakkaatu qabu; afranuun isaanii gara dugda duubaatiin fuula fuula joobiraa fakkaatu qabu» Hisq 1:4-10

3. Gosa Suraafeel

Afaan Ibraayisxiitiin hiikni isaa abiddoota jechuu yoo ta’u; luboota samiiti. Teessoo Waaqayyoo ni ulu. Mana Qulqullummaa ishee samii keessa tajaajilan. Waa’ee isaanis Raajaan Isaayyaas wayita dubbatu:-

«Bara Uuziyaan mootichi du’e, gooftichi teessoo dheeraa fi ol ka’aa irra taa’ee andaarrii uffata isaas mana qulqullummaa guutee nan arge. Suraafeel isa gararraadhaan ni dhaabatan; tokkoon tokkoon isaanii kochoo jaha jaha qabu turan; kochoo lama lamaan fuula isaanii, kochoo lama lamaan miila isaanii, ni golboobbatu, kochoo lama lamaan ammoo ni balali’u turan.» (Isa 6:1-3)

Hoogganaan isaanii Suraafii jedhama.

4. Gosa Hayilaat

Waaqayyo gosa kanaaf dursaa isaanii qulqulluu Mikaa’eel taasisee muudeef. (Heenok 10:2-16)

5. Ergamoota Waaqayyoo Gosa Arbaab

Waaqayyo Qulqulluu Gabri’eel hoogganaa isaanii taasisee muude. (Hubachiisa! Waaqayyoon Raamaatti gosoota 30 kan qubachiise yoo ta’u, Raamaas magaalaa sadiitti qoode. Magaalaa sadan Raamaa kanneen keessaas gosoota kudhan kudhan qubachiise.) Gosoota Arbaab kanas kutaa magaalaa Raamaa ishee jalqabaa keessa qubachiise.

6. Gosa Manaabirt

Raamaatti magaala lammataa irraa

kan qubatan yoo tahu, isaan kuni ammoo, Sillaasee biraa meeshaa lolaa qabatanii kan ergaman, gaachana balaqeessaa, waraana ibiddaas qabatanii qilleensa keessa kan balali’aniidha.

Dursaan isaanis Ergamaa Qulqulluu Rufaa’eel dha.

7. Gosa Silxaanaat

Isaan kunniin ammoo ergamoota

galateeffannaadhaaf kan dammaqsan, kan kakaasaa jiraataniidha. Isaan kanas kutaa magaalaa sadaffaa kan taate Raamaatti qubachiisee jira. Dursaan ergamoota kanneenis Suuriyaal jedhama.

8. Gosa Mekuwaanint

Isaan kunniin waraana ibiddaa

kan gaara diigu, kan dhagaacha baqaqsu qabatanii namoota balaa lubbuu fi foonii irraa eegaa kan bahanii dha. Dursaan

isaanis Sadaakaa’el dha, isaanis warra Samii Eerer jiraatanidha (Maat 24:31) (Hubachiisa! Magaalaa Eerer akkuma Raamaa kutaa saditti kan qoodamte yoo ta’u; gosoota Mekuwaanint, Liqaanaatii fi Malaa’ikt/Ergamootaa keessa qubachiise.)

9. Ergamoota Waaqayyoo Gosa Liqaanaat

Uumamtoota hunda, kan lapheen

loowan, kan lukaan shararan, kan kochoo isaaniitiin balali’an

hunda kan eegani dha. Dursaan isaanis Salaatiyaal jedhama.

Malaa’ikt (Ergamoota)

Kunis balaqqeessa jabduu akka

ibiddaa kan lafatti gadi darbatan, aduu, addeessa, urjiilee, midhaan, kuduraalee, biqiltuuwwan kan samii gadii fi kan dachee olitti uumaman hunda kan eeganidha. Dursaan isaanii Anaaniyaal jedhama. Walumaagalatti ergamoonni kunniin magaalaa ergamootaa (samii ergamootaa) kan jedhaman sadan keessa akkuma gosa gosa isaaniitiin jiraatu kunis:

Gosoota Agaa’izt, Kirubeel, Suraafelii fi Hayilaat Samii

(magaalaa) Iyyoor irra qubachiise.

Gosoota Arbaab, Manaabirtii fi Silxanaat Samii(magaalaa)

Raamaa irra qubachiise.

Gosoota Mekuwanint, Liiqaanatii fi Malaa’ikt Samii

(magaalaa) Eerer irra qubachiise.

Ergamoonni kunniin hunduu yoo Waaqayyo hojiif isaan waame malee bakka jiraatan irraa fedha isaaniin hin adeeman, hin bahan. Garuu yommuu Waaqayyo isaan ajajetti olitti hanga Galma Aariyaam gadittis hanga Barbaanoos battaluma biliqa/liphii ijaatiin gahanii ergamu. Sana booda iddoo isaanitti deebi’anii Waaqayyoon galateeffatu, dhukkubbii fi duuti isaan irra hin jirtu.

Baay’ina Ergamoota Waaqayyoo

Baay’inni ergamootaa lakkaawwamee kan bira hin gahamne tahuu isaa caqasawwan kanaa gadii irraa hubachuun ni danda’ama;

Iyyoob 25:3 «Raayyonni (ergamoonni) isaa lakkoofsa

qabuu ree?»

Raajii Eermiyaas 33:22 «Macca samiirraa lakkaa’uun cirracha galaanaas safaruun akkuma hin danda’amne, akkasuma sanyii garbicha koo kan Daawitii fi leewwota na tajaajilanis nan baay’isa.»

Raaga Daani’eel 7:10 «Yaa’an ibiddaa isa dura ba’ee ni yaa’a, warri kuma kumaatamatti lakkaa ‘aman isaaf ni hojjatu, warri kitila baay’eetti lakkaa’amanis isa dura ni dhaabatu.»

Heenok 10:1 «Kana boodas raawwatanii kan baay’atan ergamoota hedduu tahan nan arge, gooftaa Abbaa maccaa

ergamoota duratti ergamoonni dhaabbatanis lakkoofsa fi safara hin qaban.»

Dabalataanis Dirsaana Mikaa’eel irratti ammoo ergamoota nagada (gosa) tokko keessa jiran qofa lakkaa’amee fixuun hin danda’amu akka copha roobaa erga Waaqayyo ardii fi samii diriirseetii hanga ammaatti hanga addunyaan dabartuttis roobe dhumeeyyuu lakkoofsa ergamoota lakkaahanii lakka’amee osoo hin fixan jedha.

Kutaa 1ffaa waa’ee Ergamoota Waaqayyoo kana fakkaata ture. Kutaa itti aanutti wal argina.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Madda :- Kitaaba «Bu’uuraawwan Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo »

The post Ergamoota Waaqayyoo : Ergamoota jechuun maal jechuudha? first appeared on Qubee Online +.