Ergaawwan Qulqulluu Phaawuloos | Qubee Online +

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge | Seensa 2
Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge

Qo’annaa Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge Kutaa kanatti osoo hin darbiin dura Seensa /1/ dubbisaa!. Mata duree keenya yeroo darbee Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge irratti seensa wantoota tokko tokko ilaalleerra. Isaan kana keessaas Kitaaba Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge kan barreeffameef eenyuufi? Ibroonni hoo eenyu fa’i? fi k.k.f. Kutaan itti aanu kunooti dubbisaa!

Seensa /2/

Barreessaa Kitaaba Ergaa gara Ibrootaa

Barreessaan Kitaaba kanaa ergaa ykn kitaaba ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Ibrootaatti erge sana irratti hin caqasamne. Kanaafuu barsiisota fi beektota kitaabolee hafuurawaa gidduutti mormiin eenyutu barreessee? jedhu ni ka’a. Jaarraa 2ffaa keessa Lixaa kan ka’ee ture Xarxuulas barreessaan kitaabichaa Barnaabaasidha jedha. Garuu Barnaabaas kan inni barreesse ergaawwan wal bukkee qabuudhaan Hiikoo Ibrootaa fi barreeffamoota kaan gidduutti garaagarummaan guddaan jiraachuu isaa ilaaluun ni danda’aama.

Kanaafuu namni tokko barreeffamoota garaagaraa lama barreessuu hin danda’u. Gama biraatiin barreessaa Kitaabichaatiin wal qabatee yaadni ykn ilaalchi Lixa irraa ka’u barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Qaaleminxoos isa Roomidha kan jedhudha. Garuu Jaarraa 4ffaa booda barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Phaawuloos akka ta’e walii galtee irra gahameera.

Gama warra Bahaatiin garuu durii kaasee barreessaan Kitaaba kanaa Qulqulluu Phaawuloos akka ta’e walii galteedhaan jira. Manneen Kiristaanaa Ortodoksii bahaa keessattuu, Abbootii fi Beektonni Mana Kiristaanaa Gibtsii fi Itoophiyaa amantaadhaan dursanii kan ibsanidha. Barreessaan Seenaa beekamaan Awusaabiyoos akka ibsetti Qulqulluun Qaaleminxoos inni Room barsiisaa isaa Daanteeniyoos caqasee barreessaan erga gara warra Ibrootaa Qulqulluu Phaawuloos ta’uu isaa dubbateera.

Kanaafuu waa’ee eessaa dhufee Kitaaba ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge irratti yaadota dhiyaatan gabaabsinee kanaa gaditti isiniif dhiyeessineerra

1. Barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Phaawuloosidha

Barreessaan Kitaaba ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge kuni jalqabuma irraa kaasee Manneen Kiristaanaa warra bahaa biratti yaada amanamaa ture dha. Boodarras yaadichi warreen Lixaa birattis fudhatama argateera. Beektotaa fi Abbootii Mana Kiristaanaa yaada kana fudhatan keessaas Qulqulluu Daanteeniwoos, Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee fi Qulqulluun Awugisxiinoos keessatti argamu. Abbootii hedduu biratti yaadni walii galteen irra gahame dursinee Kan ibsinedha.

2. Barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Barnaabaasidha

Beektota ykn Abbootii yaada kana deeggaranii fi kaasan keessaa Xarxulas Weeslar akkasumas Ulmaan keessatti argamu.

3. Qulqulluu Qaaleminxoos isa Room

Kuni dursee warra Lixaa biratti kan turedha yaadni kun jechuudha, boodarra garuu yaada fudhatama dhabedha. Fakkeenyummaafis Leez Muyer fi Iraasumas keessatti argamu.

4. Qulqulluu Luqaas Wangeelaawwiidha

Gama biraatiin barreessaan kitaaba kanaa ykn Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge Qulqulluu Luqaasidha kan jedhan jiru. Dhiyeessaan yaada kanaa Argeens dha. Yaada kana Eebraabid fi Joon Kaalviin ni qooddatu.

5. Siilaas

Hiikoo gara warra Ibrootaa Siilaas barrresseera namoota jedhan keessaa Roohli Ministar keessatti argamu.

6. Aphooloos

Barreessaan Hiikoo ergaa gara Ibrootaa Aphooloosidha kan jedhan keessatti Lutiyaa fi Amblar keessatti argamu.

Duuka Bu’ichi maalif Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge irratti maqaa isaa hin caqasne?

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos ergaawwan isaa kanneen biroo jalqaba irratti maqaa isaa yeroo caqasu, ergaa kana ykn ergaa gara warra Ibrootaa kana irratti garuu maqaa isaa hin caqasne, maalifi? Mana Kiristaanaa ishee duriitti Duuka Bu’ichi Duuka Bu’aa Ahizaabotaa ta’uun isaa ni beekama. Duuka bu’oonni, Qulqulluu Pheexiroos, Qulqulluu Yohaannis fi Qulqulluu Yaa’iqoob fi Duuka bu’oonni kanneen biroo ammoo Yihuudota gidduutti deddeebi’anii, naanna’anii waan barsiisaniif, waan lallabaniif Duuka Bu’oota Ayihuudotaa ta’uu isaaniitiin beekamu.

Duuka Bu’aa Ahizaabotaa ta’uu isaatiin seeraa, aadaa fi bartee Ayihudotaa yeroo of eeggatu hin muldhatu ture. Kana irraa kan ka’es Amantaa Ibrootaa ykn Yihuudotaa irraa gara Kiristaanummaatti namoonni deebi’an isa irratti jibbiinsa qabu turan.Waa’ee kanaas akkas jedhamee barreeffameera «Yaa Obboleessaa! Ayihuud gidduutti Amananii kan turan kuma hedduu akka ta’an ni argitaa? hundi isaaniiyyuu seeraan kan qajeelanidha. Ijoollee isaanii akka dhaqna hin qabne, seeraanis akka hin deemne jettee Ahizaabota gidduutti kan jiran Ayihuudonni hundi Musee akka gananiif akka barsiistu waa’een kee itti himaniiru.»

Kanaafuu ergaan kun kallattiidhaan kan barreeffame namoota Ibrootaatiif /jechuunis Kiristaanota Ibrootaatiif/ ta’uu isaatiin maqaa isaatiin isaaniif osoo barreesseera ta’uu dubbisuu dhiisuu danda’u waan tureef, isaanis fayyaduuf jedhee maqaa isaa hin caqasne.

Kaayyoo Kitaabni Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge itti Barreeffameef

1. Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos hangamiyyuu Duuka Bu’aa Ahizaabotaa ta’uun isaa beekamuyyuu lammilee isaa akka hin tajaajille seerri fooniis ta’e afuurawaa isa daangessu ykn dhorku hin jiru. Keessattuu lammiilee isaa Ahizaabota gidduutti jiraatan waa’ee jaalala lammiilee isaatiin Kiristoos irraa adda ba’ee inumti matumti isaa kan abaarame akkan ta’e nan kadhadha ture nuun jedha. (Room. 9:3). Kanaafuu Waaqayyo Ibroota akka tajaajiluuf isa hin dhorkine. Garuu addatti Ahizaabota akka tajaajiluuf isa ergeera.

Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos cuuphuudhaaf naan hin jenne /1 Qor. 1:17/ akkuma jedhe. Kana jechuunis Qulqulluun Phaawuloos cuuphuu dhorkameera jechuu miti. Akka Waaqa isaatti jaalalli ilma namaaf qabu Uummatas, Ahizaabotas (Ayihuudii fi Ahizaabota) akka tajaajilu dirqama itti ta’eera. Kanaafuu gara Ibrootaatti barbaachisaa ta’ee yeroo itti muldhatetti barreessuudhaaf duubatti hin jenne. Inumaayyuu namoota kaanirraa caalaatti Seera Musee fi sirna Ayihuudotaa kan ilaallateen inaafaa ture waan ta’eef.

2. Bifa Sirrii Mana Kiristaaanaa ishee durii yeroo hubannu, kaayyoo ergichi itti barreeffameef ni hubanna. Duuka Bu’ootaa fi Ayihuudonni amanan guyyaa guyyaadhaan Mana Kiristaaanaatti walitti qabamuun Waaqayyo Waaqessaa Abdii Ayihuudiif kennamee fi seera isaa hordofu ture. Ta’us garuu Abdiin Afuurawaa haaraan Iyyesuus Kiristoosiin kan taasifamedha. Ayihuudota deebi’an keessaa baay’eewwan isaanii ofii isaan bartee fi aadaa Ayihudootaa irraa of gadhisiisuun isaan rakkisee ture.

Qulqulleettiin Manni Kiristaaanaa dursummaa Kiristoosiin Uummataa fi Ahizaabota tokko taasistee gaaddisa koochoowwan isheetti qabachuu ishee ni mormu ture. Ayihuudonnis, Ahizaabonnis yoo ta’aan Kiristoosiin tokkodha. «Wangeelatti hin leeyya’u, dursee Ayihuudaawwiif akkasumas nama Giriikiif, kan amanan hundaaf humni Waaqayyoo fayyisuufi waan ta’eef» jedhamee barreeffameera. Ibr. 1:16. tajaajilaa mana namaas yoo ta’e, Gooftaas (hojjettoota of jalatti qacaree kan hojjachiisu) yoo ta’e, dhiiras yoo ta’e, dubaras yoo taate garaagarummaa hin qabu.

Kanaafuu yeroowwan dhiphinaa Mana Kiristaaanaatti Gubaa’een Ayihuud Kiristaanota Ibraawwiiwwan kuffisuuf, iddoo Qulqulluutiis yeroo isaa ari’an namoonni amantaan hin bilchaanne ni miidhamu. Kiristoosiif jedhanii saba Waaqayyoo irraa mataa isaanii akka adda baasan yaaduu danda’u, kunis isaan biratti cabiinsa suphamuu hin dandeenye ture. Kan ari’amanis Mana Qulqullummaa mataa isaanii keessaatti. Kanaafuu Duuka bu’ichi ergaa kana kan barreesseef wanta dhaban caalaa Abdiin akka isaan eeggatudha. «Nuuf» jechi jedhu iddoo baay’eetti irra deddeebi’ameera.

Addunyaa kana irratti kan dhaabbame fakkeenya Mana Qulqullummaa Samii kan ta’e bakka Mana Qulqullummaa, Abdii isaaniif eegame itti agarsiise. Hangafoota Lubootaa Ayihuud keessaa gara Hangafa Lubootaa Samii gara Kiristoositti darbuu isaaniis ni ibseef. Lamummaan isaaniis Ayihuudaawwii osoo hin taane miseensa Mana Kiristaaanaa ishee Samii fi ijoollummaa Afuurawaa akkasumas lamummaa isa Samii irraa kan qaban ta’uu isaanii barreesseef.

Yaaduu kan qabanis warri Foonawaa kan keessa jiran Iyyerusaaleem ishee lafarraa osoo hin taane, injifattoonni tokkummaan kan keessa jiraatan, Taaboti Door kan gidduu isaaniitti kan argamtu Iyyerusaaleem ishee Samii akka ta’e amanamuun barreesseefiira. Kaayyoon Kitaaba kanaa Kiristaanummaan Amantaa Waaqayyo waliin tokkummaa uumuu dha malee, Amantaa gargar ba’iinsaa ta’uu dhiisuu isaa, Waaqayyo waliin tokkummaa Kiristaana uumu yaada Foonii isa lafa irraa garbummaa kanarraa bilisa ba’uun akka irraa eegamu kan barsiistu ta’uu ishee ergaa isaatiin agarsiisuudha. Kana taasisuu jechuunis Iyyerusaaleem ishee lafarraa dhabuun gara Iyyerusaaleem ishee Samiitti hawwuu fida. Magaalaan kun injifattoonni Samii magaalaa keessa ta’aanidha.

3. Manni Qulqullummaa Ayihuud waan badeef (waan gubateef), sirni fi barteen Ayihuud Amantaa karaa Kiristoos jiruun waan bakka bu’eef aarsaan isaas, Lubummaan isaas waan shaarameef Iyyerusaaleemitti Lubummaan Leewwii raawwateera, ittti fufiinsa hin qabaatu. Duuka bu’ichi Mana Qulqullummaa dhugaa Kiristaanotaa ibseera, aarsaa ta’uu Kiristoosiin kan hundeeffame Lubummaa haaraa beeksiseera.

Amala Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge

Ergaan kun amaloota Kitaabolee Kakuu Haaraa kaanirraa adda isa taasisu qaba. Kunis barnoonni isaa fi odeeffannoowwawwan isaa Ayihuudotaaf beekamoo kan ta’aaniifi kan baraman Kitaabolee Kakuu Moofaa wabii taasifachuu isaati. Odeeffannoowwan kunneen hawaasa Ayihuudotaa biratti Kitaabolee baramanidha. Keessa isaatti Fannoo irratti foon muramee fi dhiiga dhangala’een kan fakkaatuun kan raawwatamaa ture sirni akka jiru ni hubachiisa.

1. Qulqulluun Phaawuloos Afuura Qulqulluun hubatee iccitii garmalee ajaa’iba ta’een Galatoo Samii kan ta’e isaaniif beeksiseera. Kaayyoon isaa Ayihuudonni Kiristaanummaa fudhataan gara Amanaatti, gara iccitii dhugaatti akka dhiyaatan dandeessisuudha. Kan ala jiru tajaajila biraa dhiisee innis gara Kiristoositti deebi’uudha. Ergaan kun walii galtee ajaa’ibaa Kakuuwwan lamaanii agarsiisa.

2. Duuka Bu’ichi Ayihuudota biratti bartee ta’aanii kan jiran sirnoota akka dhaqna qabaa, namoota Galaatiyaa fi Qolasiyaasiif ergaa barreesseen akkuma ibse, dhimmoota dhuunfaa kanneen jechuunis namni yoo barbaade fudhachuu ykn dhiisuu kan danda’udha jedha.

Ta’us garuu ergaa isaa kana irratti mata duree hawaasa hunda kan hirmaachisu kaasuun sirriitti tarreessa. Waa’ee Mana Qulqullummaa cufamee ni kaasa. Ayihuudonni fedhii isaanii malee waa’ee kabaja Ayihuudummaa dhabanii ni haasa’a.

3. Duuka Bu’ichi boqonnaawwan xumuraa ergaa isaa akkuma ergaawwan kaan irratti taasisu ajajamuu hojiidhaanii irratti xiyyeeffata, fknf; ajajamuu Jaalalaa irratti xiyyeeffata. Yeroo wal fakkaataati dubbii isaa, ergaa guduunfaa ergaa isaa gara Kiristaanummaa hojii irratti hundaa’eetti akka xiyyeeffatu taasiseera.

Kanaafuu Doogmaawwan keenya Amantaa gara jireenya Kiristaanummaa hojiidhaaniitti akka xiyyeeffatan ni gorsa. Namoonni wanta jechaan hubatan irratti akka rarra’aan osoo hin taane, keessawaa kan ta’e miira gadi fagoo hojiiwwan Afuurawaa isaanii akka taasisan, amala isaaniitiin wanta gaarii ta’e akka qabatan, Kiristoosiinis uumamtoota haaraa akka ta’aan ni gorsa.

4. Ergichi ergaawwan Qulqulluu Phaawuloos kaan irraa addadha. Ergaa kana irratti Manni Kiristaanaa barreeffame:- qaama Kiristoos ta’uu ishee, Gooftaan mataa ishee waan ta’eef ykn sababa ilma isaatiin Abbaa waliin waan jirruuf tokkummaa fi k.k.f. dha. Afuura Qulqulluun waan ibsamtuuf tokkummaa Kiristaanotaas ni dubbata yookaanis ammoo waa’ee gidiraa Kiristoos waliin qooddannu fi kabaja argannuu ni seenessa.

Dabalataanis mata duree adda ta’e innis Ayihuudota Kiristaanummaa fudhataniin sirna Mana Qulqullummaa isaanii fi aarsaa isaanii irraa adda ba’uu isaanii ni haasa’a. Akkasumas Lubummaa bara baraa Kiristoos irratti ni xiyyeeffata. Sababa tokkummaa isa waliin qabnuutiin Mana Qulqullummaa isa Samii innis kan harkaan hin ijaaramne kan ta’etti akkamitti gahuu akka dandeenyu ni hubachiisa.

Qabiyyee fi Qoqqoodama Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge

Kiristoos Iyyesuus gooftaa keenyaan kennaawwan Afuurawaa arganne ni tarreessa. Tajaajila Lubummaa Kakuu Haaraa Ayihuudonni bara Kakuu Moofaa keessatti tajaajila wal fakkaataa fudhatan waliin wal madaalchisa. Ergaan kunis qabxiiwwan armaan gadii kana ni hubachiisa;

1. Kiristoos fi Raajota – Boq. 1:1-3

2. Kiristoos fi Ergamoota – Boq. 1:4-14

3. Kiristoos fi Musee – Boq. 3

4. Kiristoos fi Iyyaasuu – Boq. 4

5. Kiristoos fi Aaroon – Boq. 5

6. Waa’ee Amantaa – Boq. 6

7. Kiristoos fi Malke-tsedeq – Boq. 7

8. Waa’ee Hangafa Lubootaa Samii Kiristoos – Boq. 8

9. Tajaajila Samii – Boq. 9

10. Gara Qulqulleettii Qulqullootaa Samiitti galuu – Boq. 10

11. Amantii – Boq. 11

12. Qabsuura – Boq. 12

13. Ajajoota Guduunfaa – Boq. 13

Boqonnaan tokko itti fufa!

Kadhannaa keessaniin nu yaadadhaa!

Barumsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo karaa WhatsApp argachuuf Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Adaraa dubbisaa! hiriyoota keessaniif Qoodaa!

The post Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge | Seensa 2 first appeared on Qubee Online +.

Qabsuura, Ergaawwan fi Seenaa Qulqulluu Phaawuloos
Seenaa Qulqulluu Phaawuloos Duuka Bu’aa

Qulqulluu Phaawuloos Duuka Bu’icha mata duree kana keessatti ni ilaalla. Seenaa Qulqulluu Phaawuloos qofaa miti dhaloota isaa, cuuphaa isaa, ergaawwan inni erge, qabsuura isaa akkasumas deemsa inni taasise sadan. Dabalataanis Seenaa Qulqulluu Phaawuloos kana jalatti Lallaba Wangeela Qulqulluu Phaawuloos Roomitti fi k.k.f ni ilaalla. Dubbisaa!

Qulqulluun Phaawuloos eenyudha? | Seenaa Qulqulluu Phaawuloos

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos Seenaa Qulqulluu Phaawuloos hiddi isaa Ibroota irraa, Qomoo Biiniyaam yoo ta’u kan dhalates magaalaa Xarseesitti. Hojii dunkaana hodhuu kan barates achittidha (HDB. 13:3). Xarsees daldala isheetiin kan beekamte magaalaa guddittii Kilqiyaati. Magaalitti keessattis biyya sana irraa kan walitti qabaman namoota hedduutu keessa jiraata ture. Warreen Roomaa saboota ykn uummata isaan jalatti buluuf lamummaa Room ni kennu waan tureef, Abbaan Qulqulluu Phaawuloos lamummaan isaa Roomaawwii ture. Kunis Qulqulluu Phaawuloosiif darbeefiira.

Seenaa Qulqulluu Phaawuloos Qulqulluun Phaawuloos umurii isaa waggaa 15 tti gara biyya dhaloota isaatti deebi’uun Iyyerusaaleemitti beekamaa kan ture Gamaaliyaal irraa barnoota barateera. Achittis sirnaa fi seera Ayihuudotaa barachaa hanga umurii isaa waggaa 30 tti ture. Gamaaliyaal Fariisaawwii waan tureef Phaawuloosis kana fudhateera. Umurii isaa waggaa 30 tti qaama ykn miseensa Shangoo Ayihuud (Saan Harin) ta’ee lakka’aamee.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos bara itti barsiisaa turetti Seenaa Qulqulluu Phaawuloos Iyyerusaaleem waan tureef haalota jiran hunda ni beeka. Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos miseensummaa Shangoo Ayihuudiin waggoota lamaaf yeroo hojjetetti Amantaa isaa Oriitaawwiif Fariisaawwii inaafaa ta’uu isaatiin Kiristaanota yeroo kamiyyuu ni morma ture.

Seenaa Qulqulluu Phaawuloos

Inumaayyuu Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos barsiisuu isaatiin himatamee Shangoo Ayihuudotaa duratti yeroo dhiyaatetti kan isa morme Qulqulluu Phaawuloos ture. Dhagaadhaan wagaramee Wareegamummaan yeroo boqotus uffata warra dhagaadhaan Qulqulluu Isxifaanoos rukutanii kan eegaa ture isadha. Qulqulluun Awugisxiinoos «Kadhannaa Isxifaanoosiin, Manni Kiristaaanaa Phaawuloos badee ture argatte.» jechuun dubbateera.

Umurii isaa waggaa 32 tti Iyyerusaaleem irraa gara Kaabaatti 223 Km fagaattee kan argamtu Magaalaa Damaasqootti Kiristaanonni hedduun jiraachuu isaanii yeroo dhaga’u gara hangafoota Lubootaatti siqee Kiristaanota balleessuuf kan isa gargaaru ykn isa dandessisu xalayaa eyyamaa isaaniirraa argate. Kana boodas raayyaa of duuba hiriirsisee gara Damaasqootti imale.

Qulqulluun Phaawuloos gara magaalittiitti seenuuf xiqqoon yeroo isa hafu itti Samii irraa bu’e naannoo sana uffisuun «Saawuul Saawuul maalif na ari’atta?» sagalee jedhu dhaga’e. Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloosis «Yaa Gooftaa ati eenyu jedhee» gaafate. «Ani Iyyesuus isa Naazreetidha» jedhee deebiseef. Yeroo sanas iddoo itti kufee jiruu urgufamaa «Yaa Gooftaa maal akkas godhu barbaadda?» jedhee gaafate. Sana boodas ka’ee gara Damaasqootti akka seenu itti hime. HDB. 9:1

Waamamuu Qulqulluu Phaawuloos | Seenaa Qulqulluu Phaawuloos

Iji Duuka bu’icha Qulqulluu Phaawuloos ilaaluu hin dandeenye. Namni isa qabee isa dursaa gara magaalaa Damaasqootti seene. Guyyoota sadiifis nyaata osoo hin nyaatiin ture. Guyyaa sanattis Waaqayyo Damaasqootti kan argamu Hanaaniyaa kan jedhamuuf muldhataan ni ibsameef, iddoo Qulqulluun Phaawuloos jirus itti himee akka deemee isa cuuphu isa ajaje. Hanaaniyaanis dursee eenyummaa Qulqulluu Phaawuloos ni beeka. Kiristaanonni Damaasqoo jiran baay’inaan Kiristaanota godaansaan Iyyerusaaleem irraa dhufanidha. Godaansa sana kan kaase ammoo gidiraa Qulqulluu Isxifaanoos irra gahedha.

Wareegamummaa Qulqulluu Isxifaanoos kanaaf ammoo harka caalu kan keessaa qabu Qulqulluu Phaawuloos ture. Kana kan beeku Hanaaniyaanis dursee Waaqayyo waliin wal falmuu eegalee ture. Akka waan Waaqayyo hin beeknees waa’ee Qulqulluu Phaawuloos hubachiisuu jalqabe. Dhuma irratti garuu «Kuni Ahizaabota, Mootota, Ijoollee Israa’eel birattis maqaa koo akka baatuuf qodaa anaaf filatamedha waan ta’eef deemi, waa’ee maqaa kootiif gidiraa hedduu arguun akka isa barbaachisu isatti nan agarsiisa » jechuudhaan Waaqayyo Hanaaniyaa erge.

Hanaaniyaanis Qulqulluu Phaawuloos erga barsiisee fi cuuphee booda, Qulqulluun Phaawuloos gara biyya Arabaatti deemuun isaa dubbateera. Gal. 1:7.

Waggoota sadiif gammoojjii Arabiyaatti erga ture booda gara magaalaa Damaasqootti deebi’e. Ayihuudota achi turan gidduuttis waa’ee Kiristoos isa dura ari’aa turee Lallabuu jalqabe. Sana dura Fariisaawwii ta’uu isaafi inaaffaan inni sirna Ayihuudiif qabuun kan beekamu Qulqulluun Phaawuloos hardha Wangeela yeroo Lallabu arguu isaaniitiin Ayihuudonni irratti ka’aan. Kanarraa kan ka’eenis Kiristaanonni Damaasqoo gara Iyyerusaaleemitti isa ergan.

Qulqulluu Phaawuloos Iyyerusaaleemitti

Qulqulluun Phaawuloos Iyyerusaaleem yeroo gahu rakkoo lamatu isa mudate ture. Dursa irratti Ayihuudonni Phaawuloos akka beekanitti fi akka isa baranitti ta’ee waan isaanitti hin muldhanneef isa ajjeesuuf ka’an. Karaa biraatiin ammoo Kiristaanonni deebi’uu Qulqulluu Phaawuloos amanuu hin dandeenye. Dhuma irratti garuu Barnaabaas gara Duuka Bu’ootaatti isa geessee deebi’uu Qulqulluu Phaawuloos itti himuun akka amanan taasise. Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos Iyyerusaaleemitti barsiisuu isaatiin Ayihuudonni waan isa mormaniif Magaalittii dhiisee karaa Qisaariyaa gara biyya dhaloota isaa Xarseesitti deebi’e.

Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos magaalaa Xarseesitti waggoota sagaliif tureera. Iyyerusaaleemiin ala Magaalaa Ahizaabotaa kan turte Antsookiyaatti Amantaan Kiristaanummaa ni babaldhate. Kiristaanonni Iyyerusaaleemii godaanan uummata Antsookiyaa cimanii barsiisuun isaanii hanga Iyyerusaaleemitti dhaga’aame. Sababa kanaanis Abbootiin Iyyerusaaleem turan Barnaabaas gara Antsookiyaatti ergan. Barnaabaasis Afaan Giriikii kan beeku, nama hunda waliin walii galuu kan danda’u, akkasumas Waaqayyo Ahizaabotaaf Duuka bu’aa akka ta’u kan isa filate Qulqulluu Phaawuloos Xarseesii gara Antsookiyaatti fiduun hojii isaanii jalqaban.

Ergaa isaa gara Galaatiyaa boqonnaa 2 irratti ofii isaa akka ibsetti waggoota kudha afur booda gara Iyyerusaaleemitti Kiristaanota Antsookiyaa irraa kan walitti qabe gargaarsa qabatee dhufe. Kanaanis  Ayihuud fi Ahizaabota gidduutti garaa garummaa ture Kiristaanummaan tokko akka taasise agarsiiseera.

Deemsota Qulqulluu Phaawuloos

Deemsa Qulqulluu Phaawuloos isa jalqabaa | Seenaa Qulqulluu Phaawuloos

Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos Iyyerusaaleemii gara Antsookiyaatti erga deebi’e booda waamicha Waaqayyootiin (HDB. 13:1-3) biyya Ahizaabotaatti Wangeela Lallabuuf Barnaabaas waliin ba’an. Deemsa isaanii kanaan walumaa galatti daandii gara 2000 Km tti siqu miilaan deemaniiru. Deemsi kunis kan gaggeeffame naannoo bara 46 ttidha. Deemsa kana keessatti biyyoonni fi magaalonni hammatamanis Qoophroos, Siiliinwuqiyaa, Silmaanaa, Phaafaa, Phargeen, Galaatiyaa, Phisdiyaa, Iqooniyoon, Liqaa’ooniyaa, Lisxiraa, Darbeen, Phinfiliyaa, Ataaliyaafi Antsookiyaa dha.

Deemsa Qulqulluu Phaawuloos isa lammaffaa | Seenaa Qulqulluu Phaawuloos

Deemsi inni lammaffaan kan gaggeeffame naannoo bara 50 tti. Deemsa isa jalqabaatiin Qulqulluun Maarqoos waliin deemee ture, garuu Magaalaa Phinfiliyaa yeroo gahu haadha isaa yaadee deebi’uu waan barbaadeef Barnaabaas gara  Iyyerusaaleemitti isa fidee dhufe. Kanaafis deemsa isaa lammaffaatiin Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos Siilaas qabatee gara Kilqiyaa, Sooriyaatti yeroo deemu, Barnaabaas ammoo Maarqoos waliin gara Qoophroos deeme.

Deemsa isaa kanaan Qulqulluun Phaawuloos hanga Giriikiitti gaheera. Magaalonni inni keessa deemee fi barsiises; Darbiyaa, Lisxiraa, Firgiyaa, Galaatiyaa, Misiyaa, Xiroo’aadaa, Saamootiraaqee, Naapulii, Filiiphisiyuus, Tasaloonqee, Bariyaa,

Ateenaa, Qoronxoos, Ankiraa’oos, Efeesoon, Qisaariyaa, Iyyerusaaleem fi Antsookiyaa dha. Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos ilma isaa Afuuraa Ximootewoos kan arge deemsa isaa kanaan magaalaa Lisxiraatti.

Deemsa Qulqulluu Phaawuloos isa Sadaffaa | Seenaa Qulqulluu Phaawuloos

Deemsi kun kan gaggeeffame bara 54tti yoo ta’u, magaalotaa fi biyyoonni inni of keessatti hammates;

Galaatiyaa, Firgiyaa, Efeesoon, Maqedooniyaa, Filiiphisiyuus, Qoronxoos, Xiroo’aadaa, Asoon, Milixinin, Anxaqakasiyuu, Tiroogiiliyoom, Masxuu, Qoos, Ruud, Phaaxraa, Xiiroos, Phitoolmaayis, Qisaariyaa, Iyyerusaaleem.

Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos gargaarsa Kiristaanota biyyoota garaa garaa irraa walitti qabe Mana Kiristaaanaa Iyyerusaaleemiif qabachuun deemsa isaa sadaffaa raawwatee Iyyerusaaleem seene. Ta’us garuu Iyyerusaaleem yeroo seenetti Ayyaanni Faasikaa waan tureef Ayihuudonni biyyoota garaa garaa irraa walitti qabaman magaalittii keessa turan. Ayihuudonni godaansaan jiraatan kunneenis Duuka bu’icha Qulqulluu Phaawuloos biyya isaaniitti sababa barumsa isaa irraa kan ka’e isa mormaa kan turanidha.

Ayihuudonni kunneen Qulqulluu Phaawuloos Iyyerusaaleemitti yeroo argan mormii guddaa irratti kaasan. Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloosis mormii isaanii dhaabsisuuf akka seera Ayihuuditti Mana Qulqullummaatti sirna qulqulleessuu raawwachuu jalqabe. Ta’us garuu Efeesoonii kaasee kan isa waliin dhufe Xiroofiimoos gara Mana Qulqullummaatti waan galche waan isaanitti fakkaateef mormiin isaanii ni cime. HDB. 22:29. Magaalittiis ni jeeqan, kanadha ture bara 58 tti Qulqulluun Phaawuloos Mana hidhaa Roomitti akka hidhamu kan isa taasise. Gidiraa fi rakkoo hedduu boodas hidhamee Room gale. Sana boodas hidhaa dhaabbii irra osoo jiruu waggoota lamaaf Wangeela lallabe.  Hidhaa dhaabbii waggoota lamaa akkuma xumureen gara Mana murtii Neeroonitti dhiyaate. Kunis bara 60 Dh.K.B dha. Qorannaa Mana murtiitiin taasifameen seera Roomee waliin kan wal faallessu yakki kamiyyuu waan irratti hin argamneef bilisaan gadhiifame, kana boodadha Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos deemsa isaa arfaffaa fi Kitaaba Hojii Duuka Bu’ootaa irratti kan hin galmeeffamne kan taasise.

Deemsi isaa kun hidhamuu isaatiin gaddanii kan turan Kiristaanota jajjabeesuuf, hojiiwwan jalqabe xumura isaanii ilaaluuf deemsa taasifamedha. Deemsa isaa kanaanis Iyyerusaaleem, Efeesoon, Loodooqiyaa, Maqedooniyaa, Qarxees, Xiroo’aadaa, Dilmaaxiyaa, Ilwaariiqoon, Niqoophooliyoon, Birandis fa’a ilaaleera. Deemsa isaa lallabaa dhumaa kanaanis waggoota afuriif tureera.

Gabaabumatti Seenaa Qulqulluu Phaawuloos

Gabaabumatti Qulqulluun Phaawuloos;

1. Obsa qabeessa ture

«Hanga sa’aatii kanaatti ni beelofna, ni dheebonna, uffata ni dhabna, ni dhamaana, harka keenyaan hojjechaa ni dhadhabna, yeroo nu arrabsan ni eebbisna, yeroo nu ari’an ni obsina, hamaa yeroo nutti dubbatan ni araaramna hanga ammaatti haraa Addunyaa taaneerra.» jedheera. 1 Qor. 4:11.

2. Dhukkubsataa ture

«Kanaafis ibsamuudhaan ol aantummaan akkan of hin jajne, waraansa foon kootii (waraansa cinaachaa fi dhukkubbii mataa):- innis kan na rakkisu ergamaan Seexanaa naaf kenname, kunis akkan of hin jajneefi. Waa’ee wanta kanaa anarraa akka adda bahuuf yeroo sadi gooftaan kadhadhe, innis kennaan koo si gaha, humni koo dhadhabbiidhaan ni raawwatama naan jedhe» jedheera. 2 Qor. 12:6

3. Jireenya Qeerrummaa Seenaa Qulqulluu Phaawuloos

«Ta’us garuu warra hin fuunee fi fuudhanii warra hiikaniin akka koo ta’aanii osoo jiraatanii isaaniif wayyan jedha. (Akka koo Dubara irraa fagaatanii, Qulqullummaa eeganii osoo jiraatanii isaaniif wayyan jedheen isaanitti hima)» jedheera. 1 Qor. 7:8.

4. Raajiiwwan garaa garaa ni hojjeta ture

Lisxiraatti kan okkolu fayyiseera (HDB. 14:8). Awuuxeekis kan jedhamu namni tokko foddaa irra taa’ee irribni guddaan isa qabee rafaa ture. Phaawuloosis lallaba yeroo dheeressutti irribni itti ulfaatee sadarkaa 3 ffaa irraa gara jalaatti kufe, ni du’es, Qulqulluun Phaawuloosis kadhannaadhaan isa kaase. HDB. 20:9, Qulqulluun Phaawuloos uffata ykn huccuu isaatiinis ni fayyisa ture. (HDB. 19:11).

5. Guyyaa du’a ykn boqonnaa isaas ni hawwa ture

«Isaan kana keessaa lamaaniin nan dhiphadha, deemuu Kiristoos waliin jiraachuu nan hawwa, wanta hunda caalaa wanta bayeessa waan ta’eef, ta’us garuu fooniin jiraachuun koo waa’ee keessaniif garmalee kan barbaachisudha. Kanas hubadhee isaan biratti irra deebiin ta’uu kootiif anaan of jajuun keessan Iyyesuus Kiristoosiin akka baay’atuuf, Amantiidhaan akka guddattaniifi akka gammaddaniif, akkan jiraadhu hunda keessan waliin akkan turu nan beeka» Filp. 1:23.

6. Guyyaa du’a isaa ni beeka ture

«Ta’us garuu Afuurri Qulqulluu:- magaalotatti gidiraa fi hidhaan si eeggata jedhee natti hima. Ta’us garuu kennaa Waaqayyoo kan ta’e Wangeela akkan barsiisuuf Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irraa kanan fudhadhe fiigicha koo akkan xumuruu fi ergaa koos akkan raawwadhuufi malee qaama koof homaa hin yaaduuf. Ammas kunoo Mootummaa Waaqayyoo kanan isiniif lallabe isin hundumti keessan kana booda fuula koo akka hin argine ani beekeera.» HDB. 20:23.

«Maalif akkas gootu? boossanii laphee koo cabsitu, ani Abdii kanan taasifadhu gidiraa fi rakkoo qofaa miti, ani garuu maqaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin Iyyerusaaleemitti du’uufis kanan kutadhedha.» HDB. 21:23

7. Qulqulluu Phaawuloos fi Siilaas Mana hidhaatti

Hojii Xonqolummaa ykn falfala hojjechuudhaan gooftota isheetiif dubartii qarshii hedduu walitti qabdu tokkotu turte. Qulqulluu Phaawuloos fi Siilaas hordofaa «Daandii fayyinaa kan isinitti himan namootni kun garboota Waaqayyooti» jettee ni iyyiti ture. Wanta kanas garmalee guyyoota hedduu irra deddeebite. Qulqulluun Phaawuloos garuu gara duubaatti deebi’ee Afuurichaan «Ishee irraa akka baatu maqaa Iyyesuus Kiristoosiin sin ajaja!» jedheen yeruma sanattis Afuurri hamaan sun irraa bahe.

Gooftonni ishees Abdiin isaanii, maddi galii isaanii akka bahe yeroo arganitti Qulqulluu Phaawuloos fi Siilaas gara Moototaatti dhiyeessanii «Namoonni kunneen Ayihuudota ta’aanii garmalee magaalaa kana jeequ, nuti namoota Roomee taanee fudhachuu fi raawwachuu kan hin barteewwan nuuf hin eyyamamne ni dubbatu» jechuudhaan himaticha gara Siyaasaatti jijjiiran. Uummannis isaanirra goree isaan gargaare, uffata isaaniis irraa baasanii uleedhaan tumanii gara Mana hidhaatti isaan darbatan.

Mana hidhaattis muka waliin walitti isaan hidhan. Halkan qixxee yeroo ta’us kadhachaa Waaqayyo faaruudhaan galateeffatan. Warreen hidhamanis isaan dhageeffatu ture. Yeroo kanatti bu’uurti Mana hidhaa sanaa hamma raafamutti kirkirri lafaa ka’ee, balbaloonni hundi ni banaman, hunduu hidhaadhaa ni hiikame.

Qulqulluu Phaawuloos fi Waardiyyaa Mana Hidhaa

Waardiyyaan Mana hidhaas hirribaa yeroo ka’u hidhamtoonnii waan miliqan itti fakkaatee of ajjeesuuf Sayifii isaa baase, Qulqulluun Phaawuloos garuu «Hundumti keenya as jirra waan ta’eef ofii kee irratti waan hamaa hin taasisiin!» jedhee iyye. Ibsaas kadhatee gara keessaatti fiige, urgufamaas Phaawuloos fi Siilaasiif sagade, gara alaattis isaan baasee «Gooftota koo, akkan fayyuuf maal gochuutu narraa eegama?» jedheen. Isaanis «Gooftaa Iyyesuus Kiristoositti amani! ati fi maatiin kee ni fayyitu» jedhaniin.

Wangeelas isa barsiisan, halkaniinis sa’aatii sanatti isaan geessee madaa isaanii dhiqeef, cabaa isaaniis ni hidheef, maatii isaa hunda waliinis ni cuuphame, nyaatas ni dhiyeesseef, Waaqayyottis waan amaneef maatii isaa hunda waliin gammachuu ni argate.» HDB. 20:16-34.

Mata duree keenya kana keessatti Seenaa Qulqulluu Phaawuloos, akkasumas qabsuura isaa, deemsota isaa fi k.k.f ilaalleerra. Seenaa Qulqulluu Phaawuloos as irratti goolabna.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Yeroo itti aanutti Kitaabolee Qulqulluun Phaawuloos barreesse tokko tokkoon ni ilaalla

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Qabsuura, Ergaawwan fi Seenaa Qulqulluu Phaawuloos first appeared on Qubee Online +.

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge | Seensa 1
Ergaa Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos gara Ibrootaatti erge

Kitaabolee Kakuu Haaraa Qulqulluun Phaawuloos barreesse keessaa isa tokkodha. Ergaawwan Qulqulluu Phaawuloos erge hedduu keessaa tokko kan ta’e Kitaabni Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti ergame seenaan inni qabu maalif? Ergaan Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge kun eenyuuf barreeffame?. Akkasumas Qo’annaan isaa akkami kan jedhu ykn Qo’annaa Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge waliin ni ilaalla.

Seensa /1/

Kitaabolee Kakuu Haaraa keessa jiran keessaa Kitaabni Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge ykn barreesse isa tokkodha. Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos Kitaabolee Kakuu Haaraa keessaa 14 barreesseera. Kitaaboleen Kakuu Haaraa walumaa galatti Qulqulloota 8’n barreeffaman.

Isaan kanneen keessaa Qulqulluun Phaawuloos Kitaabolee ergaa 14 barreessuun Duuka Bu’oota kaan caalaatti Kitaabolee hedduu barreesseera, itti aansuudhaanis Duuka Bu’aa Gooftaa kan ta’e Qulqulluun Yohaannis Wangeelaawwiin Kitaabolee Kakuu Haaraa keessaa Kitaabolee shan barreesseera kana jechuunis Wangeela tokko, Ergaawwan sadii fi Mul’ata tokkodha.

Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge

Barreeffama keenya hardhaatiin ykn mata duree Kitaaba «Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge» jedhu jalatti waa’ee Kitaaba ergaa Qulqulluun Phaawuloos gara Ibrootaatti erge ni ilaalla. Ibsa Kitaaba kanaas kutaa kutaan qoodnee kan isiniif maxxansinu yoo ta’u isinis dubbisaa, hiriyoota keessaniifis qoodaa.

Kutaa kana keessatti qabxiiwwan gurguddoon nuti seensa ykn kutaa kana keessatti ilaallus;

Seenaa Kitaaba kanaa

Kitaabni kun eenyuuf akka barreeffame

Kaayyoo Ergaan kun itti barreeffameef

Murtee Qannoonaa Kitaaba gara  Ibrootaa

Qabiyyee walii galaa Kitaaba kanaa fi k.k.f dha.

Seensa

Yeroo garaagaraatti abbootiin Amantaa ka’an, Beektonni, qorattoonni seenaa, Ergaa gara warra Ibrootaa irratti ibsa barreessaniiru. Isaan kanneen keessaas Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee (Bara 380- 398 tti Kitaabolee ykn Barreeffamoota 34’n), Tiwoodooreet (Bara 450 keessa), Koominiyas (jaarraa 10 ffaa keessa), Tiwoofilikat ( Jaarraa 11ffaa keessa), Toomaas Akuwiinas (Bara 1250 keessa), Iraasumas (Bara 1520 keessa), Kaard Kajootaanas (Bara 1520 keessa), Joon Kaalviin (Bara 1539), Deev Paariwoos (Bara 1600), Koorn Saapeed (Bara 1630 keessa), Joon Jeeraard (Bara 1630 keessa), Girooteewoos (Bara 1640), Joon Awun (Bara 1670) ni caqasamu. Bara 1800 booda namoonni lakkoofsi isaanii hin beekamne hedduun Kitaaba ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaa kana irratti ibsa (commentary) kennaniiru. Haalli kunis ulfaatina Kitaabichaa fi fayyadamummaa isaa agarsiisa.

Kitaabni kun barsiisota Ortodoksii ta’aan keessaa tokko kan ta’an Abbaan lammii Gibtsii kan ta’an Taadroos Yaa’iqoob Maalaatii ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaa kana Kitaabolee Qulqullaa’oo kanneen biroo waliin wal bira qabuun bifa ajaa’ibaatiin ibsaniiru, kitaabni kunis Afaan Ingiliffaan kan qophaa’e yoo ta’u gara Afaan Amaariffaatti Waldaa Qulqullootaatiin hiikameera.

Ergichi kan barreeffameef Ibroonni eenyu fa’i?

Kitaabichi kan barreeffame eenyuufi?

Ofitti amanamummaa guutuun dhubbachuun kan danda’amu jalqaba sanyii Ayihuudotaa kan ta’aan Kiristoositti amananii Kiristaanummaa kan fudhataniif ergaa barreeffame ta’uu isaati. Jiraachaa kan turanis iddoo murta’aatti ture. Kanaafuu Manneen Kiristaaanaa Ibrootaa hundaaf kan barreeffame miti. Ta’us garuu Ibroota irra darbee Kiristaanonni hundi fayyadamtoota Ergichaa ta’aaniiru.

Moggaasni Ibroota jedhu Kakuu Haaraatti kan ibsame Afaan Ibrootaa kan dubbatan, aadaa isaanii fi Tiwuufiitiin isaanii wal fakkaataa kan ta’e Ayihuudota warra Bahaa (Hellenizing Jews) irraa adda kan ta’aanidha. Maddeen Seenaa Giriikota durii ergaa Mana Kiristaaanaa Filisxeemiif barreeffame jedhanii amanu ture ykn ergaa Mana Kiristaaanaa Filisxeemiif barreeffame akkam ta’etti amanu.

Ergaan kun kan isaaniif barreeffame Kiristaanonni Ibrootaa (Yoh. 6:1, 9:25) dursanii Filisxeem keessa kan turan yoo ta’u, Iyyerusaaleemitti lakkoofsi isaanii baay’ee ture. Tajaajiltoota Mana Qulqullummaa sanaa turan. Alaqoota Ayihuudii, Kiristaanummaa fudhachuu isaaniitiin gidiraan kan isaanirra gahe, Mana Qulqullummaa dhaas kan ar’aman turan. Ergaan kun kan barreeffameef isaan kun Kiristaanota Ayihuudaawwii ta’uu isaaniitiin qormaata isaanirra gahaa jiru obsaan akka danda’aan ni gorsa. Kunis Kiristaanummaan Amantaa Ayihuud irra caalmaa inni qabu agarsiisuudhaani.

Nageenya kanas fudhachuu irraa suuta jechuun adabbiin inni geessisuu danda’u dabalataatti agarsiisuudhaan isaan kakaasa. Seenaa jaarraa gara jalqabaa irraa yeroo qorannu keessattuu keessattuu bara 60-70 tti Kiristaanummaa irratti barnoota Shakkummaa facaasuuf Ayihuudonni seera cimsitoonni (ወግ አጥባቂዎች) yeroo itti hojjechaa turanidha. Iyyerusaaleem kan turan Ayihuud irraa gara Kiristaanummaatti kan deebi’an seera cimsitoonni (ወግ አጥባቂዎች) hedduun seeraa fi sirna akkasumas bartee Abbootii isaaniitiif namoota of eeggatan turan.

Murtee Qannoonaa Kitaaba Ibrootaa (Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge)

Ergaan Ibrootaa tarree Kitaabolee dursanii Qannoonaadhaan Mana Kiristaaanaa keessatti lakka’aaman keessatti hin hammatamne. Hangamiyyuu barreessaa isaa irratti durii kaasee mormiin jiraatuyyuu, Kitaabichi Kitaaba durii ta’uu isaa namni shakku ykn mormu hin jiru. Manni Kiristaaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti garuu Barreessaan Kitaaba erga gara Ibrootaa  Qulqulluu Phaawuloos ta’uu isaa ni fudhatti. Kitaabichi Mootiin Xixoos Iyyerusaaleem bara 70 tti yeroo balleessee booda akka kan barreeffame akka ta’e, barreessitoonni Seenaa walii galu.

Barreessaan Kitaaba ergaa gara Ibrootaa maqaan isaa caqasaman. Ergaawwan Qulqulluu Phaawuloos kaanirraa kan adda isa taasisus ergaawwan kaan ykn ergaawwan kanneen biroo irratti maqaa isaa yeroo caqasu Kitaaba isaa kana irratti garuu maqaa isaa caqasuu dhiisuu isaati. Barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Phaawuloos ta’uu isaatiif Tiwuufiitiiwwan Mana Kiristaaanaa kanneen durii isuma kana dhugoomsu. Kanaan kan wal qabateen Barreessaan Kitaaba kanaa gara fuula duraatti Kitaaba Ibrootaa kan ilaallateen barreeffamoota barreeffaman qorachuun gara guduunfaa amansiisaa tokkorra akka gahamu ni amana.

Ergaan Ibrootaa kan Qulqulluu Phaawuloos ta’uu isaatiif ragaawwan Gibtsii durii Qulqulluu Qaaleminxoos fi Diyoonaasiyoos akkasumas isa booda Phaaphaasonni bakka bu’an dhimma walii galtee irra ittiin gahaan ture. Mootummaa Kiristoosiin faallaatti kan hojjatu tajaajilaa Afuura hamaa kan ta’e Ariyoos osoo hin hafiin Barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Phaawuloos ta’uu walii galu. Warreen Bahaa barreessaa Kitaabichaa irratti ilaalchi isaan qaban baay’inaan walitti siqa ykn baay’inaan wal fakkaata.

Warreen Lixaa biratti garuu barootaaf eenyummaa barreessaa Kitaabichaa irratti walii galteen hin turre. Qulqulluun Awugisxiinoos Barreessaan Kitaaba ergaa gara Ibrootaa Qulqulluu Phaawuloos ta’uu ni fudhatu. Xumura Jaarraa 4ffaa tiin dursee warreen Lixaa biratti Barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Phaawuloosidha guduunfaan jedhu fudhatama argate. Qulqulluun Atinaatewoos, Qeerloos inni Iyyerusaaleem, Goorgooriyoos inni Inzinaazuu Barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Phaawuloos ta’uutti walii galu.

Gubaa’ee Loodooqiyaatti Kitaaba kudha arfaffaa Qulqulluu Phaawuloos taasisuun fudhataniiru. Dursinee ibsuuf akkuma yaalle hangamiyyuu barreessaan Kitaabichaa irratti walii galteen dhabamuyyuu, bara Duuka Bu’ootaatii kaasee (Jaarraa 1ffaa) Manni Kiristaaanaa Kitaabolee Qannoonaa keessaa tokko taasistee fudhattee itti fayyadamaa turteerti. Warra Bahaa kan ilaallateen yaadni kun shakkii keessa wanta galu miti. Barreeffama Qulqulluu Qaaleminxoosiin akkuma ergaawwan kaanii yaadni inni Kitaaba ergaa gara Ibrootaa irraa fudhate hojiiwwan isaa keessatti muldhateera.

Jaarraa 2ffaa keessa Wareegamummaa kan fudhate Wareegamtichi Yoosxiinoos barreeffama ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaa boqonnaa sadi irratti ibsame «Duuka Bu’aa Amantaa keenyaafi Hangafa Lubootaa» kan jedhu barreeffamoota isaa keessatti yeroo afurii ol fayyadameera.

Kaayyoo Ergaan kun itti barreeffameef

Iyyerusaaleem kan turan Kiristaanonni Mana Kiristaaanaa ishee jalqabaa Mana Qulqullummaaf kan dhama’u, bartee isaaniif of eeggatu, Sirnoota Abbootii isaaniis Kiristaanummaa bukkeetti ni raawwatu ture. Qulqulluun Pheexiroosiyyuu hanga mul’ata argutti Qoorneelewoos Mana Kiristaaanaatti simachuuf rakkatee akka ture ni argina.

«Pheexiroos sa’aatii jahatti kadhachuuf gara gubbaatti bahe,  osoo qopheessaafii jiraniis afuuraan fudhatamuun (ተመስጦ) itti dhufe. Samiin banamee roga afuriin kan qabame Shaamaa guddaa qodaan fakkaatu gara lafaatti yeroo bu’u arge, achumaanis miila afur kan qaban bineensonni lafa irra kan socho’an Simbirroowwan samiis keessa turan. Yaa Pheexiroos ka’iitii qalii nyaadhu! sagaleen jedhus gara isaatti dhufe, Pheexiroosis yaa Gooftaa! hin ta’u wanta xura’aa nyaadhee hin beeku waan ta’eef jedhe. Wanta Waaqayyo qulqulleesse ati hin xureessiin sagaleen jedhu gara isaatti dhufe.» HDB. 10:9-16.

Dhumni mul’ata kanaa Duuka Bu’ooni illee osoo hin hafiin Wangeelli kan kenname Israa’eelotaafi jedhanii Amanaa akka turaniifi uummannii fi Ahizaabonni Kiristoosiin tokko ta’uu isaaniitiin Waaqayyo saba isaa taasisee kan fudhate Ahizaabota hin dhiibiinaa yeroo jedhuunidha. Bartoonni isaa du’a Qulqulluu Isxifaanoos booda biyyoota garaagaraatti faca’an. Waa’ee fayyisaa keenyaa hunda dursee Ayihuudotaaf ciminaan ni lallabu ture. (HDB. 11:19). Kanaafuu Waaqayyo Waaqa Israa’eel qofa osoo hin taane, Kiristoosiin Waaqa Ahizaabotaa ta’uu isaa hubannoon ni ibsame. Kaayyoo itti barreeffameef keessaa tokko kanadha.

Qabiyyee walii galaa Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge

Ahizaabonni akkuma Israa’eelotaa Kakuu Haaraatti ijoollee Waaqayyoo ta’uu isaanii agarsiisa. Dursee bara dhaloota Kiristaanummaatti fudhannaa Ahizaabotaa irratti mormii cimaatu ture. Lallaba Qulqulluu Phaawuloos fi Barnaabaasiin kan akka ibsametti Ahizaabonni sirna Ayihuudotaa eeguun osoo isaan hin barbaachifne qaama Mana Kiristaaanaa ta’aanii lakka’aaman. Cimoo kan turan, seera isaaniif of eeggatan Ayihuudonni, Ahizaabonni  dhaqna qabaa fudhachuu isaaniitiin  dursee seera Musees osoo hin raawwatiin qaama Mana Kiristaaanaa Kakuu Haaraa ta’aanii lakka’aamuu hin qaban qabxii mormii jedhu kaasan.

Karaa Qulqulluu Yaa’iqoobiin Iyyerusaaleemitti Gubaa’een ni waamame. Ahizaabota irratti ba’aa dabalataa irra kaa’uun akka hin barbaachifne Duuka Bu’oota gidduutti walii galtee irra gahame. Ta’us garuu haalli kun Ayihuudota hin amansiifne. (Gal. 2:12). Qulqulluun Phaawuloos garuu Kiristaanummaan dhiibbaa Ayihuudotaa jalaa bilisa bahuu akka qabu xiyyeeffannoo itti kennee barsiise. (1 Qor. 9:20). Ta’us garuu dubbichi akka hin cimne yaaduudhaan al-tokko tokko sirna Ayihuud yeroo eegu ni muldhata ture. (HDB. 17:3). Innumtuu mataa isaan qulqullaa’eera. (HDB. 21:29).

Qulqulluun Phaawuloos gara Ibrootaatti erge yeroo barreessu Manni Qulqullummaa Iyyerusaaleem sababa weerara Xixoosiin diigameera. Isa waliin raawwatamaa kan ture hafteen Aarsaa Kakuu Moofaa waliin raawwatameera. Dursee kan ture kabajni Kakuu Moofaa gochaan darbee, kabajni Kiristoos gara Laphee Amantootaatti bakka bu’aa jira ture.

Keessattuu ergichi yeroo barreeffamu Kiristaanonni Ayihuud irraa deebi’an akeekkachiisni isaan barbaachisa ture. Wanta hundaan guddachuu osoo qabanii gara duubaatti harkifataniiru. Sababa uumanii dhugaa kan ta’e hiikoo Wangeelaa hin hubanne. Hawwiin gara haala dura keessa turaniitti deebi’uus isaan keessa ture. Lallaba Qulqulluu Phaawuloosiin Manni Kiristaaanaa Ayihuudummaa irraa gara Mana Kiristaaanaa Addunyaalessaatti jijjiiramteerti.

Ayihuudonni Kiristaanota turan baay’achaa yeroo dhufanitti qomoo isaaniirraa keessattuu Lubootaan gidiraan irra gahu dabalaa dhufe. Kanaafuu Kiristoositti akka ciman, gara duubaatti akka hin deebine ergaa barreessuufiin barbaachisaa ta’e.

Duuka bu’ichi ergaa isaa irratti tokkummaa Wangeelaa fi seerichaa, hojii hangafa Lubummaa Kiristoos barreesseef. Ergaa gara Ibrootaa irratti walitti dhufeenya ajaa’ibaa Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa kan irratti arginudha.

Kakuuwwan lamaan irrattiyyuu Raajota dursee kan dubbise, boodas Tsirhaa Tsiyoonitti, bu’uu Afuura Qulqulluu boodas Abbootii keenya Duuka Bu’ootaan, sana boodas yeroodhaa yerootti Abbootii Duuka Bu’ootaa ka’aaniifi Abbootii eegdota Mana Kiristaaanaatti kan dubbate, kan erge, raajii kan ibse, raajiin kan dubbatameef, dhumni raajichaas ykn dhumni raagichaas Waaqayyo tokkichadha.

Kakuu Haaraatti Kitaabolee ergaa barreeffaman keessaa kitaabni ergaa gara Ibrootaa Kitaaba iddoo faayidaa addaa qabudha. Kakuu Moofaa Kakuu Haaraa waliin wal qunnamsiisa ykn wal qabsiisa. Kiristaaanota qomoo Ayihuud turaniif hangamiyyuu Mana Qulqullummaa isaaniitii ari’amaniyyuu, tajaajila Mana Qulqullummaa isaanii Iyyerusaaleemitti yoo isaan dhaabsisaniyyuu Iyyerusaaleemiin ala ta’aanii waa’ee Kiristoosiif gidiraa fudhataniiru.

Kanaafis gara Mana Qulqullummaa Samiitti akka seenaniif balballi isaa banameefiira. Tajaajila Mana Kiristaaanaa isa guddaa tajaajiluufis filatamaniiru. Aarsaa dhugaa fi adda ta’ettis ni deemu. Qooddattoota tajaajilichaatis. Kitaabni ergaa gara Ibrootaa Ahizaabota jibbamaniif, warreen tuffatamaniifis banamuu Samii, gara Waaqayyootti dhiyaachuu warreen danda’aaniif Kitaaba Abdii guddaa galaa godhatedha.

Channel WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Kutaa itti aanutti :- Barreessaan Kitaaba kanaa eenyu kan jedhuufii qoqqoodama isaa ilaalla

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge | Seensa 1 first appeared on Qubee Online +.