Du'aa Ka'umsa | Qubee Online +

Dubroo Maariyaam : Ol Ba’iinsa fi Kakuu Araaraa
Ol Ba’iinsa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Dubroo Maariyaam haati keenya Qulqulleettiin Amajjii 21 boqottee garuu Hagayya awwaalamte. Mata duree kana keessatti akka fedha Waaqayyootti waa’ee Tsoomii Filsataa, Du’aa Ka’umsa fi Ol ba’iinsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ni ilaalla. Isinis hanga dhumaatti dubbisaa, hiriyoota keessaniifis qoodaa!

«Duuti Amajjiitti Awwaalli Hagayyatti!»

Ol Ba’iinsa Dubroo Maariyaam

Waa’ee Tsoomii Filsataa Dubroo Maariyaam

Filsataa jechuun jecha Gi’izii «ፈለሰ» jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u iddoo tokkoo gara iddoo biraatti jijjiiruu, biyya keessa turan dhiisanii gara biyya biraatti godaanuu, deemuu jechuudha.

Tsoomii Filsataa yeroo jedhamus foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Geeteesemaanii irraa gara Jannataatti deemuu isaa boodas Jannata keessatti muka jireenyaa «ዕፀ ሕይወት» jala kan ture irraa ka’uu isaa agarsiisuuf kan dubbatamudha.

Seenaa fi Boqonnaa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam waggaa 64 Addunyaa kana irra jiraattee du’aan erga adda baate booda akka ilma ishee tokkicha gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos du’aa kaa’uun ishee fi ol Ba’uu ishee akka arganiif Duuka Bu’oonni Hagayya 1 irraa kaasee hanga 16 tti Tsoomii isaan tsoomanidha. Tsoomiin Filsataa Tsoomiiwwan gurguddoo Mana Kiristaanaa torban keessaa isa tokko ta’ee Qannoonaadhaan akka tsoomamu erga murteeffamee kaasee Kiristaanonni ni tsoomu.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam bara Addunyaa 5485 abbaa ishee Iyyaaqeem fi haadha ishee Haannaa irraa «Libaanoos irraa Misirroon ni baati!» jedhamee bu’uura raajii dubbatameefiin Hagayya 7 garaatti baatamte. Caamsaa 1 ammoo iddoo Libaanoos jedhamtutti akka dhalatte Seenaan Mana Kiristaanaa bal’inaan ni hubachiisa. Dubroon Maariyaam tsoomii fi kadhannaadhaan kan argamtedha, Qulqulleettii waan taateefis Bultoo Waaqayyoo taateerti.

Dubroon Maariyaam mana abbaa fi haadha isheetti waggaa sadi, Mana Qulqullummaatti waggaa kudha lama, fayyisaa Addunyaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos garaa isheetti baattee Ji’a sagal, ilma ishee gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waliin waggaa 33 fi Ji’a sadi, Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii bira waggaa 14 fi Ji’a sagal walumaa galatti waggaa 64 yeroo guuttu Amajjii 21 bara 49 dhaloota Kiristoos booda ykn Bara Araaraa Addunyaa kana irraa du’aan boqotte.

Raajiiwwan fi Fakkeenyota Maariyaam Kakuu Moofaa muraasa

Raajonni dursanii waa’ee boqonnaa fi ka’umsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam iccitiidhaan dubbataniiru. Raajichi Daawwit Faaruu isaatiin «Maaloo gara boqonnaa keetti ka’i! Ati fi Taabonni Mana Qulqullummaa kee!» jedheera. Faaruu 132:8. Yaa gooftaa koo gara amantootaaf boqonnaa itti kennitu gara Mootummaa Samiitti Taabota Mana Qulqullummaa kee Dubroo Maariyaam qabadhuu ka’i yeroo jedhudha. Kunis haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam akka ka’umsa ilma isheetti ka’uu ishee kan agarsiisudha. Taabota sababni inni jedheefis Bultoo isaa waan taateefi.

Mootichi Solomoonis «Yaa kaadhima koo ka’i! yaa miidhagina koo koottu kunoi Ganni darbe, Bokkaanis darbee deeme Abaaboowwan lafa irratti mul’atan. Yeroon yeedaloos ga’e …. jechi lafa irratti dhaga’ame. Balasiin ija godhachuu jalqabe, Wayiniin Abaaboo godhachuu jalqaban, foolii gaarii isaaniis kennan . Yaa kaadhima koo ka’i, yaa miidhagina koo koottu!» jechuun waa’ee Dubroo Maariyaam fakkeenyaan dubbateera. Weedduu Weedduu Caalu. 2:10-13.

Kaadhima isaa, miidhagina isaatiin ka’i! koottu jechaa waamaa kan ture Iyyesuus Kiristoos dha. Kan waamamtes Dubroo Maariyaam dha. Kunoo ganni darbe jechuun godaansaan, jibbiinsa Ayihuudotaa guyyaa guyyaanii irraa ilaalaa gidiraa mucaa ishee fi fannifamuu isaa Simi’oon Mana Qulqullummaatti akka dubbate lapheen ishee sayifii gaddaatiin kan itti waraaname ganni gidiraa ykn waqtiin gidiraa darbee dhukkubbiin Kiristoos, duuti isaa, Addunyaa kanaaf of kennuun isaa raawwatameera.

Ka’umsi isaa lafa irratti ibsameera, lallabameera jechuudha. Lafa irratti Abaaboon mul’ateera jechuun sagaleen Duuka Bu’ootaa lafa irratti iddoo hunda gaheera jechuudha. Raajichi Daawwit «Sagaleen isaanii lafa hundaatti, jechi isaaniis hanga qarqara Addunyaatti ba’e!» jedhee waa’ee Duuka Bu’ootaa kan dubbate waa’ee gidiraa fi godaansa Addunyaa irra jiruu yeroo ibsudha. Faaruu. 18:4.

Yeroon yeedaloos gahe kan jedhe yeroo gidiraati. Sululli garaa garaa midhaaniin uffifaman, gammachuu dhaan ni iyyu, ni faarfatus jedhameera. Faaruu. 65:13. Yeroon makaraa gahe kan jedhame makarri yeroo firii ta’uu isaatiin Kiristaanummaan firii godhateera jechuudha. Balasiin ija godhachuu jalqabe jechuun ammoo firii hojii gaarii osoo hin buufatiin namoonni turan hojii gaarii hojjechuu jalqabuu isaanii kan agarsiisudha. Dhuma irrattis Wayiniin Abaaboo godhataniiru, foolii gaarii isaanii kennaniiru akka jedhame guutummaa Addunyaatti Manneen Kiristaanaa Amantaa dhaan durii godhachuun, foolii gaarii hojii isaanii dhiyeessuu erga jalqaban booda haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ni boqotte.

Boqonnaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan ture Amajjii 21 tti Duuka Bu’oonni foon ishee boqochiisuuf gara iddoo awwaalaa Geeteesemaanii qabatanii yeroo deeman Ayihuudonni inaaffaan ka’aanii «Dur ilmi ishee guyyaa sadaffaatti du’aa ka’e, guyyaa Afurtammaffaatti ol ba’e. Irra deebiinis deebi’ee Addunyaa kana dabarsuuf ni dhufa. Jedhanii barsiisuun uummata fudhataniiru. Amma ammoo yoo callisnee dhiisne isheenis akka ilma ishee du’aa kaate, ol baate jedhanii barsiisuun nu jeequufi mitii? koottaa walitti qabamnee abiddaan ishee haa gubnu jedhanii waliin mari’atanii ba’aanii isaan keessaa Taawufaaniyaa namichi Ayihuudii filatamee deemee siree foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam baate ni qabe. Siree kana yeroo qabates ergamaan Waaqayyoo sayifii abiddaatiin harka isaa lamaan ni mure. Taawufaaniyaanis hojii isaatti gaabbee gara Dubroo Maariyaam waan kadhateef raajiidhaan harki isaa lamaan muramanii turan gara iddoo isaanii duriitti deebi’an.

Ergamaan Waaqayyoo foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Qulqulluu Yohaannis waliin gara iddoo gammachuun jiru gara Jannataatti Afuura Qulqulluun geesse. Gooftaanis foon Dubroo Maariyaam akka baastuuf lafa akka waamaniif Hangafoota Ergamootaa torban ni ajaje. Isaanis akka baatuuf Waaqayyo si ajajeera jedhaniin. Yeroo sanattis muka jireenyaa jalatti kan argamu iddoo awwaalaa irraa foon Dubroo Maariyaam ni ba’e. Gooftaan keenyas bara baraan kan ta’e gara Mootummaa Waaqayyootti Ergamoonni fi Wareegamtoonni akka isheef sagadaniif ol baase. Mootichi Daawwit «Uffata Warqii uffattee Mootittiin mirga kee ni dhaabbatti.» Faaruu. 44:9

Raajiiwwan fi Fakkeenyota

Wangeelaawwii Yohaannisis ishee irraa eebba fudhatee deebi’ee samii irraa bu’e. Duuka Bu’oonnis walitti qabamanii waa’ee foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo gaddan isaan arge. Innis akka arge, akka dhaga’e foon ishee kabaja guddaadhaan ol ba’uu isaa itti hime. Duuka Bu’oonnis waggaa guutuu turan. Jiinni Hagayyaa yeroo seenettis Qulqulluun Yohaannis akkas jedheen; Foon Dubroo Maariyaam ilaaluuf koottaa! subaa’ee lama tsoomuun haa kadhannu jedhe. Tsoomii fi kadhannaadhaan subaa’ee qabatan, Gooftaanis foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fidee waan isaaniif kenneef faarfannaa dhaan, Galatoo dhaan geessanii iddoo awwaalaa dursee qophaa’e Geeteesemaanii tti ishee awwaalan.

Sirni awwaala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo raawwatamu Duuka Bu’ootaa kudha lamaan keessaa tokko kan ta’e Duuka Bu’aan Qulqulluun Toomaas hin jiru ture waan ta’eef, biyya lallabaa isaa irraa duumessaan fe’amee gara Iyyerusaaleemitti yeroo dhufu haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo itti awwaalamte irraa guyyaa sadaffaatti akka ilma isheetti yeroo ol baatu ishee arge. Innis yeroo kana ka’umsa ishee Duuka Bu’oonni kanneen biroo arganii inni kan hin argine itti fakkaatee gadduudhaan «Jalqaba ka’umsa ilma kee amma ammoo ka’umsa kee osoon hin argiin hafe!» jedhee baay’ee gadde. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis isaan ala Duuka Bu’oonni kanneen biroo ka’umsa ishee akka hin argine itti himtee isa jajjabeessitee deemees Duuka Bu’ootatti wanta ta’e hunda akka itti himu isa ajajjee mallattoo akka isaaf ta’uuf uffata ishee irraa kuttee itti kennuun ol baate.

Duuka Bu’ichi Qulqulluun Toomaas Iyyerusaaleem yeroo gahetti foon Dubroo Maariyaam ni awwaalle jedhanii itti himan innis «Duuti Amajjiitti Awwaalli Hagayyatti! akkamitti ta’a?» isaaniin jedhe. «Ati ka’umsa gooftaa shakkitee turte, ammas hin amantuu?» jedhanii dursummaa Qulqulluu Pheexiroosiin gara iddoo awwaala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti isa qabatanii deemanii awwaalli sun yeroo banamu foon ishee dhaban. Yeroo kanas ni rifatan. Innis «Na hin amantan jedheeni malee Dubroon Maariyaam kaatee ol baateerti!» jedhee wanta ta’e hunda itti hime. Ragaadhaafis uffata isheen kuttee itti kennite isaanitti agarsiise. Isaanis uffata kana eebbaaf adda kutanii hiratanii gara biyya lallabaa isaaniitti deeman.

Duuka Bu’oonnis ka’umsa kee Qulqulluun Toomaas argee nuti maalif nutti hafa jedhanii Hagayya 1 irraa kaasanii subaa’ee seenan. Dhuma subaa’ee kanaa irratti Hagayya kudha jahatti gooftaan keenya kadhannaa isaanii fudhatee teessoo ykn manbarii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin :- Qulqulluu Pheexiroos Luba, Qulqulluu Isxifaanoos Diyaaqonii Hangafa taasisee erga hunda isaanii qorrobsiise booda ol Ba’iinsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam isaanitti agarsiiseera.

Manni Kiristaanaa keenyas sirna ishee hundeessitee tsoomiiwwan gurguddoo torban keessaa tokko taasistee akka tsoomamu ni labsiti. Iccitii ajaa’ibaa Duuka Bu’oonni ilaalan kanas ka’umsaa fi ol ba’iinsa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam arguuf fi eebba abbootii Duuka Bu’ootaa argachuuf ni tsoomama, subaa’een ni seenama.

Channel keenya Telegram Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Eebbi fi Araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta’u!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Dubroo Maariyaam : Ol Ba’iinsa fi Kakuu Araaraa first appeared on Qubee Online +.